You are on page 1of 13

WAAJJIRA MMM GODINA

WALLAGGA BAHAA
Gaabasa Hojii Gamagaama, Hordoffii fi To’annoo
Raawwii Pilaanii Kurmaana 2ffaa, bara 2016

Muddee,2016
NAQAMTE.

Lakk____________________

Guyyaa__________________

Daayireektooreetii Gamagaama, Hordoffii fi To’annoo Raawwii Pilaanii


Magaalotaa Oromiyaatiif

Finfinnee

Dhimmi :-Gabaasa Raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2016 ergu ta’a.

Akkuma Armaan olitti ibsuuf yaalle Gabaasa hojii Kurmaana 2ffaa Bara 2016
hojiiwaan raawwataman, qindeessuun waraqaa fuula _____irratti qindeessinee
xalayaa kanaan walqabsiifnee kan ergine ta’uu keenya ni beeksifna.

Nagaa Wajjin

G/G

 Kutaa Karooraa fi Baajataa W/keenyaatiif

Naqamtee
Gabaasa Hojii Gamagaama, Hordoffii fi To’annoo Raawwii Pilaanii Magaalaa JI’a
Muddee fi Kurmaana 2ffaa Bara 2016

1. Seensa

Hundeeffamuun magaalotaa keenyaa seenaa yeroo dheeraa kan qabu ta’u illee babal’innii fi
guddinni magaalummaa (Urbanization and Urban Growth) boodatti hafaa kan ture dha.

Haa ta’u malee xiyyeeffannoo mootummaan seektara magaalaatiif kenneen imaammata ittiin
gaggeeffamu hojiirra oolchuun rakko magaalaa keessa jiru hiikuun magaalaa jiruu fi jireenyaa
namaaf mijooftuu tatee umuun baayyee barbaachiisaa ta’e argama.

Kanaafuu Magaalonni keenya pilaanidhan hogganamuun jiraatotaa magaalaaf jireenya mijatuu fi


bakkaa hojii umuun lafa magaalaa gurmeessuu fi sirna qindaawwan misoomu akka danda’uutii
umuun adeemsa ce’uumsa gara industiriitti taasifamuuf haala mijataa umuun guddina magaalaa
walitti fufisiisuuf baay’ee murteessadha.

Bara hojii 2016 keessaa To’annoo fi Hordoffii Pilaanii magaalaa irratti yeroo yeroon hubannoo
ummataa cimsuudhaan jiraataan magaalaa dhimma pilaanii magaalaa irratti qama murteessaa
ta’uu beekee hirmannaa ho’aa akka tasisuu fi irraas fayyadamaa ta’uusaa mirkaneesuu qaba.
Haaluma kanaan hojii baatii sadaasaa fi hanga ji’a sadaasaa bara 2016 tti hojiiwwan gama
To’annoo fi Hordoffii Raawwii pilaanii magaalaan hojjetaman haala itti aanuun gabaasa isaa
qindeessinee dhiyeessineerra.

2. Haala walii gala Gabaasichaa

Gabaasin kun gabaasa ji’a muddee fi kurmaana 2ffaa Bara 2016 kan garee To’annoo fi Hordoffii
Raawwii Magaalaa ti.

Gabaasichi kan qindaa’e magaalota 47 Godina keenya jala jiran irraa gabaasa sassaabameen yoo
ta’u hojiiwwan gurguuddoo raawwataminis akka armaan gaditti ibsuu yaalame ta’a.

2.1. Rakkoowwan Gurguddoo bara karoora kana keessa ture

 Magaalonni To’annoo fi Hordoffii magaalaa foyyessuf rakkoo faayinaansii, loojistikii, fi


humna namaa qabaachuu.

1|Page
 Turn overii hoogansa magaalaa irratti baayyachuu fi hanqina hubannoo tarsiimoo pilaanii
magaalaa bal’inaan jiraachuu
 Hanqina dandeettii raawwachisummaa humna namaa jiraachuu.
2.2. Karooricha galma ga’uuf kallattiiwwan raawwii
Karoora humna magaalota waliin madaaluu magaalonni akka baafatan gochuu
Magaalotaaf leenjii gaggabaaboo qopheesuun dandeettii raawwachisuummaa isaanii cimsuu
Cheek-liistii qopheessuun sadarkaa karooraa fi raawwiin magaalotaa irra jiru suppervizyinii
deggersaa fi hordoffii kurmaanan gochuu.
Duub deebii magaalotaa yeroo yeroon kennaa deemuu

2.3. Uwwisa Gabaasichaa


Gabaasich kan uwwisu karooraa fi raawwii ji’a muddee fi Kurmaana 2ffaa 2016 haammata.
3.Toora Xiyyeeffannoo fi bu’aa Toora xiyyeeffannoo
TL Toora xiyyeeffannoo tarsiimoo’aa Bu’aa Toora xiyyeeffannoo
1 Misooma Magaalaa Hammayyaa’aa Magaalota Bulchiinsa Gaarii keessatti
mirkanaa’e jiruu fi jireenyaaf mijaawwaa
ta’an
2 Gahumsa humna raawwii magaalotaa Humna namaa gahumsaan horatame,
misooma dabale

4. Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo

 Humna Raawwachiisummaa pilaanii magaalaa Cimsuuf Leenjii Hubannoo Cimsu


Keennu Ilaalchiise
 Pilaanii Magaalaa Keenyaa Qabatamaan Hojiirra Ooluun Ergamaa fi Mul'ataa
Magaalotaa Galmaan Gahuu Isaanii Adda Baasuuf Odiitiin Pilaanii Magaalotaa
Gaggeessuu.
 Pilaanii Gosa Garaagaraa Akkaataa Sadarkaa Magaalotaatiin Akka Qophaa'uuf
Gamagaamaa, Hordoffi fi To’annoo Taasisuu.
 Magaalotaa Ulaa Misoomaa Gurguddoo (Urban Corder Development plan) fi Maddoota
Hawwataa Tuurizimi Qabaniin Adda Baasuun Qorannoo Haala Duree Gaggeessuun
Gahee Isaanii Akka Bahan Taasisuu

2|Page
 Pilaanii Magaalaa Akkaataa Qophaa'een Akka Hogganamuu fi Lafaa Irra Buhuu isaa
Hordoffii fi Gamaaggamaa Taasisuun Pilaanii Hojjatamee Irraa Hawaasni Akka Irraa
Fayyadamuu Taasisuu
 Pirojeektii Magaalaa Keessatti Karaa UIIDP, Mootummaa fi Hawaasan Hojjetaman fi
Bu’uuraleen Misooma Magaalaa Keessatti Diriirfaman Kamiyyuu Saayit Pilaaniin
Qophaa’ee Pilaanii Magaalaa Waliin Wal-Dubbisuu Isaa Hordoffii fi To’annoo Gochuu.
 Iddoo Magariisuu Magaalaa Akkaataa Pilaanii Magaalaatiin Qophaa’ee Jiru Adda
Baasuun, Kaartaa fi Saayitii Pilaanii Akka Itti Hojjetamuuf Koordinetii Isaa Waliin
Qindeessuun Qaama Dhimmi Ilaaluuf Yeroon Dabarsuu.
 Ijaarsa Seeraan Alaa Akkaataa Pilaanii Magaalaatiin Qaama Dhimmi Ilaaluu Waliin
Kurmaana Kurmaanan To’achuu fi Tarkaanfii Sirreeffama Fudhachaa Deemuu.
 Rakkoolee Qophii, Hojirra Oolmaa Pilaanii Magaalaa, Hordoffii fi Kennaa Deeggarsa
Teeknikaa fi Gahumsa Humna Raawwachisummaa Irratti Qorannoo Rakkoo Hiikuu
Gaggeessuu
 Gandoota Baadiyyaa Pilaaniidhaan Gara Magaalatti Daangeffaman Qaama Dhimmi
Ilaaluu Waliin Wal-Harkaa Fudhiinsa Daangaa Akka Geggeeffamuuf Deeggeersa
Tekinikaa Gochuu.
 Magaalotaa Hojiirra Oolmaa Pilaaniidhaan Raawwii Gaarii Qaban Ulaagaa Kaa’ameen
Madaaluun Sadarkeessuun Moodeleessuu.
 Meeshaalee Qiyaasaa (Hand Gps-72, Total Station fi DGPS) To'annoo Raawwii Pilaanii
Magaalaaf Gargaaraan Baajata Barbaachisuu Ramaduun Bittachuun Itti Fayyadamuu.
 Dhimmota Hojiirra oolmaa pilaanii magaalaa irraatti muuxannoo gaarii qindeessuun
babal’isuu.
 Komii adda addaa hawwasa irraa dhimma pilaanii magaalaa ilaalchise sadarkaasaa
eeggatee dhufeef deebii kennu.
 Hojiirra oolmaa pilaanii magaalotaa ilaalchisee argannoo oditii pilaanii magaalaa,
akkasumas seerota jiran irratti hundahuun tarkaanfi sirreffamaa fudhachu.

3|Page
4.1 Raawwii Hojiiwwaan Gurguddoo.
A. Leenjii Kennuu.
I. Humna Raawwachiisummaa pilaanii magaalaa Cimsuuf Leenjii Hubannoo Cimsu
Keennu Ilaalchiisee
 Karoorri waggaa nama 2000 yoomu ta’u karoori ji’a muddee Dhi 72 dub 43 w/g 115
raawwii ji’a muddee Dhi 81 dub 46 w/g 127 karoori hanga kurmaana 2ffaa dhi.2197
dub,1268 rawwiin hangaa kurmaana 2ffaa dhi 4614 dub 2523 w/g 7137 %(>100)

B. Hordoffii fi To'annoo Pilaanii Magaalaa


II. Pilaanii Magaalaa Keenyaa Qabatamaan Hojiirra Ooluun Ergamaa fi Mul'ataa
Magaalotaa Galmaan Gahuu Isaanii Adda Baasuuf Odiitiin Pilaanii Magaalotaa
Gaggeessuu.
 Karoorri waggaa kana 2 yoomu ta’u karoori ji’a muddee 1 raw ji’a muddee 3 karoor
hanga kurmaana 2ffaa kanaatti 2 rawwiin hanga kurmaana 2ffaa kanaa 4 %(100).(Ifaa,
Jaree, Kiiramuu, Aannoo) wagga irraa (%>100)
III. Pilaanii Gosa Garaagaraa Akkaataa Sadarkaa Magaalotaatiin Akka Qophaa'uuf
Taasisuu.
 Karoori wagga 4 yommu ta’u karoorri ji’a muddee 1 rawwii ji’a muddee 1 karoori
hangaa kurmaana 2ffaa 2, rawwii hanga kurmaana 2ffaa 2 ( %100 ) wagga irraa (%50)
IV. Pilaanii magaalaa akkaataa qophaa'een akka hogganamuu hordoffii fi
gamaaggamaa taasisuun pilaanii hojjatamee irraa hawaasni akka fayyadamuu
taasisuu
 Karoorii wagga 4 yommuu ta,u karoori ji’a muddee 1 raawwi ji’a muddee 1

Karoori hanga kurmaana 2ffaa 2 rawwii hanga kurmaana 2ffaa 2 (%100) wagga irraa
(%50)

V. Magaalotaa ulaa misoomaa gurguddoo qabaniin adda baasuun gahee isaanii


gama kanaan akka bahan taasisuuf qorannoo haala duree gaggeessuu.
 Karoorri waggaa 1 karoori ji’a muddee 1 raawwi ji’a muddee 1 Karoori hanga kurmaana
2ffaa 1 rawwii hanga kurmaana 2ffaa kanatti 1 (%100). Wagga irraa (%100).

4|Page
VI. Magaalotaa naannoo keenyaa maddoota hawwataa tuurizimii isaanii qabaniin
adda baasuu, madda galii fi carraa hojii uumuu taasisuu, duudhaafi aadaa
uummataa keenyaa akka dagaaguuf qaama dhimmi ilaaluu waliin
qindoominaan hojjachuu.
 Karoori wagga 1 yommu ta’u karoori ji’a muddee 1. rawwiin ji’a muddee 1 karoorri
hanga kurmaana 2ffaa 1 raawwiin kurmaana 2ffaa kanaatti 2(%>100) wagga irraa (%>100)
VII. Pirojeektii magaalaa keessatti karaa UIIDP, mootummaa fi hawaasan hojjetaman
fi bu’uuraleen misooma magaalaa keessatti diriirfaman kamiyyuu saayit
pilaaniin qophaa’ee pilaanii magaalaa waliin wal-dubbisuu isaa hordoffii fi
to’annoo gochuu.
 Karoori wagga 56 yommu ta’uu karoori ji’a muddee 16 rawwiin ji’a muddee 20
Karoori hanga kurmaana 2ffaa kanatti 36 raawwiin hanga kurmaana 2ffaa kanaitti
39(%>100) wagga irraa (%70) dha
VIII. Iddoo magariisuu magaalaa akkaataa pilaanii magaalaatiin qophaa’ee jirun
adda baasuu, kaartaa fi saayitii pilaanii akka itti hojjetamu taasisuu.
 Karoori wagga 66 yommu ta’u karoorii ji’a muddee 6. rawwiin ji’a muddee 4 karoori
hanga kurmaana 2ffaa kanatti 26 rawwiin hangaa kurmaana 2ffaa kanatti 13 (%50)
wagga irraa (%20) dha
IX. Ijaarsa seeraan alaa akkaataa pilaanii magaalaatiin qaama dhimmi ilaaluu
waliin kurmaana kurmaanan to’achuu fi tarkaanfii sirreeffama fudhachaa
deemuu.
 Karoori wagga 16 yommu ta’u karoori ji’a muddee 4 raawwiin ji’a muddee 22 karoori
hangaa kurmaana 2ffaa kanatti 24 rawwiin hanga kurmaana 2ffaa ji’a kanatti 83
(%>100 ) wagga irraa (%>100) dha
X. Rakkoolee qophii, hojirra oolmaa pilaanii magaalaa, hordoffii fi kennaa deeggarsa
teeknikaa fi gahumsa human raawwachisummaan wal-qabatee jiru irratti
qorannoo rakkoo hiikuu ha ggeessu
Karoori wagga 1 yommu ta’uu karoori ji’a muddee 1 rawwiin muddee 2 karoori hanga kurmaana
2ffaa 1 kanatti 1 rawwiin hangaa kurmaana 2ffaa kanatti 3 (%100). wagga irraa (%>100) dha.
XI. Gandoota baadiyyaa pilaanii dhaan gara magaalatti daangeffaman qaama
dhimmi ilaaluu waliin wal-harkaa fudhiinsa akka geggeeffamuuf deeggaruu.

5|Page
 Karoori wagga magaala 3 fi baddiya 8 yommu ta’uu karoori ji’a muddee mag.1 fi
bad.2 rawwi ji’a muddee mag.5 fi bad.9 karoori hanga kurmaana 2ffaa kanatti mag
2 fi bad 6 rawwiin hangaa kurmaana 2ffaa kanatti mag 11 fi bad 17 (>%100) wagga
irraa (%>100)

XII. Magaaloota hojiirra oolma pilaaniidhaan raawwii gaarii qaban ulaagaa ka’ameen
madaaluun sadarkeessuu moodeleessuu
 Karoori wagga 11 yommu ta’u karoori ji’a muddee mag 3 rawwiin ji’a muddee maga
3 karoorii hanga kurmaana 2ffaa kanaatti mag 6 rawwiin hanga kurmaana 2ffaa kanaatti
mag 7 (%>100) waggaa irraa (% 64) ( Mag A/Guutin ,Moxee, Ukkee, Aannoo, Ifaa,
Arjoo, Guutee )
XIII. Meeshaalee qiyaasa (hand Gps-72, Total station fi DGPS) to'annoo raawwii pilaanii
magaalaaf gargaaraan baajata barbaachisuu ramaduun bitta huun itt
ifayyadamuu.
 Karoori wagga 2 yommu karoori ji’a muddee 1 rawwiin ji’a muddee 1 karoorii hanga
kurmaana 2ffaa 1 raawwiin hanga kurmaana 2ffaa 2 (%100) waggairraa (%100)( Magaalaa
Ifaa, Moxee).
XIV. Dhimma Hojii irra Olmaa Pilaanii Magaalaa irratti Muuxannoo gaarii
qindeessuu babal'isuu
 Karoori waggaa 1 yommu ta’u karoori ji’a muddee hin jiru rawwiin hanga kurmaana
2ffaa hin jiru
XV. Hojii irraa Olmaa Pilaanii Magaalotaa Ilaalchisee argannoo Odiitii Pilaanii
Magaalaa akkasumas, Ulaagaa fi qajeelfama jiru irratti hunda’uun Iddoowwaan
raawwii seeraan alaa irratti tarkaanfi isirreeffamaa fudhachuu
 Karoori wagga 2 yommu ta’u karoori ji’a muddee hin jiru rawwiin ji’a muddee hin
jiru Karoorii kurmaana 2ffaa 1 raawwiin hanga kurmaana 2ffaa kanatti 1 (%100)
waggairraa (%50)dha (mag Ifaa).

6|Page
5. Gabatee Raawwii Hojii To’annoo fi Raawwii Pilaanii.

T/ Tarkaanfiiwwan tarsiima'aa /pirojeektii/ sagantaalee gurguddoo Gabaasaa Raawwii Ji'aa fi hangaa ji'aa itti qinda'uu
L
Karoor Gabaasa Ji'a Gabaasa Hanga
a Bara Muddee Kurmaana 2ffaa wagaa
Safart 2016 n
uu %dhan

Kar raw % Kar raw %

A Leenjii

1 Hojiiwwan magaalomsuu, walitti-hidhamiinsa, pilaanii magaalotaa irratti hoggansaa Lakk. 2,000 115 127 110 3465 7137 206 357
fi raawwattoota godina fi magaalaaf leenjjii dandeettii raawwachisummaa cimsu Nama
kennuu.
Dhi 1,436 72 81 113 2197 4614 210 321

Dub 556 43 46 107 1268 2523 199 454

B Hordoffii fi To'annoo Pilaanii Magaalaa

2 Pilaanii magaalaa keenyaa qabatamaan hojiirra ooluun ergamaa fi mul'ataa lakk 2 1 3 300 2 4 200 200
magaalotaa galmaan gahuu isaanii adda baasuuf odiitiin pilaanii magaalotaa
gaggeessuu.

3 Pilaanii gosa garaagaraa akkaataa sadarkaa magaalotaatiin akka qophaa'uu taasisuu. lakk 4 1 1 100 2 2 100 50

7|Page
4 Pilaanii magaalaa akkaataa qophaa'een akka hogganamuu hordoffii fi gamaaggamaa marsa 4 1 1 100 2 2 100 50
taasisuun pilaanii hojjatamee irraa hawaasni akka fayyadamuu taasisuu a

5 Magaalotaa ulaa misoomaa gurguddoo qabaniin adda baasuun gahee isaanii gama Dok 1 1 1 100 1 1 100 100
kanaan akka bahan taasisuuf qorannoo haala duree gaggeessuu.

6 Magaalotaa naannoo keenyaa maddoota hawwataa tuurizimii isaanii qabaniin adda mag 1 1 1 100 1 2 200 200
baasuu, madda galii fi carraa hojii uumuu taasisuu, duudhaa fi aadaa uummataa
keenyaa akka dagaaguuf qaama dhimmi ilaaluu waliin qindoominaan hojjachuu.

7 Pirojeektii magaalaa keessatti karaa UIIDP, mootummaa fi hawaasan hojjetaman fi Lakk 56 16 20 125 36 39 108 70
bu’uuraleen misooma magaalaa keessatti diriirfaman kamiyyuu saayit pilaaniin
qophaa’ee pilaanii magaalaa waliin wal-dubbisuu isaa hordoffii fi to’annoo gochuu.

8 Iddoo magariisuu magaalaa akkaataa pilaanii magaalaatiin qophaa’ee jirun adda Iddoo 66 6 4 67 26 13 50 20
baasuu, kaartaa fi saayitii pilaanii akka itti hojjetamu taasisuu.

9 Ijaarsa seeraan alaa akkaataa pilaanii magaalaatiin qaama dhimmi ilaaluu waliin Kurm 4 4 22 550 24 83 346 2,075
kurmaana kurmaanan to’achuu fi tarkaanfii sirreeffama fudhachaa deemuu. aanan

10 Rakkoolee qophii, hojirra oolmaa pilaanii magaalaa, hordoffii fi kennaa deeggarsa Mag 1 1 2 200 1 3 300 300
teeknikaa fi gahumsa humna raawwachisummaan wal-qabatee jiru irratti qorannoo
rakkoo hiikuu haggeessuu.

11 Gandoota baadiyyaa pilaaniidhaan gara magaalatti daangeffaman qaama dhimmi mag 3 1 5 500 2 11 550 367
ilaaluu waliin wal-harkaa fudhiinsa akka geggeeffamuuf deeggaruu.
Bad 8 2 9 450 6 17 283 213

8|Page
12 Magaaloota hojiirra oolma pilaaniidhaan raawwii gaarii qaban ulaagaa ka’ameen mag 11 3 3 100 6 7 117 64
madaaluun sadarkeessuu moodeleessuu

13 Meeshaalee qiyaasa (hand Gps-72, Total station fi DGPS) to'annoo raawwii pilaanii lakk 2 1 1 100 1 2 200 100
magaalaaf gargaaraan baajata barbaachisuu ramaduun bittachuun itti fayyadamuu.

14 Dhimma Hojii irra Olmaa Pilaanii Magaalaa irratti Muuxannoo gaarii qindeessuu Dok 1 0 - 0 0 0 0 -
babal'isuu

15 Hojiiirra Olmaa Pilaanii Magaalotaa Ilaalchisee argannoo Odiitii Pilaanii Magaalaa lakk 2 0 0 0 1 1 100 50
akkasumas, Ulaagaa fi qajeelfama jiruirratti hunda;uun Iddoowwaan raawwii seeraan
alaa irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu

9|Page
6. Ciminootaa fi Hanqina.

6.1 Ciminoota

 Hojiiwwan Hundi karooraa akka hojeetamu gochuuf deemu.


 Dhimma pilaanii irratti Fedhii fi Kaka`uumsi Hawaasaa bira jiru gaarii ta`uu,
 Haala hin mijatiin keessaatti Hojii hojjechuuf tattaaffii gaariin jiraachuu
 Rakkoolee kennaa tajaajila jiru furuuf sochiin jiru gaarii ta’uu,
 Ijaarsa seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhachuuf ejjennoon hoggansa bira jiru
magaalaa Baay’eetti gaarii ta’uu.
6.2 Hanqinoota

 Fedhiin Hawaasaa fi Humni karoora Magaalichaa walsimuu dadhabuu,


 Rifoormi magaala lafa qabsissu dadhabu.
 Magaalota Baay’eetti Hawwaassa magaalicha sosochoossan Dhimma Ijaarsa seeraan
alaa irratti hubannoo gahaa uumuu dhabuu.
 Hojiwwan heddu hojjataman karaa guutuu ta`een gabaasa isaa qindeessu dadhabuu.
 Potential Magaalli qabdu sirritti qindessuun itti fayyadamuu irratti harcaatiin
jiraachuu,
 Pilaanii magaalaa yeroo isaa xumure ariitiin hojjetamuu dhabuu.
 Geggeessaan magaalaa dafee dafee jijjiiramuu.
 Humni hojicha qabatee hojjetu magaalota irra jireessarratti hin ramadamiin hafuu.

Rakkoowwaan mudatan

 Dhimmi daangaa magaalaa fi baadiyyaa adda baasuu haala nageenyaa faana wal-
qabsiisuun xiyyeeffannaa dhowwachuu; gandi baadiyyaas hololaan liqimfamee akka
waan magaalli lafa irraa humnaan fudhatuutti yaaduun akka itti hin bu’amne
barbaaduu.
 Magaalota Rakkoo nageenyaatiin mancaatiin qaqqabe muraasatti ragaan pilaanii
dhabamuu.

10 | P a g e
Furmaata

 Hawaasa magaalaa fi Qarqara magaalatti argaman mariisisuun Dhimma pilaanii


magaalaa irratti hubannoo uumuu.
 Ragaawwaan pilaanii magaalaa, sadarkaa Godinaatti bakka jiruuu sakatta’uu.

Gudunfaa.
Pilaaniin magaalaa dhimma lubbuu magaalati waan ta’eef, hanqinoota hojiirra Oolmaa
pilaanii magaalaa irratti mul’ataan hordofuu fi sirreessuudhaan, magaalotni pilaanii
qophaa’etti fayyadamuun akkaataa pilaanii taa’een hojii misooma magaalaa isaanii guddisuu
fi jireenyaaf mijooftuu taate hojjechuu qabu.
Hojiiwwaan Karoorfaman, yeroo ksroorfametti Akka rawwatamaniif ciminaan hordofuun
murteessaadha.

11 | P a g e

You might also like