You are on page 1of 32

YUUNIVARSIITII WALLAGGAA

MANNEEN BARNOOTA EEBBAAN BOODAA

WIIXINEE WARAQAA QORANNOO XIINXALA HOJIIRRA


OOLMAA IYYAAFANNOO WALITTI FUFAA DAREE
KEESSAA KUTAA 5-8 MANA BARUMSAA SADARKAA
TOKKOFFAA CALALAQIIFI WIIRTUU BARNOOTAA HUNDA
HAMMATTOO (1-8)

ASSAGGID ISHEETUU L.W.E. - WU1301570

DHAABBATA QO’ANNOO AFAANIIFI GAAZEXEESSUMMAA MUUMMEE QO’ANNOO


AFAANIIFI OGUMA OROMOOTTI SAGANTAA BARNOOTA FALAASAMA
DOKTORUMMAA
AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO (PHD)

MARGAA GAMMADAA (PhD)


SADAASA 2015/22

NAQAMTEE, ITOOPHIYAA
YUUNIVARSIITII WALLAGGAA

MANNEEN BARNOOTA EEBBAAN BOODAA


L.S. P: 395, NAQAMTEE, ITOOPHIYAA.

WARAQAA MIRKANEESSAA WIIXINEE

XIINXALA HOJIIRRA OOLMAA IYYAAFANNOO WALITTI


FUFAA DAREE KEESSAA KUTAA 5-8 MANA BARUMSAA
SADARKAA TOKKOFFAA CALALAQIIFI WIIRTUU
BARNOOTAA HUNDA HAMMATTOO (1-8)
ASSAGGID ISHEETUU L.W.E. - WU1301570

MALLATTOO-_________________________________

GUYYAA -___________________________________

KAN MIRKANEESSU- MARGAA GAMMADAA (PhD)

MALLATTOO-____________________________________

GUYYAA -__________________________
Baafata
Qabiyyee Fuula

Galata..........................................................................................................................................................ii
BOQONAA TOKKO.......................................................................................................................................3
1. SEENSA....................................................................................................................................................3
1.1 Seen Duubee.....................................................................................................................................3
1.2. Ka’uumsa Qorannichaa.....................................................................................................................4
1.3. Kaayyoo Qorannichaa.......................................................................................................................6
1.3.1. Kaayyoo Gooroo........................................................................................................................6
1.3.2. Kaayyoo Gooree........................................................................................................................6
1.4. Daangaa Qorannichaa......................................................................................................................7
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa.......................................................................................................7
2. SAKATTA’A BARRUU................................................................................................................................8
2.1. Hiika Og-barruu................................................................................................................................8
2.2. Maalummaa Og-afaan......................................................................................................................9
2.3. Bu’aa Og-barruun Afaan Barsiisuu Keessatti Qabu...........................................................................9
BOQONNAA SADI.......................................................................................................................................14
3. MALA QORANNICHAA...........................................................................................................................14
3.1. Saxaxa Qorannichaa.......................................................................................................................14
3.2. Madda Ragaa..................................................................................................................................14
3.3. Iddattoo..........................................................................................................................................14
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaa..........................................................................................................15
3.5. Ga’umsa Meeshaalee Funaansa Ragaa...........................................................................................17
3.6. Adeemsa Ragaa Funaanuu..............................................................................................................17
3.7. Ragaa Qindeessuufi Qaaccessuu.....................................................................................................17
4. Gabatee Yeroofi Baasii Qorannichaa.....................................................................................................18
4.1. Karoora Raawwii (Work Plan).........................................................................................................18
4.2. Baasii Qorannichaa.........................................................................................................................19
Wabiilee....................................................................................................................................................20
Dabalee A………..........................................................................................................................................22
Dabalee B..................................................................................................................................................25
Dabalee C..................................................................................................................................................27
Galata

Hunda dura Waaqayyoo har’aan nagahee barnoota koo digrii sadaffaa (PhD) akkan jalqabuuf
carraa kan naaf keenne galanni isaaf haata’un jedha. Itti aansuun wixinee qorannoo kana akkan
seeraan hojjedhuuuf kallattii naqabsiisaniifi gorsaa gara garaa naaf kennuun na waliin kan
dhaabbatan barsiisaa koo Dr. Margaa Gammadaa guddaan isaan galateeffadha.
Itti aansuunis hiriyoota koo barnoota kana na waliin barachaa jiran gargaarsa barbaachisaa naaf
gochaa jiraniif galanni koo inni onneerraa madde isaan yaa gahuun jedha.
BOQONAA TOKKO

1. SEENSA
Wixineen qorannoo kun mata dureen isaa xiinxala hojiira oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree
keessaa kutaa 5-8 mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu hunda Hammattoo
yeroo ta’u, qabxileen boqonnaa kana keessatti hammatamanis: seen-duubee, ka’umsa
qorannichaa, kaayyoo qorannichaa, daangaa qorannichaafi barbaachisummaa qorannichaati.
Boqonnaan lammaffaa ammoo sakatta’a barreeffamoota firoomina qabanii kan ilaalu yoo ta’u
boqonnaan sadaffaas mala qorannoo waligalaa ilaallta. Kana malees dhuma wixinee qorannoo
kanaa keessatti caccabiinsa yeroofi baajataa akkasumas meeshaalee funaansa ragaaf qophaa’an
hammatamaniiru.

1.1 Seen Duubee

Iyyaafannoon waa’ee barattootaafi manneen barnootaa irratti murtii kennuuf adeemsa


odeeffannoo walitti qabuuti (Salvia, Ysseldyke, & Bolt, 2010). Assessment is defined as a
process of collecting information to make decisions about students and/or schools Ministeerri
Barnootaa (2013) immoo akka ibsutti, iyyaafannoon maloota madaallii adda addaa (yaalii,
iddattoolee hojii, daawwannaafi safartuuwwan biroo) fayyadamuun adeemsa odeeffannoo walitti
qabu akka tahe ibsa. Itti dabalees, Airsian kitaaba Oosterhof, 2009:4 keessatti iyyaafannoo akka
waliigalaatti yeroo ibsu, “Assessment can be defined as the process of collecting, synthesizing
and interpreting information to aid the teacher in decision making,” jedha. Yaada kana gara
Afaan Oromootti yeroo fidnu, iyyaafannoon adeemsa odeeffannoo walitti qabu, qaaccessuufi
hiikuudhaan barsiisaan/tuun murtii tokko akka kennuuf/ituuf kan gargaaruu ta’uu isaa hubanna.
Iyyaafannoon jijjiirama amala barataa/tuu, adeemsa barachuufi bu’aa ga’umsa barannoo sanaa
irraa eegamu karaa hammamtaa (quantitative)fi akkamtaatiin (qualitative) kan ibsuudha.
Kanaafuu, iyyaafannoon yaaliifi safartuu irra nibal’ata.

Gara iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaatis yeroo dhufnu iyyaafannoo walitti fufaan daree
keessaa bara barnoota waggaa guutuu keessatti fooyya’iinsa ga’umsa barattootaa irratti
mul’atu ilaalchisee adeemsa odeeffannoo walitti qabaa adeemuuti. Aboni, Okereke and
Omebe (2005) iyyaffannoo walitti fufaa yeroo ibsan,
continuous assessment is a method of evaluation by which the teacher
periodically ascertains learner’s ability in gaining knowledge, thinking,
reasoning, character learning activities using different instruments like tests,
assignments, projects, observation, interviews and questionnaires. The results of
continuous assessment are made use of at the end of each course and the results
are taken into account after leaving school. In other words, continuous
assessment is a method of obtaining information about any child from the school
authority.

Yaada isaanii kanarraa wanti hubatamu iyyaafannoon walitti fufaa mala madaallii barsiisaan
yeroo yeroon dandeettii barataa, beekumsa, yaaduu, sababeeffannaa, gochaalee amala barachuu
hubachuuf meeshaalee adda addaa kanneen akka battallee, abbaltii, hojii pirojektii, daawwannaa,
af-gaaffiifi bargaaffii fayyadamuun mirkaneessu jechuudha. Bu’aan madaallii walitti fufiinsa
qabu xumura tokkoon tokkoon koorsii irratti kan itti fayyadamu yoo ta’u, bu’aan isaas erga mana
barumsaa gadhiisanii booda tilmaama keessa galfama. Kana jechuun iyyaafannoon walitti fufiinsa
qabu mala odeeffannoo waa’ee daa’ima kamiyyuu mana barumsichaa irraa argachuudha.

Akka Osokoya (2010) jedhutti, hiikni barreessitoonni adda addaa madaallii walitti fufiinsa qabuuf
kennan, barattoonni gochaalee barumsaa irraa gama beekumsa, yaaduufi sababeeffannaa, guddina
amalaafi industiriitiin maal akka argatan adda baasuudha. Yaadni kun madaalliin walitti fufiinsa
qabu madaallii hubannoo bira kan darbee akka ta’e agarsiisa.

Yaadoolee armaan oliitti ka’aan irraa wanti hubatamu adeemsa fooyya’iinsa ga’umsa
barattootaa ilaalchisee odeeffannoo walitti qabuudhaaf barsiisonni meeshaalee madaallii idileefi
alidilee fayyadamanii iyyaafannoo walitti fufaa geggeessu. Walitti fufaa jechuun kan barsiisonni
waa’ee fooyya’iinsa barattoota isaanii odeeffannoo walirraa hincinne guyyaa guyyaadhaan
walitti qaban ta’ee, iyyaafannoonis adeemsa walirraa hincinneedha (MoE, 2014).

1.2. Ka’uumsa Qorannichaa

Iyyaafannoon karaa qindaa’een odeeffannoo waa’ee kaayyoo sagantaalee barnootaa


fooyyeessuu, barachuufi guddisuuf hojjetaman walitti qabuu, xiinxaluufi itti fayyadamuudha
(Paaloombaa, fi Baantaa, 1999). Barsiisonni barattoonni isaanii gochaalee kennaman irratti
hirmaachuun, dandeettiiwwan baratan hojiirra oolchuufi qabiyyee barnootichaa hubachuu
isaanii madaalu. Bu’aan madaallii barsiistonni maal akka barsiisuu qaban murteessuufi fedhii
barattoota isaanii beekuuf isaan gargaara.

Baruu-barsiisuu karoorsuufis, barsiisonni odeeffannoo iyaafannoorraa argame galmeessuu qabu.


Iyyaafannoon, eenyu sirriitti akka hojjate, eenyu akka hinhubanneefi eenyu deeggarsa akka
barbaadu adda baasanii beekuuf gargaara. Fedhii barattootaa bira ga’uuf, milkaa’ina tooftaalee
baruu- barsiisuufi baruu-barsiisuu isaanii fooyyessuu akka qabanillee irraa barattu.

Esere fi Idowu (2015) akka ibsanitti, iyyaafannoon walitti fufaa adeemsa mirkaneessaa ykn
badhaasa xumuraa ykn gahumsa barattootaaf kennuu keessatti barumsi raawwatamuu isaa
murteessuuf wantoota barbaachisoo ta’an keessaa isa tokkodha.

Anderson (2013) iyyaafannoo yeroo hiiku, “Assessment is the process of gathering information
to make informed decisions,” jedha. Kun ammoo iyyaafannoo jechuun adeemsa odeeffannoo
walitti qabuun murtii odeeffannoo irratti hundaa’e murteessuu jechuu akka ta’e ibsa.
Og-barruun barumsa afaanii keessatti gaheen inni qabu guddaa akka tahe beektoonni hedduun
yaada garagaraa keennu. Kanneen keessaa kan armaan gadii ni argamu.

Baddiluun (1996:1) Fiqaada 1988fi warra biroo wabeeffachuun yemmuu ibsu,

Sn {/#F byT¾WM dr© l¸s_ yÌNÌ TMHRT XWnt¾Â t=Æ+ xWDN Yf_‰LÝÝ jedha. Kana gara
Afaan Oroomootti yemmuu fidnu barumsa afaanii sadarkaa kamiyyuu keennamuuf og-barruun
haqa qabatamaa haala jiru keessatti ni uuma jechuudha.

Lazar (1993:14) yaaduma kana yemmuu cimsuu afaan barsiisuu keessatti og-barruu akka madda
barumsa afaaniitti fayyadamuun haalli dhiyeenya baruumsa afaanii jaalatamaafi kan qalbii booji’u
akka ta’u taasiisa jedha.

Ronaaldifi Mikaa’eel (1991:2), “It is sometimes argued that a justification for the teaching of
literature is its value in promoting language development.”

Lazar (1996:15), “Using literature in the class room is a fruitful way of involving the learner as a
whole person and provides excellent opportunities for the learners to express their personal
opinions, reactions and feelings.”
Yaada beektoota armaan olii lamaan kanarraa wanti hubatamuun danda’amu og-barruudhaan
afaan barsiisuun barattoonni yaada isaanii, feedha isaaniifi muuxannoo isaanii sirriitti akka itti
ibsatan carraa guddaa banuurra darbee guddina afaan tokkootiif gahee guddaa akka qabuudha.

Gara dandeettiiwwan afaanii og-barruudhaan barsiisuttis yemmuu dhufnu Baddiluun(1996:1)


Faqaada (1988) wabeeffachuun yemmuu ibsu,

bSn {/#F húBN btšl mNgD mGl{YÒ§LÝÝ Sn {/#F btmr-# ”§T yxg§l{ SLèC
¼zYb@ãC ½ fl!õC XÂ Múl@ÃêE xnUgéC¼ b¸gÆ ytêqr ¦úBN ÃSt§LÍLÝÝ
bz!HM ytnú Sn{h/#F yÌNÌ K£lÖCN bxWD xSdGæ l¥St¥R ÃSC§LÝÝ

jedha. Yaada kana gara Afaan Oromootti yemmuu fidnu og-barruudhaan karaa fooyya’aa ta’een
yaada ofii ibsachuun ni danda’ama. Og-barruun jechoota filatamaniifi akkaataa ibsaa (dubbii
qolaa, ciigoofi mammaaksa)n yaada qindaa’e sirriitti dabarsa. Kanumarraan kan ka’e og-barruun
dandeettiiwwan afaanii haala keessa jiruun barsiisuuf ni dandeesisa jechuudha.

Egaa beektoonni adda addaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa kallattii adda addaatiin hiiku.
Barsiisoonnis gosoota iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa gara garaa fayyadamuun ga’umsa
barattoota isaanii iyyaafachuun gabbisuu akka qaban dhaamu. Yaata’u malee akka biyya
keenyaatti barsiisoonni ga’umsa barattoota isaanii bifuma baratamaadhaan iyyaafachaa jiraachuu
isaanitu mul’ata. Kunis barattoota isaanii dhuma barannootti, torbeetti, ji’atti ykn seemistaratti
ga’umsa barattoota isaanii bifa hojmanee, battalee ykn qormaataan yeroo iyyaaftan mul’ata. Kun
ammoo ga’umsa barattootaa gabbisuu keessatti dhibbaa mataa isaa qaba. Barattoonni yeroo
iyyaafataman yeroo hunda dandeettii isaanii hundaafi bifa gara garaatiin iyyaafatamu qabu. Yoo
akkasitti iyyaafataman ga’umsi isaanii gabbata. Kana gochuuf ammoo barsiisonni waa’ee
iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa hubannoo gadi fageenyaa qabaachuu qabu. Yoom akka
iyyaafatan, akkamitti akka iyyaafatan, maaliif akka iyyaafatan, maaliin akka iyyaafatanifii kkf
yoo beekan iyyaafannoon isaanii bu’a qabeessa ta’a. Sababoota gara garaatiin rakkoleen hojiirra
oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa biyya
keenyaa keessatti ni mul’ata. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa biyya keenyaa keessaa
ammoo manni barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu Barnoota Hunda hammattoo
kutaa (5-8) isa tokko. Rakkooleen asii olitti iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa hojiirra
oolchuu waliin walqabatan mana barumsaa kana keessattis ni mul’atu. Kanaafuu qoratichis haala
hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokoffaa
Calalaqiifi Barnoota Hunda Hammattoo Kutaa (5-8) maal akka fakkaatu addaan baasuuf deema.
Kanuuma buu’ureeffachhuun wixineen qorannoo kunis gaaffiilee armaan gadii ka’umsa
godhachuun deebii itti laachuuf kan qophaa’edha.

 Iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa fayyadamuun ga’umsa barattoota mana barumsaa
sadarkaa tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu Hunda hammattoo kutaa (5-8) gabbisuun hagam
xiyyeeffannoo argate?
 Barsiisoonni Afaan Oromoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu hunda
hammattoo kutaa (5-8) ga’umsa barattoota isaani gabbisuuf iyyaafannoowwan walitti fu-
faa daree keessaa yeroo kamfaa hojiirra oolchu?
 Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) keessatti hojiirra oolaa jiran keessaa
gosa kamtu baay’inaan tajaajilaa jira?
 Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) keessatti ga’umsa barattootaa gabbisuuf
hojiirra oolaa jiran hammam filatamoodha?
 Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) keessatti ga’umsa barattootaa gabbisuuf
hojiirra oolaa jiran kaayyoo barnootichaa waliin walsimuu?

1.3. Kaayyoo Qorannichaa


Ka’uumsa gaaffiilee armaan oliirratti hundaa’uun kaayyoon gooroofi gooree qoratichaa kanneen
armaan gadiiti.

1.3.1. Kaayyoo Gooroo


Haala hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) baru.

1.3.2. Kaayyoo Gooree


Kaayyoon goorees akkuma olitti tuqame ka’uumsa qorannichaarra kan maddee yemmuu ta’u akka
armaan gadiitti dhiyaateera.
 Iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa fayyadamuun ga’umsa barattoota mana barumsaa
sadarkaa tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu Hunda hammattoo kutaa (5-8) gabbisuun hagam
xiyyeeffannoo akka argate ibsuu.
 Barsiisoonni Afaan Oromoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu hunda
hammattoo kutaa (5-8) ga’umsa barattoota isaani gabbisuuf iyyaafannoowwan walitti fu-
faa daree keessaa yeroo kamfaa akka hojiirra oolchan tarreessuu.
 Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) keessatti hojiirra oolaa jiran keessaa
caalmaatti kan tajaajilaa jiru addaan baasuu.
 Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) keessatti ga’umsa barattootaa gabbisuuf
hojiirra oolaa jiran filatamummaa isaanii xiinxaluu.
 Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa
Calalaqiifi Wiirtuu hunda hammattoo kutaa (5-8) keessatti ga’umsa barattootaa gabbisuuf
hojiirra oolaa jiran kaayyoo barnootichaa waliin walsimuu isaanii addaan baasuu.

1.4. Daangaa Qorannichaa


Qorannoon kun kan adeemsifamu hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa kutaa
shanaffaa hanga saddeettaffaatti yemmuu ta’u, bakki qorannoon kun adeemsifamu deemus
Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee, Mana Barumsaa
Sadarkaa Tokkoffaa Calalaqiifi Wiirtuu Barnootaa Hunda Hammattoo (1-8)tti ta’a. Sababni isaas
qorataan mana baruumsaa kana keessatti koorsii intarnishippiif mana barumsaa kanatti
ramadamee yeroo hojjatutti waa’ee mana barumsichaa gadi fageenyaan waan bekuufi yunvarsiitii
itti barchaa jiruufis manni barumsichaa waan dhiyaatuufi.

1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa


Qorannoon kun bu’aawwan armaan gadii qabaachuu danda’a.

 Rakkoolee hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa waliin walqabatan
adda baasuun barsiisoonnifi qaamoleen dhimmi kun isaan ilaallatu rakkolee kana maqsuuf
akka ciicata tokkotti isaan gargaaruu danda’a.
 Barsiisoonni afaanichaa rakkoolee hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa deree keessa
jiran akka hubatanii tooftaa biraa barbaadan isaan gargaaruu danda’a.
BOQONNAA LAMA

2. SAKATTA’A BARRUU
2.1. Hiika Og-barruu

2.2.1.1. Maalummaa fi daayinamiksii Madaallii

Madaalliin barnootaa bu’aa tattaaffii barnootaa guddisuuf yaada barbaachisaa barbaachisu kenna.
Madaalliin barumsa barattootaa adeemsa murtee barnootaa keessatti ragaa qabatamaa
barbaachisaa ta’e kenna. Madaalliin bal’inaan adeemsa odeeffannoo waa’ee namoota dhuunfaa fi
garee walitti qabuu kaayyoo murtii kennuu (Salvia and Ysseldyke, 1998) (Puckett and Black
2008) keessatti caqasame jedhamee hiikama.

Kaayyoowwan madaallii armaan gadii adda baasan:-

Uummata daa’immanii fi maatii filatamoo ta’aniif adda baasuu, adda baasuu fi tajaajila
barbaachisaa ta’e kennuu.

Fedhii, ciminaa fi hawwii guddinaa dhuunfaa murteessuu.

Guddina dhuunfaa, guddinaa fi adeemsa barumsaa fi bu’aa barnootaa fi qormaata murteessuu.

Barattoonni guddina mataa isaanii akka calaqqisan fi galma barumsaa fi galma ga’iinsaa akka
kaa’an waliin walqunnamsiisuu fi gargaaruu.

Guddina fi fedhii barattoota dhuunfaa warra ykn guddiftoota waliin himuu.

Qabiyyee kaarikulamii fi tooftaalee barsiisuu xiinxaluu fi milkaa’ina barattootaa mirkaneessuuf

sirreeffama barbaachisu gochuu.

Og-barruun ogummaa umurii dheeraa qabu ta’uu isaarraa kan ka’e hiika dhaabbataa ta’e kennuun
akka hindanda’amne beektoonni adda addaa ni ibsu. Yaada kana Malaaknah (1999:1) yoo ibsu,
“Literature is impossible to define. It is an experience of life.” jedha. Yaada kanarraa wanti
hubatamu og-barruuf hiikaa laachuun akka rakkisaa ta’eefi muuxannoo jireenyaa ta’uu isaati.
Yaada kan Moosisaa (2000:2) yoo cimsu, “Og-barruun ogummaa umurii dheeraa qabuufi dhalli
namaa afaanitti fayyadamuu erga eegalee kan ture waan ta’eef hiikaa namoonni marti irratti walii
galan kennuun nama rakkisa.” jedha.

Yemmuu akkas jennu garuu og-barruudhaaf sirumaayyuu hiikaa kennuun hindanda’amu jechuu
miti. Og-barruudhaaf namoonni garaagaraa hiikaa garagaraa kennanii jiru. Fakkeenyaaf
Malaaknah (1999:11) yoo ibsu, “Literature is the cultural heritage of peoples. It is a record of man
in a diversity of forms at various levels of scholarship.” jedha. Yaada kana gara Afaan
Oroomootti yoo fidnu, og-barruun dabarsa aadaa uummataa ta’ee galmee namootaa kan bifa adda
addaatin namoota beekumsa sadarkaa adda addaa qabaniif ta’eedha jechuudha. Diaches (1974:9)
yoo ibsu,

Literature is any kind of composition in pros or vers which has for its
porpose not the communication of fact but the telling of a story (either
wholly invented or given new life through invention) or the giving of
pleasure through some use of the inventive imagination in the employment
of words.

jedha. Yada kanarraa wanti hubatamuun danda’amu og-barruun waan dhugaa jiru kaa’uuf osoo
hintaane seenaa tokko ykn waan gammachuu namaaf kennuu danda’u tokko midhagsee bifa
holooloo ykn walalootin kan namaaf dhiyeessu ta’uu isaati.

Moosisaa (2000:1), Asafaa (2009:16) yoo ibsan, “Og-barruun ogummaa waa’ee namootaa
namootaan qophaa’ee namootaaf dhiyaatu, daawitii jiruufi jireenya dhala namaa calaqqisiisudha.
Kana jechuun og-barruun daawitii sabni tokko jechoota filatamootti fayyadamee aadaa, amantaa,
siyaasa, dinagdee seenaafi maalummaa isaa walumaa galatti haala jiruufi jireenya (finna) isaa ittin
calaqqisiisudha.” jedhu.

2.2. Maalummaa Og-afaan


Og-barruun dameelee adda addaa of keessatti hammatee jira. Dameelee og-barruu kanneen
keessaa afoolli ykn og-afaan dame guddaa tokkodha. Hayyuuleen adda addaa og-barruu yemmuu
qoodan og-barruu barreeffamaa (written literature)fi og-afaan (oral literature) jedhanii qoodu.
Haata’umalee adda addummaa bu’uuraa akka hinqabne Fiqaadan (1991:27) yoo ibsu, “bSn ”L
X bSn{/#F mµkL m\r¬êE L†nT ylMÝÝ“ jedha. Dabalataanis Okpehuun (1992) og-barruu
barreeffamaatif bu’uurri og-afaan ta’uu isaa ni ibsa.

Yaada kana Bukenya (1994:9) yoo cimsu, “The written word (literature) may not exist with out
its oral base but the oral version exist and has always existed without the written” jedha. Yaada
kana gara Afaan Oromootti yoo fidnu og-barruun barreeffamaa osoo og-afaan jiraachuu baate
akka jiraachuu hindandeenye, og afaan garuu osoo og-barruun jiraachuu baatees jiraachuu akka
danda’u nuuf mul’isa. Beektoonni garaa garaa og-afaan maqaa adda addaatin waamu. Og-barruu
afaanii, aartiiwwan afaanii, og-barruu hinbarreeffamne. (Finnegan, 1970:2)

Maalummaa afoolaa Warquu (2001:1) yoo ibsu

Afoolli dhalootaa dhalootatti afaaniin kan darbu hambaa uummataati.


Abalummaan otoo hinta’iin uummatummaan beekkama. Namni mirga
abbummaa falmatu waan hinjirreef jiruufi jireenya hawaasicha keessaa
kan burqe fakkaata. Kanaafuu afoolli ragaa qabatamaa, aadaafi seenaa
dhaloota darbe tokkooti.

jedha. Walumaa galatti og-afaan (afoolli) hambaa uummataa jiruufi jireenya ilma namaa
dhaloota tokkorraa gara dhaloota biraatti afaaniin kan dabarsudha.

2.3. Bu’aa Og-barruun Afaan Barsiisuu Keessatti Qabu


Baruufi barsiisuun afaanii wantoota garaa garaa hedduu keessatti darba. Imaammata
barnootaarraa ka’ee hanga dareetti deemsa mataa isaa qaba. Deemsa hunda darbee bakki ijoo inni
bira gahu daree barnootaati. Yaada kana VenkaTeswaran (1997:1) yoo ibsu,

Language teaching programmes depend on various factors which are in


tern constituted of various components. The focal point in such a
programme is the class room because, this is where the contact between
the teacher, the learner, and the material occurs, the other components
being the policy, approach, syllabus and materials.

jedha. Yaada kanarraa wanti hubannu, sagantaa baruufi barsiisuu afaanii keessatti bakki
ijoon daree barnootaati. Sababni isaas, bakki kun bakka barsiisaan, barataan, meeshaan,
imaammanni, haalli dhiyaanaa, silabasiin barnootaa itti wal quunnaman ta’uu isaati.
Yeroo ammaa kanatti biyya keenya keessatti sirni barnootaa sadarkaa lammaffaa keessa tajaajilaa
jiru kaayyoon isaa barattoonni afaan isaanitin dandeettiiwwan afaanii kan akka dubbachuu,
dhaggeeffachuu, dubbisuu, barreessuufi kkf isaanii akka gabbifataniifi akkasumas dandeettii og-
barruuffi og-afaan akka horatan taasisuuf gargaarudha. (Tasfaayee,1981).

Egaa barsiisuun yemmuu yaaddamu adda dureedhaan wanti ilaallamu qabu dhimma kaayyooti.
Kaayyoon sirna barnootaa keessatti bakka ijoo qabata. Silabasii qopheessuuf kitaabolee ittiin
barsiisan keessatti gilgaaloota dhiyaatan qindeessuuf kaayyoon jiraachuun dirqama. (Harmar,
1970:19)

Wandoosan (1994:27) kaayyoon ijoo hojiilee og-barruu kitaabolee barumsa afaanii keessati
barattoota sadarkaa lammaffaatif qophaa’an filatamanii akka dhiyaatan taasifamuuf og-barruu
akka gosa barumsaa tokkootti barsiisuuf osoo hinta’iin akka madda afaan itti barsiisanitti
fayyadamuun barattoonni dandeettii afaanii isaanii akka gabbifatan taasisuuf akka ta’e ni ibsa.

Og-barruu akka barnootaattis ta’ee akka dirree qorannoo tokkootti barsiisuun kan irratti
xiyyeeffatu qo’annoo og-barruurratti osoo hintaane, kaayyoon isaa barattoonni beekumsa og-
barruu (literary competence) akka qabaatan taasiisudha.

Deemsi lammaffaan barumsa og-barruu, og-barruu akka meeshaa afaan itti barsiisan (literature as
resource for language teaching) fayyadamuudha.

Deemsa barumsa afaanii keessatti og-barruu akka meeshaatti fayyadamuun kaayyoon isaa inni
duraa beekumsa og-barruu gabbifachuufi hojiilee og-barruu qorachuufi tarreessuu osoo hintaane,
karaa hojilee og-barruuwwaan filatamaniin dandeettiiwwaan afaanii adda addaa barsiisuun
barattoonni dandeettii afaanii isa barbaachisaa ta’e akka gabbifatan taasisuudha. Kanaafuu
hojileen og-barruu guutuu ykn muraasni fudhatamuun dhiyaachuu danda’u. Kunis barattoonni
dhugaa jiru qofa akka fudhatan taasisuuraa fedhiin isaanii kaka’uun gammachuudhaan
barumsicha hordofuudhaan dandeettii afaanii isaanii gabbifachuuf kan dandeessisanidha. Karaa
kanaan og-barruun afaan barsiisuuf faayidaan inni qabu guddaa ta’uu isaa nu hubachiisa.

Barattoonni afaan tokkoffaas ta’e afaan lammaffaa baratan deemsa baruufi barsiisuu kutaa
keessatti dandeettiiwwan afaanii isaanii gabbifachuuf hojileen og-barruu baay’ee barbaachisaa
ta’uu isaanii beektoonni hedduun ni ibsu. Birhaanuun (1994:14-15) Reebes (1986) wabeeffachuun
akka ibsuutti waggootii 1960 oota walakkaa keessatti og-barruun akka gosa barnoota tokkoottifi
akka meeshaa afaan itti barsiisan tahee tajaajiluudhaan gahee guddaa taphachuu isaa ni ibsa.
Yaata’u malee og-barruun afaan barsiisuuf waggootii dheeraadhaaf kufee ka’aa erga ture booda
bara 1980 oota keessatti karaa cimaa ta’een hojiirra ooluu akka jalqabame hayyoonni ni ibsu.
Haaluma kanaan seenaa barumsa afaanii keessatti afaan barsiisuuf og-barruu yaaata’u jedhee akka
meeshaatti tajaajilamuu kan jalqabame bara 1980 A.L.A keessa akka ta’e Wandoosan (1994:22)
Evangelical (http://www.doc.) wabeeffachuun ni ibsa. Afaan barsiisuu keessatti og-barruun
faayidaa inni qabu Hill (1996:7) yoo ibsu, og-barruun beekumsa walii gala barattootaa, gahumsa
sammuu, guddina hawaasummaa gabbisuurratti gargaarsa guddaa godha. Kunis kan nu agarsiisu
hojileen og-barruu barumsa afaanii keessatti ennaa hammataman deemsa baruufi barsiisuu afaanii
keessatti faayidaa guddaa akka qabaniidha. Dabalataanis barumsi og-barruu jaqabarratti sammuu
namaa keesstti gammachuu uuma. Galmi isaa inni dhumaa ammoo ammas sammuu namaatti
ogummaa, tooftaa, beekumsa cimsuu akka danda’u ibsa.

Og-barruu akka meeshaatti fayyadamanii afaan barsiisuun barataan galma isa sirrii itti argatudha.
Itti fayyadama aadaafi afaanirratti hundaa’anii dandeetti isaanii ittin cimsatu. Akka Hill (1986:8)
ibsutti yoo ta’e namoonni afaan tokkoffaatti dubbatan jechoota afaanichaa dhibbantaa sgaltama
(90%) ta’u kan argatan galmee jechootaarraa osoo hinta’in haala galmaatirraayi. Jechoonni isaan
hinbeekin yoo isaan quunnaman haala galma isaanii qorachuun ergaa isaanii ni hubatu. Dabalanis
namoonni ergaa kan hubatan walitti qabaa sagaleellee sammuu isaanii keessa jiraniifi bakka bu’aa
isaanii laaluun qofa osoo hinta’in haala galma isaanii ilaalunis akka ta’e ni ibsu. Kana
fayyadamuun ergaa dhaggeeffatan ykn dubbisan maal akka tahe nihubatu. Kanaafuu barreeffama
gaarii hiikaa akka galmaa itti argatan ni barbaadu. Kunis kan argamu og-barruurraa waan ta’eef
afaan baruufi barsiisuu keessatti og-barruu akka meeshaatti fayyadamuun barbaachisaaadha.

Laazaar (1993:14) yoo ibsu, og-barruudhaan afaan barsiisun dhiyaanni barumsa afaanii kan qalbii
boji’uufi jaalatamaa akka ta’u taasiisa. Barattoonnis og-barruu wajjiin yemmuu walbaraa deeman
deemsa keessatti dandeettii og-barruu isaanii ittiin gabbifachaa akka deeman ni ibsa.

Og-barruun afaan barsiisuuf faayidaa inni qabu Baddiluun (1996:3) yoo ibsu, ”Sn {/#F msrt$
HYwT nW¿ mglÅ mú¶ÃWM ÌNÌ Slçn-- Sn {/#FN bKFL ym¥R ¥St¥R £dT WS_ m-qM t¥¶ãCN
t=Æ+ bçnW ›WD ÌNÌ XNÄ!¥„ ÃSC§cêL::” jedha. Yaada kanarraa wanti hubannu og-barruun
bu’uurri isaa jireenya ta’uu isaa, kan itti ibsamu ammoo afaan ta’uu isaa, kanarraa kan ka’e og-
barruu barsiisuu daree keessatti fayyadamuun barattoota haala galma qabatamaa ta’een afaan akka
baratan isaan taasiisu isaati.

Akka walii galaatti faayidaa og-barruun afaan barsiisuu keessatti qabu Getinat (1992:12)
Baddiluu (1996:12-15) wabeeffachuun yoo ibsu akka armaan gadiitti kaa’a.

1. Og-barruun aadaa beeksiisuu keessatti gaheen inni qabu ol’aanaadha. Afaaniifi aadaan
ammo walitti dhufeenya cimaa kan qabanidha. Addunyaan (2010:2) Fishman 1968,
Thomas and Wareing 1999 wabeeffachuun yoo ibsu, “Afan baattuu aadaati, aadaanifi
afaan wantoota gargar ba’anii ilaallmani miti” jedha. Kun ammoo namni tokko itti
fayyadama afaanii garaa garaa wajjiin akka walbaru isa taasiisa. Sababni isaas afaan tokko
jalatti aadaa baay’ee ykn aadaa tokko keessatti afaanoonni garagaraa jiraachuu danda’u.
Kanaafuu deemsa barumsa afaanii keessatti barattoonni itti fayyadama afaanii gara garaa
wajjiin akka walbaran waan taasiisuuf dandeettii afaanii gabbisuuf filatamaa akka ta’u
taasiisa.

2. Og-barruun dandeettii afaanii gabbifachuuf humni qabu ol’aanaadha. Og-barruu gara


garaa yemmuu dubbisnu jechoota harawaa kanaan dura kan isaan hinbeekne hiikaa galmaa
isaanii hubachuufi beekuuf dandeenya. Dabalataanis hojiilee og-barruu dubbisuun mam-
maaksoota, dubbii qolaafi kkf akka beeknu nu garagaara. Sababni isaas hojileen og-barruu
wanta tokko guddisanii agarsiisun dalagaa isaanii waan ta’eefi. Akkasumas hojiilee og-
barruutiin seerluuga afaanii, seera afaanii, dandeettii jechootaa, akkaataa galmaa
gaaleewwaniifi himootaa barachuun ni danda’ama.

3. Og-barruun hirmaannaa dhunfaa cimsuu keessatti gahee ol’aanaa qaba. Og-barruun barat-
toonni hirmaataa hojii sanaa ta’anii akka of ilaalan taasiisa. Og-afaan tokko yemmuu dub-
bisan ykn dhaggeeffatan qalbiin isaanii boji’amuun hirmaattoota og-afaanichaa akka ta’an
isaan taasiisa. Yaaduma kana cimsuuf Wandoosan (1994:25-26) og-barruun barattoota
kakaasaa fedhiidhaan gara barumsaatti akka seenan taasiisa jedha.
“Sn {h#F t¥¶WN b¥ê²T bF§¯T wd TMHRT gb¬ ÃqRÆLÝÝ’’
BOQONNAA SADI

3. MALA QORANNICHAA
3.1. Saxaxa Qorannichaa
Qoratichi gaaffilee qorannichaa deebisuuf, xiinxala hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa
daree keessaa kutaa 5-8 mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa calalaqiifi wiirtuu barnootaa hunda
hammattoo (1-8) irratti taasisuuf deema. Qaaccessa ragaalee haala kanaan geggeessuuf immoo
qoratichi qorannoo walmakaa (mixed method)tti dhimma ba’uuf karoorfate. Sababni isaas
ragaaleen kunneen bifa ibsaafi lakkoofsaatiin qaacceffamuu waan qabaniifi. Kunis qorannoo
safarataa/lakkoofsaa/ammamtaa (quantitative research)fi qorannoo qulqulleeffataa/akkamtaa
(qualitative research)dha. Gosa qorannoo ammamtaa/lakkoofsaa keessaas qorannoo addeessaa
(descriptive research)tti kan gargaaramu yemmuu ta’u, kanas odeeffannoo bargaaffiitin
funaannamuu qaaccessuuf dhimma itti ba’a. Gama biroon gosa qorannoo
akkamtaa/qulqulleeffataa keessaa immoo qorannoo ibsaatti kan tajaajilamu yoo ta’u, kanas
odeeffannoo karaa: ragaa sakatta’uu, marii gareefi af-gaaffiitin funaannamu qaaccessuuf itti
fayyadama.
Walumaagalatti, qoratichi odeeffannoo qabatamaafi haqa ta’e argachuuf gosoota qorannoo
ammamtaa/safarataafi akkamtaa/qulqulleeffataa kanneen filateera.
3.2. Madda Ragaa
Maddi ragaalee qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa ta’u. Maddi ragaa
tokkoffaa barsiisota barnoota Afaan Oromoo kutaa 5ffaa hanga 8ffaa barsiisaniifi barattoota
kutaawwan kanaa yommuu ta’an, maddi ragaa lammaffaan immoo battalleewwanifi
iyyaafannoowwan barnootaa Afaan Oromoo kutaa 5ffaa hanga 8ffaa jiranidha. Madda ragaalee
lachuurratti xiyyeeffannoon kan kennameef maddi ragaa baaqqee odeeffannoo ga’aa ta’e kennuu
dhiisuu waan danda’uufidha.

3.3. Iddattoo
Iddattoo qoratichi qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba’u iddattoo
kaayyeffataa/murtoo (purposive sampling) fi iddattoo argame (available sampling) ta’a. Haaluma
kanaan qoratichi filannoo barattootaa iddattoo kaayyeffataatti gargaaramee barttoota Mana
Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Calalaqiifi Barnoota Hunda Hammattoo (kutaa 5ffaa hanga 8ffaa) keessaa
daree hundarraa barattoota qaxalee sadarkaa 1ffaa hanga 20ffaa ba’an filata. Barattoonni mana
barumsaa kanaa baay’inni isaani waliigalaa kuma tokkoofi dhibba torbaafi saddeettami torba
(1787) barattoota mana barumsaa kana keessayis barattoonni kutaa 5-8 baay’inni isaanii dhibba
sagal (900) yemmuu ta’an barattoota kutaa kanneen keessaayis barattoota dhibba sadii (300)
daree tokkoorraa barattoota digdama (20) kanneen sadarkaa barnootaa isaanitin ciccimoo ta’an
(top 20) filachuun ragaa isaa funaannata. Kunis dhibbantaadhaan yemmuu ibsamu 33% ta’a.
Sababa inni barattoota kana filateefis barattoonni kun sadarkaa barnootaa isaanitin ciccimoo waan
ta’aniifi waa’ee iyyaafannoo walitti fufaa beekumsa gadi fageenyaa qabu jedhee waan amneefi
odeeffannoo ga’aa ta’e nan argadha jedhee yaadeeti.

Barsiisota mana barumsaa kanaa filachuuf immoo iddattoo argameetti dhimma ba’e. Sababni
isaas barsiisonni barnoota Afaan Oromoo kutaa 5ffaa hanga 8ffaa mana barumsaa armaan olitti
eerame kanatti barsiisaa jiran lakkoofsaan sadii (3) qofa waan ta’aniif hunda isaanii qorannoo
kanarratti hirmaachise. Sababa inni barsiisota Afaan Oromoo kana filateefis barsiisonni kunniin
waa’ee hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa maal akka fakkaatu hamma tokko
waan beekaniif odeeffannoo gahaa ta’e ni kennu jedhee yaadeeti. Barsiisoonni sadan filataman
hundi odeeffannoo af-gaaffiidhaan funaannamurratti kan hirmaatan yoo ta’u, marii gareetif
ammoo barsiisoonni baranoota Afaan Oromoo biroo mana barumsichaa keessatti argaman itti
dabalamu.
Qoratichi sababni mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa Calalaqiifi Barnoota Hunda Hammatto Kutaa 5-
8 filateef, koorsii intarnshippiif mana barumsaa kanatti ramadamee yeroo hojjatutti haala jiru
waan ilaaleef, yunvarsiitii keessa barachaa jiruufis waan dhiyaatuuf odeeffannoo gadi fageenyaa
nan argadha jedhee waan yaadeefi.

3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaa


Qorannoo kana geggeessuu keessatti meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’aman: ragaa
sakatta’uu, marii garee, afgaaffiifi bargaaffiidha.

Ragaa Sakatta’uu

Meeshaa funaansa ragaa kanatti gargaaramuun qoratichi meeshaalee iyyaafannoowwan walitti


fufaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 5ffaa hanga 8ffaa jiranirraa sakatta’uun ragaa walitti qabata.
Sakatta’a kanaafis kan gargaaru gabatee mirkaneessituu fayyadama. Sababni funaansa ragaa
kanatti fayyadamees,

”Barreeffamoonni akka odeeffannoo qorannootitti nama fayyadan hedduutu


jiru. Isaan keessaa kanneen akka kitaaboota, xalayoota, gaazeexaa,
barruulee adda addaa, waraqaa ragaa, nagahee, ajandaa, qaboo yaa’ii,
barreeffama murtii, yaddannoofi kanneen kana fakkatan ta’uu danda’uu.”
(Dastaa, 2002:101)

Waan jedhufi. Dabalataanis Ary et al, (2010) akka ibsanitti, “The study of document entails the

systematic examination of relevant documents to invastigate specific topic or themes,” jedha. Kun

ammoo, raga sakatta’uun mata duree ykn mata duree addaa qorachuuf rgaalee barbaachisoo ta’an

.
sirnaan qorachuu of keessaa akka qabu agarsiisa Kanuma bu’uureeffachuun qoratichis meeshaa

funaansa raga kana filate.

Bargaaffii
Meeshaa funaansa ragaa kana qoratichi sababni itti filate, bargaaffiin bakka hirmaattoonni
hedduun jiranitti odeeffannoo haqa ta’e guuruudhaaf mijataa waan ta’eefi. Best and Kahn
(1999:230)

Meeshaa funaansa ragaa kanatti dhimma ba’uun qoratichi hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti
fufaa daree keessaa ilaalchisee gaaffilee daanga’aafi banaa kanneen lakkoofsaan 12 ta’an
qopheessuun barattoota kutaa 5ffaa hanga 8ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Calalaqiifi Wiirtuu
Barnoota hunda Hammattoo kutaa 5-8 keessaa barattoota iddattoo kaayyeeffamaatiin filatamaniif
raabsuudhaan odeeffannoo walitti qabata.

Afgaaffii

Cohen fi Manino (1994:272) akka ibsanitti af-gaaffii namni gaafatu carraa irra deebi’ee
gaafachuuf gaafatamtoonni hedduun ammoo waa barreessurraa afaaniin deebisuu jaalatu.

Meeshaa funaansa ragaa kanatti gargaaramuun immoo qoratichi hojiirra oolmaa iyyaafannoo
walitti fufaa daree keessaa ilaalchisee gaaffilee banaa kanneen lakkoofsaan 12 ta’an qopheessuun
barsiisoota Afaan Oromoo barsiisan waliin gaaffiifi deebii taasisuun ragaa funaannata.

Marii Garee

Meeshaa funaansa ragaa kanatti fayyadamuun qoratichi hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa
daree keessaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Calalaqiifi wiirtuu barnoota hunda hammattoo kutaa
5-8 keessatti maal akka fakkaatu barsiisoota Afaan Oromoo shan waliin marii garee taasiisuun
ragaa funaannata.

3.5. Ga’umsa Meeshaalee Funaansa Ragaa


Ga’umsa meeshaalee ragaa funaanuuf oolanii mirkaneessuuf gorsaa kiyyatti agrsiisuunifi
namoota sadarkaa digirii sadaffaarra jiran garaa garaa sadii akka yaada itti kennan erga
taasisamee booda sirraa’ee ragicha funaanuuf dhimmi itti ba’ama.

3.6. Adeemsa Ragaa Funaanuu


Qoratichi erga meeshaalee funaansa ragaa armaan olii kana qopheeffatee booda, qaamota
qorannoon kun irratti akka geggeeffamuuf kaayyeffaman bira deemuun odeeffannoo qorannichaaf
isa barbaachisu argachuuf haala akka isaaf mijeessaniif qindeessitootaafi itti gaafatamtoota mana
barumsichaa, Muummee Barnoota Afaan Oromoo mana barumsichaa qorannichi irratti
adeemsifamuuf karoorfamee haasofsiisa. Erga qaamota kanneen irraa eeyyama argatee booda
bargaaffii qopheesse barattoota filatamaniitif raabsuudhaan, afgaaffiifi marii garee qopheesse
immoo barsiisoota Afaan Oromoo barsiisan waliin gaaffiifi deebii taasisuun, akkasumas,
iyyaafannoowwan walitti fufaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 5 ffaa hanga 8ffaa sakatta’uun ragaa
walitti qaba.

3.7. Ragaa Qindeessuufi Qaaccessuu


Ragaaleen meeshaalee funaansa ragaa adda addaatiin funaanamuuf yaadaman ammoo haala
armaan gadiitiin qindeessuun qaacceeffamu.

Dursa odeeffannoowwan funaannamuuf yaadaman mara mata duree mata dureetti qoqqooduun
bakka qaacceffamu qabanitti akka seenan taasisa. Sanaan booda, gaaffilee bargaaffiidhaan
deebi’an baay’ina barattoota deebii sana filatan gabatee keessatti bifa lakkoofsaafi
dhibbantaadhaan erga kaa’amani booda gabaticha bifa addeessutin qaacceessa. Odeeffannoo
sakatta’a ragaa, af-gaaffiifi marii garee barsiisootaatin funaannamuuf yaadaman ammoo bifa
ibsaatin qaacceessa.

Walumaagalatti qoratichi ragaalee karaalee maloota bargaaffii, marii garee, afgaaffiifi ragaa
sakatta’uun funaanuun karaalee maloota ammangee/safarataafi akkamtaa/qulqulleeffataatin
qaaccessuuf yaade.

Gabatee Yeroofi Baasii Qorannichaa


4.1. Karoora Raawwii (Work Plan)
2015 2016
Hojiilee Raawwatama
Nuus. IV

Nuus. IV
Nuus. III

Nuus. III
T.Lakk.

Nuus. II

Nuus. II
Nuus. I
Nuus. I

1 Mana barumsaatti qaamaan argamuun


qaamolee qorannicha keessatti hirmaatan
heeyyamsiisuu.
2 Iyaafannoowwan mana barumsichaa
keessatti hojiirra oolaa jiran sakatta’uu.
3 Gaaffilee afgaaffii, bargaaffiifi marii
garee xiqqaaf ta’an qopheessuu.
4 Mirkaneessituu ragaa (check list)
sakatta’iinsa ragaaf ta’u qopheessuu
5 Sakatta’insa barruuwwan walfakaatanii
funaanuu
6 Hoggantootaafi dura bu’oota mana
barumsichaa waliin mari’achuu.
7 Barattoota filatamaniif bargaaffii
qophaa’e raabsuun odeeffannoo funaanuu.
8 Afgaaffii qophaa’een barsiisotarraa
odeeffannoo funaanuu.
9 Barsiisota Afaanii filataman waliin marii
garee xiqqaa gaggeessuu
10 Ragaa jijjiiruufi qindeessuu
11 Ragaalee argaman gareen koodessuufi
hiikuu
12 Qorannoo jalqabaa barreessuu(writing the
first draft of the paper)
13 Sirreessuu (editing )
14 Qorannoo dhumaa barreessuu
15 Waraqaa qorannoo dhumaa dhiyeessuu

4.2. Baasii Qorannichaa

T. Hanga/ Baasii tokkoo Baasii Yaada


Lakk Hojiilee raawwatama Baay’ina waliigala
1 Beellama qabsiisuuf bilbilaaf 20 Kaardii abbaa 2000
100
2 Waraqaa dassitaa (double-A) 20 250 5000
3 Bargaaffii baay’isuuf 500 500*5 2500
4 Barsiisota afgaaffii gaggeessaniif 3 Laaqana 2000
5 Barsiisota marii garee xiqqaaf 5 Laaqana 3000
6 Dirgoo barreessitootaafi 20 4*459=1836 36720
barsiisota dhaabbilee barnoota
olaanoo
7 Geejjiba namoota tilmaamaan 20 200 4000 Tilmaamaan
8 Yaadannoo 2 300 600
9 Barreessisuuf Fuula 10*400=4000 4000
400
10 Koppiifi baay’isaa 4 Fuula 3200
400*4*2=800
11 Dirgoo qorataa yeroo marii garee 1 459*16=7340 7340
12 Gijjiiba qorataa tilmaamaan 20 450*2=900 18,000 Tilmaamaan
13 Kompitara laabtooppii 1 40,000 40,000
14 Meeshaa sagalee itti waraaban 1 5,000 5,000
15 0feeggannoo 20,000
Ida’ama 123,240

Wabiilee
Ary, D, Jacobs, L. C, and Sorensen, C. (2010). Introduction research in Education (8 th ed.),
Belmont: Wadsworth.

Berhanu Mathewos. (1994). “English poetry in EthiopiaThe relevance of stylistics in an EFL


context.” Un published Doctoral Dissertation, A.A.U

Best,J,W and Kahn, J.V (1999). Research In Education. 7th .ed. New Delhi: Prentice Hall.
Bukenya, A. (ed.). (1994). Understanding Oral Literature. Kenya: Nairobi University Press.

Coffin. Trist ram (ed.) (1968). “American Folklore, Voice of America.” Series III, USA.

Cohen.L. and Manion, L (1974). Research Methods in Education. New York: Rout ledge.

Dastaa Dassaalany. (2002). Bu’uura Qorannoo. Dhaabbata maxxansaa Boolee.

Diaches, D. (1974). Critical Approaches to literature. London: green and co.

Finnegan, R. (1970). Oral Literature in Africa. Nairobi: Oxford University Press.

Harmer , J, (1980). The Practice Of English Language Teaching. Hong Kong: Longman
Group.ltd.

Hill, J.(1996). Using literature in Language Teaching. London:Macmillan Published.LTD

Lazar, G. (1993) Literature and Language Teaching.Unversity of Chigago

Lazar, G and Malley, A. (1996). Literature And Language Teaching.


London (Uk)

Melakneh Mengistu. (1999). Fundamentals of Literature for Colleges. Addis Ababa:

Commercial Printing Enterprise.

_______________. (2006). Fundamentals of literature. Third impression.A.A.u.

________________.(2003) Fundamentals of Literature for Colleges. Revitalized Second


Edition. Addis Ababa: Commercial Printing Enterprise.

Moosisaa Dabal. (2000). “Bu’uuraalee Og-barruu Afaan Oromoo (Afor 111)”. Kolleejjii

Barsiistotaa Barnoota Fedhii addaa Sabbataa. Muujula barnootaa (kan


hinmaxxanfamin.

Okpewho,I. (1922). Africa Oral Literature: Backgrounds,Character and Continuty.

Bloomington: India University Press.

Warquu Dachaasaa. (2001). Wiirtuu Jildii IX. Finfinnee: dhaabbata maxxansaa

koomerishaalii.
bDl# êQ©!‰ÝÝ (1996) bSn({h#F ÌNÌN ¥St¥R. NGD ¥t¸Ã dRJTÝÝ

zmNfS Ærk. (1991) bSn({^#F x¥µ"nT x¥R¾ ÌNÌN ¥St¥R.xÄ!S xbÆ ymmrqEÃ
{^#F ÃL¬tmÝÝ

F”d xzz. (1991) ySn(”L mM¶Ã. xLÍ x¬¸ãCÝÝ

wNDwsN xÄnÝÝ (1994) ÝÝ x¥R¾N bh#lt¾ ÌNÌnT l¥St¥R ySn {h#F YzèC ÍYÄ xm‰r_Â
xdr©jTÝÝ x¥R¾N bh#lt¾ ÌNÌnT l¥St¥R ytqr[#TN y7¾ Â y8¾ KFlÖC mRh TMHRèC
l¥ššL bzUjW ›Wd _ÂT §Y yqrbÝÝ

xÄ!S xbÆÝÝ S.T.Z._.M x!n!StEtE†TÝ¿ yL¬tm

http://www. talktalk.co.uk/reference/encyclopaedia/hutchinson/moo19321.html

Evangelical (http://www.doc.)

Dabalee A
Yunvarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qo’anno Afaanotaafi Gaazexeessummaa Muummee
Qo’annoo Afaaniifi Ogummaa Oromoottii Sagantaa Barnoota Falaasama Doktarummaa
Afaaniifi Ogbarruu Oromoo
Kabajamaa barataa/barattuu, gaaffiin siif dhiyaate kun haal hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti
fufaa daree keessaa qorannoo gaggeessuufi. Qorannoon kun ammoo kan milkaa’uu danda’u
odeeffannoo si biraa argamuuni. Kanaaf gaaffilee siif dhiyaatan kanneeniif odeeffannoo dhugaafi
guutummaa qaburratti hundaa’uun deebii akka naaf laattu kabajaan si gaafadha.

Odeeffannoo naaf laattuuf durseen si galateeffadha.

Hubachisa: maqaa barreessuun hinbarbaachisu.

Gaafannoo kana keessatti iyyaafannoo kan jedhu madaallii ta’uu isaa hindagatin.

Saala_____________

Bargaaffii Barattoota Kutaa Shanaffaa hanga torbaffaatiif dhiyaate

Gaaffilee dhiyaataniif deebii kee filannoo keennameerratti maruun akka deebistu sigaafachaa,
bakki duwwaanis yoo siif laattame yaada kee iddoo siif keennameerratti barreessi.

1. Kutaa barachaa jirtu keessatti iyyaaffannoon walitti fufaa daree keessaa gaggeeffamaa ji-
raa?
A. Eyyee B. Lakkii
2. Kutaa itti barachaa jirtan keessatti iyyaaffannoowwan walitti fufaa daree keessaa hojiirraa
oolaa jiran ga’umsa keessan (dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuu, barreessuu, caas-
luga) gabbisuu keessatti hagam isin gargaaraa jiru?

Daraanol’aanaa Ol’aanaa Giddu- Gadi’aanaa


galeessa
A. Dhaggeef-
fachuu
B. Dubbachuu
C. Dubbisuu
D. Barreessuu
E. Caas-luga
3. Gosoota iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa kutaa itti barachaa jirtan (5-8) keessatti
hojiirra oolaa jiran keessaa gosa kamtu baay’ata? Sadarkaadhaan kaa’i.

Daraanol’aanaa Ol’aanaa Giddugaleessa Gadi’aanaa


A. Gaaffii afaanii
B. Hojii daree
C. Hojii manaa
D. Abbaltii
E. Yaalii

Kan biraa yoo jiraate yaa ibsamu_____________________________________


4. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa barnoota Afaan Oromoo kutaa itti barachaa
jirtu (5-8) hojiirra oolaa jiran dandeettii ati qabdu waliin yemmuu madaallaman
A. Ni cimu B. Ni salphatu C. Walgitu D. Adda baasuun nama rakkisa
5. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa kutaa 5-8 hojiirra oolaa jiran ga’umsa
keessan hagam gabbisu?
A. Daraan gabbisu B. Hanga tokko gabbisu C. Gonkumaayyuu hingabbisani
6. Barsiisaan Afaan Oromoo keessanii iyyaafannoowwaan walitti fufaa daree keessaa gara-
garaa fayyadamuun ga’umsa keessan akka gabbifattan isin shaakalchisuu?
A. Yeroo baay’ee B. Darbee darbee C. Sirumaayyuu
7. Gaaffii ja’aaffaarratti deebiin kee “A” ykn ”B” yoo ta’e iyyafannoowwan gosa akkamiifaa
fayyadamu?
________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________
8. Gaheen iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa gahumsa barattootaa madaaluuf ho-
jiirra oolaa jiran hagami?
A. Daraan ol’aanaadha. B. Ol’aanaadha C. Gadi aanaadha D. Daraan gadi aanaadha
9. Kutaa ati barachaa jirtu keessatti iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa hojiirra
oolaa jiran hagami?
A. Baay’eedha B. Gahoodha C.Muraasa D. Baay’ee muraasa
10. Iyyafannoowwan walitti fufaa daree keessaa barnoota Afaan Oromoo kutaa ati barattu
keessatti kennamaa jiran nuffisiisoo dhaa?
A. Eyyee B. Lakkii
11. Gaaffii kurnaffaatif deebiin kee “Eyyee” yoo ta’e sababni nuffisiisoo ta’aniif maali?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
12. Waa’ee hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessa kutaa itti barachaa jirtu (5-
8) irratti yaada biraa yoo qabaatte
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_________

Guddoo galatoomi

Dabalee B
Yunvarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qo’anno Afaanotaafi Gaazexeessummaa Muummee
Qo’annoo Afaaniifi Ogummaa Oromoottii Sagantaa Barnoota Falaasama Doktarummaa
Afaaniifi Ogbarruu Oromoo
Kabajamoo Barsiisaa Afaan Oromoo, gaaffiin isiiniif dhiyaate kun haala hojiirra oolmaa
iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaarratti qorannoo gaggeessuufi. Qorannoon kun ammoo kan
milkaa’uu danda’u odeeffannoo isin biraa argamuuni. Kanaaf gaaffilee isiniif dhiyaatan
kanneeniif odeeffannoo dhugaafi gutummaa qaburratti hundaa’uun deebii akka naaf laattan
kabajaan isin gaafadha.

Odeeffannoo naaf laattaniif durseen isin galateeffadha.

Mana barumsaa______________________

Umurii_________________

Saala_____________

Sadarkaa barnootaa

Barnoota ittiin leenjitan: Guddaan (major) _____________________


Aanteen (minor) _____________________

Bara tajaajilaa_________________

Afgaaffii Barsiisota Afaan Oromootiif Dhiyaate

Gaaffilee dhiyaataniif deebii keessan ifaafi bilisaan akka naaf deebistan kabajaan isiin gaafadha.

1. Kutaa barnootaa itti barsiistan keessa (5-8) iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa
fayyadamuun maal fakkaata?

2. Kutaa barnootaa isin barsiisaa (5-8) jirtan keessaatti iyyaafannoowwan walitti fufaa hoji-
irra oolaa jiran ga’umsa goonfatamu qabu hubachiisuurratti maal fakkaatu?
3. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa kutaa itti barsiisaa jirtan keessatti hojiirra
oolaa jiran keessaa gosa iyyaafannoo isa kamtu baay’ata? Sadarkaadhaan yeroo ibsamu
kamtu caalmaa qaba? Maaliif?
4. Daree barnootaa isin barsiistan keessatti barattoota keessan yeroo kam iyyaafattu? Waan
iyyaafachuu barbaaddan san haala kamiin iyyafattu?
5. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa kutaa itti barsiisaa jirtan (5-8) keessatti
fayyadamtan hagam xiyyeeffannoodhaan filattanii itti fayyadamaa jirtu? Xiyyeeffannoon
hinfilatamne taanaan gara fulduraaf maaltu godhamu qaba jettu?
6. Kutaa itti barsiisaa jirtan keessatti (5-8) iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessa hoji-
irra oolaa jiran dandeettii barattoonni qaban waliin yemmuu madaallaman maal fakkaatu?
7. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa hojiirra oolaa jiran gama dandeettiiwwan
afaanii gabbisurratti qulqul’inni isaanii hagami?
8. Faayidaa iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa adda addaa fayyadamuun
gahumsa barattootaa safaruurratti qabu akkamiin ilaaltu?
9. Gosa iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa isa kam karaa salphaa ta’een idileeffannee
daree barnootaa keessatti fayyadamuu dandeenya jettanii yaaddu? Maaliif?
10. Gaheen iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa kutaa itti barsiisaa jirtan (5-8) gahumsa
barattootaa gabbisuurratti qabu akkamiin madaaltu?
11. Haalli itti fayyadama iyyaafannoo walitti fufaa daree keessaa kutaa itti barsiisaa jirtan (5-
8) barannoo guutuu iyyaafachuurratti maal fakkaata?
12. Waa’ee hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa darree keessaa barnoota Afaan Oromoo
kutaa isin itti barsiisaa jirtan (5-8) keessatti yaada dabalataa yoo qabaattan osoo ibsitan.
Guddoo galatoomaa!

Dabalee C
Yunvarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qo’anno Afaanotaafi Gaazexeessummaa Muummee
Qo’annoo Afaaniifi Ogummaa Oromoottii Sagantaa Barnoota Falaasama Doktarummaa
Afaaniifi Ogbarruu Oromoo
Marii garee barsiisoota Afaan Oromotif dhiyaate

1. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa kutaa itti barsiistan keessatti hojiirra oolaa
jiran ga’umsa goonfatamu qabu goonfachiisuu keessatti maal fakkaatu?
2. Kutaa isin itti barsiisaa jirtan (5-8) keessatti iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa
hojiirra oolaa jiran keessaa baay’inaan kan mul’atan gosoota isaan kami? Maaliif isinitti
fakkaata?
3. Gaheen iyyaafannoon walitti fufaa daree keessaa gara garaa fayyadamuun gahumsa barat-
tootaa gabbisuu keessatti qabu akkamiin ibsitu?
4. Baruufi barsiisuu afaanii keessatti iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa gara garaa
fayyadamuu keessatti gaheen barsiisaa afaanii maal isinitti fakkaata?
5. Kutaa isin itti barsiisaa jirtan keessatti (5-8) iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa
hojiirra oolchaa jirtan gahoo isinitti fakkaatuu? Yoo gahoo ta’uu baatan maaltu godhamu
qaba jettu?
6. Iyyaafannoowwan walitti fufaa daree keessaa hojiirra oolaa jiran kaayyoo barnootichaa
waliin deemuu?

You might also like