You are on page 1of 5

WAAJJIRA DALDALAA

GODINA HARARGEE BAHATTI

CHEEKLISTII

HOJIILEE IJOO JI’A


ONKOLOLESSA

BARA 2016
Onkololessa, 2016

Harar

Seensa

Waajjirri Daldalaa Godina Harargee Bahaa misooma Godinicha keessaattii gaggeeffamaa


jiru saffisiisuu fi hiyyummaa dhabamsiisuuf kallattii misooma mootummaan diriirsee fi
Ergamaa fi Mul’ata isaaf kenname irratti hundaa’uudhaan karoora Imala Badhaadhinaa
Marsaa Jalqabaa (2013-2017) qopheeffate irraa kan waraabame karoora Bara Baajata-2016
qopheessee hojiitti hiikaa jira.

Qophii karoora Bara kana fi raawwii keenya baroottan dabrani gadi fageenyaan xiinxaluun
aangoo hojii waajjirichaaf kennaman bu’uura godhanne yaadota haarawaa burqisisuuf sochii
daldala godina keenyaa keessatti gaggeeffamun wal qabatee fayyadamummaa ummataa
mirkaneessuuf yeroo kamuu caalaa karoora hiixataa karoorfachuun keenya ni yaadatama.

Bu’uuruma kanaan, Waajjirri Daldalaa Godina Harargee Bahaa Karoora Bara 2016 Kana
Galmaan Gahuuf Cheeklistii Kurmaana fi Ji’aan Qopheeffatee hojitti gale kan jiru yoo ta’u
Raawwii keenya hanga ammatti jiru gaafa ilaallu hojiilee hedduu haala gaariin raawwachuun
keenya akka ciminatti kan ilaalamu ta’us dhimmoonni harca’anii hafanis jiru. Kana irraa
ka’uun Haala Raawwii Hojii Ijoo Aanotaa fi Bul.Magaalota bu’uura godhachuun Aanaalee fi
Magaalota deggaramu qaban adda baasuun xiyyeeffannaan kenname kan qophaa’ee dha.

Akka Waliigalatti, Cheeklistiin kun Hojiilee ijoo fi strategic tahani fi deeggarsa fi hordoffii
addaa barbaadan irratti xiyyeeffachun kan qopha’ee dhiyaate dha.
HOJIIWWAN GURGUDDOO KAROORFAMAN

1. Haaromsa Hayyama Daldalaa


 Hojiin Tajaajila Hayyamaa E-TRADE qofaan gaggeeffama jiraachuu isaa
mirkaneeffachuu
 Daldaltoota hanga ammatti heyyama daldalaa malee hojii daldalaa irratti bobbahan
galmeessuu fi heyyama akka baafatan taasisuu
 Hojii Inispekshinii gaggeeffama ture fi jiru keessatti haala hojiin kun ittin gaggeeffama
jiru sirritti xinxaluu keessattu bu’aan walqabatee
 Heyyamni hojii daldalaa 14,000 Hanga Onkololessa 30tti akka haaroome
xumuramu taasisuu dha.
 Hayyama Hojii Daldalaa Haaraa 2500 Kenun Daldalan Seeran Alaa Akka Gara
Riiformitti Dhufu taasisuu dha.
 Aanaaleen Haftee Hayyama qaban hundi Qooda Fudhattoota Waliin tahun Duula
haaromsa Hayyamaa Labsuun Xiyyeffannaan Hojjachuu dha.

 Hojii Inispekshinii hula hulatin walqabatee kanaan dura kallattiin tokko darbee ture kunis
Daldalaan kamiyyu galmee yaada kan Ogeessonni ( To’attoonni ) yaada ( Dubdeebii )
irratti kenna deemani fi san irra dhabbattani tarkanfiillee fudhachuu dandahan qabaachu
qabu jedhamus hanga ammatti Aanaan hojiitti hiikuu diduun waan mul’atuuf sababni isaa
maal akka tahe addaan baasuun kallatti kennuu

 Dhiyeessa fi Raabsi Meeshaalee Bu’uura Akkaata Qajeelfamaatin raabsama jiraachu isaa


mirkaneeffachuu ( Gatii, Baay’ina fi Ramaddii Araddaa, Mana Daabboo, Istoora Daakuu
Jimlaa fi kkf )

 Qaalomina Jireenya too’achuun wal qabatee Aanaalee hunda keessatti koreen ijaaramte
hojii keessa galuu fi Istoorri Daldaltoota jimlaa sakkatta’ama jiraachu
 Aanaaleen Hundi Daldaltoota Leenjii TMD Marsaa 1ffaa fudhachaa turan Saganta
Bareeda qopheessun Akka Eebbisan Gochuu fi Kan Marsaa 2ffaatiif Calallii Gaggeessun
Qophaahu

2. Hojii Omishaalee Al-ergii


 Oomishaaleen Al-ergii gabaa sadarka 1ffaa irraa gara iddoo Mana kuusaa fi yeroo gara
gabaa oomisha qonnaa Itoophiyaa (ECX) tti geejjibamu waraqaa Karaa dabarsaa of-
egannoon kennuu.
 Oomishaalee al-ergii kallattiin gara biyya alaatti ergamanu (direct vertical integration)
karaa of eeggannoo qabuun akka raawwatamu deeggarsa barbaachisu taasisuu fi rakkoo
isaa qorachaa kallattii kaa’aa deemuu
 Oomishaaleen al-ergii daangaa yeroo seeraan taa’e keessatti gara gabaatti akka dhiyaatu
hordoffii fi deeggarsa hojii barbaachisaa ta’e taasisuu,
 Sheediiwwan hirmaattonni gabaa (oomishtoonni fi dhiyeessitoonni) keessatti bittaa fi
gurgurtaa gaggeessan ulaagaa kan guutan ta’uu isaanii hordofuu fi hojiirra oolmaa
isaanii hordofuu;
 Ragaa dhiyeessitoota, waldaalee/yuuniyeenota ykn daldaltoota daldala oomishaalee
qonnaa al-ergiif oolan irratti bobba’an haala guutuu ta’een qindeessuu fi naannoof
gabaasuu;
 Dhiyeessiin oomishaalee al-ergii baay’inaa fi yeroo barbadamuun akka dhiyaatuu
hordoofuu fi deeggaruu
 Hojiilee Tajaajila Lammuummaa akka Sektaratti qabamani fi Hanga Ammaatti
Rawwataman Adda Baasun Gabaasni Isaa Sirnaan Qindaahe Qaama Dhimmi Ilaallatuf
Yeroon Akka Galu Gochuu.

3. Boba’aa Ilaalchisee

 Buufataalee Boba’aa irratti too’annoo tasaa gaggeessu/ keessattu halkan halkan


qaamolee nageenya waliin qindaa’un/
 Buufataalee seeran ala gatii dabalanii fi dhoksani halkan gurguran irratti
Tarkaanfii Bulchiinsaa Fi Seeraa Fudhachuu Fi Fudhachisuu
 Namoota Boba’aa/Benzila/ mana dhunfaa fi daandii irratti gurgurta rawwatan
irraa sassabun koreen gurgurun galiin gurgurta isaa Misooma Aanichaaf akka
oolu taasisuu
 Qonnaan Bulaan Hojii Qamadii Jallisii Boneeti fi Omisha garagaraatif Boba’aa
barbaadu darara fi baasii dabalataa malee akka boba’aa argatee hojii misooma
isatti deebi’u haala mijeessu
Sirna deeggarsaa, hordoffii, gamaaggamaa fi Dub-deebii
 Gamaaggamaa fi Hordoffii
 Qaamaan argamuun deggersa ogummaa fi tekinikaa kennuu,
 Supervizhinii Geggeessuu
 Raawwiin karooraa gabaasa dhiyaatee sirrummaa fi dhugummaa isaa mirkaneesuuf adeemsa
dirree irratti qabatamaan gamaggamuun kan hojjetamuu ta’a.
 Gabaasaa

 Gabaasaa raawwii hojii yeroo isaa eeggate, sadarkaa sadarkaan akka dhihaatu
taasisuu.Haala kanaan:

 Odeeffannoo haala waliigala galmeessaa fi heyyamaa guyya guyyaan bilbilaan, torbee


torbeen immoo gabaasa gabaabaa barreeffamaan,

 Duub-deebii

 Gabaasa Guyyaa Guyyaa irra dhaabbatatamee Dubdeebiin Barreeffamaa Aanaalee fi


Bul.Magaalotaaf ni kennama.

 Bu’aa galmaa’e irratti hundaa’uun, duub-deebiin barreeffaman Gabaasa Boobbaa Dirree


booda ni kennama.

You might also like