You are on page 1of 13

MADAALLII PHCU MARSAA 1ffaa BARA 2007

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti


Ulaagaa Madaallii Keenniinsa Tajaajila Fayyaa Bu’uuraa (PHCU)

Ittiin Madaaluf Qophaa’e.

Seensa
Biyyii keenya imaammata fayyaa ittisa dhibee, kununsaa fi dagaagina fayyaa irratti xiyyeeffate baasuun,
tarsiimoo paakeejii ekisteenshinii fayyaa qopheessuun keenninsa tajaajila fayyaa bu’uraa jalatti akka
haammatamuu gochuun galma gaahinsa isaatif tatafachaa jirti.
Hawaasa fayyummaan isaa eeggamee guddina diinagdee keessatti shoora ol aanaa taphachuu danda’u
uumuudhaf sochiin baldhaan gaggeeffamaa kan jiruu fi bu’aan abdachiisaa ta’es muldhachuu jalqabuu
isaa hubachuun ni danda’ama. Bu’uuruma kanaan karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeeshini hiixataa ta’e
akka seektara fayyaattti baasuudhan sochii cimaa hawaasa daanga hanga daangatti kakaasuu danda’u
ijaarsa raayyaa misoomaatti fayyadamuudhan hojiin baldhaan raawwatamaa jira.
Raayyaa misoomaa sadarka sadarkaan jiru hojii qabatamaa keessatti cimsaa deemudhan bu’aa hunde
qabeessa ta’e yeroo yeroon galmeessudhan galma guddina jaarraa fi karoora gudinaa fi
tiraanisfoormeeshini milkeessudhaf gaheen gaggeessaa fi ogeessaa sadarkaa sadarkaan jiruu fi hawaasa
maraa ol’aana dha. Keessumaayyuu, gaggeessaa fi hojjetaan sadarkaa dhaabbilee fayyaa bu’uuraatti
argamu hawaasa baldhaa waliin ta’uudhan jijjiirama fiduutu irraa eegama. Qaama kana cimsuudhafis,
sirna wal dorgomii dhaabbilee fayyaa bu’uuraa gidduutti uumuun barbaachisa waan ta’eef
meeshaa/dokumantii gamagamaa fi madaallii hojii buufataalee fayyaa keessa fi alatti hojjatamu
bu’uurrefate akka qophaa’u ta’eera. Meeshaa gamaggamaa fi madaallii kanatti fayyadamuudhan
dhaabbilee fayyaa bu’uuraa yeroo yeroon sadarka irra jiran addaan baasudhan kan calmaatti adda duree
ta’ani irraa muuxannoo isaanii qindeesudhan bakka hundatti babal’achuu akka danda’u taasisuu fi kan
sadarka gadi aanatti argamaniif deeggarsa addaa itti fufiinsa qabu gochuun dhimma xiyyeefannoodhan
irratti hojetamaa turee fi hojjatamuu qabuu dha.
Meeshaa gamaggamaa fi madaallii dhaabbilee fayyaa bu’uuraaf qophaa’e kana fayyaadamuun PHCU
akka naannoo keenyaatti jiran hundi marsaa lamaaf bara 2007 keessa kan ittiin ilaalamanii fi madaalaman
ta’uun isaa ni beekama. Kana irraa ka’uun jijjiramni bara 2007 irraa deeb’ianii madaaluuf ulaagaa kana
sirreefama xiqqoo gochuun qopheessuun hojiitti akka galamu taasifamee jira. Qamni madaalllii kana
gaggeessu hundi kana beekuun madaallii iftoominaa fi haqa qabeessaa ta’e taasisuu qaba.

1
Hubachiisaa: Cheekliistiin kun kan qajeelfama madaallii hojetoota buufata fayyaa, daarektara PHCU fi
hojjettoota ekisteenshinii fayyaa madaaluf kanaan dura biiroon eegumsa fayyaa oromiyaa baase kan
buu’ureeffatee fi unkaa madaallii biiroon siivil sarvisii fi bulchiinsa gaarii oromiyaa hojjettoota
mootummaa madaluudhaaf baase waliin kan waltti hin buune fi PHCU madaaluuf kan qophaa’eedha.
Kaayyoo waliigalaa
Dhaabbilee kenniinsa tajaajila fayyaa bu’uuraa (PHCU) hojii keenninsa tajaajila keessaa fi alaa
lakkaa’amuu danda’uun kanaan dura madaalamanii sadarkaa irraa jiran beekanii turan, irraa deebi’uun
madaaluun jijjirama argamee akka adda baasanii fi hojiiwwaan haala gaariin rawwaatamaa jiran akka itti
fufuu fi hojiiwwaan gaarii argamanii fi muxannoo ta’uu danda’an babal’isuuf, akkasumas bakka hanqinni
jirutti karoora bara 2007 keessaatti xiyyeeffaannoodhan akka karoorfamuu fi rawwaatamu taasisuufidha.
Tooftaalee madaallin itti gaggeeffamuu
 Cheekliistii madaallii PHCU qophaa’e irraatti hubannoo guutuu qabaachuu fi fayyaadamuun
 Ragaawwaan barreeffamaa (Karoora hojii, qaboon yaa’ii, haftee gabaasaa, dub-deebiiwwaan adda
addaa, chaartii hordoffii hojii, taalii shitii, galmeewwaan adda aadda, moodela bahii fi galii, biin
kaardii (bin card) fi gabaasa bu’aa odiitii) akka barbaachisummaa isaanitti ilaaluun
mirkaneeffachuu,
 Hojii qabatamaa jiru qamaan argamuun ilaalun mirkanneessuu,
 Af-gaaffii adda addaa gaaggeessaa, ogeessaa fi haawaasa/tajaajilamtoota waliin taasisuun,
 Tooftaalee armaan olitti ka’amaniin erga madaalliin PHCU taasifamee booda, cuunfaa qabxii
isaan argatan ida’amuun dhibbaa keessaa kan kaa’amu ta’a. Bu’uuruma kanaan qabxiilen tokko
tokko kan iddoo hojii sanaa hin ilaalannee ni jira yoo ta’e, isaan irraa darbuudhaan ida’ama qabxii
argamee gara dhibbaatti jijiramuu qaba. Dhuma irraattis PHCUdhaaf sadarkaan haala armaan
gadiitiin ni ka’aama. (Qabxii >75 = ‘A’, 60-75 = ‘B’, 50-59 = ‘C , <50 = Baay’ee gad-aanaa fi
xiyyeeffaannaa addaa kan barabaadan) jechuudhan ramadamu.
1. Odeeffannoo walii galaa:
1.1. Maqaa Godinaa____________
1.2. Maqaa Aanaa _____________
1.3. Maqaa B/Fayyaa (PHCU)_____________Sadr. B/Fayyaa (A/B/C)_____ Gamoo Meeqa
Qaba ________ Bishaan, ni qaba _____hin qabu_____ Ibsaa, ni qaba ____hin qabu___
(jeneretara ni qabaa ____ hinqabu ____) Computer eHMIS qaba__________ hin qabu____
Motersaykila ni qaba_____ Hinqabu ____ Fageenya Km magaalaa Aanaa irraa _______
Magaala Godinaa irraa ______

2
1.4. Humna namaa PHCU’n haala caasaa jiruun guutachuu qabuu fi guttamee,

Gosa Ogummaa Gag HO BSC Diplo Mid- Lab Phar HEF/P Env. Raaw. Hojja Qarshi Hojet
gesa nurse Nurse wifery m Health Odefa.
heera qabdu degars
a BF Rural Urban ragaa
.fay gaa ahund
(HIT)
a

Staandardii 1 2 1 6 2 2 2 1 1 2 11
Kan amma
hojii irra jiru

1.5. Baay’ina ganda PHCU’jala jiru________ Baay’ina keellaa fayyaa ____________


1.6. Baay’ina uummataa ‘PHCU’ jalatti hammatamanii _____________
1.7. Baay’ina abbaa/haadha warraa ‘PHCU’ jalatti hammatamanii ___________
1.8. Baay’ina garee raayyaa misoomaa dame dubartootaa PHCU jala jiru __________
1.9. Baay’ina tokko shanee PHCU jala jiru ____________
1.10. Baay’ina dubartoota ulfaa (Umrii da’umsaa)PHCU jala jiru _______
1.11. Baay’ina dubartoota umriin isaani waggaa 15-49 PHCU jala jiru _______
1.12. Baay’ina daa’imman umuriin isaanii waggaa 1 gadii PHCU jala jiru __________
1.13. Baay’ina daa’imman umuriin isaanii waggaa 2 gadii PHCU jala jiru __________
1.14. Baay’ina daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadii PHCU jala jiru __________
1.15. Buufannii fayyaa kun tajaajila karoora maatii yeroo dheeraa (IUCD) kennaa jiraa?
Eyyee__miti___ Mitii yoo ta’ee maalif? Leenjii hin fudhannee______meshaa hin qabu____
2. Raayyaa Jijjiirama Siviil Sarviisii fi kan biro ilaalchisee
2.1. Raayyaan jijjirama siivil sarvisii cimaan akka jiraatu taasisuf, 1-5’n B/Fayyaa keessatti
ijiraamuun karoora waggaa, kurmaanaa, ji’aa, torbee fi guyyaa baafachuu fi amantaa
guutuudhaan marii ittifuufiinsa qabu taasisuun hudhaalee fi ilaalchota dogongoraa mul’atan
hiikaa deemuu ilaalchisee (%2)
a. Ijaarsi 1-5 ni jira, karoora ni qaba, marii guyyaa guyyaan taasisuun hudhaalee fi
ilaalchota dogongoraa sirreessaa deemuu isaa qaboon yaa’ii ni jira (%2)
b. Ijaarsi 1-5 ni jira, karoora ni qaba, mariin guyyaa guyyaa taasifamaa jirus hudhaalee fi
ilaalchota dogongoraa sirreessaa deemaa kan hin jirree yoo ta’e (%1)
c. Ijaarsi 1-5 ni jira, karoora ni qaba, mariin guyyaa guyyaa taasifamaa jiru yoo baay’atee
torbaniif kan adda citee fi hudhaalee fi ilaalchota dogongoraa sirreessaa deemaa kan
hin jirree yoo ta’e (%0.5)
d. Ijaarsi 1-5 ni jira, karoora guutu ta’e hin qabu, mariin guyyaa guyyaa taasifamaa jirus
baay’ee addaan kan cicituu fi ilaalchoota dogongoraa sirreessaa deemuu ilaalchisee
qaboon yaa’ii yoo hin argamne (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee ______________________________________________
_______________________________________________________________________

3
2.2. Hojjettootni ‘PHCU’ jala jiran hundi, HEF dabalatee hudhaalee hojii irraa olmaa PEF
gandoota isaan jala jiran irratti qorannoo gaggeessudhaan karooraa huudhaalee addaan bahan
hiiku dhuunfaan baafachuu ilaalchisee (%2)
a. Hojjettootni ‘PHCU’ jala jiran hundi karoora hojii hudhaalee addaan bahan hiikuuf
karoorfachuun daarektara PHCU/abbaa adeemsa hojii waliin walii mallateessaani jiru (%2)
b. Hojjettootni ‘PHCU’ jala jiran keessaa %75 fi isaa ol kan ta’an karoora hojii hudhaalee
addaan bahan hiikuuf karoorfachuun daarektara PHCU/ abbaa adeemsa hojii waliin walii
mallatessaani jiru (%1)
c. Hojjettootni ‘PHCU’ jala jiran keessaa %50-74 kan ta’an karoora hojii hudhaalee addaan
bahan hiikuuf karoorfachuun daarektara PHCU/ abbaa adeemsa hojii abbaa adeemsa hojii
waliin walii mallateessaani jiru (%0.5)
d. Hojjettootni ‘PHCU’ jala jiran keessaa %50 kan hin callee karoora hojii hudhaalee addaan
bahan hiikuuf karoorfachuun daarektara PHCU waliin walii mallateessaani jiru (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee _________________________________________________
__________________________________________________________________________
2.3. Hojjettoottni buufata fayyaa irraa gandatti ramadaman hundi isaani yoo xiqqaate torbaniin al-
tokko haala ittifufiinsa qabuun deeggaraa, dub-deebii kennuu isaanii ragaa hojii sadarkaa
gandaattiti hojetame galmeessaani qabaachuu ilaalchisee (%3)
a. Hojjettoottni buufata fayyaa irraa gandatti ramadaman hundi isaani haala kanaan
raawwaataa jiraachuu isaani ragaan ni jira (%3)
b. Hojjetootni buufata fayyaa irraa gandatti ramadaman keessaa %75 fi isaa ol haala kanaan
raawwaataa jiraachuu isaani ragaan yoo jiraate (%2)
c. Hojjetootni buufata fayyaa irraa gandatti ramadaman keessaa %50-74 ta’an qofa haala
kanaan raawwaataa jiraachuu isaani ragaan yoo jiraate (%1)
d. Hojjetootni buufata fayyaa irraa gandatti ramadaman keessaa %50 gadi haala kanaan
raawwaataa jiraachuu isaani ragaan yoo jiraate (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee __________________________________________________
____________________________________________________________________________
2.4. Daareektarri PHCU ogeessota gandoota deeggaaruuf gadi bu’an waliin torban torbaniin wal-arguun
deeggarsa isaan taasisan ilaalchisee ciminaa fi hanqinaalee jiran adda baasuu fi duub-deebii bareeffamaa
gandootaf akka keennamu taasisuu ilaalchisee. (%2)
a. Torban torbaniin wal-arguun deeggaarsa isaan taasisaa jiranii, cimnaa fi hanqinaalee jiran
adda baasuu fi duub-deebii bareeffamaa akka keennamu ni taasisa (%2)
b. Torban lama lamaa wal-arguun deeggaarsa isaan taasisaa jiranii, cimnaa fi hanqinaalee
jiran adda baasuu fi duub-deebiin akka keennamu ni taasisa (%1)
c. Ji’atti al-tokko wal-arguun deeggaarsa isaan taasisaa jiranii, cimnaa fi hanqinaalee jiran
adda baasuu fi duub-deebii bareffamaa akka keennamu ni taasisa (%0.5)
4
d. Yeroo ji’a caaluun wal-arguu ykn sirumaa hanqinaa fi cimna jiru gamaagamuun hin jiru (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee __________________________________________________
__________________________________________________________________________
2.5. PHCU’n namoota hojii isaanitiin adda duree ta’an adda baasun gumiin addaa durootaa
raayyaa jijjirama siivil sarvisii akka hundaahu gochuun, ji’a ji’aan akka mari’atan taasisuun,
hudhaalee fi ilaalchi dogongoraa jiran akka sirrachaa deemaan taasisuu ilaalchisee (%2)
a. Ji’a ji’aan adda dureen adda ni baha, gumii adda dureetin ni mar’ata, hanqinaale fi
ilaalchota dogongoraa jiran addan baasuun sirreessaa ni deema.(%2)
b. Ji’a ji’aan adda duree adda baasun jiraatus, gumii adda duree hundeessuun hanqinaalee fi
ilaalchota dogongoraa jiran irraatti mar’achuun sirreessun hin jiru ykn ciccitaadha (%1)
c. Ji’a ji’aan adda duree adda baasun hin jiru ykn gumin adda duree hin hundoofne yoo ta’e
(0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee __________________________________________________
___________________________________________________________________________
2.6. Buufata fayya keessaatti maqaan dubartoota umrii dahumsa keessa jiran gandoota PHCU jala
jiran hunda galmeessu fi itti fufiinsaan haaromsaa deemuu, akkasumas tajaajjila isan
barbaachisu (ulfa yoo ta’an tajaajjila dahumsa duraa yeroo afur argachuu isaani ykn
ulfa kan hin taane yoo ta’ee karoora maati yeroo dheera akka fayadaman taasisuu fi
daa’imma waggaa 1 gadii yoo qabaatan talaalli fi tajaajjila biraa argachuu isaani
mirkaneesuu) ogeessi gandatti ramadamee koonfiransiin (marii) dabartoota ganda irratti
taasisuu ilaalchisee (%3)
a. Buufata fayya keessaatti maqaan dubartoota umrii dahumsa jiran yeroo yeroon
galmaahe fi haroomsame konfaransiin dubartoota ganda hunda irratti taasisaa jiru (%3)
b. Buufata fayya keessaatti maqaan dubartoota umrii dahumsa jiran yeroo yeroon
galmaahe fi haroomsame konfaransiin dubartoota ganda sadii ol keessatti taasifaamaa
hin jiru (%2)
c. Buufata fayya keessaatti maqaan dubartoota umrii dahumsa jiran yeroo yeroon
galmaahe fi haroomsame konfaransiin dubartoota ganda tokko ykn lama irratti qofa
kan taasifaamaa jiru yoo ta’e (%1)
d. Gonkumaa galmeen kan hin raawwaatamnee ykn galmeen raawwaatamee, tilmaamni
guyyaa da’uumsa isaanii adda bahee kan hin beekamne (0)

 Yaada Abbaa madaallii guutee __________________________________________________


___________________________________________________________________________
3. Hojiiwwaan Ijaarsa Rayyaa Misooma Damee Dubartootaa fi Walitti Hidhamiinsa B/Fayyaa
fi K/Fayyaa Cimsan ilaalchisee (%40)
3.1. Ragaaan bu’uuraa fayyaa gandoota PHCU jala jiran hunda keessatti waggaatti yeroo tokko
walitti qabamee haaromsaa deemuu ilaalchisee (%2)
a. Ragaan bu’uuraa fayyaa gandoota hundaa funaanamee haaromsamee yoo jirate (%2)
b. Ragaan bu’uuraa fayyaa gandoota jiran keessaa %75 ol funaanamaee yoo haaromsame (%1)
c. Ragaan bu’uuraa fayyaa gandoota jiran keessaa %50-75 funanamee yoo haaromsame (%0.5)
d. Ragaan bu’uuraa fayyaa gandoota jiran keessaa %50 gadii funaanamee yoo jiraate (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________
_____________________________________________________________________________

5
3.2. Dhaabbaatni keenninsa tajaajila fayyaa bu’uuraa (PHCU) karoora hojii hirmaachisaa ta’ee fi
hudhaalee hojii irraa olmaa PEF ilaalchisee gandoota fi keellaa fayyaa isaan jala jiranii keessaatti
mul’atu qorachuudhan addaa baasuun karoora qopheeffaachuu ilaalchisee (%3)
a. Karoorri qophaa’e hudhaalee hojii irraa olmaa PEF keessaatti qunnaamaa jiru
giddugaleessaa godhachuun kan qophaa’ee fi waggaa, kurmaanaa fi ji’aan qoodamee kan
qophaa’e (%3)
b. Karoorri qophaa’e hudhaalee hojii irraa olmaa PEF keessaatti qunnaamaa jiru
giddugaleessaa godhatuus kan qophaa’ee waggaa fi kurmaanaa yoo ta’e (%2)
c. Karoorri qophaa’e hudhaalee hojii irraa olmaa PEF keessaatti qunnaamaa jiru
giddugaleessaa godhatuus kan waggaa qofa (%1)
d. Karoorri qophaa’e haa jiraatu malee hudhaalee hojii irraa olmaa PEF keessaatti qunnaama
jiru giddu galeessaa kan hin taasisane (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.3. Haadholee ulfaa fageenya irraa dhufanii fi ulfi isaani dhiheenyatti hordofamuu qabuu fi hangaa
yeroo dahumsi isaani gahuti iddoo turanii fi kutaa nyaanni itti qophaa’u hirmaana hawaastiin
(Kuuta blookii BF ala) buufata fayyaa keessaati mijeessuun hirmaannaa garee misoomaatin
taasifameen waalitti qabuu ilaalchisee (%3)
a. Iddo turmaata haadholee fi nyaati itti qophaa’uu kophaatti hirmaana hawaasatiin
ijaaramee, nyaati qophaa’ee ittifufinsaan haadholeef tajaajjili keenamaa jira (%3)
b. Iddoon turmaataa haaholee fi/ykn nyaati ittin qophaa’uu kutaa qaban irra kan mijatee fi
ittifufinsaan haadholeef tajaajjili keenamaa jira(%2)
c. Iddoon turmaataa fi qophii nyaatatiif olu qophaa jiraatus tajaajjili itti fufinsaan keenamaa
hin jiru. (%1)
d. Iddoon turmaataa haaholee olu kan hin jirree fi nyaati haadholeef dhiyaacha kan hin jire
yoo ta’ee (0)

 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________


_____________________________________________________________________________
3.4. Hirmannaa hawaasatiin midhaan gosa kamiiyyuu tajaajila haadholiitif olu kumtaalan walitti qabuu
fi/ykn qarshii tajaajila kanaa fi kanaan walqabataniif (bittaa Ambulaansitiif) walitti qabuu
ilaalchisee:
a. Midhaan gosa kamiiyyuu tajaajila haadholiitif olu kumtaalan 25 fi isaa ol yoo walitti
qabanii fi/ykn qarshii tajaajila kanaa fi kanaan walqabataniif (bittaa Ambulaansitiif)
gurraame qarshii 25,000 fi isaa ol yoo ta’e (%2)
b. Midhaan gosa kamiiyyuu tajaajila haadholiitif olu kumtaalan 10-25 yoo walitti qabanii
fi/ykn qarshii tajaajila kanaa fi kanaan walqabataniif (bittaa Ambulaansitiif) guurraame
qarshii 10,000-25,000 yoo ta’e (%1)
c. Midhaan gosa kamiiyyuu tajaajila haadholiitif olu kumtaalan 10 gadi yoo walitti kan qaban
ta’ee fi/ykn qarshii tajaajila kanaa fi kanaan walqabataniif (bittaa Ambulaansitiif)
guurraame 10,000 isaa gadi yoo walitti qabame ta’e (0)
6
 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.5. Gabaasa e-HMIS guutuu fi sirrii ta’e koree Hordoffii raawwii hojii (PMT) fi manaajimentii
buufata fayyaatiin itti fufiinsaan xiinxalamee, yeroo isaa eeguun qaama itti aanuuf darbarsuu
ilaalchisee (%2) (Kan ji’oota sadan darbanii yaa ilaallamu)
a. Gabaasni guutuu fi sirrii ta’e yeroo isaa eeggatee xinxalamee (Qaboo yaa’ii fi Lot quality
Sampling/LQAS) qaama itti aanuuf itti fufiinsan darbaa yoo jiraate . (%2).
b. Gabaasa guutuu ta’e yeroo isaa eeggatee dabarsuun yaa jiraatu malee, itti fufiinsaan xinxaluun
(Qaboo yaa’ii fi LQAS) dabarsuun yoo hin jiraanne (%1).
c. Gabaasni ergamu guutuu kan hin taanee, yeroo isaa kan hin eeggatnee fi/ykn itti fufiinsaan
xinxaluun(Qaboo yaa’ii fi LQAS) dabarsuun yoo hin jiraane (0)
d. Yaada Abbaa madaallii guutee ____________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.6. Hojii irraa oolmaa Sirna Odeefannoo Fayyaa Hawaasaa (CHIS) ilaalchisee (2%)
a. Keellawwa fayyaa hundi ragaa bu’uura gandaa kuusaa ragaa maatiirratti (Family Folder)
guuranii yoo xummuranii fi kaardiiwwanitti fayyadamuu yoo jalqabaniiru ta’e (2%)
b. Keellawwa fayyaa hundi ragaa bu’uura gandaa kuusaa ragaa maatiirratti (Family Folder)
guuranii yoo xummuranii jiru, garuu kaardiiwwanitti guutumaan guutuu itti fayyadamaa kan
hin jirree yoo ta’e (1%)
c. Keellawwa fayyaa hundi ragaa bu’uura gandaa kuusaa ragaa maatiirratti (Family Folder)
guuranii yoo xummuranii jiru, garuu kaardiiwwanitti fayyadamuu kan hin jalqabne yoo ta’e
(0.5%)
d. Keellawwan fayyaa hundi ragaa bu’uura gandaa kuusaa ragaa maatiirratti (Family Folder)
guuranii kan hin xumurree fi/ykn kaardiiwwanitti fayyadamuu kan hin jalqabne yoo ta’e (0%)
 Yaada abbaa Madaallii guutee _______________________________________________
________________________________________________________________________
3.7. Komaand poostii fi manaajimantiin B/Fayyaa hojiiwwaan PHCU jalatti hojetaman (Buufata
fayyaa keessaa fi gandoota irraati) madaaluun tarkaanffii sirreeffamaa fudhachuu fi duub-deebii
kennuu ilaalchisee (% 2)
a. Komaand poostii fi manaajimantiin B/Fayyaa hojiiwwaan gandoota fi buufata fayyaa keessati
hojetaman torbaniin itti fufiinsaan gamaaggama fi madaaluun tarkaanffii sirreeffamaa
fudhachuun fi duub-deebii ni kenna (%2)
b. Komaand poostii fi manaajimantiin B/Fayyaa hojiiwwaan gandoota fi buufata fayyaa keessaati
hojetaman torban lama lamaan gamaaggama fi madaaluun tarkaanffii sirreeffamaa fudhachuu
fi duub-deebii ni kenna (%1)

7
c. Komaand poostii fi manaajimantiin B/Fayyaa hojiiwwaan gandoota fi buufata fayyaa keessaati
hojetaman ji’a ji’aan gamaaggama fi madaaluun tarkaanffii sirreeffamaa fudhachuu fi duub-
deebii ni kenna (%0.5)
d. Komaand poostii fi manaajimantiin B/Fayyaa hojiiwwaan gandoota fi buufata fayyaa keessaati
hojetaman kan hin gamagamne ykn yeroo ji’a lamaa fi saanaa ol ta’een gamaggama fi
madaalaa deemaa yoo (0)

 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________


_____________________________________________________________________________
3.8. ‘PHCU’n gabaasa raayyaa misoomaa dubartootaa torbaniin gandoota hunda irraa funaanu,
qindeessuu fi xinxaluun hudhaalee jiran qabatamaan addaan baasudhaan ittifufiinsan deeggaarsa
kennuu fi qaama itti aanuuf dabarsuu fi duub-deebii qaama gabaaseef keennuu ilaalchisee (%2)
e. Gabaasni ijaarsa raayyaa misoomaa dubartootaa torbaniin gandoota hunda irraa fudhachuu,
qindeessuu fi xinxaluun qaama itti aanuuf itti fufiinsaan ni darba, hudhaalee jiran addaan
baasuun tarkaanfii sirreefamaa fudhachuun, duub-deebiis qaama gabaaseef ni keennama (%2)
f. Gabaasni ijaarsa raayyaa misoomaa dubartootaa torbaniin gandoota jiran keessaa %75 ol ta’an
irraa fudhachuu, qindeessuu fi xinxaluun qaama itti aanuuf itti fufiinsaan dabarsuu fi duub-
deebiin qaama gabaaseef ni keennama (%1)
g. Gabaasni ijaarsa raayyaa misoomaa dubartootaa torbaniin gandoota jiran keessaa %50-75
ta’an irraa fudhachuun qaama itti aanuuf dabarsuun jiraatus cicitaa yoo ta’e (%0.5)
h. Gabaasni ijaarsa raayyaa misoomaa dubartootaa torbaniin gandoota jiran keessaa %50 gad irraa
itti fufiinsa kan fudhatamaa jiruu fi yeroon qaama itti aanuuf dabarsu cicitaa yoo ta’ee fi dub-
deebii yoo hin kennine (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.9. Waltajjii gamaagama raawwii hojii hojjatoota PHCU jala jiran hunda wajjiin ji’a ji’aan gaggeessun
ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun kallattii ka’aa adeemuu ilaalchisee (%2)
a. Waltajjiin gamaagama hojii hojjatoota PHCU jala jiran hunda wajjiin ji’a ji’aan ni
gaggeeffama, ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun kallattiin ka’aama adeemamaa jira ( %2)
b. Waltajjiin gamaagama hojii hojjatoota PHCU jala jiran hunda wajjiin ji’a lama lamaan
gaggeeffama, ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun kallattiin ka’aama ni adeemamaa (%1)
c. Waltajjiin gamaagama hojii hojjatoota PHCU jala jiran hunda wajjiin yeroo ji’a lama caaluun
gaggeeffama ykn hin gaggeeffamu ykn ciminaa fi hanqina jiru adda hin bahu, kallatiinis hin
kaa’amu yoo ta’e (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee _____________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.10. Gaggeessaan buufata fayyaa kenninsa tajaajila fayyaa ilaalchisee hawaasa naannoo wajjiin marii
kurmaana kurmaanaan taasisuun yaada isaan keennaan fi maamilaa irratti hundahuun dhimmotaa
fooyya’uu qaban fooyyessaa deemuu ilaalchisee. (%2)
a. Hawaasa naannoo wajjiin marii kurmaana kurmaanaan yoo taasifamee fi yaada isaan
kennaan irraatti hundahuun dhimmotni fooyya’an yoo jirataani fi kanaafis qaboo yaa’i yoo
jiraate (%2).
b. Hawaasa naannoo wajjiin mariin yoo xiqqaate waggaa keessaati yeroo lamaaf yoo
taasifamee fi yaada isaan kennaan irraatti hundahuun dhimmotni fooyya’an yoo jirataani fi
kanaafis qaboo yaa’i yoo jiraate (%1)
c. Hawaasa naannoo wajjiin marii yoo taasifamne ta’ee (0)

8
Yaada Abbaa madaallii guutee ___________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.11. Hooggansa buufata fayyaa itti fufiinsaan foyyaa’insa keenniinsa tajaajila fayyaa, galii keessaa
guddifachuu fi seeran itti fayyyadamuu iraatti ji’a ji’aan mar’achuun kallaatti kennaa adeemuu
ilaalchisee (%2)
a. Koreen hooggansa buufata fayyaa itti fufiinsaan wal-gahuun foyyaa’insa keenniinsa
tajaajila fayyaa, galii keessaa guddifachuu fi seeran itti fayyyadamuu iraatti ji’an
mar’achuun kalla
b. atti ni kaa’a. (%2)
c. Koreen hooggansa buufata fayyaa yoo xinnaate ji’a lama lamaan itti fufiinsaan wal-
gahuun dhimmoota armaan olii irraati mar’achuun kallaatti kaa’aa ni deema. (%1)
d. Koreen hooggansa buufata fayyaa yoo xinnaate kurmaanaa tokkoof kan wal-hin gahin ta’e,
hin mar’anne fi kallaatti kaa’aa deemaa hin jiraanne. (0)
 Yaada Abbaa madaallii guutee ___________________________________________________
_____________________________________________________________________________
3.12. Muuxannoon gaggaarii ta’e akka ‘PHCU’ kanatti qindaa’ee gandoota PHCU jala jiran hunda
keessaati bifa walfakkaatuun akka babal’atu taasisuu ilaalchisee (%2)
a. Dookumantiin muuxannoon gaggaarii qindaa’ee kan jiruu fi bifa walfakkaatuun gandoota isa
jala jiru keessaati babal’atee yoo argame. (%2)
b. Dookumantiin muuxannoon gaggaarii qindaa’ee kan jiru ta’us, bifa walfakkaatuun babal’isuuf
carraaqqiin taasifame hin jiru (1)
c. Muuxannoo gaggaarin yoo adda bahaa hin jiraannee fi Jiraatus qindaahee yoo hin argamne (0)
Yaada Abbaa madaallii guutee ___________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
4. Raawwii sagantaalee fayyaa sadarka ‘PHCU’tti ilaalamuu qabanii (%60)
4.1. Sagantaalee fayyaa maatii (%27)
4.1.1. Dubartoota tajaajila karoora maatii akka ‘PHCU’ kanaatti argachuu qaban keessaa
meeqaatu argate? lakk_____%___ (%1)
a. % 85 oli (%1)
b. %71-85 (%.5)
c. % 50-70 (%0.3)
d. % 50 gadi (%0)
4.1.2. Dubartoota tajaajila karoora maatii akka ‘PHCU’ kanaatti argatan keessaa kan mala
karoora maatii yeroo dheeraa (long acting and permanent) argatanii meeqa? lakk_____
%___ (%1)
a. % 50 oli (%1)
b. %30-49 (% .5)
c. % 10-29 (%.3)
d. % 10 gadi (0)
4.1.3. Haadholeen tajaajila kunuunsa da’uumsa duraa akka ‘PHCU’ kanaatti argachuu qaban
keessaa marsaa afur (ANC4) kan argate?Lakk___%___ (%2) (yoo ragaan hin argamne
lakkaa’amuu qaba)
a. % 85 oli (%2)
b. %71-85 (%1)
c. % 50-70 (%0.5)
d. % 50 gadi (%0)
9
4.1.4. Hadholeen ulfaa tajaajila gorsaa fi qorannoo dhiigaa ‘HIV’ akka buufata fayyaa kanaatti
argachuu qaban keessaa kan argatan meeqa? Lakk_____,% ______(%2)
a. % 75 oli (%2)
b. %60-75 (%1)
c. % 45-59 (%0.5)
d. % 45 gadi (%0)
4.1.5. Haadholee ulfaa dhiigni isaanii qoratamee vaayirasiin ‘HIV’ keessaati argame keessaa
meeqatu gara tajaajila qoricha farraa HIV (option B+ ynk prophilaxis) akka fudhataniif
ergamanii /achumatti tajaajila argatan meeqaa? Lakk_____%_____ (%2)
a. % 85 oli (%2)
b. %70-84 (%1)
c. % 50-69 (%0.5)
d. % 50 gadi (%0)
4.1.4. Haadholee ulfaa ‘PHCU’ kana keessaatti dahuu qaban keessaa meeqatu buufata fayyaa
keessaatti dahe? Lakk_____%____ (%8)
a. % 80 fi isaa oli (%8)
b. %65-79 (%6)
c. % 50-64 (%4)
d. % 30- 49 (%2)
e. <%30 gadi (0)
4.1.5. Haadholee tajaajila dahumsa booddee argachuu qaban keessaa torbee tokko keessaati yoo
xiqqaate yeroo lama akka ‘PHCU’ kanattii argatan meeqa? Lakka_____%____ (%2)
a. % 75 oli (%2)
b. % 60-75 (%1)
c. % 45-59 (%0.5)
d. % 45 gadi (%0)
4.1.6. Buufani fayyaa / PHCUn kutaa qophaati adda baase Tajaajila Hormaata Fayyaa iddo
tokkoti kennaa jira? ( % 2) ( Buufata Fayyaa/PHCUn magaalaa Aanaa irraa yoo filatame)
a. Tajaajila kanaaf Kutaa Qophaati adda baase Tajaajila Qindaa’aa kan kennu yoo ta’e fi
iddoo turmaataa yoo qabaate ( waiting area) ( % 2)
b. Tajaajila kanaaf Kutaa Qophaati adda baase Tajaajila qindaa’aa kan kennu yoo ta’e ( %1)
c. Kutaa qophaati qophessaa yoo jiraatan ( % 0.5)
d. Kutaa qophaati adda baase tajaajila kennaa yoo hinjiraane ( 0 %)
4.1.7. Daa’immaan umriin isaanii waggaa tokkoo gad ta’ee fi tajaajila talaallii guutuu (fully
immunized) argatan meeqa? Lakk____%____(%3)
a. %90 oli (%3)
b. %80-90 (%2)
c. %70-79 (%1)
d. % 70 gadi (%0)
4.1.8. Daa’immaan umriin isaanii waggaa lamaa gadii ta’an keessaa kan tajaajila hordoffii
guddinaa akka ‘PHCU’tti argatan meeqaa? (CBN)Lakk____%_____ (%2)
a. %88 oli (%2)
b. %78-88 (%1)
c. %68-77 (%0.5)
d. % 68 gadi (%0)
10
4.2. Ittisaa fi too’annoo dhukkuba dardarbaa (%33)
4.2.1. Namoota gorsaa fi qorannoo HIVdhaaf argatan karoora waliin yoo madaalamu (HCT)
argatan meeqa? Lakk ____%____ (%2) (Karooraa biiroon HCTf erge irraa)
a. % 85 oli (%2)
b. %70-85 (%1)
c. %55-69 (%0.5)
d. % 55 gadi (%0.3)
4.2.2. Namoota tajaajila qorannoo dhiigaa argatanii vaayirasiin ‘HIV’ dhiigaa isaanii keessaatti
argame keessaa meeqatu gara kutaa/dhaabbaata ART tti ergamani tajaajila argataa jira?
Lakk_____%______ (%2)
a. %95 oli (%2)
b. %90-95 (%1)
c. %85-89 (%.5)
d. % 85 gadi (%0.3)
4.2.3. Shakkaamtootaa dhukkuba daranyoo sombaa akkee keessatti TBn mulate meeqatu adda
bahee (TB case detection of new smear positive TB )? Lakk ____%____(%2)
a. %79 oli (%2)
b. %64-79(%1)
c. %49-63(%0.5)
d. % 49 gadi (%0)
4.2.4. Shakkaamtootaa dhukkuba daranyoo sombaa qoratamani adda bahuu qaban keessaa
meeqatu adda bahee (TB case detection of all forms)? Lakk ____%____(%2)
e. %79 oli (%2)
f. %64-79(%1)
g. %49-63(%0.5)
h. % 49 gadi (%0)
4.2.5. Namoota qoratamanii daranyoo sombaa qabaatanii qoricha farra daranyoo sombaa
calqaban keessaa meeqatu xumure? Lakk_____%_____(%2)
a. %95 oli(%2)
b. %85-94 (%1)
c. %70-84 (%0.5)
d. % 89 gadi (%0)
4.2.6. Dhukkubsatoota daranyoo sombaa (TB) keessaa meeqatu dhiiga isaanii HIV dhaaf
qorachiise? Lakk_____%_____ (%2)
a. %95 oli (%2)
b. %90-95 (%1)
c. %85-89 (%0.5)
d. % 85 gadi (%0)
4.2.7. Iddoo busaan jirutti abbaa warraa saaphana siree qaban keessaa meeqatu ittifufinsaan
ittifayyadamaa jira? Lakk_____%_____(%2)
a. %78 oli (%2)
b. %68-78 (%1)
c. %58-67(%0.5)
d. % 58 gadi (0)

11
4.2.8. Manneen gandoota busaan keessatti argamu ta’ee keemikaala farra bookee busaatiin
biifamuu qaban keessaa kan biifame meeqa? Lakk___%___(%2)
a. %85 oli (%2)
b. %75-85 (%1)
c. %65-74 (%0.5)
d. % 65 gadi (%0.5)
4.2.9. Gandoota PHCU jala jiran keessaa Manneen barnootaa kutaa 5 olii ta’anii mareen
hawaasaa manneen barnootaa gaggeessaa jiran meeqa? ___ %____(%2)
a. %85 oli (%2)
b. %75-85 (%1)
c. %65-74 (%0.5)
d. % 65 gadi (%0)
4.2.10. Fana dhawiinsaa ittisa balaa tasaa ilaalchisee gabaasni guutuun, yeroo fi qulqullinaa isaa
eeggatee torbaniin ergamee meeqa? Torban ______%______ (%2)
a. %85 oli (%2)
b. %75-85 (%1)
c. %65-74 (%0.5)
d. % 65 gadi (0)
4.2.11. Abbaan warraa gandoota ‘PHCU’ kana jala jiranii keessa meeqatu mana fincaanii sadarkaa
isaa eeggate ijaarratanii itti fufiinsaan itti fayyaadamaa jiran? Lakk_____%_____(%2)
a. %91 oli (%2)
b. %82-91 (%1.5)
c. %72-81(%1)
d. % 72 gadi (%0)
4.2.12. Gandoota ‘PHCU’ kana jala jiran keessa gandoota meeqatu udaan irraa bilisa (dirreetti
bobba’uu irraa bilisa ta’e/Open Defication Free/ODF)? Lakk_____%_____ (%3)
a. %48 oli (%3)
b. %39-48 (%2)
c. %29-38 (%1)
d. % 29 gadi (%0)
4.2.13. Abba / haadha warraa raayyaa damee misooma dubartootaatin ijaaramuun sagantaalee
paakeejii ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchudhaan madaalli har’a yeroo amma hojiira
oleen sadarka ‘A’ argatanii madaallaman sadarkaa ‘PHCU’ tti argaman meeqa?
Lakk______ %______ (%2)
a. %60 oli (%3)
b. %51-60 (%2.5)
c. %41-50 (%1)
d. % 41 gadi (%0)

4.2.14. Tokko Shane raayyaa damee misooma dubartootaatin ijaaramuun sagantaalee paakeejii
ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchudhaan madaalli har’a yeroo amma hojiira oleen sadarka

12
‘A’ argatanii madaallaman sadarkaa ‘PHCU’ tti argaman meeqa? Lakk______ %______
(%2)
a. %30 oli (%2)
b. %20-29 (%1.5)
c. %11-19 (%1)
d. % 10 gadi (%0)
4.2.15. Gare Misoomaa raayyaa damee misooma dubartootaatin ijaaramuun sagantaalee paakeejii
ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchudhaan madaalli har’a yeroo amma hojiira oleen sadarka
‘A’ argatanii madaallaman sadarkaa ‘PHCU’ tti argaman meeqa? Lakk______ %______
(%2)
a. %30 oli (%2)
b. %20-29 (%1.5)
c. %11-19 (%1)
d. % 10 gadi (%0)

4.2.16. Ganda raayyaa damee misooma dubartootaatin ijaaramuun sagantaalee paakeejii


ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchudhaan madaalli har’a yeroo amma hojiira oleen sadarka
‘A’ argatanii madaallaman sadarkaa ‘PHCU’ tti argaman meeqa? Lakk______ %______
(%2)
a. %30 oli (%2)
b. %20-29 (%1.5)
c. %11-19 (%1)
d. % 10 gadi (%0)
4.2.17. Gandoota ‘PHCU’ jalatti argaman keessaa mani jireenya hojjatoota eekisteenshini fayyaa
ijaaramee kan xumurame meeqa keessatti? Lakk______ %______ (%2)
a. %60 oli (%2)
b. %51-60 (%1)
c. %41-50 (%0.5)
d. % 41 gadi (0)

Maqaa nama madaallii guutee____________________ Mallaattoo ___________________Bilbila____________

Maqaa nama madaallii guutee____________________ Mallaattoo ___________________ Bilbila____________

Maqaa Nama Madaalii Guutee ___________________ Mallattoo _____________ L.Bilbilaa _______________

Guyyaa Madaalliin guutamee_____________________________

13

You might also like