You are on page 1of 6

Qormaata Hawaasa kutaa 8ffaa M/b Aw-nugus bara 2016 Calalliif qophaa'e.

I. Gaafiilee armaan gadii qubee deebii sirrii qabu filachuun deebisi.

_______1.Baqqaanota qilleessa marsala Lafaa keessatti kan hin ramadamne Isa kami?

A/ Tirooppoosfeerii B/ laatitiyuudii C/ Meesoosfeerii D/ Istiraatoosfeerii.

E/ Teermoosfeerii

_______2.Maagmaan fuula lafaatii bahee dhangala'uu___________jedhama.

A/ Veentii. B/ Fiisharii. C/ Kaaldeeraa D/ Laavaa

______ 3.Waa'ee Tirooppoosfeerii ilaalchisee sirrii kan hin taanee kami?

A/ Naannoo mudhii lafattii hamma 27km ol fagaata

B/ Naannoo bantiileetti hamma 7km ol fagaata.

C/ Dhiibbaa qilleessaa guddaa ta'e qaba

D/ olka'iinsi Lafa yoo dabalaa adeemuu teempireecharrii hirachaa deema.

______4.Baqqaana Teermoosfeerii ilaalchisee sirrii kan ta'e kami?

A/ baqqaana gara olittii argamuudha.B/ olka'iinsi yammuu dabalaa adeemuu

teempireecharrii saffisaan dabalaa deema.C/Baqqaana baay'ee hoo'aa ta'e dha

D/ hunda E/ deebii hin qabu.

______5.Kan utubaa Lafaa fi kallatti carallaa biiftuutiin Wal qabatu Isa kami?

A/ Loongituudii B/ laatitiyuudii C/ Dambaliiwwaan garbaa.

D/ Dhiibbaa qilleensaa fi bubbee.

_______6.Qabiyyee qilleensa baramaa kan ta'e kami?

A/ Rooba B/ Ifa aduu C/ Teepireechara D/ Dhiibbaa qilleensaa. E/ hunda.

______7.Olka'iinsa Lafaa ilaalchisee sirrii kan hin taanee kami? A/ Dhiibbaa qilleensaa fi
Rooba ni too'ata. B/ olka'iinsi yeroo dabaluu hammii hoo'aas ni dabalaa.

C/ Akkuma olka'iinsi dabaluun roobni hamma tokko dabalaa deema.

D/olka'iinsi yeroo xiqqaatu hammii hoo'aas ni dabalaa.

_____8.Ulfaataina qilleensa iddoo murtaa'aa ta'e tokko irratti qabuu __________ jedhama.
A/ Dhiibbaa qilleensaa B/ qilleensa jijjiiramaa C/qilleensa baramaa. D/ deebii hin qabu

____9.Pilaanetoota armaan gadii keessaa xiqqaan Isa kami? A/ Uraanus B/ Juppitar C/ Maarsii D/
Saatarnii

____10.Albuuda kattaa jijjiiramaa keessatti hin argamne Isa kami?

A/ kattaa maarbilii B/ peetirooliyeemii. C/ yuraaniyeemii D/ Daayimaandii.

____11.Faayidaa kattaa kusmansaa kan ta'e Isa kami? A/ Itti barreessuuf B/ Faayaaf C/ nyaataaf D/
B fi C. E/ A fi C.

____12._________'n dachee irratti qilleensa gogaa fi qabbanaa'aa ta'e akka uumamaa taasisu dha.

A) dambalii garbaa qorraa. B) laatitiyuudii C) dambalii garbaa hoo'aa. C) Olka'iinsa Lafaa

___13.Baqqaanota qilleensa marsaa Lafaa jiraan keessaa Baqqaana baay'ee hoo'aa ta'uun beekkamu isa
kami? A) Teermoosfeerii. B) meetoosfeerii. C) Istiraatoosfeerii D/ Tirooppoosfeerii.

___14.Albuuda kattaa baqi qorraa kan ta'ee Isa kami? A)dhagaa hoofii B) Soogidaa C) cirracha D)Dhagaa
boba'aa

___15.Voolkaanoon boolla tokkoo humna cimaan darbatamee bahuun______ uuma. A) Fiisharii. B)


Kaaldeeraa. C) Veentii. D) laavaa

___16.Lafa xiqqaan irratti humna namaa fi kaappitala guddaa fayyadamuun Oomisha guddaa kan
oomishu Isa kami? A) Qonna eksiteensiivii B) Qonna Wal makaa. C)Qonna inteensiivii. D) Qonna siqaa

___17.Sochii diinagdee sadarkaa lammaffaa kan hin taane Isa kami? A) sibiila gara maashinatti jijjiiruu.
B) Jirbii gara uffatatti jijjiiruu. C) Qamadii gara daakuuttii jijjiiruu. D) Qurxummii bifa ammayyaatiin
qabu.

___18.Jalqabamuu qonnaa ilaalchisee sirrii kan hin taane?

A)Dh.K.D. bara 6000 duratti jalqabame.B) Biyyoota kibba bahaa Eeshiyaan jalqabame.C)Suuta
Suuraan gara chaaynaa,jaappaan,Afrikaa fi Awurooppaatti babal'atee.D) Dh.K.B.bara 6000 jalqabame.

____19.Bara abbuurraa keessatti abburtoonni imala isaanii akka saffisiisuu sababa kan
ta'e_________dha. A)Dooniiwwan ammayyaa hojjatamuuf. B)Kaartaa fayyadamuu isaani.C)argannoo
kompaasii. D)hunda E) "B" malee hundi deebi'iidha.

___20.Yeroo jalqabaaf abburtoota keessa hanga fiinxee Afrikaa kibbaatti kan abbuurre _______ dha.
A)Vaaskoo Dagaamaa B) Baartoloomi Diyaas. C)Fardinaand maajilaan D) Kiristoofeer kolombos.

____21.Pilaaneetiin biiftutti dhiyaatte argamtu Isa kami?. A) meerkurii. B) Veenusi. C) Maarsii D) lafa

____22.Isaan hundarra jabaa kan ta'e Isa kami? A) Yuraaniyeemii. B) Marbilii. C) Daayimaandii D)
Giraanaayitii.
___23.Qabeenya uumamaa armaan gadii keessaa kan of haaromsu Isa kami? A) bishaan B) Gaasii
uumamaa. C) Albudoota. D) deebii hin qabu .

___24.Horteen dhala namaa sadarkaa hoomiidii fi poonjudeetti erga addaan bahani booda kan mul'atee
isa kami? A) Awustiraaloopiitikas raamiidas B) Hoomoo habilas. C) Awustiraaloopiitikas. C) Hoomoo
Irreektas.

____25.Sirna biiftuu keessatti kan pilaanetoota naanna'an ________ jedhamu. A) meetayoorota. B)


saatalaayitoota. C) komeetota. D) Asterooyidoota.

___26.Lafti danaa marfamtuu ta'uu ragaan mullisu Isa kami? A) doonii lama walduraa duuban imalan
adeemsa keessa Wal arguu dhabu. B) Suuraan Lafaa samii irraa gadi kaafame. C) Gaaddidduun Lafa
fuula ji'aa irratti mul'achuu. D) hunda. E) "A" malee hunda.

___27.Kanneen armaan gadii keessa adda kan ta'e Isa kami? A) Saatalaayitota. B) Asterooyidoota. C)
Komeetota. D) Meetaroota.

___28.Waa'ee Hoomaa Irreektas sirrii kan hin taane Isa kami? A) jalqaba olka'ee miila lamaan kan
deemedha. B) Harkaan waan hojjachuu kan eegaleedha. C) yeroo jalqabaaf ibidaan kan fayyadamee
dha. D) Meeshaaleen isaa Ashuuliyaan jedhamu.

____29._____________

____30.Hayyuun danaa Lafaa marfamtuu ta'uu ishee mirkaneesse Isa kami? A) Aristootil. B) Pilaatoo.
C) paaytaagoras. D) hunda.

____31.Gosa Voolkaanoo yeroo gabaabaa keessatti dhoohu _________dha. A) Voolkaanoo socha'aa.


B) Voolkaanoo riphaa. C) Voolkaanoo dhumataa. D) deebii hin qabu

___32.Maagmaan boolla baay'een fuula lafaati dhohee bahu________jedhama. A) Veentii. B) Fiisharii.


C) Kaaldeeraa. D) deebii hin qabu.

___33.Bara dhagaa durii ilaalchisee kan sirrii hin taane Isa kami? A) Ibidaan fayyadamuu. B)
dubbachuu danda'uu. C) Suphee irraa meeshaa adda addaa hojjechu. C) Gogaa irraa uffata hojjachuu.

___34.Maagmaan boolla tokkoichaan dhohee bahu________jedhama. A/ Veentii. B/ Kaaldeeraa. C/


Fiisharii. D/ "B'n deebi'iidha.

___35.Pilaanetoota keessaa addeessa kan hin qabne _________dha. A) Veenusii. B) Meerkurii. C/


Maarsii. D/ " A fi B

____36.Pilaaneetiin ganamaa fi galgala mul'atu Isa kami?

A/ Maarsii. B/ Veenusii. C/ Puluutoo. D) Meerkurii.

___37.Pilaaneetiin addeessa baayyee qabu Isa kami? A/ Juppitar. B) Neeptanii. C/ Uraanusii D)


Saatarnii.
___38.Pilaaneetii keessaa addeessa xiqqaa kan qabu Isa kami ? A/ Lafa. B/ meerkurii. C/ Puluutoo.
D/ A fi C deebii dha.

___39.Bara dhagaa g/galeessaa ilaalchisee sirrii kan hin taane Isa kami? A/ Bineensotaa fi biqiloota
madaqsuu kan itti eegalameedha. B) Suphee irraa Meeshaalee hojjachuu kan itti eegalameedha. C/
bara Wal madaksuun sadarkaa olaanaa itti ga'eedha. D/ hundii sirriidha.

___40.Sochii lafti orbiitii ishee irratti taasiftuun kan hin uumamne kami? A/ jijjiirama waqtiilee B/
Halkani fi Guyyaa. C/ Garaagarummaa dheerina Halkani fi guyyaa. D/ deebii hin qabu.

___41.Keessa Lafaa ilaalchisee sirrii kan hin taane kami? A/ Irra Lafa fi handhuura Lafa giddutti argama.
B/ hanga 2900 km gadi fagaata. C/hanga 290 km gadi fagaata. D/ gartokkeen isaa baqaadha.

____42.Baay'inni ummata biyya "x" bara 1999 tti miliyoona 120 daa'immaan bara kanatti dhalatan
immoo Kuma 200. Baay'inni ummataa gara biyya alaatti godaanan 500,000 yoo ta'uu gara biyyaa kan
galan immoo 450,000 ta'u,oddeeffannoowwan kanneen fayyadamuun saffisa dhalataa biyya kana
barbaaddu? A/ 1. B/ 2. C/ 4. D/ 3

___43.Gaafii 42 ffaa irratti hundaa'uun saffisa godaansa gara biyya keessaa shallagi? A) 4

B) 6 C) 3 D) 5

___44.Gaafii 42ffaa irratti hundaa'uun saffisa godaansa gara biyya alaa barbaade? A)3. B)5. C) 4. D) 6

___45.Gaafii 42 ffaa irratti hundaa'uun saffisa godaansa caalmaa barabaadi? A) 0.3 B) 0.5 C) -4. D) -
0.4

____46.Baay'inni uummataa biyya "R" miliyoona 70 kana keessa miliyoona 20 ijoollee yoo ta'an
miliyoonni 10 immoo maanguddoota.Reeshoon hirkattummaa ijoollee biyyatti meeqa?

A) 50 B) 25 C)55 D) 75

____47.Gaafii 46ffaa irratti hundaa'uun reeshoo hirkattummaa maanguddootaa meeqa?

A/ 50 B/ 75 C/ 25 D/ 55

___48.Gaafii 46ffaa irratti hundaa'uun reeshoo hirkattummaa waliigalaa shallagi? A/50. B/ 75 C/ 25


D/ 55

___49.Kanneen armaan gadii keessaa qilleensa baramaa fi qilleensa jijjiiramaa kan too'aatu isakami? A/
fageenya iddoo tokko qaama bishaanii irraa qabu. B/ Laatitiyuudii. C/ Dambalii garbaa. D/ hunda E/
"A" malee hunda.

___50.Sochii lafti utubaa ishii irra taasiftu maal jedhama. A) Maraamartoo lafaa. B) Baanna'uu Lafaa.
C) sochii utubaa. D) waggaa
___51.Sochii diinagdee sadarkaa sadaffaa(3ffaa) kan hin taane Isa kami? A/ tuuriizimii. B/ Geejiba. C/
Daldala. D/ maloota qunnamttii E/ deebii hin qabu.

___52.Abbuurtoota keessaa bara 1498 Afrikaa irraa Baanna'uun Hindii kan ga'ee Isa kami? A/
Kiristoofeer kolombos. B/Vaaskoo Dagaamaa. C/ Kiristoofeer Dagaamaa. D/ Fardinaand maajilaan

____53.Biyyoota armaan gadii keessaa Sochiin yaada haaraa biyya kam keessatti jalqabee?

A/ Xaaliyaan B/ Ingiliiz. C/ porchugaal D/ Faransaay.

____54.Hojii sochii diinagdee sadarkaa 1ffaa keessatti hin ramadamne Isa kami? A/ Qurxummii qabu
B/ Adamsuu. C/ Albuuda baasuu D/ qonnaa. E/ deebii hin qabu.

___55.Baay'inaan kuufamni kattaa Itoophiyaa keessatti argamu Isa kami? A/ kattaa baq_ qorrii. B/
kattaa kusmansaa. D/ kattaa jijjiiramaa. D/ hunda.

___'56.__________'n kan uumamuu Naannoo kattaa kusmansaa itti argamuudha. A/ Babbaqaquinsa


Lafaa B/ Hoollannaa Lafaa C/ Dadacha'iinsa Lafaa. C/ cabbii baqee sigigaatu.

____57.Humnoota irra Lafaa tahanii irra Lafaa irratti jijjiiramaa fidu Isa kami? A/ Lola bishaanii. B/
bubbee. C/ cabbii sigigaatu D/ hunda. E/ deebii hin qabu

___58.Saayinsiin waa'ee haala jijjiiramaa qilleensaa qoratu maal jedhama?

A/ Reengeejii B/ meetiroolojii. C/ kilaamaatoolojii D/ Baaroomeetrii.

____59.Teempireechara guddaa Naannoo tokkoo safaruuf kan nu gargaaru Isa kami?

A/ teermoomeetira alkoolii B/ Teermoomeetira bishaanii C/ Teermoomeetira Meerkurii. D/ deebii hin


qabu

____60.Saayinsiin waa'ee qilleensa baramaa qoratu isa kami? A/ kilaamaatoolojii. B/ Meetiroolojii. C/


wiindiveenii D/ Reengeejii.

CARRAA. GAARII !!!

Qoph Br/stu Haliimaa Mahmmad Ammee

Guyyaa 10/4/2016

You might also like