You are on page 1of 38

1.

Qabiyyee Saamichaafi Gidiraa Mul’isu

Saamichiifi gidiraan kan dhalli namaa karaa sirrii hintaaneen yookaan karaa jallinaan nama biro
irratti raawwatuudha. Kun immoo uumaa birattis ta’ee namoota yaada qajeelaa qaban kamiyyuu
biratti fudhatama kan hinqabneedha. Gochoonni kunis kanneen akka, lafa namaa saamuu, dhugaa
namaa dhoksuu, sobaan nama yakkuu, miidhama qaamaa namarraan geessisuu, namoota hangafa
ta’aniifi kabajamuu qaban kabaja dhowwachuufi kan kana fakkaataniidha. Sirba Alii Birraa
‘Maal je’anii’ Maal himanii’ jedhu yakka sirni nafxanyaa yeroo sana biyya bulchaa ture
raawwachaa ture mul’isuuf kan sirbame akka armaan gadiitti qaacceffamee jira.

Hamma har’aa tooftaa sobaa uumtee

Uummata saamuudhaan lafa walit qabattee

Qotee bulaa roorroodhaan dhamaafte

Kan lafa dhabe, horiis saamame,

Kan jiruun dhabe jalallee fira

Kan facaafate kadhat mudate

Kan irraa hongawe waanni abdate

Walaloo sirbaa armaan olii keessatti saamichaafi gidiraa uummata Oromoofi kan biro irratti sirni
nafxanyaa raawwachaa turatu mul’ata. Keessumattuu kan qonnaan bultoota irratti raawwatamaa
ture kan agarsiisuudha.

Mootota Itiyoophiyaa bulchaa turan keessaa bara dargiitiin dura mootummaa Hayile Sillaasee
(kan Waaqatu na muude) ofiin jedhutu ture. Sirni kun saamichaafi gidiraa inni geggeessaa ture
keessaa tokko saamicha lafaafi horiiti. ‘Kan lafa dhabe, horiis saamame’ ka jedhu yoo ilaalle,
lafti kan lubbu qabeeyyiifi dhabeeyyiin irra jiraatan, uumama kamiifuu barbaachisaa kan
ta’eedha. Lubbu qabeeyyiin hunduu waan lafti jiruuf jiraatu. Kun immoo gochaa Waaqaati.
Umaatu dhala namaa badhaase. Kennaa uumaa kan ta’e kana Hayile Sillaaseen akka waan
kansaa yookaan ofii uumeetti ilaaluudhaan, lafti kan saba tokkoo yookaan kan nafxanyootaafi
deggrtoota isaa qofa akka ta’u godhee ture. Lafti kan qonnaan bultootaa osoo hin taane kan
abbaa lafaa, akkasumas, horii qonnaan bultootaa kan dhiiga qabdufi ija namaatti toltu akka irraa
fudhataa turan walleen kun kan agarsiisuudha.

‘Kan jiruun dhabe jaalalleefi fira’ kan jedhu immoo miidhaa adda addaa kanneen akka ajjeechaa
sirnichi irratti raawwachaa tureen firoonniifi jaalalleewwan kan waldhaban ta’uu mul’isa.
Nafxanyaan yakka sabni Oromoo hin goone gooteetta jechuun, kan hin jenne jetteetta jechuun,
sobaan raga irratti ba’uun haadhaafi abbaa dhala malee hnbisanii jiru. Akkasumas, daa’imman
maatii irraa ajjeesuun qofatti hanbisaaniiru.Walaloon sirbaa kunis kanuma ibsa.

‘Kan facaafate kadhaatu mudate’, ‘kan irraa hongaawe waanni abdate’ Dhalli namaa jiruufi
jireenyan isa geggeeffachuuf dalagachuutu irraa eegama. “Ol kaa’an malee ol ka’aniif hin
fuudhatan” akkumaa jedhamu bor ittiin jiraachuuf dalagata. Kan sanyii facaafataniifis kanumaaf.
Kun immoo salphaadhumatti ta’a osoo hin taane itti yaadanii, humna, horiifi yeroo itti baasaniiti.
Akkasumas, qoraafi aduudhaan gubataniiti. Sabni Oromoo bara mootii Hayile Sillaasee keessaa
haaluma kanaan dagatanii jiruufi jireenya isaanii geggeeffachuuf turan Haata’u malee
nafxanyoonni garaa jabeeffatanii kan sabni Oromoo oomishatan akka waan ofii dalagatanii irraa
guurratanii fudhatan. Kan sabni kun gara fuulduraatti ittiin jiraatu, sabichaaf abdii kan ta’etu
coollige. Saba kadhaa hin beekne kadhaaf saaxilan. Haaluma kanaan wallee Alii Birraa bara
dargii sirbame kana keessatti, ‘Kan facaafate kadhaatu mudate’, ‘kan irraa hongaawe waanni
abdate’ jecuudhaan saamichiifi gidiraan uummatarra gahaa akka turan mul’isa.

2.Qabiyyee qabsoo mul’isu

Sirna gita bittaa nafxanyaa hunda keessatti Oromoota jiruufi jireenya isaaniirraa buqqisaniiru.
Qe’eefi qabeenya isaanii irraa hari’anii biyya ambaatti (alagaatti) galchaniiru. Hedduun
Oromootaa bara hedduuf hidhamaniiru. Kana qofa osoo hintaane reebamuu, harkaafi lukni
laamsha’uu, madaahuu, qaamni isaanii dirmammaahuu, sammuun hadoodaa turan. Maallaqaafi
lafti isaanii saamame. Dhiigni isaanii dhangala’uun wareegamaniiru. Kana hundumaa ofirratti
ilaaluurraa ofirraa qolachuun fedha osoo hintaane dirqama waan ta’eef, sabni Oromoo gara
qabsoottii seene. Kana Aliin sirba isaa keessatti haala itti aanuun ibsee jira.

Kan roorroo jibbee gaaratti gamee

Kan roorroon alagaa mukatti galchite

Qabsoon dhalli namaa kan argachuu qabu yemmuu dhabu, mirgi isaa yemmuu sarbamu, namni
osoo dhugaa qabuu dhugaan isaa kan jalaa jallatu yoo ta’e cunqursaafi hacuuccaa irra jiru
jibbuun akkasumas, jalaa bahuuf qaama cuqursu balaaleffachuun qabsoon ni adeemsifama. ‘Kan
roorroo jibbe gaaratti game’ kan jedhu kana yoo ilaalle, roorroo jechuun qaamni olaantummaa
qabu tokko isa biroo kan hacuucu yookaan kan gadi qabu yoo ta’eedha. Nafxanyaanis kanuma
saba Oromoo irraan gahaa ture. Saba tokko ol kaasee kanneen biroo immoo yeroo itti hacuucaa
tureedha. Sirna gita bittaa nafxanyaa keessatti namni mirgi isaa sarbame ifatti mirga isaa kan
falmatu yoo ta’e akkasumas gaaffii mirgaa kan gaafatu yoo ta’e miidhaatu irra gaha. Kanaafuu
sirba kana keessatti sabni Oromoo yeroo sana cunqursaa irra gahe sana ofirraa qolachuuf gara
bosonaafi bakka dhokatee diina isaa ofirraa loluu danda’u kan deeme ta’uu qabiyyeen kun
nimul’isa.

3.Qabiyyee akka abdii kutatan mul’isu

Hooda kaleessa darbe dafqa malee jiraachuun

Tooftaan tee dulloomte, humni tee kufte

Taa’anii nyaachuun, nyaachuun raawwatee obbaate

As irratti raawwatti faraqaan keessanii

Maal siif wayya sit bariitee

Filmaata biraa hinqabduu ka’i hojiidhatti

Abdii kutachuu jechuun wanti gara fuulduraatti namaaf ta’uuf ture yemmuu akka namaaf ta’uu
hindandeenye hubatan miira keessoo namaatti dhaga’amuudha. ‘Hooda kaleessa darbe dafqa
malee jiraachuun’ kan jedhu yoo ilaalle, Hayile Sillaaseen akka ofii isaa qofaaf ta’uun biyya kan
bulchaa ture, bara dargii keessa immoo haalli bulchiinsa isaa akka lammata deebi’ee itti fufuu
hindandeenye akka sirnichi abdii kutatu sirbi kun kan agarsiisu ta’uu isaati.

‘Tooftaan tee dulloomte, humni tee kufte’ kan jedhu kunis sirnichi abdii akka kutatu kan
ibsuudha. Kana jechuun tarsiimoo inni baafatee ittiin uummata dararaa ture yeroo ammaa itti
fufuu kan hindandeenye ta’uu isaa mul’isa. Aangoo qabutti fayyadamee waan fedha isaa
raawwaachaa kan ture, ammaan booda immoo akka duraaniitti itti fufuu kan hindandeenye
aangoon kan harkaa fuudhamee jiru ta’uu isaa qabiyyeen sirbaa kun nihubachiisa.
‘Taa’anii nyaachuun, nyaachuun raawwatee obbaate’ Kanarraa wanti hubatamu sirnoota darban
keessatti kan hojjetu tokko yoo ta’u kan itti fayyadamu immoo kan biraa akka ta’eedha.
Gochoonni akkasii kun immoo lamaffaa kan itti hindeebine ta’uu kan mul’istu jecha ‘obbaate’
jedhu fayyadamuu isaati. Kanaaf haala kanaan nyaachuuf abdii akka kutataniifi nyaachuun kan
danda’amu dalaguu yookaan hojjechuu qofaan akka hubachiisa.

‘As irratti raawwatti faraqaan keessanii’ jechuun sirnoota duraan darban kan abdii kutachiisu
ibsi, ‘faraqaan’ keessan jettu sirni yookiin bulchiinsi haaraan kan dhufeefi kan duraan ture
immoo xumuramuu agarsiisa. ‘Maal siif wayya sit bariitee’ kan jedhu immoo aangoon waan
harkaa fudhatameef warri duraan dabaafi hammeenya garaagaraa nama irratti raawwachaa turan
haala duraan jiraachaa turaniin jiraachuu kan hin dandeenye ta’uu isaanii ‘Maal siif wayya sit
bariitee’ jechuun ifa ta’ee jira. Akkasumas haala duraan osoo hinhojjetin nyaachuun kan
hindanda’amne ta’uufi kallattiin jiru yoo nan nyaadhe jedhe hojjechuun dirqama akka ta’e
‘filmaata biraa hinqabduu ka’i hojiidhatti’ jechuun ergaa isaa dabarsa.

4.Qabiyyee tokkummaa dhabuu mul’isu.

Waa malli nu dhibe jennee bitaa mirgaa

Karaa sirrii dhiifnee maaliif deemna moggaa?

Haati keenya tokkoo maaltu addaan nu baase?

Maaliif wal jibbinaa akka ilmoo bineensaa

Harki harka hinnyaatu diina ofii malee

Nutu of xinneessee eenyutu nu caalee?

Hojii aartii keessatti waa’een tokkummaa bal’inaan kan ka’uudha. Tokkummaa qabaachuun saba
kamiyyuu biratti meeshaa diina ofii ittiin kuffisan akka ta’e beekamaadha. Sabni tokko
tokkummaa hinqabu yoo ta’e, yookaan walii galee kan hinjiraanne yoo ta’e, diinni salphaatti
gidduu galee diiga. Sirbi olii kun kan ibsu, sabni Oromoo tokkummaa dhabuu isaa irraan kan
ka’e waan argachuu qabu kan dhabeefi kabaja argachuu qabu dhabee argamuu isaa kan
mul’isuudha. Wallee kana keessatti wal jibbuurra waljaallachuu, waltuffachuurra walkabajuu,
walmiidhuurra walfayyaduu, karaa jal’aa walitti agarsiisuurra karaa sirrii walitti agarsiisuun
barbaachisaa akka ta’e, kana hinta’u taanaan sabni Oromoo tokkummaa dhabuu akka danda’u
‘Waa malli nu dhibe jennee bitaa mirgaa’ ‘Karaa sirrii dhiifnee maaliif deemna moggaa?’
jechuudhaan weellisaan yaada isaa ibsee jira.

Akksumas, ‘Haati teenna tokkoo maaltu addaan nubaase?’ jechuun sabni Oromoo hundeedhaan
tokko ta’ee osoo jiruu gosa, qomoo, amantiifi ilaalcha siyaasaatiin walqoodee akka jiru kan
hubachiisuudha. Kun immoo tokkummaa Oromootiif dhibee guddaadha. Sabni tokkummaa qabu
diina isaa salphaatti ofirraa ittisa. Akkasumas, diinagdeedhaan guddata. Haaluma kanaan sirbi
kun tokkummaa dhabuun miidhaa akka qabu hubachiisuun, akka addaan hinbaaneefi
tokkummaan akka jiraatan kan gorsuudha.

Sabni Oromoo walirratti ka’aa kan ture, inni tokko isa tokko galaafachuufi walajjessuufi
ajjeessisuun tokkummaan sabaa diigamee walcabsanii sabni guddaan of xiqqeessee akka jiraatu
ibsuuf, ‘Harki harka hinnyaatu diina ofii malee’, ‘Nutu of xinneessee eenyutu nu caalee?
Jechuudhaan qabiyyee sirbaa kana keessatti tokkummaa dhabuun miidhhaaf nama saaxiluu
yookaan harka alagaatti nama galchuu akka danda’u hubachiisa.

5.Qabiyyee jaalala mul’isu

Tolee, tole yaa migira daarii abbayyaa

Sin jibbine yaa shaggee bultii koo wayyaa

Yaa shagge maal goota baala loomii jalaa

Walfudhannee banna torban roobii kanaa

Garaan kee nibeeka hangan si jaalladhu

Adaraa jaalalaa atis na yaadadhu

Dhalli namaa waan keessoo isaatti dhga’amu kanneen akka gadda, gammachuu, jibba, jaalala,
hawwii, fedhiifi quuqqaa garaa isaa jechootatti gargaaramuudhaan ibsata. Wallee armaan olii
irraas wanti hubatamu kan jaallate nama jaallate sana akka jaallatee jiru ibsuuf yaada isaa
ibsuufiitu mul’ata. ‘Tolee, tole yaa migira daarii abbayyaa’ ‘Sin jibbine yaa shaggee bultii koo
wayyaa’ sirbi kun kan irratti xiyyeeffatu bultii ijaaruu irratti. Bultii kan waliin ijaarratan immoo
warra wal jaallataniidha. Bultiin jaalalaan hinijaaramne hundeen isaa laafaa akka ta’eefi hamma
dhumaattii waliin turuu kan hindandeenye ta’uus nihubachiisa. ‘Yaa shagge maal goota baala
loomii jalaa’ ‘Walfudhannee banna torban roobii kanaa’ kan jedhu immoo jarri lamaan kan adda
bahuu hindandeenye, jaalalaan kan walitti hidhaman ta’uu isaa hubanna. Gurbaan
jaallachuunisaa ifatti bahee kan mul’atu yoo ta’u, isheenis akka isa jaallattuf yookaan bultii isa
waliin ijaarrattuuf inni gaaffii jaalalaa dhiyeessuufiidhaan akka tole jettu gaafachuu isaaf
‘Garaan kee nibeeka hangan si jaalladhu’ ‘Adaraa jaalalaa atis na yaadadhu’ jechuun ibsamee
jira.

6. Qabiyyee aangootti hirkachuun osoo hin hojjetin nyaachuu mul’isu

Sirnootni darban aangootti hirkachuun cunqursaafi hacuuccaa, akkasumas, dararaa hedduu


sabaafi sablammoota irraan gahaa turan. Aangootti fayyadamuun saamuu, reebuu, ajjeesuufi ka
kana fakkaatan dalagaa turanii jiru. Sirba ‘Abbaa lafaa’ jedhu keessatti aangootti hirkachuun
osoo hinhojjetin nyaachuu mul’isuuf kan sirbame akka armaan gadiitti xiinxalamee jira.

Osoo hintaraarre

Calla safarachuun

Cooma jaji’achuun

Dammaa dhadhaa nyaachuun

Dafqa malee baay’ee burraaqxanii

Walaloo sirbaa armaan olii keessatti ‘Osoo hintaraarre’ kan jedhu lafa qotanii midhaan facaasuu
waliin kan walqabatuudha. Oomishi kan oomishamuu danda’u yoo lafti sirriitti qotamee
bullaa’eedha. Kana gochuun immoo humna, yeroofi baasii hedduu kan gaafatu yemmuu ta’u,
sirnoota darban keessatti garuu osoo kana hundaa hin godhin akka waan ofii isaaniitii itti
dhama’aniittioomisha namootaa irraa qooddachuu, horii isaanii qalachuufi qabeenya namootaatti
humnaan yookiin aangoon fayyadamaa akka turan qabiyyeen sirba kanaa nihubachiisa.

7. Qabiyyee jaalala Sirna Gadaa mul’isu.

Sirna Gadaa Oromoo, Oromoofi Oromiyaan hidhata cimaafi addaan cituu hindandeenye, kan
uumaan waliif kenneedha. Walmalees hinjiraatan. Waa’een uummata Oromoo yoo ka’u kan
dursee sammuu namaatti dhaga’amu waa’ee Sirna Gadaa akka ta’e nama hinshakkisiisu. Sirni
Gadaa seera siyaasaa, diinagdee, seera wajjin jireenyaafi seera aadaa kan Oromoon ittiin buluufi
ittiin walbulchuudha. Oromoon Galma Abbaa Gadaatti walga’uun seera tumata. Achuma keessa
taa’uun kan yakke adabatee kallattiitti deebisa. Sabni Oromoo waan jaallatu hedduu qaba. Isaan
keessaa inni tokko Sirna Gadaati. Wallee armaan gadii keessatti jaalali Sirna Gadaa akkataa itti
aanuun xiinxalamee jira.

Karaan mana Abbaa Gadaa eessa

Dhaqeen galmasaa jajjabeessa

Taa’een seenaa isaa babarreessa

Qabiyyeen sirba kanaa waa’ee Sirna Gadaa waliin kan walqabatuudha. Manni Abbaa Gadaa kan
Oromoon keessatti walgahee seera tumatu, bakka itti walmarii’atan, bakka itti kan dabe
qajeelfatan saba Oromoof bakka itti wal argan kan ta’eedha. Abbaan Gadaa immoo Sirna Gadaa
keessatti kan sadarkaa ilmi kormaa tokko keessa darbuu qabu keessa darbee umuriidhaan
gadoomuudha. ‘Karaan mana Abbaa Gadaa eessa?’ yemmuu jedhu gara galma Abbaa Gadaa
deemuuf iyyaafachaa kan jiru ta’uu isaa jecha “eessa?” jedhurraa hubachuun nidanda’ama. Gara
Galma Abbaa Gadaa deemuuf fedha kan qabuufi waan gara galma Abbaa Gadaa deemsisu
dhimma (haajaa) kan kan qabu ta’uu isaati. Ittuma fufee ‘Dhaqeen galmasaa jajjabeessa’ kan
jedhu immoo, sirni Gadaa dagatamee akkasumas, laafee jiraachuu isaa ibsa. Yeroo Alii Birraa
sirba kana sirbetti nafxanyoonniifi namoonni yaada nafxanyaa calaqqisiisan tokko tokko waa’ee
Sirna Gadaa soba odeessanii sadarkaa Sirna Gadaa gadi xiqqeessuufi cabsuuf yaalanii turan.
Sirna kana keessatti Sirni Gadaa akka dagatamuufi laafu godhamee ture. Garuu Sirni Gadaa
bu’uura diimokisaasii ammayyaa akka ta’e hayyoonni haqaa kan Sirna Gadaa qoratan
mirkaneessanii jiru. Sirna dagatame yookaan laafe kana akka ol ka’ee dhaabbatuuf, akka
jabaatuuf weellisaan jaalala qabu mul’isuuf ‘dhaqeen galmasaa jaajjabeessa jechuun sirbee jira’
Taa’een seenaa isaa babarreessa kan jedhu immoo, akkuma Oromoon “Ol kaa’an malee ol
ka’aniif hin fudhatan” jedhu seenaan kun dhaloota itti aananii dhufaniif barreeffamaan yoo
kaa’ame itti fufee jiraachuu akka danda’u seenaan isaa akka hinbadneef yookaan hin laafneef
kan gargaaru ta’uu mul’sa. Akkasumas, Sirni Gadaa bal’aafi waan hedduu kan of keessatti
qabatee ta’uu isaallee walaloo sirbaa ‘taa’een seenaasaa babarreessa’ kan jedhu irraa hubachuun
nidanda’ama.

8. Qabiyyee jaalala biyyaa mul’isu

Weellisaan sirba isaa keessatti jechootatti gargaaramuudhaan jaalala wantoota garaagaraatiif


qabumul’isa. Aartistii Alii Birraa jaalala biyya isaatiif qabu akkaataa itti anutti ibsee jira.

Dachee haadha margaa

Irri kee midhaanii

Jalli kee bishaanii

Qonnee sirraa nyaannee

Horree sirra yaafnee

Oromiyaan biyya magariituufi lalistuu, bosonaafi haala qilleensaa gaarii, bineensotaafi albuudota
hedduu kan of keessaa qabdu, keessa jiraachuuf mijattuufi hawwattuu kan taatekennaa uumaan
Oromoo badhaaseedha.Kennaa Rabbii kana weellisaan jechoota adda addaa filachuun yeedaloo
itti baasee jaalala qabuuf ibsuun akka armaan oliitti ibsee jira. ‘Irri kee midhaanii’, ‘Jalli kee
bishaanii’ jechuun faayidaa dacheen Oromiyaa kennitu jechoota fayyadamuun ibsee jira.
Dhacheen Oromiyaa oomishaaf mijattuu kan taate, oomisha gaarii kan kennituufi ofirratti baattee
kan jirtuyemmuu ta’u jalli dachee kanaas dhala namaafis ta’ee bineensotaafillee filatamaa kan
ta’e bishaan of keessaa qabaachuu nu hubachiisa. ‘Qonnee sirraa nyaanne’ jechuun immoo
jireenya namaatiif barbaachisaa kan ta’e midhaan kan argamu dachee oomisha baasuu danda’u
irrati. Kanaaf dacheen Oromiyaa kun oomishaaf mijattuu akka taateefi oolmaa dacheen kun saba
isheetiif ooltuuf qabiyyeen sirba kanaa jaalala biyya ofii akka ta’e ibsa. Itti dabalee ‘Horree sirra
yaafne’ kan jedhu dacheen kun magariituu horii horsiisuufis mijattuu akka taate Oromoon
dachee isaarra horiis horsiifatee akka jiraatu kan ibsu yoo ta’u, walumaagalatti qabiyyeen sirba
kanaa jaalala biyya ofii kan agarsiisuudha.

Qabiyyeewwan haqa mul’isan.

Haqni haqa, haqni niqallatti malee hincittu. Sirni gita bittaa nafxanyaafi waardiyoonni isaanii
afaan, aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo balleessuuf yaalii isaan hin goone hin jiru. Haata’u
malee milkaa’uu hindandeenye.

Dubbii seenaafi dubbii afaanii

Wallaalaan nutti kolfe

Beekaan beekumsaan fure

Barreessitoonni habashaa olaantummaa isaani qofa calaqqisiisuun, haqa uummata Oromoo dura
dhaabbachuudhaan senaa saba Oromoo dabsanii, fokkisanii, jallisanii, micciranii dhugaa jiru
kiibaan haguuganii barreessuudhaan seenaa Oromoo irratti madaa moolee ta’anii turan.
Oromoon akka waan seenaa hinqabnee, akka waan afaan, aadaafi duudhaa hinqabnee soba
ahafarsaa turan. ‘Dubbii seenaafi dubbii afaanii’ wallaalaan nutti kolfee’ beekaan beekumsaan
fure’ kan jedhu sirbi kun dhugaa jiru akka barreessitoonni sobaa jedhan osoo hin taane, dhugaan
jiru aadaa, seenaafi eenyummaan uummata Oromoo kan beekameefi mirkanaaye, hayyoota
haqaa kumaatama ta’an kan biyya keessaafi biyya alaatiin raga amansiisaafi dhugaa irratti
hundaa’een malee dabtarootaafi namoota duubatti harkifatoo akka isaaniitiifi isaan fakkaataniinii
miti.

Warri akka dhaalaatti biyya bulchaa turan, nafxanyoonniifi kan yaada nafxayootaa calaqqisiisaan
warri beekumsa osoo hinqabaatin hayyuu ofiin jedhan kallattii garaagaraatiin hirreefi humna
qabaniin aadaafi duudhaan Oromoo akkasumallee, Sirni Gadaa akka laafuufi badu taasisanii
turan. Garuu aadaa, seenaa, afaaniifi duudhaan Oromoo hinlaafus gonkumaa hinbadus.
Weellisaan Alii Birraa haqa kana mul’isuuf akka itti aanutti sirbe.

Otoollee uleen cabee kan Abbaa Gadaa hincabu

Beekaa irra kunne malee seenaan hiyyeessa hinqabu

Sirna Gadaa keessatti meeshaalee lfoon baay’eedha. Isaan keessaa inni tokko ulee Abbaa
Gadaati. Meeshaan hundi kan kabajaa ta’uu hindanda’an. Kanaaf uleen hundi kan kabajaa ta’uu
hindanda’an. ‘Otoollee uleen cabee kan Abbaa Gadaa hincabu’ yemmuu jedhu, akkuma olitti
ibsame uleen ulee ta’eef osoo hintaane kan kabaja qabu akka jiru, innis kan Abbaa Gadaa akka
ta’e ibsuu isaati. Uleen Abbaa Gadaa ejersa irraa tolfama ejersi bakka jabaatti waan marguuf
meeshaan ejersa irraa tolfame akka salphaatti kan cabu miti. Meeshaa kana akkuma barbaadan
qabatanii kan deeman miti. Uleen yemmuu Waaqa kadhatan, yemmuu araraafi murtoon darbu
kan qabatamuudha. Kanaaf meeshaa kabajaati.

‘Beekaa irra kunne malee seenaan hiyyeessa hinqabu’ yemmuu jedhu immoo, yeroo sana
uummanni Oromoo cunqurfamee, hacuucamee gadiqabamee waan jiruuf waa’ee eenyummaa
isaa ifatti baasee dubbachuu hindanda’u.Osoo seenaa qabuu, aadaa, duudhaafiafaan qabuu, osoo
qaamolee dubbii Rabbi kenneefiin dubbachuu danda’uu, osoo waan baay’ee beekuu, akka itti
dubbatu dhabuu isaatiin callisaa ture ‘Beekaa irra kunne malee seenaan hiyyeessa hinqabu’ kan
inni jedheefis kanuma mul’isuudhaaf.

10. Qabiyyeewwan gadda mul’isan.

Dhala namaa addunyaa kana irratti wantoota miira adda addaa keessa galchan hedduutu jira.
Guyyaa tokko yoo gammade guyyaa biraa immoo nigadda. Yeroo hundaa waan fedhan akka
yaada ofiitti hinargatan. Haaluma kanaan Alii Birraa bara dargii keessa gadda isatti dhagaa’ame
ibsuuf akka waan jaalalleen isaa jalaa baddee fakkeessee yeedaloo itti baasee sirba isaa ‘Qofaa
koo nadhiistee’ jedhu keessatti gadda itti dhaga’ame akkaataa itti aanuun ibsee jira.

Qofaa koo na dhiistee

Ati deemuuf kaanaan

Dubbachuun dadhabe

Ati naan dubbannan

Harca’e imimmaan

Deemsa kee agarraan

Si hanbisuu hindanda’u

Tooftaa tokkichaan

Nagaattin siin jedha

Imimmaan haqachaa
Namni imimmaan isaa cobsee, boo’ee gadoodu callisee osoo hintaane gaddi itti dhaga’amee
akka jiru nihubatama. Aliin gadda yeroo sana itti dhaga’ame bifa sirbaatiin yeedaloo itii
baasuudhaan yaada isaa yookaan quuqqaa garaa isaa akka ibsate walleen kun nimul’isa. “Sareen
waa malee hinduttu” akkuma jedhamu imimmaan waa malee akka hinbuune tilmaamuun nama
hindhibu.

Qabiyyeen wallee kanaa akka waliigalaatti yemmuu ilaalamu, abbaan dubbatu yookaan
weellisaan kun waa’ee nama isa jaallatu tokkoofi isa biraa deemaa jiru tokkoof yaaddoo wal
biraa deemuu isaaniitiin walqabsiisee kan weelliseedha. Haata’u malee ibsamoonni achi keessa
jiran gadi fageenyaan yoo xiinxalaman, nama gaaffii jaalalaa humnaa ol ta’e tokkoof nama
baay’ee jaallatuuf dhiyeessaa jiruudha. ‘Qofaa koo na dhiistee Ati deemuuf kaanaan’ kan jedhu
kun yemmuu xiinxalamu, namichi dubbatu, waloon yookaan weellisaan dhiira yemmuu ta’u, kan
inni itti dubbataa jiru maqaa (bamaqaa) ‘ati’ jedhutti. Bmaqaan kun immoo ramaddii lammaffaa
lakkofsaan qeenxee, saala yookaan koorniyaa kan agarsiisu miti. ‘Deemsa kee agarraan’ ‘Si
hanbisuu hindanda’u’ kan jedhu keessattis bamaqaan saala adda baasu hin ml’atu. Akkasumas
‘Nagaattin siin jedha’ ‘Imimmaan haqachaa’ kan jedhu keessaattis bamaqaan saala agarsiisu
adda bahee mul’achaa hinjiru.

Sirba kanarraa wanti hubatamu haala rakkisaa yookaan gidiraa uummata irra gahaa jiru jaalala
fakkeessee ibsuu isaati. ‘Qofaa koo na dhiistee’ ‘Ati deemuuf kaanaan’ ‘Dubbachuun dadhabe’
‘Ati naan dubbannan’ kan jedhu kana keessatti namni wal jaallatu walbira jiraachuufi jireenya
gammachuu qabu waliin dabarsuu barbaada. Garuu wantootni dirqamaan adda nama baasan yoo
nama mudatan adda baba’uun dirqama akka ta’e boo’anii walhanbisuun kan hindanda’amne
ta’uu sirba kanarraa ni hubatama. ‘Harca’e imimmaan’ ‘Deemsa kee agarraan’kan jedhu kunis
osoo walbira jiraachuufyookaan walbira turuuf hawwiifi fedha qabanii wanti addaan nama baasu
yemmuu nama mudatugaddi guddaan kan namatti dhaga’am ta’uu walaloon sirba kanaa ni
hubachiisa. Si hanbisuu hindanda’u’ ‘Tooftaa tokkichaan’ ‘Nagaattin siin jedha’ ‘Imimmaan
haqachaa.’ Kanarraa immoo wanti hubatamu, namni waa dalaguuf murteeffate tokko booda
deebi’uuf shakkii kan hinqabne, kana jechuun hamma kaayyoo isaa galamaan ga’utti boodatti
kan hin deebine ta’uu isaatu mul’ata. Namni jaalala nama deemaa jiru kanaa qabus karaa nagaa
deemi. Nagaan dhaqii nagaan gali jedhee kan geggeessu yoo ta’e malee mala kamiiniyyuu
hambisuu kanhindandeenye ta’uu ‘Si hanbisuu hindanda’u’ ‘Tooftaa tokkichaan’ kan jedhu kun
niibsa

Xiinxala Ergaa Sirba Alii Birraa Bara Dargii

Sirbi ergaa dabarfachuuf iddoo guddaa qaba. Weellisaan jechoota adda addaatti
gargaaramuudhaan walaloofi yeedaloo walsimsiisee akkaataa gurra namaatti toluu danda’utti
qopheessuudhaan ergaa isaa ittiin dabarfata. Haaluma kanaan aartistii Alii Birraa bara dargii
keessa yeroo Afaan Oromootiin dubbachuun ulfaatu, aadaa, seenaafi duudhaan Oromoo itti
dhokateefi ukkaamamee jiru keessatti bakka garaagaraattiifi yeroo adda addaatti kutaannoo
cimaafi ija jabinaan warra Afaan Oromootiin weellisanii cunqursaafigidiraa uummata Oromoorra
ture ifa baasanii duubbatan keessaa tokko ture. Xiinxalli kun gaaffii bu’uuraa qorataa kanaa isa
lammaaffaarra jiru deebisuu kan danda’uudha. Kanaafuu sirboonni Alii Birraa bara dargii
hawaasaaf yookaan dhaggeeffattootaaf ergaa akkamii dabarsuu akka danda’u sirboota isaa
fudhatamuun akkataa itti aanutti xiinxalamanii jiru.

1.Balaaleffannaa

Lubbu qabeeyyiin hundinuu miidhaan isaanirra ga’uu hinbarbaadan. Dhalli namaa immoo lubbu
qabeeyyii dachee kanarra jiraatan keessaa isa olaanaafi waan fedha isaa ta’e kamiyyuu dalaguuf
kan tattaafatuudha. Dhalli namaa hamma lubbuudhhaan dachee kanarra jiraatutti jireenya gaariifi
isatti tolu jiraachuu fedha. Haata’u malee wantoonni jireenya namaatti gufuu ta’an nama
mudachuun isaa waan hinoolleedha. Isaan immoo akka namni jireenya isaa keessatti boqotee
hinjiraanne taasisu. Haaluma kanaan mootonni biyya Itoophiyaa bulchaa turan sabaafi
sablammoota hedduu dararuufi cunqursuun akka isaan qabeenya isaaniitti hinfayyadamne
godhaa turanii jiru. Isaan keessaa tokko Hayile Sillaaseedha. Hayile Sillaaseen lafaafi qabeenya
Oromoon qabu aangoo isaatti faayadamuudhaan saba Oromoo harkaa fuudhee saba Amaaraa
qofaaf akka ta’u godheera. Aartistii Alii Birraa bara dargii keessa gocha akana balaaleffatuun
ergaa isaa akka itti aanutti dabarfatee jira.

Hamma har’aa

Tooftaa sobaa uumtee

Hiyyeessa saamuudhaan lafa walit qabattee


Qotee bulaa roorroodhaan dhamaafte.

Mootiin Hayile Sillaasee biyya kana keessatti, sabni tokko qofti saboota biro irra akka caalu,
amantiin tokko qofti amantii biro irra akka ol fudhatamu, akkasumas, afaan tokko qofti filatamee
akka guddatuuf imaammata jallaa baasee hojjetaa ture. Imaammanni kun karoora cunqursaaf
qophaayee hojiirra oolaa tureedha. Sirba kana keessatti ‘Hamma har’aa Tooftaa sobaa uumtee’
kan jedhu keessatti imaammata sobaa mootiin Hayile Sillaasee baasee ittiin hojjechhaa ture kan
balaaleffatuudha. Imaammanni kun yemmuu qophaaye waan fayyadu kan fakkatu ta’ee boodarra
miidhaa hangana hinjedhamne kan qaqqabsiiseedha. ‘Tooftaa sobaa’ kan jedhu kun uummataaf
kan hintaane, dhugaan keessa kan hinjirre daba waan ta’eef jibba akka irraa qabu ibsuu isaati. Itti
fufee kan jiru ‘uummata saamuudhaan’ kan jedhu yakki kun yakka ulfaataadha. Innis yakki
saamichaa kun kan geggeeffame nama dhuunfaa qofa irratti osoo hintaane saba bal’aa irratti
geggeefame waan ta’eef. Jechi saamuu jedhu immoo hatuu irraa adda kan ta’e, osoo abbaan
qabeenyaa qabeenyi isaa akka fudhatamaa jiru beekuu callisee osoo waa’ee qabeenya isaa sanaa
hindubbatin kan ilaaluudha. Sababni isaa yoo qabeenya isaa saamamaa jiruuf falme miidhamuu
danda’a. Kanaaf mootummaan yeroo sanaa dirqama uummta saamaa waan tureef gocha kana
balaaleffachuun ergaa isaa dabarsee jira.

Hayile sillaaseen hojjettoota mootummaa yeroo sanaatiif, poolisootaafi naga eegdota, akkasumas
hojii mootummaatiif nama saba Amaaraa ta’e biyya Oromoo deeman hundaaf lafti Oromoorraa
fuudhamee akka kennamu godhamaa turee jira.Mootummaan saba jaallatu kana misoomsuuf
deggersa cimaa godhaa ture. Yeroo sanatti uummanni lafti irraa fuudhame beelaaf saaxilamuufi
diinagdeedhaan akka kufu taasifame. Aliin sirna mootummaa darbe sana miidhhaa inni saba
Oromoo irraan ga’e balaaleffachuuf ‘lafa walit qabattee, qotee bulaa roorroodhaan dhamaafte’
jechuun ergaa isaa dabarfatee jira.

2.Imaammanni sirrii hintaane kan itti hinfufne ta’uu

Miniilik, Hayile sillaaseefi moototiin nafxanyoota biro, Oromoon Oromummaa isaatti akka
qaana’u, akka saalfatu akka mataa gadi qabatee jiraatu akka of wallaaluufi akka walwallaaluuf
tooftaa adda addaatti fayyadamaa turan. Yaada kanaan kan walqabatu Aliin bara dargii keessa
sirbaan akkaataa itti aanutti ergaa isaa dabarsee jira.
Tooftaan tee dulloomte

Humni tee kufte

Sirbi kun kan sirbame bara dargii keessa yemmuu ta’u, gocha dabaa Hayile Sillaaseen
Oromootaafi sablammoota biro irratti raawwate irratti kan xiyyeeffatuudha. ‘Tooftaan tee
dulloomte’ kan jedhu imaammataafi tarsiimoo mootiin Hayile Sillaasee baafatee ittiin hojjechaa
tureen kan walqabatuudha. Imaammatichi saba Amaaraatiif gaarii yoo ta’ellee sabaafi
sablammoota biroodhaaf miidhaa hamaa ture. Moototni nafxanyaa imaammata sirrii hintaane
baasanii hojiirra oolchuun yeroodhaaf yoo isaan fayyadellee qabsoo uummataatiin imaammatichi
akka cabe walaloon sirbaa kun nihubachiisa. Akkasumas aangoo isaaniitti fayyadamuun
wantootni isaan dalagaa turan hundumtuu akka itti fufuu hindandeenye ‘Humni tee kufte’
jechuun imaammatni sirrii hintaane akka itti hinfufne nafxanyootaafi ergamtoota isaaniitiif
dhaamsa dabarsee jira.

3. Aangoottii fayyadamuun daba uummata irratti hojjechuu

Moototni nafxanyootaa lafa uummata Oromoo jaarraa hedduuf saamanii, dhugaa isaanii jalaa
dhoksanii, bara hedduuf dararaa turuun isaanii eenyuun jalaa kan hindhokanneedha.
Akkasumas,sabboontota Oromoo waan saba Oromoof gaarii ta’e hojjetan akka diinaatti ilaalaa
turanii jiru. Sirni kun aangootti gargaaramee saba Oromoo irra ciqilee kaa’uun gochoota
suukanneessaa hedduu irratti raawwachaa ture. Sirba Alii keessatti gochoonni kun akkaataa itti
aananiin xiinxalamanii jiru.

Osoo hin taraarre

Calla safarachuun

Cooma jaji’achuun

Dammaa dhadhaa nyaachuun

Qonnaan bulaan tokko oomisha oomishuu kan danda’u calliseetuma sanyii lafatti gadi facaasa
osoo hintaane, lafa isaa qulleeffatee, sirriitti qotee bulleessee aramaa keessaa balleesseeti. Kun
immoo humna, maallaqaafi yeroo kan gaafatuudha. Haala kanaan qotamee callaa gaariin argama.
‘Osoo hintaraarre callaa safarachuun’ kan jedhu kun moototni nafxanyaa aangoo qabanitti
fayyadmuun osoo hinqotin, humna, maallaqaafi yeroo isaanii osoo itti hinbaasin kan namni itti
dadhabee dalagate kan isaanii godhatanii akka itti fayyadamaa turan ta’uu walleen kun kan
agarsiisuudha.

‘Cooma jaji’achuun’ kan jedhu kun yemmuu xiinxalamu, coomni foon horii irraa kana kan
argamuudha. Horii horsiisuunis salphaa osoo hintaane akkuma oomisha oomishuu ulfaataadha.
Sirnoota darban keessatti yeroo sabni Oromoo itti dadhabanii, yeroofi humna qaban itti baasanii
horii horsiisan nafxanyoonniifi ergamtoonni isaanii immoo aangoo isaaniitti gargaaramuun osoo
kan itti dadhabe jiruu kan isaanii godhatu. Tumaalessaafi horii dhiiga qabdu dadhabbii tokko
malee sooratu. Ammallee abbaan haqaa Rabbi isaan hindhiisin. Hojii isaanii akka yakka isaaniitti
haa kennuuf.

‘Dammaa dhadhaa nyaachuun’ kan jedhu immoo, dammis haala salphaadhaan kan argamu osoo
hintaane dadhabbii hedduu kan gaafatuudha. Wantoota gaagurri irraa hojjetaman kanneen akka:
sooyyoma, hidda, citaa, quncee, faltii loonii faa barbaada. Kana qofa osoo hintaane erga gaagurri
hojjetamee booda ulanii mukatti olbaasuun dadhabbii guddaa kan gaafatuudha. Kana qofa osoo
hintaane kanuma damma qabullee mukarraa buusanii nyaachuun qabsoo guddaa gaafata. Egaa
warri ofittoon ofiif qofa yaadan “An duunaan margi hinmargin akkuma jedhamu” ofiif qofa
jiraachuuf kan sabni Oromoo haala kanaan itti dadhabee dalagatu harkaa saamaa turuu isaanii
bo’oon walaloo sirbaa kun nihubachiisa. Dhadhaan loon keessaa kan ba’u osoo hin taane itittuu
keessaati. Loon aannanni keessaa bahu jiraachisuuf marga nyaachisuufi talaallii dhukkuba irraa
ittisan kennuufiidhaan kunuunsuu barbaachisa. “Tokko nihorda tokko nibuqqisa” akkuma
jedhamu kan sabni Oromoo itti dadhabee yeroofi humna isaa itti baasee dalagate, moototni
nafxanyaafi ergamtoonni isaa dadhabbii tokko malee aangoo isaaniitti fayyadamuudhaan kan
isaanii godhataa akka turan sirba kanarraa ni hubanna.

4. Sirni bulchiinsa tokkoo xumuramuufi kan biraan eegalamuu

Mootummaan biyya tokko bulchu gara aangootti osoo hindhufin tarsiimoo yookaan imaammata
biyya ittiin bulchu qabatee dhiyaata. Uummannis fedha isaatiin mootummaan haaraan dhufe kan
duraarra fooyya’aa kan ta’u yoo ta’e isa filata. Garuu biyya keenya Itoophiyaa fudhannee yoo
ilaalle jaarraa hedduudhaaf warri ofiin of muudan qofti aangoo qabatanii bulchaa akka turan
niyaadatama. “Hookkoon gara isheetti harkisti” akkuma jedhamu isaanis aangoo isaaniitti
fayyadamuudhaan saba tokko qofa ol kaasuun saba biro immoo hacuucaafi cunqursaa akka
seenaatu ragaa baha. Nafxanyoonni kanneen akka: Susiiniyoos, Teewoodroos , Yohaannis,
Miniilik, Hayile Sillaasee, Mangistuufi Mallas duraa duubaan miidhhaa saba Oromoo irraa gahaa
turanii jiru. Ammas saamicha yeroo darbee deebisanii itti fufuuf amuummachaa jiru. Haata’u
malee Oromoon akka itti hinkennineef itti cichee kokkee diinaa qabee jira.

Mootota nafxanyaa Oromoo irraan miidhaa geessisaa turan keessaa tokko Hayile Sillaasee yoo
ta’u, hamma aangoo irra turetti lafaafi qabeenya Oromoo saamaa ture. Haata’u malee
mootummaan kun yeroo eegee qabsoo uummataatiin fonqolfamee jira. Dargiin aangoo qabatee
yeroo biyya bulchuu jalqabe keessatti Aliin sirni bulchiinsa haaraa akka dhufeefi inni duraan ture
immoo akka kufe wallee isaa yeroo sanaatiin akkataa armaan gadiitiin ergaa isaa dabarfatee jira.

Hooda kaleessa darbe

Dafqa malee jiraachuun

As irratti raawwatti faraqaan keessan

Maal siif wayya sit bariitee

Filmaata biraa hinqabduu

Ka’i hojiidhatti

Alii Birraa sirba kana kan sirbe warraaqsa uummataa 1974 (A.L.H) Itoophiyaa keessatti
uumameen walqabatee erga sirni mootummaa Hayile Sillaasee humna waraana dargiitiin kufee
booda ture. Lafaafi uummata Oromoo akka qabeenya dhuunfaa isaaniitti ilaalaa kan turan
qeequun ergaa isaa dabarfatee jira.

‘Hooda kaleessa darbe’ ‘Dafqa malee jiraachuun’ kan jedhu kana fudhannee kan ilaallu yoo ta’e,
gochoonni mootummaan yeroo sanaa dalagaa ture waan safuu kan namatti hintolle akka ta’e kan
hubachiisu jecha ‘hooda’ jedhu fayyadamuu isaati. Akkasumas osoo hin hojjetin akka waan
hojjetaniitti qabeenya nama biroo saamanii itti gargaaramaa akka tutan gaaleen ‘dafqa malee
jiraachuu’ jedhu niibsa.

‘As irratti raawwatti faraqaan keessan’ kan jedhu immoo sirba kana keessatti saamicha guddaa
waardiyoonni sirnichaa jireenya gaarii dhuunfaa isaaniitti jiraachuuf jedhanii daba uummata
biyyattii irratti raawwataa turan yeroon isaanii akka darbeefi raaga yookiin tilmaama dhufaatii
qaama biraa yookaan abbaa dabaree haaraa eeruudha.

‘Maal siif wayya sit bariitee’ kan jedhu kun dalagaa inni duraan uummata irratti hojjechaa ture
daba waan ta’eef sana dhiisee filannoo biraa akka barbaaddatu, sirni dargii imaammata Hayile
Sillaasee waan mormuuf hojjettoonniifi leellistoonni mootii kanaa darbanii hojjechuu waan
hindandeenyeef, yeroon isaanii dhumee waan jiruuf sitti bari’eera ammaan booda akka duraanii
saamuu hindandeessan yaada jedhu dabarsuu isaati. Kanaaf sirnichiifi deggertoonni isaa akka
duraatti osoo hin hojjetin nyaachuufi dhuguun waan hindanda’amneef, akkasumas nyaachuuf
filannoo biro isaan qaban hojjechuu qofa akka ta’e dhaamsa dabarsuuf ‘Filmaata biraa hinqabduu
Ka’i hojiidhatti’ jechuudhaan yaada qabu ibsee jira.

5. Falaasamni mootummaan dargii qabatee dhufe kan Hayile Sillaaseerra kan caalu ta’uu

Mootummaan haaraan gara aangootti yemmuu dhufu jijjiirama haaraa akka fidu uummatatti
beeksisuudhaan akka uummatni isa jaallatan taasisa. Falaasamni mootummaa dargii kan Hayile
Sillasee waliin akka itti aanutti xiinxalamee jira.

Abbaa lafaa hubadhu dhugaa yerottii

Gamtummaan qabeenyi ciree hidda keeti

Sirba kana keessatti yaadni ‘Gamtummaan qabeenyi’ jedhu falaasama siyaasaa mootummaan
dargii qabatee jiru kan haala jireenya gamtummaa yookiin waloo kan qabeenya waliinii
hawaasaa malee inni qabeenya dhuunfaa jedhamu kan falaasama Hayile Sillaasee akka hinjirre
ta’uufi falaasamni inni kan mootummaa dargii kan Hayile Sillaaseerra akka caalu ergaa dabarsuu
isaati.

6. Miidhaa nafxanyoonni uummata Oromoo irraan gahan heddummaachuu irraan kan


ka’e sadarkaa waan jedhanii dubbatan dhabuu

Maal je’anii?

Maal himanii?
Hoggaa yaadaan dhibamanii

Jiruu afaan wallaalanii

Maal odeessa irraa waan isa mudate?

Maal herregaa?

Maal dubbataa mee?

Maal odeessaa mee jiruu addunyaatirraa?

Sirbi miidhaa qamni tokko isaa kaan irratti geessisu ibsuuf humna cimaa qaba. Wallee kana
keessatti Maal je’anii? Maal himanii? Hoggaa yaadaan dhibamanii? jedhu kun bifa sammuu
namaa keessatti gaaffii kaasuu danda’uun sirbame. Miidhaa nafxanyoonni Oromoo irraan gahan
heddummachuu irraan kan ka’e waan jedhan yookaan dubbatan kan nama dhabsiisu ta’uu isaati.
Yoo maal godhan furmaata ta’a laata jedhanii yaadaan dhiphachuullee kan agarsiisuudha. ‘Maal
odeessa irraa waan isa mudate?’ kan jedhu kanarraa immoo wanti hubatamugochi jallinaa nama
irratti raawwatamaa ture baay’achuu irraan kan ka’e isa kam dubbannee isa kam dhiisna?
Jechuudhaan gochichi baay’ee hamaa akka ta’e itti faayyadamni afaanii kun niibsa. ‘Maal
herregaa’? ‘Maal dubbataa mee’? ‘Maal odeessaa mee jiruu addunyaatirraa’? kan jedhan
kunneenis gochoonni hamaan raawwataman gara kan nama wallaalchisan ta’uu isaa ibsa.

7. Miidhaa nafxanyoonni Oromoo irraan gahan ibsuu

Kan lafa dhabe horii saamamee

Kan jiruundhabe jaalallee fira

Kophaa isaa hafee ija hihiraa

Kan facaafate kadhaat mudatee

Kan irraa hongaawe waanni abdate

Kan ifni jiruu guyyaan itti dhhame

Dhalli namaa jiruufi jireenya isaa geggeeffachuuf, yoo rakkate rakkoo isaa kan ittiin furatu
yoodhukkubsate kan ittiin yaalamu, yoo beela’e kan sooratu qabeenya isaatti dhimma baha.
Namni immoo qabeenya isaatti fayyadamuun waan fedha isaa dalagachuuf mirga guutuu qaba.
Haata’umalee nafxanyoonni Oromoon akka qabeenya isaatti hinfayyadamne, mirga isaa irraa
molquun kan isaanii taasifatanii itti fayyadamaa turuu isaanii armaan olitti ilaallee jirra. Miidhaa
uummata kanarra gahaa ture ibsuuf Aliin wallee isaa bara dargii weellise keessatti ‘Kanlafa
dhabe horii saamame jedhe’ jedhe. Bara mootii Hayile Sillaasee keessa lafaafi horiin kan
Oromoo ta’an irraa fudhatamanii hojjettoota mootummaa yeroo sanaatiif, poolisootaafi naga
eegdota biyya bulchaniif, nama saba Amaaraa ta’e kan gara bya Oromoo deeman hundaaf
kennuun saba Oromoo hiyyomsaafi miidhaa kan turan ta’uu waleen kun niibsa.

‘Kan jiruundhabe jaalallee fira’ ‘Kophaa isaa hafee ija hihiraa’ kan jedhu namoonni yeroo sana
mirga isaanii falmatan, waa’ee miidhaan isaan irra gahuu dubbatan qe’eefi qabeenya isaanii irraa
hari’amanii gara biyya alagaatti (ambaatti) baqataniiru. Kaanimmoo hidhamanii kaanis
ajjeefaman. Abbaafi haadha, abbaafi ilma, haadhaafi intala namoota wal jaallatan hedduu addaan
baasan. Qofa qofaatti hanbisan. ‘Kan jiruundhabe jaalallee fira’ ‘Kophaa isaa hafee ija hihiraa’
kan jedhu kunis kanuma ibsuu isaati.

‘Kan facaafate kadhaat mudatee’ jechuun namni tokko lafa qotee itti dadhabee midhaan kan
facaafatuuf jiruufi jireenya isaa ittiin geggeessuuf, akkasumas nyaatee buluuf. Kana
gochuudhaan ofirrayyuu darbee nama biro gargaaruu nidanda’a. Sabni Oromoos kanumaaf
dalagata. Haata’u malee qabeenya Oromoo waan saamaniif sani ofirraa hafee kan biroo deggeruu
danda’u, faallaa ta’uu kanaa ofii isaayyuu waan nyaatuufi jiruufi jireenya isaa ittiin geggeeffatu
dhabuun yeroo harka namaa eeggatu, ‘Kan facaafate kadhaatu mudate’ jechuun Aliin miidhaa
Oromoo irra gahaa ture haala kanaan ibsee jira.

Namni jireenya isaa gara fuulduraatiif kan ta’u, wantoota abdatu hedduu kuufachuu danda’a.
Waan abdatu sana of fuulduratti ilaalee jajjabaata. Wanti abdatamu sunis jireenya isaatiif
wabiidha. Haata’u malee nafxanyoonni gala sabni Oromoo jireenya isaa gara fuulduraaf ol
kaawwate jalaa saamuun kan ofii godhatanii abdii saba Oromoo kan balleessan ta’uu sirba kana
keessatti ‘Kan irraa hongaawe waanni abdate’ jechuudhaan ergaan darbe.

‘Kan ifni jiru guyyaan itti dhaame’. Ifni duukkana balleessuu kan danda’udha. Ifa keessatti wanti
kamiyyuu nama dhukachuu kan hindandeenye yemmuu ta’u, kan roorroon akkaafi gara nama
wallaalchiste, yeroo itti jiruun faallaa ta’e ibsuuf osoo ifni jiruu arguu dhabuudhaan
walqabsiisuun miidhaan Oromoorra gahaa akka ture sirba kanaan ifoomee jia.

8. Daba nafxanyoonni saba Oromoo irratti hojjetaa tura isaanumatti deebi’uu.

Seenaa biyya kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif, mirgi sabootaa, sablammootaafi uummattoota
hundaa wal qixxummaan kabajama jechuun labsii kan baase mootummaa dargii yoo ta’u aadaan,
afaaniifi amantiin uummata Itiyoophiyaa marti walqixa akka kabajamu taasifama yaada jedhu
jalqabee ture. Haala kanaan mootummaan dargii bara jalqaba aangoo qabatu ‘walqixxummaa
sabaatiif dhaabbadha jechaa waan tureef mirga Oromoo kan kabachiisu fakkaatee nama baay’ee
gowwomse.

Haata’u malee bara mootummaa dargii falaasamni ture kan Hayile Sillaaseerra fooyya’aadha.
Bara mootummaa Hayile sillaasee falaasamni ture kan Afaan Ingiliziitiin ‘communism’ jedhu
kan qabeenya dhuunfaatiin walqabateedha. Falaasamni mootummaa dargii immoo sirna
‘sooshaaliizimii’ kan haalli jireenyaa gamtummaan yookaan waloon ta’eedha. Kun immoo kan
Hayile sillaaseerra fooyya’aa ta’uu agarsiisa. Bara hayile Sillaasee keessa dureeyyiin abbootii
lafaa qofa. Warri abbaa lafaa ta’an hundinuu niergatu malee hinergaman. Niajaju malee
hinajajaman. Haata’u malee dubbiin galagaltoo ta’uun miidhaa isaan qaqqabsiisaa turan
isaanumatti deebi’uu isaa wallee itti aanurraa nihubatama.

Kan har’a ergamutu dur ergate

Bantii duroomaarraa konkolaatee

Hiyyummaafi duroomarraa maal dubbate

‘Kan har’a ergamutu dur ergate’ kan jedhu bara mootii Hayile Sillaasee keessa warri abbaa lafaa
ta’anii osoo hinhojjetin nyaataa turan kan nama ergachuu malee egamuu hinbeekne, aangoon
harkaa fuudhamee sirni abbaa lafaa hafee lafti kan qotee bulaa yemmuu ta’u “Harki dabaree wal
dhiqa” akkuma jedhan dabaree isaanii carraa ergamuu akka qaban dhaamsa dabarsa.

‘Bantii duroomaarraa konkolaate’ yemmuu jedhu immoo, duraan qabeenya uummataa


saamuudhaan horii haadha hiyyeessaa walitti qabachuudhaan warri duroomanii turan yeroo sirni
haaraan lafti kan qotee bulaa ta’uu itti dhufetti deebi’anii hiyyoomuu isaanii agarsiisa. Dabni
isaan uummata irratti raawwachaa turan isaanumatti deebi’uun akka isaan miidhe dhaamsa
dabarsuuf ‘Hiyyummaafi duroomarraa maal abdate’ jechuun ergaa isaa wallee kanaan dabarsee
jira.

9. Tokkummaa dhabuun miidhaa kan nama irraan ga’u ta’uufi tokkummaa qabaachuun
barbaachisaa ta’uu gorsuu

Tokkummaan humna. “Qunceen walgargaartee arba hiiti” akkuma jedhamu sabni tokko
waliigalteefi tokkummaa kan hinqabne yoota’e, waliigaluu dhiisee gargar deema yoo ta’e, diinni
karaa argatee gidduu seena. Sabni Oromoo tokkummaa dhabuu irraan kan ka’e miidhaa walirratti
raawwachuun waan isatti dhaga’ameef Aliin akka armaan gadiitti sirbee jira.

Waa malli nu dhubee,

Jennee bitaa mirgaa

Karaa sirrii dhiisnee

Maaliif deemnaa moggaa?

Rabbimoo namumaa kan seera jal’isee?

Waaqa moo namumaa kan seera jal’isee?

Ilman haadhaa abbaa

Walii obboleessaa

Maaliif wal jibbinaa?

Akka ilmoo bineensaa

Harki harka hinnyaatuu

Diina ofii malee

Nutu of xinneessee

Eenyutu nu caalee?
‘Waa malli nu dhubee, jennee bitaa mirgaa’ kan jedhu sabni oromoo yeroo sana tokkummaa
dhabee, burjaaja’ee waan jiruuf saba kana tokkummeessuun kan ulfaataa kan ta’e gara kan nama
wallaalchise ta’uu hunachiisa. ‘Karaa sirrii dhiisnee maaliif deemnaa moggaa?’ kan jedhu
immoo, sabni Oromoo waliigalteen yookaan gamtaan socho’uu dhiisanii, faffaca’nii yaada adda
addaa qabatanii deemuun isaanii sirrii akka hintaane kallattii tokkummaa uumuuf barbaachisu
qofa qabatanii akka deeman kan jajjabeessuudha.

‘Rabbi moo namumaa kan seera jal’isee?’ ‘Waaqa moo namumaa kan seera jal’ise?’ kan jedhu
kana keessatti wanti hubatamutokkummaan sabaa diigamee jiraachuu isaati. As keessatti
dogaggorri nmoota bira akka jiru weellisaan ergaa isaa ciminaan dabarfachuu barbaadeeti. ‘Haati
teenna takkaa maaltu addaan nubaase?’ jechuun sabni Oromoo qomoo tokko akka ta’e hundeefi
sanyiin saba Oromoo tokko waan ta’eef, waljaallanna, walhinjibbinu nitokkummoofna jechuun
akka sabni Oromoo tokkummaa qabaatu gorsuudha.

‘Ilman haadhaa abbaa Walii obboleessa’ ‘Maaliif wal jibbinaa? ‘Akka ilmoo bineensaa’ jechuun
sabni Oromoo dhiigaafi sanyiin tokko. Kan waliif maluu qabu malee kan walitti maluu hinqabne
akka ta’e gorsa. Akkasumas, ergaa walleen kun dabarsu, waljibbuurra waljaallachuu,
walmiidhuurra walfayyaduun gaarummaa akka qabu sabni Oromoos haala kanaan akka jiraatuuf
dhaamsa dabarsa. Akkasumas, yeroo Aliin sirba kana sirbe sabni oromoo wal jibbuufi addaan
qoqqoodamanii jiraachuun, inni tokko kan biro irratti ka’uufi tokkummaa dhabuun waan itti
dhaga’ameef akka sabni kun walmararfatu akka waljaallatuuf, ‘Maaliif wal jibbinaa?’ ‘Akka
ilmoo bineensaa’ jechuun sirbi kun gosaafi qomoon walqooduurra walitti dhufanii tokkummaan
akka jiraataniif. Kan walmiidhuufi walajjeesu waliif diina. Garuu yeroo sana gantoonni faayidaa
dhuunfaa isaaniitiif saba isaanii irratti yakka adda addaa godhaa turuun isaanii waan nama
rifachiisuuf kanarraa akka deebi’aniif Aliin ‘Harki harka hinnyaatu diina ofii malee’ jechuun
gocha kanarraa akka deebi’an jajjabeessa. ‘Nutu of xinneesse eenyutu nu caalee?’ kan jedhu
immoo “Sa’a abbaan gaanfa cabse ormi ija jaamsa” akkuma jedhamu sabni Oromoo
walkunuunfatee, walqabatee gamtaadhaan kan socho’u yoo ta’e eenyuun iyyuu caaluu akka
danda’u hubachiisa.

Fayyadama afaanii sirboota Alii Birraa bara dargii keessaa filataman keessatti
Qo’annoon fayyadama afaanii haala adda addaan hojiirra oolmaa afaanii qorachuudha. Haala
fayyadama afaanii ilaalchisee, Cooper (1976:184) akka ibsutti “Itti fayyadama afaanii
jechuun garaagarummaa afaan ykn looga tokkoofiafaanota ykn loogota adda addaa gidduutti
uumamuudha” jechuun ibsa. Fayyadamni afaanii calaqqee hawaasaa ta’uu isaa, Coulmas
(1997) Labov (1976) wabeeffachuun ibseera. Fayyadamni afaanii haala sadarkaa hawaasaafi
amala gosa hawaasaa calaqqisiisa. Haaluma kana fakkaatuun, Clark (1996) gama isaatiin, itti
fayyadamni afaanii walitti dhufeenya hawaasni waliin qaban kan agarsiisu jechuun ibsa. Itti
fayyadamni afaanii, adeemsa nama dhuunfaafi hawaasaa kan haammatuudha. Haaluma
walfakkaatuun, Wolff (2000) fayyadama afaanii sirriitti hubachuuf gaaffilee akka yoom,
eessatti, maalif, akkamitti, maaliin, eenyuuf kkf. gaaffilee xinqooqa hawaasaan walqabatan
kaasuun hubachuun akka danda‟amu addeessa.

Haaluma kanaan maalif afaan sana fayyadamna dhimma jedhu waliin walqabsiisnee gaafa
ilaallu hijiilee ogbarruu keessatti akkaataa afaan itti gargaaramnu fayyadama afaanii
jedhamuu isaati. Kunis, weellisaan tokko walleen isaa jaallatamaafi hawwataa akka ta’u yoo
barbaade afaan inni gargaaramu murteessaadha. Kanaaf, weellistootni qabiyyee isaan
irratti hunda’anii weellisaniifi fayyadamni afaanii isaan gargaaraman addatti eenyummaa
weellisaa sanaa ibsuu danda’a. Yaaduma kana gadi fageenyaan Addunya (2014:211) yoo
ibsu, “Wantootni akka namaatti beela‟anii akka quufan, adeemanii akka galan,
ijaaramanii akka diigaman kan taasisu fayyadama afaaniiti,” jechuun lafa kaa’a. Haaluma
kanaan, barruu sirboota kanaa keessatti fayyadama afaanii weellisaan gargaaramu kanneen
akka filannoo jechootaa, malleen dubbii, mammaaksotaafi kkf. lafa kaa’uun nidanda‟ama.
Kanaaf,weellisaan tokko fayyadama afaanii qabiyyee isaan ofkeessatti hammatan waliin
walqabsiisee weellisuutu irra jira. Kun kan gargaaru, dhaggeeffataan yeedaloo isaa miira
gaariin akka dhaggeeffachuu danada’uufidha. Miira kana kan fiduuf ammoo jechoota
weellisaan itti fayyadameedha. Haaluma kanaan, sirbaan dhugaan hawaasa tokkoo kan
calaqqisu ta’ee dhugaan hawaasichaa jechoota weellisaan gargaarameen kan ifatti ba’uudha.

Fayyadama Jechootaa

Amala walaloon yeedaloo sirba tokkoo ittiin beekamu keessaa inni olaanaan filannoo
jechootaati. Filannoo jechootaa kana keessatti ammoo jechoota muraasa ta’aniin yaada bal’aa
ta’etu dabarfama. Filannoon jechootaa walaloo barreessuu keessatti bakka guddaa qaba.
Afwalaloo keessattis jechootni filataman jechoota hiika dachaa (connotative)fi mul’ataa
(denotative) ta’e qabaniidha. Kanumaan walqabatee Kennedy, (1987:127) “Filannoo
jechootaa keessatti walaloon ogbarruuwwan akka asoosamaafi diraamaa caalaa
beekamaadha” jechuun ibsa. Kana malees, Isuma, (1987:127) “Filannoo jechoota walaloo
keessatti ofeeggannoon kan raawwatamuudha,” jedha. Itti dabaluun Fedhasaa (2013).
Filannoon jechootaa qusannoo jechootaati jechuun lafa kaa’a. Yaada hayyoota kanaarraa
wanti hubannu filannoon jechootaa walaloo barreeffamaa kessatti qalbii dubbisaafi miira
dhaggeefataa harkisuuf baay‟ee murteessaa ta’uu isaati.

Walaloon ergaa tokko, bifa miidhagaafi namatti toluun nama biraan ga’uu
keessatti qooda guddaa qaba. Walaloo yeroo jennu garuu waa’ee qubeen isaa
dhuma irratti walfakkaachuu qofaa osoo hintaane, dhangala’iinsiifi ciminni
ergaa sanaa iddoo guddaa qabaachuufi ilaalamuu kan qabuudha. Walaloon
akkaataa jechaa (dhikkisa yeedaloo) humna jabaa qabuun hubatama,” Fedhasaa
(2013:85)

Yaada sammuu keenya keessa jiru dhaggeeffattootaafi dubbistoota keenyaaf kan

dabarsinu jechoota yaada keenya bakka bu’an filachuudhaan. Haala kanaanis jechootni nuti
fayyadamnu yaada nutti dhaga’ame karaa guutuu ta’een ibsu danda’uu qabu.
Fayyadama jechooaa kana keessattis karaa idileefi alidilee gargaaramnuu keessatti fayyadamni
afaan ogbarruu sirboota saaqi saanqaafi itti muddi jedhan keessatti maal akka fakkaatu akka
armaan gadiitti qaacceffamuun dhiyaateera.
Jechoota galumsaa
Jechi tokko himoota adda addaa keessa galuun hiika yookaan ergaa garaagaraa qabaachuu
danda’a. Haauma kanaan sirba Alii Birraa keessatti weellisaan jechoota bifa garaagaraan
himaafi yeedaloo isaa keesatti akkataa qabiyyeefi ergaa dabarsuu danda’uun akka armaan
gadiitti qaacceffamee jira.
Qotee bulaa roorroodhaan dhamaafte
Tooftaan kee dulloomte
Humni kee kufte
Dafqa malee baay’ee burraaqxanii
Maal siif wayya sit bariitee
Gamtummaan qabeenyi ciree hidda keeti
Kan roorroo jibbee gaaratti game
Kan jiruun dhabe jaalallee firaa
Qofaasaa hafee ija hihiraa
Kan roorroon alagaa mukatti galchite
Bantii duroomaarraa konkolaate
Karaa sirrii dhiifnee
maaliif deemnaa moggaa
rabbimoo namumaa
kan seera jal’ise
haati teenna takkaa
maaltu addaan nubaasee
nutu of xinneessee
eenyutu nu caalee
sinjibbine yaa shaggee
bultii koo wayyaa
adaraa jaalalaa
atis nayaadadhu
Jechi tokko unkaafi bifaan osoo walfakkaatuu hima keessati ergaa addaa addaa dabarsuu akka
danda’u ilaallee jirra. Jechi ‘dhamaafte’ jedhu kun akkaataa galumsa himichaatti ‘rakkiste’
jechuudha. Hiikni kallattii jecha kanaa ifaajjii yookaan dadhabbii namni jiruufi jireenya isaa
keessatti waan yaade yookaan karoorfate galmaan ga’achuuf bu’aa ba’ii hedduu keessa
darbuudha. As keessatti garuu miidhaa sirni nafxanyaa baroota darban keessatti saba Oromoo
irraan gahaa turan ibsuuf weellisaan itti fayyadamee jira. Akkasumas, jecha ‘roorroo’ jedhu
fayyadamee jira. Asitti immoo weellisaan jecha kana kan fayyadameef, qaamni aangoon harka
jiru tokko kan aangoo hin qabne irraan rakkina akka gahu kan ibsuuf.
Yeroo baay’ee jechi ‘dulloomte’ jedhu lubbu qabeeyyii umurii dheeraa jiraataa turaniif
jedhama. Sirba kana keessatti akka waan humni lubbuu qbuutti kaafamee jira. Kan dulloome
immoo akka seera uumamaatti bara qabu fixate du’ee kan awwaalamu yookaan kan baduudha.
Haala wallee kana keessaatti tooftaan akka lubbu qabeeyyiitti dulluuma jechuu osoo hintaane,
falaasamni Hayile Sillaaseen ittiin biyya bulchaa ture sirrii kan hintaane ta’uufi sirni haaraan
dargiin falaasama kan duraan turerra fooyya’aa ta’e waan fideef, falaasamni Hayile Sillaasee
kan itti fufuu hindandeenye akka ta’e ibsuu isaati.

Jechi ‘kufe’ jedhu hiikni kallattii isaa ‘jige’ kan jedhuudha. Gochi akka kanaa wantoota
qaqqabatamuufi ilaalamuu danda’aniin kan raawwatuudha. Jechi humna jedhu maqaa killayyaa
kan harkaan qaqqabatamuu hindadeenye yaadaan kan jiru aangoo wanti tokko qabuudha.
Haaluma kanaan sirni mootummaa Hayile Sillaasee mootummaa dargiitiin akka injifatame
ibsuu barbaadeti. Akkasumas, jechi ‘dafqa’ jedhu hiikni kallattii isaa namni yeroo waa dalagu,
yeroo qaamni namaa socho’u, qaamni namaa hoo’ee bifa hurkaan kan qaama namaa keessaa
ba’uudha. Dafqi calliseetuma qaama namaa keessaa baha osoo hintaane yeroo qaamni namaa
dalagaa irra jiruudha. As keessatti dafqa malee baay’ee burraqxanii kan yemmuu jedhu,
nafxanyoonniifi waardiyoonni isaanii osoo ofii hindalagatin kan saba Oromootti fayyadamaa
waan turaniif kana ibsuuf malee namni burraaqu hindafqu jechuu barbaadee akka hintaane
hubachiisa.

Haala qabatamaa hawaasa keenyaa keessatti jechi ‘burraaquu’ jdhu irra caalaa kan itti
fayyadaman waatiin (jabbiin) yemmuu aannan hootee quuftu fiigicha isheen taasistuudha.
Akkasumas bineensonni adda addaa yeroo haalli jireenyaa mijatuuf, yeroo gammachuun
isaanitti dhaga’amu fiigichaan gocha isaan agarsiisaniidha. Wallee kana keessatti Aliin ‘Dafqa
malee baay’ee burraaqxanii’yeroo jedhu namatu akka bineensotaatti yeroo haalli itti tolu
burraaqa jechuu osoo hintaane, nafxanyoonni qabeenya saba Oromoo saamanii waan fedhan
nyaatanii, waan fedhan dhuganii jireenya gaarii jiraachuu isaanii ibsuu barbaadeeti.

‘Maal siif wayya sit bariitee’ kan jedhu keessatti immoo hiikni kallattii jecha ‘bariite’ jedhu,
yeroo duukkanni darbu dabaree isaatiin kan dhufu ifa jechuudha. Akka weellisaan kun jecha
kanatti fyyadametti garuu, akkataa serra uumamaatiin duukkanni darbee ifni dhufuu osoo
hintaane, warra saamicha sabaafi sablammoota adda addaa irratti yeroo sana raawwachaa turan
irratti sirni isaan faallessu itti dhufuu isaa akka beekan ergaa dabarsuu isaati.
Mootummaan Hayile Sillaasee falaasama qabeenya dhuunfaa jedhuun biyya hoogganaa kan ture
yoo ta’u mootummaan dargii immoo qabeenyi gamtaan (waloon) akka ture beekamaadha.
Weellisaan sirba isaa keessatti ‘gamtummaan qabeenyi ciree hidda keeti’ jedhee kan
fayyadameefis kanaaf. As keessatti jechi ‘cire’ jedhu hiikni galumsaa muruu osoo hintaane
falaasama qabeenya dhuunfaa jedhu, kan Hayile Sillaaseen ittiin hojjechaa ture baduu isaa kan
ibsuudha. ‘hidda’ kan jedhu weellisaan sirba isaa kana keessatti kan fayyadame yoo ta’u, hiikni
kallattii isaa kan biqilootaaf lafa keessaa nyaata barbaaduufi bishaan xuuxuudha. Aliin haala
kanaan ibsuuf osoo hintaane sirnootni darbaniifi ergamtoonni isaanii akka dhabaman ergaa isaa
cimsee sammuu dhaggeeffattootaa keessa buusuu isaati.

Yeroo sirna gita bittaa nafxanyaa Oromoofi uummata biro hacuucanii cunqursaa hamaan bitaa
turan sanatti Itoophiyaan mana hidhaa sbaafi sablammootaa ture. Biyya cubbuun haalaan itti
mooyee ture. Uummanni biyyattii garbummaa jala turan sirna bulchiinsa garboomfataa kana
jalaa bilisa bahuuf qabsoo taasisaa ture. Sirba kana keessatti ‘Kan roorroo jibbe gaaratti game’
kan jedhu keessatti gaaratti kan jedhu kun bosona jechuu isaati. Namoonni qabeenyi isaanii
nafxaanyaadhaan saamame, kan qe’ee isaaniirraa buqqa’an, kan dararaan itti
hammaate,bilisummaafi walqixxummaa dhugaa argamsiisuuf mootummaa yeroo sanaatiin
loluuf bosona kan seenan ta’uu ibsa. ‘Gaaratti game’ kan jedhu keessattis jechi ‘game’ jedhu
qabsoof gara bosonaa seenuu kan ibsuudha.

‘Kan jiruun dhabe jaalallee firaa’ ‘Qofaasaa hafee ija hihiraa’ kan jedhu keessatti jichi ‘hihiraa’
jedhu namni tokko qofaa isaatti hafuun waan ilaallatu yemmuu dhabu kan agarsiisuudha.
Nafxanyaan yeroo sana saba Oromoo mirga isaaniitiif qabsa’an hari’aa, hidhaafi ajjeesaa turuun
firootaafi jaalalleewwan baay’eeqofaatti hanbisan.jechi kunis kanuma ibsuuf kan galeedha.

‘Kan roorroon alagaa mukatti galchite’ kan jedhu keessatti, mukti hiika galumsa addaa qaba.
Dhalli namaa kan inni itti galu mana ture. Haata’u malee waan mirgi sarbameef bosona dawoo
godhachuun akkamitti akka diina lolan ibsuu barbaadeeti. ‘Bantii duroomaarraa konkolaate’
jechuun nafxanyoonni saba Oromoo saamanii durooman jijjiiramni mootummaa haaraa waan
itti dhufeef, qabeenya isaanii duranii dhabuu irraan kan ka’e deebi’anii hiyyoomuu isaanii kan
agarsiisuudha.
‘Karaa sirrii dhiisnee maaliif deemna moggaa’ kan jedhu keessatti jecha ‘mogga’ jedhu
fudhannee yoo ilaalle himoota adda addaa keessa galuun hiika adda addaa qabaachuu kan
danda’uudha. Jecha kana hiika isaa haala teessuma lafaan kan ilaallu yoo ta’e, fiixee, qarqara
yookaan gara dhumaa jechuudha. Akka weellisaan sirba isaa kana keessatti itti fayyadametti
immoo, yeroo namoonni walii galuu didan waan sirrii hintaane yeroo dalagan ibsuuf jecha
‘moggaa’ jedhu kanatti fayyadame.

‘Rabbi moo namumaa kan seera jal’ise’ kan jedhu keessatti hiikni galumsaa jecha jallise jedhuu,
seerri yeroo sana uummatni ittiin bulaa ture sirrii akka hintaane ta’uufi waliigalteen yookaan
gamtaan kan namoota gidduu hin jirre ta’uu bifa gaaffiitiin yaada qabu ibsachuu isaati.

Irra deeddeebii jechaa

Faallaa

Yaadonni faallaa karaa adda addaan ibsamuu danda’u. Addunyaa (2014:112) jechoota faallaa
kanneen jennu walitti dhufeenya jechoota wal morkatan lama gidduu jiruudha jedha. Jechoota
kanas karaa adda addaan arguu dandeenya. Yeroo tokko tokko sirba keessatti karaa dhokataa
ta’een yeroo itti gargaaramnudha. Yeroo kaan ammo haala iftoomina qabuun yeroo dhimma itti
ba’anitu mul’ata. Weellisaan sirba isaa keessatti jechoota adda addaa waan adda addaaf itti
gargaaramuu danda’a. jechoonni kun kallattiin yookaan alkallattiin ergaa dabarfachuuf
barbaadamekan mul’isaniidha.

Ergachuu – ergamuu

Hiyyummaa – durooma

Beekaa - wallaalaa

Irra - jala

Mirga - bitaa

Sirrii - moggaa

Xinneesse - caale
Sirba kana keessatti ‘ertgachuu’fi ‘ergamuu’ kan jedhamantu mul’atu. Jechoonni kun lamaan
faallaa waliiti. Jechoota faallaas waliif ta’u. ‘ergachuun’ qaamni olaantummaa qabu tokko
hangafas haata’u quxisuun qaama tokko ajajachuu yookaan abboomsifachuu yoo ta’u,
‘ergamuun immoo’ qaamni ajajame tokko ajaja qaama olaantummaa qabu irraa
fudhachuudhaan waan godhi jedhame tokko kan raawwatuudha. Haaluma kanaan sirba kana
keessatti qaamni faallaa lama akka jiru ibsuuf weellisaan jechoota kanatti gargaaramee jira.
Jechoonni kunis qaamni olaantummaa qabu nafxanyoonniifi leellistoonni isaahumna qabaniin
saboota biroo cunqursuun waan barbaadan argachaa turuu isaanii mul’isa. Akkasumas, yeroo
sirni gita bittaa nafxanyootaa mootummaa dargiitiin fonqolfametti dargiin immoo dabaree isaa
olaantummaa argachuun warri duraan ergachaa turan dabaree isaanii kan ergaman ta’uu isaa
jecha kanaan ibsamee jira.

Jechoonni biroon sirba kana keessatti jechoota faallaa jedhamanii eeraman ammoo jecha
‘hiyyummaa’fi ‘durooma’ jedhaniidha. Yaadnijechoota kana faallaa taasisanis hiyyeessi, kan
qarshii hinqabne, harka qalleessa yoo ta’u, dureessi ammo faallaa kanaa kan ta’e nama qarshii
hedduu qabu, kan gargaarsa nama biro hinbarbaannedha. Weellisaan sirba isaa keessatti
jechoota kana kan filateef, nafxanyoonni bara Hayile Sillaasee sabaafi sablammoota hedduu
saamuudhaan duroomanii turan yeroo mootummaan dargii aangoo qabate immoo qabeenyi
isaan saamanii durooman irraa fudhatamuun yeroo isaan haala duraan irra jiraniirraa gadi bu’an
kan agarsiisuudha.

Jechoonni waliif faallaa ta’an kan biroon kanneen sirba kana keessatti argaman ‘wallaalaa’fi
‘beekaa’ kan jedhamaniidha. Yaadi jechoonni kun akka isaan waliif faallaa ta’an taasisu
‘wallaalaan’ kan beekumsa hinqabne doofaa yemmuu ta’u, ‘beekaan’ immoo hayyuu, kan
barnoota qabudha. Aliin sirba isaa bara dargii ‘Assaa belawoo’ jedhu keessatti jechoota waliif
faallaa ta’an fayyadamee jira. Barreessitoonni habashaa seenaa uummata Oromoo jal’isanii,
dabsanii, gadi buusanii, dhugaa jiruun ala kijiba barreessanii turanii jiru. Barreessitoonni
akkasii immoo beektota osoo hin taane wallaalota yoo jedhan walnama hinfalmisiisu. Haata’u
malee barreessitoonni biyya keessaafi alaa waa’ee seenaafi aadaa Oromoo akkasumas, waa’ee
Sirna Gadaa kan jarri jal’isanii barreessan waan qabatamaafi ragaa irratti hundaa’uudhaan
dhugaa jiru lafa kaa’anii jiru. ‘Dubbii seenaa, dubbii afaanii’, ‘wallaalaan nutti kolfee’,
‘beekaan beekumsaan fure’.jechuudhaan weellisaan jechoota faallaa kanatti fayyadamuudhaan
yaada isaa ibsee jira.
Sirba weellisaa kana keessatti jechoonni waliif faallaa ta’an biroon ‘irri’kan jedhuufi ‘jalli’ kan
jedhuudha. Jechoonni kun lamaan waliif faallaadha. ‘irra’ jechuun kallattiidhaan yemmuu
agrsiifamu ‘gubbaa’ yemmuu ta’u, ‘jala’ jechuun immoo gara gadii jechuudha. Weellisaan
sirba isaa keessatti kan fayyadame ‘irri kee midhaani’ ‘jalli kee bishaani’ jechuudhaan sirbe.
Wallee kana keessatti faayidaa dacheen Oromiyaa saba Oromootiif kennitu ibsuuf, irra keessi
dachee kanaa oomishaaf mijattuu kan taate ta’uufi jala dachee kanaatti immoo waan jireenya
namaatiif utubaa ta’e kan namni isa malee jiraachuu hindandeenye bishaanni argamuudha.

Jechoonni waliif faallaa ta’an kan biroon immoo ‘bitaa’fi ‘mirga’ jechoonni kun jechoota
faallaa kallattii agarsiisaniidha. Weellisaan jechoota kanatti kan gargaarame sirba isaa ‘Waa
malli nu dhibe’ jedhu keessatti. Yeroo sanatti sabni Oromoo tokkummaa dhabuu isaa irraan
kan ka’e yeroo itti dhiibbaan adda addaa irra ga’aa tureedha. Sabni Oromoo waldhabuudhaan
inni tokko yaada tokko qabatee kan deemu yemmuu ta’u, inni biraan immoo yaada biraa
qabatee yeroo deemaa tureedha. Yeroo kana yaadni saba Oromoo faffaca’aa waan ta’eef ‘Waa
malli nu dhibee ‘jennee bitaa mirgaa’ jechuudhaan jechoota waliif faalla ta’an kanatti
fayyadamuun ergaa isaa dabarfatee jira.

Sirba kana keessatti kan weellisaan ergaa isaa dabarfacuuf akka jechoota faallatti wal bira
qabuun itti faayyadame ‘sirrii’fi ‘moggaa’ kan jedhuudha. Jechoonni kun yeroo bakka adda
addaatti adda baasnee ilaallu waliif jechoota faallaa ta’uu dhiisuu danda’u. Haat’umalee akka
weellisaan galumsa keessatti itti fayyadametti waliif faallaa ta’u. ‘Karaa sirrii dhiisnee maaliif
deemna moggaa’ kan jedhu keessatti, ‘sirriin’ jechuun kallattii dhugaan jiru hordofuufi yaada
qajeelaa qabaachuu yemmuu ta’u, ‘moggaa’ jechuun immoo kan alagaa jala lixee ilaalcha
warra sirrii hin taanee qabatee deemudha. Kanaaf weellisaan jechoota kanatti
fayyadamuudhaan akka sabni Oromoo yaada tokko qabaatuuf gorsa kennuu isaati.

Jechoonni faallaa sirba kana keessaatti argaman kan biroon ‘nutu of xinneesse eenyutu nu
caale’ kan jedhan keessatti jechoonni ‘xinneessee’fi ‘caale’ jedhaman guutummaatti jechoota
faallaati osoo hin taane akka jechoota faallaatti tajaajilanii jiru. N afxanyoonni akka Oromoon
gamtaa hinqabaanne sanyii, qomoofi balbalaan adda baasanii akka isaan wal jibban gochaa
ture. Sabni tokko saba biro caale kan jedhamu, sabni caalame cunqurfamee, hacuucamee, saba
caalee jiru sanaan bitamee jiraata. Kana jechuun sabni waliigaltee hinqabne akka caalamuufi of
xqqeessu ta’uu isaati jechuudha. Kanaaf weellisaan sirba isaa kana keessatti “Osoo wlii gallee
wanti caallee hinargamneef hinjiru, walii galtee dhabuu keenyatu akka nuti xinnaannu taasise.
Kanaaf nutu of xinneesse, caallee argamuuf gamtaa haaqabaannu” jedhee yaada isaa
dabarfachuuf jechoota kana akka faallaatti walbira qabee itti fayyadame.

Jechoo masoo
Jechoonni masoo jechoota hiika walfakkaataa qabaniidha. Masoon kunis kan walitti
dhiyaataniidha malee guutummaatti tokko hindanda’an. Addunyaa (2014:112) O’Grady
(1996:234) wabeeffachuun akka ibsetti “synonyms are words or expression that have the same
meaning in some contexts. Although, it is easy to think of contexts words have the same
meaning and there are also contexts which their meaning diverge at least slightly” jedha. Yaadni
kun akka mul’isutti jechoonni hiika walfakkaatu qaban hundaan tokko ta’uu akka hindandeenye
agarsiisa. Masoon jechoota bifa adda addaan barreeffamanii hiikaa walfakkaataa
qabanidha. Yaada kana deggeruun bastian Lobner (2002). “To lexims are synonoyms if they
have the some meaning” jedha. Haaluma kanaan jechoota galumsaa tokko keessatti hiika wal
fakkaatan qabaataniyyuu, unki jechoota sanaa tokko ta’uu dhiisuu mala. Isaan kunis akkaataa
armaan gadiitti fakkeenya waliin dhiyaachuun qaacceefamanii jiru.
Maal je’anii – maal himanii
Sadoo – baay’ee
Dulloomte – kufte
Maal dubbata – maal odeessa
Mana A bbaa Gadaa – Galma Abbaa Gadaa
Tooftaa – humna
Ifa – guyyaa
Rabbi – Waaqa
Ilmaan haadhaa abbaa – walii obboleessa

Sirba Alii Birraa ‘Maal jedhanii maal himanii’ jedhu keessatti jechoonni ‘Maal jedhanii’fi
‘maal himan’ jedhaman waliif masoo ta’u. sirbi kun rakkoo haqaafi dararaa namoota irra gahaa
ture irratti kan xiyyeeffateedha. Sirbi kun saamichhaafi gidiraa uummanni Oromoofi kan biro,
keessumattuu qonnaan bultoota mudhachaa ture, rakkoo siyaasaafi hawwaasummaa, aarsaa
cimaa uummatichi kaffalaa jiruufi gadadoo uummataa kan mootummaan Hayile Sillaasee
irraan gahaa ture ilaalchisuun gaddaafi miira abdii dhabaan kan sirbeedha.Dararaa yeroo sana
mootummaan uummata irraan gahaa ture irraan kan ka’e waan furmaata ta’u dhabuudhaan
‘maal jedhanii’ jechuun sirbe. Akkasumas yaaduma kana kan cimsu, rakkoo uummata irra
gahaa jiru kanaaf qaama kamitti himatu jechuun gaaffii dhiyeessa. Qaamni tokko yoo nama
miidhe qaamni furmaata itti godhuu danda’u qaama isa nama miidhaa jiru sanaa ol ta’e, kan
olaantummaa qabuudha. Garuu yeroo sana kan nama miidhaa ture mootummaadhuma waan
ta’eef isa immoo baakki itti himatan waan hinjirreef uummanni rakkoo irra gahaa jiruuf
furmaanni maal akka ta’e wallaale. Aliinis waan gara nama wallaalchise kana jechoota
moggoo kana fayyadamuudhaan ergaa isaa dabarse.

Sirba olii keessatti jechoonni ‘sadoo’fi ‘baay’ee’ jedhan jechoota walii isaaniitiif moggoo
ta’aniidha. ‘Hamma har’aan tana hiyyeessa saamtanii dafqa malee baay’ee burraaqxanii’
‘hamma har’aan tana hiyyeessa saamtanii dafqa malee sadoo burraqxanii’ jechuudhaan jechoota
kana wal cinatti gargaaramee jira. Jechoonni kun moggoo garaagaraatiin yoo irra deebi’amanii
dhaggeeffataman yaada sammuu dhaggeeffataa keessa kaa’uu keessatti ga’ee olaanaa qabaata.
Dabalataanis, walitti fufiinsaan jechuma tokko irra deddeebi’uu caalaa jechoota moggoo ta’an
waljala fuudhanii gargaaramuun ergaa sirba sanaa sirriitti galmaan ga’uuf ga’ee olaanaa qaba.
Akkasumas, qabeenya uummataa saamaa turan sanaan gammachuu argatanii boonaa turuu
isaanii kan ibsuudha.
Sirba Alii Birraa ‘Abbaa Lafaa’ jedhu keessatti weellisaan jechoota ‘tooftaa’fi ‘humna’
jedhaman akka jechoota moggootti walbira qabuun ittii fayyadamee jira. Haata’u malee
jechoonni kun guutummaa guutuutti waliif moggoodha jechuu hindandeenyu. Garuu weellisaan
yaada barbaade ittiin ibsachuuf jechoota kanatti gargaaramee jira. ‘Tooftaan tee dulloomte’
‘humni tee kufte’ kan jedhu kana keessatti jechoonni ‘tooftaa’fi ‘humna’ jedhaman ergaa
isaaniitiin sirba kana keessatti waliif moggoo ta’u. ‘Tooftaa’ kan jedhu mala sirni sun ittiin
bulchaa ture yemmuu ta’u, ‘humni’ immoo aangoo mootummaan yeroo sanaa ittiin uummata
bulchaa tureedha.

Haaluma walfakkaatuun weellisaan sirba isaa kana keessatti jechoota ‘dulloomte’fi ‘kufte’ jedhu
akka moggootti walbira qabuun itti faayyadamee jira. Jechoonni kunis guutummaa guutuutti
waliif moggoo ta’uu hindanda’an. Garuu akkaataa galumsa sirba kanaa keessatti ergaa dabarsan
irratti hundaa’uun waliif moggoo ta’u. ‘Tooftaan tee dulloomte’ kan jedhu keessatti ‘dulloomte’
kan jedhu falaasamni mootummaan yeroo sana ittiin biyya ulchaa ture kan moofa’e yookaan
hojiirra ooluu hindandeenye yemmuu ta’u, ‘humni tee kufte’ kan jedhu keessatti immoo ‘kufte’
kan jedhu aangoon mootummaan ittiin biyya bulchaa ture hafuu yookaan kan itti hinfufne ta’uu
agarsiisa. Kun immoo ergaa dabarsaniin tokkummaa qabaachuu mul’isa.

Jechoonni ‘odeessa’fi ‘dubbata’ jedhaman sirba kana keessatti waliif moggoodha. Bo’oo sirba
kanaa fudhannee yoo ilaalle ‘maal dubbata maal odeessa waan isa mudate’ kan jedhuudha.
Jechoonni weellisaan itti gargaarame kun roorroofi gidiraa mootummaan nafxanyaa uummata
irraan gahaa ture bay’ee hamaa ta’uu irraan kan ka’e gadda namatti dhageessisuufi abdii namaa
kutuu isaa akkasumas, waan dubbatan yookaan waan godhan kan nama wallaalchisee ta’uu isaa
ibsuuf jechoota kanatti gargaarame. Gochi dabaan uummata irra gahe waan hedummateef, isa
kam akka dubbatan, yookaan isa kam akka odeessan kan nama wallaalchisu ta’uu isaa weellisaan
jechoota kanatti fayyadamuudhaan ergaa isaa dabarfatee jira.

‘Mana Abbaa Gadaa’fi ‘Galma Abbaa Gadaa’ kan jedhamanis waliif moggoodha. Lamaanuu
dhimma walfakkataadhaaf kan dhaabbataniidha. Aliin sirba kana bara dargii keessa kan sirbe
yemmuu ta’u, walaloon isaa ‘karaan mana Abbaa Gadaa eessa’ ‘dhaqeen galmasaa jajjabeessa’
jechuudhaan weellifame. Galma Abbaa Gadaa yookaan mana Abbaa Gadaa kan jedhamu kun
bakka sabni Oromoo waliin marii’achuuf itti wal arganiidha. Achi keessattis seera tumata. Bakka
itti walgorfataniifi itti wal qajeelfataniidha. Kanaaf yaadni kun sirba kana keessatti hiika
walfakkatu akka qabu hubanna.

‘Ifaa’fi ‘guyyaan’ waliif moggoodha. Lamaanuu keessatti wanti tokko nidhokata osoo hintaane
ni mul’ata. Walaloo sirbaa Alii keessatti ‘kan ifni jiru guyyaan itti dhaame’ jechuudhaan
yeedaleeffamee jira. Weellisaan jechoota kana kan gargaarameef, cunqursaa sirni nafxanyaa
Oromooirraan gahaa jiru ilaalchiseeti. Baay’ee cunqurfamuu irraan kan ka’e sammuun
dhiphachuun osoo ilaalanii yeroo itti argu dhaban kana agarsiisuuf jechootni kun ergaa
walfakkataa dabarsuu akka danda’an nihubatama.

‘Ilmaa haadhaa abbaa’ ‘walii obboleessa’ kan jedhaman kun caasaadhaan garaagara yoo
ta’anillee ergaa tokkoof dhaabbachuu isaaniitiin waliif moggoo ta’u. Aliin sirba sirba kana kan
sirbeef bara dargii keessa tokkummaa dhabuu saba Oromoo irraan kan ka’e, dhaamsa
dabarfachuu barbaade galmaan ga’achuuf. ‘Ilmaa haadhaa abbaa’ jechuun kan haadhaafi abbaa
tokkorraa dhalatan jechuu yoo ta’u, ‘walii obboleessa’ kan jedhamanis sanyiin isaanii tokko kan
ta’e jechuudha. As keessatti Oromoon sanyiin isaa tokko jechuudhaaf weellisaan jechoota kanatti
gargaaramee jira.

Waaqa (Rabbi), uumaa samiifi lafaa danda’aa waan hundumaa jechuudha. Haala kanaan yoo
ilaalle Waaqa yoo jennes Rabbi yoo jennes waanuma tokko kan bakka bu’aniidha. Walaloo sirba
kanaa keessatti, ‘Rabbi moo namumaa kan seera jal’ise’, ‘Waaqa moo namumaa kan seera
jal’ise’ jechuudhaan yeedaleeffamee jira. Kanaaf, yaada tokko kan bakka bu’uudha jechuudha.

Jechamoota

Jechamni jechoota adda addaa lama irraa kan uumamuufi jechoota qindaa’an keessaa
jechoota hiika addaa qabaatee yaada addaafi dubbiin kan ibsamu fayyadama afaaniiti. Kana
ilaachisee, Addunyaa (2014:122) akka ibsetti,

Jechamni jechoota, gaaleewwaniifi ciroowwan ergaa haala idilee keessatti


qabaniin alatti ergaa biraa dabarsuuf fayyaduu danda’u. Baay’een
jechamoota Afaan Oromoo ergaa dhuunfaatti jechootni walitti dhufan qaban
irraa adda. Jechamoota kana hubachuufis beekumsa aadaafi afaanichaa
qabaachuun barbaachisaadha

Kana malees, jechamni qaama gubbaaratti hiika ifa ta’e, qaama keessaatti ammoo hiika
dhoksaa ta’e qabuudha. Jechootni kunniin kaayyoo tokko icciitiin itti fayyadamuudhaan
dhuunfaan ykn gareen galmaan ga’uu kaayyeeffatu. Naannoo tokko tokkotti ammoo
yaada icciitii ibsachuuf hojjettootni, barattootni, dhiiraafi dhalaan, dargaggoo, hoji
dhabdootaafi kashalabbeewwan illee ofuma isaaniitii uumuudhaan kan itti walii galuu
danda‟aniidha jechuun Geetaachoo (2011:58) ibseera. Haaluma kanaan, jechamootni sirboota
Alii Birraa bara dargii keessatti argaman akkaataa itti aanutti qaacceffamanii jiru.
Taa’anii nyaachuu

Dafqa malee jiraachuu


Sit barite

Abbaa lafaa

Gaaratti game

Mukatti galchite

Bantii duroomaarraa konkolaate

Harki harka hinmuru

Tooftaan tee dullomte

Humni kee kufte

Sirba kana keessatti jechamni ‘Taa’anii nyaachuu’ jedhu kun jechama akkaataa namni itti
nyaachuu danda’u bu’uureeffachuun kan dubbatameedha. Jechamni kun hiikoo lama of keessaa
qaba. Inni jalqabaa teessoo irra taa’anii soorachuu yemmuu ta’u, inni biroon immoo osoo
hinhojjetin kan namni biraan dalagatetti dhimma bahuudha. As keessatti kallattiidhaan osoo
hintaane alkallattiidhaan gocha nafxanyoonni saba Oromoo irratti raawwachaa turan
agrsiisuudha.

Wabiilee

Addunyaa Barkeessa.(2011).Akkamtaa:Yaadrimee Qorannoo Hujoo.Finfinnee,Oromiyaa

Addunyaa Barkeessaa. (2018).Seemmoo:Bu’uura Barnoota Afaanii fi Afoola Oromoo.


Maxxansa 3ffaa. Finfinnee, Oromiyaa.

Asafaa Tafara. (2009). Eelaa. Seenaa Oguma Oromoo. Finfinnee: Far-East trading Press

Berhanu Mathews. (2009). Fundamental of Literature: Addis Ababa:Alpha Printers PLC.

Biiroo Aadaa, Hambaafi Tuurizimii Mootummaa Naannoo Hararii (2012). Seenaa Harariifi
Harar. Etoophiyaa. ISBN.

Biraanuu Olqabaa (2011). Itti Fayyadama Malleen Dubbii Kitaabota Walaloo Miila Kaayyoo fi
Edas-Edana. Yuunivarsitii Jimmaa.
Charles B.(_2018 ) .What Is The Importance Of Literature And Its Impact On Society. Whith
Out Literature Life Is Hell: Manali Oak .___

Clark, H. (1996). Using Language. Cambridge: Cambridge University Press.

Cooper, R. (1976). The Study of Language Use.In M.L.

Coulmas, F. (1997).The Handbook of Sociolinguistics. UK: Blackwell Publishers.

Dastaa Alamaayyoo (2018) Aramaa Afaan Oromoofi Kan Biroo. Finfinnee, Oromiyaa.

Dastaa Dassaalany (2002). Bu’uura Qorannoo. Finfinnee: Mana maxxansaa Boolee.

_________(2013). Bu’uura Qorannoo. Finfinnee : Dhaabbata maxxansaa Far East.

Dastaa Dassaaleny. (2013).Dimimmisa, Asoosama Biroo Waliin :Nech Sar prenting:Finfinnee

Eshete Gemeda.(2013). Oromo Oral Narrative.Literary Efficiency And The Interpretation Of


Oral Literature In Its Own Right: Verbal Repertoire As Socio-Historical Evidence (pdf)

Filee Jaallataa (2019). Malleen Qoranno3o : Mana maxxansaa. ADP . Finfinnee.

Filee Jaallataa. (2016). Beekumtaa Oromoo: Mana maxxansaa. Raajii. Finfinnee.

Fedhasaa Taaddasaa (2017). Bu’uuraalee Ogbarruu Oromoo. Ilsabaa publishing

Fedhasaa Taaddasaa. (2013). Suubii. Bu‟uuraalee Ogbarruu Oromoo. Mana maxxansaa:

Suubii
Gemmechu Bekele (2003). A study of major themes in some selleted songs of Ilfinesh

Keno. Unpublished MA theses, Addis Abeba University.

Geetachoo Rabbirraa, (2008). Furtuu Seerluga Afaan Oromoo. Finfinnee.

__________________.(2011).Furtuu Seerluga Afaan Oromoo kutaa 9fi10 Gulaallii


3ffaamax.8ffa Addis Abebaa kuaaz International Interprize.
Hayiluu Bantii. (1997). CORAA AADAA. Jimma-Oromiyaa

Jireenyaa Ayyalaa.(2008). Yaad-Hiddama Aartiifi Qajeeltoowwan Ogummaa Dizaayinii


ffaa
Waliigalaa (jildii 1 ) : Biiroo Barnoota Oromiyaa

Kennedy. X.J ( 1987). Literature . An introduction to fiction, poetry and drama.Boston

languages in Tanzania: A case study of Ekinata. Bayreutn African studies. press.

Martha C. (2005). Living Folklore.An Introduction to the Study of People and TheirTraditions:
United States of America : Utah State University Press

Misgaanuu Gulummaa. (2011). Kattaa: Ogummaa Barreessuu: Finfinnee .Oromiyaa

Mohammed Sayid. (2009).Seenaafi qabsoo Oromootaa.Finfinnee, Itoophiyaa: Finfinfinnee.

Nagarii Leencoo. (1995). Wirtuu Barruulee Qormaata Waaltina Afaan Oromoo: Gumii
Qormaata Afaan Oromoo. Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaa

Ngara, E.(1990). Ideology and Form In African Poetry.Implications For Communication.


London. Printed By Villers Publications.

Rabbirraa Tarrafaa. (2010). Gadaa: Barnoota Afaan Oomoo Kutaa 5-8: Far East Trading

Richard,B.(1992).Folklore Cultural performances popular Enterainment. New York: Oxford


University press.

Ruth Finnegan.(1970). Oral Literature in Africa. Oxford: Oxford University press Eastern
Africa.

______. (2012). Oral Literature in Africa. World Oral literature series Volume
1.Cambridge .CBI,2BL United KingDom: Publisher CIC LTD.

Sims and Stephen.(2005).Living Folklore.An Introduction to Study of Peopleand Their


tradition.Utah state University Press.USA.

Turke F.(1991).Using Literature In Language Teaching. Hacettepe University Say:6/299-305

Wiirtuu, (1995) Barruulee qormaata waaltina Afaan Oromoo. Finfinnee.Biiroo Aadaafi


Tuurizimii Oromiyaa.

Wolff, E. (2000). “Language and Society”. In Heine, B. and Nurse, D. (eds.) African
Languages: an Introduction. Cambridge University Press.

Kan hin maxxanfamne

----------------- (2012). Mojuula Diraamaa. Kan hinmaxxanffamne.

Toora Interneetii

https://en Wikipedia.Org/wiki/Literary-theory.

om.m.wikipedia.org >wiki >Aartii Oromoo

https://en.m.wikipedia.org/wiki/Art

www.mvrop.Org>lib>domain

www.visual-art-crok-com/art-definition.htm

http://www.sil.org/lingualinks/literacy/ReferenceMaterials/GlossaryOfLiteracyTerms/
WhatIsCreativeWriting.htm.

You might also like