You are on page 1of 12

BIIROO BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI

QORUMSA MODEELAA XUMURA BARNOOTA AFAAN OROMOO


SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA BARA 2013

SA’AA KENNAME 1:00

KUTAA I. JECHOOTAA FI SEERA AFAANII

Qajeelfama: Gaaffilee 1-19 Jiran, Akkaataa Gaafatamteen Deebii Sirrii Ta’e


Filadhu.

1. Adurreeen hantuuta nyaatte. Jechi akka raawwatamaatti tajaajilu isa kami?


A. Adurree C. Nyaatte
B. Hantuuta D. Adurree nyaatte

2. Yaadataan fardeen hedduu kunuunsaa oola. Kan jala murame maxxantuu ___ti,
A. duraa C. boodaa
B. jidduu D. qeenxee

3. Jechoota asiin gadii keessaa, jecha tishoodhaaf fakkeenya kan hintaane isa kami?
A. Qilxuu C. Tuqlamee
B. Golambaa D. Sablammii

4. Jechoota asiin gadii keessaa, jechi sagalee irra butaa ofkeessaa hinqabne kami?
A. Barfachuu C. Orraafachuu
B. Qajeelchuu D. Harkifachuu

5. Dhibee Koronaadhaan qabamanii akka _______tti fayyuun ulfaataadha. Jechi


bakka duwwaa kana galee himicha guutuu taasisu isa kami?
A. laayyoo C. gaarii
B. cimaa D. sirnaa

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2013 BBF Page 1
6. Jechi, „barbaachisummaa‟ jedhu birsaga birsagaan yemmuu qoqqoodamu, birsaga
tokkoffaa kan ta‟u isa kami?
A. ba- C. barb-
B. barbaa- D. bar-

7. Ayyaana waggaatiif tumaalessa guddaa qalate. Jechi jala sararame maal bakka
bu‟a?
A. Xum-ibsii C. Ibsa xumuraa
B. Ibsa maqaa D. Raawwatamaa

8. Ayyaantuun sa‟a aannanii bitatte. Maqaan akka ibsa maqaatti tajaajilu isa kami?
A. Aannan C. Ayyaantuu
B. Bitachuu D. Sa‟a

9. Ba‟aan waan itti ulfaateef gitintiraa tabba bahe. Jecha jala sararameef hiika kan
ta‟u kami?
A. Bashannanaa C. Dhiichisaa
B. Daddaaqaa D. Firfirsaa

10. Jecha, “jijjiirama” jedhurraa jechi biroo uumamuu hindandeenye isa kami?
A. Ija C. Raajii
B. Majii D. Arjoome

11. Dhibeen Koronaa waan isa qabeef, addatti tursiifame. Ciroo ofdanda‟aa kan ta‟u
isa kami?
A. Koronaan waan isa qabeef C. addatti tursiifame.
B. Dhibeen waan isa qabeef D. tursiifamee

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2013 BBF Page 2
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

12. Himni sirna tuqaalee sirriidhaan barreeffame isa kami?


A. Tolaan, “Ati yoom dhalatte?” jedhee nagaafate.
B. Tolaan “Ati yoom dhalatte” jedhee nagaafate.
C. Tolaan. “Ati yoom dhalatte” jedhee nagaafate?
D. Tolaan; “Ati yoom dhalatte” ? jedhee nagaafate.
13. Jechoota asiin gadii keessaa, jechi jabinni keessatti mul‟atu isa kami?
A. Qaraaruu C. Ittacha
B. Ceekataa D. Heexoo

14. Jechi yeroo laafuufi jabaatu hiika adda addaa kennuu danda‟u isa kami?
A. Hodhe C. Deeme
B. Taa‟e D. Muka

15. Jechi maxxantuu “-lee” fudhachuu danda‟u isa kami?


A. Saree C. Sa‟a
B. Jabbii D. Mana

16. Jecha „kutate‟ jedhu keessatti, hundee jechaa kan ta‟u isa kami?
A. ku- C. kut-
B. kutaa- D. kutat-

17. Jechi dogoggora qubee irraa bilisa ta‟e isa kami?


A. Jall‟ise C. Hoo‟isse
B. Mormate D. Baachchise

18. Himni, sirna tuqaalee sirriidhaan hin barreeffamne isa kami?


A. Inni dubbisuu jaalataa?
B. Barumsi hundee guddinaati!
C. Sa‟aatii 4:00 irratti wal argina.

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 3
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

D. Dhukkuba Koronaa akkamitti ittisuu.

19. Deemuu jedhee deemsaaf yoo jedhe, da‟uu jedhee _________jedha. Jechi bakka
duwwaa kana galu isa kami?
A. Da‟umsaaf C. Da‟uudhaaf
B. Du‟uudhaaf D. Da‟uumsatti

Qajeelfama: Gaaffilee 20-26 Jiran, Jechoota Jala Sararaman Irratti Hun-


daa’uun Deebii Sirrii Ta’e Filadhu.
20. Uummanni Oromoo harki caalu hojii qonnaarratti kan bobba‟edha.
A. Baay‟een isaa C. Hammi tokko
B. Muraasni isaa D. Walakkaadhaan

21. Dhukkubni Koronaa lubbuu namoota hedduu galaafachaa jira.


A. Baraaraa C. Tursiisaa
B. Ajjeessaa D. Kunuunsaa

22. Garmalee yeela‟uu ishiirraan kan ka‟e, oljettee ilaaluu hindandeenye.


A. Dheerachuu C. Qaana‟uu
B. Jaalachuu D. Gammaduu

23. Hatattamaan yoo deemte malee, bakka yaadde hin dhaqqabdu.


A. Barraaqaan C. Bariidhaan
B. Miilaan D. Saffisaan

24. Halaala dhaabbatanii rakkoo namaatiif furmaata kennuun hindanda‟amu.


A. Itti siiqanii C. Irraa fagaatanii
B. Itti dhihaatanii D. Bira gahanii

25. Gocha suukaneessaa irratti raawwatameen ijji isaa miidhame.


A. Jaalatamaa C. Fudhatamaa
B. Hammaataa D. Barbaadamaa

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 4
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

26. Bineensonni qaccee baay‟ee qaban akka saphaatti hin badan.


A. Gaanfa C. Soorata
B. Dawoo D. Gosa
KUTAA II. AFOOLA ADDA ADDAA

Qajeelfama: Gaaffilee 27-33 Jiran, Jechoota/Gaaleewwan Mammaaksota


Hinxumuramne xumuruu Danda’an Filadhu.

27. Jaarsi ifaan gala; raachi ________.


A. lafa gala C. bishaan gala
B. iyyee utaala D. utaalee bada

28. Mi‟a walfakkaataa ___________.


A. gargar baasanii kaa‟u C. waliin dorgomsiisu
B. akka miidhaguuf kaa‟u D. walbiratti fannisu
29. Nama jaalatan ______________.
A. jaala taasifatu C. of biraa hindhaban
B. jaalalaaf dhungatu D. bakka bulchan hindhaban

30. Daandiin jaldeessaa, _______________.


A. bineensaaf karaa saaqa C. kanuma jaldeessaati
B. hallayyaa nama geessa D. deega balleessa

31. Abbaan mana jira, ____________.


A. gurri ala jira C. maatiin ala jira
B. yaadni isaa ala jira D. horiin isaa ala jira

32. Firaafi dugdaan ___________________.


A. rakkina bahan C. dubbii fixatu
B. lafaa ka‟ani D. maatii bulfatu

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 5
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

33. Bishaan yaa‟u ___________________.


A. hin dhagahamu C. hin boora‟u
B. hin utaalu D. wal hin argu
Qajeelfama: Gaaffilee 34-37 Jiran, Jechoota Dhihaatan Keessaa Adda Kan
Ta’e Filadhu.

34.
A. Gabbara C. Dhaala
B. Walgara D. Bakkalcha

35.
A. Murteesse C. Hirphe
B. Gargaare D. Tumse

36.
A. Hiyyoomuu C. Daaruu
B. Badhaadhuu D. Dhabuu

37.
A. Haxxee C. Jonja‟aa
B. Abshaala D. Qaruutee

Qajeelfama: Gaaffilee 38-43 Jiran, Yaada/Ergaa Mammaaksota Dhihaatanii


Ta’uu Danda’u Filadhu.
38. Bunni amma foolii hingeessu.
A. Fooliin bunaa gaariidha.
B. Bunni gaarii foolii isaatiin tola.
C. Buna kan sirriitti danfisu ogeessa
D. Kan dubbatamuufi hojjatamu wal hinsimu.

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 6
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

39. Biyya hinbeekne hin yaadan.


A. Waan hin argineef dhama‟uu
B. Biyyi alagaa kanuma alagaati.
C. Kabajaafi safuu biyyumatti argatu.
D. Biyya hinbeekne ilaaluun gaariidha.
40. Akka fiiganiin muka hin koran.
A. Tooftaan muka ittiin koran fiigicha.

B. Akkuma saffisaniin muka hin yaaban.

C. Suuta waa hojjachuun xumura tolchu.

D. Fiigichaan yoo ta‟e malee muka hin koran.

41. Abjuu hamaa hiika tolchu.


A. Abjuu kan hiiku beekaadha.

B. Intala bifa badde maqaa tolchu.

C. Abjuu gaariin carraa gaarii fida.

D. Hiikni abjuu hamaas gaariis ta‟uu mala.

42. Aannan itite dhadhaa ba‟a.


A. Walfakkaataan walbarbaada

B. Afaan jarjaraan du‟a hawwa.

C. Bara lolaa kijibatu waliin oola.

D. Obsaan aannan goromsaa dhuga.

43. Harki tokko ni dhiqa malee hin qulqulleessu.

A. Manaa tolu malee alaa hin tolu.

B. Mukni tokko ni aara malee hin boba‟u.

C. Baay‟atteef tisiisni qodaa hin buqqiftu.

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 7
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

D. Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa.

Qajeelfama: Gaaffilee 44-48 Jiran, Hiibboorratti Hundaa’uun Akkaataa


Gaafatamteen Deebii Sirrii Ta’e Filadhu.

44. Tapha hiibboo keessatti, gaafataan yoo maal jedhe, gaafatamaan hibib jedha?

A. Hiibbakka C. Hiibboo

B. Hibib D. Hiph

45. Hiibboon yoom taphatama?

A. Barraaqa C. Guyyaa

B. Ganama D. Galgala

46. Dheeraan gabaabbataa deemu maali? Hiibboo kanaaf deebii kan ta‟u isa kami?

A. Urjii C. Muka

B. Karaa D. Samii

47. Hamma majii geessii biyya waliin geessi. Deebiin hiibboo kanaa maal ta‟a?

A. Billaacha C. Aduu

B. Yaada D. Oduu

48. Wajjuma nyaannaa maa huqqatta? Deebiin hiibboo kanaa maal ta‟a?

A. Fal‟aana C. Marqaa

B. Hiriyaa D. Gaadidduu

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 8
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

Qajeelfama: Gaaffilee 49-53 Jiran, Yaada Jechamoota Jala Sararamanii


Bakka Bu’u Filadhu.

49. Funyaan bira

A. Dhihoodha C. Dheeraadha

B. Mufataadha D. Salphaadha

50. Harka wayyaa jalaan

A. Huccuu jalaan C. Iftoominaan

B. Dhoksaadhaan D. Uffata jalaan

51. Ni boqate.

A. Ni du‟e C. Ni hojjate

B. Ni ifaaje D. Ni dadhabe

52. Kiila lixe.

A. Ni jige C. Duroome

B. Ni baqe D. Lafa seene

53. Nyaara haaddatte.

A. Qaanofte C. Mimmiidhagde

B. Heerumte D. Safuu wallaalte

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 9
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

KUTAA III. DUBBISA


Qajeelfama: Gaaffilee 54-60 Dubbisa Asiin Gadiirratti Hundaa’uun Deebii
Sirrii Ta’e Filadhu.
Jaalala biyyaa jechuun lafa isaa jaallachuu jechuudha. Namoonni lafa murtaa'aa ta'e
tokkotti dhalatu. Achittis guddatu. Akkasumas, lafa ta'e tokko jiraatu. Naannoo kana
keessatti qabeenya uumamaas ta'ee namtolchee dursanii argu. Waan argan immoo
sammuutti qabatu. Haala teessuma lafaafi qabeenya uumamaa naannoo isaanii keessa jiran
ajaa'ibsiifatu. Waa'ee isaas barsiisuu yaalu. Kanaafuu, lafa sana beekuurraa kan ka'an
nijaallatu.

Lafti beekaniifi jaallatan kun daangaa mataasaa qaba. Daangaan lafaa kun akka diinaan
hincabne halkaniifi guyyaa eegu. Namoonni lafa isaanii diinarraa eeganiifi wareegaman
hundi biyya isaaniitiif kanneen dhimmamaniifi quuqamanidha. Lammiiwwan kunniin,
biyya isaanii diinarraa eeguuf duubatti hindeebi'an. Kanaafuu, jaalalli biyyaa kabajaafi
wareegama lafa ofiif taasisan hunda kan ilaallatudha.

Gama birootiin, biyya ofii jaallachuu jechuun uummata ofii jaallachuu jechuudha.
Uummanni ofii gaaddisa gaafa rakkoo itti baqataniifi dawoo godhatanidha.
Akkasumas, uummanni ofii qabeenyaafi abdiidha. Kana malees, uummanni ofii kan ittiin
boonaniifi humna ofiiti. Kanaafuu, namoonni uummata isaanii jaallatan uummata isaanii
doofummaafi hiyyummaa keessaa baasuuf dhama'u. Akkasumas, mirga uummata isaanii
kabachiisuuf aarsaa kaffalu. Haalli kunis karaa biraatiin biyya ofii jaallachuu jechuudha.

Aadaa ofii jaallachuunis biyya ofii jaallachuudha. Aadaan ofii eenyummaa saba ofii ibsa.
Aadaa keessa kuusaa beekumsaatu jira. Kuusaan beekumsaa kun immoo aadaa hojii,
aadaa nyaataa, aadaa uffataafi kan kana fakkaatan hunda of keessatti hammata. Aadaa
ofii sirriitti beekuun immoo eenyummaa ofii baruun ittiin jiraachuuf gargaara. Aadaan
ofii waan ittiin jiraatamuufis nijaallatama. Aadaa ofii jaallachuu jechuun immoo jaalala
biyyaa horachuudha.

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 10
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

Walumaagalatti, jaalala biyyaa jechuun lafa ofii jaallachuufi eeguudha. Akkasumas,


mul'ata guddinaafi milkaa'ina uummata ofiif, ogummaa qabaniin dhama'uu jechuudha.
Haaluma walfakkaatuun, aadaa ofii jaallachuufi kabajuu, seenaa uummata ofii beekuufi
beeksisuunis karaa jaalala biyya ofii ittiin ibsatan keessaa isa biroodha. Kana hunda
raawwachuun immoo biyya ofii jaallachuudha.

54. Waa‟een uummata ofii jaallachuu keeyyata meeqaffaa keessatti ibsame?


A. 1ffaa C. 3 ffaa
B. 2 ffaa D. 4 ffaa

55. Keeyyata 2ffaa keessatti, jechi, „wareegamuu‟ jedhu hiikni isaa maal ta‟a?
A. Lubbuu ofii kennuu C. Yaadda‟uu
B. Deeggarsa gochuu D. Of eeguu

56. Keeyyata 5ffaa hima, “Kana hunda raawwachuun immoo biyya ofii jaallachuu
jechuudha,” jedhu keessatti, yaadni kallattiidhaan hin ibsamne isa kami?
A. Aadaa ofii jaallachuu C. Uummata ofii jaallachuu
B. Maatii ofii jaallachuu D. Lafa biyya ofii jaallachuu

57. “Aadaa ofii sirriitti beekuun eenyummaa ofii baruun ittiin jiraachuuf gargaara,”
jedhu, keeyyata meeqaffaa keessatti ibsame?
A. 1ffaa C. 3ffaa
B. 2ffaa D. 4ffaa

58. Keeyyata 1ffaa keessatti jechi, „namtolchee jedhu, hiikni isaa maal ta‟a?
A. Kan uumamaa C. Kan namni hojjate
B. Kan asliin jiru D. Kan Waaqni uume

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 11
1 QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA 1FFAA KUTAA 8FFAA 1

59. Keeyyata 4ffaa keessatti jechi, „dhama‟u‟ jedhu hiikni isaa maal ta‟a?
A. Ifaaju C. Raata‟u
B. Jonja‟u D. Talbaajja‟u

60. Dubbisa asiin olii kanaaf, irra caalaatti mata duree ta‟uu kan danda‟u kami?
A. Aadaa Ofii C. Jaalala Biyyaa
B. Jaalala Aadaa D. Eenyummaa Ofii

Qorumsa Afaan Oromoo (Sagantaa Afaan Oromootiin Barataniif) Bara 2012 BBO Page 12

You might also like