You are on page 1of 1

Guyyaa 11/4/2015

Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaatiif


Ciroo

Iyyataan:- Dhaabbata Inshuraansii Madihin Itoophiyaa


Teessoon:- Magalaaa Ciroo Araddaa Caaffee Araaraa
B’Bu’aan:- Abukaatoo Kaabtaamuu Nugusee
Iyyannoon kun Manni Murtii Galmee Lakk.62095 irratti Qaceelcha Poolisii Godina
Harargee Lixaa nuuf ajajee ragaa wixinee Tiraafikaa akka nuuf dhiheesisu yookaan
hoganaan Waajira Poolisi Aanaa Qarsaa qaamaan mana murtii kana dhihaatee ibsa akka
itti nuuf kennu ajajni akka nuuf kennamu gaafachuuf iyyata dhihaateedha.
Tarree Iyyata Kiyyaa
Falmii siviilii glmee lakkoofsa 62095 taheen mana murtii kanatti gaggeeffamaa jiruun
walqabatee manni murtii kun dhaddacha gaafa 06/03/2014 ooleen Waajirri Poolisii Aanaa
Qarsaa wixinee balaa tiraafikaa gaafa 03/07/2012 Konkolaataa lakkoofsa gabatee03-90486 AA
tahee fi konkolaataa Lakk.gabatee 4-24639 ET tahe jiddutti gahe ibsu mana murtii kanaaf yeroo
2ffaaf akka dhiheessan ajaja nuuf kennee turuun ni yaadatama. Haata’uu garuu Waajrri Poolsii
aanaa Qarsaa ajajni kennameef yeroohedduu itti dadeebinee ajaja mana murtii kana akka nuuf
raawwatan gaafannus sababa adda addaa uumuudhaan akkaataa ajajameen osoo nuuf
qulqulleessin turee yeroo 2ffaaf ajajni mana murtii kana irraa yeroo nuuf kennamus nu
keessumeessuu dhabuudhaan xalayaa ajaja mana murtii nurraa fuudhuu waan dideef Manni
murtii kun Qaceelchi Poolisii Godina Harargee Lixaa galmee qorannoo Waajira Poolisii Aanaa
Qarsaa irraa fuudhee gabaasa akka nuuf dhiheessu akka nuuf ajajamu yookaan hogganaan
Waajira Poolisii Aanaa Qarsaa qaamaan mana murtii kanatti dhihaatee sababa raga dhiheessuu
dhabeef mana murtii kanaaf akka nuuf ibsuuf ajajni akka nuuf kennamu gaafanna.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneesina

You might also like