You are on page 1of 277

Global Disciples Alliance

WIIRTUU SIRNA BARNOOTAA LEAD


Maanuwaalii Leenjistootaa

Maqaa:_________________________

1
Yaadannoo

Kitaaba Leenjii kana afaan Ingiliffaa irraa gara afaan Oromootti kan hiike, Obboleessa
keenya Biqilaa Raggaasaa ti. Biqilaan yeroo ammaatti, Yuunivarsiitii Wallaggaatti
barsiisaa yoo ta’u, sagantaa kaadhimamaa LEAD “Nekemte Leaders Development
Program (NLDP) jedhuuf daayirekteera ta’ee hojjechaa jira. Maanuwaalii Leenjii LEAD
isa haaraa irraa gara afaan Oromootti hiikuuf, ji’oota hedduu kan itti fudhate yoo ta’u,
hiikkoo isa ammaa kana keessatti jijjiirama jiru akkasitti ibseera. Leenjistoonni leenjii
kanaas, kana yaada keessa galchuun bakka barbaachisaa ta’etti hiikkoo isa jalqabaa
(Ingiliffaa) wal bira qabanii fayyadamuu danda’u:

 Luqqisii kan jedhu, “Verse” isa jedhurraa hiikame.


 Kutaa Macaafaa inni jedhu, “Bible text” isa jedhurraa hiikame.
 Kutaan Macaafaa akka mata duree kutaa barumsichaatti dhiyaate, guutummaatti
hin barreeffamne. Sababni isaa, leenjisaanis ta’e hirmaattonni wayita leenjiitti
Macaafa Qulqulluu qabatanii akka argaman yaadameeti.
 Gaaleen abbaltii gochaa jedhu, “Action assignment” isa jedhurraa hiikame.
 Abbaltiin gochaa mata duree barumsichaa itti aanee dhiyaateera.
 Darbee darbee rakkoon qubee jiraachuu akka danda’u beekamaa dha. Kanaafuu,
akka galma yaadichaa fi hiikkoo afaan biraas waliin fayyadamuudhaan leenjicha
dhiyeessuun gaarii dha.

Kanarraa kan hafe, yaadaa fi gaaffii hiikkoo jechootaa irratti qabdaniif teessoo, isa
afaanicha hiiketti fayyadamuun gaafachuun ni danda’ama.

Maqaa: Biqilaa Raggaasaa Fayisaa

Teessoo: Naqamtee, Itoophiyaa

Bilbila: 09 27 48 82 35

Iimeeyilii: bikregasa@gmail.com

Facebook: Bikila Regassa

Yaada keessaniif galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu!

2
Baafata

Baafata ................................................................................................................................................................. 3
Galata................................................................................................................................................................... 4
BU’UURA GAGGEESSUMMAA ............................................................................................................................. 7
GAGGEESSAA FI MICHOOMA INNI YESUS WALIIN QABU .................................................................................. 20
GAHUMSA DHOKATAA: ARGUU ........................................................................................................................ 31
GARAA GAGGEESSAA KIRISTAANAA .................................................................................................................. 41
GAHUMSA DHOKATAA BOCUU ......................................................................................................................... 52
GAGGEESSAA FI MUL’ATA ................................................................................................................................. 70
GAGGEESSAA FI LAPHEE CABAA ........................................................................................................................ 81
GAGGEESSAA FI GALMA .................................................................................................................................... 97
GAGGEESSAA FI GARAA DHIIFAMAA ............................................................................................................... 110
GAGGEESSAA FI HOGANSA YEROO ................................................................................................................. 122
GAGGEESSAA FI DANDEETTII NAMOOTAA ...................................................................................................... 140
GAGGEESSAA FI ERGAMA GUDDICHA ............................................................................................................. 151
HUNDEE GAGGEESSUMMAA KIRISTAANAA .................................................................................................... 169
QOFAA GAGGEESSUU MOO GAGGEESSITOOTA BAAYYISUU? ........................................................................ 179
GAGGEESSAA FI ILAALCHA ISAA ...................................................................................................................... 191
GAGGEESSAA FI HOJII ...................................................................................................................................... 201
GAGGEESSAA FI GAGGEESSITOOTA BIROO FILACHUU.................................................................................... 213
GAGGEESSAA FI MAATII .................................................................................................................................. 227
GAGGEESSAA FI HIDHACHIISUU ...................................................................................................................... 238
GAGGEESSAA FI QU’ANNAA MACAAFA QULQULLUU ..................................................................................... 246
HOJII GAREE ..................................................................................................................................................... 257
WALDOOTA KIRISTAANAA BAAYYISUU: TOOFTAA WAAQAYYO ADDUNYAA ITTIIN QAQQABSIISE................ 266

3
Galata
Barnoonni kun Joon Baayileriin qophaa’ee hayyamaan itti fayyadamamaa jira. Kutaan, Gaggeessaa
fi garaa dhiifamaa jedhu Joon Baayileri fi haadha manaa isaanii, Loowisiin qophaa’e.

Global LEADn sadarkaa leenjii Global Disciples Alliance (Tokkummaa Duuka buutota Idil
Addunyaa) ti. Kitaabni kunis duraan dursa hoggantoota sagantaa LEADf kan qophaa’ee fi kan hin
gurguramne dha. Hayyamni itti fayyadamuu fi ittiin leenjisuu kutaa sagantaa LEADn ta’a.
Odeeffannoo dabalataa waa’ee LEADf teessoo keenya www.GlobalDisciples.org ilaaluu dandeessu.

Barannoowwan as keessaa maxxansa tokkoffaan wal kan fakkaatan yoo ta’aniyyuu guutummaa
guutuutti irra deebiin kan barreeffamanii fi kan irra deebi’aman bara 2018 tti. Maxxansi lammaffaan
salphaatti itti fayyadamuuf, gartuu xiqqoo keessatti, leenjii marii irratti hundaa’e, barannoo tokkoof
seenaa kutaa macaafaa tokko irratti kan hundaaa’e, gilgaala shaakallii kan qabuu fi aadaa naannoo
ofiitiin akka leenji’aniif yaadameetu.

Mirgi barreessichaa seeraan eegamaa dha. Hayyama barreeffamaaa malee, kutaa barannoo yookiin
guutummaa kitaabichaa irraa galagalchuun, waraabuunii fi kooppii gochuun seeraan gaafachiisa.

Yoo caqasame irraan ala, kutaan macaafaa as keessatti dhimma itti bahame, THE HOLY BIBLE,
NEW INTERNATIONAL VERSION®, NIV® Copyright © 1973, 1978, 1984, 2011 by Biblica, Inc.®.

Luqqisiiwwan Copyright 1993, 1994, 1995, 1996, 2000, 2001, 2002. gartuu maxxansitoota Navpress
irraa hayyamaan kan fudhatamani dha.

Mirga maxxansaa 2018

Global Disciplesn kan maxxanfame

315 W,.James st.#202

Lancaster, PA 17603

Yaadannoo waa’ee kitaabichaa

 Kitaabni kun leenjistootaaf kan qophaa’e dha. Yaadannoowan as keessa jiran kitaaba leenjitoota
irra ibsa bal’aa fi gorsa yookiin qajeelcha leenjisaa adda addaa qaba.
 Barannoowwan akkaataa tartiiba as keessatti eeramaniin, barnoota amalaa, beekumsaa fi
dandeettii wal keessa makamanii kennamuu qabu. Barannoowwan kunniin of ijaaruu irraa gara
warra kaan ijaaruutti kan nama geessani dha. Haa ta’u malee itti gaafatamtoonni sagantichaa
akkaataa naannoo isaaniitiin murteessuu danda’u. Tartiibni kutaalee sadan (Amala, Beekumsaa fi
Dandeettii) barannoowwan qabachuu qaban barreeffamnii jiru.
 Gara Afaan birootti jijjiiruun yoo barbaachise, teessoo armaan gadiitiin Global Disciples
gaafachuun hoijicha eegaluun dura maxxansi haaraan akka hin jirre mirkaneeffachuun
barbaachisaa dha. Lead@GlobalDisciples.org
Gucni armaan gadii kanneen maanuwaalii leenjistootaa qofa keessatti argamani dha. Isaanis

4
 Gorsa Afaan hiiktotaaf: Yaadannoowwan kunniin warra Afaan hiikanii leenjicha
kennan qofaaf yoo ta’an barreeffama hiikametti dabalamuu hin qaban. Namni Afaan
hiikee leenjisu keessaa balleessuu ni danda’a.
 Leenjistootaaf: Yaadannoowwan kunniin immoo warra leenjisan qofaaf yoo ta’u sagalee
ol kaasuudhaan hin dubbifaman.
 Maree: Gaaffilee yookiin yaadota hirmaattotaaf dhiyaatan agarsiisu.
 Seenaa: Itti seensi barannoowwanii hundinuu seenaa macaafaa yookiin luqqisii
leenjichi irratti hundaa’an agarsiisu. Dhuma irratti gilgaalli shaakalaa kan
dhiyaatu yoo ta’u, kuns hirmaatttoni waan baratanirratti hundaa’anii akka
xiinxalaniif kan dhyaate dha.

Yaada Leenjistootaaf:

Akka nama leenjisu tokkootti dhiibbaan barannoowwan kitaaba kana keessatti argaman jireenya
hirmaattotaa irratti fidan hamma ati hafuura qulqulluu waliin itti qophooftee fi irratti hojjette irratti kan
hundaa’e dha. Jireenya kan jijjiiru hafuura qulqulluu qofaa ta’uu isaa beeki. Kun hojii isaa ta’uu isaa f
galateeffadhu. Haa ta’u malee yeroo ati sirriitti hojjettu hafuurri qulqulluun dhangala’ee hojii jijjiiruu
isaa hojjeta. Kanneen armaan gadii yaadota leenjisaa dhiibbaa gaarii uumu akka ati taatuuf si fayyadani
dha.

 Sirriitti itti qophaa’i: Kutaa barannoo dhiyeessiturratti yeroo bal’aa fudhadhuu qophaa’i.
Lubbuu kee kadhannaadhaan qopheessi. Sammuu kee dubbisuudhaan qopheessi. Si’a baay’ee
irra deddeebi’i. Hirmaattotni hundinuu otoo hubatanii shaakalan maaltu akka ta’u dursii of
keessatti ilaali. Kun garaa guutuudhaan akka leenjistu si taasisa.
 Kutaa barannichaan wal bari: Barannoo barsiistu sana akka waan kan kee barsiistuutti akka
wal barte mirkaneeffadhu. Fakkeenyota mataa keetti fayyadami; qajeelfamni barumsichaa
jireenya kee irratti dhiibbaa akkamii akka fide qoodiif; ciminaa fi dadhabina kee himiif.
 Kalaquu danda’i: Dandeettii waa kalaquu kee fayyadamii kutaa barannichaa dhiyeessiif. Yoo
danda’ame waan mul’atuun agarsiisuu yaali. Wantoota barattoota keef haaraa hin taanetti
dhimma bahi. Gabatee gurraacha irratti barreessi. Diraamaa yookiin agarsiisa adda adddaa
fayyadamuun barsiisi. Hirmattotni caqasa akka dubbisaniif hirmaachisi. Hamma danda’ametti
wayitii barnootichaa hawwataa gochu yaali.
 Yeroo mareef haala mijeessi: Yeroo ofii kee dubbattu gabaabsii yeroo hirmaattotni mariiyatan
dheeressi. Gaafileef gartuu xixiqqoo uumuun mariiyachiisi. Yeroo baayyee hirmaattoni yeroo
dudubbatan yaada ijoo ati dhiyeessitu bira gahuu danda’u.
 Yeroo baayyee irra deebi’uun yaadachiisi: Kutaalee gurguddoo barannichaa hirmaattotni akka
irra deebi’anif jajjabeessi. Kana gochuufis yaadannoon gaggabaabduun kitaabicha keessatti
dhiyaatanii jiru. Kuns hirmaattonni waan baratan akka yaadataniif gargaara.

5
 Qorannoo nama dhuunfaa (case study) itti dhimma bahi: Kaayyoon gilgaala shaakaallii
dhuma barannowwanii irratti argamuu, barattoonni waan barataniin rakkoo qabatamaa jireenya
isaanii akka furaniif. Kunis barnooticha hojiitti hiikuuf fayyada. Gilgaala shaakalaa kanas mala
adda addaatiin itti fayyadamuu dandeessa; Hojii garee, battallee barreeffamaa, shaakala yeroo
gabaabduu akkasumas hirmaattota kee ittiin madaaluudhaaf.
Gaggeessitoota mootummaa Yesuusiif hidhachiisuu keef waaqayyo si haa eebbisu!

Tarreeffama Barumsichaa Akaakuudhaan


AMALA (Character)
 Gaggeessaa fi Michooma inni Yesus waliin qabu
 Garaa gaggeessummaa Kiristaanaa
 Gaggeessaa fi Garaa cabina
 Gaggeessaa fi maatii isaa
 Gaggeessaa fi ilaalcha isaa
 Gaggeessaa fi Garaa dhiifamaa

BEEKUMSA (Knowedge)

 Ogummaa Qo’annoo Macaafa Qulqulluu Gaggeessitootaaf


 Gahumsa dhokataa –Arguu
 Gahumsa dhokataa-Bocuu
 Gaggeessaa fi Hojii
 Hundee Gaggeessummaa
 Qofaa gaggeessuu yookiin Gaggeessitoota baayyisuu
 Bu’uura gaggeessummaa kiristaanaa
 Gaggeessummaa fi Ergama guddicha
 Waldaa kiristaanaa Baayyisuu: Tooftaa Waaqayyo ittiin Addunyaa hunda ga’e

OGUMMAA (DANDEETTII)(Skill):

 Gaggeessaa fi Galma isaa


 Gaggeessaa fi Hoggansa Yeroo
 Gaggeessaa fi Dandeettii Namootaa
 Gaggeessaa fi Mul’ata
 Gaggeessaa fi Hidhachiisuu
 Gaggeessitoota Filachuu
 Gartuun hojjechuun abjuu dhugoomsa

6
BU’UURA GAGGEESSUMMAA
Kutaa Macaafaa: HoE 27, Mat 9:36-38; Phaawuloos markabaan gara Roomaa dhaquu,
Hojjettoonni muraasa ta’uu.

Qajeelfama

Gaggeessummaan Kiristaanaa warra kaan gara kallattii sirriitti geessuuf dhiibbaa geessisuu dha.
Gaggeessitoonni gaggeessummaan isaanii guddina waldaa yookiin dhaabbata isaanii akka murteessu
waan beekaniif, yaaliin isaanii inni guddaan guddachuu dha.

Galma barumsichaa

Hirmaattotni barnoota kanaan booda;

 Gosoota gaggeessummaa sadan


 Hiikkoo salphaa gaggeessummmaa,
 Garaagarummaa iddoo (muudama) gaggeessummaa fi dhiibbaa uumuu,
 Barbaachisummaa guddachuu,
 Humna gaggeessitoota kaan gargaaruun qabu ni beeku.

Galma gochaa

Hirmaattonni barnoota kanaan booda;

 Gaggeessummaan isaanii kan iddoo(muudamaa) yookiin kan dhiibbaa uumuu ta’uu isaa ni
madaalu,
 Waldaa isaanii keessatti namoota dhiibbaa uumuu keessatti gahee guddaa qaban adda baasu,
 Karoora guddinaa dhuunfaa ni qopheeffatu.

SEENSA

Barumsa kana keessatti qajeelfamoota bu’uuraa sadan gaggeessummaa ilaalla.

Maree: Gaggeessummaa akkamitti hiikta?

Leenjisaa: Gaaffii kana kutaa hundumaa yookiin gartuu xixiqqoodhaan qooddee gaafachuu
ni dandeessa. Hookkoo gaggeessummaa isaan kennan irratti illacha isaanii hin qeeqiin.
Garuu akka isaan dubbataniif jajjabeessi.

Kutaa macaafaa: Hojii Ergamootaa 27:1-44 dubbisaa!

Kutaa macaafichaa irra deebiin dubbisuudhaan namni lama irra haa deebi’u! Yookiis
hirmaattotni hedduun seenaa sana akka irra deebi’an jajjabeessi. Hirmaattotni Phaawuloos
gaggeessaa muudame otoo hin taane nama dhiibbaa guddaa uume ta’uu isaa akka hubatan
mirkameeffadhu.

7
Leenjisaa: Gartuu xiqqoo uumii hirmaattotni gaaffilee armaan gadiif deebii akka
barbaadan jajjabeessi:

1. Gaheen Phaawuloos bidiruu sanarratti qabu maal ture?


2. Bidiruu sanarratti dhiibbaa guddaa kan uume Phaawulos moo isa bidiricha oofu?
3. Seenaan kun waa’ee gaggeessummaa maal nu barsiisa?
4. Phaawuloos dhiibbaa guddaa akkasii akkamitti uumuu danda’e?
5. Kun waa’ee gageessummaa maal nu barsiisa?

Seenaan kun qajeelfamoota gaggeessummaa kan bu’uura gaggeessitoota Kiristaanota hundaa sadii
nu barsiisa

1. Gaggeessummaan salphaa dha.

Seenaan Phaawuloosii fi bidirichaa waa’ee gaggeessumaa hubachuuf mala salphaa dha. Kana
jechuun gaggeessaa ta’uun salphaa dha jechuu miti, garuu hubachuuf salphaa dha jechuu dha.
Phaawuloos muudama yookiin maqaa kabajaa addaa otoo hin qabaatiin namoota bidiruu sanaan
imalaa jiran hunda irratti dhiibbaa hammamii akka uume ilaalleerra. Himoota lamaan waa’ee
gaggeessummaa kutaa kanarraa barannu gudunfuu dandeenya.

A. Gaggeessummaan dhiibba uumuu dha.

Phaawuloos guutummaa bidirichaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu isaa fi namoota aangoo isaa olii
qabaniif illee ajaja kennaa ture. Gaggeessitoonni warra kaan irratti dhiibbaa uumu. Yeroo maatii kee
iratti dhiibbaa uumtu ati gaggeessaa jirta. Yeroo hawaasa naannoo kee irratti dhiibbaa uumtu ati
gaggeessaa jirta.

Gaggeessitoonni warra kaan irratti dhiibbaa uumuudhaan, kallattii jireenya namoota isaan hordfanii
ni jijjiirsisu. Dandeettii namoonni karaa gaggeessummaa isaanii itti hubatan ni burqisiisu. Dandeettii
namoota jajjabeessuu, humna itti gochuu fi galma tokkoof dhaabuu qabu. Addunyaa kanarratti
jijjiirama kan fidan gaggeessitoota dha. Isaan wantoonni akka uumaman godhu; dhiibbaa uumu.

B. Gaggeessummaan Muudama (dhimma iddoo) miti.

Phaawuloos muudama gaggeessummaa akka hin qabne ilaalleerra. Gaggeessitoonnihedduun sababa


muudamni gaggeessummaa isaaniif kennameef, gaggeessitoota ofiin jedhu. Namoonni warri kaan
muudama isaanii ilaalanii akka isaan waliin bu’an barbaadu. Gaggeessitooonni akkasii yeroo
baayyee, “Ani gaggeessaa ta’uu koo hin beektu?” yeroo jedhan ni dhagahama. Phaawuloos garuu
muudama malee gaggeessaa ta’uun akka danda’amu nutti agarsiisee ture.

Muudama gaggeessummaa qabaachuun hammeenya hin qabu; haa ta’u malee muudamaan qofa
gaggeessuun gaggeessummaa isa baayyee gad aanaa dha.

Maree: Gaggeessaan tokko dhiibbaa uumuudhaan otoo hin taane muudamaan yoo gaggeesse
maaltu ta’a jettee yaadda?
8
Qajeelfamoota kanneen adda baafannee hubannaan, gartuu keenya keessatti gaggeessaan sirriin
eenyu akka ta’e beekuu dandeenya. Nama muudamaa yookiin immoo nama akkasumatti muudama
malee dhiibbaa uumu ta’uu danda’a.

Gaggeessaa sirrii argachuuf gaaffiilee kanneen gaafadhu:

 Osoon waan haaraa tokko eegaluuf ka’e dursa eenyu bira deemee haasofsiisu?
 Osoon waan tokko dhiisuu barbaade dursa eenyuun haasofsiisu?
 Osoon waan ta’aa jiru baruu barbaade, eenyu bira deemee haasofsiisu?

Maree: Gaaffileen kunniin illaalcha gaggeessummaa kee akkamitti jijjiire? Gaggeessaa sirriin
gartuu kee keessaa eenyu? Osoo muudama qabaattee, garuu nama dhiibbaa jalqabaa uumu ta’uu
baatte maal goota?

Leenjisaa: Maree fi deebii yookiin gaaffii hayyamiif! Namtichi muudama malee nama
dhiibbaa fidu miti ta’e, namicha dandeettii gaggeessummaa isaa ol kaasuuf hidhata cimaa
waliin uumuun barbaachisaa dha. Namni muudama qofaa sun namicha dhiibbaa
uumuun beekamu sana waliin yeroo shayee qabaatee tokkummaa isaanii jabeeffachuu
danda’u.

C. Gaggeessummaan gartuu sadii qaba

Phaawuloos akkamitti namoota bidiruu sana keessa jiran hundairratti dhiibbaa guddaa akka uume
yoo ilaalle, wantoota gurguddoo sadii gaggeessaa cimaa isa taasisan argina. Wantoonni sadan
kunniin gaggeessaa kiristaanaa hundumaaf ni hojjetu. Isaanis eenyu fa’i?

Gosoota barbaachisoo sadan gaggeessaa kiristaanaa cimaa tokkoo:

① Amala (Attitude): garaa, fedha, amanamummaa, fikkf waliin kan wal qabatu
② Beekumsa (Knowledge): Sagalee waaqayyoo beekuu, Of beekuu fi kkf kan hammatu,
③ Dandeettii (ogummaa) (Skill): Dandeettii warra kaan of faana buusuu, dandeettiiwwan adda
addaa (mul’ata, waliin dubbii, hidhachiisuu, gartuu ijaaruu, fi kkf) fa’a hammata.

Kunis barcuma miila sadii kan Yesus wiirtuu isaa ta’eetti fakkeeffama.

9
KRISTOOS

BEEKUMSA OGUMMAA

AMALA

Karaa biraatiin, warren sadan kana akka mataa (head), garaa (heart) fi harkaatti (hand) fudhachuu
dandeenya. Warri kaan immoo ta’uu (being), beekuu (knowing) fi gochuu (doing) jedhaniis kaa’u.

Maree: Osoo miilli barcumaa kun tokkoon ishee cabaa yookiin laafaa ta’ee warri kaan
ammam baayyee jaboo ta’an maaltu ta’a?

Leenjisaa: Barcuma miilla sadii yoo argatte, akka agarsiisaatti itti fayyadamii, miilli tokko
yoo keessaa dhabame maal akka ta’u agarsiisi. Yookiin immoo suuraa salphaa namaa kan
mataa, garaa fi harka qabu boci. Fakkenya jalqabaaf, mataa isaa baayyee guddisii, garaa
fi harka xinneessi. Kana booda, gaggeessaan tokko beekumsa guddaa qabaatee amala
yookiin dandeettii hin qabu yoo ta’e maaltu akka ta’u itii agarsiisi. Suura lammaffaa fi
sadaffaas akkasumaan jijjiirii agarsiisi.

Amalaan dadhabuu:Kun balaa guddaa dha. Fedha dogoggoraa, qisaasa’ummaa aangoo fi


olaantummaa, tiksee dhabummaa. Kun gaggeessaa gara malee ka’e (mis guided leader) dha.

Beekumsatti dadhabuu: Beekumsi yeroo dhabamu barsiisni dogoggoraa ni yaadama, ni


shaakalama. Gaggeessichis karaa dogoggoraa irra gaggeessa. Kun gaggeessaa akka malee hubate
(misinformed leader) dha.

Dandeettiitti dadhabuu: Kun immoo hordoftoonnimuraaa ta’uu, guddina tirataa, dadhabbii


hordoftootaa fi sochii maleessummaa fida. Gaggeessitoonni akkasii garatti adeemaa jiran hin
beekan. Akkamitti warri kaan duukaa bu’uu akka danda’anis hin beekan. Kun gaggeessaa dararamaa
(miserable leader) dha.

10
Maree: Sadan armaan olii keessaa ati isa kamirratti baayyee cimaa dha? isa kamirrattimmoo
baayyee laafaa dha?

Leenjiin gaggeessummaa keenyaas wantoota brabaachisoo kanneen sadan jajjabeessuu irratti kan
xiyyeeffatee fi gaggeessaa milkaa’e akka ati taatuuf si fayyada.

Maree: Seenaa Phaawuloos dubbiste irraa wantoota kanneen sadan addaan baasuu ni
dandeessa?

Leenjisaa: Deebii isaanii hayyamiif! Nama mana hidhaa yoo ta’eyyuu amalli Phaawulos
baayyee cimaa dha. Namoonni akka nama amanamaatti isa lakkaa’u.. Inni nama gorsi
isaa tuffatamus hin turre. Kun hundinuu cimina amalaa Phaawuloos agarsiisu.

Inni beekumsas qaba. Eessa akka deemaa turee fi karoora Waaqayyo jireenya isaa irratti qabu
sirriitti beeka ture. Haalota kamiifuu beekumsa sagalee waaqayyoo ni qaba. Dandeettii
gaggeessummaas guddaa qaba. Dandeettii dubbachuu gaarii ta’e qaba. Isa markaba oofuun ni
jajjabeessa ture. Kallattii ifaa fi karoora gochaa itti agarsiisa ture.

Osoo gara biraatti hin ce’iin dura, kutaa macaafaa gara biroo fakkeenya qajeelfamoota
gaggeessummaa haa ilaallu. Daawit, mootota Israa’el keessaa tokko, ilaali.Daawit, mootiin tikseen
sun, wantoota sadan karaa sirriidhaan itti gargaaramaa ture.Inni nama akka garaa Waaqayyoo akka
ta’e ni beeka ture, (1Sam 13:14). Macaafni Faarfannaas kanuma dhugaa baha. Far 78:72 Kanaafis
Daawit garaa qajeelaadhaan saan tiksee, harka tolinaanis isaan in gaggeesse.

Yesusiin ilaali: Bartoota isaaf beekumsa hiraa, amala isaanii irratti itti fufinsaan hojjechaa, dandeettii
ittiin gaggeessan hundaan leenjisaa ture.

Phaawuloosis Rom 15:14 irratti“Yaa obboloota koo ani ofii kootii gaarummaa guutuu akka
qabdan, beekumsa hundumaan akka isin guutamtan, wal gorsuus akka isin dandeessan, mama
tokko malee hubadheera”jechuudhaan wantoota sadan sana walitti fidee barreessa. Gaarummaan
amala; beekumsi beekumsa yoo ta’u wal gorsuun immoo dandeettii agarsiisa.

Leenjisaa: Wantoota amma ammaatti baratan akka irra deebi’anii dubbatan haala mijeessi.

2. Gaggeessummaan murteessaa dha.

Maree:Phaawuloos markaba sanarratti gaggeessaa cimaa otoo hin taane ta’e maaltu ta’a ture?
Kanarraa waa’ee gaggeessummaa maal baranna?

Leenjisaa: Maree jajjabeessi. Hirmaattotni ga’een gaggeessummaa Phaawuloos baayyee


murteessaa ta’uu isaa akka hubatan mirkaneeffadhu.

Gaggeessitoonni dhiibbaa uumtotaa fi murteessoo dha. Akkuma bidiruu Phaawuloosfaa


gaggeessitoonni bakka hundumaatti ni barbaachisu. Addunyaanis gaggeessitoota barbaacha boo’aa

11
jirti. Uummanni bakka adda addaatti waa’ee gaggeessitoota isaanii komee dhiyeesaa jiru.
Gaggeessaa gaarii yoo argatte biyyi akka guddatu waan hubataniif. Maatiin hundi, hawaasni hundi,
gartuun hundinuu gaggeessummaa gaarii barbaadu.

Waldaa kiristaanaa keessattihoo? Gaggeessitoonni ni barbaachisu. Waldaa kiristaanaa


gaggeessitoota barbaadan akka barbaadanitti argatan argitee beekta?

Sababoota gurguddoo lamaaf gaggeessummaan murteessaa dha.

2.1 Gaggeessummaan wantootni akka ta’an godha

Gaggeessummaa malee homtinuu hin ta’u. Namoota kutaa tokkotti walitti qabamanii jiran keessaa
namni tokko ka’ee, “Faarfannaa haa faarfannu” hin jedhu taanaan hundumtuu bakkuma jiru taa’a.
Kanumaan wantoonni akka eegalan taasifama. Gaggeessitoonni kallattii fi kaka’umsa uumuudhaan
wantoonni akka eegalan taasisu. “Kallattii kanaan deemna, wanta kana gochuu ni dandeenya!”
jechuudhaan beekamu.

2.2 Gaggeessummaan guddina waan tokkoo ni murteessa:

Gaggeessummaan waldaa yookiin dhaabbata tokkoo guddina gartuu dhaabbaticha keessa jiru ni
murteessa. Gaggeessummaa gaariin waldaa, dhaabbatni fi lammiin ciminaan akka guddatu godha.
Gaggeessummaa badaan waan hundumaa gad buusa. Waa’ee ijoollee Israa’el yaadadhu! Yeroo
gaggeessaa cimaa qabanitti ni sooromu; wayita gaggeessaa hamaan isaan mudatu garuu hafuuraan,
foonii fi hamileedhaan gad bu’aa adeemu.

Gartuun kee akka guddatu kan godhu maali? Qabeenya? Barumsa keeti? Barumsa og-waaqummaa
keetii? Guddina irratti dhiibbaa mataa isaanii yoo qabaataniyyuu, isaan kun sababa guddinaa miti.
Hamma guddina gartuu kee kan murteessu, gaggeessummaa keeti!

Dandeettii gaggeeummaa keetiin olitti dhaabbata gaggeessitu tokko ijaaruuhin dandeessu. Sadarkaa
namummaa dhuunfaa keen olitti namoota warra kaan gaggeessuu hin dandeessu. Ati fiixee
dhaabbata keetiiti. Uummatni ati gaggeessitu siin garasitti; dhaabbanni ati hoggantus si caalaatti
guddachuu hin danda’u. Uummanni uumamaan gaggeessaa isaan caalu faana bu’uu barbaadu..
Kanaafuu,gulantaan safartuu dandeettii gaggeessummaa kee kan safartuu 1-10 irratti ilaalamu 5 yoo
ta’e, namoota gulantaa gaggeessummaa 6 yookiin 7 gaggeessuu hin dandeessu. Namoonni akkasii
akka salphaatti si faana bu’uu hin danda’an.

Dandeettiin gaggeessummaa kee namoota 50 qofaa akka gaggeessitu kan siif hayyamu yoo tahe,
namoota 50 ol qabaachuu hin dandeessu. Garuu, yoo gara gulantaa gaggeessummaa olaanuutti of
guddiste, dandeettii namoota hedduu gara gaggeessummaa keetti harkisuu ni horatta. Chaartiin
armaan gadii adeemsa guddinaa namoonni waldaa kiristaanaa keessatti qaban agarsiisa. Yeroo fiixee
bira gahamu, guddinni ni dhaabbata.

12
Guddina Waldaa Kiristaanaa

L
a
k
k
o
o
f
s
a

Yeroo

Maree: Gaggeessummaan guddina gartuu kee akka murteessu itti walii galta? Maaliif
murteessa ykn maaliffi hin murteessu?

Mat 9:36-38 Inni namoota akka hoolota toksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana
yommuu arge isaaniif oo’e. Yommus bartoota isaatiin “Midhaan sassaabamu baayyee dha,
hojjetoonni sassaaban garyy muraasa; egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf,
abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” jedhe.

Gaaffii: Tuuti sun rakkoon isaanii mall ture? Furmaanni Yesus dubbate maal ture? Kun
waa’ee gaggeessummaa maal nu barsiisa?

Leenjisaa: Mareef haala mijeessi, Hirmaattotni yaad rime kana akka hubatan
mirkaneeffadhu. Luqqisii kana akka luqqisii ergamaatti ilaalla; Yesus garuu waa’ee warra
wangeela tasuma hin dhageenyee dubbate. Haa ta’u malee, iddoo kanatti Yesus saba isaa,
Yihudotatti dubbate. Warra wangeelaan hin gahamne irratti hin xiyyeeffanne. Inni waa’ee
hoolotaa (sba isaa) fi tiksoota hoolotaa (gaggeesitootaa) ilaale. Kun luqqisii waa’ee
gaggeessummaati. Kunis warra horoftootaaf osoo hin taane gaggeesitootaaf kadhachuu
agarsiisa.

Fakkenya Macaafa qulqulluu: Mootichi Saa’ol fakkeenya qajeelfama kanaati. Dandeettii dhabinni
ittiin warra gurguddoota sana mo’uu loltoota isaa hundumaa soda guddaa keessatti hidhee kan qabe
yoo ta’u namni Gooliyaadiin ajjeesu tokkollee hin argamne ture. Daawit, fiixee (lid) sana bira gahee
Gooliyaadiin ajjeese. Kanarraa kan ka’e, hordoftoonni Daawit baayyeen isaanii warra gurguddoota

13
ajjeesan turan. 2 Sam 21:15-22 dubbisuudhaan odeeffannoo balaa waa’ee hordoftoota Daawit ilaali.
Seenaan Gooliyaadiin ajjeesuu Daaawit 1 Sam 17 keessatti argama.

Qajeelfamni inni sadaffaan:

III. Gaggeessummaan qullaa’aa dha

Leenjisaa: Qullaa’aa (sacred) jechuun Waaqayyoo wajiin walitti hidhachuu ykn dhimma
amantaaf kan dhimmame jechuu dha. Yaadni as keessa jiru, gaheen gaggeessummaa kennaa
addaa Waaqayyorraa kennamee fi akkaataan ittiin dhiibbaa uumnu kan qullaa’e ta’uu qaba.

Gaggeessummaan dhiibbaa uumuu ta’uu isaa fi hammam barbaachisaa akka ta’e yoo hubanne,
dhimma gaggeessummaa dhimminee qabanna. Gaggeessummaan itti amanamummaa qulqulluu
Waaqayyo biraa nutti kenname dha. Innis kennaa kana ulfina isaafi mootummaa isaaf akka
oolchinuuf malee ofii keenyaaf akka oolchinu nurraa hin eegu. Kun waamicha olaanaa guddaa dha.

Qajeelfamoota kanneen cimsinee qabachuu fi waamicha Waaqayyoof deebii kennuuf maal gochuu
qabna? Waan lama:

1. Ofii kee guddadhu

Gaggeessummaan kee warra ati gaggeessituuf fiixee (lid) yoo ta’e, dhuunfaa keetti guddachuudhaaf
dharra’i.

Guddachuudhaaf wantoota lama gochuu qabda.

1.1 Guddachuudhaaf fedha qabaachuu (akeekuu)

Lubbu qabeeyyiin kamiyyuu kiristaanota dabalatee guddachuun isaan irraa eegama. 2 Phex 3:18
akka jedhutti, “Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus kristoosin beekuuttis guddadhaa!
Bara si’anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta’u! Ameen”.

Waaqayyo akka nuti guddannu nurraa eega’ Yeroo guddannus Waaqayyoon in ulfeessina. Guddinni
sababii ati hafuura baafattuuf hin dhufu. Guddinni filannoo keeti. Kunis yeroo fi qabeeya fudhata.
Namoonni baayyeen sababii jiraachaa jiraniif waan guddachaa jiran isaanitti fakkaata. Kun of
gowwoomsuu dha. Guddachuuf filachuu qabna.

Guddachuuf filachuu jechuun gatii guddachuun nama baasisu kanfaluuf fedha godhachuu dha.
Yeroo fi qabeenyaa keenya itti dhimma bahuuf fedha qabaachuu dha. Yaadota sasalphoo guddina nu
dhorkan hundumaa bira darbuu qabna.

Maree: Dhuunfaa keetti guddina kan si danqan maal fa’i?

14
1.2 Guddachuudhaaf karoorsi:

Guddinni dhuunfaa karoora barbaada. Guddachuuf fedha qabaachuun kee gara karoora qabatamaa
kan hojiitti hiikamuu danda’uutti jijjiiramuu qaba. Karoorri gochaa (action plan) kunis kan of
keessaa qabu:

 Karaalee ati itti guddachuu qabdu


 Tarkaanfiilee ati guddachuuf fudhachuu qabdu
 Guyyaa itti gocha sana xumurtu

Karoorri kee wantoota guddina karaa hojii, karaa hafuuraa, karaa qaamaa, karaa miraa fi kkf
hammachuu qaba.

Guddachuudhaaf karoorsuun karaa barnoota idilees ta’e al idilee, seminaarotaa fi leenjilee adda
addaa argama.

Guddachuuf karoorsuuf jijjiiramaa fi hiixachuu nama barbaachisa; yeroo hundumaa waan sasalphaa
qofaa miti.

Karoora guddina dhuunfaa kee qopheeffachuuf waraqaa mijataa (worksheet) qopheeffadhu.

Leenjisaa: Warqaa isaan qopheeffatan kana ilaaliif. Ofii kee karoora akkasii qabaachuu kee fi
akkaataa itti qopheessanin kan wal barte ta’uu kee hin dagatiin. Akka isaan jalqabaniifis yeroo
kenniif.

1.3 Guddachuu kee itti fufuu

Guddina hin dhaabiin! Erga yeroo xiqqoof dhaabdee, ni dadhabda; ni nuffita. Iddoo haaraa tokkorra
geessee guddina ni dhaabda. Yeroo sana milkaa’ina kee lakkaa’achuu eegalta. Of eeggadhu! Diinni
milkaa’inaa milkaa’ina! Akka nama waan hundumaa raawwateetti gammaddee teessa. Waan sirraa
eegamu hundumaa akka waan raawwatteetti. Yeroon akkasii sun balaa guddaa dha. Hanga amaatti
milkaa’ina kee kaleessaatti gaammadaa jirta taanaan ati hin milkoofne. Har’as ta’e boru
hojjechuudhaaf ammayyuu waan guddaan akka sirraa eegamu hin dagatiin!

Leenjisaa: Seenaa kana kan fakkaatu kan beektu hirmaattotaaf qoodi!

Waldaan kiristaanaa rakkoo cimaa gaggeessummaa keessa jirti. Sababni isaa duuka buutota barachaa
fi guddachaa jiran hin qabdu. Garaagarummaan gaggeessitootaa fi hordiftoota gidduu jiru ini
jalqabaa, kennaa osoo hin taane, guddina. Warri baratanii fi guddatan gageessitoota. Sababni isaa
isaan gulantaa (average)n ol jiraatu waan ta’eef.

15
2. Warra kaan guddisi.

Ofii kee guddachuu akka eegalteen warra kaan guddisuu irratti xiyyeeffadhu. Garaagarummaa
karoora guddinni dhuunfaa kee fiduu danda’u yaadi. Kana booda, gaggeessitoota hedduu waldaa
keessaa kaasuuf karoora kee sana baayyisi. Fiixeen sun waluma faana ol ka’uu jalqaba.

Gaggeessitootni hedduun bakka teessuma gaggeessummaa isaaniirratti yaada badaa waan qabaniif
iddootti tikfatu. Nama dibamaa tokkicha saba sanaaf barbaachisu godhanii of ilaalu. Sun mallattoo
fakkii badaa ofiif qabaachuu ti. Kun hafuura Waaqayyootiin sirreeffamuu qaba. Yeroo baayyee
gaggeessitootni qooda gaggeessitoota warra kaan ol kaasuu taa’umsa isaanii eeggachuuf
ko’oommatu.

Leenjisaa: Yaada kana gadi fageenyaan kan nuuf ibsu muka Baaniyaa, Indiyaa keessatti
akkasumas Filooridaa, USA fi iddoowwan biroottis argamu dha. Mukni kun hangaan
baayyee guddata. Garuu wanti kamiyyuu isa jalatti akka hin biqille ni ittisa. Mukni
Baaniyaa kun guddachuu kan eegalu muka gara biraa irratti yoo ta’u akkuma guddachaa
dhufeen mukicha sanaaf balaa taa. Lafa hektaara tokko 2/3 isaa ni golga. Muka baayyee
guddaa fi human qabeessa fakkaata.

Karaa biraa mukni Muuzii immoo akkuma guddachaa dhufeen, mukkeen muuzii hedduu of jalatti
biqilchuu eegala. Mukkeen muuzii biqilan kunneenis ija danuu godhatanii baayyedhaaf eebba
tahu. Ati gaggeesssaa akkamiiti? Gaggeessaa akka Baaniyaa moo akka muuzii ti?

Maree: Phaawuloos bidiricha keessatti akkaataa kamiin namoota warra kaan guddise?
Sababiin gaggeessitootni hedduun gaggeessitoota hin guddifneef maali?

Leenjisaa: Jireenya Phaawuloosirraa akkaataa inni itti gaggeesitoota guddise hedduu


barachuu dandeenya. Garuu seenaa kana keessatti wanti guddaan isa Luqaasiin
dubbatame dha. ‘Nuyi’ jedha, adeemsicha waliin turuu isaanii agarsiisuudhaaf.
Phaawuloos qofaa isaa tajaajilaaf hin deemne. Waa’ee kanaa kutaa gara biraa keessatti
ballinaan ilaalla: Qofaa gaggeessuu moo gaggeessitoota baayyisuu?

Gudunfaa:

Maal baranne?

 Gaggeessummaan salphaa dha: Gaggeessummaan dhiibbaa gaarii dha; muudama miti;


gartuu sadii qaba: Amala, Beekumsaa fi Dandeettii
 Gaggeessummaan baay’ee murteessa dha: Gaggeessummaan wantoonni akka uumaman
taasisa; guddina wanta tokkoos ni murteessa.
 Gaggeessummaan waamicha qulqullaa’aa dha: Ofii kee guddisii warra kaanis guddisi

16
Har’a murtoo taasisuudhaan waa’ee gaggeessummaa barachuu eegali; akka gaggeessaatti ni
guddatta. Karoora guddina dhuunfaa kee irratti hojjedhu; gara hojiittii jijjiiri. Hojjechu ni dandeessa!

Qorannoo nama dhuunfaa (case study)

Paastor Peexroos akkuma Mana barumsaa Macaafa Qulqulluutii bahaniin waldaa isaanii tokkotti
ramadaman. Barnoota ogwaaqummaatiin barnoota digrii isaanii argachuu isaaniitti baayyee kan
gammadanii fi waldattiin akka guddattu nama barbaadani dha. Guyyaa dilbataa jalqabaa irratti
lallaba baayyee gaarii ta’e dhiyeessee sa’aatii booda immoo gartuu gaggeessitoota waldattii waliin
wal gahii taasise. Tajaajila isaa ganamaa irratti tiksee waldaa sanaa ta’uu isaarraa kan ka’e sa’aatii
itti tajaajila ganamaa eegalu jijjiiruu akka fedhe sabatti ni beeksisee ture. Wal gahii isaanii sa’aatii
boodaarratti, gumii jaarsolii waldaa keessaa namni jalqaba waldattii dhaa kaasee achi ture tokko,
yaada jijjiirraa sa’aatii ganama Paastor Peexroos dhiyeesse sabni akka hin fudhanne kaase. Wal
gahichi, jaarsolii fi tiksee waldichaa jidduutti gara wal morkiitti jijjiirame.

Barumsa kana keessatti akka hubattetti, tiksee sanaaf orsa maali kennitaaf? Jaarsoliin sun maal
akka godhaniif jajjabeessitaa?

Abbaltii afaaniffaa

1. Waa’ee qorannoo nama dhuunfaa armaan ilaalchisee tiksee sanaa fi jaarsolii sanaaf gorsa
akkamii akka kennitaniif waliin dudubbadhaa. Deebiin keessan barumsicha hubachuu
keessan kan agarsiisu ta’uu qaba.
2. Waa’ee gartuulee sadan gaggeessummaa yaadi: Amala, Beekumsaa fi Dandeettii. Kanneen
sadan keessaa isaan kamitti cimaa akka taatee fi isa kamitti laafaa akka taate ibsi.
Haadha/abbaa manaaa kee yookiis nama baayyee itti maxxantutti himuudhaan akka isaan siif
kadhatan gaafadhu. Waan irraa barte wayita itti anutti himuuf qophaa’i.
3. Waa’ee gartuu ati gaggeessaa jirtuu yaadi. Warreen jalqabarratti dhiibbaa geessisaa jiran
eenyu fa’i? Eenyu fa’a akka ta’an warra kaanif qoodiif. Waa’ee gaggeessummaa kee isaan
waliinii itti yaadi. Hariiroo isaan waliin qabdu jabeessuuf maal gochuu qabda?

17
Abbaltii Gochaa

Maqaa:_________________________

1. Barumsa kana keessatti gaggeessummaan dhiibbaa uumuu ta’uu isaa baranneerra. Ati kanaan
dura taayitaa keetiin moo dhiibbaa uumuudhaan gaggeessaa turte? Bu’aan inni
gaggeessummaa kee irratti fide maal ture?
2. Waa’ee gartuu gaggeessitu tokkoo yaadi. Gartuu kee sana keessatti osoo waan tokko eegaluu
barbaadde dursa eenyu bira adeemta? (Maqaa nama lamaa fi yoo qabaatan, maqaa kabajaa
isaanii waliin barreessi).
a. ____
b. _____
Barumsa kana dura, namoonni kun gartuu kee keessatti gaggeessitoota ta’uu isaanii ni beekta
turte? Hariiroo isaan waliin qabdu cimsuudhaaf maal gochuu qabda?
3. Nama gartuu kee keessaa taayitaa hin qabdne, garuu gaggeessaa ta’e tokko waliin haasaa
taasisi. Waa’ee gaggeessummaa ilaalchisee waan baratte isatti himi; gaaffilee armaan gadii
isa gaafadhu.
 Ofii kee akka gaggeessaatti of ilaalta?
 Warra kaanirratti dhiibbaa akka gaggeeessitu kan si godhe maali?
 Waaqayyo akkamitti gahumsa gaggeessummaa kee kanatti fayyadamee, waldaa isaa
ittiin guddisa?
Waan isarraa barte barreessi.
4. Akaakuuwwan gaggeessummaa sadan yaadadhu: Amala, dandeettii (ogummaa) fi beekumsa.
Kanneen keessaa isaan kamirratti akka cimina qabduu fi laafina qabdu irratti yaada kenni.
Wantan irratti cimaa ta’e:
Wantan irratti laafaa ta’e:
Haadha/abbaa manaa yookiis hiriyaa baayyee sitti dhiyaatutti himi. Wantoota ati adda baafte
kanarratti akka siif kadhataniif gaafadhu. Yeroo kana raawwattu, asirratti mallattoo
godhi;____________
5. Waa’ee jireenya Kristoos irratti ibsa kenni. Wantoota akka inni gaggeessaa cimaa ta’e isa
godhan hamma dandeesse barreessi.
6. Guddachuudhaaf karoorri kee maal fakkaata? Gabatee karoora guddina dhuunfaa fuula
armaan gadii irraa guuti.

18
Gabatee karoora guddina dhuunfaa

Maqaa:______________________

Toora guddinaa Gocha (kan safaramuu danda’u Yeroo raawwii Guyyaa itti
ta’uu qaba) (guyyaadhaan/ eegalamu
torbaniin/ ji’aan)
Hafuuraan
1
2
Maatii
1
2
Sochii qaamaa
1
2
Hojii/ dalagaa
1
2
Toora guddina irratti yaadamuu qaban: Kitaabota dubbisuu, seminaarota hirmaachuu, luqqisiiwwan
yaadachuu, gorsa argachuu, gorsaa argachuu, leenjii qindaa’aa argachuu, wal gahii qulqullootaa,
barreessuu, yaada kennuu, fi kkf.

19
GAGGEESSAA FI MICHOOMA INNI YESUS WALIIN QABU
Kutaa macaafaa: Yoh 15: 1-16; Mukicha wayinii fi damoota isaa

Qajeelfama

Akka Yesusitti gaggeessuu kan dandeenyu hariiroon keenya michooma yoo ta’e qofaa dha.

Kaayyoo barumsichaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Yesus waa’ee michummaa bartoota isaa maal akka barsiise


 Bu’aa michummaa
 Gochoota michummaa keessaa
 Gahee michummaan gaggeessumaa keessatti qabu ni hubatu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Michummaa Waaqayyo waliin qaban ni madaalu;


 Michummaa isaanii guddisuuf tarkaanfii ni fudhatu.

Leenjisaa: Barumsi kun fakkeenya Yesus wa’ee mukicha wayinii fi damoota isaan barsiise irratti
hundaa’a. Barumsa kana qabatamaa gochudhaaf, mukaa fi damee isaa kan muka wayinii bakka
bu’uu danda’u gara kutaa barnootaatti fidhadhu yookiin hirmaattota gara mukni jirutti baasuudhaan
agarsiisi.

Seensa

Maree: Jecha michummaa jedhu yeroo dhageessu maaltu sitti dhagahama? Hiikni
jechichaa maali?

Yohaannis 15:1-16 dubbisaa!

Maree: Kutaan kun waa’ee michummaa maal nu barsiisa? Yesus maaliif muka wayinii fi
damoota isaa akka fakkeenyatti fayyadame sitti fakkaata? Kutaa kana keessatti jechoonni
michumaa ibsan isaan kami?

Leenjisaa: Hirmaattotni kee baay’ee yoo ta’an gartuudhaan isaan qooduun mareedhaaf
daqiiqaa shan hayyamiif. Isa booda waan mariiyatan aka gabaasan gaafadhu.

I. Michummaa hubachuu

Waa’ee yaadrimee michummaa waan muraasa eegalleerra. Gadi fageenyaan mee haa ilaallu.

20
A. Michummaan hariiroo gadi fagoo dha.

Yesuus kiristoos muka wayinii isa sirrii yeroo ta’u nuti immoo damoota isaa ti.Dameen jirmatti yoo
maxxanuu baate dhumni isaa du’a. Yeroo baayyee geggeessummaan kan inni irratti xiyyeeffatu
gochaalee fiixan ba’uu qaban irratti. Haa ta’u malee kutaa kana keessatti kan nuti ilaallu
geggeessummaa keenyaaf burqaa cimaa isa ta’e waa’ee gooftaa Yesuus wajjin michoomuu ti.
Maree: Michummaa kan jabeessu maali? Kun akkamitti michummaa Yesus waliin qabnu
ibsa?

Hariiroo cimaan kamiyyuu yeroo fi carraaqqii barbaada. Kunis mare banaa fi amanamummaa guutuu
barbaada.

Itti yaadi: Hariiroon Yesus waliin qabu akka baay’ee cimaa ta’ee fi yeroorraa gara yerootti
dabalaa akka dhufetti argaan jira? Moo Yesusiin akka nama waan ani barbaade tokko naaf
kennuuttan ilaala? Kun gaggeessummaa koo irratti garaagarummaa maalii fida?

B. Michummaan hiriyummaa (firummaa) dha.

Maree: Lakk 14-15 irratti bartoonni maal akka godhaniif itti himame? Kun jireenya keenya
keessatti duuka buutota Yesus jedhamuurra hiriyoota Yesus jedhamuuf garaagarummaa akkamii
uuma?

Yesus bartoota isaatiin, ‘isin firoota kooti” jedhe. Kun barattummaa yookiin duuka buutummaa
caalaa michooma gadi fagaate dha.

Itti yaadi: Hariiroo ana fi Yesus gidduu jiru akka firummaatti moo akka gooftaa fi
tajaajilaattin ilaala?

II. Bu’aa Michummaan qabu

Maree; Kutaa macaafa qulqulluu irraa bu’aawwan michummaan qabu maal fa’i?

1. Ija godhachuu ( Lakk. 5-6)


Gooftaa Yesus gaggeessummaatti yommuu nu waamu hojii mootummaa isaatiif ija akka godhannufi
dha. Yesuus wajjin yommuu firoomnu daangaa kan hinqabne ija godhanna. Jabaannee hojjechuutiin
bu’a qaboota ta’uu in dandeenya ta’a. Haa ta’u malee bu’a qabeessa ta’uu keenya kan dabalu garuu
Yesuus keessa ta’uu keenya yommuu shaakallu qofa dha. Gooftaatti maxxanuu dhiisuun akka
bartoota osoo qurxummii hinqabiin halkan guutuu dhama’aa bulanii nama godha. (Yohan.21:1-6)
Waaqayyoon dhaga’aa adeemuun jireenyi keenya akka ija godhatu taasisa.
Maree: Iji Yesus jedhu kun ija akkamiiti?
Ifatti, waan Yesus jjedhe keessaa wanti lama

21
A. Ija warra kaan gara Yesusitti fiduu
Fakkeenyi guutuun kutaa macaafichaa waa’ee mukicha wayinii fi damoota isaati. Wal hormaanni
waan hin oolle dha jechuu dha. Hariiroo abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti iyyuu wal
hormaanni jira-Mucaa! Yesus namoota isa faana michoomanirraa warra kaan gara isatti akka fidan
irraa barbaada.
B. Ija abboomamuu
Akaakuun ijaa Yesus nu keessatti arguu barbaadu, jireenya isaf abboomamu dha.
Leenjisaa: Lakk 9-12tti dubbisi.
Abboommii Yesusiif abboomamuun keenya mallattoo michooma keenyaati. Inni addumaan walii
keenya akka wal jaalannu nu abboomeera.
Maree: Ija abboomamuu fiduudhaaf michummaan maaliif barbaachise?
2. Kadhannaan deebii argachuu (lak 7)
Maree: Michummaan akkamitti deebii kadhata keenyaa argamsiisa? Akkamitti waan nuti
hawwinu jijjiiruu danda’a?
Hammuma gara yesusitti siqaa adeemnu, fedhi keenyaa fi kan isaa wal fakkaachaa
adeema.Michummaan yeroo kadhannu, inni kadhannaa keenyatti ni gammada.
Itti yaadi: Kadhannaa koo keessaa dhibbentaa meeqatu deebii argateera? Kun gulantaa
michummaa koo hammam agarsiisa?
3. Waaqayyoof ulfina fiduu (lak 8)

Hanga duuka buutoota Yesuus taanetti Waaqayyoof ulfina kennuu qabna. Kun kan inni ta’uu
danda’u garuu yoo Yesuus wajjin walitti dhufeenya sirrii (maxxanummaa) qabaannee dha.
Baayyinatti gaggeessitootni ulfina ofii isaaniitiif kan isaan fidanii fi maqaa isaaniif bakka bulchiinsa
isaaniitti fayyadamuu kan isaan yaalan Waaqayyoo wajjin walitti firooma sirrii waan hin qabneef
dha.

4. Akka duuka buutuutti jiraachuu (Lakk 8)

Yesus waliiin michummaatti yeroo jiraannu, namoonni wari kaan bartoota isaa ta’uu keenya ni
hubatu.

Yoh 15:8, “Kanaan ija baay’ee godhachuu keessaniin, bartoota koo akka taatanis
mul’isuu keessaniin ufinni abbaa koo ni argama”.

22
Bartoonni duuka buutotaa fi barattoota dha. Hamma yeroo isa waliin dabarsinee fi hariiroo cimaa
uummannee, isa fakkaachaa adeemna. Waldoota kiristaanaa darban keessatti maaltu akka ta’e
yaadadhu.

HoE 4:13, “Warri yaa’ii sanaas Pheexroosii fi Yohaannis ija jabinaan akka dubbatan
yommuu caqasan, barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka ta’an
hubatanii, in dinqifatan; haa ta’u iyyuu malee , jarreen kun Yesusii wajjin akka turan
isaaniif gale,”

Ibsi tokkichi waa’ee bartoota sanaaf ture Yesus waliin turuu isaani qofaa dha.

Itti yaadi: Namoonni yeroo na ilaalan Yesus waliin turuu koo ni hubatu?

5. Jireenya gammachuu qabu (Lakk 11)

Isaa wajjin walitti michooma sirrii kan qaban jireenya gammachuu akka qaban Gooftaa Yesuus
kakuu galeera. Amantoonni baay’een Gooftaa Yesuus waliin walitti dhufeenya sirrii waan hin
qabneef gammachuu jireenyaa sirrii isa biraa argamu hin shaakaliIn hafu. Isaatti maxxanuun gatii
nama baasisa sababiin isaas booji’amuuf abboomamuu waan gaafatuuf bu’aan isaa garuu ibsamuu
kan hin dandeenye gammachuu guddaa fida.

Kanneen armaan olii fi kan biroos bu’aalee michoomaYesus waliin qabnu irraa argamani dha.

Namonni hundinuu hariiroo kana qabaachuudhaaf baayyee waan si’atan fakkaata. Garuu yeroo
baay’ee ariitiidhaan ta’uu hin danda’u. Michummaa bira gahuuf karaan darbamuu qabamu jira.
Namni karaa kana irra adeemu kamiyyuu gara michummaa Yesusitti ni guddata.

Leenjisaa: Barumsa kana kutaa lamaan barsiista yoo tahe, iddoon kun iddoo ati iti kutaa
jalqabaa xumurtu ta’uu qaba.

III. Gochoota Michummaa

Leenjisaa: Gabatee adii ykn gurraacha irratti barsiistu irrati gama tokkoon “cimina” gama
biraan immoo “laafina” jedhii barressi. Waan hirmaattotni jedhan gama barbaachisaa ta’etti
barreessi. Hirmaattotni yaadannoo isaanii irratti akka barreeffatanis jajjabeessi.

23
Maree: Wantoota hariiroo ykn michummaa dadhabsiisan yookiis jabeessan irratti
mariiyadhaa!\

Wantoota jabeessan Wantoota laaffisan

__________ ___________

_________ __________

_________ __________

Deebii keessan irratti yaada kennaa! Gochoonni kunniin hariiroo keenya Yesus wajiin qabnu
agarsiisu? Isa kamtu sirrii akka ta’e Waaqayyo sitti dubbate? Isa sirrii sanatti mari.

Akkuma wantota hariiroo nama gidduu jiru cimsan fi laaffisan ilaalle, akka bartootaatti wantoota
michummaa keenya cimsan Yesus nurraa barbaada. Wantoota hiriyyummaa keessatti ta’an isa
beekamaa irraan addatti Yesus akka bartoota isaatti waan nurraa barbaadu qaba.

Maree: Yoh 15 irratti kan barreeffaman gara michummaati nama geessan irratti mariyadhaa!

A. Isatti qabamanii jiraachuu (lak 4)

Yesuusiitti jiraachuun Gooftaa jireenya keenyaa godhannee garaa keenya hundumaan isaaf of
kennuu jechuu dha. Akka inni nu keessa jiraatu hayyamuun keenya immoo eenyummaa keenya
gutummmaa dhumatti isaaf kennuu jechuu dha. Gooftaan Yesuus Gooftaa jireenya keetii akka ta’u
garaa kee guutuudhaan hayyamteettaafii?

Maree: Naamusni yookiis amalootni hariiroo Yesus waliin turuuf nu gargaaran maal
fa’i?

Gaaffiilee kanaaf deebilee sirrii hedduun jiraachuu danda’u. Kadhannaan karaa ittiin hariiroo gaarii
isa waliin godhannu keessaa isa guddaa dha. Michummaan dheerina yeroo kadhannaa qabnuun hin
safaramu; garuu ija kadhannaadhaani. Lakk 7 irratti Yesus waa’ee kadhannaa deebii argatee
dubbatee ture. Gaggeessaan kadhannaa irra keessaa qabu gaggeessaa dhiibbaa guddaa fiduu hin
dandeenye ta’a. Sababni isaa michummaa jabaa Yesus waliin waan hin qabneef.

Warri kaanis soomaa fi kadhata fi sagalee isaa dubbisuu fa’a ta’uu danda’u.

Itti yaadi: Gaggessummaan koo kadhannaadhaan kan deeggarame dha? Jireenyi kadhannaa koo
michummaa koo Yesus waliin cimseera? Maaltu jijjiiramuu qaba?

24
B. Sagaleen isaa nu keessaa jiraachuu (lak 7)

Hariiroo Yesus waliin qabaachuu keessaa tokko kan ta’e sagaleen isaa nu keessa jiraachuu akka ta’e
Yesus dubbateera.

Yoh 15:7, “Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan
feetan in kadhattu, isniif in ta’as.”

Sagalee isaa dubbisuun yaada garaa isaa caalmaatti beekuu fi michummaa keenya guddisuuf nu
gargaara. Sagalee isaa dubbisuuf karoora qabda? Sagalee Waaqayoo akka xalayaa jaalalaatti
dubbista moo akka hojii gochuun sirra jiruutti dha?

Leenjisaa: Karoora dubbisa macaafa qulqulluu kee hirmaattotaaf qoodi. Akkaataa


dubbisa kee walitti fufaa gochuudhaaf hammam akka si rakisee fi akkamitti yero booda
akka mo’atte itti himi. Warri kaanis muuxannoo isaanii akka qoodaniifis affeeruu
dandeessa.

Itti yaadi: Jireenya koo akka jijjiiruuf sagalee Waaqayyoo waliin yeroo hammamiin dabarsa?

C. Jaalala isaa keessatti hafuu (Lakk 9)

Maree:Jaalala Yesus keessaatti hafuu jechun maal jechuu dha?

Namonni baay’een jaalala Waaqayyo isa gadi fagoo isaaniif jiru arguu hin dandeenye. Jaalala sanaaf
waan hin malle isaanitti fakkaata. Yeroo tokko tokko namoota warra kaaniin miidhamuun jaalala
kristoos akka hin fudhanne nu taasisa. Haa ta’u malee, waamichi Yesus jaalala isaa keessatti akka
hafnu dha.

Abbommiin “jaalala isaatti qabamaa jiraadhaa” jedhu jaalala isaatiin eegallee, boodarra immoo
dhiisnee kan adeemnu nutti fakkaata ta’a. Jaalalli isaa carraaqqii keenyarratti yookiis jireenya gaarii
nuyi jiraannu irratti waan hundaa’u nutti fakkaata.

Itti yaadi: Guyyaa guyyaatti jaalala inni anaaf qabu yaadachaa moo jaalala isaa
fudhachuudhaaf carraaqqii mataa koo gochaan jiraachaa jira?

D. Itti fufanii abboomamuu (lakk 14)

Hariiroo fi michummaan Yesus waliin qabnu abboomamuu nurraa barbaada.

Yoh 15:14, “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota kooti.”

25
Maree: Abboommii Yesus yoo gochuu baanne, sadarkaan michummaa keenyaa maal
taha? Furmaanni isaa maali?

Itti yaadi: Abboommiin Yesus ani hin raawwanne maaltu jira? Michummaa koo
deebifachuudhaaf maal gochuun qaba?

IV. Michummaa fi gaggeessummaa

Waa’ee michummaa fi isatti qabamanii jiraachuu isa Yesus bartoota isaan barsiise haalaan ilaallee
jirra. Amma immoo akkamitti warreen kun gaggeessummaa keenya irratti hojiirra oolu kan jedhu
ilaalla. Gaggeessitootni michooma gaarii Yesus waliin qaban amaloota sadii qabu.

A. Gaggeessitootni michooman Yesusin kan jijjiiraman dha.

Yoh 15:2, “Damee osoo anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa in mura; dame isa ija godhatu
hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexxa’a.”

Yesus duuka buutonni isaa hundinuu humna isaatiin akka jijjiiraman barbaada. Kun immoo
addumaan gaggeessitootaaf barbaachisa. Sababni isaa warra dhiibbaa uuman waan ta’aniif.
Gaggeessitootni hedduun osoo ofii isaanii hin jijiiramiin akkaataa itti namoonni jijjiiraman
namootatti himuu barbaadu. Jireenya michummaa qabu osoo hin jiraatiin gaggeesuummaan nuyi
goonu gara hojii amantaatti geessa malee Yesusiin hin agarsiisu.

Humni gaggeessaa tajaajilaa kan dhufu, michummaa Yesus waliin qabu irraati. Kun humna
gaggeessitootni ittiin dhiibbaa gaarii fidan dha.

Warra kaan osoo hin gaggeessiin dura, Yesus waliin michummaa isa firiin isaa jireenya kee
keessatti mul’atu guddifachuu qabda. Kunis qeexxa’amuu kan gaafatu yoo ta’u adeemsa dhukkubbii
qabu dha. Garuu michummaa argamsiisa.

Leenjisaa: Jireenya kee yeroo ammaa isa Yesus qeexxa’aa jiru hirmaattotaaf qoodi.

B. Gaggeessitootni michooman Yesusiif ija qaboota dha.

Yoh 15:4, “Anatti qabadhaa jiraadhaa! Anis isinitti nan jiraadha; Akkuma dameen muka
wayinichaatti qabatee yoo jiraachuu dhaabaate ofiin ija godhachuu hin dandeenye, isinis anatti
qabatttanii yoo jiraachuudhaabaattan ija godhachuu hin dandeessan.”

Iji akka gaggeessaatti horannu michummaa Yesus waliin qabnu waliin hariiroo kallattii qaba. Ija
qabeessa ta’uudhaaf cimanii hojjechuu dha jennee salphaadhumatti yaaduu dandeeya; garuu ija

26
qabeessummaan keenya kan inni dabaluu danda’u isatti qabamnee yoo jiraanne qofaa dha.
Michummaa malee, akkuma bartoota halkan guutuu dhama’aa bulanii bu’aa malee hafanii taana
(Yoh 21:1-6). Garuu akka sagalee Waaqayyoo dhageenyeen iji jireenya keenyarraa ni argama.

Maree: Karaalee kamiin michummaa malee ija godhachuudhaaf dhama’aa jirta?

Gaggeessitootni michooma Yesus hin qabne, ija ofii isaanii godhachuudhaaf carraaqu. Ija
godhachuun mukicha wayiniitti qabamanii jiraachuudhaan akka ta’e ni dagatu. Qooda hariiroo,
bu’aa isaa irratti xiyyeeffatu. Gaggeessaan ija irratti xiyyeeffatu hariiroo isa waliin qabu ni dhaba.
Garuu, yeroo gaggeessaan hariiroo irratti xiyyeeffatu, iji uumamumaanuu isa hordofa.

C. Gaggeessitootni michooman Yesusiif ufina fidu

Yoh 15:8, “Kanaan ija baay’ee godhachuu keessaniin, bartoota koos akka taatan mul’isuu
keessaniin ulfinni abbaa koo in argama.”

Michummaa malee, gaggeessitootni ulfina ofi isaanii fi taayitaa isaaniif fidu; motummaa mataa
isaanii ijaarratu. Yeroo kanmiyyuu gaggeessitoota of mul’isan yoo argite, hanqina michummaa akka
qaban hubatta.

Gaggeesaan yeroo michooma gadi fagoo Yesus waliin qabaatu, wanti fuula isaarraa mul’atu
kamiyyuu ulfina Waaqayyoo isa dhugaa argisiisa.

Leenjisaa: Tuqaalee barattan irra deebi’iif

Itti yaadi: Gaggeessummaan koo hariiroon Yesus waliin qabu akkamitti calaqqisiisa?
Karaa kamiinan jijjiiruu qaba?

Goolaba

Yesus waliin michoomuun abjuu hin qaqqabamne miti; Inni adeemsa hariiroo yeroo dheeraa Yesus
hunduma keenya waliin qabaachuu barbaadu dha. Hafuurri qulqulluun hariiroo jaalala addaa kana
akka qabaannuuf nuuf kennameera. Gufuuwwanii fi wal’aansoo kan nutti ta’an hundumaa ofirraa
kaasnee yeroo garaa keenya isaaf kenninu, michummaan jireenya keenya keessatti ni mo’a.

Addunyaan kun gaggeessitoota jireenyaan, amalaa fi gochaan isaanii michooma Yesusiin


badhaadhe argachuu barbaaddi. Yesus gara Michooma kanaatti nu waameera- adeemsa
gaggeessummaa isa fakkaatutti akka guddannuuf nu gargaaruu barbaada. Gaggeessitoota Yesus
barbaadu sana ta’uudhaaf adeemsa ana waliin itti fufta?

27
Leenjisaa: Osoo kutaa kana hin goolabiin dura hafuura qulqulluu gaafadhu. Yeroo
kadhataa yookiis callisaa qabaachuu gara qabaachuutti isin geessa ta’a. Nama michooma
Yesus sadarkaa olaanaarra gahe akka hin taane of amansiisii gara guutummaa kanaatti
guddachuudhaaf of qopheessi.

Qorannaa nama dhuunfaa (case study)

Paastor Maarqos waldaa isaa milkooftuu gochuuf cimee hojjeta. Yeroo isaa baay’ee namoota
ilaaluu fi warra dhukkubsataniif kadhachuutti dabarsa. Warra amantoota hin ta’iinillee ni daawata;
gara Kristoositti isaan fiduudhaaf hojjeta. Akkuma Waldaan sun guddachaa dhufteen barnootaa fi
lallaba adda addaa waan qopheessuuf yeroo kadhataa fi macaafa qulqulluu itti dubbifatu dhabaa
dhufe. Lallaba isaa keessatti amantoonni duuka buutota ta’uu dhadhabuu fi macaafa isaanii sirriitti
dubbifachuu dadhabuu isaaniif rakkoo keessa galaa dhufe. Manatti, haati manaa isaa yeroo
hundumaa barfatee gara manaatti galuu isaa fi erga galeemmoo dheekkamaa fi ijoollee isaa waliin
nagaa akka hin qabne hubachaa dhufte. Wayita isheen isa gaafattu immoo, “Argita mitii?, hojii
kana cimsee hojjechuu yoon baadhe akkamittan waldaa guddaa kana ijaaruu danda’a ree?”
jedhaan.

Barumsa armaan olitti baratte irratti hundooftee, nama kanaaf gors akamii kennitaaf?

Hoj manee afaaniffaa

Hirmaattota kana keessaa nama tokko waliin yeroo sa’aatii tokkoof waliin turaa! Macaafa
qulqulluu sagaleedhaan yoo qabaattan gaarii dha; yoo hin qabdan ta’emmoo nama sadaffaa nama
Yoh 15 guutummaatti isiniif dubbisu barbaaddadhaa! Kutaa sanarraa maal akka barattan waliif
ibsaa. Waan Waaqayyo kutaa kana keessatti isinitti dubbate waliif qoodaa! Gara mana keessaniitti
yeroodeebitan haadha / abbaa mana yookiis hiriyaa keessan waliin waan Waaqayyo isinitti dubbate
irratti dudubbadhaa! Hirmaattotaaf yaada keessan qooduufis qophaa’aa!

28
Abbaltii Gochaa

Maqaa:____________________________________

1. Wangeela Yohaannis 15 yoo xiqqaate daqiiqaa 10f dubbisuudhaan irratti yaada kenni. Waan
Waaqayyo sitti dubbate armaan gaditti barreessi.

2. Michummaan Yesus waliinii adeemsa dha. Adeemsa dhuunfaa kee ilaaltee, qabxiilee 1-10
jiranirratti of madaali.( 1 jechuun gaarii miti; 10 jechuun baayyee sirrii dha jechuu dha).
Tuqaalee Gaaffilee Qabxii Yaada
ilaalchaa
Isa keessatti hafuu Jireenyi kadhannaa koo michummaan qabutti
guddachuuf na gargaareera?
Sagaleen isaa ana Sagalee Waaqayyoo wajjin yeroo gahaa
keessatti hafuu jireenya koo jijjiiru qaba?
Jaalala isaa Hubannaa jaalala Yesus anaaf qabuun moo
keessatti hafuu yaalii dhuunfaa koon jaalala Yesus
fudhachuudhaan jiraachaan jira?
Itti fufinsaan Abboommiin Yesus ani hin hordofne amma
abboomamuu maaltu jira? Michooman isa waliin qabu
deebisuuf maal gochuun qaba?
Gaggeessummaan Yesus gaggessummaa koo hammam
koo Yesusiin kan jijjiireera?
jijjiirame dha
Gaggeessumaan Gaggeessummaan koo sababa carraaqqii
koo ija qabeessa mataa kootiin moo sababa michummaa
dha Yesusiif ija godhachaa jira?
Gaggeessummaan Gaggeesummaan koo anaaf moo Yesusiif
koo Yesusiif ulfina argamsiisa?
ulfina fida
3. Gabatee armaan olii irraa kutaa irratti gaddachuu barbaaddu tokko filadhuu armaan gaditti
barreessi. ______________________________

29
Toora kanatti akka ati hin jabaanneef gufuu kan sitti ta’e maal ture?
Jijjiiramuudhaaf galmi kee maali? (Yeroo murtaa’e kennii itti yaadi).
Yoom eegalta?
Itti fufuu kee namni si to’atu eenyu?
Nam asana waliin erga haasoftee asitti mallattoo godhi:__________

30
GAHUMSA DHOKATAA: ARGUU
Kutaa macaafaa:

Ab.Firdii 6:1-16: Waamamuu Giidewoon

Qajeelfama

Waaqayyo hunduma keenyaaf gahumsa dhokataa nuuf kenneera garuu yeroo baayyee gahumsa
keenya bira hin geenyu. Sababni isaa sirriitti waan hin argineef.

Galma Barnootichaa

Barumsa kana booddee barattoonni

 Humna gahumsa dhokataa


 Waaqayyo gahumsa dhokataa nama hundumaaf kennuu isaa
 Waaqayyo gahumsa dhokataa nuuf kenne kanaaf abbaa murtoo ta’uu isaa
 Haqa qabatamoo gahumsa dhokataa ittiin hubatan ni baru.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni

 Gahumsa isaanii keessaa hamma akka itti fayyadaman ibsuu danda’uu qabu
 Ciminaa fi laafina dhuunfaa isaanii adda baasuu qabu
 Gahumsa Waaqayyo isaan keessa kaa’e abjoochuu qabu.
 Meeshaalee barbaachisan: Ija boqqolloo ykn ruuzii, tokko tokko hirmaattota leenjiif qoodi!

SEENSA

Yeroo xiqqoo fudhadhuutii, ija kee dunuufadhuu waa’ee dandeettii dhuunfaa kee yaadi! Ofii kee
akka nama xiqqaa moo nama guddaatti of argita? Nama Waaqayyoof waa’ee baasu moo nama
waa’ee hin baafne taatee of argita? Namni biroo waa’ee kee kitaaba akka barreessu ni yaadda?

 Leenjisaa: Hirmaattotni yaada isaanii suuta jedhanii akka ibsan gargaari!

Wanti ati amma waa’ee kee yaadde akkamitti akka ofii fi gahumsa dhokataa kee ilaaltuu agarsiisa.
Kutaa kana keessatti akkamitti akka gahumsa dhokataa kee argituu fi ittiin bocuu dandeessu baranna.

Kutaa macaafaa otoo hin ilaaliin dura, gahumsa dhokataa jechuun maal jechuu dha?

 Leenjisaa: Deebii isaanii harkaa fuudhi. Kaayyoon isaa deebii kuusaa jechootaa miti.
Yaadrimee gahumsa dhokataa hubachuu isaanii ilaaluuf malee!

31
Gahumsa dhokataa jechuun gabaabaatti waan ta’uu danda’u garuu ammayyuu hin taane iechuu
dha. Gahumsa dhokataan keenya waan ta’uu dandeenyu garuu ammayyuu taanee hin argamnee fi
waan hojjechuu dandeenyu, ammayyuu hin raawwanne dha.

Macaafa qulqulluu keessaa nama Waaqayyo gaggeessaa cimaa godhee itti fayyadame, garuu
gahumsa dhokataa isa keessa jiru arguuf baayyee danqame tokko ilaalla. Maqaan isaa Giidewoon
ture.

Abboota Firdii 6:1-16 dubbisi!

Gareedhaan ta’uudhaan seenaa Giidewoon irratti hundaa’uun gaaffilee armaan gadii irratti
mariiyadhaa!

 Haala Giidewoonii fi namoonni sun keessa turan akkamitti ibsita?


 Jechi akkaataa itti Giidewoon of ilaale ibsu maali?
 Jechi akkaataa itti Waaqayyo Giidewooniin ilaale ibsu maali?
 Giidewoon maaliif saba isaaf wanta guddaa akka hojjechuu hin dandeenye yaade?
 Seenaan Giidewoon maal nu barsiisa?
 Leenjisaa: Hirmaattotni deebii isaanii keessatti kan armaan gadii hubachuu danda’uu isaanii
mirkaneeffadhu! Waaqayyo Giidewooniin maal akka jedhe, “Yaa loltuu jagna nana
Waaqayyo si wajjin jira! “Ati humna qabdu kanaan dhaqi! Israa’eliin harka warra Miidiyaan
jalaa akka baaftuuf ani si ergeera!” Waaqayyo, Giidewoon jabaa fi akka danada’u yoo argu
Giidewoon immoo dadhabaa fi akka hin dandeenye arge. Kun wiirtuu barumsa kanaati.

Seenaan Giidewoon kan nu barsiisu, nuni yeroo hundumaa akka Giidewoon of ilaaletti kan of ilaallu
ta’uu fi akkaataa itti Waaqayyo nu ilaalu irraa adda ta’uu isaati.

 Leenjisaa: Seenaa kana fakkaatu yoo qabaatte hirmaattotaaf qoodiif!

Waa’ee gahumsa dhokataaa nu keessa jiruuf, karoora Waaqayyo nurraa qabuu fi haqa waa’ee
gahumsa dhokataa keenyaaf jiru arguu qabna.

I. Waa’ee gahumsa dhokataa koof karoora Waaqayyoo arguu

Waaqayyo Giidewooniin maal akka jedhe yaadadhu! “Humna qabdu kanaan dhaqi. Israa’eliin harka
Warra Miidiyaan jalaa akka oolchituuf si ergeera”. Waaqayyo Giidewooniif karoora qaba. Tokkoon
tokkoo keenyaafis akkasuma karoora qaba. Karoora Waaqayyoo arguu qabna.

A. Waaqayyo madda gahumsa hundumaati.

Wanti hunduminuu duraan dursee Waaqayyo keessa akka ture hubadhu. Waaaqayyo ofii isaa
keessatti gahumsa waan hundumaa qabatee ture. Seere Uumamaa 1:1 dura addunyaan kun eessa
turte? Gahumsa dhokataa Waaqayyoo keessa turte. Yeroo Addunyaa kana uume, waan dura isa
keessa ture salphaatti akka mul’inati jiraatuuf ni dubbate. Ofii isaa keessaa Waaaqayyo waan argamu

32
kana hundumaa fi nuyiin baase jechuu dha. Waaqayyo otoo waan tokkollee hin uumiin dura,
gahumsa waan hundumaa of keessatti qabatee ture.

Waaqayyo madda gahumsa hundumaa waan ta’eef, gahumsi isaa hin daangeffamu. Caqasa kana
hubadhu

Luq 1:37, “Waaqayyoof wanti dadhabamau hin jiru”. Gahumsi hundinuu Waaqayyo irraa dhufan.
Sababni isaa inni madda gahumsa hundumaa waan ta’eef!

B. Waaqayyo gumaachaa gahumsa kooti.

Waaqayyo madda gahumsa hundumaa yoo ta’us, ofittummaaf hin oolfanne. Inni gahumsa sana nuuf
qooduu jaallate. Kanas wantoota sadii nuuf kennuudhaan,…

1. Inni jireenya naaf kenne

Jireenya keessa gahumsa dhokataatu jira. Hanga jiraachaa jirtutti gahumsa dhokataa qabda. Jireeny
hin jiru taanaan gahumsi hin jiru. Garuu jireeny jira taanaan, carraan wanti tokko ta’uu jira.

 Leenjisaa: Fakkeenya sanyii boqqolloo fayyadami. Sanyii boqqoolloo tokko hundumaa


isaaniif daddabarsuudhaan kennaa guddaa akka laatteefiitti ilaali. Kana booda, akkas jedhii
gaafadhu! ‘Wantan isiniif kenne ilaalaa! Maal argitu? (Deebii haa deebisan) Deebii isaanii
harkaa fuudhi. Sanyicha keessatti maal akka argite itti himi.

Iji sanyii boqqolloo tokko namoota addunyaa kana irra jiran nyaachisuu dandeessi. Sababni isaa of
keessatti jireenya waan qabduuf, Yeroo ilaalamtu xiqqoo fi kan waa’ee hin baafne fakkaatti. Garuu
gahumsa guddaa of keessaa abdi. Sanyy kana biyyoo gabbataa irra yoo dhaabde, bishaan obaaftee fi
kunuunsite, yoo xiqqaate biqiltee gurra boqqolloo tokko qabaatti. Gurri tokkittiin sun sanyii qeenxee
boqqoolloo giddu galeessan 800 qabaatti. Dhibba saddeettan kanneen ammas yoo facaafte, sanyii
qeenxee 640,000 qabaatti. Ammas waqtii sadaffaaf akkasuma yoo taasifte, miliyoona 512 qabaatta.
Waqtii afuraffaatti sanyiin kun sanyii qeenxee biliyoona 409 kan namoota addunyaa irra jiraniif
nyaata ija 60 qabu ta’a jechuu dha.

Waqtii 1ffaa: ija 800

Waqtii 2ffaa: Ija 640,000

Waqtii 3ffaa: 512,000,000 (Mil 512)

Waqtii 4ffaa: Bil. 409 ; nama jiraachaa jiru tokkoof qeenxee 60!

Kun hundumtuu, sanyii baayyee xiqqoo kan yaaduu, karoorsuu, raawwachuu fi socho’uu hin
dandeenye irraa argame. Kun gahumsa dhokataa Waaaqayyo sanyii xiqqoo kana keessa kaa’e yoo
ta’e, gahumsa dhokataa Waaqayyo si keessa kaa’e immoo itti yaadi.

33
 Leenjisaa: Hirmaattotni sanyii amma itti kenname kana bakka waa’ee gahumsa isaanii isaan
yaadachiisuu danda’u akka olkaa’atan jajjabeessi!

Jireenyi kun Waaqayyo irraa madde. Inni madda. Yoh 1:4, “Jireenyi isa keessa ture..”. Jireenyi
keenya agarsiiftuu fi itti fuftuu jireenya isaa ti.Sababni isaa, inni gahumsa hundumaa of keessatti kan
qabatee fi jireenyicha immoo nuuf kenne; nuyis gahumsa sana irraa qooddanne jechuu dha. Hamma
jireenyaan jirrutti gahumsa dhokataa qabna. Nuyi foon otoo hin taane, namoota hafuuraa waan
taaneef, bara baraan ni jiraanna. Kunis gara gahumsa keenya hundumaatti guddachuuutti nu geessa
jechuu dha.

2. Inni sammuu naaf kenne

Sammuun keenya mi’a ajaa’ibaa Waaqayyo uume dha. Sammuu keenyaan ni yaadna, ni abjoonna, ni
kalaqna. Wanta kanaan dura hin jirre mul’ataan argina. Wantoota gurguddoo yaadna. Suuraa wanta
qabatamaa of keessaa qaban ni bocna. Wanti tokko otoo hin ta’iin dura, sammuu keenya keessatti
wixinna.

1 Qor 2:16, Caaffanni qulqullaa’aan, “Eenyutu yaada Waaqayyoo beeka? Eenyutus isa gorsuu
danda’a?” jedha. Nuyi garuu yaada kristos qabna”.

Yaada guddaa dha, “Nuyi garuu yaada (mind) kristoos qabna.” Yaadni nama kamiiyyuu baayyee
ajaa’ibaa dha, addumaan immoo kan gaggeesaa kiristaanaa, yaada kristoos! Kun wanta dinqisiisaa,
humna guddaa nu keessaa baasu dha.

3. Inni dandeettii naaf kenne.

Waaqayyo jireenyaa fi yaada qofa otoo hin taane, dandettii ittiin waan ajaa’ibaa goonus nuuf
kenneera. Waaqayyo Giidewooniin, “Humna qabdu kanaan dhaqi, Israa’eliin harka warra Miidiyaan
jalaa akka oolchituuf si ergeera” jedhe. Waaaqayyo dandeettii ittiin deemuu fi saba sana ittiin oolchu
kenneeraaf. Waaqayyo dandeettii hundumaa kan kennu dha.

Luqqisii armaan gadii lamaaan ittiin humna Waaqayyo nu keessa kaa’e hubannu :

Efe 3:20, “Inni humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuu fi wanta nuyi
yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in danda’a”.

Fil 4:13, “Jabina gooftaan naaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a”.

Inni akka qabeenya guddaatti dandeettii nuuf kenneera. Dandeetttii dhuunfaa keenyaa otoo hin taane,
kan isaa! Gariin keenya waan guddaa gochuu akka dandeenyu hin beeknu. Waaqayyo waaqa humna
qabeessa ta’uu isaa ni beekna; garuu akka fakkaattii isaatti nu uumuu isaa ni daganna. Akka
waanuma tokko hojjechuu hin dandeenyeetti yeroo of ilaallu, dandeettii waaqayyo nu keessa kaa’e
ganuu keenya. Inni humna isaa isa waan guddaa hojjetu nuuf kenneera.

34
Maree: Dandeettiin kun nurraa osoo hin taane Waaqayyo irraa nuuf kennamuun isaa
garaagarummaa maalii qaba?

C. Waaqayyo abbaa firdii gahumsa dhokataa kooti.

Waaqayyo maddaa fi abbaa kennaa gahumsa dhokataa qofa otoo hin taane abbaa firdii gahumsa
dhokataatis. Waaqayyo na keessaa investimentii guddaa tokko qaba. Gahumsa dhokataa naaf kenne
kanaan maal akkan raawwadhe baruu ni fedha.

Rom 14: 12, “Kanaafis nu keessaa hundumtinuu adduma addaan waan godhe sababii isaa wajjin
Waaqayyotti himuuf jira”.

Gaaf tokko Waaqayyo jireenya koo qoree firdii kenna. Kanas wantan ani hojjedhe irratti
hundaa’ee osoo hin taane, wantan hojjechuu qaburratti hundaa’eetu. Baay’een keenya waan
hojjenne waan gaafatamnu nutti fakkaatee waan hojjennetti quufneerra. Haa ta’u malee, Waaqayyo
waan nuti hojjenne sana waan nuti hojjechuu qabnu waliin wal bira qabee, gahumsa nuuf kenne sana
waliin ilaaluudhaan nutti farada.

Gahumsa Waaqayyo nu uumeef otoo hin argiin hafuun gadda hammam guddatu dha! Yeroo
waaqayo natti faradu maal akka fakkaatu mee itti yaadi. Gara samii dhaqnee, Waaqayyo, “Maal
hojjetteetta?” yeroo jedhu, waan raawwanne hundumaa itti himna. Kana booda Waaqayyo deebisee,
“Namoota 30 sanneen gaggeessiteetta, kiruuseedii gaggeessiteetta,… Namoota 100 gara
mootummaa waaqayyootti fiddeetta. Haa ta’u malee, ani gahumsa namoota 1000 gaggeessuu fi
namoota 10,000 gara mootummaa kootti fiduu siif kenneen ture.Otoo gahumsa ani si keessa kaa’e
hubateetta ta’e kana in goota turte.” Jechoota kanneen dhagahuun akkam nama gaddisiisa?

Dhuma jireenya isaa isa lafarraarratti Yesuus, akkana jedhe.

Yoh 17: 4, “Ani lafarratti ulfina siif kenneera, hojii ati akkan hojedhuuf anaaf laattes
raawwadheera.”

Yesuus waan akka hojjetuuf akeekame hundumaa hojjeteera. Gahumsa isaa hundumaatti dhimma
baheera. Carraa Waaqayyo isaaf kenne hundumaatti fayyadameera. Kana gochuu isaatiin abbaa
isaatiif ulfina kenneera.

Ulfina Waaqayyoof fiduu kan dandeenyu, gahumsa keenyatti yeroo fayyadamnu dha. Dhimmi kun
gaggeessitootaaf baay’ee murteessaa dha. Sababni isaa, gahumsa keenyatti dhimma bahuu
dadhabuun nu qofa otoo hin taane namoota nuti gaggeesinurratti dhiibbaa fida.

Osoo har’a Waaqayyo, “ Gahumsan ani sikeessa kaa’e hammam itti fayyadamteetta?” nuun jedhe
maal jennee deebisna? 20%, 50%, 80%?

Leenjisaa: Muuxannoo ofii keetii hirmaattotti himi. Gahumsa kee bira akka hin geenye
maaltu si daangesse?

35
Tarii hundumti keenya 100% gahumsa keenyatti hin fayyadamne. Barumsi kunii fi itti aanu gara
galma kanaatti nu geessa.

II. Haqa waa’ee gahumsa dhokataa koof jiru arguu

Giidewoon gahumsa dhokataa isaa hin argine ture. Inni ofii isaa nama xiqqoo godhe of arge. Inni
maatii dadhabaa fi xiqqaa keessaa dhufe. Waa’ee ofii isaa dhara amane. Yeroo baayyee waa’ee ofii
keenyaa waan gaarii fi gahumsa keenya arguu kan hin dadeenyeef, waa’ee ofii keenyaa waan
dogongoraa waan amanneefi. Gahumsa Waaqayyo nu keessa kaa’e arguu fi hubachuu danda’uu
qabna. Ibsa gurguddaa sadii dandeettii keenya ittiin saaquuf nu gargaaran keessaa,

A. “Ani guddaa dinqisiisaa ta’een Waaqayyoon uumame”

Far 139:14-16a, “ isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha;
gochaan kee waanuma raajitti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka. Ani dhoksaatti yommuun
hojjetame, gadameessa [isa akka lafa gadi fagootti ilaalamu] keessati yommuun tolfame lafeen
kooyyuu si duraa hin dhokanne. Nama ta’uun koo otoo hin beekamiin, iji keen a arge,….”,

Hojiin Waaqayyoo dinqisiisaa dha. Nuni immoo hojii harka isaa keessaa tokko. Garuu, baayyeen
keenya akka hojii harka waaqayyoo isa dinqisiisaaa kanaa taane hin arginu. Funyaan keenya
gabaabaa yookiin dheeraa jennee amanna. Maatii hin taanerraan bakka hin taanetti dhaladhe jenna.
Amantiidhaan waan waaqayyo waa’ee keenya jedhe fudhachuu qabna. Inni adda godhee si uume.
Namni akka kee tokkollee addunyaa kana irra hin jiru. Namni gahumsa kee fi dandeettii kee qabu
tokkollee hin jiru. Tokkoon tokkoo keenya waan guddaa biraan nu gahuuf nu uume.

 Maree: Maaliif akkaataa ajaa’ibsiisaadhaan uumamuu keenya fudhachuun rakkisaa ta’e?


B. “ Waaqayyo jireenya koof karoora qaba”

Waaqayyo gahumsa keenya karoorseera. Waaqayyo gahumsa ajaa’ibaan adda godhee nu uumuu
qofa osoo hin taane, gahumsa dhuunfaa keenyaallee karoorseera.

Far 139:16b, “dhaladhee barri jireenya koo lakkaa’amuu otoo hin jalqabiin, guyyoonni anaaf
yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.”

Erm 29:11, “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta
isin gara fuulduraatti eeggattan isiniif raawwachuuti malee, yaada isin balleessu miti.”

Waaqayyo tokkoon tokkoo keenyaaf karoora qaba. Dhugaa dha, diinni kee waa’ee karoora
waaqayyo yeroo darban keessatti siif qabaachaa tureef, bitaa itti galeera ta’a, garuu kunoo oduu
haaraan siif jira: “Kaleessi eda galgala raawwate, har’i guyyoota fuuldura kee jiran hundumaaf
guyyaa jalqabaati”. Daqiiqaa tokkos ta’e ji’a tokko fudhadhuutii karoora waaqayyo siif qabu yaadi,
abjoodhu! Namoota 1000 gara kristoositti akka geessituuf si waame ta’a; qorcha dhibee HIV akka
argattuuf siif karooseera ta’a; Kitaabota akka barreessituuf siif karoorseera ta’a; yookiis waldaa
hundeessuuf yookiis biyya bulchuudhaaf!

36
Karoorri waaqayyo siif qabu shakkii tokko malee hamma ati ofii keen yaadduun oli dha. Karoora
waaqayyo siif qabu yaadii miira keessa keen isa hordofuuf hayyamiif! Waaqayyo maal siin gochuu
barbaada? Kana jechuun immoo namni daangaa hin qabu jechuu miti. Hammam akkan utaaluu
danda’uuf daangaan jira. Haa ta’u malee, hedduun keenya hamma daangeffamneen olitti dhiibbaa
miira faayidaa dhabeessummaa keessa jiraachaa jirra.

Wanta Dr. Maayiles Muniroo, barreessaa fi dubbii himaan, dubbate tokko akkas jedha ture. “Yeroon
si ilaalu kanan argu si guutummaa kee miti. Kanan argu isa ati hamma ammaatti taate qofa. Gahumsi
kee isa kana qofaa miti. Wanti ati gara fuulduraatti ta’uu dandeessu, eenyummaa kee isa ammaa
irraa daran fagoo dha. Ati nama waaqayyo keessaa as bahe, kan waaqayyo eenyummaa isaa si
keessatti cobse dha”.

C. Waaqayyo gahumsa adda ta’e boca addaan na keessa kaa’eera.

Waaqayyo akkaataa ajaa’ibsiisaatti nu uumuu isaa fi karoora ajaa’ibsiisaa nuuf qabaachuu isaa
hubachuun daran barbaachisaa dha. Waaqayyo akka addaattti na uumuun isaa fi karoora ajaa’ibsiisaa
naaf qabaachuun isaa, gahumsa addaa qabaachuu koo agarsiisa. Waaqayyo waan addaa ani qofaan
hojjedhu tokko akkan hojjedhuuf na uumeera.

Caaffanni ququllaa’oon waaqayyo amanataa kamiif iyyuu karoora dhuunfaa akka qabu ifatti
barsiisu. Inni kennaa addaa kan ittiin waldaa kee keessatti ittiin hojjettu siif kenneera. Waaqayyo
tajaajilaaf akka addaatti si boceera. Ati barbaachisuummaaf bocamte!

Wanta waaqayyo nu keessa kaa’e abuuruudhaaf, duraan dursinee of beekuu qabna. Namoonni gariin
ofii isaanii gad fageenyaan hin beekan. Garuu hamma ofii keenya sirriitti barrutti maal ta’uu akka
dandeenyu beekuu hin dandeenyu.

Karaalee shanan waaqayyo ittiin tajaajilaaf si boce haa ilaallu (Riik Waaren irraa kan fudhatame).
Isaan boca kee sitti agarsiisu.

1. Kennaa hafuuraa (Rom 12:1, 1 Qor 12, Efe 4:1, 1 Phe 4:10-11)

1 Phe 4:10-11, “Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaagaraa hojii irra
oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa’ee
baasutti ittiin haa hojjetu. Inni dubbatu isa waaqayyo jedhe haa dubbatu; inni waa hojjetus
humna waaqayyo isaaf kenneen haa hojjetu; Waaqayyo waan hundumaan karaa Yesus Kristoos
ulfina haa argatu! Isaaf ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta’’u ! Ameen.”

Kennaan hafuuraa keenya qulfii waaqayyo ittiin gahumsa dhokataa keenya akka banannuuf nu
keessa kaa’e dha. Kennaan hafuuraa kennaa addaa Waaqayyo ittiin hojii waldaa keessaa akka
hojjennuuf nuuf kenne dha.

Kennaa barsiisuu qabda yoo ta’e, gahumsa barsiisaa beekamaa ta’uu qabda! Kennaa keenya adda
baafannee guddifachuu qabna, sababni isaa Waaqayyo addatti waan nuuf kenneef. Kennaan kee

37
namoota jajjabeessuu yoo ta’e tajaajila namoota jajjabeessuutti barbaadamta. Kennaan kee wangeela
babal’isuu yoo ta’e, namoota gara Kristoositti fiduudhaan gammachuu addaa argatta.

 Leenjisaa: Waa’ee kannaa hafuuraa gad fageenyaan barachuu yoo barbaadde, wantoonni
hedduun si gargaaran jiru. Kitaaba Joon Baayilor, “Use that Gift” jedhu LEAD irraa argachuu
dandeessa. Ammaf garuu waa’ee kennaa hafuuraa kana yaadachiisuu irraan kan hafe gad
fageenyaan kutaa kana keessatti dhiyeessuun hin danda’amu.
2. Jaalala guddaa (Passion)

Lafa garaan kee jiru lafa ati baayyee jaalattu dha. Tajaajilli tokko tokko baay’ee kan si kakaasan;
tokko tokko immoo kan si nuffisiisan ni jiru. Waaqayyo garaa adda addaa nuuf kennuun isaa wanti
hundinuu akkaataa isaaf maluun akka hojjetamuufi.

Ati kennaa barsiisuu qabda ta’a. Garaan kee garuu kennaan sun eessaatti akka dhimma itti bahamu
murteessa. Garaa ijoolleef,…gaggeessitootaaf, oo’u qabda ta’a. Kennaa araarsuu qabda ta’a. Garuu
garaa tikseewwaniif kadhatu qabda ta’a.

Waaqayyo, jaalala adda ta’e si keessa kaa’eera. Kunis qulfii ittiin gahumsa wanta sana ittiin banattuu
ti.

3. Dandeettii (ability)

Waaqayyo dandeettii addaa waliin nu uume. Dubbachuutti yookiin yaaduutti dandeettii addaa
qabaachuu dandeessa. Maashinoota suphuuf yookiin hojjechuuf dandeettii addaa qabda ta’a;
Beeyladoota kunuunsuuf yookiin biqiltoota dhaabuuf dandeettii addaa qabda ta’a. Dandeettii
muuziqaa, dandeettii lakkoofsaa, dandeettii qindeessuu fi gaggeessuu qabda ta’a. Dandeettiin
Waaqayyo si keessa kaa’e boca addaa ittiin gahumsa kee hojjettu dha.

4. Amala dhuunfaa (Personality)

Hundumti keenya amalaan adda adda. Amala dhuunfaa kee beekuun ofii kee hubachuu qofa osoo
hin taane, warra kaan hubachuufis si gargaara.

Namni amaloota afur qaba:

 Saanjiyuun (nama dudubbataa (talkative), jireenya nama siyaasaa (party person).


 Kooleriik (Nama jabaa, gaggeessaa dheekkamaa (aggressive leader)
 Meelankooliik (Nama kennaa qabu (gifted), nama tasgabbaa’aa (organized) fi
 Fileegmaatiik (Nama salphaa (easy going), nagaa qabeessa (peaceful). Walitti makamni
isaanii immoo hedduu dha.

Waa’ee amala namummaa dhuunfaa kana beekuuf kitaabota garaagaraa fayyadamuun barbaachisaa
dha. Fkn Discover your strength (Marcos Buckingham), The power of personality,..

38
5. Muuxannoo (Experiences)

Muuxannoon ati jireenya keessatti qabdu kan koo irraa adda dha. Garaagarummaan kunis karoora
Waaqayyoo isa inni ittiin tajaajilaaf si boce dha. Waaqayyo muuxannoo jireenyaa hundumaatti ni
fayyadama. Keesumattuu wantoota afur: Barumsa keenya, Hojii keenya, muuxannoo jireenya
hafuuraa keenyaa fi muuxannoo yeroo rakkinaa keenya. Waaqayyo muuxannoon kanneeniin karaa
barbaadeen itti fayyadama. Tarii karaa barumsa keen, dalagaa kee guddisee gahumsa kee mul’isa
ta’a. Tarii immoo muuxannoo rakkinaa ati dabarsiteen warra kaaniif ittiin akka tajaajiltu dhimma itti
baha taha.

 Leenjisaa: Muuxannoo kees ta’e kan nama beektuu qoodiif!

Akkamitti akka tajaajilaaf bocamte irra deebi’ii ilaali. Ati barbaachisummaaf bocamte. Waaqayyo si
keessa gahumsa dhokataa adda ta’e kaa’eera. Dandeettiiwwan si keessa jiran walitti fiduudhaan
akeeka Waaqayyo si uumeef arguu qabda.

39
Abbaltii Gochaa

Maqaa:_______________________________________________

Gaaffilee armaan gadii akka ka’umsaatti fudhadhuutii ittiin deebisi. Yeroo fudhadhu, ofiifis
amanamaa ta’ii akka si gargaaruu danda’utti deebii kenni.

1. Gahumsa koo dhibbentaa meeqan hojiirra oolcheera?_____%


2. Gahumsa koo warra hafan akkan hin raawwanneef maaltu na danqe?
3. Waaqayyo akkamitti akka si uumee fi kennaa siif kenne irratti of ilaali. Himoota armaan
gadii kanaan of madaali.
 Namummaa (amala dhuunfaa koo): callisaa, odeessaa, nama salphaa, nama
tasgabbaa’aa
 Kennaan hafuuraa koo:
 Ciminni koo:
 Laafinni koo:
Amma gahumsa Waaqayyo na keessa kaa’eera jettee yaaddu hundumaa barreessi. Guddaa
abjoodhu!
Gahumsa Waaqayyo na keessa kaa’e:

4. Erga kanneen armaan olii xumurtee booda, gara haadha manaa/abbaa manaa ykn hiriyaa
dhiyootti geessi, itti agarsiisi, qoodiif! Akka isaan siif kadhataniif itti himi. Kana booda
odeeffannoo armaan gadii kana guuti.
Nama itti odeeffatte__________________gaafa guyyaa________________.

40
GARAA GAGGEESSAA KIRISTAANAA
Kutaa macaafaa
Luqaas 22:24-27: Yesus bartoota isaa waliin eenyutu akka caalu irratti duddubbachuu isaa
Qajeelfama
Modeeliin gaggeessummaa Yesus gaggeessummaa biyya lafaa kanaa irraa baay’ee adda dha.Inni
duuka buutota isaa gaggeessitoota tajaajiltoota (servant leaders) akka ta’aniif isaan waame.
Galma barnootichaa
Barannoo kana booda hirmaattotni;
 Amaloota gaggeessummaa biyya lafaa sadan,
 Amaloota gaggeessummaa tajaajilaa sadanii fi
 Gufuuwwan gaggeessaa tajaajilaa ni hubatu.
Galma gochaa
Barnoota kana booda, hirmaattotni;
 Gaggeessummaa isaanii kan Yesus waliin wal bira qabuun ni madaalu
 Manatti tarkaanfii qabatamaa gaggeessummaa tajaajilaa ni fudhatu
 Gaggeessummaa walii galaa keessatti tarkaanfii qabatamaa gaggeessummaa tajaajilaa ni
fudhatu.
Seensa
Addunyaa kanarratti gaggeessitoota gosa adda addaatu jiru; gariin gaarii, gariin immoo
gadhee.Gaggeessaa tokko maaltu gaggeessaa cimaa isa taasisa?
 Maree: Gaggeessitoota addunyaa kanaa keessaa tokko fudhadhuutii xiinxali. Maaltu
gaggeessaa cimaa isa/ishee taasisa?
 Leenjisaa: Gaggeessaa hirmaattotni filatan irratti walii gali. Hirmaattotni gartuu bal’aatti
yookiin gartuu xixiqqoodhaan qooduun, maaltu gaggeessaa sana gaggeessaa cimaa akka
jechisiise akka mariyatan gargaari. Deebii isaaniis hunduma isaaniif qoodi. Daqiiqaa yartuu
fudhadhuu xiinxali. Yeroo baayyee dhimmi amalaa iddoo olaanaa qabata. Wantoonni
barumsa, taayitaa fi aangoo waliin wal qabatan baay’ee hin mul’atan. Yaada kanas
hirmaattotaaf ibsi.
Seenaa macaafaa: Wangeela Luqaas 22:24-27 kan jiru dubbisi.
Kutaa macaafichaa 22:7-27 erga dubbisanii booddee hirmaattotni lama seenaa sana akka irra
deebi’anii dubbatan gargaari!

41
 Maree: Bartoonni maal irratti wal falmaa turani? Waa’ee ilaalcha gaggeessummaa isaanii maal
agarsiisa? Deebiin Yesus waa’ee gaggeessummaaf deebise maal ture? Erga Yesus dubbatee
miirri bartootatti dhagahame maal sitti fakkaata? Akka qabatamaa naannoo keetti
gaggeessitoonni akkaataa Yesuus akeekkachiiseen otoo gaggeessan maaltu ta’a sitti fakkaata?
 Leenjisaa: Gaafilee kanneeniif gartuudhaan maree gaarii taasisaa. Yoo xinnaate daqiiqaa 10-
15. Deebiin gaaffilee kannenii guutummaa qabiyyeee barnootichaa of keessatti hammata.
Deebiin Yesus gaggeessummaan gosa lama akka jiru agarsiisa. Isaanis, gaggeessummaa biyya lafaa
(worldly leadership) fi gaggeessummaa kiristaanaa (Christian leadership).Gaggeesitootni biyya lafaa
akkamitti akka gaggeessanii fi bartoonni isaa immoo akkamitti gaggeessuu akka qaban dubbate.
Jalqabarratti akkamitti akka Yesus gaggeessummaa biyya lafaa akka ceepha’ee fi itti aansuudhaan
akkamitti akka gaggeessummaa kiristaanaa akka ibse ni ilaalla.
I. Yesuus gaggeessummaa biyya lafaa ni ceepha’e (Lakk 24-25)
Yeroo bartoonni waliin morkataa turanitti Yesus mootonni warri biyya lafaa akkamitiit akka
gaggeessan dubbachuudhaan deebise.Kun gaggeessummaa biyya lafaati.
 Maree: Gaggeessummaan biyya lafaa kanaa akkamaitti akka hojjetu ibsi.
Karaalee sadan Yesus gaggeessumma biyya lafaa ittiin ibse haa ilaallu.
1. Gaggeessummaan biyya lafaa taayitaa (position) irratti hundaa’a:
Bartoonni waa’ee eenyutu caalaa irratti waliin morkii taasisan. Kunis kan duraa miti. Maarqos 9:34
ilaali. Yesus, mootonni biyya lafaa, gooftummaa fi aangoodhaan bulchu. Kun hundumtuu
taayitaadhaan kan wal qabatanii fi gaggeessummaa biyya lafaa keessatti iddoo olaanaa qabani dha.
Eenyutu irra caala? Eenyutu caalaa barbaachisaa dha?Kunniin wantoota bartoonni irratti wal
morkatan ture.
 Maree: Bartoonni maaliif waa’ee taayitaaf wal morkatan? Yesus maal akka ta’u
yaadanii sitti fakkaata?
 Leenjisaa:Hirmaattotni yaada isaanii akka ibsan hayyamiif.Yoo danda’ame, hirmaattotni
yaada bartootni qaban turan sana akka hubatan karaa agarsiisi.Kun akkamitti akka
hirmaattotni Yihudoota bara Yesus hubatan agarsiisa. Akka amantaa bartootaatti waan
Yesus mootummaa Roomaa jalaa isaan baasuudhaaf dhufe isaanitti fakkaata. Isaan
aangoo Yesuus agarsiisu sanaan dinqiin gurguddaan akka hojjetamu ni eeggatu. Dilbata
guyyaa sana dura Yesuus waan guddaa waan hojjeteef isaan mootii isa godhachuudhaaf

42
qophaa’anii turan. Otoo Yesus mootii isaanii ta’e, maal isa barbaachisa ture? Kaabinee!
Bartoonnis taayitaa kanaaf of qopheessaa turan jechuu dha.
Waan bartoonni ittiin wal morkataa turan sirriitti kan barreeffamne yoo jiraachuu baateyyuu tarii,
yaada armaan gadii ta’uu danda’a.
Pheexros:Yeroo hundumaa dursee kan dubbatu), “Ani isa caalu dha, sababni isaas hunduma keessan
caalaa gara Yesusitti nan maxxana. Ani nama jalqabaa isa waliin galaana irra adeeme dha”.
Andirewoos: “Obboleessa koo Pheexroos, eenyutu gara Yesusitti si fide? Ana! Ani si duran
waamame,…kunis eenyutu akka caalu siif ibsuu danda’a”.
Leewwii: (Isa qaraxa funaanu) “Garuu, yeroon isa duukaa bu’uu eegale akka ani nama nyaata
namoota baay’eef ta’u kenne yaadadhu. Akka kanatti kan isa ulfeesse eenyutu jira? Muuxannoo koo
Kanaan bulchiinsa isaa keessaa iddoo ol aanu akka naaf kennu sirriittan beeka. Kanaan ala,
hundumti keessan, hiyyeessota qurxummii qabaa turtan dha”.
Yihudaa: “Dhaaggeeffadhaa, obbolootaa! Namni qarshii to’atu nama hundumaa irra caalu akka ta’e
, innis immoo anuma akka ta’e hin beektaniiree? Ani isa hunduma keessan caalu dha”.
Yaaqob:“ Xiqqoo obsi Yihudaa!Yeroo Yesus gara gaaraatti ol ba’e sana yaadadhu. Inni siin hin
filanne, akkan duukaa dhaquuf anaan filate. Kun raga nama isatti maxxanu ta’uu koo mirkaneessu
dha”.
Toomaas: “ Humdumni keessan akka sirrii taatan nan shakka. Yesus waan mootii jara kanaa ta’u
natti hin fakkatu.Hundumni keenya basaastota taanee waan dhumnu natti fakaata”.
Yohaanis: (Suuta jedhee gidduu seenee), “ Maal jechaa akka jirtan anaaf hin galle. Ani waan
tokkoyyuu dubbachuu hin barbaadu, garuu hundumti keessan waan dogongortan natti
fakkata.Yaaqob! Anis isa waliin gara gaaraatti ol baheera.Garuu, ani eenyu akkan jedhame hin
beektu?‘Bartuu jaallatame yookiin isa Yesus jaalatu’.Isin keessaa eenyutu akkasitti waamame? Kun
al takkaa fi isa dhumaa waliin morkicha ni qabbaneessa.
Yesusis, kun akkaataa itti mootonni biyya lafaa bitan ykn gaggeessan itti hojjetani dha; isaan
taayitaa isa olaanaa barbaadu jedhe.
2. Gaggeessummaan biyya lafaa aangoo (power) dhaan to’atama (lak 25).
Gaggeesitootni biyya lafaa aangoo ykn humnaan to’atamu.Taayitaan gaggeessummaa isaanii aangoo
ykn humnaani.Gaggeessaan warra kaanitti akka barbaade dubbachuu fi ajajuu danda’a. Inni ni
dubata; warri kaan ni hojjetu.

43
Namoonni taayitaa irra taa’an aangoo isaanii agarsiisuu barbaadu. Namni biraa tokkollee akka isaan
morkatu hin barbaadan.Kun akkaata gaggeessummaan biyya lafaa ittiin to’atamu dha. Isaan
gaggeessummaa kan barbaadaniiif taayitaa isaaniin aangoo waan barbaadaniif. Isaan warra ajaja
kennani dha. Isaan nama guddaa, waan hundumaa to’atani dha. Kanaaf, isaan aangoo ykn human
ittiin taayitaa irra turaniif falmu yookiin carraaqu.
Abbootiin siyaasa maaliif filannoo mo’achuuf akka yeroo dheeraa, annisaa fi qarshii balleessan
xiinxali.Yeroo baayyee taayitaa anngoo isaaniif kennisiisu waan jaalataniif.
3. Gaggeessummaan biyya lafaa faayidaa (prestige) dhaan kan liqimfame dha.
Yesus, waari gooftummaa irra jiran kun ‘Gargaaroo biyyaa’ ofiin jechisiisu jedhe. Kana jechuun
namoonni warri kaan waa’ee isaanii akka odeessan, nama waan gaarii hojjete akka jedhamaniif
hawwu jechuu dha. Isaan, beekamuu, kabajamuu fi jaalatamuu barbaadu.Akka namoonni isaaniif
gugguufan barbaadu.Kunis kabaja ykn faayidaa isaaniif kennisiisa.
Gaggeessummaan biyya lafaa badhaasa yookiin kennaa adda addaa kan aangoo fi taayitaa isaanii
waliin dhufu hedduu qaba. Gaggeessichi teessuma olaanaa irra taa’a; konkolaataa gaarii
konkolaachisa; nyaata filatamaa soorata.Kunniin hundinuu, faayidaa gaggeessummaa biyya lafaa
waliin hidhata qaba.
Namoonni aangoo irra jiran waa’ee maqaa kabajaa isaaniif baay’ee of eeggatu.Maqaan kabajaa
guddaan, isaaniif hundumaa ol gaarii dha. Isaan, “ Kabajamoo, kantiibaa yookiin Baay’ee kan
jaalataman, hogganaa, dura taa’aa” jedhamanii waamamuutti baay’ee gammadu.
 Leenjisaa: Seenaa pirezedaantii fi abbaa irree Ugaandaa, Idi Amaan ture. Yeroo tokko
booji’amtoota Yihudaa qabaman keessaa tokkotu, “Mr. President” jedhee isa waamnaan
akkas jedhee ture. Maqaan kabajaa koo, “Field Marshal, Dr. Idi Amin DaDa” dha jedhee
deebiseef. Kun kan agarsiisu, namni tokko maqaa Kanaan ala yoo isa waame rakkoo keessa
galuu isaa agarsiisa. Seenaa kana fakkaatu naannoo kee irraa fayyadamuu dandeessa.
 Maree: Aadaan keenya faayidaa fi kabaja gaggeessitootaaf qaban irratti mariiyadhaa!
Taayitaa, aangoo fi faayidaan mallattoo gaggeessummaa warra biyya lafaa ti.Yesus immoo, “Isin
keessatti garuu akkas hin ta’iin” jedhe.Kun yaad rimee guddaa dha. Mootummaa isaa keessatti
akkaataa gaggeesummaa adda ta’etu jira. Seerota baay’eetu hojiirra oola.Duudhaalee baay’eetu
jira.Armaan gaditti ilaalla.
Hanga ammaatti wanti waldaa kiristaanaa keessaatti adeemsifamaa jiru gaggeessummaa biyya lafaa
irraa kan dhaalame fakkaata. Akkaataa gaggeessummaa warra kaanii arginee nuyis akkuma isaaniitti

44
gaggeessaa jirra.Yesus hanga bilisa nu baasuu fi qajeelfama isaa hanga hubannutti bifa
gaggeessummaa warra naannoo keenyaa irraa barren gaggeessaa itti fufna.
 Mareef: Bifa gaggeessummaa byya lafaa sadan waldaa kiristaanaa keessatti akkamitti
ilaalta?
 Leenjisaaf: Bifni gaggeessummaa kun sadan akkamitti akka mul’atan gadi fageenyaan akka
xiinxalan godhi. Deebii isaanii mata duree sadan gabatee gurraacha irratti barreessite
jalatti barreessi. Fakkeenyonni armaan gadii kun si gargaaru
Taayitaa (position): Tikseen waldaa doktiriinii waldaa tokkoo jabeessee eeguudhaan nama
guddaa ta’uuf abdachuu; Waraqaa raga adda addaa argachuudhaaf wal dorgommii adda
addaa keessa galuu; Miseensonni waldichaa, inni kun taayitaa olaanaa, inni sun immoo
taayitaa gad aanaa qaba akka jedhaniif mallattollee adda addaa agarsiisuu; “
Ani_________waldaa kanaa ta’uu koo hin beektanii?” jechuu.
Aangoo (Power):Namoonni sababa aangoo isaaniif akka isaan hordofan gochuu yaaluu,
“Waanan ani hojjedherratti gaaffii kaasuun kee maal jechuu keeti?” kan jedhan fa’a.
Faayidaa (Presitge): Maqaa kabajaa adda addaa fkn Senoir pastor, junior pastor, senior
teacher,…Waldaa tokko tokko keessatti maqaa kabajaa sirriidhaan hanga waamamanitti
namoonni waa namaaf hin goone jiru.
Kunniin hundumtuu bifa gaggeessummaa Yesus nurraa barbaadu miti.Yesus, amaloota
gaggeessummaa kiiristaanaa lama akka armaan gadiitti ibse.
II. Yesus gaggeessummaa kiristaanaa ibse (lakk 26-27)
1. Gaggeessummaan kiristaanaa dhimma hangafummaa (seniority) hin ilaallatu.
Yesus, “Isin keessaa inni hundumaa irra caalu akka isa hundumaa irra xinnaatuu haa ta’u,.” jedhe.
Baay’een keenya maatii keenya keessattinama hangafaaf kabaja kennina. Namni sun hangafa/
buleessa nu caalu, kan wanti gaggaariin isaaf malu jedhamee fudhatama. Akka barbaadetti ni ajaja.
Inni quxisuun mirga hin qabu.Yesus garuu, dhimmi kana garagaltoo godhe. Inni, “ inni tiksee
hangafaa ta’e akka miseensa isa xinnaa haa ta’u” jedhe.
Yesus, garraamotaa akka taanuu fi iddoo isa gad aanaa akka qabannu nutti hima. Yeroo bartoonni
isaan gidduudhaa eenyu akka caalu irratti wal falmaa turan, Yesus garuu, “Waa’ee eenyutu caalaa
wal hin morkatiinaa” jedhee ture. Eenyutu dursaa yookiin koree yookiin tiksee akka ta’uuf hin
yaada’iinaa jedhe. Nuni hundumti keenya kiristoos keessatti obboloota. Waa’ee taayitaaf yookiis
aangoof kan wal falminu yoo ta’e ilaalchi gaggeessummaa kiristaanaa nu keessa hin jiru.

45
Gaggeessummaa kiristaanaa keessatti taayitaa, aangoo, maqaa kabajaa fi faayidaaf wal dorgomuun
hin jiru.
 Mareef: Kana jechuun, maqaa kabajaa qabaachuun hamaa dha jechuu dha?
 Leenjisaaf: Maqaa kabajaa yookiis aangoo qabaachuun ofii isaatiin hamaa miti.
Amnatoonni tiksee isaaniin, Paastor, jechuunis hammeenya hin qabu. Haa t’u malee, namni
maqaa kabajaa fi aangoo sana qabu, sababii maqichaan akka of hin tuulleefi. Yesuus
ilaalcha garaa irraa malee maqaa kabaajaa yookiin aangoo irraa dhimmi hin qabaatu.
Bartoonni, akka yaada isaaniitti guddinni taayitaa, aangoo fi kabaja keessa kan jiru se’an. Garuu
guddinni isaan kanneen otoo hin taane, amala (character) keessatti argama.
2. Gaggeessumman kiristaanaa tajaajilummaan beekama (lakk 26).
Yesus, “ Inni gaggeessu akka isa warra kaaniif hojjetuu haa ta’u…” jedhee dubbate. Kun waan
bu’uuraa ti. Uumama keenyatti nuti tajaajilamuu barbaadna. Warri kaan akka waa nuuf godhan
feena. Waldaa keessatti mana qulqulleessuu fi barcuma sirreessuudhaaf warri kaan akka yaadda’an
filanna. “Ani want asana hojjechuudhaaf nama baay’ee barbaachisaa dha” ofiin jenna. Kun namoota
hundumaaf, keessumattuu immoo namoota aangoo gaggeessummaa irra jiraniif dhugaa dha. Garuu,
Yesus bartoonni isaa tajaajiltoota akka ta’an dubbate.
 Mareef: Gochii fi ilaalchi tajaajilaa sadarkaa gadi aanaaf kennamu akka naannoo keetti
maal fakkaata?
 Leenjisaaf: Hirmaattotni amala tajaajilaa (servant) naannoo isaanii akka himan deeggari.
Bakka baay’eetti dubara yookiin dhiirota mana keessaa hojjetantu baay’atu. Iddoo biraatti
immoo namoota gartuu gadi aanaa hojii jibbisiisaa (unpleasant tasks) hojjetantu jiru.
Amaloota hojii fi ilaalcha waa’ee isaaniif qaban akka tarreessan hirmaattota deeggari. Itti
aansuudhaan amaloota gaggeessummaa kiristaanaa arfan armaan gaditti tarreessi.

1. Amaloota Gaggeessaa kiristaanaa arfan


A. Gaggeessaan tajaajilaa namoota aboo qabaniif iddoo kenna (recognizes authority).
Tajaajilaan warra kaan gargaaruu malee mootummaa mataa isaa akka hin qabne beeka. Inni nama
aboo irra jirutti asii ol hin dubbatu, sababni isaa aangoodhaan riqichaa (bottom of ladder) jalatti akka
argamu beeka.
Gaggeessummaa keenya keessattis namoota aboo qabaniif abboomamuu qabna. Mootummaa mataa
keenyaa ijaarrachaa waan hin jirreef.

46
B. Gaggeessaan tajaajilaa mirga mataa isaa hin qabu
Tajaajilaan mirga mataa isaa hin gaafatu. Inni homaa hin qabu waan ta’eef! Hojiin isaa waan
gooftaan isaa isa ajaje qofa raawwachuu dha. Tajaajilaan humnaan hin adeemu. Tajaajilaa humna
isaan socho’u argitee beekta? Hin jiru! Isaan mirga mataa isaanii akka hin qabne ni beeku; ni
yaadatus.
Nuni gaggeessaa kan taaneef, namoota irraa waa argachuuf ta’uu hin qabu; mirga keenya kenninee
tajaajiluu qabna. Namoota nu jala jiran irraa waa eeggannaa? Yeroo kabajamuu dhiisnu ni aarra
laata?
C. Gaggeessaan tajaajilaa cimee hojjechuutu irraa barbaadama.
Tajaajilaan boqochuu fi mijeeffachuun isaaf hin hayyamamu. Isarraa cimee hojjechuu fi hojjechuutu
barbaadama. Ganama barii dhaa hanga halkan waariitti hojechuutu irraa barbaadama.
Gaggeessummaan CIMANII hojjechuu dha. Cimtee hojjechuuf yoo of hin qopheessine ati iddoo
malee jirta!
D. Gaggeessaan tajaajilaa beekamtii (recognition) hin barbaadu.
Tajaajilaan galateeffamuu fi harki walitti rukutamuufii isa hin barbaachisu. Inni hojii isarraa
barbaadamu hojjete waan ta’eef.
Yeroo hojiin kee beekamtii dhabu akkamitti simatta? Namni tokkollee yoo beekuu baate, itti fuftee
hojjechuuf fedhii qabda?
2. Gufuuwwan gaggeessummaa kiristaanaa
 Mareef: Maaliif akka gaggeessaa tajaajilaatti gaggeessuun ulfaataa ta’e?
 Leenjisaaf: Deebii hirmaattotaa hedduu harkaa fuudhi. Baay’een isaanii kanneen ar,aan
gaditti eeraman ta’uu danda’u fkn: of tuulummaa fi nama fakkeenya gaarii ta’u (role model )
dhabuu
A. Of tuulummaa (Pride)
Of tuulummaan wantoota tajaajilaa akka hin taane nu danqan keessaa isa hangafaati. Iddoo gadi
aanaa hin barbaadnu; hogganaa (boss) ta’uu barbaadna. Beekamtii barbaadna; Taayitaan nutti tola;
Maqaan kabajaa miira keenya (ego) ol nuuf kaasa. Haa ta’u malee of tuulummaan jireenya
gaggeessaa kiristaanaa keessatti hin hojjetu.
1 Pheexros 5:5-6, “… Waaqayyo warra kooran, ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisanif
immoo ayyaana in kenna” jedha.

47
Waaqayyo of tuulummaa keenya gidduu akka galu hayyamuu qabna. Gaggeessitootni warra
gaggeeffaman caalaatti karaa kanaan ni qoramu.
 Leenjisaaf: Muuxannoo kee gama kanaan qabdu hirmaattotaaf qoodiif!
B. Ofitti amanuu dadhabuu (insecurity)
Ofitti amanuu dadhabuun gufuu gaggeessaa tajaajilaa mudatu keessaa isa tokko. Gaggeessaan ofitti
amanu tokko eenyu akka ta’e/taatee fi Waaqayyo maal akka irraa barbaadu ni beeka. Kun of
tuulummaa otoo hin taane, waamicha Waaqayyo jireenya isaanii irratti qabu irratti ofitti
amanamummaa qabaachuu agarsiisa.
Gaggeessitootni hedduun ofitti hin amanan; kiristoos keessatti eenyu akka ta’anii fi waamicha isaa
jireenya isaanii irratti hin beekan.
Namni ofitti hin amanne ceephoo hin fudhatu. Ofii isaa gadi buusuu hin danda’u, sababni isaa
namoonni warri kaan waa’ee isaa akka yaadan itti dhagahama. Namoonni warri kaan, “ obboleessa
koo” akka ittiin jedhan hin barbaadu, sababni isaa, dandeettii gaggeessummaa isaatti hin amanu
waan ta’eef. Tajaajilaa ta’uun kan sitti ulfaatu yoo ta’e, nama ofitti amanu ta’uu kee mirkaneeffadhu!
Yesus miilla bartoota isaa dhiquuf otoo gad hin jedhiin dura, macaafni akkas jedha,
Yoh 13: 3-4, “Yesus immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka
kenne, inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe, gara Waaqayyoos akka dhaqu in
beeke. Kanaafis irbaata irraa ka’ee, wayyaa isaa ofirraa fuudhee kaa’ee,….”.
Yesuus aangoo isaa, madda isaa fi dhuma isaa irratti ofitti ni amana. Miilla bartoota yoo dhiqeyyuu,
kun eenyummaa isaa hin jijjiirre. Inni gaggeessaa ofitti amanu ture. Kanaaf, ni tajaajile.

C. Nama fakkenya gaarii ta’u (role model) dhabuu


Gufuun biroo gaggeessaa tajaajilaa ta’e namoota naannoo keenyaa fakkeenya gaarii nuuf ta’an
dhabuu dha. Namoonni baay’een gaggeessaa tajaajilaa jalatti hin guddanne; naannoo ofii ilaaluun
nama gama hundaan fakkeenya gaarii ta’u hin arganne. Addunyaa keenya hedduu keessatti
gaggeessaa tajaajilaan hin beekamu.
Kunniin hundinuu haalicha yoo ulfeessaniyyuu, garuu waan hin danda’amne miti. Ammayyuu
Yesus fakkeenya keenya dha. Isa duukaa bu’uudhaan, gaggeessitoota dhaloota haaraa kanneen
tajaajiluun maal akka ta’e beekan eegaluu dandeenya.

48
3. Fakkeenyota Gaggeessaa Tajaajilaa: YESUS
Yesus mataan isaa fakkeenya keenya. Inni gaggeessaa hanga har’aatti addunyaan argatte dha. Garuu,
inni tajaajilaa ta’ee dhufe. Guyyaadhuma sana, bartoonni waliin morkii eenyutu caalaa gochaa turan;
Yesus miilla isaanii dhiqe (Yohaannis 13)
 Leenjisaaf: Asirratti wanta mul’atu tokkotti fayyadami, fooxaa fi bishaan qodaa xinnootti.
Ofii kee bakka seenaa sanaa of buusii akka waan bartootaaf miilla dhiqxuutti fakkeenyaan
agarsiisi. Miilla nama tokkoo dhiqxee agarsiisuu dandeessa. Hafuura qulqulluun sirra bu’uu
danda’aatii of eeggadhu!
Taatee yeroo sanaa yaadadhu! Bartoonni gara kutaatti ol seenaniiru. Bishaan achi jira, fooxaanis
qophaa’eera. Wanti dhabame yoo jiraate tajaajilaa qofa. Namni hundinuu barbaachisummaa isaa ni
hubatu, garuu of hin kennan. Pheexroos hin yaadne, garuu nama guddaa ture. Warri kaanis
akkasuma bishaanichaa fi fooxaa sana ofirra dabarsan-tajaajilaa barbaacha! Hundumti isaanii miilla
isaanii isa hin dhiqamne baatanii taa’an, nama biraa eegu. Eenyu miilla xuraa’aa kana haa dhiqu?
INNI YESUS dha! Inni fooxaa mudhii isaatti hidhatee, miilla isaanii dhiquudhaaf gadi jedhe. Isaan
keessaa namni tokko dhiquu akka qabu ni beeku turan; garuu hojjechuu hin dandeenye. Yesus,
gaggeessaa isaanii, hogganaa isaanii waan tureef, kana gochuun akka irra hin jirretti nahanii wal
ilaalaa turan. Inni nama raajii guddaa hojjete, nama Waaqayyoo ture. Pheexroos diduuf yaalee ture.
Garuu boodatti hafeera. Yeroo namni guddaan kun gad jedhee miilla isaanii dhiqu maaltu akka
isaanitti dhagahamu yaadi. Waan hin irraanfatamne isaan keessa kaa’e. Nuyis irraanfachuu hin
qabnu.
Miilla bartoota dhiquudhaan, akka isa hordofnuuf fakkeenya nuuf ta’e Yesus. Wangeela Maarqos
10:45 irratti akkas jedhe Yesus, “Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf
hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay’eetiif kennuuf malee” jedhe.
Caqasa kana yaadachuu qabna.Yesus tajaajilamuu hin barbaadne; inni tajaajiluuf dhufe, nuyis
akkasuma gochuu qabna.
Akka ilaalcha keenyaatti, namni nama tajaajilu, nama faayidaa hin qabne, hin kabajamnee fi nama,
nama guddaa ta’uu hin dandeenye nutti fakkaata. Garuu, waldaa keessattis ta’e addunyaa irratti
gaggeessitootni tajaajiltoota ta’an gaggeessitoota gurguddoo dha. Kiristoos gad of deebisee tajaajile.
Nuyi fakkeenya isaa duukaa bu’uuf waamamneerra. Barumsa kana keessaa waan hundumaa yoo
irraanfatte, gaggeessaan kiristaanaa tajaajilaa ta’uu isaa yaadadhu!

49
Gudunfaa
Ati gaggeessaa gosa kamiiti? Gaggeessaa akka kan biyya lafaa moo akka kan kiristaanaa? Ilaalchaa
fi yaadota gaggeessummaa biyya lafaa of keessatti ni keessumsiifta? Laphee kee keessa maaltu jira?
Gaggeessaa tajaajilaa ta’uu barbaadda? Addunyaan kun gaggeessitoota akkasii eeggachaa jirti. Isaan
keessaa tokko ta’uu feeta?
Qorannoo nama dhuunfaa (case study)
Nama Caalaa jedhamu hogganaa ganda tokkoo kan hojii isaan namoota biratti kabajaa guddaa
qabu ture. Ayyaana gandicha keessatti qophaa’u irratti affeeramee iddoo olaanaa fi nyaata
babba’eessa nyaachuun isatti tola ture. Namoota warra kaan ajajuu kan jaalatuu fi namoonnis kan
isaaf abboomaman ture. Waldaa gandittii keessatti dhaabattetti hin gammadu. Tiksee waldaa
sanaatti ni hinaafa ture. Sababni isaa, namoonni hedduun isa caalaa tiksee sanaaf waan ulfina
kennaniif. Garuu, erga haati manaa isaa dhukkuba cimaa irraa fayyitee, gooftaa Yesusitti amanee
waldaatti deddeebi’uu eegale. Otoo hin turiin, tikseen waldaa sun akka inni gaggeessaa waldittii
ta’uuf isa gaafate. Kana booddee, otoo aangoo sana hin fudhatiin dura gorsaaf gara kee dhufee,
“Maal godhu? Garaagarummaan gaggeessummaa isa kan waldaa kanaa fi isa kan ganda keessaa
maali? Waldaa kana gaggeessuudhaaf qophaa’aa ta’uu koo akkamittan beeka?” jedhee yoo si
gaafate barumsa armaan olitti barate irratti hundooftee gorsa maalii kennitaaf?

50
Abbaltii Gochaa
Maqaa:___________________________________
Gaaffilee armaan gadii amanamummaadhaan deebisi.
1. Waa’ee tajaajilaa armaan gaditti dhiyaate irratti ofii kee sadarkaa ofiif kenni. Bakka si
ilaallatutti mallattoo “X” kaa’i.
_________Ani tasuma akka gaggeessaa tajaajilaatti hin gaggeessine.
________Ani darbee darbee akka gaggeessaa tajaajilaatti gaggeesseera.
_______Ani yeroo baayyee akka gaggeessaa tajaajilaatti gaggeesseera.
_______Ani yeroo hundumaa akka gaggeessaa tajaajilaatti gaggeesseera.
2. Wantoota sadan Yesu tuqe: Taayitaa, aangoo fi faayidaa
Isaan kanneen sadan keessaa isa kam irratti yeroo baay’ee qoramta?__________
(Homaayyuu hin jedhiin! Sadan isaanii keessaa yoo xiqqaate tokkoon ni qoramta waan
ta’eef). Fakkenya tokko fudhadhuu ibsi.
3. Gufuuwwan tajaajilaa sadan ilaali (Oftuulummaa, fitti amanuu dadhabuu fi nama fakkeenya
ta’u dhabuu). Isa kamtu caalaatti tajaajiluu irraa si dhorke?
4. Akka gaggeessaatti tajaajiluuf, tajaajila kee keessatti isa kamtu caalmaatti sitti ulfaata (Fkn:
Hojii gad aanaa ta’e isaaniif hojjechuu, maqaa kabajaa isaan irraa barbaaduu, yeroo bal’aa
kennuufii,….)?
5. Yohaannis 13 dubbisi. Yeroo dubbistee xumurtu as milikkita godhi _____________
Kana booda, armaan gaditti gochaawwan akkasii kam fa’a gochuu akka dandeessu itti yaadi:
Maatii koo keessatti………………………………………………
Uummata naannoo koo keessatti…………………………………
Waldaa koo keessatti…………………………………………….
6. Gaaffii 5ffaa irraa tarkaanfiin ati fudhatte maali? Bu’aan isaa hoo?

51
GAHUMSA DHOKATAA BOCUU
Kutaa macaafaa
Ab. Firdii 6:17-40 Seenaa Geediyoon, kutaa lammaffaa
Qajeelfama
Gahumsa Waaqayyo nu keessa kaa’e hubachuun baayyee murteessaa dha. Haa ta’u malee, hanga
guddachuuf tarkaanfii fudhannutti nu jijjiiruu hin danda’u. Barumsi kun guddachuudhaaf of
kenninee, yaada keenya sarara dhugaa Waaqayyyootti fiduudhaan sodaa kufaatii keenyaa dhorkinee
akkamitti akka gahumsa keenya bocnu nu barsiisa.
Kaayyoo barnootichaa
Barumsa kana booda hirmaattotni;
 Barbaachisummaa gahumsa ofii guddisuu
 Humna akka gaggeessaatti yaaduu keessa jiru
 Barbaachisummaa guddina dhuunfaarratti xiyyeeffachuu fi
 Akkamitti kufaatii sodaachun gaggeessaa tokko akka daangessu ni beeku.
Galma gochaa
Barumsa kana booda hirmaattonni
 Karoora guddina dhuunfaa isaanii ni baafatu
 Mala ofitti dubbachuutiin akkaataa yaaduu isaanii ni jijjiiru
 Kufaatiiwwan guddina dhuunfaaf danqaa ta’an gargar ni baasu.
Seensa
Humna dhokataa hubachuu fi wanta Waaqayyo jireenya keenya keessatti raawwatu beekun waan
guddaa dha. Garuu humni dhokataan kun hojiirra akka ooluf yoo barbaadde sadarkaa lammaaffaan
itti ce’amuu qabu jira. Innis dandeetti dhokataa gabbisuu dha.Ilaaluu qofaan ga’aa miti, bocuunis
nurraa eegama.
Kutaa gahumsa dhokataa nu keessaa arguu jedhu dhumarratti Geediyoon gahumsa isaa arguu akka
eegale ilaalleerra. Amma immoo gahumsa isa keessa taa’e sana guddisuu fi bocuun isarraa eegama.

Kutaa macaafaa: Abboota Firdii 6:17-40 Dubbisaa!

52
Leenjisaa: Yeroo maree fi calaqqee gahaa ta’e kenniif. Barbbachisummaa fi akkaataa itti
Geediyoon gahumsa dhokataa isa keessa jiruun akka gaggeessatti akka guddate hubachuu
isaanii mirkaneeffadhu.Jalqaba waamicha isaatti jabaachuu qaba. Gochaan gaggeessummaa
isaa inni jalqabaa halkan hojiirra oole; sababni isaa soda waan qabuuf!Tarkaanfiin kun
adeemsa isaa isa itti aanuuf ija jabinaa fi ofitti amanamummaa guddaa kenneeraaf.Ammayyuu
hariiroo Waaqayyo waliin qabubaayyee gadi fageessuuf mallattoo adda biraa gaafachuutu isarra
ture.Adeemsa kanneen hundumaa keessa Geediyoon akka gaggeessaatti guddate.Gahumsi isa
keessaa ni guddate. Kun handhuura barnoota kanaati.

Geediyoon gahumsa isaa arguu eegaleera; garuu tarkaanfiin biraan fuuldura isaa jiru akka inni
gaggeessaa cimaa ta’uuf isa gargaareera. Yeroo fudhannee boqonnaa itti aanan keessatti yoo ilaalle,
Geediyoon akka gaggeessaa cimaatti itti fufuu isaa fi bu’aa bahii jajjaboo hedduu keessa akka darbee
fi kunis caalmaatti Waaqayyotti akka inni amanatuuf isa gargaareera.
Gaggeessitoonni hundiyyuu gahumsa dhokataa isaan keessa jiru arguu fi waan Waaqayyo isaan
keessa kaa’e guddisuu qabu. Akka gaggeessaa tokkootti gahumsa dhokataa si keessa jiru bocuuf
waan sadii gochuu qabda: Guddachuuf of kennuu, Sammuu kee leenjisuu fi kufaatii bira darbuu.
I. Guddachuuf of kenni.
Geediyoon akka Gaggeessaatti guddachuu qaba ture. Waaqayyo irraa dhagahuu fi isa amanachuu
qaba. Akkamitti akka namoota biro waliin hojjetanii fi rakkoo furan beekuu qaba.
Erga eenyummaa kee fi dandeettii dhokataa kee beektee, hojichi ni jalqaba. Dandeettii dhokataa kee
bira ga’uun wanta Waaqayyo siin hojjechuu barbaade raawwachuuf dhamaatii kee gaafata. Qabxiin
kun wanta namonni baay’een hubachuu dadhabani. Waa’ee dandeetti dhokataa raajeffachuun
abjoochuu jalqabu. Wanti nama gaddisiiuu garuu hin dammaqan. Geggeesitootni hafuuraa baay’een
waa’ee eebbaa ni kadhatu. Cabsanii darbuu fi wanti adda ta’e jireenya isaanii keessatti akka uumamu
ni barbaadu. Jireenya isaanitiin baay’ee rakkatu, waldaan maaliif hin bal’anne jechuun ni dhiphatu,
namonni maaliif nu duukaa hin buune jedhu. Yeroo hunda Waaqayyoon eeggatu. Aarsaa nama
guddaa ta’uun nama kafalchiisu baasuu garuu hin barbaadan.
Maree garee: Gareedhaan ta’uun seenaa Geediyoon irraa ka’uun mariiyadhaa.
1. Seenaan kun hariiroo Geediyoon Waaqayo waliin qabu maal nu barsiisa?
2. Luqqisii 27ffaan waa’ee hojii gaggeessummaa Geediyoon duraa maal nu hubachiisa?
3. Hojii gaggeessummaa Geediyoon luqqisii 34ffaa irratti fudhate maal ture? Akka
gaggeesaa tokkootti guddachuu isaa akkamitti agarsiisa?

53
4. Gara dirree lolaatti osoo hin seeniin dura, Geediyoon ammas Waaqayyo wajjin walitti
dudubbachaa ture (36-40). Waliin dubbiin kun maaliif barbaachise? Kun immoo akkamitti
guddina gaggeessummaa isaf isa gargaare?

54
Gahumsa dhokataa nu keessa jiru mul’isuuf carraaqqii gochuu yoo baanne, gahumsi nu keessa jiru
akkasumma hafa. Furtuun isaa guddachuu dha.
Waldaan Kiristaanaa dhabinsa gaggeesummaatiin rakkachaa jirti; kun immoo duuka buutota gahoo
kan baratanii fi guddatan dhabuurraa dhufe.Garaagarummaan gaggeesitootaa fi hordoftootaa
garaagarummaa kennaa osoo hin taane kan guddachuu ti. Warreen barachuu fi guddachuuf of
kennan yeroo hundumaa gaggeessitoota; sababni isaa isaan sadarkaan ol (above average) dha.
Namoota Waaqayyoof waan guddaa hojjetan ilaaluun “Nama ajaa’iba baay’ee guddatan Waaqayyo
isaan eebbise” jechuu dandeenya. Lakkisaa! sana kan gochuu danda’aniif dandeettii dhokataa
Waaqayyo isaaniif kenne hojiirra waan oolchaniifi. Iddoo ati har’a isaan itti argitee hin jalqabne.
Namni Liyoonard Ravenhill garee daawwatoota gara mandara Awurophaa dhufuun gaaffii
“Mandara kana keessatti namni guddaan dhalatee beekaa?” jedhuuf kenne nama ajaa’iba “Lakki
daa’ima duwwaa dha” jedhee deebise. Kun dhugaa tokko nutti agarsiisa. Namoonni milkaa’ina
guddaa argatan milkaa’ina sana bira ga’uuf waan hiixataniifi. Namni of tolchee gara addunyaa kanaa
dhufe hin jiru, guutumaan guututti dandeetti hunda qabatee kan dhalates hin jiru. Namonni
milkaa’an hundi guddinaaf kan of kennanifi kan hiixatan turan.
Akkamitti guddanna?
1. Guddachuuf kakka’umsa qabaachuu.
Guddachuuf filannoo taasisuu qabna.Guddachuuf kaka’umsa qabaachuu qabda.Amantoonni
baay’een ji’oota yookin waggoota muraasaaf qofa erga guddatanii booddee dhaabatu.Har’a jireenya
kee irratti ifa gadhiisuudhaan kaka’umsa si keessatti uumuun barbaada. Fedha guddaan wanta
Waaqayyo si uumef raawwadhu. Kun filannoo dhuunfaati. Dorgommii namoota kan biraa wajjin
qabdu otoo hin taane dorgomnii ofii kee wajjin taasiftu dha.
“Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenyaa Yesus Kristosin beekuttis guddadhaa! Bara
si’anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta’u! Ameen” 2Phex 3:18
Yeroo guddannu ulfina Waaqayyoof finna.Hanga fedhe amanaa taanee haa jiraannu iyyuu malee
fedhii guddachu garuu qabaachuu qabna.
Wanta Kristos nu uumeef sana ta’uuf fedha qabaachuu qabna. Wanta caalutti maaf hin
dabarru?Kristos keessa ta’uun waan gochuu dandeenyu hunda, barachuu, guddachuu, dubbisuu gara
fuuldurratti deemuu haa jalqabnu.Gara fuuldurratti hin deemtu taanan gara duubatti mucucaachaa
jiraachuu kee siif mirkaneessun barbaada.Barachuuf maal gochaa jirta?Leenjiwwan hirmaachaa
jirtaa? Kitaabota ni dubbistaa?

55
Namni kam iyyuu dandeettii dhokataa, carraa geggeessaa ta’uu kan uumaa isaatiin isaaf kenname ni
qaba. Haata’uutii, baay’en keenya, fedhii guddachuu hin qabnu, dandeettii keenya guddifachuu hin
barbaannu. Namonni baay’een yaada nama biraatiin, adeemsa ergisaatiin eenyummaa isaanitti otoo
hin fayyadamiin jiraatu.
“Addunyaan keenya rakkoo hir’ina geggessatiin rakkachaa jirti; garuu ati jijjiirruu ni dandeessa.
Si keessa dandeetti, ga’umsaa fi humna dhaloota jijjiiruu danda’utu jira. Namni kan biraa dhufee itti
gaafatamummaa akka fudhatu hin heyyamin. Ammuma ka’ii hojjedhu!
Teessuma duuka buutotaa irraa ka’i mana barumsa geggeessotaa seenuun namootni dandeettii
dhokataa isaanitti akka fayyadaman isaan taasisi “Maayles Muuniroo. Kitaaba “Becoming a
leader” jedhu fuula 35,40,170 irraa.
Baay’een keenya hanga dandeenyuu gadi hojjechaa jirra.Ammuuma ka’i kaayyoo Waaqayyo siif
karoorse bira ga’uuf socho’i. Yeroon kun kan itti dammaqxu. Inni kun immo filannoo dhuunfaa
gaafata.
“Akkakayyuun kee hammam illee haa dheeratani guddina kee sumatu rawwata,” jecha warra
Ayirish.
Namoonni baay’een guddinaaf kakka’umsa hin qaban.Sababni isaa guddinni jijjiirama qaba jedhanii
waan yaadaniif. Faarfannaa “ani hin socho’u” jedhu jaalatu. Malaa fi tooftaa haaraa baasuun jireenya
haala adda ta’een jiraachuu hin barbaadan.Wantuma kanaan dura hojjetan hojjechaa jiraachuu
barbaadu. Jecha Maaksiweel anis ittan waliigala “yoo waanuma kanaan dura hojjette ammas
hojjechaa jirta ta’e waanuma kanaan dura argattu argatta” Addunyaan jijjiramaa jirti.Yeroon
ammaa waggoota darban digdamanin garaagarummaa qaba.Dammaqi, guddaadhu, jijjiramaaf fedhii
qabaadhu.
“Namoonni tokko tokko nama ajaa’ibu milkaa’uu ni barbaadu garuu jijjiramuu hin fedhan. Kan
guddachuu barbaadanis rakkoodhuma isaanii furuufi.Garuu sochiin dandeetti dhokataa isaanii bira
ga’uuf ta’uu qaba” Maaksiweel.
Waaqayyo jijjiiramuun isa hin barbaachisu, inni yeroo humdumaa sanuma.Nuti garuu jireenya
ulfinaa gara ulfinaatti jijjiramuutti waamamne.

56
2. Dubbisuu
Karaan ittiin guddannu keessaa inni kan biraa dubbisuu dha. Akkuma sochiin qaamaaf barbaachisaa
ta’e dubbisni immoo sammuu keenyaaf murteessaa dha.Yeroo dhiyootti kitaabni ati dubbiste isa
kami?Wanti haaraan ati argatte hoo? Amala Waaqayyoo kan hubatte jiraa? Akka Kristoos
fakkaachutti guddattuuf wanti inni si gargaare maali?
Amalli badaan barnootaa inni tokko,kan inni dubbisu jajjabeessuuf qormaata darbuuf qofa waan
ta’eef sana booda dubbisuun ni dhaabata. Waraqaan ragaa namoota baay’edhaaf dhuma dubbisuu
otoo hin taane jalqaba dubbisuu akka ta’etti ilaalu.
“Yoon qarshii xiqqoo argadhe kitaabanan bitadha, yoo irraa hafe immoo huccuu fi nyaatan
bitadha”.Irrasmas, abboota waldaa warra durii keessaa isa tokko.
“Kitaabotarra huccuu baay’ee qabaachuun amala badaadha” F.Wander
“Namni kitaaba bayeessa hin dubbisne namoota duruma hin dubbisne hin caalu” madda hin
beekame.
“Dubbisi yookin tajaajila dhaabi” Joon Wisely
Kun wanta bara jireenya keenyaa raawwachuu qabnu. Leenjii guyyaa tokkootiin waan argannu miti.
“Ati ni dubbista? Hin dubbistu taanaan irra mataa keetu rifeensaan guutuudha malee keessi
mataa kee duwwaa dha”!Kun Yaada dhuunfaa kooti (Biqilaa Raggaasaa).
3. Guddachuuf yeroo akka qabaattu jireenya kee qindeessi.
Hojiiwwan tokko tokko sagantaa kee keessaa kutii baasi. Kun murtoo kan barbaadu yoo ta’e illee
baay’een keenya hojiitti qabamnee jirra.
Yoo guddachaa hin jirru ta’e du’aa jirra waan ta’eef dhuunfaan guddachuuf dursa kennuun nurra
jiraata. Dubbisuuf, kadhachuuf, guddachuuf yeroo fudhadhu. “yeroon yeroo argadhu” jechuu dhaabi!
Yeroodhuma kana booda argachuuf jirtu qabda.Guddinaaf dursa kenni.
Carraa guddachuuf argattu hundumatti fayyadami.Dubbisi, mana kitaabaa gali, leenjii hordofi,
kitaaba dubbisi, utuu gara hirribaa hin deemiin boqonnaa tokko dubbisi.
4. Wanta baratte hojiirra oolchi.
Beekumsa hojiitti hiiki.Wanta argattetti fayyadami. Kana hin taanee yoo ta’e guddinni kee kan
sammuu qofa ta’a kun immoo beekumsa bu’aa hin qabne dha.
Wanta dubbiste irraa yaadannoo qabadhu.Yaadota lallaba qopheessuuf si fayyadan barreessi.
Mul’ata qabaachuu qabda, sana immoo dhugoomsuuf kaayyoo lafa kaawwachuu qabda. Hojii cimaa
barbaada. Milkaa’ina bira ga’uuf karaan qaxxaamuraa hin jiru.

57
Amanaa otuu itti gaafatamummaa hin fudhatiin qabeenya Waaqayyo irraa fudhattu hin ta’in.
Amantoota baay’etu deebi’ee dhufuu gooftaa hawwa.Kiristiyaana guddatu ta’i.
Maayles Muuniroo, “Namoota baay’etu mana barumsa sadarkaa ol aanaa xumuruun, koollejjii fi
Yuniversitii hedduu seenuun eebifama. Garuu barresitoota, imaltoota fi lallabdoota meeqatu
namonni kun akka dandeettii isaanitti fayyadaman kakaasan?”.
Irra deebii: Dandeettii dhoksaa kee gabbifachuuf, sammuu kee leenjisi, guddinaaf of kenni.
II. Sammuu kee leenjisi
Seenaa Geediyoon irraa akka hubannetti Geediyoon dura akka gaggeessaatti of hin ilaalu ture. Akka
nam xiqqootti of ilaalaa ture. Ilaalchi isaa kun gahumsa Waaqayyo isa keessa kaa’e arguuf jijjiiramu
qaba.
Sammuu keenya leenjisuuf wantoota lama gochuu qabna.
A. Humna sammuu beekuu
Baroota dheeraadhaaf, atileetonnii maayilii tokko daqiiqaa afurii gadittii fiiganii xumuruuf dhama’aa
turan garuu hin dandeenye. Sana booda, bara 1954, Roojer Baanister riikardii addunyaa fooyyesuun
daqiiqa afurii gadiin xumure, sana booda wanta baay’ee nama ajaa’ibsisutu mul’ate, bara 1955
namoota 57 tu riikardii Baanister fooyyessan. Bara 1956 namoota 300 ta’an fooyyesan.
Kun akkamitti danda’ame? Dandeettii atileetotaatu guutumaan guututti bara 1954 fi 1956 jidduutti
jijjiiramee? Lakki!! Atileetotni kan biraa “Erga Roojer Baanister fiigee nutis ni dandeenya “jedhanii
waan yaadaniifi. Ilaalchi isaanii ni jijjiirame. Kun humna sammuuti.
Heenerii Foord, akkas jeche “Akka dandeessu yoo yaadde akka hin dandeenye yoo yaaddes ati sirrii
dha”. Lakki kun macaafa qulqulluu wajjin wal hin simatu jetta ta’a. Mee wanta macaafni qulqulluun
jedhu ilaali:
“Namni akkuma garaa isatti yaade akkasuma” (For as he thinks in his heart, so is he,…( Fak
23:7)
Macaafni qulqulluun waanuma yaadnu akka taanu dubbata.Waraanni ciccimoon banaman
hundumtuu sammuu keenya to’achuufi. Seexanni sammuu keenya to’achuu barbaada sababni isaa
humna sammuun qabu ni beeka. Waan xinnoo akka yaannu yoo nu taasise xinnoo taanee akka hafnu
ni beeka. Akka hiyyeessa taane nu amansiisuu dandeenyaan hiyyeesuma taaneet hafna.Akka
wantoota gurguddaa hojjechuu hin dandeenye nu amansiisfnaan otuu hin danda’iin hafna.

58
“Nus hundumti keenya hawwa foon keenyaa duuka buunee, akka fedha namummaa keenyaa fi yaada
keenyaatti warra akkasii gidduu jiraanneera, kana irraa kan ka’es akkuma warra kaanii dhalootan
dheekamsa Waaqayyoo jala gallee turre”. Efe 2:3
Jireenya keenya isa moofaa keessatti yaada biyya lafaa hordofaa turre. Wanti nama gaddisiisu har’as
garuu namoonni tokko tokko yaada biyya lafa baatanii jiraatu! Hojii foonii yaadhiisan iyyuu malee
yaadni foonii garuu isaan keessa jira.
“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame
caalaa qara qaba, inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaada fi akeeka garaa
namaas qoree faraduudhaaf in danda’a. Ibr 4:12
Yaadni keenya Waaqayyoon murtaa’a.
“Yesuus iddoo sana dhiisee adeemee, gara mandara kutaa biyya itti aanuu dhaqe; bartoonni isaas
isa duukaa dhaqan.Guyyaa sanbataattis mana sagadaattii barsiisuu jalqabe.Warri isa dhaga’an
keessaas baay’een raajeffatanii, “Wanti kun hundinuus eessaa dhufeef?Ogummaa attamiitu isaaf
kenname?Hojii aangoo attam attamiitus harka isaatiin hojjetama?Kun muka soofticha ilma
Maariyaam, obboleessaa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii?Obboleettonni isaas as nu bira
jiru mitii?Jedhanii isa maman.Yesuus immoo “Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii
isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu” isaaniin jedhe. Harka isaa dhukubsatoota
muraasa irra kaa’ee isaan fayyise malee, kana irra kan caalu hojii aangoo achitti hojjechuu hin
dandeenye. Amanti – dhabina isaaniitti garuu baay’ee dinqifate.” Mar 6:1-6.
Seenaa armaan olii irraa maal hubatta? Uumatichi ilaalcha hamaa qaba! Hin amanan, yaada qajeeles
hin qaban.Jecha namootaa kana ilaali.
“Ilaalacha keeti malee abshaalummaa kee miti olka’insa kee kan murteessu” Ziig Ziiglaar.
“Nama yaada qajeelaa qabu milkaa’ina irraa wanti isa deebisu hin jiru, nama ilaalcha jal’aa qabu
immoo homtuu isa hin gargaaru” Tomas Jefersun.
B. Sammuu kee jijjiiruu akka dandeessu beeki
Haalli nuti itti yaannu yookin nu ijaara yookiin nu cabsa.Dandettii dhokataa keenya gabbifachuuf
akkaataa xinxala keenyaa jijjiirachuu qabna.Jijjiramuu waan danda’uuf.
“Argamni guddaan dhaloota koo keessatti arge ilmi namaa jireenya isaanii ilaalcha qaban jijjiruun
foyyeffachuu danda’uu isaaniti” Wiiliyaam James.
Seenaan kun waa’ee mucaa xiqqaa tokkoo ti. Harmeen isaa ganama barii mucaa isheetiin “guyyaa
guddaa ta’uuf ganama hirribaa dammaqi” jechuun isa kaafti. Mucichis dammaqee bariidhaan mana

59
qorraa keessatti otoo cireen hin qophaa’in hojjeta. Guyyaa tokko garuu baay’ee dadhabee harmee
isaatiin akkas jedhe “lakki harmee har’a guyyaa hamaatu dhufuuf jira” jedhe.Isheenis deebistee
“gara siree keetti deebi’i” jetteen. Innis ni deebi’e booda garuu mana hoo’aa keessatti fooliin ciree
qilleensa keessa tamsa’uu eegale mucichis dammaqe. Gara mana nyaata itti qopheessan deemun
harmee isaa ciree gaafate harmeen isaa garuu “baay’een gadda ciree siif hin kennu. Harmee kee
hangan ta’etti hamma naaf danda’ame guyyaan kun hamaa akka sitti ta’un taasisa” jetteen. Mucichis
siree irratti deebi’uun guyyaa nyaata malee oole.Guyyaa itti aanu ganama yeroo harmeen isaa
dhuftee isa waamtu dursee dammaqee huccuu isaa uffatee gammachuudhaan “Harmee, har’a guyyaa
bareedaatu dhufuuf jira” jechuun nagaa gaafate.
Ilaalchi kee bu’aa filannoo keeti.
Waa’ee ilaalcha keenya jijjiiruu macaafni qulqulluun maal jedha?
“Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa
hirmaattanii, Yesuusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa” Ibr
3:1
Yaada keenya murteessuu jechuun yaadni keenya eessatti deemuu akka qabu qajeelchuu fi to’achuu
dandeenya. Yaadni keenya hamaa yoo ta’e dafnee sirreefachuus ni dandeenya.
“Ammas yaa obboloota koo, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma
qajeelatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’ee, waanuma jaallatamaa, wanuma gurratti toluu,
waanuma gaarii ta’ee, waanuma galata qabu yaadaa”. Fil 4:8
Waanuma gaarii fi nama ijaaruu yaaduuf filannoo gochuu ni dandeenya.
“Waanuma ogummaa Waaqayyoo gufachiisidhaaf nu dura dhaabatu hundumaa diignee, yaada
namootaa kristoosiif abboomsisuudhaaf in boojina” 2Qor 10:5
Adeemsi booji’uu maal of keessatti qabata?Yaada hamaa wajjin wal’aansoo qabuun lafaan dhahanii
dirqamsiisuun yaada Kristos wajjin walii galuun akka hiriiru taasisuu dha.Akka inni abboomamu
taasisuu qabna. Lolli sammuu keenya keessa jiru iddoo hin tuqamne miti.
Sammuun keenya humna qaba garuu garbicha. Sammuun keenya inni keessaa wanta nuti akka
inni fudhatu taasisne hunda sobas haa ta’u dhugaa amanuun simata. Wanta irra deddeebinee itti
dubbanne ni fudhata.
Carraa gaarii kana fayyadamuun wanta gaarii ofirratti raajuu qabna.
Ofirratti raajuu jechuun wanta dhugaa ta’ee sammuun keenya inni riphaan (unconscious mind)
akka simatu irra deddeebi’uun dubbachuu jechuu dha.

60
Guyyaa 30 ganamaa fi galgala ofirratti raaji.Kun haala ati itti yaaddu jijjiiruuf humna ta’a.
Namoonni tokko tokko isa kana “Sammuu dhiquu” jechuun waamu.Dhugaan nuti beekuu qabnu
sammuun keenya qullaa’uu barbaada.

Leenjisaa: Shaakalli kun akkamitti akka inni si jijjiire dhugaa ba’iif garuu kan gochuu kee
mirkaneessi.
Inni kun akka mooraatti yoo fudhanne bu’aa addaa tokko illee hin qabu.Guddachuuf hojjechuu
qabna.Macafa dubbisuu, kadhachuu qabda. Garuu amani!
Sammuu kee leenjisuun dandeettii dhoksaa kee gabbifachuuf tarkaanfii isa duraati. Tarkaanfii
murteessaa dha, har’uma jalqabi bara jireenya kee itti fufi.
III. Kufaatii bira darbuu (Deal with failure)
Geediyoon wal’aansoo qabee ture; keessumattuu yeroo kufaatii sodaate sana. Halkan kan inni
hojjeteef waan sodaateefi. Osoo namoonni isatti gargagalaniiru ta’e maaltu ta’a ture?
Irra deebi’uun otoon “wanta Waaqayyo si uumeef bira akka hin geenye maaltu si daangessa” jedhe
“kufaatii sodaadheeni” naan jetta ta’a. Sodaan kufaatii baay’een keenya dandeettii dhokataa akka hin
guddisne nu taasisa.Wantoota gurguddaa hojjechuuf hin yaallu sababni isaa hin milkoofnu jennee
waan sodaannufi. Namoota 1000 gara kristoositti finna jennee lubbuu 500 qofa yoo arganne maaltu
ta’a? Yeroo baay’ee wantoota haaraa kan hin yaalleef yeroo dhumaaf wanti nuti yaallee ture waan
kufeefi.
Joon Maaksiweel dhimma kana ilaalchisee “Fuuldurratti kufuu” mata duree jedhuun kitaaba
barreessera.Kitaabicha keessattis “Garaa garummaan namoota kaanii fi namoota milkaa’an jidduu
jiru ilaalcha fi deebii isaan kufaatiif qabani” jedha.
“Milkaa’inni bara baraan turu hin jiru kufaatin hin dagatamnes hin jiru” Keen Blaanchaard.
Kufaatiin dandeettii Waaqayyo nu keessa olkaa’e akka ajjeessuuf heyyamuun nurra hin jiru.Mee
kufaatii akkkamiti akka haala bayeessa ta’een ilaaluu qabnu haa baranu. Namni kamiyyu ni kufa
garuu kufaatiin maal akka ta’e yaa ilaallu.
 Hiikaa haaraa kufaatiif barbaadi.
Kutaatiin maali?Yeroo kufnu akkamittiin of ilaalla? Kufaatiin dogongora namoota cimoo ta’aniin
hojjetamu moo agarsiistuu namoota dadhaboo ti? Tiim Eelmore “kufaatiin wanta numadatu malee
dhuma keenya akka hin taane” nutti hima.Kufaatiin wanta uumamuu danda’u.Gonkumaa
eenyummaa keenya ibsuu hin danda’u.“Ani kufe” jechuu fi “Ani kufaatiidha” jechuu jidduu garaa
garummaa bal’aatu jira. Kufaatiin, kufaatii na taasiisuu hin danda’u.

61
Kufaatiin wanta jireenya keessatti nu mudachuu danda’u akka ta’etti fudhadhu. Kufuu nan danda’a.
atis ni kufta, namni kamiyyuu kufuu ni danda’a. Macaafni qulqulluun “Hundumtinuu yakkaniiru
ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera jechuun dubbata. Dubbii kana cubbamtootatti ni lallabda ofii
keef garuu fudhachuu hin barbaaddu. Akka nama taane namni immoo dogongora uumuu akka
danda’u ni irranfatta. Sodaan kufaatii wanta Waaqayyo siin hojjechuuf yaade irraa akka si hambisu
hin heyyaminiif.
Kanaan dura kufteetta, ammas kufaa jirta gara fuuldurrattis kufuuf jirta.Garuu ati kufaatii
miti.Wanta guddaa gootee hin ilaaliin, akkamitti irraa barachuu akka qabduu hubachuun gara
fuulduratti adeemi.
Namoonni tokko tokko nama gonkaa akka ta’nitti waan of ilaalaniif yeroo baay’ee akka waan
kufaniitti of ilaalu. Madaallii addaatiin of ilaalu.Kun immoo ilaalcha kufaatii isa dogongoraati.
Seexanni kufaatii keenya akka kufaatii taane fakkeessee nutti agarsiisa.Doseewwaan kufaatii
keenyaa olkaa’uudhaan itti fayyadamee gara fuulduratti akka hin deebine nu taasisa. Yeroo inni
dhufu, kufaatii isa yeroo inni Yesus ajjeesudhaan waan hunda waan xumure itti fakkaate sana itti
himi.
 Kufaatii keetiif itti gaafatamummaa fudhadhu.
Wanti inni lammaffaa hojjechuu qabnu yeroo kufaatii raawwanne itti gaafatamummaa isaa
fudhachuu dha.Dirqama itti gaafatamummaa isaa fudhachuu qabna.Otuu itti gaafatammumaa hin
fudhatiin aangoo hin argannu. Namoonni baay’een aangoo ni barbaadu garuu itti gaafatamummaa
fudhachuu hin barbaadan. Isaan kun fuula garaa garaa saantima tokkooti.
“Namootni kuun yeroodhaaf si gufachiisuu danda’u, suma duwwadha dhaabbataadhan akka hin
sochoone of gochuu kan dandeessu” Ziig Ziiglaar.
Namootatti qabachuu haa dhaabnu. Komiiwwan lama jireenya keenya gadhiisuu kan qaban:
1. Namoota kaan komachuu dhiisi.
Inni kun baramaa dha. Yeroo baay’ee kufaatii keenyaaf nama kan biraa komanna. “Isatu akkas
akkan godhu na taasise” jenna. “karaan waan cufameefan ture”, “qormaata kanan darbuu dadhabeef,
maatiin koo macaafa waan naaf hin binneefi”, “Namonni sagantaa keenya irratti kan argamuu
dhiisaniif rooba waan ta’eefi”, Namni sun kan waldaa dhiiseef sababa rakkoo mataa isaatini.
Komachuun umriin isaa hanguma kufaatii jalqabaa dheeraa dha.Addaamii fi Hewaan komii uumanii
otoo sanyii keenya keessatti hin facaasin dura itti fuyyadaman.Amma garuu dogongora darbe
dhiisuu qabna.

62
Eegduu, rakkoo waldaa kee keessa jiruuf namoota komachuu dhaabi. “Miseensonni hin kadhatan,
hin kennan, naannoon isaa ulfaata dha, uumanni koo hiyyeessa fi k.k.f”. Ati eegdudha komii dhaabii
itti gaafatamummaa fudhadhu.Dhimma bulchiinsa mallaqqaa, bal’ina waldaa, jireenya hafuuraaf itti
gaafatamummaa fudhadhu.Geggeesummaan itti gaafatamummaa barbaada.
“Yoo ho’a hin barbanne kutaa itti nyaata qopheessan dhiisii ba’i.”
“Waldaa tokko keessatti waggaa sadii fi isaa ol eegduu yoo taate rakkoon waldaa, sanaa rakkoo
keeti.Kutaa bulchiinsaa kan biraa miti, lubicha miti, prezidaantiis miti, suma mataa
keeti.”Maaksiweel.
2. Yeroo darbe komachuu dhaabi.
Kun kufaatii keenya dhabamsiisuuf wanta baramaa dha.“Barumsa gaarii hin qabnu ture,” “Maatiin
koo hiyyeeyyii dha,” “yeroon daa’ima ture miidhameen ture,”, “Oduu sobaa narratti odeessan,”
“Ingiliffaa sirriitti hin baranne,”; “Qaama hir’uu ta’een dhaladhe”. Kana hundumaa dhaabi kan darbe
darbeera. Isa dhiisii jireenya isa kaanitti darbi.Hanga yoomitti wanta darbe keessa jiraachuun wanti
darbe duubatti akka si harkisuuf carraa kennitaaf?Namonni baay’en waggaa 50 ta’anii har’as
waanuma darbe komatu.
Kan darbe hojjetameera.Dhumeera.Wanti darbe dhiibbaa qabaachuu danda’a garuu qabee si dhaabuu
hin danda’u.Garri fuulduraa kee si eegata.Dandeettii kee inni dhokataan hojiirra ooluu qaba.Wanta
hojjechuu feete hunda hojjedhu wanta darbe irraa walaba ta’i.Gorsaa fi kadhannaadhaan fayyina
fudhadhu.Garuu gara duuba kee hin ilaaliin.
“Wanta Waaqayyo yeroo uumeef kufaatii darbe iddoo itti awaallu akka argannuufi” James Loong.
“Garbicha wantoota kee darbanii akka hin taane.” Emerson.
“Wanta darbe ilaaluu hin qabnu, wanta boruuf nu fayyaadu irraa yoo arganne malee” Goorji
Waashington.
Ergamaan Phaawlus “Obboloota koo, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin
lakkaa’u. Haa ta’u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee,
wanta na dura jirutti nan hiixadha” jedhe. Fil 3:13.
Phaawuloos kufee turee? Sirriitti! Garuu duuba isaa otoo hin ta’iin of duratti ilaalee sana
gochuudhaanis wantoota gurguddaa hojjete.
Namoonni Waaqayyoo gurguddaan jireenya isaanii keessatti kufaatii hamaa dabarsaniin rakkachaa
turan.Yooseef mana hidhaatti darbatamuun cunqursamee ture garuu fakkeenya gaarii ta’ee achii
ba’e. Maatin isaa waaqa tolfamaa waaqessu turan, ejjummaan ture, ni sobuus, walqooduunis tureera,

63
ajjeechaan maatii sana keessa tureera. Muuseeni akkuma Phaawuloos lubbuu namaa kan ajjesse ture.
Daawit tiksee hoolaa ture garuu mootii Israa’el ta’uu danda’eera. Pheexros nama qurxummii
kiyyeessuun jiraatu ture.
Albert Enistaayin yeroo daa’ima turetti akka barataa dadhabaatti mana barumsaatii ari’atameera.
Garuu nama cimaa waan haaraa uume ta’ee darbe. Nelson Maandellan waggoota baay’eef mana
hidhaa keessa ture garuu achii ba’ee biyya geggeessuu danda’e.
Wanti darbe waanuma darbe dha.Hanga waan darbe gattutti dandeettii kee dhokataa baasuu hin
dandeessu.Guyyaan har’aa jireenya kee hafeef guyyaa jalqabaati.Filannoon ati har’a taasistu
eenyuummaa kee boruuf boca kenna.
Itti gaafatammummaa “Eeyyee kufeera. Jireenyi koo har’a waanan gochuu danda’uu fi gara
fuulduratti immoo kan gara caalutti geessu. Kufaatti fi milkaa’ina isaa wajjin tajaajilli kun kan kooti.
Itti gaafatammummaa otuun fudhachuu qabuu namoota kaan hin komadhu”.
 Kufaatti kee qoradhu (irraa baradhu)
Sadarkaan sadaffaan kufaatii keenya irraa barachuu danda’uu dha. Dogongoronni hundinuu kan
caalu abshaala nu taasisu.
Dr. Roonald Niildgnel “Hanga irraa barattutti kufaatiin kufaatii miti” jedhe.
H.Staanles Juddi “kufaatii kee haguuguuf humna kee hin balleesiin. Kufaatii irraa barachuun wal-
dhaansoo itti aanuuf qophaa’i.kufaatin rakkoo hin qabu, yoo kufte, malee hin guddatu” jedhe.
William Saroyan dhimma kana irratti akka jedhe” Namootni gaariin gaari dha sababni isaa ogummaa
kanatti kan isaan dhufan kufaatii keessaani”.Milkaa’ina beekturraa ogummaa xiqqoo qofa argatta.
d Jechoota namoota armaan olii keessa tokko duwwaa fayyadamuun xiinxali.

Geggeesitootni fiixaan ba’an akkas jedhanii of gaafatu “wanta kana irraa maalan barachuu
danda’a?”.wantoota lama kan barachuu qabnu.
1. Wanta sirrii hin taane baruu
Sababa kufaatii adda baasuun beekuu. Kiruuseedii qopheesinee milkaa’uu yoo baanne, waan hin
beeksifneefi, kadhannaatu dhabamee, karooratu hin jiruu yookis rakkoo kan biraati? Jechuu
qabna.Hanga sababa isaa beektuutti furmaata kennuu hin dandeessu.
Namonni baay’een irra deddeebi’uun dogongora walfakkaatu raawwatu sababni isaa “eessarrattan
dogongore jechuun of hin gaafatan?”

64
“Safartuun milkaa’ina kee rakkoo cimaa furteetta kan jedhu otoo hin taane rakkoo yeroo darbe moo
haaraa dha kan jedhu irratti hundaa’a” Joon Fooster Dulles.
Dogongora kee irra deebitee akka hin hojjenneef maaltu akka sirrii hin turre ilaali.
2. Maaltu akka jijjiiramuu qabu baradhu.
Maaltu akka sirrii hin taane yoo beekne milkaa’uuf karaa walakkaa irra geenye jechuudha.Isatti
aansudhaan maaltu akka jijjiramuu qabu baruu dha.
Dogongora kee akka Toomas Edisan (nama ibsaa kalaqe) ilaaletti ilaali. Akkas jedhe “kufaatiin
haala adda ta’een akka jalqabnuuf carraa nuuf kenna” Waa’ee maalii akka haasa’u ni beeka ture,
otoo ibsaa hin kalaqiin fuuldura yeroo kumoota baay’ee kufeera. Hojjetoonni isaa “ yeroo 10,000
yaalleera garuu hin milkoofne” jennaan. Inni immoo “wantoota 10,000 barre jechuudha” jedhe.
Kufaatiin haala fooyya’aa ta’een akka jalqabnu carraa nuu kenna.
Akka abbaa manaatti itti gaafatamummaa kee ba’uu yoo dadhabde dogongora kee adda baasi, sana
booda maal jijjiruu akka qabdu murteessi. Waan hojjettu jijjiiruu qabda. Dogongora kee adda
baasi,sana booda wanta jijjiramuu qabu jijjirri.
 Kufaatii kee dhiisi (of duubatti darbadhu)
Guddachuu barbaanna yoo ta’e yeroo ga’aa ta’e fudhachuudhaan dogongora keenya irraa barachuu
qabna (Sadarkaan kun sadarkaa qorannaa ti) sana booda of duubatti gannee darbuu qabna. Dammaqii
deemi.Kufaatiin kee kaleessaa milkaa’ina kee gara fuulduraa irraa akka si hin ittisne.
Awustiin Omellay “Gadi qabamuun kee barbaachisa dha garuu yeroon ati gadi qabamuun turte
immoo murteessa dha” Salphina kee keessatti yeroo kee hin gubin.Ol ka’ii gara fuulduurratti
adeemi.
“Hammuma kufte ol kaata yoo ta’e ati ni dhaabatta”. Namoonni moo’aman namoota kufanii
achumatti hafanidha.Warri moo’atan garuu dammaqanii gara fuul durratti adeemu.
Kufaatiin kee kaleessaa jireenya kee keessatti akka si wajjin jiraatu barbaaddaa?“Raawwateera”
jechuun ofitti himi. Kana booda gara fuuldurratan adeema jedhiin.
Kufaatiin kee gara fuuldurratti akka adeemtu si yaa taasisu.Moo’amuu kee hin fudhatiin.
“Jalqaba irratti milkaa’uu yoo dadhabde, irra deddebi’i” madda hin beekamne.
Abdii hin kutatiin.Namonni moo’atan hin dhaaban namooni dhaaban immoo hin moo’atan.kufaatii
kee darbadhu.
 Kufaatii kan biraaf of qopheessi!

65
Maal jechuu dha? Kufaatii kan biraatiif? Eeyyee, amma sodaa kufaatii ganneera, dogongora irraa
barachuu barreera; sana booda hojii ulfaataatti darbuu qabna. Hammuma hojii cimaatti deemnu
dogongora hedduu hojjechuu dandeenya, hammuma barachaa adeemnu milkaa’inatti dhiyaanna.
“Namni hiyyeessi nama abdii hin qabnedha. Kufaatii sodaachuu irraa kan ka’e yaaluu hin dhiisin.
Wanta kan kee ta’e barbaadi, kufaatiin balaa si mudachuu danda’udha. Kufaatiirra wantootni caalan
baay’en jiru.Milkaa’inni guddaan kufaatii booda jira.Kufaatin onnee caaluun akka jalqabnu nu
taasisa.Irraa barachuun socho’i. “kufaatiidhaan kottooftee, akka hin hafne” Maayes Muunroo.
“Mootummaan Waaqayyoo namoota sodaataniin hin hojjetamu” Mowul.Joon Oswaald Saandaarsi
akkas jedhee.“Milkaa’inni guddaan labsii wangeelaa kan argame namoota Waaqayyotti dhiyachuun
jajjabina argatan fi balaa jiru fudhachuuf qopha’aniin.” Kufaatiiwan baay’en kan uumaman sodaa
garmaleedhaani malee yaada haaraa fudhachuun ija jabummaadhaan socho’uu irraa miti. Haala
mijaawaa keessa yoo turre mul’ata keenya dhugoomsuu hin dandeenyu.
“Namoota kufaatiif of qopheessantu iddoo guddaa ga’a” Joon F.Keenedii. Kufaatiif of qopheessi!
Bara kana sadarkaa tokko akka tarkaanfattu si jajjabeessuun barbaada, dandeettii dhokataa hojiitti
hiikuuf hiixadhu.Wanta kanaan dura yaaltee hin beekne yaali.Iddoo amma irra jirtutti hin quufin.
“Hammuma yaaltu waa argaa adeemta, hammuma kufaatii dabalata shaakaluuf of qopheesitu carraan
milkaa’uu kee ol ka’aa adeema” Maaksiweel.
Kaayyoon jireenyaa kufuu dhiisuu miti. Nama hin dogongorre otoo hin taane nama bu’aa qabeessa
ta’uun barbaada. Yoon yeroo hedduu hin kufne ta’e sababa ta’uu kan danda’u waanan hin yaallefi.
Yaalii kee jalqabaa irratti yoo milkoofte, wanta isa duraa caalaa cimaa ta’etti darbi.
Baay’een keenya qabxii hunda argachuuf dhamaana, amma garuu qarqara irraa gara gidduutti siquu
qabna.Bidiruun galaana qarqaraaf hin hojjetamne nutis immoo nageenyaf hin uumamne.Fuula kee
qillensa keessa kaa’i.wantoota naannoo kee jiran ilaali. Wanta Waaqayyo si wajjin hojjechuu
barbaade ilaali.Iddoo itti boqotte keessaa ba’i, addunyaa Waaqayyo siif qopheesse ilaali.Wanta
gurguddaa otoo hojjettuu akka kuftu sin jajjabeessa.

66
Abbaltii gochaa afaaniffaa:
Kutaa tokkoffaa:
Yaadota armaan gadii 5nan guyyaatti si’a lama irra deebi’uun ji’a tokkoof ofii keetti dubbadhu.
1. Ani jaalatamaa/tuu mucaa Waaqayyooti!
2. Cubbuun koo naaf dhiifameera!
3. Ani Waaqayyoof waan guddaa hojjechuufan uumame!
4. Ani akka yaada Waaqayyoottan yaada!
5. Guyyaan kun guyyaa ajaa’ibaati; anis ittan gammada!
Wantoonni kun hammam akka si jijjiiran namootaaf qooduuf qophaa’aa ta’i!.
Kutaa lammaffaa:
Waaqayyo akkamitti gahumsa dhokataa si keessa jiru itti guddisu itti yaadi. Guddachuudhaaf torban
torbaniin wanti raawwachuu dandeessu tokko maali? Namoota warra kaaniif qooduuf of qopheessi.
Abbaltii gochaa
Maqaa:______________________________
1. Seenaa Geediyoon isa hafe Mootota 7-8 jiru dubbisi. Armaan gaditti akkaataa itti Geediyoon gara
gaggeessummaatti guddate yoo xiqqaate lama barreessi.
2. Dhuunfaatti guddachuudhaaf maal gochaa jirta? Gara fuulduraatti wanti ati jijjiirtu maali?
3. Jireenya kee keessatti kufaatii guddaa si qunname yaadadhu. Maal ture?
Kufaatiin sun jireenya kee akkamitti miidhe? Waaqayyo kufaatii sana keessatti maal sitti dubbatee
ture?
4. Yaada “Eenyummaa koo kristoos keessatti” jedhu fayyadami.
Abbaltii koo raawwadheera jechuuf, bakka duwwaa armaan gadii irratti mallattoo godhi
____ Guyyaa guyyaatti
____guyyoota hedduu
____ guyyoota muraasa.
Kun akkamitti jireenya kee irratti dhiibbaa akka fide ilaali.

67
Eenyummaa koo Kristoos keessatti
Qajeefama: Daawitii fuuldura dhaabadhuu ofiikee achi keessatti ilaalaa hima kana ganamaa fi
galgala guyyaa 30 dubbadhu! Sagalee kee olkaasuun amantiidhaan labsi.Yeroo jette sanduuqa
to’annaaf qopheesite keessatti mallattoo godhi.
Ani (Maqaa kee dha’i), haala adda ta’een bifa Waaqayyootiin adda ta’ee kanan uumame dha. Ani
nama barbaachiisaa dha. Sababni isaa Yesuus anaaf du’ee, mucaa koo jedhees na waamera.
Ani amma uumama haaradha, cubbuun koo naaf dhiifameera, inni moofaan darbeera haaran
mul’ateera. Cubbuun koo kaleessaa naaf dhiifameera ani tolaa ta’eera. Ceephoo cubbuu hundumaa
irraa walaba ta’eera.Yesuus Kristosiin filatamuudhaan mucaa waaqaa ta’eera. Eebba hafuuraa isa
keessa jiru hundumaan eebbifameera. Waaqayyoon koo wanta na barbaachisu hunda naaf in guuta.
Qaamni koo iddoo buufata Kristosi ;jireenyi fi hafuurri isaa na keessa buufata.
Ani dandeettii dhokataa wajjinan uumame kunis mootummaa Waaqayyoof wanta guddaa akkan
hojjedhu na gargaara; innis karoora adda ta’e anaaf qaba. Ani wanta gaarii raawwachuuf isa wajjin
kanan hojjedhudha. Waaqayyo jireenya kootti gammaduu fi qannoo isaa na keessatti raawwachuuf
na uume.
Ani nama murteessaa iddoo koo namni tokko illee fudhachuu hin dandeenye dha. Ilaalchaa fi kabaja
gaariin ofiif qaba, sababni isaa akka bifa waaqaattan uumame. Nama milkaa’aa waanan ta’eef
guyyaa guyyaatti dandeettii koo gabbifachuufan dhama’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu waan hin
jirreef karaa Kristoos waan hunda nan hojjedha. Ani hafuura jaalalaa, humnaa malee kan sodaa hin
qabu.
Inni na keessa waan jiraatuuf, jireenyi koo hundi isa callaqisiisa. Ulfinaa gara ulfinaattan darba.
Sammuu koo leenjisuun amala Waaqayyoo kan hin fakkaanne of keessaa nan buqqisa. Ani
namootaafis ta’ee ofii koof ilaalcha gaarii naman qabudha.Jireenya keessatti isa hunda caalu ilaaluun
filadha. Dubbisuuf ta’ee dawwachuuf filannoon koo waan gaarii fi akka yaada waaqaa kan ta’e
duwwaa dha.
Ani nama kaayyoo ifaa ta’e qabuu fi achirratti qofa xiyyeeffatudha. Kaayyoo koo dhugoomsuuf
cimeetan hojjedha; gufuu na qunnamu hunda bira nan darba. Gaggeessaa waanan ta’eef namoota na
qunnaman hunda dhiibbaa gaariin irratti taasisa. Kanan waamameef kennaa fi dandeettiin qabu
hundaan nama tajaajiluuf waan ta’eef gammachuudhaanan hojjedha. Ani si’aa’aadhaa fi fayya
qabeessa.

68
Namoota nannoo koo jiran hunda akka namoota kennaa addaa qabaniitti lakkaa’udhaan nan kabaja.
Qaama koo nan eegadha, nyaata madaalamaa nan nyaadha, sochii qaamas nan taasisa. Fedhii
namootaaf dursa nan kenna.
Humna arraba koo irra jiru, jireenya yookiin du’a fiduu akka danda’u waanan beekuuf jecha nama
gufachiisu hin dubbadhu. Yeroo hunda dhugaan dubbadha arraba koos namoota kakaasuufan itti
fayyadama. Wanti gaariin namoota keesatti argu akka raawwatuuf nan dhama’a.
Namoota na yakkaniif dhiifama nan qodha, namoota dadhaboo ta’anis gara bal’insaan nan simadha.
Yeroo koo sirnaanan itti fayyadama. Guyyoonni koo kan lakkaawwaman waan ta’aniif sirnaanan itti
fayyadama. Kanaafuu carraan argadhu hundumaa yaada Waaqayyoo ittiin raawwachuufan
fayyadama.
Ganama: kun dandeettii Waaqayyo warra moo’ataniif kennedha. Guyyaan har’aa jalqaba guyyoota
kee gara fuulduraati.
Galgala: Galgala kana gara hirribaatti natti toleen deema. Abjuu fi mul’ata gaariin fudhadha.
Humna koo haarefadheen dammaqa, boru immoo guyyaa caalun argadha.
(kutaawwan macaafaa kana dubbisi.
Far 1:1-3, 34:9-10, 139:14, 149:4, 147:11, Fak 3:24:26, Er 29:11 Sof 3:12, Rom 5:1, 8:1, 17: Qor
3:16, 6:19, 2Qor 3:18.
Joon Baayner: Yaadannoon kun Ziig ziglaar irraa, Neell Andersen, 2004 kan fudhatana.
1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 1 1 1 1 1 1 1 1 1 2 2 2 2 2 2 2 2 2 2 3
1 2 3 4 5 6 7 8 9 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 0

69
GAGGEESSAA FI MUL’ATA
Kutaa macaafa: Nah 1:1-2:19, Mul’ata Nahimiyaan ijaarsa dallichaaf qabu

Qajeelfama

Gaggeessaan kamiyyuu mul’ata ifa ta’e qabaachuu qaba. Haa ta’uutii mul’ata qabaachuu fi
namootaaf hiruun hojii dura buutonni hedduun dagatani.Barnootni kuni gaggesitootni mul’ata
gooftaa biraa argachuu akka beekanii fi iddoo akka kennaniif isaan gargaara.

Kaayyoo barnootichaa

Barnoota kana booda, hirmaattotni;

 Gatii mul’atni qabu,


 Qajeelfamoota bu’uuraa salgan jireenya Nahimiyaa irraa ni baratu

Galma gochaa

Barnoota kana booda, hirmaattotni;

⁕ Mul’ata dhuunfaa ofii ni qpheeffatu


⁕ Mul’ata gagggeessummaa ofii ni qopheeffatu

Leenjisaa: Barumsa kana dhiyeessuu kee dura macaafa Nahimiyaa dubbistee xumuruu kee
qalbeeffadhu!

Seensa

Kutaan kunii fi kanaan wal fakkaatan sadarkaa gagggeessummaa kee akka gaariitti ol guddisuu kan
danda’ani dha.

Leenjisaa: Barumsi waa’ee gahumsaa, gahumsa qabnu akka hubannuu fi akkamitti


gahumsa qabnu akka bocnu nu barsiiseera. Kutaaleen kunniin lamaan immoo gahumsa
keenya kallattii sirriidhaan akka xiytyeeffannuuf nu gargaara. Barumsi kun barumsa
waa’ee gahumsaa booda dhiyaachuu qaba.

Gaggeessitootni namoota mul’ata qabani dha. Gaggeessaan kamiyyuu mul’ata ifaa ta’e qabaachuu
qaba. Garuu, tiksoonni hedduun mul’ata isaanii ifatti kaa’uu hin danda’an. Qorannoon tokko akka

70
agarsiisutti, addunyaa kanarraa tiksoota 3-5 % ta’an qofatu mul’ata ifaa qaba. Kun gaggeessitootaaf
dhugaa yoo ta’u, amantootaaf hammam haa ta’u?

Mul’anni maali? Gaheen mul’anni jireenya gaggeessaa keessatti qabu maali?

Akka walii galteetti, mul’ani waan ilaalamu tokko dha. Gaggeessaa kiristaanaa tokkoof, dandeettii
ittiin lafa Waaqayyo sii fi namoota ati gaggeessitu ittiin argitu dha. Gaggeessaan kamiyyuu, waan
Waaqayyo jireenya isaa keessatti gochaa jiruu hubachuu danda’uu qaba. Akkasumas gaggeessaan
tokko, waan Waaqayyo saba gaggeessinuuf gochuu barbaadu beekuu danda’uu qaba.

Mul’anni gaggeessaan tokko xiyyeeffatee karaa sirrii irra akka adeemu isa taasisa. Mul’ata malee
gaggeessaan tokko waan baay’ee hojjechuu ni danda’a; garuu kallattii sirrii hin taaneen adeema.

Suuraan sammuu gaggeessaa humna gara fuulduraatti isa adeemsisu of keessaa qaba. Gaggeessaan
tokko humni isaa,suuraa sammuu gara inni itti adeemaa jiru irraa dhufaaf. Gaggeessaam cimaan
mul’ata isaa halkanii fi guyyaa sammuu isaa keessa kaa’atee adeema. Halkanii figuyyaas waa’ee isaa
abjoota. Waa’ee isaa dubbata, irrattis hojjeta.

Haalonni ulfaatoon yoo mudatna iyuu, mul’anni gaggeessaa tokko gara fuulduraatti adeemsisa.
Gaggeessaan tokko gonkumaa gidduutti dhaabuu hin qabu. Sababa jabina isaa kan ibsu mul’ata
isaati.

Akka gaggeessaa tokkootti nama jijjiirama fidu ta’uu yoo barbaadde, mul’ata qabaachuu fi
namoonni mul’ata sana akka hordofan gochuu danda’uu qabda.

Seenaa Nahiimiyaa irraa jireenya gaggeessaa keessatti mul’anni maal akka fakkaatu baranna.

Maree: Waa’ee Nahiimiyaa maal yaadda?

Leenjisaa: Akkuma haala hirmaattota keen waa’ee Nahiimiyaa waan baay’ee beekuu danda’u.
Akkuma seenaa isaa keessatti ilaallu, waa’ee Nahiimiyaa fi mul’ata isaa irratti haqa bu’uuraa
hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Nahiimiyaan Yihudii dha, garuu biyya Boojuu jiraata.
Achuma biyya boojuu keessatti kan dhalate yoo ta’u Yerusaalemiin keessa hin turre. Naannoo
bara 445 Dh.K.D tti mootii Arxeeksis biyya Peershiyaa tajaajila ture. Iddoon kun iddoo baayyee
olaa dha. Sababni isaa mootiin nyaatni isaa summiidhaan akka hin tuqamneef iddoo itti sodaatu
waan ta’eef. Namni daadhii buusu, waa’ee fayyummaa nyaata mootiidhaaf itti gaafatama. Yeroo

71
tokko tokko nyaatichi fayyaa ta’uu isaa mirkaneessuuf, mootii dursee daadhii wayniis ta’e
nyaaticha ofii isaa irraa ni soorataa.

Nahiimiyaa 1:1-2:5 dubbisaa!

Seenaa Nahiimiyaa irraa, gaaffilee armaan gadii irratti mariiyadhaa!

1. Dallaa Yerusaalem ijaaruudhaaf mul’ata laphee Nahiimiyaa keessatti kan jabeesse maali?
2. Nahiimiyaan yeroo waa’ee dallaa sanaa dhagahe maal ta’e? Kun maal nu barsiisa?
3. Nahiimiyaan yeroo mootitti hime maaliif sodaate jettee yaadda? Mul’anni Nahiimiyaa maal
ture?

Leenjisaa: Daqiiqaa maree shan hayyamiif!

Nahiimiyaan yeroo barbaachisaatti gabaasa waa’ee Yerusaalem dhagahe.Wantoonni hojjetamuu


qaban baayyeen osoo jiranii, Nahiimiyaan garuu gaggeessaa waan ta’eef mul’ata dallaa Yerusaalem
ijaaruu fudhatee ka’e. Gaggeessitoonni waan namoonni biroo hi argine arguu fi waan namoonni
ilaalaniin garasitti arguu qabu.

Muuxannoon Nahiimiyaa, qajeelfamoota barbaachisoo mul’ataa sagal nu barsiisa.

I. Mul’anni kadhannaadhaan eegalama.

Mul’anni Nahimiyaa kadhannadhaan eegale. Waa’ee magaalaa Iyerusaalem ni boo’e, soome


akkasumas kadhate. Wanta argee fi dhaga’etti hin qabamne, jijjirama fiduudhaaf baay’ee dheebote,
yeroo sanaa eegalee mul’anni isaa guddachuu eegale.

Akka geggeesitoota kiristaanaatti wanta waaqayyo hojjechuu barbaadeef ba’aa qabaachuu


qabna.Waldaan kee maal akka hojjettu barbaadda?Dubartootaaf ba’aan ati qabdu
maali?Dargaggootaaf hoo? Argamuu waaqaayyoo keessa seenuun ba’aa dhalootaaf akka si baachisu
heeyyamiif!yeroo sana wanta guddaatu si keessatti uumama. Ba’aan nuti qabnu karaa waaqayyoo
mul’ata nuuf kenneef itti fayyadamuu dha. Mul’anni dhugaan waaqayyo biraa kan madduu fi
kadhannaadhaan kan dhalatu dha.

Kadhannaa keessatti humna qabnuu fi wanta waaqayyo jireenya keenya keessatti hojjechuuf nu
waame ni beekna. Yoo tiksee waldaa taate, iddoon ati hojii jalqabdu Macaafa Hojii Ergamootaa
dubbisuun karoora waaqayyo waldaaf qabu arguun ta’uu qaba.

II. Mul’anni fedhii namootaa galmaan gaha (meets a need).

Wanti yaada Nahiimiyaa kakaase waa’ee dallichaa ture. Magaalittiin akka dallaan sun qulqullooftu
barbaaddi turte. Nahiimiyaan fedha guddaa qomoo isaa arge.

Mul’anni fedha jiru irratti hundaa’uu qaba. Akka gaggeessaa kiritsaanaa tokkootti, gama
Waaqayyoon, waan Waaqayyo akk ta’u barbaadu tokko arguu qabna. Mul’anni inni nuuf kennu

72
mootummaa isaa naannoo sanatti akka fidnuuf ta’a. Kunis namoota hanga ammaatti waa’ee gooftaa
hin dhageenye ta’uu danda’a. Kans namoota gara iddoo sanaatti akka erginuuf ta’a. Yookiis immoo
barbaacha waan fooniif ta’u kan akka bishaan qulqulluu fi nyaataas ta’uu danda’a. Barbaachi sun
karaa barnootaan yookiis fedha ejjaa isa hamaa balleessuu ta’uu danda’a.

Namni tokko qofaa isaa mul’ata fiixaan baasuu akka hin dandeenye hubadhu. Fedhi akka ati
guuttuuf Waaqayyo si hin waamne jiraachuu danda’a. Kanaafidha Kadhannaan hundee isa jalqabaa
ta’uu kan qabu. Akkuma kadhannaa itti fufneen, nama mul’ata murtaa’aa tokkoof affeerame akka
taane ifaa fi ifatti hubachuu dandeenya.

Gaggeeessitoota kiristaanaaf, mul’atichi fedha ofii osoo hin taane fedha warra kaanii guutuu dha.
Mul’anni Nahiimiyaa, karaa kamiinuu mataa isaa hin fayyadne, dhugaan jiru garuu yeroo fi
qabeenyaa isaa hedduu qisaasesse. Gaggeessitoonni hedduun faayidaa mataa isaaniif mul’ata
qopheeffatu. Fedha maallaqaa warri qaban, mul’ata ittiin qarshii argatan, namoota waldaa keessatti
baayyisuudhaan eegalu. Beekamtii barbaadu; kanaafuu karaa foddaa TV lallabuuf mul’ata kaa’atu.
Garuu fedhichi kan dhuunfaa isaaniiti. Gaggeessitonni kiristaanaa, fedha warra kaanii guutuuf
mul’ata qabaatu.

III. Mul’atni kan dhuunfaa ti.

Waaqayyo mul’ata adda ta’ee Nahiimiyaaf kenneera. Warri kaan keessatti hirmaachuu danda’u.
Garuu, mul’atichi kan Waaqayyo dhuunfaa isaatti Nhiimiyaaf kenne dha. Waaqayyo tokkoon tokkoo
keenyaaf kaayyoo qaba. Innis maali inni? Karoora isaa addaan baasnee beekuun mul’ata inni nuuf
kenne mul’isa. Wal walii keenya wal jajjabeessuu yookiis wal ceepha’uu dandeenya; garuu
gaggeessitonni mul’ata Waaqayyo isaaniif kenne barbaaduu qabu. Gartuun yookiis hawaasni
mul’aticha fiixaan baasuudhaaf kadhataan walitti dhufanii wal gargaaruu danda’u. Garuu mul’atichi
kan dhuunfaa ittiin gartuu gaggeessani dha.

Mul’ata nama biraa irratti hin hirkatiin. Kan kee argadhu! Waaqayyo adda godhee waan si uumeef
karoora adda ta’e sirraa qaba.

Maree: Kana jechuun mul’ata nama biraa deeggaruun dogongora dha jechuu dha?

Yeroo baayyee Waaqayyo gaggeessaa tokkoof mul’ata ni kenna. Namoonni warri kaan immoo
mul;atichi akka dhugoomuuf ni hojjetu. Miseensonni waldaa kiristaanaa mul’ata gaggeessitoota
isaanii deeggaruudhaan fiixann bahinsa isaaf hojjechuu qabu. Haa ta’u malee mul’anni Waaqayyo
siif qabu iddoodhuma jirtutti hojii sitti kenname hojjechuu fi akkasumaan waan hojjettu waan
dhabdeef oso hin taane hojicha kan kee godhachuu akka qabdu dha.

Hanga mul’ata dhuunfaa kee bira geessutti, yeroodhaaf mul’ata nama biraa jalatti akka hojjettuuf
Waaqayyo si waameera ta’a. Yeroo akkasii akka yeroo qisaasa’eetti hin lakkaa’iin. Waaqayyo waan
godhu hundumaa beeka. Mul’ata addaa Waaqayyo siif kenne adda baafatteettta? Inni kaayyoo
dhuunfaa siif qaba.

73
Balaan mul’ata dhuunfaa qabaachuu, namoota warra kaan ofii gaditti ilaaluu dha. Kun immoo of
tuulummaa dha. Mul’atichi akka hiramu gochuu dha malee namoota walitti qabuu miti. Kun
gongumaa yaada Waaqayyo mul’ataaf qabu miti.

Leenjisaa: Mul’ata dhuunfaa Waaqayyo siif late yoo xiqqaate tokko hirmaattotaaf qoodiif! Tarii
leenjii ati amma kennaa jirtu kun isa tokko ta’uu danda’a. Yookiin immoo bakka biraa ta’u danda’a.
Isa booda tuqaalee baratan akka yaadataniif, irra deebi’iif, gaaffiis isaan gaafadhu.

IV. Mul’anni guddaa dha.

Nahimiyaan waan tokko hubate; gargaarsa gooftaa malee dallaa magalaa Yerusaalem deebisanii
ijaaruun akka hin danda’amne. Hojichi cimaa kan ta’e Nahimiyaan magaalicha irraa fagoo waan
tureef meeshaleen ijaarsaaf oolanis salphaatti kan hin argamne waan turaniifi. Nahimiyaaf hojii kana
mormitoota gidduutti deebisanii ijaaruun ulfaataa yoo ta’e iyyuu, inni garuu abjuu qaba ture. Mul’ata
qaba ture.

Mul’anni keenya mul’ata guddaa gargaarsa Waaqayyoon malee ofii keenya hin dandeenye ta’uu
qaba.Mul’annik ee salphaatti kan raawwatamu taanaan, baayyee xiqqaa akka ta’e agarsiisa.

Mul’anni keenya yeroo baayyee irra keessa dha. Mul’ata wangeela lallabuu qabna; namoonnis ni
fayyu. Tiksoonni waldaa kiristaanaa baayyeen isa kana sirriitti ni raawwatu. Ani garuu mul’ata
waan sasalphaa irra darbe akka qabaattuuf sin kakaasa. Kan Waaqayyo si gargaaree qofa raawwattu.

Gaggeessitoonni baay’een mul’ata jireenyaa qofa qabu. Kan isaan yaadan nyaatanii jiraachuuf qofa.
Guyyaa guyyaan, ji’a ji’aan, waggaa waggaa fi bara jiraatanitti waan arganitti gammadanii jiraatu.
Waa’ee guddinaa salphaatti odeessu.Garuu waa’ee lakkoofsaa sirriitti ilaali. Namoonni fayyaan maal
gochaa jiru? Waldaan koo guddachaa jira jetta ta’a. Garuu lakkoofsa amantootaa natti himi.
Maallaqa jiru hanga isaa beektaa? Lakkoofsa namoota tajaajila keessatti hammatamanii jiran natti
himi. Waa’ee jiraachuu abjootaaa jirta moo biyya lafaa Yesuusiif booji’uuf yaadda? Nama
jiraachuuf dhama’u otoo hin taane, moo’ataa ta’uuf dhama’uu qabna. Addunyaa koo keessatti nama
dhiibbaa gaarii fidu ta’uun qaba.

Akkuma mul’ata guddaa qabaachuu eegalteen, akka qarshii baayee hin qabne yaadatta ta’a. Mul’ata
ofiif gatii guddaa kanfaluu fi amantiin ofii qoramuun salphaa miti. Garuu qarshii dhabuun mul’atichi
dogongora jechuu miti. Qooda kanaa, mulatichi baayyee xiqqoodha jechuu ta’uu danda’a.
Baarreessaan Raalf Mahooniiy jedhamu waa’ee qarshii ilaalchisee maal akka jedhe hubadhu, “
Rakkoon maallaqaa gaggeessitoota waldaa kiristaanaas ta’e gaggeessitoota kaan mudatu, sababa
gara itti adeeman hin beekneefi”.
74
Maallaqni gara mul’ataatti dhangala’a. Namoonni hanga mul’ata argatanitti, fudhatanii galmaan
gahuuf hanga kaka’anitti maallaqa kennuuf hin hayyamamani. Yeroo tajaajilaatti, qarshii hedduun
giiphii miseensota waldaa keessatti hafa. Xiqqoo turanii, yeroo TV ilaalan, lallaba nama mul’ata
qabuu tokkoo dhaggeeffatanii deeggarsaaf kaka’u. Harka isaanii giiphii isaanii keessa kaa’anii
qarshii hafe sana baasanii kennu. Maaliifi? Bakka mul’anni jirutti kanfalu! Dursa mul’ata Waaqarraa
fudhadhu, isa booda maallaqa barbaadi.

Leenjisaa: Yeroo mul’ata guddaa qabaattetti akkamitti akka Waaqayyo maallaqa siif kenne
hirmaattotaaf qoodi. Isa booda tuqaalee baratan yaadachiisi.

V. Mul’anni murtaa’aa dha.

Nahiimiyaan mul’ata murtaa’aa qaba ture. Innis dallaa Yerusaalem deebisee ijaaruu dha. Mul’atni
isaa mul’ata walii galaa miti. Fakkeenyaaf: “Dhaqeen saba rakkoo keessa jiru gargaara” kan jedhu
miti. Nahiimiyaan mul’ata isaa beeka. Innis ifaa fi murtaa’aa dha.

Mul’anni walii galaa, mul’ata ifaa hin taane (vague) dha. “Waaqayyoon ulfeessuun barbaada”,
“Dursinee mootummaa isaa barbaaduu qabna” yookiis, “ Waldaa kiristaanaa cimtuun ijaara” warri
jedhan gara gochaatti hin jijjiiraman. Murtaa’aa miti waan ta’eef.

Jireenyaa fi tajaajila keef mula’a murtaa’aa qabaadhu! Tarii Waaqayyo akka ati Tiksee taatuuf si
waameera ta’a. Sababa waldichi cufamuuf ka’eefi dha? Tarii mula’nni koo “Waldaa kiristaanaa
ijaaruu dha” jetta ta’a. Waldaa hammam gahu? Yoom? Waldaa akkamii akka ijaartu si waame
Waaqayyo? Saba gosa kamiin akka qaqqabdu si waame? Mul’anni kee murtaa’aa ta’uu qaba.

Mul’anni kee murtaa’aa dha? Mul’ata murtaa’aa hin qabdu taanaan, xiyyeeffanoo ittiin milkaa’aa
taatu dhabda.

Leenjisaa: Waan baratan yaadachiisi. Mul’anni kadhannaan eegalama, fedhii guutuu


qaba, kan dhuunfaati, guddaa dha, murtaa’aa dha.

Amma immoo seenaa lammaffaa Nahiimiyaa waa’ee mul’ataa ilaalla.

Nahiimiyaa 2:6-19 dubbisi.

Maree: Kutaan kun waa’ee mul’ataa maal nu barsiisa?

75
Leenjisaa: Maree fi gabaasaaf daqiiqaa shan hayyamiif! Hirmaattonni waan kitaaba
kanarra hin jirree fi barbaachisoo ta’an hedduu dubbachuu ni danda’au.

VI. Mul’anni yeroo fudhata

Mul’anni yeroo akka fudhatu beekuudhaaf seenaa Nahiimiyaa irraanfachuu hin qabnu. Nahiimiyaan
osoo mootichattiyyuu hin himiin dura waa’ee mul’ata sanaaf itti yaaduu fi irratti kadhachuudhaaf
yeroo isa fudhateera. Osoo inni Peersiyaa hin gadhiisiin dura yeroo hammamii akka itti fudhate hin
beeknu. Adeemsi gara Yerussalemittii ji’oota murtaa’an itti fudhachuu danda’a. Isa booda, dallicha
itti naanna’ee ilaaluuf yeroo murtaa’e itti fudhateera. Hojiin ijaarsa dallichaa guyyoota 52 itti
fudhate. Kana booda Nahiimiyaan, yerusaalem keessa yeroo murtaa’eef tureera.

Leenjisaa: Guyyoonni 52n seenaa armaan olii keessatti hin hammatamne. Nah 6:15 irratti
galmaa’eera.

Waaqayyo mul’ata waan siif kenneef guyyaa tokko keessatti waan raawwatamu jettee hin yaadiin!
Yeroo fudhata. Atumti mul’aticha fudhachuuf yeroo si barbaachisa. Mul’aticha osoo ati hin fudhatiin
dura, Waaqayyo laphee kee keessatti hojii gadi fagoo hojjechuu qaba. Kadhataa fi soomaan waa’ee
mul’atichaaf fuula Waaqayyoo turuu dandeessa. Osoo hojicha hin eegaliin leenjii si barbaachisa ta’a.
Hanga namoonni biroon mul’aticha fudhatanitti yeroo ni fudhata. Mul’aticha gara hojiitti jijjiiruufis
yeroo si barbaachisa. Hojii guyyaa tokkoo miti, yeroo fudhata. Wal’aansoo fi u’aa bahiin jira ta’a.
Yeroon itti waan hin danda’amne itti fakkaatu jira ta’a. Garuu, mul’aticha gara hojiitti hiikuuf
hammmuma Waaqayyo waliin irratti hojjetteen fiixaan ni baha.

VII. Mul’anni namootaaf qoodamuu qaba.

Nahiimiyaan jalqaba hayyama Yerusaalem dhaquu argachuuf mooticha wajjin dubbate. Yeroo
Yerusaalem gahetti immoo namoota achi jiran waliin dubbate. Waa’ee mul’ata ofii dubbachuu
Nahiimiyaa irraa maal baranna?

A. Yeroo sirrii argachuu

Erguma Nahiimiyaan Yerusaalem gahee iyyuu sabni sun mul’ata isaa hin hubanne. Nahiimiyaan
osoo duraan dursee mul’ata isaa qulqulleessee hin xumuriinii fi haalota jiran hin qoratiin sabatti hin
beeksifne ture. Garu, yeroo mijataa irratti saba sana walitti qabee isaan waliin waa’ee mul’atichaa
dudubbate.

Mul’ata ofii dhiyeessuuf yeroon baayyee murteessaa dha. Osoo mul’aticha itti hin dubbatiin dura,
sabni sun akka namaatti akka siif bitamuu danda’an mirkaneeffadhu. Si amanuu danda’u? Dandeettii
gaggeessummaa keetti ni amanu? Osoo mul’aticha hin dhiyeessiin dura, ofii keetii gadi fageenyaan
hubachuu fi adeemsa isaa sirriitti beekuu kmirkaneeffadhu. Gatii si baasisuu malu hundumaa
baasuuf qophaa’aa dha? Mul’atichi keessa keetii jaalala guddaa kakaaseera? Yoo ta’uu baate,
ammayyuu yeroon itti namootaaaf qooddu hin geenye.

76
Yeroo namootatti dubbachuun gaarii ta’u barbaadi. Yeroo namoonni dadhabanii jiranii fi dhuma wal
gahii irra geessee mul’ata kee hi gurguriin! Yeroon Waaqayyoo gahuu isaa fi haalonni jiran mijataa
ta’uu isaanii mirkaneeffadhu.

Akkasumas, mul’atocha si’a tokko qofaa osoo hin taane, si’a baay’ee namootatti himuu akka qabdu
hin dagatiin. Uummata sana jajjabeessuudhaaf irra deddeebiidhaan himamuu qaba. Mul’ata irra
deddeebitee himuudhaaf hin dadhabiin!

B. Fedhii jiru adda baasi

Nah 2:17, “ Ani yommus isaaniin, ‘Gidiraa nuyi keessa jirru, Yerusaalem jijjigdee akka badde,
karri ishees abiddaan akka gubame in argitu; kanaafis nuyi si’achi yeelloo arrabsamuutiif akka
hin taanetti, koottaa dallaa Yerusaalem deebifnee in ijaarra’ nan jedhe”.

Fedhi jiru beekamaa dha; garuu gaggeessichi Nahiimiyaan jabeessee agarsiise. Dallaa caccabe sana
yeroo dheeraadhaaf arganiiru; garuu waan haaraan hin jiru. Inni kana hundumaa isaan yaadachiise.

Akka gaggeessaatti, fedhii jiru baastee agarsiisuu qabda. Namoonni wangeelli isaan bira hin gahiin
miliyoona 2 ol akka jiran; ijaarsichi ijaaramuu akka qabu, kadhannaan barbaachisaa aka ta’e,
namoonni nu gidduudhaa gargaarsa barbaadan akka jiran, f kkf kan agarsiisu gaggeessaa dha.

Mul’anni kee fedhii jiru guutuu dha. Saba sanatti dudubbachaa fedhii sana isaan yaadachiisuu qabda.

C. Of kenni

Nahiimiyaan lakk 17 irratti waan inni jedhe yaadadhu, “Gidiraa nuyi keessa jirru in argitu”.
“Gidiraa keessa jirtan ilaalaa” hin jenne. Gaggeessaa gaariin yeroo hundumaa rakkoo jiru adda
baasee ofii isaa tarkaanfii barbaachisaa fudhachuutti of kennaa dha. Waan ofii kee hojjechuu hin
dandeenyetti namni biroo akka hojjetuuf itti hin waamiin! Gara waan ofii kee keessatti hin
hirmaanneetti namoota hin gaggeessiin!

D. Karooricha namootaaf qoodi

Ergasii Nahiimiyaan mul’ata isa, “ Kaanee dallicha in ijaarra” jedhu namootaaf ibse. Boodammoo,
eenyutu hojii isa kam akka hojjetu gadi fageenyaan ibsa kenne. Gaggeessan tokko karoora qabu
namootatti himuu barbaachisaa dha.

E. Namoota hojichaaf waami/affeeri

Fedha jiru ibsee, raakinicha erga adda baasee booda, Nahiimiyaan wal’aansoo jirus ni dhiyeesse.
“Koottaa, dallicha deebifnee ijaarra”. Amma gaggeessichi dhaabatee namoota gara hojichaatti
waame. Akka cimsee hojjetuu fi rakkinni akka isa qunnamuu danda’u ni beeka. Ta’us hojichi
hojjetamee akka xumuramuu fi namootni akka of kennaniif gaafachuudhaaf hin yellaane.
Gaggeessitoonni warra kaan gara hojiitti waamu.

77
Waa’ee mul’atichaaf waliin dubbiin ifaa ta’e hin jiru taanaan homtuu hin raawwatamu. Gaggeessaan
mul’ata isaa dubbachuu danda’u, gaggeessaa mul’ata guddaa qabaatee dubbachuu hin dandeenyerra
baay’ee caala.

VIII. Mul’anni mormitoota qaba

Osuma hojichi hin eegaliin iyyuu Nahiimiyaatiiin mormiin isa qunnameera.

Nah 2:19, “ Sanbalaax namni mandara Bet-Heroon, Xobiyaa inni hojjetaan namni biyya Amoon,
Geshem Arabichis kana kana yommuu dhagahan, garuu nu tuffatanii nutti ga’isanii, “Wanti isin
hojjechaa jirtan kun maali? Isin mooticha irratti ka’uuf jettu?” jedhanii nu gaafatan.

Barumsa kanarratti akkaataa itti wal dhabdee furan osoo hin taane, Nahiimiyaan karoora isaa
akkaataa itti fooyyesse garuu mu’ata isaarraa soqoqsuu dide ilaalla.

Gaggeessaan mul’ata Waaqayyoo baatu kamiyyuu mormiin akka isa qunnamu beekuu qaba.
Mul’anni bakka tokko gahee mormii hin qabaanne hin jiru. Sochiin rigata uuma. Waldaa kee
keessatti mormii tokkoyyuu hin qabdu taanaan eessayyuu adeemaa hin jirtu jechuu dha. Adeemsa
naannoo adeemuun awwaara kaasuu malee homaa hin hojjetu.

IX. Mul’anni namoota ijaara

Nahiimiyaan,dallaa qofaa osoo hin taane, namootas Yerusaalemitti ijaareera. Osoo inni achi hin
gahiin, sabni sun mul’ata maleessaa fi abdii kutataa ture. Erga inni isaan gaggeessuu eegalee garuu,
abdii horatanii waan kanaan dura hojjechuu hin dandeenye hojjechuu danda’aniiru. Ofii fi Waaqa
isaaniitti amanuu eegalan. Gaggeessitoonni gaggaariin gahumsa namootaa arganii akka isaan
Waaqayyorratti amanan taasisu. Akka mula’aticha hojjechaa adeemaniin, uummaticha ijaaraa
adeemu.

Leenjisaa: Tuqaalee ka’an hundumaa irra deebi’iif. Hirmaattotni akka dubbatan


gargaari. Mul’anni kadhannaadhaan eegalama, fedhii namootaa guuta, dhuunfaa dha,
guddaa dha, murtaa’aa dha, yeroo fudhata, namootatti dubbatamuu qaba, mormii kaasa,
saba ijaara.

78
Goolaba

Mul’anni kee maali? Jireenya keessatti maal akka hojjettuuf si uume Waaqayyo? Kun gaaffii guddaa
fi gama keetiin deebii ulfaataa sirraa barbaadu dha. Yeroo fudhadhuu, waan Waaqayyo karaa kee
hojjechuu barbaadu adda baafadhu. Kana booddee, mu’ata kee waraqaa irrati barreessuudhaan, itti
fufii hojjedhu. Kun salphaa miti. Garuu karaa ittiin Waaqayyo addunyaa kana ittiin jijjiiru dha.

Qorannoo nama dhuunfaa:

Waldaan kiristaanaa reefu guddattu tokko balaa guddaan ishee qunname. Yoo’elii fi
Kaateriin, maatii reefu waldichatti wal fuudhanii fi mucaa isaanii ishee jalqabaa eeggachaa
jirani dha. Yeroo da’umsaf gara Hospitaalaa adeeman, sirriitti waan hin kunuunfamneef,
daa’imni dahumsa irratti duute. Soortuun waldichaas, sirna awwaalcha gaafa sambata
duraa raawwatee, maatii sana jajjabeessuudhaaf waan danda’u hundumaa godhe.

Dilbata ganama yeroo waaqeffannaa, Filooriid dubbachuudhaaf kaatee dhaabbatte. Isheenis


jaarsa waldaa sanaa fi hiriyaa maatii sanaa turte. Namoota walitti qabama sana keessa
jiraniin, “Balaan kun nurra gahuu hin qabu; kunis sababa kunuunsi gahaan Hospitaaicha
keessa hin jirreefi. Waldaa keenya keessatti kilinika ijaarrachuu qabna. Wanti kun hafuu
qaba” jette. Akkuma isheen mul’ata guddaa kana qooddeen namoonni hundinuu harka
walitti rukutaniif. Ji’a jaha booda garuu, gara kee dhuftee akka abdii kutatte sitti himti.
Sababni isaa wanti tokkoyyuu waan hin taaneef.

Waan jireenya Nahiimiyaa irraa baratte irratti hundooftee Filooreensiin maal gorsita?

Leenjisaa: Abbaltii gochaa barumsa kanaa hubadhu. Hoj maneen mul’ata barreessuu,
hojii torba tokkoo yookiis ji’a tokkoo ta’uu danda’a. Garuu, yaadni Waaqayyo raawwii
mul’ata sanaaf qabu yeroo dheeraa kanaan olii fudhachuu akka danda’u hubadhu.
Kaayyoon abbaltii kanaa, akkataa mul’atni itti barreeffamu shaakaluu fi eegaluu malee,
adeemsa mul’ata ofii adda baasuu xumuruuf miti. Gariin mul’ata isaanii hubatanii jiru
ta’a. Isaani kun akka caalu akka qaramaniif gargaara. Gaaffilee sanneen
kadhannaadhaanii fi itti yaaduudhaan akka hojjetan jajjabeessi. Yeroo soroortus kana
yaada keessa galfadhu.

Akkasumas, mul’anni nama tokkoo dhuunfaa isaatiin yookiis gartuudhaan adda


baafamuu ni danda’a. Nahiimiyaan ofii isaa qopheessee, saba sanaaf immoo qoode.
Garuu Waldaa Anxookiyaa keessatti, mul’anni Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin
hundeeffama waldaaf erguu gartuudhaan argame (HoE 13: 1-13).

79
Abbaltii gochaa

Maqaa:__________________________________

1. Yoo xiqqaate guyyaa tokko fudhadhuutii waa’ee mul’ata kee kadhadhu. Qophaa kee
soomaan turuu kan dandeessu yoo ta’e baayyee filatamaa dha. Turtii kadhannaa kee keessatti
Waaqayyo mul’ata murtaa’aa jireeya keef qabu akka siif kennu gaafadhu. Yaadannoo kee
seenaa Nahiimiyaa irra deebi’ii ilaali.
2. Jireenya kee fi Waamicha Waaqayyoorratti xiyyeeffadhu gaaffilee armaan gadii deebisi.
Wanti hanga na boossisutti na geessisu tokko maaltu jira?

Wanti ani akka jijjiiramuuf baayyee barbaadu tokko maali?

Namoonni warri kaan akka gaggeessaa tokkootti hammam natty amanu?

3. Hojiirra oolchuu: Kadhata kee booddee, mul’ata dhuunfaa keetti Waaqayyo siif kenne
armaan gaditti barreessi.
Dursa, mul’ata kee walii galaa jireenya keef barreessi.
Akka dhuunfaatti, Waaqayyo kan itti na
waame_____________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
______________________________________________________________
Amma immoo, mul’ata murtaa’aa gaggeessummaa kee irratti xiyyeeffadhu. Kunis waldaa
keessatti, bakka daldalaatti, hawaasa keessattii fi kkf ta’uu danda’a.
Gaggeesummaa koo/ hojii koo keessatti mul’anni
koo________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
_______________________________________________________________

80
GAGGEESSAA FI LAPHEE CABAA
Kutaa Macaafaa
Luqaas 9:23-26; Maatewos 26:31-35, 57-58, 69-75
Gatii duuka buutuu ta’uun nama kanfalchiisu; Peexros Yesusiin ganuu (disown) isaa
Qajeelfama
Gaggeessummaa fi barsiisni Yesus akkaataa jireenyaa kan guutummaa guutuutti fedha abbaa isaaf of
bichisiise yoo ta’u, bartoota isaa keessaa muraasa qofatu hubate. Kutaan kun cabina laphee fi gahee
inni gaggeessummaa keenya irratti qabu ilaallata.
Galma barumsichaa
Barnoota kanaan booda hirmaattotni;
 Akeeka Yesus waa’ee laphee cabinaa bartoota isaaf qabu,
 Du’aa fi of ganuu jechuun maal jechuu akka ta’e,
 Dhiibbaa cabina laphee mana keessatti qabu,
 Dhiibbaa cabina laphee gaggeessumaa keessatti qabu ni baratu.
Galma gochaa
Barumsa kana booda hirmaattotni:
 Jireenya dhuunfaa keessaati gufuuwwan cabina laphee adda baasu,
 Karoora ittiin Waaqayyo gara cabina laphee isa olaanaatti isaan geessu ni qopheessu.

 Leenjisaaf: Barumsa kanaaf kan ta’u, meeshaa cabuu danda’u tokko


qopheeffadhu. Qodaan suphee salphaatti cabu fakkeenya gaarii dha. Qalama
yookiin meeshaa kan biroos fayyadamuu dandeessa. Meeshaa sana fuuldura
isaaniitti caccabsuudhaan, faayidaa maleessa taasisi. Kana booda, faayidaa qodaa
caccabaa kanaa gaafadhu. “Qodaan caccabe kun maaliif waa’ee baasa?” jedhi!
“Homaafuu”! Maaliif? “Caccabaa waan ta’eef”! Dhuma barnootichaa irratti sa’aatii
bal’aa fudhattee kadhachuu akka qabdu hin dagatiin!
Seensa
Barumsa kana keessatti barsiisa Yesus warra jajjaboo keessaa tokko kan ta’ee fi jireenya Pheexros
kan wanta Yesus duuka buutota isaa irraa barbaadu nu hubachiisu ilaalla. Dursa, du’a fannoo Yesus
dura, galgala Yesus qabamee hidhametti jireenya Pheexros irratti maaltu akka ta’e ilaalla.

81
Maatewos 26:31-35, 57-58, 69-75 dubbisi.
 Leenjisaa: Hirmaattotni yaada caqasa kanaa sirriitti hubachuu isaanii
mirkaneeffadhu. Yoo danda’ame, bifa diraamaadhaan akka agarsiisan deeggari.
Daqiiqaa shan keessatti hirmaattotni seenaa sana xiinxalanii gaaffilee itti aanan
akka deebisan godhi. Tuqaa jijjiiramaa Pheexroos, ofitti amanachuu irraa
Yesusiin barbaaduu isaa akka hubatan ni abdatama.
Pheexros jireenyi isaa guutummaatti kan geeddarame maalifi? Taatee sana dura Pheexros nama
ariifatee dubbatuu fi humna ofii isaatti amanatu ture. Garuu, taateen sun garraamummaa isa barsiise;
Yesusin akka addaatti akka beeku isa gargaare.
Akka seera addunyaatti, qodaan caccabe gatiin isaa battalatti gadi bu’uu isaati. Garuu, jireenya
hafuuraa keenya keessatti, faallaan isaa dhugaa dha. Hammuma caccabne, mootummaa isaa keessatti
waa’ee baasna. Gaggeessitootnio caccaban, gaggeessitoota hin caccabne irra hojii bu’aa qabeessa ni
hojjetu.
Seenaa kana keessatti Pheexros lapheen isaa caccabeera. Kunis, gaggeessaa adda ta’e isa taasise. Of
tuulummaa fi ofitti amanamummaan isaa ni harca’e. Laphee cabinni kun, cabina Yesus hunduma
keenya irraa barbaadu dha.
Duraan dursee Yesus, Pheexros fi bartoonni kaan maal jechuu akka inni barbaade akka hubataniif,
Luqaas 9:23-26, irratti akkas jedhee ture. “.. Eenyullee na duukaa bu’uu yoo fedhe, waa’ee
ofii isaa dhiisee, fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu’u. Namni jireenya
isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; garuu anaaf jedhee
jireenya isaa kan kennu, isa oolfata,….”.
Gartuudhaan, gaaffilee armaan gadii irratti mariiyadhaa!
Pheexros erguma Yesus iyya handaanqoo dura si’a sadii akka isa ganu itti himee, gokuma
akka isa hin ganne ofitti amanamummaadhaan maaliif dubbate? Erga handaanqoon
iyyitee Pheexros mararamee boo’e (Mat 26:75). Akka Pheexros boo’een keessa isaatti
maaltu itti dhagahame jettee yaadda? Maaliif imimmaan buusuu danda’e?

82
Barreeffama kana keessatti Yesus, “Of ganuu”, “ Fannoo ofii fudhachuu” fi “Jireenya ofii dhiisuu”
dubbate. Cabina laphee kan jedhamu isa kana.
Cabina laphee jechuun gooftummaa Yesus Kristoosiif guutummaatti bitamuu (absolute
surrender),olaantummaa bulchiinsa isaa heyyamuu jechuu dha. Kana jechuun, du’a namummaa
foonii koo, kan ilaalcha jireenya dhuunfaa dhiisee karaa Yesus filachuu jechuu dha. Jechi macaafa
qulqulluu cabina laphee ittiin ibsu du’a dha. Garuu, eenyuyyuu mata duree, “Gaggeessaa fi Du’a”
jedhu dhagahuu hin barbaadu waan ta’eef jecha cabina laphee jedhutti dhimma baana.

I. Akeeka (Expectation) cabina laphee


Keeyyata kana keessatti Yesu, muuxannoo kiristaanummaa isa gadi fagoo kan bartoonni isaa
muraasni qofti hubatan dubbate. Inni gooftummaa Yesus guutummaatti of bichisiisuu, wanta
olaanaa kan kee ta’e hunda dhiisuu, jireenya kee aarsaa gochuu akka qabdu dubbate.
A. Cainni laphee duuka buutota Yesus hundumaafi
Barsiisni Yesus baay’ee adda ta’uu isaarraa kan ka’e, akka waan gartuu muraasa bartoota isaa
keessaa qofa ilaallatuutti dhiisna. Garuu Yesus, ergaasaa hunduma keenyaaf akeeke. Inni “Hunduma
isaaniitiinis” “Eenyullee na duukaa bu’u yoo fedhe” jedhee dubbate. Ifaa fi ifatti bartoota isaa
hundumaatti dubbate. Nama isa duukaa bu’uu barbaadu kamittiyyuu dubbateera. Nama isa duukaa
bu’uu fedhu hundumaa irraa cabina laphee akka amaleeffatan dubbate.
Yesus, barsiisni kun barsiisa fudhatamuu fi “ Ameen” nama jechisiisu akka hin taane beeka. “Of
ganii jireenya kee dhiisi” erga jedhee bartoonni “ Ameen” jedhu jedhee hin eegu. Garuu, ifatti
bartoota isaa hundumaa irraa kun akka barbaachisu agarsiise.
B. Cabinni laphee amala duuka buutummaa ti.
Of ganuu fi fannoo ol fudhachuun amala Yesus duukaa bu’uuti. Ajaja Kristoos kana diduun
abboomamuu diduu dha. Dhugumatti isa duukaa bu’uu barbaadda yoo ta’e du’uu qabda! Yesus
duukaa bu’uun akka lallaba, “Yesusiin amani! Cubbuun kee siif dhiifama!” jedhu sanaa salphaa miti.
Namni Yesus duukaa bu’uuf murteeffate, du’uuf qophaa’uu qaba.
Barsiisni Yesus, hunduma keenyaaf wal’aansoo cabina laphee akka dandeenyu, ofiif akka duunuu fi
jireenya keenya akka dhiisnu ifatti agarsiisa. Foon kee guutummaatti of bichisiisuu irraa humnaan si
lola. Waamicha Yesus isa, “Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa, wangeela uumama hundumaatti
lallabaa” jedhu fudhachuun waamicha cabina laphee caalaa salphaa dha. Ta’us akeekni Yesus
dhaabbataa dha. Waamicha kana ni fudhatta moo ni tuffatta?

83
 Mareef: Barsiisni Yesus duukaa bu’uu waldaa kee keessatti ni kennama? Maaliif?
II. Ibsa cabina laphee
Mee barumsa xiqqoo gadi fagoo Yesus kan cabina laphee nu hubachiisan haa ilaallu.
A. Cabinni laphee hanga du’aatti nama gaafata
Yesus, “Fannoo kee fudhadhu” jedhe. Addunyaa ammaa keessatti waa’ee fannoo waan xinnoo
beekna. Fannoon nuti beeknu, amantaa adda addaa keessatti mallattoo yookiin miidhagina mormatti
godhatamu dha. Caqasa kanarraa garuu, fannoon mallattoo gidiraa akka ta’e Yesus ni dubbata.
Duuka buutonni garuu Waa’ee fannoo beeku. Isaan namoota fannoo baatan aragniiru. Fannoon
waan tokkoof akka tajaajilu beeku. Innis DU’A. Fannoon mi’a du’aati! Kanaaf, Yesus duuka buutuu
ta’uu yoo barbaadde du’uu qabda jedhe. Gooftummaa isaaf guutummaatti of kennuun du’uu gaafata.
Cabinni laphee du’uu barbaada.
B. Cabinni laphee ofirrattti murteessuu dha
Wanti du’uu qabu maali? Yesus akkas jedhe, “Namni na duukaa bu’uu barbaadu of ganuu qaba,…”.
Inni duuka buutuu dhugaan of ganuu fi kan isaaf malu dhiisuu akka ta’e ni dubbata.
Of (anummaa) (self) jechuun maal jechuu dha? Caaffanni qulqullaa’aan yeroo tokko tokko foon
jedhee waama. Foon keenya kana jechuu otoo hin taane, fedha keenya isa jireenya dhuunfaa keenyaa
to’atu jechuu dha. Hundeen cubbuu anummaa dha.
Raajichi Isaayas kana hubatee ture. Kitaaba isaa Isaayas 53:6 irratti, “Nuyi hundumti keenya

akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gore;
Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa’e” jedha.
Cubbuun fedha dhuunfaa keenyaa raawwachuu dha. Cabinni laphee immoo fedha sanaaf du’anii,
Waaqayyo akka nu bituuf hayyamuu dha. Rooy Hessiyoon, barreessaan “Calvary Road” akka
barreessetti giddu galeessi jecha cubbuu (sIn) jedhu, qubee guddicha isa “I” jedhu yoo ta’u hiikkoon
isaa “Ana” jechuu dha. Akka yaada isaatti, giddu galeessi cubbuu anummaa dha jechuu dha.
Yeroo Waaqayyo akkan dhiifama godhuuf na gaafatu, inni ‘lakki’ jedhu anummaa dha. Inni cubbuu
na keessaa dagatu yookiin dhoksuu yaalu anummaa dha. Anummaan waldaa keessatti tokkummaa
dhugaa dhiisee, dhaabbannaa ofiitti nama kenna. Anummaan Waaqayyorratti ka’uudhaan gochaa fi
ilaalcha dhuunfaa ol kaasa. Anummaan olaantummaatti amana; waldaa koo, aadaa koo, og
Waaqummaa kootu caala jedha. Anummaan taayitaa gaggeessummaa faayidaa dhuunfaaf itti

84
fayyadama. Inni of qulleessee warra kaanitti cubbuu lakkaa’a. Anummaan qajeelfama jibbee
dogongora fudhata. Inni mirga isaa qofaaf malee eenyuufuu gadi hin jedhu.
Kiristaanonni yeroo baayyee akkas jedhu:
“Ani akkasuma.”
“Ani nama sana jaallachuu hin danda’u”
“ Ani nama sanaaf dhiisuu hin danda’u”
“Ani nama sana waliin ta’uu hin danda’u”
“Ani nama sana nagaa gaafachuu hin danda’u”...
”Ani nama sanaaf bitamuu hin danda’u, ati abbaa manaa koo hin beektu...”
“Ani dheekkamuu dhiisuu hin danda’u. Waan hundumaa keessaa, waan namichi narratti hojjete
ilaali”
“Ani hin dogongorre waan ta’eef, dhiifama hin jedhu!” Kanneen armaan olii hundinuu waa’ee
anummaa ti. Hundinuu agarsiistota anummaa ti. Yesus immoo anummaan caccauu qaba jedha.
Anummaan du’uu qaba. Yesus guutummaatti akka si guutu yoo barbaadde, anummaan kun
guutummaatti caccabuu qaba.
Amantoonni hedduun jireenya kiristaanummaa isaanii keessatti karaa hin barbaachifneen, irra
keessaan, “Galata Waaqayyo”, otuma jedhanii keessa isaaniin garuu anummaan kan to’atamani dha.
Phaawulos waa’ee eenyummaa cubbuu Galaatiyaa 5:19-21 irratti, “ Hojiin foonii mul’ataa dha.

Isaanis, halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gadhiisii, waaqayyoolii tolfaman waaqessuu,


qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa,
yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta
kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta akkasii
hojjetan mootummaa waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima”
Jedha.
Xalayaan Phaawulos barreesse kun amantootaaf wal’aansoo cimaa kan ittiin jireenya ofii keessa iji
foonii armaan olitti tarreeffaman kun jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaallatan dha. Gariin isaanii, “Cubbuu
guddaa” jennee waamna, Phaawulos immoo hundumti isaanii ragaa anummaan hin du’iin jiruu akka
ta’e agarsiisa.
Yeroo baayyee, amaloota anummaa cubbuu jennee waamuu ni dadhabna. Qooda kanaa, “Rakkoo
xiqqoo”, “bu’aa bayii xiqqoo” yookiin jecha ittiin ofiif dhiisan, “Kun amaluma kooti” jenna. Garuu,

85
dhugumatti jireenya hinaaffaa, of tuulummaa, hadhaa’ummaa, jechoota jibbisiisoo, aarii, waliif
dhiisuu dadhabuu, hammina, fi kkf keessa jiraanna. Mallattoolee anummaa kanneeniin cubbuu
jechuu danda’uu qabna.
Furmaata argachuutti gammaduu dura, cubbuu isa jireenya keenya keessaa adda baasuu qabna.
Yesus, rakkoolee kee warra xixiqqoof otoo hin taane fayyina ajaa’ibsiisaa cubbuu jalaa si furuuf
aarsaa ta’e. Dhiigni Yesus, cubbuu kee irraa si qulleessa- yoo qalbii diddiirratte!
Ofiif du’uun sosochii hafuuraa isa dhugaa fida. Sosocho’inni hafuuraa lolaa aangoo Waaqayyoo
irraan dhufa miti; inni ija cabina laphee fi jireenya of kenneen dhufa. Sosocho’inni hafuuraa, akkuma
nuyi Waaqayyoof of kennineen dhufa. Kana booda, aangoo isaa fudhanna.

Cubbuu keessatti nutti tolee otoo jiraannuu, maaliif Waaqayyo deebii kadhata keenyaa akka turse ni
gaafanna. Namoota karaa sirrii irra jiran goonee of dhiyeessina. Garuu ilaalchi kun jireenya hafuuraa
keenya ni ajjeesa. Isa qofaa osoo hin taane, jireenya waldaa kiristaanaas ni balleeessa. Waa’ee
sosochii hafuuraa dhiisnee, Waaqayyo dursee laphee keenya akka nu cabsu kadhachuu qabna. Isa
qofaa dha sosochii hafuuraa arguu kan dandeenyu.
Namoonni baayyeen gatii sosochii hafuuraa kana argachuuf nama kanfalchiisu kanfaluuf
hayyamamoo miti. Garuu, mootummaa Waaqayyoo lafa irratti arguu yoo barbaadde, fannoo kee
baachuu, jibba ofirraa fageessuu, obbooleessa/ttii keef dhiifama gochuu qabda. Gara namootaa
deemtee, “ Maaloo, akkaataa dubbii koo ammaaf dhiifama naaf godhi” jechuu danda’uu qabda. Kun
sosochii hafuuraati, gatii kanfaluu qabdu si kanfalchiisa.
Phaawulos ergaa isaa Galaatiyaa 2: 20 irratti, “ Egaa si’achi Kristos isa ana keessaatu

jiraata malee anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma
Waaqayyoo isa na jaallatee, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan
jiraadha” yeroo jedhu waa’ee nama laphee cabaa dubbachuu isaati.
Gaggeessitootni Waaqayyo guutummaatti isaanitti fayyadame, jireenya isaanii keessatti yoo xinnaate
si’a tokko, bakka itii lapheen isaanii cabe; yeroo wal’aansoo dhuunfaa isaanii waliinii fi
Waaaqayyoof of bichisiisan qabu. Yaaqob, ergamoota waliin wal’aansoo wal qabeera; Yesus dafqa
dhiigaa dafqeera; Pheexros battala Yesusiin ganetti imimmaan buusee boo’eera.

86
 Hubachiisa: Dhuga bahinsa dhuunfaa kee kan yeroo kana fakkaatu jireenya kee

keessatti si mudate kennuu dandeessa? Yoo ta’uu baate, yeroo barumsa kanaa

yeroo biraatti dabarsi yookiin namni biraa akka barsiisu yoo goote gaarii dha.
Jireenya Kristaanaa irraa hafaa jiraachuuf anummaan kee du’uu qaba.
C. Cabni laphee murtoo guyyaa guyyaa gaafata
Cabni laphee yookiin du’uun inni jalqabaa yeroo jireenya kee guutummaatti kristoosiif kennitu
eegala. Garuu, jireenyi kee yeroo baayyee otoo hin cabin kan tureef cabinni adeemsa guyyaa guyyaa
waan ta’eef. Gocha guyyaa guyyaa malee, jireenya gartokkeen kristoosiif of kenne jiraatta.
Yesus guyyaa guyyaatti fannoo kee akka baattu fi isa duukaa buutu si abbooma (Luq 9:23). Guyyaa
hundumaa qorumsi caba laphee si mudata. Qorumsi kun macaafa qulqulluu dubbisuudhaan otoo hin
taane namoota warra kaan waliin wal qunnamuudhaani. Waaqayyo namoota biro fayyadamuudhaan
caba laphee kee si qora. Tarii hogganaa kee isa hamaadhaan, namoota hamoota waliin hojjettuun,
deebii jabaa haadha manaa/abbaa manaa keen yookiin gabaasa gungummii sirratti ka’een ta’uu
danda’a. Deebiin ati haalota kanaaf kennitu, cabuu fi cabuu dhiisuu laphee kee mirkaneessa jechuu
dha. Wal falmii, dheekkamsa, miira namaa miidhuu, gadduu, komachuu- hundinuu anummaa irratti
kan xiyyeeffatani dha.
Jireenyi du’aa gadi fagoon kun Filannoo guyyaa guyyaa ti. Yoo boru, haadha manaa/ abbaa manaa
keetti aartee, cubbuu kee amantee fudhachuu dadhabde, hanga qalbii diddiirrattutti jireenya guutuu
Yesus keessatti hin jiraattu.
Namni biroon mirga keetti bu’uun isaa aarii fi dheekkamsa kee waan siif dagachiisu jettee amanuu
danddeessa ta’a. Kun garuu dogongora.
 Mareef: Namoonni hedduun yeroo isaan, “ Namni sun na aarse” jedhan ni

dhagahama. Haa ta’u malee, eenyuyyuu si aarsuu hin danda’u. Situ, aaruudhaan
deebisuu danda’a,.. yookiin dhiifamaan deebistee jaallachuu filachuu dandeessa.
Namni biroon si aarsuu ni danda’a?
 Leenjisaaf: Kun namoota baayyeef, gaaffii addaa ti. Kanaafuu, yeroo kennii akka

xiinxalan godhi.

87
Waaqayyo waan namoonni kaan sirratti raawwataniin itti gaafatamaa (accountable) si hin godhu,
garuu, akkamitti akka ati isaaniif deebisteen itti gaafatamaa si godha. Namoota akka diina keetti
ilaaluurra, akka mi’a qorumsa cabina laphee Waaqayyo siif qopheesseetti lakkaa’uu qabda.
III. Muuxannoowwan cabina laphee.
Cabinni laphee guutummaa jireenya kee jijjiira. Cabinni laphee Kristoos si keessattii fi karaa kee
akka hojjetu balbala bana. Waachmaan Nii (Chaayinaa) kitaaba isaa ‘Release of the sprit” jedhu
keessatti, yeroo anummaan cabu, hafuurri ni gadhiifama jedhee ture. Inni, anummaa akka golgaa
hafuura Waaqayyootti fakkeessa. Hanga anummaan jirutti, hafuurichi qabamaa dha.Garuu, yeroo
anummaan caccabu, hafuurichi ni dho’a.
Yesus cabina laphee, jireenyaa fi du’a isaan agarsiise. Inni arrabsoo hedduu baate, garuu hin
dheekkamne. Namoonni isa jibban, garuu inni isaan hin jibbine. Yeroo inni dadhabullee, hin aarre.
Namoonni akka malee isa hubatu, jecha isaas akka malee hiikkatu, garuu inni ofiif hin falmanne.
Inni callisee himata sobaa fudhate. Yesus guyyaa guyyaatti fedha Waaqayyoof guutummaatti kan of
bichisiise ture. Kanaafuu, aangoo abbaa isaa irraa fudhate.
Fannoon, Yesus ofiif du’uu isaa kan agarsiisu dha. Duuni kun kan isaaf malus ta’e kan inni hawwe
otoo hin taane, gaara Getesemaanee kadhachuudhaaf of kenne; “…garuu akka jaalala koo miti; akka
jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate (Mat 26:39). Karaa wal fakkaatuun, Yesus akka isa
akkeessinuuf nu waame- akka inni nuuf jedhee caccabe, isaaf jennee caccabuu!
Caba laphee akamitti jireenya keenya keessatti shaakalla? Waa’ee bakka lamaa kaasnee, akkamitti
cabin laphee gaggeessaa tokko akka jijjiiru in ilaalla.
A. Caba laphee mana keessatti
Yesus guyyoota walitti aanan kudhaniif, gocha kee hundumaa callisee ilaaluudhaan akka si faana
jiraatu ni barbaadda? Ta’uu dhiisuu danda’a.
Iddoon baay’ee ulfaataan itti cabina laphee shaakallu manatti, iddoo itti eenyummaa kee isa dhugaa
agarsiistu. Manatti, wanta afaan kee haguuge ofirraa baaftee gatta, manatti.
The most difficult place to practice brokenness is at home, where you are most likely to show your
true nature. At home you remove your nice “masks.” Manatti, eenyummaan kee inni dhugaan ni
mul’ata,yeroo baay’ee karaa namatti hin tolleen. Osoo manatti gaggeessitoota lapheen isaanii
caccabe taane maaltu ta’a ture?
 Mareef: Wal’aansoon Yesus fedha isaa waliin godhe, galgaluma Pheexros wal’aansoo qabe
dha. Garaagarummaan Wal’aansoo Yesusii fi Pheexros irratti ta’e maali?

88
1. Namoonni laphee cabaa qaban dogongora isaanii amananii fudhatu
Nama manatti laphee cabaa qabu yoo taate, dogongora kee amantee fudhatta. “Ani dogongoreera,
naaf dhiisuu dandeessa?” jettee dhugaatti ni dubbatta. Akkamitti jaalalaan warra kaan akka
qajeelchanis ni beekta. Yeroo baay’ee, jechoonni kee jajjaboon ati ijoollee fi haadha/abbaa manaa
kee ittiin qajeelchuuf dubbattu, cubbuu dhokataa jireenya dhuunfaa kee keessa jiru mul’isa. Yoo
haalaan caccabde, jaalalaa fi tasgabbiin dubbatta.
2. Namoonni laphee cabaa qaban mirga isaanii ni dhiisu
Yeroo lapheen kee caccabu, mirga kee ni dhiista. Namni kamiyyuu mirga akka qabu itti dhagahama.
Halkan gaarii fi tasgabbaa’aa nan qabaadha jettee ni amata ta’a. Abbaan manaa, galagala hudumaa
shayee isaa sa’aatii wal fakkaataatti dhuguu, Ajajni isaa kan gowwummaa yoo ta’ellee gaaffii tokko
malee abboommii dabarsuu barbaada. Haadhi manaa jaallatamuu fi galateeffamuu yookiin jireenya
dhuunfaa isheef yeroo mataa ishee mijeeffachuu barbaaddi. Mirgi kun hundinuu mana kiristaanotaa
keessatti walitti bu’insa uumu, sababni isaa mirgi keenya yoo nuuf guutuu dide, ni aarra waan ta’eef.
Garuu, gaggeessaan lapheen isaa caccabe, mirga mataa isaa hin qabu. Laphee cabina dhugaa
keessatti, mirga isaanii Waaqayyoof dhiisanii nagaadhaan jiraatu.
B. Gaggeessummaa keessatti cabina laphee
Cabinni laphee akkamitti gaggeessummaa keerratti dhiibbaa fida? Himamoota kanneen lamaan
hubadhu:
“ Gaggeessaa caba hin qabne, hin hordofiin” Tiim Ispiriinger, USA
“ Gaggeessaan hin caccabne taanaan, warra kaan caccabsa” Soortuu Sooter D’Silvaa, Mumbaayi,
Indiyaa
Cabinni laphee karaa baayyee bifa gaggeessummaa kee jijjiira.
1. Gaggeessaan caccabe, ceephoo fudhata
Cabinni laphee gaggeessaan tokko falmii tokko malee ceephoo akka fudhatu godha.
Gaggeeessummaan yeroo baayyee ceephoo kakaachisa, sababni isaa gaggeessaan nama hundumaa
gammachiisuu hin danda’u.
Yeroo namni tokko wal’aansoo siin qabu akkamitti deebiftaaf? Gaggeessaan hin caccabne
dheekkamaa fi falmiin kan guute, humna isaan falmii ka’e sana dhaabuu kan barbaadu dha.

Gaggeessaan lapheen isaa cabaa ta’e deebii deebisuun dura sirriitti kan dhaggeeffatuu fi gadi
fageenyaan wantoota kan ilaalu dha. Ceephoon sun sirrii taanaan, gaggeessaan haala sana jijjiiruufi

89
nama isa sirreesse sanallee galateeffachuun beekama. Ceephoomn sun kan hin mirkanoofne taanaan
garuu, nama dhimmi ilaalu sanatti jaalal agarsiisaa hojii isaa ciminaan itti fufa.
 Mareef: Hima kana irratti maree taasisaa! “ Gaggeessitootni hin duune,

falmachuudhaan beekamu; gaggeessitootni lapheen isaanii caccabe ceephoo


tasgabbiidhaan fudhatu”
2. Gaggeessaan lapheen isaa caccabe, waa’ee isaa baay’ee hin yaadu
Gaggeessummaan gahumsa olaanaa kan gaafatu yoo ta’eyyuu, cabinni laphee garuu Waaqayyorratti
akka of gatuuf isa tiksa. Gargaarsi Waaqayyoo fi namoota biro akka isa barbaachisu ni hubata.
Dadhabbii fi cimina isaa addaan baasee ni beeka.
Kun gaggeessitoota gahumsa isaanii guddifatanii fi Waaqayyo isaanitti dhimmi bahuuf qorumsa
guddaa dha. Waan ofii keenya hojjennee addunyaan kun itti dhimmi baaterratti ulfina barbaachisu
argachuun badii miti.
Gaggeessitootni ofiif hin dune, ofii isaanii warra kaan caalaatti lakkaa’u; Gaggeessitootni laphee
cabaa garuu garraamummaadhaan hojii Waaqayyoo jireenya isaaniirratti godheef ni galateeffatu.
3. Gaggeessaan laphee cabe warra kaan jajjabeessuu fi guddisuu hin sodaatu.
Gaaggeessaan lapheen isaa cabe, ofii isaa mul’isuu waan isa hin barbaachifneef, warri kaan
gaggeessummaa isaaf danqaa hin ta’an.Kennaa namoota warra kaanii hubachuu, mirkaneessuu fi
yeroo isaan ittiin guddatan immoo gammaduu danda’a. Milkaa’ina warra kaaniitti ni gammada;
warri kaan yoo isa caalanillee hin gaddu. Sababni isaa, xiyyeeffannoon isaa mootummaa Waaqayyoo
malee mootummaa ofii isaa babal’isuu waan hin barbaadneef.Gaggeessaan tokko guutummaatti hin
caccabne taanaan, namoota warra kaan guddisuu fi jajjabeessuu hin danda’u.
Gaggeessitootni ofiif hin dune, warra kaan aangessuu hin danda’an; gaggeessitootni laphee cabaa
garuu, warri kaan gahumsa isaanii guutummaatti akka gadhiisan/dhimmi itti bahantaasisu.
4. Gaggeessaan lapheen isaa caccabe namootaaf ifaa dha
Gaggeessaan lapheen isaa caccabe akka “ergamaa qulqullaa’aa” gonkumaa cubbuu hin yaadneetti of
lakkaa’uu ni morma. Gaggeessitootni hedduun eenyummaa isaanii isa sirrii olitti of
fakkeessu.Wal’aansoo, dadhabinaa fi kufaatii dhuunfaa isaanii namaaf hin qoodan.Sirrii ta’uu
(image of perfection) ta’uu yaalu.
Gaggeessitootni lapheen isaaniii caccabe haqa qabeessota (genuine and authentic) dha. Waa’een
qulqullummaa jireenya isaanii qabatamaatti kan argamuu fi dhugaa bahamu (down-to-earth) dha.
Namoonni warri kaan akka irraa baratii fi hubatniif jecha dadhabina isaanii ni qoodu. Qooda warra
90
kaan achii gadi ilaaluu, isaan waliin gadi of deebisee deddeebi’a. Taayitaan isaa namoota sirreessuuf
tarkaanfii kan isa fudhachiisuu danda’u yoo ta’eyyuu, gaggeessaan lapheen isaa caccabe tasgabbii fi
jaalalaan hojjeta.
Gaggeessitootni ofiif hin dune namoota warra kaanitti of hin mul’isan; gaggeessitootni lapheen
isaanii caccabe garuu haqaan hojjetu.
5. Gaggeessaan lapheen isaa caccabe, tajaajilaa dha
Gaggeessaan lapheen isaa caccabe osoo of hin qabiin warra kaan tajaajila.Sababni isaa, dhimmi of
tuulummaa fi anummaa isa keessa hin jiran. Gaggeessaan akkasii eenyu akka ta’e waan
beekuuftaayitaaf lola hin dhaqu; warra kaan miidhuufis hin yaalu. Yesus isa kana osoo miilla duuka
buutota isaa hin dhiqiin dura kana godhee ture. Yohaannis 13: 3-4 irratti, “ Yesus immoo

Waaqayyo abban waan hundumaa harka isaatti akka kenne, inni ofii isaatii
Waaqayyo biraa akka dhufe, gara Waaqayyoos akka dhaqu in beeke. Kanaafis
irbaata irraa ka’ee, wayyaa isaa ofirraa fuudhee kaa’ee, erbaa tokkos fuudhee
mudhiitti suuqqate,..” jedha.

Yesus eenyu akka ta’e, maal hojjechuuf akka waamamee fi galma isaa ni beeka. Miilla dhiquuf gadi
jechuuun isaa kanneen keessaa tokkkollee hin jijjiirre.Ajandaa fi hawwii ofii isaaf waan du’eef,
warra kaan tajaajiluu danda’e.
Gaggeessitootni ofiif hin dune taayitaa isaanii eeggatu; gaggeessitootni lapheen isaanii caccabe
garuu ni tajaajilu.
Goolaba
Manni keenya namoota lapheen isaanii caccabe barbaada.Addunyaan gaggeessitoota lapheen isaanii
caccabe barbaaddi.Waldaan kiristaanaa dhiirotaa fi dubartoota fakkeenya Yesus, “Guyyaa
guyyaatti du’uu” fiixaan baasan barbaaddi.
Har’a du’uuf fedha qabda?Amaloota anummaa warra jireenya kee keessatti har’ayyuu mul’atan
dhiisuuf fedha qabda?“Yesus, ani qulqullaa’uun barbaada.Ani anummaa hedduu baadheen jiraachaa
jira. Anummaan koo ilaalcha ani namootaaf qabuun, deebii ani taayitaaf qabuun akkasumas deebii
ani ittiin haadha manaa/haadha manaa/ maatii koof deebisuun ni mul’ata” jettee dubbachuuf fedha ni
qabda?

91
Itti fufi, ammuma jalqabi. Kristoos akka laphee kee caccabsuu fi anummaa keef duwwaa (empty)
akka si godhu hayyamiif! Kana booddee fi booddee qdha kan Yesus guutummaatti si keessatti
mul’atu. Akkamittii fi eessaa akka eegaltu yoo wallaalte, Waaqayyo cubbuu kee akka sitti mul’isuuf
gaafadhu.Guyyoota, torban yookiis ji’oota sitti fudhachuu danda’a. Garuu, Waaqayyo gara tuqaa
guutummaatti of kennuutti akka si fiduuf hayyamiif! Isa booda Phaawuloos waliin, “Egaa si’achi
Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti;…” jechuu dandeessa.
Yeroo qoofnii xiqqoo ishee Waaqayyo waliin qabaadhu, kadhannaadhaan barsiisa barumsa kanaa
yaadi.Abbaltii gochaa xumuri.Laphee kee hojii Waaqayyo si keessatti hojjechuu barbaaduuf
bani.Garaagrummaa namoota of tuulanii fi namoota caccabanii jidduu jiru
ilaali.Amanamummaadhaan sararoota kennaman irratti amaloota amma kana si ibsan irratti
mallattoo godhi.Waaqayyo gara laphee caccabuuutti si fidee hojii isaaf guutummaatti akka sitti
fayyadamuuf kadhadhu.
 Leenjisaaf: Hirmaattotni akka ta’utti Waaqayyo waliin akka dudubbatanii fi

abbaltii gochaa isaanii akka xumuran hubachuudhaaf yeroo gahaa


karoorfadhu.

92
Qo’annoo dhimmi dhuunfaa (Case study)
Hiriyaan ati jaalattu kan mana barumsaa macaafa qulqulluu keessatti wal bartan Ximootewos
jedhamu naannoo ati jiraatturraa adeemee magaalaa biro keessatti tiksee waldaa tokkoo ta’e.
Akkuma ati barumsa cabina laphee kana baratteen, gara mana kee dhufe.Erga nagaa wal
gaafattanii shayee dhugdanii, akka gaggeessaa tokkootti akkamitti akka inni jiru gaafatte. Innis
seenaa isaa ji’oota jahan darbanii akkas jechuu eegale, “ Baay’ee natti toleen akka tikseetti hojii
koo hojjechaa jira. Yeroo namoonni na kabajanii, ‘Paastor’ anaan jedhan baay’ee natti tola.
Wal’aansoo muraasa qabaadhullee, fooyya’insa agarsiisaan jira. Yeroo tokko,gumii jaarsolii
keessaa tokko, wanti ani waltajjii irratti dubbadhe sirrii akka hin taane natti hime. Amanuu hin
dandeessu! Mana barumsaa Macaafa Qulqulluutti kan barate ana malee isa miti! Akamitti akkasitti
na madaaluu danda’a? Baay’ee na aarse. Ariifadhee isa ifadheen, yaada natti himu yoo qabaate
akka inni beekun barbaade. Sun yeroo xumuraa itti inni na jeeqe ture. Erga Sanaa nagaa wal hin
gaafannu, garuu yoo xiqqaate eenyutu waa’ee waldaa sanaaf akka itti gaafatamaa ta’e hubateera.
Obboleessi dargaggeessi tokkos kan waldaa keessatti na rakkkisu jira. Galgala tokko qo’annoo
macaafa qulqulluu barsiisee, namoonni harka rukutaniif. Waa’ee sanaaf akka inni of jaje waanan
yaadeef, lammaffaa akka inni hin barsiisne nan akeekkachiise.
Guyyaa tokkos, osoon ergaa qopheessaa jiruu, daa’imman koo na jeeqan, hojii na dhorkan. Obsa
koo fixadheen isaanitti iyye. Booda gahee garuu nan gadde. Ta’us yeroon walitti dhufeenya keenya
akka fayyisu nan beeka.
Yeroo biro immoo obboleessi tokko waldaa keessaa akkan ani maallaqa waldaa fudhachaa jiruutti
odeessuu eegale. Waa’ee sana dhagahuu eegaleen dhumarratti maal akka inni hojjete bare.
Waajjira kootti isa waameen, waldicha keessaa akka bahuu fi deebi’ee akka hn dhufne
akeekkachiise.Akkamitti akka inni na ilaale tilmaamuu iyyuu hin danda’u.Oh, rakkoo hedduu
narraan hage, ani gonkumaa isaaf dhiisuu hin danda’u.
Rakkoowwan muraasa kanneen malee, sirrriitti hojjechaa jirra.Anis lallaba ergaa jajjabaa qabun
lallaba, namoonni gara Kristositti dhufaa jiru, Waldaanis guddachaa jirti. Yeroo dhiyootti miindaa
koo akka naaf dabalan nan beeka. Kanaafuu, waan Waaqayyo karaa godhe kanaaf baay’een
galateeffadha”.
Erga xumuree shayee isaas dhugee, “Kanaafuu, waa’ee tajaajila koo gara fuulduraatti maal yaadda?”
jedhee si gaafate. Barumsa baratte irratti hundooftee, Ximootewosiin maal jetta?

93
Abbaltii gochaa
Maqaa: ___________________
1. Jireenya kee keessatti wanti Pheexrosiin mudate si mudatee beeka? Yoo ta’e, maaltu akka ta’ee
fi akkamitti akka jireenya kee fi gaggeessummaa keerratti dhiibbaa fide ibsi. Yoo ta’uu baate,
maaltu akka si dhowwe ibsi.
2. Caqasa armaan gadii irratti hundooftee, gaaffilee itti aanan deebisi.
Galaatiyaa 2 :19b, 20, “ … ani Kristos wajjin fannifameera. Egaa si’achi Kristos isa ana
keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo,
ilma Waaqayyoo isa ana jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan
nan jiraadha”.
“Kristoos wajjin fannifameera” jechuun maal jechuu dha?
Jireenya kee gara caqasa kanaatti fiduudhaaf tarkaanfii qabatamaa akkamii fudhachuu qabda?
3. Caqasa armaan gadii suuta jedhii dubbisi.
Galaatiyaa 5:19-21, Hojiin foonii mul’ataa dha. Isaanis hlalummaa, xuraa’ummaa, jireenya
gadhiisii, waaqayyoolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa,
qoccolloo,hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu,
weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus.
Amaloota jireenya cubbuu tarreeffaman Kanaan of ilaali. Kanneen waldaa kee keessatti mul’atanitti
mari. Ammammoo, waa’ee jireenya dhuunfaa kee yaadi.Kanneen olitti tarreeffaman keessaa kamtu
jira?
4. Gabatee armaan gadii irratti garaagarummaa namoota oftuuloo fi namoota caccaboo ilaali.
Tokkoon tokkoo sararaa irratti wanta si ilaallatu mallattoo itti godhi.Kana booddee, yoo
xiqqaate, kadhannaa daqiiqaa 10tiin jireenya kee gara isa waa’e kee sitti dubbachaa jiruutti akka
si qajeelchu Waaqayyoon gaafadhu. Kana booda, waa’ee kee fi waa’ee cabina laphee waan
baratte barreessi.

94
Namootni of tuuloon… Namootni laphee caboo…
akka cubbamoota xixiqqootti of ilaalu, Akka cubbamoota gurguddootti of ilaalu,
dogoggoraa fi kufaatii nama biroo dogongoraa fi kufaatii ofii isaanii
sirreessuuf ko’oommatu. sireeffachuuf ko’oommatu.
qajeelaa of taasisu, hafuura dogongora Gara laafeyyii fi kan namaaf dhiisani,
namarraa barbaadu cimaa qabu. sababni isaa hangam akka isaaniif dhiifame
beeku.
warra kaanii olitti of ilaalu. Warra kaan of caalchisanii ilaalu.
hafuura of danda’aa fi ofitti amane qabu. Waaqayyoo fi amantoota kaanirratti hirkatu
Sirrii ta’uu isaanii mirkaneeffatoo dha. Yeroo hundumaa dogongoruu akka danda’an
hubatu
Mirga isaaniif ka’u, hafuura gaafatu qabu. Mirga isaanii kennu, hafuura garraamummaa
qabu.
Yeroo, mirgaa fi kabaja isaanii ofiif eeggatu. Aarsaa of godhu; yeroo fi mirga isaanii
kennu, kabaja hin barbaadan.
Tajaajilamuu barbaadu, yoo tajaajilan garuu Ulfina Waaqayyoof warra kaan tajaajiluu
galateeffamuu barbaadu. barbaadu.
Ofii isaaniif milkaa’ina barbaadu. Warri kaan akka milkaa’an taasisu.
Of guddisuu barbaadu. Warri kaan guddatanii arguu barbaadu.
Galateeffamuu fi argamuu barbaadu, namni Ofii isaanii qofa akka hin hojjenne beeku;
biro yoo kabajame ni gaddu. yeroo Waaqayyo isaanittti fayyadamu ni
gammadu.
Miira “ Dhaabbanni ykn tajaajilli kun anaan Wanti isaan gumaacha hundinuu humna
waan qabuuf galateeffamuu qaba” jedhutu Waaqayyoo isa dadhabbii isaanii keessaan
itti dhagahama. hojjete ta’uu isaa beeku
Hin barsiifamani; ofitti amanu, waan Garraamii fi kan baratani dha; baay;ee
hundumaa beeku. barachuu fedhu.
Waa’ee ofii irratti xiyyeeffatu (self- Of irraanfatoo (self-forgetful) dha; warra
concious), yeroo hundumaa “Maalan kaan of caalaatti lakkaa’u.
fakkaadha” jechaa ajaa’ibsiifatu

Fageenyarratti argamu, namatti hin siqan, Warri kaan waan itti siqaniif miidhamoodha,
hamma malee ofitti amanu. laphee qulleessa fi hubamoo dha.
Cero ceepha’aman ni falmatu, dognogora Hafuura laphee garraamiitiin ceephoo
gonkumaa akka hin qabneetti yaadu. fudhatu.
Yeroo dogongorri uumamu warra kaan Dogongora isaanii ni amanu, itti
komachuutti ariifatoo dha. gaafatamummaas ni fudhatu.
Nama kabajamaa ta’uu barbaadu, maqaa Hawwa kabajaa isaaniif du’anii, kabaja
isaanii ni eeggatu. Yesus ol kaasuuf kan jiraatani dha.
Waa’ee fedha hafuuraa isaanii warra kaanitti Waa’ee fedha hafuuraa isaanii warra kaanitti

95
himuun isaanitti ulfaata (self-protective). himuu ni danda’u (self- disclosing).
Cubbuu isaanii ni dhoksu; cubbamaa ta’uu Of mul’isuudhaaf fedha qabu,Kristoos
isaanii akka namni beeku hin barbaadan qajeelummaa isaaniiti, waan dhaban
tokkollee hin qaban
“Dogongoreen ture” jechuu hin danda’an; itti Cubbuu murtooftellee hubatanii dhiifama
yaadanii cubbuu isaanii dhoksuu yaalu, hin gaafachuu danda’u- Yaaqob 5:16
qabaman
Miidhama namni biraan isaanirraan gahe Fedha qalbii diddiirrannaaf qabanirratti
kulkulfatu; akka waan fedhi isaanii xiyyeeffatu; ofii isaanii cubbamoota fayyisaa
dhiibameetti yaadu barbaadan godhanii of dhiyeessu
Bu’aa dhukkubbii cubbuun itti fiderratti Waa’ee cubbuu laphee isaanii irratti
xiyeeffatu, Yoo tuqaman ni gaddu. xiyyeeffatu, ariifatanii qalbii diddiirrachuu
barbaadu.
Walitti bu’insa keessatti, namoonni dhufanii Araaraaf ni ariifatu, “Nan gadda, anaaf
dhiifama akka isaan gaafatan barbaadu. dhiisi” jechuu ni dursu.
Warra kaan waliin of madaalu, nama adda Ofii isaanii Yesus waliin wal madaalu, arrara
akka ta’an amanu Waaqayyoo akka isaan barbaachisu sirriitti
beeku
Haala dhugaa laphee isaaniif du’oo dha Onnee Ermiyaa 17:9 irraa iaalaa, ifa keessa
deddeebi’u
Waan itti qalbii diddiirratan tokkollee hin Guyyaa guyyaatti ilaalcha laphee qalbii
yaadan, of gahoo dha. diddiirrannaa barbaadu
Sosochii hafuuraaf dhimmi hin qaban- namni Sosochii hafuuraa itti fufiinsa, cubbuu irraa
kanbiroo kamiyyuu gochuu danda’a jedhanii qulqullaa’uu fi hafuura qulqulluudhaan
yaadu guutamuu barbaadu.

96
GAGGEESSAA FI GALMA
Kutaa Macaafaa
Nah 2:4-9: Galma ijaarsa dallichaa Nahiimiyaa
Qajeelfama
Galmi tarkaanfii (steps) qabatamaa gaggeessaan tokko mul’ata isaa bira gahuuf kaawwatuu fi
milkaa’ina gaggeessaa tokkoof murteessaa dha. Galma gaggaarii kaa’uu, irratti hojjechuu fi
madaalaa adeemuun bu’aa qabeessummaa gaggeessaa tokkoo daran ni dabala.
Galma barumsichaa
Barumsa kana booda, hirmaattotni
 Walitti dhufeenya mul’ataa fi galmaa
 Adeemsa galma gaarii kaa’uu,
 Barbaachisummaa galma kaa’ame irratti hojjechuu,
 Bu’aa galma kaa’ame madaaluun qabu ni hubatu.
Galmawwan hojiirra oolan
Barumsa kana bood a hirmaattotni
 Jireenya dhuunfaa isaaniif, maatii fi hojii isaaniif galma bareedaa ni qopheeffatu,
 Dheebuu waldaa (need in the church) keessa jiru madaaluudhaan tokkoon tokkoo isaaf galma
gaarii qopheessuu qabu.
SEENSA
Meeqan keessantu tapha kubbaa miillaa jaallata?
Leenjisaa: Taphi kubbaa miillaa naannoo keetti beekamaa miti yoo ta’e, fakkeenya gara biro
fayyadamuu dandeessa.
Akkas jechuun osoon tapha kubbaa miillaaf si affeeree, “Har’a akkaataa xiqqooshee adda ta’een ni
taphanna. Innis, miira gartuu kamiiyyuu miidhuu hin barbaadnu; callisnee ni taphanna, garuu goolii
hin galchinu. Dirree bal’aa sanarratti akkanumaan taphanna”. Itti fuftee ni taphatta? Gonkumaa hin
ta’u! Taphni goolii lakkaawamu hin qabne hin jiru.
Maree: Tapha keessaati kaayyoon goolii maali? Taphattootaaf maal fayyada?
Leenjisaa: Deebii namoota muraasaa hayyamiif! Deebii isaanii keessatti, kallattii itti taphatan
beekuuf, Kaka’umsa taphichaaf, Karaa ittiin goolii lakkaa’atanii fi kanneen biro jechuu danda’u.
Kunneen hundinuu garuu gatii galmaa (value of goals) akka ta’an hubadhu. Kaayyoon goolii,

97
karaa ittiin mul’ata keenya bira geenyu, gara fuulduraatti adeemuuf kaka’umsa ta’uu fi akka
goolii galmeessfnee fi kufne ittiin beekuufi.
Tapha galma hin qabne hin taphannu. Garuu namoonni hedduun jireenyi isaanii kan akkasii ti.
Dirree bal’aa sanarra kubbaa asii fi achi rukutuu irraan kan hafe garamitti akka adeeman hin beekan.
Namoota baayyee muraasatu jireenya ykn tajaajila isaaniitiif galma ifaa kaa’atee qaba. Namooni
dhibbeentaan 5 gaditu galma isaanii barreessa. Namoota hedduun mul’ata ifaa fig alma tokko malee
deddeebi’u. Wanuma isaanirratti ta’eef deebii kennaa jiraatu..
Kutaa darbe keessatti, waa’ee mul’ata Nahiimiyaa ilaalleerra. Kutaan macaafaa Nah 2:4-9 jiru
immoo galma Nahiimiyaan mul’ata isaa hojjechuuf kaa’ate ilaali.
Leenjisaa: Seenaa Nah 2:4-9 irra jiru irra deebi’uun akka shaakalan godhi. Kana booda gaaffilee
armaan gadiif gartuudhaan deebii akka kennaniif jajjabeessi.
Kutaa macaafaa kana keessatti tarkaanfiiwwan Nahimiyaan mul’ata isaa fiixaan baasuuf kaa’ate
hunda tarreessi.
1._________2.______________3.____________________4._______________5__________
Leenjisaa: Deebiin isaanii kanneen armaan gadii ta’uu isaa mirkaneeffadhu! 1. Kadhata 2.
Mul’aticha Mootichaaf hiruu 3. Deemsaaf hayyama gaafachuu 4. Deemsaaf guyyaa
murteessuu 5. Xalayaa gaggeessituu mooticha biraa fudhachuu 6. Xalayaa deeggarsaaa
argachuu 7. Xalayaa moototaaf aragchuu fa’a.
Nahimiyaan dallaa diigame san aijaaruudhaaf mul’ata qaba ture. Mul’ata isa kana bira gahuufis
karoora qopheeffatee qaba ture. Yeroo inni gara Mootichaatti ol seene maaltu akka ta’e hubanneerra.
Nahiimiyaan maal gochuu akka barbaadu beeka, yeroo hammamii akka itti fudhatu beeka;
akkasumas hojichaaf maal akka isa barbaachisu beeka. Xalayaawwan isa barbaachisan duree itti
yaadee ture. Osoo mul’ata isaa mootichaaf hin qoodiin dura, tarkaanfiin itti aanu maal ta’uu akka
qabu ni addaan baafatee ture.
Seenaan armaan olii (Nah 2:4-9) jalqaa hojiilee Nahiimiyaan mul’ata isaa ittiin hojjechuuf baafate
dha. Itti fufnee yoo dubbifne tarkaanfiiwwan hedduu fudhateera. Isaan kunniin hundinuu galma
jedhamu.
Mul’ata qabaachuun gaariidha. Haa ta’u malee gahaa miti. Gara hojiitti hiikuuf galma barbaachisa.
Galmi gabaabaatti, tarkaanfiiwwan ittiin mul’ata ofii bira gahani dha. Galmi sfartuu yeroo
gabaabduu kan mul’ata keenya bira gahuu fi dhiisuu keenya agarsiisu dha.

98
Mul’anni kee gara fuulduraatti bakka ati gahuu barbaaddu yoo ta’u galmi immoo tarkaanfiiwwan ati
mul’aticha bira gahuuf baafattu dha.
Walitti dhufeenya mul’ataa fi galmaa fakkii salphaa armaan gadiin ilaali.

Mul’ata

Galma

Bakka amma
jirtu

Hubadhu! Mul’ata bira gahuudhaaf tarkaanfiiwwan hedduutu jiru. Mul’anni tokkichi galma hedduu
maddisiisa. Mul’anni kee, waldoota kiristaanaa hedduu dhaabuudhaan lafa wangeelli hin gahiin
gahuu ta’uu danda’a. Kunis galma hedduu kaawwachuu gaafata. Mul’ata kee galmawwan yeroo
murtaa’e keessatti raawwatamuu danda’an hedduutti caccabsi. Kutaa kana keessatti, karaalee
gurguddoo sadii gaggeessaan kamiyyuu mul’ata isaa bira ittiin gahuu danda’u ilaalla.
1. Galma gaarii kaawwadhu (Set goals)
Nahiimiyaan galma gaggaarii ittiin mul’ata isaa galma gahu kaawwate! Galma kaawwachuun hojii
gaggeessaa mul’ata qabu hindumaati. Mul’anni gaggeessaa murtaa’aa fi ifaa yoo tahe, gaggeessichi
galma isaa kaawwachuu qaba. Galmi gaariin akkamitti qophaa’a? Galmi gaariin afaan
Ingiliffaadhaan karaa gabaabaa SMART (Specific, Measureable, Attainable, Realistic and
Tranferable (Time bounded kan jedhanis jiru) ta’uu qaba. Tokko tokkoon ilaaluuf
A. Specific (Kan murtaa’e):- Galmi gaariin, kan murtaa’ee fi ifaa ta’uu qaba. Galmi ifaa hin
taane hin fayyadu! Nahiimiyaan, “Gara Yerusaalem dhaquun barbaada” hin jenne.

99
Galmi Nahiimiyaan baayyee maurtaa’aa ture, “ …jaalala kee yoo ta’e, warri kutaa biyyaa laga
Efraaxiiis irraa gara lixa biiftu jiran bulchan Yihudaa hamman gahutti nagaadhaan akka na
dabarsaniif, caaffanni kee anaaf haa kennamu”! “Mana ani keessa taa’u tolfachuudhaaf, muka
akka naaf kennuuf Asaaf isa bosona mootii eegutti caaffanni kee anaaf haa kennamu”! Argiteee!
Gaaffileen isaa hundinuu kan murtaa’an dha.
Galmi ifaa hin taane qopheessuu irraa of qusadhu. Fakkeenyaaf, “Waldaan keenya eebba namoota
hedduu akka taatu nan barbaada” kan jedhu murtaa’aa miti; ifaas miti. “Eebba” jechuun maal jechuu
dha. Mul’anni kee waldoota hedduu ijaaruu yoo ta’e, galmi kee takaanfiiwwan murtaa’oo, mul’ata
keen si geessisu ta’uu qaba jechuu dha. Fakkeenyaaf, “Bakka mijataan itti waldaa dhaabuuf, soomaa
fi kadhataan yeroo nan fudhadha” jechuu dandeessa.
B. Measureable (Kan safaramuu danda’u):- Xalayaan Nahiimiyaan gaafate, namoota
beekamaniif ture. Adeemsa isaafis yeroo kaawwatee ture. Yeroo daangeffachuun galma ofii
safaramuu dandeessisa. Yeroo sanatti yoo ka’e, galma isaa fiixaan akka baafatu ni beeka
jechuu dha. Galma isaa gahuu kan hin dandeenye yoo ta’ellee ni beeka jechuu dha. Galmi
tokko kan safaramuu danda’u, lakkoofsaa fi yeroo daanga’aa yoo qabaate dha. Lakkoofsii fi
yeroon galma kee bira gahuu fi dhiisuu kee ittiin beekuuf si gargaara. Galma safaramuu
danda’u qopheessuun hojii ulfaataa dha. Kana jechuunis, akkaataan barreessuu isaa salphaa
ta’us miira namaa irratti ni ulfaata. Sababni isaa, sodaa galmicha raawwachuu dadhabuun wal
qabata. Galma kee sana guutummaatti raawwachuu dhabuu dandeessa; haa ta’u malee, yoo
xiqqaate, akeeka ifaa ta’e qabda. Galma qopheeffachuu dhabuurra, galma qopheeffatanii
xumuruu dadhabuu wayya.
Yeroo baayyee, kiristaanonni jechoota babbareedoo ni dubbatu. Garuu hin safaramu! Tikseen
waldaa tokko, “Ani amantiitti nama beekamaan ta’a” jechuu danda’a. Galma sana akkamitti
safarta? Galma sana gahuu fi dhabuu kee karaan ittiin beektu jira? Kun kan safaramu miti.
Nama amantiitti beekamaa ta’uudhaaf, galmi murtaa’aan si barbaachisan, fakkeenyaaf, “ Ji’a
ji’aan kitaaba waa’ee amantii ibsu tokko dubbisee nan xumura” yoo jette galma safaramuu
danda’u qabaachuu keeti. (Yeroo fi lakkoofsi jala sararamaniiru).
Galmi tokko tokkommoo murtaa’oo garuu kan hin safaramne ta’uu danda’u. Fakkeenyaaf,
“Lubbuu haaraa gara Yesuusitti nan fida” kan jedhu hin safaramu, sababni isaa hangaa fi
yeroo daanga’aa hin qabu. Garuu, “ Bara kanatti lubbuu haaraa 20 gara Yesusiit nan fida”
yoo jenne galma sirrii ta’a.

100
Leenjisaa: Battallee armaan gadii hojii garee godhiif. Kamtu galma safaramuu danda’u
akka ta’ee fi hin taane adda haa baasan. Akkamitt galama safaramuu danda’u akka
taasisan carraa kenniif. Hubachuu isaanii mirkaneeffadhu!
Kanneen armaan gadii dubbisii kamtu, galma safaramuu danda’u akka ta’e addaan baasi.
a. ____Wangeela koo yeroo hundumaa nan dubbisa.
b. ____Lubbuu haaraa gara mootummaa waaqayyootti nan fida.
c. ____Amantoota haaraa waldaa koo keessaa duuka buutota nan taasisa.
d. ____Ulfaatina koo nan hir’isa.
Hunduma isaanii hubattee? Kunniin hundinuu kan safaramuu danda’an miti. Mee lakkoofsaa fi
yeroo daballee akka safarman taasisifna.
a. Wangeela koo boqonnaa___,___tti nan dubbisa.
b. ______tti lubbuu haaraa namoota_____ gara mootummaa waaqayyootti nan fida.
c. _____tti amantoota waldaa koo keessa jiraniif leenjii yeroo____kennuudhaan duuka buutota
nan taasisa.
d. Ulfaatina koo kiiloogiraama-----yeroo______keessatti nan hir’isa.
Leenjisaa: Hirmaattotni bakka duwwaa kenname irratti lakkoofsaa fi yeroo guutuu isaanii
mirkaneeffadhu. Fakkeenyaaf, a. guyyaatti/ torrbanitti/ ji’atti/ boqonnaa lama/ sadii/ afur,….
C. Attainable (Kan bira gahamuu danda’u:- Galmi Nahiimiyaan kaawwate kan bira gahamu
ture. Galma isaa bira gahuudhaaf baayyee cimee hojjechuun isa irra ture; gargaarsa
Waaqayyootiinis bira gaheera. Gaggeessitootni galma guddaa, kan bira gahamuu danda’u
kaawwatu.. Gaggeessitootni amantii fi waan qabatamaa waliin madaaluudhaan galma
guddaa; garuu kan bira gahamu qopheeffatu.
Galmi tokko kan bira gahamu ta’uu isaa akkamitti himuu dandeenya? Ruuqolee itti
fayyadamtu (namoota, dandeettii isaanii, dandettii gaggeessummaa kee, ciminaa fi dadhabina
kee) addaan baastee beekuu qabda. Waggaa tokko keessatti A irraa kaatee Z bira gahuuf hin
akeekkatiin! Muuxannoo kee kanaan duraa yaadadhu. Kana booda fuuldura keef galma
barreeffadhu. Waggaa darbe waldaa tokko hundeessite yoo ta’e, waggaa dhufuti hammam
yoo cimtee hojjettellee waldootii 30 hundeessuu hin dandeessu.
Leenjisaa: Lakkoofsa qabatamaa hirmaattotaatti himuudhaan, muuxannoo ofii kee qabdu
qoodiif!

101
Galma bira hin gahamne yoo qopheeffanne maaltu ta’a? Saba sana gara kufaatii fi abdii
kutannaatti geessita.”Waldootii 30 hundeessina!” jettee, waldootii 5 qofa yoo hundeessite,
sabni akka waan kufaatiitti lakkaa’a. Dhugaan jiru garuu waggaa darbe irra waldootii shan
hundeessuun kee jajjabeeffamuu qaba.
Keessumaa, sadarkaa galma qopheeffachuu eegalte taanaan, gara fuulduraatti hiixachuun
dura wantoota guutummaatti to’annoo kee jala galfatte yaada keessa galfadhu. Akkasumas,
galmi ati keesse kun dfandeettii raawwachuu kee keessa ta’uu isaanii mirkaneeffadhu. Nama
birootiif galma qopheessuu hin dandeessu. Fakkeenyaaf, Haadhi manaa tokko, “Galmi koo
abbaa n manaa koo dhuma waggaa kanaa irratti kiristaana taasisuu dha” yoo jette, kaka’umsi
isheen qabdu baayyee gaarii yoo ta’eyyuu, galmichi dandeettii haadha manaa sanaan bira
gahamuu dhiisuu danda’a. Abbaan manaa ishee dhuma waggaa sanaa irratti amanataa ta’uu
isaa mirkaneeffachuu hin dandeessu. Sababni isaa nama kan fayyisu Waaqayyo waan ta’eef.
Haa ta’u malee isheen gala guyyaatti waa’ee abbaa manaa ishee daqiiqaa 15 kadhachuu akka
dandeessu qopheeffachuu dandeessi. Kun humna ishee keessa kan jiruu fi kan bira gahamuu
danda’u dha.
D. Relevant (Haqa qabeessa/ kan dhimma baasu):- kun wanta hojjetamu yookiin wanta
qabatamaa ta’e jechuu dha. Xalayaan deeggarsaa fi deegarsi maallaqaa Nahiimiyaan
barbaade mul’ata isaa ittiin hojjechuuf akka ta’e beekamaa dha. Galmi tokko mul’ata sanaaf
barbaachisaa, fedhii namootaa kan guutu, fedhiii dhaabbata sanaa fig alma wal fakkaatoo kan
deeggaru ta’uu qaba. Keessumaa, gaggeessitoota tajaajiltota ta’aniif galmi isaanii fedhii
warra kaanii kan guutu ta’uu qaba. Galmi keenya guddina dhuunfaaf yoo ta’ellee, akeekni
isaa eebba warra kaanii ta’uu qaba.
Galmi dhaabbata tokkoof kan waa’ee baasu ta’uu qaba. Bakkaa fi yeroo sanaa waliin wal
simuu qaba. Yeroon galma tokkoo fi isa kaanii kan wal dhiitu yoo ta’e, galma ta’uu hin
danda’u. Galma isa kamtu yeroo kamiif barbaachisaa akka ta’e filachuun barbaachisaa dha.
Fakkeenyaaf, galma mana guddaa waaqeffannaa ijaaruu bara kanatti qabaattee yoo jiraatte,
yeroo wal fakkaataatti yeroo fi annisaa kee bal’aa dhugaa bahinsa irratti karoorsuu hin qabdu.
Isa kamtu saba sanaaf, dhaabbata sanaaf, yeroo ammaa keessatti barbaachisaa akka ta’e
filachuu dha.

102
Galma dhuumfaa kee yeroo qopheeffattu, galma hojii keef qopheessiteen akka walitti hin
buuneef akekkachuu qabda. Fakkeenyaaf: Mucaa godhachuu yoo barbaadde ta’e, barumsa
fagoo deemuuf murtoon maatii barbaachisaa dha.
E. Transferable (Kan qoodamu): Nahimiyaan dursa mootichaaf booda immoo namoota dallaa
sana ijaaraniif mul’ata isaa qoodeera. Galmi kee baayyee ifaa kan warra kaaniif qoodamuu
danda’u ta’uu qaba. Warreen kaan galama kee bira gahuuf si qunnamu yookiin atumti itti
gaafatamaa galama kee akka taatu godhu. Karaan barbaachisaan galma kee ittiin qooddu
barreessuudhaani. Galma kee barreessuun mul’ata kee qooduuf qofa otoo hin taane, saffisa
raawwii kees ni murteessa. Hanga ammaatti namoonni dhibbeentaa shanii gai qofatu mul’ta
ofii barreeffata.
Erga galma kee barreeffattee booda warra kaaniitti himi. Yeroo galma kee namootatti
beeksiftu humna guddaatu si keessaa madda. Ganama sa’aatii 12tti kaatee akka kadhattu
haadha manaa keetti yoo himte, guyyaa itti aanu ganama sa’aatii sanatti harka si tuqee
hirribaa si kaasu argita. Mandara sadii keessatti wangeela akka lallabdu namootatti yoo
beeksifte, namoonni sun ji’a booda , hammam akka ati qaqqabde si gaafatu. Kunis
kaka’umsa guddaa si keessatti uuma. Galma kee namoota sirrii waliin qooddachuun galma
sana bira gahuuf si gargaara.
2. Galma qopheeffatte irratti hojjedhu (Act on the goals)
Nahiimiyaan kadhatee karoora baafate. Mootichaa fi mootittii waliin mariiyate. Dhuma irratti,
galma mootummaa gadhiisee gara Yerusaalemitti adeemsa eegale. Magaalicha yeroo qaqqabu,
hojii hedduutu isa eeggata. Galma”SMART” ta’e qopheeffachuun tarkaanfii guddaa gara
fuulduraatti tarkaanfachuu dha. Kanaaf, waraqaa irratti tarkaanfii kee ni barreessita. Garuu
waraqaan sun mora (magical) ofii hojjetu miti. Galmi barreeffame hojii barbaada. Namoonni
miliyoonaan lakkaa’aman karoora gurguddaa bara haaraaf ni baafatu, ta’us otoo Fulbaanni hin
raawwatiin dhaabu.
Waa’ee mul’ataa abjochuu fig alma qopheeffachuun ofii isaa jijjiirama hin fidu. Hojii eegaluu
qabda.Gaggeessaa waldaa tokkoo yookiin dhaabbata tokkoo yoo taate, kalandarii kee
ilaaluudhaan guyyoonni hundumtuu karoorfamuu isaanii mirkaneeffadhu! Waa’ee karooraa as
keesssatti bal’inaan yoo kaasuu baanneyyuu, wantoonni akka ta’an kan godhu hojii eegaluu kee
akka ta’e hubadhu.

103
Isa booda sochii eegali. Adeemsi dheeraan, tarkaanfii qeenxee irraa aka eegalu hubadhu. Kufinsa
karaa kee irratti si mudateen gara duubaatti hin deebi’in! Hanga galma kee bira geessutti cimii
hojjedhu!
3. Galmicha madaali (Evaluate the goal)
Nahiimiyaan hojii isaa madaalee ture. Gaggeessaan yeroo hundumaa, hojicha ilaala, ni madaala,
wantoonni akkamitti akka adeemaa jiran ni hubata, fuulduraa fi duuba ni ilaala. Nahiimiyaan
akkamitti akka isaan hojjechuu qaban irratti ni fooyyesse.
Akka gaggeessaa tokkootti nuyis galma keenya madaaluu qabna. Karaa sirrii irra adeemaa jirraa?
Mul’aticha raawwanneerra? Rakkoo maaliitu nu mudate? Akkamitti haa furru? Karoorri kee
madaaluu malee ofii isaan akka hin hojjetamne hubadhu!
Gaggeessitoonni kiristaanaa hedduun madaallii hin jaallatan. Wanti isaan karoorsan yoo hin
raawwatamne ta’e baayyee isaan dhukkubsa. Madaaluun immoo hammam isa sabatti himan akka
fiixaan baasan gargar baasa. Dhaabbatichi akka guddachaa hin jirre itti agarsiisa. Garuu, madaalliin,
gaggeessitoonni ogummaatti akka guddatanii fi adeemsa itti aanu qixaan hojjetan isaan garggaara.
Piroojektichi yeroo dhumu, taa’ii madaali. Gaaffii gaafadhu! Kamtu sirriiti hojjetame? Kamtu
fooyya’uu q aba? Gaaffileen kunniin gaggeessitoonni akkamitti galma fuuldura isaanii akka gahuu
qaban isaan hubachiisa.
Madaalliin milkaa’ina illee ni agarsiisa. Yeroo galma isaanii bira gahan gaggeessitoonni waaqayyo
isaaniif galata ni dhiyeessu.
Gudunfaa
Barumsa mul’ataa fi galmaa keessatti tarkaanfiiwwan jijjiiramaa ni argamu. Jalqaba mul’ata
qabaachuu qabna. Kana booda, galma qopheeffachuu dha. Itti fufee, galmicha irratti hojjechuu; hojii
barbaachisaa hundumaa xumuruu; dhuma irratti madaaluu dha. Akka gaggeessaa tokkootti kana
gochuun dhuunfaa keefis ta’e gartuu gaggeessitu wajjin sirraa eegama.
Karaan hatattamaa ittiin dandeettii gaggeessummaa keetti guddattu barnoota mul’taa fi galma irratti
baratte hojiirra oolchuu dha. Dhama’insaa fi kadhannaa barbaachisaa gochuu qabda. Mul’annii fi
galmi tarkaanfii murteessaa gaggeessummaa ti.
Galmi kadhannaa fi bu’uura jireenya hafuuraa sagalicha keessatti qabnuun bakka hin bu’u. Garuu
kadhannaa fi qu’annoon macaafa qulqulluu tartiibaa fi gulantaa murtaa’aa hin qabne gaggeessaa ija
qabeessa oomishuu hin danda’u. Kadhannaan gara mul’ataa fi gochaatti si geessuu qaba.
Gaggeessaan tokko akkuma dandeettii gaggeessummaatti guddachaa galma gaarii qopheeffachuu

104
danda’een, galma “SMART” ta’e qopheeffachuu barata; galmicha irratti hojjechuu shaakala; galma
kaawwate sana biras nig aha. Milkaa’inni tokko tokkoon isaa gara fuulduraatti Waaqayyo waliin
waan guddaa gara hojjechuutti sochoosa. Kun hojii salphaa miti; garuu firii gaarii ni argamsiisa.
Gilgaala shaakalaa (Case study)
Dilbata jalqaba waggaa haaraatti, pastor Yoo’el lallaba Iyaasuu boqonnaa sadii isa sabni Israa’el
galaana Yordaanos ce’ee gara lafa kakuu isaa aananii fi damma baasuu ce’uu lallabe. Ergaan lallaba
isaa “Bara lafa kakuu (The year of promised land)” kan jedhu ture. Waldaan sun baayyee waan itti
toleef, sagalee guddaadhaan, “Ameen!” jedhee fudhate. Hundumni isaanii bara aannanii fi damma
itti argatan, bara eebbaa akka isaaniif ta’u hawwaa turan. Bara namoonni hedduun itti gara gooftaa
dhufanii fi bara ijaarsa gamoo gurguddaa akka ta’u itti lallabame.Mandaroonni wangeelli hin
dhaqqabne akka wangeelaan bira gahaman lallabe.
Yeroo lallabaa sana booddee jjarsolli gara biro fi paastoe Yoo’el waliin mana shayee teessanii
baay’ee erga haasoftanii booddee, Paastor Yoo’el. “ Har’a namoonni hedduu gammadan; anis
akkaataan itti dilbata dhufurratti lallaba kana caalaa humna qabu lallabu itti yaaduu eegaleera” jedhe.
Isin keessaa waan paastoricha gorsitan kan qabu jira? Maal jettuun?
Leenjisaaf:- Hojmanee afaaniffaa kenniif!
Hirmaattotni hundinuu erga irratti kadhatanii booddee, galma”SMART” ta’e sadii akka
qopheeffatan gaafadhu. Tokko waa’ee jireenya dhuunfaa isaanii; tokko waa’ee maatii fi tokko
waa’ee hojii isaanii! Kana booddee namoota biro lamatti akka himan jajjabeessi. Yeroo
barnootaa itti aanutti deebii isaani harkaa fuudhi.

Dabalata A: Fakkeenya galmaa (Sample goals)


Galmi armaan gadiitti tarreefffaman akka fakkeenyaatti si fayyadu.
Jireenya dhuunfaa:
1. Guyyaatti sa’aatii tokkof kadhannaa fi qu’annaa macaafa qulqulluudhaanan da barsa.
2. Guyyaatti wangeela boqonnaalee sadii nan dubbisa
3. Ji’attik itaaba tokko guddina dhuunfaa koof nan dubbisa.
4. Torbanitti guyyaa tokko soomaa fi kadhannaanan tura,
5. Guyyaatti daqiiqaa__fan sochii qaamaa hojjedha,
6. Dhuma____tti barnoota________nan eegala.
7. _____tti baajata dabalataa nan uummadha.

105
8. Guyyaa hundumaa ganama sa’aatii___ttan hirribaa ka’a.
9. Ji’atti qarshii_____nan qusadha,
JIreenya Maatii:
1. Torbanitti galgala tokko maatii koo waliinan dabarsa. Yeroo kanatti macaafa qulqulluu
waliin qo’anna; ni waaqeffannas.
2. Ji’atti guyyaa tokko maatii koo waliin nan bashannana.
3. Guyyaatti haadha manaa waliin yeroo_______f yaada fi kadhannaa waliin ni qabaanna.
4. Wiixata galgala yeroo hundumaa, mucaa koo isa hangafaa barumsa duuka buutummaa nan
barsiisa.
5. Torbanitti ijoollee koo keessaa nama tokko waliin yerii bashannanaa ni qabaanna.
Hojii (Vocation): Iddoo hojiitti
1. Guyyaa hundumaa bakka hojii kootti sa’aatii eegeen argama.
2. Barumsa____irratti dandeettii koo cimsachuuf nan galmaa’a,
3. Yeroo boqonnaa shayii kootti qo’annoo macaafa qulqulluu nan qabaadha.
Biizinasii koo keessatti
1. Galii koo torbanitti nan to’adha.
2. Guyyaatti miiltoo hojii koof nan kadhadha.
3. Torbanitti qarshii_______kuufadhee_________haaraa nan bitadha.
Tajaajila irratti (Fakkenya gaggeessaa waldaa tokkoo):
1. Tamsaasa wangeelaa ilaalchisee
A. Waggaatti kiruuseedii gurguddaa sadii qabaachuu
B. Tamsaasa wangeelaa gosa biraa lama fkn: manaa-mana, tajaajila fiilmii, kkf
C. Waldaa guddattuu tokko hundeessuu
D. Tajaajila gara biroo kan tamsaasa wangeelaa xiyyeeffate eegaluu (Hospitaala, mana
sireessaa,, kkf)
E. Torban dhuga baatii qabaachuu
F. Koree karoora kiruuseddii ijaaruu
G. Guyyaa tokko hawaasa naannoo bifa addaan tajaajiluu
2. Maatii
A. Seminaarii namoota maatii qabanii lamaa fi yoo xiqqaate tokkummaa maatii yeroo lama
qopheessuu

106
B. Tokkummaa maatii dhuunfaatti yeroo tokko qabaachuu
C. Ergaa gurguddaa sadii jireenya maatii irratti qabaachuu
3. Faayinaansii
A. Gabaasa faayinaansii ji’atti koree waldichaaf dhiyeessuu
B. Gabaasa ji’a jahaan waldaaf dhiyeessuu
C. Barumsa walitti fufaa ji’a Waxabajjii keessa qabaachuu
4. Kadhannaa
A. Gartuulee adda addaa ji’atti al takkaa wal qunnamsiisuu
B. Ji’a lamaan kadhannaa bultii waa’ee gaggeessummaa qabaachuu
C. Kadhannaa galgalaa tajaajiltootaaf qabaachuu
D. Kadhannaa dawoo guyyoota sadiif qabaaachuu
5. Taatee addaa
A. Cuuphhaa si’a lama qabaachuu
B. Irbaata gooftaa waggaatti yeroo sadii qabaachuu
C. Guyyaa dubartootaa, Guyyaa dhiirotaa, Guyyaa dargaggootaa, guyyaa daawwatootaa
qopheessuu
D. Ji’a hagayyaa keessa kadhata da’oo kan waldaa qopheessuu
E. Ayyaana dhaloota gooftaa Yesus kan itti dadhaboonni gargaaraman qindeessuu
6. Leenjii
A. Gaggeessitoota keenyaaf leenjii ji’aan kennuu
B. Baratoota 15 miseensota haaraa keessaa qabaachuu
C. Gartuu hordoffii kan warra haaraa hordofan qindeessuu
D. Barumsa duuka buutummaa waggaatti al lama qabaachuu
7. Tajaajila Ijoollee
A. Seminaarii barsiisota dilbataa lama qabaachuu
B. Calaqqee barumsa dilbataa guyyaa yaadannoo dhalootaa fi Du’aa ka’uu Yesuusitti
qopheessuu
C. Torban addaa ijoollee qabaachuu
8. Waaqeffannaa
A. Miseensota gartuu waaqeffannaa keessaa namoota sadii barnoota muuziqaaf erguu
B. Barumsa gad fagoo waa’ee waaqeffannaa waldaaf kennuu

107
C. Dilbata Waaqeffannaa fi galataa qabaachuu
D. Yeroo tajaajila waaqeffannaatti tajaajila alaabaa eegaluu
9. Guddina Fiizikaalaa
A. Manneen dullooman suphuu
B. Kutaawwan sadii dabalataan ijaaruu
10. Maanguddoota
A. Maanguddoota waliin ji’atti barumsa qabachuu
B. Maanguddoota sadii leenjii gaggeesummaa keessa galchuu
C. Maanguddoota itti gaafatamummaatti muuduu (gartuu waaqeffannaa, gorsituu,
faayinaansii,…)
D. Maanguddoota dabalataan sadii waggaatti filachuu
Tajaajila garabiroo namoota tiksee waldaa hin taaneef
1. Guraandhalatti gartuu kadhannaa dubartootaa qindeessuu
2. Yoo xiqqaate nama tokko waliin guyyaatti wangeela hirmaachuu yookiin qooduu
3. Dandeettii tamsaasa wangeelaa koo vimsachuuf waggaatti al lama leenjii tamsaasa
wangeelaa irrratti hirmaachuu
4. Gartuu yeroo______keessatti namoota_______bira gahu qindeessuu
5. Gartuu duuka buutotaa waldaa keessatti namoota_____waliin yeroo_____keessatti
qindeessuu
6. Tiksee waldaa koo waliin mul’ata koo qooddachuuf yeroo_______n wal arguu.
7. Torban tokko kadhataanii fi soomaan waa’ee mul’atichaa turuu
8. Weebsaayitii waldaa koo uumuu.

Hoj manee hojiirra oolu


1. Yoo xiqqaate galma “SMART” ta’e sagal barreessi. Wantoota armaan olitti baratte hunda
yaada keessa galfadhu!
A. Jireenya dhuunfaa
1.________________________
2. ________________________
3.________________________
B. Jireenya maatii

108
1. _________________________
2.____________________________
3.___________________________
C. Tajaajila/Hojii
1. ______________________________
2._____________________________
3._____________________________

109
GAGGEESSAA FI GARAA DHIIFAMAA
Kutaa macaafaa: Mat 18:21-35; Fakkeenya abbaa gatii oo’a hin qabnee

Qajeelfama

Yesus kan nu waame, akkuma inni yakka keenya nuuf dhiise, warra nu yakkaniif akka dhiifnuufi.

Kaayyoo Barumsichaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

• Abboommii dhiifama gochuu macaafa qulqulluu,

• Rakkoo dhiifama gochuu dhabuun fidu,

• Namoota adda addaa dhiifama goonuuf,

• Sababoota dhiifama gochuun ulfaateefi

• Adeemsa dhiifama gochuu ni hubatu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

• Namoota dhiifama hin taasifneef addaan ni baafatu.

• Araaramuudhaaf tarkaanfii barbaachisaa ni fudhatu.

Leenjisaa: Barumsa kanaf meeshaaleen barnootaa barbaachisan jiru: Boorsaa dugdaa


guddaa kan kosiidhaan guutame (Fakkeenya gara biraa kan ba’aa namoota dhiifama hin
gooneefii agarsiisutti fayyadamuu dandeessa). Kosiin sun baayyee fokkisaa fi dhumarratti
yeroo ilaalan garuu hamma barbaachisuun ol kan nama jibbisiisu akka hin taane
akeekkadhu. Akka xumurteen waraqaa gaazexaas akka si barbaachisu hubadhu!

Seensa

Hundumni keenya dhiifama argachuu jaalanna; Wanti guddaan tokko Waaqayyo nuuf godhes
cubbuu keenya nuuf dhiisuu ture. Garuu, namootaaf dhiifama gochuun wantoota ulfaatoo nu
mudatan keessaa isa tokko dha. Seenaan Kooriyee Teen Buum namoota nu yakkaniif dhiifama
taasisuun hammam akka ulfaatu nu hubachiisa.

110
Leenjisaa: Seenaa Kooriyee Teen Buumiif haaraa yoo taatee fi fuula interneetii
fayyadamu kan dandeessu yoo ta’e, osoo kutaa kana barumsaf hin dhiyeessiin dura
dubbisi.

Kooriyee Teen Buum yeroo waraana Addunyaa lammaffaa lammiin isaanii Jarmanoota warra
Yihudaa jibbaniin qabatamtee nama biyya Neezerlaandi keessa jiraattu turte. Maatiin ishee Yesusiin
kan hordofanii fi jaalala Waaqayyoof qabanirraa kan ka’e, Yihudota warra Jarman jalaa baqatan
oolchuuf of kennanii turan. Dhumarratti, loltoonni Jarman maal akka isaan gochaa jiran erga
qoratanii, abbaa ishee umriin 87 Kooriye, obboleettii ishee hangafaa fi kanneen kaanis hidhan.
Isaanis gara buufata mana hidhaa Naazii bakka itti baayyee gidirfamanitti geeffaman. Obboloonni
ishee durbaa, gidirfamaa waardiyootaan qullaa isaanii akka adeeman taasifaman. Abbaan ishee
guyyoota kudhan keessatti du’e. Obboleettiin ishees akkanuma.

Kooriyee Teen Buum buufata sana keessaa ji’ota kudhan booda gadhiifamte. Isheenis yeroo rakkisaa
akkasii keessatti amantii isheetti qabamtee hafte; erga gadhiifamtees biyyaa biyyatti adeemtee
waa’ee dhiifamaa dubbachaa naannofti turte. Wal gahii tokkorratti waa’ee dhiifama Waaqayyoo
dubbachaa turte. Erga walgahichi xumuramee nama gara isheetti dhufaa jiru tokko argitee,
waardiyaa ishee gidirsaa ture sana akka ta’e hubatte. Fuuldura ishee gahee, harka isheetti hiixatee,
“Ani Kiristaana ta’eera. Waaqayyo akka inni waan ciggaasisaa ani achitti (buufaticha) keessatti
raawwadhe hundumaaf akka naaf dhiise bareera; garuu arraba keerraas dhagahuu nan barbaada,..
dhiifama anaaf goota?” jedheen. Kooriyeen waan buufaticha keessatti isheerra gahaa ture sana
hundumaa yaadattee wal’aansoo of qabde. Garuu, abboommii dhiifamaa Waaqayyoo hubattee,
gargaarsa Waaqayyoon kadhachaa harka ishee gara isaatti diriirsite. Imimmaan ishee harcaasaa,
“obboleessa koo, garaa koo guutuu siif dhiiseera!” jette.

Maree: Kooriyeen namicha kanaaf dhiifama akka taasiftuuf maaltu ishee dandeessise
jettee yaadda? Nama waan hamaa akkasii namarratti raawwateef dhiisuun sirrii dha?
Osoo ati haalli kana fakkaatu si mudate dhiifama ni taasifta?

Kutaa macaafaa: Mat 18:21-35 dubbisi.

Leenjisaa: Hirmaattotni hundi isaanii akka hubataniif seenaa kana irra deebi’iif.

Gatii sana gara sharafa biyya keenyaatti (Birr)tti jijjiiri. Bara Yesusitti meetiin tokko,miindaa
guyyaatti hojjetaan qacarame tokko argatu dha.

111
Gatiin hojii guyyaa tokkoo qarshii meeqa (akka naannoo keetti)?____

Waggaa tokkotti hammam ta’a?____

Warqeen boorsaan tokko (A bag of gold) miindaa waggoota digdamaan wal qixa dha. Seenaa sana
keessatti, namichi jalqabaa meetii boorsaa 10,000 tu kennameef. Kanaafuu gatiin walii galaa isaa
10,000*waggaa 20* miindaa hojjetaan waggaatti argatu ta’a. Sharafa naannoo keenyaan meeqa ta’a?
Waggaa tokkoof yoo shallagame, (20*10,000*___=______).

Leenjisaa: Hanga hirmaattotni hubatanitti irra deebi’iif. Sharafa naannoo keetti


fayyadami. Kana booda, gaaffile armaan gadii irratti mariiyadhaa!

Daqiiqaa 5-10 maree fi calaqqeef kenniif.

Fakkeenyi kun bu’uura macaafa qulqulluu barnoota kanaa yoo ta’u akka kiristaana tokkootti maal
akka nuuf ta’e ibsa. Cubbuun keenya danuun nuuf dhiifameera. Karoorri araaraa Waaqayyoo
fuuldura isaa akka dhaabannuuf nu dandeessiseera. Garuu, gariin keenya akka namoota hedduun
dhiifameefii namootaaf dhiisuu dadhabneeti.

Leenjisaa: Dubbii kana dubbachaa boorsaa dugdaa guddaa kosiin guutame sana ofirra
kaa’adhu. Hanga barumsa kana xumurtutti ofirraa hin buusiin!

Kana jechuunis, nama nu yakke tokko qabna; waa’ee isaa yaadaa badii inni nurratti hojjete itti
yaadaa turra. Sababoota dhiifama gochuu dadhabnuuf hedduu qabna. Kanaafuu, dugda keenyatti isa
baannee turra. Namni biroonis irratti dabalamaa akkuma adeemeen ba’aa ulfaataa bara jireenya
keenyaatti baannee adeemna jechuu dha. Ulfaatina isaa cinatti, ba’aan kun namatti hin mijatu.

Maree:
Hojjetichi gooftaa isaa maal kadhate? Baasii kana hundumaa baasuu danda’a jedhee
yaada?
Seenaa sana keessatti Waaqayyo eenyu? Nuyi hoo? Gatiin Waaqayyo nurraa baase
hammam gaha? Yeroo namni tokko nu yakku, xiqqoo moo guddaa goonee ilaalla?
Dhiifama gochuudhaa yoo baanne, maaltu isin mudata jedhe Yesus?
Seenaan kun akkamitti seenaa Kooriyee Teen Buum waliin wal fakkaata?
Waa’ee dhiifamaa hedduu odeessineerra. Garuu, dhugumatti hiikkoo dhiifamaa beekna laata?
Armaan gaditti karaalee adda addaa ittiin dhiifama hubannu dha.
Dhiifama jechuun:

112
• Nama nu yakke badii inni nurratti raawwate irraa gadi dhiisuu. Bilisa baasuu jechuu dha.
• Itti gaafatamummaa adaba dhufuu Waaqayyotti dabarsuu dha. Miidhama nurraan gahaniiru
yoo tahe, Waaqayyotti amanannee akka barbaadetti akka inni deebisu gochuu dha.
Akkuma waa’ee garaa dhiifamaa odeessineen, dogongoroota beekamoo dhiifama waliin wal
qabatnis ni ilaalla. Namoonni gariin miira isaanii waliin wal’aansoo waan wal qabaniif, dhiifama
gochuun itti ulfaata. Dhiifamni garuu gocha dha; filannoo nuti taasifnu dha. Miira keenyarratti kan
hundaa’u osoo hin taane murtoo dha.
Gariin immoo dhiifama gochuu barbaadu; garuu badii isaan irratti dalagame irraanfachuu hin
barbaadan. Dhiifama gochuu jechuun irraanfachuu dhiisuu jechuu miti. Waan tokko irraanfachuuf
filachuu hin dandeenyu garuu dhiifama gochuuf filachuu ni dandeenya.
Amma, macaafni qulqulluun waa’ee dhiifamaa maal akka nu barsiisu ni ilaalla. Waa’ee dhiifamaa
hubachuudhaaf gaaffileen afur nu gargaaru.
Maaliif dhiifama taasisna?
I. Dhiifama akka taasifnu abboomamneerra
Seenaa kana keessatti Yesus namootaaf akka dhiifnu akka nurraa barbaadu ifaa dha. Kutaa macaafa
qulqulluu iddoo garaagaraattis dhiifama Yesus nuyiif taasise nuyis gara warra kaaniitti akka
dabarsinuuf akka abboomamne ifaa dha. Jaalannus jibbinus abboommiin macaafa Qulqulluu
keessatti abboomamne raawwatamuun isaa dirqama dha.
• Dhiifama taasisuun rakkoowwaan baayyee hambisa.
Hojjetaan sun dhiifama gochuu waan dhiiseef gara mana hidhaatti dabarfamee akka dararfame
hubadhu. Dhiifama gochuu diduu isaaf rakkinni isarra gahu jira. Dhiifama gochuu dhabuun rakkoo
hedduu fiduu danda’a. Isaan keessaa sadii ilaalla.
Maree:
Seenaa sana keessaatti Yesus maaliif dhiifama gochuu akka qabnu dubbate?
Dhiifama gochuu yoo baanne karaalee kamiin dararfmna?
1. Rakkoo Waaqayyo waliinii
Hojjeticha dhiifama gochuu dide sanarratti maaltu ta’a? Yessu akkas jedhe, “ Isinis tokkoon tokkoon
keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabbattan, abbaan koo inni waaqa
irraas akkas isin godha.” (Lakk 35).
Dhiifama gochuu dhabuun hariiroo Waaqayyo waliin qabnu ni miidha. Yesus, bartoota isaa akkas
jedhanii akka kadhatan barsiisee ture, Mat 6:12-15,

113
“12Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi. 13
Qoramatti nu
hin galchiin hamaa nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan
14
keeti. Ameen!] Namootaaf irra daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni
waaqarraa immoo isiniif in dhiisa. 15Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan
keessan isiniif hin dhiisu.” Jedhe.
Kana jechuun, yoo warra kaaniif dhiisuudhaa baanne, Waaqayyo nuuf hin dhiisu jechuu dha. Jecha
hammam guddaa dha! Hiikkoo biroo barbaaduufiin hammam baayyee cimaa ta’uu mala. Garuu ifaa
dha. Namootaaf yoo dhiisuufii baanne, Waaqayyo nuuf hin dhiisu! Waaqayyo nuuf hin dhiisu
taanaan rakkoo baayyee hammaataa ta’e jala jirra jechuu dha.
Garuu, namootaaf yerooo dhiifnu, Waaqayyos nuuf dhiisa! Hariiroon nuyi Waaqayyo waliin qabnu
deebi’uudhaaf carraa guddaa dha. Akka Kristaanaatti guddanne kan jedhamu, namootaaf dhiisuu yoo
dandeenye dha; sababni isaa caalmaatti akka Kristoos ta’uu eegalle jechuu dha.
2. Rakkoo hariiroo gidduutti uumamu
Hojjetichi , hojjetaa akkasaa sana yeroo arge maal akka godhe hubadhu! Hudhee isa qabe!Haalli kun
hariiroo akkamii agarsiisa?
Nama tokkoof dhiisuufii yoo baatte maaltu ta’a beekta? Isa waliin nagaadhaan walitti dhiyaachuu ni
dandeessa? Hin dandeessu! Kun hariiroo addaan kuta. Hariiroowwan namootaa kumaatamaan
lakkaawan kan caban sababii namoonni waliif dhiisuu dadhabaniif!
Hariiroon dhifama malee oftuulummaa fida. Nagaa wal gaafachuu nam tolchee fi kolfi sobaa jaalala
dhugaa bakka bu’aa jira. Jibbi iddoo qabate.
Yeroo namootaaf dhiifama goonu, hariiroon keenya ni fayya. Yeroo baayyee dhiifamni keenya
balbala hariiroo keenyaa ni saaqa. Garuu darbee darbee, namtichi sun wanta darbe sana gadhiisuu
hin barbaadu yookiis dhiifama fudhachuu hin barbaadu ta’a. Dhiifama gochuudhaaf waan nuuf
danda’ame hundumaa gochuu fi bu’aa isaaf immoo Waaqayyoon amanachuu qabna.
Leenjisaa: Seenaa kana fakkaatu, hirmaattotaaf qooduu dandeessaa. Maqaa namootaa fi
gadi fageenyaan seenaa sana akka hin kaasne of eeggadhu!
3. Rakkoo qaamaa fi miira irrtti uumamu
Qaamni keenya akka dhiifama gochuu hin dandeenyetti hin uumamne. Dhiifama gochuu yoo
baanne, jeequmsi keemikaalaa qaama keenya keessatti ni uumama. Dhiifama gochuu dhabuun
hirriba namarraa balleessa, dadhabbii fida, madaa’uu garaachaa f kkf dhaqqabsiisa.

114
Miirri keenyas ni miidhama. Ni aarra, ni dheekkamna, ni inaafnas. Yeroo tokko tokko mujujummaan
(depression) dhiifama gochuu dhabuu irraa madda. Kana jechuun immoo mujujummaan hundinuu
dhiifama gochuu dhabuudhaan dhufa jechuu miti. Sababa jeequmsa keemikaala qaamaa keenya
keessa ka’uun ta’uu danda’a. Yeroo sana yaala fayyaa barbaada.
Dheekkamsa jireenya keessatti baachuun gidirfamuudha. Kiristaana tokkkoof dhiifama gochuu
dhabuun akka dhukkuba laamshessaa ti. Ba’aa dugda ofirratti baachuu dha. Karaa hundumaan
hidhaa keessa jiraachuu dha.
Leenjisaa: Dhukkubbii ba’aa dugda keerratti baattee jirtuu agarsiisaa barsiisi. Ba’aa kana
baatanii rafuun rakkisaa dha.
II. Eenyuuf dhiifnu?
Sagalichi, “Obboleessi ykn obboleettiin koo yoo na yakkan” akkasumas, “ Hojjetichi hojjetadhuma
akka isaatii argee” dhiisuufii dide jedha.
Kanaafuu, obboleessi, obboleettiin yookiis hojjetaan akka ofii eenyu? Jireenya keenya keessa
hariiroo gosa adda addaatu jira. Warreen beekamoo ta’an ilaalla.
Leenjisaa: Bakka barbaachisutti fakkeenya dhuunfaa kee fudhadhu. Bakka itti baayyee
miidhamtee fi dhiifama gochuudhaaf wal’aansoo wal qabde yaadadhu. Hirmaattotaaf
ifatti qoodiif; maqaa isaanii garuu akeekkadhu!
Dubartiin Afrikaa tokko erga Kristaana taatee mujujummaa cimaa keeessa seentee turte. Abbaan
manaa ishee, ishee dhiisee gara biyya biratti adeeme. Ijoollee ishee ofiishee guddisuuf wal’aansoo
keessa turte. Baayyee aaruu fi dheekkamuu irraa kan ka’e hirriba rafuufis ta’e ka’uuf qorichatti
fayyadamti turte. Erga fayyitee booda, Waaqayyo akka isheen abbaa manaa isheetiif dhiifama gootu
barbaaduu isaa hubatte. Isheenis akkasuma gootee, dhukkuba isheerraa guutummaatti fayyite.
Maree: Pheexros yeroo gaafficha gaafate (lak 21) eenyufaaf dhiifamuu akka qabu
agarsiise? Hojjetichi eenyuuf dhiifama gochuu dide? Kanafuu, namoonni nuyi dhiifama
gochuufii qabnu eenyu fa’i?

1. Ofii keenyaaf
Yeroo tokko tokko namni ulfaataan nuyi dhiifama gochuufii dadhabnu matuma keenya dha! Ofii
keef dhiifama gochuu qabda. Wantooni dogongora ta’an ati kanaan dura hojjette hedduu ta’uu
danda’u. Seexanni waan darbe sana si baachisuu barbaada. Ati amma uumama haaraadha. Macaafni
qulqulluun akka jedhutti, “Egaa amma firdiin, warra kristoos Yesusitti qabamanii jiraatanitti
faradamu tokko illee hin jiru.” Rom 8:1. Kanaafuu, yakka kanaan duraa baattee hin adeemiin.
Taateewwan sanneen hundaaf dhiifama ofiif godhi.
115
2. Maatii keenya
Gaaffiin Pheexroos, “Obboleessi ykn obbleettiin koo” kan jedhu ture. Karaan ittiin dhiifama gochuu
shaakallu hedduun kan jiru mana keenya keessatti dha.
Abbaa manaa ykn haadha manaa keef dhiifama godhi. Namoonni dhiifama waliif hin goone lama
wal faana jiraachuun waan gadhee jidduu isaaniitti uuma.
Jechamni Afrikaanotaa, “ Qottoon lama bakka tokko yoo taa’e yeroo hundumaa wal riga” jedha.
Leenjisaa: Hawaasa ati keessa jiraattu keessa jechamni wal fakkaataan yoo jiraate, itti
fayyadami. Ilaalcha haadha/abbaa manaa keef badu osoo hin balleessiin fakkeenya mataa
kees ibsuu dandeessa.
Waan maatiin kee yeroo ijoollummaa kee sirratti dalaganiif dhiifama godhiif. Mana barumsaa ati itti
barachuu barbaaddu keessatti si barsiisuu didanii yookiis wantoota jireenya kee keessatti
barbaachisoo ta’an hundumaa irratti waan isaan si miidhaniif ba’aa dhiifama gochuu dhabuu irraa
bilisa isaan baasi.
Ijoollee keenyaaf dhiifama gochuu ykn fudhachuu qabna. Yoo isaan dogongoran, isaan adabi; garuu
dhiifama godhiif, deebitees hin yaadatiin!
Maatii kee keessaa eenyuuf dhiifama gochuu qabda?
Maree: Naannoo keetti maatiin yookiin bakka buutonni maal gochuudhaan nama
dheekkamsiisu?
Mucaatu abbaa isaan erga reebamee booddee moggaa taa’ee akka nyaata nyaatu ajajame. Isa
booddee, kadhannaa akka inni kadhatuuf gaafatamee, mataa isaa gadi qabatee akkas jedhee kadhate,
“Yaa abbaa diinota koo fuulduratti maaddii anaaf waan dhiyeessiteef sin galateeffadha!”
Maatii isaa isa adaban malee hariiroo isaan gidduu ture hin deebifne ture.
3. Hiriyoota keenyaaf
Tarii hiriyaa keetti waa himattee, inni immoo dabarsee nama biraatti hime ta’a. Yeroo wal argitan
ammayyuu wal ilaaltanii kolfuu dandeessu; keessa keessaniin garuu ba’aa namatti hin tolle baattanii
jirtu. Dhiisiitii, Waaqayyo hariiroo keessan deebisuu barbaada.
Hiriyoota kee keessaa eenyuuf dhiifama gochuu qabda?
4. Namoota duraan hariiroo waliin qabna turreef
Baayyeen keenya, namoota kanaan dura nu miidhan ni qabna. Nama sana kan jaalattuu fi nama siif
jiru yoo ta’e garuu itti qabamtee jirta taanaan, ammayyuu dugda keetti baattee jirta. Tarii namni kun
jireenya kee keessatti godaannisa hin badne kaa’eera ta’a fkn mucaa seera gaa’elaan ala dhalate/tte.
Nama sanaaf hin dhiiftu taanaan, battaluma mucaa sana ilaaltutti nama sana waan yaadattuuf mucaa
sana jaalachuu hin dandeessu.
Hiriyoota kee duraaanii keessaa eenyuuf dhiifama gochuu qabda?
5. Kristaanota warra kaaniif
Kiristaanonni walii walii isaanii miidhuu danda’u. Isaan obboleessa ykn obboleettii hafuuraa waliiti.
Gara waldaa kan biraatti jijjiirrachuun furmaata hin ta’u.
Waldaa kee keessaa eenyuuf dhiifama gochuu qabda?
6. Warra Kristaanotaa hin taaneef

116
Namoota wajjin hojjennu warra Yesusiin hin qabnes qabna. Dhiifama hin goonuuf taanaan, akka
namichi kiristoosiin hin fudhanneef isaa fi Kristoos gidduu dhaaba kaa’aa jirra. Namni amantoonni
osoo isatti qabamanii jiranii Kristoosiin fudhatu nama akkamiiti? Akkasuma immoo nama hin
amanne tokkoof dhiifama siif godheera yeroo jennu dhugaa bahinsa akkam namatti tolu dha!
Namoota hin amanne eenyufaaf dhiifama gochuu qabda?
7. Warra gaggeessinuuf
Gaggeessummaa keessatti carraa ittiin dhiifama goonu baayyee qabna. Namoonni baayyeen karaa
tokkos ta’e karaa biraa nu miidhu. Gariin nu aarsu. Gariin nutti gumgumuudhaan oduu sobaa
facaasu. Muraasni ilaalcha keenya akka malee hubatu. Gariin immoo gaggeessummaa keenyaan ijaa
nu bahu. Dhiifama gochuu keenya itti fufuu qabna. Miira boorsaa dhiifama gochuu dadhabuu
baannee adeemuun nuuf hin tahu. Inni tajaajila keenya ajjeesa! Ariifadhuu dhiifama godhii warra
kaan barsiisi. Namni yakke si yoo ta'es dhiifama gaafachuu hin sodaatiin!
Dhiifama gochuudhaan moodela yo taate, namoota gaggessumaa kee jala jiraniif karaa taata. Kunis
barsiisa akka kana barsiisuudhaan tahuu danda'a. Namaoota dhiifama gochuu isaan barbaachisu
walitti qabachuu dandeessa. Namoonni seenaa kanarraa baratanii barsiisa Yesusiif akka
abboomaman gochuu dandeessa.
Namoota ani gaggeessaa jiru keessaa eenyuuf dhiifama gochuu/ fudhachuun qaba?
III. Dhiifama gochuun maaliif ulfaataa ta’e?
Akka rakkina dhiifama gochuu dhabuun dhufuu fi bu’aa dhiifama gochuun qabutti namoonni
dhiifamaaf ariifachuu kan malan turan. Qooda kanaa, waldaa kiristaanaa keessatti wanti ulfaataan
yoo jiraate dhiifama gochuu yookiin fudhachuu dadhabuu dha.
Leenjisaa: Hirmaattotni dhiifama gochuun maaliif ulfaataa akka tahe akka dubbatan
jajjabeessi. Tuqaalee armaan gadiin olitti eeruu ni danda’u.

A. Of tuulummaa
Namoonni warri kaan dadhabinaa fi kufaatii keenya akka argan hin barbaadnu. Nama gaarii taanee
argamuu barbaadna. Dhiifama gaafachuun waan xiqqaanne nu fakkeessa. Yeroo namootarraa
dhiifama fudhannu ykn goonu sadarkaa isaaniin gaditti waan gad of deebifne nutti fakkaata. Kun
garuu namummaa keenya gaarii akka tahu hin godhu. Of tuulummaan keenya dhiifama irraa nu
ittisa.
B. Of qulleessuu

117
Cubbuu namoota warra kaanii arguun baay’ee salphaa dha; cubbuu ofii arguun garuu baayyee
ulfaataa dha. Cubbuun keenya baayyee xiqqoo; kan warra kaanii garuu baayyee guddaa fakkaatee
nutti mul’ata. Amala dhuunfaa keenyaaf dhiifama ofiif gochuun baay’ee salphaa dha. Waan goone
sanaaf sababoota hedduu tarreeffanna.
C. Warra kaan komachuu
Nuyi uumamumaan namoota komanna. Yeroo baayyee namoonni dhibbeentaa 90 dogongora akka
godhanii fi akka baay’ee isaaniif dhiifnetti nutti mul’ata. “ Waan inni godhe,.. waan isaan jedhan,..
isheetu dura godhe,…akkamitti waan akkasii godhan,….kkf” Komiin uumamaan gaafa Addaam
Hewaniin; Hewaan immoo bofichaan komachuu eegalan eegale.
D. Dhiibbaa aadaan keenya qabu
Leenjisaa: Aadaa warra itti dubbachaa jirtuu yaadadhu. Akka walii galaatti namooni
dhiifama gochuu salphaatti hin taasisan. Aadaa tokko tokko keessatti; keessumattuu warren
yeroo dheeraadhaaf wal waraanaa fi wal cunqursaa turan keessatti dhiifama gochuun waan
baayyee ulfaataa dha.
Aadaa hedduu keessatti dhiifama gochuun akka dadhabbiitti ilaalama; keessumattuu gaggeessitootaa
fi dhiirota ‘cimoo’ jedhaman biratti. Yaadota armaan gadii dhageessa ta’a:
“Dhiirri yoomiyyuu gad of deebisee, dhiifama, nan gadda’ jechuu hin qabu”
“Gaggeessitoonni jajjaboo ta’uu qabu ; dhiifama gaafachuu hin qaban”
“Yoo dhiifama gaafatte, uummanni si hin kabaju”
Maree: Seenaa ilaalle keessatti hojjetichi hojjetaa akka isaatiif dhiifama gochuu kan dide
maaliifi jettee yaadda? Warra kaaniif dhiifama gochuun maaliif sitti ulfaata? Dhiifama
gochuun aadaa keenya keessatti akkamitti ilaalama? Karaaleen inni ittiin jajjabeeffamu
ni jira? Karaaleen inni ittiin dhiibamu jira?
“Yeroo dhiifama gootu namooni dadhabbii kee arguu danda’u.” Haa ta’u malee dhiifama gochuun
dadhabina miti.
“Dadhabaan dhiifama gaafachuu yookiis fudhachuu hin danda’u. Dhiifama gaafachuun yookiis
fudhachuun mallattoo nama cimaa ti” Mahatammaa Gaandii, Gaggeessaa Hindii.
E. Namoonni fakkeenya nuuf ta’an baayyee xiqqoo ta’uu
Dhiifama gochuutiin hariroo keenya kan deebifanne baayyee muraasa dha. Gaggeessaa dhiifama
gaafatu argitee hin beektu ta’a. Yeroo maatiin kee, “Baayyeen gadda, dhiifama naaf godhi” jedhan
dhageessee hin beektu ta’a.

118
Garuu barsiisni Yesus ifaa dha. Inni gara karaa haaraa isa dhiifama gochuun keessa guutetti nu
waame. Karaa Yesus irra buunee, dhaloota fuuldura keenyaaf fakkeenya gaarii ta’uu dandeenya.
Amma immoo akkamitti dhiifama goona? Kan jedhu ilaalla.
A. Osoo hin turiin
Yoom dhiifna? Erga namicha dhiifamaaf gara keenya dhufee moo dura?
Mee akkamitti Waaqayyo dhiifama akka nuuf godhe yaadi. Yoo isaan gaafachuu baatan iyyuu,
Yesus namoota mismaaraan mukatti isa rukutaa jiraniif dhiifama godheera. Osoo nuyi waa’een
cubbuu keenyaa nu hin dhibiin, inni garuu du’a isaatiin gatii keenya dhiifamaan nurraa baase. Akka
Yesus ta’uun waan nurra jiruuf, akkuma yakki sun nurratti raawwateen ariifannee dhiifama gochuu
qabna. Namichi dhufee, hanga dhiifama nu gaafatutti eeguu hin qabnu.
B. Ifaa fi ifatti
Dhiifama gaafachuufis ta’e fudhachuuf ifaa fi ifatti ta’uu akka qabu beekuun baayyee barbaachisaa
dha. Kunis yeroo baayyee afaaniffaan ta’a. Baayyee ulfaataa ta’us, ifaa f ifatti dhiifama gaafachuun
baay’ee murteessaa dha.
Jalqaba, dhimmicha maqaa dhahiitii dhiifama godhi yookiin fudhadhu. “ Jecha koo isa baay’ee
ulfaataa sanaan si miidhuu koof baay’een gadda. Dhiifama naaf godhi!” yookiin “Waan ati jette
baay’ee na miidheera; garuu ani siif dhiiseera.” Dogongora keef itti gaafatamummaa isaa fudhachuu
kee mirkaneeffadhu! Waa’ee nama sanaaf, Waaqayyo itti haa darbu.
Leenjisaa: Namoonni lama ka’anii barumsa kana bifa taphaan akka dhiyeessan gochuu
dandeessa. Namni tokko nama miidhe; tokko isa miidhame ta’anii akkaataa dhiifamaa isa
sirrii fi isa sirrii hin taaneen haa shaakalan.
Haala tokko tokko keessatti immoo namoota afaaniffaan dhiifama gaafachuun hin danda’amu ta’a.
Tarii namichi jireenyatti hin jiru yookiis bakka inni jiru hin beektu ta’a. Haala kana keessattillee
Waaqayyoo fi hiriyoota kee amantu biratti dhiifama gochuu dandeessa. Dhiifamni hariiroo kan
deebisu yeroo hundumaa tahuu dhiisuu danda’a. Akkuma Yesus godhe sana, waan dandeessu hunda
gochuudhaaf itti gaafatamumaa isaa fudhachuu danda’uu qabda.
Hariiroon wal amantee yeroo dheeraa irrattis bu’uureffamuu danda’a. Dhiifamni bilisaan kan
kenname (granted freely) yoo ta’u, amantummaan garuu kan ofii keenya gonfannu (earned) dha.
Yeroo tokko tokko nama nu yakkeef dhiifama ni taasifna; kana jechuun garuu nama sana ariifannee
ni amanna jechuu miti.
C. Irra deddeebbiidhaan

119
Si’a meeqa dhiifama goonu ykn fudhannu? Kun gaaffii Pheexros Yesusiin gaafate ture.
Mat 18: 21-22, “Ergasii Pheexros gara Yesusitti dhiyaatee, “Gooftaa, obboleessi koo si’a meeqa
yoo na yakke dhiisuufi? Hamma si’a torbaatti?” jedheen. Yesus deebisee, “Ani hamma si’a
torbaatama torbaatti malee hamma si’a torbaatti siin hin jedhu” jedheen.
Gonkumaa, “Ani torban darbe siif dhiiseera” hin jedhiin! Qooda kanaa, yeroo hundumaa dhiifama
gochuuf yookiis fudhachuuf qophaa’aa ta’i. Gooftaan si’a meeqa akka siif dhiise itti yaadi.
Galmeessuu hin yaadiin!!
Dhiifama gochuun battalumatti akka kenname hin dagatiin! Kana jechuun garuu battalumatti nama
amanna jechuu miti. Amantummaan kan argamu yeroo dheeraani.
Irra deebi’i: Akkamitti dhiifama goonu? Ariifannee, ifaa fi ifatti, irra deddeebinee
Goolaba
Namoota yakka sirratti hojjetaniif dhiifama gochuudhaaf tarkaanfii fudhachuu eegaluudhaan hariiroo
keessan addaan cite deebifadhu.Namoota hanga ammaatti dugda keenyatti baachaa turre bilisa
baasnee furamuu qabna.
Leenjisaa: “Maal akkan baadhee jiru ni beektuu?” jechaa ba’aa dugda keerra jiru
buufadhu. Kosii boorsicha keessaa waraqaa gaazexaa qopheeffatterratti naqii
hirmaattonni akka ilaalan godhi. Waa’ee kosichaa ilaalchistee waan tokko tokko jechuu
dandeessa. “ As keessa wanti waa’ee baasu jira? Warran baachaa oole keessaa kan na
fayyadu jira? Hin jiru! Kun agarsiistuu dhiifama gochuu dadhabuu keenyaati. Homaafuu
waa’ee hin baasu. Ni ajaa’a; ni fokkisa.
Gaggeessaan tokko yeroo namni biroo tokko dhiifama isa gaafatetti akkas jedhe, “Akka Yesus
dhiifama anaaf godheef jedheen dhiifama fudhachuu kootti gammada”
Leenjisaa: Yeroon kun yeroo garaan namaa itti rukutamu dha. Waaqayyo akka inni garaa
namootaa keessatti hojjetuuf yeroo fudhadhuu kadhadhu. Yoo danda’ame, maqaa nama
isaan miidhee yookiin miidhanii dhahanii akka kadhataniif kadhannaa qalbii
diddiirannaa kadhadhaa! Kun mana mana isaaniittis yeroo abbaltii gochaa isaanii
hojjjetan ta’uu danda’a.

Hoj manee afaaniffaa


Qofaa kee waaqayyo waliin daqiiqaa 20 qabadhuu jireenya kee ilaali. Namoonni akka ati dhiifama
gaafatttuuf Waaqayyo barbaadu isaan kami? Namoota gara sammuu keetti dhufaniif dhiifama

120
godhiifiitii kadhadhuuf. Gara isaan jiran deemtee dhiifama akka gooteef yoo itti himte caalmaatti
gaarii dha. Waan ta’e hundumaa hirmaattotaaf qooduuf qophaa’i.
Abbaltii gochaa
1. Daqiiqaa 10f kadhannaadhaan of ilaali. Bakka wacni hin jirree fi yeroo filatamaa irratti godhi.
Yaadannoo keerraa namoota akkam akkamiif dhiifama gochuu akka qabdu ilaali. Namoota
dhiifamni barbaachisu akka sitti mul’isuuf hafuura qulqullluu gaafadhu. Maqaa isaanii barreeffadhu.
2. Tokkoon tokkoon isaaniif dhuunfaa dhuunfaan dhiifama godhiif. Kanas sagalee kee ol kaasii
kadhannaan dubbadhu. Waaqayyotti, “Ani______ (maqaa isaa)f sababa____________(waan sirratti
raawwatame sanaaf) dhiifama godheeraaf” jedhii itti himi. Kunis yaadannoo miidhaa cimaa yoo ta’e
si dhukkubsuu danda’a. Garuu kun qaama adeemsa fayyina keeti.Yeroo kana gootee raawwattu,
mallattoodhaan asitti agarsiisi:_______________. Maaltu sitti dhagahame?
3. Yoo isaan yakkiteetta ta’e yookiis hariiroo keessan isa addaan cite yoo yaadatan gara isaanii
deemuudhaan qaamaan dhiifama gaafadhu. Yeroo raawwattutti mallattoo godhi:__________.
Deebiin isaanii maal ture?
4. Sababoonni akka ati dhiifama hin gaafanne yookiis hin gooneef si danqan maal fa’i?
5. Waa’ee barumsa kanaa fi abbaltii gochaa ati hojjetteen Waaqayyo dhuunfaa keetti maal sitti
dubbate?

121
GAGGEESSAA FI HOGANSA YEROO
Kutaa macaafaa: Luq 4:31-44; Akkamitti akka Yesus yeroo isaa guyyaa tokkoo akka hogganu

Qajeelfama

Namni hundinuu kennaa Waaqayyoo biraa kenname yeroo wal fakkaataa qaba. Akkaataan nuti itti
fayyadamnu, hamma gahumsa Waaqayyo nu keessa kaa’e ittiin hojjennu murteessa.
Gaggeessitoonni akkaataa to’annoo yeroo yesus irraa baratu. Kutaan kun ilaalcha Waaqayyo yeroo
irratti qabuu fi akkaataa itti fayyadama yeroo keenyaa fooyyessinu nu barsiisa.

Kaayyoo Barumsichaa

Hirmaatonni barnoota kanaan booda;

 Barbaachisummaa kadhannaan to’annoo yeroo irratti qabu


 Gatii mul’anni to’annoo yeroo irratti qabu
 Gatii dursisiisuutiin jiraachuu
 Barbaachisuummaa karoorri hoggansa yeroo irratti qabu ni hubatu.

Gocha

Barumsa kana booda hirmaattonni;

 Wantoota yeroo dhuunfaa namaa qisaasessan adda baafatu


 Yeroo isaanii sirriitti itti fayyadamuuf karoora ni baafatu.
 Hojiirra oolmaa karoorichaa ni madaalu

Wantoota leenjichaaf barbaachisan: Pilaastika ykn burcuqqoo, dhagaa xixiqqoo, baaqelaa fi ruuzii

Leenjisaa: Barumsa kan aosoo hin kenniin dura, jireenya keerratti hojjechuu kee
mirkaneeffadhu. Aadaa ilaalcha dhuunfaa kee yeroo irratti qabdus qooduu hin dagatiin!
Kutaan kun kutaa jijjiiramaa kan amantaa sammuu waa’ee yeroo riphaa namootaa
wal’aansoo qabu dha. Waaqayyo laphee hirmaattotaa akka banuuf dursii kadhadhu.

122
Seensa

Mootummaa Waaqayyoo keessatti wanta guddaa hojjechuu barbaadda? Hundumni keenya addunyaa
kanarratti garaagarummaa fiduu barbaadna. Hundumni keenya namoota mlkaa’anii waan Waaqayyo
isaaniif yaade ta’an ta’uu barbaadna. Mul’ata kaawwannee, galmas ni qopheeffanna.

Ganama yeroo hirribaa kaatu, maal akka hojjettu akkamitti murteessita? Hiriyaan kee waan tokko
akka hojjettuuf yoo gaafate, “Tole” yookiis “lakki” jechuudhaaf akkamitti murteessita?

Furtuun guddaan jireenya keessatti ittiin milkoofnuu fi waan waaqayyo nuuf yaade bira ittiin geenyu
akkaataa itti yeroo keenya sirriitti itti fayyadamnu beekuu dhaani.

Yesus yeroo muraasa qofaa lafarra fooniin jiraate; mul’inattis hojii isaa waggoota sadii qofaaf
hojjete. Isuma keessaammoo, yeroo sanatti waan baay’ee hojjete.Yohaannis immoo hojii Yesus
hojjete hunduma isaa galmeeffannee hin qabnu_Baay’ee dha jedhee ture. (Yoh 21:25)

Yesus waggaa sadii qaba ture sana akkamitti itti fayyadame? Maal isarraa barra? Yeroo gabaabduu
kana keessatti akkamitti dhiibbaa guddaa uumuu danda’e? Furtuuwwan isaa keessaa tokko Yesus
akkamitti akka yeroo isaatti sirriitti itti fayyadamu beeka ture. Kutaa kana keessatti akkamitti akka
Yesus yeroo isaa itti fayyadame gadi fageenyaan ilaalla.

Luqaas 4:31-44 dubbisaa!

Kana booda gaaffilee armaan gadii deebisaa!

Maree:

Wantoota Yesus guyyattii tokko sana keessatti hojjete hundumaa tarreessaa.

Seenaa kanarra maal baranna?

Yesus maaliif ganamaan ka’ee, “gara iddoo namni hin jirree” sana dhaqe?

Kanarraa maal barachuu dandeenya?

Namoonni akka Yesus isaan waliin turu barbaadnaan dide. Maaliif namoota sana bira turee
gargaaruu dide?

123
Kanarraa maal baranna?

Leenjisaa: Hirmaattotni hedduun yaada mare armaan olii irratti akka dudubbatan
hayyamiif.

Seenaa gabaabaa kanarraa akkamitti akka Yesus yeroo isaa fayyadame waan baay’ee baranneerra.
Seenaadhuma kanarraa qajeelfamoota hoggansa yeroo afur ilaalla.

1. Yeroo hogganuun kadhannaadhaan eegala.

Yesus ganamaan ka’ee kophaa isaa kadhachuuf gara iddoo qophaa adeeme. Kun amala isaa ture.
Karaalee kadhannan jireenya Yesus boce baayyeen akka jiran beekamaa dha. Garuu, addumaan
kadhannaan yeroo isaa hogganuuf isa gargaareera; nuunis akka gaggeessaa tokkootti kadhannaan nu
gargaara.

A. Kadhannaan jireenya keenyaaf kallattii kenna

Kadhanni jireenya keenya kallattiirra buusa. Si’a waa’ee yeroo yaadnu, akka barreessaa macaafa
Faarfannaatti kadhachuu dandeenya, “Nuyi ogummaa garaatti akka galfannutti, ati guyoota
jireenya keenyaa lakkaa’uu nu barsiisi!” Faar 90:12. Kadhannaan kun yeroon hammam gatii
qabeessa akka ta’ee fi guyyoonni isaa akka lakkaa’aman gaggeessaa kan yaadachiisu dha. Akka
gaggeessaatti, lakkoofsi guyyaa har’aa siif maali dha?

Leenjisaa: Guyyoota meeqa akka jiraatte herreguudhaan hirmattotaaf qoodi. Baay’ina waggaa
jiraattee*365 jettee guyyoota hanga gaafa kutaa kan aibsituutti jiran irratti dabalta.

Guyyoota keenya yeroo lakkoofnu, yeroon kallatii tokkorra akka fiigu ni hubanna. Guyyaa tokko
guyyaa dhaloota keenyarraa akka fagaachaa adeemneen guyyaa tokko gara du’a keenyaatti siqaa
adeemna. Kun ilaalcha Waaqayyo yeroo nuuf kenneef qabu dha.

B. Kadhannaan yeroo keenyaaf kallattii kenna.

Kadhannaan ilaalcha Waaqayyo yeroo irratti qabu hubachuuf nu gargaara. Kadhannaa malee yoo
ta’e yeroo keenya akkuma aadaan keenya itti yeroo hubatutti hubanna; kallattii Waaqayyoo kan hin
qabne!

124
Maree: Aadaan keenya yeroo akkamitti ilaala? Akka waan naanna’uutti moo waan gara
fuulduraatti adeemuutti? Ilaalcha nuyi yeroo irratti qabnu irratti fakkeenya kennuu
dandeessa? Ilaalchi wangeelaa hoo akkami?

Yaadannoo leenjisaa: Aadaa baay’een yeroon akka waan naanna’uutti yookiis of deebisuutti
ilaalu. Akka ilaalcha kanaatti, wanti har’a hin hojjetamiin hafe, boru ni hojjetama kan jedhu
dha. Buru carraa gara biraatu jira.Wangeelli garuu, yeroon jalqabaa fi dhuma qabaachuu isaa
ibsa. Seenaan kallattii tokkoon gara fuulduraatti adeema. Guyyaan hundumtuu kennaa baay’ee
ajaa’ibaa kan al takka darbinaan hin deebine dha. Ilaalcha Waaqayyo yeroo irratti qabu
hubachuun tuqaa jijjiiramaa ittiin yeroo keenya sirriitti dhimma itti baanu dha. Kutaan kun
hirmaattotaaf akka ifutti hamma danda’ame yeroo fudhadhu.

Kadhannaan namni hundumtuu yeroo wal qixaa qabaachuu isaa si hubachiisa. Waaqayyo hunduma
keenyaaf guyyaa tokkotti daqiiqaa 1440 nuuf kenneera. Pirezidaantiin biyyattiis sa’aatii anii fi ati
qabnuun qixa qaba. Sababiin namooni muraasni waan baay’ee itti hojjetaniif, hoggansa yeroo isaanii
sirriitti waan hubataniifi. Yeroo amma qabduun olitti yoomiyyuu qabaachuu hin dandeessu. “Gaafan
yeroo argadhu” jechuu dhaabi! Yoomiyyuu hin argattu.

Kadhannaan Yeroon kennaa ajaa’ibaa Waaqayyoo ta’uu isaa nu hubachiisa. Erga inni nuuf kennee,
akeeka adda bahe tokkoof akka nuuf kennee fi akkaataa itti fayyadama keenyaanis akka itti
gaafatamnu beekuu qabna.

C. Kadhannaan qajeelcha abbaan yeroo irratti qabu nu hubachiisa

Yesus guyyaa hundumaa yeroo kadhataa dhuunfaa ni qaba; yeroo sana keessatti qajeelfama abbaan
isaa waa’ee guyyichaaf qabu ni dhaggeeffata. Tarii, “ Abbaa! Guyyaa har’aatti maal akkan hojjedhu
barbaadda?” jedhee gaafata ta’a. Kadhannaan xiyyeeffannoo isaa qaruudhaan gaaffilee ergama isaa
irraa isa daangessan hundumaa irraa isa eega. Sababii Yesus abbaa isaa kallaattii gaafatuuf, yeroo
bayyee waan abbaan isaa isatti hime qofaa akka raawwatu dubbachaa ture.

Kadhaannaa dhaan abbaa dhaggeeffachuun tokkoon tokkoo guyyootaaf kallattii nuuf kennuu
qaba.Kadhannaan karoora nuyi duraan qabnu ni jijjiira yookiis waan caalaa barbaachisaa ta’e akka
arginu nu gargaara.

2. Hoggansi yeroo mul’ata ofii beekuu gaafata.

125
Yesus gara magaalota kan biraatti akka adeemu murteesseera. “Anuu kanaafan ergame” jedhe.
Yesus mul’ata yookiis akeeka jireenya isaa beeka. Akkaataa fayyadama yeroo isaas waamicha isaa
irratti hundaa’uun murteesse.

Gaggeessaan kamiyyuu mul’ataa fi akeeka Waaqayyo jireenya isaaf qabu beekuu qaba. Isa booda
Waaqayyo yeroo gahaa itti mul’aticha hojennu nuuf laata. Waaqayyo har’as ta’e guyyaa hundumaa
waan dursisiifamu qaba. Inni wanta ati bara kana akka xumurtu barbaadu of harkaa qaba. Warreen
kun warra “hojiilee hafuuraa” jennu qofaa miti. Karoora ittiin boqottu, maatii kee waliin dabarsitu,
kan sochii qaamaa itti hojjettus siif qaba. Itti fayyadamni yeroo kee karoora Waaqayo jireenya keef
qabu kan calaqqisiisu fi galma kaa’atte bira itiin geessu ta’uu qaba.

A. Mul’anni keenya jireenya keenyaaf akeeka kenna

Mul’ata ifaa qabaachuun gaggeesaan tokko akeeka jireenyaa akka qabaatu isa taasisa. Waaqayyo
tokkoon tokkoo keenya akeeka addaaf nu uume.Kunis jireenya keenyaaf kallattii fi xiyyeeffannaa
kennuu irra darbee akkaata itti fayyadama yeroo keenyaa irratti dhiibbaa uuma. Daawit akkas jedha,
“ Nama ta’uun koo otuu hin beekamiin iji keen a arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa’amuu
otuu hin jalqabiin guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.” Far
139:16.

Maree: Waan Waaqayyo akka hojjennuuf nu waame hin beeknu yoo ta’e yeroon keenya akkam ta’a?

B. Mul’anni keenya waan baay’ee akka hojjennuuf nuuf kenna

Yesus baay’ee ko’eessa ture. Waan hojjetu baay’ee qaba. Mul’anni waan hojjennu toora nuuf
qabsiisa. Gaggeessitoonni dandeettii itti fayyadama yeroo isaanii akka itti guddisan beeku. Waan
namoonni baay’een itti wallaalan itti beeku.

Gatii daqiiqaan tokko qabdu beeki. Daqiiqaan tokko waan xiqqoo fakkaata; sekoondii 60 qofaa!
Garuu, osoo daqiiqaa 30 guyaatti qusachuu barte, waggaa tokkotti sa’aatii 182 dabalatta ( turban
tokkoon ol jechuu dha).Waggaa 4o tti guyyoota 300 ol dabalatta.

Daqiiqaa kee hogganuu itti barraan, sa’aatiin ofii isaa ofiif eeggata. Guyyaa tokotti daqiiqaa 10f osoo
wangeela dubbiste, waggaa tokkotti macaafa qulqulluu hundumaa dubbistee xumurta. Guyyaa
tokkotti daqiiqaa 15f osoo kitaabota dubbiste, waggaa tokotti kitaabota 25 dubbistee xumurta.

126
Maree: Yeroo keenya keessaa daqiiqaawwan nuti itti hin fayyadamne eessa jiru?
Daqiiqaawwan kanneen sirriitti itti fayyadamuuf maal ittiin gochuu dandeenya?

Leenjisaa: Osoo isa aanutti hin darbiin dura deebii isaanii irraa fuudhi! Wantooni armaan
gadii yoo deebi’an yeroo baayyee asirratti hin balleessiin!

Haalota yeroo bayeessa itti argannu:

Yeroo waa eeggannu (hiriira): Yeroo hiriiraan waa eeggannu (baankii, buufata taaksii,…)
sa’aatii 127baay’eetu qisaasa’a. Yeroo akkasii kanatti dubbisuu, kalandarii kee yaadachuu,
kadhachuu dandeessa. Bara jireenya isaatti namni waggaa tokkoo ol sarara waa eeguurratti
balleessa.
Yeroo konkolaataan adeemnu: Konkolaataa yookiis baabura keessa ta’uu dandeessa. Yeroo
akkasii, kitaaba dubbisi; yaadannoowwan kee ilaali; afaanota kan biroo baradhu!
Hojiiwwan adda addaa jidduutti: Yeroo beellamaa tokkoo fi isa itti aanu jidduutti yeroo
gahaa itti waraqaawwan sirreeffannu, yaadannoo xixiqqoo barreessinu, bilbila bilbillu ni
arganna.
Yeroo hojiiwwan sasalphaa sammuu keenya baay’ee hin barbaanne hojjennutti:
Konkolaachisuu, ilkaan qulqulleeffachuu, nyaata hojjechuu, uffata miiccachuun fa’a
hojiiwwan sammuu kee hin barbnaanne dha. Yeroowwan akkasii raadiyoo dhaggeeffachuu,
sagalee Waaqayyoo sammuu keessa deddeebisuu ykn yaadachuu, kadhachuulln hojii dachaa
hojjechuu dandeessu dha.

Yeroo hundumaa kitaaba of harkatti qabadhuu adeemi! Yaadannoo guyyaa (diary) kee
baafadhuu torbee kee karoorfadhu. Yeroon baay’ee mi’aawaa dha!

Leenjisaa: Fakkeenya burcuqqoo fi dhagaa xixiqqoo sanaa itti agarsiisi. Burcuqqoo ykn
pilaastika sana, dhagaa gurguddaa muraasa, xixiqqoo muraasaa fi ruuzii.

Pilaastikiin kun yeroo keenya akka ta’ee fi yeroo kana guutuuf akka jettu hirmaattotatti
himi. Dursa dhagaawwan gurguddoo sanneen qodaa sana keessa kaa’I; akkuma tokko
keessa buufteen maal akka bakkka bu’u itti himi: Kun yeroo maatii keenya waliin qabnu
dha; yeroo hojii keenyaati; yeroo hirribaati; ,…kkf. Kana booda, “guuteera?” jedhii
gaafadhu!Deebii fudhadhu. Eeyyee ykn Lakki jechuu danda’u. Lakki hin guunne jettee
sirreessuu dandeessa. Amma immoo, dhagaawan xixinnoo sanneen itti naqi. Qodichi akka

127
gadi fudhatuuf hurgufuu dandeessa. Ammas, “Guuteera?” jedhii gaafadhu. Deebii
hayyamiif! Yeroo kana akkas jechaa Ruuzii itti dabaluu dandeessa; ‘Guutuu fakkaata
garuu ammayyuu bakki hin guunne baayyeen jira, Yoo akeekkannaan hojjenne ammallee
yeroo keenyatti waan baay’ee dhimma itti bahuu dandeenya. Nama tokko daawwannee,
yaadannoo jajjabinaa barreesuu, caqasa yaadachuu fi itti yaaduu dandeenya’. Gaafadhu,
Kanarraa maal baranna? Deebii hayyamiif!

Agarsiisa kanarraa qajeelfamoota lama barachuu dandeenya:

1) Yeroo keenya sirriitti yoo itti fayyadamne yeroo hundumaa waan baay’eef yeroon caalu
jira

2) Warreen gurguddaa ta’an jalqabarra kaa’i.Kun immoo dursisiisuu keenya irratti


hojjechuu dha. Erga qodichi guutuu gahee, waan gurguddaa itti dabaluun hin
danda’amu. Inni duraa waa’ee ko’oommachuu, inni lammataa immoo waa’ee wantoota
sirriif ko’oommachuu dubbata.

III. Hoggansi yeroo Dursisiifachuu gaafata

Yesus magaalaa bakka dhaloota isaa akka turuuf gaafatamee ture. Achi turee namoota baay’ee
fayyisuun isaa gadhee ture? Lakki! Garuu yoo ture mandaroonni hin qaqqabamiin waan jraniifi.
Sun immoo caalaatti barbaachisaa ture. Yesus dursisiisuu beeka. Nuyis akkasuma gochuu qabna!

Mul’ata ofii bira gahuuf ko’oommachuun gaarii dha; garuu gahaa miti. Waan caalaa
barbaachisaa ta’erratti ko’oommachuu qabna. Wanti jalqabarratti dursisiisuu qabnu jireenya
fedha Waaqayyoof abboomamuu qabaachuu dha. Waaqayyo karoora naaf qaba. Wanta
baraachisaa yeroo barbaachisaatti yoon hojjedhe, inni Yeroon itti karoora sana hojjedhu naaf
kenna.

A. Dursisiisuun isa gaarii dura isa baayyee gaarii ta’e filachuuf si gargaara

Yesus, isa gaarii caalaa isa baayyee gaarii filate.Yeroo baayyee akka gaggeessaatti filannoon
keenya waan gadhee fi gaarii jidduutti miti. Garuu, waan gaarii fi baayee gaarii ta’e gidduutti.

Isa gaariirra isa baay’ee gaarii filachuun ulfaataa dha. Kana jechuun yeroo hundumaa isa
baayyee barbaachisaa ta’e itti fufinsaan hojjechuu jechuu dha. Wantoonni baayyee gidduu
kanatti baayyee ariifachiisoo kan ta’an nu mudatu; garuu wanti baayyee ariifachiisaa ta’e

128
hundinuu baayyee barbaachisaa miti. Waan baayyeetti ko’oommachuu dandeenya; garuu
dhumarratti isa baayee barbachisaa ta’e tokkollee osoo hin hojjetiin hafuu dandeenya.

Isa gaarii ta’erra isa baayyee barbaachisaa ta’e filachuun, “Lakkii” jechuu barachuu nama
barbaachisa. Wantoota yeroo keenya qusachuu danda’an keessaa took dandeettii, “Lakki” jechuu
ti. Yeroo jechuu qabdutti lakki jechuu dadhabuun wanta guddicha yeroo kee qisaasesse aka ta’e
hubadhu! Lakki jechuu bari!

Yeroo isaa isa baayyee barbaachisuuf qusachuuf jecha Yesus wanta baayyee “Lakki” jedheera.
Bakka hojii keetti si yookiis hogganaa keetu siif dursisiisa ta’a. Gama kamiifuu, dursisiisuun
yeroo kenname hundumaatti akka ta’e beekuu qabda.

Gaaffilee muraasa yeroo kee dursisiisuuf si gargaaran:

 Wanti kun waan Waaqayyo akkan hojjedhuuf na abboome dha?


 Namni biraa kana gochuu danda’u jira?
 Hojii kana amma moo booda hojjechuu tu barbaachisaa dha
 Kun mul’ata Waaqayyo na keessa kaa’e akkan xumuruf na gargaara?
 Yoon isa kana hojjedhe, hojiin hafu jira?

B. Dursisiisuun nama hundumaa gammachiisuuf yaaluurraa si dhorka

Namoonni yesus aka isaan waliin turu gaafatan. Gaggeessitoota baayyeef, kan isaan turuu qaban
yeroo akkamiiti? Akka barbaadamnu fi nwaan nuyi hojennuun namoonni akka gammadan ni
barbaadna. Yesus akkas jedhee isaan gammachuun isarra ture, ” Tole, guyyoota muraasa nan tura”.
Garuu, nama hundumaa gammachiisuuf akka hin dhufne beeka. Inni fedha abbaa isaaf adeemuuf
sagalee abbaa isaa dhagahuuf waamame. Yesus, namoonni itti fayyadama Yeroo isaa irratti akka
malee akka isa hubatan beekeera, garuu isa baayyee barbaachisaa irratti xiyyeeffate.

Yeroo tokko tokko gaggeessitoonni fedha Waaqayoo isa itti waamaman caalaa waan namoonni
waa’ee isaanii yaadaniif xiyyeeffannaa kennu.

Maree: Gaaffiin isaanii Waamicha waaqayyo jireenya keenya irratti qabuun kan
walitti bu’u yoo ta’e akkamitti namoota gaddisiisuu dhiisna?

C. Dursisiisuun wantoota yeroo keenya qisaasessan irratti hojjechuuf nu gargaara.

129
Wantoonni hedduun yeroo keenya balleessanii fi waan dursisiifanne akka hin hojenne nu dhorkan
“qisaasessitoota yeroo (time wasters)” jedhamu. Isaan kami dha isaan?

1. Namoota!

Namoonni akkamitti akka Yesus yeroo isaa balleessu akka isa gaafatan ilaalleera. Innimmoo karoora
isaa raawwachuuf jecha isaan didaa ture. Garuu inni namoota ni jaalata! Yeroo baayyee Yesus waan
gochaa jiru dhiisee namoota tajaajileera. Amaatii Pheexroos fayyisuuf yeroo fudhateera. Garuu yero
biraa immoo otuu namoonni isa barbaadanii gara iddoo namni hin jireetti sokkeera.

Namoonni hamoota miti; isaanif yeroo kennuu qabna. Garuu, namoonni yeroo iddoo biraatti hojiirra
ooluu qabu nama jalaa balleessu. Keessumattuu, namoonni jireenya keessatti galma hin qabne
daqiiqaa 30 Caatiidhaaf yoo fudhatan homaa isaanitti hin fakkaatu. Dhufanii yeroo dheeraa ni taa’u,
dhumarratti homaa osoo hin hojjetiin kaata. Yesusillee bartoota isaa akeekkachiisee ture, “…karaa
irrattis eenyunillee nagaa gaafachuuf hin dhaabatiinaa!” Luq 10:4

Yesus maaliif akkas jedhe? Isaan ergama qabu; innis namootaafi; garuu namoota waliin dhaabbatanii
naga gaafachuuf ykn yaada wal jijiiruuf miti. Namni biraa gabatee yeroo (schedule) keenya akka itti
nuuf guutuuf hayyamuu hin qabnu! Galma Waaqayyo nuuf qabu sana ittiin guutuuf itti fayyadamuu
qabna. Yeroo tokko tokko karoorri isaa namoota irratti akka xiyyeeffannuuf nu waamuu ta’a; karaa
biraammoo namoonni karoora isaa warra nu duraa balleessani dha. Garaagarummaa isaa beekuun
ogummaa nu barbaada.

Aadaan adda addaa hariiroo keessatti ilaalcha adda addaa qaba. Gariin iddoo walitti dhufeenyi gocha
caalutti aadaa ho’aa jedhanii waamu; Kaan immoo namoota caalaa gocha irratti waan xiyyeeffataniif
aadaa qabbanaa’aa jedhu.

Maree: Aadaan keenya, walitti dhufeenyi gocha caalaa moo isaa gadi
barabaachisa jedhee amana? Ciminnii fi dadhabinni aadaa kanaa maali?
Namootatti jaalala agarsiisaa, yeroo keenya sirriitti itti fayyadamuu irratti Yesus
irraa maal baranna?

Namoota jaalachaa,mul’ata Waaqayyo nu keessa kaa’e akkaataa itti fiixaan baasuu dandeessu
Waaqayyoon ogummaa isaa gaafadhu! Namoota yeroo kennuu kee fi yericha sirriitti itti fayyadamuu
kee mirkaneeffadhu! Yeroo tokko tokko isaan waliin kadhachuu fi kallattii gaggeessa Waaqayyoo
gaafatta ta’a. Kadhannaan yeroo hundumaa yaada Waaqayyoo akka argannu nu gargaara.

130
Akkasumas, kadhannaan hojiilee ati osoo namichi si bira gahiin hojjechaa turte caalaa fedha
namiichi qaburratti akka xiyyeeffattu si gargaara.

2. Elektirooniksii (Bilbila, Kompiitera, TV)

Bilbillii fi meeshaaleen Elektirooniksii akka Kompiiteraa waliin dubbii taasisuuf kmeeshaalee


ajaa’ibsiisoo dha. Akkuma kana, of eeggannoodhaan yoo ta’uu baate yeroo keenya baayyee hatu.
Ineterneetiin karaa odeeffannoo heduu irraa argannu yoo ta’eyyuu yeroo hedduu biratti balleessuun
immoo hojiilee adda biraa akka hin hiojjenne nu dhorka. Miidiyaaleen hawaasaa baay’ee beekamoo
fi yeroo hedduun facebook fi WhatsApp irratti bada.

Televizhiniin teenyee akka ilaalluuf hojjetame.Yeroo baayyee, sagantichiyyuu akka ati dhiistee hin
deemnee fi gara kutaa itti aanuutti akka ati waliin ceetu si affeera. Osoo ati hin beekiin, halkansaa
guutuu waan, waan waa’ee baasu hin arganneef teessee buluu dandeessa.

Kana jechuun, elektirooniksiin gadheedha jechuu miti. Garuu, yeroo kee yoo to’ate, Waaqayyo akka
hin taane ifaa dha.

3. Barfachuu

Yeroo baayyeen kan badu, namoni tokko ykn isaa ol beellama ykn walgahii irraa yoo barfate.
Boodarraa dhaqqabuu amaleeffachuun jireenya toora hin qabanne keessa jiraachuu fi sa’aatii nama
biraa kabajuuu dhiisuu agarsiisa. Walgahichi nama 10 kan hammatu ta’ee daqiiqaa 30 duubatti
haftanii yoo eegaltan, daqiiqaa 300 (sa’aatii 5) balleessitan jechuu dha.

Yeroo kabajuun hariiro cimsa; Waaqayyoon ulfeessa. Yesus, “Eeyyeen keessan eeyyee haa ta’u”
inni jedhe sun sa’aatiis ilaallata.

Maree: Aadaan keenya yeroo akkamitti kabaja? Akkamitti ilaalcha wangeelaa yookiis
faallaa ilaalcha Wangeelaa ta’a?

4. Yeroo hin karoorfamne

Akkaataa itti fayyadama yeroo keenyaaf karoora hin qabnu taanaan, yeroo hundumaa sa’aatii ni
qisaasessina. Teenyee TV ilaaluuu, namootaan qilleensarraan yaada wal jijjiiruu (chatting), namoota
karaarra adeeman ilaaluu fa’a ta’a hojiin keenya.Kunis kutaa barbaachisaa qajeelfama Yesus irraa
barannu dha.

IV. Hoggansi yeroo karoora barbada

131
Yesus guyyaa isaa sirriitti dhimma itti baha. Walitti qabama namootaa keessatti erga lallabee
booddee, yeroo isa hafe fedha namootaa guutuu irratti hojjeta. Ganamaan ka’ee ni kadhata. Guyyaa
isaa karooraan akka eegalu ifaa dha. Yesus yeroo biraatti,

Luq 13:32-33, Inni immoo, “Dhaqaatii haxxee sanaan, ‘Kunoo ani har’aa fi boru hafuurota
hamoota nan baasa, kan dhukkubsatanis nan fayyisa, guyyaa sadaffaattis hojii koo nan
raawwadha. Haa ta’u iyyuu malee, har’aa fib or iftaanis adeemsa koo ittan fufa, raajiin
Yerusaalem keessatti du’uun in ta’aafio’ jedhaa!” isaaniin jedhe.

Yesus waan har’a, boruu fi guyyaa sadaffaatti hojjetuuf karoora qaba. Nuyis yeroo keenya hogganuf
karoora nu barbaachisa.

Karoorri hojii hafuuraa isa addaati. Yesus karoorseera (Yoh 7:6, Mar 1:37-38); Phaawulos
karoorseera (2 Qor 1:15-17); Waaqayyo karoora nuuf qaba (Erm 29:11). Waaqayyo osoo addunyaan
kun hin tolfamiin dura karaa fayyinaa karoorse. Waaqayyo ammayyuu karoora isaa hojjechuutti
ko’eessa dha.

Galma “SMART” ta’e qabaachuu dandeessa, garuu karoora sirrii malee itti fayyadama yeroo kee
guddisuu hin dandeessu.Karoorsuuf yeroo barbaada; garuu daqiiqaan 1 karoorsuu keessatti
qisaasa’e, hojii keessatti daqiiqaa 3 hanga 4 qusata. Namni karoorsuu dadhabu, kufaatiidhaaf
karoorfata!

Gorsa karoorsuuf si fayyadan

A. guyyaa guyyaan karoorsi

Kun yeroo kee sirnaan itti fayyadamuuf isa baayyee barbaachisaa dha. Wanta jalqabaa ganama
yookiis galgala yoo raawwatte rakkoo hin uumu; garuu guyaa kee karoorsi. Maaltu baayyee akka
ariifachiisu dursa yaadi. Wanta baayyee barbaachisaa ta’erratti hojjechaa jiraachuu kee
mirkaneeffadhu.

Karoorri kun kan guyyaa itti aanuu yookiis kan yeroo dheeraa ta’uu danda’a. Kana gochuu
baannaan, wantoota ariifachiisoo, kan yeroo hundumaa achuma jiran, hojjechaa isa baayyee
barbaachisaa ta’e gara duubaatti dhiista.

132
Wanta baayyee barbaachisaa ta’e guyyaa har’aa fi isa itti aanuuf,….qopheeffadhu. Kana booda, osoo
addaan hin kutiin wanticha hojjedhu. Gochaa salphaan kun jireenya kee jijjiira.

Karoora kee keesatti yeroo akka tasaaf (unexpected time) itti yaadi. Ammas ammas (every moment)
hin karoorsiin; bira hin geessu ykn si nuffisiisa ta’a.

Warra wal fakkaatan iddoo tokkotti ramadi.

B. “Wantootan hojjedhu” (to do list) fayyadami

Wantoota hojjennu qabaachuun hoggansa yeroof baayyee murteessaa dha. Wantoota hojjettu toora
galchitee qabadhu. Namni kamuu kana qabaachuu qaba. Wanta tokko hojjechuu yoo barbaadde,
dursitee galmee sana keessa galchuu qabda. Akka hin irraanfanne si gargaara. Waraqaa ykn
kompiitera irratti barreefachuu dandeessa. Wantoota manatti hojjetamanii fi bakka hojii keetti
hojjetaman qabaachuu dandeessa.

Wantoota yeroo darbe hojjatamuu osoo qabanii hin hojjetamnes tarreessi. Tookko tokkoon
hojjechaa, galmee kee irraa haqaa adeemi.

C.Yaadannoo guyyaa guyyaa (Diary) tti fayyadami

Yaadannoon guyyaa guyyaa beellamaa fi hojiiwwan guyyaa guyyaatti qabnu qabachuuf nu fayyada.
Isa kana malee, waadaa obboleessa waliin qabdu yookiis wal gahii qabdu sana irraanfachuu
dandeessa. Yaadannoo waraqaas ta’e kan elektirooniksii qabaachuu dandeessa. Tokko garuu
qabaachuu qabda.

Goolaba

Yeroo kee akka ta’u hogganuu barachuu ni dandeessa. Waan kanaan dura balleessitetti hin
gaddiin.Wanti gaariin jiru, gara fuulduraatti yeroo kee akka barbaaddetti hogganuu dandeessa. Hojii
anaa as keessa jiru hojjennaan jireenyi kee akka jijjiiramu ni yaadama.

Wanti tokko halkan tokkotti akka geeddaramu hin eegiin. Amala kanaan dura qabdu cabsitee isa
haaraa gonfachuun ni ulfaata. ( Waan haaraa tokko amaleeffachuuf guyyoota walitti fufinsaa 21
barbaada). Jireenyi adeemsa yoo ta’u amma eegala. Yeroo kee sirriitti hogganuu dandeenyaan

133
gammachuu fi bilisummaa ni argatta. Wanta sirrii yeroo sirriitti dalagda. Jireenya kee keessatti
madaala sirriitu ta’a. Gara mul’ata Waaqayyo si keessa kaa’es ni guddista.

Leenjisaa: Hojii manaa sirriiti ibsuu kee mirkaneeffadhu. Kun hojii ulfaataa xumuruuf
yeroo kan barbaadu dha.

Hoj manee afaaniffaa

Daqiiqaa 15 fudhadhuutii akkaataa itti yeroo kee fayyadamtu ilaali. Torba dhufu keessatti maal akka
hojjettu sammuu kee keessatti itti yaadi. Kana booddee, ganama yeroo hundumaa, daqiiqaa 10
fudhadhuutii,oolmaa kee guyyaa sanaa keessatti maal akka hojjettu karoorsi. Galagal yeroo
hundumaa, yeroo kee akkamitti akka fayyadmte ilaali. Warra kaaniif qooduuf qophaa’i!

Abbaltii gochaa

Kutaa tokko: Madaaluu

1. Akkaataa fayyadama yeroo kee yeroo ammaa hubadhu.Wanttota armaan gadii irratti yeroo
baayyee bal’aa, gahaa fi yeroo xiqqoo balleessuu kee madaali

Hojii Yeroo baayyee xiqqoo Yeroo gahaa Yeroo baayyee bal’aa


Yeroo dhuunfaa
Yeroo Haadha/abbaa manaa
waliin
Yeroo Ijoollee wajjin
Yeroo Tajaajila
Yeroo sochii qaamaa
Yeroo hirribaa
Yeroo karoorsuu

2. “Yeroo qisaasessitoonni” kee gurguddoon maal fa’i? (Kanneen galma kee bira akka hin
geenyeef si danqan)
1. _____________
2. ______________

134
3. _____________

3. Kanneen galma kee akka jin geenyeef si dhorkaniin “Lakki” jechuudhaaf maal gochuu qabda?

1. ___________

2. ____________

3.______________

4. Wanttota karooraa fig alma kee akka bira geessuuf si gargaaran waliin yeroo bal’aa dabarsuuf
maal gochuu qabda?

1.

2.

3.

5. Hojiilee gosa shan kan hojjechuu osoo barbaadduu hojjechuu dhiiste tarreessi. (Warreen kun
hojiilee idilee akka kadhannaa osoo hin taane hojiilee kaan warra yeroo muraasaaf dhiistee turte)

Kutaa lama: Karoorsuu

1. Yoo xiqqaate sa’aatii tokko fudhadhuutii hojiilee turban dhufuu karoorsi. “Karoora torbee”
kan karoora gochaa armaan gadii guuti. Wanta akeeka kee fiixaan baasu karoorsuu kee
mirkaneeffadhu. Hojichi sa’aatii dheeraa fudhachuu danda’a. Karoorri kee karoora guyyaa
guyyaas akka qabu mirkaneeffadhu. Itti fayyadama yeroo kee kutaa tokkoffaa keessatti
ilaalte ittiin madaali. Yoo xiqqaate hojiilee gaaffii # 5ffaa irratti ilaalte itti karoorsi.
2. Torban dhufuuf, akkamitti akka yeroo kee dabarsituuf gabatee yerootti fayyadami. Yeroo
hundumaa maal akka hojjettu irratti kan galmeessitu waraqaa of biratti qabaadhu! Yokiin
immoo hojii guyaa sanaa galagal irratti galmeessi. Hamma danda’ameen karoora kee
hordofuu yaali.
3. Irra deebi’ii ilaali: Irra deebi’ii waan hojjettee fi waan karoorsite wal simuu isaa madaali.
Gaaffilee armaan gadii deebisi.
A. Karoora kee keessa isa kamtu baayyee ulfaataa dha?

135
B. Hojii kana akkaataa karoora keetti hojjechuuf tattaaffii dabalataa ati taasiftu yookiis
karoora kee jijjiiruu si barbaachisa?
4. “Wantoota hojjetamuu qaban (To-do-list) qopheeffadhu! Gosa hojiilee adda addaa warra
barbaaddu sana tarreeffadhu! Kan dhuunfaa, maatii, waldaa, hojii fi kkf. Kutata kanneen
keessatti hojiilee hojjechuu qabdu tarreessi. Yeroo karoora torbee ykn guyyaa baafattu, isaan
kana keessaa akkaataa barbaachisummaa fi yeroo isaaniitti duraa duubaan kaawwadhu.
Yeroo hundumaa si bira jiraachuu qaba.
“Wantota hojjetamuu qaban yoo tarreeffatte asitti mallattoo godhi,_______.

Baga gammadde! Akkuma Kristoositti yeroo kee hogganaa jirta, ulfina isaafis gochaa jirta.
Jijjiiramni yeroo fudhachuu isaa yaadadhu. Hoggansa yeroo kee irratti hojjennaan jireenya ol ka’aa
jiraatta.

136
Gabatee Yeroo

Sa’aatii Guyyaa Guyyaa Guyyaa Guyyaa Guyyaa Guyyaa Guyya


1ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa 5ffaa 6ffaa a 7ffaa
11:00 ganama
11:30 ganama
12:00 ganama
12:30 ganama
1:00 ganama
1:30 ganama
2:00 ganama
2:30 ganama
3:00 ganama
3:30 ganama
4:00 ganama
4:30 ganama
5:00 ganama
5:30 ganama
6:00 guyyaa
6:30 guyyaa
7:00 W.booda
7:30 W.booda
8:00 W.booda
8:30 W.booda
9:00 W.booda
9:30 W.booda
10:00
W.booda
10:30
W.booda
11:00
W.booda
11:30
W.booda
12:00
W.booda
12:30

137
W.booda
1:00 Galgala
1:30 Galgala
2;00 Galgala
2:30 Galgala
3:00 Galgala
3:00 Galgala
4:00 Galgala
4:30 Galgala
5:00 Galgala
5:30 Galgala
6:00 Galgala

Karoora Torbanii

Sa’aatii Guyya Guyya Guyyaa Guyya Guyya Guyya Guyya


a 1ffaa a 2ffaa 3ffaa a 4ffaa a 5ffaa a 6ffaa a 7ffaa
11:00 ganama
11:30 ganama
12:00 ganama
12:30 ganama
1:00 ganama
1:30 ganama
2:00 ganama
2:30 ganama
3:00 ganama
3:30 ganama
4:00 ganama
4:30 ganama
5:00 ganama
5:30 ganama
6:00 guyyaa
6:30 guyyaa
7:00 W.booda
7:30 W.booda
8:00 W.booda

138
8:30 W.booda
9:00 W.booda
9:30 W.booda
10:00 W.booda
10:30 W.booda
11:00 W.booda
11:30 W.booda
12:00 W.booda
12:30 W.booda
1:00 Galgala
1:30 Galgala
2;00 Galgala
2:30 Galgala
3:00 Galgala
3:00 Galgala
4:00 Galgala
4:30 Galgala
5:00 Galgala
5:30 Galgala
6:00 Galgala

139
GAGGEESSAA FI DANDEETTII NAMOOTAA
Kutaa Macaafaa: 1 Mot 12:1-19: Israa’eloonni Rehobiyaam irratti ka’uu isaanii

Qajeelfama

Karaan nuti ittiin namootatti dhiyaannu namoota gara keenyatti harkisa yookiis nurraa fageessa.
Gaggeessitoonni ciccimoon dandeettii hariiroo ittiin cimsatan qabu.

Kaayyoo barumsichaa

Barumsa kana booda, hirmaattonni

 Barbaachisummaa dandeettii namootaa


 Dandeettii namootaa saddeettan gaggeessaan kamiyyuu guddifachuu qabu ni baratu

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattoonni

 Dandeettii gaggeessitoonnii qabaachuu qaban saddeettaniin of madaalu


 Dandeettii irratti gdi bu’aa ta’an addaan baasuudhaan karoora ittiin dandeetticha
fooyyessan ni qopheessu.

Seensa

Leenjisaa: “Haadha/abbaa manaa kee irraan kan hafe, nama tokko filattee, osoo wajjin
ooluu barbaadde eenyuun filatta?” jedhii gaafadhu! (Nama tokko akka filataniif yeroo
kenniif). Nama sana wajjin akka ooltuuf kan barbaaddeef namichi maal waan ta’eefi?
Deebii isaanii gabatee gurraacha irratti barreessi. Wanta isaan deebisan irrattis yaada
dhiyeessi. Yeroo baayyee, baayyeen isaanii waa’ee amalaa fi dandeettiin kan wal qabatu
malee, sadarkaa barumsaa, taayitaa fi waan kana fakkaatuun hin jedhan. Beekamuu fi
hiriyyummaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Baayyeen isaanii namoota
bebbeekamoo waliin ooluuf fedha hin qaban.

Dandeettiin gaggeessitoonni barbaadan keessaa inni baayyee barbaachisaan, dandeettii namoota


waliin hojjechuu ti. Gaggeessitoonni dhimma namootaa qabu; kanaafis walitti fufinsaan
dandeettii namoota waliin hojjechuu gabbifachuu barbaadu. Waamamuu, dibamuu fi waan tokko
irratti olaantummaan filamuu dandeessa, garuu dandeettii namoota waliin hojjechuu hin qabdu
taanaan, gaggeessaa ta’uu hin dandeessu.

Karaan nuti ittiin namootatti dhiyaannu akka namoonni gara keenya dhufan yookiis akka isaan
nurraa baqatan gochuu danda’a. Kanaafuu, namoota irratti dhiibbaa gaarii fiduu yoo barbaadne,
akkaataa ittiin isaan waliin walitti dhufnu sirriitti beekuu qabna. Hariiroo keessatti wanti nuti
taasifnu kamiyyuu, hariiroo warra kaan waliin qabaachuu ti.

140
Seenaa gaggeessaa tokkoo fi akkaataa inni ittiin namoota gaggeessu ittiin itti dhiyaate haa ilaallu.

Mootota isa tokkoffaa 12:1-19 kan jiru dubbisi!

Leenjisaa: Seenicha irra deebi’uudhaan namoonni hundinuu, namoota seenicha keessatti


hammatamanii fi maltu akka ta’e akka hubatan mirkaneeffadhu. Yoo danda’ame immoo
namoonni seenicha akka diraamaatti akka hojjetan affeeruu dandeessa.

Maree: Wantoonni Rehobiyaam godhe yookiis gochuu dhiisee fi akkaataan gochi isaa
namoota inni gaggeessu irratti dhiibbaa inni fide maali? Hariiroo isaa keessattis bu’aan
isaa maal ture?

Rehobiyaam namoota sana waliin akkaataa gaariidhaan walitti waan hin dhufneef hariiroon inni
isaan waliin qabu miidhame. Kutaa kana keessaatti furtuuwwan dandeettii namootaa saddeet
kanneen gaggeessaa gaarii ta’uuf nu gargaaran ilaalla.

Furtuuwwan dandeettii namoota ciccimoo saddeettan

Leenjisaa: Dandeettii saddeettan agarsiisuuf mallattoo harkaatti fayyadami. Hirmaattonni


akka keessatti hirmaatanii fi ittiin taphachaa baratan haala mijeessi. Mallatticha isaanitti
agarsiisuun akka isaan si waliin godhan taasisi. Tokkoon tokkoon isaanii gaafa agarsiistu,
isa duraan agarsiiste yaadachiisaa adeemi. Mallattoon agarsiiftu kun haala naannoo kee
waliin deemuu isaa mirkaneeffadhu! Yoo ta’uu baate, jijjiiri yookiis waan naannoo kee
jiruun bakka buusi.

I. Namootaaf jaalala qabaachuu [ Mallattoo: Harka laphee irra]

Kun tuqaa isa duraa fi baayyee barbaachisaa gaggeessaan tokko qabaachuu qabu dha.
Abboommiin inni lammaffaan, Waaqayyotti aansee jiru, walii walii keenya jaalachuu dha.

Mat 22: 39, “…nama akka mataa keetiitti jaalachuutu siif ta’a”. Kun, barbaachisummaa
jaalalli hariiroo keessatti qabu agarsiisa. Pheexroos immoo yeroo jaalannu maaltu akka ta’u
barreessa.

1 Phex 4: 8, “Baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta’eef,
hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!”

Gaggeessaan saba isaa jaalatu, dogongora hedduu hojjechuu danda’a, kanuma keessaa immoo
sabni sun isa hordofu.Garuu jaalalli hin jiru taanaan, dogongora tokko hojjennaan hariiroon sun
dhaabachuu isaati.

Gaggeessitoonni kiristaanaa, fedhiin isaanii inni guddaan namoota jaalachuu ta’uu qaba.
Namoota gadi fageenyaan hin jaalanne ofitti qabuuf hin dhama’iin!

141
Jaalalli dhugaan, hariiroo keessatti namootaaf walitti dhufeenya ho’aa uuma. Namoonni yeroo
jaalataman ni gammadu, nama akka isaan jaalatu itti amananis ni hordofu. Nama isaan jaalatu
irraa bu’aa bahii fi ifannaa illee irraa ni fudhatu.

Jaalalli of irratti osoo hin taane, nama biraa irratti xiyyeeffata. Namni kamiyyuu of jaalata.
Gaggeessitoonni kana yaada keessa galchuudhaan, namoota irratti ni xiyyeeffatu.
Gaggeessitoonni akkasii, seenaa kee, waan Waaqayyo maatii keef godhe, xiyyeeffannoon kee
maal akka ta’e fa’a sirraa dhaggeeffachuu kan barbaadani dha. Isaan sirratti xiyyeeffatu. Atis
isaan jaalatta. Waa’ee ofii kee odeessuun namoota gara keetti hin harkisu.

Maree: Akka ati isaan jaalattu namoonni akkamitti beekuu danda’u? Rehoobiyaan
namoota gaggeessu sana ni jaalata? Jaalala qabaachuu yookiis dhabuun isaa maaliin
ibsama?

Jaalala namoota warra kaaniif qabnu akkamitti guddifachuu dandeenya? Foormulan salphaa ta’e
hin jiru. Namoota jaalachuun dandeettii shaakalamu osoo hin taane, ilaalcha yaada garaa ofii kan
guddachuu qabu dha. Gara Waaqayyootti maxxanuudhaan garaa jaalalaa inni qabu akka nuuf
kennuuf jijjiirama dhugaa akka nu jijjiiruuf isa gaafachuu barbaachisa. Ofittummaa fi of
tuulummaa keenya isatti yoo agarsiisne, jaalalli isaa nu keessatti dhangala’a. Namoota jaalala
dhugaa osoo hin qabaatiin, gaggeessaa kiristaanaa cimaa ta’uun hin danda’amu.

Tarkaanfii salphaan yoo jiraachuu baateyyuu, waa’ee namootaa caalmaatti barachuun akka
jaalala isaaniif qabaannu nu gargaara. Seenaa isaanii, waan isaan jaalatan yookiis kennaa isaan
qaban hubachuun maaliif akka isaan waan gochaa jiran sana gochaa jiran beekuuf si gargaara.

Waliin dubbii keessatti, nama waliin jiru sana irratti xiyyeeffachuuf yaalii si’aa’aa godhi. Fedha
namootaa hubachuu irratti xiyyeeffachuu akka eegalteen, jaalalli kee guddachuu ni eegala.

Itti yaadi: Namootan gaggeessaa jiruuf karaa kamiinan jaalala isaanitti agarsiisaa jira?

II. Garraamummaa [Mallattoo: Mataa ofiin gadi jechuu]

Amalli lammaffaan gaggeessaan namoota wajjin qabaachuu qabu garraamummaa (humility)


dhugaa dha. Ati gaggeessaa of tuulaa yoo taate, sabni ati gaggeessitu fedhaan akka si duukaa
bu’aniif irraa hin eegiin! Taayitaa (position) kee kabajuu danda’u; garuu ilaalcha (disposition)
kee garuu hin kabajan.

Gaggeessaa garraamiin namoota ofitti ni harkisa; sababni isaa inni dhugaa waan ta’eef.
Namoonni garraamiin golgaa hafuuraa godhatanii nama ofii isaanii hin taane tokko of
fakkeessuu hin danda’an. Namoonni garraamiin ofii isaaniitti ni kolfu; yeroo hundumaa namaa
ol ta’uu hin barbaadan. Namoonni of tuulan namoota ofirraa fageessu. Waaqayyo iyyuu naannoo
namoota of tuulanii ta’uu hin barbaadu!

142
1 Phex 5:5 , “ Akkasuma isin warri gara ijoollees, maanguddootaaf abboomamaa! Hundumti
keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa!
Caaffanni qulqullaa’aan, ‘ Waaqayyo warra kooran, ol of qabaniin in morma, warra gad of
deebisaniif immoo ayyaana in kenna’ in jedha”.

Maree: Rehobiyaam karaa kamiin namoota gaggeessutti garraamummaa agarsiisuu


dhiise?Osoo garraamummaa agarsiiseera ta’e maaltu ta’a ture? Gaggeessitoonni biyya
keenya keessaa karaa kamiin gad of deebisuu agarsiisu?

Gad of deebisuun tajaajila keessatti namootatti kan agarsiifamu dha. Nuyi gaggeessitoota
namoota tajaajiluuf fedha qaban moo, kanneen “nama guddaa” jedhamuu barbaadani dha? Yesus
tajaajilaa ture. Fakkenya isaa akka hordofnuufis nu waame. Wangeela Maarqos 10:45 irratti
akkana jedheera, “Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi
lubbuu isaa furii namoota baay’eetiif kennuuf dhufe malee” jedhe.

Namoota tajaajiluun kabaja isaan nuuf qaban kan hir’isu nutti fakkaata. Faallaan isaa garuu
dhugaa dha; tajaajiluun namoota gara keenyatti harkisa. Jaarsoliin sun Rehobiyaamiin waan
isaan jedhan hubadhu,

1 Mot 12:7, Yommus isaan deebisanii “Ati har’a saba kanaaf hojjetaa taatee, yoo isaaniif
hojjette wanta isaan si gaafataniifis deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaanis immoo yeroo
hundumaa siif in hojjetu”.

Yeroo namoota tajaajiltu, kabaja siif qaban gad hin buusan. Qooda kanaa baay’ee ni dabala.
Waa’ee garaa hojjetaa namoota ofitti harkisuuf waan tokkotu jira. Isaan tajaajili, jireenya kee
isaaniif kenni, isaanis gara keetti ni harkifamu. Taayitaa, aangoo fi maqaa kabajaa barbaaduun
keessa namootaa hin tuqu. Gad of deebisuu inni dhugaan garuu namoota akka maagneetii ni
harkisa. Garraamii of fakkeessuun tasuma hin hojjetu. Namoonni daqiiqaa keessatti of
fakkeessuudhaan dubbachuu kee ni argu. Iddoo gaggeessummaa olaanaarra akkuma jiraachaa
dhufteen, qajeelfamni kun baayyee barbaachisaa fi aangoo qabeessa ta’aa dhufa.

Maree: Garraamummaatti guddachuuf maal gochuu qabna?

Leenjisaa: Gartuu xiqqoo yookiis akkuma walii galaatti mareef haala mijeessi. Deebiilee
sirrii hundumaa raggaasisiif. Deebii gaggaariin kutaalee macaafaa, of tuulummaa/ of
jajuu, dogongora ofii fudhachuu, itti gaatamummaa fudhachuu fi kkf yaadachuu fa’a.

III. Dubbii gaarii [Mallattoo: Harka akka afaaniitti sosochoosuu].

Gochoota gaggeessitoota ciccimoo keessaa inni biraan afaan ofiitti fayyadamuu dha. Arrabni kee
namoota ofitti ni harkisa yookiis ofirraa fageessa.

Maree: Rehobiyaam dubbii akkamii dubbate? Bu’aan isaa hoo maal ture?

143
Efe 4: 29 irraa, amaloota dubbii gaggaarii sadan ilaalla.

“Dubbii gargaaru,yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga’uufis ayyaana kan kennu
malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin bahiin”!

A. Dubbiin gargaaru to’annoo qaba

Dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin bahiin!

Arraba keenya to’achuu danda’uu qabna. Arrabni to’annoon ala jiru arraba Kristoosiin fakkaatu
miti; gaggeessaa tokko keessatti argamuu hin qabu. Dubbii hin gargaarre, soba, gungummii,
arrabsoo, arboomsuu, mi’eessanii odeessuu fi kkf dubbachuu irraa qusachuu qabna. Homaa hin
fayyadu. Arrabni to’achuudhaaf baayyee ulfaataa dha, gaggeessaan garuu arraba isaa to’achuu
qaba. Gurri keenya cufamuudhaaf hin uumamne, afaan keenya garuu cufuu fi banuu
dandeenya!

B. Dubbiin gargaaru warra kaan ijaara

Dubbiin hundumtuu warra kaan kan ijaaru ta’uu qaba. Diiguu osoo hin taane, ijaaruu qaba.
Namootaaf kan bu’aa buusu ta’uu qaba. Jechi kamiyyuu ani dubbadhu, dhaggeeffataaf eebba
ta’uu qaba. Dubbiin kanaan ala jiru kamiyyuu dubbii gargaaru miti.

C. Dubbiin gargaaru fedha warra kaanii irratti xiyyeeffata

Kun dandeettii namoota ciccimoo keessaa isa tokko- warra kaan irratti xiyyeeffachuu! Wanti ani
jedhu kamiyyuu fedha kee waliin wal argachuu qaba. Jajjabin ayoo ta’e jajjabeessuun
qaba;ifannaa yoo ta’e, ifachuun qaba; sirreessuu yoo ta’e, jecha qajeelfamaa jechuun qaba.

Yaadachiisa: Barumsi guutuun waa’ee dubbii (speech) daayirekteerota LEAD bira jira.
Barumsicha gaafadhu, “ Arraba” Joon Baayleriin kan qophaa’e!

IV. Namoota irratti amantaa poositiivii qabaachuu [Mallattoo: Harka walitti rukutuu].

Amantaa fi wanti namoota irraa eegnu dandeetti gaggeessummaa keenyaa isaaniif qabnu irratti
dhiibbaa guddaa qaba. Namoonni, gaggeessaa isaanitti amanu, isaaniif mirkaneessuu fi isaan
jajjabeessu faana bu’uu jaalatu. Namootaaf carraa ittiin milkaa’an akka argataniif jajjabeessi.
Yeroo sana, fuulli isaanii ni ifa, namni guddaan jiru si akka ta’etti amanu! Namoonni waan nuyi
isaan irraa eeggannuuf jiraatu. Akka isaan waan guddaa hojjechuu danda’an yoo himneef, waan
dand’an hundumaa taasisuudhaan waan ati isaan irraa eegdu sana ta’uudhaaf ni dhama’u. Akka
isaan kufan yoo itti himne, carraa kufuu qabu!

Maree: Rehobiyaan waa’ee namoota gaggeessuu maal amanee ture? Akka namoota
gaarii moo gadheetti isaan ilaale? Fedhiin isaa maal ture?

144
Leenjisaa: Jechi waa’ee waan inni itti amanee ibsu waan hin barreeffamneef gaaffiin kun
cimuu danda’a. Garuu, akka isaan gadi fageenyaan yaadanii amantaa isaa baran
jajjabeessi. Akka waan isaan gibira kanfaluu fi mootichaaf hojjechuu hin barbaanneetti
waan yaade fakkaata.

Cimina yookiis laafina namootaa irratti xiyyeeffatta? Namoota keessatti isa gaarii fi isa hamaa
ta;e arguu dandeessa? Eenyu akka isaan ta’an moo maal ta’uuf akka danda’an argita? Namoota
irratti amantaa poositivii qabaachuun mirkaneessuu fi jajjabeessuudhan ibsama.

1 Tas 5:11, “ Kanaaf akkuma amma gochaa jirtan, wal jajjabeessaa, wal cimsaas”!

Gaggeessaa cimaan namoota jajjabeessuu fi beeksisuutiin beekama. Waa’ee nama barumsa kana
jalqabarratti yaadattee sana yaadi. Namni sun nama sitti amanuu fi si jajjabeessu dha.

Leenjisaaf: Nama akka dhuunfaa keetti si jajjabeessuudhaan akka ati isa wajjin buutu si
taasise tokko fakkeenya isaaniif fudhadhu!

Ogummaa namoota jajjabeessuu fi beeksisuu barachuu dandeenya. Namootatti amanuudhaan


amantaa sanammoo afaaniin ibsuu danda’uu qabna. Jecha ceephoo tokkoof jechoota jajjabinaa
20 namootaaf kenni.Namoonni ceephoon hin guddatan. Tiksoonni waldaa kiristaanaa hedduun
namoonni akka isaan walitti fufinsaan abboomamaniif yaalu. Namoonni akka ta’uu qaban akka
ta’aniif kan isaan jajjabeessinuun malee isaan arrabsuudhaan ta’uu hin danda’an. Wanti xiqqoon
jireenya namootaa jijjiiruu ni dandeessi. Akkamitti kan namoota jajjabeessan ta’uu dandeenya?

A. Namoota keessatti waan gaarii ilaaluudhaaf yaalii godhi

Waraqaa fudhadhuutii maqaa nama jajachuun sitti ulfaatu tokkoo barreessi. Waa’ee nama sanaa
waan poositiivii ta’e tarreessi. Hanga jechoota 4-5 fi isaa ol barreessitutti hin dhaabiin! Cimina
isaa irratti xiyyeeffadhu.

Leenjisaa: Yeroon yoo siif hayyameef, hirmaattonni namoota gaggeessan tokko ykn lamaaf
waan kana akka godhan hayyamiif. Yoo bilbila qabaatan immoo ergaa barreeffamaan
erguufii danda’u.

B. Mirkaneeffannaa guutuu osoo hin qabaatiin, namoota ceepha’uuf of hin kenniin

Saandwichii mirkaneeffannaa (affirmation sandwich) fayyadami. Mirkaneessiif, kana booda


maaltu akka fooyya’uu qabu itti himi, ammas mirkaneessiif!

Amantaan namoota irratti waan gaarii ta’e nama sana keessatti arguudhaaf yaalii cimaa
gochuudhaan jijjiiramuu danda’a. Namoota keessatti isa caalu arguu amaleeffadhu. Isaan waliin
haasaa godhi. Yeroo duraa sitti cimuu dand’a; shaakala dheeraa booda garuu amala siif tahu.

V. Miira kee to’adhu [Mallattoo: Hidhii cufachuu]

145
Namoonni waan waa’ee hin baafne baay’ee nuun jechuu danda’u. Nuyis aarii, hinaaffaa fi gara
jabinaan isaaniif deebisuudhaaf ni qoramna. Dandeettiin namoota faana walii galuu keenyaa
waan waa’ee hin baafne, waan ulfaataa, yeroo namni nutti aaruu yookiis waan dhugaa hin
taaneef nu kasasu qorama.

Namoonni gaggeessaa miirri isaa hin to’atamne yookiis hin beekamne waliin bu’uuf fedha hin
qaban. Yaada banaadhaan gara keetti dhiyaatanii dadhabina isaanii sitti himachuu hin barbaadan
ati suuta jettee hin deebisftuuf taanaan. Nama miira isaa hin to’annerratti amanamummaa hin
qabaatan. Kana jechuun, miira keenya agarsiisuu hin dandeenyu jechuu osoo hin taane, miirri
keenya to’atamuu kan danda’u dha jechuu dha. Miirri ibsamu tokko tokko namoota gara keetti
harkisa. Gaddii fi gammachuun sirriitti ibsame gaggeessaa tokko keessatti baay’ee kan harkisu
dha. Garuu, yeroo hundumaa dheekkamnaan nama itti amanattu dhabda.

Miira baay’ee qabna. Garuu miirri to’achuuf ulfaataa ta’e aarii (anger) dha. Luqqisii kanneen
hubadhu:

Efe 4: 26, 31-32, “ Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessiin! Utuma
aariittii jirtaniis aduun isin duraa hin lixiin! Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin, waci,
maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu! Walitti kan toltan,
garaas kan waliif laaftan ta’aa; Akkuma Waaqayyo karaa Kristoos cubbuu keessan isinnif
dhiise, isnis akkasuma waliif dhiisaa!”

Fak 15: 1, “ Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in
kaasa”.

Deebiin keenya furmaata yookiis rakkina (solution or explosion) fida. Yeroo namoonni nu
aarsan, nuyis aarii agarsiisna? Qooqa dubbii keenyaa jijjiirree falmii eegalla? Moo suuta jennee
arrabsoo sana bira darbina? Akkaataa itti namoonni nu iaalan to’achuu hin dandeenyu. Deebii
keenya garuu to’achuu ni dandeenya.

Maree: Miirri Rehobiyaamii fi saba sanatti dhagame maal sitti fakkaata?

Akkamitti miira keenya to’anna? Mee hafuurri Qulqulluun iddoo haa qabatu!

Gal 5:22-23, “Iji hojii hafuuraa immoo,…..of dhowwuu dhas”.

Hammuma hafuurri qulqulluun nu keessaa iddoo qabachaa adeeme, miirri keenyas to’annoo jala
gala adeema. Wanti inni biraan asitti ilaalamu immoo namoota itti balleessineef dhugaa bahuu
dadhabuu dha. Dhuga baatii dhugaan ( genuine confession) namoota gara keetti harkisa. Sababni
isaa mallattoo gad of deebisuu waan ta’eef!

VI. Seequu [ Mallattoo: Seequun agarsiisuu].

146
Leenjisaa: Hirmaattonni gara hiriyaa isaaniitti garagalanii akka seeqan godhi. Haalonni
akkamitti akka jijjiiraman hubadhu!

Seenaa dubbifne keessatti Rehobiyaam seequu isaa hin arginu. Ragaan seequu isaa nutti
agarsiisu hin jirus, waan danda’amus hin fakkaatu. Garuu, luqqisiiwwan kanneen ilaali,

Fak 15: 30, “Fuulli ifaan nama gammachiisa, oduun gaariin lafee namaa in cimsa”.

Fak 18: 24, “fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus
immoo jira”

Fak 15:13, “nama garaan isaa gammade fuulatu ifa, namni garaan isaa gadda qabu garuu
yaadni isaa cabaa dha”.

Namoota fuula ifaa qaban, kanneen namatti tolan ta’uu qabna. Seeqi, kolfi, jireenyatti gammadi!
Miira taphaa qabaadhu! Namoonni naannoo namoota seeqanii turuu barbaadu.

Wanti jabaataan, seequudhaan yoo dubbatame, nama jabaa laaffisa. Seequu shaakali! Gatii si hin
kanfalchiisu, yeroo tokko jettu inni itti aanus ni dhufa.

Akkamitti seequu barta? Shaakaluudhaan!

VII. Sirriitti dhaggeeffadhu [ Mallattoo: Gurra harkisuu]

Gaggeessitoonni gaggaariin dhaggeeffattoota gaggaarii dha. Seenaan Rehobiyaam maal akka


jedhu ilaali,

“…Mootichi dubbii jaraa hin dhaggeeffanne, (Lakk 15).

Maree: Yeroo mootichi isaan dhaggeeffachuu dide, namoota sanatti maaltu itti dhagahame?
Namoota dhaggeeffachuu jechuun, waan isan gaafatan hunda gochuu jechuuu dha? maaliif?

Yaq 1: 19, “Obboloota koo jaalatamoo! Namni adduma addaan dhaga’uutti ariifataa,
dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta’uun akka isa irra jiru
beekaa!”

Ergaa isaa: Gurra keetiin gaggeessi, arraba keetiin hordofi, yeroo sana dheekkamsi gara
duubaatti bittimfama.

Yeroo baayyee rakkoo ariifatanii dubbachuu hin qabnu, garuu dhaggeeffachuun obsaa fi warra
kaanirratti xiyyeeffachuu gaafata. Namoota waliin waliif galuuf inni kun qulfii dha.

Kutaa macaafaa keessatti fakkeenyonni dhaggeeffachuu hedduutu jiru. Kunis yaadrimee


gaggeessaan tokko hordofuu qabu isa guddaa dha. Dhaggeeffachuun dandeettii guddachuu
danda’u dha. Irratti hojjedhu. Yeroo sirriitti isaan dhaggeeffattu, namoonni si duukaa bu’u.

147
Dhaggeeffataa gaarii ta’uudhaaf:

1. Dhaggeeffachaa jiraachuu kee agarsiisi.


2. Addaan hin kutiin
3. Akka hubatte mirkaneeffachuudhaaf gaaffii gaafadhu

Hubachiisa: Aadaa tokko tokko keessatti, dhaggeeffachuu kee ija namichaa keessa ilaaluudhaan
agarsiista. Iddoo biraatti immoo ija keessa ilaaluun akka kabaja dhowwachuutti ilaalama.
Waa’een dhaggeeffachuu guutummaatti daayirekteerota LEAD irraa argama. Mata duree,
“Listening” jedhu Joon Baayileriin barreeffame gaafadhu.

VIII. Ilaalcha Gaarii [ Mallattoo: Quba guddaa ol qabuu].

Namoonni ilaalcha moo’ataadhaaf ni harkifamu. Namni, nama yeroo hundumaa komatuu fi


jireenya karaa negettivii ta’een ilaalu jaalatu hin jiru. Ilaalcha badaa qabda taanaan, eenyuyyuu
naannoo ati jirtu dhufuu hin barbaadu!

Akkamitti ilaalcha kee madaalta? Akkamitti akka jireenya ilaaltu madaali. Positiivii moo
negatiivii dha? Aduu moo hurrii argita? Wanta cufame moo daandii argita? Burcuqqoo
walakkaa guute moo walakkaa hir’ate argita? Nama keessatti isa gaarii moo isa gadhee argita?
Ilaalcha kee akkamitti fooyyessita? Ati aangoo ilaalcha kee sirreessuu qabda. Ilaalchi keenyi kan
akka Yesus ta’uu qaba.

Fil 2:5, “Yaara garaa isa Kristoos qaba ture sana qabaadhaa!”

Maree: Ilaalchi Rehobiyaam akkam ture? Akkamitti saba sana miidhe?

Keessa deebii: Hirmaattonni, tuqaalee saddeettan ilaalle akka keessa deebi’anii


dubbatan hayyamiif.

Gudunfaa: Jaalala, gad of deebisuu isa dhugaa, dubbii ijaaru, namoota keessatti
amantaa poositiivii qabaachuu, miira to’atame, seequu, dhaggeeffachuu, ilaalch agaarii

Gudunfaa

Yeroo baayyee namoonni kan nurraa maqaniif, dandeettii ittii namoota ofitti harkifnu waan hin
qabneef. Namoota waliin walitti dhufeenya yoo dhabne waan Waaqayyo nu keessa kaa’e
raawwachuu dhabna.

Waggoota dheeraa sitti fudhachuu danda’a. Yaalii walirraa hin cinne gochuudhaan dandeettii
saddeettan gongattee nama, namoonni itti harkifama ta’uu dandeessa. Gariin isaanii dhimma
yaada garaa (heart); warri kaan immoo shaakalaan kan dhufani dha. Hundinuu guddachuu ni
danda’u. Macaafa Fakkeenya yoo dubbifte, seenaa namoota wajjin walitti dhufuu si gorsa.
Gilgaala gochaa sirriitti hojjedhu, of madaali, bakka itti dadhabina kee argite addaan

148
baasuudhaan fooyyeessi. Gochuu ni dandeessa. Tokkoon tokkoon keenya dandeettii namootaa
keenya guddifachuu ni dandeenya.

Tuqaalee armaan olii keessaa isa kamiin akka jijjiiramtee fi gaggeessummaa keerratti
garaagarummaa agarsiise, dhuga bahumsa dhuunfaa kee kenniif

Qorannoo nama dhuunfaa

Barumsa kana keessatti seenaa Rehobiyaam ilaalleerra. Seenaa kana keessa deebi’uun duubbisi
(1 Mot 12:1-19). Amma, akka gorsituu olaanaa Rehobiyaamitti ofii kee fudhadhu. Innis gara kee
dhufee, akkaataa itti gaggeessummaa isaa fooyyeffatu irratti gorsa si gaafate. Barumsa amma
baratte irraa kaatee, maal isa gorsita?

Gilgaala Gochaa:

Maqaa:_____________________________________

Dandeettii namootaa armaan gadiin qabxii 1-5 irratti ofii kee madaali. 5 jechuun baayyee gaarii
dha jechuu dha. Lakkofsa si madaalu jalatti mallattoo godhi. Tokkoo tokkoo isaa irratti
yaadannoo kee ilaalii of madaali.

Dandeettii namootaa 1 2 3 4 5
1 Namootaaf jaalala dhugaa
2 Gad of deebisuu (dogongora kee fudhachuu, sirreeffamuu fi warra
kaan tajaajiluun kan ibsamu)
3 Dubbii gargaaru (kan to’atame, warra kaan kan ijaaru, fedha isaanii
irrati kan xiyyeeffatu)
4 Namoota irratti amataa positiivii qabaachuu (mirkaneessuu fi
jajjabeessuun kan ibsamu)
5 Miira ofii to’achuu, keessumaa aarii
6 Seequu
7 Sirriitti dhaggeeffachuu
8 Ilaalcha gaarii

1. Isaan kam irratti caalaatti cimaa dha?


1._____________________
2._____________________

2. Isaan kamirratti baayyee laafaa dha?

a.___________________

b.__________________

3. Wanta Waaqayyo akka ati jijjiirtu barbaadu tokko filadhu. Asitti barreessi___________

149
Maaliif jijjiiruu akka barbaddee fi akkamitti gaggeessummaa kee irratti akka si gargaaru
barreessi.

A. Tarkaanfiilee akkamii fudhatta?


B. Namoonni ati dhiifama gaafattu jiru? Asitti mallattoo godhi_________
C. Luqqisii kana waliin adeemuu barbaadii, itti yaadi. Macaafa Fakkeenyaa keessaa
fudhachuu dandeessa. Luqqisii yaadatte asitti barreessi______________

Kana booda, nama tokkotti dubbachuu dhan asitti mallatteessi.

Ani,____________________luqqisii armaan olii dhaggeeffadhee, dogongora (hin jiru,


xiqqoo, baay’ee) natty agarsiiseera. Mallattoo_____________Guyyaa_________

4. Nama jajjabeessuu shaakali! Xalayaa jajjabinaa yookiis mirkaneeffannaa namootaaf


barreessi. Jechoonni kee poositiivii fi kan namicha ijaaru ta’uu isaa hubadhu! Yeroo bira
geessistu asitti mallattoo godhi_____________.

150
GAGGEESSAA FI ERGAMA GUDDICHA
Kutaa macaafaa: Mat 28:16-20, Ergaa guddicha

Qajeelfama

Yesus barsiisa isaa guutummaa Addunyaan akka geessisaniif bartoota isaa isaa gadhiise. Har’as
waamichi isaa gaggeessitoonni isa kana akka hubatanii fi hojiitti jijjiiran gochuu dha.Milkaa’insi
yookiis kufaatiin ergama isaa kunis harka gaggeessitoota waldaa kiristaanaa jira.

Kaayyoo barnootichaa

Barnoota kana booda, hirmaattonni,

 Addunyaa kanarratti baay’in a namoota wangeelaan bira hin gahamne,


 Baay’ina namoota osoo waa’ee kiristoos hin dhagahiin guyyaatti du’anii,
 Maqaa gartuulee namoota bira hin gahamiin jiranii,
 Ergama guddicha galmaan gahuuf, gahee gaggeessummaa,
 Dhiibbaa hojjetoota hidhachiisuu fi gara maasii sanaatti erguu ni baratu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda, hirmaattonni

 Gahee ergama guddicha keessatti qaban ni beeku


 Namoota bira hin gahamiin biraan wangeela gahuu keessatti waldaa isaanii ni gargaaru
 Mul’ata isaanii bal’isuudhaan wangeela ni tamsaasu keessatti warra kaan jajjabeessu.

Leenjisaa: Leenjii kanaaf, maqaa saba naannoo keessanii wangeelaan bira hin gahamaiin
iranii si barbaachisa. Kanas gaggeessitoota waldaa kee yookiis immoo Global disciples
biraa argachuu dandeessa. Kaartaan Addunyaa fi kan saba kees si barbaachisa. Yoo
qabaatte, osoo leenjicha kennuu hin eegaliin harkatti qabachuu kee mirkaneeffadhu.

Seensa

Waggoota 2000 dura, Yesus hojii Waaqayyo lafa kanarratti isaaf kenne raawwatee lafa kana
dhiisee adeeme. Kutaa kana keessatti abboommii Yesus yeroo bartoota isaa dhiisee deeme
isaaniif kenne baranna. Abboommii inni kenne kanas ergama guddicha jennee waamna.

151
Leenjisaa: Yoo barbaachisaa ta’e, jecha ergama (commission) jedhu hiikiif. Kana jechuun, hojii
tokko irratti ajaja kennuu yookiis abbummaa (authorize) itti gochuu jechuu dha. Yaada itti
gaafatamummaa nama biraatti dabarsuu jedhu of keessaa qaba. Akkaataa kanaan, nuyi ergaa
Kristoos keessa seennee jirra jechuu dha,

Mat 28:16-20

“Bartoonni kudha tokkon immoo, Galiilaa keessaa gara gaara itti Yesus wal argina itti wal
argina isaaniin jedhe, in dhaqan. Yeroo isa argan in sagadaniif; kaan garuu in maman. Yesus
immoo gara isaaniitti dhi’aatee, ‘Gooftummaan hundinuu waaqaa irratti lafarrattis anaaf
kennameera. Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi kan ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan
cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Wanan isin abboome hundumaa
eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isnii
wajjinan jira” isaaniin jedhe.

Maree: Gaaffilee armaan gadii deebisuudhaan seenaa kana irratti mmariiyadhaa.

Yesus wanti guddaan inni bartoota isaatti hime maali?

Gochaawwan lamaan duuka buutuu taasisuu maal fa’i?

Duuka buutuu taasisuudhaaf eessa akka dhaqan gaafataman?

Waldaan kiristaanaa akkamitti ergama guddicha fiixaan baasuu dandeessi jettee yaada?

Abboommiin kun gaggeeessummaa waliin akkamitti walitti dhufa?

Leenjisaa: Mareedhaaf daqiiqaa shan hayyamiif. Gaaffileen warri jalqabaa lamaan


yeroo baayyee hin fudhatan. Yesus bartoonni isaa akka cuuphanii fi akka barsiisan
isaanitti hime. Gaaffileen sadan itti aanan wiirtuu barnoota kanaati. Hirmaattonni,
“saba hundumaa” isa jedhu irratti akka xiyyeeffatan taasisi. Barnootichi waldaan
kiristaanaa akka ta’utti hojjechaa akka hin jirre agarsiisa. Garuu hirmaattonni kana hin
hubanne taanaan yeroo kee baayyee asitti hinballeessiin. Waa’ee gaaffii isa sadaffaa,
gaggeesummaa irratti yaada mare hayyamitii gara isa itti aanuutti darbi. Yoo
hubataniiru ta’emmoo mirkaneessiif.

152
Abboommin Yesus salphaa dha. Bartoonni isaa gara saba hundumaa adeemanii duuka buutota
akka taasisaniifi. Kutaa kana keessatti walitti dhufeemya gaggeessuummaa fi ergama isa
guddichaa ilaalla. Irra keessa yeroo ilaalamu, luqqisiin kun waa’ee gaggeessummaa kan dubbatu
hin fakkaatu. Yesus, waa’ee duuka buutota taasisuu malee waa’ee gaggeessitoota taasisuu hin
dubbatu. Garuu, yeroo kana godhu Yesus wal’aansicha eenyutti kenne? Warreen 12n warra akka
waldaa gaggeesaniif hambifamanitti. Isaan mul’ata sirrii qabaatanii hojicha sirriitti yoo hojjetan,
ergaan isaa akka galmaan gahu ni beeka. Milkaa’inni karoora isaa kun, akka isaan itti qabatan,
itti barsiisanii fi itti hojjetaniif gateettii gageessitoota kanneenii irra kan taa’e dha.

Gaggeessitoonni galmaan gahinsa ergama guddichaaf baayyee barbaachisoo dha.


Gaggeessitoonni duuka buutota kaasuuf gargaaru; duuka buutonni immoo gaggeessitoota
wangeela saba hundaan gahan ta’u. Gaggeessitoonni namoota waldaan sun mul’ata addunyaa
gahu yookiis kan ishee qofaa akka qabaattu taasisani dha. Gaggeessitoonni ilaalcha Yesus
addunyaaf qaba ture qabaatanii gaggeessitoota ergama guddichaa akka ta’aniif barbaadamu.

Ergama guddicha galmaan gahuuf gaggeessummaa akkamiitu akka barbaachisuu fi hojii


gaggeessitoota kanarraa eegamu:

I. Gaggeessitoonni mul’ata qaban fedha saba hundumaa ni argu

Yesus, deemnee saba hundumaa gaggeessitoota akka taasisnu dubbate. Gaggeessitonni mul’ata
qaban, waan yaada Waaqayyoo keessa jiru, saba hundumaa, in argu. Karoorri Waaqayyoo, saba
hundumaa teessoo isaa jalatti walitti qabuu dha. Yohaannis mul’ata kana qaba.

Mul 7:9, “Kana booddees ilaaleen tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa, gosa
hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan,
warra homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye nan arge; isaan uffata adii uffatanii, dame muka
meexxii harka isaaniitti qabatanii teessicha dura hoolicha duras in dhaabbatu turan”.

Eeyyee, sabni kees achi keessatti ni hammatamu. Uummanni kee karoora kana keessa jiru.
Bakkuma jirtutti waldaa hundeessuudhaan wangeela tamsaasuu eegali. Garuu karoorri
Waaqayyoo fedha ofittummaa keenyaarra baayyee ni caala. Yesus namoota addunyaa kanarraa
hundumaaf du’ee, affeerraa jireenya barabaraaf deebii akka kennaniif hayyame. Inni warra
Afrikaafi warra Eeshiyaafis du’eera. Du’uu fi du’aa ka’uun isaa hayyoota Hindii fi abbootii

153
qabeenyaa Afgaanistaaniifidhas. Warra Iraaqii fi warra Indooneezsiyaafis. Warra Awurooppaa fi
warra Raashiyaa fis akkasuma. Inni haadhotii Arjentiinaa fi qotee bultoota Awustaraaliyaafi
du’eera. Duuni isaa warra sooressa, warra hiyyeessaafisi.Saba warra kabajamanii fi warra
cunqurfamaniifisi. Gaggeessitoonni mul’ata qaban, yaada Waaqayyoo isa saba hundumaa
addunyaa kanaa ta’e qabu.

Leenjisaa: Kutaa kana keessatti lakkoofsota baay’eetu jiru. Yeroo qabdu waliin isa
baayyee si fayyadu itti dhimma bahi. Suuraawwwan dursitee ilaaluudhaan yaada keetti
qabadhu. Lakkoofsota barreeffaman kana odeeffannoo haarawaa argacuufis ta’e yaada
dabalataaf, madda isaa hordofi. Kun bara 2015 A.L.A tti kan barreeffame dha. Akkaataa
itti qorattoonni adda addaa gosa sabootaa qoqqoodaniin garaagarummaan xiqqoon
jiraachuu danda’a.

Ammayyuu saba wangeelaan hin gahamiin addunyaa kanarra jiraniif fedha guddaatu jira..
Waggaa 2000 dura, erga Yesus lafa kana gadhiisee adeemee sabni bira hin gahamiin hedduun
jira. (“Kan hin gahamiin yookiis xiqqoo kan bira gahaman” yeroo jedhamu, saba sana keessaa
dhibbentaa 2 gadi kan wangeelatti amananii fi dhibbentaa shanii gadi amananii kan itti jiraatan
jechuu dha. Madda: Joshua Project, 2017).

Karaaleen ittiin gaggeessitoonni mul’ata qaban fedha saba hundumaa keessaa namoota hin
qaqqabamiin ittiin gahan afran:

A. Baay’ina namoota hin qaqqabamiin jiranii

Waan baayyee nama gaddisiisu, osoo Yesus namoota hundumaaf du’ee jiruu, ammallee
namoonni hin dhageenye jiraachuu isaaniiti. Addunyaan keenya namoota biliyoona 7.3 ol ta’an
ka qabduu fi itti fufinsaan saffisaan guddattu dha. (Bara 2015 A.L.A tti biliyoona 7.3 keessaa,

 33% kan amanani (warra maqaadhumaaf amanataa jedhaman dablatee)


 38% kan dhagahanii fi ergicha hin fudhanne
 29% gonkumaa kan hin dhageenyee fi carraa isaa kna hin arganne turan (Madda: World
Christian data base)
Suuraan kan armaan gadii fakkaata.

Baayyina Uummataa 154


Baayyina Uummata Addunyaa:
Biliyona 6

A B

A: Kan amanan

B: Kan hin amanne, warra dhagahan

C: Kan hin amanne, warra hin dhageenye.

Kanaafuu, lakkoofsonni kunniin maali dha? Lakkoosota sadii yaadachuu qabdu;

 Namoonni biliyoona 7 addunyaarra jiraatu


 Namooonni biliyoona 2 oduu Misiraachoo Yesus hin dhageenye.

Dhugaan nuti dubbachaa jirru maali? Addunyaarratti harka tokko sadaffaan wangeela hin
dhageenye. Lakkoofsonni kunniin guddaa dha.Biliyonni tokko hamma akka ta’e hubachuuf
akkasitti hubadhu.

 Daqiiqaawwan biliyoonotaan dura, Yesus fooniin lafarra jira ture.


 Osoo addaan hin kutiin lakkoofsa tokko sekoondii tokko keessatti yoo lakkoofne
biliyoona tokko irra gahuuf, waggoota 31 fi guyyoota 259 fi sa’aatii 1 fi daqiiqaa 46 fi
sekoondii 40 nutti fudhata.
Leenjisaa: Lakkooofsa tokko sekondii tokko keessatti lakkaa’uun akka lakkoofsichi
guddachaa adeemeen qabatamaatti hin danda’amu. Akka tilmaama muraasaatti, biliyoona
tokko lakkaa’uuf, sa’aatii 24 walitti aansinee yoo lakkoofne, waggoota 190 fudhata.
Namni tokko qabatamaatti, guyyaatti sa’aatii 16 lakkaa’uudhaan miliyoona tokko
guyyoota 89tti raawwate. Biliyoona tokko kan lakkaa’uu yaale hin jiru.

155
 Onneen kee guyyaa tokkotti si’a 100,000, waggaa tokkotti immoo gara miloyoona
36.5 ni dhahatti.
o Si’a biliyoona tokko dhahachuuf, waggoota 28 itti fudhata.
o Biliyoona lama gahuuf waggoota 56 itti fudhata. (Baayyina namoota
carraa wangeela dhagahauu hin arganne)
o Umrii nama tokkoo keessatti, onneen nama si’a biliyoona 2.5 ol dhahatti.

Biliyoona lama jechuun lakkoofsa baayyee guddaa dha. Ammayyuu eeggachaa jiru.

Leenjisaa: Lakkoofsota duraanii lamaan yaadachiisi. Biliyoona 7 namoota jiran keessaa


biliyoonni lama hin dhageenye.

Lakkoofsi inni dhumaa ati yaadachuu qabdu, 49,000. Guyyaatti, namoonni 49,000 osoo Yesusiin
hin beekiin du’u. Saaxiniin reeffaa 49,000 osoo walitti qabsiifamee dalga dheereffame
kiiloomeetrii 96 yookiis maayilii 60 ol dheerata.

Warreen kun lakkoofsota duwwaa miti. Garuu namoota abdii, soda fi abjuu qabani dha.
Abbootii, haadhotii, dargaggootaa fi maanguddoota; lakkoofsonni tokkoon tokkoon isaanii
namoota Waaqayyo jaalatu bakka bu’u. Isaan kunniin abboota, haadhotaa fi ijoollota Yesus
duukaa bu’uu didan osoo hin taane, carraa hin arganne dha.

Maree: Lakkoofsonni (Biliyoona lama hin qaqqabamiinii fi namoota 49,000 guyyaatti du’an)
dhiibbaa akkamii sirratti fidu? Maaltu hojjetamuu qaba?

Gaggeessitoonni mul’ata qaban, baayyina namoota hin qaqqabamiin jiranirraa ka’ee fedha
guddaa jiru hubachuu danda’a.

B. Gosoota hin qaqqabamiin jiran

Jechi Yesus, “saba hundumaa” jedhee waame, isa nuti har’a biyya jennu jechuu miti. Jechi inni
fayyadame, jecha isa, lammummaa (ethnic) jennu irraa arganne dha. Namoota walii wajjin

156
jiraatan, kan agarsiisu malee karaa siyaasaan saba isa jedhamu miti. Karaa siyaasaa saba inni
jedhamu, lammii hedduu of keessaa qabaachuu danda’a.

Addunyaa kanarra gosa lammii 13,501 tu jira. Kana keessaa, 4,410 kan hin qaqqabamiin yookiis
xiqqoo qaqqabamani dha.

Biyyoota muraasa namootni hin qaqqabamiin baayyinaan keessatti argaman.

(Madda: Joshua project 2017)

Biyya Namoota hin Dhibbentaa Walii gala Gosa sabaa hin


qaqqabamiin baayyina gosaa qaqqabamiin
Hindi 1,262,202,0000 94.9 2,531 2,274
Paakistaan 192,698,000 99.2 394 386
Chaayinaa 184,202,000 13.4 542 445
Indooneezsiyaa 165,644,000 63.7 779 224
Baangilaadish 159,781,000 98.7 326 293
Jaappaan 123,137,000 97.8 36 23
Iraan 80,586,000 99.6 97 87
Turkii 79,746,000 99.2 67 45
Taayilaand 67,233,000 98.6 113 81
Naayijeeriyaa 62,769,000 32.8 543 95

Leenjisaa: Bakka kanatti, odeeffannoo waa’ee namoota hin qaqqabamiinii kan naannoo kee
kaasuu dandeessa.

Gaggeessitoonni mul’ata qaban, fedha guddaan jiraachuu isaa baayyina saba hin qaqqabamiin
jiran irraa ni argu

C. Naannoo (location) namoota hin qaqqabamiin jiranii

Namoonni hin qaqqabamiin eessatti argamu? Baayyeen isaanii naannoo foddaa 10/40 jedhamu
keessatti argamu. Foddaan 10/40 jedhamu kun boca rektaangulaa’aa kan qabu dhiha Afrikaatii
157
hanga Baha Eeshiyaatti, digrii 10 kaabaa hanga digrii 40 kaabaa mudhii lafaatti argama. Bakki
kun akka addunyaatti, uummatoota Musliimotaa, Hinduu fi Budistootaan kan qabame yoo ta’e
lubbuu miliyoonotaan lakkaa’aman hafuuratti kan rakkina keessa jiran dha.

Foddaa 10/40

Madda: http://www.joshuaproject.net/10-40-window.php. The revised 10/40 window includes some


additional countries in the region like Indonesia).

Gaggeessitoonni mul’ata qaban fedhii guddaan naannoo namoonni hin qaqqabamiin jiraatanirraa
argu.

Leenjisaa: Yoo yeroo qabaatte, al takka dhaabiitii foddaa 10/40ffaa keessa saba jiraniif
kadhadhu. Odeeffannoo bal’aan waa’ee 10/40ffaa dabalata A dhuma barumsa kanaarratti
argama.

D. Gochoota ergamummaa gara namoota hin qaqqabamiiniitti

Akka baayyina namoota hin qaqqabamiiniitti, waldaan kiristaanaa hojjettoota gara namoota hin
qaqqabamiitti akka ergitutti yaadna. Dhugaan jiru garuu, tajaajila idil addunyaa keessaa:

 71% gara naannoo kiristaanotaatti deemu


 20% gara naannoo wangeelli itti lallabameetti adeemu
 9% gara namoota hin qaqqabamiin jiraniitti adeemu.

Fakkiidhaan akkas fakkaata

158
Bakka ergamoonni wangeelaa (missionaries) deeman.

9%

20% Naannoo kiristaanotaatti


Bakka wangeelli lallabametti
Bakka hin qaqqabamiinitti
71%

Gaggeessitoonni mul’ata qaban, hojjetoota gara bakka hin qaqqabamiiniitti erguu fedhu. Ergaa
guddichi hanga gaggeessitoonni fedha saba hundumaan gahuu qabaatanitti raawwatamuu hin
danda’u. Gaggeeessitoota akka Waaqayyo ilaaletti addunyaa kana ilaalan nu barbaachisu.

Leenjisaa: Irra deebi’i. Gaggeeessitoonni mul’ata qaban fedhii guddaa namoota hin
qaqqabamiiniif qaban lakkoofsa namoota hin qaqqabamiiniin ( biliyoona 7, biliyoona 2,
49,0000), baayyina saba hin qaqqabamaniiniin, naannoo hin qaqqabamaniiniin fi
namoota erguudhaan.

Yoo yeroo qabaatte, gaaffilee armaan gadii irratti mariiyadhaa!

Maree: Waldaan keenya akkamitti namoota bira hin gahamiin kana barbaadaa jirti? Isa
kana jijjiiruuf maal gochuu qabna?

II. Gaggeessitoonni dandeettii qaban hojjetoota saba hundumaaf leenjisu

Gaggeessitoonni ergama guddichaa fedhi guddaan jiraachuu isaa qofa osoo hin taane, karaalee
ittiin fedhiin kun guutamu irratti jabaatanii hojjetu. Yesus, karoorri isaa duuka buutuu taasisuu
rratti akka ta’e agarsiisee ture. Kun immoo dandeettii gaggeessummaa ittiin duuka buutota saba
hundumaaf itti bocan gaafata.

159
A. Gaggeessitoonni dandeettii qaban, gaheen isaanii hidhachiisuu akka ta’e ni hubatu

Yesus, gaaggeessitoota 12n akka adeemanii fi duuka buutota akka taasisaniif yeroo isaanitti
hime, duuka buutota haaraa akka baayyisanii fi waan inni isaan abboomu eeguu akka beekan
akka barsiisaniif isaan barsiise. Yesus gaggeessitoonni 12 sun waan hundumaa akka isaan
hojjetan isaan irraa hin eegu. Kan isaan waamamaniif, warri kaan Yesusiin akka fakkaataniif
barsiisuufi dha. Phaawuloos, gaggeessitoonni kan wamaman warra kaan hidhachiisuuf akka ta’e
sirriitti hubateera.

Efesoon 4:11-13, “Isumatu namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan
waan Waaqayyo isaanitti mul’ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota,
kaanis barsiisota akka ta’aniif ture. Inni warra Waaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti
ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, [waldaa isa] dhagna kristoos sanas cimsuudhaaf kana
godhe. Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu
namoota ga’an taanee, guddannees safara guutummaa kristoos bira hamma geenyutti ta’a.”

Yaadni ijoo luqqisii kanaa, gaggeessitoonni hojii hundumaa ofii isaanii akka hojjetaniif osoo hin
taane, saba isaa (waldaa isaa) hidhachiisanii hojii tajaajilaaf qopheessuufi dha. Kun yeroo
baayyee gaggeessitoota biratti akka malee hubateera. Yeroo baayyee gaggeessitoonni kan
leenji’aniif, ‘hojii tajaajilaa’ sana hojjechuufi [Lallabuu, gorsuu, wangeela tamsaasuu, buchiinsaa
fi kkf]; namoonnis hojii kana hundumaa isaan irraa eegu. Garuu yeroo isaan hidhachiisuu
dhiisanii hojjechuu irratti xiyyeeffatan, guddinni waldaa kiristaanaa ni daanga’a; sababni isaa
kan hojjetu nama tokko yoo ta’u warri kaan hundinuu hojicha nama tokkoon hojjetamu sanaaf
kanfalu.

Leenjisaa: Yaadni kun caalmaatti mata-duree, “Qofaa gaggeessuu moo gaggeessitoota


baayyisuu” jedhu keessatti ibsameera. As keessatti yaadachiisuuf qofaa dha.
Akkasumas gaggeessaa fi hidhachiisuu kan jedhu keessattis ni argatta.

Maree: Warra kaan hidhachiisuuf akka gaggeessaatti maalan hojjechaa jira? Hidhachiisuu
koo akkaataa kamiinan saba hundumaaf geessisuu danda’a?

B. Gaggeessitoonni dandeettii qaban, galmi isaanii abboomamuu akka ta’e ni beeku

160
Barsiisni dhuma osoo hin taane karaa ittiin dhumni ta’u ta’uu isaa Yesus ibseera. Duuka buutota
sanaaf, galmi isaanii waan Yesus isaan abboome hundumaa eeguu dha. Gaggeessitoonni gahinsa
qaban, hanga sabni karaa Yesus irra adeemutti hojiin isaanii akka hin xumuramne ni hubatu.
Hojiin duukaa buutuu taasisuu hanga duuka buutuun sun duuka buutota saba hundumaaf gahan
horachuuf gahaa ta’utti hin goolabamu.

III. Gaggeessitoonni ofitti amanamummaa qaban hojjetoota saba hundumaaf ergu

Addunyaan kun hundumti ishee wangeelaan akka qaqqabamtu yoo barbaadame, hojjetoonni gara
ergamuu qabu. Phaawuloos ifaa gdhee kaa’eera.

Roomaa 10: 13-15, Caaffanni qulqullaa’aan, “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in
oola” in jedha. Namoonni immoo nama itti hin amanne attamitti waammatu ree? Attamittis nama
waa’ee isaa dhagahanii hin beeknetti amanu ree? Namni utuu isaanitti hin lallabamiin attamitti
waa’ee isaa dhaga’u ree? Namoonni yoo ergaman malee, attamitti lallabu ree? “Warri oduu
gaarii fidanii dhufan maal maal nama gammachiisu!” kan jedhu caafameera.”

Ergamuu Lallabuu Dhaga'uu Waamamuu Amanuu Fayyina

Namni tokko ergamuu irraa eegalama. Attamittimmoo kun ta’a? Gaggeessitoonni waldaa
naannoo sanaa fedhii jiru arguu qabu; leenjisanii erga hidhachiisaanii booddee gara maasii
sanaatti erguu qabu. Kana booddee duuka buutonni haaraan amantiidhaan Kristoosiin fudhatanis,
guddatanii hojjetoota danuu hojichaaf erguu qabu. Akka kanaatti adeemsichi itti fufuudhaan,
saba hundumaa biraan gaha.

Adeemsi kun, gaggeessaa ofitti amanee waamicha Waaqayyo itti isa waamee fi isarraa barbaadu
beeku barbaada. Kennaa namoota warra kaaniitiin kan hin gufannee fi namoonni yeroo isaan
guddatan baayyee kan gammadu ta’uu qaba.

Gaggeessaan ofitti amanu waan sadii godha:

A. Akka hojjetaatti adeemuudhaaf kan hayyamamu dha

161
Yesus, “dhaqaa, duuka buutota taasisaa!” jedhe. Biyyi lafaa hundinuu wangeela dhaga’uu kan
qabdu yoo ta’e, namoonni naannoo jiran irraa gara naannoo wangeelli hin geenyeetti deemanii
wangeelicha dhageessisan jiraachuu qabu jechuu dha.

Gaggeessitoonni ofitti amanoon fedhi guddaan jiraachuu isaa fi duuka buutota taasisuuf gatii
baasan, Waaqayyo isaaniinis kan ergu yoo ta’e ofii isaanii adeemuudhaaf kan hayyamamani dha.
Yeroo tokko tokko, “Eeyyee, atumti adeemi!” jedha ta’a Waaqayyo.

Gaggeessitoonni ofitti amanoon, iddoo isaanii isa mijataa turuu osoo hin taane, ofii isaanii
adeemuudhaafis hayyamamoo dha. Kun namoota, waldaa sana keessatti gatii gurguddaa
kanfalanii sadarkaagaarii amma waldattiin irra jirtuun gahaniif baayyee ulfaataa dha.

Muraasni, waldaadhuma naannoo sanaa keessatti iyyuu fedhi guddaan akka jiru kan falman jiru,
dhugaa dhas. Garuu, waldaan kristaanaa naannoo kee jirti jechuun, ati warra biliyoona 2.1 warra
tasuma dubbicha hin dhageeye keessaa miti jechuu dha. Waldaan naannoo jirtu, gaggeessitoota
ofitti amanoo ta’an, lafa wangeelli itti hin dhaga’amiinitti ergamuu fi erguu irraa isaan hin
daangessitu. Isaan waamichi Waaqayyoo hawaasa isaanii biraan dubbii Wangeelaa gahuu akka
ta’ee fi Yesus kan du’e namoota hanag ahar’aatti tasuma dubbii wangeelaa hin dhageenyeefis
akka ta’e hubataniiru.

Gaggeessitoota deemanii hojii ergamaa kana hojjechuuf waamicha hin qabneefillee, karaa
kamiinuu hojii ergama guddaa kanaa keessaa qabaachuun fayyaalessa ta’uu isaa hubatamuu
qaba. Ergama yeroo gabaabaa keessatti hirmaachuun gaggeessaan tokko dhugaa addunyaa
keessa jiru aka hubatuu fi hojjetoota erguuf fedhii guddaa akka qabaatu ni gargaara.

Maree: Waaqayyo akka ati adeemtuuf si waameera? Wanti sitti dhaga’amu, akka ati kana gootu
yoo ta’e, iddoo jirtu gadhiisuuf hayyamamaa dha? Waaqayyo waldaa naannoo kee jirtu keessatti
akka tajaajiltu yoo si waame, jaalala guddaa hojii ergamaa kanaaf qabdu akkamitti raawwatta?

B. Hojjettoota gadhiisuuf kan hayyamamani dha.

Gaggeessitootni duuka buutota adeemanii duuka buutota adeeman taasisan gadhiisuu qabu.
Guddinaa fi dagaagina isaaniif gatii guddaa yoo kanfalanillee, gaggeessitoonni ofitti amanoon
gammachuudhaan hojjetoota gara maasii hojii sanaatti ni ergu.

162
Gaggeessitoota muraasaaf hojjetoota hojiif gadhiisuun baayyee isaanitti ulfaata. Hanga danda’an
ittisu. Mootummaa Waaqayyoo osoo hin taane, mootummaa ofii isaanii ijaarratanii arguu
barbaadu. Eebba erguu irraa dhufu dhiisanii, yeroo namoonni deeman akka waan dhabaniitti
lakkaa’u.

Garuu, mootummaa Waaqayyoo keessatti warri kennan caalchisanii fudhatu. Waldaan


kiristaanaa kan isheen jirtuuf, ergamummaaf yoo ta’u, yeroo ergama Waaqayyoo wajjin wal
simatu, jireenya waldaa sanaaf gaarummaan ni baayyataaf. Ergaa guddichi waldaa lafa kanarra
jirtu kamiifuu ni hojjeta. Har’a, Waaqayyo saba hundumaa keessaa saba hundumaaf hojjetoota
kakaasaa jira. Gaggeessitoota kee warra gaggaarii hojii ergamaa kanaaf gadhiisuu dandeessa?

C. Hojjetoota deeggaruuf kan hayyamamani dha.

Ofii adeemuu fi hojjetoota erguuf hayyamamoo ta’uu qofaa osoo hin taane, gaggeessitoonni
ofitti amanoon hojjettoota ergamaniif deeggarsa kennuufif hayyamamoo dha. Deegarsi kunis
Maallaqa, kadhata, daawwannaa fi gorsa yookiis gosa deeggarsaa hedduu ta’uu danda’a.

Gaggeessitoonni muraasni maallqani yookiis kadhannaan waldaa naannoo sanaa keessaa akka
bahu hin barbaadan. Waan hundumaa ofii isaaniitii qabanii taa’uu barbaadu. Yesus garuu akkas
jedhe,

Luqaas 6:38, “Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan
nam’u, guutees kan irra dhangala’utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf
safartanitti isniif in safarama.” jedhe.

Gaggeessitoonni ofitti amanoon karaa ittiin galii ittiin hojjetoota bobbaasan argatan dhimmanii
barbaadu. Gaggeesummaan madda galii barbaaduudhaan hojjetoota adeeman leenjisuuf
barbaachisa. Akka addunyaatti karaa gaggeessitoota ergaa guddichaa tooftaan hojii ergama erguu
haaraan hojjetamaa jira. Gaggeessitoonni kunniin, “Nuyi madda galii hedduu qabaachuu dhiisuu
dandeenya, garuu karaa ittiin hojjetoota erginu barbaaduu qabna.” Jedhan. Gaggeessitoonni
karaa hundumaa jiran, raawwii karoora kanaa keessatti hirmaachuu qabu. Warra maasii
hojichaatti bobba’an gammachuudhaan ni deeggarta?

Maree: Sababoonni gaggeessitootni adeemuu yookiis namoota erguu irraa isaan daangessan
maal fa’i?

163
Goolaba

Namoonni biliyoona 2.1 ammallee Yesusuiin dhaga’uudhaaf eeggachaa jiru. Namoonni 49,000
waa’ee kiristoos osoo hin dhaga’iin guyyaa tokkotti ni du’u. Yoo xiqqaate al takkaa
dhag’uudhaaf carraan isaaniif hin malu? Kun akkamiin ta’uu danda’a? Gaggeessummaa
barbaada. Gaggeessitoota ergama guddichaa mul’ata Yesus qaban nu barbaachisa.

 Gaggeessitoota mul’ata qabanii fi fedha saba hundumaa qaban barbaanna.


 Gaggeessitoota dandeettii qabanii fi hojjetoota saba hundumaaf leenjisan barbaanna.
 Gaggeesitoota hojjetoota saba hundumaaf erguuf ofitti amanan barbaadna.

Osoo gaggeessitoonni waldaa kee fi biyya kee keessa jiran mul’ata akkasii qabaatanii hojii
ergama guddichaa fiixaan baasuf waliin hojjetan maaltu ta’a sitti fakkaata? Kana gochuudhaaf
waamichi Waaqayyo siif qabu maali?

Qorannoo nama dhuunfaa

Tiksee Pheexros si waamee seenaa isaa sitti hime. Erga waldattiin sun hundooftee waggoota
jahaaniif gaggeessaa ture. Miseensota namoota 100 qabdu taatee waldattiin waan guddatteef
mindaa maatii isaa deeggaruu danda’u isaaf kanfaluu danda’uu isaaniif baayyee agmmadeera.
Gaggeessitoota gaggaarii isa waliin waldicha gaggeessan jaarsolii godhee filateera. Waldattiin
guddattee, mana yeroof ta’u ijaarratteetti; inni garuu karoora mana guddaa fi yeroo dheeraaf
ta’u ijaaruuf yaadaa jira. Akkas jedhe, “ Osoo ijaarsicha fixne, ni tasgabboofna, Anis yeroo
sana saba kanatti wangeela nan lallaba. Ati immoo mishinaroota hedduu akka beektu waanan
beekuuf, akka isaan nu gargaaraniif maaloo walitti nu fidi!” Barumsa kanarratti hundoftee,
Tiksee Pheexrositti maal himta?

Hoj manee afaaniffaa

Hirmaattotni yoo xinnaate nama sadii barbaadanii, tuqaalee ijoo barnoota kanaa akka isaan irratti
mariiyataniif gargaari. Lakkoofsota sadan yaadachuu qabu: (Addunyaa kanarra biliyoona 7, ka
hin qaqqabamiin biliyoona 2 fi osoo wangeela hin dhaga’iin kan du’an guyyaatti namoota
49,000).Akkasumas biyya kee keessaa saba hin qaqqabamiin jiru tokko akka yaadatan gargaari.
Erga seenaa kana waliif qoodanii, yeroo wajjiin fudhatanii, Waaqayyo waldaan isaanii ergama

164
guddaa irratti akka xiyyeeffattuuf akka ishee gargaaru kadhadhaa. Waan godhan hundumaaf
dareef haa ibsan.

Dabalata A: Meeshaalee ergamaa dabalataa

1. Meeshaalee ergamaa Websaayitii,…

http://www.joshuaproject.net/
http://www.lausanneworldpulse.com/
http://www.missionfrontiers.org/
2. Waa’ee foddaa 10/40 odeeffannoo dabalataa

Foddaa 10/40ffaan naannoo rektaangulaa’aa kaaba Afrikaa, Baha giddu galeessaa fi tilmaamaan
Eeshiyaa digrii 10 Kaabaa fi digrii 40 kaaba mudhii lafaa ti. Foddaan 10/40ffaan yero baayyee,
“The Resistant Belt” kan jedhamuu fi baayyinaan Musliimota, Hinduu fi Buddistoota kan of
keessatti hammatu dha. Foddaan 10/40n inni duraa, biyyoota dhibbantaa 50 lafa isaanii keessaa
digrii 10 fi 40 kaaba mudhii lafaatti argaman qofa hammata. Foddaan 10/40ffaan inni fooyya’ee
ba’e garuu biyyoota hedduu of keessatti hammata. Isaan keessaa Indooneeziyaa fa’a muraasa.
Armaan gaditti ilaali.

Tilmaamaan namoota biliyoona 4.94 keessaa naannoon saboota 8,472 ta’an foddaa 10/40ffaa isa
haara’e keessa jiraatu. Namoota kanneen keessaa, dhibbantaan 69.1 kanneen wangeelaan hin
qaqqabamne yoo ta’an isaanis namoota biliyoona 3.05 ta’u jedhamee yaadama. Kana jechuun
namoonni dhibbeentaa 62% ta’an naannoo foddaa 10/40 keessa jiran keessaa warren wangeela
hin dhageenye jechuu dha. Isaan keessaa, Shaaikh, Turkii, Morookkota, Araboota, Paashtunoota,
Jaatii gi Burmesoota. (Madda: Jooshua project, 2017).

165
Afghanistan Laos
Albania Lebanon
Algeria Libya
Azerbaijan Malaysia
Bahrain Maldives
Bangladesh Mali
Benin Mauritania
Bhutan Mongolia
Brunei Morocco
Burkina Faso Myanmar
Cambodia (Burma)
Chad Nepal
China Niger
China, Hong Kong Nigeria
China, Macau Oman
Djibouti Pakistan
East Timor Qatar
Egypt Saudi Arabia
Eritrea Senegal
Ethiopia Somalia
Gambia Sri Lanka
Guinea Sudan
Guinea-Bissau Syria
India Taiwan
Indonesia Tajikistan
Iran Thailand
Iraq Tunisia
Israel Turkey
Japan Turkmenistan
Jordan United Arab
Kazakhstan Emirates
Korea, North Uzbekistan
Kuwait Vietnam
Kyrgyzstan West
Bank/Gaza
Western Sahara
Yemen

166
Abbaltii gochaa

Maqaa:_______________________________________

1. Gaaffilee armaan gadii irratti ibsa kenni

Barumsa kana dura, barbaachisummaa ergamaa hammam beekta turte?

Namoonni nuyi gaggeessinu waa’ee kanaa hamma beeku?

2. Akka gagggeessaa tokkoottii namni ati b aayyee itti dhamaatee guddiste took gara kee
dhufee, “Waaqayyo saba biraaf dubbii wangeelaa akkan lallabuuf waan na erge natti
fakkaata. Kanaafuu nan deema, osoo siin jedhe maaltu sitti dhagahama? Dhugumatti deebii
akkamii laattaaf? Kunis maal sitti agarsiisa?
3. Roomaa 10: 13-15 tti isa jiru dubbisiitii daqiiqaa shaniif maal jechuu isaa akka ta’e itti
yaadi.Yeroo kana gootu asitti mallatteessi:__________________Amma gaaffilee armaan
gadii kana deebisi.
 Gara Kiristoositti si fiduudhaaf Waaqayyo maalitti yookiis eenyutti fayyadame?
 Sabni yookiin hawaasni kee namni waa’ee ergaa wangeelaa itti himu osoo dhibee
maal ta’a sitti fakkaata?
 Yeroo xinnoo fudhadhuutii kadhadhu.Waaqayyoo si’ii fi dhiibbaa ati uumuu
dandeessuun ergicha namoota carraa wangeela dhaga’uu hin qabneen akka
geessisuu danda’u kadhannaadhaan gaafadhu.
4. Waldaan yookiis dhaabbatni yookiis gartuun ati gaggeessitu hojii wangeela bakka hin
gahamiin geessisuu keessatti hirmaachuudhaaf karoora tarkaanfii fudhatamuu qabu
qopheessi. Yoo xiqqaate, tarkaanfii qabatamaa sadii fi guyyaa gochichi itti xumuramuu qabu
keessa galchii qopheessi. Gaaffileen argaam gadii yaadfota muraasa siif kennuu danda’u.
 Adeemsi duuka buutuu taasisuu keenyaa namoonni ergaa guddicha keessatti akka
hirmaataniif ni hayyama? Yoo ta’uu baate, karaaleen ittiin jajjabeeffamuu qabu maal
fa’a?
 Sabni keenya akkamitti fedha guddaa ergama ilaalchisee jiru beekuu danda’a?
 Sabni keenya waa’ee ergamaa kadhachuu keessatti akkamitti hammatamuu danda’a?
 Sabni keenya ergaaaf kennuu keessatti akkamitti qooda fudhachuu danda’a?

167
 Sabni keena akkamitti daangaa darbee ergamoota erguu danda’a?

Lakkoofsa Gocha Guyyaa


1
2
3

168
HUNDEE GAGGEESSUMMAA KIRISTAANAA
Kutaa Macaafaa: 1 Phex 5:1-4; Jaarsolii Hoolota Waaqayyoo eeganiif

Qajeelfama

Akka bartoota Yesuusitti geggeessuuf barachuuf qophaa’uun adeemsa jalqabne dha. Barnootni
kun kan inni xiyyeefatu ergaa Pheexros isa duraa 5:1-4 irratti barreeffame fudhachuudhaan
ta’a. Akkeekkachiisni inni gaggeessitoota waldaaf kennu ilaalcha gadi fagoo maalummaa
geggeessaa, yaada ka’umsa geggeessaa, aarsaa geggeessummaan gaafatuu fi badhaasa
geggeessotaaf bara baraan jiraatu sana ilaalla.

Kaayyoo barnoota kanaa

Dhuma barnoota kanaa irratti hirmaatotni:

 Fakkiiwwan hojii geggeessotaa sadan ni hubatu.


 Yaada ka’umsa geggeessotaa rakkoo qabuu fi qajeelaa adda baafatanii beeku.
 Tooftaa geggeessotni kiristiiyaanaa itti fayyadamuu qaban adda baafatu.
 Badhaasa gara fuulduratti geggeesitootaaf qophaa’e hubatu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni

 Luqqisii kenname irratti hundaa’uun sadarkaa gaggeessummaa isaanii ni madaalu


 Bakka fooya’insa barbaadu adda baasu
 Jijjiiramuuf karoora gochaa ni qopheessu

Seensa

Akka geggeessotaatti iddoo kana jirra. Waldaa Yesuus Kristosiitti kallattii agarsiisuuf
waamamne. Iddoo kanatti kan walitti qabamneef geggeessummaan waamicha waaqayyo biraa
ta’ee fi bocamuu qabu waan ta’eefi. Dandeettii geggeesummaa keenya foyyeeffachuu qabna.
Dandeettii geggeessummaa keenya hammuma fooyyessaa adeemnu waldaan keenya cimaa
adeemti. Wantoota baay’etu geggeessaa cimaa nu taasisa isaan keessaas bilchina jireenya
hafuuraa, beekumsa fi ogummaa geggeessaaf barbaachisani dha. Barnoota kana keessatti xalayaa
ergamaa Phexros isa duraa 5:1-4 irratti hundaa’udhaan geggeesummaa karaa hafuriin (hojii,
yaada jalqabaa, mala fi badhaasa) ilaalla.

169
“Ani akkuma isaanii maanguddoo, dhugabaatuu dhiphina Kristos akkasumas hirmaattuu
ulfina isa mul’achuuf jiruu ta’ee, manguddoota isin gidduu jiran nan gorsa. 2 karra hoolotaa
isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana giddiidhaan ufuu hin ta’in, jaalalaan, akka Waaqayyo
barbaadutti bu’aa nama yeellaasisu irraa argaachuuf utuu hin ta’in, of kennuudhaan eegaa!
3 Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta’uudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran
irratti gooftummaa argisisuudhaan miti. 4 gaafa angafni tiksootaa sun mul’atutti, isinis
immoo gonfoo ulfinaa isa gad deebi’aa hin adeemne in argattu. Phex 5:1-4

Maree: Pheexroos waa’ee gaggeessitootaa ilaalchisee kutaa kana keesatti waan inni barsiise
maali? Yoo xiqqaate waan shan tarreessi

Leennisaa: Deebii akka deebisan jajjabeessi.

Barreeffama Pheexroos kanarraa hundee gaggeessummaa kan hafuuraa ilaalchisee waan sadii
irratti xiyyeeffanna: Hojii, fedha (motive) fi badhaasa gaggeessaa

I. Hojii Gaggeessaa
A. Gaggeessaan ni tiksa

Hojii tiksummaatti waamamne. Hoolota tiksuudhaaf. Geggeessan kam iyyuu tiksee dha. Hundi
keenya “eegdota….” ta’uuf hin waamamne garuu geggeessan kam iyyuu Waaqayyoo garee itti
gaafatammummaa fudhannee geggeesinu sana akka tiksinu barbaada.

Waaqayyoo “angafa tiksootaati” Lakk. 4. Wanti hubachuu qabaannu caaseffama bulchiinsaa


keessatti nuti iddoo ol’aanaa irraa akka hin taane dha. Hoolonni kan isaati malee kan koo miti.
Geggeessaa milkaa’e ta’uu yoo barbaanne aboo Waaqayyoo fi kan namaa adda baasnee beekuu
qabna. Nuti aboo Waaqayyoo jalatti isaaf hojjenna. Yeroo baay’ee geggeesitoonni hafuuraa itti
gaafatammummaa isaanii dagachuudhaan akka tiksee hoolotatti otuu hin taane akka nama waan
hundi isaan jala ta’eetti socho’u.

Maree: Tiksummaa keessatti maaltu hammatama? Amma tiksee hoolota eegu tokko ilaali.
Hoolota tiksaniif waal godhu?

1. Kallattii agarsiisu

Hoolonni karaa irra deeman beekuudhaaf tiksee barbaadu. Hoolonni uumamumaan gara itti
oofamanitti kan adeemani dha. Qajeelfama yoo hin arganne kallattii adda addaa irra tamsa’uu
danda’u. Bishaan, margi eessa akka jiru hin beekan iddoo balaan jirus waan hin hubanneef
geggeessaa barbaadu. Tikseen hoolota fuuldura adeemuun qajeelfamaa fi kallattii itti agarsiisuu
qaba.

170
Namootni geggessaa barbaadu. Nama kallattii ta’e irra isaan geggeessu hanga argatanitti
socho’uu hin danda’an.

Maree: Gaggeessitoonni akka mitti saba gaggeessanitti kallattii agarsiisu? Yeroo balaan jiru
akkamitti hubatu?

2. Hoolota eeguu

Hoolonni eegumsas barbaadu. Biyya lafaa keessa balaa hoolonni hin beeknee fi itti hin
qophoofne baay’etu jiru. Bineensa bosonaatiin nyaatamuu yookiin konkolaataadhaan rukutamuu
danda’u.

Hoolonni kun tiksee dursee rakkoo jiru hubachuudhaan isaan oolchu barbaadu.

Namoonnis akkasuma eegumsa barbaadu. Nama waa’ee eegumsa isaaniitif dhimmuudhaan


rakkoo fi balaa biyya lafaa keessa akka darbaniif isaan gargaaru barbaadu.

Maree: Gaggeessitoonni saba gaggeessan akkamitti eegu?

Namoota geggeessaa keenya jala jiran kan eeguu dandeenyu karaa armaan gaditini:

 Kadhannaadhani: Namoota geggeessaa keenya jala jiran kadhannaadhaan haguuguu


qabna. Hammumma geggeesummaa keetin ol guddachaa adeemtu namonni ati kadhannaadhaan
eeguu qabdus ni baay’atu. Duuka buutota kee kadhannaadhaan eeguudhaaf karoora qabdaa?
 Barsiisudhaani: Dhugaa barsiisuudhaa fi barsiisota sobaa irraa akka of eegan
gochuudhaan eeguu dandeenya. Balaa jiru dursinee ilaaluudhaan mala ittiin ittisnu
qopheessuudhaan eeguu qabna.
 Waan isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan: Hojiin gaggeessaa inni biroon
hoolotaaf nyaata kennuu dha.
Maree: Gaggeessitoonni saba gaggeessaa jiraniif akkamitti waan isaan barbaadan
kennuufii danda’u? Sabni sun maal barbaada?
Akka gaggeessaatti itti fufinsaan namoota gaggeessinuuf nyaata barbaaduu qabna. Gartuuleen
hundinuu maal barbaadu?
Barumsa barbaadu? Barumsa qopheessiif!
Jajjabina barbaadu? Sagalee jajjabinaa barreessiif ykn itti dubbadhu!
Leenjii bal’aa barbaadu? Leenjii qopheessiif!
Akka gaggeessaatti fedha saba sanaa addaan baastee waan isaan barbaadan kana kennuufiin hojii
keeti.
Hojiin tiksee gaarii salphaa miti. Gaggeessitoonni muraasni tiksee gaarii miti. Hisk 34 irratti
gaggeessitoota saba Waaqayyoof dubbii gurguddaatu dubbatame. Kutaa sana keessatti

171
Waaqayyo faayidaa ofii isaaniif jedhanii hoolota tiksuu dhabuu tiksootaaf isaan komachaa ture.
Kunis dheekkamsa Waaqayyo isaanirratti fide. Gaggeessitoonni hedduun taayitaa isaanii
fayyadamanii nyaata hoolotaaf qooda kennan ofii isaanii jalaa nyaatu. Qooda hoolota
nyaachisuu, hoolonni akka isaaniif fidan barbaadu.
Gaggeessitoonni saba Waaqayyoo gaggeessan, sabni sun qbeenya isaanii osoo hin taane, kan
Waaqayyo akka ta’an hubachuu qabu.Waaqayyo angafa tiksootaa ti (lakk 4). Kanaafuu hoolonni
sun kan isaati, kan koo miti. Gaggeessitoonni cimoon gahee isaanii fi gahee Waaqayyoo addatti
beeku.Nuti Isa jalatti isaaf, warra kaaniifis hojjenna. Yeroo baayyee, gaggeessitoonni hafuuraa,
itti gaafatamummaa isaanii dagatanii akka tikseetti osoo hin taane akka abbaa irreetti hojjechuu
barbaadu.

Haala kanaan eeguu jechuun ofii isaaniitiin waan tokkollee akka hin goone taasisuu otoo hin
taane akka geggeessaatti rakkoo jiru dursinee hubachuu qabna.

B. Gaggeessaan ni ilaala (daawata):

Gaggeesitootni dirqama ilaaluu qabu. Pheexros jarreen kana “maanguddoota,” hiikaa biraatin
ilaaltota jedha. Ilaaluu jechuun maalii? Duuba ilaaludhaan kaleessaa irraa kan baratu. Wanta
amma ta’aa jiru naannoo isaa ilaaludhaan rakkoo jiruuf furmaata kan kennuu fi gara fuuldurattis
maltu ta’uu akka danda’u kan ilaaludha.

Geggeessan dirqama ilaaluu qaba! Mul’ata qabaachuu qaba. Namoonni baay’een duuka buutota
ta’uun jiraatu. Isaan hin dhiphatan nama kan biraatu isaanif ilaala, geggeesitootni garuu akkas
miti dirqama ilaaluu qabu. Naannoo isaanii yeroo hunda kan hubatanii fi wanta namootni kuun
ilaaluu hin dandeenye kan argan ta’uu qabu.

Maree: Hoolonni yeroo nyaatan eessa ilaalu? Tikseen hoo eessa ilaala.
(Garaagarummaan kun bifa geggeessummaa geggeessaa fi duuka buutonni maal akka
ilaalan gargan baasee nutti agarsiisa.)

Leenjisaa: Hoolonni marga ilaalu, garuu tikseen naannoo ilaalee balaa jiru to’ata. Yeroo itti
aanutti immoo garamittii akka geessu duree yaada. Garaagarummaan kun fakkii gaggeessaa
fi duuka buutotaa jidduu jiru nutty agarsiia.

II. Fedhii (kakka’uma) gaggeessaa

172
Maaliif geggeessaa taate? Maaltu si kakaase? Geggeessaa ta’uun waan sitti toluufi? Namoonni
waa’ee kee waan gaarii waan yaadaniifi? Eegan kee waan si waamefi? Geggeessaa akka taanuuf
wantootni baay’en nu kakaasuu danda’u. Phexros fedhiin (waanti nu kakaasuu qabu) wanta sadii
ta’uu akka qabu nu gorsa.

Kaka’umsa gaarii sadii

A. Dirqamaan osoo hin taane waamichaan

Pheexros akka jedhutti tajaajiluu kan qabnu “dirqamaan waan hojjechuu qabnuuf otoo hin taane
jaalalaa fi kaka’umsa keetiin ta’uu qaba” jedha. Gaggeessummaan itti gaafatamummaa
ulfaataadha. Eegduun waldaa si waamuudhaan akka gaggeessitu si taasisuu danda’a. Akka
geggeesituuf waamichi Waaqayyo biraa hin dhufne taanaan garuu geggeessummaan kiristaanaa
kan hin danda’amne dha. Waaqayyo si waameeraa? Waldaa keessatti otoo waamicha Waaqayyo
biraa hin qabaatin namoonni iddoo gaggeessummaama jiraachuu danda’u.

Akka gaggeessituuf qofa waan gaafatamteef geggeesita taanan iddoo gadhiisuu qabda.

Waamichi Waaqayyo biraa ta’e geggeessummaa keenya keessatti jijjirrama akkamii fida?

Leenjisaa: Yaadni kun haaraa fi hirmaattonni kan hin beekne yoo ta’e yeroo
fudhachuudhaan itti yaaduun waamichi isaanii waaqayyo yookin nama biraa ta’uu isaa haa
mirkaneeffatan.

B. Fudhachuuf osoo hin taane, kennuufi

Namonni baay’een gaggeessaa kan isaan ta’aniif waan argatan ilaaluudhaani. Pheexros iddoo
kana irratti adda baasuudhaan kan inni dubbatu bu’aa qarshiiti. Inni kun geggeesitoota hedduuf
rakkoo dha. Sababni isaa baay’een isaanii miindaa ga’aa waan hin qabneefi. Wantootni adda
addaa kan akka maqaa gaarii barbaaduu teessuma fuulduraa irra taa’u, maqaa ulfinaan
waamamuu, namoota fuulduratti fudhatama argachuuf yaaduun qoramuu danda’u. Gaggeesitoota
ta’uu keenyaan qofa wantoota baay’ee argachuu dandeenya. Mee of yaa madaallu, aangoo fi
humna qabaachuu ni barbaanna? Egaa geggeessaa yeroo taanu kennuuf yookiin fudhachuuf ta’uu
keenya filachuu qabna. Akka Phexros jedhutti geggeessummaa kiristaanaa fudhachuu otoo hin

173
taane kennuu dha. Akka geggeessaatti kan waamameef yeroo, kadhannaa, gorsa, jaalala koo
namootan hogganuuf kennuudhaafi.

Geggeessaa kan taateef kennuudhaafi moo fudhachuudhaafi? Fedhiin geggeessaa kiristiyaanaa


kennuudhaaf ta’uu qaba.

Bu’aa guddaan geggeessaa kiristaanaa keessaa argamu wanta Waaqayyoo nutti kenne namoota
kaanitti dabarsuu danda’uu dha. Akka geggeessatti fuula Waaqayyoo dura dhaabachuudhaan
yookin dubbii gooftaa qorachuudhaan nyaata hafuuraa argatan duuka buutotaa kennuun
murteessaa dha.

C. Gooftummaa agarsisuun osoo hin taane fakkeenya taanee gaggeessuuf

Lakkoofsa 3ffaarratti Pheexros akkas jedhee itti fufe, “Hoolota karra sanaaf fakkeenya
ta’uudhaan eegaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa agarsiisuudhaan miti.”

Maree: Warra kaanirratti gooftummaa agarsiisuun maal akkamitti mul’ata?

Gooftummaa agarsiisuun, taayitaatti akka malee dhimma bahuu, aangoo fayyadamanii humnaan
abboomsisuu, bu’aa taayitaa faayidaa gaggeessaa sanaaf oolchuu dha.

Gooftummaan kan mul’atu yeroo:

 Namoonni akka nurratti hin dubbanne dhorkinu


 Jechootaan namoota miinu
 Namoonni akka nuuf kennan barbaadnu
 Namoota akka barbaadnutti yeroo gaggeessinu mul’ata.

Wantoota kkasii hedduu addunyaa keenya kanarratti argamu. Pheexroosis wantoonni akkasii
gara Waldaa kiristaanaatti akka hin seenneef ni akeekkachiisa. Qooda kanaa, Pheexroos,
“Hoolotaaf fakkeenya ta’uu” jedhee dubbata. Gaggeessummaan kiristaanaa hedduun isaa
agarsiisuu malee dubbachuudhaan miti. Namoota kan gaggeessinu karaa isaa namootatti
agarsiisneeti. Namoota gara ofii keenya jirruutti geessina malee, namootarratti gooftummaa
agarsiisuudhaan gara ofii keenya hin jirretti gaggeessuu hin qabnu.

174
Jireenyi keenya namootaaf fakkeenya ta’uu qaba. Ofii kee gaafadhu, “ Namoonni waldaa keessaa
hundinuu osoo akka koo ta’anii maaltu ta’a?” Namootaan “kadhadhaa” yeroon jedhu ofii koo
nan kadhadha? Namootaan “Kennaa!” yoon jedhu ofii koo nama arjaa dha? Namoonni akka
yeroodhaan argaman yeroon gaafadhu, ofii koo yeroon nan argama? Jireenya koo keessatti wanti
ani namatti himaa, ofii kootii garuu hin taawwanne maaltu jira? Gaggeessaa gosa kamiiti ati,
gooftummaadhaan moo fakkeenya ta’uudhaan?

Leenjisaa: Wanta hanga ammaatti baratan irra deebi’iif. Hirmaattotni akka hubatan
mirkaneeffadhu. Hojii gaggeessaa,……Fedhii gaggeessaa,….

III.Badhaasa Gaggeessaan argatu

Gaggeessummaan hojii ulfaataa fakkaata. Tuqaa kanaan miirri caalmaa inni Pheexros dubbatu,
sitti dhagaham. Gaggeessummaan kennuu fi kennuu qofaa dha? Anaaf bu’aa maalii naaf buusa?
Pheexros dubbii kanaan xumure, “Gaafa angafni tiksootaa sun mul’atutti, isinis immoo gonfoo
ulfinaa isa gad deebi’aa hin adeemne in argattu.” (Lak 4).

Angafni tiksootaa dhufaa jira. Inni ni mul’ata. Ammaaf argaa keenya duraa waan dhokateef
yeroo tokko tokko waan inni hojii keenya ilaalu nutti hin fakkaatu. Inni garuu ni mul’ata!
Waa’een kanaa si gammachiisa? Ati ghaggeessaa dhufaatii gooftichaa gammachuudhaan eeggatu
dha? Muraasni guyyaa sanatti ni qaana’u; hojiin namoota warra kaanii abiddaan in
qorama….garuu namoonni amanamoon badhaasa ni fudhatu.

A. Gonfoo ulfinaa

Kun baayyee kan nama gammachiisu dha. Yesus dhufee, gonfoo naaf kenna. Amanataan
kamiyyuu badhaasa ni fudhata; garuu Pheexros kan jedhu namoota hojii gaggeessummaa
isaanitti kenname amanamummaan hojjetanii goofticha tajaajilani dha.

Kun baayyee murtaa’aa dha. Ni argatta! Badhaasni Waaqayyoo sirrii dha. Gaggeessitoonni biyya
lafaa, badhaasa isaanii asuma lafarratti ni fudhatu; nuni kan keenya samiirratti fudhanna. (Lafa
kanarrattis badhaasni gaggeessummaa gaariif kennamu jira, inni samii garuu ni caala).

B. Gonfoo bara baraa

175
Gonfichi kan bara baraati. Tasuma gad dhumaa hin adeemu. Badhaasni inni kaan ni dhufa, ni
badas. Beekamtii! Maallaqa! Kabaja! Aangoo! Garuu gonfoon kun kan gad deebi’aa adeemu
miti.

Yeroo Waaqayyo gaggeessitoota Waldaa kee tokko tokkoon waamee, gonfoo isaanii kennuuf
mee yaadi!

Leenjisaa: Yeroo xiqqoo fudhadhuutii, dhaggeeffattoonni kee waa’ee yeroo badhaasaa sana
akka yaadaniif hayyamiif! Mee yaadi, tuuta hedduu keessa Yesus, “Amma tajaajilaa
amanamaa_______ (Maqaa nama tokkoo waamii fakkeenyaan dubbadhu), kan_____(maqaa
naannoo isaa dubbadhu) irraa dhufe badhaasuun barbaada. Inni/isheen ________(tajaajila
isaa/ishee kan mul’atuu fi hin mul’anne kanneen akka kadhannaa, keessummoota simachuu,
namoota gaafachuu,…..) dhaan tajaajilaa ture/rte. Ammas nama biraa waamee, akkuma sana
jedha. Kun yeroo baayyee humna guddaa ti. Kadhannaadhaan xumuri. Yoo danda’ame tokko
tokkoo isaaniif kadhadhu.

Goolaba

Nuni gaggeessummaa isa kan hafuuraa keessa jirra. Garuu nuyi gaggeessitoota hafuuraati?
Yeroo muraasa fudhadhuutii, gilgaala waraqaa kanarra jiru kadhannaadhaan of madaali.

Qo’annoo nama dhuunfaa

Waldaan naannoo kee jirtu tokko wal dhabdee waan qabduuf dhaqxee akka furtuuf tikseen
waldaa kee si erge haa jennu. Dhaqxee, Yoo’el, Tiksee waldichaa akkasumas gaggeessitoota
warra kaan waliin wal gahii teesse. Akkas kan jedhu dhageesse:

Yoo’el: Miseensonni waldaa kanaa gaggeessummaa koo waliin adeemuu hin barbaadan.
Tikseen waldaa koo waggaa tokko dura erga as na ergee, hojii cimaa hojjechaan jira. Garuu
namoonni akka ta’utti na hin hubatan. Barumsa bareedaa maan barumsaa macaafa Qulqulluutti
baradhe irraa ergaa gurguddaa geesseen barsiisa/lallaba. Garuu namoonni yeroo tajaajila
kootti ni rafu. Waa’ee kennaas lallabeera, garuu kennaan hin dabalu. JAaarsolii keessaa
gariinis “Luba” anaan hin jedhan, kunis akka isaan ana hin kabajne mul’isa. Teessumni addaa
bitamee fuuldurarra akkan taa’uuf gaafannaan, abbaan maallaqaa waldichaa, qarshiin hin jiru
naan jedhe.

176
Yoonaataanii fi Jaarsolii: Waa’ee tajaajila Yo’eliif baayyee gammadna. Garuu isa waliin
hojjechuun baayyee ulfaata. Yaada keenya kamiyyuu nu gaafachuus ta’e kan isaa nutty himuu
hin barbaadu. Inni nama baayyee dubbatu dha, garuu ergaan isaa waa’ee barumsa og-
waaqummaati, hubachuu hin dandeenyu. Mana kootti, haadha manaa koo waliin rakkina
baayyee qabna. Akka inni dhufu yeroon gaafadhutti, “Ati jaarsa waldaa waan taateef rakkoo
mana kee achumatti furi” anaan jedha.

Daawit, abbaa maallaqaa: Yeroo baayyee, paaster Yoo’el waliin waliif hin gallu. Yeroo tokko,
mindaa isaan ol akkan isaaf kennuuf na gaafate, amaatiin isaa waan dhukkubsatteef. Koree akka
inni waamee irratti mariiyannu yeroon gaafadhutti aaree dhiisee adeeme. Namoonni akka
kurnoo kanfalan ni barsiisa. Ofii isaa garuu, waanuma waldaan kennituuf irraayyuu hin kennu.

Hunduma isaanii erga dhaggeeffattee, macaafa kee banattee, ergaa Pheexroos isa duraa 5:1-5tti
dubbisuuf murteeffatte. Erga luqqisii sana dubbistee maal gorsita?

177
Abbaltii gochaa

Maqaa:________________

1. Yoo xiqqaate, daqiiqaa 15 fudhadhuutii, 1Phex 5:1-5 irra deddeebi’ii itti yaadi. Yoo kana
goote, mallattoo bakka kanatti godhi,__________
2. Kana booda, 1Phex 5:1-5 irratti hundaa’uudhaan amanamummaatiin of madaali. 1-5 ofiif
kenni. 5 baayyee olaanaa, 1 immoo fooyya’insa guddaa kan barbaadu dha.

1 2 3 4 5
1.Kiristoosii fi warra kaanii gadi ta’ee akkan gaggeessuttan of
beeka.(Aangoo tokko jalan jira)
2.Jireenyi koo namootan tajaajiluuf fakkeenya ta’a
3.Namoota gaggeessummaa koo jala jiraniif, gaggeessa gaarii nan kennaaf
4.Namoota gaggeessummaa koo jala jiran balaa irraa nan eega.
5.Fedha namootan gaggeessuu nan godhaaf
6.Ilaalcha tajaajilummaa qaba
7.Namoota of jalattan ilaala (hordoftoota koon olitti)
8.Ani miira wamicha Waaqayyoo ifa ta’e nan qaba
9.Aangoo kootti fayyadamee, bu’aa namootaa hin saamu
10.Namoota taayitaa koo jala jiraniif jaalala dhugaan qabaaf
11.Aangoo koo fayyadamee, gooftumaa irratti hin agarsiisu

3. Erga of madaaltee, gara gaaffilee sanneeniitti deebi’iitii, bakka irratti akka ati
xiyyeeffattuuf Waaqaayyo sitti mul’ise hubadhu. Lakkoofsota gaaffilee lamaanii
barreessi____,____-
4. Tuqaalee lamaan adda baafte kanaaf tarkaanfii qabatamaa irratti fudhattu barreessi. (Kun
waan qabatamaa dha malee, dhimma waaqayyoof dhiiftu, yookiis irratti kadhattu miti).

A…..

B…….

Haadha/abbaa manaa keetti yookiis nama itti dhiyaattutti, waan barattee fi tarkaanfii fudhatte
himi. Yeroo kana raawwattu, mallattoo godhi,_____________

178
QOFAA GAGGEESSUU MOO GAGGEESSITOOTA BAAYYISUU?
Kutaa Macaafaa: Bau 18:13-24; Yetroon gara Musee dhufuu isaa

Qajeelfama

Qofaa gaggeessuu fi gaggeessitoota baayyisuun hojii garaagaraa ti. Gaggeessummaa keessatti


namoonni baayyeen namoota warra kaan hojiif qopheessuurra hojicha ofiidhuma isaanii hojjetu.
Gaggeessummaan Kristaanaa gaggeessitoota baayyisuu irratti xiyyeeffata.

Kaayyoo barumsichaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Garaagarummaa qofaa gaggeessuu fi gaggeessitoota baayyisuu


 Bu’uura macaafa qulqullaa’aa gahee gaggeessitootaa
 Sababi gaggeesitoota baayyisuun ulfaataa ta’eef ni hubatu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni

 Xiyyeeffannoo gaggeessummaa isaanii ni madaalu


 Karoora gochaa gaggeessitoota baayyisuu ni baafatu

Seensa

Nuyi namoonni as jirru hundinuu gaggeesitoota, gaggeesuuf waamamne dha.

Maree: Hojiin tiksoonni waldaa akka hojjetaniif iraa eegdu maali?

Leenjisaa: Namoota paasteroota hin taane kan leenjistu yoo ta’e , gaaffii wal
fakkaataa gaggeessitoota jedhii gaafadhu. Garuu gaaffiin kun waan barattoonni
paasterii irraa eegan akka hubataniif isaan gargaaruu qaba. Deebiileen beekamoon:
barsiisuu, to’achuu, tamsaasa wangeelaa, fi kkf fa’a.

Yeroo baayyee tiksoonni waldaa hojii baayyee hojjechuun akka isaan irraa eegamutti yaadna.
Kutaa kana keessatti gaggeessitoonni maal gochuu akka qabanii fi akkamitti yaada keenya
kanaan duraa irraa adda akka ta’e ilaalla. Kutaan kun waan baayyee akka yaaddu si taasisa.
Kutaan kun gaaffii, “Qofaa gaggeesuu moo gaggeessitoota baayyisuu?” Kan jedhu ni deebisa.

179
I. Garaagarummaa qofaa gaggeessuu fi gaggeessitoota baayyisuu gidduu jiru
hubachuu

Waa’ee hojii gaggeessaan hojjechuu qabuu irratti yaadota baayyetu jira. Miseensonni waldaa
kiristaanaa hedduun tikseen isaanii hojii baayyeetti ko’oommachuu (lallabuu, barsiisuu, namoota
daawwachuu, tamsaasa wangeelaa, bulchiinsa…kkf) akka qabutti eegu. Kun hojii gaggeessaa ti?
Kun gaaffii barumsa kanaati.

Deebii kana deebisuuf seenaa Musee ilaalla. Bau 18:13-24 tti dubbisi.

Shaakala Tokko: Gareedhaan ta’uudhaan gaaffilee armaan gadii deebisi.

1. Osoo abbiyyuun Musee, Yetroon, gara Musee dhufee waan isatti hime kana itti hin himne
ta’e, Museedhaan akka gaggeessaatti akkamitti ibsita? Hojii gaarii fi cimaa hojjechaa
ture?
2. Ilaalchi (motive) Museen hojichaaf qabu gaarii moo badaa ture? Maaliif?
3. Yetroon, “ Akki ati kana itti hojjechaa jirtu gaarii miti” jedhe. Isa kamtu sirrii miti ture?
Hamma dandeesse tarreessi. Aa’ee Musee qofaa osoo hin taane, hariiroo maatii isaa,
fayyaa isaa, gaggeessitoota hedduu naannoo sana jiran,…kkf)
a. ….
b. ….
c. …..
d. ……
e. ….
f. ….
g. …..
4. Erga Yetroon Musee gorse booda jijjiirama maaltu akka ta’e hubadhu. Museef maaltu
jijjiirame? Gaggeessitoota inni muudeef maaltu jijjiirame? Namoota naannoo sana
jiraataniif maaltu jijjiirame? Fedhi isaanii guutameera?

Leenjisaa: Maree fi calaqqeedhaaf daqiiqaa 5-10 hayyamiif. Tuqaalee barabachisoon


akka tuqaman yaadaan qabi. Waan isaan jedhan gabatee gurraacha irratti barreessi.

Yeroo seenaa Musee ilaallu, karaalee gurguddoo lama ittiin gaggeessa ta’an argina. Museen
duraan hojii hundumaa ofii isaa hojjechaa gaggeessa ture. Yetroon immoo akka inni hojii kana

180
namoota warra kaaniif qooduuf wal’aansoo isa qabaa ture. Kunis akkaataa itti gaggeessitoota
baayyisani dha.

Akaataan gaggeessummaa Musee inni duraa hojii hundumaa ofii isaa hojjechuutiin jechuu
dandeenya. Yetroon namoonni hojichatti akka hirmaataniif Musee gaafate. Kanas gaggeessitoota
baayyisuu jennee waamna. Kanaaf, kutaa kana keessatti garaagarummaa qofaa gaggeessuu fi
gaggeessitoota baayyisuu ilaalla.

Shaakala lama:

Seenaa Muse irraa, garaagarummaan qofaa gaggeessuu fi gaggeessitoota baayyisuu maali?


Hamma dandeesse bakka duwwaa armaan gadii irratti guuti. Gama tokkoon amala qofaa
gaggeessuu, gama biraan immoo amala gaggeessitoota bayyisuu tarreessi.

Ciicachiisa: Dhimmoota akka, akkaataa qabinsa aangoo, namoota hammamiitu akka keessatti
hirmaatan, xiyyeeffannichi kan yeroo gabaabaa fi dheeraa ta’uu isaa,…kkf. Yaadonni muraasni
shaakala kutaa jalqabaa keessaa argamuu danda’u.

Qofaa gaggeessuu…… Gaggeessitoota baayyisuu….

Leenjisaa: Gartuudhaan akka mariiyatanii fi calaqqee godhan gargaari. Seenaa Musee


irraa ka’anii deebisuu isaanii mirkaneeffadhu. Fakkeenyota armaan gadii ta’uu danda’u.

Mul’ata arguu, mul’ata qooduu

Har’arratti xiyyeeffachuu, boru irrati xiyyeeffachuu

Fedha ariifachiisaa guutuu, fedha barbaachisaa guutuu

Qofaa hojjechuu, gartuudhaan hjjechuu

Ofirratti xiyyeeffachuu, warra kaan irratti xiyyeeffachuu

Eenyummaa hojiin fiduu, eenyummaa waamichaan fiduu

Baayina dhorkuu, baayyina mijeessuu

181
Leenjisaa: Seenaa dhuunfaa kee yerootti akka Musee turte ibsuu dandeessa?

Shaakala sadii:

Karaan biraa garaagarummaa hojii hojjechuu fi hojjettoota hidhachiisuu gidduu jiru,


garaagarummaa hoji gaggeessaa (coach) fi taphattootaan ibsuu dandeenya. Gartuu Ispoortii
beekamaa naannoo kee jiru irratti hundaa’un gaaffilee armaan gadii kana deebisi.

Garaagarummaan hoji gaggeessaa (coach) fi taphataa maali?

Dandeettiin hoji gaggeessaan barbaadu, kan taphattoonni hin qabne maali?

Hoji gaggeessaan tokko cimaa jedhamuudhaaf taphattoota caalaa tapha danda’u qaba?

Osoo hojigaggeessaan taphattoota waliin dirree irratti taphate maaltu ta’a?

Amma garaagarummaa qofaa gaggeessuu fi gaggeessitoota baayyisuu hubachuu dandeenya. Kun


hundumtuu akkamitti hojii gaggeessummaa Kristaanaa keenya keessatti qooda fudhata?
Hundumani keenya akkuma Yetroon Musee gorse sana ta’uuf waamamne? Nuyi hojii
gaggeesitoota moo taphattoota?

Kutaan kun kan nu barsiisu, yeroo gaggeessinu, hojii gaggeessuu qofaa keenya akka hojjennu
osoo hin taane, gaggessitoota akka baay’isnuufi.

II. Waamicha gaggeessitoota baay’isuu hubachuu

Luqqisa Phaawulos waa’ee gahee gaggeessitoota barreesse haa ilaallu.

Efe 4:11-12, “Isumatu namootaaf kennaa kenne; kennaan isaa kaan ergamoota, kaan waan
Waaqayyo isaanitti mul’ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota,
kaanis barsiisota akka ta’aniif ture. Inni warra Waaqayyoof qulqulllaa’an, hojii isa itti
ergaman, sanaaf qopheessuudhaaf, [Waldaa isa] dhagna Kristoos sanas cimsuudhaaf kana
godhe.”

Luqqisii kana keessatti gartuu garaagaraaa lamatu jiru. Tokko gaggeessitoota (ergamoota,
Raajota, Warra wangeela lallaban, Tiksoota/Barsiisota). Inni tokko immoo saba isaati. Hiikkoon
kaan ,’Qulqulloota’ jedha. Gartuun lamaanuu hojiin isaaniif kenname jira.

Hojiin gaggeessitootaaf kenname maal ture? Hojiin saba isaaf kenname hoo?

182
Leenjisaa: Hirmaattotni hojin gaggeessitootaa, saba isaa qopheessuu (hidhachiisuu)
ta’uu isaa akka hubatan mirkaneeffadhu. Kun hojii hidhachiisuu ti. Namoonni hojii
isaanii akka hojjetan gargaaaruu. Hojii gaggeessaa gartuu taphaa sanaan wal
fakkaata.

Hojiin saba sanaaf kenname hoo? “Hojii isa itti ergaman sana”Hojichi maal fa’i?
Waldaa keessatti, waldaa kiristaanaa sana gargaaruu, waaqeffannaa duru bu’uu,
ijoollee barsiisuu, tamsaasa wangeelaa, dhukkubsattoota daawwachuu, hojii
faayinaansii gargaaruu, hiyyeessota gargaaruu, fi kkf fa’a kan jedhaman deebii wal
fakkaataa yeroo baayyee jirani dha.

Yeroo baayyee gaggeessitoota waldaa, ‘Tajaajiltoota’ jennee waamna. Macaafni qulqulluun


garuu amantoonni hundumtuu tajaajiltoota jedhee waama. Akka luqqisii kanaatti amantoonni
hundinuu tajaajiltoota garuu hundinuu gaggeessitoota miti.

Luqqisni Phaawuloos, gaggeessitoonni hojii qofaa isaanii hojjechurra warra kaan akka
hidhachiisuu qaban ifatti mul’isa. Namoonni kennaa isaaniin aka cimanii hojjetan gochuun
isaanii gaggeessitoota baayyisuu isaanii agarsiisa. Akka gaggeessaatti waamichi keenya kan
akkasii ta’uu isaa akkamitti mirkaneeffanna? Luqqisa sanarraa waan sadii hubachuu dandeenya.

A. Hojii itti ergaman hojjechuu fi hojjettoota hidhachiisuun lamaanuu gaarii ta’uu


isaa hubadhu:

Jalqabarratti hojicha hojjechuu fi hojjettoota hidhachiisuu jidduu madaalliin gaarii fi badaa


jedhamu akka hin jirre hubachuu qabna. Kutaan kunis gaggeessummaan gaarii; tajaajilli
immoo badaa dha hin jedhu. Lamaanuu gaarii dha. Phaawuloos kan jedhe salphaadhumatti
garaagarummaan gahee hojii (role) jiraachuu isaati. Ammas waa’ee hoji gaggeessaa fi
taphataa yaadi. Kamtu gaarii dha? lamanuu gaarii dha.

B. Hojii itti ergaman hojjechuu fi hojjettoota hidhachiisuun lamaanuu barbaachisoo


ta’uu isaanii hubadhu:

Inni gaggeessus ta’e inni hojicha hojjetu barbaachisoo akka ta’e Phaawulos ni hima.
Lamaanuu ni barbaachisu. Gaggeessitoota waldaa keessaa gaggeessanis, namoota hojii
tajaajilaa hojjetanis ni barbaadna. Tapha keessattis hoji gaggeessaanis ta’e taphattoonni akka
barbaachisan beekamaa dha. Gaggeessummaa kristaanaa keessattis akkasuma.

183
C. Namoota hidhachiisuun hojii gaggeessitootaa isa jalqabaa ta’uu isaa hubadhu;

Barsiisni Phaawuloos hojiin gaggeessitoota namoota hidhachiisuu malee hojicha ofii


hojjechuu akka hin taane ifaa taasisa. Yetroon, “Hojiin kee kun sirrii miti” jedhee Museetti
himee ture. Maaliif? Sababni isaa hojii isaa isa baayyee barbaachisaa irraa isa dhorka waan
ta’eef_Gaggeessitoota baayyisuu!

Maree: Gaggeessaan hojii hojjechuu irratti xiyyeeffatee gaggeessitoota hidhachiisuu


yoo dhiise maaltu ta’a?

Leenjisaa: Gartuudhaan akka mariiyatan hayyamiif. Deebii hedduu deebisuu ni


danda’u; isaan keessaa; humnaa ol hojjechuu, warri kaan hin guddatan, gartuun sun
baayyee xiqqaata,…kkf

Gaggeessitootni gaggeessitoota hidhachiisuu fi hojii tajaajilaa hojjechuun lamaanuu gaarii fi


barbaachisoo ta’uu isaa hubachuu qabu. Garuu xiyyeeffannan isaanii inni gddaan tajaajila
gaggeessummaa warra kaan hidhachiisuu ta’uu qaba. Gaggeessitoonni namoota gaggeessan hin
hidhachiisan yoo ta’e namni biroon eenyuyyuu gochuu hin danda’u. Gaggeessitoonni hojicha ofii
isaanii kan hojjetan yoo ta’e waldaan galma isherraa eegamu gahuu hin dandeessu.

Gaggeessitonni hidhachiisuu yoo eegalan, namoonni sunniin hojicha baayyee hojjechuu danda’u.
Baayyeen isaaniis gaggeessitoota warra kaan hidhachiisan ta’uu danda’u. Akkaataan kanaan
gaggeessumaan kee ni baayyata. Kun furtuu guddicha ittiin ergama guddicha galmaan geenyu
dha. Namoota hin hidhachiifnu, hin aangessinu, hin gadhiifnu taanaan bakka hin gahamiin
baayyee Yesusiif gahuu hin dandeenyu.

Kanaafuu, akkamitti namoota hidhachiisuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya? Kutaa itti naanu
kanaan ni ilaalla.

III. Gaggeessitoota hidhachiisuuf, daandii sirrii hordofuu

Akkamitti namoota hidhachiisuu irratti xiyyeeffannee gaggeessitota baay’isna? Jalqaba, maaliif


akka ulfaataa ta’e hubannee, sana booda hojii jalqabaa gochuudhaaf jijjiirraa fiduu qabna.

A. Ulfaatina gaggeessitoota baayyisuu hubadhu

Maree: Gaggeessitoota baayyisuun, gaggeessaadhaaf hojicha ofii hojjechuu caalaa


maaliif ulfaataa ta’e?

184
Leenjisaa: Daqiiqaa muraasa hayyamiif! Ariitiidhaan tuqaalee armaan gadii keessa
darbiif.

Sababni gaggessitoota baayyisuun ulfaataa ta’eef,

1. Gaggeessitoota baayyisuun hojii muddamaa miti

Gaggeessitoota guddisuuf, dhiibbaan, guyyaan xumuraa yookiis akeekkachiifni hin jiru.


Dhukkubsattoonni ammuma daawatamuu qabu, qophiin barumsa dilbataa har’uma qophaa’uu
qabu; garuu hojjettoota hidhachiisuun akkas ariitiidhaan kan hojjetamu miti.

2. Gaggeessitoota guddisuuf leenjii ni baraachisa

Gaggeessitoonni hedduun hojicha hojjechuuf malee, gaggeessuuf hin leenjine. Isaan lallabuuf,
barsiisuuf, wangeela tamsaasuuf,…kkf leenji’an malee warra kaan hidhachiisuuf miti.
Kanaafidha, hojjetoota hdhachiisuun waldaa keessatti hojii cimaa kan ta’e. Ariitiidhaan akkaataa
itti namoota hidhachiifnu leenji’uu fi shaakaluus qabna. Kanaafidha kan waliin barachaa jirruuf!

3. Gaggeessitoota baayyisuun balaa (risky) dha.

Gaggeessitoota hidhachiisuuf yeroo xiyeeffattu, balaaf saaxilamta. Yeroo baayyee si jalaa kufu.
Warra kaan guddisuu yeroo eegaltu, kallattii yookiin mul’ata kee waliin wal’aansoo wal qabu.
Karoora kee kamiifuu “Tole” siif hin jedhan. Aangoo ati isaaniif kennitutti akka malee dhimma
itti bahuu danda’u. Gaggeessitoonni muraasni balaa kana fudhachuu hin fedhan. Gaggeessitoota
hidhachiisuun balaa guddaa qaba. Akkuma dura ilaallemmoo, bu’aa olaanaa qaba.

Leenjisaa: Seenaa kee gaggeessitoota hidhachiisuu keessatti raawwattee siif milkaa’e


yookiis si jalaa kufe qoodiif!

4. Gaggeessitoota baayyisuun hojii ulfaataa dha.

Namoota hidhachiisuu fi gaggeessitoota baayyisuun balaa qofaa osoo hin taane, baayyee
ulfaataadhas. Of hogganuu fi hidhachiisuuf gatii si kanfalchiisa. Meeshaalee adda addaa
qopheessuu fi kennuu si gaafata. Hojicha ofii keenya hojjechuun hojjetoota hidhachiisuu caalaa
salphaa dha.

5. Gaggeessitoota baayyisuun tajaajilummaa waliin walitti bu’a

Yesus guutummaatti hiika gaggeesummaa jijjiireera. Malli inni fayyadame sun


“Gaggeessummaa Tajaajilaa (Servant leadership)” jedhama. Kunis dhugumatti namoota kan

185
tajaajillu taanaan, fehda isaanii guutuuf cimsinee akka hojjennu nutti fakkaata. Kunis isa
Museen gochaa ture dha, inni guyyaa guutuu saba sana tajaajilaa oole.

Yesusis tajaajileera, akkasumas gaggeesitoota gartuu isaa guddisuufis jireenya isaa


hundumaa kenne. Miilla bartoota isaa dhiquu danda’eera. Isaan waliin hojjetees hojii gara
fuulduraatti waldaa keessatti hojjechuu qaban irrattis isaan hidhachiisaa ture. Isaan ifachaa,
jajjabeessaa, bu’aa bayii itti agarsiisaa ture. Inni hojii tajaajilaa qofa hin hojjenne.

Fedhi guddaan sabni ati tajaajiltu qabu, gaggeessummaa jabaa yoo ta’u karaan guddaan ati
ittiin isaan tajaajiltus waamicha Waaqayyo itti isaan wametti akka jabaataniif isaan
hidhachiisuu dha. Karicha isaanitti agarsiisi. Mul’ata Waaqayyo sitti agarsiise isaanitti
himuudhaan isaan kakaasi. Hojicha akka hojjetaniif isaan hidhachiisii, aangessi. Qaama sana
keessaa iddoo isaanii baranii, gahee isaanii bahuu isaaniitti baayyee ni gammadu.

Laphee gaggeessaatiin isaan gaggeessi; hojii kamiyyuu hojjechuf fedha qabaadhu. Garuu
hojiin tajaajilummaa gaggeesitoota hojicha hojjechuu danda’an baayyisuu irraa akka si hin
ittisneef eeggadhu.

Warreen kanatu gaggeessitoonni, gaggeessitoota baayyisuu irratti akka hin xiyyeeffanneef


danqa. Ammammoo tarkaanfiilee qabatamoo gaggeesitoota baayyisuuf fudhatamuu qaban
ilaalla.

B. Gaggeessitoota baayyisuu akka hojii jalqabaatti hojjechuu eegali.

Qofaa gaggeessuurra, gaggeessitoota baayyisuuf tarkaanfiilee qabatamoo maal fudhachuu


qabda?

1. Gahee hojii (job description) kee irra deebi’ii barreessi.


Tajaajilichaaf namoota hidhachuuf waamamuu kee yaadadhu. Sammuu keetiin irra
deebi’ii barreessi. Qabatamaadhaanis barreessi.”Har’a tajaajilaaf qulqullootan
hidhachiisa” jedhii barreeffamaan minjaala kee irra yookiis daawwitii keetti
maxxanfadhu.
Jijjirama kana warra kaanitti himuu yookiis akka malee hubatamta ta’a. Garuu
dhaabattee, “Ani gara kutaa barumsaa gaggeessummaa, bakka itti hojjechuurra
hidhachiisuu, jedhu deemeera. Kanaafuu, ammaa kaastee, hospitaala yoo jiraatteyyuu,
dhufee akkan si gaafadhu narraa hin eegiin!” hin jedhiin. Qooda kanaa, gahee gaggeessaa

186
yookiis tiksee fi kan sabaa akka macaafa qulqulluutti barsiisuu qabda. Ilaalcha namoonni
gahee hojii keef qaban jijjiiruuf suuta jedhii hojjedhu. Gaggeessa dargaggootaa yoo taate,
gaheen hojii kee gaggeessitoota dhaloota itti aanuu qopheessuu akka ta’e itti
dargaggootatti himi. Dura bu’aa koree Faayinaansii yoo taate, akkamitti warri kaan hojii
ati hojjechaa jirtu akka hojjetan yaaduu eegali.
2. Yeroo kee madaali

Dhaabbata sana keessatti yeroo qabdu keessaa hammam akka dabarsitu ilaali. Torbaawwan
lamaaf yookiis ji’a tokkoof hojii kee addaan kutii ilaali. Kana booda, qofaa gaggeessuu fi
gaggeessitoota baayyisuuf hammam akka gaafatu herregi. Yeroo kee 80% hojjetoota
hidhachiisuu irratti karoorfadhu. Kunis mul’ata kee qooduu fi waliin dudubbachuu, galma
kaa’achuu, leenjisuu, adeemsa hojii isaanii madaaluu fi kanneen biroos.

3. Gaggeessitoota baayyisuuf karoora baafadhu

Gartuu kee keessatti gaggeessitoota baayyisuudhaaf maal hojjechaa jirta? Waldaa kiristaanaa
hedduun karoora gaggeessitoota guddisuu hin qaban. Wanta gaarii arguudhaaf ni kadhatu, ni
abdatu. Yesus bartoota isaa hidhachiisuuf akeekkaan hojjete. Karoora qaba. Akkuma taayitaa
qabatteen, namoota bakka kee bu’an hidhachiisuu eegali. Walitti fufinsaan ergaa waa’ee kennaa
hafuuraa qopheessuu dandeessa.

Kitaaba Joon Bayler “Use that Gift” jedhu ilaaluu dandeessa. Daayirekteroota Global
Disciples Allience biraa argachuu dandeessa.

Waldaa kee keessaatti gaggeessitoota waliin wal gahii ji’aa qabaachuu dandeessa. Jaarsolii
waldaa kee waliin qu’annaa Macaafa Qulqulluu gochuu dandeessa. Kunis caalmaatti akka bartuu
Yesus ta’aniif isaan gargaara. Leenjiin gaggeessummaa kun karoora kee keessaa isa qulfii dha.

Leenjisaa: Seenaa kee gaggeessitoota guddisuudhaaf jireenya kee kennuu kee yookiis namni
biraa akka ati gaggeessaa taatuuf si gargaare qooduufii dandeessa.

4. Gaggeessitoota baayyisuuf yeroo gaarii (quality time) fudhadhu

Namoota baayyisuun yeroo fudhata. Yeroo kee 80% gaggeessitoota hidhachiisuuf akka
karoorfattu ilaalleerra. (Kutaa biraa keessatti akkaataa itti gaggeessitoota guddistuu fi
hidhachiistu gad fageenyaan ilaalla).

187
Yoo xiqqaate waadaa, “Hojii gaggeessummaa qofaa hin hojjedhu” jedhu seeni. Yeroo
dhukkubsataa daawwachuf hospitaala deemtu nama tokko of faana adeemsisi. Gamanumaan
akkamitti akka tajaajilan nama sana leenjisi. Yeroo gara Hospitaala sanaa adeemtanitti
fayyadamii nama sana jajjabeessaa jireenya isaa jijjiiri. Yeroo kana gootu, ati gaggeessaa jirta.

Maree: Kutaa kana keessatti waanti haaraan ati baratte yookiis irra deebitee baratte
maaltu jira. Yaadni ati hubachuuf itti rakkatte jira?

Leenjisaa: Tarkaanfiilee hojii gaggeessitoota baayyisuuf dursa kennuu irra


deebi’iif….Gahee hojii kee irra deebi’ii barreessi, yeroo kee madaali, karoora
baafadhu, yeroo gaarii dabarsi).

Goolaba

Hoji hojjetamuu qabu ofii hojjechuun dogongora? Miti! Gaggeessaan kamiyyuu fi tikseen
kamiyyuu hojii tajaajilaa hedduu hojjechuu qabu. Inni kun hoolota sana tiksuu keessaa tokko.
Garuu akka gaggeessaatti Waaqayyo taayitaa addaa siif kenneera. Kanaanis gaheen hojii kee
“Qulqulloota hidhachiisuu” akka ta’e hubadhu. Galma keewwadhu! “Hammam iyyuu yoo na
gaafate, ani qulqullootan hidhachiisa!” Waamichi kee fi wanti sirraa eegamus namoota guddisuu
dha. Gahee hojii kee fudhadhuu, gaggeessitoota baayyisuu irratti humna guutuudhaan of kennii
hojjedhu!

Abbaltii gochaa kee xumuruun tuqaa jalqabbii siif ta’a.

Qorannoo nama dhuunfaa (Case study)

Waldaan kiristaanaa naannoo kee jirtu tokko rakkoon waan ishee mudateef, boordii waldichaa
waliin akka mariiyattuuf affeeramte. Dhaqxees isaan waliin eesse. Isaanis waan armaan gadii
kana siif qoodan.

Tikseen isaanii, Ermiyaas, waggaa 4f isaan waliin akka ture sitti himan. Inni waldicha keessatti
hojii baayyee hojjeteera. Waldittiinis tajaajila saa jalatti baayyee guddatteetti. Inni namoota
muraasa gara gooftaatti fidee, isaanis waldaatti makamaniiru. Erga dhufee, tajaajila dilbataa
hafee hin beeku. Sirriitti lallaba. Sagantaa Roobii irrattis ni barsiisa. Kadhannaa guyyaa
Jimaataas ni gaggeessa. Miseensota hundumaa amanamummaadhaan ni daawwata. Yeroo isaan
waliin dabarsa. Galagal yeroo hundumaa, nama tokko jajjabeessa, ni gorsa Miseensonni kaanis
gara waajjira isaa dhufanii ni gorfamu. Namoota dhukkubsatan ilaaluutti baayyee cimaa dha.

188
Tajaajila mana sirreessaas eegaleera. Mooraa waldattii baayyee fooyyesse; biqiltoota dhaabee,
ni kunuunsa.

Amma garuu boordiin waldattii baayyee na’anii jiru. Sababni isaa Ermiyaas gara Waldaa
biraatti jijjiiramuuf gaafate. Baayyee dadhabuu isaa fi akka kanaatti hojii tiksummaatiin itti
fufuu akka hin dandeenye itti himatee ture. Haati manaa isaa fi ijoolleen isaa gammadoo akka
hin taane, boordii waldattiitti himataniiru. Haadha manaa isaa, ijoolleen akka abbaattiyyuu
akka isa hin barre baayyee komatteetti.

Barumsa kutaa kana keessatti baratte irratti hundooftee, koree wadaa kanaaf gorsa akkamii
kennitaaf?

Hoj manee afaaniffaa

Torban kana namoota akka gaggeessaa taate si beekan sadiitti dubbadhu. Seenaa Museee fi
Yetroo, akkasumas garaagarummaa qofaa gaggeessuu fi gaggeessitoota baayyisuu itti himi. Kana
booda, gaaffilee lama isaan gaafadhu.

Ani baayyinaan maalan gochaa jira? Qofaan gaggeessa moo? Gaggeessitoota baayyisaan jira?

Kana fooyyessuuf maal gochuun qaba?

Waan baratte qooduuf qophaa’i.

189
Abbaltii gochaa

Maqaa:_____________________

1. Luqqisa armaan gadii dubbisii, gaaffilee armaan gadii deebisi


A. Yoh 14:12
Yesus maaliif, bartoonni isaa isa caalaa akka hojjetan barbaade?
Kutaan kun akkamitti warra gaggeessituuf akka yaaddu si dirqisiise?
B. HoE 6:1-7
Ergamoonni qofaa isaanii hojjechuu moo gaggeesitoota baayyisuu filatan?
Bu’aan isaa maal ture?
Osoo hojicha ofii isaanii hojjechuuf murteessaniiru ta’ee maaltu ta’a ture?
2. Yeroo amma kana yeroo keessaa hammam hojicha ofii kee hojjechuu irratti dabarsaa
jirta? Yeroo hammamii gaggeessitoota hidhachiisuu irratti dabarsaa jirta? (Hanga yeroo
kee dhaabdee ilaaltutti tilmaamumaan keessa).
3. Wantoota gaggeessitoota baayyisu ulfaataa taasisan ilaali,…. Isa kamiin addatti
ilaalta?Maaliif?
Akkamitti akka wanti sun gaggeessummaa kee irratti dhiibbaa akka fide fakkenya kennuu
dandeessa?
Dhimma kana irratti Waaqayyo tarkaanfii akkamii akka fudhattuuf si waame?
4. Akka bal’ina gaggeessummaa keetti eenyuun akka gaggeessaatti guddista? (Maqaa
namoota muraasaa armaan gaditti tarreessi. Isaaniin hidhachiisuuf karoora kkamii
baafatta? Hanga danda’ametti guyyaa itti eegaltu murtaa’aa (specific) taasisi.
5. Nama itti gaafatamummaa kee qabu tokko qunnamiitii, wanta barreessite kana qoodiif.
Kunis haadha/ abbaa manaa, gorsaa ta’uu danda’a. Nama kana waliin yoom wal argita?
Guyyaa isaa asitti barreessi:___________

190
GAGGEESSAA FI ILAALCHA ISAA
Kutaa Macaafaa: Seera Lakkoofsaa 13:1-14:10,: Gaaddota 12n warra gara Kanaa’anitti
ergaman.

Qajeelfama

Akkaataan itti jireenya ilaallu ilaalcha keenya murteessa; kunis akkaataa gaggeessummaa
keenyaa irratti garaagarummaa guddaa fida. Seenaan Macaafa qulqulluu kutaa kana keessatti
ilaallu gaaddota 12n Museen gara Kana’aanitti erge irratti hundaa’a. Waan wal fakkaataa
ilaalanii, gabaasa garaagaraa dhiyeessan; hundi isaa sababa ilaalcha garaagaraa qabaniifi.
Jireenya isaaniirraa qajeelfamoota gaggeessummaa ni baranna.

Galma barumsichaa

Barumsa kana booda, hirmaattotni;

 Ilaalchi Filannoo ta’uu isaa fi haalota irratti kan hin hundoofne ta’uu isaa

 Dhiibbaa ilaalchi isaanii akkaataa wantoota itti ilaalan irratti qabu

 Dhiibbaa ilaalchi isaanii warra kaan irratti qabu

 Dhiibba ilaalchi isaanii fuuldura isaanii irratti qabu

 Akkaataa itti ilaalcha isaanii jijjiiran ni baratu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Ilaalcha isaanii isa ammaa fi dhiibbaa inni gaggeessummaa isaaniirratti qabu ni madaalu

 Ilaalcha isaanii fooyyessuuf karoora ni qopheeffatu.

Seensa

Ilaalchi jireenya namaa keessatti wanta humna guddaa qabu dha. Keessumaa jireenya gaggeessaa
keessatti baayyee barbaachisaa dha. Ilaalchi maali? Gabaabaatti “akkaataa itti yaadnu dha”.
Akkaataa itti hiikkoo kennuu keenyaati. Kishaafa (spectacle) ittiin jireenya ilaallu dha.

191
Leenjisaa: Kishaafa aduu lama (pair of sun glasses) yoo qabaatte, itti fayyadamuu dandeessa.
Lamaanuu keessatti akkaataa addaan nutti mul’ata. Kishaafni sun bifa addunyaa keessa jirru
sanaa ni jijjiira.

Kutaa kana keessatti, humna ilaalcha keenyaa ilaalla.

Lak 13:1-3; 17-33 dubbisi.

Leenjisaa: Seenaa kana si’a lama irra deebi’uun hirmaattotni hubachuu isaanii mirkaneeffadhu.

Maree

Gaadotni 12n Kana’aan keessatti maal argani? Tarreessi

Iyaasuu fi Kaaleb gabaasa warra kaan irraa adda ta’e maaliif dhiyeessan?

Gabaasa isa kamtu hawaasa sana irratti dhiibbaa fide?

Seenaaa kana irraa maal baranna?

Lak 14:1-10 dubbisi

Leenjisaa: Daqiiqaa 5 mareef kennii, hirmaattotni maal akka baratan akka mariiyatan taasisi.
Gaaffilee 2ffaa fi 3ffaa irratti xiyyeeffadhu.

Seenaa kana irraa, garaagarummaa ilaalchi keenya uumu baranna. Armaan gaditti qajeelfamoota
ilaalchaa jaha waliin ilaalla.

1. Ilaalchi keenya haalota irratti hin hundaa’u

Seenaa kaan irratti haalonni gaaddotni 12n keessa jiran hundinuu wal fakkaataa ture. Lafuma wal
fakkaataa argani. Kuruphisaa fi magaalota argani. Garuu ilaalcha baayyee adda adda ta’e
qabaatan. Ilaalchota gaaddota sanneenii lamaan;

Kaan rakkoowwan ilaale; kaan carraawwan ilaale

Kaan nama guddaa ilaale; kaan Waaqa guddaa ilaale

Kaan ija du’aan ilaale; kaan ija amantiin ilaale

Kaan, “Ani hin danda’uu” ilaale; kaan “ Ani nan danda’aa” ilaale

Kaan ofii isaa miidhamaa godhee ilaale; kaan ofii isaa fayyadamaa godhee ilaale

Kaan warra gurguddoota sanaan rukutamuu ilaale; kaan gurguddoota rukutuu ilaale

192
Kaan, “Deemuu hin qabnu” jedhe; Kaan “Haa adeemnu” jedhe.

Nmoonni baayyeen ilaalcha isaanii isa negatiivii ta’e haalota isaaniirratti hundaa’uun komatu.
Qarshii hedduu yookaan barumsa hedduu osoo qabaatan waan ilaalcha positiivii qabaatan
isaanitti fakkaata. Seenaan kun garuu kan nutti agarsiisu, haalota wal fakkaataa qabaatanii deebii
adda addaa qabaachuun akka jiru dha.

Jireenya keessatti xiyyeeffannaan kee eessa jira? Ilaalcha Yesusiin fakkaatu qabaachuuf filannoo
kee godhadhu.

2. Ilaalchi keenya Filannoo dha

Ilaalchi namootaa haalotaa fi amantaadhaan dhiibbaan kan irratti gahamu yoo ta’eyyuu, ilaalcha
keenya filachuu dandeenya.

Iyaasuu fi Kaaleb magaalota biyyattii keessa jiran arganii,Waaqayyo moo’icha akka isaaniif kennu
amanuu filatan. Warri kaan, magaalota sanneen arganii karaan ittiin mo’anii itti galan akka hin jirre
amanuu filatan. Gaaddotni 12n sunniin waanuma wal fakkaataa arganii, gabaasa adda addaa dhiyeessan.
Jireenyi baayyee kan sitti hammaate ta’uu dandeessa. Kana sirriittan hubadha. Garuu, ilaalcha ittiin
jiraattu filachuun dhimma mataa keetiiti.

Haalota kee filachuu hin dandeessu; garuu ilaalcha kee filachuu dandeessa. Waa’ee waan darbee,
maatii keenyaa fi waan nurratti ta’ee jijjiiruu hin dandeenyu, Garuu ilaalcha keenyaan deebii
wantoota sanaaf kenninu filachuu dandeenya.
Kooriyee Teen Boom, kaampii Naazii keessatti haala baayyee yaaddessaa ta’e keessa waggoota
baayyee dabarsite. Garuu, akkas jette, “Gara addunyaa kanaa yeroo ilaaltu, ni jeeqamta. Of
keessa yoo ilaalte, ni fajajja. Gara Kristoos yeroo ilaaltu ni boqotta”. Isheen ija ishee Yesus irra
kaa’attee waan turteef, haalota rakkisaa keessatti positiivii turte.
Leenejisaa: Seenaa Kooriyee Teen Boom kutaa gaggeessaa fi garaa dhiifamaa jedhu
keessatti ilaaluu keenya yaadadhu. Ilaalchi ishee positiivii ture. Atis biyya kee keessatti
seenaa namoota ariiyatamanii, hidhamanii garuu ilaalcha positiivii qabaatan kan
beektu hirmaattotaaf qooduu dandeessa.
Namoonni amantii macaafa ergaa gara Ibrootaa 13 keessatti eeraman baayyee gatii kanfalan
garuu xiyyeeffaannoo isaanii Waaqayyo irra kaa’atanii jiraatanii amantii isaaniif du’an.
Amantiin haada milkaa’ina ittiin safaran miti. Namoonni kun amantii isaaniiirratti ilaalcha
positiivii qabaachuu filatan.

193
Ilaalcha kee eenyutu siif kenna? Eenyuyyuu siif hin kennu; situ filata.
Leenjisaa: Hrmaattotni nama cinaa isaanii jiru, “Ilaalcha kee eenyuyyuu siif hin kennu; situ
filata! Akka jedhan affeeri.
3. Ilaalchi keenya akkaataa wantoota ilaallu irratti dhiibbaa taasisa.
Ilaalchi akkaataa jireenya ittiin ilaallu waliin walitti hidhataa dha. Seenaa gaaddotaa sana
keessatti, akkaataan isaan ittiin Waaqayyoon, ofii isaanii fi namoota warra kaan ilaalan baayyee
adda adda ture.
Lak 13:32-33, “Itti fufaniis waa’ee biyyicha isa gaadaa turaniitiif Israa’eloota gidduutti oduu
gadhee odeessuutti ka’anii, ‘Biyyi nuyi dhaqnee gaadne sun, biyya warra isa keessa jiraachuuf
dhaqu fixuu dha; namoonni nuyi achitti argine hundinuus dhedheeroo dha. Nuyi achitti namoota
hojjaa dhaa fi humnaan nama caalan ilmaan Aanaaq argineerra; nuyi ofuma keenyatti iyyuu
qorophisa fakkaanne, isaan durattis akkasuma taane” jedhan.
A. Ilaalchi keenya akkaataa ofii keenya itti ilaallu ni boca
Warreen 10 sun akkamitti akka ofii isaanii ilaalan hubadhu. “Nuyi ofuma keenyatti iyyuu
qorophisa fakkaanne.” Ilaalchi gadheen gaaddonni sunniin qaban waa’ee ofii isaaniif tilmaama
gadi bu’aa kenneeraaf. Waan guddaa hojjechudhaaf isaan baayyee xixinnoo dha. Diinota isaanii
loluudhaaf isaan baayyee dadhaboo dha. Diinonni isaanii akka namoota xixinnootti akka isaan
ilaalan amananiiru. “Isaan durattis akkasuma taane”.
Ilaalchi keenya akkaataa ofii keenya itti ilaallu ni boca. Kanaafi dha barumsa gahumsa dhokataa
keenya arguu kan jedhu baayyee kan xiyyeeffannuuf. Ofii keenya akka nama xiqqootti yoo of
ilaalle waanuma xiqqoo hojjenna. Akka waan waa’ee hin baafneetti yoo of ilaalle, waan waa’ee
baasu hojjechuu hin dandeenyu.
B. Ilaalchi keenya akkaataa itti namoota warra kaan ilaallu ni boca
Waa’ee warra Kanaa’anotaa maal akka isaan jedhan ilaali, “Namoonni achi keessa jiran
hundinuu dhedheeroo dha”. Ilaalchi isaanii warra kaaniin baayyee dhedheeroo, isaaniin baayyee
xixinnoo godhee jira. Ofii kee akka Korophisaatti yeroo of ilaaltu, namni kamiyyuu siin ol ta’uu
isaati.
Ilaalchi keenya akka gaggeessaa tokkootti akkaataa itti namoota warra kaan ilaallu irratti dhiibba
guddaa qaba. Ofii keenya akka dadhabaa fi waa’ee hin baafneetti yoo ilaalle, warra kaanis
akkuma kanaatti ilaalla.

194
Waa’ee namoota gaggessituu al takkaa yaadi. Akkamitti isaan ilaalta? Gahumsa isaanii moo
rakkina isaanii argita? Waldaa kiristaanaa kee hoo?
C. Ilaalchi keenya akaataa Waaqayyoon itti ilaallu boca
Ilaalcha Iyaasuu fi Kaaleb waa’ee Waaqayyoof qaban ilaali.
Lak 14: 6-9, “Warra biyyicha gaadaa turan keessaa immoo Iyaasuu ilmi Nunii fi Kaaleb ilmi
Yofunee aaranii uffata isaanii ofirratti tarsaasanii, guutummaa waldaa Israa’eliin, “Biyyi inni
nuyi keessa adeemnee gaadne biyya baay’ee gaarii dha. Waaqayyo yoo nutti gammade biyya isa
aannanii fi damma baasu kana nuuf kennee itti nu galcha. Isin Waaqayyo irratti hin ka’iinaa
duwwaa malee, namoota biyya sanaa akkuma buddeena keenyaatti isaan in alalfanna! Gaaddisi
isaanii isaan irraa sokkeera, nu wajjin garuu Waaqayyotu jira, kanaaf isaan hin sodaatinaa!”
jedhan.
Ilaalchi positiiviin gaaddota kanneen lamaanii humna Waaqayyootti amananii waan guddaa akka
hojjechuu danda’aniif isaan gargaareera. Gaadonni kurnan hafan humna Waaqayyoo waan argan
hin fakkatu.
Waaqayyoon akkamitti ilaalta? Humnaa fi kakuu isaa irratti xiyyeeffatta? Moo haalota irratti
hundooftee rakkina argita? Ilaalchi kee akkaataa itti Waaqayyyoon ilaaltu boca. Ilaalcha akka
Iyaasuu fi kaaleb qabaadhu. Isaan akkuma Yesus, “Kun namootaaf hin danda’amu,
Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda’ama.” Mat 19:26 jedhan.
Leenjisaa: Tuqaalee armaan olii irra deebi’iif: Illachi keenya,...
4. Ilaalchi keenya warra kaan irratti dhiibbaa geessisa
Iyaasuu fi Kaaleb Waaqayyo akka isaan moosisu amansiisuuf yaalanis namoonni hedduun garuu
kanneen ilaalcha negetiivii qaban waliin bu’an. Namoonni ilaalcha gaarii irra ilaalcha gadhee
waliin ariifatanii waan bu’an fakkaata.
Ilaalchi akka dhukkuba daddarbaati. Ilaalchi gadheen gaaddota kurnan sanaa akka abidda
bosonaati dafee buufata jaraa keessa tamsa’e. Yeroo sanaa kaasee, namni kamiyyuu gaggeessaa
gara biraa kan gara biyya Gibxiitti isa deebisu barbaaduutti ka’e.
Ilaalchi keenya warra kaan ni miidha. Ilaalchi akkuma dhukkuba utaalloo ti, ni daddarba. Ilaalchi
kee namoota warra kaan harkisuu ni danda’a?
Kun ilaalchi gaggeessaa tokkoof hammam barbaachisaa akka ta’e kan agarsiisu dha. Ati ilaalcha
badaa qabda taanaan namoonni si duukaa bu’anis ni miidhamu. Namoonni gaggeessummaa kee
jala jiran ilaalcha gaarii si caalu qabaatu jettee hin yaaduu hin dandeessu.

195
5. Ilaalchi keenya fuuldura keenya irratti dhiibaa qaba
Gaaddonni sun yeroo gabaasa isaanii dhiyeessanitti ilaalchi isaanii fuuldura isaanii akka miidhu
hin hubanne ta’a. Bu’aan ilaalcha isaanii isa badaa maal ture?
Leenjisaa: Deebii isaanii irraa fuudhi. Luqqisii macaafa qulqulluu beeku yoo ta’e,
Israa’elooni waggoota 40f lafa onaa keessa naanna’uu isaanii ni hubatu. Aeemsi sun
ji’oota muraasa qofa kan fudhatu ture. Gaaddonni kurnan ilaalcha badaa qaban osoo
hin turiin dhuman. Barumsa kana dhiyeessuu keen dura seenaa Lak 14:26-38 tti
dubbisi.
Ilaalchi ggaadota sanaa fuuldura isaanii akka malee miidhe. Gaaddonnni kurnan yeroo
gabaabaatti du’an (Lak 14:37). Sabni kaan immoo wagoota 40f lafa onaa keessa naanna’an,
Guyyaan tokko akka waggaa tokkootti, gaaddonni sun Kanaa’an keessa turan. Ilaalchi badaan
rakkinaa fi du’a argamsiise. Waggaa 40f lafa onaa keessatti bakka itti dhaloota hundumaa
awwaalan qopheessaa turan.
Garuu, fuuldura Iyaasuu fi Kaalebiif waan gaariin jira. Ilaalcha isaanii isa kan Kristos fakkaatu
sanaan lafa kakatameef galuu danda’aniiru. Iyaasuun, gaggeessaa Museetti aanee saba sana
gaggeessu ta’e. Kaaleb immoo waggoota 45f dhaala isaa eeggachaa turus argateera! (Seenaa
Iyaasuu Lak 14:10-12 tti ilaali).
Ilaalchi keenya dhimma jiraachuu fi du’uuti!
6. Ilaalchi keenya jijjiiramuu ni danda’a.
Akka tasaa ta’ee seenaa kana keessatti warreen 10 sun ilaalcha isaanii waan hin jijjiirranneef
bu’aan isaa baayyee rakkisaa ture. Garuu oduu gaariin tokko, Iyaasuu fi Kaaleb irraa barannee
ilaalcha keenya jijjiiruu ni dandeenya. Isaan xiyyeeffannoo isaanii Waaqaayyo rra, humnaa fi
kakuu isaarratti taasisuu filatan.
Ilaalcha keenya jijjiiruuf maal gochuu qabna? Wantoota sadii!
A. Akkaataa yaaduu keenyaa jijjiiruu
Iyaasuu fi Kaaleb akkaataa warreen kaan 10 itti yaadaniin yaaduu didan. Waaqayyoon shakkuu fi
sodaachuu akka hin qabne filatan Akkaataan itti yaadnu ilaalcha keenya murteesa. Kanaafidha,
karaan ittiin gahumsa dhokataa keenya guddisnu akkaataa yaaduu keenyaa jijjiiruu kan ta’e.
Maree: Ilaalchi gaggeessaa hordoftoota isaarratti karaa kamiin dhiibbaa geessisa?
Phaawuloos Fil 4:8 irratti akka nutti himetti, “ Ammas yaa obboloota koo, waa’ee waanuma
dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma

196
qulqulluu ta’ee,waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta’e,
waanuma galata qabu yaadaa!” jedha.
Kutaan kun xiyyeeffannoo yaaduu keenyaa filachuu akka dandeenyu nutti hima. Kutaa barumsa
gahumsa dhokataa bocuu keessatti, “Ofirratti raajuu” ilaallee turre. Kun tarkaanfii isa jalqabaa
akkaataa yaaduu keenyaa jijjiiru dha.
Ofirratti raajuu/ofitti dubbachuun dhugaa Waaqayyooofii keenyattii himuudhaan humna sammuu
keenyaa ittisuu (harness) dha. Yeroo tokko tokko, “Ani nama addaati” jennee akkasuma taanas.
Guyyoota kee, akkas jedhi eegali,
Far 118:24, “Guyyaan Waaqayyo dhaabe isa kana, kottaa isatti in gammanna, itti
gammadfuu keenyas in dhageessifna,”
Far 42: 5, “Yaa lubbuu koo maaliif akkas gadditee dhiphatta? Maaliifis akkas ana keessatti
gabii dhabda? Ati Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebi’ee gargaarsa isa biraa
anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo ta’uu isaatiifis isa jajachuufan jira!”
Phaawulos, “ …Yaada namootaa Kristoosiif abboomsisuudhaaf in boojina” 2 Qor 10:5b
jedhee nu gorse ture. Kun lola sammuu isa nuyi guyyaa guyyaatti loluu qabnuu dha. Yaada
negatiivii dhugaa Waaqayyoon jijjiiruu danda’uu qabna.
Yeroo doktoriin abdiin hin jiru jedhutti, sagaleen Waaqayyoo, “Yesus warra dhukkubsatan
hundumaa fayyise” Mat 12:15
Yeroo diinni “ati hin dandeessu” jedhutti “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa
gochuu nan danda’a” Fil 4:13
Yeroo Seexanni gara duuba kee ilaali jedhutti, Waaqayyo gara fuuldura kee ilaali (Erm 29:11).
Yeroo inni si kasasu, “Ati achitti waldaa hundeessuu hin dandeessu” jedhutti, Waaqayyo immoo,
“Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba
hundumaa bartoota koo godhaa!” jechuu isaa hubachuu qabna.
Yeroo hammamiiyyuu si haa fudhatu, gatii hangamiiyuu si haa baassisu, akkaataa yaaduu kee
jijjiiruuf murteeffadhu! Jijjiiramni ni danda’ama!
B. Hariiroo kee jijjiiri
Hariiroon kee hiriyoota yaada badaa qaban waliin yoo ta’e, yeroon kun yeroo itti hariiroo sana
jijjiirtu dha.
Hiriyoota akkamii waliin yeroo dabarsita? Ilaalcha isaanii sakatta’i! Yoo negetiivii ta’e, isaan
biratti positiivii ta’anii jiraachuun ulfaataa dha. Namoota yaada badaa qabanii fi gara yaada

197
badaatti si oofan adda baasi; yeroo isaan waliin qabdu xiqqeessuuf waan dandeessu hundumaa
godhi. Akkuma kanammoo namoota yaada gaarii qaban waliin yeroo dheeraa dabarsuuf
karoorfadhu.
Namoota hariiroo isaanii jijjiiruun hin danda’amne kanneen akka miseensota maatii yoo ta’an,
yeroo isaa waliin qabdu xiqqeessuuf waan dandeessu hunda godhi. Akkasumas, sammuu kee
qopheessuudhaan miidhaa ilaalcha kee irraan gahuu danda’an jalaa bahuu qabda. Ilaalchi kee
ammallee filannoo kee ta’uu isaa hin dagatiin!
C. Naannoo kee jijjiiri
Naannoo keessa jiraattuu fi keessatti hojjettu ilaali. Ilaalcha gaarii akka qabaattuuf si gargaara?
Televizhinii irratti yookiin interneetii irratti maal ilaalta? Faarfannaa akkamii dhaggeeffatta? Si
ijaaru moo si diigu?
Naannoo kee gara caalmaatti positiiviitti jijjiiruuf karaa barbaadi. Naannoo kee wantoota
xuraa’aa fi toora hin qabnetti kan baayyatu yoo ta’e, karaan ittiin gara yaada ijaarsaatti itti
jijjiirtee hafuura kee fi kanneen warra naannoo kee jiranii itti ijaartu jira? Dhaaba mana keerra
fakkii babbareedaa fannisi; bakka dhiqannaa ganamaa keetti luqqisiiwwan maxxansi!
Nuyi kan waamamne ilaalcha akka Yesus akka qabaannuufi. Yesus ofii isaa kana siif hin godhu;
garuu human ittiin yaada badaa ta’e bira darbitu siif kenna. Tarkaanfiin jalqabaa, rakkoo keessa
jirtu hubattee gargaarsaaf isa gaafachuu keeti. Isa booda, ilaalcha keerratti akka inni hojjetuuf
hayyamiif. Gorsa namootaa si barbaachisa ta’a; kitaabota ilaalcha gaarii qaban dubbisuu si
gaafata ta’a; Televizhinii cuftee sagalee Wbanachuu si gaafata ta’a. Ilaalcha Yesus fakkaatu
qabaachuuf waan hundumaa godhi! Ni danda’ama!
Goolaba
Ilaalchi kee jireenya kee fi gaggeessummaa keerratti dhiibbaa guddaa qaba. Garaagarummaa ni
uuma. Akka gaaddota 10 rakkina argan sanaa hin ta’iin! Akka Kaalebi fi Iyaasuu gaggeessitoota
fuuldura isaanii ilaalcha qajeelaadhaan mo’adhu!
Ilaalchi kee akka ilaalcha Kristoosi dha? Iaalcha kee jabeessuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu
qabda? Hoj manee gochaa kee hojjedhuu of madaali; tarkaanfii ittiin ilaalcha kee gabbistus
fudhadhu. Ilaalcha Yesusiin warra kaan abdii fi amantiin gaggeessi.
Maree: Namoonni yaada badaa qaban maatii yoo ta’an akkamitti ilaalcha
qajeelaa qabaannee isaan waliin jiraachuu dandeenya?

198
Hoj manee afaaniffaa
Hanga hirmaattotni hubachuu danda’anitti qajeelfamoota ilaalchaa jahan irra deebi’uun
dubbadhu. Isa booda, gara maatii isaani fi namoota jaallatanii deemanii seenaa gaaddota
sanneenii akka qoodaniif affeeri. Maatiin isaanii akka isaan madaalan haa gaafatan, “Ilaalchi
koo akka kan warra 10 moo akka kan warra 2 ti?”
Torbaan tokkoof akkaataa itti ilaalcha isaanii jijjiiruu danda’an irratti akka xiyyeeffatan
jajjabeessi. Yeroo dhufutti maaltu akka ta’e akka himaniif itti himi.
Qorannoo nama dhuunfaa (case study)
Paastor Yisihaaq hiriyaa waggaa 10f waliin turtan yoo ta’u yeroo ammaa kana gara mandara
ollaa keessan bakka waldaan hin jirree tokkootti walitti qabama obbolootaa akka eegaluuf
ergame. Gara mana kee dhufee, erga waliin shayee dhugdanii booddee, yaada garaa isaa sitti
himuutti ka’e:
“ Ani waa’ee waldaan hundeessuuf jedhu kanaa baayyeen gadda. Ammayyuu namoota lakkoofsi
isaanii muraasa. Kurnoo isaanii hin kennan. Kadhannaa irratti kan hirmaatan muraasa.
Namoonni naannoo sanaa mormii guddaa urratti kaasu; yeroon achiin darbulee anatti kolfu.
Waaqayyoof waanuma tokkollee hojjechuu akka hin dandeenyeettan yaada. Haadha manaa koo
waliin mariiyannee gara magaalaa gudda bakka namoonni barumsa qabanii fi qarshii qabaniitti
adeemuuf yaadaa jirra. Kana booda, waldaa guddaa ni hundeessina. Osoo murtoo kana hin
fudhatiin dura, si waliin akka mariiyannuuf waliigalleetan dhufe.
Barumsa argatte irratti hundooftee, waa’ee hiriyaa kee Yisihaaq maal jechuu dandeessa?

199
Abbaltii Gochaa
Maqaa:_____________________________
1. Ilaalcha dhuunfaa kee madaali. Ofii keef amanamii jechoota armaan gadii keessaa kanneen si
ibsanitti mari.
Ilaalchi koo yeroo baayyee (Positiivii/Negetiivii)
Ani kanan of ilaalu akka (Korophisaatti/ Mucaa Waaqayyootti)
Ani jireenya keessatti (rakkina/carraa)n arga
Ani waa’ee ilaalcha koof (itti gaafatamummaa isaa nan fudhadha/namootan komadha)
Namootan gaggeessu keessatti (gahumsa/ dadhabinan) arga
2. Ilaalchi koo gaggeessummaa koo hammam miidheera?
3. Haala akkamii keessatti ilaalcha badaa qabaachuuf kan dirqamtu?
4. Akkaataa yaaduu isaan kamtu ilaalcha kee irratti dhiibbaa geessisa?
5. Hariiroowwan isaan kamtu ilaalcha gaarii qabaachuuf na gargaare yookiis natti ulfaate?
Kanneen na gargaaran Kanneen na rakkisan
6. Deebii kee armaan oliirraa ka’uun ilaalcha kee gabbifachuuf tarkaanfii akkamii fudhatta?
Tarkaanfiin ati fudhattu murtaa’oo fi qabatamaa ta’uu isaa mirkaneeffadhu! Yoom akka eegaltu
ifatti mul’isi.

200
GAGGEESSAA FI HOJII
Kutaa Macaafaa: Bau 35:30-35; Bazaali’elii fi Aholiyaab

Qajeelfama

Yeroo baayyee hojiin akka diina barbaachisaattii; hojiin waldaa kkiristaanaan wal qabatu immoo
akka waan hojii hundumaan ol ta’eetti fudhatama. Kutaan kun yaadrimee hojii macaafni
qulqulluun ibsuu fi gatii Waaqayyo waamicha hojiilee adda addaaf qabu ilaalla.

Kaayyoo barnootichaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Hiikkoo hojii
 Ilaalcha macaafa quqlulluu waa’ee hojii
 Barbaachisummaa hojiilee gosa adda addaa ni hubatu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

o Hojii akka waaqeffannaatti hubachuu ni danda’u;


o Namoota hojiilee gosa adda addaatti bobba’an ni hubatu;
o Hojjetaa bayeessa ta’uudhaaf tarkaanfii ni fudhatu.

Seensa

Waaqayyoof wanti caalaa barbaachisaan maali?

 Waaqeffannaa gaggeessuu yookiis gamoowwan ijaaruu


 Mana barumsa sadarkaa tokkoffaa yookiis mana barumsa dilbataa barsiisuu?
 Tiksee yookiis qotee bulaa ta’uu?
 Boqqolloo dhaabuu yookiis waldaa hundeessuu?
 Aannan elmuu yookiis gaggeessitoota leenjisuu?

Leenjisaa: Gaaffilee kanneeniif deebii akka kennanif hirmaattotaaf hayyami. Harka


baasanii filachuu yookiis caalteedhaan wal falmuu ni danda’u. Shaakalli kun
salphaadhumatti akkaataa itti nuyi jireenya keenya bakka lamatti qooduudhaan hojii garii
akka Waaqayyoof baayyee waan barbaachisaniitti ilaallu dha.

201
Deebiin gaaffilee kanaaf deebifnu, akkaataa itti addunyaa kana gara lamaatti qoodnu dha. Yeroo
baayyee, hojiilee gartokko akka hojii qulqulluutti yookiin hojii adda baheetti garii immoo akka
hojii biyya lafaa kan Waaqayyo biratti iddoo hin qabneetti ilaalla. Hojiilee yeroo waaqeffannaa
waldaa keessatti taasifnuu fi hojiilee guyyoota kaan bakka hojii keenyaatti hojjennu jidduutti
garaagarummaa ni uumna.

Waa’ee hojii idilee kee akkamitti ilaalta? Akka diina barbaachisaatti moo akka waamicha
waaqayyootti fudhatta? Yeroo tokko tokko osoo hojii kee dhiiftee hojii waldaa kiristaanaa
keessaa baayyee hojjette ni jaalatta? Yeroo waldaa keessaa hojjettu immoo namoota si waliin hin
hojjenne akka waan hojii gadaanaa hojjetaniitti fudhatta?

Leenjisaa:Yaada macaafa qulqulluu keessaa kutaa armaan olii kana irratti ibsuu si
barbaachisa. Yeroon sun yeroo manni qulqullummaa Waaqayyoo lafa onaa keessatti
hojjetamaa ture dha. Waaqayyo Museedhaaf akkaataa itti hojjetamurratti qajeelcha
kenneef; Museen immoo saba sun ijaarsa pirojektichaaf kennaa akka kennan affeere.
Duraan dursii Bau 35-40 dubbisi.

Bau 35:30-35 dubbisaa!

Kuticha irra deebi’uun hirmaattotni maqaawwan murteessoo ta’an hubachuu isaanii


mirkaneeffadhu. Musee, Bazaali’elii fi Aholiyaab.Gahee hafuuraa fi gosoota hojii adda addaa
achi keessatti ibsaman hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Kana booda gaaaffilee armaan gadii
irratti mariiyadhaa!

Maree:

1. Dandeettiiwwan luqqisii kana keessatti ibsaman yoo xiqqaate saddeet tarreessi.


2. Dandeettiwwan as keessatti ibsaman kanneen akka hojii hafuuraa moo kan fooniitti
ilaalta? Maaliif?
3. Hopjjettoota ijaarsaa kanneeniif Waaqayyo hafuura isaa kennuun isaa garaagarummaa
maalii uumeera?
4. Museenis hafuuruma Waaqayyoo Kanaan moo hafuura kan biraan guutame? Maaliif
jette?
5. Seenaan kun ilaalcha nuti hojiif qabnu rratti dhiibbaa akkamii uuma?

202
Leenjisaa:Hirmaattotni gaaffilee kanneen irratti daqiiqaa 5-10 akka mariiyataniif
hayyamiif. Kana booda, maal akka hubatan gartuu hundumaa gaafadhu. Kutaa sana
keessatti waan ta’e hubataniiru yoo ta’e, handhuura barumsichaa hubataniiru jechuu
dha.

Dandeettiiwwan tarreeffaman: Warqee gosa garaagaraan hojjechuu, dhagaa bocuu, hojii


mukaa,barsiisuu, wixinee baasuu, boca adda addaa baasuu, kirrii fo’uu, uffata dhahuu)
fa’a.

Seenaa armaan oliirraa qajeelfamoota hojii jaha baranna.

I. Hojiin keenya agarsiistuu waamicha Waaqayyooti.

Seenaan sun, “Waaqayyo Bazaali’eliin filate” jedha. Nuyi Waaqayyo Musee filachuu isaa malee,
warra hojii ogummaa hojjetan kanneen akka Bazaali’el filachuu isaa hin beeknu.

Maree:

Waaqayyo har’as namoota gara hojii qonnaa, barsiisummaa, daldalaa, hojii mukaa fi
kkf tti ni waama? Maaliif?

Waa’ee hojii hojjechaa jirtuu yaadi! Maal jettee waamta? “Hojii koo, dalagaa koo, (my career,
profession, work, job) maal jettee waamta?

Wanti nuyi hojii keenya ittiin waamnu akkaataa itti hojicha ilaallu ibsa. Jechi as keessatti “Hojii
(vocation) jennee waamnu kun ilaalcha macaafa qulqulluun hojiif qabu dha.

Jechi vocation jedhu kun jalqaba jecha, “to call ykn waamuu” jechuu dha. Seenaa keessatti,
Maartiin Luuter, abbaan sosochii bara 1600wwan keessa jiraate, jechi kun jecha macaafa
qulqulluu hojii ibsu ta’uu isaa ifatti beeksise. Namni kun Waaqayyo namoota kaan gara hojii
mana waaqayyootti akkuma waamu, garii immoo gara hojii adda addaatti waamuu isaa akka
hubannu nu gargaare.

Uummata qaroome keessatti jechi vocation jedhamu kun jecha career (hojii idilee)jedhuun bakka
bu’ama. Hojiin idilee (career) kan dhuunfaa irratti yoo xiyyeeffatu, hojiin (vocation) immoo hojii
Waaqayyoo irratti kan xiyyeeffatu dha. Hojiin idilee waa’ee koo, abjuu koo, dandeettii fi galma
koo yoo ta’u hojiin (vocation) immoo waa’ee hojii isa Waaqayyo bara jireenya koo keessaati
akkan hojjedhuuf na uume dha.

203
Waaqayyo, nama tokko gara hojii murtaa’aa tokkootti erga waamee garaagarummaan macaafni
qulqulluun hojii qulqullaa’aa fi hojii biyya lafaa jedhee addaan qoodu hin jraatu. Hojii gargar
baasanii ilaaluun yaadrimee Warra Giriik irraa dhufe dha. Akka ilaalcha isaaniitti hojiin gosa
lama; kan namoonni sadarkaa olaanoo hojjetan hojii qulqulluu fi filatamaa fi kan namoonni
sadarkaa gadaanoo hojjetan hojii tuffatamaa fi hojii ammee.

Yeroo hojii waldaa kiristaanaa fi hojii biyya lafaa jennee addaan baasnu, ilaalcha warra Giriik
jireenya keenya keessatti moosisuu keenya. Hoji qulqulluu fi kan biyya lafaa (isa gadaanaa)
jennee qooduu keenya.

Akka ilaalcha Waaqayyootti garuu hojiin qulqulluu yookiis kan biyya lafaa isa Waaqayyoo hin
beekne jedhamu hin jiru. Waaqayyo jireenya namaa hundumaa qulqulluu godhee ilaala. Hojii
nuyi tajaajila waldaan alatti hojjennus akkuma hojii tajaajila waldaa keessatti hojjennuutti ilaala.

Faarf 24:1 isa kana nuuf salphisa.

“Lafichi, wanti laficha guutes hundinuu kan Waaqayyooti, biyyi lafaa fi wanti isa keessa
guutes hundinuu kan isaati.” Jedha.

Kana jechuun wanti hundinuu (addunyaan qabatamaanis ta’e kan hafuuraa) kan isaati jechuu
dha. Hundinuu qulqullaa’aa dha jechuu dha.

Waldaa kiristaanaa keessatti yeroo baayyee, “tajaajila yeroo guutuu” jennee waamna. Kun akka
macaafa qulqulluutti dogongora. Amanataan kamiyyuu gara “tajaajila yeroo guutuutti”
waamame. Gariin daldala keessatti tajaajila yeroo guutuu; gariin barsiisummaa; gariin hojii
ogummaa fayyaa; gariin injiinarummaatti tajaajila yeroo guutuuti.

Yaadrimee Hojii yeroo hubannu, Waaqayyo warra kaan tiksee, kaan qonnaan bultoota, kaan
barsiistota, kaan hojjetaa baankii godhee akka waame ni hubanna. Tokkoon tokkoon isaanii
abboomamanii yoo hojjetan, akeeka Waaqayyo isaan uumeef fiixaan ni baasu.

Maree: Hojiin amantootaaf hin hayyamamne jira?

Leenjisaa: Waaqayyo hojii sagalee isaa waliin wal mormu yookiis hojii namoota warra
kaan balleessutti akka nu hin waamne beekamaa dha. Haa ta’u malee, hamma hojii
kabajamaa ta’etti, hojii qulqullaa’e yookiis hojii biyya lafaa jennee addaan qooduun
nurraa hin eegamu.

204
Hanga hojii keenyaan Waaqayyoof abboomamnutti, hojjetaa bayeessa kennaa fi dandeettii
Waaqayyo isaaf kenneen hojjetan ni taana. Waaqayyo dandeettii daldalaa siif kennee hojii
daldalaa yoo hojjette, ati hojjetaa bayeessadha. Qonnaan bulaas ta’e gaggeessaa waldaas
akkasuma.

Itti yaadi:Hojii kee akka waamicha keetti ilaalta? Akkaataa itti hojii kee
hojjetturratti garaagarummaa maalii qabaata?

II. Hojiin keenya hafuura Waaqayyoon aanga’a

“Waaqayyo hafuura ofii isaatiin, ogumaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaagaraa


miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera” (35:31). Hojjettoonni kun hojicha hojjechuudhaaf
hafuura Waaqayyoon guutamaniiru.

Yeroo baayyee Waaqayyo hafuura isaa kan inni ergu amantoonni dhugaa haa bahaniif yookiis
hojii waldaaf jennee yaadna. Kun dhugaa dha, garuu guutuu miti. Hojjettoonni hojii isaanii akka
hojjetaniifis Waaqayyo hafuura isaa ni kenna.

Kunis hojiin keenya baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa agarsiisa. Macaafni qulqulluun, amanataan
tokkoon tokkoon keenya, “Luboota” akka jedhamnu nu barsiisa. Mul 1:6 fi 1Phex 2:5,9 ilaali.
Kana jechuun hundi keenya hojii waldaaa hojjenna jechuu dha? Miti. Namoota hundumaa
hojjettoota waldaa kiristaanaa gochuurra Waaqayyo hojii kamiyyuu qullaa’aa kan hafuura isaan
aanga’u gochuu jaallateera.

Jalqabaa kaasee, Waaqayyo hojetaa ture.Macaafni Seera Uumamaa boqonnaan jalqabaa lamaan
Waaqayyo hojjetaa ta’uu isaa nu hubachiisa.Inni addunyaa kana uumuuf hojjechaa turee gaafa
guyyaa torbaffaa boqote. Waaqayyo sababa ofii isaa hojjetaa ta’eef, hojiif iddoo olaanaa ni
kenna.Inni yeroo nama uume, namni uumama isaa irratti akka hogganuuf ture. Addaami fi
Hewwaan, lafa akka hoggananii fi bitaniif isaanitti himee ture. Um 1:26-28 ilaaali. Nmani
Waaqayyo wajjin kan hojjetuu fi hojii isaatiin immoo lafa kana aka hogganuuf hayyamameeraaf.
Kun dhugaa qabatamaa hafuurri keenya simachuu qabu dha.

Kanaafuu, hojiin abaarsa erga namni kufee dhufe osoo hin taane karoora eebbifamaa Waaqayyoo
kan osoo cubbuun gara addunyaatti hin seeniin kenname dha. Cubbuun, hojii namaatti dadhabbii
fi dhamaatii dabale malee, gatii hojiin qabu hin xiqqeessine. Waaqayyo, hojii nutti kenne akka
hojennuuf hafuura isaa nuuf in kenna.

205
Itti yaadi:Hafuurri Waaqayyoo karaa kamiin hojii koo aangessuu keessatti
mul’ata?

III. Hojiin keenya mul’istuu hojii kalaqaa Waaqayyooti.

Waaqayyo hojjettoota sanaaf ogummaa hundumaa (35:31) fi Waan garaa garaa


miidhagsanii hojjechuu (35:33) kenneef. Hojiilee olitti tarreeffaman kan mana qulqullummaa
sana ijaaruuf barbaachisan hundumaa kenneeraaf.

Waaqayyo kalaqaa gosa danuu fi lakkoofsa hin qabne qaba. Kanas, namoota adda addaaf
dandeettii adda addaa kennuudhaan agarsiisa. Seenaan kun hojiilee kanneen biroo kanneen akka
hojii ogummaa fayyaa, muuziqaa, qonnaa, daldalaa, ijaarsaa fi kalaqa kanneen biro hin
hammatu. Waaqayyo garuu hojiiwwan kanneenittis namoota isaa waameera.

Caaffanni qulqullaa’aan Waaqayyo kennaa fi dandeettii adda addaa kennuu isaa nu barsiisa.
Kennaa fi dandeettiin kunneen waldaa kiristaanaa keessattis ta’e bakka gabaatti itti dhimma bahu
qabna. Hojiin kamiyyuu hojii kalaqa Waaqayyoo agarsiisu of keessaa qaba.

Waaqayyo gariin hojii waldaa, warra kaanimmoo hojiilee adda addaa kan biro akka hojjetaniif
namoota waama. Hojjettoonni kunniin hojii hojjetan kana akkamitti hojii kalaqa Waaqayyoo
ta’uu isaa waliif mirkaneessu? Macaafni, dhuma pirojektichaatti maaltu akka ta’e nutti hima.

Bau 39:43, “ Museenis hojicha hundumaa ilaalee, waan hojjetan akkuma Waaqayyo abboometti
hojechuu isaanii in arge; kana booddee isaan in eebbise”.

Maree: Hojjettoonni Waldaa kiristaanaa akkamitti hojjettoota warra kaan;


hojjettoonni waarri kaanis akkamitti hojjettoota waldaa kiristaanaa eebbisuu danda’u?

Tiksoonnii fi gaggeessitoonni waldaa namoota bakka gabaatti waamamaniin eebbisuu qabu.


Bakka ergaman kanatti Kiristoosiin akka mul’isaniif wajjin hojjechuullee qabu.

Maree: Hojiilee jiran hamma beektu itti yaadi! Tokkoon tokkoon isaanii akkamitti
Waaqayyoon mul’isu?

Itti yaadi:Hojii kalaqa Waaqayyoo isa kamtu hojii koo keessatti mul’ata?

IV. Hojiin keenya namoota biroof itti fufinsa eebba Waaqayyoo ti.

Waaqayyo hojjettoota sanaaf, dandeettii warra kaan barsiisuu isaaniif kenneera (35:34). Hojiin
isaanii eebba saba sanaa hundumaa irra darbee warra kaan barsiisuufis waamamaniiru.

206
Waaqayyo hojii kamiyyuu warra kaaniif eebba akka ta’uuf uume. Qotee bulaan, biqiltuu warra
kaan nyaachisu oomisha. Hojjetaan ijaarsaa, mana maatiin keessa jiraatu hojjeta. Abbaan
qabeenyaa namoota maatii isaanii jiraachisan qacaree hojjechiisa. Warri nyaata qopheessan soora
warra kaaniif hojjetu.

Kakuu haaraa keessatti, waldaan kiristaanaa, “Qaama Kiristoos” jedhamtee beekamti (1Qor
12:27, “Amma hundumti keessan dhagna Kiristoos, adduma addaanis bu’aa dhagna isaati”).
Akka amanataa tokkootti addunyaa kana keessatti harka fi miilla keenyatti yeroo fayyadamnu
nuyi qama Kiristoosi dha. Kunis yeroo Waaqeffannu qofaa osoo hin taane, yeroo hojii keenya
hojjennnu hundumaatti dhugaa dha.

Waaqayyo karaa hojii keenyaa addunyaa hojii keessa jira. Hojiin kee agarsiistuu miillaa fi harka
kee hojiitti jiraniiti.

Hojii keenya akka harkaa fi miilla Waaqayyoon hojjennuutti yoo fayyadamne, lubbuu baay’ee
gara jireenya bara baraatti fiduu keessatti dhiibbaa guddaa taasisna. Akkaataan nuti hojii keenya
itti hojjennu, xumura jirenya bara baraa namootaa jijjiiruu ni danda’a. Sababa hojii keetiin nani
tokko gara samii ni deema laata? Hojiin ati guyyaa guyyaatti hojjettu jireenya bara baraa
keessatti qooda mataa isaa qaba.

“Ergamni” yeroo hojjetaan wangeelaa tokkowangeela qabatee garaa warra hin amaniinii
adeeman jennee qoramna. Kun, Waaqayyo gara hojii keenyaatti gaafa nu waame, hojichi ergama
keenya ta’uu isaa dagachuu dha. Waaqayyo hojii keenyatti dhimma bahee mootummaa isaa
bal’isuu barbaada. Yeroo maamila tajaajillu, yaada Waaqayyo isaaniif qabu raawwachaa jirra.
Yeroo mana ijaarru, bakka jireenya ijoollee Waaqayyoo tokko hojjechaa jirra. Yeroo midhaan
oomishnu, namoota Yesus isaan jaallatu tokkoof soorata hojjechaa jirra.

Karaan tokkichi ittiin addunyaa kana Yesusiif boojinu, yeroo amanataan hundinuu wamicha
isaanii karaa hojii isaanii ta’uu isaa hubatanii saba hundumaa duukaa buutuu Yesus taasisan
qofaa dha. Hojjettoota waldaa kiristaanaa caalaa, hojjettoota waldaa kiristaanaan alatti hojii
hojjjetantu namoota hin maanne waliin walitti dhufeenya qaba; kanaanis carraa bal’aa jaalala
Waaqayyoo jechaa fi gochaan agarsiisuu qabu.

Waaqayyo kiristaanota abbootii qabeenyaa, abbootii seeraa, ijaartota, soortota, qulqulleessitoota,


barsiisota, doktoroota, qo’attoota, piroofeeseroota, hojjettoota warshaalee, abbootii siyaasaa,

207
hojjettoota hawaasaa, hoggantoota, elektirishaanota, hojjetoota mana bareedinaa, arkitektoota,
daldaltoota, hojjetoota waldaa kiristaanaa keessaa, fi qotee bultoota ittiin ergaa isaa addunyaan
gahuuf waameera. Namni hundinuu hojii isaa Kanaan ulfina Waaqayyoof hojjetee, waamicha
isaa osoo raawwate maaltu ta’uu danda’a laata? Addunyaa kana jijjiiruu ni dandeenya ture!

Itti yaadi: Hojiin karaa kamiin warra kaaniif eebba ta’a? Kun akkamitti ilaalcha hojii keef qabdu
jijjiira?

V. Hojiin keenya agarsiistuu gahumsa (excellence) Waaqayyoo ti.

Waaqayyo waa’ee akkaataa ijaarsa mana qulqullummaa sanaaf qajeelfama gadi fagoo Museef
kenne. Hojii isaanii sirriitti akka hojjetanif “Dandeettiidhaan isaan guute (lak 35). Isaan
gahumsa olaanadhaan hojjetan. Waa’een pirojektichaa kamiyyuu maalummaa Waaqayyoo ibsa
ture. Inni hojjetaa hundumaa irraa hojii bayeessa irraa barbaada.

Hojii keenya waamicha jireenya keenyaa taasisnee yeroo ilaallu, qulqullina hojii keenyaaf ni
dhimmamna. Caalmaa bu’aa isaa hawwina, sababni isaa agarsiistuu eenyummaa Waaqayyoo
waan ta’eef. Waaqayyo hojii keenyatti akka gammaadu barbaadna; inni gammachuu keenya isa
olaanaa ta’a jechuu dha.

“ Carraan kee karaa qulqulleessuu yoo ta’e, akka Mikaa’elanjeeloo qalama dibetti, Sheekispiir
walaloo barreessetti, Beezooven muuziqaa qindeessetti, uumamni waaqa fi lafaa dhaabbatee,
‘iddoo kana qulqulleessituu beekamaan jira, hojii isaa sirriitti hojjete’ akka jedhutti karaa sana
sirriitti qulqulleessi.” Maartin Luuter Kiing Jr. (Gaggeesaa mirga namoomaa, USA irraa).

Akka duuka buutuu Kiristoositti hojii keenya gahumsa olaanaadhaan hojjechuu qabna. Gatii
hojiin keenya qabu waan hubanneef, cimsinee hojjechuu qabna. Yeroo Yesus ilaaluu dhufu akka
itti hin yellaanetti hojii keenya akka ta’utti hojjechuu qabna.

Itti yaadi: Hojii koo keessatti gahumsa olaanaa agarsiiseera? Hojin koo agarsiistuu
eenyummaa Waaqayyoo ti?

VI. Hojiin keenya waaqeffannaa Waaqayyoof taasifnu dha.

Hojiin hojjettoota sana hundumaa iddoo waaqeffannaa Waaqayyoo ijaaruu ture. Dandeettii fi
hojiin isaanii inni cimaan sun waaqeffannaa dha. Isaan dhagaa soofuu fi balbala tolchuu qofa
osoo hin taane, waaqeffachaa hojjetu turan. Bazaali’el ogummaa sana Waaqayyoo irraa rgatee,

208
hojii ulfina Waaqayyof oolche. Inni hojjetaa ba’eessa waan Waaqayyo irraa fuudheef amanamu
ture.

Waaqayyo kennaa erga nuuf kennee; kennaan keenyas waamicha keenya erga ta’ee yoo hojjenne
ulfina Waaqayyoof fiduun keenya dinqii miti. Hojiin bifa waaqeffannaa dha.

Phaawuloos 1Qor 10:31 keessatti ni mirkaneessa.

“ Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina
Waaqayyoof hojjedhaa!” jedha.

Hojiin nuti hojjennu hundinuu, hojii keenya dabalatee, ulfina Waaqayyoofi. Ulfina isaaf yeroo
hojjennu ulfina isaaf fidna. Kanaafuu, hojiin keenya bifa waaqeffannaati jechuu dha.

Hojii warra kiristaana hin taaneellee yoo hojjetta ta’e garaagarummaa guddaatu jira. Isaan ofii
isaaniif, qarshii argachuuf hojjetu. Ati garuu akka Waaqeffannaatti hojjetta. Yeroo sana gootus
Waaqayyo ni gammada.

Ilaalcha Kanaan, jireenyi hundumtuu karaa ittiin ulfina Waaqayyoof fidnu dha. Obboleessi
Laawureensi jedhamu molokseen baroota 1600 keessa jiraate tokko qajeelfama kana hubatee,
qodaa nyaataa dhiquu akka hojii waaqeffannaatti hojjechaa ture. Kitaabni isaa, “Practicing the
presence of God” (Argamuu Waaqayyoo shaakaluu) jedhu namoota baayyeef dinqisiifannaa
ta’ee ture.

Fiigduun Olompikii Eerik Liidel, “ Waaqayyo akeekaaf na uumuu isaa nan amana, akkasumas
nama baayyee ariifatu (fast) godhees na uumeera; yeroon fiigu gammachuun Waaqayyoo natti
dhagahama. Fiigicha koo gidduutti dhaabuun akka waan isa yellaasisuu ti.” Jedhe ture.

Xiyyeeffannoon keenya namoota hojjennuuf ykn wajjin hojjennurra yoo ta’e, yeroo tokko tokko
akkaataa nuti barbaadnutti yoo hojjechuu baatan ykn waan hojjenneef yoo nu badhaaasuu baatan
nu dheekkamsiisa. Xiyyeeffannoon keenya hojii dhuunfaa keenyaarra yoo ta’e, yeroo tokko
tokko akka karoorfannetti raawwachuu gaafa dadhabnu nu dheekkamsiisa. Xiyeeffannoon
keenya waaqayyo irra yoo ta’e garuu, hojii sanaaf akka waamamnee fi ulfina Waaqayyoof akka
hojjennu hubanna. Kana hubachuun hojii hojjennu irratti garaagarummaa hammamii fida!

Itti yaadi: Hojii koo akka waaqeffannaatti nan ilaala? Akkaataan itti hojjechaa jiru jijjiiruuf maal
gochuun qaba?

209
Leenjisaa: Qajeelfamoota barnoota kanarraa irra deebi’iif

Goolaba

Ati gara hojii Waaqayyo sitti kenneetti waamamte. Akka kennaa kennaa keetti ilaaliitii, akka
Waaqayyoof ulfina fidutti hojjedhu. Hojjetaa waldaa kiristaanaa yoo taate, hojii namoota warra
kaanii akka waamicha waaqayyo isaaniif kenneetti ilaaluudhaan akka isaan hojjetaniif
jajjabeessuu qabda. Yoo hojjetaa waldaa kiristaanaa keessaa miti taates, hojii kee akka waan ija
Waaqayyoo keessatti akka lammaaffaatti ilaalamuutti hin fudhatiin! Inni, hojii kee keessatti si
waamee kennaa siif kenneera. Ulfina isaaf jecha sirriitti hojjedhu!

Qorannoo nama dhuunfaa:

Phexroos nama dhiyootti kolleejjiidhaa eebbifamee hojii warshaa keessaa hojjetu dha.
Hojicjhi hojii cimaa dha, garuu sirriitti hin kanfalamuuf. Yeroo gara manaa dhufu
hundumaa dadhabee, of jibbaa dhufa. Hojjetoota warra kaanitti ni dubbata, garuu
sirriitti isaan hin barre. Hojjetoonni warri kaan akka inni hojjechiisaa isaa jalaa mi’a
hatuuf isa jajjabeessu. Inni immoo ni dide. Garuu, yeroo tokko tokko wayita itti
gaafatamaa isaa argu qofaa akka waan hojjetuu of fakkeessa.

Guyyoota boqonnaa torbaniirratti, yeroo gara waldaa deemee waaqeffatu baayyee


gammada. Akkuma Waaqayyo wal gahii sana keessa jiruutti waan amanuuf
waaqeffachuutti baayyee ni gammada. Yeroo tokko, tiksee waldaa isaa waliin gara
naannoo mandara isaanii wangeela lallabuuf deeman. Waldattiin dhiyoo waan
hundeeffamteef, Phexros si’a baayyee deemee amantoota sana jajjabeessaa ture. Waa’ee
waldaa sanaas baayyee yaaduu eegale. Osoo Waaqayyo hojii tajaajilaaf isa waame
baayyee ni jaalata ture.

Gara kee dhufee, maal akka gochuu qabu si gaafate. Barumsa kana irratti hundooftee,
Phexroosiin maal jetta?

Abbaltii gochaa

Maqaa:_______________________________________

1. Karaa kamiin jireenya kee “Isa qullaa’aa” fi “Isa addaan ba’e yookiis isa jaalatamaa”
jettee qoodda? Bu’aan isaa maali?

210
2. Waa’ee hojii kee yaadi. Maali dha? Hojii ati amma hojjechaa jirtutti waaqayyo na
waamera jettee yaadda? Maaliif?
3. Karaalee murtaa’oo adda addaa karaa ittiin Waaqayyo hojii keetiin namoota akka
tajaajiltuuf si waame maal fa’i?
A…..
B.-----
C.-------
D-------
Warreen kun akkaataa itti hojjechuu qabdurratti garaagarummaa maali uumu?
4. Wantoota sadan armaan gadii irratti akka hojjetaatti of madaali. Sadarkaa hojii kee
ammaa of madaali.

Gosa Gadi bu’aa Giddu galeessa Baayyee cimaa

Hojjetaa cimaa

Hojjetaa ogeessa

Hojjetaa gahumsa
olaanaa qabu

5. Gosoota hojii armaan olii irratti wanti ati fooyyessuu qabduu fi tarkaanfii qabatamaa
fidhachuu qabdu maalirratti? Gochoota murtaa’oo itti fayyadami

Gocha Guyyaa itti eegaltu

A.

B.

211
6. Gara nama baayyee itti dhiyaattu deemiitii, waan Waaqayyo kutaa kana keessatti si
barsiise itti himi. Tuqaalee armaan olirratti barreessite irrati akka si waliin kadhataniif
gaafadhu. Yeroo taasistu, mallattoo asirrati godhi:_______________

212
GAGGEESSAA FI GAGGEESSITOOTA BIROO FILACHUU
Kutaa macaafa: HoE 6:1-8, 7:54-60: Diyaaqonoota Filachuu, Jireenya Istifaanos

Qajeelfama

Gaggeessitoonni gaggeessitoota gara biro waamuu fi guddisuuf itti gaafatamummaa qabu.


Adeemsi gaggeessitoota biroo filachuu hojii ulfaataa ogummaa adda baasuu nama gaafatu dha.
Milkaa’insi gaggeessummaa keenyaa harka caalaatti kan inni murtaa’uu dandeettii namoota sirrii
waamuu fi hidhaachiisnee nu waliin akka hojjetan taasisuutiini.

Kaayyoo barumsichaa

Hirmaattonni barumsa kanaan booda;

 Waldoonni kiristaanaa warri durii akkamitti akka gaggeessitoota filatan


 Wantoota gurguddoo sagal yeroo gaggeessitoonni filaman iaalamuu qaban ni hubatu

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattoonni;

 Gulantaa gaggeessummaa isaanii ni madaalu


 Kadhannaadhaan gaggeessitoota biro ni filatu.

SEENSA

Barumi keenya hanga ammaatti baranne baayyeen isaa akkaataa itti ofii keenya gaggeessaa
cimaa akka taanu irratti kan xiyyeeffatu ture. Garuu, waldaa kiristaanaa itti fufsiisuudhaaf,
gaggeessitoota biro kaasuun hammam barbaachisaa akka ta’emmoo beekuu qabna.

Leenjisaa: Barumsi kanaan dura baranne yoo xinnaate barbaachisummaa warra kaan
hidhachiisuu nu hubachiiseera: Bu’uura gaggeessummaa, Qofaa gaggeessuu moo
gaggeessitoota hidhachiisuu? Barumsi, “Gaggeessaa fi hidhachiisuu” jedhu akkamitti
akka hidhachiisan irratti xiyyeeffata. Xiyyeeffannoon barumsa kanaa immoo
barbaachisummaa hidhachiisuu yookiis akkaataa hidhachiisuu osoo hin taane,
akkamitti warra hidhachiisne filanna kan jedhu irratti dha.

213
Milkaa’insi gaggeessummaa keenyaa harka caalaatti kan inni murtaa’uu dandeettii namoota sirrii
waamuu fi hidhaachiisnee nu waliin akka hojjetan taasisuutiini. Kanaafuu, kutaa kana keessatti,
“Akkamitti gaggeessitoota babal’isuu waldaa kiristaanaa itti fufsiisan filachuun danda’ama?”
gaaffii jedhu deebisna.

Leenjisaa: Seenaa jireenya kee keessatti gaggeessitoota filachuu kessatti milkaa’inaa fi


kufinsa kee hirmaattotaaf qooduu dandeessa? Kufinsa yoo ta’e maqaa nama
hirmaattotaan beekamuu akka hin taane mirkaneeffadhu!

Waldaa ishee durii irraa seenaa ilaallee akkaataaa itti gaggeessitoota filatan baranna

Leenjisaa: Waa’ee Istifaanos macaafa Hojii Ergamootaa 6 fi 7 keessatti dubbistee


xumuruu kee mirkaneeffadhu. Dubbii isaa angafa lubootaa biatti dubate irratti yaada
kenni. Akka gaggeessaatti wanti isa irraa mul’atu maal ture?

Hojii Ergamootaa 6:1-8, 7:54-60 dubbisaa

Maree:

Karaa ittiin ergamoonni 12n namoota 7 warra diyaaqonii ta’an ittiin filatan ilaali.
Tartiibni isaan hordofan maal ture?

Waa’ee adeemsa kanaa wanti si ajaa’ibsiisu maal fa’i?

Ulaagaan namoonni torban sun guutuu qaban maal fa’i?

Gaggeessaan gaariin yoo filatame bu’aan isaa maali?

Waa’ee dhagaatiin rukutamuu Isxifaanos, warra 7n keessaa isa tokko, amala


jireenyaa isaa irraa maal baratta?

Leenjisaa: Yeroo maree gartuu mijeessiif!

Ergamoonni namoota isaan waliin hojii waldaa kiristaanaa hojjetan aka filataniif sabatti himan.
Seenaa kana keessatti sabni akka filatuuf isaanitti himan. Yeroo biraatti immoo gaggeessitoota
muudan. Kanaafuu, karaan ittiin gaggeessitoota filatan akkaataa qabatamaa naannoo keetti adda

214
adda ta’uu danda’a jechuu dha. Kutaa kana keessatti, amalaa fi ulaagaalee gaggeessitoota
filatamanii ilaalla.

Maree: Barnoota kutaa kanaa keessatti wantoota sadan gaggeessaa kiristaanaa tokko
gaggeessaa cimaa taasisan ilaalleerra. Eennyu fa’i?

Leenjisaa: Hirmaattonni akka deebisaniif hayyamiif: Amala, Beekumsaa fi Dandeettii

Wantoota sadan gaggeessaa filachuuf ilaalamuu qaban: Amala, Beekumsaa fi Dandeettii

I. Amala

Amaloota gaggeessitoota filataman torbanii ilaaleerra. Armaan gaditti wantoota sadan amala
gaggeessaa filannuu irraa ilaaluu qabnu

A. Michummaa Kiristoos waliin qaban

Duuka buutonni, gaggeessitoonni filatan kun kan , “hafuura qulqulluudhaan guutaman,….’


Namoonni filataman kun, Yesus waliin walitti dhufeenya dhiyoo kan qaban ta’uu malu.
Isxifaanos osoo hin ajjeefamiin dura full I isaa akka kan ergamootaa ta’e. Jireenyi isaa jaalala
inni Yesusiif qabu agarsiisa.

Yeroo gaggeessitoota filannu, hafuurri qulqulluun jireenya isaanii hogganuu isaa hubachuu
qabna. Ija hafuuraa irraa ni argita? Kennaa hafuuraa irraa argita? Macaafa qulqulluu dubbisuu fi
kadhachuudhaaf yeroo ni qabaatu? Hariiroon isaan Waaqa waliin qaban, yeroo yerootti
guddachaa adeema?

B. Garraamummaa

Isxifaanos, yeroo sobaan himatame, deebisee hin lolle. Waa’ee Yesus dhugaa bahuudhaaf
baayyee ija jabeessa ture, garuu warra kaanitti hin dubbanne. Namoota isa ajjeesaniif dhiifama
agarsiiseera. Kun hundumtuu laphee Yesusiin became ta’uu isaa agarsiisa.

Gaggeessitoota, gaggeessitoota warra kaan baayyisan yeroo filattu, ilaalcha yaada garaa isaanii
ilaaluu qabda. Mallattoo garaa garraamummaa qabu? Namoota isaan miidhaniif dhiifama
taasisuu danda’u? Aangoo moo warra kaan tajaajiluu barbaadu?
Gaggeessitoonni akkuma Isxifaanos ija jabeessaa fi cimoo ta’uu danda’u. Ofitti amanamummaa

215
guddaa qabaachuu qabu. Garuu of tuuluu hin qaban, garraamota ta’uu qabu. Yeroo tokko tokko
gaggeessitoonni gahumsa qaban ilaalchi ofii isaaniif qaban gadi bu’aa fi hojii akka isaan
hojjetaniif ati irraa eegdu hin hojjetan. Akkuma isaan hidhachiifteen, gulantaan gaggeessummaa
isaanii ni dabala.

C. Aboo jala of galchuu

Ergamoonni namoota torban sanarra harka isaanii irra kaa’anii, isaanis aboo ergamootaa jalatti
hojjechuuf hayyamamoo turan. Gahee hojii isaanii beekaniiru; bakka ergamooota sanaa
fudhachuu hin barbaanne.

Gaggeessitoonni hedduun aboo qabaachuu barbaadu, aboo jalatti garuu hojjechuu hin barbaadan.
Gaggeessitoonni aangoo hin kabajnee fi aboo jalap f hin galchine warra kaan akka ta’utti
gaggeessuu hin danda’an.

Yeroo gaggeessaa gahumsa qabu filachuu barbaaddu, ilaalcha inni gaggeessitoota warra kaaaniif
qabu ilaali. Waa’ee nama aangoo irra jiruu maal haasa’a? Sirreeffamuudhaaf fedha qaba? Wal
gahii irratti argamuu hin danda’an yoo ta’e,sababa isaa sitti himuu?

Leenjisaa: Waa’ee aangoo irratti barsiisa bal’aa argachuudhaaf, meeshaa barnootaa


qophaa’ee daayirekeerota LEAD bira jiru argachuu dandeessa. “Kiristaanaa fi
aangoo” kan Joon Bayileriin barreeffame argachuu dabdeessa.

Maree: Wantoonni amala gaggeessaa waliin wal qabatan kan yeroo gaggeessaa
filannu yaadatti qabachuu qabnu maal fa’i?

Leenjisaa: Deebiin isaaii, Ilaalcha, jireenya maatii, cabina laphee, tajaajilummaa fa’a
ta’uu danda’a.

Ulaagaaleen amala waliin wa qabatan guddachuudhaaf yeroo gaafatu. Namoonni torban sun,
hafuuraan guutamuun isaanii beekamaa dha. Jireenya gaggeessaa keessatti wanti amala bakka
bu’u tokkollee hin jiru. Gaggeessaa amalaan dadhabaa ta’e yoo filatte, rakkoo hedduutu si
mudachuu danda’a. Beekumsii fi dandeettiin yeroo gabaabaa keessattii fi haala salphaa dhaan
fooyya’uu danda’u.. Kanaafuuu, amalaaf iddoo guddaa kennuu qabda.

216
Dadhabbiin amalaa kan mul’atu teroo gaggeessaan tokko dogongora isaaf itti gaafatamummaa
fudhachuu diduu fi waadaa isaa eeguu dadhabu dha. Warreen kunniin amala waliin kan wal
qabatanii fi sirreessuuf baayyee ulfaataa waan ta’aniif gara gaggeessummmaatti osoo hin
waamiin dura furmaata argachuu qabu.

II. Beekumsa

Namoonni filatam sunniin beekumsa qabu. Kunis karaalee sadiin ibsama.

A. Beekumsa macaafa

Gaggeessitoonni sunniin beekumsa macaafaa qabu. Kunis dubbii Isxifaamos boqonnaa 7ffaa
irratti dubbate irraa beekama. Garuu beekumsa mataa isaanii keessatti beekan qofa irraa adda
dha. Ogummaadhaan kan guutamani dha. Ogummaan, odeeffannoo beekuu irra in caala. Waan
godhanis beekuuu dha. Akkaataa itti barsiisni macaafa qulqulluu haalota keessatti hojiirra oolu
hubachuu dha.

Gaggeessaa gahumsa qabu yeroo madaaltu, beekumsa macaafa qulqulluu hammam akka inni
qabu beeki. Carraa ati affeerteen guddachuu barbaadu? Fakkeenyaaf, seminaara, qo’annoo
macaafa qulqulluu, barumsa duuka buutummaa fi kkf. Kana jechuun barnoota
ogwaaqummaadhaan digirii qabaachuu yookiis iddoo olaanaa irra gahuu miti. Garuu, karaa
guddina hafuuraa gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabu.

Akkuma beekumsa macaafaatti guddachaa dhufaniin, ogummaa ittiin jireenya isaanii keessatti
shaaklan guddifachaa jiru? Ogummaan guddachuuf yeroo gaafata, garuu nmaoonni ati filtu
waldaa keessatti iddoo guddaa irratti kan barbaadaman taanaan ogummaan kan mul’atu ta’uu
qabu. Nam tokko tiksee yookiis jaarsa waldaa tokkoo akka ta’uuf waamaa jirta taanaan,
inni/isheen ogummaa guddaa qabaachuu qabu.

Maree:Gaggeessaan tokko beekumsa guddaa qabaatee, amala yoo dhabe maaltu ta’a?
Gaggeessaan tokko amala gaarii qabaatee, beekumsa macaafa qulqulluu xiqqaa yoo
qabaate hoo?

217
B. Beekumsa ergama guddichaa

Namoonni torban sunniin gargaarsa waldaa keessatti barbaachisu guutuuf gaafataman. Garuu,
ergaa wangeelaa namootaaf qooduuttis baayyee si’aa’oo turan. Namootaaf nyaata kennuudhan
tajaajiluu qofaadhaan osoo hin taane, Yesuusiin gara namootaatti fiduudhaafis itti beeku. Gaheen
gaggeessummaa isaanii ergama guddicha wajjin akka walitti dhufeenya qabu beeku.

Gaggeessitoota gahumsa qaban yeroo filannu, namoota xiyyeeffannoo wangeela gara bakkeetti
tamsaasuuf qabanirratti xiyyeeffadhu. Mul’ata mootummaa waaqayyoo babal’isuu qabaachuu
qabu. Warri kun gaggeessitoota babal’ina waldaa kiristaanaaf bu’aa guddaa buusani dha.
“Namoonni akka gara Kiristoositti dhufaniif fedha guddaa ni qabu? Waldaa biraa hundeessuuf
fedha qabu? Jedhii gaafadhu?

C. Beekumsa Gaggeessummaa

Namoonni kunniin maqaa kabajaa yookiis aangoo tokko malee warren kaan irratti dhiibbaa
fiduun isaanii beekumsa gaggeessummaa waan qaban fakkaata. Namoonni isaan kabaju, isaanitti
amanatu. Kanaafuu, namoota nyaata raabsan ta’anii filataman. Hojichi isaaniif haaraa dha, garuu
isaan akka wantoonni ta’an godhanii hojjetanii agarsiisaniiru. Osoo gara muudama
gaggeessummaatti hin waamamaniin dura, namoota irratti dhiibbaa gochaa turan. Nama took
hojii gaggeesummaaf yeroo barbaaddu, “Namni kun warra kaan irratti dhiibbaa ni taasisa?”
jedhii of gaafadhu. Dhiibbaan kunis dhiibbaa gaarii ta’uu qaba. Gaggeessaan nama gara waan
tokkootti adeemuu fi namoonni isa hordofanii akka adeeman amasiisuu danda’u dha. “Eenyu
fa’itu isa hordofaa jira?” jedhii gaafadhu. Namni tokkoyyuu isa hin hordofu taanaan gonkumaa
gaggeessummaatti hin filatiin!

Fakkeenyaaf, namni tokko jaarsa waldaa akka ta’uuf yeroo filattu, gara nama sanaa namoonni
gorsaa fi qajeelcha barbaacha isa bira adeemuu isaanii hubadhu. Namicha namoota biro bira
adeemee akka isaan jajjabeessuu fi isaaan kakaasu ta’uu isaa ilaali. Nama waldaa hundeessu
tokko yoo argite, nama warra kaan gaggeessaa jiruu fi duukaa buutuu isaan taasisaa jiru ta’uu
isaa ilaali.

Maree: Nama dhiibbaa fiduu hin dandeenye tokko akka gaggeessaa ta’uuf yoo filatte
maal ta’a? Nama gaarii ta’e garuu gaggeessaa hin taane tokko yoo argite maal goota?

218
Nmani ati madaalaa jirtu, nama dhiibbaa hin fidne yoo ta’e, isa hidhachiisuu irratti xiyyeeffadhu.
Amalaa fi dandeettii ittiin waa taasisan akka gabbifatuuf gargaari. Namoota irratti dhiibbaa fiduu
akka eegalaniin, hojii gaggeessummaaf filatamaa ta’aa adeemu. Gara aangootti osoo hin dhufiin
dura akka isaan guddataniif hayyamiif!

Fedhii barachuu qaba taanaan, beekumsi bakka gaggeessaan kamiyyuu itti guddachuu danda’u
dha, Kutaan kun karaa gaggeessaan beekumsatti ittiin guddatu keessaa isa tokko qofaa dha.
Gaggeessitoota warra kaan caalaa beekan, garuu beekumsa dabalachuuf of kennan ilaali.

Maree: Yeroo gageesitoota filannu, karaaleen beekumsa ittiin ilaallu kanneen biro maal fa’i?

Leenjisaa: Deebiin isaanii, Waa’ee ofii beekuu, waa’ee hojii beekuu, dandeettii
macaafa qulqulluu ittiin qo’atan fa’a ta’uu danda’a.

Waan baratan irra deebi’iif! Hirmaattonni qabxiilee jahan tokko tokko akka
dubbataniif gargaari. Barumsicha akka taphaatti akka qabatan taasisi.

III. Dandeettii

Ulaagaan kan biraan gaggeessitoota yeroo filannu ilaallu, dandeettii isaan warra kaan irratti
dhiibbaa gochuuf qabani dha. Namoonni filataman torban sunniin dandeettii gaggeessummaa
gaarii qabu turan.

A. Dandeettii of gaggeessuu

Namoonni filataman torban sunniin jireenya isaanii keessatti wanti garaagarummaa agarsiisu
jiraachuu qaba. Namoonni nama ofii isaa hin hogganne waliin bu’uu hin barbaadan. Nama ofii
isaa sirriitti abboomuu danda’u filatu.Gaggeessaan yeroo ofii isaa gaggeessu, namoota naannoo
isaa jiraniin beekama. Akkaataa itti yeroo isaanii hogganan, akkaataa itti galma kaa’atanii
gahumsa isaanii guddisaniin beekama. Namoota of qabanii fi cimanii hojjetani dha.

Of hin gaggeessitu taanaan namoonni akka si hordofaniif hin gaafatiin! Gaggeessitoota gahumsa
qaban yeroo madaaltu, of gaggeessuu keessatti hojii gaarii hojjechuu isaanii ilaali. Kennaa
hafuuraa isaaniif of eeggatu? Yeroo isaanii sirriitti ni hogganu? Jireenyi isaanii madaalawaa dha?

219
Hojii gaggeessichi akka inni hojjetu barbaaddu itti yaadi. Kennaa hafuuraa hojicha hojjechuuf
malu qabu? Nama tokko osoo aangoo gaggeessummaa irra hin kaa’iin, kennaa hafuuraa isaa
addaan baafachuu n baayyee barbaachisaa dha. Bakka namichi hin baraanne irra kaa’uun
namichatti fi ofii keetti yaaddoo fi dadhabbii fiduu dha.

Leenjisaa: Waa’ee kennaa hafuuraa gadi fageenyaan ilaaluuf yeroo waan hin qabneef,
moojula, “Use that gift” jedhu irraa argachuu dandeessa. Madaalliin kennaa ittiin
ilaalanis Global disciples irraa gaaffiidhaan ni argama.

B. Dandeettii namootaa

Seenaa kana keessatti, ergamoonni ofii isaanii namoota torban sana filachuu dhiisuun isaanii
baayyee kan nama gammachiisu dha. Namoonni akka filataniif gaafatan. Kun kan agarsiisu
walitti dhufeenya isaan warra kaan waliin qabani dha. Walii isaanii fi namoota tajaajilan waliin
sirriitti hojjechuu danda’u. Namoonnis namoota 7 dandeettii namoota biro waliin hojjechuu
gaarii qaban filatan.

Gaggeessummaan waa’ee namaa yoo ta’u gaggeessitoonni gaggaariin dandeettii namoota waliin
walitti dhufuu qabu. Isaan namoota ofitti harkisu. Kana jechuun, namoota waan guddaa qaban
jechuu miti. Garuu hariiroo fayyaalessa kan qaban jechuu dha.

Yeroo gaggeessitoota gahumsa qaban filattu, walitti dhufeenya isaan namoota biro waliin qaban
ilaali. Hariiroo maatii gaarii qabu? Hariiroo warra kaan waliin qaban eeganii ni tursiisu? Fedha
warra kaanii irratti ni xiyyeeffatu? Akkaataa itti namoota waliin dubbatan gaarii dha? Fuula
ifaadhaan warra kaanitti dheekkamanii deebisuu danda’u?

Leenjisaa: Gaggeessaa tokko hariiroo inni si waliin qabu, maatii kee yookiis hiriyaa kee
dhiyoo ta’uu isaa ilaalteee yoo filatte maal ta’a? Hariiroon maatii fi gaggeessummaa
akkamitti ilaalama? Ciminni isaa maali? Rakkon inni fidu hoo?

C. Dandeettii jijjiirama fiduu

Namoonni torban kunniin namoota gochaa ti. Hojjetanii agarsiisu. Waldaa keessatti guddina
ariifachiisaatu ture. Kunis bu’aa gaggeessitoota gaggaarii filachuu ergamootaa fi gaggeessitoonni

220
filataman sirriitti hojjechuu isaaniiti. Maaddii tajaajiluu irra darbanii, “mallattoo fi raajii”
godhaniiru. Sababa warra torbaniin jijjiiramni dhufee ture.

Gaggeesitoonni jijjiirama fidu. Gaggeessitoonni rakkoowwan furu. Isaan rakkoo furuuf karaa
barbaadu. Hojii qabatamaa irratti xiyyeeffatu.

Yeroo gaggeessitoota madaaltu, namoota jijjiirama gaarii fidan ilaali. Namoota yaadaa fi
furmaata fidan ilaali. Namoota rakkoo uuman miti. Gaggeessitoonni namoota hordoftoota
caalaa karaa addaa n yaadani dha. Yeroo hordoftonni waa’ee rakkoo uumameef guunguman,
gaggeessitoonni immoo rakkoo sana furuuf yaalu. Hordoftoonni, “Osoo kana geeddaran natty
tola” jedha. Gaggeessaan immoo, “Karaa kanaan rakkichi ni furama “ jedhaan.

Gaggeessitoonni gaggaariin, yaada dhaabaaticha guddisu kennu.. Namoota boordii, koree fi


yookiis gorsitoota ta’anii tajaajilan filachuudhaaf, namoota Tole jedhan hin ilaaliin. Namoota itti
yaadan, namoota yaada dhiyeessan ilaali. Namoota haala jiru ilaalanii adeeman hin ilaaliin. Kana
jechuun, namoota yeroo hundumaa mormitoota ta’an jechuu osoo hin taane, gaggeessitoonni
yeroo hundumaa wantoota fooyyessuudhaaf qophaa’oo dha jechuu dha.

Gaggeesitoota gahumsa qaban yeroo barbaaddu, “Rakkoo namni kun furuu danda’u maaltu jira?”
jedhii gaafadhu. Rakkoo maatii, rakkoo waldaa kiristaanaa, yookiis rakkoo hojii waliin wal
qabate.

Maree: Wantoonni dandeettii waliin wal qabatan kan biroon kan nuti ilaaluu qabnu
maal fa’i?

Leenjisaa: Deebiin isaanii, hojii garee, hoggansa yeroo, fi kkf ta’uu danda’a

Warreen kunii fi dandeettiiwwan gaggeessummaa kanneen biroo nama fedha qabu kamiinuu
baratamuu danda’u. Namni ati filattu nama fedha guddachuu qabu ta’uu qaba. Nama dandeettiin
isaa amala isaa/isheen ol ta’e irratti of eeggadhu.

Leenjisaa: Tuqaalee baratan irra deebi’iif. Akka isaan dubbataniif carraa kenniif.

221
Goolaba

Waldoota warra durii irraa waa’ee namoota gara gaggeessummaatti waamnuu wantoota
barbaachisoo ni baranna. Gaggeessitoota sirrii filachuun baayyee itti yaaduu, ilaaluu fi
kadhachuu gaafata.

Waan hundumaatti sirrii ta’uu hin eeggatiin, garuu kanneen fayyadamuudhaan gaggeessitoota
gahumsa qaban kaasuu dandeessa. Wantoonni ibsaman warra sirriitti gaggeessan yookiis
gaggeesuudhaaf warra hin gahiin ittiin adda baasuuf nu fayyada.

Itti gaafatamummaa gaggeessummaa sadarkaa baayyeen akka jiru hubatamaa dha. Gaggeessaan
ati filtu sun bakka namoota baayyee irraatti dhiibbaa geessisu miti yoo ta’e bilchinni gulantaa
Filannoo kee hagas mara ta’uu hin qabu.

Waldaa kiristaanaa keessattis sadarkaa guddinaa adda addaatu jira. Waldaa xiqqoo fi reefu
guddattu keessatti dandeettii gaggeessummaa baayyee guddaa barbaachisuu dhiisuu danda’a.
Akkuma waldaan sun guddachaa fi baayyachaa adeemuun bilchinni gaggeessummaa gaggeessaa
ol ka’aa adeemuu qaba.

Nama sirrii yeroo filattu, hojiin Waaqayyoo ni baayyata. Dogongorri si mudachuu danda’a.
Garuu akkamitti akka kallattii Waaqayyoo hubannu barachuun barbaachisaa dha.

Qabxiilee madaallii siif dhiyaateen ofii kee yookiis gaggeessaa gahumsa qabu jedhamu madaali.

Qorannoo nama dhuunfaa

Paastor Yoosef, waldaa hundeessee waggaa tokkoof leenjii gaggeessummaa kennaa ture.
Inni gaggeessitoota muraasa muuduu barbaade. Dursee gara kee dhufee gorsa si
gaafate.

“Waa’ee namoota leenjiste natti himi” jettee gaafatte ati. Innis akkas jedhe.

Loo’is jira. Inni yeroo hundumaa sa’aatii eegee dhufa; barachuudhaafis baayyee
barbaada. Inni nama maatii isaa sirriitti gaggeessu dha, namoota naannootiinis baayyee
kabajama. Garuu barnoota hedduu hin qabu.

222
Obboleessi koo Filiphoos immoo baayyee dubbii danda’a. Gaaffii deebisuuf yeroo
hundumaa nui dursa. Garuu kanan ani hubadhe, erga inni yaada kennee namoonni warri
kaan yaada isanii ibsuuf bilisa hin ta’an. Inni qarshii hedduu qaba. Yeroo dubbatu
hundumaatti akka qarshii hedduu qabu yaadachiisuu barbaada.

Obboleettiin koo Asteer baayyee cimtuu dha. Yeroo hundumaa yeroo barnoota haftu natti
himti. Mana ishee keessatti dubartoota ni leenjisti. Waan isheef hin galle dhuftee na
gaafatti. Waa’ee naannoo sanaa akka kadhannu nu kakaasti. Garuu hommaa beektee hin
dubbistu. Luqqisii macaafa sammuu isheetti baayyee beekti.

Toomas nama uumamumaan gaggeessaa ta’ee fi namoonni baayyeen isa duukaa bu’ani
dha. Namoota hedduu waliin walitti bu’a garuu yeroo xiqqoo booddee akka isaan hin
dubbanne cal isaan jechiisiisa. Waldaa keessatti itti gaafatamummaa tokko irratti
muudamuu akka barbaadu natty himee ture.

Ribqaan immoo yeroo hundumaa gara leenjii keenyaa barfattee dhufti. Yero baayyee
waa’ee kanaa ishee faana dubbadheera. Garuu isheen ni dheekkamti. Sababni barfachuu
ishee abbaa manaa isheetu leenjii dursitee nyaata akka qopheessitu waan ishee
dirqamsiisuu fi. Obboleessi keenya Juuliyaas nama gara gooftaatti dursee dhufe dha.
Innis nama baayyee barumsaaf kaka’umsa qabuu fi namoota baayyee dhuga bahumsa
isaatiin gara gooftaatti fide dha. Inni gara mana isaanii deemee ishee ni jajjabeessa.
Namootni naannoo sanaa amantaa isaanii akka jijjiiran waan taasiseef baayyee
arrabsamaa ture. Isaanitti hin deebisu garuu waa’ee Yesus warra kaanitti himuutti
tasuma duubatti hin deebi’u. Namoonni hedduun waldaa keessatti isa dhaggeeffatu;
waldaafis qarshii hedduu kan walitti qabsiisu dha. Baayyee yoo qabaachuu bagatelle
nama arjaa kan kennuu isaatiin namoota baayyee jajjabeessu dha.

Barumsa armaan olitti baratte irratti hundooftee, waa’ee gaggeessitoota filachuu


ilaalchisee pastor Yoosefiif gorsa maalii kennitaaf?

Leenjisaa: Kutaan kun waa’ee amaloota yookiis ulaagaalee tokko tokkoon gadi
fageessee hin ibsu. Tokkoon tokkoon isaanii mataa mataa isaaniidhaan barnoota kana
keessatti bakka biratti ibsamaniiru. Namoonni leenji’an Paasteroota yookiis namoota

223
waldaa hundeessan yoo ta’e, ulaagaalee Filannoo jaarsolii, diyaaqonootaa fi kkf gadi
fageenyaan ilaaluu dandeessa.

Gaaffilee mare armaan gadii deebisaa:

1. Akkaataa Filannoo gaggeessitoota kan biraa macaafni qulqulluun nu barsiisu


maalfaa qabna?
2. Gaggeessitoota qofaa moo gartuudhaan filachuu wayya? Laafinnii fi ciminni
isaanii maali?
3. Gaggeessaa tokko dogongoraan yoo filatte maal goota?
4. Gaggeessaa tokko ariifadhee yoon filadhe maal ta’a? Baayyee turee yoon file
hoo?

Dabalata A: Maanguddootaa fi Diyaaqonoota filachuu

Maanguddoota filachuu: 1 Xim 3:1-7 fi Tiitoo 1:6-9

Diyaaqonoota filachuu: 1 Xim 3:8-13

Diyaaqonootaa fi maanguddoota filachuu keessatti sirriitti itti yaaduu barbaachisa. Keessumattuu


yeroo maanguddoota filattu of eeggadhu. Barumsa, qabeenyaa fi hawaasa keessatti beekamtii
qofaa hin ilaaliin. Maanguddoo dhugaan, namoota kan sooru dha. Kunis karaa kallattii yookiis al
kallattiin ta’uu danda’a. Namoonni mana isaa gorsaa fi kadhataaf ni dhaqu? Inni immoo
namoota jajjabeessuu fi gorsuuf mana namootaa ni deema? Namoota wajjin sirriitti walii gala?

Diyaaqonoonni hojiilee waldaa kiristaanaa keessatti qooda fudhatu. Karaan ittiin diyaaqonoota
bira geenyu inni gaariin yeroo isaan taa’umsa sirreessan, namootaaf nyaata dhiyeessan,
wantoota cuuphaaf barbaachisan yeroo dhiyeessan, fikkf fa’a dha. Diyyaaqoniin kennaa akkasii
qabu salphaatti ni mul’ata. Maanguddoonnii fi diyaaqonoonni lamaanuu laphee baratuu fi
guddatu qabaachuu qabu.

224
Abbaltii gochaa

Maqaa:______________________________________________

1. Gaaffilee armaan gadiin dhimma nama biraaf osoo itti fayyadamiin dura, ofii kee
madaali. Qabxii 5 (baayyee cimaa tii hanga 1 ( Baayee dadhabaatti) kenni.

Gaaffilee ilaalaman Qabxii


1. Amala Dubbii isaanii ni eeggatu? Dogongora isaaniif itti
gaafatamummaa ni fudhatu?
A. Michooma Yesus Ragaa ija hafuuraa irraa argita? Kennaa hafuuraa hoo?
waliinii Jireenya kadhataa walitti fufaa?
B. Garraamummaa Mallattoo garraamummaa qabu? Namoota isaan miidhaniif
dhiifama ni taasisu?
C. Aboof bitamuu Namoota aboo irra jiranirratti maal jedhu? Sirreeffamuuf
hayyamamoo dha?
2. Beekumsa Guddachuuf, barachuuf kaka’umsa qabu? Ogummaatti
guddachaa jiru?
a. Beekumsa Macaafa qulqulluu sirriitti beeku?
macaafa
b. Beekumsa ergama Namoonni gara kiristoositti akka dhufaniif fedha guddaa
guddichaa qabu? Waldooliin akka baayyataniifoo?
c. Beekumsa Namni kun warra kaanirratti dhiibbaa gaarii fida?
gaggeessummaa Eenyutu isa hordofa?
3. Dandeettii Dandeettii gaggeessummaatti walitti fufinsaan guddachaa
jiru?
a. Dandeettii of Ofii isaanii gaggeessuuf hojii gaarii hojjechaa jiru? Kennaa
gaggeessuu hafuuraa isaaniif of eeggatu? Yeroo isaanii sirriitti hogganu?
Jireenyi isaanii madaalawaa dha? Kennaan isaanii hojii isaanii
waliin wal fakkaata?
b. Dandeettii Hariiroo maatii gaarii qabu? Namoota waliin hariiroo
namootaa qabaachuu fi tursiifachuu danda’u? Fedha isaanii caalaa kan

225
warra kaanii irratti xiyyeeffatu? Namoota wajjin akka itti
dubbatan sirriitti beeku? Fuula ifaadhaan namoota sirreessuu
danda’u?
c. Dandeettii Rakkoo tokkoof furmaata fiduu danda’u?Yaada gumaachuu
jijjiirama fiduu danda’u? Rakkoo maalii furanii beeku?

2. Waa’ee madaallii dhuunfaa kee yeroo gabaabduu fudhadhuutii kadhadhu. Bakka sirriitti
of hin madaallerratti Waaqayyoon gaafadhuu sirreeffadhu. Waaqayyo waan jijjiiruu
barbaaddu tokkorratti akka si gargaaruuf gaafadhu. Armaan gaditti barreessi. Waaqayyo
tarkaanfii maalii akka tai fudhatu barbaada?
3. Muuxannoo kee gaggeessitoota filuuf qabdu ibsi. Milkaa’insa yookiis dadhabbii keerraa
maal baratte?
4. (Paasteroota qofaaf): Waa’ee namoota gaggeessituu ibsi. Nama aangoo gaggeessummaaf
ta’a jettu tokko filadhu. Kaana booddee gabatee armaan olitti itti fayyadamte fayyadamii
madaali.

Madaalii kana taasisuu keetiin maal baratte?

Isa kanaan dura yaadaa turterra aangoo gaggeessummaaf baayyee qophaa’oo moo qophaa’oo
miti?

Karaalee kamiin dadhabina isaaniitti isaan jajjabeessuu dandeessa?

Daqiiqaa shan fudhadhuu kadhadhu. Akkamitti akka isaan guddachuu qaban irratti Waaqayyoon
gaafadhu.

226
GAGGEESSAA FI MAATII
Kutaa macaafaa: 1 Xim 3:4-5, Barsiisa Phaawuloos waa’ee maatii gaggeessitootaaf kenne

Qajeelfama

Gaggeessitoonni kiristaanaa maatii isaanii caalaa hojii isaanii isa waldaa kristaanaa keessaatti
gatii guddaa kennu. Macaafni qulqulluun gaggeessitoonni, hariiroon maatii isaanii waliin qabanii
fi irratti hojjetan gaggeessummaa milkaa’ina qabuuf gatii inni qabu akka hubataniif
gaggeessitoota ni jajjabeessa.

Galma barumsichaa

Barumsa kanaan booda hirmaattotni;

 Bu’uura macaafa qulqulluun maatiif dursa kennuu


 Gaggeessummaan manaa fi waldaaa kiristaanaa keessatti akkamitti akka wal qabatu fi
 Gatii maatii ofii waliin dabarsuun qabu ni hubatu.

Galma gochaa

Hirmaattonni barumsa kana booda;

 Hariiroo maatii isaanii waliin qaban ni madaalu


 Waa’ee waan baratanii itti himuudhaaf maatii isaanii waliin wal argu
 Hariiroo maatii waliin qaban jabeeffachuudhaaf karoora gochaa ni qopheeffatu

Seensa

Leenjisaa: Barumsi kun aadaa fi bartee gaggeessitoota waldaa kristaanaa hedduu ni


qunnama. Kanaafuu, kutaa macaafa qulqulluu baay’ee ifaa ta’etti fayyadami. Bu’aan
barumsa kanaa, fedha ati of saaxiluu fi adeemsa jireenya maatii kee hirmaaattotaaf
qooduuf qabdu irratti hundaa’a. Kutaa kana barsiisuuf nama waan hundumaatti sirrii
ta’e of hin taasisiin. Milkaa’insa kee fi kufaatii kee qoodiif. Of hin dhoksiin, garuu osoo
hayyama hin argatiin, waa’ee miseensa maatii kee isa baay’ee hamaa ta’e hunda hin
mul’isiin!

Kutaa kana iddoo baay’eetti, gahee namni akka maatii isaa keessatti akka gaggeessaatti
qabuu fi bu’aa bayiiwwan addaa tiksoonnii fi warri waldaa kristaanaa gaggeessan
jireenya maatii isaanii keessatti isaan qunnamu irratti xiyyeeffanna. Kutaa kana
gaggeessitoota shamarraniif dhiyeessita taanaan, bakka fooyyya’uu qabutti fooyyessi.
Bakki itti dubartoonni waldaa Kristaanaa gaggeessani jiraachuu danda’a. Akkuma kana,
dhaggeeffattota kee keessaa baayyeen isaanii gaggeessitota daldalaa yoo ta’an,
fakkeenyotaa fi gochaalee maatii fi daldala (business) waliin wal qabatutti fayyadami.

227
Gartuu sana keessa, namni hin fuune/heerumnes jiraachuu danda’a. Gaa’ela isaanii
fuulduraa keessatti akka isaan gargaaruuf yookiis maatii waliin jiraatan keessatti akka
isaan gargaaruuuf waan dandeessu hundumaa gochuu qabda.

Shaakala tokko:

Haala jireenyaa: Maatii kee Sambata dhufutti bashannanaaf akka isaan waliin baatu
waadaa galteettaaf haa jennu. Mucaan kee waggaa 10, ijoollee kee sadan keessaa
waa’ee kanaa baayyee gammadee torban guutuu waa’ema sanaa odeessa. Gaafa
Jimaataa, tikseen (paasteriin) kee si waamee, magaalaa guddittiitti affeeramee haasaa
aka taasisuuf affeeramuu isaaf baayyee gammadee, nama afaan isaaf hiiku akka isa
barbaachisu itti hime. Atimmoo nama afaan sirriitti hiiktuu fi hiriyaa isaa isa dhiyoo
dha. Namni biraa eenyuyyuu akka isaaf hiiku hin barbaadu.

Maree: Maal jettee isatti himta? Walitti dhufeenya ati isa waliin qabdu akkamitti
miidha? Hariiroo maatii kee faana qabdu immoo akkamitti miidha?

Leenjisaa: Gartuudhaan akka mariiyataniif hayyamiif.

Maree: Wanti baayyee barbaachisaan siif isa kami? Hojiii Waaqayyoof hojjettu
(tajaajila moo) kan maatii kee?

Leenjisaa: Deebii isaanii hayyamiif. Deebiin isaanii gaaffii jalqabaa kan isaan
dhugumatti dursisiifatan akka ta’e mirkaneeffadhu.

Karoorri Waaqayyo gaggeessaa fi maatii isaaf qabu maali? Gaaffii kana barumsa kana keessatti
ilaalla.

Kutaan Macaafa qulqulluu karoora Waaqayyo gaggeessaa fi maatii isaaf qabu ibsu inni guddaan
barsiisa Phaawuloos waa’ee ulaagaalee gaggeessaan tokko waldaa kristaanaa gaggeessuuf qabu
Ximotewosiif kenne irratti argama. Ximotewos 1ffaa 3 irratti, Phaawuloos ulaagaalee
gaggeessitoot yookiis gargaartotaa waldaa kiristaanaa toora galchee dubbata. Lakkoofsa 4-5 tti
waa’ee maatii fi gaggeessummaa waldaa kiristaanaa dubbata.

1 Ximotewos 3:3-5, “…nama garraamii,naga qabeessas malee, nama machaa’aa,nama lola


jaalatus hin ta’iin! Nama warra mana isaa ba’eessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina
hundumaan abboomamuuf kan guddisu, ta’uun isarra jira. Namni akka itti warra mana isaa
bulchu hin beekne immoo, akamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu danda’a ree?”

Shaakala lama:

Gartuudhaan ta’uudhaan gaaffilee armaan gadii irratti luqqisii armaan olii irraa ka’uun yaada
kennaa.

1. “Nama warra mana isaa ba’eessa godhee bulchu “ jechuun maal jechuu dha?

228
2. Phaawulos walitti dhufeenya gaggeessummaa mana keessaa fi kan waldaa keessaa
agarsiiseera. Gaggeessummaan keenya inni manaa akkamitti isa kan waldaa irratti
dhiibbaa fiduu danda’a?
3. Gaggeessan maatii isaa sirriitti hin gaggeessu yoo ta’e, gaggeessummaan waldaa keessaa
akkam ta’a? Nmani kun waldaa keessatti gaggeessaa gaarii ta’uu danda’a? Maaliif?
4. Akka luqqisii kanaatti, kamtu dura dhufa; Mana keessatti gaggeessuu moo waldaa?

Leenjisaa: Gaaffilee kanneeniif yeroo maree daqiiqaa 10-15 kenniiif. Isa booda, gartuun sun
akka ibsan hayyamiif. Kaayyoo barnoota kanaa hubachuu isaanii baruudhaaf deebii isaanii
sirriitti dhaggeeffadhu. Qajeelfamoonni armaan gadii baayyeeen isaanii hirmaattotaan kan
deebi’an keessaa ta’uu malu.

Luqqisiin kun, maatiin akka macaafa qulqulluutti wanta dursa argachuu qabu akka ta’e ifatti
ibsa.

I. Dursi itti kennamuu maatii akka macaafa qulqulluutti

Luqqisiin ilaalle kun qajeelfamoota sadii maatiin jireenya gaggeessaa keessatti dursa argachuu
akka qabu Waaqayyo nutti hima.

A. Gaggeessummaan maatii gaggeessuummaa Waldaa kristaanaaf ni barbaadama.

Akka Phaawuloos jedhutti, namni tokko Waldaa Kristaanaa gaggeessuudhaaf gahaa tahuun dura,
warra mana isaa sirriitti kan gaggeessu ta’uu qaba. Gaggeessummaan manaa gaariin, gaggeessaa
waldaa tokoof baayyee murteessaa dha. Manni akka ta’utti hin bulfamne/hogganamne
gaggeessummaa waldaa kristaanaa keessaa ni balleessa.

Kana jechuun manni keenya guutummaa guutuutti sirrii dha jechuu miti. Phaawuloos kan jedhe,
“inni sirriitti gaggeeessuu qaba”. Kun immoo namni hin fuune/heerumne gaggeessummaa
balleessa jechuu miti. Sababni isaa, Phaawuloos mataan isaa iyyuu nama hin fuune dha. Garuu
gaggeessitoonni baayyeen akka fuudhan/heeruman ni amanama.

Kana jechuun, namni tokko hammam iyyuu dandeettii uumamaa yoo qabaate, jireenyi maatii
isaa akka ta’utti miti taanaan gaggeessummaa waldaa kiristaanaaf gahaa miti jechuu dha.
Gaggeessaa osoo hin filatiin dura, jireenyi maatii isaa ilaalamuu qaba. Hariiroon inni haadha
manaa isaa waliin qabu cimaa fi guddachaa kan adeemu dha? Ijoolleen isaa naamusa kan qabanii
fi maatii isaanii kan kabajani dha?

Leenjisaa: Maatiin kristaanotaa hedduun osuma isaan gara jaalala gooftaattii fi haala
kristaanummaaf mijatu keessatti guddisuuf yaalii godhanii ijoolleen isaanii garuu gooftaa
irraa fagaachaa akka jiran dhugaa qabatamaa dha. Luqqisiin kun maatii waan danda’an
hundumaa godhaniif miira yakkamtummaa isaanitti yaadachiisa ta’a.Phaawuloos haala
kana gadi fageenyaan waan hin ibsineef, maatii akkasii kana akka yakkamtootaatti akka hin

229
fudhanne of eeggachuu qabna. Dhimmi kun naannoo keetti beekamaa yoo ta’e hirmaattota
leenjii kanaa waliin baayyee irrtati dubbachuu qabdu.

B. Gaggeessumman maatii, gaggeessummaa waldaaa kiristaanaatiif qophaa’ummaa


dha

Akka Phaawuloos jedhetti, namni tokko osoo waldaa Waaqayyoo gaggeessuuf hin qophaa’iin
dura, mana isaa sirriitti gagggeessuu akka qabu ni dubbata. Karaa biraatiin, namni tokko
gaggeessaa waldaa gaarii ta’uudhaaf, gaggeeessaa mana isaa gaarii ta’uu qaba. Haadha manaa
isaa fi ijoollee isaa gageessuu barachuun waldaa Waaqayyoo gaggeessuu barachuu dha.
Akkaataan itti namni tokko maatii isaa gaggeessu, akkaataa itti inni gahee hojii waldaa keessaa
qabu yookiin iddoo hojii isaatti qabu fakkaata. Ijoollee isaatti kan hammaatuu fi kan rakkisu yoo
tahe miseensotas akkasuma taasisa. Qabeenya isaa sirriitti kan hogganu miti yoo tahe, qabeenya
waldaa Kristaanaas hogganuu hin danda’u. Gahee gaggeessummaa isaa mana keessatti dhiibbaa
fiduudhaan osoo hin taane, to’annoo jala galchuudhaan kan gaggeessu yoo tahe, waldaa
kristaanaas bifuma sanaan gaggeessa.

C. Gaggeessummaan maatii, gaggeessummaa waldaa kristaanaa ni dursa

Qajeelfamoonni lamaan duraa, qajeelfama isa sadaffaa kanaaf galtee dha. Gaggeessummaan
mana keessaa, gaggeessummaa waldaa kiristaanaa dura dhufa. Kun dhimma dursa kennuuti.
Waamichi Waaqayyoo gara tajaajilaatti nama waamu, waamicha inni gara maatiitti nama waamu
tasuma hin dursu. Waaqayyo jalqaba, maatii keessa isa booda immoo tajaajila keessatti nu
barbaada. Waaqayyo dhaabbata kamiyyuu (Waldaa dabalatee) dursee kan inni hundeesse
maatii dha.

Amma immoo, maree keenyarratti waan biraa dabalanna. Qajeelfama Yesus kenne waliin ilaalla.

Shaakala sadii:

Gartuudhaan ta’uudhaan, luqqisii armaan gadii dubbisuun gaaffilee armaan gadiif


deebii kennaa.

Matewos 10:37, “ Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan
male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti.”

1. Luqqisii kanarraa, kamtu baayyee barbaachisaa dha, maatii keenya jaalachuu


yookiis Yesusiin jaalachuu?
Kun jireenya keenya irratti garaagarummaa maalii qaba?
2. Yeroo tokko tokko gaggeessitoonni jecha Yesus kana fayyadamuudhaan tajaajilli
maatii caalaa akka barbaachisutti dubbatu. Hiikkoon kun waan Yesus jedhe sana
ibsuuf karaa sirrii dha? Maaliif?

Leenjisaa: Yeroo mare gabaabduu hayyamii, deebii isaanii harkaa fuudhi!

230
Yesus kan inni jedhe, hariiroon maatii keenya waliin qabnu hariiroo isa waliin qabnu dursuu hin
qabuu dha. Luqqisiin kun walitti dhufeenya tajaajilaa fi maatii keessaa dhimma hin qabu.
Hariiroo keenya isa jalqabaa Waaqayyoo keenya waliin qofa qabnu akka eeggannu nutti
agarsiisa.

Amma waan Phaawuloosii fi Yesus irraa baranne walitti fidnee waa’ee wanta dursa kenninuufii
ilaalla.

Shaakala afur:

1. Maatii fi Waaqayyo keessaa kamtu dursa?


2. Maatii fi tajaajila keessaa kamtu dursa?
3. Yaadannoo kee irratti, 1,2,3 jechuudhaan lakkoofsota tartiibessitee, akka macaafa
qulqulluutti duraa duuba isaa barreessi.
____Tajaajila
____Waaqayyo

____Maatii

Leenjisaa: Akka dhuunfaa isaaniitti shaakala kana akka hojjetaniif, daqiiqaa yartuu
hayyamiif. Isa booda, isaan waliin mariiyadhaa. Deebiin garaagraa jiraachuu waan
danda’uuf akka irratti dudubbatniif hayyamiif. Yoo waliigaluu dadhaban, gara wanta waan
kitaabni qulqulluun jedhu sanaatti deebi’aa. Tartiibni isaan irratti walii galan: Waqayyo,
maatii fi tajaajila ta’a jenee abdanna. Kan abooda, yaada armaan gadii kana itti fufi.

Barsiisa Yesusiifi kan Phaawuloos yoo walitti fidne,gaggeessaa kristaanaa tokkoof duraa duuba
armaan gadii kana arganna.

 Dursa, Hariiroo kee Waaqayyo wajjiniin


 Lammaffaa, hariiroo kee maatii waliin
 Sadaffaan, hariiroo kee tajaajila kee waliin

Barbaachisummaan duraa duuba kana kaa’uu, jireenya gaggeessaa kristaanaa tokkoof akka
malee kan hubatame miti. Gaggeessaaf, eenyuyyuu hariiroo inni Waaqayyo isaa waliin qabu
dursee dhufuu hin qabu. Kun ifatti lakkoofsa tokkoffaa dha. Gaggeessitoonni baayyeen, isa
kanarratti walii galu; garuu isa lammaffaa fi isa sadaffaarratti burjaajja’u. Wanti dursa kennamuu
qabu inni lammaffaan, tajaajila osoo hin taane, maatii dha. Kunis, jireenya gaggeessa kristaanaa
tokkoo irratti qabatamaatti waan agarsiisu qaba. Kana jechuun, maatiin kee hoolota kee caalaa
barbaachisoo dha jechuu dha. Duraan dursa fedhi maatii kee, fedha miseensota kee dursee
guutamuu isaa mirkaneeffachuu qabda.

Maree: Waa’ee maatii gaggeessitootaaf fakkenyota argite qabda?

231
Caaffanni qulqullaa’aan akkamitti maatii keenyaaf dursa akka kenninu nutti himeera.
Dabalataanis sababoota qabatamoo ilaalla.

II. Sababa qabatamaa dursa kennuu jireenya maatii


A. Maatii cimaan, hawaasa cimaa ijaara.

Seenaa jalqabbii ilma namaa keessatti Waaqayyo jalqabatti maatii hawaasa tokkof bu’uura ta’u
hundeesse. Bakki itti isa barru kan Waaqayyo hundeesse mana keenya. Ijoolleen kan isaan
taayitaa kabajuu, abboomamuu, tajaajiluu, amala gaarii, maal naan jedhuu, akkamitti akka
hojjetan, akkamitti akka qabeenya ofii hogganan, akkamitti hawaasa waliin akka walii galanii fi
waliiti dhufan, akkamitti akka qorumsaaf deebii itti kennan baratan manuma keessatti. Kunneen
hundumtuu Waaqayyoof gatii guddaa dha; kan Inni maatii hundeesses akeeka kanaa fi kanneen
kana fakkaatanii fi.

Wanti tokko maatii keessatti yoo bade, hawaasaa fi waldaa keessattis ni bada. Yeroo rakkoon
mana barumsaa keessatti uumamu, daandii irratti mormiin ka’u yookiis ijoollummaatti ulfaa’uun
baay’atu, waa’ee namoota dargaggoota ta’anii qofa hin yaadiin. Hundee rakkichaa mana
keessatti achi deebi’ii hubadhu. Gaggeessitoonni kristaanaa maatii cimaa hundeessuudhaan
hawaasa keenya gaarummaadhaan dhiibbaa irratti gochuudhaan furmaata fiduu keessatti qooda
fudhachuu qabna.

Maree: Waldaa kee keessatti maatiin hammam cimoo dha? Hawaasa kee keessatti hoo?
Maatii jabeessuudhaaf maaltu godhamuu qaba? Waldaan karaa kamiin guddina hawaasa
tokkoo keessatti gahee ishee baati?

B. Maatii cimaan tajaajila cimaa ijaara

Maatiin keenya cimoo taanaan, tajaajilli keenya milkaa’aa dha. Gaggeessaan kristaanaa tokko
haadha manaa kunuunfamtuu fi ijoollee gammadoo fi abboomamoo ta’an yoo qabaate, madaallii
gaggeessummaa isaa keessatti dhuga baatii gaarii ni qabaata. Gaggeessaan akkasii ofitti
amanamummaa guutuudhaan fuuldura waldaa dhaabbachuu danda’a. Sababni isaa haadhi manaa
isaa dursitee ergaa inni dabarsaa jiruuf “Ameen” kan jettu waan taateef. Manni nagaa qabeessii fi
sirriitti hogganamu, kutaa macaafa isaaniif qooduu caalaa namootatti ni dubbata. Kanaafi dha,
Phaawuloos gaa’elli keenya hariiroo Kristosii fi waldaa gidduu jiru ta’uu qaba kan jedheef. (Efe
5:21-33). Gaa’ellii fi manni keenya wangeela lallabuudhaaf dhugaa baatota jiraatoo dha.
Deeggarsa cimaa haadha manaaa fi ijoollee yoo qabaate, tajaajilli gammachuu guddaa dhaan kan
guutame ta’a.

Karaa biraa, jireenyi maatii kee jabaataa miti yoo ta’e, humna ittiin maatii rakkina keesssa jiran
ittiin gorsinu yookiis ittiin jajjabeessinu hin jiru jechuu dha.

232
Hubadhu! Fakkeenya dhuunfaa kee akkaataa itti maatiin kee milkaa’ina tajaajila kee keessatti si
deeggaran fakkenya fudhachuu dandeessa? Yookiin immoo osoo mana keessaa lolli yookiis
walitti bu’insi jiruu lallabuuf yaaluu kee yoo jiraate qoodiif.

Gaggeessaan waldaa hundumtuu, tajaajila jabaa ta’e barbaada. Garuu, gaggeessitoonni tajaajilaaf
dursa kennanii hojjetan, tajaajila sana baayyee ulfaataa taasisu. Maatii jabaa osoo ijaarratanii,
tajaajilli isaanii akkuma beekamu jabaa ta’a.

Maree: Sababoonni biroo,maatiin jireenya gaggeessaa keessatti dursa qabaachuu akka


qabu taasisan jiru?

Ati maaliif dursa kennita? Tajaajilli kee maatii kee akka dursu hayyamta? Yoo akkas ta’e
akkamitti akka jijjiirtu ilaalla.

III. Maatiin dursa akka argatu taasisuu

Gaggeessaan tokko, karoora Waaqayyo maatii isaaf akka dursa kennu isaaf qabu yoo hubate,
karaa ittiin jireenya isaa kana cimsatu ilaalchisee jijjiiramoota tokko tokko taasisuu qaba.

Maree: Maatii keef dursa kennuu kee kanneen agarsiisan maal fa’a?

Gaafii kanaaf deebii sirii hedduun jiraachuu danda’u. Tokkoo isaa irratti xiyyeeffanna. Maatii
ofii dursiisuun jecha tokkoon gabaabfamee ilaalamuu danda’a, YEROO! Yeroo kennuufii yoo
baannne, maatiin keenya tokkoffaa dha jechuu hin dandeenyu. Akkaataan ati yeroo maatii kee
waliin dabarsitu, hammam maatii keef akka dursa laatte sitti agarsiisa. Akka gaggeessitoota
kristaanaatti, yeroo keenya bal’aa tajaajilaaf kenninee, maatiin keenya akka nu hubatanitti ilaalla.
Garuu, maatii jabaa ijaaruun yeroo fudhata; karaan qaxxaamuraa hin jiru. Maatii keenyaaf yeroo
kennuun amaleeffannaa yeroo baayyee fi murtoo jabaataa barbaada, garuu ta’uu ni danda’a. Yoo
xiqqaate karaa adda addaa sadii yeroo keenya kennuu qabna

A. Yeroo haadha/abbaa manaa waliin

Hariiroon guddachaa jiru kamiyyuu yeroo fudhata. Hariiroon gaa’elaas akkasuma. Yeroo
baayyee, jireenya ko’ummaadhaan nama Waaqayyo hiriyaa jireenyaa godhee nuuf kenne irraa
fagaanna. Suuta suutaan miiraan, sammuu fi hafuuraan walirraa fagaachaa adeemna. Wanti
uumamaan gara tokkotti goran kun immoo akeekkannaadhaan irratti xiyyeeffannee hojjechuu
barbaada. Garuu kunis ni danda’ama. Haadha manaa/abbaa manaa kee waliin yeroo hammamii
dabarsita? Kana jechuun, yeroo barbaachisaa (quality time) yeroo itti waa’ee wal walii keessanii
irratti xiyyeeffachuudhaan hariiroo keessan cimsuu barbaaddan malee yeroo gola tokko keessatti
televizsinii banaa goonee waliin teenyu miti.

Gaggeessitoonni waldaa hedduun haadha manaa qaamaan bira jiran dagatanii, yeroon isaan hojii
waldaatti balleessan jireenya isaanii keessatti haadha manaa ta’aaf.

233
Maree: Jecha kana waliin walii galta? Hojiin waldaa kristaanaa karaa kamiin hariiroo
gaa’elaa akka waan dhorkameetti dhiibbaa irraan gaha?

Waa’ee yeroo waliin dabarsitanii haadha/abbaa manaa keetti himi. Akkamitti akka fooyyessitan
irratti walii galaa. Galgala galgala oss hin rafiin yeroo hundumaa, ijoollee xixiqqoon erga rafanii
booddee, yeroo tasgabbaa’aa qabaattanii odeessuu dandeessu. Muuxannoo keessan waliif
qooduuf, fedha keessan walitti himuufi waliin kadhachuuf yeroo qabaachuu qabdu. Karooraa fi
galama maatii keessanii, guddina ijoollee fi kanneen biraas kaastanii irratti mariiyadhaa.

Abboonni manaa, haadholiin manaa gara tuqaa kanaatti dhufuudhaaf yeroo fudhatu; akka nuyi
isaaniif dhiyeessinuuf immoo nurraa eegu.Itti gaafatamummaa qabdu.. Uumamumaan ka
argamau yoo ta’uu baateyyuu, karaa knaan haadha manaa keenya jaalachuu keenya agarsiisuu
dandeenya.

Akkamitti akka waliin yeroo qabaachuu dandeessan karoora baasi. Hamma ammaatti hin qabdu
yoo ta’e, torbanitti yeroo gaggabaabduuf galgala galgala eegaltanii, gara guyyaa guyyaadhaan
yaada wal jijjiiruutti dhufuu dandeessu. Gaa’ela kee fooyyessuun gatii kamiin oli dha.

B. Yeroo Ijoollee kee waliin

Lallabdoonni wangeelaa hedduun waggoota dheeraaf amanamummaadhaan gooftaa


tajaajilaniiru, garuu maatii isaanii dagataniiru. Bara isaanii gara dhumaatti, iji isaanii
imimmaaniin guutee, “Osoon ijoollee koo waliin yeroo dabarseera ta’ee nan hawwan ture”
jedhu. Yeroo hojii gooftaa isa sababa isaan ijoolleen keenya miidhamaa jiran hojjennu, irra
deebinee maal akka hojjechaa jirru ilaaluun barbaachisaa dha. Koree keessaa bahuu yookiis
nama bakka buusuu dandeessa; garuu yeroo hin kennituuf taanaan ijoollee kee hataa jirta. Kun
jecha jabaa ta’uu danda’a; garuu ati ijoollee keetti Waaqaayyoon agarsiisaa jirta. Waaqayyo
akkamii argu laata? Waaqa yeroo hundumaa yeroo isaan waliin qabaatu, isaan waliin taphatuu fi
isaan waliin baratu moo Waaqa yeroo hundumaa fedha namoota warra kaanii guutu argu laata?

Ijoolleen yeroo abbaan/haati isaanii nama gara biraaf yeroo qabaatanii yeroo isaan itti dubbachuu
barbaadanitti immoo dhiisanii adeemanitti dafanii itti qabamu. Waaqa ati tajaajiltu, isa isaanii fi
si gidduu dhaabatetti baayyee aaru. Macaafa Saamu’el isa 1ffaa 2-4 irratti waa’ee seenaa Eeliii,
isa osoo gooftaa tajaajiluu dagachuurraan kan ka’e maatii isaa dhabe ilaali. Mootichi Daawitis,
nama waaqayyoon waaqeffatuu fi gaggeessaa biyyaa ture, garuu maatii isaa dagatee ture.

Ijoolleen kee akkuma nama tokkoo akka ta’an yeroo fudhachuudhaan barachuu si
barbaachisa.Isaan amalaa fi kennaa addaa garaa garaa qabu. Jireenya kanas karaa adda addaan
ilaalu. Yeroo kufan, jajjabina barbaadu; eenyummaa isaanii ijaaruuf mirkaneessa barbaadu;
yeroo kufan, nama isaan jaalatu barbaadu; akka jaalataman baruu barbaadu; akka maatiitti gatii
nuti isaaniif kenninu baruu barbaadu. Kun immoo yeroo fudhata.

234
Yeroo bakka hojiitii gara manaatti galtu, yeroo xiqqoo fudhadhu. Waa’ee oolmaa isaanii
gaafadhu. Waan isaan jedhanis dhaggeeffadhu. Yeroo tokkoon tokkoo ijoollee kee waliin
dabarsitu qabaadhu. Isaan waliin bashannani. Tokkoon tokkoo isaanii tartiibaan fuudhii bahii
laaqana affeeri. Qarshii hedduu dhangalaasuu si hin gaafatu. Nyaaticha caalaa xiyyeeffannoo
ati isaaniif kennitetti gammadu!

C. Yeroo waliinii akka maatiitti

Haadha/abbaa manaa fi ijoollee tokkoo tokkoo isaanii waliin yeroo dhuunfaa qabaachuun
barbaachisaa ta’ee akkuma jirutti, yeroo waliinii maatii hundumaa wajjin qabaachuuf
karoorsuunis barbaachisaa dha. Waliin yeroo qabaachuun, miira tokkummaa fi eenyummaa nuuf
guddisa, kun immoo karoora waaqayyo maatiif qabu keessaa isa tokko. Yeroo waliinii gosa lama
qabaachuuf karoorsi: Yeroo barachuu fi yeroo taphachuu/kolfuu

1. Yeroo barachuu

Waaqayyo itti gaafatamummaa ijoolllee keenya sagalee waaqayyoo barsiisuu maatiitti


keessumaa immoo abbaa manaatti kenneera. Luqqisiiwwan lamaan kana ilaali.

Efe 6:4, “Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa
malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqiinaa!”

Kes 11:18-19, “Kanaafis dubbii koo kana garaa kee keessa, yaada kee keessas kaa’adhu,
milikkitaaf akka siif ta’uttis harka keetti hidhadhu, akka seenaattis ija kee lamaan gidduutti
rarraafadhu! Mana kee keessa yommuu teessu, karaa irra yommuu adeemtu, yommuu ciiftu,
yommuu kaatus, waa’ee isaanii dubbadhu, ijoollee kees barsiisi!”.

Itti gaafatamummaan sun barsiisaa dilbataatti kennamuu hin danda’u. Leenjiin kun karaa
hedduu ta’uu danda’a. Garuu karaan gaariin yeroo barsiisa dubbii Waaqayyoo maatii waliin
qabaannuu fi hafuuraan guddannu qabaachuuf karoorsuu dha. Kunis “Yeroo kadhataa Maatii”
“Yeroo aarsaa maatii”, “Yeroo waaqeffannaa maatii” “Yeroo Yesus” yookiis maqaa mijataa kan
biraatiin moggaasuu dandeenya. Maqaa kamiyyuu haa ta’u, mana kee ni jijjiira!

Karaan ittiin kana goonu hedduu ta’uu danda’a, garuu yeroo baayyee qu’annaa macaafa
qulqulluu, kadhataa fi waliin faarfachuu fa’a qabaachuun gaarii dha. Walitti fufinsaan, yoo
danda’ame guyyaa guyyaadhaan raawwadhu! Yeroo barumsaaf walitti qabamtan, akkaataa umrii
ijoollee waliin deemuun qopheessaa! Akkuma isaan guddachaa dhufaniin, guddina isaanii waliin
kan wal fakkaatu dhiyeessaa. Yeroo akkasii hawwataa fi kalaqaan kan guute taasisaa.

Leenjisaa: Maatii kee waliin muuxannoo qabdu hirmaattotaaf maal qooddaaf ? Hubadhu,
milkaa’ina caalaa dadhabina kee haasa’uun bu’aa qabeessa dha. Hirmaattotnis muuxannoo
isaanii akka qoodaniif gaafachuu dandeessa.

235
2. Yeroo taphaa

Maatii keenya waliin yeroo barsiisa sagalee Waaqayyoo qofaa osoo hin ta’iin, yeroo haasaas
qabaachuun barbaachisaa dha. Waaqayyo waaqa ayyaanatti gammaduu fi addunyaa kana
addunyaa keessatti akka maatiitti gammaduu dandeenyu nuuf kenneera. Guyyoota ayyaanaa,
guyyaa dhalootaa fi guyyoota addaa gara biraas maatii kee waliin yeroo taphaa gochuu
dandeessa. Maatiin waliin taphatu, yeroo baayyee wajji turuu fi yaadannoo bara dheeraa wajjin
qabaata.

Leenjisaa: Muuxannoo dhuunfaa kee yookis hirmaattota irraa waiin qooddadhaa!

Yoo nama hin fuune/ hin heerumne taate hoo? Hariiroo maatii kee gidduu jiru yaadi. Maatiin kee
kiristaana illee ta’uu yoo baatan, isaaniif maaliin bakka bu’uu dandeessa? Namoota Waaqayyo
waliin yeroo hin qabne, kan ati isaan waliin illee turuu hin dandeenye qabda? Waaqayyo maatii
sana keessa akeekaaf si kaa’e. Guyyaa tokko gara bakka nyaatni qophaa’uutti ol seentee, harmee
kee hojii osoo gargaarte, jaalala Kristoos itti ni agarsiifta. Yeroo hundumaa isaaniif
kadhachuurra, yeroo tokko tokko isaan waliin akka ati taatu Waaqayyo ni barbaada. Maatii kee
waliin osoo jiraattuu, galgala hundumaa gara waldaa ni deemta? Waaqayyo akkamitti akka inni
maatii kee keessatti si barbaadu itti yaadi.

Goolaba

Yeroo akkanaa maatii kee waliin dabarsuu yoo eegalte, wanti bareedaan ta’uu jalqaba. Mana
keessan keessatti jaalala ho’aa uumaa jirtu jechuu dha, Kun immoo tajaajila kee ni jabeessa;
dhuga bahinsa amantii kee ni guddisa. Dhaloota itti aanuufis gaggeessaa cimaa ijaaraa adeemta
jechuu dha. Akka gaggeessaa kristaanaa tokkootti maatii keef dursa kennuun itti gaafatamummaa
sirraa eegamu dha. Abbaltii gochaa kennamu guutuudhaan jijjiirama gurgudda fiduu eegali!

Qorannoo nama dhuunfaa

Joorji, taayitaa tiksummaa waldaa kristaanaa xiqqoo tokko irratti argatetti baayyee nama
gammade ture. Haadhi manaa isaa Roozis, abjuu tiksee ta’uu isaa guuttachuu isaatti baayyee
gammadde. Cimsee waan hojjeteef waldattiin guddachuu eegalte. Yeroo baayyee maan
namootaa daawwachuu fi tamsaasa wangeelaa keessatti dabarsa. Galgala hundumaa, erga
ijoolleen isaa sadan rafanii gala. Joorji,akkuma beekamtii argachaa dhufeen, bakka adda
addaatti affeeramee ni deema. Hanga torban tokkoottillee yeroo turu qaba.

Rooz amanamummaadhaan ijollee ishee waliin yeroo kadhataa fi faarfannaa ni qabaatu.


Mucaan isaanii, waggaa jahaa galgala tokko akkas jedhee kadhate, “ Yaa Waaqayyo, abbaa koo
wajjin ta’I, inni namoota biro wajjin yeroo dabarsa”. Yeroo Rooziin waa’ee kanaa Joorjitti
kaastu,inni immoo dubbii Yesus dubbate fudhatee, namni maatii isaa Yesus caalaa jaalatu isaaf
kan male miti, jedhee isheef deebisa. Isheenis hafuura dheeraa baafattee, waan dandeessu
hundumaan deeggarsa ishee itti fufte. Hariiroon isheen Joorji waliin qabdu achi fagaachaa yoo

236
dhufeyyuu, akka inni hojii waldaa sana hir’isu gaafachuuf mirri yakkamtummaa isheetti
dhagahame.

Akka hiriya Joorji isa baayyee itti dhiyootti, gaaf tokko Joorji shayee si afferee waliin taphattan.
Waan barumsa kana keessatti baratte irratti hundooftee, akka wal argitaniin maal isa gorsita?

Hoj manee afaaniffaa

Yoo bultoo qabaatte, galgala tokko maatii kee walitti qabuudhaan, waan kutaa kan a keessatti
baratte itti himi. Hariiroo maatii kee fooyyessuu keessatti yaada isaan qaban dhaggeeffadhu.
Walii wajjin kadhadhaa. Waan raawwatte hundumaa fi bu’aa inni fide gabaasa dhiyeessi.

Hin heerumne/fuune taanaan, waa’ee hariiroo maatii kee ammaa ibsi. Nama maatii kee keessaa
itti dhiyaattutti akkamitti akka amantiin kee hariiroo kana irratti dhiibbbaa uume gaafadhu. Yoo
dogongora ta’e dhiifama gaafadhu. Yoo gaarii ta’emmoowaan fooyya’uu qabu gaafadhu. Waan
raawwatame hundumaa gabaasi.

Abbaltii gochaa

Maqaa:_______________________________________

1. Jireenya maatii kee irratti ibsa dhugaa qabeessa ta’e kenni. Maatii keef dursa kennuu
ilaalchisee; tajaajila dura moo booda?
Yoo bultoo qabda ta’e, abbaan/haati manaa kee isa kanatti walii galti/la?
2. Akkaataan dursa kennuu kee karaa Waaqayyo barbaadu sanarraan ala yoo ta’e yerooo
xiqqoo fudhadhuutii waaaqayyoon dhiifama gaafadhu. Akka si jijjiiruufis kadhadhu.
Amma, Waaqayyo akkuma siif dhiise, maatiin kees keessa keetii dhagahuu qabu. Hanga
danda’ametti isaan waliin taa’iitii dhiifama isaan gaafadhu. Yoo raawwatte mallattoo
godhi____________
3. Karoora gochaa maatii keef qopheessi. Kanas haadha/abbaa manaa fi ijoollee kee waliin
taa’ii hojjedhu. Gochoota armaan dagii hundumaa irratti maaltuu fi yoom akk ta’urratti
baayyee murtaa’aa taasisi.
Yeroo haadha/abbaa manaa koo waliin
Yeroo ijoollee koo waliin
Yeroo maatii hundumaa waliin

4. Karoora kana hojiitti jijjiiri. Of kennuu baayyee si gaafata. Yeroo maatii kee kan fudhate
hedduu isaaf “lakki” jechuu si gaafata. Hanga wanti ati dursa kennituuf isa waaqayyo
dusa kennuufiitti ta’u amanamummaa kee itti fufi. Waan hojjette hundumaa barreeffamaa
n dhiyeessi.

237
GAGGEESSAA FI HIDHACHIISUU
Luq 10:1-12, 17-21 yesus warra 72 erguu isaa

Hojii gaggeessaa keessaa inni guddaan warra kaan hidhachiisuudhaan mul’ata Waaqayyo isaanii
fi warra isaan gaggeessan keessa kaa’uun fiixaan baasuu dha. Barnoonni kun waamicha
wangeelaa ittiin hojiin kun hojjetamu akkasumas tarkaanfiilee qabatamoo gaggeessaan tokko
ittiin warra kaan guddisu nu barsiisa.

Galma barnootichaa

Barnoota kana booda hirmaattotni;

 Sababa gaggeessitoonni warra kaan hidhaachisan,


 Sababa warra kaan hidhachiisuun ulfaatuu fi
 Tarkaanfiilee afran hidhachiisuuf gargaaran ni hubatu.
Gocha

Hirmaattotni barnoota kana booda

 Warra kaan hidhachiisuudhaan hojii ofii hojjechaa jiran hojjechiisuu fi


 Akkamitti akka isaan hojjetan madaaluu danda’uu qabu.
Seensa

Gahumsa nu keessa jiru akkuma hubachaa fi guddisaa dhufneen, gahumsa nama biraa keessa jiru
arguu fi guddisuu eegalla. Carraa guddaa fi itti gaafatamummaan akka gaggeessaatti qabnu
gahumsa namoota gaggeessinuu arguu fi guddisuu dha. Kana gochuuf immoo hidhachiisuudhaan
namoonni akka Waaqayyo isaan irraa barbaadutti akka hojjetan taasisuudhaani.

Leenjisaa:Seenaan Yesuus bartoota isaa erguu kun fakkeenya akkaataa


itti waldaa hundeessaniiti. Haa ta’u malee, xiyyeeffannoon barnoota
kanaa hojii hidhachiisuu gaggeessaan tokko hojjetuu fi akkamitti akka
Yesuus hojjete irraa barachuu dha.

Wangeela Luqaas 10:1-12, 17-21 dubbisi!

Irra deddeebbiidhaan erga dubbistanii booddee gaaffilee armaan gadii irratti mariiyadhaa!

Yaada marii

 Yesuus qooda ofii deemuu maaliif hojjettoota warra kaan erge?


 Miidhaawwan hojii kanaan wal qabatan maal fa’i?
 Bu’aansaa inni guddaan maali?
 Luqqisii lammaffaan maal agarsiisa?

238
 Yesus deebi’anii yeroo isaan dhufan maaliif bartootatti dheekkame?
Seenaan kun akkaataa tajaajila Yesus akka hubannuuf nu gargaara. Seenaan kun kutaa kana
keessatti qofa kan ta’e otoo hin ta’iin, karaa ittiin Yesuus tajaajila isaa hundumaa raawwate nu
barsiisa.

Kutaa kana keessatti gaaffilee hidhachiisuu ilaallatan sadii ilaalla.

1. Gaggeessitootni maaliif warra kaan hidhachiisuun barbaachise?


A. Hidhachiisuun hojjettoota 239um’isa.
Yesus hojjetaa cimaa hanga ammaatti beekamu ture. Lallabuu, barsiisuu, dhukkubsattoota
fayyisuu fi warra hafuurota xuraa’oodhaan qabaman bilisa baasuutti danda’a. Garuu, ofii isaa
nama tokko akka ta’ee fi fedhii makara(harvest) bal’aa kanaa guutuu akka hin dandeenye beeka.
Kanaafuu, bartoonni isaa hojjettoota 239um’eef akka kadhatan isaan toosisaa ture. Kadhannaa
kanaaf deebii ta’uufimmoo warren 72n sana erge.

Hidhachiisuun makara bal’aa sanaaf hojjettoota 239um’isuu dha. Hojjettoota hin 239um’isnu
taanaan ergama guddicha galmaan gahuu hin dandeenyu. Namni tokkichi karaan inni ittiin
naoomta biliyoona lama waa’ee Yesus hin dhageenye bira gahu hin jiru. Garuu, gaggeessitootni
tokkoon tokkoo isaanii, akkuma Yesus godhe, warra kaan yoo hidhachiisan hojjettotni ni
baayyatu; hojiin makarichaas fiixaan ni baha.

B. Hidhachiisuun hiriyyummaa jabeessa


Namoonni Yesus duukaa bu’a turan 72 turan. Hojii isaa ilaalanii tajaajila isaa dinqisiifachaa
turan. Garuu, ofii isaanii hojiin makarichaa akka isaan ilaallatu hin beekan. Hanga Yesus isaan
hidhachiisutti isaan warra ilaalan (spectators) qofa turan. Yeroo, qajeelfama Yesus fudhatanii
bahan, ni lallaban, hafuurota xuraa’otas ni baasan. Gammachuu guddaadhaan deebi’an. Yeroo
sanaa kaasee, warra hojii mootummaa Waaqayyoo hojjetan, hiriyoota hojii Yesusii fi ergama
isaa ta’an. Kun Yeroo gaggeessitoonni warra kaan hidhachiisan kan ta’u dha. Gahumsii fi
kennaan isaanii hojii gooftaaf ni gadhiifame. Hidhachiisuun namoota hojii keessatti hiriyoota
Yesus ta’an guddisuuf gargaara.

C. Hidhachiisuun bakka buutota qopheessa


Tajaajilli Yesushumna qabeessa haa ta’uyyuu malee, Yesus hojii erga inni ofii isaa adeemee hafu
fiixaan baasuuf namoota warra kaan, hidhachiisaa ture. Kun Yesusiif dhugaa taanaan, nuyiif
immoo caalmaatti barbaachisaa dha.

Gaggeessitootni hedduun hojii tajaajilaa gaarii ta’e, karaa dhaabbanni sun ittiin milkaa’uu
danda’u hunda ni hojjetu. Garuu yeroo isaan du’an hojicha ni dhaabbata yookiin ni miidhama.
Isaan, namoota warra kaan hidhachiisuu irratti hin milkoofne. Milkaa’inni keenya, hojii bara
jireenya keenyaatiin qofaa hin madaalamu; erga nuti adeemnee isa hafuunis malee! Bakka
bu’oota malee milkaa’inni hin jiru!

239
2. Gaggeessitootni warra kaan akka hin hidhachiifne maaltu danqa?
A. Mul’ata dhabuu
Yesus warra kaan akka hidhachiisu kan isa dirqisiise, mul’ata inni namoota ammallee hin
qaqqabamiin jiraniin qaqqabuuf qabu dha. Inni magaalotaa fi gandeen hedduu hin qaqqabamiin
argee ofii isaa addunyaa kana mara gahuu akka hin dandeenye hubateera. Kanaafuu, warra kaan
gargaaruu fi hidhachiisuudhaan hojii inni hojjetu sana akka hojjetaniif isaan waame.

Gaggeessaan tokko mul’ata daanga’aa yooqabaate, fedhii warra kaan hidhachiisuu hin qabaatu.
Hojii bara jireenya kee keessatti hojjettu qofaa yoo yaadde, warra kaan hidhachiisuun siif
barbaachisaa ta’ee sitti hin argamu. Garuu, mul’anni kee Adduyaa kana irratti dhiibbaa fiduu yoo
ta’e, ofii kee raawwachuu akka hin dandeenye ni hubatta.

Gaggeessitootni gariin warra kaan kan hidhachiisan, mul’ata murtaa’aa of harkaa qaban
xumuruufi. Mul’ata qaban irratti namoota hidhachiisanii hojjechiisuun gaarii dha. Garuu,
hidhachiisuun, kennaa fi dandeettii isaanii guddisuudhaan waamicha isaanii akka hojjetan
gochuu dha. Gaggeessaa tajaajilaan namoonni warri kaan guddatanii gara mul’ata isa caaluutti
akka ce’aniif ni hidhachiisa.

B. Ofitti amanamummaa dhabuu


Yesus eenyummaa isaatti ofitti amanamummaa guddaa qaba ture. Jaalala abbaa isaa fi akeeka
isaa sirriitti beeka. Tajaajiluuf 240 uman qabaachuu isaa beeka. Ofitti amanamummaa waan
qabuuf, aangoo isaa qooduu hin sodaanne.

Gaggeessitoonni waamicha isaaniif ofitti amanamummaa hin qabne, warra kaan hidhachiisuu
hin danda’an. Gaggeessummaa isaanii, mirkaneeffannaa eenyummaa isaanii fi hojii isaanii
godhanii ilaalu.

Ofii kee akka gaggeessaa tokkootti akkamitti of ilaalta? Aangoo qabaachuu kee
mirkaneeffachuuf moo warra kaaniif qoodda?

Gaggeessitoonni gariin namoota gaggeessanirratti ofitti amanamummaa dhabu. Akka nama


kennaa qabuu fi hojichatti waamametti of hin ilaalan. Gahumsaa fi kennaa Waaqayyo namoota
warra kaan keessa kaa’e hin hubatan. Akka gaggeessaa tokkootti, namoota gaggeessaa jirtu
akkamitti ilaalta? Gahumsa isaanii moo rakkia isaanii argita?

C. Leenjii dhabuu
Gaggeessitootni hedduun namoota hidhachiisuuf leenjii gahaa hin qaban. Yesus seenaa kana
keessatti jalqaba kan inni godhe maali dha?

Maree: Macaafa qulqulluu kana keessatti adeemsa Yesus ittiin gaggeessitoota hidhachiise
qoradhu. Tarkaanfiileen Yesus adeeme maal fa’a ture?

240
Seenaa kana keessatti yesus gaggeessitootni kamiyyuu adeemsa ittiin hidhachiisan tarkaanfii afur
kaa’a. Gabaajee “MORE” jedhu fayyadamnee ilaalla.

1. Fakkeenyummaa (Model)
Yesus namoota 72n kanneenitti akkamitti akka hojjechaa ture itti agarsiiseera. Yeroo inni lallabu,
barsiisuu fi seexanoota baasu hundumaatti arganiiru.

Gaggeessitootni osoo hin hidhachiisiin dura akkaata isaa itti agarsiisuu qabu. “Akkan ani
hojjechaa turetti hojjedhaa” jechuu danda’uu qabna. Phaawuloos warra Qoronxositti akkas
jedhee ture. “Egaa akkuma ani fakkeenya Kristoos fudhadhe, isinis immoo fakkenya koo
fudhadhaa!” 1 Qor 11:1; “Dhuga baatota baay’ee duratti waan anarraa dhageesse, namoota
amanamoo warra kaan barsiisuufis ta’anitti hadaraa kenni!” 2Xim 2:2 jedha ture.

Maree: Osoo fakkeenya hin ta’iin warra kaan hidhachiisuu osoo yaalte maaltu ta’a?

2. Ija isaanii bane (open their eyes)

Osoo 72nuu sana hin ergiin dura maal akka isaaniin jedhe hubadhu. Wanti hundumtuu ifaa akka
ta’u godheera. Iji isaanii akka banamu barbaadeera.

2.1 Iji isaanii mul’atichaaf akka banamu taasise

Fedhiin jiru baayyee dha. Maasaan sun baay’ee bal’aa dha. Kanaafuu, mul’anni Yesus hojjetoota
danuu akka barbaachisu agarsiisuu dha ture. Mul’ata kana isaaniif qoode. Isaanis gartuu deebii
kadhannaa isaa ta’an jechuu dha.

Gaggeessitootni ciccimoon namoota hidhachiisuu barbaadaniif mul’ata gurguddaa qooduuf.


Hojichi isaan qofaan akka hin hojjetamne waan barbaadaniif, mul’atichi namoota hedduu akka
qaqqabu taasisu. Akka gaggeessaatti gaheen kee, hojjetoota hidhachisuu fi gara hojichaatti erguu
dha. Mul’ata sana warra hidhachiistuuf qoodiif!

2.2 Iji isaanii adeemsichaaf akka banamu taasise

Maal akka isaan hojjetan sanaaf qajeelfama iifaa ta’e kenneef Yesus! Maal akka qabatan, maal
akka nyaatanii fi dhugan, maal akka dubbatan, itti hime.

Gaggeessitootni hidhachiisan maal akka irraa eegamu sirriitti hubachiisuu qabu. Namna tokko
barumsa dilbataa akka inni barsiisuuf hidhachiista yoo ta’e, “Dhaqii barsiisi” hin jedhiin!

241
Adeemsa isaa itti agarsiisi; maaltu akka irraa eegamu, rakkina isa mudachuu maluu fi akkaataa
itti ini dhum,arratti madaalu hundumaa itti himuu qabda.

Yeroo nama hidhachiistu, maaltu akka irraa eegamuu fi daangaan isaa hangam akka ta’e sirriitti
itti himuu qabda. Aangoo maalii akka qaban, akkaataa itti gara fuulduraatti itti darban,.. hunda
ifa godhiif!

2.3 Iji isaanii wal’aansoo isaan eeguuf akka banamu taasise

Wanti hundinuu gaarii ta’a jedhee isaanitti hin himne. Bakka ta’etti akka hin simatamnellee
beekanii akka of qopheessaniif itti himeera.

Gaggeessitoonni hidhachiisan, karaa sanarra rakkoon akka jiru; gufuun akka jiruu fi
dogongorrillee jiraachuu akka danda’u ibsuufii qabu.

3. Gadhiisuu (Release)

Maal akka hojjechuu qaban erga itti himee booddee, isaan gadhiise. Gara Magaalota inni isaan
ergeetti bobba’an. Seenaa kana keessatti dubisuunsaa salphaa dha; gara hojiitti jijjiiruun garuu ni
ulfaata.

Maree: Warra 72n sanaaf qajeelfama ifaa erga kenneefi booddee gara hojiitti gaafa isaan
bobba’uuf qajeelan miira akkamiitu Yesusitti dhagahame sitti fakkaata? Sodaa akkamii
gaggeessaa keessa kaa’a? Duuka buutonni hoo maal sodaatu laata? Namoota gadhiisuun maaliif
ulfaata?

Warra kaan gadhiisuu jechuun akka Yesus godhe sana argaa keenya duraa isaan dhabuu jechuu
qofaa miti. Yeroo tokko tokko, hojii nuti isaaniif kenninu akka hojetaniif ilaaluus ta’uu danda’a.
Gadhiisuu jechuun garuu, hojicha akka hojjetaniif hayyamuufii jechuu dha. Eeyyee, dogongora
uumuu ni danda’u. Kun akka ati itti gaggeessuu barte ta’uu isaas yaadadhu! Dogongora irratti
hojjechuun tarkaanfii isa dhumaa hidhachiisuu ti.

4. Madaaluu (Evaluate)

Erga duuka buutonni sun deebi’anii waan Yesus godhe yaadhadhu! Waan ta’e hundumaa
gabaasaniif! Gammachuun isaanii daran guddaa ture. Yesus carraa sanaan muuxannoo isaanii
madaaluuf itti fayyadame. Osoo isaan hin tuffatiin, sirreffama isaaniif kenne. Milkaa’ina isaanii

242
isa bakkeetti hojjetaniif gammadaa turani. Yesus garuu gammachuun isaanii hariiroo isa waliin
qaban akka ta’e isaanitti hime.

Gaggeessitoonni hidhachiisan yeroo hundumaa isaan madaaluuf isaan biratti argamu. Kun
immoo waan isaan sirriitti hojjetaniifi fooyyessuu qaban hammachuu qaba.

Maree: Osoo madaaluun tarkaanfiilee hidhachiisuu keessa hin jiru ta’e maaltu ta’a
sitti fakkata? Madaaluun maaliif ulfaataa ta’a? Nama hidhachiisaa jirru madaalamuu
isaa salphaatti akka inni fudhatuuf maal gochuu qabna?

Namoota hidhachiistu yeroo madaaltu, jechoota jajjabinaa fi sirreeffamaatti dhimma bahuu


qabda. Nmani nuni gadhiisnu kun hojii isaa sirriitti yoo hojjete, yeroon madaallii akka jiru akka
beeku gochuun barbachisaa dha. Kunis qaama adeemsicha ibsuu keessaa isa tokko.

Duuka buutoni sun yeroo deebi’an maaltu akka isaanitti dhagahame hubadhu! Gammachuudhaan
deebi’an. Yesus imoo maali dha? Gammachuu guutuu dha. Gammaduu yoo barbaadde, warra
kaan hidhachiisi!

Tarkaanfiileen kunniin gaggeessitoota hidhachiisan kamiifuu ni fayyada. Seenqaan macaafaa


nuti ilaalle seenaa Yesus bartoota isaa mootummaa Waaqayyoo akka labsanii fi agarsiisaniif erge
dha. Isaan hundeessitoota Waldaa kristaanaa bara isaaniiti. Akkuma kana, qajeelfamni kun
gaggeessitoota Waaqaeffannaa, barsiisota dilbataa, hojjetoota Wangeelaa, jaarsolii,
gaggeesitoota dargaggootaa, gaggeessitoota daldaltootaa,.. ..kkf waldaa naannoo kamiifuu ni
hojjeta.

Goolaba

Yesus hojicha hunduma isaa ofii isaa hin hojjenne; mul’aticha xumuruuf namoota hidhachiise!
Hojjetoota hidhachiisuun namoota guddisuu fi yeroo ofii isaa hin jirre hojichi itti fufuu isaa ni
beeka ture.Akkaataa itti namoota hidhachiisan fakkeenya ta’ee, karooricha isaaniif ibsee, isaan
gadhiisee akkasumas isaan madaalee nu barsiiseera. Nuyis akkuma Yesus warra kaan
hidhachiisuudhaaf waamamneerra.

Barumsi kun sammuutti qabachuudhaaf ulfaataa miti; garuu hojiittii jjjiiruuf bara jireenya ofii
hundumaa nama gaafata.

243
Wanti guddaan ati gaggeessummaa keessatti gootu tokko fedhii namootaa kakaasuu, amantii kee
itti fufinsaan gochaa fi jechaan agarsiisuu, akka isaan hojjechuu danda’an irra deddeebitee
dudubbachuudhaan namoota sababa Waaqayyo isaan uumeef hubatan taasisuu dha.

Sadarkaa gaggeessummaa kee akkaataa dinqisiisaatti kan guddatu, warra kaan hidhachiisuu fi
guddisuuf cimsitee yoo hojette dha. Kunis tarkaanfiilee armaan olitti baratte kana shaakaluu yoo
eegalte bira ni gahama. Abbaltii gochaa kee fayyadamii eegali.

Qorannoo nama dhuunfaa (case study)

Paastor Toomaas ba’aa namoota naannoo isaa jiraniin Wangeela gahuu qaba.
Barbabachisummaa bakka Waldaan kristaanaa hin jirretti wangeela geessisuu lallabaa ture.
Torbanitti al takkaa gara naannoolee ykn mandaroota sanneenii deemee namoota isa
dhagahanitti wangeela himaa ture. Namootas gara Kristoositti fiduu danda’eera. Gara waldaa
isaatti yeroo deebi’u dilbata irratti gammachuu isaa amantootatti ni hima. Amantoonnis harka
isaanii walitti buusanii gammachuudhaan ni dhaggeeffatu. Garuu, hanga ammaatti Waldaa
haaraan tokkolee mandaroota sanneenitti hin hundeeffamne. Paastor Toomaasis, aarii isaa kana
sitti himatee;dilbata hundumaa waldaa isaa keessatti waan lallabuuf akkamitti waldaa akka
hundeessuu danda’u si haasofsiise.

Barumsa armaan olitti baratte irratti hundooftee Paastor Toomaasiin maal gorsita?

Hoj manee afaaniffaa

Hirmaattootni hundinuu akka hubataniif tuqaalee barnootichaa irra deebi’iif. Hirmaattoni


hundinuu akkamitti gaggeessummaa isaanii keessatti nama tokk akka hidhachiisan akka
dubataniif hayyamiif. Kun hoji xiqqoo ykn dandeettii jabaa tahuu danda’a. Waan barumsa kana
keessatti jireenya yesus irraa barattee irraa ka’uudhaan isaaniin hidhachiisuuf tarkaanfii
fudhadhu. Waan tahe gabaasuudhaaf qophaa’i.

Yeroo isaan deebi’anii dhufan hojii isaan hojjetan akka qoodaniif gaafadhu. Akkamitti akka
hidhachiisan, maaltu akka itti dhagahames.

244
Abbaltii Gochaa

Maqaa:_____________________________

1. Hojiin ati hojjechaa jirtu kan warri kaan hojjechuu danda’an mal fa’i?
2. Hojii kanaaf eenyuun hidhachiisuu dandeessa? (Maqaa isaanii tarreessi)
3. Wantoota armaan gadiirratti akkamitti akka hidhachiistu agarsiisi
Fakkeenya ta’uu
Ija isaanii banuu
Gadhiisuu
Madaaluu
4. Karoora kana hojiitti jijjiiri. Waan ta’e armaan gaditti galmeessi.

245
GAGGEESSAA FI QU’ANNAA MACAAFA QULQULLUU
Kutaa Macaafaa: Nah 8: Izraan saba sanaaf seericha dubbisuu isaa

Qajeelfama

Gaggeessaan kamiyyuu dandeettii macaafa qulqulluu qo’achuu fi hiikkachuu, kan yoo xinnaate
gaaffilee sadii deebisu qabaachuu qaba. Gaaffiileen kunniinis: Maal jedha? Maal jechuu dha?
fi Maal gochuu qabna ree? Kan jedhan dha. Kutaan kun maloota dandeettii qu’annoo macaafa
qulqulluu bu’uuraa guddifachuu irratti xiyyeeffata. Tiksoonnii fi barsiisonni wangeelaa leenjii
bu’uuraa kana bira darbanii adeemuu qabu.

Kaayyoo barnootichaa

Barnoota kana booda, hirmaattotni;

 Gaaffilee sadan qu’annoon macaafa qulqullluu deebisu


 Faayidaa maloota sadan kanneen tartiibaan fayyadamuun qabu
 Akkaataa itti macaafa qulqulluu gara hojiitti itti jijjiiran ni baratu

Galma gochaa

Barnoota kana booda, hirmaattotni

Kutaa macaafa yookiis seenaa macaafa qulqulluu tokko dubbisuudhaan gaaffilee sadan ni
deebisu
Kutaa macaafa qulqulluu dubbisuudhaan warra kaan barsiisuu akka danda’an

Seensa

Macaafni qulqulluun kitaaba addaa akka kiristaana tokkootti hundee amantii keenyaa nuuf ijaaru
dha. Gaggeessitoonni akkaataa itti macaafa qulqulluu ofii isaanii hubatanii namoota gaggeessaan
hubachiisuu danda’an sirriitti hubachuu qabu.

Leenjisaa: Kutaan kun kutaa bu’uuraa qu’annoo macaafa qulqulluuf yeroo baayyee
fayyadamnu dha. Qu’annoo macaafa qulqulluu irratti kutaan kana caalaa gadi
fageenyaan nuuf ibsus ni jira. Namoota waldaa hundeessan yookiis tiksoota barsiista
taanaan barnoota kanneen gadi fageenyaa barsiisan itti fayyadamuu qabda. Barumsi
sun, kutaa lamaan sirriitti qophaa’eera. Odeeffannoo dabalataaf
LEAD@GlobalDisciples.org qunnamuu dandeessa.

Barnoonni kun barnoota warra kaan irraa adda, sababni isaa baayyinaan akkaataa itti
macaafa qulqulluu dubbifnuu fi qu’annu irratti xiyyeeffata. Akka hubatamuu danda’utti,
yeroo dubbattu macaafa dubbisuu jechuu dhiisiitii dhaggeeffachuu jedhi. Akkaataa itti
hubatanii fi luqqisii macaafa itti qabachuu danda’an irratti xiyyeeffadhu. Kutaa macaafa
xiqqoo ishee yaadachuun ittiin eegaluuf karaa saaqa. Isa booda, yeroo luqqisiin sun

246
sammuu isaanii keessatti hafu, akkamitti akka fudhatan, hiikkatanii fi hojiitti hiikan
irratti mariiyadhaa! Seenaan macaafa qulqulluu afaaniffaan dubbachuu irraa
shaakalamuu akka danda’u yaadadhu. Namoonni yeroo sanaa macaafa qulqulluu hin
qaban turan Nahiimiyaan macaaficha dubbisee, akka isaan hubataniifis ibseef. Macaafa
qulqulluu sagaleedhaan qabaannaan , kutaa kana barsiisuudhaaf itti fayyadami.

Seenaa Macaafaa: Nahiimiyaa boqonnaa 8 dubbisi

Leenjisaa: Haala seenaa macaafichaa (context) hubadhu. Barumsa kana osoo hin
qopheessiin dura macaafa Izraa dubbisuun gaarii dha. Qo’achuuf of kennuu isaa,
abboomamuu fi seera Waaqayyoo barsiisuu isaa Izra 7: 10 irraa argatta. Akasumas,
macaafa Izraa dura isa dubbifamuu qabu 2 Sen 36:15-23 irraa dubbisi. Seenaan kun
erga sabni Israa’el gara biyya Baabiloonitti booji’amee ti. Waggaa 70 booda, sabni
gariiin gaggeessaa Izraa, lubichaan gara Israa’elitti deebi’anii turan. Inni sirna
Waaqeffannaa iddootti deebisuudhaaf, mana qulqullummaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee
ture. Yeroo muraasa booda, Nahiimiyaanis dallaa Yerusaalem isa gargaaree
ijaarsisuudhaaf gara Yerusaalemitti deebi’ee ture. Seenaa kana keessatti Izraan macaafa
qulqulluu isaaniif dubbisuudhaan isaan gaggeessaa ture, Nahiimiyaanis achuma keessa
jira. Namoonni sunniin akka keenya har’aa kan Macaafa qulqulluu hin qaban. Macaafa
isaaniif dubbifame sana tasuma hin dhaga’iin turan.

Seenaa sana irra deebi’uudhaan hirmaattotni akka hubatan mirkaneeffadhu. Kunis:


Kitaabicha dubbisuu, isa dubbifame ibsuu fi abboomamuudhaan hojjechuu of keessaa
qaba. Kunniin tuqaalee barbaachisoo sadan barnoota keenyaati. Kana booda gaaffilee
armaan gadii irratti mariiyadhaa.

Maree:

 Seenaa kana keessatti seericha dubbisuu keessatti gaheen Izraa maal ture?
 Karaalee namoonni sunnniin sagalee Waaqayyyoof deebii itti kennan tarreessi.
A. ……..
B. ……
C. ……

Fakkeenya Izraa fi Nahiimiyaa irraa waa’ee kutaa macaafa dubbisuu fi dudubbachuu


maal baranna?

Seenaa sana keessatti maaltu akka tahe haa hubannu. Gaggeessitoonni sun seericha dubbisani,
ibsani, sabni immoo abboomamuudhaan hojjete. Izraa fi gaggeessitoonni warri kaanis akkaataa
itti seerichi saba sanaaf hubatamee jijjiirama isaanirratti fiduu danda’uun seericha hubatanii
barsiisan. Galmi sagalee Waaqayyoo barsiisuu isa akkasii ti. Gaggeessitoonni kamiyyuu bakka
Waaqayyo isaan kaa’etti akkasuma gochuu qabu: Manatti, hawaasa keessatti, bakka hojii
isaaniitti yookiis waldaa kiristaanaa keessatti. Isa kanas sirriitti raawwachuudhaaf gaggeessaan

247
tokko akkaataa itti namootaaf qooduu isa dandeessisutti macaafa qulqulluu qu’achuu danda’uu
qaba. Barumsa kana keessattis xiyyeeffannoo keenya taha.

Yeroo macaafa qulqulluu qo’annu gaaffille sadii gaafachuu qabna.

I. Maal jedha? (Ilaaluu)

Seenaa Izraa keessatti, gaggeessitoonni sun seericha sagalee isaanii ol fuudhanii dubbisan. Kun
nama macaafa qulqulluu qo’achuu barbaadu hundumaaf gaaffii isa tokkoffaa, “Maal jedha?”
jedhu ni deebisa.

Qo’achuu keessatti, sagalichi maal akka jedhu hubachuuf soquu qabna malee sagalichi maal
akka inni jechuu qabu barbaadna miti. Kun immoo gadi fageenyaan ilaaluu gaafata; Akka
Izraan taasise yeroo namoonni dubbisan sirriitti dhaggeeffachuu yookiin isa barreeffame yeroo
dubbifnu gad fageenyaan ilaaluu. As irratti waan macaafichi jedheef abboomamuuf osoo hin
taane, maal akka inni jedhu hubachuu dha. Maal akka inni jedhu hubachuudhaaf gaaffilee
hedduu gaafachuu dandeenya.

A. Jechoota achi keessa jiran hunda hubadheera?

Yeroo tokko tokko macaafa qulqulluu keessa jechoonni nuti salphaatti hin hubanne jiru.
Jechoonni nuyi hin hubanne yoo jiraatan, sagalichaaf abboomamuun ulfaataa taha.

Maree: Seenaa Izraa keessatti jechi ati hin hubanne jira? Macaafa qulqulluu keessatti
jechoonni ati hin hubanne yoo jiraatan, sirriitti hubachuudhaaf maal gochuu qabda?

Jechi nuuf hin hubatamne jiraannaan nama nuuf ibsu gaafachuu yookiin galmee jechootaa
fayyadamuudhaan hubachuu qabna. Jechoota hundumaa hubachuu osoo dandeesseeyyuu, afaan
garaagaraatiin dubbisuudhaan caalmaatti hiikkoo sagalichaa ifa godhachuu qabda. Afaan, afaan
dhalootaa kee hin taaneen kan qu’attu yoo taate, afaan dhalootaa keetiinis dubbisuu fi namoota
afaan sanaan dubbatan dhaggeeffachuu qabda.

B. Barbaachisummaan tokkoo tokkoo jechoota achi keessaa maali?

Jechoota hundumaa erga hubatteen booda, tokkoon tokkoo jechootaa irratti xiyyeeffachuun kutaa
sana akka qu’attu si gargaara. Yeroo baayyee hubachuun kan dhufu, kutaa sagalicha xiqqoo
ishee gadi fageenyaan ilaaluu keessaati.

Fakkeenyaaf, Seenaa Macaafa Nahiimiyaa keessatti itti fayyadamaa jirru keessatti, gaalee
luqqisii jalqabaa keessa jiru ilaali

“..warri mandaroota ofii isaaniitti galanii turan hundinuu waltajjii karra isa ‘ karra bishaanii’
jedhamu fuula duratti tokkummaadhaan walitti in qabaman”

248
Dhaggeeffadhu yookiis irra deddeebi’ii si’a baayyee dubbisi. Yeroo kanas jecha tokkicha irratti
xiyyeeffadhu. Maal irraa baratte?

Leenjisaa: Gartuudhaan yookiis dhuunfaadhaan shaakala kana akka taasisan gargaari.


Dursa, “warri mandaroota ofii isaaniitti galanii turan” kan jedhu irratti xiyyeeffadhu;
lammaffaairratti immoo ‘hundinuu’ kan jedhu irratti; sadaffaatti immoo,
‘tokkummaadhaan walitti qabaman’ isa jedhu irratti xiyyeeffadhu. Kana booda, maal
akka baratan haa ibsan.

Tuqaan kun, ibsa guddaa yoo kennuu baateyyuu, humna sagalee Waaaqayyoo fi faayidaa
tokkoon tokkoo jechoota achi keessatti barreeffamanii ni mul’isa. Yeroo bayyee, suuta jennee,
jechoota tokkoo tokkoo isaanii ilaaluu yoo baanne, waan Waaqayyo nuun jedhu ni dhabna ta’a.

C. Kutaa sana keessatti maaltu hin jedhamne?

Yeroo baayyee akkuma kutaa sana gadi fageenyaan ilaalaa dhufneen, kutaa sana keessatti maaltu
hin jedhamne kan jedhu hubachuuf nu gargaara. Kun immoo maaltu kutaa sana keessatti akka
hin hammatamne hubachuu fi hiikkoo gadi fagoo ta’e bira gahuutti nu geessa. Fakkeenyaaf,
seenaa Izraa sana keessatti, luqqisii sadaffaan,

“Inni gara waltajjii karra bishaanii fuula dura jirutti garagalee, dhiiraa fi dubartii akkasumas
warra waa hubachuu danda’an duratti ganama bariidhaa jalqabee hamma waareetti
sagalee isaa ol fuudhee in dubbise. Namoonni hundinuus macaaficha seeraa isaaniif
dubbifamu sana gurra qeensanii in dhaggeeffatu turan”.

Maree: Luqqisiin kun maal hin jedhu? Waa’ee qu’annoo macaafa qulqulluu maal irraa
baranna?

Leenjisaa: Maree gaaffii kanaaf tahu banuudhaan mariiyadhaa. Fakkenyaaf: Kutaan


kun, Izraan waan akkas jedhu isaan barsiise kan jedhu hin jiru. Galgala ittuma fufan
hin jedhu. Ijoolleen keessa jiru hin jedhu. Waan dhaggeeffatan hundumaa hubatan
hin jedhu.

Yeroo macaafa qulqulluu qu’annu, kutaan sun maal akka hin jenne adda baafachuun hiikkoo
tilmaamaa taatee hin raawwatamnee nu oolcha. “Maal jedha” kan jedhu hubachuuf gaaffii
barbaachisaa dha.

D. Yaadni yaa’a dubbichaa maal fakkaata?

Luqqisii qu’achaa jirtu sirriitti ilaali. Tartiibni wantootaa hammatameera? Taateen tokko isa
biraan walitti hidhata qaba? Wanti tokko wanti biraa akka ta’u godheera? Moo kaayyoo wayii
ibsa? Tartiibni seenaa sanaa maali? Inni duraa, inni lammataa, inni sadaffaa,….fi kf maali?

249
Jechoota muraasa gadi fageenyaan ilaali. Fakkenyaaf: ‘Kanaafuu’ yookiis “waan kana ta’eef”
yookiin “ kanaaf” kan jedhan akeeka agarsiisu. “Dursa”, “ itti aansee” yookiis “ kana booda” kan
jedhan yeroo waliin walitti waan dhufaniif tartiiba gochaa agarsiisu.

Fakkeenyaaf, seenaa Izraa keessatti, luqqisii 8ffaan

“ Yommus namoonni sun macaafa seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii, in ibsaniif;
jarris kana irratti seericha hubachuu in danda’an”.

Maree: Luqqisii kana keessatti, dursa maaltu ta’e? lammaffaarratti? Sadaffaarratti? Taateen
taatee bira akka uumamu taasise jira?

Leenjisaa: Mariiyachiisi: Hirmaattoonni akka hubatan ilaali. Yoo danda’ame, “dursa


dubbifamuu, booda hubachuu fi hiikkoo kennuu akka ta’e hubadhu.

Gaaffilee arfan irra deebi’i. Jechoota hunda hubadheera? Barbaachisummaan jechoota


sanneenii maali? Maaltu hin jedhamne? Yaadni yaa’a sanaa maal fakkaata?

“Macaafichi maal jedha?” kan jedhu qu’annoo macaafa qulqulluu keessatti gaaffii dursa
gaafatamu dha. Amma immoo gaaffii lammaffaa ilaalla.

II. Maal jechuu dha? Hiikkoo

Izraa fi gaggeessitoonni kaan macaaficha dubbisuu qofaa osoo hin taane, namoonni hiikkoo isaa
akka hubatanis gargaaraniiru. Luqqisii 8ffaarratti akkas jedha,

““ Yommus namoonni sun macaafa seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii, in ibsaniif;
jarris kana irratti seericha hubachuu in danda’an”.

Gaggeessitoonni sun macaafichi maal jechuu isaa akka tahe hubachiisan. Hiikkoo isaa saba
sanatti himuun dura, ofii isaanii sirriitti hubataniiru. Gaggeessitoonni macaafa qulqulluu
qo’achuu fi hubachuu kan qaban kanaafi dha.

Guyyaa tokkoffaa macaafichi dubbifameefiin booda maaltu akka tahe, ilaali. Lakk 13,

“ Ji’ichatti guyyaa lammaffaatti dura buutonni qomoo hundinuu lubootaa fi Lewwootaa wajjin
caalchisanii seericha keessa baruudhaaf Izraa, beekaa macaafaa biratti walitti in qabaman.”

Sagalichuma kaleessa dhagahan sana irra deebiin hubachuuf waan walitti qabaman fakkaata.
Waa’ee macaafichaa hubachuudhaaf baayyee onnatanii turan. Dhaggeeffattoonni sun, gaaffii
qu’annoo macaafa qulqulluu isa lammaffaa, “Maal jechuu isaati?” isa jedhu deebisuu barbaadan.

Macaafichi maal jechuu akka ta’e barachuudhaaf, gaaffilee kan biroo hedduu gaafachuu
dandeenya.

250
A. Dhaggeeffatoota warra jalqabaa sanaaf maal jechuu isaati?

Qu’annaa macaafa qulquluu keessatti waa’ee haalota dhaggeeffattoota jqalqabaa hubachuun


barbaachisaa dha. Kana jechuun, haala caaffatichi keessatti barreeffame, eenyu fa’itu akka
keessatti hammatame, maaltu akka ta’e fi kkf.

Ergaan sun eenyuuf akka barreeffame (keessumattuu xalayoota kakuu haaraa keesatti) fi yeroo
sana dura maaltu akka ture beekuun barbaachisaa dha. Barreessichi eenyu? dhaggeeffattootni
eenyu? kkf. Hammuma dhaggeeffattoota jalqabaa hubanne ergaa xalayichaa hubachuu
dandeenya.

Waa’ee seenaa Macaafa qulqulluu hin beeknu yoo ta’e, yeroo fudhadhuu baradhu! Hiikkaa
jechoota Macaafa qulqulluu fa’a qabaannaan caalmaatti akka hubattuuf si fayyadu. Yoo ta’uu
baate, nama leenjii Macaafa qulqulluu barateeru argachuun gaarii dha.

Fakkeenyaaf: Seenaa macaafa Izraa hubachuudhaaf, seenaa saba sanaa fi yeroo sana maaltu
akka ture beekuun barbaachisaa dha.

Maree: Yeroo itti seenaan sun raawwatetti saba sanarratti maaltu ta’ee ture? Barsiisni
Izraa akkamitti jireenya isaanirratti dhiibba fide?

Leenjisaa: Akka gartuu sanaaf mijatutti mariiyadhaa! Hirmaattonni kitaabota wabii akka
fayyadaman, yoo argachuu hin danda’an yookiis dubbisuu hin danda’an ta’emmoo
Waaqayyo akka isaan hubachiisuuf akka gaafatan jajjabeessi.

B. Akaataan galma (context) kutaa sanaa maali ?

Akaataan galmaa gabaabaatti waan duraa fi booda kutaa nuti dubbifnuutti barreeffamee jiru dha.
Luqqisiiwwan naannoo waan nuti dubbifnuu jiran hundinuu isa dubbisaa jirru akka hubannuuf
baayyee nu gargaaru. Akkataa galma luqqisa sanaa hubachuun dogongora barsiisa amantaa
(doctrinal error) irraa nu eega, akka malee hiikkoo itti kennuu irraas nu ittisa.

“Hiikkoon wanta ani dubbise kanaa, yaada barreeffama kanaan dura yookiis booda dhufu waliin
adeema?” kan jedhu gaafachuu qabda. Barreessichi maal jechuu barbaadeeti? Galmi isaa eessa?
Eenyuuf barreesse? Maal mirkaneessuuf yookiis fashaleessuuf barreeffame?

Fakkeenyaaf: Seenaa Izraa nuti dubbisne keessatti, macaafota macaafa Izra dura jiran hubachuun
barbaachisaa dha.

2 Sen 36:15-23 dubbisi

Maree: Luqqiisiiwwan kunneen akkamitti macaafa Izraa hubachuuf nu gargaaru?

251
Kanaafuu, kutaa macaafa hubachuu keenyaan dura, akkaataa galma luqqisiiwwan macaaficha
keessaa hubachuu keenya mirkaneeffachuu qabna. Luqqisiiwwan duraa fi booda jiran dubbisi.
Maalummaa kutaa macaafichaa fi macaafichaa hubachuu qabda.

Gaggeessitoonni waa’ee Macaafa qulqulluu itti fufinsaan barachuu kan qabaniif kanaafi. Guyyaa
guyyaadhaan dubbisuu, yookiis macaafa qulqulluu dhaggeeffachuun gaggeessaan tokko macaafa
qulqulluu akka hubatu isa gargaaru. Kunis waa’ee kutaa isa dubbiftuu akka hubattuuf si
gargaara.

C. Qooqa gosa kamiitu dhimma itti bahame?

Hiikkoo kutaa macaafa sana akka hubatteen, afaan maaliin akka barreeffame ilaali. Macaafonni
gariin seenaa keessatti maaltu akka ta’e nutti himu. Gaariis ta’u badaa, waanuma ta’e irraa
barachuu dandeenya. Iddoo biraatti macaafni qulqulluun nu barsiisuuf yookiis qajeelfama nuyi
abboomamuu qabnu nuuf kenna; iddoo biraatti immoo afaan walaloodhaan barreeffame. Iddoo
kaanitti immoo seenessa addaa akka fakkeenyaatti barreeffameera. Takka takka immoo jecha
jechaan barreeffamee argina. Garuu yeroo biraa immoo dubbii haalaa (qoolaa) (figurative
speech) tiin barreeffamee argina.

Dubbii haalaa fakkii yokiis wal madaalchisuu kan fayyadamu dha. Innis afaan mallattoo
(symbolic language) yoo ta’u yeroo baayyee jechoota akka, “akka” yookiis, “fakkaata” jedhutti
dhimma bahama. Fakkeenyaaf, yeroo Yesus, “Mootummaan Waaqayyoo akka,…..” jedhu dubbii
haalaatti fayyadamuu isaati. “ Ani balbalicha” kan jedhus dubbii haalaati. “Inni kattaa keenya”
dubbii haalaati. Kun hiikkoo jecha kattaa jedhuu miti: garuu kattaa fi inni amala wal isaan
fakkeessu waan qabaniifi. Dubbii haalaa yeroo ta’u hiikkoo isaa hubachuun baayyee rakkisaa
dha. Macaafa dubbii haalaan barreeffame ibsuuf baayyee of eeggannoo guddaa gochuu qabna.
Akkas jennee of gaafachuu qabna, “ Dubbiin haalaa kun maalitti fakkeeffama?” Macaafonni
raajotaa dubbii haalaa hedduutti dhimma bahaniiru, kanaafuu hiikkoon isaanii hedduu dha. Akka
malee akka hin hiikne, hin fayyadamnee fi hin hubanneef Waaqayyoon gargaarsa gaafachuu
qabda.

Maree: Yeroo Yesus, “Ani balbalicha” jedhu maal jechuu isaati? Seenaa Izraa, dubbifne
keessatti qooqa gosa kamtu dhimma itti bahame? Seenessaa seenaa moo barsiisa dha?

D. Isa kana caalaa kan biraa maal jechuu isaati?

Ilaacha yeroo tokkootiin dhaabdee gara gaaffii qu’annoo macaafa qulqulluu isa dhumaatti hin
ariifatiin. Ilaalaa turi! Ammas ilaali. Kutaa macaafa sana ammas dubbisi. Sagalee guddaadhaan
dubbisi.

Gaggeessan yeroo macaafa qulqulluu qu’atu, akka nama albuuda yookiis diyaamondii
baasuu ti. Of eeggannoodhaan gad qotee, waan barbaadu bira gaha. Ammas dabalee qota,
suuta jedhee diyaamondii baayyee mi’aawaa sana baafata.

252
Leenjisaa: Ibsi kun hirmaattotaaf miira gaarii akka kenne gaafadhu. Yoo ta’uu baate,
ibsa biraa caalmaatti hubachiisu barbaadi. Yoo hubataniiru ta’e, dubbii haalaa ati
dubbatte hubachuu isaani itti himi. “Macaafa qulqulluu qu’achuun akka albuuda
baasuuti” jette! Yoo yeroo qabaatte macaafa qulqulluu qo’achuu akkamitti akkas akka
ta’e gaafadhu. Akkamitti dubbii haalaa dubbachuun qu’achuu macaafa qulqulluu akka
nu hin hubachiifne gaafadhu.

(ciicachiisa: Albuuda baasuuf qotuu keessa, diyaamondii isa baayyee mi’aawaa


arganna. Qu’achuu macaafa waliin wal fakkaata. Garuu, albuuda qotuu keessatti
biyyeen hin fayyadnes naannoo diyaamondii sanatti qabatanii argamu. Akkuma kana
ergaan macaafa qulqulluu hundinuu odeeffannoo gadhee qaba jechuun dogongora.
Kanaafuu, diyaamondicha argachuuf caalmaatti qotuu barbaachisa. Kunis, dubbii
haalaa dubbachuun akkamitti akka yaada Waaqayyoo balaa keessa buusu nama
hubachiisa.

Leenjisaa: Tuqaalee hanga ammaatti baranne keessa deebi’iif!

III. Maal gochuu qabna? (Hojiitti jijjiiruu)

Sabni sagalee Waaqayyoo dhaga’ee yoo hubate, hatattamaan hojiitti jijjiira. Waa’ee ayyaana
dhagahanii ayyaaneffachuu eegalu. Abboomamuun isaanii, gaaffii Keenya isa sadaffaa, “Maal
gochuu qabna?” jedhu furuu qaba.

Iddoon kun iddoo itti jireenya keenyaa fi warra gaggeessinuu keessatti hubannaa macaafa
qulqulluu mirkaneeffannu dha. Gaaffileen jalqabaa lamaan caalmaatti, eenyummaa kutaa
macaafa dubbifnee fi maal jechuu isaa akka ta’e iddoo itti hubannu dha. Deebii kanneen yeroo
deebifnu, qabiyyee macaafichaa ibsuufii dandeenya. Gaaffiin xumuraa garuu gara hojiitti nu
geessa. Kun bakka itti jireenyi geeddaramu dha. Odeeffannoon gocha malee jijjiiramaa dhugaa
fiduu hin danda’u.

Gochi dhugaa wangeelaa gaaffii, “Kanaaf maal?” jedhu deebisa. Luqqisicha hubadheera,
jireenya koo irratti jijjiirama maalii fida? Kana gochuuf gaaffilee lama gaafachuu qabna.

A. Ani maal gochuun qaba?

Luqqisii yeroo qo’annu, jalqaba dubbichi maal akka nuun jedhu hubachuu qabna. Anaaf maal
jechuu isaati? Kutaan macaafa sun osoo namoota gaggeessinu hin jijjiiriin nu jijjiiruu qaba.

Of gaafachuudhaan jalqabi, “Kutaan kun anaan maal jedhe?, Seenaan amma dubbise kanaan
jireenya koo akkaataa kamiin akkan jijjiiruuf Waaqayyo natti dubbate? Mana keessatti, bakka
hojii kootti, waldaa keessatti maal jijjiiruun qaba?” jedhii of gaafadhu.

253
Yeroo tokko tokko kutaan kun jireenya keenya keessatto shaakalameera ta’a. Yeroo biro immoo
itti caalchifnee akka itti yaadnu nurraa brbaada ta’a. Fakkenyaaf: Luqqisii duraan ilaalle ammas
irra deebinee ilaalla. Nah 8:8

“““ Yommus namoonni sun macaafa seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii, in ibsaniif;
jarris kana irratti seericha hubachuu in danda’an”.

Maree: Luqqisiin kun anaan maal jechaa jira? Osoon waan kutaan kun jedhu gara
hojiitti jijjiire, jireenya koo keessatti maaltu jijjiiramuu qaba?

Leenjisaa: Gartuudhaan akka deebisan taasisi. Deebiin isaanii gocha irratti kan
xiyyeefate ta;uu qaba,Fakkenyaaf: “Ani dubbii Waaqayyoo hubachuudhaaf yeroo bal’aa
fudhahcuun narra jira”, “Kutaa macaafa anaaf hin galle amma deemeen namoota
gaafadhee hubadha”, “Ergan qo’adhee warra kaaniif nan ibsa” kan jedhu deebisuu
danda’u.

B. Namoonni ani gaggeessu maal gochuu qabu?

Kutaan macaafa sun namootan ani gaggeesuun maal akka godhan irraa barbaada? Gocha
dhuunfaa ofii keenya taasisnu waliin wal qabachuu danda’a. Takka takka immoo guutummaatti
adda adda ta’a.

Warri kaan hojiitti kan jijjiiruu qaban hubachuuf, dursa kutaa sana gadi fageenyaan ilaallee,
fedhi isaanii maal akka ta’e adda baafachuu qabna. Kana gochuudhaaf, jijjiirama sammuu ofii
keenyaa barbaada. Isaan, rakkoo adda addaa kan kee irraa adda ta’e keesssa jiraachuu danda’u.

Gaaffilee armaan gadii of gaafachuudhaan hojiitti hiikuu namoota gaggeessitu hubatta

 Wal’aansoo akkamii keessa jiru?


 Guyyaa guyyaan qorumsa kkamiitu isaan mudata?
 Qajeelfamni kutaa kana keessaa akkaataa kamiin isaan irratti dhiibba fida?
 Qajeelfama kana osoo hojiirra oolchine, waldaan keenya maal fakkaatti?
 Karaaleen nuti qajeelfama kana hojiirra oolchaa hin jirre maaltu jira?

Maree: Waa’ee gartuu gaggeessituu yaaduudhaan gaaffilee armaan olii deebisi. Erga
seenaa Izraa kana dubbisanii, maal akka jijjiiraniif Waaqayyo isaan irraa eega?

Leenjisaa: Gartuudhaan gaaffilee kannen irratti akka wal falman gargaari. Deebii isaaniis
harkaa fuudhi. Yeroo baayyee, gochaalee dhuunfaa waliin wal fakkaaachuu danda’u. Ta’us
jijjiirama xiqqoos ta’e guddaa qabaachuu danda’a. Kanaafuu, akka gartuu hedduuf ta’utti
yaada mareef dhuyeessi.

Kunniin sadeen qu’annoo macaafa qulqulluu keessatti gaaffilee of gaafachuu qabnu dha: Maal
jedha? Maal jechuu isaati? Maal godhu?

254
Maree: Gaaffilee sadeen kanneen tartiiba isaaniin ala osoo fayyadamne rakkoo maalii
qaba? Gaaffilee sanneen keessaa tokko yoo deebi’uu baate hoo rakkoo maalii fida?
Kanarraa waa’ee qo’annaa macaafa qulqulluu maal baranna?

Leenjisaa: Mareef haala mijeessi. Gaaffiin inni dhumaa dursa yoo deebi’e, hojiitti
hiikuun sun dogongoraan ta’uu danda’a. Inni lammaffaan osoo dura deebi’es rakkoon
hubachuu dhufuu danda’a. Kanaafuu, tartiibni isaa baayyee barbaachisaa dha. Inni
1ffaa fi 2ffaan yoo deeebi’anii 3ffaan hafe, jijjiiramni guddaan hin dhufu. Sadanuu fi
tartiibni sadanuu baayyee barbaachisaa dha.

Goolaba

Kun qo’annoo Macaafa qulqulluu ti! Kunis hojii salphaa miti; garuu akka gaggeessaa tokkootti
hojii baayyee namatti tolu dha. Gadi teessee hojii cimaa qo’annoo macaafa qulqulluu baradhu!
Kana booda, akkuma Izraa, namoota warra kaan barsiisuu dandeessa. Waaqayyo qo’annoo kee
keessatti si gargaara; garuu siif hin qo’atu! Inni hojii keeti!

Barumsi kun gaggeessitootaaf tuqaa isa jalqabaati. Keessumaa, tiksoonnii fi barsiisonni


qo’annoo macaafa qulqulluu itti fufaa taasisuu qabu.

Leenjisaa: Dandeettii hubachuu hirmaattotaa fi meeshaalee deeggarsaa of biraa qabdu


yaadadhu. Waan isaaniin baayyee fayyadu irratti xiyyeeffadhu, Yeroo ammaa kana
meeshaaleen deeggarsa macaafa qulqulluu interneetii irraa argamuu ni danda’u.
Barnoonni kutaa lamaan dhiyaatu, kan qu’annoo macaafa qulqulluuf si fayyadu kan
biraanis gaaffii keessaniin isinnif ni ergama.

Qorannoo nama dhuunfaa

Waldaa kiritaanaa Ximootewoos keessatti tajaajilu hirmaachuuf carraa argatte haa jennu.
Ergaa isaa ganamaa eegale. 1Yoh 2:27, “Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in
jiraata. Inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu.Hafuurri isaa inni
dibata jedhame kun waa’ee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha. Sobnis
keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!” kan jedhuun eegale. Kana
booddee lallabuu eegale. Giddu galeessa ergaa lallaba isaa kan armaan gadii ture.

Isin Waaqayyoon dibamtaniittu. Inni dibata dhugaa dha. Dibanni kunis yeroo tikseen keessan
harka isaa sinirra kaa’u isiniif dhufa. Waaqayyo irraa yeroo dibamtan, eenyuyy maal isin
barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri Waaqayyoo isiniif ibsa. Kadhannaadhaan Waaqayyo waan
isin barbaaddan akka isin barsiisuuf gaafadhaa!

Ergaa kana booddee, namoonni erga waldaatii bahanii atimmoo Ximotewos waliin laaqana
affeeramte. Barumsa gaggeessuummaa barachuu kee waan beekuuf, “Ergaan ganama kana
lallabeef kan na fayyadu maal natti himuu dandeessa?” yoo siin jedhe maal jetta?

255
Seenaa as keessatti baranne kana namoota sadiif qoodiif. Waa’ee qo’annoo macaafa qulqulluu
waan barattee fi waan jijjiiruu qabdu isaanitti himi. Waan baratte dareef qooduuf qophaa’i.

Abbaltii gochaa

Maqaa:________________________________

Iyaasuu 1:8 qo’adhuu gaaffilee armaan gadii deebisi.

“Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamiin! Halkanii fi guyyaas waa’ee isaa yaadi!
Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti
caafame hundumaa gaarii godhii eegi!”

1. Maal jedha?
A. Jechoota dhimma itti Bahaman hundumaa hubadheera? Yoo ta’uu baate, jechoota siif
hin galle adda baasuudhaan galmee jechootaa fayyadami yookiin namoota gaafadhu.
Hiikkoo isaa barreessi.
B. Barbaachisummaan jechoota achi keessaa maali? Kutaa sana suuta jedhii
tasgabbiidhaan dubbisi. Armaan gaditti waan baratte barbaachissa sitti fakkaatu
hunda barreesi.
C. Maalt hin jedhamne?
D. Yaadni yaa’a as keessaa maali? Kutaa kan keessatti eenyutu hammatame?
Qooqa gosa kamiitu itti dhimma bahame? (Yaada, abboommii, jajjabina, ifata, kkf)
Yaa’I yaada isaa akkami? Tartiiba qaba? Bu’aan isaa maali?
2. Maal jechuu dha?
A. Dhaggeeffattoota jalqabaaf maal jechuu dha? ( Waa’ee dhaggeeffattoota jalqabaa
hammuma hubatte barreessi). Barreessichi eenyu? Eenyyuuf barreeffame? Sababa
maaliif barreeffame? Ciichachiisa akka siif ta’uuf ittiin galma kitaabichaa ilaali. Yoo
dandeesse, kitaaboilee wabii fayyadamii bareessi.
Dhaggeeffattoota jalqabaaf, “aarsaa”jechuun maal jechuu dha?

B. Akkaataan galma mutichaa akkami? Boqonnicha guutummaa isaa dubbisi. Qooqa


gosa kamtu dhimma itti bahame?
3. Maal goonu? Amma gocha irratti xiyyeeffadhu. Kutaan kun akkamitti jireenya keenya
jijjiira?
A. Ani maal godhu? Ofii kee jijjiiramu fiduu qabdu barreessi.
1,______________
2. ______________

B. Warreen ani gaggeessu maal gochuu qabu? (Jireenya isaanii keessatti maal akka jijjiiruu
qaban barreesi).

1. ___________________2.____________________________3.________________________

256
HOJII GAREE
Kutaa Macaafaa: 1 Qor 12:12-28, Ktaawwan Qaamaa

Qajeelfama

Gartuun akka ta’utti ijaarame, tattaaffii dhuunfaan hojjetamurra baayyee caala. Gaggeessitoonni
gahumsa qaban akkaataa itti gartuudhaan hojjetamnii bu’aa caalu fidan beeku. Barumsi kun
aangoo gareen hojjechuu hubachuu fi guddisuudhaan mul’ata Waaqayyo dhaabbata tokkoof qabu
raawachuu irratti xiyyeeffata.

Galma barumsichaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Humna hojii garee


 Akeeka hojii garee
 Rakkoolee sadan hojii garee
 Tarkaanfiilee qabatamaa hojii garee ittiin ijaaran ni baratu

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni;

 Ofii isaanii akka miseensa gartuu fi gaggeessaa gartuutti of madaalu


 Qajeelfama hojii garee irratti hundaa’uun gartuu isaanii ni jabeessu

Seensa

Mul’ata Waaqayyo nuuf kenne bira akkamitti gahuu dandeenya? Abjicha akkamitti hojiitti
jijjiirra? Mul’ata dhugaa Waaqayyo irraa nuuf kenname, kan qofaa keenya raawwachuu hin
dandeenye tokko yoo qabaanne, gartuu wajjin hojjennu ijaarrachuun nurra jira. Hojiin garee,
abjuu keenya hojiitti jijjiira!

Leenjisaa: Hojiin garee ati hojjechaa jirtu maali? Tarreessuu dandeessa.

Gaara xiqqoo bahuu yoo barbaadde, gartuu cimaa barbaaduu dhiisuu dandeessa. Garuu, gaara
Everst bahuu yoo barbaadde, gartuu jabaa si barbaachisa. Hammuma mul’atichi guddatu, gartuu
cimaan si barbaachisa. Karoorri Waaqayyo waldaa kiristaanaaf qabu, mul’ata hanguma gaara
Everestiin bahuu gahu fakkaata.Namoonni biliyoona lamaa ol ta’an ammayyuu waa’ee gooftaa
Yesus dhagahuuf eeggachaa jiru. Isaan bira gahuu kan dandeenyu yoo gartuudhaan hojjenne
qofaa dha. Kanaafuu, barumsi hojii garee jedhu kun ergama guddicha fiixaan baasuuf baayyee
murteesaa dha.

257
Gahumsa dhokataa nu keessaa guddisuu fi gahumsa dhokataa namoota biro keessaa kakaasuun
hammam baraachisaa akka ta’e baranneerra. Barumsi kun immoo gara sadarakaa itti aanuutti nu
ceesisa_gartuudhaan hojjechuu. Hojiin garee yaad rime macaafa qulqulluutti.

1Qor 12:12-28 dubbisi.

Gaaffilee armaan gadii deebisi.

 Fakkiin bu’aa qaamaa kun akkamitti waldaa bakka bu;uu danda’a?


 Bu’aa qaamaa adda addaa qabaachuun maal fayyada?
 Luqqisii kana keessaatti rakkoon bu’aa dhagnaa adda addaa qabaachuu maali?
 Waldaa keessa bu’aaleen qaamaa garaagaraa maaltu jiru?
 Yeroo bu’aaleen qaamaa garaagaraa wal faana hojjetan waldaa keessatti maaltu ta’a
jettee yaadda?
 Yoo wal faana hojjechuu baatan hoo?

Kutaa kana keessatti yaadota afur gartuu ciccimaa ijaaruuf nu gargaaran ilaalla

I. Humna gartuudhaan hojjechuu

Phaawuloos, fakkii dhagna namaa fayyadamee, akkamitti akka Waaqayyo hojii gartuu karoorse
ibse. Kutaa qaamaa hedduutu jiru. Kutaan qaamaa kamiyyuu, hojii qaamichi guutummaan
hojjetu hojjechuu hin danda’u. Garuu, yeroo kutaan dhagnaa hundinuu sirriitti hojjetan, qaamichi
fayyaatti hojjeta. Mana, hawaasaa fi waldaa kiristaanaa keessattis kun dhugaa dha. Kutaan
qaamaa kamiyyuu hojii hojjechuuf uumame yeroo hojjetu, wanti guddaan ni hojjetama. Waliin
hojjechudhaan, eenyuyyuu waan guddaa hojjechuu danda’a.

Leenjisaa: Afaan Ingiliffaatti kan fayyadamtu yoo taate, gabaajee kana fayyadamuu
dandeessa.

T-Together

E- Every one

A-Accomplishes

M-More

Yoo afaan Ingiliffaatti hin fayyadamtu ta’e, isa kanatti dhimma bahuu dhiisuu dandeessa.

Gartuun hojii guddaa fi eenyuyyuu yoo qofaa hojjete hojjetu caalaa hojjechuu danda’u.

A. Gartuudhaan hojjechuun hojii baayyee (more work) hojjechuuf fayyada.

Gartuudhaan hojjechuun akkamitti waan baayyee hojjechuuf nama fayyada? Gartuudhaan


hojjechuun hojii caalmaaf nama gargaara. Sababni isaa kennawwaan garaagaraa walitti waan

258
fiduufi. Phaawuloos kennaawwan garaagaraa akkamitti akka waliin hojjechuu danda’an
fakkeenya nuuf kenneera. Lakkoofsa 17, irratti, “Egaa guutummaan dhagnaa ija utuu ta’ee,
attamitti dhaga’uu danda’aree? Guutummaan dhagnaa gurra utuu ta’ee attamitti
fuunfachuu danda’aree?”

Qofaa hojjechuu jechuun, kennaa koo qofaadhaanan hojjedha jechuu dha jechuu dha. Garuu
yeroo walitti daballu, waan baayyee hojjechuu dandeenya. Sababni isaa kennaa adda addaa waan
qabnuuf. Namni kennaa hundumaa qabu hin jiru; garuu mul’;anni hojjetamuudhaaf kennaawwan
hundumaa barbaada. Yeroo tokko kennaan tiksummaa barbaachisa; yeroo biraammoo kennaan
raajummaa akkasumas kennaan jajjabeessuu barbaachisa. Gartuudhaan hojjechuun waan
baayyee raawwachuudhaaf fayyada.

Yesus hojjettoota lama lamaan isaan erge. Kunis gartuu xixiqqoo dha. Faayidaan namoota lama
erguu maali? Akkamitti wal gargaaru danda’u? Yesus maaliif tokko kallattii tokkoon, isa biraa
immoo kallattii biraadhaan hin ergine?

Leenjisaa: Mareeyatanii akka deebisaniif hayyamiif. Hirmaattotni, gartuudhaan


hojjechuun hojii caalmaaf akka fayyadu akk hubatan mirkaneeffadhu. Namni tokko
muuxannoo fi ilaalcha isa biraa irraa adda ta’e qaba. Inni tokko yeroo inni biraan
dadhabu jajjabeessuu danda’a. Inni tokko nama isa biraa tamsaasa wangeelaaf baheef
kadhachu danda’a.

Waa’ee gartt ispoortii yaadi. Miseensi gartuu hundinuu akka ta’utti yoo taphate mo’uu danda’u.
Ofirraa ittisuunis gartuu biraa immoo mo’achuuf dhama’uun barbaachisaa dha. Kaan waan tokko
irratti kennaa caalu yoo qabaatan kaan imoo waan biraa irratti kennaa caalu qabu. Garuu yeroo
waliin hojjetan, waan danda’an sana yeroo hojjetan moo’icha ni argatu. Waliin galmicha fiixaan
baasu.

B. Gartuudhaan hojjechuun hojii gaarii (better work) hojjechuuf nama gargaara.

Gartuu keessa namoota gosa adda addaa kan waan danda’an irratti gahumsa qabantu jiru. Kun
immoo bu’aa hojii qofaa hojjechuu caalaa argamsiisa. Gahumsi hojii gartuudhaan yroo hojjennu
gaarii ta’a. Maaliif? Gartuudhaan hojjehcuun, namoonni karaa dandeettii isaanii akka hojjetan
waan taasisuufi. Namoonni karaa dandeettii isaanii waliin yoo hojjetan, dadhabbiin namoota
warra kaanii ni hir’ata. Namni kamiyyuu waan hojjechuu danda’u yoo hojjete, baayyeen
hojjetamuu danda’a.

Akka kanaatti hubadhu. Ani osoon cimaa ta’ee waan hojjetamu dhibbentaa 50 hojjedhe,
dhibbentaan 50n sirriitti hojjetama. Inni hafe, dhibbeentaan 50 akka malee (poorly) hojjetama.
Tarii, sirriitti barsiisuu nan danda’a. Garuu bulchiinsa hin danda’u ta’uu danda’a. Yeroon
barsiisuu fi bulchiinsa wajjin hojjedhu, barsiisni koo gaarii bulchiinsi koo immoo badaa ta’a.
Garuu, namni biraa gartuu kootti osoo makamee, bulchiinsatti cimaa fi barsiisatti laafaa yoo ta’e;
nama kana waliin hojjechuun gama lamaaniin bu’aa guddaa argachuuf nama dandeessisa.

259
Gartuudhaan hojjechuun walirraa barchuu fi wal jajjabeessuuf gargaara. Yaada, waan guddaa na
aadchisu qabaachuu dandeessa. Kun immoo yaada caalmaa, dhuunfaa keenyaan argachuu hin
dandeenye uuma.

Maree: Hamaas ta’u gaarii, muuxannoo hojii gartuudhaan hojjette qabda?


Muuxannoon kunnniin akkamitti ilaalcha gartuudhaan hojjechuu kee boce?

Leenjisaa: Gaaffii kanaaf yeroo mare hayyamiif

II. Akeeka gartuudhaan hojjechuu

Gartuum maaliif jiraate? Galmi gartuu qabaachuu maali?

A. Gartuudhaan hojjechuun mul’ata fiixaan baasuuf gargaara.

Seenessa keenya keessatti Phaawuloos, fakkii bu’aa dhagna namaa waan hedduu waliin
fayyadame. Bu’aawwan qaamaa sunniin waan qaama sanaaf yeroo sanatti barbaachisu
hojjechuuf fayyadu. Bifuma wal fakkaatuun, kaayyoon hojii garees mul’anni gartuu sanaa akka
fiixaan bahuu fi. Namni kamiyyuu, waan isaan irraa barbaadamu hojjeta. Gartuun ispoortii
gartuudhaan gara galma tokkootti taphachuudhaan dhumarrati qabxii argatu. Mul’anni kee
maali? Gartuun kee akkamitti gara mul’ata keetti si geessuu danda’a? Yeroo qabxii argattu
akkamitti beekta?

Maree: Waa’ee waldaa kiristaanaa yaadi. Karaaleen ittiin waldaan kiristaanaa qabxii
galmeessistu maali?

Karaaleen muraasni, yeroo

 Namni haaraan daawwatamu


 Namni haaraan gara Kiristos dhufu
 Namni tajaajila keessa seenu
 Inni waldaa hundeessu ergamu
 Gaggeessaan ka’u

Leenjisaa: Namoota walfdaa bakka bu’an osoo hin taane, gartuu kan biraa barsiisaa jirta yoo ta’e,
haala isaanii waliin wal simsiisiif.

B. Gartuudhaan hojjechuun tokkummaa jabeessa

Yeroo bu’aan dhagnaa hundinuu, waan isaan irraa eegamu hojjetan, lakkoofsa 25 irratti
Phaawuloos akkas jedhe, “ Inni uumes gargar ba’uun bu’aa dhagnaa gidduutti utuu hin argamiin,
qixxeetti walii isaaniif akka yaadaniif kana godhe.” jedha. Namni hundinuu waan barbaachisuufi
hundinuu hojii gartuu sana keessatti isarraa eegamu waan hojjetuuf hojiin garee tokkummaa
jabeessa. Qofaa hojjechuurra, gartuudhaan hojjechuun namoota walitti fida.

260
Jechi gartuu jedhu waa’ee nama dhuunfaa hin ilaallatu. Waliin hojjechuu ilaallata. Gaaffii namni
tokko gaafatu gaafachuu dandeenya, “ Ani maalan fayyadama?” Kun dhimma qabatamaa miti.
Dhimmi gartuu dhimma dhuunfaa ni caala. Namni tokko, fedhii dhuunfaa gartuu isaa caalu yoo
qbaate, gartuu sana gargaaruu hin danda’u.

Kennaa keenya qofaa irratti yoo xiyyeeffanne, of tuulla. Garuu, akka qaama gartuu sanaatti yoo
of ilaalle, gatii warra kaaniis ni hubanna. Kunis gartuu sanaaf tokkummaa fida. Kadhannaan
Yesus, nuyi tokko ta’uu keenyaan biyyi lafaa akka isa beeku (Yoh 17: 21) ture. Hojii garee
cimaan namoota hin amanneef dhugaa baatii guddaa dha.

Maree: Gartuun keenya warra kaan gara Yesusitti ni harkisa? Tokkummaa keenya
jabeeffachuuf maal gochuu qabna? Gartuu koo ishee xiqqoodhaan Waaqayyo namoota
gara mootummaa isaatti akka waamu beeka?

III. Rakkoo hojiin garee qabu

Hojiin garee abjuu fiixaan baasa, garuu akka salphaatti miti. Wantoonni hojii garee dadhabsiisan
hedduutu jiru.Muraasa isaanii ilaalla.

A. Qooda wal deeggaruu, wal dorgomuu

Lakkoofsa 21 irratti, “ Iji harkaan, “Ati anaaf hin barbaachiftu” yookiis mataan miillaan
isaatiin, “Isin anaaf hin barbaachiftan” jechuu hin danda’u,” jedhe.

Yeroo gartuudhaan hojjennu, qooda wal deeggaruu, yaada wal dorgomuu nutty dhaga’amuu
danda’a. Namoota warra kaan caalaa barbaachisaa ta’uu keenya mirkaneeffachuu barbaadna.
Qooda wal gargaaruu qabnu, waldaa yookiis dhaabbata biraa waliin dorgommii eegalla.

Of madaali: Gartuun koo wal deeggaruu moo wal dorgomuu irratti xiyyeeffata? Maaltu
fooyya’uu qaba?

B. Qaama biraa akka baayyee olaanaatti yookiis akka baayyee gadaanaatti lakkaa’uu

Phaawuloos waa’ee bu’aalee dhagnaa balaa lama dubbatee ture. Tokko akka hin barbaachifneetti
of ilaaluu dha. Lakkofsa 15, “ Fakkeenyaaf miilli, “Ani harka miti; kanaaf ani kan dhagnaa miti”
yoo jedhe, kun bu’aa dhagnaa tokko ta;uu isaa hin oolchu” jedha.

Maree: Qaamni tokko akka kanaatti yoo of ilaale, maaltu ta’a? Kutaan qaamaa kiristoos
qorumsa akka kanaatiin qoramuu danda’u maal fa’a?

Balaan biraan immoo, waan hundumaa caalaa barbaachisaa godhanii of ilaaluu dha. Lakkoofsa
21 irratti akkas jedha, “ Iji harkaan, “Ati anaaf hin barbaachiftu” yookiis mataan miillaan
isaatiin, “Isin anaaf hin barbaachiftan” jechuu hin danda’u,” jedha.

261
Maree: Maree: Qaamni tokko akka kanaatti yoo of ilaale, maaltu ta’a? Kutaan qaamaa kiristoos
qorumsa akka kanaatiin qoramuu danda’u maal fa’a?

Of madaali: Akka miseensa gartuutti, yeroo baayyee ofii koo akka baayyee barbaachisaatti moo
akka dhimma hin baafneettan of ilaala? Kun akkamitti gartuu koo miidhe?

C. Waliin dubbii gaarii dhabuu

Phaawuloos, waa’ee bu’aalee dhagnaa hedduu walii wajjin dubbachuu dubbata. Isaanis fuulduraa
fi duubatti ergaa deddeebisu. Ergaaleen kunniin hedduun gartuu keessatti fayyaalessa miti.
Waliin dubbii dhabuun, karaa guddicha waliin hojjechuu balleessu dha. Waliin dubbiin kun,
akkuma fakkenya kana keessatti ibsametti, waliin dubbii hamaa ta’uu danda’a. Yeroo tokko
tokkommoo waliin dubbii jiraachuu dhiisuu danda’a. Gaggeessaa cimaan, miseensonni gartuu
gariin jajjabina akka barbaadan hubata. Gaggeessaan, mul’ata gartuu sanaa isaanitti himuu fi
akeeka isaanii isaan yaadachisuu hin dhiisu. Gaggeessaan waan miseensota gartuu irraa eegamu
isaan yaadachiisuu dhaan waliin dubbiin fayyaa hin taane gidduu isaaniitii akka dhabamsiifamu
hojjeta.

“Seera sa’aatii 24” yaadachuu qabna. Rakkoon tokko isoo hin furamiin sa’aatii 24 oliif hin
tursiisiin! Waa’ee isaa irratti dubadhu. Mareef dhiyeessiitii furmaata itti kenni. Keessumattuu
kun dhimma dhuunfaa ilaalchisee baayyee nu gargaara.

Waliin dubbii gaariin, gartuu sanarraa amantaa qabaachuu irratti hundaa’a. Kun hin jiru taanaan,
gaggeessaan walitti amanamummaa miseensotaa irratti hojjechuu qaba.

Of madaali: Gartuun koo akkamitti waliin dubbatu?

IV. Adeemsa Hojii Garee ijaaruu

Kanaafuu, akkamitti gartuu gaarii fi fayyaalessa mul’ata Waaqayyo nu keessa kaa’e wajjin
raawwaannu akkamitti ijaaruu dandeenya? Qaama namaa keessa, mataan namaa qaamota warra
kaaniif kallattii akka agarsiisu godhee uume Waaqayyo. Bu’aawwan qaamaa warri kaan yoomii
fi akkamitti akka hojjechuu qaban kan qindeessu sammuu dha jchuu dha.

Akkasumas gaggeessaan, gartuu ijaaruudhaan akkamitti akka waliin hojjetan qindeessa.


Gaggeessaan, qaamni kamiyyuu waan afur raawwachuu akka qabu mirkaneessuu qaba

A. Namni hundinuu gahee isaa hubachuu qaba

Gaggeessitoonni, akkamitti gaheen gartuu sanaa suuraa isa guddicha keessatti qooda fudhatu
hubachiisuudhaan gargaaru. Gaheen nama hundumaa gartuu sanaaf akka barbaachisu akka
hubatan taasisu.

Namni kamiyyuu, gahee isaa keessatti maaltu akka isa irraa eegamu hubachuu qaba. Itti
gaafatamummaan. Aangoo fi daangaan isaanii sirriitti beekamuu qaba.

262
B. Namni kamiyuu barbaachisummaa nama isa biraa hubachuu qaba

Gaggeessaan tokko gatii namni tokko gartuu sana keessatti qabu akka hubataniif miseensota
gartuu sanaa hundumaa hubachiisuu qaba. Waa’ee ofii isaanii baayyee ol of kaasanii yookiis
baayyee gad of buusanii of ilaaluu hin qaban. Namoonni hojii mul’ataa ta’e fuuldura namootaatti
hojjetn, hojiin isaanii kan warra kaanii irratti hundaa’e akka ta’e hubachuu qabu. Fakkeenyaaf;
Osoo warri mana qulqulleessan hin jiran ta’e, inni lallabu lallaba isaa akka ta’utti saba sanaaf
geessisuu hin danda’u. Gaggeessaan tokko namni tokko gartuu keessatti qooda qabaachuu isaa fi
ofii isaa gartuu hundumaa akka hin taane hubachiisuu qaba.

C. Namni hundinuu kan isarraa eegamu hojjechuu qaba

Gartuun tokko ciminaan hojjechuuf, namni hundinuu gahumsaa olaanaadhaan hojii isaa
hojjechuu qaba. Gaggeessitoonni, miseensonni maatii dandeettii isaanii akka cimsatan ni
jajjabeessu. Namni hundinuu kan isaa yeroo hojjetu, guutummaan gartichaa akka fayyadamu ni
beeku. Karaa biraa, namni tokko gartuu keessatti hojii isaa ciminaan hin hijetu taanaan,
guutummaan gartuu sana ni miidhama jechuu dha. Ciminni gartuu sanaa hammuma dadhabina
gartuu sanaan beekama. Kanaafuu, gaggeessaan tokko miseensota gartuu sanaa jajjabeessuu
qaba.

Gartuu keessatti, garri tokko gara isa biraa irratti dhiibbaa geessisa. Galmi waaqeffannaa hin
qulqulloofne yoo ta’e, keessummaan akka lammaffaa itti hin deebine godha; Keessumsiiftonni
yoo namoota ifatan, namoota gahumsa qaban dhabu, Maallaqni sirriitti hin hogganamu yoo ta’e
gggeessitoonni hojii isaanii sirnaan adeemsisu hin danda’an. Ajandaawwan sirriitti hin kaa’aman
taanaan, walgahiin sirriitti hin adeemsifamu. Gartuun warra waaqeffannaa (worhip team) sirriitti
hin gaggeessine taanaan, inni lallabu ergaa isaa sirriitti dabarsuu hin danda’u.

Namni hundinuu hojjechuu qaba yeroo jedhamu, inni tokko hojii isa kaanii hojjeta jechuu miti.
Hojii garee cimaan, namoota warra kaaniif carraa hojii kenna. Hojii namni biroon sirriit
hojjechuu danda’u yoo hojjetan akka ofittummaatti isaanitti dhagahama. Kana jechuun immoo,
gartuu keessatti wal hin gargaarru jechuu miti. Garuu, nu caalaa namni hojii sanaaf malu akka
jiru gaafanna. Tapha kubbaa miillaa keessatti, yeroo itti inni carraa kubbaa argate, nama
caalmaatti qabxii argachiisuu danda’uutti dabarsee kenna. Yoo qabxiin lakkaa’ame, namichi
dabarsee kennes qaama moo’icha sanaati jechuu dha.

D. Namni hundinuu moo’icha gartuu sanaa kabajuu qaba.

Phaawuloos, “Bu’aa dhagnaa sana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isa wajjin in
dhiphatu; inni tokko yoo ulfaate, hundinuu isa wajjin in gammadu.” jedha, lakkofsa 26.
Gartuun, yeroo tokko tokko salphina isaa waliin, mo’icha isaas waliin damdhamata. Yeroo
gartuun sun mo’u hundinuu ni kabaja. Inni moo’icha waliiniiti malee, gochaa nama dhuunfaa
miti.

263
Gaggeessitoonni gahumsa qaban, galma irratti kan xiyyeeffatanii fi gara fuulduraatti waliin kan
tarkaanfatani dha. Garuu, yeroo itti dhaabbatanii, waliin moo’icha isaanii kabajanis jira.
Milkaa’insa gartuu sanaa ni mul’isu. Nmani hundinuu karaa ittiin miseensonni gartuu sanaa
waliin itti moo’icha isaanii kabajan barbaada. Hojiin gaggeessaa gartuu sana gara moo’ichaatti
gaggeessuu fi moo’icha isaanii akka kabajatan deeggaruu dha.

Miseensonni gartuu sanaas,yeroo miseensi gartuu biraa gargaaru dafanii, “Galatoomi” jedhuun.
Gatii nama biraa jechaa fi karaa biraatiinis mirkaneessuuf.

Goolaba

Akka taphataa gartuutti akkamitti of ilaalta? Akka gaggeessaa gartuutti akkamitt of ilaalta?
Gaaffilee abbaltii gochaa keessatti ka’an deebisuudhaan, gartuu kee gara gulantaa itti aanuutti
ceesisuu dandeessa. Gartuun kee mul’ata Waaqayyo isiiin kenne raawwachuu danda’a.
Gartuudhaan hojjechuun, abjuu fiixaan baasa!

Qorannoo nama dhuunfaa

Hiriyaan kee, pastor Andrewoos gartuu gaggeessummaa isaatti akka ati makamtuuf si affeere.
“Gartuu keenya keessa walitti bu’insa gurguddaa fi baayyeetu jira; dhuftee nu gargaaruu
dandeessa?” jedhee si affeere. Kanaaf, atis walgahii isaanii tokko irratti achitti argamuf
karoorsite.

Erga nagaa wal gaafattanii booda, pastor Andrewos akka ati wal gahicha gaggeessitu si gaafate.
Atis, miseensonni gartuu sanaa waan ta’e hundumaa akka dubbatan gaafatte. Waan akkas jedhu
dhageesse.

Maartin, isa qarshii qabu, “ Hundi keenya kallattii adda addaarra adeemna. Gariin keenya,
tamsaasa wangeelaa keessatti, warri kaan immoo ijaarsa gamoo waldaa irratti xiyyeeffanna”
jedhe.

Istaanleey, maanguddoo, “ Ani itti gaafatamaa gartuu waaqeffannaa ti. Dilbata darbe paasteriin
faarfannaa isaaniitiin waan isaan ceepha’eef baayee gaddaniiru” jedhe

Yoseef, Diyaaqonii, “ Ani kana hojjedhu, waldattiin akka gaarii taatee mulattuufi. Garuu,
eenyuyyuu wanan ani hojjedhu hin argu, na hin jajjabeessu. Guyyaa tokko, kutaa barumsa
dilbataa osoon hin qulqulleessiin irraanfannaan, paaster Andrew ijoollee fi barsiisota gidduutti
natty dheekkame.

Evenliiy, Barreessaa, “ Waan waldaa kana keessatti ta’u hundumaa akka gaariitti barreessee
qabuun fedha, Garuu yeroo tokko tokko akkan beeksisa himuuf na gaafatu; animmoo fuuldura
sabaatti dubbachuu hin danda’u. Duraan walgahii waaqeffannaa keessatti argamuu baayyeen
hawwa, Amma garuu dhiiseera.

264
Lo’iis, abbaa wangeelaa, “ Ani namoota baayyee agra gooftaatti fideera. Garuu baayyeen isaanii
dadhabanii amantii isaanii dhiisaniiru. Lallabaan wangeelaa kan biraa akka nu barbaachisu
paaster Andrewitti himeen ture. Garuu, Maarti lallabdoota wangeelaaf qarshiin kanfalamu hin
jiru jette.”

Kana hundumaa erga dhaggeeffattee booddee, waan baratte irraa ka’uudhaan maal jettee maal
jetta?

Abbaltii gochaa

Maqaa:___________________________

Gartuu kee adda baafadhu. “Gartuu koo” kanan jedhee waamu eenyu? ( Isaanis, koree, boordii,
gartuu biraa, kkf ta’uu danda’a).

Gartuu kee madaali

Gaaffilee armaan gadii yaadannoo kee irraa ilaalii deebisi

1. Ciminni gartuu kootii maali?


2. Cimina gartuu koo guddisuuf maal gochuun qaba?
3. Dadhabinni gartuu koo maali?
4. Laafina kana jajjabeessuuf maal gochuu qabna?

Ofii kee akka miseensa gartuutti of madaali

1. Gartuu koo akkamittan ilaala? Karaa kamiinan ibsa?


2. Akka taphataa gartuutti moo dhuunfaatti of ilaalta?
3. Gartuu koo keessatti gaheen koo inni addaa maali?
4. Hojii koo jabeessuuf maal gochuun narraa eegama?
5. Tarkaanfiileen kan biraa Waaqayyo akkan jabeessuuf na waame maali?( Hamma
danda’ame murtaa’aa gochuu qabda)

265
WALDOOTA KIRISTAANAA BAAYYISUU: TOOFTAA WAAQAYYO
ADDUNYAA ITTIIN QAQQABSIISE
Kutaa macaafaa: HoE 1:8, 8:1-5, 13:1-3; 16:6-15

Ergama raawwachuu; Ariiyatamuu fi bittimfamuu Waldaa kiristaanaa; Barnaabaasii fi Saa’oliin


erguu; Mul’ata Phaawuloos waa’ee nama Maqedooniyaa fi geeddaramuu Liidiyaa

Qajeelfama

Karoorri Waaqayyo duuka buutotaaf qabu akka adeemanii namoota gara Yesusitti fidan; waldaa
akka hundeessanii fi hanga namni hundinuu carraa filachuu fi Yesus duukaa bu’uu argatutti
akka baayyisani dha.

Kaayyoo barumsichaa

Barumsa kana booda, hirmaattotni;

Barbaachisummaa waldaa kiristaanaa, akkanumaan dabaluu osoo hin taane, baayyisuu


Karaa ittiin Waldootiin durii baayyatan
Tarkaanfiilee turban Phaawuloos ittiin Waldoota hundeessu ni hubatu.

Galma gochaa

Barumsa kana booda hirmaattotni

 Yeroo fudhatanii, akkaataa itti Waaqayyo waldaa akka hundeessaniif isaan waame, adda
ni baafatu.
 Waldaa hundeessuudhaaf, karoora gochaa ni baafatu.

Leenjisaaf: Barumsi kun kutaa macaafaa Hojii Ergamootaa keessaa, barreefamoota sadii
irratti xiyyeeffata. Karaan ittiin Waldaa hundeessan kan macaafa kana keessatti
barreeffaman isa barumsa kanaan barannuun alatti hedduu dha.Osoo barsiisuuf hin
deemiin dura, hammuma macaafa kana dubbiste, caalmaatti ni hubatta. Yoo xiqqaatee,
qabxiilee arfan barumsa kana keessatti ilaallu sirriitti dubbisuu qabda. Yoo danda’ame,
macaafa Hojii Ergamootaa guutummaatti dubbisi.

Naannoo keetii namoota bira hin gahamiin tarreeffadhu. Yoo hin qabdullee ta’e,
hojjetoota Global Disciples gaafadhu.

Seensa

Karoorri Waaqayyo Waldaa isaaf qabu maali? Akkamitti akka isheen guddattu fedha? Gaaffileen
kunneen,barumsa kana keessatti kan ilaallu dha. Waldoota durii macaafa kana keessatti
galmaa’an baayyee isaanii gabaabinaan irratti xiyyeeffanna.

266
HoE 1:8, 8:1-5, 13:1-3; 16:6-15 dubbisaa

Leenjisaaf: Luqqisii HoE 1:8 irra jiru hamma namni hundinuu hubachuu danda’utti irra
deebi’uudhaan yaadachiisi. Yerusaalem bakka Waldaan Kiristaanaa itti eegalte ta’uu
yaadachiisi. Yihudaan naannoo Yerusaalemitti kan argamtu dha; Samaariyaan immoo
naannawaa sanaa xiqqoo kan siiquu fi aadaa addaa qabani dha.

Kana booda, seenaa HoE 8 fi 13 irra jirus itti himi. Namni hundinuu maaltu akka ta’e
hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Kana booda gaaffilee itti aananii jiran gaafadhu.

Maree:

1. HoE 1:8 irraa aka hubattetti, karoorri Waaqayyoo waldaa guddisuudhaaf qabu maal
ture? Eessaa eegale, eessatti raawwate?
2. HoE 8:1-4 irratti akka hubattetti, waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaarratti maaltu ta’e?
Kun immoo akkamitti guddina waldattii gargaaree?
3. HoE 13:1-3 kan ibsu, akkaataa itti Phaawuloosii fi Baarnaabaas waldoota kiristaanaa
haaraa hundeessuudhaaf adeemsa lallaba Wangeelaa isa jalqabaa akka taasisani dha.
Mul’ata waldootiii babal’isuu Waaqayyoo isa HoE 1:8 irra jiru akkamitti fiixaan baase?
Waldaa Anxookiyaa keessatti immoo wanti haaraan yookiis wanti addaa maaltu ture?
4. Waldaan kiristaanaa isheen durii akkamitti akka gaariitti karoora Waaqayyoo isa HoE
1:8 irra jiru fiixaan baste?

Nuti hoo har’a karoora isaa fiixaan baasuudhaaf akkamitti hojjechaa jirra?

Leenjisaaf: Daqiiqaa 5-10 yeroo mare fi yeroo calaqqeef hirmaattotaaf hayyamiif. Waldaan
kiristaanaa sun Yerusaalemiin gamatti takaanfatteetti, haa ta’u malee ariiyatamni ishee irra
gahee ture. Dhuma irratti, Anxookiyaa keessatti waldaan kiristaanaa hojjettoota gara
iddoowwan haaraatti ifatti ergite.

Waa’ee waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa sana hanga tokko ilaalleerra. Waldaa kiristaanaa
baayyisuun dura, waldaan kiristaanaa maali?

Leenjisaa: Hiikkoo isaa osoo hin himiin dura, hirmaattotaaf carraa kenni. Yeroo
baayyee, mana keessatti waaqeffannuu fi ilaalcha macaafa Qulqulluun Waldaaf qabu, isa
namoota walii wajjin Kiristoos wajjin bu’an jechuu ta’e sana, irratti yaadni garaagaraa
(confusion) jira. Erga hiikkoo isaa kenniteefiis, yeroo mare irra deebitee kennitaaf.

Global Disciples keessatti hiikkoon nuyi Waldaa kiristaanaaf kenninu akkasi. Waldaan
kiristaanaa (church), walitti qabama duuka buutota guddattuu (a growing community of
disciples), Kristoosiin giddu galeessa kan godhate (centered in Christ), ergama kan xiyyeeffate
(mission focused) fi hafuura qulqulluudhaan kan aangome (empowered by holy spirit) dha.

267
I. Waamicha Waldoota kiristaanaa baayyisuu

Nuti akka duuka buutota Kristoositti waldoota kiristaanaa baayyisuuf waamamne. Armaan
gaditti sababoota sadii waldoota Kiristaanaa baayisnuuf ilaalla.

A. Waldoota Kristaanaa baayyisuun Karoora Waaqayyooti.

HoE 1:8 irratti bartoonni isaa sochii guddachuu fi bal’achuu qabu akka eegalan Waaqayyo tu
barbaade. Yerusaalem mana isaanii bakka waldaan itti eegalame dha. Waaqayyo garuu
jalqabuma irraa kaasee mana isaanii darbanii akka adeeman isaan irraa ni eega. Yihudaan
naannoo Yerusaalemiin of keessatti hammattu dha. Samaariyaanis naannoodhuma baayyee fagoo
hin taane yoo taatu namoonni achi keessa jiraatan yihudotaa Yerusaalem jiraataniin ni
jibbamu;warra qomoo gartokkoo (half-breeds) jedhanii isaan jibbu. Achumaa, waldaan hanga
handaara lafaatti akka adeemtu Waaqayyo karoorse.

B. Waldoota kristaanaa baayyisuun waan itti fufu dha

Waaqayyo qajeelfama baayyachuu uumama hundumaaf dhaabeera. Uumamni lubbuu qabu


hundinuu ni baayyatu. Namoonni ijoollee horachuudhaan baayyatu. Baayyachuun hin jiru yoo
ta’e rakkoon akka jiru ni beekama.

Addunyaa hafuuraa keessaattis baayyachuun waanuma uumamaan ta’uu fi kan nurraa eegamu
dha. Duuka buutonni duuka buutota baayyisu. Waldoonni waldoota kan biro baayyisu.

C. Waldoota Kristaanaa baayyisuun ni barbaadama

Erga Yesus bartoota isaa, Yerusaalem, Yihudaa fi Samaariyaatti darbees hanga andaara lafaatti
akka isaan dhugaa bahaniif isaan waamee waggoonni 2000 ol darbaniiru. Akkamitti hojjechaa
jirra?

Yaadni keenyadhugaa qabatamaa amma Addunyaa keenya keessa jiru kana beekuu qaba.
Dhugaa jiru kana hubadhu:

 Namoonni 49,000 ol ta’an guyyaatti osoo misiraachoo oduu gaarii waa’ee Yesus
dhagahanii deebii hin kenniin ni du’u.
 Tilmaamaan, sekoondii lama keessatti, anmni tokko misisraachoo oduu gaarii waa’ee
Yesus osoo hin dhagahiin du’a.
 Namoota torba keessaa lama addunyaa kanarraa waa’ee Yesus hin dhageenye.
 Gosoonni 2,600 ol ta’an kanneen baay’ina namootaa 10,000 ol of keessatti qabatan
ammayyuu bira hin gahamne. Jarreen kun namoota ce’anii waldaa hundeessan barbaadu.
 Biyyoota 42 ta’an keessa walakkaan namootaa waa’ee macaafa qulqulluu hin dhageenye.
 Namoonni biliyoona 2 ol ta’an oduu gaarii kana dhagahuuf eeggachaa jiru.

Leenjisaa: Bakka kanatti, akka naannoo keetti namoota yookiis qomoo wangeelaan b ira hin
gahamiin kaa’uu dandeessa.
268
Namoota kanneen akkamitti bira geenya? Waldaa kiristaanaa naannoodhuma jirrutti dabaluun
adeemsa sirrii dha?Namoota gara Waldaan kiristaanaa jirtutti affeeruurra, waldaa kiristaanaa
gara bakkeewwan yookiis saba wangeelaan hin gahamaniitti geessuudhaan, namoonni afaanii fi
aadaa isaaniitiin carraa ittiin waa’ee misisraachoo oduu gaarii kanaa ittiin dhagahan gochuun
barbaachisaa dha. Gosa namoota hundumaa keessatti, yoo xinnaate tokkummaa mootummaa
Waaqayyoo bakka bu;u qabaachuu qabna. Gosni namoota hundumaa waaqa irratti bakka ni bu’u.

Waldoota dabaluun gahaa miti; waldaa baayyisuu qabna. Baayyisuu keessa humna guddaatu
jira.

Leenjisaa: Fakkeenyota armaan gadii keessaa tokkotti fayyadami. Hirmaattota itti


hirmaachisi.

Filannoo tokkoffaa: Garaagarummaan ida’uu fi baayyisuu maali? “ Kennaa ji’a tokkoo


jedhamee osoo siif kenname isa kamiin filatta? Guyyaatti qarshii 1000 moo 1/100ffaa
qarshii tokkoo (saantima tokko)? Guyyaa jalqabaa fi guyyoota itti aananaiif lamaan kan
baayyifamaa adeemu?” Jedhii gaafadhu. Deebii isaanii harkaa fuudhi. Bu’aa isaa:

Guyyaa 1ffaa: Qarshii 1000 fi saantima tokko

Guyyaa 7ffaa: Qarshii 7000 fi Qarshii 64

Guyyaa 14ffaa: Qrashii 14,000 fi qarshii 82

Guyyaa 21ffaa: Qarshii 21,0000 fi Qarshii 10,486 (hamma ammaatti ida’uun gaarii
fakkaata)

Guyyaa 31ffaa: qarshii 31,000 fi Qarshii 10,737,418 (amma humni baayyisuu waan
hundumaa jijjiireera)

Kun humna ida’uu fi baayyisuun qabu dha.

Filannoo lammaffaa:

Fakkeenyi gara biraaimmoo tamsaasa wangeelaa (evangelism) fi duuka buutummaa


(discipleship) tti fayyadama. Tamsaasni wangeelaa nama tokko gara waldaatti fidanii
dabaluu dha. Nama tokko duuka buutuu taasisuun immoo waldoota baayyisuu dha.

Mee waggaa tokkotti namoota 1000 gara Yesusitti fiduu fi waggaa tokkotti nama tokko
duuka buutuu nama biraa duuka buutuu taasisu tokko filannee ilaalla. Isa kamtu
caalmaatti waldaa guddisa? Bu’aan isaa:

Waggaa 1ffaa: nama 1 fi namoota 1000

Waggaa 5ffaa: namoota 16 fi namoota 5000

269
Waggaa 10ffaa: namoota 512 fi namoota 10,0000

Waggaa 15ffaa: namoota 16,384 fi namoota 15,000

Waggaa 20ffaa: namoota 524,284 fi namoota 20,000

Garaagarummaa dheeraadhaan ilaalii xiqqoo irraa eegali, garuu baayyisi.

Waldoota kiristaanaa baayyisuuf waamamne.

II. Modeela waldaa kiristaanaa Baayyisuu


A. Waldaan kiristaanaa karaa tamsaasa wangeelaan baayyatte

Duuka buutonni qajeelfama kana Yesus irrraa fudhatan:

“ Isin garuu hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu,;Yerusaalemitti,
Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma handaara lafaattis dhugaa-baatuu koo in
taatu.” Isaaniin jedhe. HoE 1:8

Hafuurri qulqulluun yommuu isaaniif dhufetti waa’ee amatii isaanii namoota naannoo isaanii
jiraniif qoodanii, Yerusaalemitti waldaa hundeessan. Akkuma tamsaasa wangeelaa itti fufaa
adeemaniin, waldaan kiristaanaa saffisaan guddachaa dhufte.

HoE 2: 47, “ Isaan Waaqayyoon in galateeffatan, saba hundumaa durattis ayyana argatan;
gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale”.

HoE 6: 7, “ Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal’achaa,, baay’inni amantoota Yerusaalemitti


argamaniis ittuma dabalamaa adeeme; luboota keessaas baay’een amanticha fudhatan”.

Taateen kunneen hundumtuu, osoo isaan waldaa naannoo tokkoo keessa jiranii ta’e.
Baayyachuun, waldaa naannoo dabalatee lubbu qabeessa hundumaa keessatti wanta namarraa
eegamu dha.

Maree: Waldaa naannoo kee keessatti baayyachuun ta’aa jira? Maaliif?

B. Waldaan kiristaanaa ariyaatama keessatti baayyatte

Barsiifni Yesus Yerusaalemiin darbanii akka adeemaniifi. Garuu, yeroo waldaan isheen duraa
Yerusaalemitti hundeeffamte, duuka buutonni deemanii waldoota hundeessuuf murtoo hin qaban
turan. Baayyee gudddataniiru; garuu mul’ata waldoota baayyisuu hin qaban turan. Kun
hundumtuu erga yeroo arooyatamaa Istifaanos du’ee eegalame.

HoE 8:1-5, “Saa’ol ajjeefamuu Istifaanositti walii galee ture. Kanarratti immoo guyyuma
sana waldaa amantoota Yerusaalem keessa jirtu irratti arii’atamuu guddaatu ka’e;
ergamoota irraa kan hafe amantoonni hundinuu kutaa biyya Yihudaatii fi Samaariyaa

270
keessa bittimfaman. Jarreen Waaqayyoof bulan tokko Istifaanosiif boo’icha guddaa isaa
boo’anii, reeffa isaa awwaalan. Saa’ol garuu waldaa amantootaa lafarraa balleessuuf
manneen keessa adeemee, dhiirotaa fi dubartoota amantoota ta’an harkisee, mana
hidhaatti in kenna ture. Amantoonni warri bittimmaa’an biyya keessa nanna’anii, dubbicha
in lallaban. Filiphos gargaartota keessaa tokko, mandara Samaariyaa tokkotti gadi bu’ee
,namoota mandarichaatti Kiristoosiin lallabe.”

Ergamoota irraan kan hafe amantoonni bittimmaa’an waldaa amantootaa Yihudaa fi Samaariyaa
keessatti hundeessan. Amma waldaan amantootaa baayyachuu eegalte; adeemsi guddina kakuu
haaraa uumame.

Waan ergamoonni HoE 1:8 dhaggeeffachuu didaniif, Yesus HoE 8:1 waan isaanirratti fide
fakkaata. Yesus, mataan waldaa kiristaanaa, haala kamiyyuu fayyadamee, qaama isaa kan taate,
waldaa amantoota baayyisuu danda’a. Haala kana keessatti arii’atamatti fayyadame. Fedhi
Waaqayyoo, waldaan amantootaa baayyattee arguu akka ta’e ifaa dha.

Maree: Waldaan keenya ergama guddicha fiixaan baasuudhaaf bittimmaa’uu qabdi?


Waldaa amantootaa arii’ataan baayyatte argitee beekta?

C. Waldaan kiristaanaa daangaa ce’uudhaan baayyatte

Waldaa jalqabaa hojii ergamootaa irra jirtutti, amantoonni kamiyyuu Yihudota turan. Garuu,
karoorri waaqayyoo waldaa amantootaa Yihudotaa qofaaf osoo hin taane kanarra kan caalu dha.

Akka waldaan amantootaa bittimmoofteen, duuka buutonni misiraachoo sana namoota aadaa
biraa qaban, warra Samaariyaa irraa eegalanii lallaban. Filiphoos namicha xu’aashii Itoophiyaa
waaqeffachuuf Yerusaalem dhufetti wangeela lallabe (HoE 8:26-35). Jijjiiramni guddaan garuu,
yeroo Pheexroos, Qornelewoos, namicha Waaqayyoon hin beeknetti wangeela lallabe
dhufe.Hundeeffamuun waldaa amantootaa warren waaqayyoon hin beekne gidduutti ta’e kun
jijjiirama guddaa mul’ata waaqarraa Pheexroosiif kenname hordofuun ta’e dha. Waldaan
amantootaa ormoota gidduutti erga hundeeffamteen booda, dhugumatti wanti kun Waaqayyo
irraa ta’uu isaa baruudhaaf, wal gahiin moototaa fi gurguddootaa barbaachisee argame (Seenaa
HoE 10-11 jiru dubbisi).

Karaa ittiin waldaan kiristaanaa sabaa fi qomoo hundumaa gahu wangeelaan aadaa hundumaa
ce’anii gahuudhaan qofa. Osoo namni tokko, daangaa darbee waa’ee kiristoos nutty hin himne
ta’e tokkoon keenyayyuu yoona kana amantoota hin taanu turre. Gara aadaa isa itti aanuutti akka
ce’uuf qooda keenya ni baana?

D. Waldaan kiristaanaa karooraan (design)n baayyatte.

271
Erga ariiyatamni eegalee waldaan kiristaanaa gara addunyaatti babal’achuun ishee yeroo
fudhateera. Garuu waldaan isheen Anxookiyaa jirtu dhumarratti kaoorri Waaqayyo ariiyatama
keesaan qabu waldoota kiristaanaa hanaga andaara lafaatti babal’isuu akka tahe hubattetti.

HoE 13:1-3, “ Waldaa Kiristaanaa Anxookiyaa keessa raajonnii fi barsiisonni turan; isaanis
Barnaabaas, Simi’oon isa gurraachicha isa jedhamu, Luukiyoos nama biyya Qareenee,
Maanaa’een isa Herodis abbaa biyyaa wajjin guddate, Saa’olis turan. Isaan kun
gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas osoo jiranii, hafuurri qulqulluun, “Baarnaabaasii fi
Saa’oliin hojii ani itti isaan waameef addaan anaaf baasaa” jedheen.Yommus itti dabalanii
soomanii erga kadhatanii booddee, warri hafan harka isaanii mataa jara lamaan irra
kaa’anii, hojichaaf isaan ergan”.

Waldaan isheen Anxookiyaa waldaa jalqabaa hojjettoota waldaa akka hundeessaniif ergite dha.
Kunis gocha Waaqayyoon itti yaadamee karoorfame yoo tahu isaanis yaada Waaqayyoo kana
hubachuu isaanii agarsiisa. Inni kunhar’as karoora Waaqayyo nuyiif qabu dha.

Yaada Waaaqayyoo baayyachuu waldaa kiristaanaaf qabu yero hubachuu dandeenyu qofa dha
kna ergamam guddicha akka tahutti hojjechuu dandeenyu. Waldaa Kiristaanaa baaayyisuun
karoora Waaqayyoo ittiin addunyaa kanaan wangeela gahu keessa isa tokko dha. Nuyi
adeemuudhaan waldoota hundeessinee tokkummaa amantootaa bakka wangeelli hin gahiin
keessaatti itti fufanii jiraachuu danda’an oomishuuf waamamne. Waldoonni kiristaanaa keenya
warri duraan jiran guddachuu isaaniif nutty tolee taa;uu hin qabnu; akkuma waldoota warra
duraaniitiin taasifamaa turetti waldoonni baayyatanii gara naannoo biraatti; aadaa biraatti ce’uu
qabu.

Leenjisaa: Waan hanga ammaatti baratan irra deebi’iif/ Amma ammaatti, waaamicha
waldoota kiristaanaa baayyisuu ilaalleerra. Inni abboommii Waaqayyoo tahuu isaa, akkuma
ijoollee horachuu waanuma tahuu qabu tahuu isaa fi karaan tokkichi karaa nittiin gara
namoota biliyoona 2 waa’ee Yesus hin dhageenye ittiin geessisnu isa kan tahuu isaa
baranneerra. Waldoota warra duraanii fi akkaataa isaan ittiin baayyatan ilaalleerra. Dursa
tamsaasa wangeelaan, booda ariiyatamaan, gara aadaa birootti ce’uudhaan sana boodas
akeeekkannaadhaan hojjettoota waldaa hundeessan erguudhaan.

III. Karoora Waldoota kiristaanaa baayyiisuu

Amma immoo akkaataa itti dhugumatti waldootiin hundeeffaman ilaalla. Phaawuloos waldoota
kiristaanaa Anxookiyaa keessatti hundeessuudhaaf ergamee waggoota hedduuudhaaf bara sana
keessatti hojjechaa ture. Qajeelfaoota Phaawuloos bara sanaitti fayyadame keessa muraasa
kanneen har’as nu fayyadan haa ilaallu.

Hojii ergamootaa 16:6-15

272
“Waldoonni kiristaanaas amantichatti in cimu, lakkoofsaanis guyyaa guyyaatti in guddatu
turan. Hafuurri qulqullluun kutaa biyya Asiyaatti dubbicha lalabuu waan isan dhowweef,
kutaa biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa giduu darban.Fuullee kutaa biyya Miisiyaas gahanii
kutaa biyya Bitiiniyaa dhaquu yaalan; hafuurri Yesus garuu achi dhaquu isaanii hin
jaalanne. Kanaaf kutaa biyya Misiyaas keessa darbanii, Xiro’aasitti gad bu’an. Phaawuloos
halkan sanatti nama Maqedooniyaa tokko mul’atatti arge; namichi dhaabatee,
“Maqeedooniyaatti ce’ii nu gargaari!” jedhee isa kadhate.Akkumainni mul’aticha argeen,
Waaqayyo akka wangeela isaaniif lallabnuf nu waamuu isaati. Jennee waan fudhanneef,
achumaan biyya Maqeedooniyaatti ce’uu abballe.Mandara Xiro’aasii markaba yaabannee,
kallattiidhaan Saamotraaqee biyya bishaan keessaa dhaqne, borumtaas mandara
Ne’aapholisitti darbine. Achii immo mandara Filiphisiyuus geenye; isheen kutaa biyya
Maqedooniyaa keessaa mandara beekamtu tokko turte, qabiyyee warra Roomaatis. Nuyi
mandara kana keessa takka bubulle. Guyyaa sanbataatti immoo mandaricha keessaa
baanee, gara qarqara lagaa, iddoo itti Yihudoonni kadhataaf walitti in qabamu seene,
dhaqne; teenyees dubartoota chitti walitti qabamanitti dubbanne. Dubartiin uffata
calaqqisaa gati- jabeessa gurgurtu, mandara Tuyaatiratii kan dhufte, amantii warra
Yihudotaas kan fudhatte tokko, achi turte;maqaan ishees Liidiyaa jedhama. Gioiftaan gurra
qalbii ishee baneefii waan tureef, isheen waan Ohaawuloos dubbate dhimmitee
dhaggeeffatte.Isheen, warri mana ishee hundinuus in cuuphaman. Ergasiis, ‘gooftaatti
amanuu koo yoo fudhattan, mana koo kootaa, na biras buufadhaa!” jettee nu waamtee,
akka nuyi dhaqnuufid nu giddisiifte.”

Maree: Gareedhaan tahuudhaan seenaa kana keessatti tarkaanfiiPhaawuloos mandara


Filiphisiyuus keessatti waldaa ittiin hundeesse hamma dandeessan tarreessan.

1.

2.

3.

4.

5.

6.

7.

Tarkaanfiiwwan Phaawuloos fayyadame keessaa nuyis fayyadamuu kan dandeenyu kam


fami?

273
Leenjisaa: Deebii akka deebisaniif hayyamiif. Qajeelfamoota rmaan gaditti
tarreeffaman kanneen keessaa tahuu danda’a.

Fakkeenyi Phaawuloos tarkaanfiilee qabatamoo torba wa;daa kiristaanaa kamiyyuu waldoota


hundeessuuf fudhachuu qabdu nu barbsiisa.

A. Kallattii isaa argachuuf kadhachuu

Phaawuloos kallattii iti adeemu argachuudhaaf kadhate; Waaqayyoos eessa akka inni deemuu
qabu sirriitti itti agarsiise. Phawuloos karoora wangeela Yihudotaa fi warra Yihudota hin taaneen
gahuu qaba ture. Garuu karoorri isaa yeroo tokko tokko hafuura Waaqayyootiin ni jijjiiramu.
Inni hafuuraan gaggeeffamuu keessaatti baay’ee si’ataa dha (HoE 13:1-3, 16:6-10). Gaggeessa
hafuuraaf baayyee banaa ture.

Kadhaannaan waldaa kristaanaa hundeessuu keessatti hojii isa jalqabaa fi baayyee barbaachisaa
dha. Yeroo kadhannu Waaqayyo balbala cufamaa bana. Kadhannaan jalqabarratti, yaada garaa
keenyaa gara fedha isaatti akka dhufu taasisa. Yeroo Waaqayyo ija keenya bane, namoota
naannoo fi ollaa keenyaa badan nutti agarsiisu, garaa qulqulluudhaan mana keenya bannee,
tokkummaa obbolootaa hundeessuu eegalla. Yoo fedha keenya tahe, Waaqayyo hafuura isaan
ayyaana isaa nu guutuu ni danda’a.

Eessa akka adeemtu Waaqayyo yoo kallattii siif kenne, waa’ee namoota sanaa fi fedha bakka
sana jiru adda baafachuudhaaf yeroo muraasa fudhadhu. Yoo danda’ame, osoo waldaa
hundeessuuf hin yaaliin dursii bakka sana adeemii waan tokko tokko baradhu. Namoota
barbaachisoo fi tooftaa ittiin bakka sana dhuunfattu akka siif kennu Kadhannaadhaan Waaqayyo
duratti dhiyaadhu. Bakki sun bakka itti toksee yookiis nama waldaa hundeessu ergitu ta’uu
dhiisuu danda’a. Adeemsi Global Disciples Biizinasii xixiqqoo (Small Business) tii
fayyadamuun hawaasa akkasii biraan gahuu barbaada. Modeeliin kunis fakkeenya Phaawuloos
irraa fudhatame.

B. Gartuu hundeeffadhu

Phaawuloos qofaa isaa akka hin turre hubadhu. Gartuu waliin adeeme. waldootii hundeessuu fi
baayyisuun tattaaffii dhuunfaatiin osoo hin taane, hojii gartuudhaan hojjetamu dha.Namni tokko
dhuunfaatti kennaa fi dandeettii waldoota baayyisuuf isa barbaachisu hundumaa hin qabaatu.
Yesus, “Hundeessaan waldaa inni hangafti” duuka buutota isaa lama lamaan erge. (Luq 10:1).
Namoota bira hin gahamiiniin gahuu yoo barbaanne, gartuu hundeessitoota waldaa qindaa’aa
qabaachuu qabna.

Gartuun sunis, namoota addumaan waamicha wangeela lafa haaraadhaan gahuu qaban of
keessatti qabaachuu qaba. Gara bakka haaraa sana deemanii namoota waliinhariiroo
uummachuudhaan eegaluu qabu. Aadaan bakka sanaa adda taanaan, kun gufuu guddaa ta’uu
danda’a. Nyaata hin beekne nyaachuu, afaan hin beekne dubbachuu.

274
Gartuun sun namoota kadhataa fi namoota hojii kana deeggaruu danda’anis qabaachuuu qaba.
Waa’een waldaa hundeessuu kamiyyuu hojii gareeti.

Maree: Namni tokko qofaa isaa waldaa hundeessuuf yoo yaale maaltu ta’a?

C. Nama garaa qajeelaa fi banamaa qabu barbaaduu

Seenaa kana keessatti Waaqayyo Phaawuloosfaaf Liidiyaa, dubartii garaan ishee wangeelaaf
baname, kenneef. Gara bakka haaratti gaafa adeemnu, Waaqayyo nama ergicha garaa guutuu
fudhatu akka nuuf kennu kadhachuu qabna. Kunis nama dhiibbaa uumuu danda’u yookiis nama
baayyee fedha qabu ta’uu qaba. Yesus bartoota isaa yeroo barsiise, nama nagaa barbaadaa ture
(Luq 10:6) tii bira buufadhaa jedhee ture. Hawaasa hedduu keessatti, abbaan manaa nama
dhiibbaa guddaa uumu dha. Namni waldaa hundeessu namoota akkasii irratti xiyyeeffachuu
qaba.

D. Wangeela namootatti lallabuu yookiis qooduu

Phaawuloos misiraachoo wangeelaa Liidiyaadhaaf qoode. Seenaa kana keessatti akka hubannetti,
guyaa waaqeffannaatti ture. Garuu yeroo ammaa kana karaan wangeelli ittiin lallabamu baayyee
dha. Karaa tokkoon, barreeffamoota fayyadamuu, tamsaasa wangeelaa manaa manaa, fiilmii
yookiis DVD agarsiisuudhaan ta’uu danda’a. Namoonni bakka tokkotti walitti qabamanii si
waliin qorannoo wangeelaa gochuu barbaadan jiraachuu danda’u. Gariin, seenaa uumamaa irraa
eegalanii macaafota kakuu moofaa keessa darbanii gara seenaa dhalootaa fi hojii Yesusitti
dhufuu barbaadu. Kun yeroo dheeraa fudhata. Garuu, karaa baayyee bu’a qabeessa namoota ittiin
eenyummaa Waaqayyoo barsiisnu dha.

Itti fayyadama teeknoolojiis karaa gaarii ta’een itti dhimma bahuus yaadadhu. Bilbila sochootuu,
toora marsariitii, saatelaayitii fi argaa dhageettii, fi kkf fayyadamuu dandeessa. Akkaataan
hawaasa sanaa karaa kamiin akka ati lallabuu qabdu ni murteessa.

Phaawulos Liidiyaaf qofa osoo hin taane, maatii ishee hundumaaf wangeela lallabe. Malli
tamsaasa wangeelaa kakuu haaraa, itti gaafatamaa maatiidhaan qabanii miseensa maatii
hundumaa bira gahuu irratti xiyyeeffata. Namoota maatii gaggeessanitti xiyyeeffatanii, maatii
sana hundumaa gara Kristositti fiduun karaa bu’a qabeessa bakka hin qaqqabamiin jiru keessatti
waldoota hundeessani dha.

E. Cuuphuu fi duukaa buutuu gochuu

Yeroo Liidiyaa wangeelaaf deebii kennitetti Phaawulos ishee fi maatii ishee cuuphe. Phaawulos
bakka deeme hundumaatti namoota fayyina beela’anitti wangeela lallabee, namoota jireenya
isaanii Yesusitti kennatan cuuphuudhaan akkaataa isaan ittiin Kristoos waliin adeeman ni
barsiisa. Xalayaan Phaawulos barreesse baayyeen isaa barsiisa Kristaanota haaraa akkaataa
Yesusiin duukaa bu’an of keessaa qabu dha.

275
Warri waldaa hundeessan amantoota haaraa cuuphuu fi duukaa buutuu gochuudhaaf
waamaman.Akkuma namni tokko jireenya isaa gooftummaa Yesusiif kenneen akkaataa itti hojii
xuraa’aa, waaqeffannaa xuraa’aa, hafuura hamaa, shaakala moora namatti hojjechuu, shaakala
xuraa’aa kanaan dura itti jiraachaa turan fi kkf ittiin mormu barsiisuu fi kadhannaa birmaduu
bahuu kadhachuufii qabna. Yeroon kun yeroo sirrii akkaataa jireenya duukaa bu’ummaa
barsiisuu qabdu dha. Bakka tokko tokkotti hanga namoonni cuuphaadhaaf of qopheessanitti
eeguun abshaalummaa dha.

Leenjiin duukaa buutummaa GDT kan Global Disciples qopheesse jireenya amanataa xobbee
bocuu fi akkaataa itti amatii isaanii namootaaf ibsanii fi qoodan gochuuf baayyee gargaara.

LEAD (Barumsi Hidhannaa fi guddina gaggeessitootaa) leenjii moodela gaggeessitoota sadarkaa


waldaa naannoo (local church context) tti ni kenna. Leenjiin ati shaakalte gaggeessitoota waldaa
amma jirtuu fi fuulduratti dhuftuuf bu’uura jabaataa kenna. Fakkeenya Yesusii fi Phaawulos
hordofnee, gaggeessitoota tokkummaa amantootaa eeguu fi waldaa itti fufsiisuu danda’an
leenjisuu fi muuduuf dursa kennuu qabna. Gaggeessitoota filachuu fi leenjisuun akkaataa kennaa
fi waamicha dhuunfaatiin ta’uu danda’a.

F. Waldaa Kristaanaa hundeessuu

Cuuphamuu maatii jalqabaa mandara Filiphoosiin, waldaan kristaanaa haaraan dhalatte.


Seenicha keessatti, boodarra namoonni waldichatti makamanii, mana Liidiyaatti wal gahuu
eegalan.

Maree: Gartuun namoota muraasaa mana dhuunfaatti walitti qabaman waldaa


kristaanaa jedhamu? Maaliif?

Ilaalchi Phaawuloos waa’ee waldaa kristaanaa irratti qabuu fi nuti har’a qabnu baayyee
garaagara. Yeroo baayyee waldaan kristaanaa mana tikseen leenji’ee fi barate itti gaafatamu
jennee yaadna. Mana ijaaruu fi namoota barumsa gaggeessummaa qaban ijaaruun yeroo fi
humna baayyee barbaada. Ilaalchi waa’ee waldaa inni akkanaa ariitiidhaan waldaa baayyisuuf
hin hayyamu.

Kakuu haaraa keessatti garuu, waa’een ijaarsa gamoo waldaa yookiin tiksoota leenji’anii yookiin
kanneen waldaa hundeessanii homtuu hin dubbatamne. Phaawuloos waldaa kiristaanaa mana
keessatti hundeesseera. Waldoonni kristaanaa kunniin bara Yesus booda waggoota 300f
saffisaan baayyataniiru. Namni amane kamiyyuu hojjetaa wangeelaa ture. Waldaan Kristaanaa
immoo walitti qabama namoota Yesus duukaa bu’anii fi isa waaqeffataniiti. Isaan kun manattis
ta’e bakka baayyee beekamaa hin ta’iin tokkotti walitti qabamuu danda’u. Ariiyatamaa fi
dhiibamuu hedduu shaakalaniiru. Garuu, dhiibbaan jireenya isaanii addunyaa kana jijjiireera.

Bara 312 Dh.K.B Impaayerri Roomaa Konistaantaayin duula loltummaa kiristaanota xiyyeeffate
irratti ni mo’ate. Kana duukaa, ariiyatama kiristaanummaa ni dhorke. Kiristaanummaanis

276
amantaa beekamaa yerichaa (official state religion) ta’e. Kristaanonni ariiyatamuun in hafe.
Qooda sanaa, namni kamiyyuu kristaana akka ta’u ni jajjabeeffama. Mootummaa irraa beekamtii
argateen, waldaan kristaanaa saffisaan akka dhaabbata tokkootti guddate. Kunis gamoowwan,
iddoowwan addaa waaqeffannaa, guddina Kristaanotaa gara sadarkaa olaanuutti fi kkf dabalata.

Kun immoo waldaa kristaanaaf jijjiirama addaa (radical change) yoo ta’u karaa hedduudhaan
moo’icha kristaanotaa ture. Haata’u malee, karaa hin yaadamneen akkaataa uumama waldaa
kristaanaa geeddare. Ittumaa jiraachuu fi qaama wal baayyisu ta’uun hafee dhaabbata
(institution) ta’e. Ilaalchi waldaaf qabnu kan baayyee keenyaa har’a seenaa bara 312 booda dhufe
keessatti hidda kan fageeffate dha. Seenaan akkamitti akka baayyachuu waldaa kristaanaa
daangesse hubachuudhaan yaada Waaqayyoo isa jalqabaa waldaa kristaanaaf qabu irra deebinee
barbaaduu (rediscover God’s original intent for the church) qabna. Kunis barbaacisummaa
baayyachuu gamoos xiqqeessuufis ta’e leenjii og-waaqummaa gaggeessitoota waldaa mormuuf
miti. Garuu, karaa ittiin karoora baayyachuu isa yaada Waaqayyoo isa jalqabaa inni waldaa
kristaanaaf qabu gadhiisifnu barbaaduu qabna.

Leenjisaa: Barumsa kana keessatti seenaa gadi fagoo keessa galuudhaaf yeroo hin qabnu.
Garuu, hirmaattotni seenaa waldaa kristaanaa keessatti tuqaa jijjiiramaa kana hubachuu
isaanii mirkaneeffadhu.

G. Gara bakka itti aanuutti ce’uu

Seenaa Phaawuloos mandara Filiphos keessaa kan biro hin ilaalle. Garuu, yeroo gabaabaa
keessatti mormiin tureera. Isaa fi Siilas mana hidhaatti geeffamanii magaalaa biraatti sokkan.

277

You might also like