You are on page 1of 8

Gaaffilee armaan gadii sirriitti dubbisuuudhaanfuula deebidhaaf qophaa’errattiqubee

deebii sirrii ta’e filachuun barreessi. 0.5

1. Kenna tajaajilaan wal qabatee himoota armaan gadii keessaa kan soba taisa kami ?
A. Tajaajilamaan bu’aa isaa irraa malee akkaataa tajaajilichi itti kenname irraa
dhimma hin qabu.
B. Maamilli yeroo hundaa sirriidha.
C. Walitti dhufeenyi tajaajilaa fi tajaajilmtootaayeroo tajaajilaa qofa miti.
D. Manneen hojii mootummaa keessattigalmi keenna tajaajila kamiyyuu maamiltoonni
yoo gammadan arguudha.
2. Kanneen armaan gaditti tarreeffaman keessaa gahuumsa hojjetaa paablik saarvisii
tokko ittiin madaaluuf kan hin gargaarre isa kami ?
A. Mul’ata qabaachuu.
B. Siyaasa hordofuuf amanamoo ta’uu.
C. Hojii isaatiin fakkenya ta’uu.
D. Rakkoo hiikuu fi murtii kennuu danda’uu.
3. Himoota armaan gadii keessaa siviil sarvaantii ilaalchiseesirrii kan hin taane kami ?
A. Imaammtaa fi tarsiimoo mootummaan baasu haalaan hubachuu fi hawaasa biraan
gahuu.
B. Tajaajiloota kennuu keessatti amaloota/fedhiiwwan maamila irraa dhufan hundaaf
banaa (open) ta’uu fi haalan hubachuunkeessummeessuu.
C. Tajaajiloota kennuu keessatti heddummina (diversity) jiraatuuf banaa (open) ta’uu
dhiisuu
D. Hojii kennameef raawwachuufdandeetti fi ofitti amanamummaa qabaachuu.
4. Gaggeessaan hojii tokko gahuumsa michummaa hojii (partnership )qabaachuu isaa
maaliin ibsamuu danda’aa ?
A. Faaydaa mana hojii dhugoomsuuf qaamolee alaa adda addaa irratti dhiibbaa uumuu
danda’uu.
B. Bu’aawwanii fi hanqinaalee gareetiif itti gaafatamummaa dhuunfaa fudhachuu
danda’uu.
C. Yeroo hunda daangaa gahee hojii ofii irratti xiyyeeffachuun hojjechuu danda’uu .
D. Qaamolee alaa fi keess adda addaa waliin hariiroo bu’a qabeessa ta’e ijaaruu
danda’uu.
5. Gaggeessaan hojii tokko gahuumsa yaada tarsima’aa qabaachuun isaa maaliin
ibsamuu danda’a.
A. Kaayyoo mana hojii milkeessuu keessatti galma dhuunfaa ykn bu’aa hojii irratti
xiyyeeffachuu.
B. Aangoo, gurmaa’insa, imaammatoota , hojimaatawwan ,barmaatilee fi daangaa
angoo mana hojii beekuun hojjechuu danda’uu.
C. Amaloota maamilaa hundaaf banaa ta’uu ,haqa qabeessa fi iftoomina qabaachuun
hojjechuu danda’uu.
D. Ga’een nam tokkoo kaayoo mana hojii fi fedhii hawaasa bal’aa waliin walitti
hidhamuudanda’uurratti beekumsa fi hubannoo bal’aa qabaachuu.
6. Manneen hojii keessatti jijjiiramni akka dhufu kan taasisan armaan gadii keessaa
dhiibbaa jijjiirama haala alaa kan ta’e isa kami ?
A. Haala faaynaansii
B. Haala qabeenya namaa
C. Haala teknoolojii
D. Haala meeshaalee.
7. Kanneen armaan gadii keessaa ga’uuumsa siviil sarvaaantiin tokko qabaachuu qabu
irratti dhiibbaa hamaa (negative impact) kan fidu isa kami ?
A. Tajaajila kennu hunda keessatti jijjiirama itti fufiinsa qabuuf qophaa’uu fi jijjiirama
simachuu
B. Daangaa ga’ee hojii ofii keessatti ofiin murtii kennuu irraa of qusachuun
mirkaneeffannoo qaama ol’aanaa eeguu.
C. Tajaaajila kennu hunda keessatti keessatti miira tajaajiltummaa qabaachuun
tajaajiluu.
D. Tajaaajila kennu hunda keessatti hubannoo jaarmiyichaa /m/hojii qabaachuun
tajaajiluu.
8. Meeshaalewwan rifoormii (jijjiiramaa) asiin gaditti ibsaman keessaa kamtu walitti
dhufeenya sirri miti ?
A. Kaayzinii fijijjiirama ajaa’ibsiisaa.
B. Sirna madaalii bu’aarrtti xiyyeeffate fi karoora tarsiimawaa.
C. Jijjiirama adeemsa bu’uura hojii fi caasaa diriiraa.
D. Raayyaa jijjiiramaa fi garee hojii.
9. Faaydaabu’aa madaalii raawwii hojjetaa kan hin taane kami ?
A. Raawwii hojjetaa olaanaa, giddu galeessa, ykn gadaanaa ta’uu isaa addaan baasuuf
qofa dha.
B. Murtiiwwaan bulchiinsaa adda addaatiif galtee godhachuuf.
C. Qaawwa dandeettii hojjetaa adda baafachuu fi murtuii leenjii dabalatee barbaachisu
kennuuf.
D. Murtii guddina sadarkaa hojjetaaf kennamuuf galtee godhachuuf
10.Kanneen armaan gadii keessaa amaloota gareen hojjechuu kan hin mul’isne kami .
A. Garee keessatti miseensa barbaachisoo ta’uu hubachiisuun yaadni dhuunfaaf ofii
akka fudhatamuuf dhiibbaa uumuu danda’uu.
B. Hojii garee keessatti yaadaa fi gochoota dogoggoraa uumamanii sirreessuuf yaada
fooyya’aa dhiyeessuun dhiibbaa uumuu danda’uu.
C. Miiltoowwan irraa deeggarsa gaafachuu fi walii qooduuf fedhii fi kutannoo
qabaachuu.
D. Murteewwan gareen darbaniif bitamuu fi hojiirra oolmaa isaatiif fedhii fi kutannoo
qabaachuu.
11.Kanneen armaan gadii keessaa iftoomina hojii irratti taasifamuu qabu kan
agarsiisuu miti ?
A. Murteewwan murtaa’an hunda iccitii tokko malee murteessuu hundaa ifa gochuu .
B. Hooggantoonni fi hojjettoonni mana hojii hundi hojimaata isaanitiin iftoomina
qabaachuu qabu.
C. Odeeffannoo tajaajilaa tajaajilamtoota hundaaf ifa gochuu.
D. Murtii kennuuf odeeffannoo dabalataa argachuuf gorsa ogeessotaa ifatti gaafachuu.
12.Tajaajila ummataaf kennamu keessatti ogummaa’uu siviil sarvaantii maaliin ibsama ?
A. Tajaajila kennu hunda keessatti hojii qixa baruumsa baruumsa ol’aanaa ( ogummaa)
qabuun qofa hojjecuu danda’uu.
B. Tajaajila kennamu keessatti dandeetti fi naamusa gaarii qabaachuun hojii sadarkaa
raaawwii bu’aa ol’aanaan hojjechuu danda’uu.
C. Tajaajila kennamu keessatti maamilli tajaajilaa (hojjetaa) dhaaf beekamtii kennuun
yoo danda’an.
D. Tajaajila kennuuf baruumsa ol’aanaa (ogummaa ) qabaachuu danda’uu.
13.Kanneena armaan gadii keessaa ogummaa’uu(ogummaa) qabaachuu danda’uu
A. Yeroo yeroo ogummaa fi beekumsaan of fooyyessuuf tattaafachuu.
B. Supparvizyinii ol aanaa ta’een hojiiwwan ofii raawwachuu.
C. Daangaa gahee hojii ce’uun hojii ofit-amanummaan hojjechuu
D. Wayta danqaaleen gara garaa muudatan obsaa fi itti cichuudhaan hojii sana
raawwachuu.
14.------------------tokko hojii isaa irratti ofitti amanamummaa qabaachuun isaa maaliin
ibsamuu danda’a ?
A. ------- hojii kennameef hundaaf mirkaneeffannoo hooggansaatiin murteessuu
B. Hojiiwwan haalawwan rakkisaa tahan ykn qormaata ta’an fudhachuun ----
qusachuu.
C. Dhimmoota sababa amansiisaan deeggaramaniif ‘’ miti ‘’jechuu danda’uu.
D. Bu’aalaa hojiirrattikufaatii dhufuuf gaafatamummaa fudhachuu irraa qusachuu
14.Kenna tajaajilaa keessatti ogummaan kamiyyuu amalli of keessatti qabaachuu -----
A. Mul’ata
B. Duudhaa
C. Tarsiimoo
D. Ergama
15.Kanneen armaan gadii keessaa yaada kalaquun wal qabateesirri kan hin taane kami ?
A. Al-loogummaa
B. Iftoomina
C. Walitti bu’iinsa fedhii
D. Haqummaa
16.Hundeeffama mana hojii tokkoof bu’uura hundaa kan ta’e isa kami ?
A. Mul’ata
B. Duudhaa
C. Tarsiimoo
D. Ergama
17.Kanneen armaan gadii gadii keessaa yaada kalaquun walqabatee sirrii kan hin taane
kami ?
A. Dhimmoota kallattii addaatiin addaatiinkeessummeessuu.
B. Haala hawwataan hojjechuun si’oomina hojii fiduuf tattaaff taasisuu.
C. Furmaatawwan filannoo qaban dhiyeessuu .
D. Haala tokko gadi fageenyaan xiinxaluu fi hubachuu dhabuu.
18.Kanneen armaan gadii keessaa gurmaa’insa mana hojiitiin wal qabatee hubannoo
siviil sarvaantiin tokko dirqama qabaachuun itti hin yaadamne waa’ee isa kamiiti ?
A. Karoora waggaa fi gabaasa mana hojii
B. Caaseffama , duudhaalee daangaa angoo fi hariiroo ajaja jaarmiyichaa.
C. Seerota ,danbiiwwan, imaammatoota,hojimaatota fi istaandardii raawwii hojii.
D. Walitti dhufeenya jaarmiyichi dhaabbilee biroo wajjin qabu.
19.--------- tokko mana hojii isaatiif qabu maaliin ibsama ?
A. ------ galmoota mana hojii milkeessuu danda’uu .
B. ---- keessa jiraatullee fedhiiwwan mana hojiitiif dursa kennuun tajaajiluu.
C. Fedhii dhuunfaa ofii fedhiimana hojii waliin walsimsiisuun raawwachuu danda’uu.
D. Hojii ------------- hojjechuu danda’uu.
20.-------- qajeelloo kan sirriitti hin ibsine isa kami ?
A. Waan itti amanu ifatti kan dubbatu.
B. Waan dubbatu kan gochatti hiiku.
C. Kan hin dogoggorre.
D. Ilaalcha gaarii ( positive attitude ) kan qabu.
21.Quunnamtii (Comunication) hojii taasifamuu qabuun wal qabatee kamtu sirrii miti ?
A. Dammaqinaa fi qabatamaan osoo walirraa hin citin dhaggeeffachuu.
B. Dhimmoota dhugaa qabatamaa bu’uurawaa ta’an karaa ifaa fi gabaabaan, afaanii fi
barreefamaan dhiyeessuu.
C. Odeeffannoo karaa dogongoraan hubatamuu danda’u quunnamuurratti haala
miirahin tuqneen of eeggannoon dabarsuu.
D. Yaada maamiltoota irraa dhufuuf akkuma dhaggeeffanneen hatattamaan deebii
kennuu.
22.Kanneen armaan gadii keessaa kamtu sirna madaallii bu’aa karoora tarsiima’aa hin
ibsu.
A. Caasaa mana hojii yaa’insa hojiitiin gurmeessuu.
B. Sirna karoora fi hooggansa tarsiimoti.
C. Meeshaa quunnamtiiti.
D. Safartuu raawwii hojiiti.
23.Chaartarii lammiilee ilaalchisee kan sirrii ta’e kami ?
A. Sirna karoora fi hooggansa tarsiimoti.
B. Istaandardiiwwan kenna tajaajilaa JBAH mana hojii keessatti ibsaman lammii
beeksiftuu dha.
C. Caasaa mana hojii yaa’insa hojiitiin gurmeessuu.
D. Caaseffama , dudhaalee, daangaa ango fi hariiroo fi manneen hojii mootummaa
jiran kan agarsiisu dha.
24.Kanneen armaan gadii keessaa qaama raawwachiiftuu kan ta’e kami ?
A. Caffee Oromiyaa
B. Mana murtii waliigala Oromiyaa.
C. Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiya.
D. Waajjira paartii badhaadhinaa
25.Aadaa mana hojii ilaalchisee sirrii kan hin taane kami ?
A. Mana hojii keessatti akka meeshaa too’annootti gargaara.
B. Aadaa mana hojii uumuu keessatti amallii fi hojiin hoogganaa murteessa dha.
C. Aadaa mana hojii uumuu keessatti adabbiin amala hin ---------akkasumas
badhaasni amala barbaadamaa lafa qabsiisuuf gargaara .
D. Mana hojii tokko keessatti aadaa mana hojii tokko qofatu jiraata

Gaaffilee armaan gadii sirriitti dubbisuudhaan fuula deebidhaaf qophaa’e irratti qubee deebii
sirrii tahe filachuun barreessi.

1. Sirna hooggansaa ykn bulchiinsaa hojiiwwan adda addaa dhaabbaticha keessatti


raawwatamaniif ramaddii fi itti fayyadama qabeenya adda addaa ilaalchisee taasifamu
kan ibsu isa kami ?
A. Karoorsuu
B. Gurmeessuu
C. Hoogganuu
D. Too’achuu
2. Sirnoota hooggansaa kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa caasaan mana hojii
tokko yeroo qophaa’u hojii ijoo hooggantootaa kan hin taane isa kami ?
A. Istaandardii diriirsuu irratti murtii kennuu.
B. Gitoota hojii uumuudhaangareedhaan adda qooduu.
C. Kutaalee hojii barbaachisan akka uumaman taasisuu.
D. Ramaddii hojii fi hojiiwwaniif gaggeessuu.
3. Sirnoota hooggansaa kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa ,fedhii fi rakkoo
hojjettootaa adda baasuun fi kutannoodhaan hubachuun hojjettoonni hojii isaanii
fedhiidhaan akka raawwataman taasisuuf nu gargaaru kami
A. Karoorsuu
B. Gurmeessuu
C. Hoogganuu
D. Too’achuu
4. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa mirga seera qabeessa hoogganaan tokko
murtii fi ajaja kennuu fi qabeenya ramaduuf dandeessisu isa kami ?
A. Taaytaa qabaachuu .
B. Bakka bu’iinsa kennuu .
C. Itti gaafatamummaa qabaachuu .
D. Iftoomina qabaachuu.
5. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa hojii itti gaafatamummaa hoogganaa
giddu galeessaa kan hin ta’in isa kami ?
A. Mul’ata dhaabbatichaa murteessuu.
B. Galmoota hooggantoota ol aanootiin murtaa’an hojiirra oolchuu.
C. Galmoota kaa’uu keessatti hooggantoota gargaaruu.
D. Hojiiwwan galma yeroo dheeraa waliin wal hin qabanne raawwachuu.
6. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa, hooggansi gaariin ykn bu’a qabeessa ta’e
maaliin ibsama ?
A. Gahuumsa gadi aanaa fi bu’a qabeessummaa ol’aanaa .
B. Ga’uumsa ol’aanaa fi bu’a qabeessummaa gadi’aanaa
C. Ga’uumsa ol’aanaa fi bu’a qabeessummaa ol’aanaa
D. Ga’uumsa giddugaleessaa fi bu’a qabeessummaa giddu galeessa.
7. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaatokko akka qaama hojii ijoo karoora
hoogganaatokkootti hin fudhatamu ?
A. Galmoota murteessuu .
B. Onnachiiftuu murteessuu
C. Tarsiimoo baasuu
D. Murtee kennuu.
8. Hojii bulchiinsaa keessatti sirni too’annoo gaggeessuu baay’inaan maaliin ibsama ?
A. Walitti bu’iinsa hiikuu.
B. Hojiiwwan hojjetamuu qabu murteessuu.
C. Hojiiwwan raawwatamuu qaban raawwatamuu isaanii irratti hordoffii gochuu.
D. Hojjettooni seerota hojiirra oolchuu isaanii hordofuu.
9. Hojjettoonni uumamaan jijjiiramakan morman sababoota dhaabbaticha keessatti
argaman hedduu irraa kan ka’een ta’uu danda’a. Kanneen armaan gaditti ibsaman
keessaa tokko sababa hojjettoonni jijjiirama dhaabbatichaa keessatti mormaniif hin
ibsu ?
A. Hubannoo dhabuu.
B. Madaallii adda addaa irraa ka’uun .
C. Jijjiiramaaf obsa gadi aanaa qabaachuu
D. Walitti dhufeenya hariiroo namoota gidduu jiruu.
10.Aa
11.Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa ulaagaa safartii piroojektii manneen hojii
kan hinta’in kamiidha
A. Baasii
B. Daangaa
C. Qulqullina
D. Onnachiiftuu
12.Qophii karooraa irratti haala walii gala irraa gara facaatitti /xiqqaatti / yemmuu
tarreeffamu
A. Piroojektii ,Sagantaa , Baajata , Hojimaata.
B. Sagantaa , piroojektii , Baajata , Hojimaata.
C. Hojimaata, Baajata, Piroojektii ,Sagantaa.
D. Baajata, Piroojektii ,Sagantaa, C.Hojimaata
13.Hooggansa karoora tarsiimookeessatti kamtu dura raawatamuu qaba.
A. Mul’ataa fi ergama
B. mana hojii qopheessuu.
C. Hojii odiitiialaa hojjechuu .
D. Raawwii safaruu fi madaaluu.
E. Kaayoo qopheessuu.
14.Deebiin gaaffilee armaan gadii keessa tokko ibsa mul’ataati
A. Hojiiwwan manni hojii hojjetu maali ?
B. Hojjettooni keenya eenyu fa’aadha ?
C. Maaliif dhaabbanne ?
D. Maal taanee argamuu qabna ?
15.Deebiin gaaffilee armaan gadii keessa tokko ibsa ergamaati
A. Hojiiwwan manni hojii hojjetu maali ?
B. Hojjettooni keenya eenyu fa’aadha ?
C. Maaliif dhaabbanne ?
D. Maal taanee argamuu qabna ?
16.Himoota armaan gadii keessa tokko waa’ee raawwii gadi aanaa hin ibsu ?
A. Hojjetich/ttuun raawwiin isaa/ishee gadi aanaa ta’uu isaa akka beekan taasisuu.
B. Raawwiin hojjetaa yeroo darbee maal akka fakkaatu hubachuu.
C. Hojjetaan/ttuun raawwii gaarii galmeesse/ssite maal akka argatan beekuu ?
D. Karoora adabbii hojjetaarratii walii galuu.
17.Jijjiirama hojiirratti taasifameen hojjettoonni mana hojichaa hundi balaaleffannaa fi
mormii kan kaasan yoo ta’e rincica kana dhaabuuf ykn hambisuuf ?
A. Haala mijeessuu fi deeggaruu
B. Mari’achuu
C. Baruumsaa fi quunnamtii.
D. Hirmaachisummaa.
18.Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa adeemsi kenniinsa murtee sirrii ta’e isa
kami ?
A. Furmaata adda baasuu, furmaata madaaluu, rakkoo adda baasuu, duubdeebii
kennuu
B. rakkoo adda baasuu Furmaata adda baasuu, furmaata madaaluu, duubdeebii kennuu
C. Furmaata adda baasuu, furmaata madaaluu, rakkoo adda baasuu, duubdeebii
kennuu
D. duubdeebii kennuu ,Furmaata adda baasuu, furmaata madaaluu, rakkoo adda
baasuu,
19.mana hojii tokko keessatti kenniinsa murtee haala waalta’aa ta’ee fi
alwaalta’aata’een itti kennamu isa kamtu sirrii dha ?
A. kenniinsa murtee waalta’aa ta’e keessatti murteen kan kennamu qaama sadarkaa
gadiitiin dha.
B. kenniinsa murtee waalta’aa ta’e keessatti murteen kan kennamu qaama sadarkaa
ol’aanaa dha.
C. Sirna al-waalta’aa ta’e keessatti aangoon sadarkaa gadiitiif kennama.
D. Sirna waalta’aa ta’e keessatti aangoon sadarkaa gadiitiif kennama.
20.Hojiiwwa raawwatamaa jiran too’achuuf gosa too’annoo kamtu barbaachisa ?
A. Too’annoo gama hundaa
B. Too’annoo duubdeebii
C. Too’annoo raawwii duraa
D. Too’annoo haala irratti hundaa’e.
21.Angoo qaama gadiitiif qooduun hojii hojjechuuf ni gargaara . Qooddii aangoo
kaayyookanneen armaan gadii keessa isa kamtu sirriidha.
A. Rakkoo adda baasuun rakkisaadha.
B. Hojjettoonni carraa hojii gaggeessummaa irratti hirmaachuu ni argatu.
C. Waan mana hojii keessatti raawatamu beekuun rakkisaadha.
D. Hooggansi ol aanaan osoo hin beekin murteen kennamuu danda’a.
22.Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa yaanni ykn fedhiin hojjetaa gara raaee oi
aanaa fiduun galma mana hojii bira gahuu fi dandeettii hojjetaa dabalee fedhii isaa
akka guutamu kan taasisu isa kamiidha ?
A. Kominikeeshinii /quunnamtii
B. Gageessummaa
C. Onnachiiftuu
D. Supparviizyinii
23.Amala gaggeessaa abbaa irree kan ta’e isa kami ?
A. Gaggeessn quunnamtiigara lamaatti fayyadama.
B. Gaggeessaan murteen inni kennu hirmaachisaadha.
C. Aangoon al-waata’aadha.
D. Murtee ofii qofa irratti kan xiyyeeffatuu fi haala irratti kan hin hundoofnedha.
24.Leeccaaleen armaan gadii hundi kenniinsa tajaajilaa ykn omisha mana hojii tokkoof
galtee ta’u tokko garuu miti .isa kami ?
A. Qabeenya namaa
B. Odeeffannoo
C. qabeenya
D. Omishaa fi tajaajila.
25.Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa tokko amala waa tilmaamutii miti ,isa kami ?
A. Tilmaamni yeroo hunda sirriidha.
B. Hanguma yeroon tilmaammii dheeratu sirrummaan tilmaamaa gadi bu’aa deema.
C. Waan hedduu tilmaamuun waan tokko tilmaamuu ni caala.
D. Teeknikoonni waa tilmaamuu amma dura turan gara fuulduraatifis itti fufiinsaan
fayyadamuuni danda’amu.

You might also like