You are on page 1of 2

Oromoo Cabsuu fi Caccabsuu

Yoomii Jalqabee? Dur jalqabe, Xiqqoo kan milkaahan bara Minilik booda.

Axee Minilik Oromoo cabsuu akka hin dandeenye gaafa bare furmaata lama lafa kaahate

1. Iddoo Oromoon gurmaa'ina hin qabnetti humnaan duuluu


2. Karaa Nagaa fuudha, heerumaa fi Amantaan goyyoomsuu ture.

Diinummaa Minilik eessaa kahe gaafa jettan ammoo, Oromoon gaafa dur lafa isarraa fudhatamee
deebifachuufi Mootota Muslimaafi Kiristaanaa ariyatee Biyya isaa too'ate (1522) jalqabee Amaarri
Shawwaarra qubatanii jiran hunduu akka Oromoo jibban tahan. "Shewa, where the indigenous Amhara had
been driven from the middle highlands into the highest and coldest parts
of Menz and Mahrabete ...., became a center of anti-Oromo
sentiment" (Marcus, 1994)

Handhuurri madda jibbiinsa Oromoo Goojjamiifi Gondorii miti, Shawwaadha jedha Piroofeserri Kalifoorniyaa
Yuniversiitii kun. Kana malees seenessaan kitaaba Minilik Phaawuloos Nyoonyoo dinummaa Amaara
shawaatifi Oromoo Tuulama lafa kaahuun (Oromoo Oromoodhan rukutuun istratejii Minilik milkeesse akka
tahe eerera).

Kanaafuu Oromoo cabsuu, Caccabsuu fi balleessuuf yaaduun Jaarraa 16ffaa dura kan ture, garuummoo ifatti
bara 1580tti barreeffama Abbaa Bahireetin ifa taa'eera.

Seenessitoonni mootota Kiristaanota baddaa Oromoo diinessanii barreessufi oromoon cabuu qaba jedhanis,
jabina Oromoo yoo ibsu Hayyuun Seenaa Ofcansy (1991) jedhamu
Oromoon garuu eenyummaa ofii qabachuu malee kan ormaa cabsuu, itti fehuufi balleessuu saba hin barbaanne
ture jedha ("Unlike the highland Christians or on occasion the lowland Muslims, the Oromo were not
concerned with establishing an empire or imposing a religious system"

Professor Mohammed Hassan akka jedhanitti "Oromummaa fi Oromoo kitaaba seenarraa balleessuun, baqattuu
taasisuun kan jalqabame duru baruma 980 irraa jalqabeeti" jedha. Osoo waa'een Oromoo Kitaabilee
Kiristaanaa kanneen akka qabsuura. Kitaabilee Musilimootni bara sanaa barreessan, barreeffamoota
Portugaalotan barreefamee irra barreeffamee jiruu Seena haaltonni Oromoon akka seenaan isaa dhokatuufi
baduuf dhoksan (Daniel, 2018). Pirojeekjii Oromoo cabsuuti.

Jawar Mohammed akka jedhutti Oromoo cabsuu fi balleessuf kaayyoo Moototni Abisiiniyaa qaban baruuf
Kitaaba dabtaraa Bahireen jaarra 16 keessa barreesse ilaaludha jedha. Itti dabalees Kayyoon Oromoo cabsuuf
jarri qabdu baroota 800f walfakkaataa tahuu isaat dubbata.

Professor Asaffa Jaalatammoo (2020) "Theorizing Oromummaa" qorannoo jedhu jalatti Oromummaa
sadarkaalee shan kan qabuufi Oromummaan sadarkaa lamaan duraa (Afaan Oromoo fi duudhaa Oromoo miira
ofiin ofbulchuu dandahuu) waliin waggoota hedduf akka tureefi yoomillee cabuu hin dandeenye ibsa.

Oromoo cabsuu, caccabsuufi balleessuuf akka ummata seenaa hin qabneetti ilaalun mootilee Habashaatin,
barreessitoota isaanitinis bara hedduuf gaggeeffamus milkaahufi hin dandeenye. Akka Doktor Naahimiin
2018(Hi Mi) maqaalee namoota seenaa dabaa Oromoo barreessan katabettis (Bahiree, Alaqaa Taayyee, Alaqaa
Atsime Goorgis, Alaqaa Kidaanewald) dabtarootni kunneen Oromoo xiqqeessuunifi Oromoo saba malee
taasisuun Oromummaa isaanii jibbanii Saba Biraa akkan of taasisanif dhama'uu isaanii ibsa. Garuu hundi
isheetuu hardha biyyoo gad Oromoofi Oromummaan ammoo lalisanii jiru.

Bara Mootummaa Mallas akka Doktor Daanyachoon (2019 EBC irratti) dubbatanitti gosoota Diimokiraasii
keessaa isa "negative democracy" jedhamun saboota walqixa ilaallamaa hin turre walqixxeesuuf yaalin
godhamee akka ni ibsa. So, Oromummaaf baroota 2000 booda fooyyee akka qabuudha.

Amma booda hoo Oromoo fi Oromummaa cabsuun ni dandahamaa? Gonkuma hin dandahamu.

Baldhinaan ittan deebiha


 — with Gumaa Saqeta, Hamza Borana and Hailemichael Tadesse.

You might also like