You are on page 1of 5

Himatamaa: Kadir Amaan Sayyid

Iddoo Falmii: Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa-Adaamaa

Lakkoofsa Galmee M/Murtii: 385502

Lakkoofsa Galmee Abbaa Alangaa Federaalaa: 180

Lakkoofsa Galmee Poolisii federaalaa: 704/11

Gosa Yakkaa: Malaammaltummaa(Labsii Lakk. 881/07, kewwata 23/2/A

Guyyaa Beellamaa: 07/08/2014

Jecha Ragoota Abbaa Alangaa:

1ffaa Taammiraat Dastaa W/Mikaa’el(0911455967)

 Konkolaataa bara 2011 Baatii Guraandhalaa keessa kan bite ta’uu isaa;

 Konkolaataa kana Adaamaatti akka ani haadha manaa koof bituuf kan ana argisiise
himatamaa ta’uu;

 Gosti konkolaataa RAV-4 kan jedhamu ta’uu;

 Yeroo ana argisiisu sana Kadir isaan fichisiisaa konkolaataa akka ta’anitti itti haasawaa
kan ture ta’uu;

 Himatamaan kadir jedhamu kun nuyi konkolaataa alaa galchinu seera gumurukaa hunda
xumurree abba bitetti kennina kan isaan jedhe ta’uu;

 Innis kanfaltii nu barbaachisa waan jedheef Qarshii 315,000.00 fi 90,000.00


dimshaashumatti Qarshii 405,000.00 herrega baankkii isaa irratti kan galcheef ta’uu;

 Kanfaltii duraa kennee gaafa guyyaa afur yookiin sadii booda himatamaan kun sanada
fidee isatti kan kenne ta’uu;

 Sanada kanas qabachuun kallattiidhaan gara Abbaa Taayitaa Geejjiba Magaalaa


Adaamaa deemuudhaan hojjeta tokko sirrummaa sanada sanaa kan gaafate ta’uu fi
hojjettuun waajjirichaa immoo kompuutara irra ilaaluudhaan sirrii ta’uu isaa kan itti
himte ta’uu;

 Kana booda ani immoo haftee gatii konkolaataa Qarshii 550,000.00 kan nagahee irra jiru
gatii qaraxaati jedhee ana harkaa kan fudhate ta’uu;

 Qarshii kanas nagahee waan citeef kan kenne ta’uu;

 Gatiin konkolaataa Qarshii 1,000,000.00 yoo ta’u;


 Qarshii 45,000.00 immoo otoon hin galchiin dura harkatti akka kanfaltii duraatti kan
kenne ta’uu;

 Waliigaltee gurgurtaa konkolaataa kan hin taasisne ta’uu;

 Qarshii 550,000.00 gatii taaksii malee gatii konkolaataa anatti hin fakkaanne;

 Yeroon bitu sana ragootni turan: Tamasgeen Kinooree, Alamaayyoo Taammiraat fi


Eeliyaas Jeeyilaan kanneen jedhamani dha.

 Himatamaan kun konkolaataan karaa Daawwataa Taajuddiin jedhamu Saawud Arabiyaa


irraa kan gale ta’uu erga ibsee booda Fichisiisaan jira yoo bitte rakkoo hin qabujedhee
kan dubbate Kadir matuma isaa ta’uu;
2ffaa
Roomaa Abdellaa Angooyyee(0910137046)

 Koodii 2-37988 Oro RAV konkolaataa gaafa 22/06/2011 abbaan manaa ishee
ragaan 1ffaa kan bite ta’uu;

 Eenyu irraa meeqaan fi akkamiin akka bite garuuodeeffannoo kan hin qabne
ta’uu;

 Erga bitamee booda Magaalaa Adaamaatti argamuudhaan maqaa isheetiin


lakkoofsa gabatee kan baafatan ta’uu;

 Achiin booda immoo konkolaataa kana akka bulchuuf abbaa manaa isheef bakka
bu’ummaa kan kenne ta’uu;
3ffaa
Tamasgeen Kenooree (0916882545)

 konkolaataa RAV-4 Koodii 2-37988 Oro yeroo bitu argeera.

 Gaafa Bitootessa 2011 Kadir Amaan Sayid kan jedhamu obbo Taammiraat
Dastaatti gurguruu isaa nan beeka;

 Ani hojjetaa mootummaati.

 Gatii kan waliin dubbatan magaalaa Adaamaa Addababayii Daraartuu Kaaldiis


Kaaffee bakka jedhamutti ta’uu;

 Gatii immoo Qarshii 1,000,000.00 waliigaluu isaanii;

 Kana keessaa Qarshii 405,000.00 herrega Kadir kan Baankii Abisiniyaatti kan
galchee ta’uu;

 Qarshii 45,000.00 immoo harkatti kan kenne ta’uu;


 Turtii guyyaa muraasa booda dhaaba konkolaataa Magaalaa Adaamaa kan durii
keessa deemuun Waajjira Geejjiba Abbaa Taayitaa Magaalaa ASdaamaatti
argamuudhaan adeemsi gumurukaa barbaachisoon erga xumuramee booda immoo
Qarshii 550,000.00 harkatti kadir kan fudhate ta’uu;

 Nama Kadir Amaan jedhamu kana qaamaan nan beeka;

 Adeemsa gurgurtaa isaanii jalqabaa hanga dhumaatti hordifeera;


4ffaa
Alamaayyoo Taammiraat (0910493028)

 Raga Taammiraat Dastaa ta’uun raga Taammiraat Keenooree waliin waan


wal-fakkaatu dubbateera.
5ffaa
Maastawaal W/Maariyaam Geetahun (0913734020)

 Komishinii Gumurukaa Itoophiyaatti Waajjira Damee Finfinnee Qaallittiitti qindessaa


intelejeensii ta’uu;

 konkolaataa RAV-4 Koodii 2-37988 Oro gaafa 01/09/2011guyyaa keessaa tilmaamaan


sa’aatii 06:00 yommuu ta’u Magaalaa Finfinnee naannoo saalitemihiret jedhamutti namni
Taammiraat Dastaa W/Mikaa’el jedhamu otoo oofaa jiruu qabuu isaanii;

 konkolaataa kun yeroof otoo qaraxaa fi taaksiin irratti hin kanfalamiin viizaa
daawwataatiin kan galee fi gabateen garuu sanada dikilaaraasiyoona sobaatiin kan bahe
ta’uu;

 sanadni dikilaaraasiyoonaa inni ittiin libireen baheef kun kan konkolaataan viitiziin ittiin
gale dha malee kan konkolaataan kun ittiin gale miti;
6ffaa
Fiqir Taammiree Gaashaawu (0920321371)

 Komishinii Gumurukaa Itoophiyaatti Waajjira Damee Finfinnee Qaallittiitti intelejeensii


ol’aanaa ta’uu ibsuun ragaa 5ffaa Maastawaal waliin jecha wal-fakkaatu kenneera.
7ffaa
Alemnesh Nagaash Booranaa (0912226887)

 Hojjettuu Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaatti Waajjira Damee Magaalaa


Adaamaa keessa kan hojjettu ta’uu ibsuudhaan:

 konkolaataa RAV-4 Koodii 2-37988 Oro irratti libiree fi lakkoofsa


gabatee kan baafte ta’uu;

 maqaa Roozaa Abdellaa jedhamuun libiree baaseera.


 Adeemsi isaa immoo sanadoota dhiyaatan guutamuu isaanii ijaan
ilaaluudhaan sirrii ta’anii waan anatti mul’atiin baaseeraaf.

 Sirni ittiin kompuutara irraa ittiin ilaallu hin jiru;

 Sanadootni dhiyaatan:

1. Heeyyama fichisiisaa;

2. Sanada dikilaaraasiyoonaa koppii yookiin tokko qofti kan ittiin


gale yoo ta’e immoo haadhoo isaa;

3. Sanada fe’umsaa;

4. Shaansii kan of irraa qabau sanada;

5. Abbaan taayitaa geejjiba federaalaa kan kennu sanada konkolaataa


galchuun ittiin heeyyamame-rooz waraqat;

6. Waraqaa eenyummaa nama is libireen maqaa isstiin bahuu koppii


isaa;

7. Galiiwwanitti kan kanfalamu %2 kan ittiin kanfalame;

Ta’uu ibsuun kan ammaas bifa kanaan kan keessummoofte ta’uu


ibsuun raga baatetti::
8ffaa
Malaakuu Waldegiyoorgiis Waldatsaadiiq (0911238487)

 Shaampiyoon laawoonji dhaabbata daldalaa jedhamu banachuun Finfinnee Kutaa


Magaalaa Boolee Aanaa 03, lakkoofsa manaa haarawaa ta’etti hojii daldalaa hojjechaan
jira;

 Hojiin daldalaa inni hojjetu bashannana ta’uu;

 Dikilaaraasiyoona lakk.C-992/2012tiin konkolaataa lakk. Shaansii


JTDZE32V5C5209406, lakk. Motoraa 2AZB526458 maqaa kootiin galee ani immoo
nama Roozaa Abdellaa Anngoyyee jedhamtutti akkan gurgure sanada ibsu yommuun
ilaalu soba dha. Sababni isaa:

 Heyyama fichiisiisa konkolaataa bara 1997 lakk. 0002896031 irratti baasee ture sanaan
konkolaataa galchee hin beeku

 Kanan heyyama baaseef waan qaraxa malee galu se’een ture. Garuu akkas waan hin
taaneef hojii daldalaa koo gara birootti jechuunis konistraakshin reentaal kan jedhamu
baasuun hanga bara 2002tti hojjeedheera. Loodera tokkoon ittiin hojjedheera
 Bara 2002 booda immoo loodera gurguruun ammas hojii daldalaa koo gara tajaajila
bashannansiisaatti jijjiireen hang ammaatti hojjechaa jira malee konkolaataa ittiin galchee
hin beeku.

 Suuraa koo, lakkoofsa heyyama hojii daldalaa koo fi maqaa koo qofa fayyadamanii
sanada sobaa qopheessaniiru malee ani hin beeku jedheera.

 Mallattoon achi irra jiru kan koo miti;

 Kaappitaalli ka’umsaa koo qarshii 410,000.00 yoo ta’u kun garuu 100,000.00waan ta’eef
sobaan qophaa’e jchuu dha.

 Teessoon ani ittiin heyyama konkolaataa galchuu baafadhee ture Kutaa Magaalaa
Araadaati malee boolee akka hin taane ibsuun konkolaataa galchee akka hin beekne
ibsuudhaan raga baheera.

You might also like