You are on page 1of 96

BIIROO EEGUMSA FAYYAA OROMIYAA

Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaalaatti


Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaa

Qajeelfama Leenjistootaa

Fulbaana, 2011
Finfinnee

0
Contents
Kutaa Tokko Sagantaa Fayyaa Manneen Barnoota Oromiyaa........................................................................1
Kutaa Lama Kominikeeshinii Jijjiirama Haala Amalaa fi Hawaasummaa......................................................6
Kutaa Sadi Tajaajila talaallii bifa iddilee fi duulaan kennamu......................................................................18
Kutaa Afur ATajaajila Fayyaa Sirna Wal- Hormaataa..................................................................................23
Kutaa Shan Tajaajila Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS fi Dhibee Nafa saalaa.................................................28
Kutaa Jaha Haayijinii fi Eegumsa fayyaa naannoo Mannneen Barnootaa.....................................................32
Kutaa Torba Tajaajila Sirna Nyaata..............................................................................................................40
Kutaa Saddeet Dhukkuba yeroo daa’immumaa baratamanii fi yaalii isaanii................................................52
Kutaa Sagal Ittisaa fi too’annoo dhibee daddarboo hin taane.......................................................................56
Kutaa kudhan Fayyaa sammuu.....................................................................................................................58
Kutaa Kudha Tokko Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaatti Qophii Balaa Tasaa,Deebii Kennuu fi
Damdamachuu (School health emergency preparedness, response & recovery)...........................................67
Kutaa kudha lama Hordoffii Fi Gamaaggama (Monitoring and Evaluation)...............................................77
Kutaa Kudha Sadi Shaakallii Dirree fi Daawwannaa Mana Barumsaa.........................................................83

i
Kutaa Tokko: Sagantaa Fayyaa Manneen Barnoota Oromiyaa
Ibsa Kutaa: - Kutaan kun kutaalee gurguddoo kaayyolee dandeesistuu afuritti qoodamanii jiru. Isaan
kunis yaad-rimee, hiikoo, barbaachisummaa, faayidaa, kaayyoo fi raawwii bu’uura sagantaalee maneen
barnootaa akkasumas haala fayyaa barattootaa gurguddoo ta’anii dha. Kutaan kun Sa’aa 2:10 keessatti
kan kennamu ta’ee maloota barnootaa adda addaa kan fayyadamuu dha.
Kaayyolee Dandeessisaa: - Xumuura kutaa kanaa irratti leenjifamtootni kaayyolee tarreefaman kana ni
hubatu
 Yaad-rimee fi hiikoo sagantaa fayyaa maneen barnootaa ni hubatu
 Barbaachisummaa fi faayidaa sagantaa fayyaa maneen barnootaa ni ibsu
 Haala fayyaa barattootaa ijoo ta’an ni tareessu
 Kaayyoo fi raawwii sagantaa fayyaa maneen barnootaa ni hubatu
Maloota leenjiin ittiin kennamu: - Gaaffiif deebii, yaada burqisiisuu (Brain storming) ibsa hirmaachisaa
ta’ee fi marii garee
Meeshaalee Barbaachisan: - Filip Chaartii, Maarkara, Kaardii, Mojuula leenjistootaa
Qophii Duraa: -
Leenjisaa:- Duraan dursee kutaa barnootaa leenjisu dubbisuun hubachuu qaba. Yaada walii galaa fi
qabxiilee barbaachisoo ta’an filiip chaartii irratti qopheessuu fi leenjifamtootni gareen taa’anii
mari’achuu akka danda’aaniif haala ni mijeessa.
Kaayyolee kutaa barnootaa ibsuu: - Leenjisaan kaayyolee armaan olitti ibsamanii fi mala leenjii filiip
chaartii irratti barreessuun leenjifamtootaaf ni ibsa.

Kaayyoo Dandeechisaa 1.1: - Yaad-rimee fi hiikaawan jechootaa sagantaa fayyaa maneen barnootaa
ijoo ta’an wajjin walitti dhufeenya qaban.
Yeroo: - Daqiiqaa 30
Gocha 1 Leenjisaan kaardolee jechoota armaan gadii qaban hirmaattotaaf ni raabsa. Hirmaattoni hiikoo jecha
kaardii isaanii irra jiru akka ibsan ni gaafatamu. Hirmaattoni biroo dabareedhaan yaada ni kennu. Dhuma irratti
leenjisaan yaada hirmaattotaa irratti hundaa’uun yaada rimee fi hiikoo jechootaa mojula hirmaattotaa irraa tokko
tokkoon akka dubbisan gochuun gabaabsee ni ibsa.
Yaad-rimee fi jechoota sagantaa fayyaa maneen barnootaa waliin walitti dhufeenya qaban
 Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaa (School Health Program)
 Sagantaa Nyaataa Manneen Barnootaa (School Feeding Program)
 Daa’imman (Children)
 Daa’imman Umriin Isaanii Barumsaaf ga’e (School Age Children)
 Dardara (Adolescents)
 Dargaggoo /Shamaran (Youth)
 Manneen Barnootaa (School)
 Oolmaa Daa’immanii
 Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa
 Barnoota Sadarkaa Lammaffaa
 Barnoota Sadarkaa Sadaffaa

1
Kaayyoo Dandeessisaa 1.2: - Rakkoolee fayyaa gurguddoo maneen barnootaa keessatti mul’atan
Gocha 1 Leenjisaan rakkoo fayyaa gurguddoo maneen barnootaa keessatti mul’atan hirmaattota akka tarreessan
affeeruun deebii isaanii filip chaartii irratti ni bareessa. Dabalataanis deebiiwwan deebi’an irraa ka’uudhaan
qabxiilee armaan gadii irratti ibsa gabaabaa ni kenna.
Yaadannoo Leenjisaa 1.1: - Yaad-rimee fi hiikoo jechootaa ijoo sagantaa fayyaa maneen
barnootaa waliin walqabatan
 Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaa (School Health Program): - jechuun paakejoota
fayyaa maneen barnootaa keessatti raawataman yoo ta’u kaayyoon isaas fayyaa qaama,
xiin-sammuu fi hawaasummaa barattootaa dagaagsuu akkasumas dhimmoota biroo
barattoota rakkoo fayyaaf saaxilan irraa eeguu dha.
 Sagantaa Nyaata Manneen Barnootaa (School Feeding Program): - jechuun sagantaa
seeftineetii hawaasummaa yoo ta’u kaayyoon isaas baratoota maatiin isaanii naannolee
rakkoo wabii nyaataa qaban jiraatanii fi hanqina nyaataatiin walqabatee rakkoo baratoota
irra gahuu danda’aan ittisuun barnoota isaaniitinis bu’a qabeessa akka ta’an dandeesissuu.
 Daa’imman (Children): - jechuun kutaalee hawaasaa umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’anii
dha.
 Daa’imman umriin isaanii barumsaaf ga’e (School Age Children):- jechuun kutaalee
hawaasaa umriin isaanii waggaa 7 fi isaa ol ta’anii dha.
 Dardaroota (Adolescents): - jechuun kutaalee hawaasaa waggaa 10-19 gidduu jiranii dha.
 Dargaggoo /Shamaran (Youth): - jechuun kutaalee hawaasaa umriin isaanii waggaa 15-24
gidduu jiranii dha.
 Manneen Barnootaa (School): - jechuun dhaabbata barnootaa mootummaa fi dhuunfaa
barnootni keessatti kennamuu yoo ta’u oolma daa’immanii hanga koollejjii/Yunivarsiitii
jiran kan hammatuu dha.
 Olmaa Daa’immanii: - jechuun dhaabbata daa’imman barnoota sadarkaa tokkoffaaf itti
qopha’aanii dha.
 Barnoota Sadarkaa jalqabaa: - kan jedhamu kutaa 1-8 kan jiru yoo ta’u 1-4 saayikilii
tokkoffaa fi 5-8 saayikilii lammaffaa jedhamee waamama
 Barnoota Sadarkaa Lammaffaa: - jechuun kutaa 9-12 kan jiru yoo ta’u kutaa 9-10 kan
jiru sadarkaa lammaffaa ol’aanaa fi kutaa11-12 kan jiru ammoo mana barumsa
qophaa’innaa jedhama
 Barnoota Sadarkaa Sadaffaa: - jechuun barnoota dhaabbata barnootaa leenjii teeknikaa
fi ogummaa akkasumas kolleejii fi Yunivarsitii keessatti kennamu jechuu dha.
Yaadannoo Leenjisaa 1.2: - Rakkoolee fayyaa ijoo manneen barnootaa keessatti mul’atan
1. Rakkoo fayyaa wal-hormaata waliin walqabatan
 Walquunnamtii saalaa ijoolummaan jalqabamuu fi of eegannoo hin qabne
 Ulfa hin barbaadamnee
 Ijoolummaan ulfaa’uu
 Ulfa haala of eegganoo hin qabneen baasuu
 Dhibee naf saalaa fi HIV/AIDS
2. Dhiibbaa koorniyaa fi barmaatilee miidhaa geessisan
 Miidhaa koorniyaa irratti bu’uurefate, buttaa fi humnaan gudeeduu
 Umrii malee heerumuu/fuudhuu
 Dhaqna qabaa dubaraa fi huuba qoonqoo mursiisuu
3. Dhukkuboota daddarboo ta’aan

2
 Raammoo Maxxantuu garaa keessaa
 Rakkoo gogaa qaamaa(cittoo) fi ilbisotaa (Mite/maggot infection)fkn muujalee,
injiraan kkf
 Rakkoo ijaa fi gurraa fkn. Tiraakoomaa, infakshinii gurraa
 Rakkoo ujumoo afuuraa
 Dhibee busaa
 Dhibee TB
4. Rakkoo fayyaa dhibee daddarboo hin taane
 Gaggabdoo, dhibee sukkaaraa, kaansarii, dhiibbaa dhiigaa, balaa tasaa
 Rakkoo arguu fi dhagahuu
5. Rakkoolee sirna nyaataa waliin walqabatan
 Dhibbaa hanqinni nyaataa gahumsa qaamaa, samuu fi dandeettii baratootni barumsa
fudhachuu irratti qaqabsiisuu
 Ulfaatina qaamaa /furdinni garmalee dabaluu
6. Rakkoo fayyaa qulqullina dhuunfaa fi naannoo manneen barnootaa waliin
walqabatan
 Qulqullina dhuunfaa. Fkn. Fuulaa, harkaa fi qaama dhiqachuu dhabuu fi rakkoo
fayyaa afaanii eeguu dhabuu
 Rakkoo mana fincaanii, (jiraachuu dhabuu, saalaan qoodamuu fi sirnaan
fayyadamuu dhabuu)
 Hanqina bishaan qulqulluu
 Naannoon mana barumsaa fayyaaf mija’aa ta’uu dhabuu (qulqulluu ta’uu dhabuu,
bakka taphannaa fayyaaf /nageeenyaaf mijataa ta’uu dhabuu kkf)
7. Rakkoo dargaggooni/shamaran araada adda addaatiif saaxilamuu
 Sigaaraa, Caatii, dhugaatii fi baala sammuu adoochaan
 Dhibee sammuu
Kaayyoo Dandeessiftuu 1.3: - Barbaachisumaa Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaa
Yeroo Daqiiqaa 60
Gocha 1 Hojii Garee
Haala mijatuun leenjifamtoota garee nama 4-5 qabuun qoodun garee keessaa walitti qabaa garee fi
bareessaa filachiisuun gaaffiiwan armaan gadii irratti akka mari’atan taasisi.

 Kaayyoo dandeessissaa 1.2 irraatti rakkoolee fayyaa tarreefaman ilaalchisee maneen barnootaa
keessatti wantoota raawatamanii fi rakoowan isin muudatan maal fa’a?
 Hojii irra oolmaa sagantaa fayyaa maneen barnootaa fooyesuuf gara fuula duraa maaltuu
raawwatamuu fi akkamitti raawwatamuu qaba?
Deebii gareen kenne filip chaartii irratti barreesuun galma keessatti akka maxxansan taasisi.
Gocha 2 Marii waliigalaa
Tokkoon tokkoon garee waan maxxanse bakka bu’aa isaatiin akka dubbisu taasisi. Leenjifamtooni gareen
ala jiran gaaffii fi yaada yooqabaatan akka dhiheesan taasisaa. Deebii gareewwanii irratti marii waliigalaa
gochuun kaayyoo dandeessisaa yaadannoo leenjisaa lakkoofsa 1.3 irratti kan ibsaman maanuwaala
leenjifamtootaa fuula 5 irra kan jiru akka dubbisan gochuun golabuu. Kana irratti gaaffiin ka’aan yoo
jiraate keessumeessaa, dhuma irratti leenjifamtoota galateeffachuun xumuuraa.
Kaayyoo dandeessisaa 1.4 Kaayyoo fi raawwii sagantaa fayyaa maneen barnootaa
Yeroo (Daqiiqaa 50)

3
Gocha 1 ibsa hirmaachisaa
Hirmaattota keessaa fedhii kan qabu tokko filachuun qabxiiwan moojulii leenjifamtootaa fuula shan irra
jiran sagalee ol-kaasuun akka dubbisu taasisaa. Itti aansuun ibsa dabalataa kennuudhaan marii keessan xumuuraa.
Yaadannoo leenjisaa 1.3 Barbaachisummaa Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaa.
 Akka qorannoon ibsutti dhibee fi rakkoon fayyaa sadarkaa addunyaatti umrii
ga’eessumaa keessatti uumamu dhibbantaa 70 ta’u sababa amaleefannaa umrii yeroo
dardarummaa (Adolescent) fi dargagummaatti qabnu irraa kan madduu dha.
 Sagantaa fayyaa manneen barnootaa cimaa ta’e hojii irra oolchuun dhaloota fayyaa
qabessa abdii eegeree uumuu keessatti shoora ol’aanaa qaba. Barattoonii fi barsiisoni
fayyaa isaanii eegu irra darbee maatii isaanii fi hawaasa mara barsiisuu fi fakkeenya
gaarii ta’uuf gahee ol’aanaa qabu.
 Biyyi keenya keessatti barattoota miliyoona 27 ol maneen barnootaa keessatti kan
argamanii dha. Tajaajila fayyaa manneen barnootaa bu’uurefate cimsuun fi hojii irra
oolchuun ummata biyyatii harka 1/3 bira gahuuf carraa gaari ni uuma.
 Gandoota modeela ta’aan horachuun ajandaa Aanaa ceesisuuf ba’aan galmaan ga’uuf
manneen barnootaa gandoota keessatti argaman modeela gochuun hojii dursii
kennamufi qabuu dha.
Yaadannoo Leenjisaa 1:4 Kaayyoowwan Sagantaa Manneen Barnootaa
Kaayyoo Gooroo
Sagantaalee Manneen barnootaa qindaa’e fi hunda galeesa ta’e raawachuun fayyaa fi nageenya
barattootaa fooyessuun baratooni fayyaa hawaasaa dagaagsuu keessatti gahee isaanii akka
bahan dandeessisuu.
Kaayyoo Gooree
 Beekumsa, dudhaalee fi ilaalcha barattootaa dabaluun /sirreessuun murtoo fayyaa sirrii ta’e
akka fudhatan /akka raawatan dandeechisuu
 Haala idilee fi al idileen barsiisuun dhaloota hubannoon fayyaa isaa dagaage uumuuf
 Calallii iddilee (screening) gaggeessuun dhukkubaa fi rakkoolee fayyaa dursanii adda baasuu
 Barattooni haala fayyaa maatii isaanii fi hawaasaa fooyessuu keessatti aada durumman akka
hojjetan taasisu.
 Barattooni barumsa isaanii akka addaan hinkunnee fi dandeettii isaanii akka fooyya’u
gumaacha taasisu.
 Naannoo maneen barnootaa fayyaalessa fi mijataa ta’e uumuu

Gocha 3: Ibsa Gabaabaa


Leenjisaan Yaadannoo leenjisaa armaan gadii 1:5 irratti ibsame filiip chaartii irratti barreessuun leenjifamtootaaf
ibsa gabaabaa haa kennu
Yaadannoo Leenjisaa 1:5 Paakeejoota Sagantaa Fayyaa Maneen Barnootaa
Sagantaan fayyaa maneen barnootaa paakeejota fayyaa manneen barnootaa keessatti
raawtaman 10 kan of keessatti hamate ta’ee paakeejota kana irratti tajaajilotta fayyaa qindawaa
fi hundagaleessa keessattuu Barnoota eegumsa Fayyaa, Tajaajila Fayyaa, Deegarsa
hawaasummaa fi naannoo maneen barnootaa nageenyi isaa mirkanaa’e akka jiraatu gochuun
fedhii bartootni tajaajila faayyaa fi fayyaan walqabatan irratti qaban guutuuf kan kaayyefatee
dha. Paakeejoni kunis kan armaan gaditti hammatamanii dha.
1. Komnikeeshinii jijjiirraa haala amalaa fi hawaasummaa (Social and behavioral change
communication)
2. Tajaajila sirna nyaata maneen barnootaa (School Nutrition)

4
3. Dhiheessii Bishaa, Saaniteeshinii fi hayijinii (Water, sanitation and hygiene provision)
4. Wal’aansa dhibeewan daddarboo fi rakkoo fayyaa gurguddoo (Management of
common infections, infestations and disorders)
5. Tajaajila talaallii iddilee fi dabalataa (Routine and catch-up vaccination service)
6. Tajaajila fayyaa wal-hormaataa (Sextual and reproductive health service)
7. Tajaajila ittisaa fi too’annoo HIV fi dhibee naf-saalaa (HIV/STI prevention and
control service)
8. Deeggarsaa fi ittisa dhibee sammuu fi narvii akkasumas itti fayadama
alkoolii/dhugaatii, baala sammuu adoochu (Mental, neurological and substance use
disorder prevention and support)
9. Ittisaa fi wal’aansa dhibee daddarboo hintaaneen uumaman balaa (Prevention and
management of noncommunicable disease and injuries)
10. Qophaa’ina, deebii fi dandamachiisuu balaa tasaa maneen barnootaa (school health
emergency preparedness response and recovery)

Gocha 4:- Gaaffilee armaan gadii leenjifamtoota gaafachuun muuxannoo isaanii akka dabarsan taasisaa.
 Gurmaa’innii fi raawwiin sagantaa fayyaa maneen barnootaa akkam tahuu qaba?
 Sagantaa fayyaa maneen barnootaa raawwachuuf gaheen hojjattoota ekistenshinii fayyaa,
barsiisotaa fi maatii barattootaa maal tahuu qaba jettu?
Gocha 5: - Ibsa Gabaabaa: - Leenjisaan yaadannoo leenjisaa 1.6 armaan gadiitti ibsame leenjifamtoota keessaa
nama lama filachuun sagalee isaanii ol-fuudhanii akka dubbisan taasisuun ibsa gabaabaa kennaa.
Yaadannoo Leenjisaa 1.6 Raawwii Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaa
Gurmaa’insa: -
 Sadarkaa gandaatti sagantaa fayyaa manneen barnootaa kan qindeessitu Ogeettii
Ekistenshinii Fayyaa gulantaa arfaffaan ebbifamteen yoo ta’u abbaan sagantichaa mana
barumsaa ta’ee raawwatooni barsiisota, barattootaa fi maatii barattootaa ni ta’u.
 Ogeeyyiin ekistenshinii fayyaa gulantaa arfaffaa ganda keessa jiraatan karoora
sagantaa fayyaa maneen barnootaa qopheessuun saganticha deddeebiin ni raawwatu.
 Galteewan sagantaa kanaaf barbaachisan akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin mana
barumsaa, Kellaa fayyaa, Buufata fayyaa, waajjira eegumsa fayyaa aanaa fi waajjira
barnoota aanaa irraa kan guutaman ta’u. Qaamoleen deeggartootaas akkaataa
barbaachisumaa isaatti deeggarsa ogummaa fi meeshaa ni taasisu.
Raawwii: -
 Sakatta’iinsa haala fayyaa mana barumsaa gaggeessuu
 Gaggeessitoota maneen barnootaa waliin ta’uun karoora ragaa irratti bu’uurefate
qopheessuu fi qooda fudhattoota beeksisuu
 Hawaasaa fi gaggeessitoota maneen barnootaa waliin ta’uun qaama raawwatu
gurmeessuu.
 Gaggeessitootaa fi miseensota gumii
 Barsiisota qindeessan
 Bakka bu’oota barattootaa
 Gamtaa maati barttootaa fi barsiisotaa
 Karoora Raawwachuu
 Tajaajila barnoota fayyaa fi fayyaa dagaagsuu
o Gumiiwwanii fi miidiyaa mana barnootaa fayyadamuun barumsa
kennuu

5
o Meeshaalee komnikeeshiiniif oolan sassaabuu fi raabsuu (Fkn.
Qajeelfama fayyaa maatii) akkasumas itti fayadama isaanii hordofuu
o Carraa jirutti fayadamuun tajaajila barnoota fayyaa kennuu (Guyyaa
Maatii, Guyyaa alaabaa, kutaa keessatti, yeroo boqonnaa fi
guyyootii fayyaa kkf....)
o Barumsa fi tajaajila gorsaa nama dhuunfaa (One to one
communication)
 Leenjii dandeettii mala jireenyaa cimsuu fi hordoffii taasisuu.
 Tajaajila fayyaa kennuu calallii, talaallii, sakata’iinsa sirna nyaataa, raabsa
qoricha farraa raammoo garaa keessaa...kkf (Screening, vaccination,
nutritional assessment, dewarming....etc), walhormaata fayyaa fi ol-
ergiinsaa tajajilamtootaa
 Hordoffii deeggarsaa fi Gamaaggama
 Ragaa tajaajila fayyaa maneen barnootaa galmeesuu fi qabachuu
 Ragaa qindeessuu, xiinxaluu, gabaasa gochuu fi fayyadamuu
 Qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun gamaggama raawwii karooraa
taasisuu

Kutaa Lama: Kominikeeshinii Jijjiirama Haala Amalaa fi Hawaasummaa


Yeroo Sa’aa 4:30
Kaayyolee Dandeessisaa: -
1. Maloota fi dandeettii komnikeeshinii barttoota barsiissuu dandeessisan adda ni baasu
2. Sagantaa fayyaa maneen barnootaa irratti hawaasa maneen barnootaa fi qooda fudhattoota
hirmaachisuu ni danda’u
3. Gumiilee fayyaa adda addaa jijjiirama haala amalaa fiduuf fayyadan gurmeessuu fi cimsuun
fayyaa maneen barnootaa raawachuu ni danda’u
Maloota Leenjii: -
 Ibsaa fi marii
 Yaada wal jijjiiruu
 Marii garee
 Hojii garee fi dhuunfaa

6
 Fakkeessanii taphachuu
 Taatee (case scenario)
 Gochaan agarsiisuu
 Ibsa hirnaachisaa (Mini lecture)

Galteewwan Barbaachisan
 Qajeelfama leenji’aa
 Filip chaartii, Maarkarii, Pilaasteraa fi Maqasii
Kaayyoo Dandeessisaa 1: - Malootaa fi dandeettii komnikeeshinii barttoota barsiissuu dandeessisan
adda ni baasu
Yeroo: - Sa’aatii 2:20
Gocha 1: - Ibsaa marii fi marii waliigalaa
Tartiiba 1: - Kaayyoo tarreessuu (Daqiiqaa 5)
Tartiiba 2: - Gaaffiiwan armaan gaadii gaafachuun mari’achiisi (Daqiiqaa 5)
Muuxanoo haga ammaa qabdaniin barattoota maneen barnootaa keessatti haala kamiin barsiisaa
jirtu?
Tartiiba 3: - Marii waliigalaa (Daqiiqaa 10): - Gaaffiiwan irratti erga mari’atanii booda yaadannoo
leenjisaa lakkoofsa 1 qajeelfama leenjifamtootaa fuula 10 irra kan jiran yaadota furtuu leenjifamtootaaf ibsaa.
Yaadannoo lenjisaa 2.1: - Gosa komnikeeshinii haala amalaa barattoota barsiisuuf dandeessisu
1. Marii fi gorsa namoota lama gidduutti (One to one communication) gaggeeffamu jechuun Ogeettii
ekistenshinii fayyaa fi barattuu/taa tokko gidduutti dhimma fayyaa ilaalchisee marii gaggeeffamuu
dha. Fk. Ogeessi fayyaa tokko barattoota deeggarsi fayyaa isaan barbaachisu adda baasuun tajaajila
gorsaa kennuu dha.
2. Marii garee (Group communication) jechuun marii dhimma fayyaa irratti barattoota ykn. miseensa
hawaasaa nama lamaa fi isaa ol godduutti gaggeeffamuu dha. Maree garee yeroo jennu Fkn. marii
paanaalii maatii barattootaa, marii kutaa keessaa fi gumii barattoo hammachuu ni danda’a.
3. Marii hunda galeessaa (Mass communication) jechuun ogeessoni ekistenshinii fayyaa waltajiilee
adda addaa manneen barnootaa fayadamuun mala komnikeeshinii fayyaa odeeffannoo fayyaa furtuu
ta’aan kan ittiin dabarsanii dha. Fkn. Guyyaa fayyaa maneen barnootaa, marii hawaasa maneen
barnootaa, hiriira alaabaa barattootaa fi miinii miidiyaa fayyadamuun waltajii komnikeeshinii
hawaasa giddugaleessa godhate mijeessuu dha.
Gocha 2 Hojii garee
Tartiiba 1: (Daqiiqaa 10) Leenjifamtoota garee sadiitti qoodaati gaaffiiwwan armaan gadii gaafadha.
 Malaa fi meeshaleen jijjiirama haala amala barattootaa fiduuf itti fayyadamtan maali?
 Maloota ittiinbarsiiftan kanneen yoomii fi akkamitti akka itti fayadamtan ibsaa.
Tartiiba 2: (Daqiiqaa 10) Hojiin garee akka dhiyaatu gochuun mari’achiisaa

Tartiiba 3: (Daqiiqaa 30) Yaadannoo leenjisaa lakka 2.2 irratti kan eeraman qajeelfama leenji’aa fuula
11 irra kan jiru leenjifamtootni aka dubbisan taasisuun yaada waliigalaa kennaa. Gaaffiiwan ka’aan yoo jiraatan
keessumeessaa.
Yaadannoo leenjisaa 2.2 Maloota barattoota ittiin barsiisuuf fayyadan
Akkaataa barbaachisummaa isaaniitti dhimmoota armaan gaditti jiran fayyadamuun kan
danda’amu yemmuu ta’u ogeeyyiin ekistenshinii fayyaa maloota filataman biroo fayyadamuu
akka danda’aan ibsaafii.
Seenaa Himuu: - Taatee rakkoo fayyaa tokko irratti seenaa uumanii dhiheessuun karaa

7
barattoota ittiin barsiisan keessaa isa tokkoo dha. Taatee rakkoo fayyaa irratti seenaa
qopheessanii dhiheessuun barattooni fedhii ol’aanaan akka baratan ni gargaara. Yeroo baay’ee
barattootni seenaa dhiyaatuuf keessatti taatota hojii gaarii hojjatan ta’aanii mul’achuu
barbaadu. Faallaa isaatiin ammo taatota seenaa keessatti gocha sirrii hintaane hojjatan akka
fakeenya badaatti ni ilaalu. Seenaa himuun barsiisuun beekumsa ijoolee guddisuu qofa ituu
hinta’in amala fayya qabeessa akka horatan ni taasisa.
Tartiiba seenaa qopheessuun barattoota barsiisuu
1. Seenaa rakkoo fayyaa barsiisuuf yaadame adda baasuun qopheessuu
2. Seenicha barattootaaf dhiheessuu
3. Barattooni seenicha keessatti akka of-ilaalan gochuu
4. Akkaataa barbaachisumaa isaatti taphaan agarsiisuu
Maloota kana marii 1-5, hiriyyaa fi garee xixiqqoo giddutti jiru fayyadamuun ni danda’ama
Sirba yookaan faaruu: - mata duree fayyaa adda addaa irratti barumsa bifa sirba fi faaruutiin
qopheessanii barsiisuun ni danda’ama. Gumiin maneen barnootaa fi ogeeyyiin ekistenshinii
fayyaa waliin ta’uun sirba fi faaruu qopheessuu ni danda’u. sirbaa fi faaruun barattoota
bashanansiisaa kan barsiisanii fi bifa salphaan kan hojiitti galchan ta’uu qaba.
Sirba/faaruun barsiisuuf tartiiba hordofnu
1. Mata duree fayyaa barsiifnu adda baasuu: - Faaruu ykn. sirba tokkoon mata duree
fayyaa tokkoo barsiisuu
2. Ergaawan fayyaa ijoo bifa salphaa ta’een faaruu/sirbaan dhiheessuu.
3. Yeedalloo barattooni beekan tokko fayadamuun jechoota ergaa fayyaa dabarsaniitti
jijjiiruun yookaan yeedalloo haaraa barattootaaf mijataa ta’e qopheessuu.
4. Sirba/faaruu haaraa qophaa’e barattoota waliin erra deddeebiin shaakaluu
Ergaawan ijoo ta’aan hunda barattooni qabachuu fi hubachuu isaanii mirkaneeffachuun ni
barbaachisa.
Maloota kana qaamolee manneen barnootaa dhimmi ilaalatuu, Barsiisota, Gumiiwan,
barattoota waliin ta’uun taateewan maneen barnootaa, sirna alaabaa, guyyoota fayyaa fi
duulawwan fayyaa irratti ergaawan fayyaa dabarsuuf fayadamuu.
Hiriira sirna alaabaa fayyadamuu: - yeroo barattooni sirna alaabaatiif hiriiran qulqullina
dhuunfaa sakatta’uu, faaruu/sirboota qopha’aan akka dhiyeessan gochuu. Fayyaa ilaalchisee
bu’aa argame faarsuun barattooni haala amala fayya qabeessa ta’e akka qabaatan taasisuun ni
danda’ama. Barattoota qulqullina dhuunfaa isaanii yeroo yeroon hin eeggane hiriira sirana
alaabaa irratti qaanessuun barbaachisaa miti. Haata’uutii barattootaa rakkoo qulqullina
dhuunfaa qaban maatii isaaniitii waliin qobaatti mari’achuun barbaachisaa dha.
Hiriira sirna alaabaa irratti barattoota barsiisuf tartiiba itti fayadamuu qabnu
1. Barattoota fedhii qaban adda baasuun jajjabeessuu
2. Haala fayyaa dhiheessuu yaadan akkamitti akka dhiyeessuu qaban sakata’uu,
Qabiyyee ergaa dabarsuu barbaadanii maal ta’uu akka qabu deeggaruu,
3. Haalli fayyaa barumsaaf dhiyaatu kan yeroo isaa eeggatee fi sirrii ta’uu isaa
mirkaneeffachuu
4. Barattoonni akka dhiheessan jajjabeessuu fi hojii hojjataniif galateeffachuu/
jajjabeesssuu
Diraamaa dhiheessuu: - Haalawwan fayyaa adda addaa bifa baacoo, diraamaa fi fakkeessanii
taphachuun mala barattoota ittiin barsiisanii dha.
Baacoo fi diraamaan barsiisuuf tartiiba hordofuu qabnu
1. Ergaawwan fayyaa barsiisuu barbaanu filachuu

8
2. Barreeffama (Iskiriiptii) salphaa diraamaaf ta’uu qopheessuu, ergaawan fayyaa ijoo
ta’aan hammatamuu isaanii mirkaneeffachuu
3. Barattootni taatota ta’aanii taphachuuf akka qayyabatan taasisaa
4. Barattooni akka dhiheessan gochuu fi mari’achuu
5. Guduunfuu
Tooftaa kana qaamolee dhimmi ilaalu, Barsiisota, Gumiiwanii fi Barattoota waliin ta’uun
taateewan manneen barnootaa kan akka guyyaa fayyaa, duula fayyaa irratti ergaawan fayyaa
dabarsuuf fayyadamuu.
Gaaffii fi Deebii: - Mata duree haalawan fayyaa irratti barattootaaf gaaffii fi deebii
qopheessuun mala barattooni hubannoo akka qabaatan itti taasisinuu dha. Yeroo gaaffin fi
deebiin gaggeeffamu barattoota haala bashanansiisuu danda’uun ta’uu qaba.
1. Adeemsa gaaffii fi deebii keessatti ergaa fayyaa ijoo adda baasuu
2. Gaaffii fi deebii qopheessuu
3. Barattoota garee xixiqqootti qooduu
4. Seera yeroo gaaffii fi deebii hordofamuu qaban barattoota beeksisuu
5. Barattooni onnachiiftuu adda addaa fayadamuun gaaffiif deebii gaggeessanuuf
jajjabeessuun xumuuruu.
Maloota gaaffii fi deebii kana garee xiqqoo fayyadamuun karaa barattoota mara hirmaachiseen
odeeffannoo haaraa dhaqqabsiisuuf fayyadamaa.
Gochaan agarsiisuu: - (Demonistration) Mala haala amala fayyaa jijjiiruuf dandeettin
barbaadamu leenjisuuf itti fayadamnuu dha. Fak. Harka dhiqannaa, ilkaan rigachuu kkf
barattootni amaleeffannaa fayya qabeessa akka raawataniif dandeettiin isaan barbaachisa.
Gochan agarsiisuun mala barattootni bifa salphaa ta’een dandeettii itti horachuu danda’anii
dha.
Gochaan agarsiisuuf tartiiba hordofamuu qabu
1. Gochaan agarsiisuu irratti ibsa kennuu
2. Gochaan agarsiisuu dhiheessuu fi akkaataa barbaachisummaa isaatiin irra
deebi’uu
3. Barattooni hojii gochaan agarsiisu irrati yaada isaanii ibsuu
4. Barattoota fedhii qabaniin gochaan agarsiisuchi akka dhiheessan afferuu fi
mari’achuu
Maloota gochaan agarsiisuu kana kutaa keessattii fi hiriira barattootaa kkf irratti
dhiheessuun ni danda’ama
Barattoota haala amala fayyaa fooyyeffatan affeeruun dhugaa bahu (testimonalis): - malli kun
barattooni hiriyoota isaanii ciccimoo ta’aan irraa haala amala fayya qabeessa ittiin baratanii
dha. Haala amala gaarii barattooni ciccimoon raawatan barattoota kaaniif akka dabarsan
gochuun jijjiirama haala amalaa fiduun ni danda’ama.
Tartiiba
1. Ergaawwan fayyaa ijoo adda baasuu
2. Barattootaa fi gaggeessitoota gumii waliin qindoomuun, barattoota haala
amala fayyaa irratti ffooya’iinsa agarsiisan dhugaa akka bahaniif filachuu
3. Qophaa’u
4. Dhugaa akka bahan taasisuu
5. Mari’achuu fi xumuuruu, Maloota kana yeroo muuxannoo waljijjiiruun
barbaachisu kutaalee biroo keessatti gaggeessuun ni danda’ama

9
Gocha 3 Shaakala Gochaa
Yeroo Sa’aa 1:10
(Hojii gareetiif daqiiqaa 35, gareen hunduu dhiyeesuuf daqiiqaa 35)
Tartiiba 1 Leenjifamtoota garee afuritti qoodaa
Tartiiba 2 Gaaffiiwan yookaan seenaa armaan gadii gareef kennaatii irratti mari’atanii akka dhiheessan
taasisaa
Garee 1: - Seenaa barattoota sadarkaa tokkoffaa bu’uurefatee fi qulqullina dhuunfaa irratti xiyyeeffate
akka barreessan taasisaa. Seenaaa barreeffame irratti gareen mari’adhaa. Miseensota garee keessaa
ogeettii ekistenshinii fayyaa bakka bu’uun kanxabatu filadhaa, miseensoni biroo akka barataa kutaa
tokkootti yaadaati tartiiba mala seenaa himuutiin miseensota garee barsiisaa.
Garee 2: - Miseensoni garee kanaa mana barumsa sadarkaa tokkoffaa Burqaatti kutaa 5 keessatti
barataniif waa’ee sirna nyaataa ilaalchisee gaaffilee 6 baasaa. Mala tartiiba barsiisuu gaaffiif deebii
fayyadamuun qophii gaaffii fi deebii gaggeessaa.
Garee 3: - Barataa Sooraa Sorooraa jiraataa aanaa Soggoo mana barumsa sadarkaa tokkoffaati.
Barsiistuun kutaa isaanii yeroo baay’ee wiixata wiixata qulqullina dhuunfaa isaanii ni hordofti. Yeroo

10
hunda wucuun/yunifoormiin Sooraa hin miicamu, qeensa hinqoratu, fuula hindhiqatu dabalataanis dhibee
cittootiin qabamee jira. Barsiistuun isaanii irra deddeebitee gorsitus fooyya’uu hindandeenye. Kanaafuu
ogeettiin ekistenshinii fayyaa gandaa sagantaa fayyaa maneen barnootaatiif gaafa jimaataa waan dhuftuuf
barsiistuun tajaajila wal’aansa gorsaa Sooraaf akka kennitu karoorfattee jirti. Kanaafuu akka ogeettii
ekistenshinii fayyaa ta’uun Sooraa waliin marii nam tokkoo fi tokko gidduutti gaggeeffamu taasisaa.
Miseensoni garee fakkeessanii taphachuu kana akka shaakalanii fi dhiyeessan taasisaa.
Garee 4: - Caalaa fi Caaltuun ijoollee olla tokkooti. Caalaan daa’ima wagga 10 yoota’u barataa kutaa
sadaffaati, Caaltuun ammo daa’ima waggaa 9 yootaatu Caalaa waliin kutaa tokko keessa kan baratanii
dha. Caaltuun yeroo hunda mana barumsaa adeemuu isii dura ilkaan isii sirriitti rigatti. Kanaafuu ilkaan
ishee adii fi yeroo kolfitu baayyee ni miidhaga. Faallaa isaatiin ilkaan Caalaa yeroo baayyee hin rigatu,
rigatus sirriitti hinqulqulleessu. Kanaafuu ilkaan isaa keelloo fi kan tortoree dha. Sababa kanaan ilkaantu
nadhukkube jechuun barumsa isaa hin hordofu. Caaltuunis maaliif ilkaan ishee akka addaatee fi akkamitti
akka qulqulleessitu akka itti agarsiiftu waan gaafateef isiinis itti agarsiifte. Miseensoni garee seenaa kana
irratti hundaa’un diraamaa/tapha qopheessuu fi ilkaan akkamitti akka qulqullaa’u gochaan akka
agarsiisan taasisa. (Yaadachiis Diraamaa/tapha hojjatamu kanaaf qophii taasifamuuf galteewan
barbaachisoo ta’aan kan akka Buruushii ilkaanii fi Saamunaa ilkaanii (Rigaa), Bishaanii fi Saamunaa
qopheessaa)

Kayyoo Dandeessisaa 2 Hawaasa mana baruumsa fi qooda fudhattota sagantaa fayyaa mana
baruumsa irratti hirmaachisu
Yeroo 1:10
Ogeeyyiin ekistenshinii fayyaa leenjii sagantaa maneen barnootaa irratti hirmaatan dhimma fayyaa irratti
qaamolee murteessoo adda baassuu fi bifa bu’a qabeessa ta’een hirmaachisuu irratti dandeettii ni cimsatu.
Gocha 1 Ibsaa, marii garee fi waliigalaa
Tartiiba 1 Kaayyoowan kutichaa (Mata durichaa) ibsuu (daqiiqaa 5)
Tartiiba 2 Marii garee (daqiiqaa 10)
Ogeeyyii ekistenshinii fayyaa garee lamaa hanga sadiitti qooduun walitti qabaa fi barreessaa filachiisuun
gaaffiin armaan gadii irratti akka mari’atan taasisaa
 Hawaasaa maneen barnootaa fi qooda fudhattoota akka addaan baafatan taasisaa
 Qaamoleen kun raawwii fayyaa mana barumsaa keessatti gaheen isaanii maal fa’a?
Tartiiba 3 Gareewwan deebii isanii akka dhiheessan taasisaa
Tartiiba 4 Marii waliigalaa (daqiiqaa 10)
Tokkoon tokkoon garee bakka bu’aa isaatiin akka dhiheessan taasisaa. Hirmaattoni biroo gareen ala
ta’aan gaaffii ykn. yaada yoo qabaatan akka ibsan taasisaa. Deebii gareewwanii irratti marii waliigalaa

11
taasisuun deebii kutichaa yaadannoo leenjisaa lakk. 2.3 irraa jiru qajeelfama leenjifamtootaa fuula 15
irratti caqasame filiipchaartii irratti barreessuun yaada xummuuraa kennaa. Kana ilaalchisee gaaffiin
mana keessa ka’u yoo jiraate keessumeessaa, hirmaattota galatoomfachuun kuticha xumuraa.
Yaadannoo leenjisaa 2.3 Hawaasaa maneen barnootaa fi qooda fudhattoota sagantaa fayyaa
maneen barnootaa irratti hirmaachisuu.
Hawaasa maneen barnootaa:- kan of keessatti hammatu bulchiinsa maneen barnootaa, barsiistota,
barattootaa fi maatii isaanii akkasumas dhalattoota naannichaa fi dhaabbilee bu’a qabeessummaa mana
barumsichaatiif gahee qaban, hoggansa naannolee mana barumsaa, miseensota koree mana barumsaa,
gamtaa maatii, barsiisotaa fi barattootaa, gumiiwanii dhaabbilee deeggarsaa fi tola ooltotaa kan of
keessatti hammatee dha.
Gahee barsiisotaa: barsiistoni fayyaa barattootaa eeguuf dhimmoota armaan gadii irratti hirmaachuu ni
danda’u.
 Kutaa keessatti qulqullina dhuunfaa barattootaa hordofuu
 Barattoota qulqullina isaanii guyyaa guyyaan eeggatan adda duree qulqullinaa jechuun kutaa
keessattii badhaasuu.
 Rakkoo hanqina nyaataatiin uumamuu danda’aanis ta’ee dhibeewwan daddarboo fi daddarboo
hntaane ilaalchisee mallattoowwan isaanii adda baasuun deeggarsa wal’aansaa akka argatan
taasisuu.
 Barsiisoni saaykilii lammaffaa barsiisan barattootni isaanii baala sammuu adoochuun fayyaan fi
xiin sammuu isaanii irratti rakkoo uumamuu danda’u akka hubatanii fi of eegan gorsuu
akkasumas fakkeenya ta’uufi.

Gahee bulchiinsa mana barumsaa


 Mana barumsaa keessatti sagantaan barumsa fayyaa iddileen akka hojii irra oolu murteessuu fi
akka hin cine hordoffii taasisuu.
 Mana fincaanii sadarkaa isaa eeggatee fi qulqullina qabu mana barumsaa keessa akka jiraatu
taasisuun itti fayadama isaa hordofuu.
 Barsiisotaa fi barattoota hirmaachisuun duula qulqullina mana barumsaa yoo xiqqaate torbanitti al
tokko gaggeessuu.
 Gumiiwwan maneen barnootaa keessatti dhaabbatan yeroo fi bakka itti olga’aan akka qabaatniif
akkasumas barsiisota irraa nam tokko ol’aantummaan sochii gumii kanaa akka hordofuu fi
deeggaru taasisuu.
 Miinii miidiyaa gumiiwwan waliin ta’aanii itti fayyadaman qopheessuun odeeffannoo fayyaa
barattootaaf akka dhaqqabsiisan gargaaruu.
 Dhimmoota barattoota balaa saaxiluu danda’aan dhabamsiisuu.
 Gamtaa maatwwanii fi barsiistotaa fi bulchiinsa naannoo isaanii waliin ta’uun dhimmoota fayyaa
barattootaatiif sodaachisoo ta’aan (Manneen dhugaatii, shiishaa fi jimaa fi kkf...) haala ittiin
dhabamsiisuun danda’amu mijeessuu.

Haaluma wal fakkaatuun qooda fudhattoota armaan gaditti tarreeffaman fi kanneen biro
sagantaa fayyaa maneen barnootaa irratti hirmaachisuun ni danada’ama.
 Barattootaa fi Maatii isaanii
 Dhalattootaa fi dhaabbilee naannoo bu’a qabeessummaa mana barumsichaatiif gahee qaban.
 Qaamolee bulchiinsaa, miseensa koree maneen barnootaa,
 Gamtaa maatiiwwanii, barsiisotaa fi barattootaa, dhaabbilee deeggarsaa fi tola ooltotaa

12
 Seektaroota mootummaa addaa addaa (BIshaan, Qonna, dubartootaa fi daa’immanii, barnoota)
 Abbootii amantaa
Gocha 2 Ibsa Marii
Tartiiba 1 Qooda fudhattootni armaan olitti ibsaman akkamiin hirmaachuu akka qaban mari’adhaa.
(daqiiqaa 10)
 Armaan dura rakkoowwan fayyaa manneen barnootaa keessattii uumaman jiruu? Akkamitti fala
argatan?
 Maloota akkamii fayyadamuun qooda fudhattootni gahee isaan irraa eegamu akka bahaan
taasistan?
Tartiiba 2 Yaadannoo leenjisaa lakkoofsa 2.4 qajeelfama leenjifamtootaa fuula 16 irratti ibsaman irratti
hundaa’udhaan qooda fudhattoota hirmaachisuuf dhimmoota raawwachuu qaban dhiheessuun xumuuraa.
Yaadannoo Leenjiisaa 2.4 Qooda fudhattoota manneen barnootaa hirmaachisuuf dhimmoota
raawwatamuu qaban
1. Paakeejiiwwan filataman irratti barsiistotaaf leenjii kennuu
Fakkeenyaaf
Eegumsa qulqullina dhuunfaa barattootaa
Mallattoowwan dhibee daddarboo (TB, Gifira, haqqee fi baasaa ariifachiisaa, tiraakoomaa...)
Mallattoowwan dhibee daddarboo hintaanee (Rakkoo fayyaa sammuu, dhibee sukkaaraa, dhiibbaa
dhiigaa, dhibee onnee) ...kkf.
2. Dhimma fayyaa barattootaa irratti dhaabbiin barsiistota waliin yeroo marii murteessuu fi raawwii
sagantaa fayyaa mana barumsaa fi hojii Kanaan walitti hidhamiinsa qaban gamaggamaa adeemuu.
3. Barattooni fayyaa isaanii akka eegataniif barsiistoni adeemsa baruuf barsiisuu waliin qindeessuun
kutaa keessatti, hirmaannaa gumii, hiriira irratti, sagantaa nyaata mana barumsaa irratti hubannoo gahaa
akka qabaataniif taasisuu.

Gocha 3 Shaakallii gochaa


Tartiiba 1 Leenjifamtoota garee sadiitti qoodaa, Rakkoo fayyaa mana barumsaa hiikuuf akka dandeessisu
seenaawwan shaakalaaf ta’aan qopheesuun fayyadamaa. (daqiiqaa 10)
Garee 1. Barattooni banna barumsaa harka dhiqannaa ilaalchisee hubannoo gahaa argatanii jiru. Hata’u
malee mana barumsaa keessa dhiheessiin bishaanii gahaa ta’e hinjiru. Rakkoo kana akkamitti hiikta?
Eenyyufaa hirmaachista?
Garee 2. Naannoo mana barumsaatti dhimmoota fayyaa barattootaaf soda ta’aan kan akka maneen
dhugaatii fi jimaa ni jiru, barattoonis maneen kana yeroo seenan ni mullatu. Dhimmi kun barattoota
rakkoo fayyaa adda addaatiif akka hinsaaxille maal goota? Eenyu waliin ta’uun rakkoo kana hiikta?
Garee 3 Marii barsiisota waliin gaggeessituu irratti barsiistoni barattoota qulqullina dhuunfaa isaanii hin
eegganef (fuula hin dhiqanne, hucuu/uffani isaanii xuraa’u, qeensa isaanii kan hinqoranne) gorsa
kennanis jijjiirama arguu hindandeenye. Isa kana akkamitti hiikta?
Tartiiba 2 Leenjifamtootni gareen kan irratti mari’atan akka dhiheessan taasisuun mari’achiisaa. (daqiiqaa
10)
Tartiiba 3 Yaadannoo leenjisaa lakkoofsa 2.5 qajeelfama leenjifamtootaa fuula 18 irratti caqafame
barsiistota, maatiiwwanii fi balchiinsa maneen barnootaa hirmaachisuuf maloota dandeessisan

13
hirmaattoni daubbisan taasisuun gaaffiiwwan mana keessaa kahaan yoo jiraate keessumeessuun
xuumuuri. (daqiiqaa 10)
Yaadannoo leenjisaa 2.5 maloota qooda fudhattoota sagantaa fayyaa mana barumsaa irratti akka
hirmaatan ittiin taasisnu.
1. Adivookeesii: -
Manneen barnootaa sadarkaa adda addaa irratti argamaniif deeggarsa qaamolee murtoo kennuu
danda’aanii /gaggeessitoota gandaa fi aanaa argachuuf walitti fufiinsaan raga fi muuxannoo gaggaarii
qindeessuu fi kkf gurmeessuun adeemsa qaamolee kanneeniif dhiheessuu dha.
Fakkeenyaaf naannoo manneen barnootaatti haala mijataa uumuu (manneen jimaa, dhugaatii, shiishaa
naannoo sana akka hin jiraanne taasisuu).
Adivookeesii gaggeessuuf tartiiba hordofamuu qabu.
1. Dhimma faayyaa addaan baasuu
2. Deegartoota dhimmi ilaallatu adda baasuu
3. Dhimmoota xiyyeefannoo gaggeesitootaa fi qaamolee murtee kennuu danda’anii adda baasuu
4. Galmoota milkeessuu barbaannu kaa’uu
5. Gaggeesitootaa fi qaamolee murtii kennuu danda’an amansiisuuf ejjennoo cimaa akka qabaatan
taasisuuf odeefannoo fi ragaalee qindeessuu.
6. Waltajjii adivookeesii qopheessuu.

2. Sosochii hawwaasaa
Sosochii hawaasaa jechuun, maloota ogeettiin ekisteenshinii faayyaa qooda fudhattoota manneen
barnootaa fi hawaasni mana barumsaa haala itti fufiinsa qabuun hojii fayyaa maneen barnootaa irratti
karoora irraa kaasee akka hirmaatan taasisuu dha.
 Qooda fudhattoota maneen barnootaa sadarkaa gandaatti jiran:- Seektaraalee mootummaa (Qonna,
Bishaan, Mana qopheessaa) gamtaa maatii barsiistotaa fi barattootaa, itti gaafatamtoota gumiiwwanii
fi dhaabbilee deeggartootaa fi tola ooltota ta’uu ni danda’u.
 Ogeeyyiin ekistenshinii fayyaa yemmuu sosochii hawaasaa gaggeessan gochwwan armaan gadii
raawwachuun irraa eegama.
o Dhimmoota xiyyeefannoo barbaadan adda baasuu
o Akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin deeggartoota adda baasuu.
o Gurmaa’ina hawaasa maneen barnootaa ilaalchisee fedhii fi dandeettii jiru adda baasanii
beekuu
o Akkaataa gurmaa’ina deeggartootaa fi hawaasa maneen barnootaatiin gahee hojii fi itti
gaafatamummaa isaan irraa barbaadamu irratti walii galuu.
o Tooftaa deegarsaa baasuu
o Sagantaa raawwii waliin baasuu
o Deeggarsa addaa kan akka ogummaan, meeshaa, fi maallaqa ilaalchisee deeggartootaaf
gaaffii dhiheessuu.
3. Marii Paanaalii Gaggeessuu
Marii paanaalii gaggeessuun barsiisotaa fi deeggartootni biroo faayyaa irratti hubannoo gahaa akka
qabaatan ni gargaara. Dabalataanis dhimmoota fayyaa irratti marii gadi fageenyaa fi ibsa barbaadan ibsa
taasifamuun rakkoowwan fayyaa walxaxaa ta’aan hiikuuf ni fayyada. Ogeessota Qophii barnootaa adda
addaa, muuxannoo fi ilaalcha qaban walitti fiduun rakkoowwan fayyaa adda addaa furuuf tooftaa itti
fayadamnuu dha.
Tartiibota Marii Paanaalii

14
 Dhimmoot faayyaan wal qabatan adda baasuu
 Qophii taasisuu (Dhimmoota fayyaa irratti raga sassaabuu, hirmaattota barbaachisoo ta’aan adda
baasuu ...)
 Hirmaattota affeeruu
 Mariin paanaalii yoom akka gaggeefamu beeksisuu
 Marii paanaalii gaggeessuu
 Gamaaggamuu
4. Marii maatii waliin taasifamu.
Faayyaa baratootaa fooyyessuuf deeggarsi maatii gahee ol aanaa qaba. Fayyaa barattootaa irratti maatii
hirmaachisf ogeeyyiin ekisteenshinii faayyaa gochaawwan armaan gadii ni raawwatu
 Ogeettiin ekisteenshinii faayyaa maatiiwwan kam hirmaachisuu akka qaban barsiisota waliin
qindaa’uun adda baasu jechuunis: -
o Barattoota rakkoon fayyaa kan akka baasaa, qufaa, tiraakoomaa irra deddeebiin isaan
quunnamu
o Barattoota gochoota fayyaa isaanii fooyyesssuuf gargaaran hojii irra oolchuu hindandeenye
(qulqulina dhuunfaa isaanii kan hin eegganne, dhugaatii alkoolii fi araadota adda addaatiif
saaxilamoo kan ta’aan).
 Dhimmoota rakkoo fayyaa barattootaa hiikuuf barbaachisan irratti maatii barattootaa waliin marii
gaggeessuu.
 Kabaja ayyaana guyyaa maatii irratti sosochiiwan fayyaa mana barumsaa keessatti gaggeeffamu
ilaalchisee maatii hubachiisuun gahee isaanii akkamiin bahu akka danda’an mari’achiisuu.
 Mana barumsaa keessatti faayyaa baratootaatiif haala mijataa uumuu (mana fincaanii fooyya’aa,
kutaa barnootaa qulqulluu ta’e, (dhukkee irraa bilisa ta’e) adeemsa baruuf barsiisuu maneen
dhugaatii fi jimaa irraa fagaate) akka uumamu dandeessisan irratti marii gaggeessuu fi
qindoominan hojjachuu.

Kaayyoo dandeesisaa 3: - Gumiilee adda addaa jijjiirama haala amalaatiif fayyadan gurmeessuu fi
cimsuun hojiiwwan fayyaa mana barumsaa hojjachuun ni danda’ama
Yeroo 1:00
Gochaa 1: - Marii
Tartiiba 1 Kaayyoo beeksisuu (Daqiiqaa 5)
Tartiiba 2 Gaaffiiwwan armaan gadii leenjifamtoota gaafachuun akka mari’atan taasisaa (daqiiqaa 5)
 Gumiilee addaa addaa nmana barnoota naannoo keessanii keessa jiran addaa baafadhaa.
Tartiiba 3 Leenjifamtoota garee sadiitti qoodaa, gareen 1 gumii WaSH (Bishaan, haayijinii fi
saniteeshinii), gareen 2 sirna koorniyaa, gareen 3 HIV fi wal- hormaatatti qooduu dhaan hojiiwwan
armaan gadiitti eeraman akka hojjatanii fi leenjifamtootni akka miseensa gumii mana barumsa tokkootti
akka ta’aan akka yaadan taasisaa.
 Kaayyoo gumiin itti hundaa’u akka ibsan taasisaa
 Kaayyoo kana galmaan ga’uuf hojiiwwan gumichaan hojjataman jedhanii yaadan akka tarreessan
taasisaa
 Wantoota kaayyoo gumichaa galmaan ga’uuf hudhaa ta’aan jettanii yaaddan maalfaa dha,
akkamitti fala keessuuf?

15
Tartiiba 4 Leenjifamtootni hojii garee isaanii akka dhiheessan taasisaa; erga dhiheessanii booda akka
ogeessa ekistenshinii fayyaatti rakkoo hawaasaa hiikuuf gumiiwwan kana akkamitti akka itti fayyadamuu
qaban gaafadhaa. (Daqiiqaa 10)
Tartiiba 5 Yaadannoo leenjisaa lakkaa 2.6 qajeelfama leenjifamtootaa fuula 20 irra jiran dhiheessuun
hojiiwwan fayyaa gumiiwwan /barattoota waliin raawwachiisuu fi fayyaa hawaasaa fooyyessuuf gahee
inni qabu akka hubatan taasisaa.
Yaadannoo leenjisaa 2.6 gumiiwwan fayyaa gurmeessuu fi cimsuun hojii fayyaa maneen barnootaa
raawwachuu
Mana barumsaa keessa gumiiwwan adda addaa ni jiraatu. gumiin faayyaa tokko kaayyo taa’eef galmaan
gahuuf akka isa dandeessisu kanneen armaan gadii raawwachuun barbaachisaa dha.
 Miseensota gahaa akka qabaatan taasisuu, baratootni akkaataa fedhii isaanii irratti hundaa’uun
gumiiwwan adda addaa keessatti hirmaannaa akka qabaatan taasisuu
 Miseensoni koree gumicha gaggeessan hundaa’u qabu
 Gumiichi kaayyoo dhaabateef giddu gala godhatee waggaa waggaan hojiilee ijoo t’aan
raawachuuf karoora baafachuu qaba.
 Bulchiinsi mana barumsaa tokkoon tokkoon gumiiwwaniitiif barsiisaa ol’aantummaan deeggaru
fi hordofu ni ramada.
 Gumiiwwan meshaalee deeggarsa barnootaa isaan barbaachisu akka qabaatan taasisuu
 Miseensota gumichaa dhimma fayyaa gurma’aaniif irratti leenjii kennuu.
 Miseensoni gumii sagantaa dhaabbataan wal’arganii hojii isaanii kan itti gamaggamanii fi wal
irraa baratan akka qabaatan beeksisuu.

Hojii gumiilee waliin raawwatamu qaban.


Ogeeyyiin ekisteenshinii faayyaa gumiiwwan manneen barnootaa keessa jiran hojiiwwan sosochii fayyaa
maneen barnootaa raawwachuun barbaachisaa dha.
Guyyaa Faayyaa Kabajuu
Guyyaa fayyaa kabajuun hubannoo barattootaa, maatii barattoottaa fi hawaasa man barumsaa guddisuu fi
fayyaa dagaagsuu keessatti shoora ol’aanaa taphata. Guyyaan fayyaa tokko yeroo kabajamu marii
paanaalii, diraamaa, dorgommii hogbaruu, hojiiwwan sirbaa fi faaruun ni raawwatama.
Tartiiba Kabaja Guyyaa Faayyaa
1. Qophii: -
 Gumiiwwan ergaa ijoo guuyyaa fayyaa kabajamuuf irratti diraamaa fi hog barruu akka
qopheessan gargaaruu.
 Ogeessa fayyaa hubannoo gahaa qabu marii kana akka gaggeessuuf buufata fayyaa irraa
affeeruu
 Namoota hawaasa biratti fudhatama qaban (abbootii amantaa, maatii adda duree, barsiistuu,
barataa ...kkf) hirmaachisuu.
 Guyyn faayyaa kun yoom akka kabajamu dursanii hawwa beeksisuu

16
2. Guyyaa faayyaa kabajuu fi gamaggamuu
Mini miidiyaa fayyadamuun barattootaaf waa’ee ergaa faayyaa dabarsuu.
Dhimmoota fayyaa adda addaa irratti barumsa ennuuf, ergaawwan fayyaa ijoo dabarsuuf, dhugaa bahu fi
dorgommii gaaffiif deebii ... gaggeessuuf waltajjii barbaachisaa dha.
 Gumiiwwan akkaataa gurmaa’ina gumii isaaniitiin miinii miidiyaatti fayyadamuudhaan
ergaawwan fayyaa adda addaa maloota tooftaa (walaloodhaan, seenessuu, faaruu fi sirbaan,
seenaa qapheessuu) bashanansiisaa barsiisuuf itti fayyadamuu.
 Miseensonni minii miidi’a mana barumsichaa gumiiwwan fayyaa biro waliin qindoominaan
hojjachuu akka danda’aniif leenjii akka argatan taasisuu.
 Meeshaalee deeggarsa barnootaa akka fayyadaman taasisuu.

17
Kutaa Sadi: Tajaajila talaallii bifa iddilee fi duulaan kennamu

Yeroo 2:00
Seensa Daqiiqaa 10
Kaayyoo dandeesisaa 1: -baratootaaf sirrii Kan ta’an gosoota talaallii adda addaa addaan baasuuf
karaa sirrii ta’een galmeessuun gabaasuu fi hordofuu ni danda’u
Gocha 1 Marii garee
Yeroo Daqiiqaa 40
Tartiiba
 Hirmaattota garee afuritti qoodaa.
 Mata dureewwan afur qajeelfama leenjifamtootaa fuula 22 irra jiru tokkoon tokkoon gareef
kennuu akka irratti mar’atan taasisaa.
 Gareewwan yeroo marii isaanii xumuuran gaggeessittotni gareewanii hirmaaattota waliigalaatiif
mata duree marii fi deebii isaanii akka dhiheessan taasisaa.
 Dhimmoota ijoo marii keessatti ka’aan filiipchaartii irratti barreessaa
 Dhuma irratti gabatee yaadannoo leenjisaa irratti hundaa’uudhaan ibsa kennuun kuticha
xumuuraa.
Yaadannoo leenjisaa 3.1
A. Gosawwan odeeffannoo barbaachisanii
Sadarkaa Tajaajila talaallii fi dhimmoota Gosoota talaallii kennamuu
Barumsaa xiyyeeffannoo barbaadan danda’an
Olmaa daa’immanii  Tajaajila talaallii akkaataa sagantaa  Tajaajila talaallii idlee irratti
(barumsa idileen biyyoolessaatiin xumuurame (kan kaardii barataa/tu gos kan hinfudhane
duraa) umrii talaaliitiin mirkanaa’e) haala duree yoo jiraate keessaayyuu gifira
waggaa 4-6 galmee mana barumsaatiif tajaajiluu kan  Gosoota talaallii biro bifa
danda’u duulaatiin akka kennamamu
 Dhibeewwan talaallii idleetiin ittisuu ministeera eegumsa fayyaaa
dandeenyu (Gifira, pooliyoo, qufaa tiin murta’aan
(partuusisii), dipteeriyaa), faana
dhahiinsaa fi adda baasii
Sadarkaa tokkoffaa  Tajaajila talaallii akkaataa sagantaa  Talaallii ittisa kaansarii
(Umrii wagga 7-14) biyyoolessaatiin xumuurame (kan /Cawwee afaan gadameessaa
kaardii talaaliitiin mirkanaa’e) haala idleedhaan umrii waggaa 9-14
duree galmee mana barumsaatiif (bara baajeta 2011tti shamarran
tajaajiluu kan danda’u umriin isaanii waggaa 14
 Talaallii ittisa kaansarii /Cawwee afaan hingeenyeef kennama)
gadameessaa (umrii waggaa 9-14)  Gosoota talaallii biro bifa
 Dhibeewwan talaalii idleetiin ittisuu duulaatiin akka kennamamu
dandeenyu Gifira, pooliyoo, qufaa ministeera eegumsa fayyaaa
manjilloo, (partuusisii), dipteeriyaa, tiin murta’aan
faana dhahiinsaa fi adda baasii
 

B. Galmeessuu, hordofuu, gabaasuu fi gamaggamuu

18
Barattoota sagantaa talaallii idleetiif adda bahaan umrii fi saalaan, kutaanii fi tessoon adda ba’aanii
galmaa’u qabu. Sagantaan talaallii bahee mana barumsaa wajjin karoora waliinii ta’uu qaba. Karoora
talaalii ji’aa baasuun tajaajila talaallii kennuu fii taaliishiitii idlee irratti guutuun unka irratti maqaa, saala,
kutaa fi teessoon adda baasanii galmeessuu. Qorichooni talaalii dhaabbata fayyaa/ waajjira eegumsa
fayyaa irraa ergaman/dhufan ho’inaa fi qabanaaf saaxilamuu hinqabanu. Kana hordofuuf mallattoo
bilqaaxa irra jiru (VVM) hordofuu fi yeroo tajaajili talaalii xumuuramutti qorichoota talaalii hafan haala
sirrii ta’een firiija keessa kaa’un barbaachisaa dha. Qisaasamaa qoricha talaalii fi dhiibbaa miiltoo
talaaliin uumaman unka qophaa’e irratti galmeessuun gaasuun barbaachisaa dha. Chaartii hordoffii
aguuggii talaalii (EPI monitoring chart) haguugii talaalii mana barumsaa (Haguugii dhaabbata fayyaa
naannoo maneen barnootaa wajjin bakka tokkotti) ji’a ji’aan hordofuu fi tarkaanfii sireeffamaa yeroo
fudhachuuf ni gargaara.

Kaayyoo dandeesisaa 2: -Raaga galteewwan talaalii idlee fi duulaan manneen barnootaa keessatti
kennaman kan giddu galeessa godhate ni hojjatu.
Gocha 1: - hojii garee nama lam lamaan hojjatamu
Yeroo Daqiiqaa 40
Tartiiba
 Hirmaattotni taate barreeffama qajeelfama leenjitoota irratti barra’ee akka dubbisan taasisa.
 Erga dubbisaniin booda raaga galteewwan talaalli unka fuula kana irra jiru nama lama laman
irratti mar’aatinii akka guutan taasisa.
 Yaadota ijoo maricha irratti ka’an filip chaarti irratti barreessaa.
 Itti aansudhan yaadanno leenjiisa armaan gaditti dhiyaate kan jiruu ibsuudhan hojicha xumuraa.
Yaadanno Leenjisaa 3.2
Raaga galteewwani (qoricha talaalli, lilmoo fi seftii booksi) keessattu barattoota talaalli fudhachuuf
karoorfaman irratti ni hunda’a. Umurii barattoota fi haala talaalli isaanii adda baasani talaallif filachuu,
haala qabatama naannichaatin eeyyama maati/kununsitoota argachuun hal-duree jalqabbii karoora
talaalliti. Qoricha lilmoon kennamu kan barattota wali gaalaf barbaachisu kan barataa tokkof barbaachisu
hamma barbaachisu(dose) haala fakkeenya lammaffaatiin baay’isuun herregama. Qoricha talaalli hammi
walii galatti barbaachisu kan ni qisaasama jedhamee tilmaamamu (vaccine wastage factor) fakkeenya
Kanaan 1.05) baay’ifame hojjetama. Sagantaa talaalli dhaqaa galiitin wirtuu taalallin itti kennamutti
(waayita talaalli tokkotti) giddu galeessan qorichi lilmoon kennamu hamma ddoozii 20tti kennun ni
danda’ame jedhamee yaaddama. Kanaafuu barattoota talallif irrtti kaarorfatame gosa talaalli lamaniin
akka walii galatti 170 (3400/20) wayittiin talaallii ni barbaachisa. Haaluma wal fakkatuun qisaasamni
lilmoo AD (AD syringe) fi seftii booksii 1.11n ni shallagama. Seeftii booksiin tokko human lilmoo 100
baachu ni qaba (Fakkeenya kanan sirinjiin ittin bulbulamu hin barbaachisu) ogeessi tajaajila talaalli
kennu akkuma sagantaan taalalli xumurameen qoricha talaalli hafe bakka dilalleessan dhihenyaan
argamutti deebsun isaa dgatamu hin qabu. Akkasumas sefti booksiin guuttame fi balfi biraa bakka itti
gubatamuu qabutti of eeggannon geessun barbaachisa dha. Haala armaan gadiitin iddoon duwwaa
gucicha irra jiru ni guutama.

Unka Bifa Sirriin itti Guuttamu Haala Armaan Gadi ta’a

19
Sadarkaa Baay’ina Hamma Baayyina Wayita Siriinjii AD Saanduuqa
Kutaa barattoota qoricha doozii talaallii talaalii akka Seeftii akka
taalallin taalalli barbaachisu. waliigalaa waliigalaatti waliigalaatti
isaan Kan qisaasamu (Wirtuu barbaachisu barbaachisu
barbaachisu dabalatee. dhaqaa galaa (Shalagii (shallagii
(Hanga tokkotti qisaasamaa hanga
shallagii doozii = 1.11) qisaasamaa
qisaasamaa lilmoon = 1.11)
1.05) kennamu 20)
3 400 800 840 40 888.0 10
4 360 760 789 38 843.6 9
5 300 600 630 30 666.0 7
6 260 520 546 26 577.2 6
7 200 400 420 20 444.0 5
8 180 360 378 18 399.6 4
Ida’ama 1700 3400 3570 170 3774 42

Kaayyoo Dandeessisaa 3. Dhiibbaawwan miiltoo kenniinsa tajaajila talaallii waliin walqabatanii


uumamuu danda’an adda ni baasu.
Gocha 1. Dhuunfaan dubbisuu fi nama lama lamaan mari’achuu
Yeroo Daqiiqaa 20
Tartiiba
 Leenjifamtootni taatee seenaa qajeelfama leenjifamtootaa fuula ____ irratti barraa’e dhuunfaan
akka dubbisan taasisaa.
 Erga dubbisanii booda garee nama lama laamaatiin irratti mari’atanii akka yaada kennan taasisaa.
 Qabxiilee ijoo marii keessatti ka’aan filiip chaartii irratti barreessaa
 Itti aansuun yaadannoo leenjisaa armaan gaditti jiran ibsuun mata duricha xummuuraa.

Yaadannoo leenjisaa 3.3 leenjisaadhaan haala gaariin dubbifamee ibsi itti kennama

20
Gosoota dhiibbaa miiltoo Hiika/Ibsa Fakkeenyaaf
talaallii
Qorichi talaalii uumamaan Amala uumama talaalii yookaan Erga talaallii fudhatanii booda irree
qaamaaf wal fudhachuu qabiyyee talaalliin irraa qophaa’e ykn. sarbaan ballinaan iita’uu. (Eg.
dhabuu (alaarjii) waliin walqabachuun qama waliin wal Extensive limb swelling following
fudhachuu dhabuu fi qaamni ori’uu Pentavalent vaccination)
(alaarjii)
Qulqullina dhabuu qoricha Yeroo qorichaa fi meeshaalee talaallii Qorichi talaalii yeroo oomishamu
talaaliitiin walqabatee oomishamu rakkoo qulqullina dhabuu hanga barbaadame dhadhabuu hafuu
qaamaatti toluu dhabuu tokkoo fi isaa oli uumamuun qaamatti isaa irraa kan ka’e talaallichi
tolu dhabuu ykn. daran itti deebi’ee dhibee fiduu. (Eg. Failure
hammaachuu. by the manufacturer to complitly in
activate a lot of inactivated polio
vaccinleads to cases of paralitic
polio.
Rakkoo dhibee miiltoo Qoricha talaallii haala gaariin Qorichi talaallii nama hedduuf ta’u
raawwii sagantaa talaalliin qabachuu dhabuu; of eegannoo malee banamee erga kennamee booda haala
walqabatee uumamu maamiltootaaf kennuudhaan gaariin ituu hin qabamin turee
walqabatee qaamatti tolu dhabuu, maamila birootiif yoo kennamu
kanaafuu taateen kun kan uumamuu ka’umsa infekshinii ta’uu ni
hinqabnee ykn. kan ittifamuu danda’a. (Eg. Tranismission of
danda’anii dha. infection by contaminated multi dose
vial)
Taateewwan miiltoo Sodaa lilimoo woraannachuu ykn Barattootni dabaree qabatanii yeroo
talaafamuu sodaachuu fi dhukkubbii isaan walqabatee dhufuu talaalaman barataa isaan dura
cinqamuu irraa madduun dha. Kun qoricha talaallitiin kallatiin talaalamaa jiru ilaaluudhaan kan hin
uumamu. kan wal qabatuu miti. tasgaboofne yoo ta’e cinqamuun of
wollaalanii kufuu ni danda’u. (Eg.
Vasovagal syncope in an adolescent
during/ following vaccination)
Taateewwan miiltoo talaalii Taateewwan miiltoo armaan olitti Maamiltootni yeroo talaalfaman
akka carraa walirra bu’uun ibsamaniin walitti dhufeenya kan gubaa qaamaa qabaachuu ni malu.
qofa uumaman hinqabnee fi akka carraa walirra bu’uu Gubaan qaamaa kun dhibee busaa
qofaan kan uumamuu dha. ykn. sababa biraatiin uumamuu ni
danda’a. kanaafuu walirra bu’iinsa
yerootiin walqabatee rakkoo fayyaa
uumamuu danda’aan hubachuun
barbaachisaa dha. (Eg. A fever
occurs at the time of the vaccination
(temoral association) but is in fact
caused by malaria.

Gocha 2: - Marii Garee

21
Yeroo Daqiiqaa 20
Tartiiba
 Leenjifamtoota garee afuritti qoodaa
 Garee lamaaf tateewwan fi gaaffii marii tokko tokko kennaa.
 Taateewwanii fi gaaffiiwan qajeelfama leenjifamtootaa fuula __ irra jiru irratti mari’achiisaa.
 Qabxiilee ka’anii fi deebii kennaman filip chaartii irratti barreessaa.
 Itti aansuun haala yaadannoo leenjisaa irra jiruun mata duricha xumuuraa.
Yaadannoo leenjisaa 3.4
Taatee haalaa #1. Deebii
 Taateen kun qorichi talaalii sababa uumamaan qaamaan walta’uu dhabuu (alarji) kan dhufuu
dha.
 Dhahannaa onnee fi dhiibbaa dhiigaa itti fufiinsaan hordofuu.
 Akkaataa barbaachisummaa isaatiin deeggarsa rakkoo ujumoo afuuraa /afuura baafachuu fi
laphee dhidhiibuu (Cardiopulmonary resuscitation+CPR) jalqabuu
 Adrinaaliinii m.l 0.1 foon irree keessa gadi fageessanii (ml 0.1of 1:1000) kennuu
 Barataan talaallii fudhate/ttu kan of wallaale yoota’e mataa gara qoranyoo miilaatti gadi
gugguufsisuu.
 Daqiiqaa 10-20 keessatti jijjiiramni kan hinmulane yoota’e adrinaaliinii yeroo lamaffaaf
kennuu.
 Akkaataa barbaachisumaa isaatti dhaabbilee fayyaa oksijiinii qabutti erguu.
 Hawaasa mana barumsaa tasgabeessuu
 Taaticha unka iddilee irratti galmeessuu fi gabaasuu.
Taatee haalaa #2. Deebii
 Taateen kun sababa sodaa fi cinqamina ol’aanaa talaalamuutiin walqabatee dhiibbaa miiltoo
fayyaa uumamuu dha.
 Kun sababa qorichi talaallii uumamaan qaamaaf tolu dhabe (alaarjiin) kan dhufee miti. Dhiibbaan
dhiigaa fi dhahiinsi onnee guutuu fi sirrii dha)
 Barataa/ttu talaallii fudhate gara cinaatti ciibsuun itti dhiheenyaan hordofuu
 Adrinaaliinii waraanuun mucayyoo ni miidha.
 Hawaasa mana barumsaa tasgabeessuu
 Taaticha unka iddilee irratti galmeessuu fi gabaasuu.

22
Kutaa Afur: Tajaajila Fayyaa Sirna Wal- Hormaataa
Yeroo Sa’aatii 2
Seensa kutichaa (Daqiiqaa 5)
Kaayyoo Dandeesisaa 1: - Jijjiiramoota qaamaa fi fedhii akkasumas walitti dhufeenya sirna wal-
hormaatiif rakkisaa yeroo ijoolummaa fi dardarummaa dhufuu danda’aan addaan bahanii ni tarreefamu
Kaayyoo Dandeesisaa 2: - Leenjifamtootni garaa garummaa sirna koorniyaa fi saala gidduu jiru wal bira
qabanii ni ilaalu.
Kaayyoo Dandeesisaa 3: - Leenjifamtootni walitti dhufeenya sirna koorniyaa fi rakkoo fayyaa wal
hormaataa gidduu jiru adda ni baasu.
Kaayyoo Dandeesisaa 1: - Jijjiiramoota qaamaa fi fedhii akkasumas walitti dhufeenya sirna wal-
hormaatiif rakkisaa yeroo ijoolummaa fi dardarummaa dhufuu danda’aan addaan bahanii ni
tarreefamu
Gocha 1:- Gahee bakka bu’anii taphachuu
Yeroo Daqiiqaa 10
Tartiiba
 Barattoota fedhiin gahee barsiisaa taphatu tokkoo fi kan gahee barataa taphatu shan filadhaa
 Barreeffama gabatee armaan gadii keessa jiru dubbisaa ykn ibsaafi
Gocha 1: - Gahee bakka bu’anii taphachuu
Baratuu umrii ishii keessatti marsaa laguu /xurii ji’aa argitee hin beekne tokko otuu barumsa irra jirtuu
marsaan laguu/xuriin ji’aa tasa itti dhufe jennee yoo yaannu maaltu isheetti dhagahamuu akka danda’u
haa tilmaamnu. Kan itti aanan kun baayinaan isheetti dhaga’amuu danda’aan keessaa isaan muraasaa dha.
 Sodaa fi cinqama ol aanaa
 Hiriyyooni ishee dhiiraa fi dubaraa isheetti qoosu fi kolfu
 Barnoota ishee seeraan hordofuu dadhabu
Hirmaattuu gahee kana bakka buutee taphattu dhimmoota armaan olitti tuqaman irratti dabalataan
dhiibbaa xiinsammuu fi miira itti dhagahamuu danda’aan akka itti yaadu taasisuun akkaataa qajeelfama
leenjisaatiin gahee kana akka taphattu taasisaa.
 Bakka gochaaf mijataa ta’e filadhaa
 Gahee fakkeessanii taphachuu raawwachiisaa
 Xumuura irratti hirmaattoni maal akka hubatan marii gabaabaa gaggeessuun hubadhaa
 Dhuma irratti akkaataa yaadannoo haala mijeessaa 4.1 tiin leenji’aan tokko akka dubbisu taasisaatii
ibsa kennuun xumuuraa
Yaadannoo leenjisaa 4.1
Jijjiiramooni miiraa umrii dargaggummaatti ijoolee dhiiraa fi dubara irratti mul’atan umrii isaaniitiif sirrii
ta’us dandeettiiwan mala jireenyaa gabbisuun haala gaariin keessumeessuun barbaachisaa yoo ta’u
dhiibbaawwan fayyaa fi kan biroo quunnamuu danda’an dursanii ittisuun ni danda’ama.
Dargaggooni umrii kana keessatti argaman tajaajila gorsa xiin samuu fi kan biroo isaan walqabatu
argachuu qabu.
Jijjiirama miiraa umrii dargaggummaa keessatti dhiiraa fi dubara irratti mula’atan
Dhimmoota miidhaginaa waliin walqabataniif cinqamuu, dafanii dafanii aaruu. jarjaruu fi obsa dhabuu,
maatii isaanii waliin walii galuu dhabuu fi walitti bu’uu, dhiibbaa hiriyyaa jalatti kufuu, waan hunda nin
danda’a jedhanii yaaduu, qaanauu (miira qaana’uu) of keessatti ni argamu.
Jijjiirama qaamaa umrii dargaggummaa keessatti dhiiraa fi dubara irratti mula’atan
Jijjiirama qaamaa umrii dargaggumaatti shamaran quunnaman keessaa dheerina qaamaa, sagaleen
qallachuu, mo’oon ballachuu, marsaa laguu arguu, guntutni harmaa ba’uu fi kkf... yemmuu ta’u jijjiirama

23
qaamaa dhirota irratti mul’atan keessaa dheerini dabaluu, irreen cimuu fi giurmuun ballachuu, sagaleen
furdachuu, abjuun dhangal’uu firii dhiiraa (Sperm) areeda baasuu fi kkf... ni argamu.

Kaayyoo Dandeesisaa 2: - Leenjifamtootni garaa garummaa sirna koorniyaa fi saala gidduu jiru
wal bira qabanii ni ilaalu.
Gocha 1: - Yaada burqisiisuu
Yeroo Daqiiqaa 15
Tartiiba
 Leenjifamtootni garaagarummaa sirna korniyaa fi saala gidduu jiru akka xiinxalan taasisaa.
 Gochiichaaf daqiiqaa shan kennuun yaada isaanii akka ibsan taasisaa
 Yaadota leenjifamtootaan ka’aan filiip chaartii irratti barreessaa
 Dhuma irratti haala yaadannoo leenjisaa 4.2 dhihaate irratti hundaa’uun xumuuraa.

Yaadannoo Leenjisaa 4.2


Guduunfaa
Yaadni guduunfaa kun caalmaan leenjifamtootni garaa garummaa sirna koorniyaa fi saala gidduu jiru
akka addaan baafatan taasisuu dha.
Saala: - amala uumamaan dhiira ykn dubara ta’uu kan agarsiisuu dha.
Sirna koorniyaa: - Kun gahee hawwaasni dhiiraaf ykn dubaraaf kennuu kan agarsiisu yoota’u innis
akkaataa guddina jijjiirama haala amalaa hawaasaatiin kan fooya’uu fi jijjiiramuu ni danda’a.
Kaayyoo dandeesisaa 3: -. Leenjifamtootni walitti dhufeenya sirna koorniyaa fi rakkoo fayyaa wal
hormaataa gidduu jiru adda ni baasu.
Gocha 1: - Marii yaada burqisiisuu
Yeroo Daqiiqaa 20
Tartiiba
 Leenjifamtootni garaagarummaa sirna korniyaa fi saala gidduu jiru akka xiinxalan taasisaa.
 Gochiichaaf daqiiqaa shan kennuun yaada isaanii akka ibsan taasisaa
 Yaadota leenjifamtootaan ka’aan filiip chaartii irratti barreessaa
 Dhuma irratti haala yaadannoo leenjisaa 4.3 dhihaate irratti hundaa’uun xumuuraa.

Yaadannoo Leenjisaa 4.3


Walitti dhufeenya rakkoolee sirna korniyaa fi fayyaa wal hormaata gidduu jiran
Wal qixummaa sirna koorniyaa fi wal gitiinsaisaa hubachuu fi raawwachuun rakkoo fayyaa wal
hormaataa fi miidhaa isaan walqabatu hirrisuu ni dandeesisa.
 Hawaasa keeny keesatti dubartootni fedhii saal quunnamtii iffatti akka haasa’aan hin
jajjajabeeffamu, garuu dhiironi amala isaaniitiin dheekkamoo, seera cabsuu fi rakkoo lubbuu
balaaf saaxiluuf itti gaafatamuumaa akka fudhatan akkasumas fedhii quunnamtii saala daangaa
malee akka ibsatan ni jajjabeeffamu.
 Miidhaaan koorniyaa keessumaayuu miidhaan ijoollee dubaraa irra gahu/ miidhaa mana keessaa
dabalatee dubartoota rakkoole adda addaa qaamaa fi xiin samuutiif saaxilan qabsiisuu irratti ulfa
hinbarbaachifne, dhukkuba naf saalaa, koolu galtummaa, daldala saal quunnamtii fi miidhaawan
hawaasummaa fi dinagdeef akka saaxilaman ni taasisa.
 Dubartootni carraa qabeenya horachuu fii abbaa qabeenyaa ta’uu waan hin arganeef mirgoota
fayyaa wal hormaataa haala ga’aa ta’een akka hin fayadamne isaan taasisaa treera. Kanaafuu
walqixumaa fi walgitiinsa sirna koorniyaa dubartootaa mirkaneessuun rakkoowan fayyaa
koorniyaa, hawaasummaa fi dinagdee hirrisuu keessatti shoora ol’aanaa qaba.

24
Kaayyoo Dandeesisaa 4: - Leenjifamtootni gochoota barmaatiilee ijoo miidhaa geesisan
tarreessuun sirna wal hormaataa faayyaa waliin kan wal qabatan ni tarreesu.
Gocha 1: Seenaa Nama Dhuunfaa
Tartiiba
 Leenjifmtoota keessaa nam tokko filachuun qajeelfama leenjifamtootaa fuula 29 irra kan jiru
seenaa Almaaz akka dubbisan taasisaa.
Seenaa nama dhuunfaa
Almaaz barattuu waggaa 13 kan naannoo baadiyaa jiraattu dha. Almaaz barumsaa isheettiin cimtuu kan
taatee fi mana barumsichaattis barattuu badhaafamtuu dha. Haata’u malee sababa dhiibbaa maatii
isheetiin otuu hin barbaadiin barumsaa ishee addaan kutuundhaan ga’eessa umrii waggaa 40 naannoo
dhuma sana jiraattutti akka herumtu taasifamte. Almaaz wagguma itti heermtette ulfuufte.
Gaaffii 1. Almaazi rakkoo gosa akkamitti muudate?
Gaaffii 2. Almaaz maaliif rakkoo gosa akkasiitiif saaxilamtee?
Gaaffii 3. Carraan Almaaz maal ta’uu danda’aa?
 Gaffiiwwan seenaa keessatti ka’aan irratti akka mari’atan taasisaa
 Gochichaaf daqiiqaa 5 kennuun akka mari’atan taasisaa.
 Yaadota leenjifamtootaan kan filiip chaartii irratti barreessuun akka mari’atan taasisaa.
 Kanatti aansuun akkaataa yaadannoo leenjisaa 4.4 irra jiruun mata duricha xummuuraa.
Yaadannoo Haala Mijeessaa 4.4
Yaada xumuraa kana irratti leenjifamtootni mana barumsaa fi naannoo mana barumsaatti argaman
gochoota barmaatiilee miidhaa dhaqabssan hubatanii gochootni kun fayyaa wolhormaata baratootaa
irratti dhiibbaa isaan qaban ilaalchisee hubannoo gahaa akka qabaatan taasisuun barbaachisaa dha. Biyya
keenya keessatti gochoowwan barmaatiilee baratamnii fi bal’innaan miidhaa dhaqabsiisaaa jiran keessaa
fuudhaa fi heerumaa umrii malee, kittaanu dubartootaa, buttaa, sooraata dhorkuu, aggaachaa saalaa
miidhaa qaamaa fi rukuttaa kan dabalatuu dha.
Kaayyoo Dandeessisaa 5:- Leenjifamtootini naannoo mana brumsaatti amaloota rakkoo fayyaa
wolhormaataatiif saaxiloo ta’an adda baasanii ni ibsu
Gocha 1: Marii garee
Yeroo Daqiiqaa 25
Tartiiba
 Hirmaattoota garee lamatti “A” fi “B” jechuun qoodaa
 Gareen “A” amaloota saaxiloo ta’an akka tarreessan taasisaa
 Gareen “B” rakkoolee fayyaa wol hormaataa naannoo mana barumsaatti qunnamuu danda’an akka
tarreessan taassaa
 Tokkoon tokkoo gareef daqiiqaa shan kennuun erga mari’atanii booda akka dhiheessan taasisaa
 Qabxiiwwan ijoo marii irratti ka’aan filip chaartti irratti barreessaa,
 Itti aanssuun haaluma yaadannoo leenjisaa armaa gadii irratti dhihaateen mata duricha xumura

25
Gocha 2. Seenaa nama dhuunfaa
Tartiiba
 Qajeelffama leenjifamtootaa fuula 30 akka banana taasisaa
 Hirmaattoota keessaa nama fedhii qabu tokko filadhaa
 Seenaa Yaamroot kan fuulaa kitaabichaa irra jiru akka dubbisu taasisaa
Seenaa nama dhuunfaa
Yaamroot barattuu umrii waggaa 15 ti. Yaamroot barumsa isheetiin cimtuu waan taateef kutaa torba irra
garaa saddeetiitti yammu dabartu qabxii olaanaan ture. Guyyaa sana Yaamrootiif hiriyyoon ishee
gammachu kana kabajuuf qophii bashanaa (Paartii) salphaa qopheessanii turan. Qophiin kun naannoo
mana jireenya isaanii irraa akka fagaatuu fi too’aannaa fi agartaa maatii irraa akka doqatu yaadanii iddoo
bashannanaa naannoo jireenyaa isaanii irraa fagaatutti deeman. Yaamrootiif hiriyyooni ishee haaluma
affeerraa hiriyyota isaanii dhirootaan dhihaateetiin bashannanuuf dhugaatii alkoolii dhuguu jalqaban.
Yaamroot armaan dura dhugaatii alkoolii dhugdee waan hin beekneef haala salphaatti of too’achuu
dadhabdee turte. Sabaaba kanaan isaan marttuu dhugaatii hammaa yaadanii ol dhuguu isaaniitiin karoora
isaanii irraanfatanii taphachaa oolanii achuma bulan. Yaamroot ganama yeroo damaqxu kutaa hinbeekne
tooko keessatti kophaa raftee of argite. Yeroo sanatti yaamroot maal akka umame yaadachuu hin
dandeenye turte. Yaamroot cinqii fi sodaan gara mana isheetti deebite. Turtii torbaan muraasaatiin booda
Yaamroot dhukkubbiin hin beekkamne itti dhaga’aamuu jalqabe. Yaamroot osoo hinbeekiin ulfooftee
jirtti. Ulfaa’u ishii kan beekte marsaan laguu ishii yeroo dheeraaf waan hafeefiidha. Akkuma yeroo
dabalaa adeemeen garaan Yaamroot guddachaa waan dhufeef barumsaa fi maatii ishii irraa fagaattee
garaa adaadaa ishii baaddiyaa jirtuutti deemte.
 Hirmaattooni seenaa nama dhuunfaa dhihaateef irratti yaada qaban kaasanii akka mari’atan taasisaa.
 Qabxiiwwanii fi yaadoota ka’aan filiip chaartii irratti barreessaa
 Itti aansuun haalaa yaadannoo leenjisaa 4.5 armaa gadiitti jiruun mataa duricha xumura.

Yaadannoo Leenjisaa 4.5


Yaada Guduunfaa
Mana barumsaatti barattooni sababa amalaa fi amaleeffannaa fayyaa qabeessa hintaaneen rakkoowwaan
fayyaa wol hormaataa adda addaaf saaxilamoo akka ta’uu danda’aan beeksisuun barbaachisaa dha.
Amalooni fayyaqabeesa hintaane kunniin.
 Wantoota araada nama qabsiisan fayyadamuu (Alkoolii, Jimaa, sigaaraa...)
 Wal qunnamtii saalaa gaa’elaan dura raawwachuu
 Nama tokkoo ol waliin wal qunamtii saalaa raawwachuu
 Bareeffama, fakkiiwaanii fi fiilimii waa’ee wal qunamtii saalaa agarsiisan dubbisuu fi ilaaluu
 Wal qunnamtii saalaa ofeeggannoo hin qabne gaggeessuu
 Qunnamtii saalaa gochuuf yaaluu
 Umiriin alaa faayidaaf jecha wal qunnamtii saalaa raawwachuu

26
Kaayyoo Dandeessisaa 6:- Barattootni rakkowwan ijoo fayyaa wol hormaataa dagaagsanii fi eeguu
dandeechisaan manaa barumsaa keessatti raawwatamuu qaban adda ni baasu
Gocha 1. Marii Garee
Yeroo Daqiiqaa 25
Tartiiba
 Leenjifamtoota bakka sadiitti qooduun gaafiiwaan itti aananii irratti akka mari’ataan taasiisaa
 Gaafiwwaan marii fuula 30 irra jiran leenjifamtoota gaafadhaa
Gaafiwwaan Marii
 Odeeffannoo fayyaa wol hormaataa barattootaaf kenniinu ilaalchisee of eeggannoo cimaa taasiisuun
maaliif barbaachisa?
 Tajaajila fayyaa wol hormaataa baratootaaf dhiyyeessuun maaliif barbaachisa?
 Odeeffanoo fi tajaajiloon fayyaa wol hormaataa man barumsaa keessatti kennamuu maal
fakkaachuu qabu?

 Gareewwan deebii isaanii filiip chaartii irratti barreessanii akka dheessan taasisaa.
 Hojiiwwan garee dhihaatan iratti marii waliigalaa akka dhiheessan taasiisaa.
 Itti aansuun haalaa yaadannoo leenjisaa 4.6 armaa gadiitti jiruun mataa duricha xumura
Yaadannoo Leenjisaa 4.6
Maaliif nu yaaddessa?
Barattootni mana barumsaatti argaman garaargarummaa umrii waan qabaniif akkaataa umrii isaaniitti
odeeffannoo sirrii ta’e madda sirrii ta’e irraa akkaataa umrii isaaniitiif ta’uun kennuun barbaachisaa dha.
Dabalataanis odeeffannoo fi barnootni mata duree wal hormaataa irratti kennamu imaamata barnootaa
waliin kan wal simu ta’uu isaa hubachuun barbaachisaa dha.
Haaluma Kanaan
Mana barumsa qophii duraa
Barattooni tuttuqaa nafa saala barbaachisaa hintaane adda baasanii akka beekan taasisuun barbaachisaa
dha. Barattooni nafa saala wal hohormaata isaanii namni biraa /hiriyoota isaaniitiin tuqamuu akka
hinqabne beekuu isaan barbaachisa.
Dabalataanis tuttuqaan kan raawwate /yaalame yoota’e battalumatti maatii, guddistoota ykn barsiistota
isaanii beeksisuu akka qaban deeggaruu, agarsiisuu fi beeksisuun ni barbaachisa. Barsiisoni keessattu
mana barumsa qophaa’ina duraa keessatti barsiisan hubannoo waa’ee wal hormaataa irratti akka argatan
gochuuf barattootni dhiheessi meeshaalee taphaa barbaachisoo fi sirrii ta’aan kan wal qixummaa sirna
koorniyaa giddugal godhatee dhiheessuun barbaachisaa dha.
Barsiisoni seenaa, oduu durii fi jechoota adda addaa qopheesuun yeroo barattoota barsiisan walqixummaa
sirna koorniyaa giddu galeessa godhachuu isaa mirkaneeffachuu qabu.
Barattoota mana barumsa sadrkaa jalqabaatif
 Qaama wal hormaata isaaniitiif akkuma qama isaanii birootti beekamtii qixa ta’e kennuu akka
qaban taasisuu
 Waa’ee marsaa laguu fi yeroo marsaan laguu gochootaa fi ofe eegganoo barbaachisu akka
beekan taasisuu
 Jijjiirama yeroo dardarummaa uumamuu danda’an beeksisuu.
 Amaloota rakkoowan fayyaa wal hormaataa uumamuu danda’aniif kan saaxilan beeksisuu
 Waa’ee sirna koorniyaa fi qoccoluu saalaa ilaalchisee hubannoo cimsuu
 Wal quunamtii saalaa irraa akka of ittisan barsiisuun kan barbaachisu yoo ta’u kondomii fi
maloota karoora maatii ilaalchisee mana barumsa keessatti tajaaili dhiyaachuu hinqabu.
Tajaajilaoota ijoo fayyaa wal hormaataa manneen barumsaa keessatti kennamu

27
 Tajaajila gorsaa (Cunseling)
 Tajaajila calallii fi hordoffii wal’aansaa kennuu
 Tajaajila talaallii (HPV) cawwii afaan gadameessaa ittisu kennuu
 Tajaajila walitti hidhamiinsaa kennuu
 Dhukkooboota waqtii marsaa laguu quunnamaniif qorannoo gochuun wal’aansa gennuu

Kutaa Shan: Tajaajila Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS fi Dhibee Nafa saalaa


Yeroo Sa’aa 2
Kaayyoo Dandeesisaa 1: Barattootni mana barumsaa fi naannoo isaaniitti dhimmootaa fi amaloota
dhibeewwa HIV/AIDS fi nafa saalaatiif nama saaxilu danda’an ni hubatu.
Kaayyoo Dandeesisaa 2: Barattootni mana barumsaa fi naannoo isaaniitti hojiiwwan HIV/AIDS fi
dhibee naf saalaa ittisan, tajaajila yaalaa fi kunuunsaa adda ni baasuu
Kaayyoo Dandeesisaa 3: Adda baasuu fi loogii dhibeewwan HIV/AIDS fi nafa saalaa waliin walqabatee
barattoota irra ga’u hubachuu fi ittisuu..
Kaayyoo Dandeesisaa 1: Barattootni mana barumsaa fi naannoo isaaniitti dhimmootaa fi amaloota
dhibeewwa HIV/AIDS fi nafa saalaatiif nama saaxilu danda’an ni hubatu.
Gocha 1: - Gaaffii fi deebii seenaa yaada irratti hundaa’e
Yeroo Daqiiqaa 20
Tartiiba
 Hirmaattota keessaa fedhiin nam tokko filadhaa
 Seenaa Abbabaa fuula 33 irra jiru akka dubbifamu taasisaa
Seenaa Yaadaa
Ababaan barataa kutaa 3 fi umuriin waggaa 10 ti. Eessumni Ababaa baadiyyaa irraa dhufee mana maatii
Ababaafaa taa’uun hospitaatatti hordofamaa turani. Ababaanis eesuma isaa argachuu isaatiin baay’ee
gammaduu irraa kan ka’e kutaa eessumni isaa ciisan seenuun meeshaalee isaanii adda addaa ni tuttuqa ture.
Guyyaa tokko bakka eesumni isaa hospital deemetti kutaa isaa seenuun meeshaa isaan areeda isaanii ittiin
haaddatan akka isaan godhan gochuun “gaafan guddadhe anis areeda kiyya akka godha jedhee yemmuu
shaakalu haaduun areeda isaa muree akka dhiigu nitaasise”
Gaaffiilee marii
 Seenessuu irraa maal hubatani?
 Ababaan rakkoo faayyaa tiif akka saaxilamuu kan taasisu maali?
 Ababaan rakkoo faayyaa kamiif kan saaxilamu isinitti fakaata?
 Seenessuu kanaan alatti dhimmootaa fi amaloota dhibee HIV/AIDSiif barattoota saaxilu tarreessaa?
 Saaxilamummaa hir’isuuf maal gochuu qabna?
 Hirmaatoom seenaa nama dhuunfaa dhihaateef iratti yaada qaban kaasanii akka hirmaatan taasisaa
 Erga dubbisaani bood gaafiilee seenicha irratti hundaa’nii qopha’an tokko tokkoon kaasuun
leenjifamtoon akka hirmaatan taasiisaa
 Dhuma irratti qaphixiiwwan ijoo marii haalaa yaadannoo leenjisaa 5.1n mataa duricha xumura.

Yaadanoo Haala mijeessaa 5.1

28
Baratoon dhimmootaa fi amaloota HIV/AIDSi fi dhkkuba nafsaalaaf isaan saaxilu akka hubataniif
ofeegganno akka godhan ergaa dabarsuun barbaachisaadha. Dhimmootaa fi amaloota ijoo dhibee HIVf
saaxilan.
 Meeshaalee qara qabanii fi qulqullinii isaanii hin eggamne wlwajiin fayyadamuu
 Umrii xiqaan qunnamtii saala jalqabuu
 Wal qunnamtii saalaa ofeegganoo hinqabne raawwachuu
 Dhiibba hiriyyaa rakoof saaxilu
 Dhugaati alkoolii, jimaa, shisha fi Hashiishii fayyadamuu
 Fiilmii walqunnamtii saalaa agarsiisan karaa garaagaraatiin gadi dhiifaman ilaaluu
 Barrmaatiilee miidha garsiisan (fuudhaa fi heeruma umrii malee, Butta dhagna qabaa dhubartii
 Odeeffannoo fi tajaajila sirri ta’e argachuu dhabuu
 Qunnamtii saalaa gochuuf yaalii taasisuu

Kaayyoo Dandeessisaa 2: - Leenjitoon mana barumsaa fi naanno issaniitti tajaajilotta ittisaa,


yaalaa fi kunuunsa dhibee HIV/AIDS fi nafa saalaa raawatamuu qaban adda nibaasu.
Gocha 1 Marii garee
Yeroo Daqiiqaa 30
Tartiiba
 Hirmaattota garee sadiitti qoodaa.
 Gaaffiiwan qajeelfama leenjisaa fuula 34 irra jiru gareewwaniif kennaa

Gaaffiiwwan marii
Garee 1
A. Baratoota sadarkaa qophaa’insa duraa, saaykilii tokkoffaa fi lammaffaa keessatti argaman keessaa
haala kamiin jirantu gorsaa fi qorannoo HIV/AIDS isaan barbaachisa jettanii yaadduu?
B. Faayidaa fi bu’aa gorsaa fi qorannoon HIV/AIDS baratoota kanaaf qabu tarreessaa
Garee 2
A. Baratoota HIVn dhiiga isaanii keessatti argamuuf tajaajilli yaalaa, deeggarsaa fi kunuunsi isaan
barbaachisu maalfa?
B. Baratootni dhukkuba HIV/AIDS fi nafa saalaa ittisuuf tarkaanfii fi of eeggannoo akkamii gochuu
qabu?
Garee 3
A. Barattoota sadarkaa qophaa’insa duraa, saaykilii tokkoffaa fi lammaffaa keessa jiran haala kamiin
dhibee HIV/AIDS fi nafa saalaatiif saaxilamuu danda’uu?
B. Barattoota infakshiniin HIV fi nafa saalaa tiif saalaman tajaajili yaalaa jiru maalfaa?

Yaadannoo Leenjisaa 5.2

29
Faayidaalee Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Dhiigaa HIV/AIDS
 Namoonni dhiigni isaanii qoratamee vaayirasiin keessatti hin argamne caalmaatti of eeggannoo
akka taasisanii fi jireenya vaayireesicha irraa bilisa ta’e akka jiraatan isaan dandeessisa.
 Amaloota HIVf nama saaxilan adda baasanii beekuun jijjiirama amalaa itti fufiinsa qabu fiduu.
 Vaaayrasiin HIV haadha irraa yeroo ulfaa fi harma oosiftu gara daa’imaatti akka hindabarre hojii
ittisuu hojjachuuf.
 Tajaajila yaalaa fi hordoffii Vaayireesii HIV/AIDs fi dhibee nafsaall kennuuf garagaara.
 Namoota deeggarsa barbaadaniif haala mijeessuuf gargaara.
 Addabaasuu, loogii fi qollofannaa dhukkubsattoota HIV/AIDS fi nafa saalaa irra ga’u hirrisuuf.

Eenyutu qoratamuu qaba?


 Namoota hin qoratamnee fi kan mallattoon dhibee vaayireesii AIDS fakkaatu irratti mul’atu.
 Barattoota sababa HIV/AIDS tiin maatii isaanii dhaban.
Yaadannoo:
 Daaimman qrannoo HIV/AIDS otuu hin taasisiin dura maatii isaanii/guddistoota isaanii waliin
mar’achuun fi heeyyama argachhun barbaachisaa dha.
 Kaayyoon qorannoo fi tajaajila gorsaa HIV/AIDS inni guddaan namoota vaayireesichi dhiiga
isaanii keesatti argame adda baasanii tajaajila yaalaa kennuu fi ykn. ol’erguun tajaajilicha akka
argatan taasisuufi. Dabalataanis wal’aansa jalqabuu fi seeraan hordofaa jiraachuu isaanii duka
bu’uun barbaachisaa dha.
Barattootni qoricha yaala farra HIV fudhataa jiran yoo jiraatan qoricha isaanii seeraan akka
fudhatan (Treatment adherence) deeggarsa taasisuun ni barbaachisa.
 Hudhaawwan itti fayyadama qoricha farra HIV daa’immani kan ga’eessotaan waliin kan wal
fakkaatu ta’us rakkoowwan da’aamanii fi dargaggooni qoricha seeraan akka hinfudhane taasisan
akka armaan gadiitti ni ibsamu.
o Daa’imman maatii isaanii dhaban biratti qoricha farra HIV/AIDS fi kunuunsa yaalaa
seeraan fayadamuu irratti baayyee rakkisaa isa taasisa.
o Daa’imman dirqiin gudeedamanii fi balaa birootiin HIV/AIDS qabamuu waan
danda’aniif carraa qabamuu isaanii xiqqeessuuf tajaajilli wal’aansaa (Post exposure
profphylaxsis/PEP) jiraacuu isaa hubachuu fi akka fayadaman taasisuu.
o Daa’imman umurii dargaggummaa keessa jiran guddina isaaniitiin wal qabatee miira
uumamuu danda’u fi sababa jijjiirama xiin sammuutiin seeraan wal’aansa hordofuu
rakkisaa taasisa.
o Daa’imman vaayireesiin HIV/AIDS dhiiga isaanii keessatti argame qoricha farra
HIV/AIDS jalqabuu qabu.
Baratootni dhibee hiv/aids fi dhukkuboota nafa saalaa ittisuuf of eeggannoo gochuu qaban: -
 Meeshaalee qara qabanii fi dhangala’oo qama wajjin walitti dhufeenya qaban waliin
fayyadamuu dhiisuu (Haadu, Lilmee, Rigaa ilkaanii/ biruushii, qortuu qeensaa...)
 Amaloota saaxiloo ta’aan kamiyyuu irraa of qabuu.

Kaayyoo Dandeessisaa 3: - HIV/AIDSii fi dhukkuboota naf saalaan waliin wal qabatee qollifannaa fi
loogiin xiinsammuu barattotarra irra gahuu danda’u hubachuu fi ittisuu.
Gocha 1: -Gaaffii, Deebii fi Marii Waliinii
Yeroo: - Daqiiqaa 40

30
Tartiiba
 Leenjitootni waraqaa lama akka qopheessan taasisaa
 Akkaataa gaaffiiwwan fuula 36 irratti argamaniif deebii akka qopheessan taasisa
 Waraqaa qopheessan irratti deebii isaanii akka barreessan taasisi
 Mata duree gaaffiiwwan tokkoof lamaa barreessuun gidaara irratti hamaxansan (1. Haalawwan loogii
fi qollifannaan ittiin ibsaman 2. Rakkoo sababoota loogii fi qollifanaan dhufuu danada’u)
 Deebii leenjifamtootni qopheessan mata duree qophaa’e jalatti akka maxansan taasisaa.
 Leenjifamtootni waliin ta’uun dura deebii lakkoofsa tokkoffaa itti aansuun deebii lakkoofsa
lammaffaa akka ilaalanii fi irratti mari’atan taasisaa
 Haala yaadachiisa haala mijeessaa 5.3 irra taa’een mata duricha xumuri
Gaaffilee marii
1. Haalawwan loogii fi qollifannaa ittiin ibsaman
2. Rakkoo sababoota loogii fi qollifanaan dhufuu danada’u

Yaadannoo Leenjisaa 5.3


Barattootni mana barumsaa jiran keessaa kan HIVn dhiiga isanii keessati argamu jireenya hawaasummaa
isaanii barumsaan walqabate jiru (fkn. waliin hoji manaa hojjechuu, taphachuu, qo’achuu, fi kanneen biro
beekaniis ta’ee osoo hin beekiin loogii fi qollifannaan isaan irri gahuu ni danda’a. Hojiiwwan akkanaa kun
barattoota irratti dhiibba hangana hin jedhamne kan sirrii hin taane geessisuu waan danda’aniif adda
baasuun dhabamsiisuun murteessaa dha.
Gosoota loogii fi qollifannaa
Hambisuu/Avoidance:- Namootni hawaasummaa, dhimma amantaa fi maallaqa horachuu waliin
walqabatee walitti dhufeenya hawaasummaakan akka nagaya walgaafachuu, mana keessa waliin jiraachuu
fi kkf dhisuu/barbaaduu dhiisuu /hambisuu dhabamsiisuu jechuudha.
Adda baasuu/Qophaatti dhiisuu/isolation/: -Namoota sababa HIVn walqabateen maatii isaanii fi haawasa
irraa adda bahanii qophaa akka jiraatan taasisuu.
Balleesitoota jedhanii quba itti qabuu/farrajuu/Moral judgment/;-ofii isaanii akka gaariitii fi sirrii
jedhanii fudhachuun lammiilee HIViin dhiiga isaanii keessa jiru akka sirna-maleessa, cubbamtootaa fi
addabbiin isaan barbaachisutti farrajuu.
Qollifannaa/stigma/: - ilaalchaa fi mmiira namootaaf qaban sirrii kan hintaane maqaa ykn mallattoo addaa
itti kennuun kabaja namummaa isaanii tuquun mirri gadi aantummaa akka itti dhagahamuu taasisuu fi
namoota kaan irraa adda bahanii akka ilaalaman taasisu. Kunis ilaalcha namoonni saba, bifa, haala qaamaa,
koorniyaa, haala fayyaa, ogummaa fi amantaa ...kkf bu’uura godhachuun kan ibsamuu dha.
Ofiif of qollifachuu /self stigma/: - jechuun namooni sababa bifaa, umrii, hawaasummaa, haala qaamaa,
koorniyaa, haala fayyaa, ogummaa fi amantaa tiin walqabatee hawaasni adda baasee na ilala jechuun mira fi
ilaalcha of irratti uumanii dha.
Loogii/Discrimination/: - jechuun namoonni saba, bifa, haala qaamaa, koorniyaa, haala fayyaa, ogummaa,
amantaa fi qabeenya kkf giddugaleessa godhachuun tajaajilooni walgitiinsa hinqabne kan kennamuuf ykn
waan isaaniif malu akka hin argane garaagarummaa uumuun dhiibbaan isaan irra gahee namoota biro waliin
qixa kan hin ilaalamne yoo tahee dha.
Miidhaa loogii fi qollifannaan: -
 Qor-qalbiin miidhamuu (yaada’uu, golgolaa’u (sammuu cabanii) taa’u fi kan biro)
 Miira haaloo bahuu itti dhagahamuu
 Bu’aa barumsaa gadi aanaa ta’e galmeessuu
 Miidhaan hawaasumaa uumuu

31
Kutaa Jaha: Haayijinii fi Eegumsa fayyaa naannoo Mannneen Barnootaa
(Saa’aa 4)
Kaayyolee Dandeessisaa
1. Leenjitootni manneen barnootaatti haala qabiinsa fi itti fayyadamaa mana fincaanii ni ibsu
2. Leenjitootni manneen barnootaatti haala qabiinsa fi maqsa balfa goggaa fi dhangala’aa ni ibsu
3. Leenjitootni Mana barumsaa keessatti haala qabiinsa qulqullina nyaataa fi bishaan dhugaatii ni
tarreessu
4. Leenjitootni manneen barnootaa keessatti haala qulqullinni dhuunfaa itti eeggamu gochaan ni
agarsiisu
5. Leenjitootni mana barumsaa keessatti haala qabiinsa qulqullina mooraa mana barumsaa keessaa fi
daree itti baratanii ni ibsu
Kaayyoo Dandeessisaa 1. Leenjitootni manneen barnootaatti haala qabiinsa fi itti fayyadamaa
mana fincaanii ni ibsu
Yeroo: - Daqiiqaa 50
Gocha 1:- Marii Garee
Yeroo:- Daqiiqaa 40
Tartiiba Gochaa 1 Leenjitoota garee lamatti qoodaa
Tartiiba Gochaa 2 Gareen hundi mariisisaa fi barreessaa akka filatan taasisaa
Tartiiba Gochaa 3 Seenaa gaditti barreeffame dubbisuun akkadeebii kennan taasisaa
Tartiiba Gochaa 4 Waan irratti mari’atan filiippi chaartiin akka leenjitotaaf dhiyeesan taasisuun marii
irratti gaggeessaa.
Tartiiba Gochaa 5 Yaadannoo haala mijeessa 6.1 fi muuxannoo marii irraa argame dhiyeessuun gochicha
xumuraa.
Seenaa Dhuunfaa
Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Beezaatti barattoonni dhiiraa 850 fi dubraa 584 barataa jiru.
Manni barumsichaa mana fincaanii bilookii tokkoo kutaa afurii lama kan dhiiraa fi lama immoo
dubraa kan qabu yoo ta’u sababa kanaan barattoonni yeroo hunda qaawwa mana fincaaniitiin
ala,keessa isaa boollaan alattii fi naannawa mana fincaanii jalatti udaanu. Udaaniifuu mana fincaanii
seenuun hin danda’amu. Yeroo ammaa hawaasni naannoo sanaa sababa ajaa mana fincaanichaatiif
mana keessa taa’uu dadhabuu, tiisisni baay’achuun dhibee daddarboo karaa udaaniin dhufaniif
saaxilamneerra jechuun hojjettuu ekisteenshinii fayyaa Aadde Atsedeetti iyyataniiru.Kanarraa
ka’uun Aadde Atsedeen daarektara mana barumsaa waliin yeroo adda addaa deddeebia’anii
mari’atanis furmaanni tokko hin argamne. Isin osoo Aadde Atsedee taatanii furmaata akkamii
kennitu?

Yaadannoo Leenjisaa 6.1.


Rakkoolee mana barumsa sadarkaa tokkoffaa Beezaa
 Manni fincaanii dhiiraa fi dubraa bilookii tokko ta’uu
 Reeshoon mana fincaanii dubraaf 1:292 fi Dhiiraaf 1:425 ta’uu
 Barattoonni boolla mana fincaaniitiin ala, afaala (floor) fi ala naannawa gidaara mana fincaaniitti
udaanaa jiraachuu
 Hawaasni naannoo sanaa sababa mana fincaanichaaf dhibee udaan irraa karaa tiisisaan namatti
dhufaniif saaxilamanii jiraachuu
Rakkoolee kanneen furuuf wantoota armaan gadii raawwachuun barbaachisa.
Hawaasa mana baruumsaaf haala qabiinsaa fi itti fayyadama mana fincaanii irratti hubannoo uumuu

32
 Manni fincaaanii yeroo yeroon akka qulqullaa’u hawaasa mana baruumsaa waliin marii gaggeessuun
tooftaalee guyyaa guyyaan itti qulqulla’uu danda’u uumuu.
 Gumii haayijinii fi eegumsa naannoo gurmeessuun haala qulqullina mana fincaanii akka hordofanii fi
rakkooleef akka furmaata laataan dandeessisuu.
 Manni fincaanii reeshoo akka biyyaatti kaa’ameen akka guutamuu danda’uu haala mijeessuu fi
furmaata isaa irratti hawaasa naannawa waliin mari’achuun furmaata kaa’uu.

Gocha 2:- Gochaan Agarsiisuu


Yeroo:- Daqiiqaa 10
Tartiiba Gochaa 1 Naannoo sanitti islaabiin (slab) yoo jiraate gara daree leenjiitti akka isinii dhufu
taasisaa. Yoo hin jiraanne ta’e fakkii islaabii haala armaan gadiitiin leenjii osoo hin jalqabin dura filiippi
chaartii irratti qopheessaa.

Tartiiba Gochaa 2 Leenjitoota keessaa fedhiin namoonni sadi leenjitoota duratti akka bahan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 3 Dabaree dabareen akkamitti akka islaabichatti sirnaan fayyadamuun danda’amu haa
agarsiisan.
Tartiiba Gochaa 4 Agarsiisa taasifame irratti hirmaattonni gaafii gaafachuun akka mari’atan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 5 Yaadannoo haala mijeessaa 6.2 fayyadamuunii fi yaada marii keessatti ka’e
bu’ureeffachuun gochicha xumuraa.

Yaadannoo Haala mijeessaa 6.2


 Itti fayadama mana fincaanii irratti hawaasa mana barumsaatiif hubannoo uumuu
 Manni fincaaanii yeroo yeroon akka qulqullaa’u hawaasa mana baruumsaa waliin marii
gaggeessuun tooftaalee guyyaa guyyaan itti qulqulla’uu danda’u uumuu.
 Gumii haayijinii fi eegumsa naannoo gurmeessuun haala qulqullina mana fincaanii akka
hordofanii fi rakkooleef akka furmaata laataan dandeessisuu
 Manni fincaanii reeshoo akka biyyaatti kaa’ameen akka guutamuu danda’uu haala mijeessuu
( istaandaardiin biyya keenyaa teessumni qaawwa boolla fincaanii 1 iddoo dhaabbiin fincaa’uu
dhiiraa tokko wajjiin barattoota dhiiraa 150’f akkasumas qaawwi boolla fincaanii 1 barattoota
dubaraa 100’f ta’uu qaba). Istaandaardii sadarkaa addunyaatti kaa’ameen wal-bira yoo qabamu
garuu gahaa miti.
 Raadiyesiin qaawwa boolla fincaanii seentimeetirii 20-30 kan hin caalle ta’uu qaba.
 Bilookiin mana fincaanii barattoota shamarranii fi dhiiraa adda adda ta’uu qaba.
 Manni fincaanii dubartootaa yoo ijaaramu bakka qulqullina marsaa laguu itti eeggatan qabaachuu
kan qabu ta’ee kan duraan ijaarames sirrachuu qaba.
 Manni fincaanii yeroo ijaaramu qaama miidhamtootaaf mijataa ta’uu qaba, kan duraan ijaarames hawaasa
mana barumsaa waliin ta’uun akka sirreeffamu haala mijeessuu barbaachisa.
 Mana fincaanii biratti bakki harka dhiqannaa baay’ina barattootaa giddugaleessa godhate qophaa’uu
qaba.

33
Kaayyoowwan Dandeessisaa 2. Leenjitootni manneen barnootaatti haala qabiinsa fi maqsa balfa
goggaa fi dhangala’aa ni ibsu
Yeroo: - Daqiiqaa 45
Gocha 1:- Gaaffii fi Deebii
Gaaffiiwwan armaan gadii hirmaattota gaafachuun filiippi chaartii irratti barreessaa.
Gaaffiiwwan
1. Maddaa fi gosa balfa goggogaa mana barumsaa keessati baay’inaan argamanii fi miidhaa fayyaa
barattootaa irraan gahuu danda’u ibsaa.
2. Balfa goggogaa sadarkaa mana barumsaatti akkamitti sirnaan maqsuun akka danda’amu ibsaa
3. Madda balfa dhangala’oon mana barumsaa keessati baay’inaan argaman tarreessuun miidhaa
fayyaa barattoota irraan gahuu danda’u ibsaa.
4. Balfa dhangala’oo sadarkaa mana barumsaatti akkamitti sirnaan maqsuun akka danda’amu ibsaa

Yaadannoo haala mijeessaa 6.3


Gosa balfa goggogaa mana barumsaa keessaa bahuu fi haala maqsa isaa
 Balfi goggogaan mana barumsaa keessaa maddu baay’inaan waraqaalee ta’anis barattootni
tajaajila adda addaa fi ittiin taphachuuf qabatan kan akka siriinjii, dhagaa baatirii tajaajilaan ala
ta’an, qodaa dibataa fi keemikaalli adda addaa ittiin qabatamanii fi kkf ‘n rakkoo fayyaa hamaa
fiduu danda’u.
 Balfi goggogaan bakka mijataa wal-hormaata ilbiisota dhibee daddabarsanii ta’uu danda’a.
Ilbiisonni kanneen akka bararoo, titiisa, ilbiisotaa fi bookeewwan adda addaa balfa kanarrati
wal horuun fayyaa barattootaa irratti miidhaa guddaa fiduu danda’u.
 Balfa goggogaa mana barumsaa keessaa maddu sirnaan walitti qabuun kuusuu fi boolla dhimma
kanaaf qophaa’etti gatuu
 Balfa goggogaa mana barumsaa keessatti walitti qabame kan gubachuu danda’u insinereetara/
boolla keessatti gubuu ykn mana qopheessaatiin akka kaafamu kanneen bosbosan kompoostiif
akka galteetti fayyadamuun ni danda’ama.
Gosa balfa dhangala’aa mana barumsaa keessaa bahuu fi haala maqsa isaa
 Maddi xurii dhangala’aa mana barumsaa;- bakka bishaan dhugaatii, mana fincaanii, bakka
huccuu itti miiccan, bakka fuulaa fi qaama itti dhiqatan, ujummoo lolaan keessa darbu, bakka
nyaata itti qoheessanii fi nyaatan ta’uu danda’a.
 Xuriin dhangala’oon sadarkaa mana barumsaatti mooraa mana barumsaa ittiin miidhagsuuf,
kuduraa fi muduraa oomishuun agarsiisaaf fayyadamuun kan dand’amu yoo ta’u, kana
gochuun yoo hin danda’amne garuu boolla balfa dhangala’aan itti maqsamuu fi kuusaa
dhangala’oo mana fincaanii (septic thank) waliin wal-qabsiisuun sirnaan maqsuun ni
danda’ama.
 Ujummoo xurii dhangala’aa maqsuuf gargaaru yeroo yeroon hordofuun yoo dude/cabe akka
suphamu haala mijeessuun barbaachisaa dha.

34
Kaayyoo Dandeessisaa 3. Leenjitootni mana barumsaa keessatti haala qabiinsa nyaataa fi bishaan
dhugaatii ni tarreessu.
Yeroo:- Daqiiqaa 50
Gocha 1:- Hojii garee
Tartiiba Gochaa 1 Leenjitoota garee afuritti qooduun tokkoon tokkoon garee mariisisaa fi barreessaa
akka filatan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 2 Seenaa armaan gadii bu’ureeffachuun gareen 1 fi 2 seenaa obbo Ayyalaa dubbisuun
gaaffii gafatameef deebii haa kennan. Gareen 3 fi 4 gaaffiiwwan bishaaniin wal-qabatan irratti akka
mari’atan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 3 Tokkoon tokkoo garee waan irratti mari’atan filiippi chaartiin akka dhiyeessan
taasisuun mariin waliigalaa irratti haa taasifamu.
Tartiiba Gochaa 4 Yaadannoo haala mijeessaa fi deebii sirrii marii irratti ka’an fayyadamuun mariicha
xumuraa.
Seenaa dhuunfaa
Obbo Ayalaan Barsiisaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Beezaa yoo ta’u ijoolleen isaa lama
Abeelii fi Darajjeen mana barumsaa kanatti kutaa sadaffaa fi jahaffaa baratu.Abeelii fi Darajjeen
mana barumsichaatti barattoota ciccimoo jedhaman keessatti kan ramadamanii fi gumii mana
barumsichaa keessatti hirmaannaa hoo’aa kan taasisanii dha. Bara 2007 waggaa guutuu
qulqullina dhuunfaa isaanii waan eeggataniif ambaasaaddara qulqullinaa jedhamanii
badhaafamaniiru. Guyyaa tokko osoo barachaa jiranii Abeelii laaqana booda kutaa barnoota 7ffaa
irratti garaan isaa baay’ee waan dhukkubeef barumsa adda kutuun gara manaa deeme.Abbaan
isaas gara Buufata fayyaa isaanitti dhiyaatuutti geesse. Buufata fayyaatti erga yaalanii booda
dhibeen isaa nyaata faalame nyaachuu akka hin oolle itti himame. Abeeliis nyaata guyyicha
nyaate yaadachuu jalqabe, ganama ciree manatti akka nyaate, boqonnaarratti buskuuta dallaa
mana barumsaarran bitatee akka nyaatee fi hiriyoota isaa waliin mana shayiitii deemanii shaayii
dhuguu fi dhumarratti nyaata manaa qabatee bahe laaqana akka nyaate yaadate.

35
1. Seenaa dhuunfaa kanarraa ka’uun ka’umsi dhibee Abeelii maal ta’uu danda’a jettanii yaaddu?
Maaliif?
Dhukkubbii Abeeliif Sababoota deebii ta’uu danda’an
 Buskuuta yeroo boqonnaa karaa dallaa mana barumsaa bitatee nyaate ta’uu danda’a
 Haala qulqullinni isaa hin eegamneen nyaata isaa manaa qabatee bahe ta’uu danda’a
 Ciree ganama manatti yaate ta’uu danda’a
 Osoo harka hindhiqatin nyaateera ta’a
Yaadannoo haala mijeessaa 6.4
Mana barumsaa keessatti haala qabiinsa bishaanii fi nyaataa
Nyaatni karaalee adda addaatiin haala salphaan faalamuu ni danda’a. Isaanis kanneen armaan gadii
dabalachuu danda’a.
 Wantoota Fiizikaalaatiin (physical hazard):- sibiila, muka, hoo’aan, pilaastika, biyyoo,
hanqina qulqullina meeshaalee nyaanni ittiin qophaa’e/ittiin qabamu ta’uu danda’a. Tuttuqqii
harkaa hin barbaachifnee fi kkf’n faalamuu ni danda’a.
 Wantoota keemikaalaa /chemical hazard:-Saamunaa, oomoo, barakiinaa, farra ilbiisotaa,
farra aramaa fi keemikaalonni kanneen biroo faalama nyaataa ni qaqqabsiisuu.
 Jarmoota dhibee fidan/Microbiological:- Baakteeriyaa,Vaayirasii,fangasii fi raammolee
maxantuu ta’an
Haala Qabiinsa Qulqullina Nyaataa Manneen Barnootaa
 Meeshaalee nyaata itti qabatan ammaa amma banuu,tuttuquu ,harka osoo hin dhiqatiin tuquu
akka hin qabne barattoota hubachiisuu
 Nyaata iddoo qulqullinni isaa hin eeggamne irraa nyaachuu dhiisuu (nyaata karaa irratti
gurguraman,manneen shaayii fi nyaataa qulquullinni isaanii hin eegamnee fi kkf)
 Naannoo mana barumsaa fi mooraa mana barumsaa keessatti manneen nyaata itti qopheessan,
nyaatanii fi gurguran yeroo yeroon qulqullina isaanii akka eeganiif hojii hordoffii fi to’annoo
hojjachuu.
 Nyaata tajaajilaan ala ta’e haala salphaan akka adda baasnaiif hubannoo uumuu (fkf halluu
jijjiirachuu, foolii fi dhamdhamni jijjiiramuu…)
 Manni barumsaa nyaata barattootaaf ni dhiyeessa yoo ta’e, qulqullina bakka nyaanni itti
qophaa’uu, meeshaa nyaata itti nyaatanii fi bilcheessan yeroo yeroon hordofuun akkasumas
namoota nyaata qopheessanii fi nyaachisan qorannoo fayyaa akka taasisan haala mijeessuu.

Gaafii Marii Garee 3 fi 4


Gaafiiwwan Marii Haala qulqullinaa fi qabiinsa bishaaniitiin wal-qabatan
 Meeshaan mana barumsaa keessatti bishaan ittiin waraaban, ittiin geejjibanii fi itti kuusan gosa
akkamii ta’uu qabu?
 Bishaan madda qulqullinni isaa eegame irraa waraabamee dhufe sababa hanqina qulqullina
qabiinsaatiin akka hin faalamne maal gochuu qabna?
 Mana barumsaa keessatti burqaan hin gabbanne yoo jiraate hawaasni mana barumsaa maal
gochuu qaba jettanii yaaddu?
 Mana barumsaa keessatti barattoota 2000 ta’aniif ujummoon bantuu bishaanii (fooseetii) tokko qofa qabu
gahaadha jettanii yaaddu? Yoo ta’uu baate ujummoon bantuu bishaanii (fooseetii) meeqa qabutu barattoota
meeqaaf ta’uu qaba jettu?

36
Yaadannoo haala mijeessaa 6.5.
Mana Barumsaa Keessati Qulqullina Bishaanii Eeguu
 Bishaan harkaan tuttuquu dhiisuu
 Bishaan mana barumsaa keessa yoo jiraate meeshaa qulqulluun waraabnee fayyadamuu qabna. Yoo
hin jiraanne garuu bishaan meeshaa qulqulluu fi afaan dhiphaa ta’een manaa qabannee dhufuu qabna.
 Bishaan mana barumsaatti fayyadamnu madda qulqullinni isaa hin eegamne /hin gabbaanne irraa yoo
ta’e maloota jiraniin bishaanicha yaalanii fayyadamuu
 Meshaa bishaan itti dhugamuu fi kuusamu (roottoo fi “jarikaana”) yeroo yeroon qulqullina isaanii
too’achuu barbaachisa.
 Mana barumsaatti meeshaan ittiin bishaan dhugan hin jiru taanaan harka saamunaan sirritti dhiqatanii
harkaan dhuguu.
 Mana barumsaatti keessatti reeshoon ujummoo bantuu bishaanii (fooseetii) lakkoofsa barattoota mana
barumsaa keessa jiran waliin akkaataa istaandardiitiin akka ta’uuf haala mijeessuu (ujummoon bantuu
bishaanii (fooseetii) 1 barattoota 100’f ta’ee, dheerinni ujummoo bantuu bishaanii (fooseetii) lafarraa
seentimeetira 50-70 ta’uu qaba.

Kaayyoo Dandeessisaa 4. Leenjitootni haala eegumsa qulqullina dhuunfaa barattootaa gochaan ni


agarsiisu
Yeroo:- Daqiiqaa 50
Gocha 1:- Tapha (maal akka hojjetaa jiran tilmaamuu daqiiqaa 25)
Tartiiba Gochaa 1 Leenjitoota keessaa barattoota torba filadhaa.
Tartiiba Gochaa 2 Barattoota filaman kutaa leenjii keessaa alatti akka bahan taasisaa
Tartiiba Gochaa 3 Barattoota 7’n filatamaniif gosa eegumsa qulqullina dhuunfaa mallattoon
leenjitootatti akka agarsiisan taasisaa (harka dhiqannaa sirrrii ta’e, eegumsa qulqullinaafaanii, dhiqannaa
fuulaa, qeensa qorachuu, qaama dhiqachuu, uffata miicachuu, rifeensa mataa dhiqachuu fi filachuu)
Tartiiba Gochaa 4 Leenjitootni barattoonni 7’n gosa eegumsa qulqullina dhuunfaa dabaree dabareen
agarsiisan mala kam akka ta’ee fi dhiyeessiiwwan barbaachisan maal maal akka ta’an guca hordoffii
irratti guutuun akka mari’atan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 5 barattoonni torbanuu erga dhiyeessanii booda yaadannoo haala mijeessaa fi deebii
sirrii kenname bu’ureeffachuun xumuraa (daqiiqaa 10).

37
Guca Hordoffii
Lakk Yeroo gochaan agarsiisuu gosoota eegumsa qulqullina dhuunfaa Ibsameera / Hin ibsamne /
mul’achuu qaban mul’ateera hin mula’anne
1. Qulqullina Ilkaanii
Meeshaalee barbaachisan;-buruushii/rigaa ilkaanii, bishaan,
saamunaa ilkaanii
Yeroo qulqullina ilkaanii eegan/ rigatan haala sirrii ta’een
ibsamee (ilkaan gubbaa;-gubbaa gara gadiitti,ilkaan jalaa;- jalaa
gara gubbaatti ta’uu mirkaneessuu

2. Dhiqannaa Harkaa
Meeshaalee barbaachisan;-Bishaan,meeshaa harka itti dhiqatanii
fi saamunaa
Tartiibni yeroo harka dhiqannaa hordofamuu qabu hundi sirriitti
ibsameera.
3. Qeensa qorachuu;- Meeshaalee barbaachisan;- qortuu qeensaa
4. Qaama dhiqachuu:- Meeshaalee barbaachisan;-iddoo fi meeshaa
qaama itti dhiqatan,saamunaa ,bishaan.
5. Uffata miicuu:- Meeshaalee barbaachisan;-meeshaa uffta itti
miican ,saamunaa,bishaan
6. Fuula dhiqachuu:- Meeshaalee barbaachisan;-bishaan
,saamunaa
7. Qulqullina rifeensaa:- Meeshaalee barbaachisan;-bishaan
,saamunaa,filaa

Yaadannoo Haala Mijeessaa 6.6.


 Meeshaalee qulqullina dhuunfaa eeggachuuf barbaachisan tarreessuu
 Yeroo gosoota eegumsa qulqullina dhuunfaa gochaan agarsiisan tartiiba hordofan gamaaggamuun
kan irra darbame yoo jiraates sirreessuun ofii irra deebiin agarsiisaa.
 Yeroo hunda wiixata wiixataqeensi, rifeensi,ilkaan ,fuulli, uffannii fi kopheen qulqullina
qabaachuu itti gaafatamaan daree akka hordofu hubannaa uumuu
 Ji’a ji’aan barattoota qulqullina isaanii eeggachuun fakkeenyummaa agarsiisan dubra tokkoo fi
dhiira tokko tokko baasuun ambaasaaddara qulqullinaa jechuun karaa miini miidiyaa mana
barumsaan beeksisuu.

Gocha 2:- Gaaffii fi Deebii (daqiiqaa 25)

38
Gaaffiiwwan kanaa gadii leenjitoota gaafachuun deebii filiipchartiii irratti barreessaa
 Marsaa laguu ilaalchisee barattoota biratti barmaatileen miidhaa geessisan maal maal fa’i?
akkamitti furuun danda’ama?
 Marsaa laguun walqabatee barattoota shamarranii miirri barnoota isaanii sirritti hordofuu
irratti muul’atu maali?

Yaadannoo Haala Mijeessaa 6.7.


 Marsaan laguu kan uumama akka ta’ee fi dubartoonni kamiyyuu yeroo umriin isaanii gahu
kan irratti mul’atu ta’uu barattoota hubachiisuu
 Qulqullina marsaa laguu sirnaa eeguun faalama (infection) fiixee gadaamessaa kan ittisuu fi
foolii hin barbaachisne akka dhabamsiisu hubannaa uumuu.
 Paadiiwwan ykn carqii qulqulluu qulqullina marsaa laguu eeguuf qophaa’e kaawiyaan
tokkosuun fayyadamuu
 Manni barumsaa gumiin marsaa laguu mana barumsaa keessati akka dhaabatu taasisuu
 Meeshaalee marsaa laguutiif barbaachisuu fi kutaa iddoo boqonnaa qabu tokko akka qohaa’uuf
haala mijeessuu.
 Manni fincaanii mana barumsaa keessatti ijaaraman bilookiin tokko qofaatti barattoota
shamarraniitiif akka jiraatuu fi haala marsaa laguu yaada keessa galcheen akka ta’u mijeessuu.

Kaayyoo Dandeessisaa 5. Leenjitootni daree,mooraa fi mooraa mana barumsaan ala hanga meetira
50tti qulqullina isaa eeguu irratti ni hojjatu.
Yeroo:- Daqiiqaa 45
Gocha 1:- Hojii Garee
Tartiiba Gochaa 1 Leenjitoota garee afuritti qooduun tokkoon tokkoo isaanii mariisisaa fi barreessaa
akka filatan taasiaa.
Tartiiba Gochaa 2 Seenaa 1ffaa armaan gadii garee 1 fi2’n , seenaa 2ffaa gareen 3 fi 4’n dubbisuun akka
mari’atan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 3 Tokkon tokkoon garee waan mari’atan filiippi chaartiin akka dhiyeessan taasisuun
mariin waliigalaa irratti haa taasifamu.

Tartiiba Gochaa 4 Yaadannoo haala mijeessaa fi deebii sirrii kenname giddugaleessa godhachuun xumuraa.
Seenaa 1
Manni barumsaa Zaman barattoota 2500 ol kan qabuu fi mana barumsichaa keessa mukti baargamoo
gurguddaan,yeroo aduuf bakka aara galfii barattootaa ta’uu irra bakka barattoonni itti udaanan ta’eera
.Dabalataanis dareen barnootaa fi dirreen ispoortii hundi iddoo balfa itti gatanii fi itti fincaanan ta’ee jira.
Dareen itti baratanillee darbee darbee kaka’umsa barsiisaa ittigaafatamaa dareetiin kan qulqullaa’anii dha.
Isin osoo hojii fayyaa hojechuuf mana barumsichaatti ramadamtanii maal hojjettu?

Seenaa 2
Manni barumsaa Tigaat sadarkaa tokkoffaa ganda 02 gooxii Addis Katamaa jedhamutti argama.Bulchiinsi
mana barumsichaa cimaa waan ta’eef mooraa mana barumsichaa fi kutaalee jiraniif qulqullina eeguuf yaalii

39
ol’aanaa taasisu. Haata’u malee hawaasni naannoo mana barumsichaa jiraatan dallaa mana barumsichaa
jalatti balfa kan gatanii fi iddoo itti qulqullaa’an akkasumas balbala mana barumsichaa biratti gandaan balfi
itti kuufamu kan jiru yoo ta’u balfaan kan guutamee fi fooliin isaa naannoo saniin darbuu kan nama hin
dandeessifnee dha. Rakkoo kana furuufis hojjettoota ekisteenshinii Fayyaa ganda sanii waliin ta’uun
carraaqqii guddaa kan taasisan ta’us bulchiinsi naannoo sanaa furmaata homaatuu kennuufii hin
dandeenye.Ati bakka hojjettuu ekisteeshinii fayyaa osoo buutee mal gochuu dandeessa?

Yaadannoo haala Mijeessaa 6.8


 Manni barumsaa qulqulluu, bareedina kan qabanii fi haala baruu fi barsiisuuf mijataa akka ta’an
gochuuf tooftaan haayijinii fi saaniteshinii waliigalaa hawaasa mana barumsaan hooganamu akka
hojiirra oolchuu
 Biiroowwanii fi dareeleen barnootaa keessatti meeshaan balfi goggogaan itti walitti qabamu taa’uu
qaba; kutaaleen yeroo hunda guyyaa guyyaan akka qulqullaa’an taasisuu fi balfi sassaabame
kutaalee keessatti walitti qabamanii gara kuusaa waliigalaatti akka gataman taasisuu
 Bakkeewwan barattoonni baay’inaan itti argaman adda baasuun meeshaan balfi gogaan itti walitti
qabamu kaa’uu barbaachisa.
 Kutaaleen hundi, keenyaan/gidaarri, baaxii, fooddaan yoo xiqqaate torbanitti al-tokko qulqullaa’uu
qaba.
 Gumii haayijinii fi eegumsa fayyaa naannoo waliin ta’uun duula qulqullina naannoo mooraa mana
barumsaa keessatti torbanitti altokko gaggeessuu.
 Hawaasa mana barumsaa fi naannoo mana barumsaa jiran hirmaachisuun duula qulqullina naannoo
mooraa barumsaa fi naannoo mana barumsaa hanga meetira 50tti ji’attti al-tokko akka
gagggeeffamu haala mijeessuu.
 Hoggansa mana barumsaa fi qaamolee bulchiinsaa naannoo sana jiruun walitti hidhata akka
qabaatan taasisuun tajaajila eegumsaqulqullina naannoo yeroon akka argatan taasisuu.
 Qulqullina mooraa fi kutaalee mana barumsaa too’achuun gahee qaamolee hawaasa mana
barumsichaa ta’us caalmaatti gumiin haayijinii fi eegumsa fayyaa naannoo yunit liidarii duukaa
ta’uun akka hooggananii fi to’atan ta’uu qaba.

Kutaa Torba: Tajaajila Sirna Nyaata

Yeroo Sa’aatii 3:40

40
Kaayyoo Dandeessisan
Hirmaatotni dhuma kutaa kanaa irratti kaayyolee armaan gadii ni milkeessuu
1. Hirmaattotni hawwasa mana baruumsaatiif waa’ee nyaata madaalamaa fi haala soorataa irratti
ibsa ni keennu
2. Hirmaattotni rakkoo dhiibbaa sirni nyaata madaalama hin taane qaqabsisuu fi maraamartoo
rakkoo (vicious circle) fayyaa dhalootaa gara dhalootaa darbuu ni hubachiisuu
3. Da’immani fi dardarootaf haala ittin nyaata madaalama argachuuf argachu dhabuu isaani calalii ni
gaggeessuu
4. Haala tajaajilli gorsaa sirna nyaata da’immani fi dardarraa ittin keennamu irratti gahuumsa ni
horatu.
5. Mana baruumsa keessatti tajaajila nyaataa fi albuudaalee murteessoo ta’anii ni raabsu.
6. Akkaata mana baruumsa keessatti iddoo agarsiisaa oomisha kuduraa fi muduraan itti qophaa’uu ni
hubatu
Meeshaalee leenjiif barbaachisaan: filippi chaartii, maarkarii,Pilaastarii, Chaartiin hordoffii
guddinaa, Chaarti dheerina fi ulfaatina agarsisuu, gabaate gosa nyaataa, meeshaa dheerina fi ulfaatina
safaru, seenaalee shaakalaa.
Kaayyoo dandeessisaa 1:- Waa’ee nyaata madaalamaa fi soorata Fayyaa qabeessaa ni ibsuu
Gocha:-Marii Garee (Daqiiqan 30)
Tartiiba gochaa 1:- Hirmaatoni garee saditti qoodamudhaan barreessa fi dura ta’aa filaachudhaan
qabxiile kana gadii irratti akka mari’atan taasisaa
Tartiiba gochaa 2:- Haaluma marii isaaniti garee gareen akka dhiyeessan taasisun marii waliigalaa
irratti haa taasifamu
Gaaffilee:-
A. Nyaanii qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun iddoo meeqatti qoodamu?
B. Faayidaa fi madda soorata isaanii tarreessuun ibsaa?
C. Ramaddii nyaataa kan jennu eenyuffaa akka ta’an tarreessi?
D. Nyaata faayyaf mijataa ta’ee fi soorata gosa hedduu jechuun maal jechuu dha?

Yaadannoo Haala mijeessaa 7.1


Waantoota bu’uuraa jireenya dhala namatiif barbaachisaa ta’an keessaa nyaatni isa tokko. Nyaatni aadaa fi
amantaa uummataatiin fudhatama kan qabu ta’ee, akkasumas qaama keenya keessatti hojiiwwaan

41
hojjetamaniif albuuda gargaaru kan of keessa qabuu fi kan nyaatamu hundi nyaata jedhama.
1. Nyaatni haala qabiyyee albuuda isaan keessatti argamuutiin iddoo jahatti qoodamu. Isaanis: Kaarboo
haaydireetii, Pirootiinii, Cooma, Bishaan, Vaayitaaminootaa fi Albuudota jedhamanii qoodamu.
Kaarboo haydireetii fi coomni qaama keenyaaf baay’inaan kan barbaachisan yoo ta’u hoo’aa fi
anniisaa qaamaaf kennu.
Pirootiiniin albuudota qaama keenyaaf barbaachisoo ta’an keessaa tokko yoo ta’u qaama ijaaruu fi
hormoonota burqisiisuuf gargaara.
Vaayitaaminii fi albuudonni hamma muraasaan qaama keenyaaf barbaachisanillee hamma
barbaachisuu gadi yoo ta’an garuu rakkoo gaaga’ama fayyaa cimaa fiduu danda’u.
2. Ramaddii Nyaata
 Midhaan:- Xaafii,Boqqolloo, Garbuu,Mishingaa, Ayisaa/Ajaa fi kkf
 Dheedhii:-Misira,Atara, Baaqelaa, Shumburaa fi kkf
 Kuduraa:- Raafuu,Kaarotii, Dabaaqula, Qoosxaa fi kkf
 Bu’aa loonii:-Hanqaaquu, Foon, qurxummii, aannan fi kkf
 Muduraa:- Maangoo, Paappaayee, Muuzii fi Anaanaasii fa’a
 Cooma:-Zaayita,Dhadhaa fi kkf
3. Soorata gosa hedduu:- ramaddiin nyaata kamuu qaama keenyaa hojii mijaataa fi fayyaa qaama
keenyaaf kan barbaachisan hunda guuttatte hin qabaatu. Qaamni namaa immoo adbuudota gosa
nyaata adda addaa irra argamu barbaada. Kanaafuu, nyaata madaalamaa argachuuf nyaata gosa adda
addaa fi ramaaddii nyaataa hunda irraa qophaa’e bifa idileetiin soorachuun barbaachisa dha.
4. Soorata fayya qabeessa:- jechuun albuudota qaamni keenya barbaadu guyyaa guyyaan guuttachuuf
ramaddii nyaataa hunda irraa jechuunis; midhaan, dheedhii, kuduraa, bu’aa loonii nyaachuu fi
waantoota mi’aawoo amala sukkaaraa fi coomaa qaban hir’isuun soorachuu jechuu dha.

Kaayyoo Dandeessisaa 2: -Leenjitootni dhiibbaa hanqinni sirna nyaata madaalamaa


maraammartoo rakkinaa dhalotaa dhalootatti darbuun geessisuu danda’uu ni hubachiisu.
Gocha:-Marii Garee (Daqiiqaa 40)
Tartiiba Gochaa 1:-Leenjitoota garee saditti qooduudhaan gareen barressaa fi mariisisaa akka filatan
taasisa.
Tartiiba Gochaa 2:-Gareen hunduu gaaffilee armaan gadii tokko tokko qoodachuun irratti akka
mari’ataan taasisaa.
Tartiiba Gochaa 3:-Gareen hunduu waan irratti mari’atan filiippi chaartiin akka dhiyessan taasisuun
mariin waliigalaa irratti haa gaggeeffamu.
Tartiiba Gochaa 4:- Yaadannoo haala mijeessaa 7.2 fi yaadota marii keessatti ka’an bu’ureeffachuun
xumuraa.
Gaaffii:-
A. Rakkoolee sirni nyaataa madaalamaa ta’uu dhabuun dhufan ibsaa.
B. Maalummaa maraammartoo rakkinaa hanqinni sirna nyaata madaalamaa dhalotaa dhalootatti
darbuun geessisuu danda’uu ibsaa
C. Tooftaalee rakkoon sirna nyaata madaalamaa ittiin furamu irratti filannoolee jiran ibsaa

Yaadannoo haala mijeessaa 7.2.


 Daa’immanii fi dardarran dhukkubboota hir’ina nyaata madaalamaa garagaraatiin ni saaxilamu.
Isaan keessaayis:-, hir’ina nyaataa, haala malee furdachuu qaamaa, hir’ina vaayitaaminota fi

42
albuudotaa fa’a dha.
 Sababoonni hawaasummaa fi diinagdee adda addaa rakkolee hanqina sirna nyaata madaalamaatiif
akka saaxilaman ni taasisu.
Gosoota rakkoo sirna nyaata madaalamaa hin taanee (Types of Malnutrition)
Rakkoon sirna nyaaata madaalamaa hin taanee sirna soorataa daangaa hin qabnee fi rakkoo nyaata gahaa
argachuu dhabuu dabalata.
1) Sirna soorataa daangaa hin qabne (Over Nutrition)
Rakkoon sirna soorataa daangaa hin qabne soorata, umrii, saala, sochii qaamaa, dheerina, ulfaatinaa fi haala
fayyummaa nama tokkoo giddugaleessa hin taasifanneen soorachuun kan uumamuu dha. Sirni soorata
daangaa hin qabnee rakkoo hibee sukkaaraa, onnee fi dhukkuboota dararama yeroo dheeraatiif nama
saaxila.
2) Rakkoo nyaata gahaa dhabuu
Nyaata hammaan xiqqaa ta’ee fi qulqullina barbaadamu hin qabneen ykn dhukkuboota daddarboo irra
deddeebiin uumamaniin rakkoo fayyaa uumamuu dha.
Rakkoolee nyaata gahaa dhabuu
 Ulfatinni qaamaa xiqqaa ta’uu (underweight).
 Umriin wal-bira yoo qabamu gabaabbachuu/guddachuu dhabuu (Stunting)
 Huuqqachuu (wasting)
3) Hanqina Abuudotaa:- rakkoo bal’inaan biyya keenyatti mul’atuu dha.
 Hir’ina Dhiigaa:-Nyaata albuuda ayiranii gahaa qabu yeroo hunda soorachuu dhabuun kan
uumamu yoo ta’u raammoo maxxantuun garaa keessaatii fi dhukkubni busaa hir’ina dhiigaaf sababa
ta’uu danda’u.
 Quufa Mormaa (Hucuba):- hir’ina albuuda ayoodiniitiin dhiita’uu xannacha taayiroyidiin kan
dhufuu dha.
 Hir’ina vaayitamini A
 Hir’ina kaalshiyeemi fi Ziinkii
Rakkoo nyaata madaalama dhabuu (dhiibbaa)
 Carraa du’aatii namootaa dabaluu
 Dhukkuba adda addaaf nama saaxila
 Madiinummaa dhukkuba irraa damdamachuu ni hir’ita
 Guddina qaamaa fi saammuu namaa irratti dhiibba guddaa qabaata.
 Dandeettii barumsa hubachuu irratti rakkoo uuma.
 Dubartoonni rakkoo qancarummaa qaban caarraan daa’imman ulfaatina xiqqaa qaban (under
weight) dahuu ni dabala.
Maraammartoo rakkina sirna nyaataa dhalootaa dhalootatti darbu
Dubartootni yeroo dardarumma isaanii hir’ina dhiigaa fi quucarummaaf saxilaman yeroo umriin isaanii
ga’eessa ta’utti carraan hir’ina nyaataatiif saaxilamuu isaan qunnamuu danda’a. Daa’imman dubartoota
kanniin irraa dhalatanis ulfaatinni isaanii gadi’aanaa ta’uu, carran du’aaf saaxilamuu isaanii ol dabaluu
akkasumas haalli guddina isaanii kan murtaa’ee fi qaamaan baay’ee xiqqoo ta’uun isaanii ni dabala.
Hanqina sirna nyaata madaalamaaf yeroo dardardarummaatti saaxilamuun keessattuu dubartootaaf umrii
isaanii guutuu rakkinichi akka itti fufu taasisa.

43
» Namoonni umrii adda addaa keessa jiran fayyummaan, guddinni qaamaa fi sammuu isaanii guutuu
akka ta’uuf sirni soorataa gosa adda addaa fi nyaata albuudotaan gabbate isaan barbaachisa.
» Maraammartoo rakkina sirna nyaataa dhalootaa dhalootatti darbu wal madaalchisuuf tarkanfilee
sirna nyaataa amaan gadii foyyeessutu nurra jiraata.
1. Sirna nyaataa yeroo ulfaa fi harma hoosisanii fooyyessu
2. Haala sirna nyaata da’immanii waggoottan lamaan duraa foyyeessu.
3. Daa’imman umriin isaanii waggaa 2-5 gidduu jiranii, daa’immanii fi ijoollee gudina irra jiran
haala sirna nyaata isaanii foyyessuu.
4. Sirna nyaata dardarootaa fooyyessuu.

Kaayyoo Dandeessisaa 3:- Calallii sirna nyaataa daa’immanii fi dardarootaa ni gaggeessuu.


Yeroon:- (Daqiiqa 50)
Gocha 1፡- Marii (daqiiq 25)
Tartiiba Gochaa 1:- Gaaffilee hirmaattotaaf dubbisaa
Gaaffilee
1. Sakatta’iinsi gadi fageenyaa hordoffii guddinaa fi haala soorata daa’immanii fi dardartootaa haala
kamiin gaggeeffamaa akka jiru ibsaa.
2. Calallii sirna nyaataa irratti daa’immanii fi dardartootni hanqina nyaata madaalamaa qaban yoo
isin qunnaman maal gootu?
Tartiiba Gochaa 2:-Hirmaattotni hunduu gaaffilee deebisuu irratti hirmaannaa hoo’aa akka taasisan
godhaa.
Tartiiba Gochaa 3:-Yaadannoo haala mijeessaa 7.3 fi deebi sirriin kenname irratti hunda’uun yaadicha
xumuraa.

Sakatta’iinsa haala soorataa

44
Sakatta’iinsa haala soorataa sa’aatilee 24’n darban irratti xiyyeeffate gaggeessuu
Gabatee 2:- Tarreeffama hamma soorata sa’aatilee 24 darban keessatti nyaatanii
Maqaa____________________________Sadarkaa Baruumsaa_________________________
Guyyaa_______________________________ Umrii________________________________
Ekisteeshinii Fayyaan kan guutamu
Yeroo Tarreeffama Midhaanii Dheedhii Bu’aa Coomaa fi Nyaata
Nyaataa fi kan loonii Kuduraa Muduraa Zeeyitawaa Mi’aawaa
ykn hundeen kan ta’an
dhugaatii nyaatamu

Yaadannoo Haala Mijeessaa 7.3.


Calallii Sirna Nyaataa (Hordoffii Guddinaa)
» Calallii haala sirna nyaataa rakkoo nyaata madaalamaa (ulfaatina qaamaa xiqqaa, ulfaatina qaamaa
daangaa darbe, hir’ina nyaata albuudotaan gabbatee) daa’immanii fi dardaroota irratti mul’atu tooftaa
ittiin addaan baasnuu dha.
» Calallii Sirna nyaataa haala armaan gadiitiin raawwatuun ni danda’ama.
1. Sa’atiilee 24’n darban keessatti ragaa haala soorataa sassaabuu
2. Safara ulfaatina qaamaa fi dheerinaa fudhachuu/haala guddinaa
3. Mallattolee kilinikaalaa sababoota hir’ina sirna nyaataatiin dhufan (addaachuu, bitootis ispot…)
ilaaluun.
Hordoffii guddinaa: - ragaa haala nyaataa sassaabu, ulfaatinaa fi dheerina safaruun umurii waliin wal biraa
qabuun xinxaluus ni dabalata (Body Mass Index for age), haala guddina ilaaluf saala, umurii,(WHO 2007)
guca guddinni ittiin hordofamu ilaaluu barbaachisa.
Soorata keessaa waanta hir’ate________________________________
Ibsa:-Gosa nyaataa torban keessaa
1. Gosa nyaata gaarii ta’e = Nyaata gosa nyaata 6 fi isaa ol of keessaa qabu kan soorate
2. Gosa nyaata giddugaleessa ykn gosa nyaata gahaa ta’e = Nyaata gosa nyaata 4 hanga 5 of keessaa
qabu kan soorate
3. Gosa nyaata gadi aanaa = Nyaata gosa nyaata 3 fi isaa gadi of keessaa qabu kan soorate
Fakkiin armaan gadii xiinxala haala guddina agarsiisa. Haalli guddina qaamaa sakatta’iinsa sirna soorataa
waliin taasifamuu qaba. Calalliin haala guddinaa daa’immanii fi dardarootaaf ji’a sadi sadiin taasifamuu qaba.
Hordoffii haala guddinaa taasisuuf tartiiba hordofamuu qabu.
Sadarkaa 1:-Ulfaatina Kg fi dheerina immoo meetiraan safaruun galmeessu
Sadarkaa 2:-Haala ulfaatinaa fi dheerinaa (Body Maas Index)
Sadarkaa 3:- Guca hordoffii guddinaa sirrii ta’e kan umrii fi saalaan adda bahe filachuu
Sadarkaa 4:-Bu’aa (body mass index) guca hordoffii guddinaa irratti argisiisuu
Sadarkaa 5:-Haalli guddinaa ramaddii sadarkaa guddinaa kam keessa akka jiru ibsaa.

BMI(Kg/m2) ꞊꞊ Ulfaatina(Kg) Ramaddii (Classification)

45
(Dheerina meetiraan)2
Parsantaayilii 97 oli (≥ 97th percentile) Furdina qaamaa daangaa darbe (Obesity)
Parsantaayilii 85-97 (85thto<97th percentile) Furdina qaamaa gara malee (Over
Parsantaayilii 15-85 (15th to < 85th percentile)weight)
Healthy Weight (ulfaatina qaamaa fayyaa ta’e)
Thinness/Underweight (ulfaatina xiqqaa/huqqatta)
WHO 2007 Gucaa guddinni ittin hordofamu umurii 5-19 ( persentaa)

Body Mass Index =Ulfaatina K.G


Dheerina meetiran* Dheerina meetiran

46
47
Gocha 2:- shaakkallii gochaa (daqiiqa 10)
Tartiiba gochaa 1:- Fedhii isaanii irratti hundaa’uun leenjitota keessaa namoota 4 filadhaa
Tartiiba gochaa 2:- Dheerinaa fi ulfaatina isaanii walii isanitiif akka wal safaran taasisaa.
Tartiiba gochaa 3:-Ulfaatina dheerina saanitiif (BMI) akka herregan taasisaa.
Tartiiba gochaa 4:-Leenjitootni hafan haala waliigala safarrii ulfaatinaa fi dheerinaa namoota afran
filataman irratti akka yaada kennan taasisaa.
Tartiiba gochaa Tartiiba 5:- Yaadannoo haala mijeessaa 7.4 irratti hundaa’uun guduunfaa.

Yaadannoo haala mijeessaa 7.4


Safara madaallii qaama yoo taasifamu qabxiileen irratti xiyyeeffatamuu qaban
Ulfaatina safaruu
 Meeshaa ulfaatina ittii safarru (Madaala) kan sadakaa isaa eeggate taasisuuf meeshaa/wanta
ulfaatinni beekkamu irra deddebiin ulfaatina isaa safarree garaagarrummaan isaa Kg 0.01 fi isaa
ol yoo ta’e meeshaa ulfaatina ittiin saffaru ilaaluun sirreesuu ykn yoo barbaachisaa ta’e
madaallicha jijjiruu.
 Ulfaatina safaruun dura safarrii madaallicha zero irra taasisuu.
 Uffata furdaa fi kophee ulfaatina dabaluu danda’u akka ofirraa baasan taasisuu.
 Yerooo ulfaatina safarru madaallichi hanga tasgaba’uutti da’immaanii fi darddarran qajeelanii
akka dhaabbatanii fi madaala irra turan taasisuu.
 Ulfaatina arganne gara 100g(0.01Kg) dhiyaatutti siksuun galmeessuu.
Dheerina Safaruu
 Yeroo dheerina safarru meeshaan dheerina ittiin safarru bakka (lafa) wal qixxaataa taa’uu isaa
mirkaneeffachuu.
 Dheerina safaruun dura kophee miilaa akka baaftan taasisuu.
 Meeshaa dheerina safaru irraa fuulaan garagalee dhaabachuun fuul-dura isaa akka ilaalu
taasisuu. (Duubaan meeshichi koomee, teessuma,mataa,gateetti fi sarbaa isaa tuquu
mirkaneeffachuu )
 Safarri gara seentimeetira 0.1 (0.1 cm) siquutti galmeessuu.

Gocha 3:- Shaakallii gochaa (daqiiqaa 15)


Tartiiba gochaa 1:-Unkaa horddoffii guddinaa kan (WHO 2007 ) qoodu
Tartiiba gochaa 2:-Leenjitoota keessaa namoota sadi filadhaa
Tartiiba gochaa 3:-Leenjitootni filataman dabree dabreen seenaa armaan gadii akka dubbisan taasisaa
1. Daraartuu umuriin ishee waggaa 13 fi barattuu kutaa 7ffaa ti.Calallii tajaajila hordoffii haala
guddina sirna nyaataa mana barumsaa keessatti taasifamuuf dhuftee ulfaattinni ishee kiilograam
19 (19 Kg) fi dheerinni ishee meetira 1.1(1.1 meter) ta.e.Chaartii saalaa fi umrii isheen walgitu
fayyadamuun haala guddina Abbabech ibsaa.
2. Olaanaa umuriin isaa waggaa 8 fi barataa kutaa 2ffaa ti.Calallii tajaajila hordoffii haala guddina
sirna nyaataa mana barumsaa keessatti taasifamuuf dhufee ulfaattinni isaa kiilograam 18 (18 Kg)
fi dheerinni isaa meetira 1 (1meter) ta.e.Chaartii saalaa fi umrii isaan walgitu fayyadamuun haala
guddina Kabbadaa ibsaa.

48
3. Fayyisee umuriin ishee waggaa 10 fi barattuu kutaa 5ffaa ti.Calallii tajaajila hordoffii haala
guddina sirna nyaataa mana barumsaa keessatti taasifamuuf dhuftee ulfaattinni ishee kiilograam
24 (24 Kg) fi dheerinni ishee meetira 1.2 (1.2 meter) ta.e.Chaartii saalaa fi umrii isheen walgitu
fayyadamuun haala guddina Haannaa ibsaa.
Tartiiba gochaa 4:-Leenjitootni walcinaatti mari’achuun gaaffilee akka hojjetan taasisaa.
Tartiiba gochaa 5:-Haala hojii waliigalaa hojjetanii fi deebii kenname irratti marii taasisaa.
Tartiiba gochaa 6:-Yaadannoo haala mijeessaa 7.5 irratti hunda’uun marii guduunfaa.

Yaadanno haala mijeessaa 7.5


1. Shallaggiin (BMI) Abbabech 15.70 yoo ta’u haala chaartii guddina
dubartootaatiinparsantaayilii kudha shanii gadi (<15 pecentile). Kanaafuu Abbabech
ulfaatina gad aanaa qabdi qabdi (underweight).
2. Shallaggiin (BMI) kabbadaa 18.yoo ta’u haala chaartii guddina dhiiraa tiin parsantaayilii
85 oli (>85 pecentile). Kanaafuu kabbadaan ulfaatina humnaa olii qaba (overweight).
3. Shallaggiin (BMI) Haannaa 16.670 yoo ta’u haala chaartii guddina dubartootaatiin
parsantaayilii kudha shanii fi tiin parsantaayilii 85 gadduudha (15-85 pecentile).
Kanaafuu Haannaan ulfaatina fayya qabeessarra jirti (Normal).

Kaayyoo dandeessisaa 4:- Dandeettii / Gahuumsi kenna tajaajila gorsa sirna nyaata da’immanii fi
dardarroota ni cima.
Yeroon (daqiiqaa 30)
Gocha: Fakkeessanii taphachuu
Tartiiba gochaa 1:-Leenjitoota iddoo lamatti qooduun gareen tokkon tokkoo hojjettu eksteeshinii fayyaa,
da’immaan /dardara, haadha ijoollee dardaraa fi taajjabdoota akka filatan taasisaa.
Tartiiba gochaa 2:-Unkaa marii leenijtootaaf qoodaa.
Tartiiba gochaa Tartiiba 3:-Seenaa armaan gadii gareewwaniif qooduun haala tajaajila marii sirna nyaataa
kennuu irratti akka shaakalan taasisaa (daqiiqaa 20)
Seenaa
1. Damituu ijoollee umurii waggaa 12 yoo taatu tajaajila calallii haala sirna nyaataa mana
baruumsaa keessatti kennamu/horddofamuuf dhuftee haalli guddina ishee parsantaayilii 15 ffaa
gadi taate.Haala tartiiba kenniinsa marii ijoollee fayyadamuun Ayyalechiif mariin sirna nyaataa
akkamitti akka kennamu fakkeessuun taphaan agarsiisaa.
2. Ifaan ijoollee umurii waggaa 8 yoo ta’u tajaajila calallii haala sirna nyaataa mana baruumsaa
keessatti kennamu/horddofamuuf dhufee haalli guddina isaa parsantaayilii 85ffaa ol ta’e.Haala
tartiiba kenniinsa marii ijoollee fayyadamuun maatii kabbadaatiif mariin sirna nyaataa akkamitti
akka kennan fakkeessuun taphaan agarsiisaa.

Tartiiba gochaa 3:- Taajjabdootni tokkon tokkoon taphaa irratti wanta argan leenjitoota waliigalaaf akka
dhiyeessan taasisaa.
Tartiiba gochaa 4:- Yaadannoo Haala mijeessaa 7.6 bu’uura godhachuun guduunfa.
Yaadannoo Haala mijeessaa 7.6
Ka’umsa rakkoolee nyaata madaalawaa hin taane ykn ulfaatina qaamaa sirrii hin ta’in qorachuu:
GALIDRAA (Fayyadamuun umurii isaanii gidugaleessa taasisuun marii taasisaa.)
Yeroo marii tartiibawwan horddofuu qabnu:-

49
1. Nagaa gaafachuun walitti dhufeenya gaarii uumuu(Greet)
2. Haala soorata da’immanii/dardarootaa gaafachuu(Ask)
3. Deebii kennamu sirriitti daggeeffadhaa(Listen)
4. Dhimmoota yaachisoo ka’uumsa rakkoolee ta’uu danda’an haala soorata sa’aatilee 24 darbanii fi
qabxii shallaggii qaamaa fudhatame irraa ka’uun adda baasaa.(Identify difficulties)
5. Fuurmata rakkoolee/Rakkoolee addaa addaa dardarootni kaasan irratti mari’acuu(Discussion
options)
6. Gochoota hojiitti hiikamuu danda’aan eerudhaan ijoollee/dargaggeessa/dargaggeettii/ hojiirra
oolchuu danda’an fuurmaata sirrii ta’e eera.(Recommendation)
7. Irratti walii galuu isaa /ishee mirkaneessaa(Agree)
8. Beellama qabachuun addan baha(Appoinment)

Unkaa tajaajila gorsaa Yaada


Gochoota Raawwatamuu qaban Eeyyeen Lakkii
1. Nagaa gaafachuun walitti dhufeenya gaarii uumu
2. Haala soorata da’immanii/dardarootaa gaafachuu
 Tajaajila Calallii sirna nyaataa itti fuufinsan fayyadamaa ta’uu isaanii
gaafachuu
 Ulfaatina fi dheerina safaruun haala guddina baruu
 Haala soorannaa sa’atii 24 darbee gaafachuu
 Da’imman/dardara/ haala soorata isaanii irratti yaada qaban gaafachuu
(gaaridha/waan foyya’uu qabu fi sababa isaa fi yaada isaan haala soorata
madaalawaa irratti qaban gaafachu)
 Haala eegumsa qulqullinaa gaafachuu
 Haala itti fayyadama soogidda/ashaboo ayoodinii gaafachu
 Haala fudhannaa qoicha albuuda ayiraani gaafachuu
 Qoricha raammoo garaa keessaa fudhatanii akka beekan gaafachuu
3. Sirritti dhaggeefachuu
4. Rakkoolee ijoo adda baasu, ijolleen/dardara haala sadarkaa guddinaa gaafachuu
5. Furmaata adda addaa fi rakkoolee dardaroonni kaasan irratti mar’achuu
6. Gochoota hojiitti hiikamu danda’an eeruu fi dardarootni waan raawwachuu
danda’an filachuu
7. Gochoota hojiira ooluu danda’an irratti waliif galuu.
8. Dawannaa itti aanuuf beellama qabachuu

50
Kaayyoo dandeessisaa 5 :-Mana Baruumsa keessatti hojii nyaata nyaachisuu fi albuudota qoodu
ni hojjetu
Yeroon : (daqiiqaa 30)
Gocha:- Yaada burqiisisuu
Tartiiba gochaa 1 Leenjitootaaf gaaffii dubbisaa
 Mana baruumsa keessatti da’immani fi dardaroota nyaachisuun maaliif barbaachisee?
 Sagantaa soorannaa mana baruumsa keessatti abuudota kam kamtuu kennama?
 Soorannaa mana baruumsaa keessatti kennamu irratti hojii ijoon ogeessa fayyaa irraa eegamu
maali?
Tartiiba gochaa 2 Leenjittoota keessaa nama tokko kan filippi chaartii irratti deebii hirmaattota irraa
kennamu barreessuu filadhaa
Tartiiba gochaa 3 Hirmaattotni hunduu gaaffilee deebisuun hirmaanna ho’aa akka taasisan gochuu
Tartiiba gochaa 4 Yaadanoo haala mijeessa 7.7 fi deebii sirrii keennaman irratti hunda’uun guduunfa
Yaadanoo Haala mijeessa 7.7
Sababni mana baruumsa keessatti sirni nyaata nyaachisu kan barbaachiseef rakkoo sirna nyaata
madaalawwa hin ta’iin xiqqeessun dandeetti fudhanna baruumsa barattota foyyessuf gahee gudda
qabaata.
Aadaa nyaata hawaasa kan hordofee fi qophiin isaa gosoota nyaata naannotti argamuu irra akka
qophawwu deeggarsa taasisu.
Sagantaa sooranaa mana barnoota irratti akka nyaatni madaalaman dhiyyacha jiru hordoffi
taasisu, haaluma barbaachisumma isaatin sirreffama gochuu fi deeggarsa taasisu.
Nyaata mana baruumsatti kennamuu keessatti albuudotni barbaachisoo ta’an (albuudonni fi
vaytaminootni) akka jiraatu taasisu.
Barattootaaf nyaatni madaalawwaa fi fayyaa qabeessaa ta’e haala itti fuffiinsa qabun dhihaachuu
isaa hordofuu,
Mana baruumsaa keessatti haala qophii nyaataa yeroo yeroon hordoffuu fi bakka barbaachiseetti
tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu. Barattootaaf haala nyaata fayyaa qabeessaa fi qabiyyee
nyaataa irratti baruumsa kennuu.
Nyaata haala itti qopeessan gochaan agarsisuu (cooking demonestration)
Meeshaalee mana baruumsa keessatti Sagantaa sooranaaf oolan qulqullina isaanii to’achuu fi
hordofuu
Sagantaa sirna nyaataa mana baruumsaa keessatti kannen dabalamuu qaban keessa albuuda,
vayitaminoota, ayiiranii, qorichoota raammoo garaa keessa faadha.

51
Kaayyoo Dandeessisaa 6: -Mana baruumsaa keessatti hojii kuduraa fi muduraa man-duubee
hojitanii agarsisuun akkamitti akka hojjetan ni hubatu
Yeroon (daqiiqaa 20)
Gocha; - Marii
Tartiiba gochaa 1:- leenjitootni seena armaan gadii dubbisuun nama cinaa isaanii jiru waliin akka
mar’atan taasisaa (yeroo daqiiqaa 5)
Tartiiba gochaa 2:-Leenjitoota keessaa namoota fedhii qaban filachuun marii isaanii irratti hundaa’uun
deebii akka kennan taasisaa.

Tartiiba 3:-Yaadannoo haala mijeessa fi muuxannoo marii irratti ka’an bu’uurreffachuun goolabaa

Seenaa Dhuunfaa
Manni baruumsa lakkoofsa afur mannen baruumsa sirni barattota nyaachisu keessatti eegale
keessa tokko yoo ta’u manni baruumsichaa ibsaa, bishaan, dhugaati fi bu’uraalee misoomaa kan
guuttatte fi moora bal’aa kan qabuu dha. Iddoon harka dhiqanna fi iddoon bishaan tajaajila adda
addaatif oolu kan guutame ta’ullee dhangala’an isaa garuu seeran ala dhangala’a. Dhangala’aa
bishaan kanatiin margii bareedan biqilee kan jiruu yoo ta’uu barattotni yeroo boqonna isaani
margicha cirruun taphatu. Osoo isin hojjettu eksteeshini fayyaa taatani haala seenaa sirna nyaata
dhageessan kanarraa ka’uun raakkoole kanneen furruf hawaasa mana baruumsicha mal akka
hojjechu qabu gorstu?
Yaadannoo Haala mijeessaa
 Ogeeyyii misooma qonnaa wajjiin tahuun iddoo muduraa fi kuduraan mana barumsa
keessatti omishamu qopheessu kunis:
 Barattoota waa’ee qophii nyaata madaalama gochaan agarsiissuf tajaajila.
 Fedhiin baratootni kudura fi muduraa soorachuuf qaban ni dabala.
 Kuduraa fi muduraa man-duubee/ boroo keessa qotamuu fayyadamuun haala soorata
maatii foyyeessuun danda’amu ni hubatu
 Barattootaaf waa’ee nyaata madaalama barsiisuuf fakkeenya ta’uu bira darbee
hawaasa naannoo barsiisuf ni tajaajila
 Bishaan dhangala’uu deebisani fayyadamuu caalaa bishaan seeran fayyadamuuf
gargaara.
 Sagantaa nyaataa mana baruumsaatiif akka galteetti ni tajaajila.

52
Kutaa Saddeet: Dhukkuba yeroo daa’immumaa baratamanii fi yaalii isaanii
Yeroo (sa’aatii 2:00)
Kaayyoowwaan Dandeessissan
1. Leenjifamtootni dhibeewwaan ijoolee baratamoo ta’an fi mana barnootaa keessatti muudatan
akkamitti akka mudachuu danda’anii fi ittisa isaanii adda ni baasu
2. Leenjifamtootnii maneen barnootaa keessatti barattootaaf gosa calallii (screening), faayidaa fi
qorannoowwan akkamitti akka gaggeeffamu ni hubatu
Mala barumsi itti kennamu
 Marii garee
 Yaada burqisisuu (Brain storming)
 Ergaa waliigalaa
Meeshaalee deeggarsa barnootaa barbaachisan
 Maarkarii
 Filiip Chaartii
 Fakkiilee dhukkuboota daa’immanii barataman ‘LCD’n agarsiifaman
 Chaartii buukleetii qindaa’aa wal’aansa dhukkuubota daa’imanii fi daa’imman reefu dhalatanii
(ICCM/IMNCI chart Book) kan hojjettoota ekisteenshinnii fayyaa

Yeroo Sa’aatii 2:00


Kaayyoo Dandeechisaa 1: - Dhibeewwaan ijoolee baratamoo ta’an fi mana barnootaa keessatti
muudatan akkamitti akka mudachuu danda’anii fi ittisa isaanii adda ni baasu
Yeroo Daqiiqaa 0: 55
Tooftaa Leenjii: - Marii garee, Ibsa hirmaachisaa
Gocha 1: - Kaayyoo kutaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2: - Marii garee (Daqiiqaa 50)
Tartiiba gochaa 1: - Leenjifamtoota garee afuritti qooduun gaaffilee armaan gadii irratti akka mari’atan
taasisaa
 Dhibeewan baratamoo daddarboo fi daddarboo hin taane manneen barnootaa naannoo keessanitti
baay’inaan daa’immanii irratti mul’atan maal maali?
 Dhukkuboota daa’immanii baratamoo daddarboo fi daddarboo hin taane akkamitti uumamuu
danda’u?
 Dhukkuba daa’immanii baratamoo daddarboo fi daddarboo hin taane akka hin uumamneef
akkamitti too’achuun danda’ama?
Tartiiba gochaa 2:- Tokkoon tokkoon garee waan waliin hojjatan akka dhiheessan gochuun akka irratti
mari’atan taasisaa.
Tartiiba gochaa 3:- Dhimmoota faayidaa qabeessa marii keessatti ka’aan hubannoo keessa galchuun yaadannoo
leenjisaa 8.1 bu’uura godhachuun golobaa.
Yaadannoo Leenjisaa 8.1
Dhibee daa’immanii baratamoo/ beekkamoo daddarboo fi daddarboo hin taane gurguddoo jedhaman kan
itti aanan hammachuu danda’a.
Rakkoo ijaa, rakkoo gogaa qaamaa, ilbiisota, dhukkuba maxxantuu raammoo garaatiin uumamu, rakkoo
gurraa, rakkoo hanqina nyaataa, garaa kaasaa, gifira, a’aam danqar, maarrilee, TB, dhukkuba afaanii
keessaa fi ilkaanii, dhukkuba onnee fi kkf dha.
 Dhukkuboota daa’immanii baratamoo daddarboo fi daddarboo hin taane gurguddoon
sababoota adda addaatiin uumamuu ni danda’u.
Kana keessaa isaan gurguddoon kan itti aananii dha.

53
Talaallii fudhachuu dhabuu, qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu dhabuu, harka yeroo murteessoo
dhiqachuu dhabuu, fuulaa fi qaama dhiqachuu dhabuu, qulqullina huccuu/uffataa eeguu dhabuu,
mana fincaanii seeraan fayyadamuu dhabuu, balfaa dhangala’aa fi gogaa seeraan dhabamsiisuu
dhabuu. Qulqullina ilkaanii eeguu dhabuu, qeensa qorachuu dhabuu, qulqullina kutaa barumsaa fi
mooraa mana barumsaa eeguu dhabuu.Yeroo hunda nyaata sukkaara qabu nyaachuu, nyaatni
gahaan jiraachuu dhabuu fi waanuma mana keessaa argame seeraan nyaachuu dhabuu.
 Dhibee daa’immanii baratamoo daddarboo fi daddarboo hin ,taane malli ittiin ittisnu kan itti
aananii dha.
Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu, bishaanii fi nyaata seeraan qabuu, talaalli akka fudhatan
taasisuu, daa’imman nyaata naannoo isaanitti argamu seeraan nyaachisuu fi kkf dha.
Duula wal’aansaa gaggeessuu (Mass treatment) barattoota wal’aansi duulaa isaan barbaachisu adda
baasuu fkn. Raammolee garaa adda addaa, farra xogibaa Farra hooqxoo, ... yoo xiqaate waggaatti
yeroo tokko wallaansa farra raammoo taasisuu.
 Dabalataanis saaniteeshinii fi haayjinii, sirna nyaataa, kunuunsa fayyaa haadholee fi daa’immanii fi
mojuulota talaallii ilaalaa.

Kaayyoo dandeessisaa 2: - Leenjifamtootni maneen barnootaa keessatti barattootaaf gosa calallii/


qorannoo adda baasuu (Screening), faayidaa isaa fi qorannoon akkamitti akka gaggeeffamu ni
hubatu
Yeroo : - Daqiiqaa 55
Tooftaa leenjii: - Yaada waliif qoodu, Ibsa hirmaachisaa
Gocha 1 Kaayyoo kutichaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2 Yaada waliif qoodu, gareen mari’achuu, ibsaa fi marii (Daqiiqaa 50)
Tartiiba gochaa 1 Gaaffiiwan itti aanan gaafachuun hirmaattota mari’achiisaa
 Calallii/sakatta’iinsa dursaa (Screening) manneen barnootaa keessatti gaggeeffamu jechuun maal
jechuu dha? Maaliif barbaachise?
 Naannoo keessanitti rakkoo fayyaa calallii/sakata’iinsi duraa barattootaaf barbaachisu maal
maali?
 Calallii/Sakatta’iinsa duraa (Screening) akkamitti hojjatu? Yeroo meeqa meeqaan? Eenyutu
hojjata?
 Calallii/Sakatta’iinsa duraa (Screening) erga hojjatanii booda maal gootu?
Qophii duraa:- Miiltoo tokkoffaa mojuula kana dhuma irratti uunka maxxanfamee jiru irratti
leenjifamtootni akka irratti mari’atan taasisaa (Gosa qorannoo tokko irratti leenjifamtootni sadii akka
mari’atan taasisaa)
Tartiiba gocha 2 Uunka calallii/ sakata’iinsa/qorannoo fayyaa hin guutamne (Screening tool) hojjattoota
ekistenshinii fayyaatiif raabsaa. Leenjifamtoota wal-cinaa ta’aan lama lama ta’aanii akka irratti mari’atan
erga gootanii booda kan irratti mari’atan akka dhiheeessan taasisaa.
Tartiiba gochaa 3 Leenjifamtootni hundi marii irratti akka hirmaatan taasisuun mariin akka gabbatu
taasisaa.
Tartiiba gochaa 4 Dhimmoota faayidaa qaban marii keessatti ka’an hubannoo keessa galchuun yaadannoo
leenjisaa 8.2 bu’uura godhachuun golobaa.

54
Yaadannoo Leenjisa 8.2
Calallii duraa qorannoo fayyaa /screening/ jechuun maal jechuu dha?
 Calallii qorannoo (Screening) manneen barnootaa keessatti taasifamu jechuun barattoota maneen
barnootaa keessatti baratan hunda (Kan dhukubsatan ta’ee kan fayyaa fakkaatani mul’atan hunda)
waggaatti yeroo murtaa’e keessa kan gaggeeffamu qorannoo fayyaa waliigalaa jechuu dha.
 Calalliin duraa qorannoo fayyaa (Screening) maaliif barbaachise?
 Daa’imman/barattoota rakkoo fayyaa adda addaa qaban adda baasuu fi tarkaanfii barbaachisaa
yeroon fudhachuufi.
 Calalliin qorannoo fayyaa (Screening) akkamitti hojjattu? Yeroo meeqa meeqaan
hojjatama? Eenyuun hojjatama?
 Hojjattoota ekistenshinii fayyaatiin, ogeessota fayyaatiin yookaan hawaasa manneen barnootaa
beekamtii qabaniin waggaatti yeroo tokko yookaan yeroo lama akkaataa barbaachisumaa isaatiin
manneen barnootaa keessatti ni taasifama.
 Meeshaalee fi uunka calallii qorannoo fayyaatiif (Screening) barbaachisan (Screening tool)
fayyadamuun barbaachisaa dha.
 Uunki calallii qorannoo fayyaatiif (Screening) barbaachisan (Screening tool) miiltoo keessatti
hammatamee jira.
 Calallii qorannoo fayyaa (Screening) erga hojjattanii booda maal gootu?
 Barattooni amala fayyaa qabeessa akka dagaagsan marii taasisuu
 Rakkoolee fayyaa adda addaa sadarkaa keellaa fayyaatti yaalamuu danda’an chaartii
buukleetii /‘ICCM chart booklet’/ fayyadamuun wal’aanaa
 Rakkoo fayyaa humna keellaa fayyaatii ol ta’aan gama hojjattoota ekistenshiniitiin gara buufata
fayyaatti ol-erguu.
 Wal’aansa duulaa (Mass treatment) akkaataa barbaachisumaa isaatti kennuu.

55
Kutaa Sagal: Ittisaa fi too’annoo dhibee daddarboo hin taane
Yeroo:- (sa’aatii 1:50)
Kaayyoo dandeesisaa 1:- Dhibee daddarboo hin taanee fi dhimmoota isaaniif nama saaxilan
(Daqiiqaa 40)
Tooftaa leejii: - Yaada maddisissuu/burqisiisuu, ibsa hirmaachisaa
Gocha 1: - Kaayyoo kutichaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2: - Yaada maddisissuu /burqisiisuu (Daqiiqaa 35)
Tartiiba gochaa 1: - Gaaffilee armaan gadii kana hojjattoota ekisteenshinii fayyaa gaafachuun akka
irratti mari’atan taasisaa.
 Dhukkuboota daddarboo hin taane maal fa’i?
Dhukkuboota daddarboo hin taane kanaaf sababootiin gurguddoon nama saaxilan maal maali?
 Malootni bu’uuraa ittisa dhukkuboota daddarboo hin taane maal fa’i?
Tartiiba gochaa 2:- Gaaffii irratti erga mari’atanii booda gaaffiiwwan hirmaattotaan hin ka’in yoo
jiraatan yaadota ijoo yaadannoo leenjisaa irra jiran akka ka’aaniif gaaffii dabalataa yaada burqisiisan
gaafadhaa.
Tartiiba gochaa 3:- Dhimmoota faayidaa qaban marii keessatti ka’anii fi yaadannoo leenjisaa 9.1
bu’uura godhachuun kutaa kana xumuraa.
Yaadannoo Leenjisaa 9.1
Maalummaa dhibee daddarboo hin ta’inii:-
Dhibeewwan daddarboo hin taane jechuun gosoota dhukkubaa nama irraa namatti kallatiinis ta’ee al-
kallatiin hin dabarre yoo ta’an amalootni isaan walfakkeessu hedduu qabu. Dhimmoota isaan
walfakkeessan gurguddoo:- yeroo uumaman suuta suutaan ta’ee yeroo dheeraadhaaf dhukkubsataa
waliin kan waliin jiraatan ta’uu, sababootni nama saaxilan kan walfakkaatan ta’uu, mallattoon isaanii
turee kan beekamu ta’uu, dursanii beekuuf qorannoo sakata’iinsaa taasisuun barbaachisaa ta’uu isaa fi
ciminni hubannoo beekumsaaf dandeettii dhibamaa fi maatii dukkuboota kana too’achuu fi kunuunsuu
irratti gahee olaanaa qabaachuu isaati.
Dhibeewwan daddarboo hintaaneef sababoota nama saaxilan
Gosti dhibeewwan daddarboo hin taanee baayyee ta’anis bakka gurguddoo afuritti qoodanii ilaaluun ni
danda’ama. Isaanis Dhibee; Onnee fi ujumoo dhiigaa, Kaansarii, Ujumoo afuuraa fi Sukkaaraati.
Dhibeewwan daddarboo hin taaneef sababootni nama saaxilan gurguddoon afur kan adda bahan yoo ta’u
isaanis;- sirna soorataa fayya qabeessa/sirrii/ hin taane horddofuu, sochii qaamaa (Isportii)
hojjechuu/taasisuu dhabuu, alkoolii baayyissanii fayyadamuu fi tamboo xuuxuu/aarsuu dha.
Dhibee daddarboo hin taane akkamitti ittisuun danda’ama?
Dhibeen daddarboo hin taane akka hin uumamneef tooftaa ittisa bu’uuraa kan jedhaman sirna nyaataa
fayya qabeessa ta’e horddofuu, Sochii qaamaa (Ispoortii) hojjachuu/taasisuu, Alkoolii fayyadamuu
dhiisuu, Baala sammuu hadoochu fayadamuu dhiisuu fi sakata’iinsa fayyaa yeroo isaa eeggate taasisuu fi
kkk.dha

56
Maloota jireenyaa fayya qabeessa
Kaayyoo dadnddeessisaa 2:- Leenjifamtootni maalummaa sirna nyaataa fayya qabeessa ta’ee fi hin
taane ni tarreessu. (Daqiiqaa 40)
Tooftaa leenjii: - Yaada waljijjiiruu fi ibsa hirmaachisaa
Gocha 1: - Kaayyoo kutichaa hubachiisaa (Daqiiqaa 5)
Gocha 2: - Yaada waljijjiiruu (Daqiiqaa 35)
Tartiiba gochaa 1: - Gaaffilee armaan gadii kana leenjifamtoota gaafachuun akka irratti mari’atan
taasisi.
 Soorata fayyaqabeessa yoo jennu maal jechuu keenya? Faayidaan isaanis maal fa’i?
 Soorata fayyaqabeessa hin taane jechuun maal jechuu dha? Rakkoo fayyaa isaan dhaqqabsiisan
maal maali?
 Dhibeewwan rakkoo sirna nyaatatiin uumaman akkamitti sirreessuun danda’ama?
Tartiiba gochaa 2: - Qabxiilee hirmaattoni kaasan filiip chaartii irratti barreessaa.
Tartiiba gochaa 3:-Gaaffiiwwan irratti mariin erga gaggeeffamee booda dhimmoota hirmaattotaan marii
keessatti hin kaane yoo jiraatan yaadannoo leenjisaa itti’aanee jiru irraa yaadota ijoo ta’an akka ka’uu danda’aniif
gaaffii dabaltaa yaada burqisiisuuf gargaaru kaasaatii gaafadhaa. Yaadota bu’a qabeessa marii keessatti ka’an
hubannoo keessa galchuun yaadannoo leenjisaa 9.2 bu’uura godhachuun xummuraa.
Yaadannoo leenjisaa 9.2
Sirna nyaataa fayya qabeessa ta’e beeksisuu fi akka fayyadaman jajjabeessuu
Nyaata fayya qabeessa kan jedhaman gosoota nyaata adda addaa kan hammatan ta’ee dhibbantaa
shantamaa (%50) ol gosa nyaata adda addaa (Midhaan dheedhii/ittoo) dabalataanis kuduraaf muduraalee fi
midhaan qaama ijaaran gahaa kan hammatanii akkasumas madda sukkaaraa, ashaboo fi zayitaa
xiqqeenyaan kan of-keessaa qabnii dha.Nyaata fayya qabeessa ta’e hordofuun guddina bilchina sammuu
daa’imanii fi guddattootaatiif gahee murteessaa qaba. Dabalataanis furdina hin barbaadamne, ilkaan akka
hin nyaatamne, dhibee hanqina dhiigaa sababa hir’ina albuuda ayiranii (Iron) tiin uumamu, dhukkuba
onnee, Kalee fi kaansarii ni ittisa.
Amaloota nyaata fayya qabeessa hin taaneen rakkoo fayyaa daa’immanii fi guddattoota irratti uumamuu
danda’an:-
 Kuduraa fi muduraa yeroo hunda fayyadamuu (Nyaachuu) dhabuu.
 Nyaata amala sukkaaraa qaban yeroo hunda fayyadamuu. (Fak. Karameelaa, Keekii, Buskuta,
ayiskireemii, Boomboliinoo, Doonaataa fi kkf...)
 Nyaata waadaman adda addaa yeroo hunda nyaachuu. (Fak.Dinicha waadame/chiipsii, paastii,
hindaaqoo...)
 Nyaataa fi dhugaatii saamsaman yeroo hunda fayyadamuu. (fak.Lallaafaa fi cuunfaalee...)
 Soogidda/ashaboo, zayita ititaa, coomaa fi dhadhaa baay’inaan fayadamuu
Maloota nyaata fayya qabeessa ta’an horddofuuf gargaaran
 Gosa nyaata bifa salphaan naannoo keenya keessatti argaman adda baasanii beekuu
 Nyaata daa’immanii fi dardartootni sooratan qorachuun sirna nyaata fayya qabeessa ta’e irratti
barsiisuu fi agarsiisuu.
 Daa’immanii fi dardartoonni ulfina qaamaa wal madaalaa hin taane qabaniif hordofuu fi
deeggarsa adda taasisuufi.
 Daa’immanii fi dardartoota nyaata madaalamaa akka argatan gorsuu
 Barsiisotaa fi maatii waliin ta’uun maneen barnootaa fi naannoo mana jireenyaatti misooma
kuduraalee man-duubee akka jiraatu jajjabeessuu
 Daa’imman rakkoo fayyaa qabaniif sirna nyaata fayyaa qabeessa ta’e irratti barsiisuu fi
agarsiisuu.

57
Kaayyoo danddeessisaa 3;- Leenjitootni walitti dhufeenya sochii ga’umsi qaamaa/ispoortii fi
dhibeewwan daddarboo hin taanee qaban adda baasu (daqiiqaa 30)
Tooftaa Leenjii:- Yaada waljijjiiruu, ibsa hirmaachisaa
Gocha 1:- Kayyoo kutichaa Ibsuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2:- Yaada waljijjiiruu (Daqiiqaa 25)
Tartiiba gochaa 1:- Gaaffiwwan asii gadii gaafachuun ogeessotni ekisteenshinii fayyaa akka mari’atan
taasisaa.
 Gosootni sochii ga’umsa qaamaa maal faadha?
 Sochii ga’umsa qaamaa taasisuun bu’aawaan akkamii qaba?
 Sochii gaiumsa qaamaa gahaa ta’e taasiisu dhabuun rakkoo fayyaa akkamii dhaqqabsiisa?
Tartiiba gochaa 2:- Qabxiiwwan hirmaattootni kaasan filiipi chaartii irratti barreessaa.
Tartiiba gochaa 3;- Gaaffiiwwan irratti mariin erga gaggeeffamee booda dhimmoota hirmaattotaan
marii keessatti hin kaane yoo jiraatan yaadannoo leenjisaa itti’aanee jiru irraa yaadota ijoo ta’an akka
ka’uu danda’aniif gaaffii dabaltaa yaada burqisiisuuf gargaaru kaasaatii gaafadhaa. Yaadota bu’a
qabeessa marii keessatti ka’an hubannoo keessa galchuun yaadannoo leenjisaa 9.3 bu’uura godhachuun
xummuraa.
Yaadannoo Leenjisaa 9.3
Walitti dhufeenya sochii ga’umsa qaamaa fi dhukkuboota daddarboo hin taane;-
Sochii ga’umsa qaamaa qabu itti fufiinsaan taasisuun daa’immanii fi dardartootni sirna onnee fi afuura
baafannaa fayyaa qabeessa ta’e, lafee fi irree cimaa, dhaabbata qaamaa sirrii ta’e akka qabaatan taasisuutti
dabaltaan; dhibee onnee, hidda dhiigaa fi dhibee sukkaaraa kan geesisuuf sababa kan ta’an fkn;- furddina
barbaachisaa hin taane,dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraa fi cooma dhiiga keessaa/cholesterol/ akka hin
dabale ni ittisa. Haaluma walfakkaatuun fayyaa sammuu sirreessuun rakkoo fayyaa kan akka muukaa’uu
/depression/ ni ittisa. Gosti sochii ga’umsa qaamaa fi qaama ijaaru akkaataa umurii nama dhuunfaa, haala
qaamaa fi fayyaa irratti ni hundaa’a. Isaan kunis kan akka bisikileetii oofuu, deemsa miilaa ariitii/saffinaa
ykn fiiguu, sochiiwwan qaamaa daansii fakkaatan, taphawwan waldorgommii ispoortii kana akka
dhokachoo, kubbaa miilaa, kubbaa harkaa, teenisii fi akkaataa haala qabatamaa naannoo irratti
hundaa’udhaan taphoota sochii ga’umsa qaamaa kamiyyuu kan of keessaa qabaniidha.

58
Kutaa kudhan: Fayyaa sammuu
Kaayyoo: Kutaan barnootaa kun yeroo xummuramu hirmaattootni rakkoo fayyaa sammuu yeroo baay’ee
mudatan ni beeku, dabalataanis mana barumsaa keesatti tajaajila ni kennu
Kaayyoowwan dandeessisaa :-
 Dhibeewwan sammuu yeroo baay’ee mula’atan ni tarreessu
 Dhibeewwan sammuu yeroo baay’ee mul’atan ilaalchisee hiikkaa isaanii ni kennu
 Sababoota/ Ka’umsa dhibee sammuu ilaalchisee ibsa ni kennu
 Manneen barumsaa keessatti tajaajila ni kennu
Tooftaa Leenjii
 Ibsa
 Yaada Burqisiisuu /Brain storming/
 Marii garee
 Seenaa nama dhuunfaa /case study/
Sa’aatii kutichaaf ramadame:- (Daqiiqaa 120)
Kaayyoo dandeessistuu 1. Rakkoo fayyaa sammuu yeroo baay’ee mula’atan (Daqiiqaa 20)
Tartiiba gochaa 1:- Leenjitootni rakkoo fayyaa sammuu yeroo baay’ee mula’atan maal fa’a akka ta’an
akka tareessan/ibsan taasiisaa.
Tartiiba gochaa 2:- Deebiwwan leenjitootni kennan hunda isaa filiip chaartii irratti barreessaa.
Tartiiba gochaa 3:- Yaadawwan tarreeffaman keessaa yaadni kam akka sirrii ta’e adda baasuun
mari’achiisaa
Tartiiba gochaa 4:-Xummuruuf dhibeewwan fayyaa sammuu yeroo baay’ee mudatanii fi facaatii isaanii
haaluma yaadannoo leenjisaa 10.1 irratti dhiyaateen ibsaa.

Yaadannoo leenjisaa 10.1 dhibeewwan sammuu/ rakkoo fi gosaa isaanii


 Dhibeewwan/rakkoo fayyaa sammuu yeroo baay’ee muudatan keessaa kan akka
muukaa’uu/depression/, dhipachuu/cinqamuu, wareeruu/psychosis/, dhugaatii alkoolii fudhachuu
fi rakkoo araada qabaachuu, dhibee of walaalchisee kuffisu,Yaalii ofi-ajjeesuu, ijoolleen hamma
eeggamu guddachuu dhabuu, rakkoowwan amalaan walqabatan/ADHA, conduct behavior
disorder/ fi rakkoolee soorataan walqabatan(eating disorder/ kan fakkaatanii dha.
 Dhibeen sammuu fi dhiibbaawwan isaan addunyaa guutuu irratti yeroo hunda rakkoo fayyaa,
hawaassummaa, diinagdee akkasumas; mirga namummaa irratti miidhaa salphaa hin taane
dhaqabsisaa jira. Biyya keenya dabalatee sadarkaa addunyaatti qu’annoon hedduu dhibeewwan
sammuu gosa adda addaa irratti gaggeeffamaniiru. Qua’annoowwan kun akka agarsiisanitti
hawaasa waliigalaa keessaa namoota 100 keessaa namni tokko dhibee sammuu cimaa
(Iskiizoofeerniyaa) kan qaban yoo ta’u dhibeewwan biroo hanga % 25 gahuu akka danda’an ni
tilmaamama. Dhibeewwan sammuu yeroo ijoollumaa mula’atan (childhood mental illnesses) %
12 hanga %25 ni gahu.
 Dhibeen sammuu umrii, saalaa fi gosa/saba adda hin baasu. Garuu gosni dhibeewwan sammuu
ijoollee fi dhargaggoota qofa irratti mul’atan ni jiru.

59
Kaayyoo dandeessisaa 2:- Tarreeffama haala rakkoo dhibeewwan sammuu yeroo baay’ee
mula’atanii.
Tartiiba gochaa 1:- Tokkoon tokkoo rakkoo dhibeewwan sammuu irratti leenjitoon hiikkaa isaan akka
ibsan taasiisaa (sakataa’iinsaa yaadaa-brain storming).
Tartiiba gochaa 2:- Deebii leenjitootaan kennan hunda filiipi chaartii irratti barreessaa.
Tartiiba gochaa 3:- Yaadoota tarreeffaman keessaa isa sirrii ta’an adda baasuun mari’achiisaa
Tartiiba gochaa 4:-Tokkoon tokkoo dhibeewwan sammuu yeroo baay’ee mula’atan yaadannoo
leenjisaa 10.2 jirurratti hundaa’uun ibsa kennaaf.

Yaandaannoo haala mijeessaa 10.2. Rakkoowwan dhibee sammuu yeroo baay’ee muudatan.
Dhibeewwan sammuu amala daa’immanii wajjiin walitti dhufeenya qaban.
Jeequmsa amalaa/conduct disorder/
Ida’ama amalaa rakkoo miiraa umrii daa’imuummaa ykn dargaggummaatti yeroo baay’ee mul’atudha.
Daa’immanii fi dargaggoon rakkoo sammuu akka kanaa qaban seeraa fi amaloota dhuudhaalee hawaasaatiin
fudhatama qaban hardofuu fi raawachuu irratti ni rakkatu. Isaan rakkoo akka kanaa qaban mirga namoota
biroo sarbuu,amala balaafamummaa , waa baleessuu fi maltee agarsiisuu ni danda’u.
Ga’eessonnii fi ijoolleen biroo amalli ijoollee kanaa dhibee sammuuti jechuurra akka amala badaa ykn waa
balleessanitti isaan ilaalu.
Ijoolleen rakkoo/jeeqama amalaa qaban mallattoowwan asii gadii kana ni mul’isu.
Irra-deddeebi’uun ajaja maatii ykn qaama biroo fudhachuu dhiisuu/dhabuu
Irra-deddeebiin sababa tokko malee mana barumsaarraa hafuu.
Fedhiin wantoota sammuu adoochan, araada fidan fayyadamuu jiraachuu
Namootaaf garalaafummaa/naasuu agarsiisuu dhabuu
Beeyiladootaa fi nama iratti gara jabummaa calaqqisiisuu/agarsiisuu.
Walitti bu’iinsa/Waldiddaa namaa iratti meshaalee adda addaa fayyadamuu
Irra-deddeebiin sobuu
ofiin of-ajjeesuuf kaka’umsi jiraachuu fi kk…ni dabalata.
1.2. Xiyyeeffannaa barbaaduu fi rakkoo obsa dhabuu (attention deficit hyperactivity disorder)
Gosa dhibee sammuu danddeettii xiyyeeffannaa nama tokkoo harkisu irratti dhiibbaa geessisuu danda’u yoo
ta’u, rakkoo fayyaa sammuu raawwii dhimma hawaassummaa, diinagdee fi ogummaa irratti dhiibbaa ta’a.
Kun yeroo baay’ee ijolllee umurii mana barumsaa keessa jiran irratti kan baratame dha.
Amaalootni obsa dhabeessummaa fi rakkoo xiyyeeffannoo barbaaduu mallattoo armaan gadii kan qabu dha
Xiyyeeffanno kennuu dhabuu, yaada walitti qabuu dadhabuu, qajeelfamoota irraanfachuu, wanjalqaban
osoo hin xummuriin hojii tokkorraa gara hojii birootti deemuu.
Miira keessa galuu/miiraan dhiibamuu, namoottan biroo caalaa sagalee olkaasanii dubbachuu/haasa’uu,
balaaf of-saaxiluu.
Sochii akka malee taasisuu:- itti fufiinsaan boqonnaa dhabuu, obsa dhabeessummaa kkf.. dha.
Guddina bilchina sammuu murtaa’e (intellectual disability)
Dhiibee sammuu ijoollee irratti mula’atu yoo ta’u irra caala guddina sammuu daa’imaa irratti dhibee danddeettiin
murtaa’uu dhaqabsiisuu/ fiduu dha. Fakkeenyaaf danddeettii afaanii, yadachuu fi xiyyeefachuu,
hawaassummaa, sochii qaamaa fi kkf.. irratti gosa dhibee rakkoo guddinaa dhaqqabsiisu dha.
Daa’imman dhibee kanaan miidhaman ga’umsa sammuu gad aanaa /lower intelegence/waan qabaataniif yeroo
hawaasa waliin jiraatan hojii/sochii guyyaa guyyaa isaanii haala barbaadamuun akka hin raawwanne isaan
taasiisa.
Mallattoowwan ijoo dhibee saammuu; bilchina sammuu daanga’ee jedhamanii kan caqafamaan ga’umsaa
sammuu gadaanaa qabaachuu(lower IQ) daanddeettii afaanii hanga hiriyyoota isaanii cimsachuu dhabuu.
Rakkoo xiinxaluu fi xiyyeeffachuu, rakkoo adda addaaf fala kaa’uuf danddeetti gahaa dhabuu, rakkoon
waliigaluu dadhabuu jiraachuu, hirmaannaa hawaasaa gada’anaa ta’e qabaachuu, akka salphaatti wahubachuu
dadhabuu, rakkoo dandeetti dubbisuu fi barreessuu. Wanta adda addaa barchuuf yeroo isaan barbaachisu
dheeraa ta’uu fi kkf.niidha

60
2.Yaadannoo haala mijjeessaa 10.3 Rakkoo fayyaa sammuu ga’eessotaa fi daa’imman irratti
yeroo baaye’ee mula’atan
2.1 Mukaa’uu
o Rakkoo sammuu miirri gaddaa yeroo dheeraa irra ture/fuula gaddaa (sadness) sababa tokko malee
boo’uu (tearfulness)/ irratti mula’atu yoo ta’u rakkoowwan sammuu cimaa fi kan namoota hedduu
irratti mula’atan keessa isa tokko dha.
o Namni rakkoo dhibee sammuu kana qabu yoo xiqaate miiraa gaddaa hanga torban lamaa turu,
waan duraan jaalatan jibbuu, fedhiin nyaataa xiqqaachuu ykn dabaluu, rakkoo hirriiba dhabuu ykn
hiriibni baay’achuu, yeroo dheeraa bakka tokko taa’uu ykn obsa dhabuu, osoo waan tokko iyyuu
hin hojjatin dadhabuu,sababa malee dadhabbiin itti dhaga’amuu, yaada ofii sassaabuu dhabuu fi
jiraachuu jibbuu fi kkf keessaa mallattoo sadi ykn afur ni qabaatu.
o Dhibee sammuu sadarkaa addunyaatti namoota baay’ee irratti mul’atan keessaa isa tokko dha.
o Biyya keenya keessatti dhibeen mukaa’uu/depression/ga’eessoota 10 keessaa tokko irratti
akkasumaas daa’immaan 30 keessa tokko irratti ni muudata jedhamee amanama.
2.2 Cinqamuu
o Dhibeen Cinqamuu aadaa, saba, umrii,saala, sadarkaa barumsaa, haala diinagdeen osoo addaan hin
baasiin kutaa hawaasaa mara miidhuu danda’a.
o Dhibeen cinqamuu sababa kakkaasuu danda’an hin beekkamneen (namooni daqiiqaa muraasa
keessatti sodaa guddaa keessa galan ni jiru, ‘pannic disorder’ jehama) ykn wanta /dhimma tokko
waliin walqabatee ( bineensota adda addaa yoo argan, bakka gabaa yoo deeman, bakka olka’aa irra
yoo ba’an, namoota duratti yoo haasaa taasisan fi kkf) dhibeewwan muudachuu danda’anii dha.
o Dhibeewwan cinqamuu kan wal isaan fakkeessu sodaa qabatamaa hin taane ykn mudannoo
jeeqama waliigalaatti.
2.3 “shiqlet”/mania/
o Miirri sirri hin taane dabaluu, miira gumgummii, mallattoo aariin sossocha’u ni dabalata.
o Maaniyaan yeroo baay’ee muukaa’uu wajjiin uumamuun rakkoo dhibee gosa lama qabu
( muuka’uu fi maaniyaa) ykn dhibee “bipolar disorder” ni uuma. Maaniyaan rakkoo fayyaa
dhuunfaa fi hawaasumaa irratti dhiibbaa kan dhaqqabsiisuu fi miidhaan dhaqqabsiisuus ulfaataa fi
ergaa fayyeen boodas deebi’ee dhufuun kan yeroo dheeraa turu ta’uu ni danda’a
o Maaniyaan sadarkaa ol’aanaa wantoota namooni biroon hin arginee/ hin urgeeffane
arguu/urgeeffachuu, amantaa haaraa/ duraan hin beekkamne uummamuu, shakkuu, bakka tokko
duwwaa dedeebi’anii deemuu /sosocho’uu/ aaruu, dheekkamuu fi yaadaa/ilaalchaa hanga of
dagachuu/ofgatuu deemsisuun qabamu kan dabalatuu dha.
2.4 Saaykoosisii/psychosis/
o Maqaa ida’ama dhibeewwan sammuu adda addaa cimaa ta’an itti waamaman yoo ta’u
dhibamtooni haala qabatama dhugaa lafa jiru yaada sammuu isaanii keessa jiruuraa addaan
baasanii ilaaluu danda’uu, beekuu fi itti amanuu hin danda’an / yaada waldhahu qabaatu.
Amantaa addaa kan namooni biroo hin hordofne/ yaada sirrii hin taane/ fudhatama hin qabne
( delusions), miira dhugaarraa fagaatee/ bu’uura hin qabne (hallucination) ni qabaatu. Kunis
namoota rakkoo kana qaban miira hin baratamneef isaan cinquu/dhiphisuu (sagalee namooni
biroo hin dhageenye dhaga’uu ykn wanta namoonni biroo hin argine arguuf) isaan saaxila.
2.5 Dhibee kuffisu/gaggabdoo
o Dhibeen nama kuffisu/gaggabsuu irra dedeebiin ofwolaalchisee kan kuffisuu fi kan hollachiisu
ykn mallattoo hurgufuun beekkama
o Kunis kan muuddachuu danda’u sammuu keessatti dhohiinsa elekitriikii humna ol’aanaa tasa

61
uummame kutaa mandheen sammuu irratti ragaan haala barbaadamuun akka hin tamsaane taasisa.
o Sababa kanaan sammuu keessatti hojii ergaa tamsaasuu addaan kutuun ykn walmakuun qaawwa
ni umama
o Sababoonin rakkoo sammuu gaggabdoo jedhamanii kan caqasaman yeroo da’umsaatti miidhaa
balaa sammuu irratti dhaqabu, balaa mataa irratti gahu,miidhama/jeequmsa hidda dhiigaa
sammuu (strock), dhibee sammuu ykn faalama (infection), dhugaatii alkooliidhaan summaa’uu,
sanyiidhaan,xannachoota sammuu keessatti guddatan, sukaarri dhiiga keessaa xiqaachuu fi kkf..
niidha
2.6 Rakkoo baala sammuu adoochan fayyadamuu (Araada)
o Rakkoo albuudota adda addaa araada nama qabsiisan fayyadamuu yoo ta’u namni tokko hanga of
too’achuu dadhabutti fi rakkoo dhaqabsiisuu isaa osoo beekuu qimamoota kana fayyadamuu dha.
o Qimaamoonni sammuu adoochan kun yaadaa , miira , hirriiba, fedhii nyaataa fi walitti dhufeenya
hawaasummaa namootaa ni jijjiiru
o Baalotni sammuu adoochan ykn qimamoonni gosa adda addaa ni jiru. FKN dhugaatii alkoolii,
jimaa, sigaaraa, shiishaa fi isaan akka Kaanaabisii, Maariwaanaa,kookeeyinii fi kkf dabalata.

Kayyoo dandeessisaa 3. Sababoota dhibee sammuu


Tartiiba gochaa 1: Sababoota rakkoo fayyaa sammuu maalfa’aa akka ta’an leejifamtootni akka ibsan
taasisaa
Tartiiba gochaa 2:-Deebii lenjifamtootni kennan hunda filiip chaartii irratti barreessaa.
Tartiiba gochaa 3:- Yadoota tarreeffaman keessaa yaada sirrii ta’e adda baasuun iratti mariisisa
Tartiiba gochaa 4:-Xumuruudhaaf waa’ee sababoota dhibee sammuu yaadannoo haala mijeessaa 10.4
bu’uura godhachuun goolabaa
Yeroon:- Daqiiqaa 10
Yaadannoo haalaa mijeessaa 10.4. Sababoota ka’umsa dhibee sammuu
o Dhibeen sammuu ka’umsa gara garaa qaba; Haata’u malee dhibeewwan kun ka’umsi
isaanii harki caalaa ida’ama rakkoo umamaa,xiin-sammuu fi hawaassumaatiin walitti
hidhamiinsa qaba. Ogeeyyiin fayyaa yaala rakkoo dhibee sammuu, waa’ee dhibee
sammuu ilaaalchisee sababoota ka’umsa dhibee olitti caqasame modeela uumama,xiina
sammuu fi hawaassummaa ( Bio psychosocial) jedhamu qopheessanii jiru
o Ka’umsi umaamaa,, xiina sammuu fi hawaassummaa jedhamanii kan itti aanaan ofi
keessaa kan qabanii dha.
1. Sababoota umamaa (biological causes) umamaan / sanyiin kan dhaalamu, jeequmsa
qimamoota (keemikaloota) sammuu keessa jiran , miidhaa balaa mataa irra gahe,
alkoolii ykn jimaa fayyadamuu, hanqina nyaataa fi kkf.
2. Sababoota xiina sammuu (psychological causes): yeroo ijoollummaatti jaalala
argachuu dhabuu, garamalee cinqamuu/dhiphachuu, sababaa du’aan nama dhabuun
cinqii uumamu, gadduu/aaruu, jeeqamuu/sodaachuu, miira sadarkaa olaanaatti
jeeqame/miidhamuu.
3. Sababoota Hawaasummaa (social causes): Hiyyummaa, Mana gaarii keessa jiraachuu
dhabuu, nama kiyya jedhanii rakkoo isaanii itti himatan
dhabuu,loogii,biyyaa godaanuu/baqachuu,balaa
namtolchee fi uumamaa,rakkoo siyaasaa yknwaraanaan walqabatee
uumamu.fi kk f.

62
Fakkii: Moodela dhibeen sammuu dhimmoota umaamaa-xiinasammuu fi hawaasummaa waliin
qabu agarsiisu

Marii garee seenaa qu’annoo nama dhuunfaa irratti hundaa’e ( yeroon kenname daqiiqaa 40)
Saamuda qu’annoo seenaa nama dhuunfa afur armaan gadiitti tarreeffaman irratti leenjifamtoota garee
afuriitti qooduun tokkon tokkoo gareef mata duree tokko tokko kenuun daqiiqaa 10f akka irratti
mari’atan taasiisaa.
Itti aansuun tokkon tokkoo garee haala gafiiwaaniin daqiiqaa 5 kessatti akka deebii kennan taasisaa.
Dhuma irratti saamuuda qu’annoo seenaa nama dhuunfaa irratti hanga daqiiqaa 10f ibsa xummuraa
kennaa.(qu’anno nama dhuunfaa irratti yaada kannuuf akka isin gargaaru yaadannoo haala mijeessaa 10.5
asii gadii ilaalaa)
Qu’annoo nama dhuunfaa /case study/ 1
Nuhaamiin muccayyoo umrii 12 fi barattuu kutaa 6 ffaa ti. Torbaan lamaa oliif haaluma baratameen miirri
gamachuu irraa fagaateera. Akka duraanii hiriyyoota ishee waliin tabachuus hin barbaaddu. Manattis ta’e
mana barumsaattis kophaa ishee ta’u filattee jirti. Barsiftuun ishee itti dhihaattee yoo rakkoo nuhaamiin
gaafattu, akka dhukkubiin mataa ishee rakkisu, fedhiin nyaataa ishee akka xiqqaatee fi akka abdii
kutachuun itti dhaga’amu ibsiteefii jirti.wanti ishee cinqaa jiruu maal akka ta’e yoo gaafatamtu bultiin
maatii ishee dhihoo kana akka diigamee fi sababaa kanaan akka cinqamaa jirtu itti himtee jirti.
Gaafiwwan marii
1. Barattuu/taa seenaa akka kanaa qabdu ykn qaban dhageessanii beektuu ?
2. Saamuuda qorannoo seenaa dhuunfaa dhihaate kan irra maal hubattan ?
3. Rakkoon akkanaa kun rakkoo dhibee sammuu isa kam keessatti ramadama?
4. Waa’ee barattoota rakko akka kanaa qaban ilaalchisee namoonni biroo maal yaadu?
5. Namootni ka’umsi rakkoo akka kanaa kun maalfaa dha jedhanii tilmaamu?
6. Namoonni biroo nama rakko akka kanaa qaban gargaaru yoo barbaadan maal gochuu qabu ykn
maal gochuu akka qaban gorsitu?

Qu’annoo nama dhuunfaa /case study/ 2


Feenet shamarree umrii 15 fi amalli ishee kan saalfattu/ceertu yoo ta’u ji’oottan shaniif barumsa ishee
hordofuu addaan kuttee jirti. Waan barumsa ishee addaan kuttee turteef barumsa bara kanaa itti fufuuf
rakkoo keessa galtee jirti. Harmeen Feenet akka ibsaniitti, Feenet darbe darbee battalumatti gara malee
akka riffattu, qaamni ishee akka hollatu, rukkuttaan onnee ishee akka dabalu, miirri ukkaamaamuu akka
itti dhaga’amuu fi dafkisiisuun akka ishee qunnamuuf sababuuma kanaaf bakka xabalaa ishee geessaa
akka jirtuu fi mana keessa akka ooltu ishee taasistee jirti. Garuu dhibeen ishee mana yaalatti akka adda
ba’u/ mirkanaa’uu hin taasifamne. Kanaafuu rakkoo Feenetiif fala barbaaduun yaadamee jira.
Gaafiwwan marii
1. Barattuu/taa seenaa akka kana qabdu ykn qaban dhageessanii beektuu ?
2. Saamuuda seenaa dhuunfaa dhihaate kan irra maal hubattan ?
3. Rakkoon akkanaa kun rakkoo dhibee sammuu isa kam keessatti ramadama?
4. Waa’ee barattoota rakkoo akka kanaa qaban ilaalchisee namoonni biroo maal yaadu?
5. Namoonni ka’umsi rakkoo akka kanaa kun maalfaa jedhanii tilmaamu?

63
6. Namoonni biroo nama rakkoo akka kanaa qaban gargaaruu yoo barbaaddan maal gochuu qabu
ykn maal gochuu akka qaban gorsitu?

Qorannoo nama dhuunfaa/Case Study/ 3


Seenaan mucaa umrii 13 fi kutaa 7ffaa baratu yoo ta’u, mana barumsaa keessattis ta’ee M/B tiin alatti
yeroo baay’ee irra deddeebiin rakkoo uumuun gaggeessitootaaf rakkisaa akka ta’e, mana barumsaa
keessatti amala rakkisaa qabuun galmee badii irratti kan galmaa’ee dha. Seenaan M/B irraa hayyama
tokko malee osoo hin gaafatinii fi sababa tokko malee irra deddeebiin barumsa irraa hafuu, kijibaa fi
hannaanis M/B keessatti ni beekama. Barumsa isaatiin kutaa kutatti darbuuf kan rakkatu haa ta’u malee,
sammuu cimaa barataa qabuu dha.Yeroo dhihoo asitti garuu yeroo isaa bal’inaan dargaggoota gareen
Saamuda qorannoo
gurmaa’anii haala mijeessaa
nama tuman 10.5 fi jalqabeera.
waliin dabarsuu qorannoo dhuunfaa ramaddii
Haata’u malee, rakkoo
maatiin dhibee
Seenaa sammuu
waltajjii marii mana
barumsaatti qophaa’e irratti amala rakkisaa
fi tarkaanfii sirreeffamaa/yaada furmaataa fudhatamuu qabu. mucaan isaanii agarsiisu hundaaf irra deddeebiin mana
barumsaaRakkoo
Ramaddii ittigaafatamaa
Fayyaa taasisuu
Sammuufi qeequudhaan mucaa isaanii akka rakkoo hin qabneetti mormaafii
Qorannoo Dhuunfaa 1:Si’aa’inaisaadhabuu
turan. Haata’u malee, maatiin lachuu yoo fayyadamtoota
ta’u mallattoonqoricha isaa
sammuu namaa
miirri hadoochuutii fi
gammachuu
yakkoota garaa garaa keessattis hirmaataa akka turan seenaan dhuunfaa isaanii ni ibsa.
dhabamuu,qofaa ofii ta’uu filchuu,irra deddeebiin barumsa irraa hafuu,barattoota daree isaa fi
Gaafilee Marii
hiriyoota
1. waliinseenaa
Barataa/tuu walii galuu dadhabuu
wal fakkaatu fi wal
qaban reebuu/tumuu,irra
dhageessanii beektu? deddeebiin dhukkubbii/bowwoo
mataa
2. qabaachuu,fedhiin
Saamuda qorannoo nama nyaataa
dhuunfaa ishiidhiyaate
gadi bu’uu fi abdii
irraa maal kutachuu, maatii ishii gidduutti
hubatttan?
sababa
3. gaa’illi
Rakkoon diigamuutiin
gosa kanaa dhibee baay’iftee
sammuudhiphachuu
gosa kami fa’a.
keessatti ramadama?
4. Namoonni biroo waa’ee barattoota rakkoo akkanaa qabanii maal yaadu?
Qorannoo
5. NamoonniDhuunfaa
rakkoo 2:Dhiphachuu yoo ta’u mallattooleen
akkanaatiif sababoonni maali jedhaniiisaas saalfachuu,barumsarraa hafuu,yeroo
yaadu?
yeroon miirri dhukkubbii qaamaa dabaluu,miirri ukkaamamuu
6. Namoonni biroo namoota rakkoo akkanaa qaban gargaaruu yoo barbaadan itti dhagahamuu fi dafquu fa’a.
maal akka godhan
gorsitu?
Qorannoo Dhuunfaa 3:Amala rakkisaa/badaa
Qorannoo nama dhuunfaa /Case Study/ 4horachuu /Conduct disorder yoo ta’u mallattooleen isaas
umrii hayyama
rakkoo uumuu,
Wabiin 9 fi barataa eenyuuyyuu
kutaa 3ffaaosooyoo hin gaafatinii
ta’u, fi sababa
amala isaatiin tokko malee
barumsa isaattiirra deddeebiin dhabuu,
xiyyeeffachuu
barumsa
jarjaraa irraa miira
fi dafee hafuu,keessa
kijibaakan fi galu,
dargaggoota gareentokko
barataa iddoo gurmaa’anii namataa’uu
tasgabbaa’ee tuman/reeban waliinakka ta’e
hin dandeenye
barsiisota
hirmaannaa isaatiin sirritti
taasisuu fa’abeekama.
dha. Sababa jarjaraan,miira keessa kan galuu fi ariifataa ta’uu isaatiin,
Wabiin hiriyoota isaa waliin walitti dhufeenya gaarii hin qabu. Kana malees tasgabbaa’ee fi cimee
Qorannoo
barumsa isaa Dhuunfaa
hordofuu4:-Rakkoo Xiyyeeffannoo
dhabuu isaatiin argachuubarbaaduu
raawwii barumsa fi tasgabbii/adaba
isaa irratti dhiibbaa uumee jira. dhabuu/
Gaafilee deficit hyperactivity disorder yoo ta’u mallattooleen isaas barnoota isaaf Xiyyeeffannoo
AttentionMarii
1. Barataa/tuu
kennuu seenaa wal fakkaatu
dhabuu,ariifachuu fi miiraan qaban dhageessanii beektu?
dhiibamuu/oofamuu,bakka tokko tasgabbaa’ee taa’uu
2. Samuda qorannoo nama dhuunfaa dhiyaate irraa maal hubatttan?
dadhabuu fi hiriyoota isaa umuriin wal qixa ta’an waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu
3. Rakkoon
dhabuu gosa kanaa dhibee sammuu gosa kami keessatti ramadama?
fa’a dha.
4. Namoonni biroo waa’ee barattoota rakkoo akkanaa qabanii maal yaadu?
Tarkaanfilee Furmaataa Fudhatamuu Qaban
5. Namoonni rakkoo akkanaatiif sababoonni maali jedhanii yaadu?
6. Namoonni
Qaamolee dhimmi biroo namoota
ilaallatu rakkoo akkanaa qaban
barsiisota,bulchiinsa managargaaruu yoo barbaadan
barumsaa,hojjattoota maal akka godhan
ekisteenshinii
gorsitu?
Fayyaa fi maatii barattootaa waliin marii waliinii taasisuu

Wal’aansaaf gara Buufata Fayyaa dhihoo jiruutti erguu

Manneen Barnootaa keessatti sagantaa garaa garaa irratti akka hirmaatan taasisuu

Barattootaa fi Maatii rakkoo akkasii qabaniif hordoffii taasisuu

Barattoota Rakkoo akkasii qaban gochoota isaan raawwatan ykn yaalii isaan taasisan hunda
jajjabeessuu fi dinqisiifachuun rakkoon isaanii akka hin hammaanne taasisuu fi kkf dha.

64
Kaayyoo dandeessisaa 4. Manneen barnootaa keessatti Tajaajila Fayyaa sammuutiif gochoota ijoo
raawwatamuu qaban (Yeroo ramadame: Sa’aatii 15)
Tartiiba gochaa 1:- Leenjifamtoonni fayyaa sammuutiin wal-qabatee manneen barnootaa keessatti
hojiilee ijoo hojjatamuu qaban akka yaada maddisiisan taasisaa.
Tartiiba gochaa 2. Yaada leenjifamtoonni kaasan Filiippi chaartii irratti barreessaa.
Tartiiba gochaa 3.Yaadota tarreeffaman keessaa yaada kamtu deebii ta’uu akka danda’u addaan baasuun
mariisisaa.

65
Tartiiba gochaa 4.Walitti qabuuf tajaajila fayyaa sammuu manneen barnootaa keessatti maal maaltu
akka hojjatamuu qaban yaadannoo haala mijeessaa armaan gadii ka’umsa
godhachuun ibsaa.

Manneen Barnootaa keessatti tajajila fayyaa sammuutiin wal-qabatee


hojiilee ijoo Ogeeyyii fayyaatiin raawwataman
3.1.1 Ragaa Sassaabuu
Manneen barnootaa keessatti rakkoolee fayyaa sammuu bal’inaan mul’atanii fi
haalota nama saaxilan ragaa isaa sassaabuu,xiinxaluu fi murtiif itti fayyadamuu.

HEF manneen barnootaa ganda ishii keessatti argaman keessatti gumiiwwan


barattootaa jiran irraa ragaa barbaachisaa ta’e sassaabuu fi sagantaa isaanii addaan
baasuun hojiilee hojjataman karoora ishii keessatti galchuu

Manneen Barnootaa keessatti sagantaa marii barattootaa,barsiistotaa fi maatii adda


baasuu

Ragaa sassaabame bu’uura godhachuun hawaasa M/B hirmaachisuun dhukkubbii


sammuu ittisuu fi too’achuuf karoora dandeenssisu qoheessuu

Hojiilee hojjataman qaama dhimmi ilaallatuuf yeroon gabaasa gochuu


3.1.2 Hojiilee hubannoo uumuu hojjachuu
Barattootaa fi barsiistotaaf,hawaasa mana barumsaa fi maatii/guddistootaaf waa’ee
fayyaa sammuu hojii hubannoo uumuu hojjachuu
Barattootaa fi barsiistotaaf,hawaasa mana barumsaa fi maatii/guddistootaaf rakkoo
fayyaa sammuu hojiilee ittisuu fi too’achuu irratti hirmaannaa isaanii akka guddisan
taasisuu
Barattoota rakkoo fayyaa sammuu qaban karaa hirmaachiseen kunuunsaa fi deeggarsi
fooyyee qabu akka taasifamuuf hubannoo barsiisotaa fi maatii/guddistootaaf
hubannoo uumuu
3.1.3 Barattoota Rakkoo Fayyaa Sammuu qaban tajaajila wal’aansaa akka argatan
gochuu
Barattoota rakkoo qaban addaan baasuu
Dhaabbilee fayyaa tajaajilli fayyaa sammuu keessatti kennamuu fi dhihootti
argamanitt rifarii erguu
Wal’aansaan wal-qabatee hordoffii fi deeggarsa taasisuu
Qoricha osoo addaan hin kutin akka fudhatan hordofuu fi barsiisuu
Deeggarsa hawaasummaa fi xiinsammuu taasisuu

66
Kutaa Kudha Tokko: Sagantaa Fayyaa Manneen Barnootaatti Qophii Balaa
Tasaa,Deebii Kennuu fi Damdamachuu (School health emergency
preparedness, response & recovery)
[Sa’aatii 2፡40]
11.1. Balaa Tasaa fi Haala Kenniinsa Tajaajila Wal’aansa Duraa
Kaayoo Dandeessisaa 1:- Manneen barnootaa keessatti balaa tasaatiif haalota nama saaxilan addaan
baasuu,Kanneen addaan bahan ittisuuf wantoota raawwatamuu qaban hawaasa M/B hubachiisuu
(Daqiiqaa 30).
Tooftaa Leenjii:- Yaada waljijjiiruu,Ibsa hirmaachisaa
Gocha 1:- Kayyoo kutaa kanaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2:- Yaadni akka ka’u taasisuu,ibsa marii (Daqiiqaa 25)
Tartiiba gochaa 1:- Leenjifamtoonni haalota balaa tasaatiif nama saaxiluu danda’an irratti cimdii
cimdiin ta’anii yaada akka kaasuu danda’an gaaffilee armaan gadii gaafadhaa.
 Balaa tasaa yoo jennu maal jechuu keenya?
 Manneen Barnootaa naannoo keessan jiran keessatti wantoonni balaa tasaatiif nama saaxiluu
danda’an maal maal fa’a?
 Wantoota balaa tasaatiif nama saaxilan akkamiin addaan baasuun danda’ama?
 Naannoo keessanitti M/B argaman keessatti balaa tasaa ittisuuf hojiileen hojjatamaa jiran yoo
jiraate ibsaa?
 Manneen barnootaa naannoo keessanitti argaman keessatti balaa tasaa ittisuuf maal maal fa’atu
hojjatamuu qaba?
Tartiiba gochaa 2:- Deebii Leenjitoonni kennan Filiippi chaartii irratti barreessaa
Tartiiba gochaa 3:-Yaadota tarreeffaman irratti yaada dabalataa fi sirreeffamaa gaafachuun mariisisaa.
Yaadota faayidaa qabanii fi marii keessatti ka’an yaada keessa galchuun yaadannoo haala mijeessaa 11.1
bu’uura godhachuun walitti qabaa xumuraa.

67
Yaadannoo Haala Mijeessaa 11.1.
Balaa Tasaa jechuun namoota irra tasa kan gahu ta’ee balaa ykn dhibee yeroo fi iddoo hin filanne
qaamaan miidhamuu,dhukkubsachuu fi du’a geessisuu kan danda’u jechuu dha.

Haalonni manneen barnootaa balaa tasaatiif saaxilan irra caalaan isaanii kaneen armaan gadiiti:-
Rakkoolee balaa tiraafikaa daandii irraa wajjiin wal qabatan,rakkoo ijaarsa bilookii mana
barumsaa fi dallaa wajjiin wal qabatan
Sosochii Ispoortii sirna hin qabnee fi tapha,walitti bu’iinsa

Sarara shiboo elektirikaa quunca’e fi meeshaa garaa garaa

Balaa ibiddaa

Gubaa Keemikaalaa fi kkf

Haalota balaa tasaatiif nama saaxilan naannoo keenyatti mul’atan addaan baasuu ilaalchisee
hawaasa mana barumsaa fi qaamolee biroo dhimmi ilaallatu waliin ta’uun ragaa sassaabuu fi
xiinxaluu,akkkaataa ragaa sassaabameetiin haalota qabatamaa balaa tasaa fi dhukkubaaf nama
saaxiluu danda’an addaan baasuu,kutaa hawaasa M/B irra caalaa balaa tasaa fi dhibeef saaxilamuu
danda’an sadarkaan kaayuu barbaachisa. Haalota balaa tasaatiif nama saaxilan ittisuuf hojiilee
armaan gadii hojjachuun barbaachisaa dha.

Dambii fi Qajeelfama bu’uuraa seera tiraafikaa hawaasa M/B hubachiisuu

Ijaarsi bilookii fi dallaa M/B mijaawaa fi balaa geessisuu kan hin qabne akka ta’u
hubachiisuu

Wontoota ibidda uumuu danda’an haada elektirikaa fi meeshaalee adda addaa akkasumas
keemikaalota dhabamsiisuu

Hawaasa mana barumsaa fi qaamolee biroo dhimmi ilaallatu waliin ta’uun balaawwan
qophii duraa barbaachisaniif qophiin balaa duraa akka taasifamu,haalota balaa tasaatiif
ka’umsa ta’anii fi addaan bahan dhabamsiisuuf hojiilee hojjatamuu qaban irratti hubannoo
uumuu

Manneen barnootaa keessatti keemikaala ibidda dhaamsu iddoo hunda akka jiraatu
taasisuu

68
Kaayyoo dandeessisaa 2:- Manneen Barnootaa keessatti balaa tasaa uumamuuf gosa gargaarsaa
bu’uuraa fi mala gargaarsi wal’aansa duraa ittiin kennamuu ni hubatu (Daqiiqaa 50).
Tooftaa leenjii:- Marii Garee,Ibsa hirmaachisaa
Gocha 1:- Kaayyoo kutaa kanaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2:- Marii Garee (Daqiiqaa 45)
Tartiiba gochaa 1:-Leenjitoota garee afuritti qooduun gaafilee armaan gadii irratti akka mari’atan
taasisaa.
 Manneen barnootaa naannoo keessan jiran keessatti balaan tasaa baay’inaan uumamu maal maal
fa’a? Akkamitti uumamuu danda’u?
 Manneen barnootaa naannoo keessan jiran keessatti balaa tasaa uumamuuf gosti gargaarsa
wal’aansa duraa kennamu maal fa’a?
 Manneen barnootaa naannoo keessan jiran keessatti balaa tasaa uumamuuf meeshaan gargaarsi
wal’aansa duraa ittiin kennamu maal fa’a?
Tartiiba gochaa 2:- Tokkoon tokkoo garee hojii garee isaanii akka dhiyeessan taasisaa. Hojii garee
dhiyaate irratti mariin bal’aan akka taasifamu hirmaattota jajjabeessaa.
Tartiiba gochaa 3:- Marii irratti dhimmoota ka’an yaada keessa galchuun yaadannoo haala mijeessaa
11.2 bu’uura godhachuun maricha xumuraa.

69
Yaadannoo Haala Mijeessaa 11.2:-
Gosoota balaa tasaa haala balaan tasaa itti qunnamuu danda’uu fi maloota kenniinsa gargaarsa
wal’aansa duraa
Manneen barnootaa keessatti balaawwan tasaa uumaman keessaa gurguddaan:- dhiigni namarraa yaa’uu fi
madaa,balaa ibiddaa fi elekterikaa,caba,buqqa’uu ykn miliqa ,summaa’uu,bineensota summii qabaniin
hiddamuu ykn ciniinamuu, waan alaa seenuun qaawwa funyaanii,gurraa fi qoonqotti rakkachuu fi kkf dha.
Haal balaan tasaa itti qunnamuu danda’u:-
Rakkinoota balaa daandii tiraafikaa walliin wal-qabatan, rakkoo ijaarsa bilookii mana barumsaa fi
dallaa wajjiin wal qabatan
Sosochii Ispoortii sirna hin qabnee fi tapha,walitti bu’iinsa

Sara shiboo elektirikaa quunca’e fi meeshaa garaa garaa

Dallaa manneen barnootaa keessa lubbu-qabeeyyii fi bineensota adda addaa jiraachuu danda’anii fi
kkf
Balaan tasaa/rakkoon fayyaa yeroo uumamutti maloonni kenniinsa tajaajila gargaarsa wal’aansa duraa
kanneen armaan gadiiti.
Adda baasuu/calaluu: - Dhukkubsattoonni/miidhamtoonni hundinuu sadarkaa miidhama isaaniitiin
wal-duraa duubaan tartiibessuun yeroo qusachuun saffisaan gargaarsa wal’aansaa akka argatan mala
adda baasuuf gargaaruu dha.
Maloota lubbuu baraarsuu bu’uuraa fayyadamuu:- maloota bu’uuraa lubbuu baraarsuu fi
gochoota raawwatamuu qaban yeroo hunda yaadachuun baay’ee barbaachisaa dha. Gabaajedhaan
“ABCDET” jedhamu.
(A፡Airway):- Qaama qilleensi keessa deemu banaa gochuun miidhamaan qilleensa akka argatu
gargaaruu jechuu dha. Kun gargaarsa gocha jalqabaa, baay’ee barbaachisaa fi ariifachiisaa ta’ee
dha.
(B፡Breathing):- Miidhamaan afuura baafachaa jiraachuu qulqulleeffachuu yoo ta’u beekuudhaaf
salphamatti afuura baafannaa isaa/ishee dhageeffachuu, boqoon sirritti itti dhihaachuun haala
hafuura baafachuu hubachuu, sochii qomaa sirritti xiinxaluu fi kkf fayyadamuun ni danda’ama.
Miidhamaan hafuura kan hin baafanne yoo ta’e gargaarsa akka hafuura baafatu deeggarsa (rescue
breathing) kennuu barbaachisa.
(C፡Circulation):- Miidhamaa irra dhiigni dhangala’u jiraachuu mirkaneessuu. Dhahannaa onnee
(Pulse Rate) lakkaa’uu fi dhiibbaa dhiigaa (BP) safaruu,dhiiguun kan jiraatu yoo ta’e bakka dhiigu
san cufanii sirritti qabuun gargaarsa dhangala’uu dhiigaa dhaabsisu kennuu dha.
(D:Deformity):- Lafeen sammuu fi ispaayinaal koordii miidhamee (head and spinal injury) yoo
jiraate adda baasuun miidhaa kanaaf gargaarsa barbaachisaa taasisuu.
(E-exposure).Miidhamaa uffata isaa gutumaaguututti irraa baasuun miidhaan dagatame yoo
jiraachuu dhabuu mirkaneessuu.Fkn caba harkaa fi miilaa,
(T:Transfer):- Rakkinoota lubbuuf sodaachisoo ta’an too’achuudhaan miidhamaa erga gargaarreen
booda gargaarsa wal’aansa dabalataatiif gara Buufata Fayyaa/Hospitaalaa erguun barbaachisaa dha.
Gargaarsa Wal’aansa Duraa Kennuu:
Dhiigni dhangala’uu fi madaa,balaa ibiddaa fi elektirikaa,caba,buqqa’aa fi miliqa,
summaa’uu,bineensota summaawoo ta’aniin ciniinamuu/iddamuu,qaama alaatiin
funyaan,gurri,qoonqoon cufamuu fi kkf balaan tasaa yeroo muudatu gargaarsa wal’aansa duraa
kennuun barbaachisaa dha.
Miidhamtoonni gargaarsa wal’aansa duraa erga argatanii booda gara BF/Hospitaalaa erguu
Hawaasa M/B kenniinsa gargaarsa wal’aansa duraa ilaalchisuun leenjii kennuu barbaachisa.
Gargaarsa wal’aansa duraatiif meeshaalee gahaa ta’an M/B’ keessa akka jiraatan taasisuu
barbaachisa.

70
Meeshaalee Gargaarsa Wal’aansa Duraatiif Barbaachisan
 Saanduqa muka ykn sibiila irraa rog-afree bal’ina 15X20X30 san.meetira qabu qopheessuu
Meeshaalee Gargaarsa Wal’aansa Duraa kennuuf gargaaran
 Saanduqa muka/sibiila irraa hojjatamee roga afree ta’ee fi bal’ina seenti-meetira 15X20X30
qabu qopheessuu
Meeshaalee wal’aansa/gargaarsa duraa
 Saanduqa muka ykn sibiila irraa bali’ina seentimeetira 15x20x30 qabu qupheessuu
 Carqii kirrii(jirbii) irraa hojjatamee, dhiqamee goggogee fi danfifame
 Carqii kirrii(jirbii) irraa hojjatamee, dhiqamee goggogee fi danfifamee roga afuriin kan qophaa’an
 Harka cabe hidhuuf kan gargaaru carqiiwwan roga sadi’ii qaban
 Carqii qulqulluu
 Milaacii/chiggiree/ haarawa,maqasii ykn wanta qara qabu
 Alkoolii madaa dhiquuf gargaaru, Aayodiinii ykn Saabiloonii
 Pilaastarii bakka madaawe ittiin qabsiisan
 Miila miliqe hidhuuf kan gargaaru carqii dhiifamaa (Baandeejii)
 Gaawuntii harkaa
 Safartuu dhiibbaa dhiigaa
 Meeshaa dhahannaa onnee dhageeffachuuf gargaaru
 Dhiqxuu madaa
 Safartuu hoo’aa
 Qoricha dhukkubbii yeroof namatti fooyyessan
 Guluukoosii 40%
 Lubbuu Baraaraa (ORS)
Dhangala’uu Dhiigaa dhaabuudhaaf Gargaarsa Duraa Taasifamu
 Kutaa qaamaa dhiigaa jiru gara oliitti ol-qabanii qabuu
 Carqii qulqulluudhaan iddoo dhiigu jabeessanii gadi qabuun dhiigni hanga dhaabatutti tursiisuu.
Harkaan gadi qabuun dhiigni dhaabachuu yoo dide naannoo kutaa qaama balaan dhiiguu irra
gahetti dhihaachuun haala yaa’insa dhiigaa irra miidhaan hin geenyeen jabeessanii hidhuu.
Balaa Ibiddaa Wal’aanuuf Gargaarsa Wal’aansa Duraa Taasifamu
 Qaama gubate irratti ariitiin bishaan qabbanaahaa naquu
 Gogaa qaama namaa waliin gubachuun carqiin itti maxxane yoo jiraate addaan baasuuf yaaluu
dhiisuu
 Haalli balaa uumamee guddaa yoo ta’e gara Hospitaalaa erguu
Balaa Elektirikaatiif Gargaarsa Wal’aansa Duraa Taasifamu
 Jalqaba madda elektirikaa balleessuu
 Nama balaan elektirikaan qabamuu isa qunname wantoota humna elektirikaa hin dabarsineen
fayyadamuun nama elektirikaan qabame gadi dhiisisuu

Balaa Cabiinsaatiif Gargaarsa Wal’aansa Duraa Taasifamu


 Lafeen irree harkaa fi lafee hattuu(thigh) yommuu cabu akka hin sochoone xaa’ulaa dheeraan bitaa
fi mirgi isaa hidhamuu qaba.
 Dhukkubsataan mormi ykn lafeen duugda isaa cabe yoo qunname kan mormaatiif bitaa fi mirgatti
hirkoo gochuun mataa isaa geejjibatti hidhuun mormaa fi hidhaa/mudhii osoo hin sosochoosin,
osoo hin kottoonfatin/dachaafaminii fi hin diriirin geejibsiisuu barbaachisa.

71
Nama Summaa’eef gargaarsa wal’aansa duraa taasifamu
Gosa Summii:- Asiidii cimaa fi alkaalaayinii, naafxaa,beenzina, alkoolii fi kkf ta’uu danda’a.
 Summiin afaaniin fudhatame yoo ta’e, aananii fi bishaan obaasaa ariitiin gara dhaabbilee fayyaa
geessuu.
 Summiin kutaa qaama alaa irratti dhangala’e yoo ta’e (ija,gogaa, fi kkf) qaama miidhame irratti
bishaan baay’inaan dhangalaasuu
 Gosti summii dhugee/fudhatee yoo beekama ta’e Saamuda summichaa ykn haqqee bilqaaxiin
fuudhuun gara dhaabbata fayyaa erguu.
Balaan aaraan ukkaafamuu yoo dhaqqabe
 Miidhamaa aaraan ukkaanffame naannoo itti ukkaamame irraa ariitiin baasuun qilleensa qulqulluu fi
gahaa akka argatu taasisuu
 Rakkoon hargansuun addaan cituu yoo qunname ariitiidhaan hargansuu nam-tolcheetiin gargaarsa
kennaafii gara dhaabbilee fayyaatti geessuu.
Nama rakkoon Hargansuun addaan ciccituu mudateef gargaarsa duraa taasifamu
 Ariitiidhaan wanti afaan ykn qoonqoo keessatti rakkate yoo jiraate baasuu
 Dugdaan ciibsuudhaan morma isaa duubatti diriirsuun maalolee fuulduratti ciibsuu
 Funyaan qubbeeniin qabuun qilleensa gahaa fudhachuun afaan ofii afaan gargaaramaa tti
qadaaduun qomni isaa hanga olka’utti sirritti qilleensi akka seenu taasisuu.
Bofaa fi bineensota summaa’oo birootiin nama iddame ykn ciniinameef gargaarsa taasifamu
 Miila bakka itti ciniiname irraa xiqqoo ol siiquun carqiidhaan hidhuu. Hidhaan yaa’insa dhiigaa
hanga dhaabutti jabeeffamee hidhamuu hin qabu. Naannoo mallattoon ciniinamuu jiru bishaaniin
sirritti qulqulleessuu, golguu fi gara dhaabbata fayyaatti erguu.
Ciniinnaa bineensotaa (saree,adurree,namaa fi kkf tiif gargaarsa Fayyaa barbaachisu
 Madicha saamunaa fi bishaaniin sirritti dhiquu. Qaama/luka ciniiname akka hin sosochoone
gochuu fi madicha osoo hin golgin gara dhaabbata Fayyaa dhihoo jiruutti erguu barbaachisa.

Nama balaan Qoonqoo keessatti waa danqamuu isa qunname gargaarsa wal’aansa duraa
taasifamuufii qabu
 Karaa duubaa dhaabachuun harka lamaan mudhii isaa hammatanii qabuu. Sanaan booda quba
harkaa lamaan wal keessa seensisuun kutaa garaa handhuuraa olii fi qomaa gadi jiru ariitiinii fi
humnaan gara oliitti dhiibuu.
 Gargaaramaan baay’ee guddaa ykn kan of wallaale/ yoo ta’e/taate ,dugdaan ciibsuun ganaa harka
lamaanii wal keessa seensisuun kutaa garaa handhuuraa olii fi qomaa gadi jiru ariitiinii fi
humnaan gara oliitti dhiibaa
 Kan balaan irra ga’e daa’ima yoo ta’e qoma isaa harka tokkoon jilba keenyarra gochuun karka
keenya kan birootiin duugda isaa rurrukutuu/dhadha’uu
Deeggarsa wal’aansa duraa Funuunaaf taasifamu
 Funyaan qubaan daqiiqaa 10’f ykn hanga dhiigni guutumaan dhaabatutti jabeessanii qabuu
 Qucee fi addarra carqii bishaan qabbanaa’aan cuuphame kaa’uu
 Dhiigni dhaabachuu yoo dide funyaan carqii quqlqulluun cuqqaaluun ariitiin gara dhaabbata
Fayyaa erguu barbaachisa.
Deeggarsa Wal’aansa duraa hoo’ina qaamaa (Gubaa) nama qabuuf taasifamu
 Gubaan qaamaa akka qabbanaa’uuf uffata irraa baasuu

72
 Fooxaa bishaan qabbanaa’aa cuuphameen qaama qabbaneessuu, Kanaan gubaan qaamaa hin
hir’atu yoo ta’e qoricha yeroof itti fooyyessu(anti pain) kennuufii, gara dhaabbata fayyaatti
ariitiin erguu
Deeggarsa Wal’aansa duraa dhibee gaggabdootiif Taasifamu
 Dhukkubsataan iddoo hamaatti akka hin kufnee fi osoo dhidhiitatuu akka hin miidhamne
deeggaranii qabuu
 Uffanni jabinaan hidhame qabattoo, karabaatiin yoo jiraate fuffuruu/laaffisuu
 Miidhamaa cinaatti ciibsuu, waan kamuu afaaniin kennuufii dhiisuu
 Hancufaa fi gorora afaan keessaa yaa’u carqii qulqulluun irraa haquu/haxaawuu

11.2. Balaa Tasaa Ittisuu, Qophii taasisuu fi Deebii kennuu (Daqiiqaa 80)
Kaayyoo Dandeessisaa 1:- Kutaan barnootaa kun yeroo xumuramu leenjifamtoonni osoo hin yaadamin
maalummaa balaa tasaa nam-tolchee fi uumamaa, miidhaa qaqqabu, raaga/tilmaama balaan duraa fi mala
ittisaa ni hubatu (Daqiiqaa 40).
Tooftaa Leenjii:- Yaada Burqisiisuu, ibsaa fi marii hirmaachisaa taasisuu
Gocha 1:- Kaayyoo kutaa kanaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2:- Yaada burqisiisuun kaasuu (Daqiiqaa 35)
Tartiiba gochaa 1:- Leenjifamtoota mariisisuuf gaaffilee armaan gadii gaafadhu
 Muuxannoo keessan irraa ka’uun balaan tasaa nam-tolchee fi uumamaa jechuun maal jechuu akka
ta’e ibsaa!
 Naannoo keessanitti balaan tasaa nam-tolchee fi uumamaa gosa kam kamtu uumamuu danda’a?
Miidhaa akkam akkamii geessisuu danda’u?
 Naannoo keessanitti balaa tasaa nam-tolchee fi uumamaatiin miidhaa qaqqabuu danda’u akkamiin
hir’isuun/ittisuun danda’ama?
Tartiiba gochaa 2:- Deebii leenjifamtoonni kennan filiippi chaartii irratti barreessaa.
Tartiibagochaa 3:- Yaadota tarreeffaman irratti ibsa dabalataa fi yaada sirreeffamaa gaafachuun
mariisisi. Yaadota barbaachisoo ka’an yaada keessa galchuun yaadannoo haala mijeessaa 11.2.1. bu’uura
taasifachuun guduunfaa.

73
Yaadannoo Haala Mijeessaa 11.2.1: Naannoo Manneen Barnootaatti raaga balaa tasaan duraa taasisuu fi deebii
kennuu
Raaga balaa tasaan duraa taasisuu fi deebii kennuun Xiyyeeffannoo fi dhimma wal-ta’iinsa seekteroota hundaa
barbaadu yoo ta’u, waajjira Ittisa Balaa, deebii kennuu fi gamaaggamaa Aanaa wajjiin wal-ta’iinsaan kan hojjatamuu
dha.
Saaxilamummaa adda baasuu fi sakatta’iinsa gaggeessuu:- Mooraa manneen barnootaa keessatti wantoota
barattoota irraan miidhaa/balaa geessisuu danda’an adda baasanii beekuu. Kunniinis, dareewwan barnootaa jiguu
danda’anii fi gamoowwan, iddoo taphaa, iddoowwan ispoortii adda baasuu, meeshaalee ibiddaa fi dhoohinsa qabsiisuu
danda’an adda baasuu. Dabalataanis, barattoota amalii isaanii hawaasa mana barumsaatiif yaachisaa ta’e qaban adda
baasuu.
Tooftaa hanga miidhaa balaan tasaa aqabsisuu ittiin hir’ifamu:- Gosa ittisaa yoo ta’u, balaan erga uumameen
booda lubbuu namaa fi qaamaa akkasumas qabeenya irratti balaa/miidhaa gahuu danda’u hir’isuuf tarkaanfii
fudhatamuu dha. Gochoonni ijoon hojjatamuu qabanis kanneen armaan gadiiti:-
Saanduqni wal’aansa gargaarsa duraa (First Aid kit) gahaa fi guutuu ta’e jiraachuu mirkaneessuu
Yeroo balaan tasaa uumamaa fi nam-tolchee uumamu iddoo walitti qabama yeroo muddamsuu adda baasuu fi
qopheessuu
Hawaasa manneen barnootaa keessatti wal’aansa gargaarsa duraa namoonni kennuu danda’an akka jiraatan taasisuu fi
adda baasanii beekuu
Odeeffannoo haala qilleensaa naannnoo naannootti taasifamu hordofuu fi hawaasa mana barumsaatti beeksisuu
Dhaabbilee fayyaa dhiheenyaan fi ariitiin tajaajila wal’aansa fayyaa dabalataa kennuu danda’an adda baasuu fi walitti
hidhamiinsa uumuu
Miidhama/dhibee tajaajila fooyya’aadhaaf ol-ergamuu qaban ragaa, beekumsaa fi dandeettii barbaachisaa ta’e
cimsachuu
Qophii Karoora Balaa Tasaa:- manneen barnootaa irra hanga balaa qaqqabuu fi irra deddeebii isaa hir’isuuf kan
gargaaru adeemsa qophii duraa yoo ta’u kana keessattis tartiiba hojiilee hojjatamu qaban tokko tokkoon, leenjiiwwanii
fi shaakala adda addaa kan of keessaa qabu ta’ee, balaawwan tasaa dandamachuuf karoora qophaa’uu dha.
Hojjattuun Ekisteenshinii Fayyaa yeroo qophii karooraa koree balaa tasaatiif deeggarsa ogummaa armaan gadii ni
taasifti. Isaanis:-
Barattootaa fi haala fayyaa hawaasa manneen barnootaa adda baasuun ni galmeessiti
Barattoota qaamaan miidhamtootaa fi hawaasa manneen barnootaa waliin ta’uun iddoowwan balaan itti qaqqabuu malu
irraa karaa ittiin miliqan, karooraa fi maloota wal’aansa gargaarsa duraa ni qopheessiti.
Barattoota qaamaan miidhamtootaa fi hawaasa manneen barnootaa waliin ta’uun iddoowwan balaan itti qaqqabuu malu
irraa karaa ittiin miliqan, karooraa fi maloota wal’aansa gargaarsa duraa irratti leenjii ni kenniti.
Hawaasa manneen barnootaatiif, maatiif ykn guddiftootaaf, barattoota hojii tola ooltummaa hojjataniif leenjii kennuun
hojii ijoo dha.
Karoora balaa tasaa koree balaa tasaa waliin ta’uun yaaluu/hojii irra oolchuu

74
Yaadannoo Haala Mijeessaa 11.2.2;
Maalummaa, gosaa fi miidhaa balaa tasaa uumamaa fi nam-tolchee qaqabsiisuu
Hiika:- Akka hiika dhaabbata Fayyaa addunyaatti balaa jechuun deeggarsa dabalataa kan barbaaduu fi
qabeenya baay’ee kan balleessu taatee uumamaati. Balaan uumamaa manneen barnootaa dabalatee
yeroo fi iddoo kamitti uumamuu danda’a. Gosti balaa uumamaa tokko tokko dursanii raaguun kan
danda’amuu fi qophaa’uudhaaf kan yeroo namaa kennu yoo ta’an tokko tokko immoo tasa uumamuun
miidhaa guddaa qaqqabsiisu.

Gosoota Balaa Tasaa:- Gosoonni balaa tasaa kanneen armaan gadiiti. Isaanis:- Balaa ibiddaa fi
dhoohinsaa, balaa lolaa, hoongee, balaa diigamuu gamoo fi manneenii, balaa sigigaachuu fi hollannaa
lafaa, walitti bu’iinsa/ conflict/, obomboleettii cimaa, weerara, hoo’a cimaa fi kanneen birooti.
Naannoo manneen barnootaatti gosoonni balaawwan irra deddeebi’anii uumamanii kanneen keessatti
kan hammataman yoo ta’u haala qabatama naannoo isaaniitiin garuu iddoodhaa iddootti
garaagarummaa akka qaban hubachuun barbaachisa.

Balaawwan haala kanaan uumaman miidhaawwan armaan gadii geessisuu danda’u;-


Miidhaa lubbuu fi qaamaa
Uumamuu weeraraa fi dhukkuboota daddarboo
Dhiyeessiin bu’uraalee misoomaa addaan ciccituu fi manca’uu
Dhiyeessiin fedhii bu’uuraa jeeqamuu
Manca’uu qabeenyaa
Gaaga’ama diinagdee
Dhiibbaa xiin-sammuu fi gaaga’ama jireenya hawaasummaa

75
11.3. Naannoo Manneen Barnootaatti Raaga Balaa Fayyaa Hawaasaa Taasisuu fi Deebii Kennuu
Kaayyoo dandeessisaa 1:- Naannoo manneen barnootaatti raaga balaa fayyaa hawaasaa dursanii
taasisuun mala ittisaa fi duub-deebii itti kennamu ni hubatu (Daqiiqaa 40).
Mala Leenjii:- Yaada wal jijjiiruu, ibsa hirmaachisaa
Gocha 1:- Kaayyoo kutichaa hubachiisuu (Daqiiqaa 5)
Gocha 2:- Yaada wal-jijjiiruu (Daqiiqaa 35)
Tartiiba gochaa 1:- Leenjifamtoota mariisisuuf gaaffilee armaan gadii gaafadhu.
 Muuxannoo keessan irraa ka’uun dhukkuboota weeraraan manneen barnootaatti uumaman ibsaa
 Naannoo manneen barnootaatti weerara dhukkubaa salphaatti namarraa namatti daddarbuu
danda’an fakkeenyaaf kan akka haqqee fi baasaa ariifachiisaa osoo uumamee maal gootu?
 Sababoota dhukkubootni daddarboo bifa weeraraatiin manneen barnootaa naannoo keessanitti
argaman keessatti ka’uumsa ni ta’u jettan ibsaa
 Manneen barnootaa naannoo keessanitti argaman keessatti weerarri dhukkuboota daddarboo osoo
uumamee eenyuuf gabaasa gootu?
Tartiiba gochaa 2:- Yaada Leenjifamtoonni kennan Filiippi Chaartii irratti Barreessaa
Tartiiba gochaa 3:- Yaadota tarreeffaman irratti ibsa dabalataa fi yaada sirreeffamaa gaafachuun
mariisisi. Yaadota marii keessatti ka’anii fi faayidaa qaban yaada keessa galchuun yaadannoo haala
mijeessaa 11.3.1. bu’uura godhachuun xumuraa.
Yaadannoo Haala Mijeessaa 11.3.1.
Manneen Barnootaatti irra deddeebiin weerara dhibee uumamuu danda’u:
 Haqqee fi Baasaa ariifachiisaa (HBA)
 Shiftoo
 Manjalloo
 Darbee darbee qufaa kan fakkaatu dhukkuboonni qaama hargansuu uumamuu danda’u

Gabatee X: Weerara dhibee manneen barnootaatti ammaa amma mul’achuu danda’an:


Naannoo manneen barnootaatti balaan weeraraa osoo uumamee hojiilee hojjatamuu qaban
 Barattoota mallattoon dhukkubaa irratti mul’ate adda baasuu fi gara dhaabbata fayyaatti erguu
 Sababoota weeraraaf sababa ta’an adda baasuun furmaata itti barbaaduu
 Waa’ee weerara uumamee barattootaa fi hawaasa mana barumsaa mallattoolee, ka’umsaa fi mala
ittisaa irratti barumsa Fayyaa kennuu
Naannoo manneen barnootaatti sababoota weeraraa
 Daa’imman talaallii hin xumurre
 Rakkoon qulqullina bishaanii, naannoo fi dhuunfaa jiraachuu
 Kutaaleen barnootaa dhiphachuu fi qulqullinaan qabamuu dhabuu
 Hoongee fi balaa uumamaaf saaxilamuu
 Hanqina nyaataatiif saaxilamuu

76
T.L Weerara Mallattoo ittiin adda bahu
1 Haqqee fi Baasaa Ariifachiisaa (HBA) Barataan tokko (barataan Umriin waggaa 5 fi isaa ol ta’e)
baasaa ariifachiisaa bishaan fakkaatu akkasumas
haqqeedhaan yoo qabame jechuu dha
2 Shiftoo Barataan tokko mallattoolee armaan gadii yoo qabaate
(Hoo’a qaamaa fi shiftoon gogaa irraatti mul’achuu
akkasumas mallattoolee armaan gadii keessaa tokko yoo
mul’ate; ijji diimachuu, qufaa fi furriin baay’achuu)
3 Manjalloo Barataan tokko mallattoolee armaan gadii yoo qabaate
(hoo’a qaamaa fi dabalataan mallattoolee armaan gadii
keessaa tokko yoo mul’ate sosochiin mormaa murtaa’uu
ykn akka barbaadamutti soscho’uu dhabuu
4 Dhukkuboota qaama hargansuu Barattoota lakkoofsi isaanii baay’ee ta’e mallattoolee
armaan gadii yoo qabaatan (qufaa, furrii, haxxifachuu,
funyaan sukkumuu, harganuuf rakkachuu fi kkf…

77
Kutaa kudha lama: Hordoffii Fi Gamaaggama (Monitoring and Evaluation)
Ibsa Kutaa Barnootaa
Kaayyoo Gooroo Kutaa Barnootaa:- leenjitoonni sagantaa fayyaa manneen barnootaa ilaalchisee
ragaalee sassaabuun, qindeessuu, xiinxaluu fi hiika itti kennuu, kanumarra dhaabachuun karoora
karoorsuu fi murtii fooyya’iinsa hojii irra oolmaa dabarsuu akkasumas qaamonni hojii raawwachiiftuu
dandeettii gamaaggama akka taasisaniif isaan dandeessisu qaabsisuu dha. Kutaan Barnootaa kun
walumaagalatti sa’aatii 4 ni fudhata.
Kaayyolee dandeessisaa kutaa barnoota kanaa:- leenjitoonni xumura kutaa barnootaa kanatti
kaayyolee armaan gadii galmaan ni gahu:-
1. Ragaa agarsiiftota ijoo Sagantaa Fayyaa manneen barnootaa ni hubatu
2. Ragaa Sagantaa Fayyaa manneen barnootaa galmeewwan ragaaleen ittiin sassaabamanii fi
uunkaalee fayyadamuun dandeettii ragaa Sassaabuu ni cimsatu
3. Ragaa Sagantaa Fayyaa manneen barnootaa qindeessuu, xiinxaluu fi gabaasa gochuu irratti
dandeettii ni cimsatu
4. Dandeettii ragaa Sagantaa Fayyaa manneen barnootaa bu’uura godhachuun karoora karoorsuu fi
gamaaggama gaggeessuu ni cimsatu.
Ciicolee Barbaachisan:- uunkaaleen/taalii shiittiin, uunkaa karooraa , filiippi chaartii, maarkarii,
qorannoo taatee, moojulii leenjisaa.
Maloota leenjiin ittiin kennamu:- gaafii fi deebii, hojjatanii agarsiisuu, yaada burqisiisuu (brain
streaming), qorannoo taatee, ibsa hirmaachisaa, marii garee.
Kaayyoo Dandeessisaa 1:- Agarsiistuu sagantaa Fayyaa manneen barnootaa (Daqiiqaa 30

78
Gocha 1:- Ibsa hirmaachisaa
Leenjisaan safartuuwwan sagantaa Fayyaa manneen barnootaa armaan gaditti tarreeffaman hirmaattota
keessaa namni tokko sagalee isaa ol-fuudhuun akka dubbisu gochuun ibsa kennaafii.
Hiika tokkoonYaadannoo Leenjisaa:-
tokkoo agaarsiistuu Agarsiiftota
fi raawwii Fayyaa
sagantaa isaanManneen Barnootaa
safaranii ibsaa.
Agarsiiftonni sagantaa Fayyaa mannneen barnootaa barbaachisoo ta’anii saanduqa armaan gadii keessatti
Baay’ina daa’immaan
tarreeffamanii jiru. barattoota waggaa 5 gadii yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko qoricha
farra raammoo garaa keessaa fudhatan (Deworming)

Baay’ina daa’immaan barattoota waggaa 5 gadii yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko
vaayitaamina A fudhatan

Baay’ina barattoota qorannoo ijaa taasisanii (Visual Screening)

Baay’ina barattoota qorannoo dhageettii taasisanii (Hearing Screening)

Baay’ina barattoota guddattoota shamarranii umrii 9-14 talaallii “HPV” yeroo lama
fudhatanii

Baay’ina barattoota umrii waggaa 5 gadii talaallii shiftoo yeroo lama fudhatanii

Baay’ina barattoota calallii hanqina nyaataaf taasisanii (Nutrition Screening)

Baay’ina barattoota hanqinni nyaataa isaan qunname (Proportion of Malnutrition)

Baay’ina barattoota vaayitaamin “A” fudhatanii

Mana fincaanii harka dhiqannaa qabu (reeshoo baay’ina barattoota saalaan)_ Latrine to
student ratio

Reeshoo baay’ina barattootaa fi dhiyeessii qulqullina bishaanii (safe water points to student
ratio)

Barattoota saaxilamummaa fayyummaa sammuutiif adda baasuu/screening sessions/


Lakkoofsa/ (screening for vulnerability to mental health disorder);

Yoo xiqqaate barattoota lama leenjii wal’aansa gargaarsa duraa fudhatan/baay’ina manneen
barnootaa barsiisota leenji’an qabu

Baay’ina manneen barnootaa gumii Fayyaa manneen barnootaa hojii keessa jiru qaban

Baay’ina kutaa barnootaa barnoonni Fayyaa kenname (fayya wol-hormaataa, sirna nyaataa,
HIV/AIDS fi Dhibeewwan nafa saalaa, dhukkuboota daddarboo hin taane, Fayyaa sammuu,
bishaan, qulqullina dhuunfaa fi naannoo, talaallii fi kkf)

79
Kaayyoo Dandeessisaa 6.2. Galmeewwanii fi uunkaalee ragaan sagantaa fayyaa manneen barnootaa
ittiin sassaabamu fayyadamuun ragaalee Sassaabuu (Daqiiqaa 60)
Gocha: - Hojii Garee
Leenjisaan galmeewwanii fi unkaawwaniin wal-barsiisaa, erga wal-barsiiftanii/beeksiftanii kaatanii
booda immoo seenaa gochaa shaakalaaf qophaa’e irratti hundaa’uun miiltoo 2 akka guutanii fi kan
guutames karaa bakka buutota gareetiin hirmaattota hundaaf akka dhihaatu taasisaa.
Seenaa Haala 1. Ragaa sagantaa fayyaa mana barumsaa sassaabuu

Manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Kuyyuu Aanaa Beshagan ganda kuyyuutti kan argamu yoo ta’u manni barumsaa
kun barumsa qophaani duraa, barumsa saaykilii tokkoffaa fi lamaffaa sadarkaa jalqabaa ni kenna. Manni barumsaa kun
akka walii galaatti baratoota 600 kan qabu yoo ta’u, (Shamarran 250 fi Dhiira 350). Mana barumsichaatti barsiisootni
20 kan argaman yoo ta’u isaan keessaa 12dhiraa fi 8 dubartoota.

Mana Barumsaa Dhiira Dhalaa Walii gala


baratoota walii gala 350 250 600
Qophaa’insa duraa (Umurii waggaa 5 gadi) 50 50 100
Saaykilii jalqabaa (waggaa7-10) 200 100 300
Saayikilii lamaffaa 100 100 200
Barsiistota 12 8 20
Manni barumsaa kun mana fincaanii 4 kan qabu yoo ta’u, lama barsiistotaaf lama ammoo barattootaaf tajaajila kan
kennuu dha. Mani fincaanii kun dhiiraa fi dubartootaaf jedhamee adda hin bane. Dabalataaniis dareeleen barumsaa kun
kan hin qulqulloofne ta’u irraa kan ka’e waraqaa fi kosiin adda addaa ni mul’ata.
Manni barumsaa kun ujumoo bishaani tokko kan qabu ta’us bakka harka dhiqannaa hin qabu. Naannoo mana
barumsichaatti qulqullina naannoo fi dhuunfaa bakka bu’ootni barsiistootaa fi baratootaa jiraatanis haala itti fufiinsaa fi
dhaabbataa ta’een to’annaan qulqullina naannoo mana barusaa waan hin gaggeefamneef dallaa mana burumsichaa
keessatti kosiin bakka adda addaatti bittinaa’e kan mul’atu yoo ta’u manni fincaanii yeroo yeroo dhaan waan hin
hedduu kan fayyadaman mooraa mana barumsaa keessaa fi bosona naannoo
qulqullefamneef baratootni yeroo
mana barusaa jiru keessatti dha.

Aanicha keessaatti bishaan ujumoo kan hin jire waan ta’eef jiraattotni hedduu fi barattootni mana
barumsichaa bishaan fuulaa fi qama isaanii akkasumas huccuu/uffata isaanii ittiin dhiqachuu fi miicachuuf
isaan barbaachisu argachuuf karaa dheeraa deemuuf ni dirqamu. Kun ta’uu isaatiin qulqullina dhuunfaa
isaanii haala gahaa ta’een akka hin eegganne isaan taasisee jira. Sababuma kanaan kanaan walqabatee
barattoota mana barumsichaa irratti calallii ogeettiin ekisteenshinii fayyaa gaggeesiteen raga armaan gadii
sassaabuu dandeessee jirtti.

80
Calallii Fayyaa Dhiira Dhalaa Ida’ama

Ida’ama daa’imman calalliin taasifameef 300 200 500

Rakkoo dandeetti ilaaluu ijaa kan qaban 15 12 27

Hanqina nyaataa kan qaban 100 75 175

Rakkoo dandeetti dhagahuu kan qaban 5 3 8

Citoon kan irratti argame 150 60 210

Waggaa keessatti dubartoota umurii malee gaa’ilaaf kaadhimaman 30 30

Gaa’ila umrii malaa waggaa keessat haqame 20 20


Barattoota dubaraa yaalii aggaamii saalaa iratti dhaqabe gabaasan 40 40
Barattoota dubara haala eegumsa qulqullina marsaa laguu irratti 20 20
barumsa argatan
Kan dhugaatii alkoolii gabaasan/kan irratti dhihaate 30 10 40

Yaadannoo Leenjisaa: Ragaa Sagantaa Eegumsa Fayyaa Mana Barumsaa sassaabuu

 Ragaaleen eegumsa fayyaa mana barumsaa bu’a qabeessa ta’aan karaa adda addaatiin sassaabamuu ni
danda’u. Fakkeenyaaf galmee irraa, af-gaaffii dhaan, ilaaluudhaan ta’uu ni danda’a.

 Ragaan yeroo eeggatee fi qulqullinaa sassaabame bu’uura murtoo sirrii ta’eti.

Kaayyoo Dandeessisaa 3. Raga Sagantaa Fayyaa Mana Barumsaa Qindeessuu, Xiinxaluu fi Gabaasa
Kan itti fufe
Gochuu Yeroo Sa’aa 1:30
Gocha Hojii
Tajaajilli gareeekisteenshinii fayyaa waggaa keessatti kennite haala armaan gadittin ni dhihaate
ogeettiin
Leenjisaan galmee armaan olitti guutamee, uunkaalee fi seenaa haala shaakali miiltoo shan fayyadamuun
leenjifamtootni agarsiistuuwwan yaadannoo leenjisaa
Tajaajila fayyaa Dhiiraarmaan Dhalaa
olitt tarreefamanIda’ama
irraa raga akka
qindeessan, xiixalanii fi gabaasa qopheessanii fillip chaartii dhaan bakka bu’oota gareetiin hirmaatootaa
Qoricha farra
waliigalaatiiif akkaraamoo garaa keessaa
dhiheessan kanTokkoon
taasisaa. argatan tokkoo
100 garee hojii
50 dhiheessan irratti150 hundaa’un haala
sirrii Qoricha
ta’een ragaa argisiistuu sagantaa guutuu, qindeessuu
tiraakooma kan argatan 150
fi qophii
120
gabaasa gabaabaa270 ilaalchisee ibsa ha
kennan.
Vaataamina “A” kan argatan 50 70 120
Yaadannoo Leenjisaa:- Ragaa sagantaa eegumsa fayyaa mana barumsaa sassaabuu, qindeessuu,
Talaalliin
xiinxaluu HPV kan kennameef
fi gabaasu 130 130
Barumsa
Ragaasirnna
agarsiistuu sagantaakanlakkoofsaan,
wal hormaataa argatan dhibbantaan,
200 saalaan,
150 umrii, sadarkaa350 kutaa fi kkf
shallagamuu/ qindaa’uu ni danda’u
Meeshaalee
Bu’uura deeggarsa
madaallii barnootaa kansagantaatiin
agarsiistuu kennameef hojii225raawwii gadi250 aanaa fi giddu 475
galeessa qaban
gamaggamanii sababii isaa adda baasuun ni danda’ama.
Mana barumsaa keessa minii midiyaan adda addaa fi gumiin sirna wali hormaataa jiraatanis akkataa gahaa
 Qophiin gabaasaa barreefamaan, giraafiidhaan, lakkoofssaan dhibbantaan ibsamuu kan qabu ta’ee
ta’een unka
socho’aa kan hin
gabaasaa jireee dha.
agarsiistota Waggaa qophaa’e
gurguddoo darbee keessa
irrattibarumsi sirnna wal
bu’ureefachuun kanhormaataa
qophaa’u minii
dha. miidiyaan
kan darbe yeroo sadi (03) qofa. Eegumsa fayyaa mana barumsaa ilaalchisee bariisoni akka qindeesan
ramadaman hin jiranu. Dabalataanis manni barumsaa kun gurmaa’insaa fi qophii ittisa balaa tasaaf deebii
kennuuf isa dandeessisu hinqabu. Naannoo mana barumsichaatis manni shiishaa fi dhugaatii hedduminaan
marsee argamu.

Manni barumsaa wiirtuu fayyaa qabaatus yeroo baayee81tajaajilli itti hin kennamu. Uunkaalee galmee fi
sanadootin gahaan hin jiran. Gabaasini waggaatti altokko kan qophaa’u ta’us qooda fudhattoota kan
hirmaachisee miti. Gamaaggamni qoodafudhattoota hirmaachise gaggeefamee hin beeku.
Kaayyoo Dandeessisaa 4. Karooraa fi Gamaaggama Ragaa Sagantaa Fayyaa Mana Barumsaa
Bu’ureefate gaggeessuu
Yeroo Sa’aa 1:00
Gocha:- Hojii garee
Leenjifamtootni ragaalee armaan olitti xiinxalaman bu’ureefachuun uunka yeroo hunda karoora waaggaa
ittiin qopheeffatanitti fayyadamuun karoora wagga mana barumsichaa qopheessuu ni danda’u. Tokkoon
tokkoo garee karaa bakka bu’oota isaaniitiin hirmaatoota waliigalaatiif karoora isaanii akka dhiheessan
taasisaa. Karoora dhiheessan irratti hundaa’un tokkoon tokkoo gareetiif qabxiilee armaan gaditti
tarreefaman filiip chaartii irratti barreessuun ibsaaf.

Yaadannoo Leenjisaa:- Qopheessuu Karooraa fi Gamaaggama Sagantaa Fayyaa Mana Barumsaa

 Qophiin karoora waggaatti al tokko kan raawwatamuu ta’ee ji’aa fi kurmaanaan caccabee ni taa’a.
 Qophiin karooraa hojiiwwan idileen raawwatamanii fi yeroo ragaan xiinxalamu hanqinoota mul’atan
yaada keessa kan galche ta’uu qaba.
 Qophiin karooraa qooda fudhatoota kan hirmaachise ta’uu qaba.
 Qophiin karoora uunka karooraa kan hordife ta’uu qaba.
 Karoorich filipi chaartii irratti unkaan qophaahee gidira wiirtuu fayyaa mana barumsaa irratti
maxxanfamuu qaba.
 Karoorichi hawaasa mana baruumsaaf ibsamuu qaba.
 Bu’uura karoorichaatiin gamaaggamni raawwii ji’aan, kurmaanaa fi waggaan iddoo qoodafudhattootni
argamanitti gaggeefamuu qaba.
 Bu’aalee gurguddoo fi hanqinaalee gamaaggama raawwii irratti adda bahan sababoota isaanii addaa ni
baasuu, yaada furmaata ni kaa’u.

82
Kutaa Kudha Sadi: Shaakallii Dirree fi Daawwannaa Mana Barumsaa
Yeroo Sa’aatii 6:00
Meeshaalee Deeggarsa Leenjii
 Qajeelfama leenjisaa fi maanuwaalii leenjitootaa
 Uunkaalee hordoffii fi ragaan ittin sassaabamu
Qophii Duraa
Leenjisttootaaf kutaa barumsaa kana siritti dubbisuu fi hubachuun meeshaaleen deeggarsa leenjii
qopaa’uan are direetti geeffamuu isaa mirkaneessuu.
Leenjifamttootaaf; uunkaalee fi qajeelfamoota hordoffi mana barumsaaf qophaa’an dursanii dubbisuu fi
hubachuu
Tooftaalee Leenjii; Shaakala dirree, hojii garee, marii walii galaa
Gocha 1. Kaayyoo sagantaa kutaa kanaa leenjifamttootaaf ibsaa (Daqiiqaa5)
Gocha 2. Cheekliistii ragaan mana barumsaa ittin sakatta’amu irratti hubannoo kennuu (Daqiiqaa 20)
Leenjifamttoota gareedhaan akka gurmaa’an taasisaa. Itti aansuun uunka ragaan mana barumsaa ittiin
sakatta’amu maanuwaalii leenjitootaa keessa jiru gareedhaan akka dubbisanii fi fakkeessanii akka
taphatan taasisaa. Gareen hundinuu dabareedhaan cheekiliistii ragaan ittin sakatta’amu leenjitoota
waliigalaatiif akka dhiheesani fi irratti mari’atan taasisaa. Dhuma irrattis gareen hunduu cheekliticha
irratti hubannoo gahaa argachuu fi shaakalii direetiif qophii ta’uu isaanii mirkaneeffadhaa.
Gocha 3. Daawwanna mana barumsaa/ shaakali ragaa sassaabuu fi gareen hojachuu (Sa’aatii 3)
Akkatuma cheekliistii kennameetiin gareedhaan qoodamani sakatta’iinsa fayyaa mana barumsaa haa
gaggeessan. Haaluma sakatta’iinsa fayyaa gaggeefameen, haala fayyaa mana barumsaa, rakkoolee fayyaa
gurguddoo adda baasuu, duraa duban kaa’uu fi akkamiit furmaatin itti keennamuu akka qabu yaada
furmaataa fi karoora hojii akka qopheessan taasisaa.
Gocha 4. Gabaasaa fi Duub deebii (Sa’aatii 2:35)
Turmaata shaakalii diree gamaaggamuuf marii duub deebii gabaabaa taasiisaa. Yeroo daawwannaa diree
irraa deebi’an gareewwan karaa bakka bu’oota isaaniitiin hojii garee isaanii daree leenjjii keessatti akka
dhiheessan taasisaa.

83
Miiltoo Tokko
Gabatee 1. Calallii Baratootaaf Irratti Taasifamu/ Gosoota Qorannoo fi Haala Raawwii
Lak. Gosoota Qorannoo Yeroo Qorannoo itti Meeshaa Qaama Qorannoo Gahee Ogeettii Tarkaanffii sirreeffa
Taasifamu gaggeeffamuu qabu Barbaachisanii fi Raawwatu Ekistenshinii Fudhatamu
Akkataa Itti Qoratamu Fayyaa (OEF)
1 Calallii/Qorannoo Waggaatti al tokko chaartii “sinelen’ii, Ogettii Ekistenshinii Qorannoo ijaa Gara dhaabbata fayyaatti er
rakkoo fayyaa ijaa gaaffi fi qorannoo Fayyaa
qaamaa ijaa
2 Qorannoo rakkoo gurraa waggaatti al tokko Gaaffi, Qorannoo OEF Gaaffii, qorannoo Gara dhaabbata fayyaatti er
gaggeessuu, ol-
eerguu
3 Qorannoo rakkoo Yeroo barumsi Baatrii OEF Qorannoo Afaanii Gorsa barbaachisoo ta’aan
fayyaa afaanii fi ilkaanii jalqabamuu fi ji’a jaha akkataa rakkoo fayyaa
jahaan muudateen wal’aanuu fi
dhaabbata fayyaatti erguu
4 Qorannoo gogaa qaama Yeroo barumsi Qorannoo qaamaan alatti OEF fi barsiisaa mana Qorannoo Yaalaa Gorsa barbaachisoo ta’aan
jalqabamuu fi ji’a sadi meeshaan biraa hin barumsaa akkataa rakkoo fayyaa
sadiin barbaachisu muudateen wal’aanuu fi
dhaabbata fayyaatti erguu
5 Qorannoo yaalaa Torban torbaniin Qorannoo qaamaan alatti OEF fi barsiisaa mana Qorannoo Yaalaa Gorsa barbaachisoo ta’aan
rifeensaa meeshaan biraa hin barumsaa akkataa rakkoo fayyaa
barbaachisu muudateen wal’aanuu fi
dhaabbata fayyaatti erguu
6 Qorannoo yaalaa Torban torbaniin Qorannoo qaamaan alatti Barsiisaa mana Qorannoo Yaalaa Gorsa barbaachisoo ta’aan
qeensaa meeshaan biraa hin barumsaa akkataa rakkoo fayyaa
barbaachisu muudateen wal’aanuu fi
dhaabbata fayyaatti erguu
7 Qorannoo yaalaa Yeroo barumsi Gaaffii, meeshaa OEF fi barsiisaa mana Qorannoo Yaalaa Gara dhaabbilee fayyaat
dhukkuba Somba/TB jalqabamuu fi ji’a sadi dabalataa hin barumsaa eerguu
sadiin barbaachisu,
8 qorannoo rakkoo fayyaa Waggaatti al tokko Gaaffii (qufaa dedeebi’u, OEF fi barsiisaa mana Qorannoo fi haala Gara dhaabbilee fayyaat
onnee (rakkaa fayyaa yeroo sochii qaamaa barumsaa mijeessuu erguu
onnee uumamaan dafanii dadhabuu,
dhufuu fi dhukkuba hafuuri cituu,waraansa
onnee) qomaa, yoo itti jabaatu
keessoon afaanii
gurraacha’uu
9 Qorannoo dhukkuba barisiisaan yookin Gaaffii, meeshaa OEF fi barsiisaa mana Qorannoo Af-gaaffii Gara dhaabbilee fayyaat
gaggabdoo rakkoo hiri’oonni mana barumsaa dabalataa hin barumsaa haala mijeessuu erguu
jeequmsa hirribaa eeruu yoo dhiheessan barbaachisu,
10 Qorannoo rakkoo Agarsiiftuun tokko tokko Gaaffii, meeshaa OEF fi barsiisaa mana Qorannoo Af-gaaffii Gara dhaabbilee fayyaat
bilchina samuu barumsa kan mul’atan yoo ta’e dabalataa hin barumsaa haala mijeessuu erguu
fudhachuu daangessan barbaachisu,
(Developmental delay
and Learning

84
disabilities)
11 Qorannoo Miidhaa Agarsiiftuun tokko tokko Gaaffii fi qorannoo OEF fi barsiisaa mana Qorannoo Af-gaaffii Jalqaba gara dhaab
daa’immanii (child kan mul’atan yoo ta’e qaamaa meeshaa barumsaa haala mijeessuu fayyaatti eerguu, itti aan
abuse) dabalataa hin qaamolee adda a
barbaachisu, hirmaachisuu (qaamolee s
dabalatee)

Yaadannoo;- Ogeetiin ekisteenshinii fayyaa hojiiwwan idilee qorannoo yaalii duraa armaan olitti tareefaman dabalataan
barattoota, barsiisootaa, maatii fi akkasumas qaamolee biro irraa eeruu qaqqabu bu’ureefachuun akkataa barbaachisummaa
isaatiin qorannoo qaamaa gaggeesuu, tajaajila gorsaa, yaalaa fi tajaajila fayyaa fooyya’aadhaaf gara dhaabbata fayyaa ol-
aanuutti ol-eerguu qabdi.

85
Gabatee 2. Mallattoowwan Qorannoo Fayyaa/ Calallii Barattootaaf Irratti Gaggeeffamu
Agarsiisan
Lak. Rakkoo Fayyaa Mallattoolee adda Baasuuf Fayyadan
1 Rakkoo arguu ijaa Yeroo ilaalu ija cunufachuu, boordirraa yeroo dubbisuu waliin
makuu/irra dadarbuu,ijii hurgufamuu, waanitti tokko lama ta’ee
mulidhachuu, dubbisuu, barreesuu, suura kaasuu dhaabuu yookin
ifachuu

2 Rakkoo dhageettii gura dedeebin hooqachuu/sukuumuu,dhagalaa’aa guraa,jechoota


dubbataman irra deebiin gaafachuu,dubachuuf turuu
3 Rakkoo afaanii fi ilkaanii Ilkaan tortoruu,rakkoo ededa Ilkaanii, laanqaan baqaquu, Afuura
badaa,rakko qulqullinaa
4 Rakkoo gogaa qaamaa, injiraan rifeensaa, citoo, rophii, muujalee, rakkoo qeensaa
rifeensaa fi qeensaa
5 Dhukkuba Daranyoo sonbaa ukaa turban lamaa fi isaa ol ture, halkan dafiqisiisuu, fedhii
nyaataa dhabuu, qaamin huuqachuu, walitti dhiheenya
/waliqunnamitti nama daranyoo sonbaatiin dhukkubsate wajjin
qabu
6 Rakkoo Onnee ukaa dedeebi’uu, yeroo barumsa sochii qaamaa raawwatu dafee
dadhabuu,hafuura cituu fi waraansa laphee, malatoolee xixiqoo
guacha’an afaan keessatt mulidhachuu fi kkf
7 Dhukkuba nama kuffisu, itti dedeebi’uun hiriiba guyyaa, yeroo gabaabaadhaaf offi
rakkoo hirribaa walaaluu
8 Bilchina samuu fi rakkoo Yeroo eeggamu keessatti dubbisuu dadhabuu, qubee adda baasuu
barumsa fudhachuu dadhabuu, qubee walikeessa makuu,bareefama seeraan
(Developmental delay and garagalchuu dadhabuu, gosoota herreegaa arfan yeroo eeggamu
Learning disabilities) keessatti adda baasee beekuu dadhabuu
Miidhaa daa’immanii (child qaama irratti malatto guguracha’uu, madaa
abuse) bobolidhatu,akkasumas gubaa qaamaa,dadhabiina hordoffii
barumsaa hin malle,tapha baratamee irraa sababa hin beekaneen
hafuu fi kkf
Miiltoo 2. Uunka qorannoo fayyaa mana barumsaa
Ragaa sanada gabaasa mana barumsaa ykn qaama bulchiinsaa wajjin gaaffii taasisuun walitti qabamu
Lak safartuulee Deebii
1 Ragaalee Bu’uraa Miseensota M/B Dhiira Dubartii Ida’ama
mana barumsaa Dursa barumsa idelee
Saayiklii tokkoffaa
saayiklii lamaffaa
Barsiisota
Baayi’ina gumii
Baayi’ina Miseensota gumii
2 barsiisoota eegumsa Haayijinii fi Eegumsa fayyaa Naannoo
fayyaa irratti leenjii Barsiisota
fudhatan miseensoota koree maatii mana
barumsaa
miseensoota Gumii
sirna walihormaataa( HIV/AIDsii
dbalatee)
Barsiisota
miseensoota koree maatii mana
barumsaa
miseensoota Gumii

87
Lak Safartuu Deebii Yaada
A Haala maqsa kosii gogaa fi dhagala’aa
Booli kosii goggogan itti gubatu? 1) nj jira 0) Hin jiru
Moona M/B keessa kuusaan kosii goggoggan itti 1) nj jira 0) Hin jiru
darbamu jiraa?
sirni kosii dhagala’aan itti maqsamu moonaa M/B keessa 1) Eeyyee 0)Miti
jiraa?
Dareen barumsaa guyyaa hunda ni qulqullahaa? 1) ni jira 0) Hin jiru
Moona mana Barumsaa qulqulluudhaa? 1) ni jira 0) Hin jiru
B Eegumsa Qulqullina Mana Fincaanii fi Moona M/B
M/B Mana fincaanii ni qabaa? 1) nj jira 0) Hin jiru
M/B Mana fincaanii baratootaa ni qabaa? 1) ni jira 0) Hin jiru
baratoota dhiiraa fi shamaraniif manni fincaanii kalattii 1) ni jira 0) Hin jiru
adda addaatti qophaa jiraa?
Baayinni kutaa mana fincaanii baayi’ina baratootaatiin 1) Eeyyee 0)Miti
walisimaa?
Itti fayyadama ijoolee xixiqoodhaaf mijataadhaa? 1) Eeyyee 0)Miti
M/B iddoo itti fayyadama fincaanii qofaaf tajaajilu ni 1) nj jira 0) Hin jiru
qabaa?
kuusaan mana fincaanii odoo hin guutin dafee dafee ni 1) Eeyyee 0)Miti
xuuxamaa/ maqsamaa
Moonaan mana barumsaa fi naannoo isaa udaan irraa 1) Eeyyee 0)Miti
bilisaa
Manni fincaanii qulqullahuu /dhiqamuuf mijatadhaa? 1) Eeyyee 0)Miti
keessi isaa qulqulluudhaa? Udaan irraa bilisaa 1) Eeyyee 0)Miti
manni fincaanii gidira fi balbala qabaa 1) nj jira 0) Hin jiru
Iddoo harka dhiqannaa ni qabaa? 1) nj jira 0) Hin jiru
shamaraniif kutaan yeroo marsaa laguu itti boqatan 1) nj jira 0) Hin jiru
,modeesii itti jijjiratan qophaahee ni jira?
C Sirna dagaagina qulqullinaa Mana Barusaa
mana barumsaa keessatti barumsii haayijinii fi 1) nj jira 0) Hin jiru
saniteeshinii itti fufiinsaan ni kennamaa
Gumiin haayijinii fi saniteeshinii gurmaa’ee jiraa? 1) nj jira 0) Hin jiru
D Qabiinsa qulqullina Bishaanii
Tajaajili Bishaan qulqulluu ni jira? 1) nj jira 0) Hin jiru
Maddi bishaanii mana barusaa kan eeggamee? 1) nj jira 0) Hin jiru
bishaan tajaajila mana barumsaatiif oluu yeroo yeroon 1) nj jira 0) Hin jiru
keemikaalaan ni yaalamaa?
Bishaan dhugatii tajaajila qaama miidhamtootaa fi 1) nj jira 0) Hin jiru
ijoolee xixiqoodhaaf mijatadaa
E Haala daree barumsaa
Dareen barumsaa qiileensaaf galchuu fi baasuu 1) Eeyyee 0)Miti
mijatadhaa
ifaa gafaa argataa/ni galaa 1) Eeyyee 0)Miti
Dareen barumsaa qulqulluudhaa? 1) Eeyyee 0)Miti
akka waliigalatti dareewwan barumsaa mijataadhaa 1) Eeyyee 0)Miti

88
F. Haala moonaa mana barumsaa
Manni barumsaa Dallaa qabaa 1) Eeyyee 0)Miti
Moonaan mana barumsaa kosii fi udaan irraa 1) Eeyyee 0)Miti
bilisaa
Moonaana mana barumsaa keessatti iddoon 1) Eeyyee 0)Miti
baratootni ittitaphatan dhimoota balaa
geessan( wantoota qara qaban,
Dhagaa,sibiiloota,mukaa fi kkf )irraa bilisaa
G Sagantaa Nyataa mana barumsaa
Mana barumsaa keessa sagantaan Nyaataa jira? 1) Eeyyee 0)Miti
sagantaan nyaataa yoo jirate adeemsi qophii 1) Eeyyee 0)Miti
nyaataa fi dhiheesii qulqullina kan qabuu?

89
Miiltoo 3. Kaardii fayyaa barataa
1. koodii barataa-----------------------------
 Lakkofsa addaa (Naannoo/Zoonii/Aanaa/Mana barumsaa-------------------------
 Maqaa barataa-----------------------------------------------------------------Sadarkaa
barumsaa------------------------
 Guyyaa dhalotaa-----------------------
 Saala-----------------
 Guyyaa galmee----------------
 Guyyaa mana barumsaa gale---------------------------------------
Tajaajiloota Guyyaa/Ji’a/Waggaa tajaajilli itti kenname

/ / / / / / /
/
Qorannoo fayyaa barataa

Qorannoo Ijaa Arguu ni danda’a

Rakkoo arguu ni qaba

arguu kan hin dandeenye

Furmaata kenname

Qorannoo dhageetti dhagahuu ni danda’a

rakkoo dhageetti kan qabu

Dhagauu hin danda’u

Furmaata kenname

Qorannoo rakkoo Ni jira, haa tareefamu


fayyaa walii
gala(gross physical Hin jiru
abnormalities
Furmaata kenname

Qorannoo fayyaa Fayya qabeessa


afaanii
fayya qabeessa kan hin taane

Talaallii Tetatus Diphtheria

HPV

MCV/measles

Sirnna Gorsa

90
walihormaataa Qorannoo HIV

Karoora maatii

Gogaa Qaamaa fi Citoo


rakkoo fayyaa
Biroo Ilbiisota adda addaa

Muujalee

rakkoo ujumaa afuuraa

Michii sombaa

Baasaa

Busaa

Rakkoo Fayyaa Dhukkuba kuffisu


sammuu fi arada
adda addaa Araada dhugaatii fi baaloota
adda addaa
Tajaajilota Ji’a/waggaa tajaajili itti kenname

/ / / / / / / / / /

Ulfatina Qaamaa

Dheerina

Body mass index


Tajaajila calallii nyaataa (guddina, koodii
sirna kana fayyadamaa)
nyataa 1.ulfaatina qaamaa gadi aanaa,
2.ulfaatina qaamaa fayya
qabeessa ta’e
3. furdina qaamaa bira darbe
4. furdina qaamaa fayya qabesa
hin taane
tajaajila gorsaa sirna nyaataa
kennuu (Eeyyee/ Miti)
Bu’aa qorannoo haala nyaataa
sa’aatii 24 keessatti (koodii
armaan gadii fayyadamaa)
1.nyaata madaalamaa olanaa
2. Nyaata madaalamaa
giddugaleessa
3. Nyaata madaalamaa gadi anaa

91
raabsaa qoricha farraa raamoo
garaa keessaa
raabsaa kiniina “Iron”

Raabsaa Vayitaamina “A”

tajaajila nyaataa mana


barummsaa

Miiltoo 4 uunkaa taalii sagantaa fayyaa mana barumsaa


Gosa hojii Taalii Ida’ama
Dhiira Dubartii
Talaallii
Talaallii ittisa kaansarii balibala gadaamessaa
Talaallii gifiraa
Tajaajila fayyaa sirna walihormaataa
Gorsa
Qorannoo HIV
Rakkoo fayyaa Gogaa qaamaa fi kan biroo
Citoo
Ilibiisota biroo
Muujalee
Rakkoo Ujumoo afuuraa
Michii Sombaa
Garaa Baasaa
Busaa
Rakkoo Fayyaa sammuu fi arada adda addaa
Dhukkuba kuffisu

92
Araada Dhugaatii alkoolii fi baala adda addaa
Calallii haala Nyaataa (Haala guddina qaamaa)
Ulfaatina qaamaa gadi aanaa (huuqachuu)
Ulfaatina qaamaa fayya qabeessa
Furdina qaamaa sirrii hin taane
Furdina qaamaa garmalee
Tajaajila Sirna Nyaataa
Yaala raamolee garaa keessaa
Raabsaa kiniina “Iron”ii
Raabsaa Vaayitaamina “A”
Tajaajila nyaataa Mana barumsaa
Qorannoo yaalaa baratootaa
Qorannoo Ijaa
Raakkoo arguu kan qaban
Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman
Qorannoo fayyaa dhageetti
Rakkoo dhageetti kan qaban
Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman
Qorannoo fayyaa Afaanii
Rakkoo fayyaa Afaanii kan qaban
Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman
qorannoo waliigalaa qaama alaa
rakkoo fayyaa waliigalaa qaama alaa
Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman

Miiltoo 5. Uunka gabaasaa sagantaa fayyaa mana barumsaa


Lak Gocha Dhiira Dubara Ida’ama
1 Talaa
1.1.
1.2. Talaallii ittisa kaansarii balibala gadaamessaa
1.3 Talaallii gifiraa
2 Tajaajila fayyaa sirna walihormaataa
2.1. Gorsa
2.2. Qorannoo HIV
3 Rakkoo fayyaa Gogaa qaamaa fi kan biroo
3.1 Citoo
3.2. Ilibiisota biroo
3.3. Muujalee
3.4. Rakkoo Ujumoo afuuraa
3.5 Michii Sombaa
3.6 Garaa Baasaa
3.7 Busaa
4 Rakkoo Fayyaa sammuu fi arada adda addaa

93
4.1 Dhukkuba kuffisu
4.2. Araada Dhugaatii alkoolii fi baala adda addaa
5 Calallii haala Nyaataa (Haala guddina qaamaa)
5.1. Ulfaatina qaamaa gadi aanaa (huuqachuu)
5.2 Ulfaatina qaamaa fayya qabeessa
5.3. Furdina qaamaa sirrii hin taane
5.4. Furdina qaamaa garmalee
6 Tajaajila Sirna Nyaataa
6.1. Yaala raamolee garaa keessaa
6.2. Raabsaa kiniina “Iron”ii
6.3. Raabsaa Vaayitaamina “A”
6.4. Tajaajila nyaataa Mana barumsaa
7 Qorannoo yaalaa baratootaa
Qorannoo Ijaa
7.1 Raakkoo arguu kan qaban
7.2. Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman
8 Qorannoo fayyaa dhageetti
8.1. Rakkoo dhageetti kan qaban
8.2. Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman
9 Qorannoo fayyaa Afaanii
9.1. Rakkoo fayyaa Afaanii kan qaban
9.2. Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman
10 qorannoo waliigalaa qaama alaa
10.1 rakkoo fayyaa waliigalaa qaama alaa
10.2. Tajaajila yaalaatiif kan ol Eergaman

94

You might also like