You are on page 1of 13

Wajjira Galiiwwan Aanaa

Kombolchaa

Gabaasa Hojii kenna Tajaajilaa Torbaanii


Onkoleleessa 6 bara 2016

Bara 2016
M/Raafuu
1 Seensa

Mootummaa misoomawaa fi dimokiraatawaa keessatti siivil sarviisiin haala baratameen gurmaa’insa,


hojimaataa, ilaalchaa fi dandeettii moofaa ta’een hogganamu bu’aa barbaadamu fiduu hin danda’u.
Bu’ura irraa jijjiiruun humna imaammattootaa fi tarsiimowwan kallattii hundaan jiran hojii irra
oolchuudhaan gaaffii ummataatiif deebii kennuu danda’u uumuun murteessaa dha. Akka biyya
keenyaattis siivil sarviisii jijjiiruu fi guddina hawaas-dinagdeetiif haala mijeessudhaaf yaaliin jalqaba
bara 1994 irraa eegalee taasifamaa ture gaarii dha.

Tarsiimoo ijaarsa dandeettii akka biyyaatti qophaa’een jijjiiramni kallattii hundaan akka taasifamuuf
imaammataa fi tarsiimoon mootummaa akka milkaa’u sagantaan ijaarsa dandeettii dhaabbilee
mootummaa keessattuu utubaalee sadan ijaarsa humna raawwachiisummaa (gurmaa’insa, hojimaataa fi
humna namaa) sadarkaa barbaadamu irra gahuuf adda baheera. Sagantaa ijaarsa dandeettii biyyoolessaa
guddaa kana keessatti sagantaaleen xixiqqaa kan akka Sagantaa Fooyya’insa Siivil Sarviisii (CSRP),
Sagantaa Fooyya’insa Sirna Haqaa (JSRP), Sagantaa Fooyya’insa Sirna Gibiraa (TSRP), Sagantaa
Ijaarsa Dandeettii Aanaalee (DLDP), Sagantaa Hoggansaa fi Ijaarsa Dandeettii Magaalaa (UMCBP),
Sagantaa Teeknooloojii Qunnamtii Odeeffannoo (ICT) fi kan biroo saddeet (8) kan hammataman
yemmuu ta’u Sagantaan Fooyya’insa Siivil Sarviisii kan dursee jalqabamee fi itti fufiinsaan cimee akka
irratti hojjatamu kan qophaa’e dha.

Barbaachisummaan sagantaalee kanaa keessattuu siivil sarviisii jijjiirudhaaf kan dirqma ta’u
imaammataa fi tarsiimoo mootummaan qabate hunda jijjiirama siivil sarviisii keesstti taasifamuun alatti
galmaan gahuun waan hin danda’amneefi dha.

Bu’uruma kanaan akka biyyaattis ta’e akka naannoo keeynaatti misooma ariifachiisaa fiduuf, bulchiinsa
gaarii mirkaneessuu fi sirna dimookiraasii dagaagsuuf sagantaalee armaan olitti ibsaman hojii irra
oolchuuf sochiin bal’aan siivil sarviisii keessatti taasifamaa jiraachuun isaa ni beekama. Hojii kana haala
barbaadameen raawwachuuf kaayyoo jiru galmaan gahuu fi guddina yaadame saffina barbaadameen
mirkaneessuuf sochii godhamu kessatti rakkooleen gama hudhaalee gurguddoo ilaalcha, dandeettii fi
dhiheessii (deeggersaa fi hordooffi) tiin hoggansa olaanaa, hoggansa giddu galeessaa, adda duree fi
hojjataa bal’aa bira jiran hiikuun hojii ijoo dha.

Kanaafis, humna raawwachiisummaa keenya cimsuu fi hojimaata sirrii ta’e diriirsuun meeshaalee
jijjirama qaama SFSS kan ta’an kan akka Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH), Sirna Madaallii
Bu’aa Karoora Tarsiima’aa (SMBKT), Chaartarii lammiilee (ChL) fi hundaa ol ilaalchaa fi dandeettii
humna namaa foyyeessuuf meeshaa nu gargaaru Raayyaa Jijjiiramaa Siivil Sarviisii (RJSS) keessatti
ijaaruu akkasumas Teekinooloojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) fayyadamuu fi bifa qindoomina
qabuun hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Hubannoo guutuu ta’een, beekkumsaa fi dandeettiidhaan
hogganuu fi raawwachuudhaan humna cimaa jijjiirame uumuun misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa
qabu fiduu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu fi sirna dimokiraasii diriirsuun nageenyi lammiilee eeggamee
tajaajila si’ataa ta’e, qulqullina, haqummaa fi gaafatamamunnaa qabu akka argatan; bu’aalee argaman
hunda irraa haqummaan akka fayyadaman gochuun murteessaa dha.

Hojiilee hanga ammaatti hojjataman keessatti qaamoleen gara garaa gahee irraa eeggamu bahuuf
tattaaffatanis bu’aan barbaadamu sadarkaa eeggamutti galmaa’uu hin dandeenye. Kun immoo hojjachuu
keenya malee waan hojjanne madaallee bu’aa eegamu akka hin fidne nutti agarsiisa. Hojiin keenyas
haala qindoomina qabuun osoo hin taane ciccitaa fi itti fufiinsa kan hin qabne ture.

Qophiin sanada kanaas meeshaalee jijiiramaa siivil sarviisii keenya qindeessinee hojii irra oolchuun
galmoota KGT keessatti qabanne milkeessudhaaf hubannoo hoggansaa, adda duree fi hojjataa bal’aa
cimsuu dha. kanaafuu, Paakeejiin meeshaalee jijjiiramaa kun qophaa’ee jira.

Ergama (Mission)

Sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa ta’e diriirsuu, aadaa fedhiin gibira kaffaluu
gabbisuu fi oggeessa seera kabachiisuuf gahumsaa fi kaka’umsa qabutti fayyadamuun galii
diinagdeen Naanicha maddisiisu gahumsaan sassaabudhaan misooma hawaasa-diinagdeef akka
oolu gochuu.

Mul’ata (Vision

Bara 2022 tti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayya’aa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuun galii
dinagdeen maddisiisu gahumsaan sassaabuu.

4. Duudhaalee (Core Values)

Duudhaaleen galma gahinsa mana hojichaatiif gargaaran haala armaan


gadiitiin ibsamaniiru
1. Ittigaafatamummaa (Accountability)
2. Iftoomina (Transparency)
3. Tajaajila gahumsa fi bu’aa qabeessummaa qabu (Efficiency and Effectiveness)
4. Hirmaachisummaa (Participatory)
5. Jijjiiramaaf hojjechuu (Work for Change)
6. Qindoominan hojjachuu (cooperation)
7. Malaanmaltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu
3 Galmaa

Aanaa keessattii sirna daldalaa fi misooma gabaa ammayya’aa fi haqa qabeessa


diriirsuudhaanbiyyattiin dame diinagdee daldalaa fi gabaatiin addunyaa irratti dorgomtuu
taatee tarree biyyoota galii giddu-galeessa argatanitti akka makamtu taasisuu dha.

Kaayyoo

Akkaataa karoora tarkanfiwwa tarsimoo’aa hojiile gurguddoo bara 2014keessa raawwatamuf


karoorfamaniif kayyooleen armaan gadi isaan gurguddoodha.

Sirnaa Gibiira fi Taaksi ammayyeessuu


Maddoota Galii babballisuu.
Kaffaltoota gibiira fi Taaksii barsiisun yakka gibiira fi taaksii irratti jiru ittisu
 Galii idilee fi M/qophessa gahumsaan sassabu

Barbaachisummaa Kenna Tajaajila Sarviisii

 Meeshaalee jijjiiramaa fi bulchiinsa gaarii guutummaatti hojii irra oolchuuf,


 Bu’aa qabeessummaa hojjattootaa gara sadarkaa walfakaatuttu fiduuf
 Kenniinsa tajaajilaa ariifachiisuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf
 Raawwii karoora mana hojii, adeemsa hojii, garee fi dhuunfaa milkeessuf
 Galmoota KGT milkeessuf
 Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa ilaalcha misoomawaatiin bakka buusuuf
 Aadaa, jaalalaa fi kabajani hojii raayyaa jijjiiramaa hunda keessatti uumuuf,
 Adda dureewwaan sadarkaa sadarkaa dhaan jiran gara hoggansa jijjiiramaatti akka guddatan haalli mijaa’aa
uumuuf,
 Hirmaannaa fi fayyadamummaan uummataa sadarkaa hundatti mirkaneessuuf.

Gurmaa’insa Kenna Tajaajila Mammila


1. Gumii adda durootaa
 Karooraa fi raawwii tarsiimo’aa fi hojiilee gurguddoo mana hojichaa irratti xiyyeeffatee ji’a
ji’aan ni madaala
 Kallattii waliigalaa kaa’uun raawwii jiru haala itti fufiinsa qabuun hordofu
2. Garee Kenna Tajaajila
 Karoora hojii guyyaa guyyaa karoora mana hojii irraa cabsee baafachuun ni raawwata
 Ragaawwan guyyaa guyyaan ni qabata
 Ragaa raawwii hojii guyyaa guyyaan waliidabarsa
 Torbanitti al-tokko walga’uun bu’aa raawwii karooraa ni madaalu
 Kallattii waliigalaa garee raayyaa jijjiiramaa irraa kennamu hojii irra ni oolcha

Dhimmoota xiyyeeffannoo Garee Kenna Tajaajila Maamila


 Meeshaalee jijiiramaa qorataman hojii irra oolchuudhaaf iddoo gurmaa’insaa utubaa/pillar/ ta’ee tajaajiluu
 Ilaalcha tajaajiltummaa ummataa itti dagaagu ta’eetajaajiluu qaba
 Milkaa’inni karoora mana hojichaa itti mirkanaa’u gurmaa’insa kana keessatti ta’uu qaba
 Galmoonni gurguddoo KGT waggoottan hafan keessatti galma geessisuuf
 Ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaa dadhabsiisuuf waltajjii itti qabsaa’amu dha
 Hojjataan adda dureen bakka itti horatamuu fi gahoomsamu akkasumas hojjataa kan biroos itti fudhatamee
deemu
Humni ilaalchaa fi dandeettiidhaan sirnaan ijaarame hojimaata mijataa, tarsiimoo ifaa fi safaramuu
danda’u akkasumas hirmaannaa ummaa taa kallattiidhaan hojii irra oolu malee bu’aa fiduu waan hin
dandeenyef JBAH, SMBKT fi Chaaratarii Lammiilee hojii irra oolchuun barbaachisaa dha
1Foormaatii Gaabaasni Hojii Hordoffii fi Deeggarsaa Torbaaniin Qindaa’e Waajjira
PSMQN Aanaaf Itti Ergamu 06/02/2016 Aanaa Kombolcha

1. Raawwii Istaandardii Kenniinsa Tajaajilaa


T Tajaajila kenname Maqaa Sadarkaa Raawwii
L Mana Hojii Istaandardii Sababa
Ist. Akkaataa Ist. Garaagarummaa
ol Ist. tiin Gadi Raawwii
1. Clearance waraqa Galiwwaani 12 4
qulqullina kennu
2. Daldala Haraya 7 4
Lakk.TIN kennameef
3. K/Gibira kaffaluuf 45 23
dhufani
4. Komi K/Gibira 4 o
keessumeessu

3.Mariiwwan Idilee Mana Hojii fi Sadarkaa Aanaa fi BMa Gaggeessuu

Lak. Maqaa Aanaa/BM Manajimantii Manneen Hojii Garee Qulqullina


Kenna Tajaajilaa
Kar. Raw. % Kar. Raw. %
Galiwwaani
1. 3 3 100% 3 3 100
2. Itti Fayyadama Sa’aa Hojii Mootummaa
Tl Sadara Maqaa Korniy Baay’i Heyyam Heyyam Hojii Sab/ Tarkaanffii
kaa Mana aa na a irra a malee dirree garaagarum fudhatame
bulchii hojii hojjeta kan jiru kan hafe irra ma
nsaa a w/g kan
jiru
1 Galiw Dhi 20 1 9 - -
waani
Dub 7

W/g 27
5. Uunka Gabaasa Rakkoolee Kenniinsa Tajaajilaa dasarkaa sadarkaan Aanaa itti
Gabaafamu

Tl. Maqaa Mana Hojii Baay’ina Rakkoolee Kenna Tajaajilaa


Uummataa Adda Bahan Hikkaman
Karoora Raawwii %

1. Galiwwaani 1 1 100
2.
3.

Hubachisa

Rakkoleen hikkatan maal akka tahan, meeqa akka tahan fi


akaakun akkasumas iddo itti raawwatamewaliin sirritti
barreeffamaan gabatee jalatti ibsamuqaba.

RakkoleRawwataman

Daldaltoota galmee dhiyeessan yeroo dheeraaf ossoo odiiti hafe


jira yeroo amma odiiti godhama kan jiruu
6. Naamusa Iddoo Hojii Walqabatee Tarkaanffii Fudhatame Sadarkaa Aanaa yka Bulchinsa
Magaalaatti
Tl. Maqaa Kor Gosa Tarkaanffii Fudhatame
Mana niya
Hojii a

Kaffaltii mindaa seeraan alaa


Jijjiirraa seeraan alaatiin kan
Gitarraa /sadarkaa irraa gadi
Akeekachiisa barreeffamaa

Hojiirraa ittisuu/dhaabuu
Gitarraa kaasuu /jijjiiruu

dhufan iddotti deebisuu


Hojiirraa gaggeessuu

seeratti dhiyeessuu
Adabbii mindaa

deebisiisuu
buusuu

1. Galiwwaa Dhi 3
ni Dub 1
W/g 4
2.

8. Guyyaa Abbaa Dhimmaa Guutumatti Hojiirra Oolchuu


Tl Sadarkaa Mana Hojii Guyyaa Roobii siriitti Jimaata Ka Raw. %
Bulchiinsa Waligala Wixata Kan hojii irra siriitti r. (A+
a siriitti hojii olchan(B) hojii irra (3* B+C)
irra olchan M
olchan(A) (C) H)
1. Galiwwaani 1 1 1 3 3 100
Rakkoo Keenaa Tajaajila Walqabattee Akka Waajjira Galiwwan furmaanna
1. Taajajila waraqaa raga a qulqullinaa taaksii (clearance) akkaataa seeraa fi istaandardiitin
kennu jiraachu isa
2. Haala maammilli komiin kenna tajaajilaa itti dhiyeeffatu beekamuu yerumma furmaata
argachuu isaa
3. Kaffaltii taaksiitiif baankii adda addaatti tajaajilamuu,
4. Kuufama idaa taaksii yeroodhaa yerootti gara seera kabachiisuutti dabarsuu dhabuu ykn
walirratti kuusanii xumura waggaatti gara garee seeraatti dabarsuu;
5. Hojimaati Odiitii Taaksii Haqa-qabeessaa tahu diriiruu isa
6. Taaksii haqa qabeessaan murteessuuf ragaa haalli itti dhiyaatu hanqina qabaachuu (Ragaa
bittaa qaama adda addaa irraa barbaadamu kaffalaan taaksii ofumaa akka fidatu xalayaa
RAkkoolee Keenna Tajaajila kanaaf Kallaatti Furmaata Keenya Jira

- Rakkollee hikkachuu qabanii fi hojjira oolmaa qajeeltoowwaan bulchinsa gariitti


murteesso ta’anhojjira olchuu
- Sirna raga ammaayya’a gibira haqa qabeessa fi ammaayya’a ta’an dirirsuu fi keenninsa
tajaajila si’ata fi bu’a qabeessa gochuu waaliin degarsa teknolojiin ka akka lakk.
TiN ,SIGTAS hojjira olchu
- Hojii barumsa fi kominisheni gahumsa karoorsu fi hogannu irraatti xiyyeenna gaha
kennudhan

- Raayyaa Jijjiiramaa Bulchiinsa Gaarii Mirkaneessuuf Ejjannoo Cimmaa Qabu Ijaaruu


Ilaalchiisee
- Raayyaa jijjiiramaa ogummaan gahomee fi naamusa qabu sirna bulchiinsa gaariitiif
murteessaa waan ta’eef duudhaaleen kun qabeenya sirnichaa fi dhaabbatichaa akka ta’an
raayyaa misoomaa taaksii karooraan hogganamuu fi hordoffii qabu uumuun ergama
murteessaa dha. Walumaagalatti raayyaa misoomaa ijaaruuf yaaliin hojii taasifame hin jiru
jedhamuu baatus dhimmichaaf xiyyeeffannaa gahaan kennamuu dhabuu isaatiin ergamni
isaa milkaa’aadha jechuun hin danda’amu. Ijaarsi raayyaa misoomaa taaksii dhimma
filannoo osoo hin taane kiraa sassaabdummaa mana hojii irratti qabsaa’uuf, misoomaa fi
abbootii qabeenyaa misoomaatiif haala mijaawaa uumuu fi galii diinagdeen naannichaa
maddisiisu gahumsaan sassaabuun misoomaaf oolchuun dirqama kallattii misoomaa sirrii
hordofuu qabnuu dha. Waan kana ta’eefis hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru gaggeessaa
ijaarsa raayyaa, raawwataa fi raawwachiisaan isa ta’u amantaa guutuun fudhatee
xiyyeeffannaa dhimmicha gitu hunda qabeessa ta’e kennuun tumsa gochuutu irraa eegama.
- Sirna Ragaa Gibiraa Cimaa Mirkaneessuu
- Ragaan guutummaan qaqqabamaa, wayitaawaa fi sirrii ta’e sirna ijaarsa bulachiinsa
gaariitiif hojii furtuu ta’uun isaa ni beekama. Ragaan murtii haqa qabeessa beekumsa irratti
hundaa’e kennuuf akkasumas kenna tajaajilaa saffisiisuuf faayidaa ol-aanaa qaba. Haaluma
kanaan teeknoolojii ragaa haala tuttuqaa namaa irraa bilisa ta’ee fi sirna ragaa cimaa ulaa
kiraa sassaabdummaa cufuu danda’u diriirsuun ragaa guutuu qaqqabamummaa qabu,
waytaawaa fi sirrii burqisiisuuf sirna ragaa jalqabame cimsanii babal’isuu fi qulqullummaa
isaa mirkaneessuu, ragaa argame irratti hundaa’uun murtee gibiraatiif oolchuun murtii
gibiraa sirrii ta’e kennuu, kanneen gibira doksuu fi waliin dhahuu irratti bobba’an adda
baasuun tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamu humna qabatamaa akka ijaaramu dandeessisu
waan ta’eef teeknoolojiiwwan ragaa armaan gadiitti tarreeffaman hojiin dhiyeessii bifa
guutuu ta’een diriirsuu fi hojiirra akka oolan gochuu dhimma xiyyeeffannaan kennameefii
hojjatamu ta’a.
- Sirna Bulchiinsa Taaksii Mootummaa Qindaa’aa /SIGTAS/
- Sirna bulchiinsa taaksii ammayyaa’aa fi saffisaa taasisuuf moojuloota “SIGTAS” hojiirra
oolan keessaa muraasni kan faayidaa kennan ta’us guutummaan guututti hojiirra oolu
dhabuu isaanitiin sirni murtii fi sassaabbiin taaksii wal-fakkaataa ta’e jiraachuu dhabuun
dhiibbaa sirna sassaabbii taaksii irratti uume hir’isuuf moojulootni haala guutuu ta’een
hojiirra akka oolan hojii ijaarsa dandeettii fi “net work” diriirsuu akkasumas Godinaalee fi
Magaalotaatti hojii babal’isuu raawwachuun sirna Sassaabbii taaksiitiin bulchiinsi gaariin
dhugoomuu isaa mirkaneessuu.
- Wirtuu waamicha maamiltootaa
- Kaffaltootni gibiraa fi qaamni biroo wayita odeeffannoo seerotaa fi hojimaatota gibiraa fi
taaksii fi dhimmoota biroo kanaan wal-qabatan barbaadan gara dhaabbatichaa dhufuun
osoo isaan hin barbaachisin wiirtuu waamichaatiin odeeffannoo qaqqabamaa, guutuu fi
waytaawaa ta’e argachuu akka danda’an hojimaata dandeessisu qorachuun qaama ol-aanaaf
dhiyeessanii mirkaneessisuun hojiirra oolchuu.
- Maashina Gurgurtaa Galmeessu
- Wayita bittaa fi gurgurtaan tajaajilootaa fi meeshaalee taasifamu nagaheen gurgurtaa
kennamu nagahee maashina gurgurtaa galmeessuun deeggaramuun ragichi mana hojii
Abbaa Taayitichaa akka gahu gochuun sirna murtii fi Sassaabbii taaksii ragaa irratti
hundaa’e akka jiraatu taasisuun kaffaltoota gibiraa fi Abbaa Taayitaa gibiraa gidduu
qunnamtii wal-amantaa irratti hundaa’e akka jiraatu gochuu kan dandeessisu dhiyeessii
maashina gurgurtaa galmeessuu babal’isuu fi itti fayyadama babal’suu kan dandeessisan
hojiilee deeggarsaa, hordofii fi too’annoo cimsanii hojiirra oolchuun sirna bulchiinsa taaksii
haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’e akka jiraatu dandeesisuu.
- Tajaajila Saffisaa Bu’aa Qabeessa Ta’e Mirkaneessuu
- Kaffalaan gibiraa deggeraa misoomaa ta’uu isaatiin sirni kenniinsa tajaajilaa saffisaa
isataandardii isaa eege, ifaa fi gaafatamummaa qabu, sirna gurmaa’insa iyyannoo fi komii ifa
ta’e uumuun adeemsa kenna tajaajilaatiin wal-qunnamtiin tajaajilamtoota waliin jiraatu
dudhaalee bulchiinsa gaarii waliin kan ilaalame akka ta’u dandeessisu barbaachisa. Kanaafis
akka gargaaru tajaajilotaaf istaandardiin ifa ta’e taa’eefii mirgaa fi dirqama dhaabbata
keenya waliin qaban kan of-keessatti hammate chaartarii tajaajilamtootaa/lammiilee haala
gurmaa’insaa sirreeffama barbaachisu gochuun hojiirra oolchuu fi tajaajila kennuun wal-
qabatee rakkoowwan ilaalchaa, beekumsaa fi dandeettii leenjiidhaan furuun humna ijaaruu,
hoggantootaa fi raawwattoota rakkoowwan isaanii keessaa bahuu hin dandeenye
gaafatamaa gochuun tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisu fudhachuu.
- Hojii Barumsa Kaffaltoota Gibiraa fi Koominikeeshinii
- Kaffaltoota gibiraa dhimmoota wayitaawaa adda baasuu fi ergoota dabarsuun raayyaa
misoomaa kaffaltoota gibiraa, gibiraa fi taaksii sirriitti hubatanii fi mirgaa fi dirqama isaanii
sirriitti beekanii seeraaf bitaman uumuu barbaachisa. Kanaafis akka gargaaru kaffaltoota
gibiraa, dhimmamtoota, waldaalee fi adeemsa galii sassaabamu keessatti deeggartoota
gahee qaban adda baasuun damee ummataa Gahee hirmaannaa isaanii hubatanii fi
hubachiisuun deeggarsa guutuu walsimaa ta’e kan kennan uumuu, akka waajjiraatti raayyaa
misoomaa qindaa’ee fi ejjannoo guutuu qabu ijaaruun kaffalaan gibiraa kan itti dhagahamu
hojii qunnamtii gaarii idilaa’ee tartiiba isaa eegee fi itti fufiinsa qabu/wal-tajjii dhaabbataa
itti fufiinsa qabuun wal-tajjii marii waliinii gurmaa’insootaa fi tajaajilamtoota waliin
gaggeessuun hojimaata gibirri fedhiin itti kaffalamu hojiirra oolchuu. Kanaafis raawwataa
cimaa hubannoon wal-irraa hin cinne akka uumamu miidiyaalee elektirooniksii fi
maxxansaalee fayyadamuun carraaqqii godhu, wal-tajjiiwwan maree fi maree fuullee
kaffaltoota gibiraa waliin taasifamu gahumsaan kan hogganuu fi barumsaa tajaajilamtootaa
kennuu fi qunnamtii godhu uumuu.
- Hojii Ol-aantummaa Seeraa Mirkaneessuu
- Kaffalaa gibiraa akkasumas qaamota kallattiinis ta’ee al-kallattiin adeemsa galii sassaabuu
keessatti hirmaannaa qaban adda baasuun seerotaa fi dambiiwwan taaksii beeksisuu fi
seerota loogii tokko malee hojiirra oolchuun hojimaata haqa qabeessa mirkaneessuu,
barsiisuu, deeggaruu, hir’inoota jiran mare waliiniitiin sirreessuu fi balleessanii yeroo
argaman immoo hojiiwwan tarkaanfii gaafatamummaa adabbii balleessaa isaanii waliin
wal-simu hojjachuu. Kenniinsi murtii ifaa fi haqa qabeessa ta’e akka jiraatu
wayitaawummaa seeraa mirkaneessuun raawwataanis ta’e hawaasa gibira kaffaluun kan
hubannoon irratti qabame ta’u mirkaneessuu fi komiiwwan irra deddeebiin kaffalaa
gibiraatiin ka’an fayyadamuun sirna hoggansa hojii sodaa (risk management) bu’a qabeessa
ta’e hojiirra oolchuu.
- Qaawwaa Hojii Wal-tajjii sochii Keessoo Waajjiraa fi dhimmamtoota Alaatiin Adda
Bahan Sirreessuu
- Yaadota wal-tajjii sochii keessoo Waajjiraa fi dhimmamtoota alaarraa ka’an sirritti adda
baasuun qindeessanii qabachuu fi kanneen ibsaa fi wal-tajjumarratti sirrachuu qaban
sirreessuudhaan hiikuu fi fuula duuraaf karoora dhaabbatichaa gochuun akka galteetti
fayyadamuuf hojimaata gurmaa’insaa, hojii, gaaffiilee kaffaltoota gibiraa fi hojjattoota irraa
ka’an yeroon deebii kennuu dandeesisu diriirsuutu barbaachisa.

Boqonna Xumura

Sirna Deggersaa, Hordoffii, Gamaaggamaa fi Gabaasaa


sirna hordoffii, deggersaa, gamaaggamaa, duub-deebii fi gabaasa raawwii sirrii ta’e kaa’uu fi hojiirra
oolchutu irraa eegama. Haaluma kanaan, rakkoowwan bulchiinsa gaarii karaa adda addaatiin adda
bahanii fi taa’an bifa milkaa’een furuuf adeemsi hordoffii, deeggarsaa, gamaaggamaa, duub-deebii fi
gabaasaa nuti qabaachuu qabnu akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.
Sirna Hordoffii fi Deeggarsaa
1. Tooftaa Itti Quufnsi Maamilaa Ittiin Mirkanaa’u
Sadarkaa itti quufinsa maamilaa beekuu fi mirkaneessuuf meeshaalee lamaa hojiirra kan oolan
jechuunis hordoffii qaamaa fi sakatta’insa sadarkaa itti quufinsa gaggeessuu yoo ta’u haala armaan
gadiitiin qophaa’anii jiru.
2. Ummataa Waliin Mari’aachuu
Sochiin raayyaa jijjiiramaa Abbaa Taayitichaa sadarkaa barbaadamuun milkaa’uu kan danda’uu fi
jijjiiramichi sadarkaa duubatti hin deebineerra gahuu kan danda’u adeemsa jijjiramaa kana
keessatti kaffalaan gibiraa gurmaa’insa adda durummaan hirmaataa fi abbaa jijjiiramichaa ta’u yoo
danda’e qofaa dha. Kaffalaan gibiraa sadarkaa kanaan hirmaachuu kan danda’u immoo yeroon hojii
idilee qabameefii wal-tajjiin uumamaa yoo deemaniif qofaa dha. Bu’uuruma kanaan Daayreektarri
Ol-aanaan kan irratti argaman wal-tajjiin marii ji’a sadi sadiin ni gaggeeffama. Wal-tajjichis
chaartarii tajaajilamtootaa qophaa’e ka’umsa godhachuun mirgaa fi dirqama qaamota lamaan
gidduu jiru bifa mirkaneessaa deemuun kan hojiirra oolu ta’a. Dabalataanis dhimmoota wal-
tajjiiwwan irratti ka’an qabachuun itti fufiinsaan furuu fi dhimmoota kaffalaa gibiraatii gabaasa
dhiyeessuu qabnu immoo qaama karoora Abbaa Taayitichaa godhee fudhachuun hojii jijjiiramaa itti
aanuuf akka galteetti kan fudhatuu fi ajandaa qabsoo godhee qabachuun kan raawwatu ta’a.
3. . Hordoffii Qaamaa (Supervision)
Hojiiwwan bulchiinsa gaarii mana hojichaa bifa guutuu ta’een hojiirra oolchuu fi bu’aa raawwii
kana irraa argaman sadarkaa guddaarraan gahuuf naannoo sochiiwwan bulchiinsa gaarii
mirkaneessuutti hordoffii qaamaa gaggeessuun tarkaanfii isa ijoo dha. Waan kana ta’eefis
qaawwoota raawwii wayitii tokko mul’atan fooyya’uu isaanii fi raawwiin fooyya’aan dhufu isaa
mirkaneeffachuuf, akkasumas adeemsa raawwii hojii keessatti raawwiiwwan fooyya’oo ta’an
cimsuu fi babal’isuuf kan gargaaru hojiin hordoffii qaamaa hojii ijoo qaama karoora bulchiinsa
gaarii kana hojiirra oolchuu ta’a. Hojiin hordoffii qaamaa kun sadarkaa Waajjira ol-aanaatti
qaamota daayreektoreetii riiformii fi dhimmoota kirooskatiingii, seera galii kabachiisuu,
opereeshinii galii fi waajjira dameelee irraa dame hojii deeggarsa kennu irraa kan waliitti bahanii
hojii hogganan kan irratti hirmaatan garee hordoffii qaamaa raawwii bulchiinsa gaarii fi
supperviizyiinii deeggarsaa gaggeessuu dhaabuun yoo xinnaate waggaatti yeroo lama hojii isaa kan
raawwatu yoo ta’u ka’umsa ragaa hordoffii qaamaan argameenis gabaasa qophaa’uu sirreeffamaa
barbaachisu hojachuu fi qaamota karooricha raawwataniif duub-deebiin gama hogganaa hojiitiin
kan faayidaarra oolu ta’a. Hojii hordoffii qaamaa fi deeggarsaa kun sadarkaa waajjira dameeleetti
idilummaa qaama hojii hogganuu hanga qaama raawwatuutti gadi bu’un ni doo’atu, sirreeffama ni
godhu.

You might also like