You are on page 1of 9

1.

SEENSA
Barnoonni meeshaa ilmi namaa jireenya isaa keessatti beekumsaa fi muuxannoo kuusate
dabarsuu danda’uu fi argannowwan haaraa ittiin maddisiisuudha.lammiin biyya tokkoo
beekumsaan,ilaalchaanii fi danddeettiin qaroomuu kan danda’u,faayidaa fi guddina mataa isaafis
ta’ee hawaasa biyyaatiif kan gumaachu barnoota qulqullina qabu yoo argachuu danda’eedha.
Kana males barnoonni hundee guddinaati kan jedhamus sona hawaasummaa ,diinagdee fi aadaa
akkasumas ilaalcha dimokraasii dagaagsuu keessatti shoora ol’aanaa waan qabuufidha.

Biyyi keenyas Karoora Guddinaa fi Transformeeshinii 1ffaa xumurtee karoora guddinaa fi


transformeeshinii 2ffaa galma geessisuuf sochii ballaa taasisaa jirti. haaluma kanaan bara 2010
kana hojii hanga ammaa hojjenne madaallee hojii itti aanu hojjechuuf galtee kan nuu tahu adda
baafachuun murteessaa dha.

Hojii barnootaa kallattii karoorfameen raawwachuu fi barnootaa qulqullina qabu lammii hundaan
gahuuf raayyaa misooma barnoota cimsuu fi humana raawwachiisummaa cimsuu irratti hojiin
hojjatame maal irra akka jiru adda baafachuun barbaachisaadha. Ijaarsalee addaa addaa nubira
jiru cimsuun qabxii foyyessuu fi nageenya mana barnootaa mirkaneessuu keessatti hojii
hojjetameen bu’aan mullachaa dhufe gaarii dha
2. KAAYYOO (AIM)
 .Hanqinaalee iddoo hojii barnootaa keessa jiran adda baasuun furmaataa kaa’uu.
 Rakkoo raawwii sagantaalee jahan walfaana qulqullinaan hojjachuun, gahumsa barnootaa
adda baasuun irratti hojjechuuf.
 Hawaasni gama hundaan hirmaannaa tasisuu, hordoffii ijoollee isaa irratti akka
tasisu,qulqullina barnootaa eegsisuu keessatti gahee isaa akka bahu gochuuf.
 Barnoota qulqulinni isaa mirkanaa’e lammii hundaan gahuuf

3. Ergama (Mission)

Mana barnootaa sad.2ffaa Gooroo Muxii humna namaa fi leecalloo barbaachisaa ta’e
guutuun barnootaa walgitiinsi, qulqullinnii fi ga’umsii isaa mirkanaa’e kennuu fi
qorannoo fi qo’annoo irratti hundaa’uun aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo dagaagsuu
akkasumas mana barnootaa keessatti aadaan dimookraasii fi bulchiisi gaariin akka
babal’atu gochuudha..

4. Mul’ata (vision)
Xumura ji’a bitootessaa kanatti hojiile bara 20012 hojjechuuf karoorfanne keessaa irra caalaa
isaa raawwachuun barattoota beekumsa, dandeettii fi ilaalcha misoomaa fi dimokiraasii bu’uura
ta’e gonfatan mana barumsaa keenya keessatti arguu.
5. Duudhaalee Mana Barnoota

 Ittii gaafatamummaa (Responsible)


 Iftoomina (Transparency)
 Tajaajila gahumsa qabu keennuu (Quality)
 Hirmaachisummaa (Participatory)
 Kuttanoon Jijjiramaaf hojachuu (Commitment)
 Bu’adhaaf hojjachuu (Effectiveness)
 Fakkeenyummaa (Exemplary)
 Guddina teeknooloojii waalin tarkaanfachuu (Innovation
1. NAGEENYA MANA BARUMSAA ILAALCHISEE
 Ijoollee yeroo mana barnootaatii bahan idoo isaan oolan qorachuu.
 Namoota addaa kan barataa waliin deemu dhoorkuu fi gorsuu.
 Nageenya mana barumsaa waaraaa akka ta’u deeggaruu.
 Namusa barataa irratti ciminaan hojjechuu.
 Naamusni barsiisotaa akka foyya’u tumsuu.
 Galii mana barumsaa guddisuu.
 Hawaasa naannoo mari’achiisuun akka mana barumsaa deeggaran gochuu.
 Jachootaa fi gochoota hin barbaachifne irraa akka of eeggatan hordofuu.
 Miseensi keenya Ilaalcha qulqulluu fi amantaa guutuu qabaachuudhaan hojii isaanii irratti
adda duree tahuu
 Ilaalchota dogoggoraa irratti qabsaa’uu fi ajandaa humnoota badii dura dhaabbachuu
 Hojii ijaarsaa fi siyaasaa ODP tokkoo tokkoon miseensaa hojjachuu
 Barattoonni harcaatii malee mana barnootatti galanii karaa tasgabbii fi nagaya qabuun
akka baratanii fi llaalchota humnoota badiitiin akka hin dogoggorre gorsuu,
 Hojii nageenyaa mana barnootaa fi araddaa keenyaa abbummaan hordofuu
 Gengoo QB keenya cimsinee gara Gengoo nageenyaatti jijjiiruun olola farreen nageenyaa
cabsuun hojiin keenya misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii cimee akka itti fufu
hojjachuu
 Nageenya mana barnootaa fi barattoonni meeshaa diinaa akka hintaane hbachiisuu,
gorsuu fi eegumsa taasisuun gahee keenya bahuu,
 Ijoollee rakkoo qabaniif yeroo manni barumsaa yaame hatattamaan dhufuu waliin
mari’achuu.
 Barattoonni akka haala jala butamanii badii keessa hin seenne gorsuu.
 Humnoota badii saaxiludhaan ummanni akka irratti qabsaa’uu fi nageenya naannoo isaa
eeggatu hojjachuu.
 Mana kitabatti akka fayyadaman barattootaaf hubannoo kennuu.
 Qeyroo misoomawaa waliin hiriiruun fooyya’insa qabxii isaaniif akka tumsan gorsuu.
 Rakkoon yoo qunname bifa mariitiin akka hiikkatan taasisuu.
 Biqilootq oyruu mana barumsaa kunuunsuu.
 Galaana daree rooba gannaa manna barumsaa irraa deebisuu.
 Bishaan dalla mana barumsaa jala ciisuu fi gaalana seenu irraa baqaysuun akka bira
darbu taasisuu.
 GMB fi BBL waliiti qindeessuun galmee barattootaaf akka hubannoo hawaasa kaaniif
kennan taasisuu.
 Galmee barattootaa qulqullinaan ijaarsa ummataatiin/garee fi tokko shaneedhaan akka
raawwatu tumsuu
Hojiilee Sagantaa Pakeejii Mirkaneeffannaa Qulqullina Barnootaa jalatti
Hojjetaman.
1. Sagantaa Fooyya’insa Mana Barnootaa
Sagantaan kun domenoota xixiqqaa afur kan of jalaa qabu yoo ta’u.
Isaanis akka armaan gaditti dhiyaatu.
A. Baruu-Barsiisuu
Hojiilee hojjetan.
 karoorri barnoota idilee fi qabxii baafatee tokko-tokkoon barsiisaa Ittiin hojjachaa jira
 Barsiisonni barattoota haala dandeettii isaaniitiin suutee, giddu galeesaa fi cimoo jechuun
addaan baasanii deeggaraa jiru.
 Sagantaa tiitoriyaalii `baahee gosa barnootaatiin fi sa’aan qabameen akka ittiin
hojjataman godhuu fi tohachuu

La Gosa Karoora waggaa sa’aan Raawwii sa’aan


k barn Kut Kut Kuta Kut Kutaa Kuta Kutaa Kutaa Kut Kutaa Kut Kuta
oota 9ffaa 10ffa 11ff 11ff 11ffa 11ff 11ffa 11ffa 11ffa 11ffaa aa a
a
aa aa a S/U aa a S/U a S/H a S/U S/H 9 ffaa
10ffaa
S/U S/H S/H
1 Math 25 25 25 25 25 25
2 Engli 25 25 25 25 25 25
3 Physi 20 20 20 20 20 20
4 Che 20 20 20 20 20 20
5 Biolo 20 20 20 20 20 20
6 Civic 18 18 18 18 18 18
7 Geog 18 18 - 18 - 18
8 Histo 18 18 - 18 - 18
9 Econ - - - 18
10 A.Or 18 18 18 18 18 18
10 Amh 18 18 18 18 18 18
Idaa’ 182 182 164 182 164 200
 Galmee idileetiin lakkoofsi barattoota bara 2012tti barnnoota idileetiif galmaa’anii
sadarkaa hundatti adda ba’ée beekamuu isaa,karooraa fi raawwiin.
 Xinxala fooyya’insa qaphxii barattootaa sirritti geggeessuun gosa barnootaa qaphxiin
garmalee ittiin gadibu’ef sababa isa fi furmaata isaa kaa’uu.
 Barattootni barnoota Saayiinsii fi Herreegaatiin adda duree ta'an jajjabeessuu,
keessattuu barattoota shamarraniitiif deeggarsi walirra hin cinnee akka godhamuu
taasisuu
 Titoriyaalii barnootaa hundaa waliigala marsaan sa’atii ____kutaa 9ffaa ,11ffaa,fi
12ffaa sa’atii _____ kutaa ______kennamee jira.
 Qormaata gosa hundaan shitiin barattoota kutaa 12ffaatiif kennamee jira.
 Madaallin gosa barnootaa hundaan kennaamee sem.1ffaa guddaan 70% fi xiqqaan
60% irraa dhumee qormaanni xumuraa 30% fi 40% keessaa kennamee jiraa.
 Waytii barnootaa sababa adda addaatiin hanga ji’a kanatti gubatee 40 yommuu ta’u
kan bakka bu’e immoo 27 ga’ee jira . kan hafes tartiibaan yeroo dhiyotti kan bakka
bu’u ta’a.
 Hojii baruu barsiisuu qabatamaa taasisuuf MDB wantoota naannoo keenyatti argaman
irraa oomishuun akka barsiisaan itti barsiisuu taasisuu.

gosa mummee karoora Raawwii

saayinsii Umamaa 45

saayinsii Hawaasaa 60

mummee Afaanii 20

Ida’ama 125

Xinxala qabxii sem.1ffaa irratti taasifameen barnoota qabxii gadi bu’aa fakkeenyaaf kan akka Herregaa fi
Afaan oromoo irratti barsiisaa waliin irratti mari’achuun akka fooyeessan godhuu.
Gosti barnootaa kun lamaan deeggarsa guddaa akka barbaadan barsiisaa waliin irratti marii’achuu

B Naannoo Mana Barnootaa Mijataa Taasisuu Ilaalchisee:


 Mana fincaanii bishaaniin sirritti dhiquuu.
 Bilookii dabalataa haaraa abbaa daree afur/4/ qabuu qophaa’inaaf ijaaruu.
 Kutaa handhura gabbisaa barnootaa qopheessuu.
 Biqiloota nama hawwatan naannoo dalla mana barumsatti dhaabuu.
 Biqiloota dhaabaman kunuunsuu.
 Iddoo harka dhiqannaa barsiisotaa tolchuu.
 Iddoo haara galfii barsiisotaa qopheessuu.
 Iddoo hiriiraaf mijataa ta’e qopheessuu.
 Bishaan dhugaatii mucha isaa dabaluu.
 Tapeellawwan barreeffaman haarawomsuu.
 Lakkooftuu ifaa akka nuuf galu waajira waliin hojjechuu.
 Pilaazmaa dhaabuun inistaaleshiniin isaa akka xumuramuu gochuu.
 Dishii pilaazmaa iddoo duraan jiru irraa buqqifamee moora keessa akka dhaabamu
gochuu.
 Maashiniin qormaata bayyisu akka bitamu waajira gaafachuu.
C). Hirmaannaa Ummataa Hojii Barnootaa Keessatti guddisuu ilaalchisee
 karoorri hirmaannaa hawaasaa kan bara 2012 qopheessuu fi hubannoo irratti
kennuu.
 Dalla mana barumsaa jajjabeessuu.
 Biqiltuu dhaabuu.
 Iddoo bishaan rooba moora keessa seenuun galaana irraa deebisuu.
 Bo’oo bishaanii baqayisuun bishaan manarraa bu’uu akka darbuu gochuu.
 Galmee barattootaa osoo harcaatiin tokko hin jirree fi qulqulluu akka ta’u taasisuu.
 Hojii naannoo MB mijataa gochuu keesstti hawaasni abbummaadhaan qooda
fudhachuu isaa fi gumaacha inni taasisu cimsuu.

D).Hoggansa mana barnootaa


Karoorri sadarkaa mana barumsaatti qophaa’e kun qixa sirriitiin hojii irra akka ooluuf ga’een
hoggansa mana barumsaa ol’anaadha. Isaan keessaa:-

 Karoora hirmaachisaa fi jijjiirama irratti xiyyeeffate qopheessuu.


 Too’annaa fi hordoffii cimsuu.
 Hojii safaree kennuu fi safaree fudhachuu.
 Qaama dhimmi ilaalu hundaa waliin dhiheenyatti hojjechuu.
 Gahee hojii fi itti gaafatamummaa sirritti hubachiisuu.
 Aadaa hojii hogganuu,bakka buusu gabbifachuu.
 Mirgaa fi dirqama barataa,barsiisaa fi hojjetaa bulchiinsaa hubachiisuu.
 Korelee mana barumsaa sirritti qindeessuu.

2. Sagantaa Misooma Barsiisotaa


 Barsiisoota haara dhufan mana barumsaa waliin walbarsiisuu.
 Karoora DOW kan mana barumsaa qopheessuu.
 Ragaalee barsiisotaa qulqullinaan qopheessuu.
 Faayiloota adda addaa kan mana barumsaa keessa jiran qindeessuu.
 Faayila barsiisotaa gosa barnootaan,mummeen tokko-shaneen qindeessuu.
 Rostara bifa miidhagina qabuun barabaraan qopheessuu.
 Ragaalee biiroo keessaa harowoomsuu barbaadu harawoomsuu.
 Ramaddii barsiisotaa fedhii irratti hundaa’e geggeessuu.
 Hanqina barsiisaa afaan amaraa furuu.
 Leenjii gabaaba barattootaa fi barsiisotaaf kennuun barnoota bara 2010 eegaluu.

3. Sagantaa Fooyya'iinsa Sirna Barnootaa


A). Dhiyeessii kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaa ilaalchisee:
Kitaaba barattoota kutaa 9ffaa fi 11ffaa xumuranii gara kutaa 10ffatti fi 12ffaatti darbaniif
yeroon raabsuu.
Ragaan kitaabilee kan haarka barataa ga’ee, haanqinaa fi kufama jiru adda baasuu, reeshoo
kitaaba barataa gosa barnootaan adda baasuu.
Rakkoo gurguddaa raabsaa fi itti fayyadama kitaabaa irratti mudate hiikuu.
Kitaaba hanqina qabnu adda baasuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu.
Raga qorumsa biyyoolessaa qindeessuun mana kitaabaa akka taa’u gochuu.
Bu’aa qormaata biyyoolessaa bara baraan qindeessuu.
Tiraanskiriptii barattoota kutaa 10ffaa yeroon akka hojjetamu gochuun barattoonni akka
fudhatan beksisuu.
Ragaan barattootaa baraan,kutaan akka qindaa’u gochuu.
o B). Madaallii Qabxii Barnootaa Gaggeessuu Ilaalchisee:
 Qaaccessi firii qormaata kutaa10ffaa qabxii olaanaa, giddu-galeessaa fi gadaanaatiin adda
baasuu.
 Barattoota qabxii ol'aanaa galmeessan onnachiisuun warra kaan keessatti kaka’umsi akka
uumamu taasisuuf badhaasni barattootaa qopheessuu.

4. Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii ilaalchisee:


$ Iddoo alaabaa haarawoomsuu.
$ Egallii barnoota 2012 simanaa ho’aa ta’ee barattootaa fi barsiisotaaf akka godhamuu
gochuu .
$ Ilaalchii jaalala biyyolessaa haala barattoota kessattii umamuu danda’uun guyyaa
alaabaa bifa howaa ta’een gaggessu.
$ Danbii ittiin bulmaata mana barnootaa irratti barattoota waliin marii geggeessuu.

5. Sagantaa Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo Barnootaa (ICT)


A). Tajaajila pilaazmaa TV Ilaalchisee:
 Pilaasmaa dhaabuu.
 Inistaaleeshinii isaa ogeyyii buufata raadiyoo waliin ta’uun hojjechuu.
 Dishii pilaazmaa iddoo duraan dhaabame irraa buqqa’e akka dhaabamu gochuu.
 Sagantaan tamsaasina barnoota pilaazimaa yeroodhaan mana barnootaa akka dhufu
gaafachuu.
 Bara 2012 manni barumsaa tajaajila tamsaasa pilaazmaa akka argatu gochuu.
 Barnoonni Pilaazmaa “Hard Disk’’tti fayyadamnee yeroo tajaajilli adda cite akka
barsiifamu gochuu.
B). Sagantaa baballina ICT (School net)
 Kompitara qabnu hunda qulqllinaan qabuu fi raga isaa kan sirrii qabaachuu.
 Maashinii baayyisaa akka bitamuu gaafachuu.
 Qooxaarii/lakkooftuu/ abbaa shiboo sadii /three face/ akka nuuf galuu gaafachuu.
 “school net” kan jedhamu tajaajila interneeta diriirsuuf qaama dhimmi ilaalu waliin
hojjechuu.
 Bilbila biiroo kan xaanaa jedhamu akka nuuf galu gaafachuu
6. Sagantaa Hoggansa, Hojimaataa fi Gurmaa'ina Barnootaa
 Madaallii Raawwii hojii bara 2012 barsiisota waliin geggeessuun ceephoo fi
ceepha’ama taasisuun sadarkaan adda ba’úu fi barsiisonni rakkoo qaban adda
durootaan bakka buusu.
 Konfaransii torban barnoota hawaasa waliin geggeessuu.
 Ga’umsa keessoo siistema barnootaa fooyyesuuf rakkooleen qorannoo (research)
deebii argachuu qaban adda baasuu.

1. Bulchiinsa gaarii mana barnootaa keessatti ciminaan hojii irra


Oolchuu ilaalchisee

 Itti quufiinsa maamilaa madaaluuf qorannoo gababaa geggeessuu.


 Rakoolee Bulchiinsa gaarii mana barnootaa keessatti mul'atan adda baasuun irratti
karoorfachuu.
 Rifoormiiwwan mootummaa ba’anii jiran irratti sadarkaa sadarkaan hubannoo
uumuu.
 Madaallii raawwii hojii bara 2011 kan seemisteera geggeessuu.
 Raawwttoonni raawwii hojii bara 2012 keesatti bu’áa ol’aanaa galmeessan adda
baasuun jajjabeessuu.
Kallaattii Raawwii hordoffii Hojii

 Raawwii hojii guyyaa guyyaan qorachuu


 Torbaanitti geengoon gabaasa hojii nageenya mana barumsaaf dhiheessuu.
 Fiid- baakii fudhachuun hanqina argame sirreessaa deemuu.
 Qaamni mana barumsa hundi keenya gahee hojii nuuf kenname sirritti raawwachuu.
Rakkolee mudaachuu danda’anii fi yaddaa furmataa
Rakkoo mudaachuu danda’u
 Barattoonni hundi yeroo galmeef kaa’ame beekanii dhufuu dhabuu.
 Hojii yeroo ka’amee saniitii rawaatamu dhabuu .
 Rakkoo dhiyessaa nu mudachuu fkn isteshinaariin dafee bitaamuu dhabuu
 Pilazmaa dhaabuu dhabuu sababa ogeessaa fi baajataan.
 Hanqinaa meshaa barnootaa. Fkn kompitara
 Hanqinni human namaa nu mudachuu danda’a.

Furmataa Ka’amuu
 Guyyaa guyyaan hojii hordofuun kan boodatti hafee yeroon furmataa kenuu.
 Meshaalee bitamuu qaban adda baasuun yeroon fedhii dhiyesuu.
 Pilaazmaan akka dhaabbatuuf yeroon ogeessa waamuu fi baajata irratti qabchuu.
 Hirmannaa hawaasaan meshaan barnoota hangi tokko akka bitamuu tumsuu.
 Osoo rakkoon hin dhufne dursanii qaama dhimmi ilaaluu waliin mari’achuun.
 Qaama hoggansa mana barumsaa walitti qindeessuun furmaata kaa’uun

You might also like