You are on page 1of 4

Hiriyaa moo Hiree!?

Asoobicuu

Jiinenus Galataa Fufaa

Yuunivarsiitii Finfinnee Kolleejjii Namoomaa, Qoannoo Afaanotaa, Joornaalizimiifi Sabquunnamtiitti, Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookiloorii

Hagayya 13, 2013

Hiriyaa moo Hiree!?


Jiruuf jirra! Jiraanneejiraannee!! Akkatti jiruhoo abbaatu beekaa, maafan kan uummataa dhiphadha!? Maafan kan alagaa raaja! Amma yoomiitti?!... Sammuusaa dhidhimaa keessaa ofitti haasaa galaana fardaa koree. Durii durii baatii duumessa keessaa ija sukkuummattee gad isa ilaaltu; golollisa barii barraaqaa biiftuu dukkana limixiin morkattee uumama daawwachuuf carraaqxee abdii keessatti horaa turte yaadachaa.Yericha darbe sana morkiin carraaqqii imaltoota abdii finiinsan sana deeggaruuf hudhaasoo qabaa ture sun halkaniif guyyaa garaa isa waada; gubee qaqqaammata. Dogoggora seenaa! jedha imala dhidhimaa itti qaarie san keessaa yeroo of dammaqse. Ani darggeessi qimixaan kun akaakiliif abaabiliin kiyya akka jiraatanii darban damma muree; coomaan coomee; daadhiin dagaagee Oromummaa dhugaa jiraadhee of gaee ariee eegee qeerransaa qabee akkan hin micciirre; uumama waa halle irree koo buttujjii jalatti akkan hin hacuucne!... of shakkee biradhee hiriyaa makadhe, hiriyaa hirqifachiisaa ganaafi gantuu alagummaan hidda dhiigaa irratti biqile. Duumessa baatiifi biiftuu kiyya golgee abdii koo finiinuu gae san waliin morkatu; biiftuu eenyummaa, kabaja lammummaa, abdii dhaloota egerii kan rabbi hiree ittiin nu badhaase akkam iftaa dhorkee morkee haguugee irra taae san gargar diigee irraa haqee miiccee tolchee morkataa fi dhorkataa irraa mulqee ibsee lammii koo ifa dheebotee bara eeggatu garaa gahuu osoon dandauu hiriyaan jedhe san waliin hiriiree deemsa falmii eegaluun koo! Gaaficha osoon! Edaa gaabbii fi eegeen booda! Akkan isa amane inni yoom anaaf amaname!?... Gaaddisa Odaa jala taaee kitaaba seenaa kan haphee sammuu isaa irratti copha dhiigaatiin barreeffame dubbisa. Milkaaummaaf illee milkoofnee turre. Akkuma aggaamnee lafaa kaane huurrii ifaa fi qaroo gidduu galee ciise carabaan carabnee, afarsaan afarsinee iddoodhaa dhabamsiisnee waaqaaf lafa;

namaa saa; gaaraa goda agarree weeddifne, bashaane, bashannasiifne. Handaaqqoon iyyite; shimbirroon weeddifte; weenniin misiraachoo korrise; jabbileen burraaqxe; uumamani harqee kolfe. Anis lammiikoo, maatii haadha kiyyaa waliin booka gammachuu dhudhauu; dhiichisa walabummaa hordee buqqisuu gaafan deeme sana dogoggora seenaa! sagaleen jedhu lafa inni madda isaa hin beeknee dhufee galmee seenaa dubbisaa jiru gargar kuchisiisee yeroo lammaffaaf addunyaa yaadaa farda yaadaatiin keessa gulufaa ture keessaa isa dammaqse. Bitaa fi mirga isaa ilaallaan isa qofa. Rifatee biratee osoo hin fixiin sagalee baallen Odaa qilleensa uumamaatiin bohaaraa weeddisan caqasee ol jedhee yoo ilaalu baalleen Odaa sun lammiilee isaa bitaaf mirgaan itti marsanii bohaarsan itti fakkaate. Hidda Odaa isa nyaaphi harkisee buqqisuu hin dandeenyerra taaee mudhii mukichaatti hirkatee fooliin abdii itti dhufuu jalqabnaan hafuura dheereffatee baafatee karra ija isaa cufatee sagalee qilleensaa saniin bohaaruu eegale. Akka yaade bohaaruun hafee sagaleen caqasaa ture sun farda yaadaatti deebisee korsiisee jennaan galmee seenaa san bakka garaagar kute irraa eegalee dubbisuu itti fufe. Hiriyaan jedhe sun akka koo kana booka gammachuu dhudhauu hin deemne; tarii ni mudhukaae taa jedheen maatiifi jaalleewwan koo waliin dhiichisuu itti fufe. Akkan dura jedhe nan dadhabsiisa malee dadhabee hin beeku; lafeen koo makaa daadhii, coomaafi dammaa irraa dhuubamee tolfame. Yeroo boqotee boquu ol qabate dhufee haa dhiichisu jedheen jiruu koo itti fufe. Dogoggora seenaa Inni edaa kanaan carroomee carraa gara jabina isaa ittiin mirkaneeffatu; carraa alagummaa isaa ittiin beeksifatu tolfachaa ture. Hiriyaa dadhabbii namaatti bohaaru; hiriyaa seenaa hin yaadanne, yoo yaadates fayidaan jijjiiru. Ani hiriyummaattin beeka. Inni garuu Utubaa akaakiliin koo abbaa koof wareeganii kennan; abbaan koo ammoo darabee na dhaalchisanitti qaxxise akka bofa gugee liqimsuuf garaan garaa lafaa soofuutti; dhaaluuf, qabeenyuma namaa kan kooti jedhee itti falmuuf, qeee hin horre irratti abbummaa horatee

bulchuuf... Utubaa dhalee koo; utubaa qeee keenya handhuurarra dhaabatee akka hin jigne ciniinee qabe san! Dur eessa ture!? Hara biiftuu wayyaa gaddaa uffachaa turte keessaa baatee qeee abbaa keenyaa; utubaa handhuura irratti biqile gadi ilaalte arginaan maaf dhaaluuf akka joobira raqa irratti kufuu irratti lafa dhae?! sanuu qeee eela abbaa qeeetiin ifa abdii egerii argate! Ni milkaae Garuu, balleessaan kan isaati moo kan isa dogoggora seenaa hojjeteeti? Qeee nyaaphi marsu qofaatti dhiisee dhiichisa, shubbiisa, fandalala yeroo malee deemuunkoo! Dogoggora seenaa! Osuma inni Odaa dadhabe; nuffe hin jenne san jala taaee kuusaa seenaa sammuu isaa dubbisuu aduun baate deebitee lixxe; abdii dukkaneessuuf lammafaa dhidhimte. Yoom deebitee baati laata!? Rabbi tokkichaaf!

You might also like