You are on page 1of 29

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Maanuwaalii Duula Afaan Oromoo Dubbisuufi Barreessuu

Kutaa 3ffaa

QUBEEN KOO QUBA KOOTI!

Qopheessitoota

Dajanee Galataa
Fiqaaduu Qana’aa (PhD)

Gulaalaa:

Abdiisaa Gannatii

Hagayya, 2015
Finfinnee, Oromiyaa

0
Baafata

Qabiyyeewwan Fuula
1. Seensa ................................................................................................................................................... 2

2. Kaayyoo waliigalaa duula kanaa........................................................................................................... 3

3. Barbaachisummaa Maanuwaalichaa ......................................................................................................... 3

4. Qajeelfama Waliigalaafi Gahee dhimmamtootaa ..................................................................................... 4

4.1 Qajeelfama Waliigalaa ........................................................................................................................ 4

4.2 Gahee Dhimmamtootaa ...................................................................................................................... 5

5. Ramaddii Barsiisotaafi Qooddii Wayitii Barnootaa ................................................................................. 7

Torbee 1ffaa: Qubee Afaan Oromoo Dubbisuufi Barreessuu ........................................................................ 9

Torbee 2ffaa: Jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa dubbisuufi barreessuu .............................................. 12

Torbee 3ffaa: Jechoota Jabaafi laafaa dubbisuufi barreessuu ................................................................... 14

Torbee 4ffaa: Jechoota sagalee irrabutaafi hudhaa qaban dubbisuufi barreessuu ..................................... 17

Shaakala 5: Walitti Firoomsi ....................................................................................................................... 19

Torbee 5ffaa: Himoota Gaggabaaboo dubbisuufi Barreessuu ..................................................................... 20

Torbee 6ffaa: Waldorgommii Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu ........................................................ 23

Uunkaa Madaalliifi Mirkaneeffannaa.................................................................................................. 26

1
1. Seensa
Afaan dandeettiiwwan gurguddoo afur qaba. Dandeettiiwwan kunis dhaggeeffachuu, dubbachuu,
dubbisuufi barreessuudha Kaayyoon barnoota afaaniis dandeettiiwwan kanneen barattoonni akka
gonfataniifi gabbifatan gochuudha.. Barattoonni Afaan Oromoo afaan dhalootaa isaanii ta’e
yeroo mana barumsaa galan dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu niqabu. Garuu, dubbisuufi
barreessuu gara mana barnootaa dhufuun baratu. Kanaafuu, barnoota afaan dhalootaa keessatti
dandeettii dubbisuufi barreessuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun barbaachisaadha.

Kaayyoon barnoota sadarkaa 1ffaa dubbisuu, barreessuu, lakkoofsotaafi qoyyaboota


barsiisuudha. Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo afaan hojiiti. Gosti barnootaa martuu afaan
kanaan barsiifama. Kanaafuu, barataan/tuun Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu hindandeenye
akaakuu barnootaa kamiinuu milkaa’uu hindanda’u/eessu. Sababni isaa, barnoonni biroonis
Afaanuma Oromoon barsiifamu. Waan kana ta’eef, Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu
dandeessisuun kaayyoo barnoota afaanii qofa osoo hintaane, kaayyoo barnoota sadarkaa 1ffaa
hundaati; dubbisuufi barreessuu dandeessisuun kaayyoo isa bu’uuraati.

Barattoonni sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu hindanda’an jechuun barnootni
sadarkaa 1ffaa (1-4) kaayyoo dhaabbataniif galmaan hingeenye jechuudha. Manneen barnootaa
sadarkaa 1ffaa kaayyoo dhaabbataniif hinhojjenne jechuun ammoo, hoggantoonni barnootaa,
oggeeyyiin barnootaa, dura bu’oonni manneen barnootaa, barsiisonniifi dhimmamtoonni biroonis
hojii itti kenname qixa irraa eeggamuun hinhojjenne jechuudha. Dhimmamtoonni barnootaa
ga’ee keenya ba’uu dhabuun keenya ammoo, dhaloota ajjeesaa jirra jechuudha. Kanaafuu,
ebelutu balleesse jennee quba walitti qabuurra ofitti quba qabnee dhimma Afaan Oromoo
dubbisuufi barreesssuu dandeessisuurratti bifa duulaan hojjechuun barbaachisaadha.

Yeroo dhiyoo asitti, barnootaa sadarkaa tokkoffaa (1-4) keessatti, dandeettii dubbisuufi
barreessuu barattootaa ilaalchisee qorannoon Iyyaafannoo Dandeettii Dubbisuufi Barreessuu
Barattootaa Kutaalee Jalqabaa (EGRA) baroota garagaraa dhaabbilee idiladdunyaan ( baroota
2010, 2014, 2018, 2022…) gaggeeffamaa ture akka agarsiisutti barattoonni kutaa 2ffaa fi 3ffaa
lakkoofsi isaanii guddaa ta’e qubeewwaniifi jechoota afaan dhalootaa isaanii (Afaan Oromoo)
barreessuufi dubbisuu kan hindandeenye kan jiran ta’uu agarsiisa. Fakkeenyaaf, qorannoon bara
2018 (ALA) dandeettii dubbisuufi barreessuu barattootaa kutaalee jalqabaa (EGRA) ilaalchisee

2
gaggeeffame akka agarsiisutti barattoonni kutaa 2ffaa dubbisa ykn seenessa dhiyaateef keessaa
jecha tokkollee dubbisuu kan hindandeenye 46% yoo ta’an, barattoonni kutaa sadaffaa immoo
28% ta’uu mul’isa.

Biiroon Barnootaa Oromiyaas barattoonni sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu
dadhabuun kun hojii baruufi barsiisuu barnoota sadarkaa 1ffaa hundaa kan danquufi carraa
barnoota sadarkaa itti aanu barachuufis kan rakkatan ta’uu hubachuun duula dandeettii Afaan
Oromoon dubbisuufi barreessuu isaanii ittiin fooyyeffatan qopheessee jira. Sagantaan duula
kanaas tarbeewwan jalqabaa 6-7 bara barnootaa 2016 jidduutti kan raawwatamu ta’a.

Qabiyyeen duula kanaa kan qophaa’e qabiyyeewwan barnootaa kutaa 1-4tti jiran irratti
hundaa’ee miti. Haata’u malee, barattoota kanneen qubeerraa kaasee hanga jechoota dubbisuufi
barreessuu dandeessisuu qofarratti kan xiyyeeffatedha. Waan kana ta’eef, barsiisonni gosa
barnootaa kamiiyyuu barsiisan hundinuu waliin ta’uun (team teaching) kaayyoo barnoota kanaa
hubachuun milkaa’ina isaatiif, qabiyyeewwaniifi tarsiimoolee kaa’aman hubachuudhaan hojiirra
oolchuun murteessaadha. Kanaafuu dhimmamtoonni hundi keenya kana hubachuun waltumsuun
akka raawwannuufi barattoonni keenyaa dubbisuufi barreessuu akka danda’an gochuuf hundi
keenya dirqama ogummaafi dhalootaa keenya haa baanu.

2. Kaayyoo waliigalaa duula kanaa


Barattoota kutaa 1-4 qubee Afaan Oromoo adda baasuu, dubbisuufi bocuu/barreessuu
sirnaan dandeessisuu;
Sagaleewwan AO adda baasuu, dubbisuufi barreessuu dandeessisuu
 Sagaleelee gabaabaa
 Sagaleelee dheeraa
 Sagaleelee laafaa
 Sagaleelee jabaa; irrabutaafi hudhaa dubbisuufi barreessuu sirnaan dandeessisuu
Jechoota Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu dandeessisuufi kkf.
3. Barbaachisummaa Maanuwaalichaa
Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti barattoonni naannoo keenyaa addatti, ammoo
kan sadarkaa 1ffaa (1-4) qubeewwan Afaan Oromoofi lakkoofsa bu’uuraa adda
baafachuufi bocuu, jechoota dubbisuufi barreessuu irratti hanqina guddaa qabu

3
(Iyyaafannoo Dandeettii Dubbisuu Barattootaa Kutaalee Jalqabaa/ EGRA baroota
2010, 2014, 2018….)
Waggoota dheeraaf sagantaa barnoota idileen rakkoowwan dubbisuufi barreessuu kana
keessaa ba’uun waan hinda’amneef;
Barattoonni dubbisuufi barreessuu hindandeenye qabannee kaayyoo barnoota kaawwanii
(Herrega, Saayinsii Naannoo, Ogaartii, Gadaa, Safuufi kkf….) galmaan ga’uun waan
hindanda’amaneef;
Barattoonni dubbisuufi barreessuu danda’an barnoota kamiyyuu of danda’anii ofiin
barachuun akka milkaa’an waan taasisuuf;
Kufaatii akka biyyaatti numudate kana jalaa ba’uuf hirmaannaan qaamolee adda addaa
waan barbaachisuuf;
Barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan sagantaa idilee isaaniitti dhimma dubbisuufi
barreessuu (sirnaan qubeessuu jechootaa) irratti xiyyeeffannoo akka kennan kallattii
kennuufi.
4. Qajeelfama Waliigalaafi Gahee dhimmamtootaa
4.1 Qajeelfama Waliigalaa
Ergamni mana barnootaa dhaloota barsiisuudha. Keessayyuu kaayyoon barnoota sad. 1ffaa (1-4)
ammoo daa’imman dubbisuu, barreessuufi lakkoofsota/qoyyoboota bu’uuraa akka gonfatan
dandeessisuudha. Dhaloonni dubbisuufi barreessuu yoo hindandeenye adeemsi barachuufi
barsiisuu raawwatamu hinjiru. Kanaafuu dhimmammtoonni adda adddaa duula kana milkeessuuf
ga’ee isaa ba’achuutu irraa eegama. Qajeelfamni waliigala duula kanaas kanneen asii gaditti
tarreeffamanidha:
 Oggeeyyiin waajjira barnootaafi dura bu’aan mana barnootaa barsiisota Afaan Oromoo
cinaati barsiisota akaakuu barnootaa biroo barsisan keessaa kanneen qubeessuu danda’an
filachuun hirmaachisuu;
 Qabiyyeen kitaaba barattootaa idilee kan itti fufu, duulli dubbisuufi barreessuu kun erga
barsiifamee xumuramee booda ta’uu hubachuun barbaachisaadha;
 Duula dubbisuufi barreessuu kana ilaalchisee dhimmamtoota adda addaaf (Dura bu’oota,
suuperviiyizeroota, barsiisota) hubannoo uumuun barbaachisaadha;
 Kanaafuu, barsiisaan gosa barnoota biroo barsiisu wayitiitu najlaa gubata yaaddoo jedhu
qabaachuu hinqabu. Sababni isaa, sadarkaa kanatti barnoota hunda Afaan Oromoon waan
4
barataniif barattoonni Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu hindandeenye barnoota biroo
(Saayinsii Naannoo, Ogaartii, Gadaa, Safuufi kkf)tti milkaa’uu hindanda’an;
 Barsiisonni duula kana milkeessuuf guyyaa jalqaba daree seenan barattoota qubeewwan
Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu danda’aniifi hindandeenye adda baasuun kanneen
hindandeenye kanneen shaakalsiisuufi barattoonni danda’an akka waldeeggeran haala
mijeessuu qabu;
 Qabiyyeen qabeessuu kutaa 2-4 kenname yoo barattoonni hundi qubeessuu kan danda’an
ta’e qabiyyee jecha sirnaan barreessuutti ce’uun barbaachisaadha;
 Barsiisonni Ogaartii faaruu qubeefi bifa taphaan barsiisuu irratti barsiisota Afaan Oomoo
gargaaruu qabu;
 Barsiisonni kutaa 1-4 barsiisan hundi haala qabatamaa mana barnootaarratti hundaa’uun
waliin yookiin gareedhaan ta’anii akka barsiisuu qaban hubachuufi akkaataa ibsaafi
fakkeenya kennameen hojiirra oolchuu;
 Qabiyyeewwan torbee tokkoof kennaman hunda waytiilee barnootaatiif qoqqooduun
xiyyeeffannoodhaan shaakalchiisuu;
 Duulli kun waldorgommii dubbisuufi barreessuu gaggeessuun xumurama. Kunis,
barattoota ciccimoo kutaa 1-4 filachuun waltajjii waldorgommii akka mana barnootaatti,
yoo danda’ame ammoo manneen barnootaa ollaa walitti fiduun raawwachuufi kanneen
injifatan baadhaasuun barattoonni akka dubbisuufi barreessuuf xiyeyeffaannoo kennan
gochuu danda’a.
4.2 Gahee Dhimmamtootaa
Duula Dubbisuufi Barreessuu Afaan Oromoo kana milkeessuu keessatti qaamoleen asii gadii
gahee isaanii bahuu qabu:
a. Biiroo Barnootaa Oromiyaa
- Maanuwaalii duula kanaaf barbaachisu qopheessuu;
- Maanuwaalii qophaa’e dhimmamtoota adda addaaf (Godinaaleef, bulchinsa magaalotaaf,
aanaaleefi kanneen biroof) leenjii hubannoo uumuu;
- Maanuwaalichi hanga mana barnootaatti akka bu’u taasisuu;
- Cheekliistii qopheessuun hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne gochuu;
b. Waajjira Barnootaa Godinaalee/ Bulchiinsa Magaalotaa
- Maanuwaalii BBOn qophaa’e ilaalchisee WBA f hubannoo barbaachisu kennuu;
5
- Maanuwaalichi aanaafi manneen barnootaa akka gahu hordofuufi deeggarsa gochuu;
- Cheekliistii qopheessuun hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne aanaaleefi manneen
barnootaaf gochuu;
- Xumura duula kanaatti, akkasumas kurmaana kurmaanaan jijjiirama jiru madaaluufi
BBOf gabaasuu..
c. Waajjira Barnootaa Aanaa
- Maanuwaalii BBOn qophaa’e irratti dura bu’oota m/b fi suppervaayizarootaaf hubannoo
barbaachisu kennuu;
- Maanuwaalichi manneen barnootaa akka gahu hordofuufi deeggarsa gochuu;
- Cheekliistii qopheessuun hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne manneen barnootaaf
gochuu;
- Xumura duula kanaatti, akkasumas kurmaana kurmaanaan jijjiirama jiru madaaluufi
qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu/gabaasuu..
d. Dura Bu’oota Mana Barnootaa
- Maanuwaalii BBOn qophaa’e irratti barsiisotaafi hawaasa mana barnootaaf hubannoo
barbaachisu kennuu (kufaatii keessa jiran, haala qabatama mana barnootaa isaaniin
walqabsiisuu)
- Maanuwaalichi barsiisota hunda bira akka gahu gochuu;
- Barsiisonni hundi itti amanuun duulichatti akka seenan gochuu;
- Akka mana barnootaa ofiitti qabxii ka’umsaa kaawwachuu (dubbisuufi barreessuu
ilaalchisee sadarkaa irra jiran adda baafachuun galmeessuu)
- Ramaddii barsiisotaafi wayitii gaggeessuu;
- Cheekliistii qopheessuun hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne taasisuun jijjiirama
mul’ate galmeessaa deemuu;
- Tarkaanfii barbaachisu fudhachaa deemuu (yaaddeebii barsiisotaafi bakka barbaachisaa
tahetti maatiifi WBAtiif kennaa deemuu)
- Xumura duula kanaatti, akkasumas kurmaana kurmaanaan jijjiirama jiru madaallii
gaggeessuu; qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu/gabaasuu..
e. Barsiisota
- Maanuwaalii qophaa’e sirriitti hubachuu (kaayyoo isaa, qabiyyeefi tarsiimoo raawwii…)

6
- Kufaatii akka mana barnootaa isaaniitti dandeettii dubbisuufi barreessuu barattootaa
ilaalchisee jiru amanee fudhachuu;
- Fedhii guutuun rakkoo kana bifa duulaan furuuf gahee irraa eegamu bahuuf kutannoo
qabaachuu;
- Jalqaba barattoota qubeefi jecha dubbisuufi barreessuu hindandeenye adda baasuun
(calaluun) akkaataa maanuwaalii keessa taa’een raawwachuu;
- Karoora baafachuufi rakkoo kana hambisuuf ofiif waadaa galuu;
- Barsiisota biroo waliin qindoominaan hojjachuu…
- Xumura duula kanaatti madaallii gaggeessuu;
- Kurmaana kurmaanaan jijjiirama jiru madaalaa deemuufi qaama dhimmi ilaaluuf
gabaasuu..
5. Ramaddii Barsiisotaafi Qooddii Wayitii Barnootaa
 Ramaddii Barsiisotaa
Duulli kun jaha(6) kan turu yommuu ta’u; barsiisonni hundi akkaataa ramaddii asii gadiin
gareefi tokkumaan kan hirmaatan ta’u:
i. Dubbisuufi barreessuu (Afaan Oromoo) irratti kan hirmaatan
- Barsiisota Afaan Oromoo hunda
- Barsiisota Oogaartii hunda
- Barsiisota Fayyaafi Jabeenya Qaamaa hunda
- Barsiisota Barnoota Gadaa hunda
- Barsiisota Barnoota Safuu hunda
ii. Shallaguufi qoyyabuu bu’uuraa (Herrega) irratti kan hirmaatan
- Barsiisota Barnoota Herregaa hunda
- Barsiisota Barnoota Saayinsii Naannoo hunda ta’u
 Qooddii Wayitii Barnootaa
 Afaan Oromoo _ Guyyaatti wayitii 3
 Herrega _Guyyaatti wayitii 2
Yaadannoo: Wayiiwwan guyyaa jahan(6) keessaa wayitiin tokko yeroo barattoonni
tapha/ispoortii garagaraa itti raawwatan ta’a_Deeggarsaafi to’annaa barsiisotaatiin)

7
HUbachiisa
Barattoonni kutaa 3ffaa qubeewwan Afaan Oromoo (a-z, qubeewwan dachaafi dubbachiiftota)
addaan baafatanii dubbisuufi bocuu nidanda’u jedhamee yaadama. Haata’u malee, barataan
qubee Afaan Oromoo hinxumuriin jiraachuu mala. Kanaafuu duulli kun keessa deebii qubee
Afaan Oromoo irraa eegala. Yoo namni qubee adda hinbaafatiin hinjiraanne gara qabiyyee
barnootaa torbee 2ffaatti darbuun nidanda’ama. Kun garuu kan ta’u, hoggantoonni mana
barnootaafi ogeeyyiin waajjira barnootaa yoo mirkaneessan qofaadha. Qubeetti aansee
xiyyeeffannoon barnoota kutaa kanaa gurguddaan sagaleewwan gabaabaafi dheeraa, laafaafi
jabaa, irrabutaafi hudhaa dubbisuufi barreessuudha.
Kanaafuu barsiisonni, dura bu’oonniifi hogeeyyiin barnootaa kana hubachuun duula kana
milkeesuuf ga’ee mataa mtaa isaanii ba’achuu qabu. Keessaayyuu barsiisonni milkaa’inni
barattoota keenyaa kabaja ogummaa keenyaa akka ta’eetti hubachuu qabna. Kufaatiin isaanii
kufaatii keenya waan taheef dirqama ogummaatu nurra jira.

8
Duula Afaan Oromoo Dubbisuufi Barreessuu Kutaa 3ffaa
Torbee 1ffaa: Qubee Afaan Oromoo Dubbisuufi Barreessuu

GBYXGQ:
o Sagalee dubbifamaafi dubbachiiftuu addaan baafachuu;
o Sagaleewwan dubbifamaa dubbachiiftuu faana dubbisuufi
o Qubeewwan Afaan Oromo (dubbifamaa, dubbachiiftuufi qubee dacha) bocuudha.

Tarsiimoo
 Torbee 1ffaa guyyaa jalqabaa shaakala adda addaa kennuun barattoota qubee Afaan
Oromoo dubbisuufi bocuu hindandeenye adda baafachuu;
 Barattoota ciccimoo dubbisuufi barreessuu danda’an daree sana keessaa filachuun
barattoota hanqina qaban kana akka deeggaran taasisuu;
 Hanqina isaan qaban irratti xiyyeeffachuun qubee adda baasuufi bocuu shaakalsiisuu;
 Guyyaa 1ffaa qubeewwan gurguddaa A-Z iddoo hanqina barattootni qaban irratti
xiyyeeffachuun shaakalsiisuu
 Guyyaa 2ffaa qubeewwan xixiqqaa a-z qubee gurguddaa maddiitti barreessuun iddoo
barattootaa hanqina (adda baafachuu, bocuufi tartiibessuu) qaban irratti xiyyeeffachuun
shaakalsiisuu
 Guyyaa 3ffaa qubeewwan dachaa dubbisuufi bocuu shaakalsiisuu;
 Guyyaa 4ffaa shaakala adda addaa kennuun qabiyyeeewwan guyyoota sadan darban
baratan akka hubatan shaakalsiisuu, kanneen hanqina qaban irra deebi’uun cimsuu
 Guyyaa 5ffaa barattoonni qubeewwan sagaleessuu, bocaan adda baasuufi haalaan bocuu
danda’uu isaanii iyyaafachuu;
 Iyyaafannoo gaggeeffamerratti hundaa’uun barattoota qubeewwan sagaleessuu, bocaan
adda baasuufi bocuu danda’uu irratti hanqina mul’ate, barattoota qubeewwan Afaan
Oromoo kanneen haalaan sagaleessuu, boca isaanii adda baasaniifi bocuu danda’an
(barattoota qaxalee) qindeessuun barattoota kanneen sagaleessuu, boca isaanii adda
baasuufi bocuu dadhaban akka deeggaran haala mijeessuu.

9
Shaakala 1: Keessa Deebii Qubee

Gilgaala 1: Qubee kanneen tartiibaan barreessi

G Z O U C T J R X
A H V E B Y F L D I
P K M S N Q W

PH DH ZY CH TS NY SH

Gilgaala 2: Qubee dubbifamaa, dubbachiiftuufi qubee dacha adda baasii


barreessi

o z i c u h z t g a
j l y b w q s n d r
m f v j p e

zy ny ch ts dh sh ph

10
Shaakala 3: Qubee xiqqaa barreessi

A ___a J ____ S ____

B ____ K ____ T ____

C ____ L ____ U ____

D ____ M ____ W ____

E ____ N ____ X ____

F ____ O ____ Y ____

G ____ P ____ Z ____

H ____ Q ____

I ____ R ____

Shaakala 4: Sagalee dubbifamaafi dubbachiiftuu waliin dubbisi

qubee dubbi sagalee gabaabaa


famaa a e i O u
l la le li Lo lu
m m me mi Mo mu
a
n na ne ni No nu
p pa pe pi Po pu
q qa qe qi Qo qu
r ra re ri Ro ru
s sa se si So su
11
t ta te ti To tu
v va ve vi Vo vu
w wa we wi Wo wu
x xa xe xi Xo xu
y ya ye yi Yo yu
z za ze zi Zo zu

Torbee 2ffaa: Jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa dubbisuufi barreessuu


GBYXGQ:
o Jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa dubbisuu;
o Jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa addaan baafachuu;
o Jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa barreessuudha.

Tarsiimolee

 Guyyaa 1ffaa jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa qaban dhiyeessuun barattoota


jechoota kanneen dubbisuufi barreessuu irratti hanqina qaban adda baafachuu hanqina
sana fooyyessuuf barattootni ciccimoon akka gargaaran haala mijeessuu; dubbifamaa
dubbachiiftuu waliin qindeessuun dubbisuu (fknf ba, be, bi, bo fi bu) shaakalsiisuu;
 Sagaleewwaniifi jechoota sagaleessuun akka barattoonni sagaleessaniifi bocan
irradeddeebiin shaakalsiisuu
 Guyyaa 2ffaa Jechoota sagalee gabaabaa leexaa qaban dubbisuufi barreessuu
shaakalsiisuu
 Guyyaa 3ffaa Jechoota sagaleewwan dheeraa leexaa qaban dubbisuufi barreessuu
shaakalsiisuu
 Guyyaa 4ffaa jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa walfaana qaban dubbisuu, ijaaruu,
barreessuufi gilgaalota dhiyaatan shaakalsiisuu
 Guyyaa 5ffaa barattoota jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa qaban sirnaan dubbisuufi
barreessuu danda’uu isaanii hordofuufi iyyaafachuun kanneen hanqina qaban deggeruu,
shaakala dabalataa kennuu;
Hordoffiifi iyyaafannoo gaggeeffamerratti hundaa’uun barattoota jechoota sagalee
gabaabaafi dheeraa qaban dubbisuufi barreessuu hindandeenye shaakala dabalaataa kennuufi
barattoota ciccimoo qindeessuun barattoota kaan akka shaakalsiisan taasisuu

12
 jechoonni sagalee gabaabaafi dheeraa qaban akkamiin akka dubbifamaniifi dubataman
moodeela ta’uun sagaleessuufi sagaleessisuu shaakalsiisuu
Shaakala 1: Jechoota siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.

Dhala dhaala
Lafa laafaa
Daka daakaa
Qore Qoore
Mala Maala
Gara Gaara
Laga laagaa
Shaakala 2: Jechoota siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.

hoolaa __________ __________ __________


boonaa __________ __________ __________
foonaa __________ __________ __________
eelee __________ __________ __________

eegee __________ __________ __________


buuphaa __________ __________ __________
daakuu __________ __________ __________

baaduu __________ __________ __________

13
Shaakala 3: Jechoota siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.

yeroo raada
aduu boora
karaa gooba
garaa yaada
cilee baala
dhibee dhaala
filaa haada
saree eeda
hidhii faana
Shaakala 4: Jechoota siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi

lama fuula yeroo daaraa


fixe duula aduu beekaa
hoolaa gaara safuu hoolaa
mure baala garaa laafaa
ija gaala cilee aadaa
fide haadha dhibee eegee
mala haada filaa loon
gara eeda saree laagaa
qara faana hidhii haaduu

Torbee 3ffaa: Jechoota Jabaafi laafaa dubbisuufi barreessuu


GBYXGQ:
o Jechoota sagalee jabaafi laafaa dubbisuu;
o Jechoota sagalee jabaafi laafaa addaan baafachuu;
o Jechoota sagalee jabaafi laafaa qaban barreessuudha.
14
Tarsiimolee

Jechoota sagalee laafaafi jabaa dhiyyeessuun barattoota hanqina kanaa qaban adda baafachuufi
barattootni ciccimoon yoo jiraatan hojii isaan madaalu kennuu ykn akka barattoota hanqina
qaban gargaaran haala mijeessuu

 Moodeela ta’uun jechoota sagalee jabaafi laafaa qaban sagaleessuun barattoonni sifaana
akka sagaleessan taasisuu;
 Jechootni sagalee jabaa akka jabaatanii dubbifamaniifi laafaan laafee akka dubbatamu
fakeenya kennaa osoo hin nuffiin barattoota shaakalsiisuu;
 Jechoonni Afaan Oromoo jalqaba jechaafi dhuma jechaatti akka hindhufneefi
hangamuu jabaatee dubbifamu dubbifamaan Afaan Oromoo sadii walitti aanee akka
hindhufne hubannoo kennuu
 Jechoonni Afaan Oromoo bakka irrabutni jirutti; sagaleen jabaachuu akka
hindandeenye hubannoo kennuu;
 Jechoota sagalee jabaafi laafaa qaban barattootaaf dubbisuun qomaan akka barreessan
gochuun hanqina isaanii hordofuun deggersa kennuu

 Guyyaa 1ffaa jechoota sagalee laafaa qaban dubbisuufi barreessuu


 Guyyaa 2ffaa jechoota sagalee jabaa qaban dubbisuufi barreessuu
 Guyyaa 3ffaa jechoota sagaleewwan laafaafi jabaa qaban walmaddii kaa’uun dubbisuun
akka irra deebia’anii dubbisanii barreessan shaakalsiisuu, gilgaala kenname hojjechiisuu;
 Guyyaa 4ffaa, barattoonni jechoota sagaleewwan laafaafi jabaa qaban dubbisuufi
barreessuu danda’uu isaanii hordofuun deggersa kennuu; bakka isaan rakkise
irradeebi’anii shaakalsiisufi hanga dhumaatti iyyaafachuu;
 Guuyyaa 5ffaa :Iyyaafannoo gaggeeffamerratti hundaa’uun barattoota jechoota sagalee
laafaafi jabaa qaban haalaan dubbisuu, barreessuu hindandeenye (barattoota qaxalee)
qindeessuun barattoota akka shaakalsiisan taasisuufi
 Gilgaalota shaakalsiisuuf dhiyaatan haaluma dhiyaataniin akka hojjetan jajjabeessuu

Shaakala 1: Jechoota Sagalee laafaa dubbisuun barreessi.

hoolaa
15
boonaa
foonaa
eelee
eegee
buuphaa
daakuu
baaduu
aadaa
Shaakala 2: Jechoota sagalee jabaa dubbisuun barreessi.

kubbaa
gubbaa
boolla
qorra
dibbee
adda
baddaa
callee
foddaa

16
Torbee 4ffaa: Jechoota sagalee irrabutaafi hudhaa qaban dubbisuufi barreessuu
GBYXGQ:
o Jechoota sagale irrabutaafi hudhaa dubbisuu;
o Jechoota sagalee irrabutaafi hudhaa qaban adda baasuu;

o Jechoota sagale irrabutaafi hudhaa barreessuudha.

Tarsiimolee

Jechoota sagalee irrabutaafi hudhaa dhiyeessuun barattoota hanqina kanaa qaban adda
baafachuufi barattootni ciccimoon yoo jiraatan hojii isaan madaalu kennuu ykn akka barattoota
hanqina qaban gargaaran haala mijeessuu:

 Guyyaa 1ffaa jechoota sagalee irrabutaa qaban dubbisuufi barreessuu shaakalsiisuu


 Guyyaa 2ffaa jechoota sagalee hudhaa qaban dubbisuufi barreessuu shaakalsiisuu
 Guyyaa 3ffaa jechoota sagaleewwan irrabutaafi hudhaa qaban dubbisuun akka irra
deebia’anii dubbisanii barreessan shaakalsiisuu, gilgaala kenname hojjechiisuu;
 Guyyaa 4ffaa, barattoonni jechoota sagaleewwan irrabutaafi hudhaa qaban dubbisuufi
barreessuu danda’uu isaanii hordofuun deggersa kennuu; bakka isaan rakkise
irradeebi’anii shaakalsiisufi iyyaafachuu;
 Guuyyaa 5ffaa :Iyyaafannoo gaggeeffamerratti hundaa’uun barattoota jechoota sagalee
irrabutaafi hudhaa qaban sirnaan dubbisuu, barreessuu hindandeenye shaakala dabalataa
kennuun deggeruufi barattoota ciccimoo qindeessuun barattoota akka shaakalsiisan
taasisuufi
Gilgaalota shaakalsiisuuf dhiyaatan haaluma dhiyaataniin akka hojjetan jajjabeessuu
.

17
Shaakala 1: Jechoota sagalee irrabutaa qaban dubbisuun barreessi.

Fkn. jilba jilba, jilba, jilba


1. harma ________, _________, _________
2. ilma ________, _________, __________
3. harka ________, _________, __________
4. korma ________, _________, __________
5. arba ________, _________, __________
6. farda ________, _________, __________
7. garbuu

Shaakala 2: Jechoota sagalee hudhaa qaban dubbisuun barreessi.

1. re’ee ________, _________, __________


2. sa’a ________, _________, __________
3. bal’aa ________, _________, __________
4. qal’aa ________, _________, __________
5. kal’ee
6. gaala ________, _________, __________
7. bu’aa ________, _________, __________
8. fe’uu ________, _________, __________
9. sa’aatii ________, _________, __________

18
Shaakala 3: Jechoota sagalee irrabutaa qaban jala Sarari

Fknf Ifaan harka baase.

1) Leenci bosonuu nyaate.

2) Mucaan harma hodhe.

3) Sooriin ilma dhalche

4) Galgaloon barataa cimaadha.

5) Birbirsi muka guddaadha.

Shaakala 4: Jechoota sagalee hudhaa qaban jala sarari.

Gogaan hoolaa kal’ee ta’a.

1) Re’een beeylada manaati.

2) Kophee bal’aa Bitate.

3) Qorumsa har’a Fixne.

4) Dikeen Xaa’oo Uumamaati.

Shaakala 5: Walitti Firoomsi


“A” “B”

1) Jecha Sagalee Hudhaa A) Gurra

2) Jecha Sagalee Dheeraa B) Sa’a

3) Jecha Sagalee Jabaa C) Bara

4) Jecha Sagalee Gabaabaa D) Morma

5) Jecha Sagalee Irrabutaa E) aadaa

19
Torbee 5ffaa: Himoota Gaggabaaboo dubbisuufi Barreessuu
GBYXGQ:
 Himoota gaggabaaboo dubbisuu
 Himoota gaggabaaboo barreessuu.

Tarsiimoo

Barattoonni kutaa kanaa jecha barreessuu irra taranii himoota barreessuu eegaluu qabu.
Kanaafuu himoota gaggabaaboo dhiyeessuun barattoota hanqina kanaa qaban adda baafachuun
deggaruun barbaachisaadha.

 Guyyaa 1ffaa himoota gaggabaaboo dhiyeessuun sirnaan dubbisuufi barreessuu


shaakalsiisuu
 Guyyaa 2ffaa himoota gaggabaaboo barattootaaf dubbisuun qomaan akka barreessan
shaakalsiisuu
 Guyyaa 3ffaa himoota hir’atan guutuu taasisuun barreessanii irradeebi’anii dubbisuu
shaakalsiisuu, gilgaala kenname hojjechiisuu;
 Guyyaa 4ffaa, himoota kennaman dubbisuufi barreessuu irratti hanqina qaban hordofuun
deggeruu; bakka isaan rakkise irradeebi’anii shaakalsiisufi iyyaafachuu;
 Guuyyaa 5ffaa :Iyyaafannoo gaggeeffamerratti hundaa’uun himoota gaggabaaboo
sirnaan dubbisuu, barreessuu hindandeenye shaakala dabalataa kennuun deggeruufi
barattoota ciccimoo qindeessuun barattoota akka shaakalsiisan taasisuufi
 Gilgaalota shaakalsiisuuf dhiyaatan haaluma dhiyaataniin akka hojjetan jajjabeessuu

Shaakala 1. Himoota siif dubbifaman barreessi.

1) Caalaan dhufe.

______________________________________________

2) Balballi baname.

_____________________________________________

3) Ayyaantuun tapha utaalchoo injifatte.


20
______________________________________________

4) Haadhaafi abbaakee kabaji.

_______________________________________________

5) Caalaan akka calii jirbii qal’ata.

____________________________________________

6) Jaarsi aduu, oduufi adii jaallata.

____________________________________________

Shaakala 2: Himoota armaan gadii dhaggeeffachaa barreessi.


1) Caaltuun caalii caalchifti. ______________________________________________

2) Manni isaanii nifagaatti; ilmoon isaanii nama nyaatti; nyaanni isaanii nimiyoofti.
________________________________________________________________________

3) Gaafa gaafa jaatanii utubaan manaa lamaa, ____________________________________

Gaafa gaafa yaadanii dhugumaan namaaf gama. ___________________________________

4) Haxxeen lafa lixxe; gowwaan ta’ee muga. _________________________________________

5) Aduun duumeessaa ba’uufi dubbiin afaan gowwaa ba’u nama miidha.


________________________________________________________________

6) Keessummaa gogaa rifeensa hinqabne, lafee foon hinqabneefi foon lafee hinqabneen simatu.
___________________________________________________________________________

Shaakala 3: Qubee deebii sirrii qabate filadhuu barreessi.


1. Godaannisni harka isaa irraa________ibiddaa ta’uu hinoolu
a) gubaa b) gubbaa c) madaa d) madda
2. Namni ______ittiin yaadu qaba.
a) samuu b) sammuu c) mataa
3. Jaldeessi ______bunaatti rarra’ee cabse.
21
a) damee b) dammee c) damma
4. Warri waan ishee jaallataniif ______ jedhanii moggaasaniif
a) damee b) Dammee c) dammee
5. Qeensikee nifokkisa; maaliif _______didde?
a) qoruu b) qorruu c) qooruu
6. Tulluun Diimtuu akka ______, nama argetu beeka.
a) qoruu b) qorruu c) qooruu
7. Tolaan huccuu bitee haadha _______baase.
a) dara b) daraa c) Daara d) daaraa
8. Sanyii ibiddaa _____________________ nama guba.
a) daaran b) daraan c) daaraan d) daran
Shaakala 4: Jechoota waljala darban tartiibessuun hima barreessi.
1) gabaa Caaltuun deemte.
______________________________________
2) cimaa baraadha Toleraan.
______________________________________
3) kabajuu haadhaafi abbaa Ijoolleen qabdi.
______________________________________
4) roobee Bokkaan caame.
______________________________________
5) dandeessaa Afaan Oromoo Qubee barreessuu?
______________________________________

22
Torbee 6ffaa: Waldorgommii Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu
 jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa qaban barreessu;
 Jechoota sagalee laafaafi jabaa qaban barreessuu
 Jechoota sagalee irrabutaafi hudhaa barressuu

Kutaan 3ffaa barattoota hanqina Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu niqabu jedhamee
yaadame keessaa isaan umriifi sadarkaa barnootaanis wayyoodha jedhamanii yaadamu. Kutaa
kana booda barataan kamuu jechoota Afaan Oromoo sirnaan dubbisuufi barreessuu danda’uu
qaba. Kanaafuu dandeettii isaanii kana bifa waldorgommiin madaallee hanqina qaban hordofnee
hubannoo isaanii cimsuun barbaachisaadha. Kanaafuu qabiyyeen barnoota kutaa kanaa bifa
kanaan dura barameen osoo hintaane dandeettii qubeessuu jechootaa irratti kan xiyyeeffatu waan
ta’eef bifa qormaata fakkaatuun kennamuun hanqina isaanii adda baafachuun shaakala dareefi
hojii manaan kennitee dandeettii yaadame kana gonfachiisuu qabda jechuudha. Kanaaf
tarsiimoon hordofamuu qabus:

 Guyyaa 1ffaa Jechoota jabaafi laafaa qaban barattootaaf dubbisuun barreessuu


shaakalsiisuu
 Guyyaa 2ffaa jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa qaban barattootaaf dubbisuun
barreessuu shaakalsiisuu
 Guyyaa 3ffaa jechoota sagaleewwan irrabutaafi hudhaa qaban barattootaaf dubbisuun
barreessuu shaakalsiisuu
 Guyyaa 5ffaa barattoonni jechoota sagaleewwan gabaabaafi dheeraa, jabaafi laafaa,
irrabutaafi hudhaa qaban dubbisuufi barreessuu danda’uu isaanii hordofuun deggersa
kennuu;
 Guyyaa 5ffaa bakka isaan rakkise irradeebi’anii shaakalsiisufi iyyaafachuun shaakala
dabalataa kennuun deggeruun kaayyooo duula kanaa milkeessuukee mirkaneeffachuudha
Gilgaala 1 Jechoota cimdii siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.

sagalee laafaa sagalee jabaa


Bobaa Bobbaa
Boce Bocce
Bade Badde
Tufate Tuffate
23
Gogaa Goggogaa
Qore Qorre
Hojii Hojjaa
kaka’uu kakka’uu
Ilaaluu Ilallamu
Mamaaksa Mammaakuu
Manee Mannee

Gilgaala 2: Jechoota cimdii siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.


Fakkeenya:
bule _______
bulle _______
qaalii ________
qaalluu ________
jibba ________
one ________
bakka ________
doobbii ________

Gilgaala 3: jechoota asii gadii dubbisuun barreessi.

raafuu daaraa waarii mooraa

tabba tulluu qottoo gadda

Gilgaala 4: Jechoota cimdii siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.

gale gaalee

lafa laafaa

laga laagaa

bona Boonaa

24
bira birraa

fixe fiixee

Gilgaala 5: Jechoota siif dubbifamu dhaggeeffachuun barreessi.

gale galle

gubaa gubbaa

fala faallaa

didaa diddaa

dare/dabale daare

bitaa bittaa

damee dammee

gate gatte

fide fidde

Shaakala 6: Jechoota siif dubbifaman dhaggeeffachuun barreessi.

sa’a miiltoo

bu’aa lilmoo

fo’aa ilmoo

har’a morma

baay’ee korma

xaa’oo harma
25
Iyyaaffannaafi Hordoffii

 Barattoonni jechoota sagalee jabaafi laafaa, dheeraafi gabaabaa, irrabutaafi hudhaa sirnaan
qubeessuu danda’uu isaanii hordofuun deggersa kennuu
 bocaan adda baasuufi haalaan bocuu danda’uu isaanii iyyaafadhu;
 Iyyaafannoo irratti hundaa’uun barattoota qubeewwan Afaan Oromoo kanneen sagaleessuu,
bocaan adda baasuufi bocuu irratti hanqina qaban, qubeewwan kanneen meeshaalee
naannootti argaman irraa bocanii akka dhufan taasisuu;
 shaakala/hojmanee dabalataa kennuufi tapha qubee Afaan Oromoo hiriyoota waliin akka
taphatan gochuun hubatannoo isaanii cimsuu;
 Barattoota qubeewwan Afaan Oromoo kanneen haalaan sagaleessan, boca isaanii adda
baasaniifi bocuu danda’an qindeessuun barattoota hanqina qaban akka deeggaran haala
mijeessi.

Uunkaa Madaalliifi Mirkaneeffannaa


Waraqaa madaallii mirkaneeffannaa duula Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu
duulli geggeeffame hangam akka milkaa’eefi wantoota danqaa ta’an iyyaafachuuf
kan qophaa’edha.

1) Odeeffannoo iddoo

a) Godina: ____________________________________________

b) Aaanaa:_________________________________________

c) Maqaa mana barnootaa:_____________________________

26
2) Hojii hojjetameefi nama hojjete

________________________________________________________________
________________________________________________________________
_________________________________________________

3) Hojii hinhojjatamiin hafeefi sababa isaa

__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
_____________________________________________

4) Milkaa’ina duula Kanaan argame (cuunfaa)

__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
________________________________________________________________

5) Wantoota kaayyoon duula kanaa akka hinmilkoofne gufuu ta’an yoo


jiraate:

a) Hoggantoota ilaalchisee
__________________________________________________________________
________________________________________________________
b) barsiisota

27
__________________________________________________________________
________________________________________________________
c) yeroo
__________________________________________________________________
________________________________________________________
d) Maanuwaalii qophaa’e
_____________________________________________________________________________________
_____________________________________
6) Yaadni biroo yoo jiraate
_____________________________________________________________________________________
_____________________________________

28

You might also like