You are on page 1of 3

Ayyaana Gubaa: 'Ayyaanni gubaa

Oromoo biratti amantaadhaan oli'


 27

Oromoon birraa keessa ayyaanota waggaa gara garaa kabajata. Isaan keessaa
Gubbaa ykn Masqalaafi Irreechii kanneen Oromoo biratti siirriitti beekamaniidha.

Ayyaanni Gubaa walakkeessa ji'a Fulbaanaa haala ayyaantuun murteesseen kabajama


jedhu hayyuun aadaafi seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damisee.

Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana
bara haaraatti ilaalama jedhu Obbo Dirribiin.
 Kabaja ayyaana Masqalaa Finfinneetti
 Qophii ayyaana Gubaa

Ayyaanni Gubaa Oromoo biratti attamiin kabajama?

Gubaan kun yeroo Abbaan Gadaas ibsaa ibsee birraan bar'uu isaa itti labsudha akka
Obbo Diriibin jedhanitti.

Masqalli Oromoo biraatti akkamiin akka ittiin kabajamu osoo qoratamee ilaalamee gaarii
ta'uu kan himan Gaazexeessaa Buleessa kan ta'an Obbo Mokonnin Birruu ammoo,
amantii ta'uu isaa caalaa ayyaanni Masqalaa dhimmoota dudhaafi falaasama uumaafi
uumamaa jabduu of keessaa qaba jedhan.

Akka Obbo Mokonnin himanitti Masqalli keessattu hawwaasa baadiyyaa biratti yeroo
ce'umsa waqtii gannaatii gara ifa birraatti taasifamu waan ta'eef bakka guddaa qaba.

Taatewwan hedduus of keessaa qaba waan ta'eef sirriitti hojii beeksisuuti hin
taasifamne malee Oromoo biratti Ayyaanni Masqalaa ayyaana guddaadha ykn mootii
ayyaanaati.
 Barattoonni Benishaangul Afaan Oromoon barachuufi
 Imala galataa dargaggoota Oromoo gara Arbaaminciitti
Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa Hogbarruufi Aadaa kan ta'an Dr. Darajjee Fufaas
ayyaanni bara haaraa Oromoon qabu bu'uurri isaa ''bacaqiin gannaa darbee booqaan
birraa dhufuudha'' jedhu.

''Oromoon Ayyaanota ganamaa jalqabee ayyaaneffatu 27 qaba.'' Guyyaa kamirra


ayyanota 27 keessaa inni kum akka kabajamu kan murteessuu warra ayyaantuudha
jedhu Dr. Darajjeen.

Ayyaanonni ganamaa Oromoo kunniin kaan dagatamanii kaan ammoo bifa ganamaa
isaanii dhabanii kan ayyaneffatamaa jiraniif ''guyyaa akkasitti kana kabaji jedhamee
Oromoon waan dirqisiifameefi'' jedhan.

Naannoo Shawaatti warri dhiiraa ''Iyyooshee daree, daraar birraa daree'' jechaa bari'uu
birraa faarsu.

Shamarranis ''Aadaabirraa yaa sherree koo qarree durbaa baalliinaadu, Kutaa koo
kutaa koo, kutaa miican jirbii kuraa koo kuraa koo kuraa miidhagdittii'' jechuun
uumamas, namas rabbis faarsuun galateeffatu.

Ayyana kanarratti shamarran akka ayyaana ingiccaa ykn qunnii buqqifannaa qe'ee
namaarra deemanii hin sirban.

Daamaraa/Ibsaa

Daamaraan mukoota jiidhaa adda addaa laaftoo, makkaanisa, nafuroofi kan biroo walitti
guuranii galgalaan daamarama jedha jiraataa magaalaa Naqamtee kan ta'e Obbo
Malkaamuun ammoo.

Mukti lagaa murame kun shan manatti hirkifama, sadii karaa tokko lama ammoo karaa
biraan. Mukni biraan ammoo falaxamee manatti ibiddarra tuulamee gubama. Gaafa
Daamaraa namni dhangaa/midhaan lafaa ga'e qofaa kan akka ancootee, raafuu,
buqqee/dabaaqulafi asheeta boqqollaa qofaa nyaata jedha Obbo Malkaamuun.

Gaafa guyyaa ayyaana kana irratti dhangaa lafaa ga'e hundatu nyaatama. Yeroo lafti
gara bariitti dhiyaatu ammoo ibsaatu ibsama. Ibsaa kana miseensi maatii hunduu ibsii
balbala kanatti ibsamurratti argamanii 'iyookoo daraari' jedhanii sirbaa ibsatu, jedha.

Sirboota Masqalaa

Ayyaanni Masqalaa dhimmoota gara garaa of keessaa qabu keessaa tokko sirbadha.

Akkaataan Gubaan Oromoo biratti ittiin kabajamu akkuma naannoo naannootti garaa
garummaa qabaatus jala bultiin yeroo torban lamaa hanga baatii tokkorraa kaasanii
dhiironniifi shamarran ni sirbu jedhan Obbo Dirribiin.
Sirboota kana keessaa Iyyoolee, Iyaasee kan yeroo Masqalaa addatti sirbamu ta'uu
dubbatanii, yerooo baayyee kan ittiin nama amansiisuufi maalalchiifachuu
gurmuudhaan ta'anii manarra deemanii sirbamudha jedhan Obbo Mokonnin.

Sirbi biraa Goobee/Do'ee jedhamu yeroo jala-bultii Masqalaa sirbamudha. Dabalataanis


akaakuun sirboota ergaa hedduufi yeedaloo mimmiidhagaa qaban akka Kaa'oo fardaa
kan yeroo irreeffannaaf deeman sirbamus jira jedhu.

Ayyaanni Masqalaa yeroo ganni darbee biraan bari'u waan ta'eef Qeerrooniifi Qarreeen
yeroo itti gammadanii ayyaaneffatan waan ta'eef sirbaan miira isaanii ibsatu akka Obbo
Mokonnin BBC Afaan Oromootti himanitti.

You might also like