You are on page 1of 6

SEEROTA KITAABA WALALOO BARREESSUU

KEESSATTI EEGAMUU QABAN MURAASA!

Barreessaa
Ifargan Guddataa Itichaa
Published on a telegram channel IFARGAN TECH (https://t.me/ifargantech)
Initial draft March 22, 2021 | Edition as a PDF March 22, 2023 | 2 years later
 Kan barreeffameef:
Dargaggoota kitaaba walaloo barreessuutti jiran maraaf!

Walaloon gosoota ogbarruu keessaa ogummaa guddaa kan


barbaaduu fi kalaqaan kan guutamedha. Walaloon yeroo danuu
jechoota hiika dhokatoo fi ergaa jabaa qaban filachuun
barreeffama.

Sirna walaloo keessatti rukuttaan manaa dirqama. Walaloon


rukuttaan manaa haalaan irratti hin hojjetamne Ololoo ta'a.
Kanaaf Onnee dhaggeeffataa yookaan dubbisaa tokkoo
qirqirsuu hindanda'u jechuudha. Walaloo nama tokko tokkoo
mataa isaarraan kan hafe namni biraa dubbisuu hin danda'u.
Seera walaloo waltaawaa hin eegne jechuudha.
Akka seera walalootti baay'inni birsaga gaaleewwan bo'oo
walaloo irra jiranii walcaaluu hin qabu jedha. Namoonni
sunneen seera kana hin eegne jechuudha.

Fakkeenyaa 1:-
Abbaa haqaa haqaaqanii
Ukkaamsanii callisiisan
Qeerransicha sakaalanii
Saree gandaa duchisiisan!

Walaloon armaan olii kun baay'ina gaalee walitti dhiyaatu


qaba. Xumurri bo'oo walaloo kanaas waan wal dhugeef haala
gaariin mana rukuteera!

Fakkeenya 2:-
Birraan caamaan faayamee, ganni rooba fidee
Waqtiileen walsime
qalbiikoo booji'ee
Daran naan dhidhime!
Walaloo armaan olii yoo ilaalle bo'oo lammaffaa fi bo'oo 4ffaan
waal walsimeef mana rukuteera jechuu ni dandeenya. Garuu
sadarkaa birsagaan gaafa ilaalamu bo'oo 1ffaan baay'ee
dheerate. Dogoggoroonni akkasii hammuma hedduummachaa
deemanimmoo miidhagina walaloo sanaa balleessaa deemu!
Dhimmi guddaan dhimma mana rukuchuu qofa miti jechuudha
- dhimmi birsagaas ilaalamuu qaba.

 Walaloo ofii gulaaluu!

Walaloonis akkuma barruuwwan biroo barreeffama yaalii


jalqabaa, gulaala 1ffaa, gulaala 2ffaa jedhee deemuu qaba.
Walaloo kee keessatti jechoota jalqaba itti fayyadamtetti
quufuu hinqabdu. Irra deddeebi'uun jechoota wal jala jijijjiirtee
yaaluu qabda. Jecha humna xiqqaa qabu jecha humna guddaa
qabuun bakka buusuu qabda. Jecha mi'aawaa hintaane jecha
mi'aawaan bakka buusuu qabda. Jecha mana rukuchuu dhorke
jecha haala gaariin mana rukuchiisutti jijjiiruu qabda.

 Bo'oo walaloo waa'ummaa haqi!

Walaloo sirboota afaan Oromoo duriin sin yaadachiisa. Walaloo


kanaan gadii caqasimee.

Fakkeenya 3:-
Barcumaan na dhahi
Caccabee ciisinnaa
Achumaan na gahi
Dadhabee dhiisinnaa!

Walaloo armaan olii keessatti bo'oo 1ffaa fi 2ffaan bo'oo


waa'ummaati. Ergaa walaloo kanaa keessatti homaa gahee hin
qaban. Walaleessaan sun dhaamsa isaa bo'oo 3ffaa fi 4ffaa
keessa kaawwateera. Bo'oo 1ffaa fi 2ffaa mana rukuchiifachuuf
qofa itti fayyadame jechuudha. Walaloo ammayyaa keessatti
garuu bo'oon akkasii fudhatama hinqabu. (Hub. Walaloo sirbaa
keesatti jechaa hin jiru; waa'ee kitaaba walaloon haasawaa
jira).

Sarara lama osuu homaa ergaa hin dabarfatiin of jalaa


qisaasessuu hinqabdu jechuudha. Bo'oowwan walaloo kee
marti isaafi jechoonni bo'oo walaloo kee hundiyyuu ergaa
qabaachuu qabu.

Fakkeenya 4:-
Namni kaayyoo rakkattullee
Tasa kuftee tasa hin badduu
Maaf gaddita yaa qaxalee
Ofiisaatii gaddi haa gadduu!

Gaaleewan bo'oo walaloo kunneen waliitti ida'amuun ciroo


guutanii ergaa walaloo kanaa keesaatti qooda fudhatu malee
akkasumaaf kan barreeffame hin jiru jechuudha.

 Jechoota kee xiqqeessi!

Kitaabota walaloo yeroo kana gabaarra oolaa jiran hedduu


dubbiseera. Kaawwan isaanii nan jaja, kanan akka malee itti
aares jira. Walaloo mata duree tokko qabu akkamitti "Fuula 7"
tti xummuru? Hin gulaalamnee? Oduudhaa? Naaf hingalu.
Waloo jabaan ergaa baay'ee walaloo bo'oo buraasa qabutti
fayyadamuun dhaamsasaa dabarfata. Waloo waa'ummaan
immoo walaloo fuula 7 qabuun iyyuu dhaamsasaa akka gaariitti
ibsachuu hin danda'u.
 Yeroo kitaaba walaloo barreessitu waantota kanaa
gadii xiyyeefannoo keessa galchi.

Kitaaba walaloo fuula 150 qabu barreessuu barbaadda yoo ta'e,


yoo dandeesse walaloo tokkoof fuula tokko qofa kennuun
walaloo gaggabaabduu, mimmi'ooftuu 150 barreessi. Yoo
dadhabame immoo fuula isaa qindeeffadhuutii hanga walaloo
110-120 irratti barreessi. Walaloo 30n kitaaba fuula 150
guutuun ana biratti fudhatama hinqabu. Inni kun ofis
gowwoomsanii aartii saba kanaas miidhuudha.

Walaloo buufata 15 qabu barreessiteetta yoo ta'e, ergaawwan


buufata garaagaraa sadii keessa jiran walitti fiduun buufata
tokkoon ibsachuu akka dandeessutti irra deebi'ii gulaali.
Dhumarratti osuu ergaa kee hin gatiin buufata 5n dhaamsakee
dabarfatta jechuudha. Irra deddeebi'ii gulaali. Kunimmoo
jechoota waa'ummaa balleessuuf illee si fayyada.

 Walaloo haaraa fuula haaraa irraa eegali.

Akka seera walalootti, yeroo kitaaba walaloo barreessitu,


walaloo haaraan mata duree mataasaa qabu, fuula haaraarraa
eegaluu qaba. Kun dirqama. Barreessitoonni danuun baay'ina
fuula kitaaba walaloo isaanii to'achuuf yeroo seera kana cabsan
argaan jira. Kun dogoggorsa guddaadha. Walaloo haaraa fuula
haaraarraa eegaluun dirqama.

Kitaaboleen taajjabe baay'eesaa maqaa dhahuu nan danda'a.


Ammaaf garuu inni natti haa hafu, kanan jaaladhen maqaa
dhaha.

o Miilla Kaayyoo (Lataa Qana'ii)


o Loltuu Haqaa (Gammachuu Girmaa)
Kitaaboleen walaloo kun lamaan (Warran amma ammaatti
dubbise keessaa - kan biroos jiraachuu malu) wantootan ani
armaan oliitti kaase danuusaa hojiirra oolchaniiru.

 Walaloo kee kitaaba walaloo keessatti "ZIGZAG"


gootee hin barreessiin.

Walaloon bifa zigzag ta'een barreeffame baay'ee nama cufa.


Buufata jalqabaa duubatti bahuun, isa itti aanu gara
walakkeessa waraqaatti galuun barreessuun dubbistootatti
hintolu. Bakka kanaa buufataalee walaloo gidduutti sarara
tokko gatanii darbuun barreessuun walaloo sana hawwataa
taasisa.

 Jecha ergifachuun ni danda'ama!

Yeroo tokko tokko jecha afaan Oromoo ta'ee walaloo keenya


haalaan akka mana rukutu kan taasisu dhabuu dandeenya.
Yeroo akkasii jecha afaan biraa kan kanarra wayyu argannaan
ergifachuun ni danda'ama. Yeroo kana goonu immoo jecha
ergifanne sana waraabbii baaqqee keessa galchuun jecha
ergisaa ta'uusaa agarsiisuu qabna.

 HUBACHIISA
1. Ani ogeessa Afaanii miti. Muuxannoo, hubannoo fi
waantotan dubbisee, shaakalee argadherraan barreesse.
Ogeeyyiin Afaanii fi Ogbarruu yaadota koo kana fooyyessuu
fi qeequu ni danda’u.

2. Waloowwan Fakkeenya 1, 2, fi 4 kan Ifargan Guddataati.


Kitaaba “Ee Garam?” keessaa kan fudhatamedha. Fakkeenyi
3 sirba aadaa, kan uummataa keessaa kan fudhatamedha.

You might also like