You are on page 1of 1

Guyyaa isaa Roobii barii 11/01/2015 ture.

Didaan jiruu maatii isaa sababa hojiitiin amma gargar jiran


walitti qabachuuf wal'aansoo jajjabduu keessa jira. Erga inni barnoota gannaa Yuunvarsiitii Arsiitti eegale
irraa kaasee qormaata heddu keessa isa muudateera. Haa ta'uu malee wanti gale haa galuu jedhee
garaa isaa hidhatee barnoota isaa irratti cichuun, maatiin isaas qormaata heddu isa waliin dabarsaniiru.
Kana hunda dabarsee barnootaan milkaa'eera. Kan yaaddoo isatti ta'e halkan walakkaa hirriba keessaa
isa kaasee imimmaan lakkuu isa roobsisu dhiibbaa siyaasaan jijjiirraan hojii gara maatiitti dhiyaachuuf
guutee ture ; erga inni baasii hedduu keessa galee jalaa danqamuu isaati . Sababa kanaan Jaartii isaa
akka lubbuutti jaalatuunis afaan keesssa waldhabdeen jiru itti jajjaabaatera . Dhiibbaa jiruu fi
jireenyaa ,dhiibbaa maatii , dhiibbaa qaalawiinsa gabaa dhimmoota maatii , of irraa qolachuuf irkoon
isaa Rabbii tokkicha malee nama yaada isaa itti qoodatu hinqabu . Kana hunda jalaa bahuuf wal'aansoon
ati hin goone hin jiru. Tiyya tun keessattuu adda natti fakkaatti . Silaa haalli adunyaa kanuma. Guyyaan
tokko gammachuu , tokko immo gadda . Har'a yoo qabaatte bor ni dhabda. Anaaf fakkaataa kiyyas kan
baasu waan hunda keessatti Rabbiin gargaarsifachuu qofatu furmaata.

Yaa ilma namaa Raammata Rabbii keetii irraa abdii hin kutatin , Xiqqoo si harkaa baateef tan isii caaltu
Rabbii keetirraa kajeeli .

1. Fatiyaa Zaakir Aliyyii _Dilbata galgala magariiba , Caamsaa 22_09_2002

2. Ayishaa Zaakir Aliyyii Dilbata sa'aatii sadi Hagayya 20, 2004

3. Na'imaa Zaakir Aliyyii Wiixata ganama naannoo sa'aa sadii Amajjii 1 , 2009

4. Hafiz Zaakir Aliyyii Dilbata barii sa'aa lama sadaasa 2011

5. Michuu Zaakir Aliyyii Qaammee 5 ,barii sa'aa afur 2014

You might also like