You are on page 1of 29

Part 1 CUBBUU

CUBBUU
Yeroo baayyee waa'een cubbuu jireenya namaa keessatti gaaffii hedduu uumuuf ni
mala ta'a. Sababiin isaa, keessatti dhalannee keessatti waan guddanneef.

 Kana ifa gochuudhaaf fakkeenya tokkon isiniif fudhachuun yaala.


Fakk:- Biyyi keenya Itoophiyaan sabaa fi sab-lammii garaagaraa qabdi; isaan
hundisaanii immoo afaan mataa isaaniif akkataa itti loqodeessanii dubbatan garaa
garaa qabu. Haa ta'u malee akka biyyattiitti afaanni hojii mootummaa ykn Kan
federaalaa Afaan Amaaraa akka ta'e beekamaadha. Garuu Kan Nama dhibu namni
afaanota garaagaraa fi sagalee mataasaa qabu keessatti dhalatatee guddate, Erga
guddatee booda Kan inni shaakalu afaan Amaaraadha. Kun ergaa guddannee waan
ta'eef akka isa itti guddanneetti dubbachuun nutti ulfaata. Kanaaf Amaariffi naannoo
Amaaraa jiruuf Itoophiyaa iddoo addaa-addaa jiru loqodni isaanii garaagara. Fknf,
warri kibbaa akkaataa isaan itti Amaariffa haasa'an gara loqoda isaanitti jijjiiraniitu.
Gambeellan, Sumaaleen, Tigireen, Oromoonis akkasuma. Sababiin isaa isa kana
yeroo keessa waan shaakalleef akka isa itti dhalannee guddanneetti nuuf hin qajeelu
jechuu koodha......

Waa'ee cubbuu akka salphaatti Kan ilaalluu fi Kan bira darbinu miti. Kana jechuun
du'a callisanii ilaaluu jechuu waan ta'eef. Yeroo baayyee anaan Kan na dhibu, waan
tokkotu jira namni kamuu kan inni hojjetuuf kan fiiguuf kan dadhabuuf
jiraachuudhaaf malee du'uuf akka hin taane beekamaadha. Jiraachuu jechuun
immoo karaa biraa du'a baqachuu ykn miliquu akka ta'e eenyuma duraa Kan dhokate
miti. Du'uudhaaf dadhabuu nun barbaachisu, kanas sirriitti addaan baafnee beekna
sababiin isaa du'uu jechuun mataasaa jiraachuu dhiisudha waan ta'eef......

Obbolootako, inni biraan Kan beekuun nu barbaachisu tokko jira. Wanta tokko sirriitti
ibsuudhaaf faalla wanta Sanaa Kan ta'e sirriitti beekuutu barbaachisa. kana gaafan
jedhu; namichi dheeraan addunyaa kanaa ykn namni gabaabaa addunyaa kanaa
irraa kan inni nu dinqisiisuu danda'uuf sirritti dheeraa ykn gabaabaa ta'uun isaa kan
nuuf galu, gaafa ofii keenyaa cina ykn bira dhaabbannee ilaallu caalaa, gaafa nama
dheeraa addunyaa kan irraafii gabaabaa addunyaa kana irraa wal bira ykn wal cina
dhaabnee ilaallu sirriitti nuuf gala. kana gaafan jedhu yoo ofii keenyaan madaalle
hamma inni nu caalus ta'e hamma nuti isa caallu muraasa ykn baayyee kan nu
ajaa'ibsiisu ta'uu hin danda'u jedheen yaada.
Akkuman dubbachaa ture wantoota faallaa ta'an beekuun caalatti wanta sana akka
beeknu nu godha jedheen yaada. Ammas fakkeenya tokkoon dubbachuun barbaada.
Fkn: Dammi baay’ee mi'aawaadha ykn dandhama namatti tolu qaba yoo
jennu yookaan immoo wantoota nutti mi'aawaa taa'an akka dammaati gaafa
jennu namoota baay’eetiif ifa ta'uu dhiisuu danda'a. Mi’aawuu dammaa, ol
kaasnee akka galuufitti nama biraatti himuu amma yaallu wanta baay’ee
hadhaawaa ta'ee beekamu biraa tokkofidnee utuu nama sanatti argisiifnee
(dhamdhamsiisnee) mi'aawuu dammaa isa dhugaatu galaaf jedheen yaada.

1|Page
Part 1 CUBBUU

Kan Nama dhibu, Gaarri tokko hammi ol dheerina isaa gadi fageenya galaanaa irra
dhaabatamee safarama. Sababiin isaas osoo achi dhaabatanii hin safarre ta'ee namni
gara-garaa akkaataa gara-garaatiin safaruu danda’a. Kana gafaan jedhu, inni tokkoo
gaara gabaabaa irra dhaabatee safaree gaarri Kun xiqqoodhaaf gaara kana caala
jedhee salphisee ilaala, inni kaanis lafuma dhaabbate dhaabbatee tilmaama jechuudha.
Kanaafidha ol fageenya waan tokko beekuuf ykn safaruuf Kan nu gargaaru gadi
fageenya wanta biraa beekutu nu barbaachisa jechuudha. Har'as obbolootako waanti
hunduu Kan nuuf galuu danda'u yoo wanta faallaa ta'e sirriitti beekneedha.

 Yeroo baay’ee albuudota gati qabeessa argachuuf biyyee hin barbaadne soqnee
lafa keessaa ol baasuun dirqama, sababiin isaas biyyee sana heedduminaan gaafa
guurru ykn hammaarru albuuda xiqqoo achi jala jirtu baasuuf malee dhimmi keenya
biyyee wajjin miti. Dhugaa dubbachuuf maashinii (meeshaa lafa qotu) guddaan nuti
horii keenyaanis ta'e kiraadhaan qarshii guddaa itti baasnu, Kan biyyee Sana irraa
guuree albuudicha nuuf mullisuudha malee kan ittiin albuuda guurru miti. As irratti
waanti ani jechuu barbaade albuudota akka addunyaatti gatii guddaa qaban jechuu
koodha.
Fknf: Gosi albuuda Jadeite jedhamu gatii $3 million per carat baasa. Argituu?
Waan giraamiidhaan gatii guddaa baasu kana utuu argannee fudhachuudhaaf
maashinii guddaa nun barbaachisu gadi jennee harka keenyaan fuunee harkatti
qabannee deemuu dandeenya, maashiniin wanta gatii qabu kana baasuuf
lafanni itti argamuun nu ga'uuf garuu gatii guddaa nu baasisa jechuu kooti.

NB: Kana kanan karaa fagoo naanna'ee dubbachaa jiruuf karaa fagoo filachuuf osoon
hin taane, isan naanna'ee argadhu sanaafidha.

 Amma garuu yaadakoo isa ijoo isan waa'ee cubbuu dubbachaa turen itti fufa.
Akkuman olitti dubbachaa ture wantoota faalla ta'an ilaaluu yaalla.
Erga cubbuu akka salphaatti ilaaluun nuuf hin ta'u jedhee gara jalqabaatti deebinee
ilaala dhufna.

❝lafti bifa hin qabu, onaas ture; callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture,

hafuurri Waaqayyoos bishaan irra in sosocho'a ture.❞


—Uma. 1: 2
Luqqisii kana gargar qoodnee haa ilaallu.

 Jalqabarratti:
Iddoo kanatti wanti nuti arginu “lafti jalqaba yeroo uumamee bifa akka hin
qabnedha”. Bifa dhabuun isaa gaariis gadhees miti. Sababni an kana jedheef yoo
jiraate waan bifa hin qabne hin jaallannus hin jibbinus waan ta’eefidha. Maaliif yoo
jettan, erga wanta bifa qabu ykn halluu qabu hedduu arginee filannee jaallachuu
eegalle. Waan tokko jaallachuuf wanta nuti jibbinutu murteessadha. Har'a halluu

2|Page
Part 1 CUBBUU

danuutu jira kana immoo akka fedha keenyaatti jaallanna. Asirratti fakkeenya tokkon
isinitti hima:-
Fknf: *Yeroo tokko mucaa hiriyaakoo tokkotu akka fuudhuudhaaf nama
barbaadaa jiru natti hime, gaafa kana ‘nama akkamii barbaadda’? jedheen
gaafadhe: innis deebisee “nama bifti ishee magaala taate” naan jedhe; Anis
‘maaliif magaala filatte’? jedheen gaafadhe innis “haadhakoo baay’een
jaalladha, isheenis magaala kanaafan filadhe” naan jedhe.
Guddaa godhee himuuf osoo hin taane bifti nu jaallannu bifa waanta nuyi jaallannuu
isa qabuudha, Kan nuti jibbinu immoo faallaa wanta isa nuti jaallannuudha jechuu
barbaadeeni.

NB: Hanga waliin deemaa jirrutti, waan ifa hin taane gaafachuun nii danda'aama…

Gidduutti oduu durii tokkon isinitti hima:


Gaaf-tokko Waraabessatu baay’ee beela'ee, waan nyaatu barbaadaa utuu adeemuu
Waaqayyo karaatti itti dhufe jedhema. Gaafa kana haasawwaa kanaa gadii waliin
godhan:-
Waraabessa: baay’ee beela'een jira, adaraa kee waanan nyaadhu naaf
Kenni’
Waaqayyo: siif kenneeraatii, waan kanaan booda argattu nyaadhu,
Waraabessa: tole jedhee sokkuuf ka'e, gaafa kana
Waaqayyo: waanan si abboomun qaba atis isa naaf eeggadhu,
Waraabessa: tole, garuu maaliidha?
Waaqayyo: yeroo nyaachuuf jettu dursii fuunfadhu, yeroo fuunfattu immoo yoo foolii
yesuus jedhu qabaate hin nyaatin; yoo foolii akkasii hin qabu ta'e garuu nyaachuu
dandeessa siif heyyameera.
Waraabessa: tole, jedhee imala isaa itti fufe, utuu adeemuus namicha karaa bira ciisu
tokko argee itti goree karaa miilla isaati yeroo fuunfatu fooliin yesuus yesuus jedhu
irra hin jiru ture, kanaaf waraabessichi baay’ee waan beela'eef nyaachuu itti fufe
utuu nyaatu fixuudhaaf morma bira gaafa gahu fooliin biraan itti dhagaa'aame ‘foolii
yesuus yesuus jedhu’ kanaaf waraabessichi achumatti dhiisee sokke. Utuu adeemaa
jiruu ammas waaqayyoon arge.
Waraabessa: argadheen nyaadhee dhufe,
Waaqayyo: ajajakoo akkam goote eegdeettaa?
Waraabessa: eeyyee eegeera
Waaqayyo: akkam gootee eegde?
Waraabessa: namicha tokkon argadhe yeroon miilla isaa fuunfadhu yesus yesus foolii
jedhu hin qabu achumaanan nyaachuu eegale gaafan naannoo morma isaa gahu
garuu foolii yesuus yesuus jedhutu natti dhufnaanan achumatti dhiisee deeme,
Waaqayyo: namni akkasii kan gar-tokkoon yesuus yesuus jedhu hin jiru deemiiti isa
hambiste ykn dhiiste sana badduu baafadhu ykn nyaadhu xumuri, jedheen jedhama.
 Egaa jireenyi gar-tokkeen hin jiru jechuudha..

 Yaada lammaffaa: “lafti onaa ture” jedha. Ammas lafti kun homtinuu irra kan in

3|Page
Part 1 CUBBUU

turre turte jechuudha. KJV irratti *void (large empty space)* jedha. Lafa onaa ykn
duwwaa kan jedhamu homtuu akka hin jirree mullataadha, garuu itti fufee kan inni
jedhu “callabboo gadi fagoo” kana irra dukkanni akka jiru argina.
Egaa argitanii, lafa irra homtuu akka hin jirre kan godhe dukkana; dukkanni jiraadhu
jechuu waaqayyoon ala akka jiraate argina.

❝ Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume; ❞


—Uma. 1: 1
Lakkoofsa tokkoo kana irratti wanti lama akka uumame argina ‘lafaa fi bantiiwwan
waaqaa’ warra jedhaman.Wantoota lamaan kana keessaa waaqayyo gara lafaa gaafa
ilaale bifa akka hin qabnee fi onaa akka ture arge, waaqayyo garuu kanaaf hin uumne.
Bifa dhabuu fi onaa ta'uu lafaa waan salphaa in se'inaa; bifa dhabuuniif onaa ta'uun
lafaa lafti itti fuftee jiraachuu kan hin dandeenye turte jechuudha. Ajandaan
waaqayyoo immoo *lafa jiraachisee wantoota lafa irra jiraatan jiraachisuudha. Lafti
amma uumamte kun garuu karooraa fi ajandaa waaqayyoo qabuun faalladha kanaaf
gara lafaa ilaalee eenyummaa lafaa dubbate. Eenyutti dubbate yoo jettan ofii isaatti
haasa'aa akka ture ifaadha. Maaliif waaqayyo ofitti haasa'e yoo jettan fkn tokkon
isiniif fudhadha:
Fkn: Utuu qofaa kee teessee Mathematics qayyabachaa jirtuu formula tokko
fudhattee gaaffi ykn fakkeenyuma achi irratti hojjetamee jiru tokko akka siif gale
ilaaluudhaaf kitaabaa fi barruulee kee cuftee hojjechuu eegalte haa jennu; Yeroo
hojjettu kana akka siif gale ilaaluuf malee deebiin isaa sammuu kee keessa jira.
yeroo kana hojjettee yeroo xumurtu deebii biraa siif kenne haa jennu; kan ati
sammuutti qabattee akkanni ta'uuf ykn fiduuf hojjechaa jirtu kan biraa, kan ati
argate immoo kan biraa gaafa ta'uu dhaabattee ilaaluu eegalta, eessattan
dogoggore jettees ofitti haasa'uun kee dirqama yoo sagalee dhageessisuu baatte
illee yaada keetiin jedheen yaada. Kanaafis waaqayyo dhaabate ilaale.
Ermiyaas 4:23
“Ani gara lafaa nan ilaale, kunoo, inni bifa hin qabu, onaa tures; gara
bantiiwwan waaqaas yommuun ilaale, ifni tokko iyyuu hin turre.”
Gara lafaa gaafa ilaale bifa dhabuu isaaf Onaa ta'uu isaa, gara bantiiwwaan waaqaa
gaafa ilaalu immoo ifti akka hin jirre arge jedha.
Isaayyas 45:18
“Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa
bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee,
bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne; inni, "Ani Waaqayyoo dha,
ana malee kan biraa hin jiru”.
Guddaa kan na dinqu “bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne” jedhe
waaqayyootu ofii isaati. Gara oliitti bifa kan dhowwate garuu dukkana isiniin jedheen
ture, itti fufnee tokko tokkoon ilaalla waan ta’eef adaraa obsaan ammas waliin haa
adeemnu jechuun fedha.

 Lafa bifa kan dhowwate dukkana kanan jedheef;

4|Page
Part 1 CUBBUU

Lafti bifa hin qabu onaas ture erga jedhee booddee dukkanatu irra ture jedha.
Waaqayyo dukkana waan hin lakkaawwanneef onaadha ykn homtuu hin jiru jechuu
isaati jedheen yaada.
Nuti utuu qarshii ykn wanta gati jabeessa gatneee, wanta barbaadnu yoo dhabne
wanti nuti jennu homtuu hin jiru ‘nan dhabe’ jenna. Jira, kan nuti jennu inni nuti
barbaannu yoo jiraate qofaadha. *Dubartittiin gaafa meetiin ishee bade mi'a mana
keessa qabdu hartee baastee meeticha gaafa argattu argadheera ykn meetiinkoo jira
akka jette argina. Mi'a mana keessaa akka hin jirretti akka isheen lakkooftu kan godhe
isa isheen barbaadduudha.
Luq. 15
⁸ Itti dabalee immoo, "Dubartiin tokko meetii kudhan qabdi; kurnan sana
keessaa tokko yoo bade, ibsaa ibsitee mana ishee hartee, hamma argattutti
dhimmitee in barbaaddi mitii ree? ⁹ Yommuu argattus firoota isheetii fi
olloota ishee waamtee, 'Meetii koo isa na duraa bade waanan argadheef
anaaf gammadaa!' in jettiin.

Uma. 1
³ Waaqayyo, "Ifni haa ta'u!" jedhe; ifnis in ta'e. ⁴ Waaqayyo ifichi gaarii
akka ta'e in arge; ifichas dukkanichattii gargar in baase.

As irratti immoo ‘Waaqayyo Ifni haa ta'u jedhe, ifichis in ta'e, waaqayyo ifichi gaarii
akka ta'e arge’ jedha. Waaqayyo amalli isaa waan gaarii ilaaluu akka jaallatu argina,
gaariidha jedhee in dhiifne isa in jaallanne sana irraa addaan baase.
Ifichaa fi dukkanicha gaafa gargar baasu waaqayyo ifichaan gaariidha jedhe malee
dukkanichaan hin jenne. Dukkanni barbaacha waaqayyoo hin turre jechuudha.
Dukkanaaf ifa gargar baase jechuun, firooma walii kan hin qabne ykn daangaa adda
addaa keessa akka jirtaan godhe jechuudha.
Egaa akkuma waliin ilaala jirru ificha dukkanattii addaan baasee jedha. Erga addaan
baasee ifichaan guyyaa jedhee moggaase, dukkana immoo halkan jedhee moggaase.
Erga isaan lamaan gargar ba’aanii booda “galgallis ta'ee ganamnis ta'ee kun guyyaa
tokko” jedha. ‘Guyyaas ta'ee halkannis ta'ee’ jedha osoo hin taane, ganamaaf galgala
ergaa ta'ee tokko jedhame.

 Namoonni waan barbaadan gaafa dhaban akkam akka jeeqaman nii argitu;
Waaqayyo immoo wanta barbaachaaf gatii guddaa hammana hin jedhamne
kaffalee gaafa dhabu gamanumaan hubachuu ni dandeessu jedheen yaada,
haalaa fi oduu dhaaf gurra dhabaati waaqayyoo keessaniif gurra qabaadha,
nuti namoota haala argamu dubbannu osoo hin taane haala dhufuu fi hin
mullanne arginee dubbanna jedheen yaada.

 Ganamaa fi galgala jechuun maal jechuu akka ta'e amma naaf ife isiniif
ibsuun yaala:
Biyya lafaa irra jalqaba dukkanatu ture jenneera. Amala dukkanaa keessaa inni tokko,
bifa balleessuu dha.

5|Page
Part 1 CUBBUU

Fkn: Mee galgala yeroo kutaa hirriba kee keessa seentu, bakka jirtu kutaa
sana keessaa ifa kan ta'e hundumaa balleessi! Ergasii booda ija kee banadhuu
ilaali! Waanti ati sa'aatii sana argitu isa ati guyyaa ilaalte osoo hin taane bifti
isaa gurracha ta'eetu ykn immoo waan hin jirre ta'eetu sitti mullata. Yeroo
tokko halkan dukkana keessa hirribaa gaafa dammaqnu ibsaa utuu hin ibsatin
gaafa kaanu balbala seene girgiddaa (keenyan) dhaqnee dhiibna. Argitanii
dukkanni wanta jiru hundumaa dhoksee ofiisaa qofa nutti mullata.

Galgallis ta'ee ganamnis ta'ee kun guyyaa tokkoffaadha jedha. *Galgala gaafa jedhu
jalqabbii dhukkanaa xumura ifaati. Ganama gaafa jedhu immoo xumura dukkanaa
jalqaba ifaati. Dukkanni ifa dursee lafa irra waan tureef, waaqayyo ifni haa ta'uu
jedhe ifichis ni ta'e jedha. Galgalli dukkana irraa ka'ee, ganamni immoo ifa irraa ka'ee
akka ture argina.

❝Margi ganama lalisee in daraara, galgala mataa buusee in coollaga.❞


Far. 90: 6

As irratti margi ganama lalisee in daraara jedha. Dhugaan Daawwit hafuura


qulqulluun guutamee waa'ee ganamaa dubbachuu barbaade maal jechuudha?
‘Ganamni yeroo jiraachuu yoo ta'u galgalli yeroo jiraachuu dhiisuu’ akka ta'e yeroo
ibsu, Daawwit ganama lalisee daraara galgala mataa buusee coollaga jedhe ibsa.
*Lalisuun jiraachuua gaafa ta'u daraaruun immoo bu'aa jiraachuu irraa
argamuudha. Akkasumas *mataa buusuun jiraachuu addaan kutuu irraa kan argamu
gaafa ta'u, coolliguun garuu mataa buusuu irraa akka dhufu hubachuun ni
danda'ama.

NB: Uumama 1 irraa kaasee dubbachuu kanan barbaadeef immoo, jalqabamuu isaa
irraa kaanee yoo nuuf gale xumuramuun wanta sanaas nuuf galuun nutti hin ulfaatu
jedhee yaadeeni.

❝... uumamuu biyya lafaatii jalqabee isadhokatee tures nan beeksisa"

jedhamee dubbatame in raawwatame.❞ Mat. 13: 35


 Kanaaf, ganama jechuun jalqaba jireenyaa jechuu gaafa ta'u, galgala jechuun
immoo xumura biyya lafaa jechuudha.

 Galgala namaa kan murteessu ganama namaadha jedheen yaada.

❝"Yeroo galgalaa'es abbaan waynichaa isa hojii isaa adeemsisuun,


'Hojjetoota waami! Warra booddeetii jalqabii hamma warra duraatti,
beenyaa isaanii baasiif!' jedhe.❞ —Mat. 20: 8
Galgalli yeroo itti beenyaan namaaf kennamu yoo ta'u; ganamni immoo yeroo itti
waamamaniidha.

6|Page
Part 1 CUBBUU

❝Yesusis, "Mootummaan waaqaa akka nama araddaa qabu tokkoo ti;


namichi iddoo dhaabaa waynii isaatiif hojjetoota qacarachuudhaaf
ganama obboroodhaan gad ba'e.❞ —Mat. 20: 1
……………………………………………………………………………

Waaqayyo,"Ifni haa ta'u!" jedhe; ifnis in ta'e. Uma.1: 3

Ifni inni jedhu kun biiftuu, ji'a ykn urjii irraa isa argamu osoo hin taane ifa
akkasumatti ta'e akka ta'e akka beektan nan barbaada.
Lafaa fi bantiiwwan waaqa inni jedhu kunis maal akka ta'e isiniif ibsuun barabaada.

 Mee utuun dura ificha isiniif hin himin dura, bantiiwwan waaqaa fi lafa isiniif
himuun yaala.
Mee kutaa kana haa ilaallu:

❝Behold, the heaven and the heaven of heavens is the LORD'S thy God, the

earth also, with all that therein is.❞ —Deuteronomy 10: 14 (KJV)

❝Kunoo, bantiin waaqaa fi bantiin waaqaa inni bantiiwwan waaqaa


gararraa jirus, laftis wanta isa irra jiru hundumaa wajjin kan Waaqayyo
gooftaa keetii ti.❞ —Kes. 10: 14

❝እነሆ፥ ሰማይ ሰማየ ሰማያትም፥ ምድርም በእርስዋም ያለው ሁሉ የአምላክህ የእግዚአብሔር ነው።❞
—ዘዳግም 10: 14

❝Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume; ❞


—Uma. 1:1
Jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume kan jedhu kun akka yaada namootaatti
gaafa guyyaa 1ffaa fakkaata. Kun garuu akkas miti jalqabatti gaafa jedhu guyyaa
tokkoffaa dursuu isaa beekuutu nu irra jira jedheen yaada. Kana gaafa jedhu
waaqayyoo durii durii jalqabee bantiiwwan waaqa uumeera.
Kun utuu guyyoonni lakkaa'amuu in eegalin durii durii kaasee jira.

❝Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis


sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba'uu isaa
yaadachuu dadhaban, ❞ —2Phe. 3: 5

7|Page
Part 1 CUBBUU

Durii jalqabanii haa uumaman malee hundumti isaanii sagalee waaqayyootiin


uumaman waaqayyo inni isaan uume garuu ofii isaatii isaan gararraa hin jiraata.
Waaqayyo ofii isaatii irra jiraachuudhaaf bantiiwwan waaqa durii jalqabee uumeera.
Lafa garuu nama uumuuf gaafa jedhu uume. Kana gaafan jedhu ofiisaatiif bantiiwwan
waaqa ilmaan namootaaf immoo lafa uume jechuu koodha.

❝Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan namaatiif

kenne.❞ Far. 115: 16


 Bantii waaqaa fi bantiiwwan waaqa gidduu garaagarummaatu jira.
Gaafa guyyaa tokkoffaa waaqayyo kan inni hojjete dukkanni waan ofiin jiraateef
waaqayyoo ifni haa ta'uu jedhe iftis ni ta'ee jedha. Ifichi gaarii waan ta'eef ificha
dukkanatti addaan baase, kana jechuun akka isaan wal bira gahuu hin dandeenyetti
addaan baase. Erga waaqayyo ifaa fi dukkana addaan baasee booddee immoo...
………………………………………………………………………………

 Waaqayyo akkuma ifti haa ta'u jedhe ammas immoo

❝Waaqayyo, "Bishaan keessatti bantiin akka waciitii gombifame tokko haa

ta'u, innis bishaan isa ol hafee fi isa gad hafe gargar haa baasu!" jedhe.❞
Uma. 1: 6
Akkuma ifaa fi dukkana gargar baase bishaan bakka lamatti gargar baasuudhaaf banti
akka waciitii bishaan keessatti qopheesse.
Bantiin akka waciitii sun bishaan gidduu waan tureef bishaan isaa ol jiru fudhatee
achii ol kaafame. Kun akka ifaa ta'utti fakkeenya tokkon isinitti himuuf yaala:
Fkn: Innis bishaan baaldii(meeshaa bishaan baatu irrisaa banaa ta’e)
guddaa tokko guutuu qabdu haa jennu;dabalataan baaldii isa irra xiqqaatu
ykn 1/3 baaldii isa guddaa qabdu haa jennu; kanaan booda bishaan baaldii
isa guddaa guutee jiru keessa baaldii isa xiqqaa keessa gadi seensistanii
bishaanicha keessa dhoksitu; ergaa dhiksitanii booda keessa ol fuutu; gaafa
kana baaldiin inni xiqqaanis amma bishaan qabachuu danda'u fudhatee ol
ba'a jechuudha.

Waan hundumaatti inni ayyaanasaa nuuf baayyise abbaan keenya galata guutuu
haa fudhatu.

Waaqayyo bishaan keessatti bantii akka waciitii sana ergaa tolchee bishaan keessaa ol
fuudhe; gaafa kana bantiin akka waciitii sun bishaan lafarra ture keessaa ofitti
fudhatee achii ol ba'e yeroo kana bishaanni bakka lamatti qoodame. Innis isa lafa
irratti hafee fi isa wanta akka waciitii sanatti nammeedha.
Inni akka waciitii sun bishaan baatee achii ol kaafame; waaqayyo isaan “bantii
waaqa" jedhe. Inni isa nuti ilaallee samii jennudha.

8|Page
Part 1 CUBBUU

Uma. 1
⁷ Waaqayyo bantii akka waciitii kana itti godhe, bishaan bantii kanaa gad
jiru bishaan bantii kanaa ol jiruttii gargar in baase; akkasumas in ta'e.
⁸ Waaqayyo bantii sana "Waaqa" jedhee in moggaase; galgallis ta'e,
ganamnis ta'e; kun guyyaa lammaffaa dha.

Bishaanni hedduun bantii kanaan dachee irraa haa kafamu malee ammas bishaanni
lafa dhoksee hafee akka jiru argina. Kana immoo waaqayyo gaaronnii fi dachaan akka
jiraatu godhe, yeroo kana bishaanni gara dachaan ykn lafti baayyee gadi dhooqaan
jirutti yaa'e; warri ol kaafamanii jiran immoo lafa duwwaa akka ta'an godhe. Mee isa
kanaafis fakkeenya tokkon isinitti hima.
Fkn: mana keessan keessaa laftichi baay’ee wal qixxaataadha haa jennu,
naannaa'aan isaa immoo kallatti hundaan daangeffamaadha ykn ittifamaadha
(akka bishaanni in yaaneetti) haa jennu; isinimmoo bishaanni ammanni jilba
keessan gahutti itti naqaa, itti naqaa kanan jedhe yaadaan jechuu kooti. Ergaa
itti naqxanii karaa ba'u waan hin qabneef achii ol guutaa deema waan ta'eef
amma inni jilba ykn mudhii isin ga'uutti bishaan kutaa sanatti guutaa, Yaadaan
itti guuttaan haa jennu; amma gaafa seentanii keessa deemtan kallatti
hundumaanuu laftichi wal qixxee waan ta'eef bishaanni wal-qixxaatee yeroo
seentan jilba ykn mudhii isin gaheera haa jennu.
Yeroo kana kutaa manichaa keessaa ykn bakka daangessitanii bishaan itti
guurtan sana yeroo gara lafaa ilaaltan kan isinitti mulla'atu lafa osoo hin taane
bishaan laficha irra jiruudha. Isin immoo lafti akka mullatu barbaaddu haa
jennu. Yeroo kana salphaatti wantan isin gootanii lafas bishaanichas itti
argachuu dandeessan tokkon isinitti himuu barbaadee, kana gaafan jedhu utuu
iddoo daangeffame sana keessaa hin ba'in bishaanichas utuu qodaa biraatti ykn
bakka biraatti hin geessin jechuu koodha.
Kana gaafan jedhu kutaa daangessitan sana akka guutummaa dachee yeroo
jalqaba uumamtee bishaanni irra jiruutti yaada. Maaliif yoo jettan lafti
guutummaa isheetu bishaaniin uwwifamee jira. Waaqayyo bishaan sanas lafa
sanas akka mullatan gaafa barbaadu waan inni godhe isinitti himuuf jedheeni.
Lafti isin daangessitan ykn kutaa mana keessanii isan jedhe sanatti yaadaan
deebi'a amma. Laftichi utuu hin dhokatin bishaanichis osoo hin badin iddoo
dhuma sana akka isaan jiraatan yoo barbaaddan kan isin gootan tokko, suuta
jettanii walakkaasa haa ta'u bakka barbaaddan utuu kutaa ykn bakka
daangessitan sana keessaa hin ba'in bakka murta'aa ta'e gadi qottu. Yeroo gadi
qottan biyyee achi keessaa ba'us iddoo biraatti osoo hin geessin achuma ykn
bakka daangessitan keessa keessu. Baayyee gadi fageessaati qotaa. Yaadaan
waan ta'eef isin hin rakkisu jedheen yaada. Yeroo isin baayyee gadi fageessitanii
qotaa adeemtan sana biyyeen baay’een immoo boollicha keessaa ba'aa adeema.
Inni biraan immoo bishaanni bakka bakka biyyeen gadi dhiise qabachaa adeema.
Yeroo kana bishaanni sila wal qixxaate taa'u sun iddoo isaa gadi dhiisee bakka
isin gadi fageessitanii qottanitti deeme iddoo qabata; biyyeen isin achi keessaa
baastan sun immoo bakka bishaanni ture qabatee bishaanni akka iddoo sana

9|Page
Part 1 CUBBUU

gadi dhiisu godhee ofii akka gaaratti iddoo qabata. Boollicha amma bishaanicha
hunda qabatuutti yoo qottan iddoo sana utuu hin jijjiirin lamaan isaaniyyuu
argachuu dandeessu. Bishaanni bakka gadi fagaate sana qabatee ta'a.
Uma. 1
⁹ Waaqayyo, "Bishaanonni bantii waaqaa kanaa gad jiran iddoo tokkotti
walitti haa qabaman, lafti inni bishaan irra hin ciifne haa mul'atu!"
jedhe; akkasumas in ta'e.
¹⁰ Waaqayyo, iddoo bishaan irra hin ciifne sana "Lafa", bishaanota
walitti qabaman sana immoo "Galaana" jedhee in moggaase; kunis
gaarii akka ta'e in arge.

Ilaalaa! wanta waaqayyo jedhe, iddoo tokkotti walitti haa qabaman jedhe. Lafti
bishaanni itti walitti qabamu immoo gaara osoo hin taane dachaa dha.
Yoo argitan lafa bishaanni itti walitti qabame sana galaana jedhee waamee jedha.
Galaana jechuun baayyee gadi faggeenya akka qabu beekuu qabna. Sababiin isaa
bishaanni amma gadi fageenya isaadha wanta tokko baachuu kan danda'u, galaanni
doonota (markaboota) gurguddaa kanaaf baachuu danda'a. Nuun iyyuu bishaanni nu
baachuudhaaf lafarra baayyachuu isaa osoo hin taane gadi fageenya qabaachuu isaatu
murteessa jedheen yaada.

Egaa waaqayyo bishaan iddoo tokkotti walitti qabuudhaaf qaama dachee duraan
wal-qixxee ture sana karaa tokko boolla godhee bishaanni akka iddoo sanatti walitti
qabamu godhe jedheen amana, isa kanaaf immoo ragaaf gadi fageenya galaanaa
fudhachuun salphaadha. Erga waaqayyo bishaan hanga ta’e waan akka waciitiin irraa
kaasee booddee, isa hafe immoo galaana jedhee iddoo tokkotti akka walitti qabe
argineerra.
Amma ammaatti kan nuti ilaalle jalqabatti, guyyaa tokkoffaafi guyyaa lammaffaadha.
……………………………………………………………………………..
Egaa guyyaa lammaffaatti bakka bishaanni qabate galaana, bakka bishaanni irra hin
ciisne immoo lafa jedhee moggaase jedha.
Uma 1:1 irratti kan nuti arginu bantiiwwaan waaqaaa fi lafa uumee jedha. Uma 1:10
irratti immoo lafa jedhee moggaasee jedha.
Maal jechuu akka barbaade waliin booda ilaalla.
…………………………………………………………………………….

Ergaa bishaannii fi lafti addaan ba'anii booda immoo waaqayyo kan inni hojjete haa
ilaallu:
 Guyyaa sadaffaatti immoo mukeetiin har'a addunyaa kana irra jiran kan itti
uumamaniidha. Isaan kun immoo lafa keessaa akka ba'an argina.

❝Lafti biqila, dhaabaa sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukkeetii
ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban, adduma addaan
akka qomoo qomoo isaaniitti in baase; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in
arge.❞ —Uma. 1: 12

10 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Mukeetiin guyyaa kana argamuu danda'an kanneen ija godhachuu danda'anii fi iji
isaanii sun sanyii of keessaa qabaniidha jedha.
Uma. 1
¹⁴ Akkasumas Waaqayyo, "Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii
waaqaatti ibsoonni haa jiraatan! Isaan milikkitoota buusaan waggaa,
guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa ta'an! ¹⁵ Isaan ibsoota bantii
waaqaattii lafa irratti ifa kennan haa ta'an!" jedhe; innis akkasuma in ta'e.
¹⁶ Waaqayyo ibsoota gurguddoota lama tolche; inni caalu guyyaa, inni isa
irra xinnaatu immoo halkan aboo akka argatan godhe; urjootas in tolche.

Egaa waaqayyo guyyaa 4ffaatti biiftuu ykn aduu, addeessa ykn ji'a fi urjoota tolche.

Gara jalqabaa Uma 1:3 ❝Waaqayyo, "Ifni haa ta'u!" jedhe; ifnis in ta'e.❞
Asirratti irratti gaafa ilaalle ifni haa ta'u akka jedheedha. Amma immoo qaamota ifa
kennuu dandaa'an gaafa guyyaa 4ffaa akka uumeedha.
As irratti wanti nuti hubachuu qabnu; *ifni inni waaqayyo jalqabatti dubbate ifaa fi
dukkana walitti hin dabalamneedha, inni amma jedhu kun garuu isa nuti guyyaa
guyyaatti arginuudha. *Inni jalqabaa qaama biiftuu fi ji'aa malee kan ifuu fi
dukkanaa'uudha. Kana gaafan jedhu guyyaadhaf biiftuun hin barbaachisu
dukkanichaafis ji'iin hin barbaachu jechuu kooti. Kun immoo kan ibsu, ifa dukkanaan
wal hin jijjiirree fi dukkana raawwatee ifa hin qabne jechuudha.
…………………………………………………………………….

Itti deebi'uuf waanan jiruuf itti fufee waa'ee guyyaa shanaffaan dubbadha.
Guyyaa kana immoo waaqayyo warra bishaan keessa jiraataniifi banti waaqaa jala
qilleensa keessa jiraatan uumee jedha.
Uma 1:20-23
……………………………………………………………

Amma garuu kadhata gabaabaan isiniif kadhadha.


*Nan jedha maqaa gooftaa yesuusiin waaqayyoon beekuun, isaaf jiraachuun,
jireenya isa dhugaa ta'uun isaa ifee sitti haa mullatu, bara ati waaqayyoo
irraa waa barbaaddu xumuramee waaqayyoon barbaadachuun jireenya kee
keessatti iddoo haa qabatu, waaqayyo biraa waa barbaaduu yoo ta'e
seexanonni iyyuu yeroo namticha keessa ba'aan waaqayyo biraa booyyee
kadhatanii argatan, kan kee garuu kana garasiitti waaqayyoon argadhu. Isa
sitti mullate garasitti waaqayyo sitti haa haa mullatu, dinqii harka kee
keessatti ta'u bira darbii waaqayyoon dheebodhu. Museen dinqii baayyee
waaqayyo harka isaatti godhe dhiisee, isa waaqayyo Siinatti itti mullate
dhiisee ammas si arguun barbaada jedhe. Siinis siinan jedhaa maqaa yesuusin
dinqii siin hojjetamu bira darbii isa dinqii hojjetu argi. Ameen*
Fooniif hafuuratti waaqayyo daddabalee isinaa haa eebbisu ijoollee
abbaakoo.

11 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Mat. 8
³¹ Hafuuronni hamoonni sun, "Yoo gad nu baafte, gara hoomaa booyyee
sana keessatti nu ergi!" jedhanii isa kadhatan.³² Inni "Dhaqaa!" isaaniin
jennaan, jara keessaa ba'anii booyyota sanatti galan; yommusumas
hoomaan booyyee sun guutummaatti hallayyaa irraa gara ciisa bishaaniitti
gad konkolaatanii dhuman……………………
Bau. 33
¹⁷ Waaqayyo yommus Museedhaan, "Ati ana duratti faara tolaadhaan waan
ilaalamteef, si, maqaa kees waanan beekuuf, isa ati dubbatte kana ani nan
godha" jedhe. ¹⁸ Museen immoo, "Hadaraa ulfina kee na argisiisi!"
jedhe. …
²⁰ Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo
arguu hin dandeessu.
……………………………………………………………………………..
 Guyyaa 6ffaatti immoo warra lafa irra jiraachuu danda'aan uume. Isaanis,
bineensota gurguddoo fi warra lafa irra munyuuqanidha.

❝Waaqayyo, bineensota lafaa akka qomoo qomoo isaaniitti, horii qe'ees


akka qomoo qomoo isaaniitti, wanta lafa irra munyuuqan hundumaas akka
qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.❞
—Uma. 1: 25
Guyyaa 6ffaatti waaqayyo erga waan hundumaa uumee booda, ajandaa guddaa tokko
yaadee “kottaa nama hin uumnaa” jedhe!
Uma. 1
²⁶ Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii
keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi
allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa
hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis
mootummaa haa qabaatan!" jedhe. ²⁷ Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti
nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan
uume; 28 ❝Waaqayyo isaaniin, "Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas
harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa
keessa balali'an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis
mootummaa qabaadhaa!" jedhee isaan in eebbise.❞
Isaan uumuu qofa osoo hin taane wantoota hedduu ittiin jedhe.
1. akka bifa isaa fi fakkeenya isaatti uume
2. horaa baayyadhaa lafa guutaa
3. uumama uumama uume hundumaa irratti mootummaa kenneef
4. biqilaa sanyii godhatu isa irra lafaa irra jiru hundumaa
5. Muka ija godhatee sanyii isaas ija isaa keessaa qabu, isiniif kenneera; isaan
nyaata isiniif haa ta'an! jedhee waaqayyo waa'ee namaa haasa'e.

12 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Nuti nama lamaa fi isaa oliin namoota jenna, nama maqaa isaa hin beekne tokkoon
immoo nama jenna. Fknf: ani naman maqaa isaa hin beekne tokko yeroon argu
naman jedha, yoon lama arge immoo namootan jedha. Kana gaafan jedhu saala
lamaaniinuu ykn dhiiraa fi dhalaa dhaan jechuu kooti. Nama gaafa jennu saala utuu
hin qoodin fayyadamna.
As irratti garuu nama uume gaafa jedhu;
Namticha + Namee = Nama ykn
Addaam + Hewwaan = Nama
Jechuu akka ta'e beekuu qabna. Isaan lamaan kanaan waaqayyo namoota jedhe osoo
hin taane nama jedhe.
Bitamneerra gatiin kaffalamee
Nuti kansaati olii heyyamame
Dhalanneerra lammaffaa haaraa taanee
Jedhamneerra sanyii waaqa warri amanne

Jechuu hin sodaadhu nan dubbadha


Gaarummaa gooftaa koon lakka'aadha
Ani hin qabu qulqullummaa
Isatu naaf laannaan malee kana hundumaa

Erganni naaf kennee nan fudhadha hin saalfadhu


Ofiikoo iyyuu isatu jennaan mitii kanan jiraadhu
Malee maal hojjedheetan kanan har'a ga'e
Gurrikoo iyyuu beekumsa kootin miti kan inni dhaga'e

Garuu ittan fayyadama dhaga'aatan jira


Ati gurra kooti jedhees maqaa waamaan jira
Miilla, ijaas kankoo jedheen waama
Lakkii ani sin fidnee na irraa deemi hin jedhamaa?

Kanan hojjedhee in fidne baay’ee kooti jechaa


Siin waaqayyootu naaf kenne jedhee ililchaa
Isa kaan immoo didee maafan lafa gangalchaa
Ani kana hin hojjenne gaafan hojjedhun ol galchaa

Ani hin jedhu firaa akka kana


Kan naaf hojjetame hunda nan amana
Kan koo jedhee ittiinan dhaadadha
Ofiikoo dhiiseen isa naa kenneef jiraadha

Nuti bitamneerra kaffalamee nurraa


Sodaatti hin jiraannuu baaneerra birmadummaa.....
……………………………………………………………

13 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Harkikoo iyyuu ragaadha hojjedhee akkan isa in arganne


Kankoo miti jedhee immoo murmuree isa hin ganne
Namnis nan gaafatne maal hojjettee argatte ati harka kana
Salphaa waan ta'eef miti namnis jechuu kan dhiise akka kana

Anis hin jenne, ani si qabaachuu hin danda'uu kaffalee gatii kee
Ati kankoo miti, kan nama cimaa tokkoti adeemi karaa kee
Raawwadhee hin jenne afaankoo saaqqadhee
Ati kankooti jedheen kunuunseen qabadhe

Anoo hedduun qaba kankoo kanan godhee utuun hin dafqin


Kan kooti jechuu kootiif raawwadhee amma har'aatti kanan hin gaabbin
Hedduu lakka'aawwadhee muraasa maafan dhiisa
Hunda isaa gaafan fudhu iyyuu garaan kee ciisa

Atoo duruu beekta akkan hojjedhee hin qabne homaa tokko


Hojjechuus akkan hin dandeenye raawwadhee waan tokko
Hunduu kan mana koo jiru koo miti keeti
Sitoo naaf lakka'ee tola gaarummaa keetii

Ati hin kaatu beektee yoo ofii keeti duute


Jettee dhuftee ati bakkakoo naaf buute
Kanas fudhachuu dhiisee mee ka'ee dhaadadhuu
Ani utuun hin du'in du'aa ka'uu hin lakka'aadhu

Jedhee mee bookkisuu hojjedhee agarsiisuuf


Waantan gochuu hin dandeenyeef sammuukoo dhiphisuuf
Lakkii lakkii ani hin godhu akkana
Waan inni naan jedhe hundumaan amana

Amaneen fudhadha isatu naaf qaba bu'aa


Hojii kootiin yoo ta'ee miindaankoo iyyuu du'aa
#######################################################

*Ati hundumaa akka dandeessu, iddoo jettes akka geessu dadhabaa ati gargaarte jabaa
caalaa, galanni siif haa ta'u. Dhugaadha gaarummaankee nuuf ta'eera, nutis
gaarummaa kee hirmaachuutti boqonneerra, bara baraan ulfaadhu, si jaallanna nuuf
eebbifami abbaa kenyaa. Ati dubbii kee nu barsiisi hafuura qulqullu. By the name of
Jesus. Ameen
##########################################################

14 | P a g e
Part 1 CUBBUU

CONTINUED…

Egaa waaqayyo nama jedhee isaan waame isaan garu nama lama turan.
Mee wantoota lafa irra turan ilaalla; jalqaba dukkanatu irra ture, dukkanni gaafa irraa
fuudhamu immoo bishaanni dhoksee akka jiru, ammas gaafa bishaanni irraa
fuudhamu, bishaanni kan biraan irraa akka jiru, isas gaafa irraa kaasu argina.

 Mee hundumaa dursinee isa Uma 1:1-2 irra jiru haa ilaallu:

Jalqaba bantiiwwan waaqaa akka turan argineerra, yeroodhuma sana lafti isheen
bishaan keessa jirtus akka turte ilaalleerra, isheen bishaan keessa turte jennu sun samii
ykn bantii waaqaa kanaa wajjin jechuudha. Erga akkas ta'ee, Lafaa fi Samii maaf hin
jenneree jennee yaaduuf malla ta’a, akkas jechuun keenyas gaariidha. Garuu,
waaqayyo namoota jedhe osoo hin taane maaliif akka nama jedhe illee nuuf ibsuuf
gaariidha kun jedheen yaada. Garuu amma waa'ee ifaa fi dukkana gargar ba'e sana
dubbachuu waanan qabuuf booda itti deebina.

Waaqayyo waan hundumaa uumuu fuula dura garuu ergamoota uumee akka
qabu beekuutu nu irra jira. Ergamootaan marfamee jiraachaa ture, yeroo sana
ergamoonnis ifa waaqayyoo keessa deddeebi'u turan, ifa waaqayyoo keessa
jechuun akka yaadaa fi akeeka waaqayyootti jechuudha isaan keessa tokko garuu
abboomamuu dide. Ga'een isaaniis isa jajachuudha.

Far. 103
¹⁹ Waaqayyo teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera,
mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba. ²⁰ Isin
ergamoonni isaa warri waaqa irraa, isin jagnoonni jajjaboonni warri
sagalee dubbii isaa dhaggeeffattanii, ajaja isaa raawwattan, Waaqayyoon
ulfinaan jajadhaa!
— Isa. 14:12
“"Ati yaa ilma ganamaa, isa akka bakkalcha barii ibsuu! Attamitti
bantiiwwan waaqaa irraa gad darbatamte! Ati inni saba gad qabaa turte,
amma immoo attamitti lafatti dabalamte!”

 Jalqabatti:-
 Addaam
 Abraaham
 Musee
 Daawwit
 Yesuus
 Ergamoota/ bartoota
 Yeroo ammaa
 Dhufa yesuus

15 | P a g e
Part 1 CUBBUU

❝Yesus immoo deebisee, "Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu'uutti

utuu inni kufuun arge.❞ —Luq. 10: 18


Akka bakalchaatti kan ibsu akka ture, bantiiwwan waaqaa keessaa akka gadi
darbatame dubbata. Yesus immoo kutaa kana kan fakkaatu seexanni akka bakakkaatti
utuu gadi darbatamuun argee jedhe.
Gadi darbatame jechuun, akka dubbii Waaqayyootti hariiroo Waaqayyoo wajjin inni
qabutu cite jechuudha. Kana gaafan jedhu, inni ilma ganamaa ture ilma galgalaa ykn
halkanii ta'e jechuudha.
Gaafa waaqayyo gara lafaa ilaalu dukkanni akka callabboo irra buufatee, hafuurri
waaqayyoo immoo bishaan irra akka socho'aa ture arge. Dukkanni kun hafuura
bishaan irra socho'u kanaa fi lafa dhoksee ture, haa ta'u malee hafuurri kun ni socho'a
ture. Sababiinsaa hafuurichi dukkanaa wajjin walii galee taa'uu waan hin barbaadneef,
kan inni sochoo'uuf immoo callisee osoo hin taane dukkana jibbee ykn ifa barbaadeeti.
Kana kanan jedheef immoo;
Yoh. 5
² "Karra hoolaa" isa jedhamu isa masaraa mandara Yerusaalemitti
galchu bukkeedhaan bishaan kuufamaan, afaan Ibraayisxiitti
"Betzataa" jedhamu tokko ture; bishaan sana bira godoo babal'aa
shantu ture. ³ Namoonni dhukkubsatan baay'een, warri jaaman, warri
naafatan, warri dhagni isaanii gar tokko du'es godoota sana keessa
ciisanii, [raafamuu bishaanichaa in eeggatu turan. ⁴ Ergamaan
Waaqayyoo yeroo yerootti golba bishaanichaa keessa lixee isa in raasa;
raafamuu isaa booddee namni dura bishaanicha keessa lixe dhukkuba
isa kamittii iyyuu in fayya ture]. ………
⁷ Namichi dhukkubsataan sun, "Gooftaa, bishaanichi yommuu raafamu
kuufama bishaanichaa keessa nama na buusu hin qabu; ofii kootii
immoo utuu ani itti rakkadhuu, namni biraa na dura keessa lixa" jedhee
deebiseef.

Ergamichi calliseedhuma bishaan lixee raasa osoo hin taane dhukkuba balleessuuf,
dhukkubni immoo dukkana ykn waan nama dhiphisuudha. Kanaaf hafuurri qulqulluun
dukkanaa wajjin walii waan hin galleef, waaqayyo ‘ifni haa ta'u jedhe ifichis ni ta'e’
jedha. Waaqayyo ifichi gaarii akka ta'e argee ifaaf dukkana gargar qoode. Kun utuu
dacheen amma irra jirru kun hin uumamiinidha.

Egaa dukkana inni jennu sun seexana, waaqayyo dukkana in uumne ofiin jiraate
isiniin jedheen ture. Kana yeroon jedhu, waaqayyo gaafa uume ergamaakoo isa ibsu
jedhee uume, inni garuu qooda ibsuu danda'uu dukkanaa'e. Seexanni abboomamuu
waan dideef dukkanaa'e. Dukkana ta'uu qofa osoo hin taane abbaa dukkanaa
jedhameetu beekama. Kufaatiin samii gararraatti waan eegaleef waaqayyo qaama
dukkana kana moo'achuu danda'u yeroodhuma sana murteesse, kanaaf ifti haa ta'uu
jedhe. Ifa jechuun immoo kan yaada waaqayyoon bulu, kan fedha waaqayyoo

16 | P a g e
Part 1 CUBBUU

raawwatuudha. sababiin isaa waaqayyos ofii isaati ifa keessa jiraata kanaaf hafuurri
waaqayyoos ifa keessa jiraachuun dirqama. Sababni ani kana jedhuuf immoo hafuurri
waaqayyoo yaada waaqayyoo beeka jedhamee caafameera.
“Ati ifa akka uffataatti ofitti marte, bantiiwwan waaqaas akka
dunkaanaatti diriirsiteetta.” — Far. 104:2
❝Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni ifa homtinuu itti dhi'aachuu hin
dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin
danda'u. Isaaf ulfinnii fi aangoon bara baraa baa ta'u! Ameen.❞
—1Xim. 6: 16

Egaa dukkanni kun iddoo seexanaaf qophaa'eedha.

❝Isa Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa
taa'umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti
hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegu yaadadhaa! ❞
—Yih. 1: 6
Mee kutaawwan kana haa ilaallu:
“Waaqayyo, "Ati garbicha anaaf ta'uun kee, saba lafa irraatiif ifa,
guutummaa biyya lafaa irra warra jiraataniifis fayyina akka taatuuf malee,
gosa Yaaqoob kaasuuf, Israa'el keessaas warra hafan deebisuu
duwwaadhaaf miti" naan jedhe. — Isa. 49:6

Saba hundumaaf ifa, guutummaa biyya lafaaf fayyina jedha. Gara oliitti dukkanni
abboomamuu diduu dha jedheen ture. Hafuurri waaqayyoo bishaan gubbaa; bakka
dukkanni uwwise kana irra socho'a jechuun dukkanaa wajjin walii galuu hin
dandeenye, isa jedhuuf fakkeenya jedheen yaada. Ergamaan waaqayyoo yeroo
bishaanicha raasu namni akka fayyufidha, sababiin isaa immoo dhukkubni dukkana
jedheen ture, dukkanni immoo abboomamuu diduudha, booda ballinaan haasofna isa
kana.
 Erga dukkanni dukkubaan of ibsee, ifti immoo fayyinaan mullachuu qaba
jechuudha. Kanaaf, ati ifa, nama hundumaaf fayyina taata kan jedhameef,
“Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri
namoota baay'ee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo
hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru.” — Dan. 12:3
Iddoo kanatti immoo warri ogummaadhaan nama geggeessan, akka ifaati jedha. Ifaaf
ogummaa wal bira qabee dubbata ykn akkuma ifaan fayyina kennita jedhe, ogummaa
kanaan immoo ifa akka fakkaatu dubbata. Ergaa akkas ta'ee immoo, bu'aan ogummaa
maali? Jennee muraasa haa ilaallu:
“Waaqayyo lafa humna isaatiin uumeera, biyya lafaa ogummaa isaatiin
jabeessee dhaabeera, beekumsa isaatiinis bantiiwwan waaqaa dhisee
diriirseera;” — Er. 51:15

17 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Asitti immoo “waaqayyo ogummaadhaan biyya lafaa jabeesse dhaabe” jedha. Egaa
ogummaan waaqayyoo biyyi lafaa badii irraa haftee jabaattee akka dhaabattu kan
godheedha jechuudha.

Ogummaan kun eessa ture? akkamittiin ifaa fi ogummaan wal fakkaata? isa jedhu
dubbadheen gara mata duree kootti deebi'a,
Fak. 8
²⁰ ani karaa qajeelummaa irra, daandii dhugaa irras nan adeema;
²¹ warra na jaallataniif qabeenya nan kenna, gombisaa isaaniis nan guuta.
²² Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa
dura na uume;
²³ Ani jalqaba bara durii duriitti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra
kaa'ame;
²⁴ callabboo duran dhaladhe, yommus burqituun bishaan guddaan keessaa
yaa'u iyyuu hin turre;
²⁵ tulloonni, gaaronnis utuu hin uumaminan dhaladhe.
²⁶ Waaqayyo, lafa wanta isa irra jiruu wajjin, biyya lafaa isa bal'aa kana
keessaa gar tokko illee utuu hin tolchin na uume.
²⁷ Yommuu inni bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaa'ee, waaqas
callabboo irra diriirse, ani achin ture;
²⁸ yommuu inni waaqa keessa duumessoota kaa'ee, burqituuwwan callabbootti
yommuu tolche,
²⁹ bishaanonni abboommii isaa irra akka hin darbinetti, yommuu inni
galaanatti daarii godhe, yommuu inni hundeewwan lafaatti milikkita godhes,
³⁰ ani yommus ijaartuu isa gaarii sana biran ture, yeroo hundumaa fuula isaa
duratti gammadaa, har'aa bor isa nan gammachiisan ture.
³¹ Guutummaa biyya lafaa isa kan isaatiitti nan gammada, nama hundumaattis
nan gammadan ture.
Ogummaan uumamuu lafaa dura akka ture waaqayyo bira akka ture kutaan kun gadi
fageenyaan nuuf ibsa.
Ogummaa inni jedhu kun maal ibsa? maal nutti argisiisa? isa jedhu haa ilaallu:
Fuula duratti hunduma isaanii gadi fageenyaan akka hubannu hafuura qulqulluu irraa
abdii guutuun qaba.
“Haa ta'u iyyuu malee, ogummaan Waaqayyoo ijoollee ogummaa
hundumaa biratti dhugaa argate" jedhe.” — Luq. 7:35
Iddoo kanatti yesuus waa'ee ogummaa waaqayyoo dubbachuuf yaadee akkanni jedhe
ilaalaa! Ogummaan waaqayyoo ijoollee ogummaa biratti dhugaa argate jedha.

❝Ilmi namaa yommuu dhufe, in nyaata, in dhugas; isaan immoo, 'Ilaa


nama albaadhessaa fi machaa'aa kana, hidhata warra qaraxxuutii fi
warra akka seeraatti hin jiraannee' jedhu. Haa ta'u iyyuu malee,
ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate" jedhe.❞
—Mat. 11: 19

18 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Dhugaa argate inni jedhu kun fudhatama argachuu isaati. jaallatanii osoo hin taane ija
hojii isaatu akka fudhatamu isa taasise malee. Ameen ameen

❝Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaaf taanaan Giriikotaafis

taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti, ogummaa Waaqayyoo tis.❞


—1Qor. 1: 24
Yesuus dubbachuuf kan ture baay’ee isaa, ilmi namaa amma fannootti ol ba'uutti in
dubbatinaa jechaa ture. Fannoo booda phaawulos kiristoos humna waaqayyoo
ogummaa waaqayyoo akka ta'e ifatti baasee dubbate, egaa waa'ee ‘ogummaa’ gaafa
dubbannu ‘kiristoos Yesuus’ ta'uu isaa hubachuun barbaachisaadha. Erga kiristoos
ogummaa ta'ee, ogummaa immoo ifaan wal bira qabnee dubbachaa turre, amma garuu
innis ifaa nuuf ta'eera jechuudha sababiin isaa yesuus ani ifa ofiin jedheera.
“Yesus ammas namootatti dubbatee, "Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana
duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu"
isaaniin jedhe.” — Yoh. 8:12
Erga dukkanni seexana ta'ee yesuus immoo ifa jechuudha. Ificha dukkanatti gargar
baase isa jedhu sana, asitti kan inni dubbatu dukkanichi ificha bira hin ga'u jedha.
Yoh. 1
⁴ Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.
⁵ Sagalichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin
danda'u.

Egaa obboleewwan ko waan tokkon isin hubachiisee darbuun barbaada innis: -


Fak 8:22 fi 24: Na uume isa jedhuu fi nan dhaladhe isa jedhun isiniif ibsuun
barbaada:
 Na uume jechuun isaa uumama ta'uu isaa miti, gadi fageenyaan haa ilaallu:
Akkuman gara olitti ibsuuf yaale, waaqayyo lafti akka bifa hin qabnee taatuuf hin
uumne jedha.
Isa 45:18
Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa
bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif
malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne; inni, "Ani
Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru.
Kutaan kun bifa dhabuu lafaa gaafa jedhu diimaa, gurracha, adii ykn halluu lafaa miti
kan dubbatu, yookan immoo lafti bifa hin qabu onaa ture gaafa jedhu bifa lafaa isa
mullatu qofaa akka hin taane hubachuutu nu irra jira. Lafti onaadha gaafa jennuu
namni irra jiraachuuf kan hin mijanneedha jechuudha. Kun immo bishaaniifii
biqiloonni kan keessatti in argamneedha, garuu bineensota tokko tokkoof iddoo
jireenyaa ta'uuf mala

❝ ani iddoo gogaa fi ol ka'aa dhoosee isa keessaa bishaan nan yaasa,
dachaa keessaa burqoota nan baasa, lafa onaa iddoo ciisa bishaanii nan
godha, lafa gogaa keessaas bishaan nan lolaasa.❞ —Isa. 41: 18

19 | P a g e
Part 1 CUBBUU

❝bineensonni lafa onaa keessa jiraatanii fi waraabessoonni achitti walitti in


qabamu, korbeessonni, re'oonni diidaas achitti walitti in mari'atu, Seexanni
halkaniis achi in buufatti, iddoo boqonnaas isa in godhatti.❞ —Isa. 34: 14
Isa 41:18 irra isa jiru irratti ‘bishaan nan yaasa’, gaafa jedhu lafti onaan bishaan akka
hin qabne nu hubachiisa. ‘Lafti bifa hin qabu onaas ture’ inni jedhu kun bifa lafaa kan
murteessu halluu garaa garaa jechuu osoo hin taane, biqilootaan huwwifamuu
dhabuudha. Biqiloonni akka hin jiraanne kan godhu immoo, bishaan qofaan
aguugamtee jiraachuu isheedha.
Waaqayyo garuu akka isheen bifa hin qabneef hin uumne jedha. Kan bifa dhowwate
‘inni jalqabaa dukkana ture, inni lammaffaan bishaan, inni sadaffaan biqilaan irraa
dhibuu’ isaati.
Waaqayyo dukkana irraa kaasee, bishaanis irraa kaase. Biqilaa irraa kaase osoo hin
taane, amma garuu bifa dhabuu ishee kan jijjiiru biqilaan ishee keessa dhokfamee
akka jiru, ishee keessaa baasee isheedhumatti bifa godhe. *Bifa lafaa jechuun
mukeewwaniin uwwifamuu isheeti.

Waaqayyo lafatti gaafa bifa godhe, isuma ishee keessa jiru gaafa ishee keessaa ba'u
bifa itti godhee dhaabe. Erga bifa kana qabaattee immoo namni akka irra jiraatuuf
akka ture dubbata.
Lafa bifa itti godhee kan dhaabe namni akka irra jiraatuuf jechuun isaa, bifa lafaa kan
murteessu biqilaan irra jiraachuu qofaa utuu hin taane namni irra jiraachuu danda'uu
dha.
Uma 2
⁵ namni laficha irratti hojii hojjetu waan hin turiniif, Waaqayyo gooftaan
amma illee bokkaa hin roobsifne, huuxxiin bakkeetti argamu lafa irra hin
turre, biqiltuun maasii keessaas hin biqille. ⁶ Bishaan¹ lafa keessaa ol ba'ee
guutummaa irra lafaa in obaasa ture.
Uma. 1:11
“Amma immoo Waaqayyo, "Lafti biqila haa baasu! Dhaabaan akka qomoo
isaatti sanyii godhatu mukkeetiin ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of
keessaa qaban adduma addaan akka qomoo isaaniitti lafa irratti haa
argaman!" jedhe; innis akkasuma in ta'e.”

Mee sirritti haa ilaallu!!!


Uma 1:11 irratti waaqayyo akka jedhe, akkumanni jedhes akka ta'e argina.
Uma 2:5-6 irratti namni waan hin jirreef biqiltuun maasii keessatti akka hin biqille,
dacheen bishaaniin ukkaamfamtee akka turte dubbata. Sababiin isaa immoo namni
waan hin jirreef jedhee dubbata.
Uumee akka ture, amma immoo akka ganaa akka uumutti dubbata. Kun garuu akkas
jechuu osoo hin taane, inni Uma 1:11 irra jiru uumee akka ture inni jedhu sirriidha.
Inni Uma 2:5 irra jiru isuma Uma 1:11 irra jiru sana yeroo uume, amma nama utuu
hin uumin bokkaa akka hin roobsine dubbachuu isaati malee uumeera jedhee isa ture

20 | P a g e
Part 1 CUBBUU

deebi'ee ganaa uumuu isaa miti. Kun immoo kan nuti hubachuu qabnu boqonnaan
macaafa qulqulluu tartiiba eeguu dhiisuuf mala jechuudha. Kana gaafan jedhu,
fakkeenyaaf; Uma 1:26 kaasee gaafa dubbatu nama akka uume dubbata. Uma 2 irratti
immoo nama biyyoo irra akka hojjete dubbata. Kutaan kun kan ibsu namtichuma
guyyaa ja'aaffatti uumame sana biyyoo irraa akka tolche dubbata, malee reefuu
uumuu isaa ykn caaffanni qullaa'aan wal faallessuu isaa miti. Jalaqaba akka uume yoo
dubbatu, inni lammaffaan immoo akkamittiin akka uume gadi fageessee ibsuuf kan
barreeffameedha jedheen yaada.
Uma. 1
²⁶ Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii
keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi
allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa
hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis
mootummaa haa qabaatan!" jedhe. ²⁷ Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti
nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan
uume;
-Uma. 2:7
“Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti
godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee
jiraatu ta'e.”

 Akka bifa kootti jechuun kun maal jechuudhaa? Bifti waaqayyoo maal fakkaataa?

Mee bifa waaqayyoo gaafa jennu, waan waaqayyoo fakkaatu ibsuuf kutaawwan
macaafa qulqulluu keessaa hubannaadhaan haa ilaallu,
“Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee
ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee.” — Yoh. 1:18

“Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo
arguu hin dandeessu.” — Ba’u. 33:20

Isa. 40
¹⁸ Waaqayyoon eenyutti fakkeessitu? Fakkeenya attamiitii wajjinis wal
bukkee qabdu?
………
²⁵ Kanaafis, "Eenyutti ana fakkeessitu? Eenyu wajjinis wal nu
qixxeessitu?" jedhe inni qulqulluun.

Karaa Isaayas gaafa dubbatu, waaqayyo waaqayyolii keessaa, wanta uumame keessaa
fakkaattii akka hin qabne dubbata.
Fakkaattii waaqayyoo ykn bifa waaqayyoo gaafa jennu akkuman bifa lafaa isiniin
jechaa ture adii, diimaa, gurraachaa fi kkf isa nuti jennu akka hin taane beekuutu nu
irra jira.

21 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Yohannis gaafa dubbatu immoo humtinuu takkaa waaqayyoon hin arginee jedha.
Wanti hin mullanne tokko bifti isaa maal fakkaata jennee yaaduutu nu irra jira. Mee
hundumti keessan waan hin mullanne ykn in argine tokko bifa isaa yaada…
Wantoota hedduu diignee ilaaluutu nu irra jira, isa kanaaf immo obsi keessan guddaa
akka ta'e nan beeka. Inni biraan yaadota kana booda iddoo tokkotti sassaabuuf waan
jirruuf amma addaan diignee haa ilaallu.

Namni biyyoo irraa akka tolchame nutti dubbata. Erga akkas ta'ee namaa fi biyyoon
wal fakkeenya qabuu fi hin qabanii isaanii ilaaluutu nu irra jira. Biyyoon kan namni
irraa hojjetameedha; namni immoo kan biyyoo irraa hojjetameedha. Akkas gaafan
jedhu biyyoon madda argamsa namaa gaafa ta'u, namni immoo ija biyyoo irraa
mullateedha.

❝Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan
kutamteef gara isaatti hamma deebituttis, dhamaatee dafqitee buddeena in
nyaatta" jedhe.❞ —Uma. 3: 19

❝Kanaafis Waaqayyo gooftaan nama iddoo dhaabaa Eeden sana keessaa


gad baase; namichis lafa isa ofii isaatii biyyoo isaa irraa kutame sana akka
qotu in godhe.❞ —Uma. 3: 23
Iddoo kanatti dubbiin waaqayyoo gaafa dubbatu ‘namni lafa irraa kutamee hojjetame’
jedha. Wanti tokko immoo kan inni fakkaatu wanta irraa kutame sanadha. Namaa fi
biyyoon wal fakkaata yoo jenne soba nutti fakkaachuu danda'a. Mee harka keessaniif
biyyoo fuudhaati wal bira qabaa ilaalaa! wal fakkaata ykn immoo namni biyyoo irraa
uumame jettanii dubbachuun ni ulfaata.
NB: Ammas waliin itti fufnee ilaalla. Waan baay’eesaa itti fufna jedheen bira taraa
tureereera, booda itti deddeebinee ilaaluuf waan jirruuf gammachuudhaan wajjin
deemuu keenya itti fufna. Gaafa itti deebinu bifa salphaa ta'een waan hubatamuuf
jiruuf jedheen malee gaaffii godhee darbuukoo miti.
…………………………………………………………………………….
Egaa waaqayyo ‘kottaa akka bifa keenyaatti nama uumnaa’ jedhee ture, namticha
immoo biyyoo lafaa irraa akka kute caaffanni qulqullaa'aan nu hubachiiseera. Kana
hundumaa isin deemsisuu kanan barbaadeef, namni akkamitti waaqayyoon akka
fakkaatuu fi namni akkamitti biyyoo akka fakkaatu akka hubannuuf jedheeni.
Isaan kana hundumaa karaa garaa garaa ilaaluutu nu irra jira.

Bifti waaqayyoo ijaan akka hin argamne caaffatni qulqullaa'oon dhugaa nuuf ba'u.
“Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni ifa homtinuu itti dhi'aachuu hin
dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin
danda'u. Isaaf ulfinnii fi aangoon bara baraa baa ta'u! Ameen.”
— 1Xim. 6:16
Phawulos ximitiwoositti, namni waaqayyoon arguu akka hin dandeenye dubbata.

22 | P a g e
Part 1 CUBBUU

“Kristos bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha;
uumama hundumaa duras dhalate.” — Qol. 1:15
Warra qolaasiyaasiin immoo, kiristoos bifa waaqayyo inni ijaan hin argamne namatti
mull'atuudha jedhe. Kutaawwan kun hedduu nama dhibu, baayyees kan nama
boqochiisaniidha.

“ulfina Waaqayyo isa hin duunee, bifa nama isa du'uutti, bifa
simbirrootaatti, bifa bineensa miilla afuriitti, bifa warra lafa irra
munyuuqaniittis diddiiran.” — Rom. 1:23

--Kes. 4
¹⁵ Kanaafis isin ofii keessaniif of eeggadhaa! Isin gaafa Waaqayyo Siinaatti
ibidda gidduudhaa isinitti dubbate sana bifa tokko illee hin argine; ¹⁶ isin
fakkaattii waan tokkootiin bifa qirixame tolfachuudhaan karaa irraa akka
hin kaanneef of eeggadhaa! Bifa waan tokko illee, kan dhiiraa yookiis kan
dubartii,
Hubannoo hafuura qulqulluudhaan haa ilaallu!

‘Akka fakkeenya keenyaatti nama uumna’ gaafa jedhe dhiiraa fi dubartii isaan uume
jedha. Museedhaan immoo bifa fakkeenyaa tokkollee siinaa gubbaatti waan hin
argineef, waaqayyo keenya kana fakkaata akka hin jennetti bifa dhiiraas ta'e kan
dubartiitti akka hin fakkeessine jedha.
Warra Roomaatiin immoo phaawulos gaafa dubbatu, ulfina waaqayyoo isa hin duune
bifa namaa isa du'uutti waan jijjiiraniif waaqayyo akka isaan dheekkame argina.
Kanaaf, bifti waaqayyoo kana jechuun hin danda'aamu, Ijaanis hin argamne hin
argamus.
Garuu, waaqayyo akka bifa isaatti nama uume isa jedhu kana karaa lama ilaalla.
Dura garuu waaqayyo maal fakkaata ykn wantoota ittiin waaqayyoof ibsuuf
fayyadamnu haa ilaallu:

WAAQAYYOON MAALIIN IBSINA?


Waaqayyo:
1. ifa dha
2. dhugaadha
3. qajeelaadha
4. qulqulluudha
5. jiraataadha
6. Gaariidha.
7. jaalala
8. danda'aadha
9. sirriidha
10. Gooftaadha fi k.k.f jenneetu waaqayyoo keenya waammana ykn ibsanna.
Wantootuma kana fakkaataniin waaqayyoon ibsanna ergaa ta'e waaqayyo ijaan akka
hin argamnee fi hojii isaatiin immoo akka hin dhokanne ifaadha.

23 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Fak 8:23-24 fi qol 1:15 irratti kiristoos uumama dura akka dhalatee fi akka uumame
dubbata. Waa’ee dhalachuu yesus dubbata.

Egaa seexanni uumamuu biyya lafaa dura akka kufe hubanneerra. Kana immoo
seexannis ijaan argamuu yoo baate ille wantoota ittiin isa ibsinu qabna innis:-
Seexana:
1. dukkana dha
2. sobaadha
3. jal'aadha
4. xura'aadha
5. du'udha
6. gadheedha
7. jibba
8. hamaa fi kkf’n hedduudhaan seexana ibsina.

NB: Tarii wantin odeessaa jiru, wal makaa fi wal xaxaa fakkaachuu danda'a. Garuu,
akka ifee mullatu hafuura qulqulluu irraa amanannaa guutuun qaba.

Dukkanni gaafa lafa dhokse waaqayyo ifni akka jiraatuuf murtoo murteesse. Ifichi
gaarii akka ta'e in arge ifichas dukkanatti addaan baase kan nuuf ifeera jedheen yaada.

Seexanni uumamuu namaa dura waan kufeef, murteen waaqayyo ‘Yesuus gara biyya
lafaa akka dhufu’ murteesse uumamuu biyya lafaa dura akka ta'e karaa garaa garaa
hubachuun ni danda'ama.

Namni qaama mullatuun biyyoo irra gaafa hojjetamu nama hin jedhamne, garuu
adeemsa nama ta'uuf deemamu keessaa isa tokko. Waaqayyo gaafa hafuura itti
baafatu namni uumama lubbuu qabu ta’ee jiraachuu eegale. Biyyoo sanatti gaafa
waaqayyo hafuura baafatu; iji, gurri, harkii fi maashaaleen garaagaraa hojii hojjechuu
eegalan namnis lubbu qabeessa jedhamee jiraachuu eegale.

❝Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti


godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee
jiraatu ta'e.❞ —Uma. 2: 7
Hafuura waaqayyo itti baafate keessa lubbuutu jira. Lubbuun immoo qaamonni akka
hojii hojjetaniif mootora taate jechuudha.

 Karaa lama ilaalla isan jedhe keessaa:


Karaa 1ffaa: Waa’ee namummaa keenya isa keessaati.
Keessa namaa kan jiru immoo hafuura waaqayyo namatti baafateedha. hafuura sana
erga fudhatee booda namni lubbuu qabaate jechuudha.
Suphee + hafuura Waqayyoo= Nama lubbuu qabaatee jiraatu

24 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Namni hafuura waaqayyo biraa fudhateen waaqayyoon fakkaata. Kana jedhuun,


waaqayyo jiraataa akkuma ta'e hafuura jireenyaa kan ofiisaa namatti baafateera.
Hafuura jireenyaa sanas waaqayyo biraa fudhatee jiraachuu danda'e. Jiraataa ta'uu
jechuun du'uu kan hin dandeenyeedha. Lubbuun namaa du'uu hin dandeessu, du'a
lubbuu jechuun baduu utuu hin taane dhiphachuu lubbuuti.

Akkasumas akkuma waaqayyo qajeelaa ta'e namni qajeelaa ture.

❝Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume; namoonni immoo yaada


baay'ee warra ofii isaaniitii qopheessan duukaa bu'uu in barbaadu. Kunoo,
wanta ani qore hundumaa keessatti isa kana duwwaan arge.❞ Lal. 7: 29
Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume jedha. Nama yaada jal'aa qabu immoo kan
uume eenyuudhaa? Jechuun hin hafu jedheen yaada. Erga akkas jettanii booda deebiin
sammuu keessan keessa dhufu jira jedheen yaada. Waanan isin caalaa hubadheefan
barreessaa jira osoo hin taane, hafuurri keessa keenya jiru tokko waan ta'eef akka ta.e
hunda keessaniif iyyuu ifaadha jdheen yaada obboleewwankoo.

Waaqayyo nama yaada qajeelaa uume sana fuudhee ‘Eedan’ iddoo dhaabaa tolchee
keessa kaa'e.
“Yommus Waaqayyo gooftaan biyya gara ba'a-biiftuu keessaa Eedenitti
iddoo dhaabaa tokko in dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in
kaa'e.” — Uma. 2:8
Addaamiin fuudhe Eedenitti iddoo dhaaba tokko dhaabee keessa kaa’e. Iddoo dhaaba
eeden keessatti dhaabni biraan tolfamee ture, Iddoo tolfame sana keessa namticha fi
hewwaan dhaqee kaa'e. Akkuma ifaaf dukkanni ture, iddoo dhaabaa eeden keessa jiru
kana keessas mukti gosa lama addatti jira. Kana gaafan jedhu, mukeewwan garaa
garaa achi keessa jiru isaan kaan Addaam nyaachuudhaaf ajajamaadha waan
beela'eefis ni nyaata. Mukeetiin warri lamaanii garuu isaan kaan irraa adda:
1. nyaatanii hamaaf gaarii beeku
2. muka iji isaa jireenya kennuudha
Isa hamaaf gaarii ittiin beekan irraa akka hin nyaanne addaam dhorkamee ture, isa
jireenya kennu irraa immoo akka nyaatuuf ajajamee ture.
“Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji
isaaniis nyaataaf ba'eessa ta'an lafa keessaa in biqilche; mukti ija isaa
nyaatanii jireenya namaaf kennu, mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis
iddoo dhaabaa sana walakkaa turan.” — Uma. 2:9
Mukkeetii ija namaa hawwatan garagaraatu ture.
1. iji isaanii nyaataaf ba'eessa warra ta'an,
2. mukti ija isaanii nyaatanii jireenya namaaf kennuu,
3. mukti hamaa fi gaarii ittiin beekan dha.
Addaam mukeetii hunduma irraaa nyaachuuf heyyama argateera. Kana jechuun muka
warra ijisaanii nyaataaf ba'eessa ta'an akkasumas muka yeroo nyaatan jireenya namaaf
kennu irraa nyaachuudhaaf heyyama guutuu qaba. Garuu, isa hamaa fi gaarii ittiin

25 | P a g e
Part 1 CUBBUU

beekan irraa nyaachuu dhorkameera. Muktichi hamaa fi gaarii nama barsiisa jechuun
maal jechuudhaa?

❝Kana irratti hojjetoonni abbaa warraatti dhi'aatanii, 'Gooftaa, sanyii gaarii


qotiisa keetti facaafte mitii? Inkirdaada immoo eessaa godhate ree?'
jedhaniin.❞ —Mat. 13: 27
Muktichi hamaaf gaarii nama hubachiisa jechuun hamaaf gaarii addaan baasanii
beekuutu cubbuudha jechuudhaaf miti. Garuu, akka mat 13:27 kana irraa hubannutti
abbaan maasii sanyii gaarii facaasee ture. Diinni namtichaa immoo inkirdaada ykn isa
hamaa dhufee gaafa fachaasu qamadiidhaaf inkirdaadi waliin guddatanii ija akka
godhatan argina, hamma haamaan (walitti qabuu) ga'utti waliin akka jiraatan guyyaa
booddee garuu addaan akka ba'u dubbata.

Muka sanarraa hin nyaatinaa jechuun waaqayyoo yaada gaariidha, nyaadhaa jechuun
seexanaa immoo yaada hamaadha. Waaqayyo namni akka seexanaa fi waaqayyoof
(lamaansaaniitiif al-tokkotti) abboomamu hin barbaadne. Ofii isaatii waan uummateef
namni isaaf akka abboomamu barbaade, qajeela jechuudhumti mataansaa nama
waaqayyoon sodaatuu fi kan abboomamu jechuudha.

❝Namni maqaan isaa ''Iyoob'' jedhamu tokko biyya Uz keessa ture; namni
kun hir'ina kan hin qabne, nama yaada qajeelaa, nama Waaqayyoon
sodaatu, hamaa irraas kan gore ture.❞ —Iyo. 1: 1 1
Hamaa irraas kan gore jechuun nama yaada waaqayyoo qofa raawwatu jechuudha.
Abbaan sanyii gaarii facaase sun, inkirdaada sana diina kootu yeroo ani rafu dhufee
facaase jedhe. Namtichi sanyii gaarii facaase, diinichi immoo inkirdaada facaase
jedha.
Waantoota afurtu jira.
1. namticha sanyii gaarii facaase
2. diinicha inkirdaada facaase
3. sanyii gaarii facaafame
4. inkirdaada facaafame
Mat. 13
³⁶ Yesus kana booddee namoota sana gad dhiisee manatti ol lixe; yommus
bartoonni isaa itti dhi'aatanii, "Fakkeenya inkirdaada qotiisicha keessaa
nuuf hiiki!" jedhaniin. ³⁷ Yesus immoo deebisee, "Inni sanyii gaarii facaasu
ilma namaati; ³⁸ qotiisichi biyya lafaa ti; sanyiin gaariin ilmaan
mootummaa ti; inkirdaadis ilmaan isa hamaa ti. ³⁹ Diinichi inkirdaada
facaase Seexana; yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti;
warri midhaan sassaabanis ergamoota Waaqayyoo ti.
Isaan arfanuu kan irratti wal quunnaman, tuqaan wal ga'iinsaa (center point) ta'e garuu
qotiisicha.

26 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Abbaan sanyi gaarii facaase, “diina kootu inkirdaada facaase” jedhe.

❝Inni immoo, 'Nama diina koo ta'etu kana godhe jedhee isaaniif in deebise;
yommus hojjetoonni, 'Nuyi dhaqnee isa akka aramnu barbaaddaa ree
jedhaniin.❞ —Mat. 13: 28
Nama diinakoo ta'etu kana godhee jedhe. Egaa seexanni diina keenya osoo hin taane
diina waaqayyooti. Nuti immoo sanyii facaafamuudha.

1. namtichi sanyii gaarii facaasu – yesuus


2. sanyiin gaariin - ilmaan mootummaati
3. namtichi inkirdaada facaasu - seexana
4. inkirdaadi - ilmaan isa hamaati
5. qotiisichi- biyya lafaati
Qotiisichi biyya lafaati gaafa jedhu kan nutti mullatu, yaadni hamaaf gaariin ykn
sanyii gaarii fi hamaan ykn inkirdaadi kan keessa jiru ta'uusaatu nuuf gala. Akkas
jechuun bulchiinsa mootummaa lama keessatti kan argamu ta'uu isaati.
1. ifaa fi dukkana
2. kiristoosii fi seexana
3. qajeelinaa fi jal'ina
4. jireenyaa fi du'a
5. qamadii fi inkirdaada
2Qor. 6
¹⁴ Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi
jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?
¹⁵ Kristosii fi Seexanni² attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin
amanne biraa qooda maalii qaba ree?
Egaa akkuma ifaaf dukkanni faallaa ta'an, mukeewwan faallaa walii ta'an lama iddoo
dhaaba eeden keessatti tolfame sana keessas jiru.

*Yeroo baayyee waaqayyo akka namni kufu barbaadeetu mukicha isa hamaaf gaarii
ittiin beekan sana achi keessatti akka biqilu godhe, kanaafuu namni kufuun karoora
waaqayyoo akka ta'etti kan fudhatan jiru. Gaaffiin namoota baayyee immoo
waaqayyo amma namaa beekaa maalumaaf mukicha uume jedhanii dhiphatu. Kun
gaaffii dhaloota hedduudha. Warri kaan immoo mukichuma uumuu dhiisuu hin
danda'uu? jedhanii gaafatu. Warri kaan immoo muktichi yeroo ammaa kana eessa
jiraa? kan jedhanis jiru. Warri kaan immoo maqaan mukichaa maal jedhamaa?
Gariin immoo muktichi Appilii dha kan jedhanis jiru.*

Hundumti isaanii iyyuu gaaffii sirriidhaa fi ka'uu qabanidha.


Xiyyeeffannooniif ilaalchi dhaloota danuu argamuu fi jiraachuu muka ittiin hamaa fi
gaarii beekan sanaadha.

Kanan waa'ee ifaa fi dukkanaa sirritti akka ilaalluuf barreessaa ture kanaafiidha.

27 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Dukkanni waaqayyoo uumuu waan barbaadeef uumame osoo hin taane dhaamuu
ifaatiin kan uumameedha.

❝"Ati yaa ilma ganamaa, isa akka bakkalcha barii ibsuu! Attamitti
bantiiwwan waaqaa irraa gad darbatamte! Ati inni saba gad qabaa turte,
amma immoo attamitti lafatti dabalamte! ❞ —Isa. 14: 12
Seexanni akka bakkalcha barii ibsuutti ibsaa ture.
His. 28
¹⁴ Ani akka Kiruub eegduu isa dibamaatti sin dhaabe, ati tulluu koo isa
qulqullaa'aa irra in teesse, ati dhagaa ibiddaa gidduus in deddeebita turte;
¹⁵ ati gaafa uumamtee jalqabdee, hamma jal'inni si irratti argamutti,
adeemsa keetti mudaa hin qabdu turte. ¹⁶ Garuu ati sababii nagadi kee
guddaa bal'ateef, jal'inni si keessa guute, cubbuus hojjette; kanaaf ani
tulluu Waaqayyoo irraa akka wanta xuraa'aatti gad si darbadhee si
balleesse. Yaa isa akka Kiruub eegdichaa! Dhagaa ibiddaa sana
gidduudhaas sin baase. ¹⁷ Sababii miidhagummaa keetiif garaan kee in
koore, sababii simboo keetiifis ogummaa kee in balleessite; kanaaf ani
lafatti gad si darbadhee, mootonni akka si ilaalan godhe;
Egaa seexanni gaafa cubbuu hojjetee kufu sana dukkanni uumame. Yeroon dukkanni
uumame kun uumamuu biyya lafaa dura. Karoorri waaqayyoo immoo fuula duratti,
biyya lafaa uumuudha. Biyya lafaa sana kan geggeessuu fi kan bitu immoo dhala
namaati. Inni kufe kun immoo, ibsaan dhaame kunis achitti darbatamuudhaaf akka
jiru beekamaadha. Kana gaafan jedhu waaqayyo gara lafaa yeroo ilaalu dukkanni irra
buufatee akka jiru waaqayyo in arge, kanaaf waaqayyo ifni haa ta'uu jedhe, iftichi
gaarii waan ta'eef dukkanatti gargar baasee waaqayyo.
Iftichi yesus kristos akka ta'e ilaallee turre.
Qol 1:15 irratti, uumama hundumaa dura dhalate jedha.
Dhaladhe inni jedhu kun gaafa dukkanni uumame yesuus ifa ta'ee gara biyya lafaa
akka dhufu murtee darbeedha. Seexanni biyya lafaa dukkaneessuu dhaaf gaafa
qophaa'u waaqayyo immoo ifti akka jiraatuuf murteesseera jechuudha. Kristos na
uume jechuun isaas dhimma kanaan wal qabateeti malee yesuus uumama ta'uu
isaa miti.
NB: Asumaan dubbadhee kanan darbu barbaadu, Waaqayyo akka bifa keenyaatti
nama uumna jechuu isaa keessaa inni lammaafaan: *namni waaqayyoon ijaan
arguu yoo baate iyyuu waaqayyo inni nama argu utuu nama hin uumin nama
fakkaatee dhalachuudhaaf waan jiruuf akka bifa keenyaaf fi fakkeenya
keenyatti gaafa jedhu yesuusiin nutti mullisuu isaati.* kanaafiidha waaqayyo
nama kan fakkaateef.

Namni jalqabaa uumame qajeela akka ture ilaalleerra. Seexanni illee jalqaba sirrii
akka ture caaffanni qullaa'aan dhugaa nuuf ba'a. Erga seexanni qajeelaa ture namni
immoo qajeela ture jechuun hin ulfaatu.

28 | P a g e
Part 1 CUBBUU

Mukti sun lamaan akka ifaafi dukkanaatti wal bira qabnee haa ilaallu:
1. mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu,
2. Mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan.
Uma. 2: 9
Mukoonni kun lamaan kan nu agarsiisan, mootummaa lama nuuf ibsu. Kana
jechuunkoo akkuman ifaa fi dukkana jedhee ture sana isaan kun mootummaa
jireenyaa fi mootummaa du'a ta'uu ykn immoo mootummaa kristoos fi mootummaa
seexanaadha.

 Mukti ittiin hamaa fi gaarii ittiin beekan jechuun maal jechuudhaa?


Kana jechuun hamaa fi gaarii beekuu qofa osoo hin taane rakkoon muktichi qabu isa
gaarii ni beeka garuu hojjechuu hin danda'u, isa hamaa garuu yeroo hundumaa ni
hojjeta.
“Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hamaa isa ani hin jaallanne
garuu nan hojjedha.” — Rom. 7:19
Tarii hamaaf gaarii namni waan beekeef muktichi dhala namaaf ogummaa akka
kennetti godhanii dhaloonni mancaa'aan fudhatu. Dhugaan jiru garuu kana miti.
Ogummaan eenyuun akka ture fak 8 gubbaatti isinitti dubbadheera. Dubbiin
waaqayyoo Kan dubbatu ‘ogummaan waaqayyoon sodaachuudha malee isa mukicha
nyaatanii argatan miti’.

❝Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii


hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf
jabaatee in dhaabata.❞ —Far. 111: 10
Namni gaafa mukicha nyaate qullaa ta'e, qullaa ta'uu immoo hin jaallane garuu
qullaadha. Uffachuun gaarii akka ta'e ykn qullaa ta'uu dhiisuun gaariidha garuu qullaa
ta'uun hamaadha. Isa hamaa fi gadhee hin jaallanne ta'e isa jaallatu garuu ta'uu
dadhabee qullaa ture.
Inni biraan waaqayyootti mullachuun isaaf gaariidha waaqayyoon dhokachuun garuu
isaaf gadhee akka ta'e beeke. Kan inni gochaa jiru garuu isa gadheedha.

Mee fakkeenya tokkon isinitti hima na caqasaa:


Fknf: Namni tokko leenci akka nama nyaatu sirriitti beeka. garuu baqachuu
raawwate hin danda'u haa jennu. Yeroo kana leenca beela'ee tokko faggootti utuunni
dhufaa jiru arge; leencichis namticha argee itti dhufee nyaachuudhaaf haa jennu.
Namtichi kun akka leenci nama nyaatu ba'eessa godhee beeka, garuu
nyaatamuudhaaf ta'ee isa eega jira. Beekumsi namtichi kun qabu bu'aansaa yeroo
hedduu irra deddeebi'amee nyaatamuu malee waan isa fayyade hin qabu. Kana
gaafan jedhu fagootti yeroo leenca argee eegalee amma yeroo leenci dhufee isa
nyaatutti yaada isaatiin yeroo lakkoofsa hin qabne nyaatameera jechuudha. Beekumsi
bu'aansaa baayyee du'uu ta'e kun beekumsa hin jedhamu jechuu fedheen fakkeenya
akkasi fudhadhe obbolootako.
Itti fufa………… part 2’n fuula Telegram obbolootaa irra jira!

29 | P a g e

You might also like