You are on page 1of 13

Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa

Giddugaleessaa Addis Faanaa


PIROPPOOZAALA QORANNOO GOCHAA

Mata Duree: "Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaafi


Giddugaleessaa Addis Faanaatti Rakkoo Afaan Ingilizii Seeraan
Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa Bara 2016
Semisteera 2ffaa Fooyyessuu"

Qorataan: B/saa Eliyaas Darajjee Abdiisaa

Bitootessa, 2016
Finfinnee
Mata duree qorannoo: Mana Barumsaa Sadarkaa
Tokkoffaafi G/Galeessaa Addis Faanaatti Rakkoo Afaan
Ingilizii Seeraan Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa
6ffaa Bara 2016 Seemisteera 2ffaa Fooyyessuu.

Koree Qorannichaa;

Maqaa I/G/Misooma Barsiisota M/barumsichaa:________

Koree Qorannichaa;
Maqaa gorsaa; ________________________
Mallattoo; ____________________
Guyyaa;____________

Maqaa qorataa;_________________________

Mallattoo;___________

Guyyaa; ______________
Boqonnaa Tokko
Seensa

1.1 Seen Duubee Qorannichaa


Manni barumsaa bakka itti dhalli namaa qaramudha. School is place where children are
educated. (English dictionary for advanced learners.) Jedha kitaabni kun. Akka kitaaba
kanaatti manni barumsaa bakka itti daa'imman barataniidha. Kunis sababa daa'imman egeree
biyya kanaaf murteessaa sababa ta'aniif. Manni barumsaa bakka itti daa'imman eenyummaa
isaanii, aadaa isaanii, afaan isaaniifi addunyaa kanaa baratanii ofis biyyas jijjiiraniidha.
Daa'imman eenyummaa, aadaafi afaan isaanii yoo baratan guddina biyya kanaa haala
ariifachiisaan tarkaanfachiisuu danda'u. Biyyoonni addunyaa kanaa kan akka Chaayinaafi
Kooriyaa Kaabaa daa'imman isaanii afaan isaaniin barsiisuun akka biyyi isaanii guddina
ariifachiisaa galameessitu taasisanii jiru. Biyyoonni kun afaan isaanii afaan barnootaa gochuu
irra darbanii afaan Tekinooloojii gochuu danda'aniiru. Kana malees Tekinooloojii hedduu
oomishuun addunyaa kanaaf gumaachuu danda'aniiru. Kunnis ta'uu kan danda'ame
daa'imman isaanii afaan dhalootaa isaaniin waan barataniif( native language) rakkoo afaanii
barumsa irratti isaan mudateeru hinjiru. Barattoonni afaan lammataan baratan ( foreign
language) afaan dhalootaa isaanii waan hitaaneef rakoo dandeettii afaanii arfanii ( skills of
language)fi rakoo seer- luga afaanichaa (Grammar) akkasumas rakkoo dubbii ( spoken
language) isaan mudata. Kun immoo akka barattoonni daandeettii isaaniitti hinfayyadne
yeroo hundumaa gufuu ta'ee isaan rakkisa. Barattoonni daandeettii isaaniitti fayyadamuu
dhabuun immoo akka biyyittiin guddina ariifachiisaa hingalmeessine gochuun quucarsee
hambisa...

The function of education is to teach one to think intensively and to think critically.
/Mather Luther King Jr. , Speech at Morehouse College, 1948.

Akka hayyuu Maateer Luteer Kingiitti, Hojiin barnootaa barsiisuu akka isaan cimanii yaadanfi
waa kalaqan gochuudha jedha. Kun immoo daa'imman yoo afaan dhalootaa isaanii baratan
akka barnootatti cimaniifi waa kalqa danda'an nutti agarsiisa.
1.2 Seensa

Afaan kan ittiin yaadaa ofii ibsatanidha. Hayyoonni afaanii akka jedhanitti
immoo, Afaan wal quunnamtiidha jedhu. Kana jechuun immoo barreefamaafi
dubbii afaaniin yaadaafi miira isaanii ibsachuu ni danda'u jechuudha.

Afaan Ingiliffaa akka adduunyaatti afaan baay'ina uummata afaanicha


dubbatuun jalqaban irratti argama. Afaan kun afaan hojii mootuummaa
ta'uuniis akka addunyaatti sadarkaa tokkooffaa irratti argama. Kanaaf, afaan
kana seeraan dubbisuun barbaachisadha.

Language in education is concerned with destignating language (s) of


instruction recruiting teachers based on their language and literacy background,
provide for first, second and foreign language instruction; and developing
curriculum, syllabi and materials, that's are sensitive to the language and
cultural background of the students. Jedha. Afaan barnootaa jechuun afaan
barnoonni ittiin kennamu murteessuu, barsiisoota afaanicha barsiisan
qopheessuu, meeshaalee barnootaa akka silabasii qopheessuu, meeshaalee
barnootaa biroo kan aadaa dub- duubee hawaasaa qopheessuu akka ta'ee irraa
hubanna.
1.2 Mata duree qorannichaa
Qorannoo gochaa gaggeessuu keessatti gochi dursi kennamuufii qabu; dhimma
maalii irratti akka qorannoon piroopozaala godhamu murteessuudha. Kanuma
irraa ka'uun qorataan qorannoo kanaa mata duree rakkoo mana barumsaa
isaan barsiisaa jiran keessatti kan mudate, "Mana Barumsaa Sadarkaa
Tokkoffaafi G/galeessaa Addis Faanaatti Afaan Ingiliffaa Seeraan Dubbisuu
Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa Bara 2016Seemisteera 2ffaa furuuf mata dureefi
haal duree barbaachisu karoorfataniiru. Mata duree qorannoo kanaas kan
qoratamuu danda'uufi jechoota salphaatti kan fayyadamamuudha.

"Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaafi G/Galeessaa Addis Faanaatti Rakkoo


Afaan Ingilizii Seeraan Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa Bara 2016
Seemisteera 2ffaa Daree "A" qorattoota qorannoo kanaatti rakkoo ulfaataa
mana barumsaa kanaa ta'ee qorattoota qorannoo kanaatti muldhatee jira.
Kanaaf qorannoo qopheessuun akka rakkoo kun furamuuf karoora
Piroppozaalichaa qopheessuu danda'aniiru. Pirooppozaala qorannoo kana irratti
hundaa'un immoo qorannoo kana gaggeessuu dandeenya.

1.3 Ibsa RakkooQorannichaa

Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee daarikteera daariktereetiin


qophii raawwii supparviizinii sirna barnoota Afaan Oromoo mariin gaafa guyyaa
20/10/2013 hooggantoota manneen barnootaafi suppervaayizeroota manneen
barnootaa waliin maree raawwii hojii bara 2013 gabaasaniiru. Akka itti aanaa
hoogganaa biiroo barnoota magaalaa Finfinnee obboo Adimaasuu Dachaasaa
jedhanitti bara kana keessa baratoonni Afaan Oromoo akka isaan afaan
dhalootaa isaaniin baratan Kan taasifame kutaa tokkoffaa hanga kutaa kudha
lammaffaa barattootaa 50,000 ol argamuu haala gaariin cimee akka itti fufuu
qabu hubachiisanii karoora bara dhufuu jechuunis bara 2014 keessa kana caala
akka cimanii hojjetan mariisisaniiru. Maddi fuula Telegrami Biiroo Barnootaa
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti.

"Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaafi G/galeessaa Addis Faanaatti Rakkoo


Afaan Ingiliffaa Seeraan Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa Bara 2016
Seemisteera 2ffaa Daree "A" barattoonni kun yoo dandeettiin dubbisuu isaanii
gadi bu'aa ta'e afaan kanaan dubbisaniif ergaa isaa hubachuu hin danda'an. Kun
immoo barattootaafi maatii akkasumas biyyittii irratti illee miidhaa ni qabaata.
Rakkoo kun furmaata battalaa yoo argachuu baate; karoorri Ministeera
Barnootaa biyyitti kufee jechuudha. Karoorri Ministeera Barnootaa kufuun
immoo akka biyyittiin gaaga'ama jireenyaa keessa galtu taasisa. Kana malees
Afaan Oromoo akka afaan barnootaa hintaane; Afaan Mootummaa Federaalaa
akka hintaane gufuu gudaa ta'ee rakkisa. Afaan tokko afaan mana hojii
mootummaafi barnootaa yoo hintaane gara afaan sun dagatamuufi baduutti
dhufa. Kun immoo fayyadamtoota afaan sanaa miidhaa guddaa irra geessisuu
irra darbee; akka isaan biyya isaanii keessatti akka lammii lammaffaatti jiraatan
isaan taasisa. Kana malees, barsiisoonni afaan kanaan barsiisan osoo ogummaa
qananii akka hojii dhabdummaa keessatti kufan taasisa. Akka isaan afaan
isaaniin dhimma hinbaane isaan taasisa.

1.4. Gaaffilee Bu'uuraa Qorannichaa

Gaaffilee qorannoo sababafi madda rakkoo qorannoo beekuuf kan bifa gaaffiin
adeemsifamudha. Kuniis madda rakkoo beekuufi rakkoo mudateef furmaata
kennuuf kan adeemsifamudha. Kanuma irratti hundaa'uun gaaffileen bu'uuraa
qorannoo gochaa "Mana Barumsaa Oolmaa Daa'immaniifi Sadarkaa Tokkoffaafi
G/Galeessaa Addis Faanaa Afaan Ingiliffaa Seeraan Dubbisuu Dhabuu
Barattoota Kutaa 6ffaa Bara 2016 Seemisteera 2ffaa Daree "A" hubachuuf
gaaffileen bu'uuraa armaan gadii qorataa qorannoo kanaan dhiyaachuu
danda'aniiru. Gaaffileen kun barsiisotaafi barattootaaf bifa gaaffii afaaniif
barreeffamaan yoo ta'u maatii barattootaaf garuu bifa gaaffii afaaniin qofaa
adeemsifamee jira. Deebii isaan nuuf kennanis kan armaan gadii kana fakkaata:

1. Rakkoo Afaan Ingiliffaa Seeraan Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa


A kan ta'e maaliidha?
2. Barattoonni fedha dubbisuu dhabuudhaa?
3. Afaan kun afaan lammaffaa ta'uudhaa?
4. Maatiin barattootaa manatti qayyabachiisuu dhabuudhaa?
5. Barsiisaan rakkoo barattootaa kanaaf yeroon fala barbaaduu
dhabuudhaa?
6. Kitaabni barataa seeraan gahuu dhabuudhaa?

1.5 Kaayyoo Qorannoo Gochaa

Kaayyoon qorannoo gochaa inni guddaan akka rakkoon argame tokko furmaata
argatuuf kan karoorfamudha. Akka hayyuu Ferrance, (2000) ibseetti barsiisoonni
waa'ee barattootaa, hiriyoota waa'ee ogummaa isaanii beekanii, karaa yeroo
hundumaa ogummaa isaanii itti fooyyeffatan; akka murteessatan isaan
dandeessisa .Kana malees, manni barumsaa akka fooyya'insa agarsiisan isaan
dandeessisa jedha. Kuniis kaayyoo gooroofi gooreen ta'a.

1.5.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon, "Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaafi G/Galeessaa Addis Faanaatti


Rakkoo Afaan Ingilizii Seeraan Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa Bara
2016 Seemisteera 2ffaa Daree "A" gaggeeffameef akka barattoonni dandeettii
dubbisuu gaarii irratti argamaniifidha.

1.5.2 Kaayyoo Gooree

Kaayyoon piroppoozaala qorannoo gochaa, Mana Barumsaa sadarkaa Tokkoffaa


Addis Faanaatti Afaan Ingiliffaa Seeraan Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa
6ffaa Bara 2016 Seemisteera 2ffaa Fooyyessuu gaaffilee bu'uuraa
Piroppoozaalichaa irratti hundaa'uun kan deebisamaa deemudha. Kuniis
sababoota rakkoon Kun uumameef kan furmaata barbaadudha.

1.6 Barbaachisummaa Qorannichaa


Barbaachisummaan qorannoo gochaa gaggeessuu rakkoo adeemsa baruu-
barsiisuu keessatti mudatu furuuf kan gaggeeffamudha. Kun immoo akka
rakkoon mana hojii sana keessatti uumame fala/ furmaata argatuuf kan
gargaarudha.

1.7 Daangaa Qorannichaa

Qorannoon tokko yeroo gaggeeffamu daangaa mataa isaa danda'ee qabaachuu


qaba. Kanuma irratti hundaa'uun qorataan qorannoo kanaa dangaa
qorannichaa taasisanii jiru. Daangaan qorannoo, Mana Barumsaa Sadarkaa
Tokkoffaafi G/galeessaa Addis Faanaatti "Rakkoo Afaan Ingiliffaa Seeraan
Dubbisuu Dhabuu Barattoota Kutaa 6ffaa Bara 2016 Seemisteera 2ffaa Daree
"A" , bara qorannoo kanaa daangessuun bara 2016tti daangessuu, mana
barumsaa qorannoon Kun adeemsifamutti iyyuu barattoota Afaan Oromoo
irratti xiyyeeffachuudha. Kunnis ta'uu kan dandaa'eef rakkoo baajataati.

Boqonnaa Lama
Sakatta'insa Barruu

2.1 Yaada Rimee Rakkoo Dubbisuu Barattootaa

Sakatta'ins baruu qorannoo tokko gaggeessuuf baay'ee


barbaachisaa kan ta'eedha. Kuniis qorannoo tokko
gaggeessuuf madda rakkoo addaan baasuufi fala gara
fuulduraa kaa'uuf illee kan baay'ee barbaachisudha

2.2 Gahee Biiroo Barnootaa Aanaa


Gaheen biiroo barnootaa aanaa qajeelfama biiroo barnootaa magaala Finfinnee
irratti hundaa'uun barsiisoota qacaruufi adeemsa baruu barsiisuu mana
barnootaa hogganuudha.

2.3 Gahee Suppervaayiseraa Mana Barumsaa

Suppervaayizeerri mana barumsaa adeemsa baruu barsiisuu mana barumsaa


irra jiru bifa caasaan hoogganuudha. Kunnis rakkoo mana barumsaafi cimna
mana barumsaa biiroo barnootaa Aanaaf gabaasuudha. Kana malees, rakkoo
akka mana barumsaatti jiru barsiisootaafi dura bu'aa mana barumsaa waliin
marii'achuun akka furmaatni argamu gochuudha.

2.4 Gahee Mana Barumsaa

Manni barumsaa bakka itti baruu barsiisuun lafa qabatee gaggeeffamudha.


Akka baruu barsiisuun seeraan gaggeeffamuuf kan seeraan hordofuudha. Bakka
itti galmeen barattootaa gaggeeffamu waan ta'eef fedhii barattootaa fi maatii
barattootaa gaafachuuf dirqama qaba. Barattoota yeroon galmeessuufi akka
barattoonni barnoota isaaniitti cimaniifi guyyaadha guyyaatti haala kan
mijeessudha. Bakka itti maatii barattootaa barattootaafi barsiisoonni wal
arganidha.

2.5 Barsiisoota Mana Barumsaa

Barsiisoonni fuulaa fuulatti barattoota mana barumsaa keessa jiran bakka itti
barsiisanidha. Hanqina seeraan dubbisuu dhabuu barattootaa hirisuuf eenyuma
iyyuu caalaa ittii siiqeenyaan kan hojjetaniidha. Sababiin isaas madda rakkoo
barattootaafi sababa seeraan dubbisuu dhabuu barattoota barattoota irraa
odeeffannoo argachuu waan danda'aniiru.

2.6 Gahee Maatii Barattootaa


Gaheen maatii barattootaa barattoonni isaanii akka barataniif dirqama gara
mana barumsaatti fiduu qabu. Kana malees, akka barattoonni afaan dhalootaa
isaaniin baratan hordofuufi jajjabeessuu qabu. Akkasumas akka aadaan isaanii
adeemsa baruu barsiisuu keessa galuu mana barumsaatti hiiqeenyaan
hordofuudha.

2.7 Gahee Barattootaa

Gaheen barattootaa akkuma beekamu daree barnootaa keessatti argamuun


barumsa isaanii hordofuudha.

Boqonnaa sadii
3.1Maalummaa Qorannichaa
Maalummaa qorannoo beekuuf jalqaba waa'ee qorannoo beekuutu nu
barbaachisan. Qorannoon bakka lamatti qoodama. Iniis qorannoo bu'uuraafi
qorannoo hojii irraati. Qorannoon gochaa akaakuu qorannoo hojii irraa ta'ee,
dhaabbilee yookaan seektera hojii kamiyyuu keessatti nama mudatan furuuf
hojii irra oolchuuf ogeessa hojii sanaatiin hojii irra jiruun gaggeeffama.
Saayikoloojistii hawaasaa kan ta'e Kurt Lewin 1946 tti yaada rimee qorannoo
yeroo jalqabaatiif kan itti fayyadamee ta'us; hanga ammatti qorannoon gochaa
hiikaa dhaabbataa irratti walii galame hinqabu. Haa ta'u malee, Kan yeroo
baay'ee fudhatama argatan nijiru. Millis, (2011) akka hiiketti, << Qorannoon
gochaa odeeffannoo walitti qabuuf jecha gaaffii seera qabeessaa manneen
barnootaa hojiilee seera qabeessaa akkamiin akka hojjechaa jiran; barsiisoonni
akkamiin akka barsiisaa jiraniifi barattoonni akkamiin akka barachaa jiran
beekuuf jecha gaafatamudha>> jedha. Kanuma irratti hundaa'uun qorattoonni
qorannoo kanaa sakatta'insa qorannoo gochaa gaggeessuuf karooraa
Piroppozaala qopheessuu danda'aniiru.

3.2Madda Ragaalee

Gaaffii Afaanii
Gaaffileen kun barsiisotaa, barattootaafi maatii barattootaaf bifa gaaffiin kan
qophaa'uudha. Kunis akka maatiin barattootaafi barattoonni akkasumas maatiin
isaanii yaada isaanii ibsatan gochuudha. Kana malees, qorattoonni qorannoo
kanaa barsiisoota mana barumsaafi dura bu'oota mana barumsaa akkasumas
Suppervaayiseraafi hooggantoota biiroo barnootaa Aanaaf qophaa'ee jira.

3.3.Sagantaa Hojiifi Baasii Qorannoo

T/L Hojii Hojjetamuuf Karoorfamee Ji'a


Hojjetamuuf
Karoorfamee

1 Mata duree addaan baasuuf rakkoo addaan baasuuf

2 Piroopozaala qorannoo qopheessuuf

3 Odeeffannoo qorannoo walitti qabuuf

4 Yaada furmaata eeruuf

5 Yaada furmaataa hojii irra oolchuuf

6 Jijjiirama dhufee madaaluuf


7 Calaqqeefi kallattii gara fuuladuraatiif

8 Gabaasa qorannoo qopheessuuf

9 Gabaasa qorannoo dhiheessuuf

3.8.2 Baasii Karoora Hojichaaf Karoorfame

T/L Sababa baasichi karoorfameef Safartuu Gatii Maallaqaan/


Birritti

1 Waraqaaf 200 1*30 100

2 Qalamaaf 3 12 36

3 Baarkeriif/ Buuloof 3 15 45

Ida'ama karoora hojiichaaf 181


karoorfamee maallaqaan
Kitaabolee Wabii
•Qabsoo Gulummaa, bara (2011)Mana Barumsaa Shuunee Goorootti; Rakkoo
Afaan Oromoo Seeraan Qubeessuu Dhabuu Barattootaa...

•Johson, Anderew (1997) <<Action Short Guide Research)

• Mujula BBO (2007) Acr Qorannoo Gochaa, Finfinnee.

•Wiley (1996) Research in Education

• Action Research Theory ( ACR) 301 Jimma College of Teachers Education E


learning Center

You might also like