You are on page 1of 3

Seera Ambaa

Adeemsi seera tumaa sirna Gadaa keessatti seeraafi dambii mataa isaa qaba. Sirna gadaa Oromoo
keessatti adeemsi seera tumaa adeemsa hirmaannaa uummata baldhaatti kan amanuufi kan ittiin
raawwatudha. Akka seera Gadaatti namni kamiyyuu kan umuriinsaa eyyamu hunuu adeemsa seera
tumaa irratti argamuuf mirga qofa osoo hin taane, dirqama sabummaas qaba. Adeemsa seera tumaa
kanarrattis namni hunduu yaada qabu akka safuun uummatichaa eyyamutti qoqqobbii tokko malee
dhiyeessa. Mariifi falmii (yoo barbaachisaa ta’e) hawaasa bal’aan erga himaachisaa booda, yaadolee
walii galaa karaa Abbaa Bokkuutiin deebi’anii hawaasichaaf dhiyaatu. Kanaanis kan uummanni bal’aan
itti amanee seera tahee tumamuu isaa abbaan Bokkuu Alangaa gogaa Roobii irra hojjetame qabatee
uummaticha fuulduratti mirkaneessa.

Adeemsa seera tumaa sirna Gadaa kana adeemsa seera tumaa biyyoota dhihaa kan sirna
dimokiraasummaan baay’ee dagaaganiiru jedhaman waliin yoo wal bira qabnee ilaalle amalli adda isa
taasisu ni jira. Kunis akka qajeelfamoota dimokiraasii biyyoota dhihaatti yaanifi fedhiin uummata
baldhaa yaadaafi fedhii uummata muraasaan kan uummanni baldhaan ofkeessaa filee bakka buufateen
kan bakka bu’uufi murtaa’uudha . Akka sirna Gadaa Oromootti garuu, sagalee tokko nama tokko qofa
bakka bu’uu danda’a. Kunis adeemsa seera tumaa keessatti uummanni baldhaan wal ga’ee yaada ofii
isaatii akka safuun hawaasichaa eyyamutti qoqqobbiifi sodaa tokko malee dhiyeessee, yaadota falmii
ta’ani immoo mareedhaan wal amansiisee gara furmaataa ga’uun dambiileefi seerota barbaachisan
hunda baasa.

Adeemsa Seera Hiikuu

Sirna Dimokiraasii Oromoo (Gadaa) keessatti koreen maqaa salgan Yaa’ii Booranaan beekamu qaama
seera hiikuurratti aangoo ol’aanaa qabudha. Miseensotani koree kanaa gareelee Gadaa kan Hayyuu
jedhamu keessaa filatamu. Qaamni kun aangoo seera hiikuu biratti dabalee fooy’insi seeraa yoo
barbaachisaa ta’e yaada ni dhiyeessa. Korri koree kanaa handhuura Gadaa Orommooo kan taate giddu
gala Odaa Nabeetti geggeeffama.

Adeemsa Seera Raawwachiisuu

Abbaan Alangaa qaama seeraafi dambiilee duudhaa Gadaa Keessatti argaman raawwachiisuuf aangoo
guutuu qabudha. Alangaan meeshaa gogaa Roobii irraa hojjetamu fiixeen isaa kallaattii qabatamurraa
gara dhumaatti qal’ataa kan deemu ta’ee abbaan Alangaa akka mallattoo beekamtiitti (recognition) kan
qabatudha. …….itti fufa.

AADAA - DUUDHAA

Sirna Siinqee Aadaa Oromoo


BY AFAAN OROMO

AUGUST 26, 2017

Sirna Siiqqee Aadaa oromoo

Seerri siinqee ulee qal’oo sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte
qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne
waan ta’eef filatama. Siinqee dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee
bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin
hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta


raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Siinqeen Idaayyiif Kennamuu

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa
(uumamaan bilisa ta’uu) ti. Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo
mallattoo haadha-warrummaa ti. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa’elaa irratti yeroo idaayyichi idaayyittii fudhatee galuuf ka’u, haati ishii siinqee, boraatii fi
baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura teessi. Idaayyichi haadha idaayyittii bira ga’ee dhaabbata.
Haati idaayyittii “hoo baarree, hoo barsee” jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. “Hoo barsee”
jechuun yaboo sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin
seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan
haadha siinqee taati. Yeroo eebbisanillee “siinqee baarree oofkalaa” jedhu. Kunis fuudha kana
nagaadhaan keessa fulla’aa ykn ofkalaa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha-warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa
keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Ulfina Haadha Siiqqee

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa
deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite
malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa’an/bayima ba’an, Ateetee/Ganyaa jedhamu. Dubartoonni
bayima ba’anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan, nama tokkoos ta’e nama hedduus ta’an,
maanguddoonillee, fardarraa bu’anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii “Ilteeninnaa” jedhanii itti
irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii “obbayaa” jedhanii deebisu.
Dubartoonni bayima ba’an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.
Aangoo Haadha Siinqee

Dhaanicha Abbaa Warraarraa Baraaruu

Sirni Gadaa, seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul’atu keessaa tokko,
dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga’ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta’e sagalee ililfannaa,
“ililii,ililii,ililii…” jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee
ililfannaa dhageesse, kan daa’ima hoosisaa jirtus, kan sa’a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii
of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi.
Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana
dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee
qabachiisanii manaa baasu.

Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu
hundi, qe’een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa’imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti
namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii
miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/ erga seerri
Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa’anii dubbisu. Kana malees, gadi
jedhanii marga jiidhaa ciratanii, “ilteeninnaa” jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii
eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga’uuf taa’e, “Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse
Gadaa dha.” Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan, waltajjii jalqabu. Sana booda, “ulfoo teenya maaltu
bade, maal rakkattan” jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii
dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa’iitti himti. Qaamni seera
raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen
kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun loon inni qabu
keessaa isa mararsiifatu sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta’uu danda’a……. itti fufa

You might also like