You are on page 1of 84

QAJEELFAMA CARRAA BARUMSA FI LEENJII HOJJATAA SEEKTARA FAYYAA

NAANNOO OROMIYAA LAKKOFSAA 10/2008

Leenjii fi Misoomni Humna Namaa manneen hojii Naannichaa


keessatti haala sirna qabeessa (Systematic) ta’een akka raawwatamu
fi bu’aaleen sagantaalee leenjii irraa eegaman akka dhugooman
gochuudhaaf akka gargaaru Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Garii
Oromiyaa akkaataa Labsii lakk. 163/2003 keewwata 18 fi labsii
Bulchiinsa hojjatoota Mootummaa Oromiyaa lakk. 61/94 keewwata
50/3 fi 88/2’n kennameef qajelfamoota Onnachiiftuu Carraa
Barumsaa fi Leenjii Hojjataa Seektara Fayyaa Naannoo Oromiyaa
kanatti aanu basee jira.

KUTAA TOKKO
Tumalee Adda addaa

1. Mata duree Gabaabaa


Qajeelfamini kun “Qajeelfama Carraa Barumsaa fi Leenjii Hojjata
Seektara Fayyaa Naannoo Oromiyaa Lakk 10/2008” jedhamee
waamamuu ni danda'a.

2. Hiika
Akaataa seensa jechaatti hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta'e malee
qajeelfama kana keessatti:

1. ”Mana Hojii ol’aanaa” jechuun Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiya


jechuudha.

2. ”Manajimantii Ol’aanaa” jechuun Hogganaa Biirootiin ykn bakka


bu’aa hogganaa biiroottin kan hogganamuu fi miseensootaa Itti
Aantootaa Biiroo kan dabalatuu jechuu dha.

3. "Yeroo tajaajilaa" jechuun hojjataan mootummaa tokko guyyaa


qaxaramee kaasee hanga guyyaa barumsa eegalamutti tajaajila
waajjira ykn dhaabbilee fayyaa mootumaa keessatti kenne qofa
jechuudha.

4. "Leenjii yeroo gabaaba" jechuun leenjii biyya keessatti ykn biyya


alaatti akkaata istaandardii leenjii hojii irraa bahee hojii irra oolen
hanga ji’a sadi kan hin caalleef jechuu dha.

5. "Leenjii yeroo dheeraa" jechuun leenjii biyya keessaa ta'ee biyya


alaatti yeroo ji’a 3 fi isaa ol ta’uuf kennamuu dha.

1
6. "Barumsa gannaa" jechuun Hojjataa Seektara Fayyaa tiif ganna
ganna dhaabbilee leenjii biyya keessa jiranitti itti fufiinsaan carraa
barumsaa kennamu jechuudha.

7. ”Hojjataa”jechudhaan ogeessaa fayyaa ogummaan hojjachaa jiru,


ogeessaa ta’e waajjiraalee keessaa hojjachaa jiruu fi hojjataa
ogummaa fayyaattin alaa seekitaraa fayyaa keessaa hojjachaa
hundaa kan dabalatuu jechuudhaa.

8. ”Carraa barumsaa dubartootaa” jeechuun carraa barumsaa akkaa


argamee keessaa dubartootaaf %10 kennamuu jechudhaa.

9. ”Carraa barumsaa Naannoo Horsisee Bulaa” jeechuun Caarraa


argamee keessaa hojjatoota Aanaa horsisee bulaa jiranii %10
kennamee jechuudhaa.

10. “Leenjii biyya alaa” jechuun Itiyoophiyaan alatti leenjii baajata


mootummaan ykn liqiinii fi gargaarsa seektara fayyaa tiif
ramadameen yookaan carraa kennameen biyya alaatti yeroo dheeraa
ykn yeroo gaababaaf kennamu jechuudha.

12. “Leenjii dhuunfaa biyya alaa” jechuun Hojjataa seektara fayyaa


sochii dhuunfaa isaatiin carraa leenjii biyya alaatti fi qaama kafaltti
mana burumsa kaffaluuf argatee, Biiroon barbaachisummaa isaa
itti amanuudhaan kan hayyamee fi yeroo turmaata barnootichaa
mindaa akkaataa qajeelfamaatin qofa kaffaluuf kan itti waligale
jedhuu dha.

13. ”Ulaagaa dorgommii dhaabbilee Fayyaa” jechuun dhaabbiileen


barnoota biyya keessa fi alaa ulaagaa dorgommiif barbaachisu
jedhame baasan jechuudha.

14. “Wabii” jechuun hojjetaan mootummaa tokko akkaataa waadaa


seeneen dirqama isaa yoo bahuu baate qarshii wadaa gale dhalaa
dabalatee bakka waadaa galaa bu’ee dirqama hojjetichi seene
bahuudhaaf qaama dirqama fudhate jechuudha.

15. ”Dhaabbilee Fayyaa ” jechuun Hospitaalota, Buufataalee Fayyaa,


Giddugala Qorannoo Laboraatorii Nannoo, Baankii Dhiigaa fi
Keellaa fayyaa naannoo keessa jiran jechuudha.

16. ”Dhaabbilee Leenjii” jechuun Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Naannoo


keessatti Leenjii Ogummaa Fayyaa irratti kennaa jiran jechuu dha.

2
17. ”Ogummaa yaaluu” jechuun ogeessota fayyaa ogummaa
wal’aansaatiin Hospitaalota, Buufataalee Fayyaa, Giddugala
Qorannoo Laboraatorii Nannoo, Baankii Dhiigaa fi Keellaa fayyaa
keessatti tajaajiluuf carraa barumsaa argatan jechuudha,

18. ”Ogummaa yaaluun alaa” Ogeessota waajjiraalee sadarkaa


sadarkaan jiranii fi iddoo hojii Bulchiinsaa sadarka kam irrattii
ramadamanii hojjachaa jiraan jechuudha.

19. ”Sadarkaa Barumsaa walfakkaatu” jechuun hojjataa sadarkaa


baruumsa Dipiloomaa qaban, Dipiloomaa birra ykn digrii jalqabaa
qaban digirii jalqabaa biraa ykn Digirii 2ffaa (MA/MSc/MPH fi kkf)
qaban digrii 2ffaa biraa waalfakkaatu jechuudha.

20. ”Leenjii hojii irraa Ogummaan walfakkaatu” jechuun leenjii hojii


irraa biyyaa keessaa ykn biyyaa alaa ykn workshop ykn seeminaraa
fi kkf walfakkaatu kamiyyuu jechudhaa.

21. ”Sababa Humnaa ol ta’e” jechuun sababa dhukkubaatiin ykn


sababaa maatiitiin carraa barumsaa argametti yeroo murtaa’eef
fayyadamuu kan hin dandeenye jechuudha.

22. ”Hojjataa Ekisteenshinii Fayyaa Magaalaa” jechuun Hojjataa


ogummaa sagantaa paakeejjii ekisteeshinii fayyaa magaalatin leenjii
kennamu fudhate jechuudha.

23. ”Hojjataa Ekisteenshinii Fayyaa Baadiyyaa” jechuun Hojjataa


ogummaa Sagantaa Paakejjii Ekisteeshinii Fayyaa Baadiyyaatiin
leenji’an kennamu fudhate jechuudha.

24. ”Ragaa gahumsaa ogummaa (COC)” jechuun ragaa Ejensii


Mirkaneessa Ogummaa irraa kenname ta’uu isaa qaama kenne
irraa qaamaan ykn toora interneetiitiin (Web site)tiitin kan
mirkanaa’e jechuu dha.

25. ”Adeemsa Hojii” jechuun Adeemsa Hojii Misooma fi Bulchiinsa


qabeenya Namaa jechuudha.

26. ”Bu’aa Madaallii Raawwii Hojii” jechuun gamaggama raawwii,


hojii karoora irratti xiyyeeffate waggaatti yeroo lama sirna madaalli
jiruun gaggeeffamuun jiddugaleessa (average) bu’aa argame kuusa
hojjataa seektara fayyaa keessatti hidhamee taa’e jechuu dha.

27. ”Ragaa Boordii” jechuun dhukkubsataan Hospitaalatti yaalamaa


ture irraa dhibeen humna ol ta’uu isaa Meedikaal boorditti
dhiyaate ragaa mirkanaa’e kenname jechuu dha.
3
28. ”Bara baajata” jechuun Adoolessa 1 hanga Waxabajjii 30 jiru
jechuu dha

29. ”Dhaabbilee leenjii mootummaa naannoo iddoo hojii” jechuun


dhaabbata leenjii mootummaa godina hojjataan keessaatti
hojjechaa jiru keessatti kan argamu jechuu dha.

30. ”Jiraattota Naannoo dhaabbilee fayyaa” jechuun hawaasa


Naannoo dhaabbilee fayyaa tajaajila ni argatu jedhamee
dhaabbileen fayyaa ijaarrammeef jechuu dha

31. ”Iddoo duuwwaa tasa uumamu” jechuun erga uunkaan jijjiirra


guuttameen booda ykn erga jijjiirran raawwatameen booda
hojjataan sababa du’aa, hojii irraa baduu, hojii gadilakkisuu,tiin
iddoo gadilakkiseen uumamu jechuu dha.

32. ”Rakkoo addaa” jechuun sababa walitti bu’iinsaan lubbuun


darbee fi iddoo hojii turuu hin dandeenye, rakkoo humna ol maatii
isaanii irra gahee fi kkf jechuu dha

33. Qajeelfama kana keessatti jechi Aanaa jedhu Magaala Sadarkaa


Aanaas ni dabalata.

3. Qajeelfamaa kana keessatti jechi korniyaa dhiiraaf himame dubartiis ni


dabalata.

4. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamnii Kun Hojjataa seektara fayyaa dhaabilee fayyaa fi
Waajjiralee Eegumsa Fayyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa,
dhaabbilee leenjii fi Dhaabbilee miti Mootummaa walakkaan isaanii
Mootummaa Naannoottin deegaramaa jiraan kamiyyuu irratti kan
raawwaatamu ta’a.

KUTAA LAMA
Qoodinsa Sadarkaa Waajjiraalee, Dhaabbilee leenjii fi Hospitaalotaa

5. Ulaagaa Qoodinsa Waajjiraalee, Dhaabbilee Leenjii fi Hospitaalota


Aanaaleen magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa bakka 3 (Sadii) tti Sadarkaa
‘A’, ‘B’ fi ‘C’ jedhamanii sadarkaan kan kennameef yoo ta’u, ulaagaan
ramaddii sadarkaa isaanii akka armaan gadiitti ibsamee jira.

1. Fageenya Aanichi yookin magaala giddu-galeessa Naannichaa


(Finfinnee) fi Magaala Godinaa irraa qabu,
4
2. Jireenya misooma bu’uura kan akka ;
a. Daandii fi geejjiba bonaa fi gannaa
b. Bilbila, ibsaa fi bishaan qulqulluu
c. Mana baruumsaa fi tajaajila fayyaa
3. Haala qilleensa aanichaa yookin magaala (baddaa, badda daree fi
gammoojjii),
4. Teessoo bulchiinsa Aanaa ykn magaala ykn Godinaa ta’uu (Aanota
magaalaa tiif)

4. Aanaalee Sadarkaa ’’A’’


Aanaleen sadarkaa ’’A’’ kennameef Haalli qilleensa isaanii gammoojjiillee
yoo ta’e giddugaleessa naannichatiif dhiyoo kan ta’an, daandii bonaa fi
gannaa kan qaban akkasumas tajaajila ibsaa fi bishaanii kan qabuu fi
jireenyaaf mijaawaa ta’uudhaan kan beekmaniidha. Hojjataa n fayyaa
haala amma jiruun aanaalee kanneen kessatti ramadamuudhaaf fedhii
guddaa kan agarsiisaniidha.

5. Aanaalee sadarkaa “B”


Aanaaleen sadarkaa ’’B’’ kennameef Faageenyi isaanii wirtuu (Center)
naannichaa irraa giddu galeessa kan ta’ee fi ulaagaa bu’uura misoomaa
walakkaa oli guutuudhaan kan beekaman, hedduun isaanii teessoo
magaalaa Godinaa ykn Aanaa kan ta’an fi Hojjataa n fayyaa Aanaalee
sadarkaa “A’’ tti aansuudhaan keessatti ramadamuudhaaf kan
filataniidha.

6. Anaaleen sadarkaa “C”


Aanaaleen sadarkaa ’’C’’ kennameef giddu galeessa naannichaa irraa
fageenya kan qaban, haalli qilleensaa issanii jireenyaaf ulfaataa kan ta’ee
fi isaan keessaa tokko tokko ammoo Naannolee ollaatiin kan
daangeffaman yoo ta’u, ulaagaa bu’uura misoomaa walakkaa gadi kan
guutan fi misoomaan boodatti hafummaadhaan kan beekamanii dha.
Haala amma jiruun Hojjataa n fayyaa Aanota kana dhaquudhaaf tasuma
kan hin filanneefi yoodhaqanis osoo hin turin hojii irraa kan badaniidha.

6. Sadarkaa Godina, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa haaraa uumamu

1. Godina, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaan haaraa Mootummaa


Naannootiin dabalamu Sadarkaan isaa Godinummaa irraa ciitee yoo
ta’u sadarkaan Magaalaa fi Aanaas Sadarkuma duraa ta’a.

2. Keewwata kana keewwata xiqqaan torba akkuma jirutti ta’ee Biiroon


haala qabatamaa Aanaa haraa uumame ilaaludhaan sadarkaa
fooyyeessu ni danda’a

5
1. Ramaddii sadarkaa Aanaalee Godina Godinaan.

1. Godina Arsii
Aanaa Sadarkaa Aanaa Aanaa
Lakk “A” Sadarkaa “B” Sadarkaa “C” Ida’ama
1. Leemuu fi Bilbilloo Gunaa Gololchaa
Hinqooloo
2. Magaala Boqqojjii Baalee Gasgaar Waabee
3. Digaluu fi Xijoo Muuneessaa Asakoo
4. Roobee Xannaa Seeruu
5. Heexoosaa Suudee
6. Dodootaa Zuwaay Dugdaa
7. Siree Martii
8. Lodee fi Hexxoosaa Shirkaa
9. Xiyyoo Dikisiis
10. Amminyaa
11. Jajuu
12. Collee
Ida’ama 9 12 5 25

2. Godina Baalee
Aanaa
Sadarkaa Aanaa Aanaa Sadarkaa
Lakk “A” Sadarkaa “B” “C” Ida’ama
1. Magaala
Goobbaa Sinaanaa Dawwee sarar
2. Diinshoo Dawwee qaccaan
3. Goobbaa Gurraadhaamoolee
4. Gooroo Gololcha
5. Agarfaa Madda Walaabuu
6. Gaasaraa Dalloo Mannaa
7. Gindhiir Harannaa Bulluq
8. Magaala
Gindhiir Saawweenaa
9. Barbarree
10. Laghidhaa
11. Raayituu
Ida’ama 1 8 11 20

6
3. Godina Booranaa
Aanaa
La Sadarkaa Aanaa Sadarkaa Aanaa
kk “A” “B” Sadarkaa “C” Ida’ama
1. Bulee Horaa Yaabaalloo
2. Magaala yaabaalloo Areeroo
Magaalaa Bulee
3. Horaa Taaltallee
4. Moyaalee
5. Dirree
6. Galaan
7. Dugda dawwaa
8. Mi’oo
9. Abbaayyaa
10. Dilloo
11. Dhee’as
Malkaa
12. Sooddaa
Ida’ama 2 12 14

4. Godina Gujii
Lakk Aanaa
Sadar
kaa Aanaa Sadarkaa Ida’am
“A” “B” Aanaa Sadarkaa “C” a
1 Magaalaa Adoolaa Uraagaa
2 Magaalaa
Nageellee Damaa
3 Magaala
Shaakkisoo Booree
4 Oddoo Shaakkisoo
5 Liiban
6 Waadaraa
7 Girjaa
8 Qarcaa
9 Hambalaa Waamanaa
10 Anna Sorraa
11 Goroo Doolaa
12 Sabaa Booruu
Adoolaa Reeddee
Ida’ama 4 12 16
7
5. Godina Harargee Bahaa
Lakk Aanaa
Aanaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa
“A” Sadarkaa “B” “C” Ida’ama
1 Malkaa
Mag, Haramayaa Gooroo Gutuu Bal’oo
2 Maga. Awadaayi Dadar Fadisi
3 Haramayaa Qarsaa Giraawwaa
4 Magaalaa Dadar Miidhagaa
5 Meettaa Gola Odaa
6 Kombolchaa Jaarsoo
7 Kurffaa Callee Cinaaqsan
8 Mayyuu
Gursum Mulluqee
9 Baabbilee Baddannoo
10 Magaala
Baabbilee Qumbii
Ida’ama 3 10 10 23

6. Godina Harargee Lixaa


Aanaa Aanaa
Lakk Sadarkaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa
“A” “B” “C” Ida’ama
1 Magaala
Ciroo Xulloo Doobbaa fi Afdam
2 Ciroo Ancaar
3 Qunnii Daaroo Labuu
4 Magaalaa
Baddeessaa Bookee
5 Habroo Gammachiis
6 Odaa Bultum Masalaa
7 Gubbaa Qorichaa
8 Mi’eessoo
9 Burqaa Intuu
10 Hawwii Gudinaa
Ida’ama 1 6 10 17

8
7. Godina Jimmaa
La Aanaa
kk Sadarkaa Aanaa Aanaa Sadarkaa
“A” Sadarkaa “B” “C” Ida’ama
1 Saqqaa
Qarsaa Coqorsaa Limmuu Koossaa
2 Maannaa Sokoruu Guumay
3 Magaa.
Aggaaroo Shabee Somboo Oomoo Naaddaa
4 Deedoo Limmuu Saqqaa
5 Gommaa Xiroo Afataa
6 Geeraa
7 Sigimoo
8 Saxxammaa
9 Cooraa Bootor
10 Noonnoo Beenjaa
Ida’ama 3 5 10 18

8. Godina Shawaa Bahaa


La Aanaa
Kk Aanaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa Sadarkaa
“A” “B” “C” Ida’ama
1 Adaamii Tulluu fi
J/Kombolchaa Faantaallee
2 Dugdaa Magaala Matahaaraa
3 Boosat Gimbichuu
4 Booraa Liban Cuqqaalaa
5 Luumee
6 Ada'aa
7 Adaamaa
Ida’a
ma 7 4 11

9
9. Godina Shawaa Lixaa
La Aanaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa Aanaa
kk “A” “B” Sadarkaa “C” Ida’ama
1 Abunaa
Jalduu Meettaa Roobii Gindabarat
2 Caalliyaa Jibat Gindabarat
3 Amboo Baakkoo Tibbee Daannoo
4 Dandii Iluu-Galaan Ilfata
5 Ejeree Midaaqanyii
6 Ada'aa Bargaa Noonnoo
7 Xuqur Inciinii
8 Tokkee kusaayee
Ida’a
ma 8 4 6 18

10. Godina Shawaa Kaabaa


La Aanaa Aanaa
kk Sadarkaa Aanaa Sadarkaa Sadarka
“A” “B” a “C” Ida’ama
1 Warra Jaarsoo Hidhabuu Abootee Darraa
2 Dabra Libaan Jiddaa
3 Kuyyuu Abbichuu fi Nyaa'aa
4 Dagam Yaayyaa gullallee
5 Giraar Jaarsoo
6 M/Fichee
7 Wucaalee
8 Alaltuu
9 Qimbibiit
Ida’ama 9 4 1 14

11. Godina Shawaa Kibaa Lixaa


Lakk Aanaa
Aanaa Aanaa Sadarkaa Sadarkaa
Sadarkaa “A” “B” “C” Ida’ama
1 Walisoo Ammaayyaa
2 M/ Waliisoo Wancii
3 Iluu Sooddoo Dacii
4 Bachoo Gooroo
5 Qarsaa fi Maalimaa
6 Sadeen Sooddoo
7 Tolee
8 Daawoo

10
Ida’ama 4 8 12
12. Godina Wallaga Bahaa
La Aanaa Aanaa Aanaa
kk Sadarkaa “A” Sadarkaa “B” Sadarkaa “C” Ida’ama
1 Guutoo Giddaa Saasiggaa Limmuu
2 Waayyuu Leeqaa
Xuqaa Dullachaa Ibantuu
3 Waamaa
Sibuu Siree Diggaa Hageloo
4 Giddaa Bonayyaa
Ayyanaa Boshee
5 Gubbuu Nuunnuu
Sayyoo Qumbaa
6 Jimmaa Arjoo Haroo
7 Gudayyaa
Biilaa
8 Kiramuu
Ida’ama 3 6 8 17

13. Godina Wallaga Lixaa


La Aanaa
Kk Sadarkaa Aanaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa
“A” “B” “C” Ida’ama
1 Magaalaa
Gimbii Magaala Najjoo Yuubdoo
2 Najjoo Jaarsoo
3 Gimbii Begii
4 Ayiraa Boojii Coqorsaa
5 Gullisoo Boojii Dirmajii
6 Noolee Kaabbaa Ganjii
7 Haaru Qondaa
8 Laaloo Asabii Sayyoo Noollee
9 Baabboo
Hommaa Gambeel
10 Magaala Mandii Qilxuu Karraa
11 Mana Sibuu
Ida’ama 1 10 11 22

11
14. Godina Iluu Abbaa Booraa
La Aanaa Aanaa
kk Sadarkaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa
“A” “B” “C” Ida’ama
1 Magaalaa
Mattuu Baddallee Daarimuu
2 Magaalaa Daaphoo
Beddallee Mattuu Haannaa
3 Yaayyoo Deegaa
4 Hurrumuu Diiduu,
5 Gachii Bachoo
6 Allee Algee saachii
7 Cooraa Buree
8 Haluu
9 Noonnoo fi Sallee
10 Booracha
11 Cawwaaqaa
12 Suphee, Sooddoo
fi Sachii
13 Biloo fi Noophaa
13 Makkoo
15 Dooranii
Dhidheessaa
Ida’ama 2 7 16 25

15. Godina Arsii Lixa


La Aanaa
kk Aanaa Sadarkaa Aanaa Sadarkaa Ida’a
“A” Sadarkaa “B” “C” ma
1 Shaashamannee Gadab Asaasaa Nansaboo
2 Arsii Nageellee Kofalee Kokkossaa
3 Magaala Dodolaa Qoree Siraaroo
4 Wandoo Dodolaa
5 Bishaan Gurraacha Adaabbaa
6 Magaala Arsii
nageellee Shaallaa
Ida’a
ma 6 6 3 15

12
16.Godina Qeellam Wallaga
Lakk Aanaa
Sadarkaa Aanaa Ida’a
“A” Sadarkaa “B” Aanaa Sadarkaa “C” ma
1 Magaalaa Daallee waabaraa
D/doolloo
2 Sayyoo Gaawwoo qeebee
3 Anfilloo
4 Gidaamii
5 Hawwaa walal
6 Jimmaa Horoo
7 Daalle Sadii
8 Yamaloogii walal
9 Laaloo qilee
Ida’ama 2 9 11

17.Godina Horroo Guduruu Wallagaa


La Aanaa Aanaa Aanaa
kk Sadarkaa “A” Sadarkaa “B” Sadarkaa “C” Ida’ama
1 Abbay
Coomman Abbee Dongoroo
2 Horroo Jaardagaa Jaartee
3 Guduruu Abaaboo Guduruu
4 Jimmaa Raaree Amuruu Fulliyee
5 Maga.
Shambuu Jimmaa Gannatii
Ida’ama 5 5 10

18. Godina Addaa Naannoo Finfinnee


La Aanaa Sadarkaa ‘’A”
kk Aanaa Aanaa
Sadarkaa Sadarka Ida’am
“B” a “C” a
1 Magaala Holotaa Mulloo
2 Magaala Sandaafaa
3 Walmaraa
4 Sulultaa
5 Baraah
6 Sabbataa Hawaas
7 Aqaaqii
Ida’aa 7 1 0 8
13
19.Bulchiinsalee Magaalotaa
La Magaalaa Sadarkaa Magaalaa Magaalaa
kk “A” Sadarkaa Sadarkaa Ida’am
“B” “C” a
1. Magaalaa Adaamaa
2. Magaala
Shashamannee

3. Magaalaa Jimmaa
4. Magaalaa Naqamtee
5. Magaalaa Bishooftuu
6. Magaalaa Asallaa
7. Magaalaa Duukam
8. Magaala Buraayyuu
9. Magaalaa Galaan
10. Magaalaa Lagaa
Xafoo- Lagaa dhaadhii
11. Magaalaa Sabbataa
12. Magaalaa Sulultaa
13. Magaala Amboo
14. Magaala Baatuu
15. Magaala Mojoo
16. Magaala Baalee
Roobee
Ida’aa 16 0 0 16

7. Ulaagaa Qoodinsaa Hosiptaalaa, Dhabaataa leenjii fi wajjiralee

Hospitaalii seektara Fayyaa jalaatti bulaanii ummataaf tajaajila kennaa


jiran qoodinsi sadarkaa isaanii ulaagaaleen qoodama sadarkaa Aanaalee
kan hojjatu ta'ee dabalataan:

1. Magaaloonni dhaabbileen kun keessa jiran jireenya Hojjataa Seektara


Fayyaatiif mijaa’ina qaban,

2. Haala mijaa’aa bakka hojii (conducive working environment) kan akka


cimina gamoo, ballina kutaalee, qabeenya, meeshaalee yaalaa ilaalcha
keessa galchuudhaan sadarkaan armaan gadii qoratamee kenameefii
jira

14
3. Ogeessota ol’aanoo harkkisuu fi tursiisee ummataaf tajaajila kennuu
akka danda’an ilaalcha keessa kan galchee dha,

4. Ogeyyii Hospitaalaa fi dhaabbilee ykn waajjira Fayyaa Magaalaa tokko


keessaatti tajaajilaa osoo jiranuu Garaagarumaa shalaggii tajaajilaa
komii ture kan hambsuuf

8. Sadarka Hospitaalaa, Wajjiraa, Bankii Dhigaa, Labooratoorii fi


Dhaabbilee leenjii

1. Hospitaala, Wajjira Fayyaa Godina fi Aanaa, Dhaabbilee Leenjii,


BaankiiDhiigaa fi Laaboraatoorii Naannoo sadarkaan isaanii Magaala
Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ’A’ keessa jiran sanaa ta’a.

2. Hospitaala, Wajjira Fayyaa Godina fi Aanaa, Dhaabbilee Leenjii, Baankii


Dhiigaa fi Laaboraatoorii Naannoo kewwataa kana xiqqaa 1’n ala jiran
sadarkaa Aanaa Baadiyyaa keessaa jiraniif kennamee sadarkaa
isaantti ta’a.

Kutaa Sadii
Carraa Baruumsaa Hojjataa Seektara Fayyaa
9. Qoodinsa carraa barumsaa Hojjataa Seektara Fayyaa

Carraan barumsaa hojjataa seektara fayyaatif waggaa waggaadhaan


kennamu bu’aa raawwii hojii galmeessaniin akka argatan gochuun
barbaachisa dha. Haaluma kanaan carraan barumsaa argame akkaata
baay’ina hojjataa seektaraa jiraniin qoodinsi armaan gadii taasifame jira.

Lakk Dhaabbilee fayyaa ykn Leenjii ykn Koota kenname


Waajjira (%)’dhaan
1 Buufata fayyaa 51
2 Hospitaala 26
3 Aanaa 16.5
4 Godina 1.5
5 Magaala sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ’A’ 1
6 Baankii dhiigaa fi Laaboratoorii 1
Naannoo
7 Biiroo 1
8 Dhaabbilee Leenjii 2
Walumaagalatti 100

15
10. Bu’aa madaalli carraa barumsaa
1. Hojjataan kamiiyyuu carraa barumsaa argachuuf qabxiin madaalli
yeroo lamaa argate giddugaleessan shallaggamee kan caalmaa
argateef ni kennamaa.

2. Qabxiin madaalli hojjataa kamiiyyuu kan qabamu Adoolessa tokkoo


hanga Muddee 30 fi Amajjii tokko hanga Waxabajjii 30 ta’uu qaba.

3. Qabxiin madaallii itti gaafatamaa sadarkaa kam iyyuu gidduu


galeessa bu’a raawwii hojii marsaa lamaa mana hojichaa ykn
kutaa/adeemsa/garee argate ta’a..

4. Qabxiin madaalii hojatoota Bufata Fayyaa irraa kellaa fayyaatii


argamanii deggarsa keenan akkaataa qabxii madaalii qajeelfama
waliitii hidhamiinsa Bufata fayyaa fi kellaa fayyaa murteesuuf bahee
qajeelfama lakkofsa 8/2005 tiin kan hojiira oluu ta’a.

11. Caarraa barumsaa dheeraa dubartootaa

1. Carraa barumsaa akkaa sakeekitaratti argamee kamiyyuu


dubartootaf %10 ni kennamaa

2. Keewwaataa kana keewwaata xiqaa tokko akkuma eegameetti ta’ee


caarraa barumsaa %90 haafee irratti dubartooniis dorgomuu ni
danda’uu

3. Carraa barumsaa %10 kennamuu dubartootaa qaphxxii ol’aanaa


argataaniif waal dura dubaan ni kennamaaf

4. Caarraa barumsaa %10 dubartiif keennamee dubartoonii ulagaa


gutaan kan hin jiree yoo ta’e hojjataa qabxii ol’aanaa qabuuf ni
kennamaa

12. Caarraa barumsaa dheeraa hojjatootaa naannoo horsisee buulaa


1. Carraa barumsaa akka seekitaaraatti argamee keessaa %10
hojjatootaa Aanaa naannoo horsisaa bulaa jiraaniif dabalataan ni
kennamaaf

16
2. Caarraa barumsaa %10 hojjatootaa naannnoo horsisee buulaaf
keennamee hojjatoonii ulagaa gutaan kan hin jiree yoo ta’e Godinii
hojjataa Aanaa birraa keessaa jiraaniif carraa barumsaa hin argannee
akkaataa qabxii ol’aanaa qabuun waal dura dubaa ni kennamaa

13. Ulaagaa dorgommii Carraa barumsaa dheeraaf Buufata Fayyaa

1. Carraan barumsa Hojjataa buufata fayyaa keessaa hojjachaa jiran


bayyina caarraa barumsa argamee Bufataa fayyaa naannoo keessa
jiraan hundaafuu hangam akka gahuu reeshoodhaan addaan bahee
ni hiramaa.

2. Akkaataa keewwaata kana keewwaata xiqaa 1 irratti ibsameen


carraan barumsaa Godinaleef shallagii reeshoo bay’ina buufataa
fayyaa qabaniin bayyatee ni kennamaaf

3. Lakkofsii reeshoodhaan shalagamee argamee bu’aan isaa 0.5 fi isaa ol


yoo ta’e gaa lakkosaa gutuu akka ta’eetti kan shalagamuu yoo ta’u
bu’aan shallagii 0.5 gaddii yoo ta’e waantii shalagamuuf hin jira

14. Akkaataa calallii carraa barumsaa Hojjataa Buufata Fayyaa itti


gaaggefamuu

1. Akkaataa karoora ykn kootaa jiruun bayyina caarra barumsa argamee


Godinaf kennamee Buufata fayyaa sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee
hanga 3ffaatti tokko tokkoni kennma.

2. Carraan barumsa akkaata keewwata kana keewwata xiqqa tokkootin


kennamee kan hafe yoo jiraate hojjattootni Buufata Fayyaa Godina
keessa jiran kamiiyyu irratti dorgomuu ni danda’u.

3. Dareekitarii PHCU qabxii isaa Hojjataa Buufata Fayyaa keessa


jiraaniin waalqixaa yoo ta’e dursaa ni kennamaaf

4. Ogeessa buufata fayyaa qabxiin waal qixxee ta’e yoo argatan, dursi
dubartii fi qaama miidhaaf kan kennamu ta’ee dubartii fi dhiirri qaama
miidhamaa yoo ta’an dursi dubartiif kan kennamu ta’a.

5. Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti jiru akkuma jirutti ta’e


ogeessa buufata fayyaa qabxii walqixa ta’e argatan, lamaanu dhiira
ykn dubartii yoo ta’an ogeessaa tajaajila caalmaa qabuuf/ qabduuf
dursii ni kennamaa

17
6. Hojjetaan qabxiin isaa fi tajaajilaan waal qixa ta’e carraadhaan kan
addaan bahu ta’a

15. Akkaataa calallii carraa barumsaa Hojjataa Hospitaala itti


gaaggefamuu

1. Hospitaalli Naannoo Seektara Fayyaa keessa jiran waggaatti yeroo


1 ulaagaa jiru ykn bahu irratti hunda’udhaan madaalliin
gaggeeffame sadarkaan isaanii addaan ni baha

2. Carraan barumsa Hospitaala 1ffaa hanga 3ffaa bahan akkaata


uunka amaan gadiitti kan kennamu ta’a.

Lakk Sadarkaa Koota carraa Ibsa


Hospitaala barumsaa
1 1ffaa 3
2 2ffaa 2
3 3ffaa 1

3. Keewwaataa kana keewwataa xiqaa 2 akkuma eegametti ta’e


caarraan barumsaa hafe hojjataan hospitaala hunda keessa jiran
Sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahan dabalatee kan irratti dorgomu
ta’a.

4. Garee tokko irraa ogeessa qabxii ol’aanaa argatee tokko’f qofa


carraan barumsaa ni kennama

5. Hojjataa garee tokko keessa qabxii walitti aanu kan argatan yoo ta’e
ogeessa garee biraa qabxii itti aanu qabuuf carraan barumsaa ni
kennama

6. Gosa ogummaa carraan barumsaa argame hospitaala keessatti


deebi’ame hojjachuuf kan hin danda’amne yoo ta’e Biiroon iddoo
ogeessa hojjachuu danda’utti ni ramada

7. Hojjataa carraa barumsaa booda iddoo biraatti ramadamuuf kan


walii hingalle yoo ta’e carraan barumsaa hospitaalicha keessaa
ogeessa qabxii itti aanu qabuu fi iddoo Biiroon ramadutti
hojjachuuf feedhii qabuuf ni kennama

8. Hojjataa Hospitaala tokko keessaa qabxiin wal qixxee ta’e yoo


argatan, dursi dubartii fi qaama miidhaaf kan kennamu ta’ee
18
dubartii fi dhiirri qaama miidhamaa yoo ta’an dursi dubartiif kan
kennamu ta’a.

9. Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 akkuma jirutti ta’e ogeessa


qabxii walqixa ta’e argatan, lamaanu dhiira ykn dubartii yoo ta’an
ogeessaa tajaajila caalmaa qabuuf/ qabduuf dursii ni kennamaa

10. Hojjetaan qabxiin isaa fi tajaajilaan waal qixa ta’e carraadhaan kan
addaan bahu ta’a.

16. Carraa barumsa Hakimootaf


1. Hakimootni hospitaalota naannoo oromiyaa keessatti tajaajila
kennaa jiran carraa barumsaa akkaata raawwii hospitaalatiin
carraan barumsaa kan kennamu ta’ee shallaggiin isaa akkaata
armaan gadiitti ni kaa’ama.

Lakk Sadarkaa Baay’ina Carraa barumsaa Ibsa


Hospitaalota hakima dorgommiif ergamu
hojiidhaan
tokko 1ffaa 3
2 2ffaa 2
3 3ffaa 1

2. Keewwaataa kana keewwataa xiqaa 1 akkuma eegametti ta’e caarraan


barumsaa hafe hakiima hospitaala hunda keessa jiran Hakima
Sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahan dabalatee kan irratti dorgomu ta’a.

3. Hakimni carraa barumsaa argatee qormaata seensa hin milkoofne


carraa dorgommii biraa yoo jiraate bara bajaataa tokko keessaatti
yeroo lammaaffatiif qofa dorgomii malee qormaataaf dhihachuu ni
danda’a

4. Keewwata kana keewwata xiqqaan 3 akkuma jirutti ta’ee hakimni


carraan barumsaa yeroo lammaffa kennameef gosa barumsaa
jalqabaa qofatu kennamaaf.

5. Hakmna tokkof carraan barumsa lammaffaa kan kennamuuf carraan


jalqabaa yoo milkaahu baatee fi kanaafis Yuunivarsitii irraa ragaa yoo
dhiyeeffate qofa eeyyamamaaf

6. Hakkima dhuunfaadhaan carraa barumsa argatee dhihaatuu


kamiyyuuf ispoonsaa hin kennamuuf

19
7. Keewwata kana keewwata xiqqaan 6 akkuma eeggametti ta’ee
gabaabbina yerootin Hakimiin Hospitaala 1ffaa-3ffaa bahan keessaa
qofa hojjachaa jiru adda duree ta’ee dhuunfaadhaan argate
Manajimantii Olaanaa yoo itti amane ispoonsariin kennamuufi ni
danda’a.

8. Hakkimnii carraa barumsaa argatee kamiyyuu gitaa hojii irraa jiru


hakkimnii biraa ramadamuu waan qabuuf gitaa hojii irratti
ramadamee irraa ka’uudhaan gitaa hojii malee mindaan ni kafalamaaf

9. Hojjetaan qabxiin isaa fi tajaajilaan waal qixa ta’e carraadhaan kan


addaan bahu ta’a

17. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota sadarkaa Aanaa keesssa


hojjataniif kennamu

1. Carraan barumsa Hojjataa Aanaa keessaa hojjachaa jiran baayina


caarraa barumsa argamee Aanaa naannoo keessa jiraan hundaafuu
hangam akka gahuu reeshoodhaan addaan bahee Godinaaleef ni
hiramaa.

2. Akkaataa keewwaata kana keewwaata xiqaa tokko irratti ibsameen


shalagii reeshoo argameen carraan barumsaa Godinaleef bayyina
Aanaa qabannin bayyatee ni kennamaaf

3. Godinaleen bayyina carraa barumsa argataan Aanaa 1ffaa hanga 3ffaa


baheef carraa barumsaa tokko tokko kennuudhaan kan hafe yoo
jiraate Aanaaleen hundu akka dorgoman ni taasisa.

18. Akkaataa calallii carraan barumsaa Hojjataa Aanaa itti


gaaggefamuu

1. Carraan barumsaa argame Aanaa 1ffaa hanga 3ffaa bahan hojjataa


tokko tokkoof carraan ni kennama.

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 akkuma eeggametti ta’ee carraan


barumsaa kan hafu yoo jiraatee Aanaa 1ffaa hanga 3ffaa bahan
dabalatee Aanaa hundaaf carraan walqixa kenname akka dorgoman
ni taasifama.

3. Keewwaataa kana keewwaataa xiqqaa 2 akkuma eegameetti ta’eetti


hojjataan qabxii ol’aanaa argattee barachuu kan hin dandeenyee yoo
ta’e hojjataa qabxii itti aanuu qabuuf ni kennamee

20
4. Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa qabxiin isaa
hojjattoota Aanaa keessa jiru tokkoffaa bahe waliin walqixaa yoo ta’e
dursaa ni kennamaaf

5. Hojjataan Aanaa qabxiin wal qixxee ta’e yoo argatan, dursi dubartii
fi qaama miidhaaf kan kennamu ta’ee dubartii fi dhiirri qaama
miidhamaa yoo ta’an dursi dubartiif kan kennamu ta’a.

6. Hojjataan Aanaa qabxii walqixa ta’e argatan, lamaanu dhiira ykn


dubartii yoo ta’an ogeessaa tajaajila caalmaa qabuuf dursii ni
kennamaa

7. Hojjataan qabxii olaanaa argatee carraan barumsaa kennameef gosa


barumsa baratu kan hin jire yoo ta’e hojjataa qabxii itti aanu qabuuf
ni kennama.

19. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota sadarkaa Godinaa keesssa


hojjataniif kennamu

1. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Naannoo keessa jiran waggaatti


yeroo tokko ulaagaa jiru ykn bahu irratti hunda’udhaan madaalliin
gaggeeffame sadarkaan isaanii addaan ni baha

2. Akkaataa karoora jiruun carraan barumsaa Godina 1ffaa hanga


3ffaa baheef carraan nama tokko tokko carraan barumsaa ni
kennama.

3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 akkuma eeggametti ta’ee carraan


barumsaa hafe yoo jiraate Godinaaleen walqixa akka dorgoman ni
taasifama.

4. Keewwata kana keewwata xiqqaan 3 akkuma jirutti ta’ee hojjataan


Waajjira keessa kan baratu kan hin jirre yoo ta’e Aanaa qabxii
olaana qabuuf fi carraa barumsaa hin arganeef ni kennama.

5. Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina qabxiin isaa


hojjattoota Aanaa keessa jiru tokkoffaa bahe waliin walqixaa yoo ta’e
dursaa ni kennamaaf

6. Hojjataan Godina tokko keessaa qabxiin wal qixxee ta’e yoo argatan,
dursi dubartii fi qaama miidhaaf kan kennamu ta’ee dubartii fi
dhiirri qaama miidhamaa yoo ta’an dursi dubartiif kan kennamu
ta’a.

21
7. Hojjataa Godinaa qabxii walqixa ta’e argatan, lamaanu dhiira ykn
dubartii yoo ta’an ogeessaa tajaajila caalmaa qabuuf dursii ni
kennamaa

20. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota Magaalaa keesssa hojjataniif


kennamu

1. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Magaala Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’


Naannoo keessa jiran waggaatti yeroo tokko ulaagaa jiru ykn bahu
irratti hunda’udhaan madaalliin gaggeeffame sadarkaan isaanii
addaan ni baha

2. Akkaataa karoora jiruun carraan barumsaa Magaala Sadarkaa


1ffaa fi 2ffaa ‘A’ 1ffaa hanga 3ffaa baheef carraan barumsaa nama tokko tokkoof
akka kennamu ni taasifama.

3. Keewwata kana keewwata xiqqa 2 akkuma eeggametti ta’ee carraan


barumsaa hafu yoo jiraatee Magaala Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’
hunduu akka dorgoman ni taasifama.

4. Keewwata kana keewwata xiqqaan 3 akkuma jirutti ta’ee hojjataan


Waajjira keessa baratu kan hin jirre yoo ta’e hojjataa buufata fayyaa
qabxii olaana qabuuf ni kennama.

5. Hojjataan Magaala Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’ tokko keessaa qabxiin


wal qixxee ta’e yoo argatan, dursi dubartii fi qaama miidhaaf kan
kennamu ta’ee dubartii fi dhiirri qaama miidhamaa yoo ta’an dursi
dubartiif kan kennamu ta’a.

6. Hojjataa Magaala Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’ qabxii walqixa ta’e


argatan, lamaanu dhiira ykn dubartii yoo ta’an ogeessaa tajaajila
caalmaa qabuuf dursii ni kennama.

7. Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaalaa qabxiin isaa


hojjattoota Aanaa keessa jiru tokkoffaa bahe waliin walqixaa yoo ta’e
dursaa ni kennamaaf

21. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota sadarkaa Baankii dhiigaa


Naannoo keesssa hojjataniif kennamu

1. Baankiin dhiigaa Naannoo keessa jiran waggaatti yeroo tokko


ulaagaa jiru ykn bahu irratti hunda’udhaan madaalliin gaggeeffame
sadarkaan isaanii addaan ni baha

22
2. Akkaataa karoora jiruun carraan barumsaa Baankii dhiiga 1ffaa
hanga 3ffaa bahaniif carraan barumsaa ni kennama.

3. Keewwata kana keewwata xiqqaa lama akkuma eeggametti ta’ee


carraan barumsaa hafu yoo jiraate Baankii dhiigaa 1ffaa hanga 3ffaa
bahe dabalatee hunduu akka dorgomu ni taasifama.

4. Baankii dhiigaa tokko keessaa qabxiin wal qixxee ta’e yoo argatan,
dursi dubartii fi qaama miidhaaf kan kennamu ta’ee dubartii fi
dhiirri qaama miidhamaa yoo ta’an dursi dubartiif kan kennamu
ta’a.

5. Hojjataa baankii dhiiga qabxii walqixa ta’e argatan, lamaanu dhiira


ykn dubartii yoo ta’an ogeessaa tajaajila caalmaa qabuuf dursii ni
kennamaa

6. Itti gaafatamaan Bankii dhigaa qabxiin isaa hojjattoota Aanaa keessa


jiru tokkoffaa bahe waliin walqixaa yoo ta’e dursaa ni kennamaaf

22. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota Biiroo keesssa hojjataniif


kennamu

1. Kootaa Carraa barumsa Biiroof kenname hojjattootni hundinuu akka


dorgoman ta’ee hojjattoota qabxii olaana qaban irraa kaasee hanga
kootan kenname gahutti carraan barumsaa ni kennama.

2. Bara baajata tokko keessatti Adeemsa hojii tokko irraa nama lamaa
ol carraan kan kennamu Manajimantii olaanadhaan ilaallame hojii
irratti kan miidha hin fidne ta’uu isaa yoo ilaallame qofa ta’a.

3. Kootaa carraa barumsaa Biiroof kenname hojjataan itti fayyadamu


kan hin jirre yoo ta’e Biiroon Godina ykn Hospitaala ykn Baankii
Dhiigaa ykn Giddugala Laabooratoorii Naannoo ykn Dhaabbilee
Leenjii Naannoo ykn Magaalotaaf kennuu ni danda’a.

4. Dorgomtoota jidduutti qabxiin wal qixxee ta’e yoo argatan, dursi


dubartii fi qaama miidhaaf kan kennamu ta’ee dubartii fi dhiirri
qaama miidhamaa yoo ta’an dursi dubartiif kan kennamu ta’a.

23
23. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota Labooratoorii Naannoo keesssa
hojjataniif kennamu

1. Labooratoorii Naannoo Itti waamamni isaa Biiroof ta’e hojjattoota


qo’aannoo fi qorannoo irratti hojjachaa jiraniif gosa leenjii
barbaachisu karoorsudhaan Biiroo ni beeksisu

2. Akkaata karoora isaanitiin carraa barumsaa argame akkaata ulaagaa


dhaabaatichaattin dorgomsiisudhaan hojjata darbe ragaa wabii
wajjin Biiroofni dabarsu

3. Biiroon dorgommii fi calalliin taasifame akkaata ulaagaa fi karoora


jiruun ta’uu isaa qulqulleessudhaan ragaa ispoonsara hojjata
dorgomee darbeef ni kenna.

4. Gosa ogummaa carraan barumsaa argame gidduugaleesaa


labooratoorii keessatti deebi’ame hojjachiisuu kan hin danda’amne
yoo ta’e carraan barumsaa hin kennamu.

5. Carraa barumsaa gababaa fi dheeraa biyyaa alaa fi keessa karoora


booda kan argame yoo ta’e Sadarkaa giddu galeessaa kan raawwatu
ta’ee raawwiin isaa Biiroof ni beeksifama.

24. Carraa barumsaa dheeraa hojjattoota sadarkaa dhaabbilee leenjii


Naannoo keesssa hojjataniif kennamu

6. Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Itti waamamni isaa Biiroof ta’e hojjattoota


baruu fi barsiisu akkasumas qorannoo irratti hojjachaa jiraniif gosa
leenjii barbaachisu karoorsudhaan Biiroo ni beeksisu

7. Akkaata karoora isaanitiin carraa barumsaa argame akkaata ulaagaa


Koolleejjichaatiin dorgomsiisudhaan hojjata darbe ragaa wabii wajjin
Biiroofni dabarsu

8. Biiroon dorgommii fi calalliin taasifame akkaata ulaagaa fi karoora


jiruun ta’uu isaa qulqulleessudhaan ragaa ispoonsara hojjata
dorgomee darbeef ni kenna.

9. Gosa ogummaa carraan barumsaa argame Koolleejjii keessatti


deebi’ame hojjachiisuu kan hin danda’amne yoo ta’e carraan
barumsaa hin kennamu.

24
10. Carraa barumsaa gababaa fi dheeraa biyyaa alaa fi keessa karoora
booda kan argame yoo ta’e Sadarkaa Koolleejjiittii kan raawwatu ta’ee
raawwiin isaa Biiroof ni beeksifama.

25. Ulaagaalee dabalataa Hojjataa Seektara Fayyaa Carraan barumsaa


kennameef guutuu qaban

1. Hojjataan Carraa barumsaa argatan kamiiyyuu ulaagaa Dhaabbatni


leenjii gaafatu guutuu qabu

2. Ulaagaan Dhabbilee barnootaa qormataa seensaa kan barbachisuu


yoo ta’e qormataa ni fudhaataa

3. Hojjataan carraa barumsaa argatee akkaataa waligalee mallateesseen


dirqama irraa eegamuu bahuu qaba.

4. Hojjataan tajaajila waadaa gale osoo hin xumurin carraa barumsaa


argate lamaanu ida’amee barumsaa argatuun booda akka tajaajila
kennu ni taasifama.

5. Carraa Leenjii Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaalaa fi qamoolee


Mootummaa fi Mit-mootummaa gara garaa irraa argamu akkaata
ulaagaa qaama leenjii kennuun kan raawwatamu ta’a.

26. Ulaagaa Carraa Leenjii yeroo Gabaabaa biyya alaa

1. Akkaata ulaagaa carraa leenjii gabaaba biyya alaa argameen ni


kennama.

2. Ogeessa leenjii gababa biyyaa alaa al tokko kennameef carraa leenjii


gababa biraa biyyaa alaa kan kennamuuf erga leenjii gababaa duraan
kennameettin tajaajila wagga 3 xumuru qaba.

3. Keewwataa kana kewwataa xiqqaa 2 akkuma jirutti ta’e hojjataa


carraa leenjii gabaaba biyya alaa argatee leenjii gabaaba biraa irratti
dorgomuuf leenjii duraan argatan tajaajila kennee bu’aa kan buusee
ta’u koree manajimantii ol’aanaa Biirootin yoo mirkana’e qofaa
carraan kennamuuf ni danda’aa.

4. Ogeessa sadarkaa kamiyyuuf leenjii gababaa gosa ogummaa kanaan


dura barateen walfakkatu irratti al-tokko caalaa carraan hin
kennamuuf.

25
5. Carraa Leenjii gababaa hojii irraa argamee kamiyyuu koree foo’annoo
fi filannoo Biirootiin qofaa dorgomiidhaan kan kennamu ta’a.

6. Keewwataa kana keewwataa xiqqaa 5 akkuma egameetti ta’e carraan


leenjii argame hojjataa kallattiidhaan kan ilaalu ta’u isaa
manajimantiin ol-aanaa Biirooti kan mirkana’e yoo ta’e carraan
argame beeksisa dorgomii malee hojjataa qaama ilaaluf kennamuu ni
danda’a.

7. Carraan leenjii argame erga Biiroo gahee yeroon isaa guyyaa hojii 3
kan hin caalle yoo ta’e Gaggeessan Adeemsa Hojii Misooma fi
Bulchiinsa Qabeenya Namaa Hogganaa Biiroo waliin qaama carraan
barumsaa kennamuufi qabu murteessu ni danda’u.

8. Carraa leenjii gababa kamiyyuu maqaa hojjataatiin qama kamiiyyuu


irraa dhihaatu fudhatama kan hin qabnee fi carrichi dorgomidhaan
qofa kan raawwatu ta’a.

9. Carraan leenjii argamu Ogummaadhaan kan hin daangeffamne yoo


ta’e hojjataan seektara kamiiyyuu dorgomuu ni danda’a.

27. Dheerinni Umrii Leenjiif Barbaachisu

Ulagaalee dhaabbileen barnootaa biyya alaas ta’ee biyyaa keessa


akkuma egametti ta’ee hojjataa tokko ogumma foyyeefachuuf daangaa
umurii armaan gadii darbuu ni qabu

Daangaa umurii
Sadarkaa barumsa irraatti Dhiiraf Dubartiif
dorgomamuu
1. Sartifikeetii irraa gara 40 43
Dippiloomaatti
2. Diplooma irra gara Digirii jalqabaa 45 48
tiif
3. Digrii jalqabaa irra gara Digirii 50 53
2ffaaf (Maasteriif)
4. MD irraa gara Ispeeshaalistummaa 50 53
5. Ispeeshaalistummaa irraa ’Sub 50 53
Specialist’
6. Digrii 2ffaa (Maastereetii) irra gara 50 52
Digirii 3ffaaf (PhD)

26
7. Leenjii gabaabaa fi Sooroma ba'uuf hanga
gidduugaleessatiif (Certificate) waggaan 2 hafutti

28. Ulaagaalee ogeessa tokko dorgommii leenjii kammiiyyuu irraa


ittisuu danda’an

1. Leenjii biyya keesaas ta'ee kan biyya alaatiif Biiroon deeggarsa


kenneen erga dorgommii darbeen booda hamma carraan
barumsichaa hafuu isaa qulqullaa’utti.

2. Ulaagaa Qaxarri, Jijjiirraa fi hojiitti deebi’uu qajeelfama kana


keessatti tuqameen ala qaxaramee ykn jijjiiramee ykn hojiitti
deebi’ee yoo argame carraan leenjii kamiyyuu hin kennamuuf

3. Hojjataa sadarkaa baruumsa walfakkaatu qabu sadarkaa


walfakkaatu kan biraa irratti dorgomuu hin danda’u.

4. Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 akkuma eeggametti ta’ee


hojjataai carraa barumsaa gosa ogummaa walfakkaatu irratti
dorgomee yoo darbee fi barumsa yoo xumuree booda seektaraaf
bu’aa olaanaa buusuu ni danda’a jedhamee manajimatii olaanaan
yoo murtaa’e carraan barumsaa kennamuufi ni danda’a.

5. Hojjataan kamiiyyuu beeksisa carraa leenjii adda addaa bahu


irratti carraa tokko qofa irratti galmaa’e dorgomuu qaba, iddoo 2 fi
isaa olitti galmaa’e yoo argame carraan barumsaa kamiiyyu hin
kennamuuf.

6. Hojjataa carraa jijjiraa argatee iddoo itti jijjirameetti tajaajila


waggaa tokko kan hin gunnee yoo ta’e carraa barumsa kamiyyuu
irratti dorgomuu hin danda’u

7. Hojjataa tokko carraa barumsaa dorgomee erga darbee booda


sababa humna ol ta’en ala carraa barumsa argametti fayyadamuu
yoo hin dandeenyee bara baajata keessa dorgommiin biraa hin
eeyyamamuuf.

8. Hojjataa naamusa cimaadhaan himatame dhimmi isaa ilaallama


jiru yookin itti murtaa’e hanga turmaata yeroo adabbii xumuruttii
leenjii kamiiyyuu dorgomuu hin danda’u.

9. Hojjataa tokko carraa barumsaa dorgomee erga darbee booda


sababa ragaa qabatamaa dhiheessuu hin dandeenyeen yoo
27
addaan kute waggaa 2 itti aanuuf carraa baruumsaa kamiiyyuu
dorgomuu hin danda’u.

10. Hojjataan adda duree ta’e yeroo carraan barumsaa aragmeetti


iddoo adda duree ta’ee yoo jijjiramee carraa barumsaa kan hin
arganne ta’e iddoo isaa hojjata qabxii itti aanuuf ni kennamaa.

29. Koree Carraa Leenjii Hojjataa Seektara Fayyaa

Koreen dhimma jijjiraa, ramaddii, mirga hojii gadilakissu hojiitti


deebi’uu ogeyyii Fayyaa qajeelfama lakkofsa 11/2008 keewwaatta-
18 irraatti hunda’ee carraa leenjii argamees kan raawwaatu ta’a.

30. Akkaataa Raawwii Carraa Barumsa Hojjataa Seektara Fayyaa

1. Keewwata 26 kewwata xiqqaa 7 akkuma eegametti ta’ee Carraan


barumsaa biyya alaas ta’ee kan biyya keessaa, kan yeroo gababaa
fi yeroo dheeraa kan kennamu ulaagaalee bahan irratti hundaa’ee
dorgommii ifaatiin qofa ta’a.

2. Carraan leenjii gababaa biyyaa alaa kamiyyuu Adeemsii Hojii


Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya Nama osoo hin beekin carraa
kamiiyyuu fayyaadamuu hin danda’amu.

3. Itti gaafatamaanykn Adeemsi ykn Tajaajilli Biiroo keessa jiran


deeggarsa leenjii kennani yoo argaman qaama mallatteesse irratti
tarkaanffiin naamusa cimaa fudhatamee carraan argame ni
haqama, hojjataan osoo irra hin gahamin carraa argate yeroo
barumsaaf biyya alaa turetti mindaan hin kaffalamuuf.

31. Haala Beeksisnii itti ba’u

1. Hojjetoonni beeksisa akka salphaatti bakka arguu danda’anitti


gabatee beeksisa yookiin ‘Website’ Biiroo, Godinalee, Aanaalee fi
Dhaabbilee Fayyaa keessaatti ifaan maxxanfamuu qaba.

2. Qabiyyee Beeksisichaa

a. Gosa Leenjichaa,
b. Iddoo Leenjichaa,
c. Yeroo Leenjichi Itti Kennamuu fi Yeroo Inni fudhatu,
d. Baay’ina leenjifamtoota barbaadamani,

28
e. Gosaa fi sadarkaa barumsaa leenjifamtoota irraa
barbaadamu,
f. ogummaa addaa fi muuxannoo hojii,
g. saala, Kkf,
h. Iddoo, guyyaa fi sa’aa galmee,
i. Guyyaa, ji’aa fi bara beeksisichi itti bahe,
j. Maqaa, Mallattoo fi Chaappaa I/gaafatamaa kutaa hojii
beeksisichaa baase kkf hammatee bahuu qaba.

3. Yeroo Beeksisichi Itti Turu

A. Beeksisni guyyoota hojii 10 walitti aananiif gabatee beeksisaa


yookiin ‘website’ irratti maxxanfamee ni tura.

B. Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko akkuma jirutti ta’ee,


carraan argame guyyaa 4 hanga 10 kan hafe yoo ta’e beeksisni
guyyaa 4 hanga 7tti bahee dorgommiin ni taasifama.

C. Carraan barumsa argamee beeksisaa guyyaa 10 keessatti


baasuf kan nama hin dandeesinnee yoo ta’e Gaggeesaa
Adeemsa Hojii ykn Qindeesaa Misooma Qabeenya Namaatiin
qabiyyeen beeksisaa E-mail’dhaan yoo danda’amee xalayaan
seera qabeessa kan ergamu ykn ergaa bilbilaan ergameef
fudhaatama ni qaba.

D. Ergaa beeksisaa akkaataa keewwataa kana kewwaataa xiqqaa


C tiin beeksisaa ergamee qaamni ergameef maanaajimantii
mana hojiitiin ilaaluudhaan murteesseen ilaaluudhaan hojii
irra kan oolu ta’a.

E. Galmeen kaadhimamtoota ulaagaa barbaachiso ta’an guutanii


qaama ilaalu irraa Biiroof xalayaa seera qabeessa yookin
email’dhaan, yookiin qaaman ergamu fudhaatama ni qaba.

4. Haala Galmeen Kaadhimamtootaa Itti Gaggeeffamu

A. Galmeen kaadhimamtoota kan gaggeeffamu akkaata ulaagaa


beeksisa irratti baheen hanga xumura guyyaa fi sa’aatii hojii
xumuraatti Adeemsa Hojii Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya
Namaatti ni gaggeeffama.

B. Kadhiimamaan galmeef dhiyaatu ulaagaa beeksisa irratti


ibsameen qofa galmaa’u qaba

29
C. Hojjataan hojii mootummaaf yookiin eeyyama seera qabeessa
ta’een Biiroon ala jiru akka galmaa’u bilbilaan yookin ergaa
email’tiin yookiin bakka bu’aadhan kan iyyatu yoo ta’u
galmeen gaggeeffamee ragaa kuusa keessa hin jirree fi na
barbaachisa kan jedhu yoo jiraate hanga guyyaa xumura
koreen foo’annoo fi filaannoo dhimmicha ilaale murteessutti
dhiyeeffachu ni danda’u.

D. Keewwata kana keewwata xiqqaa C akkuma jirutti ta’ee ragaas


ta’ee iyyannoon erga koreen foo’annoo fi filannoo murteesse
booda dhiyaatu fudhatama hin qabu.

32. Akkaata hojjataa carraa argateef waraqaan Ispoonsara itti


kennamu

1. Carraa barumsa kamiyyuu Biiroodhaan ispoonsarii


gochuudhaaf kan danda’muu dorgoomidhaan yookiin
manajimantii olaanatiin kan mirkanaa’ee namootaa darbaaniif
qofa ta’a.

2. Ispoonsarii carra barumsa gochuuf kewwata kana kewwata


xiqaa tokko kan ibsameen alaa dhaabbilee fayyaa ykn
waajjiraledhaan yoo xalayaa degarsaa dhaabilee barnoota
ol’aanaaf barreefamee argamee qaamni kana raawwatee seeran
kan gaafatamu ta’e carraan barumsa argamees ni haqama.

3. Hojjataai dhuunfadhaan tajaajila irraa eegamu xumuree carraa


barumsa biyya alaa argate barumsa yoo xumure seektaraaf
bu’aa ni buusa jedhamee manajimantiin olaanaan yoo itti
amaname mindaa seeran eyyamamuuf qofa kaffaluudhaan
carraa barumsa argame akka itti fayyadamu gochuun ni
danda’ama.

33. Carraa barumsaa dhuunfaadhaan baratamu

1. Hojjataan Godina inni hojjetu keessa dhaabbileen leenjii


mootummaa yoo jiraatee fi hojjetaan yeroo turmaataa barumsaa
irratti hojii mootummaa kan hin miine ta’uu manajimantii mana
hojiitiin yoo mirkanaa’e ni eeyyamama, ragaan isaanis qindaa’ee
barumsi osoo hin eegaliin ykn akkuma jalqabameen Biiroof ni
gabaafama.

2. Hojjataan akka keewwata kana keewwata xiqqaa 1 ala carraa


barumsaa dhuunfaadhaan barachuu hin eeyyamamuuf
30
3. Hojjataa carraa barumsa dhuunfaadhaan akka baratu
heeyyamamuuf barumsa booda barumsi inni barate seektara
keessatti caasaa jiru irratti ramadamee kan isa hojjechiisu ta’uu
qaba.

4. Keewwata kana keewwata xiqaqqaa 3 akkuma eegametti ta’ee


hojjetaan ogummaa barateen mana hojii keessatti hojjechuuf gitni
hojii kan hin jirre yoo ta’e iddoo gitni hojii jirutti hojjechuu fedhii
kan qabaaatu ta’uu qaba.

5. Ogeessa seektara fayyaa dhaabbilee leenjii mootummaa keessatti


dhuunfadhaan barachaa osoo jiru adda duree yoo ta’ee yeroo
barumsa hafeef Biiroon ispoonsara taasisun barumsa akka
xumuru ni godha.

34. Mirgaa fi Dirqama Ogeessaa Carraa Barumsaa Argatee

1. Hojjataai Carraa barumsaa biyyaa keessatti ispoonsarii Biirootin


argatee yeroo turmaata barumsa mindaa guutuu akkaata
qajeelfama Mootummaatiin ni kaffalamaaf.

2. Hojjataan seektara fayyaa carraa barumsaa ispoonsarii Biirootiin


argate kamiyyuu tajaajila irraa barbaadamu akkaataa waddaan
seeneen kennuu qaba.

3. Hojjataan tajaajila osoo hin xumurin hojii gadi lakkisuu yoo


barbaade ji’a tokko dura beeksisuudhaan akkaata waligaltee
galeen tajaajilli hafe shallagamee maallaqa ittiin waadaa gale
Biiroodhaaf galii gochuudhaan waraqaa hojii gadilakkisuu
(Qulqullinaa) fudhachuu ni danda’a.

4. Hajjataan kamiyyuu barumsa argatee wabii hanga guyyaa 10 itti


yoo dhiheeffachuu baate carraan argame hojjataa eeggataa
tokkoffaa ykn 2ffaa tiif haala walduraa duubaatiin ni kennamaaf.

5. Hojjataan seektara fayyaa kanaan dura naannoo Oromiyaa


keessatti tajaajila irraa eegamu xumuree hojii irraa addaan
addaan bahe yoo hojiitti deebi’e caarraan baruumsaa itti aanu
kan kennamuuf yeroo hojiitti deebi’e irraa kaasee yoo xiqqaate
tajaajila waggaa tokko kennuu qaba.

6. Hojjataan tajaajila irraa eegamu xumuree jijjiirra seera qabeessa


ta’een Naannoo biraa yookiin Federaala irraa gara Naannoo
31
keenyatti jijjiirrame carraa barumsaa argachuuf yoo xiqqaate
tajaajila waggaa tokko kennuu qaba.

7. Hojjataan dhaabbata mit-Mootummaa (NGO) walakkaan baajata


mootummaa naannootiin deeggaraman ykn guutumaan guututti
of danda’ee hojjataa ispoonsarii godhee barsiisuu yoo barbade
Biiroon xalayaa deeggarsa yookiin uunkaa ispoonsara
guutuudhaan akka baratan deeggarsa ni taasisa.

8. Hojjataa keewwata kana keewwata xiqqa 7 irratti ibsame


deeggarsi ykn ispoonsarri kan taasifamuuf hojjataa raawwii
hojiitin adda duree ta’ee fi yoo xiqqaate tajaajila waggaa tokko kan
kenne ta’uu qaba.

9. Dhabbanii miti mootumma hojjataa barsiisuuf yoo hin barbanne


fi hojjataa tajaajila carraa baruumsaaf barbaachissu kan
xumuran yoo ta’e, Biiroon dhaabbilee fayyaa sadarkaa kamiiyyuu
keessatti ramadee tajaajila waggaa tokko yoo kenne ispoonsarii
gochuudhaan barsiisuu ni danda’a.

10. Hojjataai carraan barumsaa kennameef tokko hayyama Biiroo


malee gosa ogummaa akka baratu itti ergameen alatti jijjiiruu fi
sadarkaa barumsaa ittii aanu itti fufuu hin danda’u.

11. Hojjataa carraa baruumsaa sagantaa idileetiin kennameef


qabeenya mootummaa dhimma hojiif harka isaa gale mana hojii
isaatti deebisee ragaa qulqullinaa qabachuu qaba.

12. Hojjataa barumsa isaa xumuree deebi’e iddoo Biiroon itti


ramadeetti hojjechuuf dirqama qaba.

13. Hojjataa carraa barumsa argatee akka baratu hayyamaameef


yeroo barumsichi fudhatu keessatti sababa adda addaa tiin osoo
hin xumurin kan hafe ragaa qabatamaa dhiyeessee Biiroon kan
eeyyameef yoo ta’e malee yeroon dabalataa hin hayyamamuuf

14. Hojjataan carraa barumsaa argatee waaligaltee Biiroo waliin


tasisee rakkoo humna ol hin taanen barumsa addaan kute
mallaqaa barumsa wajjiin walqabatee itti bahe akkaata
waliigalteetin akka kaffalu ykn tajaajilan akka bakka buusu ni
taasifama.

15. Hojjataa carraa barumsaa argate kamiiyyuu leenjii irra jiraachu


isaa Seemisteera Seemisteran ragaa seera qabeessa qaama
mindaa kaffaluuf dhiyeessu qaba.

32
16. Hojjataa carraa barumsaa kennameef tokko barumsa isaa
xumure ji’a tokko keessatti hojii kan jalqabu yoo ta’u ogeessa
yeroo kenname keessatti hojii hin jalqabne faayidaan argatu
mindaa dabalatee kan irraa dhaabbatu yoo ta’u seeranis ni
gaafatama.

17. Ulaagaan carraan barumsa ogummaa yaaluu akkataa ulaagaa


dhaabbata leenjiitiin kan kennamu ta’a.

18. Ispoonsariin carraa barumsaa kamiiyyuu kan kennamu


sadarkaa Biiroo tti qofa ta’a.

19. Hojjataa haala Biiroon hin beekinee fi dorgomiidhaan ala


ispoonsariif carraa barumsaa argate guyyaa irra gahaame
jalqabee barumsa addaan kutee gara hojiitti akka deebi’u ni
taasifama, qamni ispoonsarii seeran ala godhe ykn hayyamaa
kennee addaabbiin namusaa cimaan irratti ni fudhatama.

20. Ogeesii ispoonsarii Biiroottin alaa yookiin seeraan alaa


barachaa jiru akkaataa keewwaata kana keewwataa xiqqaa 19
tiin hojiittii guyyaa 10 keessatti kan hin deebinnee yoo ta’e
beeksisaa seera qabeesaa basuudhaan hojii irraa akka
gaggeefamuu ni taasifama.

21. Ogeesii seeraan alaa barumsa baratee osoo irraa hin gahamin
barumsa xumure ragaa yoo dhiheeffate faayidaa barumsaan wal-
qabate akka argatu deeggarsi tokkolee hin taasifamuuf.

Itti gaafatamaan sadarkaa kamiiyyuu jiru ogeessa seeran ala


baratee ragaa dhiyeeffateef faayida sadarkaan barumsaa
argamsiisu akka argatu deeggarsa kennee fi mirkaneesse
namuusa cimaan kan gaafatamu ta’a.

22. Hojjataa top-up ykn kaffaltti mindaan alaa kafalamaafii jiru


yeroo caarraa barumsaa argate irraa jalqabee kafaltiin
mindaadhaan ala jiru ni dhaabbata.

23. Keewwata kana keewwata xiqqaa 23 akkuma eegametti ta’e


hakimoota ogummaa ispeeshalistootaan carraa barumsaa
argatan fayidaleen akka biyyaatti murta’ee hojii irraa jiru fi gara
funduraa murta’u danda’u akka itti fuufuu ni tasifama.

24. Hojjataa tajaajila irraa egamu erga xumuree booda carraaqqii


dhuunfaadhaan godheen barumsa biyya alaa yoo argatee fi
bu’aan raawwii hojii isaaf 75% fi isaa ol yoo ta’ee fi manajimantii

33
olaanaan yoo murtaa’eef Biiroon mindaa isaa akkaata qajeelfama
jiruun kaffaluudhaan ispoonsara gochuu ni danda.

25. Hojjataan seektara fayyaa kamiiyyuu gosa carraa barumsaa


ergameen alatti gosa bira irratti dorgomuu hin danda’u.

35. Mirgaa fi Dirqama Mana hojii

1. Adeemsi Hojii bara baajata keessatti dhaabbileen leenjii gosa


ogummaa leenjisa jiranii fi gara fuuldura leenjisu danda’anii fi
Ogummaa Seektaraaf barbaachisu qorachuudhaan hojjattoota
leenji’u qaban duraan dursee karoora hojii keessatti akka
haammatamu gochuu qaba.

2. Adeemsi hojii gosa ogummaa hojjattotni seektara fayyaa irratti


dorgomuu danda’anii fi ulaagaa barbaachisu koota carraa
barumsa wajjiniin hojjattootni akka beekan Waajjiraalee fi
Dhaabbilee Fayaatiif ni dabarsa.

3. Carraa barumsa qaama adda addaa ( Ministeera Eegumsa


Fayyaa Federaala, BSBG Oromiyaa, Waajjira Pirezidaantii fi
k.k.f.) irraa argamu Biiroon haala itti amaneen dorgommiif ni
dhiyeessa.

4. Hojjataa Fayyaa kamiyyuu tajaajila irraa eegamu yoo xumure


ragaan barumsa yunivarsitii keessatti baratetti qabamee jiru
akka gadlakifamuuf mannii hojii haala ni mijeessaaf.

5. Ogeessa fayyaa carraa baruumsaa argatee mana barumsaa


jiruuf fooyyaa’iinsa/ jijjiirama minda akka biyyaatti murtaa’ee,
akkaataa iskeelii mindaa cee’uumsaa kennameen fooyyaa’ee ni
kafalamaaf.

6. Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 akkuma eegameetti ta’ee


sadarkaa guddina mindaa hojjattoonni mana hojichaa wal-
dorgommiin argatan hin dabalatu.

7. Hojjataa barumsa isaa akkaataa waligalteen hordofaa jiraachuu


isaa semisteera semisteeran ni to’ata.

8. Ogeessa baruumsa akkaataa waligalteetiin barachaa hin jirre


irratti tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata.

34
9. Ogeessa barumsa xumure ji’a tokko keessatti iddoo hanqina
ogummaa ittiin barate jirutti faayidaalee argachuu qabu wajjiin
ramadee akka hojiitti bobba’u ni taasifama.

10. Ogeessa ji’a tokko keessatti dhiyaate ramaddiif gabaasa hin


goone ragaa waliigaltee orijinaala waliin mirkaneesse seeran
akka gaafatamu tajaajila seera tiif ni dabarsa.

11. Itti gaafatamaan ykn bakka bu’aan mana hojichaa namoota


mallattoof dhihaachuu qaban waadaa galan, waabootaa fi
haadha manaa ykn abbaa manaa qamaan dhihatanii ragaan
nama 3 iddoo jiraniti mallatta’uu isaa ni mirkaneesa.

12. Itti gaafatamaan ykn bakka bu’aan waajjira bakka bu’ee


waadaa galaa wajjin waalii mallatteessu of-eegannoodhaan
mallaqni fi ragaalee barbachisaa ta’an guutamuu isaanii
mirkaneessuudhaan mallatteessuu qaba.

13. Itti gaafatamaan ykn bakka bu’aan keewwata kana keewwataa


xiqqaa 12 cabsee argame tarkaanffiin seeraa kan irratti
fudhatamu ta’un akkuma eegameetti ta’ee, badii naamusa
cimaa akka raawwateetti ilaalamee tarkaafiin namusaa kan
irratti fudhatamu ta’a.

14. Ogeessa seeran dorgomee darbeef qofa xalayaan deeggarsaa fi


ispoonsara qaama ilaaluf ni barreeffama.

15. Carraa barumsaatiif hojjataaf xalayaa deeggarsas ta’e ragaa


ispoonsaraa kennuun aangoo Biiroo qofa ta’a.

16. Waajiraalee fi dhaabbilee fayyaa ragaa fi waraqaa ispoonsaraa


hojjataaf kennanii yoo argaman itti gaafatamaan addabii
naamusaa cimaadhaan kan adabamu ta’a.

17. Adeemsi Hojii Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya Namaa fi


Adeemsi Qophii Karoora, baajata fi gamaggama raawwii hojii
sadarkaa kamiyyuu jiran ogeessa bara baajata itti aanu keessa
eebbifamu danda’u adda baasun garaagarumma mindaa
argachuu qaban maqaa hojjataatin qabachuu qabu.

18. Ogeessa digirii 2ffaa ogummaa yaalun alaatiin barumsa


xumure Godina irraa dhufe irratti iddoo gita hojii duuwwaa
jiru Sadakarkaa Godinaatti irratti ni ramadama.

19. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Sadarkaa Godinaa ogeessa digirii


2ffaa barate yeroo hojiitti deebi’u iddoo duwwaa yoo hin
35
qabaanne iddoo duuwwaa Waajjiraalee Eegumsa Fayyaa
Aanaalee irratti ramadee akka hojjatu ni taasisa.

20. Kaffalttii mindaa ogeessota digirii 2ffaa iddoo duraan irratti hin
ramadamnetti yoo ramadame hanga sirreefmni mindaa isaani
bara baajata itti aanutti taasifamutti iddoo duraan ture irraa
akka argatu ni taasifama.

21. Hojjataai ogummaa yaalutiin barumsa xumure dhaabbilee


dhufe irratti deebii’ee ramadamuu qaba.

22. Akkaataa keewwaata kana keewwaataa xiqaa 21 akkuma


eegametti ta’e dhaabbatiin fayyaa ogeesii irraa carraa barumsa
argatee xumuree iddoo ogummaa sanaa gutuu ykn kan hin
qabnee yoo ta’e qofaa Biiroon iddoo duwwaa fi baajataa bakka
jirutuu akka ramadamuu ni taasifama.

23. Biiroo, Waajjiraalee, Dhaabbilee leenjii fi Fayyaa hojjataa


ispoonsaraan yookin eeyyamaan akka baratan taasifame yeroo
barumsa isaanii xumuranii deebi’anitti iddoo itti ramadaman
karooran addaan bahee beekkamu qaba.

24. Dhaabbileen fayyaa fi waajjiraalen sadarkaa sadarkaan jiran


bu’aa qabxii madaalli hojjataa seektaraa madaallin
xumuramee yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti Biiroo akka
gahan gochuu qabu.

25. Carraan barumsaa argame guyyaa sadii fi isaa gadi yoo ta’e fi
ulaagaan kan hin daangessine yoo ta’e Biiroo, Godinaalee fi
Magaalota sadarkaa tokkoffaa fi 2ffaa ’A’tiif kennuu ni
danda’a.

26. Biiroon qabxiin bu’aa raawwii hojjataa seektara haala salphaa


ta’een ’software’ qopheessuudhaan bu’aa raawwii hojjataa
seektarichaa qindeesse ni qabata.

27. Hojjataan seektara qabxiin dorgommii carraa barumsa


kamiifiyyuu kan hojii irra oolu ida’ama qabxii bu’aa raawwii
hojii yeroo lamaa Biiroo gahee qindaa’e ta’een qofa kan
madaalamu ta’a.

28. Waajjiraalee fi dhaabbileen fayyaa sadarkaa sadarkaan jiran


qabxii hojjataa seektraf guutamu dhuma waggaa irratti
madaallii yeroo lamaa qabxii gidduu galaa guttaamee
ergameen ala yeroo dorgommii qabxiin biraa guuttame yoo

36
ergame qaamni guute erge naamusa cimaan kan itti
gaafatamu ta’a.

36. Dirqama wabii ogeessa Carraa barumsaa argateef irraa eegamu:


Lak Gosaa ogummaa baratuu Qarshii Baay’i Mindaa
k Wabii na
ittiwaam wabii
amuu
1 Ogeessa ogummaa yaaluu 500,000 2 Mindaa 7,000 ol
’sub-speciality’ 3 Mindaa 6,000 ol
4 Mindaa 5,000 ol
2 Ogeessa ogummaa yaalun 350,000 2 Mindaa 5,000 ol
ala digirii 3ffaa (PhD) 3 Mindaa 4,000 ol
3 Hakimaa ogummaa yaluu 500,000 2 Mindaa 7,000 ol
(Clinical Specialist) 3 Mindaa 6,000 ol
4 Mindaa 5,000 ol
2 Mindaa 7,000 ol
Ogummaa yaaluu Digrii
4 250,000 3 Mindaa 6,000 ol
2ffaa (All 2nd Degree)
4 Mindaa 5,000 ol
5 Ogeessa Ogummaa Yaluun 125,000 3 Mindaa 5,000 ol
alaa (2nd Degre) (MPH, MSc, 4 Mindaa 4,000 ol
MA, MBA fi kkf ) Sagantaa 5 Mindaa 3,000 ol
idileettin
6 Ogeessa Ogummaa Yaluun 75,000 2 Mindaa 5,000 ol
alaa (2nd Degree) (MPH, 3 Mindaa 4,000 ol
MSc, MA, MBA fi kkf ) 4 Mindaa 2,500 ol
Sagantaa Sandiwichiitin,
gannaa fi sanbattan
7 Ogeessa Diploma fi qixa 75,000 1 Mindaa 5,000 ol
ta’e irra carraa barumsa 2 Mindaa 4,000 ol
digrii jalqabaa sagantaa 3 Mindaa 2,500 ol
idileetin argate
8 Ogeessa ”Diploma fi qixa 50,000 1 Mindaa 5,000 ol
ta’e” irra carraa barumsa 2 Mindaa 4,000 ol
digrii jalqabaaSagantaa 3 Mindaa 2,500 ol
gannaatin argate
9 Ogeessa carraa barumsaa 25,000 1 Mindaa 5,000 ol
sagantaa level V sagantaa 2 Mindaa 4,000 ol
idileetin argate 3 Mindaa 2,500 ol
10 Ogeessa carraa barumsa 25,000 1 Mindaa 5,000 ol
Level IV sagantaa 2 Mindaa 4,000 ol
idileetinargatee 3 Mindaa 2,500 ol
11 25,000 1 Mindaa 2,000 ol

37
Ogeessa carraa barumsa 2 Mindaa 1,500 ol
Level III sagantaa idileetin
argatan
Ogeessa carraa barumsa 20,000 1 Mindaa 2,000 ol
Level II sagantaa idileetin 2 Mindaa 1,500 ol
argatan
Carraa barumsaa gababaa 1 Mindaa 2,000 ol
12 sgantaalee (ART, PMCT, 20,000 2 Mindaa 1,500 ol
BEMoC kff) irratti atgataan

1. Itti gaafatamaan dhaabbilee fayyaa fi waajjiraalee ykn hojjataan


itti gaafatamaan bakka bu’e qofa tilmaama Qarshii ykn Qabeenyaa
waabiif barbachisu gahaa ta’uu isaa mirkaneesuudhaan ogeessa
waadaa gale wajjin walii ni mallatteessa, kanaan ala raawwatamee
yoo argame itti gaafatamaan wabii waamsise seeran kan itti
gaafatamu ta’a.

2. Wabiin qabeenyaan yoo ta’e, qabeenyii nama wabii ta’uu gahaa


ta’uu fi qabeenyichi hanga Biiroon beekutti qaama sadaffaatti kan
hin jijjiirramne ta’uu isaa ragaan qamaa ilaalu irraa yoo dhiyaatee
wabii namaa bakka bu’uu ni danda’a.

3. Wabummaan kan turu hanga hojjataan tajaajila irraa eegamu


xumuree dirqama isa irraa barbaadamu bahutti akka qabamee
turuuf dirqama qaba.

4. Keewwataa kana kewwaata xiqaa 3 akkuma eegametti ta’e wabiin


dirqamni irraa akka ka’u yoo barbaade hojjataan hanga nama
biraa bakka buusutti dirqamni irraa hin ka’u.

5. Namni wabii ta’u haadha manaa ykn abbaa manaa wajjiin qaaman
dhiyaatee mallatteessu qaba.

6. Wabiin haadha manaa ykn abba manaa kan hin qabne yoo ta’e,
bulchiinsa ganda jiraatuu irraa ragaa dhiheefachu qaba.

7. Waliigaalteen Koppii afuriin qophaa’ee itti gaafatamaa mana


hojiitiin mirkanaa’e ,koppiin tokko kuusaa hojjetaa mana hojii
keessatti kan qabamu ta’ee, koppiin lama xalayaa
gaggeessituudhaan Biiroof ni dhiyaata, Koppiin Biiroof dhiyaate
tokko Kuusaa mana galmee tokko immoo Adeemsa leenjii biratti
qabamee ni taa’a

38
37. Fooyya’umsaa

1. Hojjettoonni guyyaa qajeelfamni kun osoo hin mirkaanaa’iin dura


barumsa xumuranii fi barachaa jiran qorumsa ogummaa
Biiroodhaan qophaa’u yoo darbanii fi iddoon yoo jiraate
ramaddiin kennameefii faayidaalee barbaachisaa akka argatan ni
taasifama

2. Keewwata kan keewwata xiqqaan tokko akkuma eegametti ta’ee


hojjettoonni gosa ogummaaa barataniin iddoo amma hojjechaa
jiranitti kan isaan hin hojjechiisne yoo ta’e iddoo yoo jiratee
dhihootti ramadiin ni kennamaafii, guyyaa hojii jalqabe irraa
faayidaan barbaachisu ni kennamaafi

3. Qajeelfamni kamiiyyuu qajeelfama kanaan walitti bu’u yoo jiraate


qajeelfama kanaan bakka bu’ee jira.

4. Itti gaafatamaan qajeelfama kanaan faalla raawwatee tarkaanffiin


seera kan irratti fudhatamu ta’a.

38. Dirqamaa Qajeelfama kana Raawwachiisuu

Gaggeessan fi Hojjataan seektara fayyaa sadarkaa sadarkaadhan jiru


qajeelfama kana hojii irra oolchuf dirqama kan qabu yoo ta’u,
dhimmootni faalla qajeelfama kanaan ala hojjatamee yoo argame
seeran kan itti gaafatamu akkuma jirutti ta’ee tarkaanffiin naamusa
cimaa irratti ni fudhatama.

39. Yeroo qajeelfamni kun hojii irra oolu

Qajeelfamni kun Adoleessaa 1 bara 2008 irraa jalqabee kan hojii


irra olu ta’a

39
QAJEELFAMA JIJJIIRRAA, RAMADDII FI MIRGA HOJII GADILAKKISUU
FI HOJIITTI DEEBI’UU HOJJATAA SEEKTARA FAYYAA NAANNOO
OROMIYAA LAKK. 11/2008

Bulchiinsa Qabenya Namaa manneen hojii Naannichaa keessatti


haala sirna qabeessa (Systematic) ta’een akka raawwatamuu fi
bu’aaleen sagantaalee leenjii irraa eegaman akka dhugooman
gochuudhaaf akka gargaaru Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Garii
Oromiyaa akkaataa Labsii lakk. 132/2003 Keewwata 18 fi Labsii
Bulchiinsa hojjatoota Mootummaa lakk 61/94 keewwata 50/3 fi
88/2’n kennameef qajelfamoota Jijjirraa, Ramadii fi Mirga Hojii
Gadilakkisuu fi Hojiitti Deebi’u Ogeyyii Fayyaa Naannoo Oromiyaa
kanatti aanu basee jira.

Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun "Qajeelfama Jijjiirraa, ramaddii fi mirga hojii
gadilakkisuu fi hojiitti deebi’uu Hojjataa Seektara Fayyaa seektara
eegumsa fayyaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 11/2003" jedhamee
waamamuu ni danda'a.

1. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuf yoo ta'e malee
qajeelfama kana keessatti:

1. “Jijjiirraa keessaa" jechuun jijjiirraa hojjetaa Seektara Fayyaa


keessatti gita hojii tokko irraa gara gita hojii biraatti, bakka tokkoo
irraa bakka biraatti, dhaabbilee fayyaa Naannichaa sadarkaa adda
addaa jiranitti,waajjira olaanaa irraa gara dameetti, Godinaatti,
Bulchiinsa Maggaalaatti, Hospitaalaatti, Aanaatti fi akkasumas
Aanaa irraa gara Aanaatti ykn Godinaa fi mana hojii olaanaa
sadarkaa Naannoo fi Godina irraa gara Godinaatti taasifamuudha.

2. “Jijjiirraa alaa” jechuun jijjiirraa hojjetaa mootummaa


Seektara Fayyaa Naannoo Oromiyaa fi Manneen Hojii
Federaalaa dabalatee Naannoolee biroo gidduutti taasifamudha.

2. “Ramaddii” jechuun ramaddii Hojjataa Seektara Fayyaa Minsteera


eegumsa fayyaa irraa ergamanii Godinalee fi Dhaabbilee fayyaatti
ergamaan ykn Godina irraa gara Aanaaleetii ergamaan jeechudha.

3. ”Qaxarrii” jechuun dhaabileen Fayyaa ykn waajjiraleen ogeesoota


Fayyaa ulagaa barbachisaa ta’e akkataa uunkaa Biiroo SSBG
Oromiyaa ttin guuchisiissuun xalayaa qaxarii kennan jechuudha.

40
4. "UlaagaaleeJijjiirraa" jechuun dhimmoota akka dheerina yeroo
tajaajilaa, iddoo tajaajilaa, rakkina fayyaa, rakkina maatii fi kkf yeroo
koreen jijjiirraa fi ramaddii dhimmaa jijjiirraa ilaalu akka qabxii
dorgommiitti ilaalcha keessa galchuu dha.

5. ”Hojii gadilakkisuu” jechuun ogeessa tajaajila irraa egamu xumuree


ykn tajaajila hafeef qarshii irraa barbaadamu kaffalee ragaa tajaajila
isa ibsuu kennameef jechuu dha.

6. ”Hojiitti deebi’uu hojjataa ” jechuun Hojjataa Seektara Fayyaa


Tajaajila irraa eegamu xumuranii waraqaa hojii gadilakkisuu
fudhataan ykn tajaajila irraa eegamu osoo hin xumurin hojii irraa
badan ykn tajaajila irraa egamuu xumuranii ragaa hojii gadilakkisuu
osoo hin fudhatin erga deemani booda hojiitti deebi’uuf iyyatanii
hayyamameef jechuu dha.

7. ”Ogeyyii ol’aanaa” jechuun ogeyyii sadarkaa diigrii duraa fi isaa ol


qaban jechuu dha.

8. ”Wirtuu madaallii gahumsa ogummaa” jechuun Hospitaalota


Naannoo keessa filatamanii iddoo madaallii gahumsa ogummaa itti
kennamu jechuu dha.

9. ”Dhaabbilee leenjii” jechuun koolleejjii saayinsii fayyaa naannoo


keessatti baaajata mootummaatiin tajaajila leenjii kennaa jiran jechuu
dha.

10. ”Ragaa qaxarrii guutuu” jechuun hojjataan haaraa qaxaramu


kamiiyyuu osoo hojiitti hin bobba’in dura kan akka xalayaa ramaddii,
Uunkaa Seenaa jireenyaa, beeksisa qaxarrii, ragaa barumsaa, wabii,
ragaa fayyumaa fi ragaa Ashaaraa fi kkf jechuu dha.

11. ”Ragaa Jijjiirradhaaf barbaachisu” jechuun ragaa fuudha fi


heerumaa mana Amantaa fi mana Qopheessa irraa dhiyaatu, Ragaa
boordii Mana yaala, Ragaa mana murtii fi Ragaa Waajjira Fayyaa
irraa dhimmaa hojjataa ibsu jijjiirraf gargaaru jechuu dha.

12. ”Magaalota” jechuun Magaalota itti waamamni isaa Sadarkaa


naannootti ta’e jechuu dha.

13. ”Ragaa Boordii” jechuun dhukkubsataan ogeessa Ispeeshaalistii


gosa dhibichaatiin beekumsa qabuun yaalama erga turee booda iddoon
yoo jijjiirramef malee fayyumaa irratti miidha geessisu danda’ama
jedhame kennamu jechuu dha.
41
14. Hiikni jechoota qajeelfama carraa Carraa leenjii Hojjataa Fayyaa
Lakk.11/2008 keessatti ibsame qajeelfama kanaafis ni fayyada.

2. Qajeelfama kana keessatti jechi koorniyaa dhiiraaf himame dubartiis


nidabalata.

3. Daangaa Raawwatiinsaa

1. Qajeelfamnii Kun Hojjataa Seektara Fayyaa Naannoo Oromiyaa


sadarkaa kamiyyuu jiraan irratti kan raawwaatamu ta’a.

2. Dhaabbata miti-mootummaa walakkaan deeggarsa mootummaatin


ykn guutumaan guututti ofdanda’anii tajaajila fayyaa kennaa jiran
irratti raawwatiinsa ni qaba.

Kutaa Lamaa

Ramaddii fi Qaxarii Ogeyyii Fayyaa

4. Akkaataa ramaddii yookiin qaxarri Hojjataa Seektara Fayyaa


haarawaa itti raawwatamu

1. Biiroon Hojjataa olaanoo waggaa waggaan barbaachisu


Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaala ni beeksisa.

2. Ramaddiin Hojjataa Seektara Fayyaa ol’aanaa Ministeeraa


Eegumsa Fayyaa Feederalaa irraa ergamu iddoo duuwwan jirutti
Sadarkaa Biirootti carraadhaan ni ramada.

3. Qaxarriin Hojjataa ogummaa digrii jalqabaa fi isaa ol Ministeera


Eegumsa Fayyaa Federaalatiin hin ramadamnee fi gabaa irra jiran
ulaagaa barbaachisa guutan beeksisa ifa ta’een sadarkaa Godina
fi Hospitaalaatti gaggeeffama.

4. Iddo duwwaa bara bajata tokko keesssa sadrkaa magaalaa 1ffaa


fi 2ffaa ”A” keessa jiru %30 qaxarrii fi ramaddiidhaan kan
guutamu ta’ee, %70 jijjiirraadhaan kan guutamu ta’a

5. Keewwaataa kana keewwataan xiqaa 4 akkuma eegamettii ta’e


Iddoo duuwwaa magaala sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ’A’ jijjiirraan
guutuu hin dandeenye qacxarriidhaan kan guutamu ta’a.

42
6. Qaxariin Hojjataa sadarkaa Diplomaa ykn Level kamiyyuu
qormaata gahumsaa ogummaa (COC) fudhaatanii kan darban
dorgomsisuudhaan qofa sadarkaa Godina, Magaalaa fi
Hospitaalaatti kan gaggeefamuu ta’a.

7. Qabxii qormaata qaxarrii Ogeessa fayyaa haaraa Sadarkaa


Naannoo fi Godinaatti raawwatamu akka armaan gaditti
shallagamee ogeessa qabxii olaana argate qaxarriin ni
gaggeeffama

A. Qormaata barreeffama Parsantii 80


B. Gaaffii Afaanii parsantii 20

8. Iddoo duuwwaa tokko’f bahee irraatti dorgoomaan galmaan


akkaataa qajeelfamaa qaxarii Biiroo Sivil sarvisii fi Bulchiinsa
Gaariitiin Oromiyaattin bahee bayyinii dorgoomtootaa yoo
xiqqaate beeksisni 2ffaa bahuu qaba.

9. Beeksisa 2ffaa irratti iddoo duuwwaa tokko’f kaadhimamaan tokko


qofa kan galmaa’e yoo ta’e qaxaramuu ni danda’a.

10. Hojjataa fedhii Biirootiin Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Naannoo


keessatti gulantaa adda addaatiin leenjii xumuranii madaalli
gahumsa ogummaa (COC) milkaa’uu isaanii tarreeffama Maqaa fi
gosa ogummaa Biiroo irraa dhiyaatu irratti hundaa’udhaan
iddoon duwwaan kadhimamitootaa gahuu yoo jiratee dorgommii
malee Godinaaleen dhufaanitti deebi’aanii iddoo duuwwaa jirutti
ni ramadu.

11. Dhaabbileen leenjii akkaata seera ittiin bulmaata isaanitiin


barsisaa yeroo kamiyyuu qaxarrii raawwachu ni danda’u

12. Hojjatoonii dhuunfaadhaan eeyyamaan ogummaa fooyyeeffatan


iddoo jiranittii ogummaa isaaniitiin kan hojjachiisu yoo ta’e
mindaan fooyya’e akka hojjatan taasisun ni danda’ama.

13. Keewwata kana keewwata xiqqaa 12 akkuma jirutti ta’ee hojjataa


iddoo jirutti ogummaa isaaniitiin ramadamee hojjachiisuun kan
hin danda’amne yoo ta’ee iddoo duwwaa naannoo hojii yoo jiraate
dursi kenname ramadamu ni danda’a kan hin jirre yoo ta’ee iddoo
duuwwa jiruttii ramadamee hojjachuuf fedhii kan qabu yoo ta’e
mindaan fooyya’eefi hojjachisuun ni danda’ama.

43
14. Iddoo duwwaa ogeyyii fayyaa hospitaalaa kan gutamuu
jijjiraadhaan ta’e ogeyyiii jijjiraan hin gaffaannee yoo jirataan
qaxarriidhaan gutachuu ni danda’u

15. Aanaaleen Iddoo duwwaa, baajataa fi gosa ogummaa


barabaachisu hanga Adoolessa 30tti qindeesee Godinaaf ni
dabarsa.

16. Godinni fedhii Aanaa irraa dhihaatu qindeessee hanga Hagayya


20tti Biirroof ni dabarsa.

17. Hospitaalii fedhii ogeyyii qabuu gosaa gosaan addaan basudhaan


bajataa qabata, yoo mirkana’ee qindeessee hanga Hagayyaa 20tti
Biirroof ni dabarsa.

18. Gita duuwwaa, bajataa fi gosa ogumma yeroo jedhamee booda


dhiyaatuu irratti qaxarriin tokkollee hin raawwatamu.

19. Qaxariin ergaa raawwaatamee boodaa ramaddiin carraadhaan


kan gaggeefamuu ta’e, hojjataan carraan baheef wal jijjiruu ni
danda’u.

20. Hojjataan qormaata darban iddoo itti ramadamanitti guyyaa hojii


10 keessatti dhihaatanii yoo hin qaxaramne iddoo isaanii
Hojjataan eeggattoonni itti aanan akka qaxaraman ni taasifama.

21. Iddoo duuwwan sababa adda addaattin jiru jechuunis iddoo


namni irraa du’e fi hojii gadilakkisee yoo jiraate Hojjataa
qormaata darban yeroo ji’a sadi hin caalle keessatti eeggata ta’an
qaxaramuu ni danda’u.

22. Iddoo duuwwaa kamiyyuu qaxarii sadarka Godina, Magaalaa fi


Hospitaalaatti gaggeeffamu kamiyyuu irratti beeksisnii osoo hin
bahiin fi dorgomiin osoo hin gaggefamin qaxarriin haaraan hin
gaggeefamu.

23. Qaxarriin yookiin ramaddiin sadarkaa Godina, Magaalaa fi


Hospitaalaatti gaggeeffame kamiiyyuu guyyaa qaxarrii yookiin
ramaddiin taasifame irraa kaase hanga ji’a tokko ragaa qaxarrii
guutuu ta’e waliin Biiroof ergamu qaba.

24. Ogeessa seektara fayyaa qaxaramee hojii irra jiru beeksisa iddoo
duuwwaa gara bira jirutti dorgomee qaxaramuu kan hin
dandeenye yoo ta’e, qaxarame yoo argame guyyaa irra gahamee
jalqabee qaxarriin isaa ni haqama.

44
25. Qaxarriin sadarkaa kamiiyyuu gaggeeffamuu kan danda’u
duraan dursee Hojjataan Seektaricha jijjiirraa yookiin sadarkaa
guddina keessatiin guuttamuu kan hin danda’amne qofa ta’a.

26. Hojjataa n haaraa Abbaa manaafi haadha manaa ta’anii ragaa


qabatamaa dhiyeeffatanii ramaddiif dhiyaatan carraa Haadha
Manaa yookiin Abbaan manaa baasen yoo iddoon jiraate waliin ni
ramadamu

27. Ogeyyiin haroofnii bajaata fi iddoon yoo jiraate fi Abbaan Manaa


yookiin Haati Manaa iddoo jijjiirraan gaafatame jiraachu isaa
Waraqaa Eenyummaa fi xalayaa deeggarsaa yoo dhiyeeffatan
iddoo hadhaa mana ykn abbaa mana jirutti ramadiin
kennamuufii ni danda’a.

28. Hojjataai ogummaa hanqina akkaa naannootti jiranii fi gabaa


irrattii akka salphaatti argachuu hin dandeenye Biiroon haala
mijeessee kontraataan qaxaruudhaan giddugala tokko irraa
(Telemedicine) dhaabbilee fayyaa naannichaa akka tajaajilan
gochuun ni danda’a

29. Keewwata kana keewwata xiqqaa 28 akkuma jirutti ta’ee iddoo


dhaabbileen fayyaa ogeessota gabaa irraa argamuu hin
dandeenye kontiraataan ykn sagantaadhaan (partime) qaxaranii
hojjechiisuu ni danda’u.

5. Akkaata qormaatni qaxarrii itti qophaa’u

1. Gosa ogummaa qaxarriif dhiyaate Dhaabbata Leenjii Mootumma


gosa ogummaatiin barsiisu qormaata baase iccitiidhaan qoree
bu’aa isaa akka beeksisu ni taasifama.

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko akkuma eeggamutti ta’ee


iddoo dhaabbatni leenjii gosa ogummaa qaxaramu barsiisu hin
jirreetti koreen ogeessa barbaachisu afeerudhaan qopheesse qoru
ni danda’a.

3. Qormaatni qaxarii koreedhaan bahu kamiyyuu kan qophaa’u


guyyaa qormaatni itti kennamu ta’uu qaba.

4. Akkaata keewwata kana keewwata xiqqaa tokko fi 3’n qormaatni


qophaa’e hanga kadhimamaan qormaata jalqabutti qaamni
qormaata qopheesse iddoo qormaata itti qopheessaniin alatti
bahuun hin danda’amu.

45
6. Haala Qaxarrii Hojjataa Seektara Fayyaatin ala itti raawwatamu

1. Qaxarrii Hojjataa fayyaatin ala iddoo duuwwaa seektara keessa jiru


akkaata qajeelfama Biiroon Siiviil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii
Oromiyaa baasen qofa wajjiraa ykn dhaabbilee fayyaa fi leenjii iddoo
duwaa argamutti kan raawwatamu ta’a.

2. Keewwaata kana kewwaataa xiqaan tokko akkuma eegameetti ta’e


hospitaalaa haraa bannamuuf Biiroon Hojjataai Federaala irraa dhufan
kan ramadu yoo ta’u hojjataai hafan godinni Hospitaalichi keessatti
argamu Jijjiirraadhaan ykn qaxarriidhaan ni guuta

Kutaa Sadii
Jijjiirraa hojjatootaa Seekara Fayyaa

7. Aangoo jijjiirra Waajjiraa fi Dhaabbilee Fayyaa

Jijjiirran Hojjataa Seektara Fayyaa haala salphaa akkasumas


rakkoolee dhimmoota Bulchiinsa gaariitin walqabatan hambisuu
danda’uutti haala mijeessun barbaachisa waan ta’eef Aangoon
jijjiirran dhaabbilee fayyaa fi waajjiraale sadarkaa sadarkaan jiran
akkaata armaan gadiitti akka raawwatamu ta’ee jira.

1. Sadarkaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaatin jijjiirraan


raawwatamu qabu:-

A. Buufata fayyaa Aanaa keessa jiran irraa gara Buufata Fayyaa


Aana keessa jiru biraatti

B. Buufata Fayyaa Aanaa keessa jiran irraa gara Waajjira


Fayyaa Aanaatti

C. Magaalota Sadarkaa Aanaa qaban Aangoo keewwata kana


keewwata xiqqaa tokko (A fi B) jalatti ibsame raawwachuuf
Aangoo ni qabu.

D. Jijjiirra waliinii dhaabbilee fayyaa Aanaa keessa jiran lamaan


jidduuttii waliigalamu

E. Hojjattoota Ekisteeshinii Fayyaa Baadiyyaa Gandoota Aanaa


keessa jiranitti aanaan ganda tokko irraa gara ganda biraatti,

46
2. Sadarkaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaatin jijjiirran
raawwatamu qabu:-

A. Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa Godina keessa jiranii


gara Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa Godina keessa jiran
biraatti

B. Magaala Sadarkaa tokkoffaa fi 2ffaa ‘A’ kamiiyyuu irraa garaa


Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa Godina keessa jiraniitti

C. Godina biraa irraa gara Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa


Godina keessa jiranitti

D. Hospitaala kamiiyyuu irraa gara Aanaa ykn Magaala


Sadarkaa Aanaa Godina keessa jiranitti

E. Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa fi Hospitaala Godina


keessa jiran irraa gara Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaatti

F. Jijjiirra waliinii Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa Godina


keessa jiru jidduutti fi jijjiirraa waliinii Godinaan ala fi
dhaabbilee fayyaa fi leenjii irraa dhiyaatu gaggeeffamu
kamiiyyuu

G. Jijjiirraa sababa rakkoo addaatiin dhiyaate Godina keessatti


iddoo kamiittuu rakkoo uumameef furmataa ni ta’a jedhamee
iddoo itti amanamu kamittuu jijjiirraa raawwachuu

H. Hojjatoota Ekisteenshinii Badiyaa Aanaa Godinna keessa


jiran aanaa tokko irraa gara aanaa biraatti jijjiiruu ni danda’a

3. Sadarkaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaala sadarkaa tokkoffaa fi


2ffaa ‘A’ tiifi jijjiirran raawwatamu qabu:-

A. Dhaabbilee fayyaa magaalaa jala jiran irraa gara dhabbilee


fayyaa magaaluma kessatti argaman jiduutti

B. Aanaa ykn Magaala Sadarkaa Aanaa Godina biraa irraa gara


Dhaabbilee Fayyaa Magaala jala jiranitti

C. Magaala sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’ biraa irraa garaa


dhaabbilee fayyaa magaalaa jala jiranitti

D. Hospitaala Sadarkaa Kamiiyyuu irraa gara Dhaabbilee


Fayyaa Magaala jala jiranitti
47
E. Dhaabbilee fayyaa magaala jala jiran irraa gara Waajjira
Eegumsa fayyaa magaalaatti

F. Jijjiirra waliinii dhaabbilee fayyaa Magaala keessa ykn Godina


ykn Magaala sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’ ykn Hospitaala irraa
jijjiirraa waliinii dhiyaatu jidduutti gaggeeffamu kamiiyyuu

4. Sadarkaa Hospitaalatti jijjiirran raawwatamu qabu:-

A. Godinaalee ykn Magaalota Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’ ykn


Dhaabbilee fayyaa irraa gara Hospitaalatti

B. Jijjiirra waliinii Godinaalee ykn Magaalota Sadarkaa tokkoffaa fi


2ffaa ‘A’ ykn Dhaabbilee fayyaa irraagara Hospitaalatti

5. Sadarkaa Biirootti jijjiirraa taasifamuu qabu:-

A.Jijjiirraan ogeessota fayyaa fi hojjettoota mootummaa kan biroo


seektara fayyaa naannoo oromiyaa keessa hojjechaa jiranii fi
jijjiirraan ogeessota fayyaa fi hojjettoota mootummaa kan biroo
seektara fayyaa Naannoolee biroo fi akkasumas manneen hojii
Federaalaa gidduutti gaggeeffamu kamiyyu jijjirichi osoo
hinraawwatamiin dursee gaaffiin Biiroo Siviil Sarviisii fi Bulchiinsa
Gaarii Oromiyaatiif dhiyaatee mirkanaa’u qaba.

B.Naannoo Oromiyaa keessatti Seektara Fayyaa Sadarkaa


kamiiyyuu irraa gara Biirootti.

C. Seektara Naannoo keessa jiran irraa gara Seektara Fayyaatti

D.Jijjiirraa sababa dhukkubaatiin gaggeefamu kamiyyuu

F.Jijjiirraa sababa rakkoo addaatiin dhiyaate Godina tokko irraa gara


Godina biraatti ykn Hospitaalatti ykn Magaalota sadarkaa tokkoffaa
fi 2ffaa ‘A’ ttii iddoo kamiittuu rakkoo uumameef furmataa ni ta’a
jedhamee iddoo itti amanamutti jijjiirraa raawwachuu.

6. Sadarkaa Dhaabbilee Leenjii

Dhaabbilee ykn Waajjiraale seektara fayyaa sadarkaa kamiiyyuu


irraa gara Dhaabbilee Leenjiitti

48
7. Sadarkaa Giddugala Laaboratoorii Naannoo fi Bankii Dhigaa

Dhaabbilee ykn Waajjiraale seektara fayyaa sadarkaa kamiiyyuu


irraa gara Giddugala Laaboratoorii Naannootti

8. Haaldureewwan jijjiirraaf guuttamu qaban

1. Iddoo duuwwaa mana hojii sadarka kamiyyuu keessa jiru duran


dursee hojjatoonii mana hojii carraa akka argataan beeksisaa
ifa ta’een dorgommiin taasifame dursi ni kennamaaf.

2. Hojjataa mana hojii jiru erga jijjirame iddo qabatee booda iddoo
duuwwaa hafetti ykn iddoo ogeesii irraa jijjirametti beeksisaa
jijjiraa hojjatooni seekitara fayyaa keessa jiraniif ni baha.

3. Hojjataa gara Biirootti ykn waajjiraaletti jijjirradhaan dhufan


ulaagaa dandeentiwwan iddoof barbaachisuu guutuu fi
hojiidhaan adda duree ta’uu qabu.

4. Beeksisni jijjiiraa iddoo duwwaa hojjatoota seekitaraaf bahe jiru


irratti hojjataan jijjiramuu yoo hin jiraanne beeksisa qaxari ifa
ta’een dorgomiidhaan iddoo duuwwaan akka gutamuu ni ta’a.

9. Jijjiirra gaafachuuf tajaajila barbaachisu,

1. Hojjataa seektara fayyaa sadarkaa kamiiyyuu jiru jijjiirraa


gaafachuf yoo xiqqaate tajaajila waggaa 2 iddoo ramadametti
kennuu qaba

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 akkuma eeggametti ta’ee


Hojjataan seektaraa sababa dhibeetin boordii hospitaala irraa
yoo dhiyaate tajaajila waggaa 2 osoo hin guutin ilaalamufin ni
danda’a.

3. Ragaa Hospitaala irraa dhiyaatu soba ta’ee yoo argame


miseensa boordii fi qaama mirkaneesse irratti himanni seeraa
kan dhiyaatu ta’ee namusaanis ni gaafatamu, Hojjetaan raga
sobaatiin jijjirame yoo irra gahame sadarkaa “C” irratti akka
ramadamu ni taasifama.

4. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 akkuma eeggametti ta’ee


iddoo duuwwaa Aanaa keessa jiru Hojjataa haaraan osoo hin
ramadamin dura ogeessotni duraan tajaajila kennaa jira waggaa

49
2 kan hin guutne yoo ta’es iddoo duuwwa jiru irratti dursi
kennameefi jijjiirramu ni danda’u.

5. Hojjataa seektara tajaajila waggaa 2 kan hin guutne fi rakkoo


addaa ta’uu kan qabu ta’uu ragaa Poolisii irraa yoo dhiyaate
iddoo duuwwaa fi baajatni yoo argame jijjiirraan taasifamufi ni
danda’a.

6. Jijjiirraan ogeyyii ol’aanaa fi akka naannotti hanqinii jiru gara


Naannoon ala tasifamuu tajaajila irraa eeggamu yoo xumuran
qofa ta’a.

7. Kewwaata kana kewwaata xiqaa 6 akkuma egameetti ta’e jijjira


ogeyyii akka naannootti hanqinii jiru bakka isaanii ogeessii
gama Ministeeraa Fayyaattin kan bu’u ta’e tajaajila wagga tokko
booda hayyamamuuf ni danda’a

8. Keewwataa kana keewwaataa 6 akkuma eegametti ta’e gaafii


jijjiraa hirmaannaa ogeyyii naannoo keenyaa Ministeerri
Eegumsa Fayyaa Federaala gaafatuu dhihaatuu kamiyyuu
yeroo kamiyyuu gaggeefamuu ni danda’aa

9. Kewwaataa kana keewwataa xiqaa 6 akkuma eegametti ta’e


ogeyyii akka naannootti hanqina hin qabnneef iddoo isaanii
jijjiraadhaan ta;e qaxariidhaan akka salphattii gutamuu
danda’u tajaajila waggaa 1 booda jijjiraa gaafachuu ni
danda’amaa

10. Haala qabiinsa baajata jijjiirraaf barbaachisu

1. Dhaabbileen Fayyaa fi Waajjiraaleen sadarkaa sadarkaan jiran


baajata fedhii qacarrii hojjataa Seektara fayyaa bara baajata
tokkotti barbaadan duraan dursanii karoorsudhaan baajata
qabachuu qabu

2. Dhaabbileen Fayyaa fi Waajjiraaleen sadarkaa sadarkaan jiran


baajata mirkanaa’a qabaatan duraan dursanii Hojjataa n jijjiirra
gaafatan yoo jiraatan dursa jijjiirra raawwachudhaan iddoo
hafetti qaxarrii haaraan kan guuttamu ta’a.

3. Baajanni gita hojii banaa Dhaabbileen Fayyaa fi Waajjiraalee


sadarkaa sadarkaan jiran guutuuf Hojjataa tajaajila kennuu
qaban gosa ogummaa fi sadarkaa barumsaa fi baay’ina qofa
gaafachu qabu malee, ka’umsa mindaatin dangeessanii
qabaachu hin danda’an.
50
4. Dhaabbileen Fayyaa fi Waajjiraalee sadarkaa sadarkaan jiran
baajata qaxarrii bara tokkoof barbaachisu hanga danda’ametti
mindaa ka’umsa osoo hin taane mindaa ogeessa gosa ogummaa
barbaadamu kan giddugaleessa ta’uu qaba.

11. Akkaata jijjiirran itti dhiyaatu

Gaaffiin jijjiirraa ogeessota seektara fayyaa sadarkaa kamiiyyuu jiran


iddoo hojii isaanitti uunkaa dhimma kanaaf qophaa’e irratti guutuu
qabu malee hojjataa tokko dhimma jijjiirratiif iddoo hojii irraa
deemun dhoorka yoo ta’u hojjataa dhimma jijjiirraa walqabatee iddoo
hojiirra dhaabbilee fayyaa fi waajjiraale sadarkaa kamiiyyuu jiran
deemu yoo ta’e keessamaa’u hin danda’u.

Haaluma kanaan gaaffiin jijjiirra akkaata armaan gadiitti kan


raawwatamu ta’a.

1. Hojjataa jijjiirra Godina hojjatuu keessa fi ala jijjiirraa barbaadu


iddoo hojii isaatti uunkaa qophaa’e irratti Aanaa Godina jijjiirra
gaafate keessa jiran akkaata fedhii qabuun hanga iddoo 3
walduraa duuban filachuudhaan gaafachu ni danda’a.

2. Hojjataa seektara fayyaa gara Godinaa biraatti jijjiirraa gaafatu


Godina tokko qofa filachuudhaan jijjira gaafachu qaba. Haata’u
malee Godina gaafate keessaa Aanaa Sadi filachuun walidura
dubaan tartiitibaan gaafachuu ni danda’a

3. Hojjataa seektara fayyaa gara Hospitaalaa jijjiirraa gaafatu


Hospitalaa tokko qofa filachuudhaan gaafachu qaba.

4. Waajjirri Eegumsa Fayya Aanaa fi Magaala Sadarkaa Aanaa


Hojjataa jijjiirra buufata fayyaa fi Waajjira Aanaa keessa jiran
gaafatan qindeessudhaan ni qabatu

5. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Aanaa Hojjataa jijjiirra Aanaa


isaanitin ala gaafatan qindeessudhaan gara Waajjira Eegumsa
fayyaa Godinaatiif yeroo kaa’ame keessatti ni dabarsu.

6. Dhaabbileen fayyaa Magaala Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ‘A’ jiran


uunka dhimma kanaaf qophaa’e irratti guutuudhaan ragaa
waliin yeroo qajeelfama kana keessatti kaa’amee keessatti
Waajjira Eegumsa fayyaa Magaalatiif ni dabarsu.
51
7. Hospitaalii hojjataan jijjiirra gaafatan uunka dhimma kanaaf
qophaa’e irratti guutuudhaan ragaa waliin yeroo qajeelfama
kana keessatti kaa’amee keessatti Waajjira Eegumsa Godinaa
keessaa jiranitti ni dabarsu.

8. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godinaa fi Magaala Sadarkaa 1ffaa fi


2ffaa ‘A’ gaaffi jijjiirraa dhiyaate qindeessudhaan yeroo
qajeelfama kana keessatti kaa’ameen Biiroof qaamaan hard
Copy fi sooft copy ni dhiyeessu, kan gara Godina, Magaala fi
Hospitaala isaanitti dhiyaate mirkaneesanii ni fudhatu.

9. Ragaan akkaata Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 dhiyaatu


iddoo hojjattootni gaafatan Godinaan, Magaalaan, Hospitaalan,
Baankii dhigaatin, Giddugala Laaboratoorii Naannootiini fi
Dhabbaata leenjiitiin addaan bahee qopha qophaatti kan
qophaa’e ta’uu qaba.

Akkaata jijjiirran itti raawwatamu


12. Jijjiirraa sababa gaa’ilaatiin raawwatamu

1. Carraan jijjiirraa fuudhaa fi heerumaan raawwatamu yoo


xiqqaate hojjataan jijjiirraa gaafate iddoo itti ramadametti
tajaajila waggaa tokko kennuu qaba.

2. Abbaan manaa fi haati iddoo tokko ykn iddoo adda addaa


hojjatachaa osoo jiranuu jijjiirra gaafatanii Haati manaa ykn
Abbaan Manaa tajaajila qabaniin ykn sababoota keewwata kana
jalatti tarreeffamen carraa kan argatu yoo ta’e Haati manaa ykn
Abbaa manaa carraa hin argatnes waliin jijjiirramu ni danda’u

3. Akkata keewwata kana keewwata xiqqaa 2’n iddoo fi baajatni


kan Ogeessa tokko qofa kan jiru yoo ta’ee qaamni moo’ate
jijjiirrame kan hafee hanga gitni banaa fi baajatni argamutti
eeggataa ta’ee ni tura.

4. Ragaan gaa’ila dhimma jijjiirraf dhiyaachu qabu ragaa gaa’ila


qama seeraa qabeessaa ta’e kennamee ta’u qaba.

5. Carraan jijjiirraa sababa gaa’ilatin kennamu hojjataa 2 fi isaa ol


iddoo tokkotti kan dorgomu yoo ta’e ogeessa tajaajila caalmaa
qabuuf dursi ni kennama.

6. Ragaan gaa’ila soba ta’een hojjataa jijjiirame ykn ramadame


guyyaa irra gahamee irraa jalqabee jijjiirran ykn ramaddiin ni
52
haqama, hojjataa ragaa sobaa dhiyeeffate tarkaanfiin namuusa
cimaa irratti fudhatamee sadarkaa ’C’ irratti iddoon yoo jiraate
ni ramadama.

7. Jijjiiran gaa’ilan walqabate ogeessa seektara keessa fi ala jiruuf


carraa jijjiirra kamiiyyu irratti walqixa kan fayyadu ta’a.

8. Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 akkuma eegametti ta’ee


tajaajilli isaanii walqixa yoo ta’e hojjataa seektaraatif dursi ni
kennama.

13. Jijjiirraa sababa dhukkubaatiin gaggeeffamu

1. Carraa jijjiirra sababa dhukkubaatin Kan raawwatamu


dhukkubsataan iddoo ture irraa yoo hin jijjiirramne lubbu fi
jireenya isaa irratti miidhan ni gaha jedhamee ragaan boordii
Hospitaala yoo jiraate qofa ta’a.

2. Ragaan boordii Hospitaala yaalama turee irraa kan dhibee fi


dhimmi isaa boordii Hospitaalatiif dhiyaate kan murtaa’e fi
Medikaal Daayirektarii fi Hojii gaggeesssaatin kan mirkanaa’e qofa
ta’a

3. Ragaan boordii dhiyaatu kamiyyuu Hospitaala naannoo hojjetaan


jiru ykn itti dhiyoo ykn riferaaliidhaan deemee kan kennameefii
qofatu fudhatama qaba

4. Hojjetaan sababa Medikaal boordiitiin carraa jijjiirraa argate


Faaayidaalee Hojjetoonni biraa argatan kan akka carraa leenjii
gabaaba fi dheeraa biyyaa keessaa fi biyya alaa kamiyyuu hanga
waggaa lamaatti hin heeyyamamuufi

5. Koreen jijjiirra sadarkaa kamiiyyuu ragaa boordii dhiyaate irratti


hundaa’udhan jijjirra osoo hin raawwatin dura ragaa dhiyaate sirrii
ta’uu isaa ni qulqulleessa, iddoo shakkii qabutti ogeessa ogummaa
qabu irraa qulqulleessudhaan jijjiirricha irratti murtee ni kenna

6. Ragaa boordii sobaatin jijjiirran kenname yeroo irra gahamee


jalqabee jijjiirran ni haqama, hojjataa jijjiirraan haqame iddoo duraa
ykn iddoo walqixa ta’etti akka ramadamee hojjatu ni ta’aa,
miseensotni boordiis ragaa sobaa kennee fi qaamni mirkaneesse
irratti seeran akka gaafataman ta’ee, naamusa cimadhaanis ni
adabamu

7. Ragaan boordii irraa kenname Kompitaraan kan barreeffamee fi


qooqa Afaan Naannootti hiikkame dhiyaatu qaba
53
8. Ragaan boordii ogeessaf kennamu hanga danda’ametti hojjataa
iddoo jijjiirrametti ogummaa isaatin hojjachuu fi kan hin hojjatne
ta’uu addaan baase kan ibsame ta’uu qaba.

9. Hojjataa boordiidhaan akka jijjiirramu murtaa’eef iddoo itti


jijjiirraamu baajatni fi gitni banaan yoo jiraate fi ogummaa isaatin
hojjachuu yoo danda’e dorgommii tokko malee yeroo ragaa
dhiyeeffate kamiiyyuu jijjiirramu ni danda’a.

10. Hojjataa boordiidhaan ogummaa isaatin hojjachuu kan hin


dandeenye fi akka jijjiirramu murtaa’ef dhaabbilee fayyaa ykn
waajjiraale sadarkaa kamiiyyu Naannoo akka itti jijjiirramu
murtaa’etti argaman baajatni fi gitni banaan yoo jiraate iddoo
hojjachuu ni danda’ama jedhame amanametti jijjirrame akka
hojjatu taasisun ni danda’ama

11. Ogeessotni boordiidhaan akka jijjiirraman murtaa’ef 2 fi isaa ol


ta’anii iddoon jiru immoo tokko yoo ta’e dursi dhukkuba cimaa
ta’uu isaa ogeessotaan kan mirkanaa’ef kan kennamu ta’ee, yoo
dhukkubni walfakkaatu ta’e tajaajila caalma kan qabuuf dursi ni
kennamaaf

12. Hojjataa boordiidhaan akka jijjiirramu murtaa’ef iddoon itti


jijjiirramu gita banaa fi baajata kan hin qabne ta’e hanga gitni banaa
fi baajatni argamutti iddoo dhiyootti akka jijjiirramu ta’ee, iddoo
duuwwaa fi baajatni kan argamu yeroo kamiiyyuu iddoo akka itti
jijjiirramu boordiidhaan murtaa’etti akka jijjiirramu ni taasifama.

14. Jijjiirraa sababa Tajaajilatiin gaggeeffamu

1. Hojjataa seektara fayyaa jijjiirra iddoo hojii isaati gara biraatti


gaafatu yoo xiqqaate tajaajila waggaa 2 kennuu qaba.

2. Hojjataa Seektara Fayyaa jijjiirra gaafatu uunkaa jijjiirra irratti


Aanaalee ykn Magaalota sadarkaa Aanaa ykn Dhaabbilee Fayyaa
Godina tokko keessa jiran hanga iddoo 3 guutudhaan gaafachu ni
danda’a.

3. Keewwata kana keewwata xiqqaan 2 akkuma eeggametti ta’ee


hojjataai seektaraa jijjiirra Godina, Hospitaal ykn magaala irra jiru
irraa gara Hospitaal ,magaala ykn Godina biraa yoo ta’e Godina
tokko qofa filachuudhaan guutuu qaba. ( Godina filatee keessaa
aanoota sadi waliduraa dubaan filachuu ni danda’a)

54
4. Jijjiirran duraan dursee kan gaggeeffamu iddoo duuwwaa jiru
ogeessoota filannoo tokkoffaa erga ilaalame booda iddoo duuwwan
kan hafe yoo ta’e filannoon 2ffaa fi 3ffaa’n wal duraa duuban ni
ilaalama.

5. Iddoo duuwwa Hospitaala Sadarkaa Kamiiyyuu gosa ogummaa


walfakkaatu irratti barumsa sadarkaa digirii fi diploomaan yoo
dorgoman dursi digiriif ni kennama.

6. Qaamni jijjiirra raawwate iddoo hojjataan jijjiirra gaafatan hundatti


qabxii argame waliin duubdeebii ni kennu, duubdeebiin gabatee
beeksisa Waajjira ykn Hospitaala keessatti ifaan maxxanfamu qaba

7. Duubdeebiin kennamee guyyaa hojii 5 keessatti komiin yoo hin


jiraannee hojjataan jijjiirra argatan waraqaa qulqullina
fudhachuudhaan akka jijjiirraan taasifamuuf ni godhama

8. Hojjataan carraa jijjiirra argatan waraqaa qulqullinaa waliin guyyaa


hojii tokko5 keessatti iddoo jijjiirramanitti dhiyaatani gabaasa
gochuu qabu.

9. Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 akkuma eeggametti ta’ee,


guyyaa hojii tokko5 keessatti ogeessa waraqaa qulqullinaa qabatee
iddoo jijjiirrametti hin argamne jijjiirran haqamee eeggatan
sadarkaan jiru iddoo isaa akka bu’u ni taasifama.

10. Hojjataa seektaraa carraa jijjiirra argatee iddoo hojii irraa waraqaa
qulqullina fudhatee guyyaa 15 keessatti gabaasa hin goonee fi
jijjiirran isaa haqame iddoo duraan hojjachaa turetti deebi’ee akka
hojjatu ni taasifama.

11. Keewwata kana keewwata xiqqaa 10 akka hojii irra oolu taasisuuf,
hojjataa waraqaa qulqullinaa fudhatee iddoo jijjiirrametti gabaasa
hin taasifnee fi iddoo hojjataan irraa jijjiirramee waraqaa
qulqullinaa fudhate ji’a tokko’f banaa taa’e akka turu ni taasifama

12. Hojjataan seektaraa, carraa jijjjiirraa argatanii kan itti hin


fayyadamne yoo ta’ee waggaa lamaaf jijjiirran kamiiyyuu hin
kennamuuf

15. Jijjiirra waaliin Hojjataa lama jidduutti taasifamu

1. Hojjataan ogummaa walfakkaatu qaban dorgommii malee jijjiiran


raawwatamu ni danda’a.

55
2. Keewwata kana keewwata xiqqaan tokko akkuma eeggametti ta’ee
waajjiraleen ykn dhaabbileen fayyaa hojjataa kennuu fi fudhatu
beekee walii galuu isaanii xalayaadhaan mirkanessuu qaba.

3. Jijjiirran waliin kan taasifamu waajjiraleen lamaan walii galuu


isaanii koreen yoo mirkaneesse yeroo gabatee jijjiirraa qajeelfama
kana keessa taa’e osoo hin eegin raawwatamu ni danda’a.

16. Jijjiirraa sababa Rakkoo addaatiin taasifamu

1. Hojjataa Seektaraa rakkoo cimaa lubbuu isaa fi maatii isaaf


sodaachisaa ta’ee yoo argamee yeroo kamiiyyuu jijjiirramu ni
danda’a.

2. Carraa jijjiirraa keewwata kana keewwata xiqqaa tokko irratti


ibsame argachuu kan danda’amu ragaa deeggarsaa poolisii irraa
yoo dhiyaate qofa ta’a.

3. Hojjataa seektaraa lubbuu isaa fi maatii isaa irratti ni gaha


jedhame koreedhaan yoo mirkanaa’e Godina keessatti iddoo
mijaa’a ta’e ykn Godinaan alatti akka jijjiirramu ni taasifama.

17. Jijjiirraa Sababa Rakkoo Hawaasummaatiin taasifamu

1. Haati manaa ykn Abbaan Manaa adda addaa jiraatanii tokkoon


isaanii lubbuun yoo darbee iddoo maatin jirutti gitni banaa fi
baajatni yoo jiraate dursi kennamee akka jijjiirraman ni
taasifama

2. Carraa jijjiirra keewwata kana keewwata xiqqaa tokko irratti


ibsame argachuuf ragaan ganda irraa fi waajjira Eegumsa
Fayyaa iddoo maatiin jiran irraa dhugaa ta’uu isaa fi
koreedhaan yoo mirkanaa’e qofa ta’a

3. Hojjataa seektara fayyaa sababa dhibeetin hordoffii addaa


maatii kan barbaachisu ta’uu isaa boordiidhaan yoo mirkanaa’e
iddoo maatiin jiranitti jijjiirran ni taasifama

4. Ragaan boordii akkaata keewwata kana keewwata xiqqaa 3


irratti ibsame dhiyaachu kan qabu Hospitaala irraa boordii
Hospitaalan yoo mirkanaa’e qofa ta’a

18. Akkaataa koreen itti dhaabbatu

56
Koreen jijjiirraa sadarkaa sadarkaadhaan gaggeessuu akkaata armaan
gadiitti ni hundeeffama

1. Koree Sadarkaa Biiroo


A. Gaggeessa Adeemsa Hojii Misooma fi Bulchiinsa
Qabeenya namaa ykn bakka bu’aa tokko walitti
qabaa
B. Adeemsa Hojii Xiqqaa Bulchiinsa Qabeenya namaa
irraa tokko miseensa fi barreessa
C. Adeemsa Hojii Xiqqaa Misooma Qabeenya namaa
irraa tokko miseensa
D. Hojjetaadhaan kan filataman hojjattoota 2
miseensa yoo ta’an isaan keessa tokko dubartii
ta’uu qaban

2. Koree Sadarkaa Godinaa, Magaala Sadarkaa tokkoffaa fi


2ffaa ‘A’ fi Aanaa
A. Qindeessa Adeemsa Hojii Misooma fi Bulchiinsa
Qabeenya namaa ykn bakka bu’aa tokko walitti
qabaa
B. Raawwata Hojii Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya
namaa irraa tokko miseensa fi barreessa
C. Itti gaafataama Waajjiraatiin kan bakka bu’an
hojjattoota 1 miseensa yoo ta’an isaan keessa tokko
dubartii ta’uu qaban
D. Hojjetaadhaan kan filataman hojjattoota 2
miseensa yoo ta’an isaan keessa tokko dubartii
ta’uu qaban
E. Humna nama yoo hin jiraane kan i/gaafatamaan
bakka ni bu’aa

3. Koree Sadarkaa Hospitaala

A. Abbaa Adeemsa Hojii Misooma fi Bulchiinsa


Qabeenya namaa ykn bakka bu’aa tokko walitti
qabaa
B. Raawwata Hojii Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya
namaa irraa tokko miseensa fi barreessa
C. Hojii Gaggeessa Hospitaalatiin kan bakka bu’an
hojjattoota tokko miseensa yoo ta’an isaan keessa
tokko dubartii ta’uu qaban
D. Hojjetaadhaan kan filataman hojjattoota 2
miseensa yoo ta’an isaan keessa tokko dubartii
ta’uu qaban

57
4. Koree Gidugala Laabooraatoorii Naannoo fi bankii dhigaa

A. Itti gaafatan kan bakka bu’u tokko walitti qabaa

B. Abbaa Adeemsa Hojii Misooma fi Bulchiinsa


Qabeenya namaa ykn bakka bu’aa tokko
barreessaa fi miseensa

C. Itti gaafatama kan bakka bu’an hojjattoota 1 ta’ee


isaan keessa miseensa yoo xiqqaate tokko dubartii
ta’uu qaban

D. Hojjetaadhaan kan filataman hojjattoota 2


miseensa yoo ta’an isaan keessa tokko dubartii
ta’uu qaban

19. Aangoo Koree sadarkaa sadarkaan jiran qabaatan

1. Ragaa Hojjataa seektaraa jijjiirraa gaafatanii Gaggeessa ykn


Qindeessa Adeemsa hojii sadarkaa sadarkaadhan jiran irraa
dhiyaatu qulqulleessudhaan ni fudhata

2. Akkaata ulaagaa dorgommii qajeelfama kana keessatti ibsameen


duraan dursee iyyata jijjiirraa tokkoffaa ilaaludhaan ni murteessa,
erga filannoo tokkoffaa irraatti jijjiirraan raawwaatame iddoon
kan hafe yoo jiraate kan filannoo 2ffaa fi 3ffaa walduraa duubaan ni
ilaalama

3. Hojjataa carraa jijiirraa argatan jedhamee addaan bahee


Hogganaa ykn Itti gaafatamaa ykn Bakka bu’aatti
dhiyeessudhaan akka mirkanaa’u ni taasisa.

4. Jijjiirraa Hogganaa ykn Itti gaafatamaa ykn Bakka bu’aatiin


mirkanaa’e gabatee beeksisa irratti akka maxxanffamu ni
taasisa,duubdeebiin iddoo hojjataan jijjiirraa gaafateef ni ergama

5. Duubdeebii ergamee iddoo komiin hin jirreetti jijjiirraan hojii


irraa oolu Adeemsa hojitif ni dabarsa, iddoo komiin ka’etti hanga
qulqullaa’e murtoo argatutti qabamee akka turu ni godha.

6. Koreen jijjiirraa akkaata ulaagaa qajelfama kana keessatti


ibsameen ala jijjiirraa raawwate naamusa cimaan kan gaafatamu
ta’ee, jijjiirraan raawwatames ni haqama.

58
7. Koreen jijjiirraa yeroo dorgommii taasisu yoo xiqqaate miseensi
walakkaa fi isaa ol argamuu kan qaban ta’ee wixinee ykn murtee
miseensa walakkaa gadiin dhiyaatu irratti mari’atanii
murteessuun dhoorka dha
8. Koreen jijjiirraa hojii isaa akkaata gabatee yeroo jijjiirraa keessatti
qofa raawwachu qaba

9. Murteen koree jijjiirradhaan kennamu hanga hogganaa ykn Itti


gaafatama ykn bakka bu’aatin mirkanaa’utti iccitiidhaan
qabamee turuu qaba

20. Ulaagaa Miseensa Koree fi turmaata yeroo

1. Miseensa koree foo’annoo fi filannoo Hojjataa seektara fayyaa


ta’uuf yoo xiqqaate seektara keessatti tajaajila waggaa 2 kennuu
qaba

2. Miseensi koree jijjiirraa hanga waggaa 2’tti kan hojii irra turu
yoo ta’e yeroo 2ffaatiif qofa yoo itti amaname deebi’e filatamu ni
danda’ama

3. Miseensi koree ta’ee filatamu hojii idilee isaa irratti bu’aa gaarii
kan galmeessise ta’uu qabu

4. Miseensi koree naamusa gaarii kan qabuu fi hojjataa


waajjirichaa biratti fudhatama kan qabu ta’uu qaba

5. Miseensi koree ilaalcha fi gocha kiraasassaabdummaa irraa


bilisa kan ta’ee fi kan biraa irratti ifaan kan qabsaa’u ta’uu qaba

6. Miseensi koree dhimmi isaa ykn kan maatii isaa yeroo ilaallamu
ifaan beeksise walgahii koree keessatti argamuu hin qabu

21. Haala hundeeffama koree komii

Jijjiirra raawwatame irratti hojjataan komii qabu akka ilaallamuuf


koree sadarkaa sadarkaan ni dhaabata.

Namni jijjiraa raawwatame irratti komii bu’aan jijjiraa guyyaa


iddoo hojii isaatti boordii beeksisaa irratti ifaan maxxanfamee
kaasee guyyaa 3 keessatti koree dhaabbatutti iyyannoo galfachuu
ni danda’a

1. Miseensota koree Komii Sadarkaa Biiroo fi Koolleejjii Fayyaa


A. Qindeessaa dhimma Riifoormii fi Komii Ummataa tokko walitti
qabaa
59
B. Qindeessa dhimmaa Qondaala Naamusaa tokko miseensa fi
barreessa
C. Qindeessa dhimma Korniiyaa tokko miseensa
D. Hogganaan Biirootin kan bakka bu’an hojjattoota 2 (tokko
dubartii) miseensa

2. Miseensota koree Komii Sadarkaa Waajjira Eegumsa Fayyaa


Godinaa, Magaala Sadarkaa tokkoffaa fi 2ffaa ‘A’, 2ffaa B
Hospitaala Riifaraalii fi Zoonaalii, Giddugala Laabooraatoorii
Naannoo fi Aanaa
A. Itti gaafatama Waajjira Siiviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii
Godinaatiin yks Aanaaykn Magaalatiin kan bakka bu’u tokko
walitti qabaa

B. Qindeessa Adeemsa Hojii Puulii Bulchiinsa ykn bakka bu’aa


tokko miseensa

C. Itti gaafatama Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaa ykn Aanaa


ykn Magaalaatiin kan bakka bu’u tokko miseensa fi barreessa

22. Aangoo Koree Komii sadarkaa kamiiyyuu

1. Jijjiirraan raawwatamee duubdeebiin erga kennamee booda


guyyaa 5 keessatti hojjataan komii qabu dhiyeeffachu qaba

2. Komiin dhiyaatu ifaan addaan bahee raga wajjin yoo hin


dhiyaatne fudhatama hin qabu sababni isaatis ibsame qaama
komii dhiyeeffateef deebii ni kenna

3. Komiin dhiyaate akkaata iyyaannoo fi qajeelfama jiruun


ilaallamee dogonggoora yoo qabaate murtee duraan kenname
diiguudhaan murtoo biraa kennuun ni danda’a

4. Koreen beeke murtoo dogonggora kenne jira jedhee yoo itti


amane seeran gaafatamuun akkuma jirutti ta’ee koree
naamusatiin ilaallamee Adabbiin naamusa cimaa irratti
kennamuu ni danda’ama

5. Koreen komii dhageefatu komii dhihaatee qulquleessee guyyaa


sadi keessatti abbaa dhiimaatiif deebii kennuu qaba

6. Murtoon koree komii sadarkaa kamiiniyyuu ilaalame hoganaa


Biiroo ykn I/Gafatama Waajjira ykn Hoji gaggeessadhaan
mirkaana’e kennamu murtoo isa dhumaa ta’a.

60
23. Gahee dhaabbilee fayyaa fi waajjiraalee fayyaa sadarkaa
sadarkaan jiran
1. Ogeessa seektaraa ulaagaa qajeelfama kana keessatti kaa’ame
guutee jijjiirraa gaafate uunkaa dhimma kanaaf qophaa’e irratti
Weebsaayitii ykn Moosaajjii’dhaan guutuudhaan qaama itti
Aanutti ni dabarsa

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti ibsame hanga


meeshaa dhimma kanaaf barbaachisu sadarkaa sadarkaadhan
guuttame hojii irra akka oolu taasifamutti ‘excel’dhaan
guutuudhaan Soofti kooppii fi haard kooppii chaappaa mana
hojii qabu wajjiin qaama ilaaluf ni dabarsa

3. Uunkaan jijjiirraa hojjataan akka guutuu heyyamameef


kooppiin tokko chaappaan irratti rukutamee hojjataa jijjiirra
gaafateef ni kennama

4. Yeroo gabatee jijjiirra tokko keessatti hojiin akka hin miidhamne


xiinxaludhaan hojjattoota tajaajila dheera qabaniif dursi ni
kenna hojjattootni hafan immoo yeroo marsaa itti aanutti akka
ilaallamuuf ni taasisa.

5. Hojjataan jijjiirra argate guyyaa tokko keessatti qabeenya


Mootummaa harka jiru fuudhudhaan waraqaa qulqullina waliin
iddoo itti jijjiirrametti ni erga.

6. Itti gaafatamaan hojjataa jijjiirra argateef yeroo kaa’ame


waraqaa qulqullinaa kennuu dhabuudhaan jijjiirran akka irra
darbu taasise naamusa cimaatin ni gaafatama, baasii hojjataan
dhimma kanaaf baase yoo jiraate bakka buusa

24. Yeroo jijjiirran itti raawwatamu


Jijjiirraa Hojjetaa sektera fayyaa Waggaatti al tokko akkaataa
unkaa armaan gadiitiin kan raawwatamu ta’a
Lak Sadarka jijjiiiraan Yeroo Yeroo Yeroo qama Hojjataan
k itti dhihaatuu jijjiiraan jijjiraan jijjiira carraa jijjiira
itti itti gaafateef argatee yeroo
dhihaatuu murta’uu deebiin itti iddoo hojii
kenamuu haraatti
gabassu qabu.
1 Aanaa Adoolesa Hagayya Hagayya 16- Fulbaana 1
a 1-30 1-15 30

61
2 Godina, Magaalaa Hagayya Hagayaa Fulban 16- Onkololeessaa
sadarkaa 1ffaa, 1-15 16 - 30 1 irraa jalqabee
2ffaa”A”Bankii Fulbaana
digaa, 15
labooratoorii
Naannoo fi
hospitaalaa,
3 Biiroo Yeroo dhimmi medikaal Boordii, rakkoo humnaa ol fi
jijjiirraa gara Biiroo, Sekteraa, Sekteraan ala,
naannon al fi gara naannoo akkaataa barbaachisaa
ta’een
4 Kollajii fayyaa Yeroo bajanii argamee fi iddoo duwwaa jirachuu
mirkana’eetti

1. Itti gaafatamtootni Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya humna namaa


sadarkaa sadarkaan jiran gaaffiin jijjiirraa dhiyaatu akkaata gabatee
kanaatin guuttame ragaale barbaachisa ta’an wajjin yeroo jedhame
keessatti qaama ilaalu biraan gahuuf dirqama qabu

2. Gaaffiin jiijjira sadarka kamiyyuu yeroo gabatee armaan olitti


tuqameen ala dhihaatu irratti jijjiirran tokkoollee hin gaggeeffamu.

3. Itti gaafatamaan Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya namaa sadarkaa


sadarkaan jiru yeroo gabatee qajeelfama kana keessatti ka’ameen
qaama ilaaluf kan hin ergine yoo ta’e naamusa cimaan kan gaafatamu
ta’ee jijjiirran hojjattoota marsaa itti aanutti akka ilaallamu ni
taasifama

4. Iddoo duuwwaa tasa uummamu irratti yeroo gabatee kana osoo hin
eegin hojjattootni akka beekan beeksisni ifa ta’e bahee jijjiirran akka
raawwattamu ni taasifama.

5. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame akkuma


eeggametti ta’ee, gaaffiin jijjiirra sababa boordii fi rakkina addaatiin
dhiyaatu yeroo kamiiyyuu ilaalamu ni danda’a.

6. Hojjataa Seektara Fayyaa Sadarkaa ”C” irratti tajaajili waggaa tokko


akka wagaa tokoo fi Ji’a jahatti (16/12 )

7. Sadarkaa ”B” irratti tajaajili Waggaa tokkoo akka tajaajilaa wagga


tokko fi ji’a saditti (1 3/12) ni shallagamaaf.

62
25. Haala qabxii shallaggii jijjiirra

Qabxiin shallaggii jijjiirraa gara Godinaa, Magaala Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa


‘A’, Aanaa fi Hospitaala akkaata armaan gadiitti ni shallagama

63
Qabxiin tajaajilaa 30% ta’ee akkaataa gabatee armaan gadiitiin ni
shallagama.

Tajajilaa Qabxii 30
waggaad keessaa
haan

1 0.86
2 1.71
3 2.57
4 3.43
5 4.29
6 5.14
7 6
8 6.86
9 7.71
10 8.57
11 9.43
12 10.29
13 11.14
14 12
15 12.86
16 13.71
17 14.57
18 15.43
19 16.29
20 17.14
21 18
22 18.86
23 19.71
24 20.57
25 21.43
26 22.29
27 23.14
28 24
29 24.86
30 25.71
31 26.57
32 27.43
33 28.29
34 29.14
35 fi ol 30

64
1. Madaallii raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffate dhibbantaa 55 (55%)
yoo ta’u akkaata armaan gadiitti ni shallagama.

Qabxii
Qabxii 55%
Qabxii 55% Qabxii
Keessaa
Keessaa
100 55 74 40.7
99 54.45 73 40.15
98 53.9 72 39.6
97 53.35 71 39.05
96 52.8 70 38.5
95 52.25 69 37.95
94 51.7 68 37.4
93 51.15 67 36.85
92 50.6 66 36.3
91 50.05 65 35.75
90 49.5 64 35.2
89 48.95 63 34.65
88 48.4 62 34.1
87 47.85 61 33.55
86 47.3 60 33
85 46.75 59 32.45
84 46.2 58 31.9
83 45.65 57 31.35
82 45.1 56 30.8
81 44.55 55 30.25
80 44 54 29.7
79 43.45 53 29.15
78 42.9 52 28.6
77 42.35 51 28.05
76 41.8 50 27.5
75 41.25

2. Qabxiin Haala mijaa’ina iddoo hojii hangaa hojjataan iddoo sana


jirutti qofaa dhibbantaa 15 (15%) keessaa haala armaan gadiitin ni
shallagama.

Lakk Sadarkaa iddoo Qabxii kennamu Ibsa


hojii
A 10
B 12.5
C 15
65
26. Qabxii Jijjiirraa BEFO, Koolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaama,
Giddugala Laabooratoorii Naannoo fi Dhaabbilee Leenjii

Jijjiirraan gara Biiroo Eegumsa Fayyaa, Koolleejjii Fayyaa Hospitaala


Adaama, Giddugala Laabooratoorii Naannoo fi Dhaabbilee Leenjiitti
taasifamu hojjattoota dandeettii, beekumsaa fi ilaalchan baruu fi barsiisuu
akkasumas qoranoo fi qo’annoo gaggeessuu haala nama dandeessuun
addaan bahee hojjaataa gahumsa qabu gara dhaabbilee kanaatti fiduun
barbaachisaa waan ta’eef qabxiin madaalli jijjiirraa fi qaxarrii akkaata
armaan gadiitti taa’en ni raawwatama.

Lakk Kallattii Madaallii Qabxii %’dhaan Ibsa


1 Bu’aa madaallii hojii 80
2 Muuxannoo hojii 20
kaltatii
Ida’ama 100

1. Jijjiirraan akkaata qabxii keewwata kanaa jalatti ibsameen


dursee hojjattoota Seektaraatiif ifaan kan raawwatamu ta’a

2. Akkaata keewwata kana keewwata xiqqaa tokko’tin hojjataa


ulaaga guutuu argachuun kan hin danda’amne yoo ta’e qabxii
keewwata kanaan beeksisa ifa ta’een qaxarrii raawwachu ni
danda’u

3. Hojjattoota iddoo duuwwa baruu fi barsiisuu akkasumas


qo’annoo fi qorannoo irratti gara dhaabbiileetti dhufuuf
barbaadaman ogummaa barbaadamaniin yoo xiqqaate qabxii
barumsaa (CGPA)’tiin 2.75 fi isaa ol kan qaban ta’uu qaba.

27. Mirgaa fi dirqama ogeessa jijjiirra argate

1. Hojjataa seektara fayyaa tajaajila irraa eegamu yoo xumure


uunkaa jijjiirraa guute jijjiirra gaafachu ni danda’a

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko akkuma eeggametti ta’e


iddoo isaa namni bakka hin buune yoo jiraate al-tokkoof qofa
hanga ji’a 3 uunka jijjiirra akka hin guutne ittifamu ni danda’a

3. Jijjiirraa raawwatame irratti komii yoo qabaate yeroon


qajeelfama kana keessatti taa’e osoo hin xumuramin sababa
quubsa waliin ol-iyyannoo koree komii sadarkaa jijjiraan itti
raawwatamee irraatti hundaheef sadarkaadhaan dhiyyeeffachu
ni danda’a

66
4. Hojjataa seektara fayyaa carraa jijjiirra argate qabeenya harka
isaa jiru deebisudhaan waraqaa qulqullinaa qabatee yeroo
qajeelfama kana keessatti taa’ee osoo hin xumuramin iddoo
jijjiirra argatetti dhiyaate gabaasa gochuu qaba

5. Akkaata keewwata kana keewwata xiqqaa 4 ibsameen sababa


qabeenya Mooutummaa deebisuu hin dandeenyen waraqaa
qulqullina kan hin argatne yoo ta’e waggaa tokko’f carraan
jijjiirraa argate ni haqama

6. Yeroo qajeelfama kana keessatti kaa’ame dabarsuudhaan


waraqaa qulqullinaa qabatee yoo deeme iddoo duraanitti ni
deebi’e ykn iddoo walfakkaatutti ni ramadama

7. Hojjataa seektara fayyaa jijjiirra argatee kan itti fayyadamne yoo


ta’e waggaa 3 (2) itti aanu carraa jijjiirraa kamiiyyuu gaafachu
hin danda’u

28. Tarkaanffii jijjiirra seeran ala raawwatame

1. Jijjiirran kamiiyyuu dorgommiidhaan koree jijjiirraa sadarkaa


sadarkaadhaan jiran qofaan kan raawwatamu qofa ta’a

2. Akkaata Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko’n ala jijjiirran


raawwatame yoo argame ni haqama, qaamni jijjiirra raawwate
seeran gaafatamun akkuma jirutti ta’ee tarkaanffiin naamusa
cimaa irratti ni fudhatama.

29. Dhimmoota jijjiirraa irraa Ogeessa ittisu danda’u

1. Hojjataa seektra fayyaa carraa barumsaa Ispoonsarii Biirootiin


ykn dhuunfaadhaan hayyamameef barumsa irra jiru

2. Hojjataa skeetaraa carraa leenjii gabaabaa kan akka ART,


PMTCT, BEMOC, fi kkkf yoo xiqqaate tajaajila waggaa tokko kan
hin kennine yoo ta’e carraan jijjiirra hin kennamuuf

3. Ogeessa carraa jijjiirra argatee jijjiirraa itti aanu gaafachuuf yoo


xiqqaate tajaajila waggaa tokko kennuu qaba

4. Hojjataa badii naamusa cimaa raawwatee dhimmi isaa


qulqullaa’e murtee hin argatne hanga murtee xumuraa argatutti

67
30. Daangaa jijjiirraa Hojjataai gaafachu danda’u

1. Hojjataa seektara fayyaa jijjiirraa Godina biraa kan gaafatu


iddoo tokkoo qofa ta’e Aanaalee ykn Dhaabbilee Fayyaa Godin
asana keessa jiraan iddoo 3 gaafachuu ni danda’a.

2. Hojjataa seektara fayyaa Naannoo keessa jiru naannoon ala


uunka jijjiirra kana irratti dhiyeessu hin danda’u

3. Hojjataa seektara fayyaa jijjiirra iddoo duuwwa jira jedhame


beeksifame irratti qofa uunkaa jijjiirraa guutuu ta’a

4. Hojjataa seektara fayyaa iddoo filachu danda’u ifaan dhaabbilee


tajaajila kennan qofa adda baasun guutuu qaba

5. Iddoo duuwwa tasaa erga uunkaan jijjiirra guuttameen booda


uummamu hanga jijjiirran raawwatamutti jiruu yeroo yoo
darbes dabalataan beeksisni bahee hojjattootni irratti
dorgomuu ni danda’u

6. Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 akkuma jirutti ta’ee iddoo


tasaa erga jijiirran raawwateem booda uumamu beeksisni ifaa
bahee yeroo gabatee jijjiirraa osoo hin eegin raawwatamu ni
danda’a

31. Haala duubdeebiin bu’aan jijjiirra itti kennamu

1. Qaamoolen jijjiirraa raawwatan bu’aa jijjiirraa iddoo duuwwa


qaban hunda irratti hojjattoota jijjiirra gaafatan dorgomsiisanii
bu’aa isaanii tokkoffaa irraa kaase hanga xumuraattii addaan
ni baasu

2. Bu’aan jijjiirraa hojjattoota iddoo duuwwa irratti dorgoman


iddoo hojii isaanitiin addaan bahee ni qophaa’aa, duubdeebiin
hojjattootaf ni gaha

3. Bu’aan jijjjiirraa erga xumurameen booda akkaata keewwata


kana keewwata xiqqaa 2’n qophaa’ee akkaata gabatee yeroo
duubdeebiin itti kennamuutti Biiroof ni dhiyeessu, hojjataa
jijjiirradhan gara mana hojii isaanii dhufuu fi deemu adda
baasun qaamoleen jijjiirra raawwatan hundi walharka
fuudhinsa gochuun jijjiirran raawwatame hojii irra akka oolu ni
taasisu

68
Kuta Afur
Mirgaa hojii gadi akkisuu fi hojiitti deebi’uu hojjataa seektara fayyaa .

32. Hojii gadilakkisuudhaf

Dheerini yeroo tajaajila gaafii seeran hojii gadilakkisuu


dhiheefachuuf akka dirqamaatti duraan dursee ogeessa
koolleejoota ykn yunivarsitoota irra eebifaman irra eegamu akka
armaan gaditti ka’ameera.

Lakk Gosa ogummaa Sadarkaa dhaabbilee Ibsaa


a Fayyaa ykn Waajjiraalee
”A” ”B” ”C”
1. HIT level IV, Anesthesia level V, 3 2.5 2
Ophtalmic Nurse level V,
Biomedical technician level IV,
X-ray level IV
2. Ogummaa kamiyyuu Level II Tajaajila Wagga 2
ispoonsa biroottin barataan
3. Ogummaa kamiyyuu Level III Tajaajila Wagga 3
ispoonsa biroottin barataan
4. Ogeyyii barumsa Gababaa Tajaajila waggaa 1
sagntalee irratti carraa barumsa
argataan (ART, PMCT, BEMoC fi
kkf)
5. BSc sagantaa idileettin 3 2.5 2
Biiroodhaan ispoonsaa ta’an
6. BSc sagantaa gannaatiin 2
Biiroodhaan ispoonsaraa ta’an
7. Ogeesotaa gosaa biraa sadarkaa Tajaajila waggaa 2
Diplomaa ykn Level
Ispoonsaaraa Mootummaattin
barataan
8. Emergency Medical Technician Tajaajila waggaa 3
9. Ogeessota digirii jalqabaa waggaa turmataa
Ministeera Eegumsa Fayyaa barumsaa irraa tureen
Federaala irra ramadaman walqixa kan ta’e
tajaajilaa kennuu qaba
10. Hakimaa MEF irraa ergamuu 4 3 2
11. Hakkima ispeeshalistii 6 4.5 3
ispoonsaraa Mootummaa
Naannoottin baratee
12. Hakkima waligalaa ispoonsaraa 6 4.5 3
Mootummaa Naannoottin
baratee

69
13. Gosaa ogummaa ’Sub- 4
Speciality’ kamiyyuu
14. Hakkimoota ispeeshalistootaa 2
qaama biraatin ispoonsara
ta’anii naannoo keenyaa
keessatti qaxaramanii hojjataan
15. Digirii 2ffaa ogummaa yaaluun 3 2.5 2
alaa gosaa kamiyyuu
16. Digrii 2ffaa ogummaa yaaluu 4 3 2
gosaa ogummaa kamiyyuu
17. Ispoonsaaraa dhuunfatiin 2
carraa digirii 2ffaa biyaa alaa
18. Ispoonsara dhuunfatiin carraa Waggaa 1
barumsaa Digrii jalqabaa
19. Hojjetaa dhuunfaadhan Waggaa 1
beekamtii Biirootiin barate

1. Tajaajilli ogeyyii sadarkaa kamiiyyuu kan shallagamuuf guyyaa


xalayaan ramadii kennameef osoo hin taanee iddoo ramadametti
argamee guyyaa hojii jalqabee irraa jalqabetti ta’a

2. Hakkimoonni ispeeshalistootaa barumsaa xumuruu isaan


Muummee (department) yunivarsitii irraa ragaa yoo dhiheefataan
yeroon ebbaa isaanii osoo hin egamin ramadiin kennamuff ni danda’a

3. Hakkimaa ispeeshalistii akkaataa keewwaataa kana kewaataa xiqaa


2 ramadiin kennameef mindaa keeraariin irraa gahuu danda’uu kan
kafalamuuf ta’e tajaajilii isaas guyyaa hojii jalqabee irraa kasee ni
shalagamaaf

4. Hakimoota yuunivarsitii biyyaa keessa dhuunfaatti barumsaa


xumuraan ykn biyyaa alaatti barataanii naannoo keenyaatti
Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaaatin ramadamaan tajaajilii
isaanii akkaataa qajeelfama Ministeera Eegumsa Federaala irraa
darbuun ni shallagamaaf.

5. Hojjataan fayyaa tokko dirqama tajaajila irra eeggamu bahee hojii yoo
gadilakkisuu barbaade iddoo isaatti hanqini ogeessa yoo jiratee yeroo
ji’a 3 hin caallef hojii irra tursisuun ni danda’ama.

6. Ogeesii tajaajila irraa eegamuu osoo hin xumuriin carraa barumsa


argatee tajaajilaa irratti haafee barumsaa booda lamanuu shallagamee
akka tajaajila kennuu ni taasifama.

7. Ogeesaa tajaajilaa osoo hin xumuriin carraa barumsaa argatee yeroo


turmataa mana barumsaa akka tajaajilatti hin shalagamuuf
70
8. Tajaajilaa irraa eegamuu osoo hin xumuriin sadarkaa tokko gara
sadarka birratti kan jijjiramee yoo ta’e tajaajilaa sadarkaa adda
addaatti keennee ni shallagamaf

33. Haala Gaaffii Hojii Gadilakkisuu Itti Keessuma’uu.

1. Gaafiin hojii gadilakkisuu Hojjataa Seektara Fayyaa sadarkaa


hundaayyuu kan dhihaachuu qabu dhaabbilee fayyaa ykn waajjiralee
eegumsa fayyaa keessatti ramadaamanii hojjetaniifidha.

2. Hayyamaa hojii gadilakkisuu ’’Release’’ kan kennu danda’u Biiroo


Eegumsa Fayyaatiin qofa ta’a.

3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 akkuma eeggametti ta’ee,


Hojjataan sadarkaa gulantaa 5ffaa fi gadi jiran akkaataa qajeelfamaa
kanaatin dirqama irraa eegamu yoo xumuran Sadarkaa Godinaa fi
Bulchiinsa Magaala tokkoffaa fi 2ffaa ’A’tti waraqaan hojii
gadilakkisuu garagalchaan Biiroo beeksisudhaan ni kennamaaf.

4. Hojjataan fayyaa sadarkaa Hospitaalota, Baankii dhiigaa fi giddugala


Laaboraatoorii Naannoo irra tajaajila kennan kamiiyyuu waraqaa hojii
gadilakkisuu sadarkaa Biiroo qofatti kennama.

5. Hojjataa waraqaa hojii gadilakkisuu sadarkaa Godinaa fi Bulchiinsa


magaalatti fudhatan Kurmaana kurmaanan akkaataa uunkaa jiruun
Biiroof gabaasu dirqama qabu.

6. Ogeesaa Biiroodhaan ispoonsar ta’e baratee tajaajila irra egamuu osoo


hin xumuriin hojii irra badee dhuunfaan dhaabilee dhuunfaa ykn
mitii mootummaa naannoo keessa jiranitti qaxaramee hojjatuu hin
hayyamamuuf.

7. Hojjataa ispoonsarii mootummaan baratee tajaajila irraa egamuu osoo


hin xumuriin dhaabbilee dhuunfaa, mit mootummaa fi dhaabiilee
misooma Mootummaa naannoo keessatti qaxaramee yoo argamee
ogeesaa kana hanga guyyaa 15 keessatti akka hojii irra dhaabatuu off
eegannoon dhaabbata hojachissuuf ni barreefamaa.

8. Dhaabbilee dhunfaa fi misoomaa naannoo keessa jiraan ykn


dhaabbata miti-mootummaa naannoo keessatti sochoo’an xalayaan of
eeggannoo kenamee ogeesaa seeraan ala qaxaramee irratti tarkaafii
kan hin fudhaanee yoo ta’e hayyaamaa kenameef Biiroon Eegumsa
Fayyaa oromiyaa ni haqa.

71
34. Mirga hojiitti deebi’u Hojjataa Seektara Fayyaa

1. Hojjataa fayyaa tokko tajaajila irraa egamuu yoo xumuree illee


akkaataa seeraan hayyamameen ala yoo hojii irraa badee mirgaa
hojiitii deebi’uu hin qabuu.

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 akkuma eeggametti ta’ee


hojjataa hojii irraa bade yeroo turmaata hojii irraa ture qabeenyi
mootumma kan irra hin jirree fi erga hojii irra bade wagga tokoo
fi isaa on yoo gutee beeksisa akka seektaraatti bahu irratti
dorgomee qaxaramuu ni danda’a

3. Keewwata kana keewwata xiqaa 2 akkuma eggameetii ta’ee


hojataan hojiiraa badee yeroo lamafaaf qaxaramuu tajaajiilii
yeroo hojii sektara fayaan ala ture hin shalagamuuf

4. Ogeessa seeran hojii gadilakkise hojiitti akka deebi’u yoo kan


eyyamameef ta’e iddoo duraan hojjachaa turetti qofa mindaa
duraan argachaa ture argachaa akka hojiitti deebi’u ni
taasifama, iskeeliin mindaa durii jijjiramee yoo ta’e iskeelii
mindaa haraan hojiitti deebi’u ni danda’a.

5. Kawwaata kana keewwata xiqqaa 4 akkuma eegametti ta’ee yoo


bakkii fi bajanni bakka duraa irra hin jirre Biiroon yoo bakka wal
fakkatuu fi bajanni bakka biraa jiraate hojiitti hojiitti ni deebisa.

6. Hojjataa seeran hojii gadilakkisee akka hojiitti deebi’u kan


eyyamamuuf yeroo tokko qofa ta’a

7. Hojjataa seeran hojii gadilakkisee hojiitti deebi’u kan danda’u


erga jijjiirra fi qaxarriin gaggeeffameen booda iddoo argamutti
ta’a

8. Ogeessa muuddama ykn iddoo itti ramadamee irraa ka’u mindaa


fi sadarkaa inni gahu eeggame iddoo duuwwa jiru kamiiyyuu
irratti dursi kennamee ni ramadama.

9. Keewwata kana kewwata xiqqaa 8 akkuma eeggametti ta’ee


ogeessa Biiroodhaan ispoonsarii ta’ee barate iddoo ramaddii
dhabee tajaajila irraa eeggamu kan hin xumurres yoo ta’ellee
waraqaan qulqullina ni kennamaaf

10. Hojjataa seeran hojii gadilakkise hojii mootummaatti akka


deebi’u yoo hayyamameef mirgaa Hojjataa Seektara
Fayyaa mootummaatiif akka eegamuuf hayyamame kan akka
jijjiiraa, carraa barumsaa, deebi’anii hojii
gadilakkisuu fi kkf argachuudhaaf yoo xiqaate tajaajila
72
waggaa tokko keenuu qaba.

11. Hojjataan hojii gaddii lakkisee ykn hojii irraa badee wagga tokko
fi isaa ol hojii ogummaattin alaatti tajaajila kenna yoo turee
tajaajila yaaluuf dhaabbilee fayyaa keessaatti hojiitti deebi’uu
ykn qaxaramuu hin danda’amuu

12. Hojjetaan kamiyyuu hojiitti akka deebi’u kan murteessu Biiroo


qofa ta’a

35. Qajeelfamoota hojii irra hin olee fi adabbii

1. Qajeelfamni kamiiyyuu qajeelfama kanaan walitti bu’u yoo


jiraate qajeelfama kanaan bakka bu’ee jira.

2. Itti gaafatamaan qajeelfama kanaan faalla raawwatee


tarkaanffiin seera kan irratti fudhatamu ta’a.

36. Yeroo Qajeelfamichi hojjirra itti oolu.

Qajeelfamnni kun Adoleesaa 1 bara 2008 irra jalqabee hojii irra ni oola

73
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Foormii waliigaltee hojjatoota
Carraa Leenjii ogummaa foyyeefachuu argataan ittin gutamuu

Ani
Teessoo:Godina Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Lakk. Bilbilaa: Mob.
kan Biiroo

Ani maqaanii fi teessoon koo kan armaan olitti ibsame ispoonsaraa Biiroo
Egumsa Fayyaa Oromiyaa irraa argadheen dhabataa leenjii
tti galuudhaan Ogummaa
duraan qabu irraa gara ogummaa tti
foyyeefachuuf carraa argadhee jiraa. Ogummaa ispoonsaraa ta’e carraa
argadheen qofaa leenji’ee bahuuf wadda yoon galuu yeroo turmataa mana
barumsa seemisteera semisteeraan waann irraa jiru Biiroo fi iddoo hojii
kiyaa beeksissuu fi barumsaa yeroon xumuree ji’a tokko keessatti Biiroo
beeksisuuf iddoo Biiroon na ramadutti ogumma kiyaan tajaajila hawwaasaa
kiyaaf keenuuf dirqamaa galee jira.

Haluma kanan barumsa xumuree yeroon deebi’u iddoo Biiroon na


ramaduttii:-

1. Sadarkaa ”A” keessatti waggaa ...........

2. Sadarkaa ”B” keessatti waggaa...........

74
3. Sadarkaa ”C” keessatti waggaa....... ykn

4. Waluumaa galatti tajaajila waggaa

Ogummaa kiyyaan akkaataa lakofsaa 1-3 ykn lakkofsaa 4 irratti ibsameen


waada galee tajaajila na irraa eegamuu bahuuf amanee mallatteessee jira.
Waadaa kiyyaa yoon bahuu baadhee qarshii
( ) kaffaluuf waliigalee jira.

Waddaa Galaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Ganda
Lakk.Manaa Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo

Wabbii 1ffaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Ganda Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo
Guyyaa Guyyaa

Wabbii 2ffaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Ganda Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo
Guyyaa Guyyaa

Wabbii 3ffaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
75
Ganda Lakk.ManaaGanda Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo
Guyyaa Guyyaa

Nutii armaan olitti maqaan keenyaa Lakk hanga Lakk tuqamee


barumsa ispoonsaaraa Biiroottin
argatee waddaa ta’u keenyaa beeksisaa, waddaa galaan/tuun barumsaa
xumuree/tee tajaajila armaan olitti lakkoofsa 1-3 ykn lakkofsaa 4 irratti
ibsame yoo bahuu baate qarshii
( ) Biiroo Eegumsa Fayyaa
Oromiyaa tiif kaffaluuf waadaa gallee jirra.

Ragaalee
1. Maqaa 2. Maqaa
Mallatto Mallatto
Guyyaa Guyyaa

3. Maqaa
Mallatto
Guyyaa

Kan Qopheessee Kan Mirkanneessee


Maqaa Maqaa
Mallatto Mallatto
Guyyaa Guyyaa

76
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Foormii waliigaltee carraa leenjii
haraa leejifamtootaa waaliin taasifamuu

Ani
Teessoo:Godina Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Lakk. Bilbilaa: Mob.
kan Biiroo

Ani maqaanii fi teessoon koo kan armaan olitti ibsame ispoonsaraa Biiroo
Egumsa Fayyaa Oromiyaattin carraa barumsa ogummaa
tiin ispoonsaa
Biiroottin argadhee jiraa. Carraan barumsaa argadhee akkumaan
xumureen, hojiif qophii ta’u koo kan ibssuu ragaa qabadee ji’a tokko
keessatti Biiroo ykn wajjira Eegumsa Fayyaa Godina beeksisuudhaan iddoo
Biiroon ykn wajjiraleen sadarka sadarkaan jiran na ramadanitti ogumma
kiyaan tajaajila hawwaasaa keenuuf dirqamaa galee jira.

Haluma kanan barumsa xumuree yeroon deebi’u iddoo Biiroon na


ramaduttii:-

1. Sadarkaa ”A” keessatti waggaa ...........


2. Sadarkaa ”B” keessatti waggaa...........
3. Sadarkaa ”C” keessatti waggaa....... ykn
4. Waaligalatti waggaa

Ogummaa kiyyaan akkaataa lakofsaa 1-4 irratti ibsameen waada galee


tajaajila na irraa eegamuu bahuuf amanee mallatteessee jira. Waadaa kiyyaa
yoon bahuu baadhee qarshii ( )
kaffaluuf waliigalee jira.

Waddaa Galaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Ganda
Lakk.Manaa Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo

Wabbii 1ffaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Ganda Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
77
Mindaa ji’aMindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo
Guyyaa Guyyaa

Wabbii 2ffaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Ganda Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo
Guyyaa Guyyaa

Wabbii 3ffaa Haadha Manaa ykn Abbaa manaa wabii


Maqaa Maqaa
Teessoo:Godina Teessoo:Godina
Aanaa/Magaalaa Aanaa/Magaalaa
Ganda Lakk.Manaa Ganda Lakk.Manaa
Lakk. Bilbilaa: Lakk. Bilbilaa:
Mindaa ji’a Mindaa ji’a
Mallattoo Mallattoo
Guyyaa Guyyaa

Nutii armaan olitti maqaan keenyaa Lakk hanga Lakk tuqamee


barumsa ispoonsaaraa Biiroottin
argatee waddaa ta’u keenyaa beeksisaa, waddaa galaan/tuun barumsaa
xumuree/tee tajaajila armaan olitti lakkoofsa 1-3 ykn lakkofsaa 4 irratti
ibsame yoo bahuu baate qarshii ( ) Biiroo
Eegumsa Fayyaa Oromiyaa tiif kaffaluuf waadaa gallee jirra.

Ragaalee
1. Maqaa 2. Maqaa
Mallatto Mallatto
Guyyaa Guyyaa

4. Maqaa
Mallatto
Guyyaa

Kan Qopheessee Kan Mirkanneessee


Maqaa Maqaa
Mallatto Mallatto
Guyyaa Guyyaa

78
Milttoo
Unkaa 1: Dorgomtootaa Carraa barumsaa itti gutamuuu
Guyyaa
Lakk Maqaa Hojjataa Iddoo hojii fi sadarka Sadarka Gosaa Giddugaleesaa Carraa
Maqaa wajjiraa Sadarkaa bara barumsaa barumsaa qabxii barumsaa
ykn Dhaabataa baajata carraan barachuuf maddaalii kan darbee
hojjachaa jiru barumsa kennamee dorgomee waggaa fi hin darbee

Murtee koree
Nutii maqaan keenyaa armaan gadditti ibsamee ragaaleen armaan olitti ibsamee sirii ta’u isaa qulquleessuudhaan hojjataa/hojjatootaa
carraa barumsaaf darbee/tee yaadaa murtee kana dhiheesinnee jira.

Maqaa Gahee koree Mallattoo


1.

2.

3.

4.

5.

Yaadaa itti gaafatamaa

Maqaa Mallattoo Guyyaa

79
Unkaa 2: Unkaa jijjiraa gara Buufataa Fayyaatti dhihaatuu
Guyyaa
Lakk Maqaa Mindaa Bara Giddugal Iddoo hojjachaa jiru Sadar Maqaa Iddoo Gaafataa Sababaa gafatee
Tajaajil aa Qabxii kaa fi Ragaa
a maddallii Godi Aana Maqaa Iddoo God Aa Filan Filan Filan Sababa Ragan
(gg/jj/ yeroo na a Dhabba Hojii ina na noo noo noo a Jira/
ww) lamaa taa a 1ffaa 2ffaa 3ffaa Hin
jiru

Unkaan armaan olitti ibsaamee akkaataa gaaffii hojjataattin off-eeggannoodhaan kan gutammee ta’u mirkanneesaa dogoggoraa raawwaatamee yoo jiratee kan itti
gaafatamunuu ta’a.

Unkaa kan kan qindeesee kan mirkanneesaa


Maqaa Maqaa

Mallatto Mallatto

Guyyaa Guyyaa

Chapaa

Nutii Maqan keenyaa armaan gadditti ibsamee unkaa kana waal harkaa fudhuu keenyaa ni mirkanneesaa
Kan kennee kan Fudhee
Maqaa Maqaa

Mallatto Mallatto

Guyyaa Guyyaa

80
Unkaa 3: Jijjiraa gara hospitaalaa , Laboratoorii Nannoo, Bankii Digaa, kollajii fi gara wajjirattii itti dhihaatuu

Lakk Maqaa Mindaa Bara Giddugal Iddoo hojjachaa jiru Sadar Maqaa Iddoo Sababaa gafatee fi
Tajaajil aa Qabxii kaa Gaafataa Ragaa
a maddallii Godina Aanaa Maqaa Iddoo Sababaa Ragan
(gg/jj/ yeroo Dhabbat Hojii Jira/
ww) lamaa aa Hin jiru

Unkaan armaan olitti ibsaamee akkaataa gaaffii hojjataattin off-eeggannoodhaan kan gutammee ta’u mirkanneesaa dogoggoraa raawwaatamee yoo jiratee kan itti
gaafatamunuu ta’a.

Unkaa kan kan qindeesee kan mirkanneesaa


Maqaa Maqaa

Mallatto Mallatto

Guyyaa Guyyaa

Chapaa
Nutii Maqan keenyaa armaan gadditti ibsamee unkaa kana sirii ta’u isaa mirkanessuudhaan wal harkaa fudhuu keenyaa ni mirkanneesaa
Kan kennee kan Fudhee
Maqaa Maqaa

Mallatto Mallatto

Guyyaa Guyyaa

81
Unkaa 4: Unkaa gaafii jijjiraa hojjatoota Bufataa Fayyaa gaafataan itti murta’u

Lakk Maqqaa Iddoo hojii Iddoo jijjiraa gaafatee Qabxii kenamee Ida’a Murte Ibsaa
Godina Aanaa Dhabaata Godi Aanaa Dhabaata Tajaaj Madd Sadarka Dubarti maa Darbee
Fayyaa na Fayyaa ila aalii iddoo i/Qama /hin
(30%) (55%) hojii midhaa dabare
(15%) maa e

Yadaa murtee
Nutii miseensoonii koree gaafii jijjiraa armaan olitti dhihaatee sirii ta’u isaa qulquleesinnee hojjataa/tootaa darbaan addaan basuudhaan
yaadaa murtee kana dhiheesinnee jira.

Maqaa Gahee koree Mallattoo


1.

2.

3.

4.

5.

Yaadaa itti gaafatamaa

Maqaa Mallattoo Guyyaa


Chapaa
Nutii Maqan keenyaa armaan gadditti ibsamee unkaa kana waal harkaa fudhuu keenyaa ni mirkanneesaa
Kan kennee kan Fudhee
Maqaa Maqaa
Mallatto Mallatto
Guyyaa Guyyaa

82
Guyyaa
Unkaa 5: Unkaa Gaafiin komii jijjiraa itti dhihaatuu

Maqaa Hojjataa komii dhiheefatuu


Iddoo jijjiraa gaafatee
Murtee koree jijjiraa
Sababaa komii dhiheefatee

Ragaa hojjataa/tuu jijjiraa gaafatee (waal wabsissuu)

Yadaa murtee koree komii


Akkaataa ragaa jiruun xinxaluudhaan komii dhihaatee murtee kennamee
irratti dhihaatee ragaa jiruun waaliin xinxaluudhaan murtee kennamee kan
hin jijjirsinnee waan ta’e murteen duraan kennamee sirii ta’u isaa yaadaa
murtee kana dhiheesinnee jira.
Maqaa Gahee koree Mallattoo
1.

2.

3.

4.

5.

Yaadaa itti gaafatamaa

Maqaa Mallattoo Guyyaa

83
Guyyaa
Unkaa 5: Unkaa Gaafiin jijjiraa itti dhihaatuu

Maqaa Hojjataa komii dhiheefatuu


Iddoo jijjiraa gaafatee
Murtee koree jijjiraa
Sababaa komii dhiheefatee

Ragaa jiru (waal wabsissuu)

Yadaa murtee koree komii


Akkaataa ragaa jiruun xinxaluudhaan komii dhihaatee sirii waan ta’efii
hojjataan/tuun jijjiraa gaafataan kan mo’aatee yoo ta’u sababanii isaas

ta’u hubatamee jijjiraa gaafatee akka hayyamamuuf yaadaa muree kana


dhiheesinnee jira
Maqaa Gahee koree Mallattoo
1.

2.

3. .

4. .

5. .

Yaadaa itti gaafatamaa

Maqaa Mallattoo Guyyaa

84

You might also like