You are on page 1of 2

Gaaffilee Armaan Gaditti Dhiyaataniif Hima Sirrii Ta’een Dhugaa Kan

Dogongora Ta’een Immoo Soba Jechuun Iddoo Duwwaa Irratti Guuti.


____1. Oromoo biratti muudni sirnoota adda addaa dhadhaadhaan raawwatama.

____2. Sirna gadaa keessatti gaammee xixiqqaan itti gaafatamummaa cimaa hin qaban.

____3. Akka duudhaa oromootti galan kophaa nyaatama.

____4. Sirna gadaa keessatti oromoon fardaaf kabajaa tokooyyuu hin qabu.

____5. Waraana keessatti oromoon fardaan duulee lola ture.

____6.Galaan jireenya hawaasummaa cimsuuf ni fayyada.

Kanneen ‘’A’’ Jalatti Tarreeffaman Kan ‘’B’’ Jala Jiran Waliin Walitti Firoomsi.
A B
____7. Dabballee A. Cee’umsa dabballumaa gara gaammee

____8. Gaammee xixiqqaa xixiqqaa godhsmuudha

____9. Mokkee B. Ijoollee ganna saddeeti gadii

____10. Ayyaana ilillii C. Ijoollee ganna 8-16

____11. Ayyaana kuuchuu D. Ayyaan ijoollee durbaa

____12. Maqbaasa E. Ayyaana ijoollee dhiiraa

F. Faaruu gaammee xixiqqaa

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filachuun Bakka Duwwaa Irratti Guuti.


13. Waa’ee dhadhaa ilaalchisee kan armaan gadii keessaa kamtu soba?

A. Dhadhaan mallattoo miidhaginaa fi qulqullina dubartootaati.


B. Mataan dhadhaa dhabe, mataa addaate jedhama.
C. Dhadhaan eebba malee qabbanaaf hormaata bakka hin bu’u.
D. Dhadhaan muuda sirnoota adda addaa irratti filatamaa fi barbaachisaadha.

___14. Akka duudhaa oromootti mijuun dhimmoota akkamiif qophaaya?

A. Cidha gadaaf B. Ateetee bulfachuuf C. dubra kaadhimachuuf D. hunduu deebidha.

___15. Akka aadaa oromootti dubartiin mijuu qabatee deemtu,

A. Ulfina qabdi B. kabajaa guddaa qabdi C. ni jibbamti D. A fi Bn sirriidha.

___16. Mijuun maal irraa qophaa’uu danada’a?

A. Aannan B. Buqurii C. Bookaa D. Hunduu deebiidha.

___17. Oromoon farda akka dhala isaatti maalif ilaalee kunuunsa guddaa taasisaaf?
A. Fardi akkuma dhala namaatti abbaaf waan ajajamuufi
B. Fardi abbaan yoo irraa kufee miidhame gatee bira waan hin deemneef
C. Oromoon gaafa waraanni jiru fardaan duulee waan loluuf
D. Hunduu deebiidha.

____18. Sirna gadaa keessatti fardi seera mataa isaa qaba jechuun;.

A. Namni tokko eeyyama abbaa malee farda nama biroo yaabbachuu hin danda’u
B. Namni farda seeraan hinsoorre ykn hin kunuunsine ni adabama.
C. Namni farda ajjeesse akka nama ajjeesetti gumaa baasa.
D. Hunduu sirriidha.

___19. Oromoon farda “yaa bullookoo” jedhee maalif faarsa?

A. Farda waan mararsisatuuf B. Farda waan jibbuuf C. Farda waan jaalatuuf D. A fi C Deebidha.

____20. Kanneen armaan gadii keessaa kan gala hin taane isa kami?

A. Finiinaa B. Cuukkoo C. Ittooo D. Burqumsaa

___ 21. Tapha muraa hariyyaa jedhamutu irraa ijoolleen maal baru?

A. Jechoota safuu akka aadaa oromootti jedhamuu hin qabne


B. Namni seera jalatti akka bulu
C. Namni seera yoo cabse adabbii akka qabu D. hunduu sirriidha.

____22. Hiriyyummaan gulantaa fi gogeessa gadaa irratti hundaa’a jechuun;

A. Ijoollee bara gadaa tokko keessa dhalatan jechuudha.


B. Ijoollee umriin isaani walcaalu jechuudha.
C. Ijoollee iddoo garagaraati walitti qabaman jechuudhaa.
D. Deebii hin qabu.

Deebii Gabaabaa Barreessi


23. Maqaa fardaa oromoon dur ittiin waamamu sadi barreessi

a.______________________

b.______________________

c.______________________

You might also like