You are on page 1of 1

Mallattoo Waraabbii Dachaafi Qeenxee

 Barreeffama barreeffamu keessatti akkuma caaslugi afaan tokkoof murteessaa ta’e, sirni tuqaalees barreeffama tokko
guutuu gochuu keessatti nibarbaachisa.
 Kanneen keessaa, mallattoon waraabbii dachaafi qeenxee niargamu.
Faay’idaa mallattoo waraabbii dachaa
 Yaada ykn dubbii nama biroo akkuma jirutti waraabuun dhiyeessuuf.
Fkn. “Namni mo’u abdii hinkutu; namni abdii kutu hinmo’u,” jedhe Dhaabaa Wayyeessaaa
 Mata duree kitaaba adda addaa kanneen akka: barruuleee, galaalchaa, asoosamaa, walaloo, kitaabota
seenaafi k.k.f. mallattoo waraabbii keessa galchina.
Fkn. Kitaaba “Kudhaama Seenaa” jedhu dubbiseera.
 Yaada ykn dubbii irratti xiyyeeffatamee dhiyaachaa jiru keessa galchuuf.
Fkn. Miidhaa “Malaammaltummaa” akka addunyaatti jiru kaasnee ilaalla.
 Yaada namni hundi itti hin amanne tokko keessa galchuun waraabuuf.
Fkn. Namoonni baay’een, “Qabeenyi barnootarra akka wayyutti amanu.”
Mallattoo Waraabbii Qeenxee (‘ ‘)
 Mallattoon waraabbii qeenxee bu’aa kanneen gaditti tarreeffaman qaba:
 Waraabbii waraabbii biraa keessa jiru ittiin waraabuuf.
Fkn. Barsiisaan keenya, “Kitaaba ‘Godaannisaa’ dubbisaa,” jechuun dubbateera.
 Jecha afaan sanaan ala ta’e, yeroo itti afaan sanaan itti dhimma baanu, mallattoo waraabbii dachaa keessa
galchina.
Fkn. Abdiin ‘Sooftiweerii’ haaraa argate hojiirra oolcheera..

You might also like