You are on page 1of 66

Biiroo Paabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa

Oromiyaa

“Qajeelfama Raawwii Ce’umsa Iskeelii Mindaa” Qorannoo Mala


Qabxiin Hojii madaaluu fi Sadarkeessuu Lakk.------/2012

Mudde/ 2012

Finfinnee
Kutaa tokko
Waliigala
1.Mata duree gabaabaa:
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Raawwii
ce’umsa Iskeelii Mindaa” Qorannoo Mala
Qabxiin Hojii Madaaluu fi Sadakeessuutiin
Lakk.----/2012 jedhamee waamamuu ni
danda’a.
2.Hiika:
1. “Ce’umsa Iskeelii Mindaa” - jechuun
mindaa hojjetaa tokkoo gara iskeelii
mindaa haaraatti ceesisuuf jecha
dhiyeenyi isaa ilaalamee mindaa ture akka
barbaachisummaa isaatti gara iskeelii
mindaa ka’umsaa,gulantaa yookiin fiixee
haaraa irratti qubachiisuuf kan eeyyamu
sirreefama mindaa jechuudha.
2.“Biiroo Jechuun”- Biiroo Pabiliik Sarviisii
fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaati.
3.”Mindaa Ce’umsaa“- Jechuun hojjetaan
tokko ce’umsa iskeelii mindaatiin hanga
mindaa argatu akkaataa qajeelfama kana
keewwata 5 kewwata 3 (b) tiin bakka
lamatti qooduudhaan ykn akkaataa
qajeelfama kana keewwata 5 kewwata 3
(c) tiin bakka sadiitti hiruudhaan
(qooduudhaan) mindaa idilee isaa irratti
dabaluudhaan hanga ji’a waxabajjii bara
2013tti mindaa kaffalamu jechuudha.
3.Daangaa raawwatamisa qajeelfamichaa:
Qajeelfamni kun hojiirra kan ooluu
hojjettoota gitootni hojii isaanii mala
qabxiin hojii madaaluu fi sadarkeessuutiin
madaalmanii sadarkaan kennameef irratti
ramadamaniif qofa ta’a.
4. Ibsa koorniyaa
Qajeelfama kana keessatti dhimmi
koorniyaa dhiiraatiin ibsame kamiyyuu
koorniyaa dubartiis ni dabalata.
Kutaa Lama
5. Murteewwan Adda Addaa
5.1). Iskeeliin Mindaa Hojii irra Oolu;-
Haalli murtee qorannoo madaallii hojii fi
sadarkeessuu fi humni kaffaltii
mootummaa tilmaama keessa galee kan
qophaa’ee fi Mana Maree Bulchiinsa
Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin
iskeelii mindaa mirkanaa’e, manneen
hojii mootummaa hunda keessatti hojii irra
kan oolu ta’a.(miiltoo qajeelfama kanaa ta’ee uunki iskeelii
mindaa dhiyaateera)
5.2).Gara fuula duraatti iskeeliin mindaa addaa
kan hin eeyyamamne ta’uu isaa:
Qorannoon madaallii hojii fi
sadarkeessuu akka biyyaatti hojiirra
ooluu isaa hordofee, iskeeliiwwan mindaa
akka biyyaatti tokko ta’ee diriire akkuma
jirutti eeggamuu waan qabuuf, armaan
booda gaaffiin eeyyama iskeelii mindaa
addaa kan hin keessumeeffamne ta’uu
isaa murtaa’eera.
5.3).Baasii dabalataa baroota baajataa 1-3 (tokkoo
hanga saditiin) uwwisuu :-
Kaayyoon ce’umsa sirna madaallii hojii duraan ture
irraa gara mala qabxiin hojii madaaluu fi
sadarkeessuutti taasifamu, hojjettootaaf sirreeffama
mindaa yookiin dabalata taasisuu miti.
Ta’us ce’umsichi gitoota hojii tokko tokko irratti
jijjirama mindaa waan hordofsiisuuf akka biyyaattis
ta’ee sadarkaa naannooleetti dhiibbaa baasii jiru,
humna kaffaltii mootummaa waliin madaluudhaan
ce’umsa iskeelii mindichaa karaa salphaa ta’een
raawwachuuf akkaataa “Qajeelfama Raawwii
Iskeelii mindaa Komishiinii Siviil Sarviisii
Federaalaa irraa Fulbaana guyyaa 08/2012
Lakk.ሲሰኮ30/ጠ10/92/180 tiin darbe fi Sadaasa guyyaa
02/2012 Lakk.ሲሰኮ30/ጠ10/92/185tiin fooyya’ee darbe
irratti hundaa’ee qajeelfama kana keessatti ibsamee
darbeen haalli kaffaltii isaa facaatiidhaan:-
a).Hojjettootni gitoota hojii irratti ramadaman irratti
qarshii 1000 fi isaa gadi ce’umsa iskeelii mindaa
argatan (taasifamuuf) ce’umsa iskeelii mindichaa al
tokkon akka argatan ta’a.
b).Hojjettootni qarshii 1001 hanga 1500tti ce’umsa
iskeelii mindaa argatan bara baajata 2012 keessa
ji’a ji’aan qarshii 1000 mindaa isaanii irrattii
ida’amee akka kaffalamuuf ta’ee, bara baajata
2013 keessatti kan hafe inni dhumaa ji’a ji’aan
mindaa isaanii irratti ida’amee akka kaffalamuuf
ta’a.
c).Hojjettootni qarshii 1500 ol ce’umsa iskeelii
mindaa argatan immoo garaagarummicha sadiif
hiruudhaan (qooduudhaan) Adoolessa 01/2011
irraa eegalee ce’umsa iskeelii mindaa 1/3ffaa
ji’a jiaan kaffalamaafii akka xumuuramuuf ni
taasifama.
5.4).Dhaabbilee (Manneen hojii) qorannoo
kanaan hin hammatamiin:-
Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa, osoo
murtee ce’umsa iskeelii mindaa haaraa kun hin
darbiin dura, iskeelii mindaa eeyyamameefii
turetti fayyadamaa ni tura. Ta’us iskeeliin mindaa
yeroo ce’umsaa kun murtee mootummaatiin gara
fuula duraatti yeroo fooyya’u, iskeelii mindaa
mana hojichaa kan hammatu ta’ee yoo argame
akkuma dhaabbilee (manneen hojii) mootummaa
biroo iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa
akka biyyaatti jiru keessatti kan hammatamu ta’a.
5.5).Manneen hojii baajata mootummaatiin
bulan hundi iskeelii mindaa ce’umsaa
keessatti hammatamuu isaanii:-
Qajeelfama kana keewwata 5 keewwata
xiqqaa 4 irratti mana hojii ibsameen
alatti,Manneen hojii baajata mootummaatiin
bulan hundi iskeelii mindaa ce’umsaa
keessatti kan hammataman ni ta’u.
Ce’umsi iskeelii mindaa kun mana maree
ministeerotaatiin adeemsa kenniinsa murtee
irra osoo jiruu, hojiin qulqulleessuu
madaallii irratti gaggeeffamaa turaman:-
Hojjettootni gita hojii barsiisummaa,
Daayirekteerotaa fi suppervayizeroota
barnootaa irra jiran akkuma hojjetaa
mootummaa kamiyyuu bu’aa iskeelii mindaa
ce’umsichaatti fayyadamtoota ni ta’u.
5.6).Yeroo Kaffaltichi hojii irra itti oolu:-
Qajeelfama kana Keewwata 5 keewwta
xiqqaa 3 irrtti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, akka biyyattis ta’ee sadarkaa
naannootti gitoota hojii mala qabxiin hojii
madaaluu fi sadarkeessuutiin
madaalamanii sadarkaan kennameef
kaffaltiichi Adoolessa 01/2011 A.L.I.irraa
eegalee hojiirra ni oola.
Kutaa Sadii
Raawwii Hojii irra Oolmmaa Ce’umsa
Iskeelii Mindaa Facaatiidhaan :-
6.Sirna madaallii hojiiwwanii ture irraa
gara mala qabxiiin hojiiwwan madaaluu
fi sadarkeessuutti raawwiin ce’umsa
iskeelii mindaa taasifamu akkaataa
armaan gaditti ibsameen ta’a:-
6.1. Manni hojii waamama gita hojii fi
sadarkaan gita hojii duraan ture, gara
waamama gita hojii fi sadarkaa gita
hojii haaraatti jijjiramuu isaa kan
mirkaneessu uunki ce’umsaa Biiroo
Paabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Oromiyaatiin murtaa’ee isaa hin
qaqqabne, ramaddii hojjettootaa
raawwachuus ta’ee, sirreeffama iskeelii
mindaa taasisuu hin danda’u.
6.2.Gitoota hojii mala qabxiin hojii
madaaluu fi sadarkeessuutiin
madalamanii sadarkaan kennameef irratti
ramaddiin hojjettotaa jalqaba erga
raawwatame booda, jijjiirama
gurmaa’insaa ykn sababa biroon gita
hojii irra deebiin madaalamuu qabu irratti
hojjetaan ramadame, kaffaltii akka argatu
kan taasifamu duraan dursee gitni
hojjechaa madaalamee Biirichi erga
mirkaneessee booda ta’a.
6.3.Gitoota hojii mala qabxiin hojii
madaaluutiin madaalamanii sadarkaan
kennameef irratti hojjettootni ramadaman
mindaa sadarkaa gita hojichaaf murtaa’e
akkaataa qajeelfama kana keewwata 5
keewwata xiqqaa 3 irratti ibsameen fiixee
iskeelii mindaa haaraa osoo hin darbiin
Adoolessa 01/2011 irraa eegalee ni
kaffalamaaf.
6.4.Qajeelfama raawwii ramaddii hojjettota
mootummaa mala qabxiin hojii
madaaluu fi sadarkeessuutiin ulaagaalee
barbaadamu guutuu isaanii qulqullaa’ee,
hojjettota ramaddiin isaanii
mirkanaa’eetiif.
a).Marsaa dabalata mindaa idilee hin jijjiiru.
b).Turtii yeroo guddina sadarkaa waggaa
tokkoo hin eegsisu.
6.5.Mala madaallii hojii armaan dura ittiin
hojjetamaa ture irraa gara mala qabxiin
madaaluu fi sadarkeessuu hojiitti ce’umsa
taasifamu hojiirra oolchuuf, ramaddii
hojjettootaa raawwatameen gitni hojii
hojjetaan qabatee ture ramaddii irra
deebiitiin ol-ka’ee yoo ramadame hojjetaan
ulaagaalee guutee yoo argame gita
hojiichaa qabatee mindaa fi faayidaa
argamsiisu akka argatu ni taasifama.
6.6.Hojjetaan gita hojii ol’aanaa irratti
eeggattummaan ramadame garaagarummaa
ce’umsa iskeelii mindaa kan herregamuuf
sadarkaa itti ramadame irratti ta’a.
6.7.Hojjetaan fooyya’iinsa iskeelii mindaa ji’a
Amajjii 2009 taasifamee hojiirraa ooleen
fiixee irra kan ga’ee fi iskeelii mindaa
haaraatiin fiixeen kan ka’uuf sadarkaa gita
hojii irratti ramadame irratti iskeelii mindaa
haaraa osoo fiixee hin darbiin sirreeffama
akka argatu ni taasifama.
6.8).Qajeelfama kana keewwata 5
keewwata xiqqaa3 jalatti kan ibsame
akkuma jirutti ta’ee:-
a).Hojjetaan tokko mindaan kaffalamaafii
jiru ka’umsa iskeelii mindaa sadarkaa gita
hojii itti ramadamee gadi yoo ta’e
mindaan hojjetaa gara iskeelii mindaa
ka’umsaa sadarkaa gita hojii itti
ramadametti akka ol siqu ta’a.
b).Mindaa hojjetaaf kaffalamaafii jiru ka’umsa
iskeelii mindaa sadarkaa gita hojii itti
ramadame ol ta’ee,mindaa ka’umsaa fi mindaa
gulantaa tokkoffaa jidduu ykn gulantaa
mindaalee lama jidduu yoo ta’e gara gulantaa
itti dhiyaatutti ol siqee mindaan gulantaa
ol’aanaa ta’e irratti sirreeffamaaf.
c).Mindaan hojjetaaf kaffalamaafii jiru ka’umsa
iskeelii mindaa, gulantaa ykn mindaa fiixee
waliin walqixa yoo ta’e ykn fiixee ol yoo ta’e
mindaa argachaa jiru qabatee itti fufa.
6.9.Mana hojii tokko keessatti ramaddii
hojjettootaa gaggeeffame keessaa sababa
hojiimaata adda addaa seera hordofee hin
raawwatamneen Biiroon Pabiliik sarviisii fi
Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatiin
kan hin fudhatamne yoo jiraate, dabalatni
ce’umsa iskeelii mindichaa kan
kennamuuf, akkaataa qajeelfama raawwii
ramaddiitiin, hojjetaan sadarkaa gita hojii
guutu irratti erga ramadame booda dha.
6.10).Hojjetaan qaxara, jijjiirraa,
ramaddiinis ta’ee sababa biraa seera
qabeessa ta’eetiin sadarkaa ol-aanaa
irrattii ramadamee sadarkaa gita ol’aanaa
irraa herregamee(hir’ifamee)shallaggiin
mindaa kaffalamaafii hojjechaa jiru
iskeelii mindaa ce’umsaatti fayyadamaa
kan ta’u sadarkaa guutee argame
irratti bu’uureffatee ta’a.
6.11.Hojjetaan qaxara yeroo yaalii irratti argamu
ce’umsa iskeelii mindaa kanatti fayyadamaa ni ta’a.
6.12.Hojjetaan sababa hanqina naamusaatiin sadarkaa
irraa gdi bu’ee fi mindaan irraa hir’ifame,
sirreeffamni iskeelii mindaa kan kennamuuf
sadarkaa irratti gadi bu’ee fi mindaa hir’ifamee
kaffalamafii jiru irratti hundaa’ee ta’a.
Ta’us daangaa yeroo murtaa’een sadarkaa fi
mindaa irraa hojjetaan gadi bu’e, yeroon itti
murtaa’e xumuuramee gara sadarkaa duraatti yeroo
deebi’u guyyaa deebi’e irraa eegalee akkaataa
iskeelii mindaa haaraatiin mindaan isaaf malu ni
kennamaaf.
6.13. Hojjetaa manni hojii isaa hayyameefii sagantaa
leenjii fi barnoota yeroo waggaa tokkoo fi isaa ol
fudhatu irra jiru, Qajeelfama Haala Ramaddii
Hojjettoota Manneen Hojii Mootummaa Naannoo
Oromiyaa guyyaa 12/04/2011
lakk.BPSMQN/4-2A/894/01/35 tiin darbeen akkaataa
keewwata 9 keewwata xiqqaa 1-3 tti ibsamaniin
ramadamuun isaa erga mirkanaa’ee booda, qajeelfama
raawwii iskeelii mindaa ce’umsaa haaraa kana
keewwata 5 keewwata xiqqaa 3 irratti haala murtaa’een
mindaa haaraa isaaf malu ni kaffalamaaf.
6.14.Hojjetaa hayyamni addaa kennameefii, akkaataa
qajeelfama raawwii piroojetktitiin gara piroojektiti
jijjiirame:-
a).Mindaan idilee isaa, mana hojii isaa duraa
keessatti kaffalamafii jira yoo ta’e, gara
piroojektiitti osoo hin jijjiiramiin dura mindaa
argachaa ture ka’umsa gochuudhaan sadarkaa
gita hojii irratti ramadameef mindaa haaraa
murtaa’e fayyadama ni ta’a.
b).Mindaan isaa piroojektii irraa kaffalamaafii
kan hojjetu yoo ta’e gara hojii idilee isaatti
yeroo deebi’u sadarkaa gita hojii irratti
ramadamuuf mindaa haaraa murtaa’e
fayyadama ni ta’a
6.15). Sirreeffamni iskeelii mindaa haaraa kun hojjetaa
yeroo ykn kontiraataa hin ilaalatu.
Ta’us hojjetaan gita hojii mala qabxiin hojii madaaluu fi
sadarkeessuutiin madaalamee sadarkaan kennameef
irratti qajeelfama hordofuun yeeroodhaaf ykn
kontiraataan qaxaramee hojjechaa jiru ce’umsa iskeelii
mindaa haaraa murtaa’etti fayyadama ni ta’a.
6.16).Hojjetaan sababoota adda addaatiin hojii idilee isaa
irraa adda ba’ee ture gara hojiitti akka deebi’u yeroo
taasifamu gita hojii mala qabxiin madaaluu fi
sadarkeessuutiin madaalamee sadarkaan kennameef
irratti akka ramadamu erga taasifamee booda mindaan
isaa gara iskeelii mindaa haaraatti akka ce’u ni taasifama.
6.17.Murteen qajeelfama kana keewwata 5
keewwata 3 irratti ibsame akkuma jirutti
ta’ee:-
a). Hojjetaan ji’a Adoolessaa/2011 irraa
eegalee hanga qajeelfani kun ba’utti hojii
idilee isaa gadi lakkise, mindaan isaa
osoo hojii gadi hin lakkissin dura ji’aan
argachaa ture akkaataa iskeelii mindaa
haaraatiin herreegamee ni kaffalamaaf.
b).Hojjetaan ji’a Adoolessaa/2011 irraa eegalee
hanga ji’a Amajjii /2012tti du’aan adda ba’e,
mindaan isaa ji’a itti du’ee akkaataa iskeelii
mindaa haaraa kanaatiin herreegamee dhaaltota
isaatiif ni kaffalamaaf.
c).Qajeelfama kana keewwata 5 keewwata 3(b fi c)
irratti kan ibsaman jiraatu’s, hojjetaan ji’a
Adoolessaa/2011 irraa eegalee hanga qajeelfani
kun ba’utti du’aan adda ba’e garaagarummaa
ce’umsa iskeelii mindaa qarshii 1000 ol kan
argatu yoo ta’e mindaan sadarkaa gita hojii irratti
ramadame ji’a sadii (3) guutummaan guutuutti
yeroo tokkoon dhaaltota isaatiif ni kaffalama.
6.18).Qajeelfama Haala Ramaddii Hojjettoota Manneen
Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa
12/04/2011 lakk.BPSMQN/4-2A/894/01/35 tiin darbe
irratti hundaa’uudhaan ramaddiin hojjettootaa yeroo
gaggeeffamu hojjetaan hojii idilee isaa gadilakkisee hojii
irra hin turree fi qajeelfama hooggansa qabeenya namaa
akka naannoo keenyaatti ittiin hojjetamaa jiru
hordofuudhaan hojiitti akka deebi’u yoo taasifame,
dursamee sadarkaa gita hojii fi mindaa duraan irra ture
waliin gita hojii mala qabxiin hojii madaaluu fi
sadarkeessuutiin madalamee sadarkaan kennameef
waliin wal-madaalu irrtti akka ramadamu taasisuudhaan
ce’umsaa iskeelii mindaa haaraa kanatti fayyadamaa ni
ta’a.
6.19).Qajeelfama Raawwii Ramaddii Hojjettoota
Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
darbeen akkaataa keewwata 8 keewwata xiqqaa
1 irratti ibsame irratti hundaa’ee hojjetaan
muuxannoo hojii sadarkaa gita hojichaatiif
murtaa’e guutuuf waggaa tokkoo fi isaa gadi
waan isa hanqateef eeggataa ta’ee ramadame
faayidaa iskeelii mindaa ce’umsaa haaraa
sadarkaa gita hojichaatti fayyadamaa ta’uu kan
danda’u muuxannoo hojii sadarkaa gita hojichaaf
barbaachisoo ta’an guutummaan guutuutti yoo
guute argame qofa ta’a.
6.20).Ogeessi Fayyaa sababa amala addaa hojii isaatiin osoo
barsiisaa jiruu tajaajila fayyaa kennaa jiru, hojiin
barsiisummaa isaa akkuma, eeggametti ta’ee, akka
barbaachisummaa isaatti akkaadamiidhaan yookiin ogummaa
fayyaatiin sadarkaa ol-aanaa irratti ramadamee hojjachuu ni
danda’a.
6.21).Qajeelfama kana keewwata 5 keewwata xiqqaa 3 irratti
kan tumame akkuma eeggametti ta’ee, Ogeessi fayyaa
gulantaa (carer) guddina ogummaa hojiirra tureen ogummaa
isaatiin sadarkaa dhumaa irra ga’ee, Ogeessota turan keessaa,
ogumma qabuun tajaajila waggaa 10 ol qabu yookiin
Ispeeshaaliizitoota calqabaatii alatti ramaddii duraatiin
sadarkaa PS-6/1 irraa ga’ee, ogumma isaatiin waggaa tokko fi
ol tajaajiluun yoo xiqqaate tajaajila waggaa 11 qabu gulantaa
guddina ogummaa sadarkaa dhumaa (IV) irratti ramadamee
mindaa gulantaa 3ffaa irratti ibsame akka argatu ni taasifama.
6.22).Dhaabbilee Barnoota Olaanaatti Ogeessotni
Akkaadamiksii,Gargaartootni Teekiinikaa,
Qoratootni, Barsiisotni idilee, Leenjiistoota
Barnota Teekinikaa fi Ogummaa,
Inistirakterootaa fi ogeessota biroo dhaabbilee
ulaagaalee addaa qophaa’in fayyadamaa turan,
sadarkaa irra turan irratti ulaagaa guutuu isaanii
mirkaneessuu qofan dorgommii malee akka
ramadaman erga ta’e booda riqicha
(irkanii)guddinaa itti aanutti kan ce’an
ulaagaalee armaan dura turan fi sadarkichaaf
taa’an guutanii yoo argamanidha.
6.23).Gitoota hojii qophii Sadarkaa barnootaa
Dippoloomaa kolleejjii fi isaa gadi gaafatan
irratti sadarkaa barnootaa gitni hojichaa
gaafatu osoo hin qabaatiin haala addaatiin
yeroo tokkoof qajeelfamaan akka ramadamu
hojjetaan taasifamee hojjechaa jiru yoo jiraate,
mindaa ce’umsaa sadarkaan gita hojii irratti
ramadame argachiisu yeroo tokko qofaaf akka
argatu ni taasifama.
6.24).Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Manneen
Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa
12/04/2011 lakk.BPSMQN/4-2A/894/01/35 tiin
darbeen akkaataa keewwata 17 keewwata xiqqaa
1 irratti ibsame irratti hundaa’ee hojjetaan
sadarkaa barnootaa mana barnootaa teekinikaa fi
ogummaa irraa Level-I hanga Level-Vtiin
leenji’anii ragaa mirkaneessaa ga’umsa
Ogummaa (MGO) malee,yeroo tokkoof akka
ramadamu taasifame iskeelii mindaa ce’umsaa
sadarkaan gita hojii irratti ramadame argachiisu
yeroo tokkoof akka argatu ni taasifama.
6.25).Akkaataa qajeelfama kana keewwata 5
keewwata xiqqaa 3(b fi c) irratti ibsamaniin
hojjetaan hanga ce’umsa iskeelii mindaa argatu
murtaa’e bakka lama ykn bakka sadiitti hiramee
akka kaffalamuuf taasifame hanga
waxabajjii/2013tti taaksiin mindaa isaa irraa
hir’ifamu mindaa ce’umsaa bara baajatichaa
eeyyamameef irraa ta’a.
6.26).Qajeelfama kana keewwata 5 keewwata
xiqqaa 3(b fi c) irratti kan ibsame jiraatus,
hojjettoota yeroo baroota baajataa 2012 hanga
2014tti jiru keessatti soorama bahan keessaa:-
a). Hojjetaan Adoolessa 01/2011 hanga waxabajjii
30/2014tti yeroo jiru keessatti sooramaan hojii
irraa addaan ba’u yeroo gara iskeelii mindaa
haaraatti ce’u, ce’umsa mindaa guutuu akka
argatu ni taasifama.
b).Hojjetaan Adoolessa 01/2012 hanga waxabajjii
30/2015tti yeroo jiru keessatti sooramaan hojii
irraa adda ba’u, Adoolessa 01/2011 hanga
Waxabajjii 30/2012tti gita hojii irratti ramadameef
ce’umsa mindaa murtaa’e akkaataa qajeelfama
kana keewwata 5 keewwata xiqqaa 3 tiin erga
kaffalameefii booda, bara baajataa 2013 ce’umsa
iskeelii mindaa guutuu akka argatu ni taasifama.
c).Keewwata kana keewwata xiqqaa
26 (a) fi (b) irratti ce’umsi iskeelii
mindaa ibsame, hojjetaa umuriin isaa
waggaa 60 osoo hin guutiin fedhii
isaatiin sooramaan hojii irraa adda
ba’u hin ilaallatu.
27.Qorannoo gahumsaa fi bu’a qabeessummaa
manneen hojii Mootummaa Naannichaa irratti
gaggeeffame bu’uura godhachuun, caasaa manneen
hojii gitoota hojii sadarkaan kennameefii gama
BPSMQNO tiin mirkanaa’ee darbe irratti
“Qajeelfama Haala Ramaddii Hojjettootaa
Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
guyyaa 05/04/2011 Lakk. 04/Dh-40/1478tiin
Waajjira Pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa
Naannoo Oromiyaa irraa fi guyyaa 12/4/2011
Lakk. BPSMQN/4-2A/894/01/35 tiin Biiroo
Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Oromiyaa irraa
darbe irrattii hundaa’uudhaan Ramaddiin
Hojjettootaa Manneen Hojii Naannichaa
Sadarkaan jiran gaggeeffamee erga
xumuuramee booda, akkaataa irra deebiin
qulqulleessuun caasaa manneen hojii amma
gaggeeffamen gitni hojii hojjetaan qajeelfama
kanaan guutee dorgomuudhaan irratti ramadame
tokko sadarkaan isaa akka gadi bu’u kan
taasifame yoo jiraate, Qajeelfama Raawwii
Komishiinii Siviil Sarviisii Federaalaa irraa
Mudde 06/2012 darbe irratti hundaa’uudhaan
“Qajeelfama Haala Ramaddii Hojjettootaa
guyyaa 12/4/2011 Lakk.
BPSMQN/4-2A/894/01/35 tiin Biiroo Pabliik
Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Oromiyaa irraa darbe irratti hundaa’uun
hojjetaan sadarkaa ol-aanaa irratti guutee
ramadameef mindaa ji’aa sadarkaa gita
hojichaaf murtaa’e akka kaffalamuuf ta’ee
foo’annoo fi filannoo gara fuula duraatti gita
hojichaa irratti taasifamu garu akkaataa
fooyya’insa sadarkaa gita hojiichaa irra deebiin
taasifameen ta’a.
28).Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota
Mootummaa, darbe keessatti akkaataa keewwata
8(1) irratti ibsameen hojjetaan eeggataa ta’ee
ramadame ragaa barnootaa fi muuxannoo hojii
yeroo ramaddichaa dhiyeeffatee fi muuxannoo
hojii hanga waxabajjii 30/2011tti horateen
sadarkaa gita hojii irratti ramadame gutumaan
guutuutti kallattiin kan guutu yoo ta’e, akkaataa
qajeelfama kana keewwata 5 keewwata xiqqaa 3
irratti ibsameen Adoolessa 01/2011 irraa eegalee
mindaan ka’umsa sadarkaa gita hojichaa ni
kaffalamaaf.
29). Qajeelfama kana Keewwata “27” irratti
kan ibsame akkuma jiranitti ta’ee akkaataa
qajeelfama ramaddichaatiin hojjetaan eeggataa
ta’ee ramadame hanga waxabajjii 30/2011tti
eeggatummaa isaa kan hin xumuurree yoo ta’e,
yeroo turmaata eeggatummaa isaa guutumaan
guutuutti xumuure irraa eegalee iskeelii mindaa
ka’umsaa sadarkaa gita hojii eeggatummaan
irratti ramadamee akkaataa qajeelfama kana
keewwata 5 keewwata xiqqaa 3 irratti ibsameen
kan kaffalamuuf ta’a.
30).Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota
Mootummaa guyyaa 12/04/2011 Lakk.
BPSMQN/4-2A/894/01/35tiin BPSMQNO irraa
darbe keessatti akkaataa keewwata 8(2) irratti
ibsameen, Shallaggiidhaan hojjetaan ramadame
ragaa barnootaa fi muuxannoo hojii yeroo
ramaddichaa dhiyeeffatee fi muuxannoo hojii
hanga waxabajjii 30/2011tti qabuun bakki guutu
herreegamee iskeelii mindaa ce’umsaatiin kan
isaaf malu akkaataa qajeelfama kana keewwata 5
keewwata xiqqaa 3 tiin akka argatu ni taasifama.
31).Gita hojii madaalamanii sadarkaan
kennameef irratti, hojjetaan dorgomee
mo’atame akkaataa qajeelfama ramaddii
keewwata 13 keewwata xiqqaa 1-3 jalatti
ibsamaniin akka ramadamu erga
taasifamee booda, iskeelii mindaa
ce’umsaatiin kan isaaf malu mindaa
ka’umsaa ykn gulantaa osoo fiixee hin
darbiin akka argatu ni taasifama.
32).Hojjetaan dorgomee mo’atamuudhaan ykn
sababa biraatiin ramaddii dhabee akka bololi’aa hin
taaneef jecha akkaataa qajeelfama Raawwii
Ramaddii Hojjettootaa bara 2011 ilaalchisee xalayaa
guyyaa 20/7/2011 lakk. BPSMQN1/WG3-
9/206/5068(5069) tiin darbe keessatti ibsamanii fi
akkasumas dhimmota ramaddii hojjettootaatiin wal-
qabatanii gaaff’ii dhiyaatan irratti hundaa’ee
xalayoota yeroo adda addaa Biiroo PSMQNO irraa
barreeffaman irratti hundaa’uudhaan akka ramadamu
taasifame, gara fuula duraatti hanga qajeelfamni biraa
gama mootummaatiin itti kennamutti fi
akkasumas qajeelfama raawwii iskeelii
mindaa kana keessatti dhimmi deebii hin
argannee fi gaaf’iin addaa dhiyaatu yoo
jiraate, ragaalee barbaachisaa ta’an kan akka
sadarkaa fi gosa barnoota
hojjetaa ,muuxannoo hojii isaa, waamamaa fi
sadarkaa gita hojii irratti ramadame, mindaa
ji’aa amma argachaa jiruu, fi kkf waliin wal-
qabsiisuudhaan gaaf’iin BPSMQNO tiif
dhiyaatee deebii kan argatu ta’a.
33).Ragaa seera qabeessa hojjetaan qabatamaan
dhiyeeffate irratti hundaa’uudhaan akkaataa
qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa
guyyaa 12/04/2011 Lakk.
BPSMQN/4-2A/894/01/35tiin darbe, xalayoota,
maaniwaalii fi ibsa dabalataa dhimmota
ramaddiitiin wal-qabatan ilaalchisee darban irratti
hundaa’amee ramaddiin hojjettootaa erga
raawwatamee booda, ragaa dhiyaatanitti
fayyadamuudhaan ykn sababa ramaddii
foyyeessuun (waamama gita hojii ykn sadarkaa
gita hojii)hojjetaa irra deebiidhaan sirreessuus ta’e
iskeelii mindaa fooyyessuun hin dandaa’amu.
34).Gitoota hojii Sadarkaa barnootaa Digirii
jalqabaa gaafatu irratti “Qajeelfama Raawwii
Ramaddii Hojjettoota Manneen Hojii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa
12/04/2011 lakk.BPSMQN/4-2A/894/01/35
tiin darbeen akkaataa keewwata 15 keewwata
xiqqaa 1fi 2 irratti ibsamaniin akka ramadamu
hojjetaan taasifamee hojjechaa jiru mindaa
ce’umsaa sadarkaan gita hojii irratti
ramadame argachiisu akka argatu ni
taasifama.
7. Hojjettoota gara fuula duraatti Guddina
sadarkaa argatanii fi Haaraa qaxaraman
ilaalchisee:-
Sirni mala qabxiin hojii madaaluuu fi sadarkeessuu
kaffaltii waliin erga walitti hidhamee booda gara
fuula duraatti hojjetaan kaffaltiin isaa bakka
sadii(3) wal-qixa ta’etti akka kaffalamuuf
taasifame, sadarkaa qabate irratti, hojjetaan biraa
guddina sadarkaatiin ykn qaxaraan iskeelii mindaa
haaraa irratti yeroo ramdamu, sirreeffamnichi
iskeelii mindaa hojjettoota biroo mana hojichaa
keessa turaniif sadarkaa sadarkaan akka
kaffalamuuf taasifame caaluu waan hin qabneef:-
7.1).Hojjettoota gara fuula duraatti Guddina sadarkaa
argatan ilaalchisee;-
Qajeelfani raawwii ce’umsa iskeelii mindaa kun,
guyyaa ji’a mirkanaa’etti aanee jiru irraa eegalee
hanga waxabajjii 2013tti hojjettoota guddina sadarkaa
argatan keessaa sababa guddina sadarkaatiin hangi
qarshii argate:-
a).Hanga qarshii 1000 tti yoo ta’e, hojjetichi
garagarummaa mindaa guyyaa jalqabaa ji’a guddina
sadarkaa itti argate irraa jalqabee ni kaffalamaaf.
b).Qarshii 1000 ol ta’ee bara baajata 2012tti guddina
sadarkaa yoo argate, garagarummaa mindaa guddina
sadarkaa sadiif (3f) hiruudhaan bu’aa isaa mindaa
ji’aan kaffalamaafii jiru irratti:- ,
• Ji’a guddate irraa kaasee hanga waxabajjii
2012tti isa jalqabaa 1/3ffaa ,
• Ji’a Adoolessa 2012 hanga waxabajjii 2013tti
isa lammaffaa 1/3ffaa fi
• Adoolessaa 2013 irraa eegalee isa dhumaa
1/3 ffaa
Sirreeffama mindaa dabaluudhaan mindaan
hojjetaa akka barbaachisummaa isaatti
mindaa ka’umsaa ykn mindaa gulantaa
sadarkaa irratti ramadame waliin akka walirra
qubatu ni taasifama.
c).Qarshii 1000 ol ta’ee bara baajataa 2013tti guddina
sadarkaa yoo argate garaagarummicha mindaa guddina
sdarkaatiin argate lamaa(2)f hiruudhaan mindaa ji’aan
kaffalamaafii jiru irratti:-
• Ji’a guddate irraa hanga waxabajjii 2013tti
/2 garaagarummaa guddina sadarkaa ida’uudhaan fi
1 ffaa

• Ji’a Adoolessaa/2013 irraa eegalee isa dhumaa 1/2ffaa


garaagaruummaa guddina sadarkaa dabaluudhaan,
Mindaan hojjetichaa gara sadarkaa mindaa ka’umsaa
ykn gulantaa itti guddate irra akka qubatu ni taasifama.
d).Adoolessa 01/2013 irraa eegalee hojjetaan guddina
sadarkaa argatu,sadarkaa irratti guddatuuf mindaan
ka’umsaa ykn gulantaa murtaa’e guyyaa ji’a jalqabaa
itti guddate irraa eegalee ni kaffalamaaf.
7.2). Hojjetaa Haaraa qaxaramu ilaalchisee:-
Qajeelfama kana keewwata 5 keewwata xiqqaa 3 irratti kan
tumame akkuma eeggametti ta’ee, qajeelfani kun guyyaa
mirkanaa’e irraa eegalee hanga waxabajjii 30/2012 tti yeroo
jiru keessatti:-
a).sadarkaa gita hojii I hanga sadarkaa VII tti Sadarkaalee jiran
irratti hojjetaan qaxarame mindaa ka’umsaa sadarkaa itti
qaxarame akka argatu ni taasifama. 
b).Sadarkaa gita hojii VII olitti sadarkaalee jiran irratti hojjetaan
qaxaramu sadarkaa gita hojii irratti qaxaramee fi sadarkaa
irratti qaxarame irraa gadi bu’ee sadarkaa jiru gidduutti
garaagarummoota gulantaa sadii(3) jiran, baricha baajataatti
mindaa ka’umsaa sadarkaa gadi aanaa irratti gulantaa tokko
tokko dabaluudhaan mindaa ji’aa akka kaffalamuuf taasisuun,
Adoolessa 01/2013 irraa eegalee mindaa ka’umsaa sadarkaa
irratti qaxarame akka argatu ni taasifama.
Fakkeenya-1: Mindaan ka’umsaa Sadarkaa
XV= qarshii 10150, Mindaan ka’umsaa
Sadarkaa XIV immoo = qarshii 9050,
Akkasumas mindaan gulantaa 1ffaa sadarkaa
kanaa (XIV) = qarshii 9420, mindaan gulantaa
2ffaa sadarkaa kanaa= qarshii 9785 fi mindaan
gulantaa 3ffaa sadarkaa kanaa= qarshii 10150
yoo ta’e,
Iskeeliin mindaa haaraa guyyaa hojii irra oole
irraa eegalee hojjetaan sadarkaa XV irratti
qaxarame sadarkaan itti qaxarame akkuma
jirutti ta’ee:-
• Hanga waxabajjii 2012 tti sadarkaa
irratti qaxarame irra sadarkaa tokko
gadi bu’ee mindaa ka’umsaa
sadarkaa XIVqarshii 9056 irratti
gulantaa tokko dabaluudhaan
mindaa gulataa 1ffaa kan ta’e qarshii
9420,
• Bara bajataa lammaffaa (Adoolessa/
2012 hanga waxabajjii /2013tti
mindaa gulataa 2 ffaa kan ta’e qarshii
9785, fi
• Bara bajataa sadaffaa (Adoolessa/
2013) irraa eegalee mindaa ka’umsaa
sadarkaa XV itti qaxarame kan ta’e
qarshii 10150 akka argatu ni
taasifama.
c).Hojjetaan Adoolessa 01/2012 irraa eegalee hanga
waxabajjii 30/2013 tti qaxaramu sadarkaa irratti
qaxarame irraa sadarkaa tokko gadi bu’ee kan argamu
ida’ama mindaa gulantaalee sadii(3) jalqabaa
walitti aananii jiran iddoo lamatti hiruudhaan
mindaa ka’umsaa sadarkaa irratti qaxarame irraa
sadarkaa tokko gadi bu’ee mindaa ka’umsaa argamu
irratti gulantaa tokko ida’uudhaan mindaan marsaa
duraa kan kaffalamuuf yoo ta’u, Adoolessa 01/2013
irraa eegalee qarshiin hafe mindaa kaffalamafii jiru
irratii ida’uudhaan sadarkaa mindaa ka’umsaa irratti
qaxarame akka argatu ni taasifama.
Fakkeenya-2: Armaan olitti fakkeenya tokkoffaa (1)
irratti sadarkaa XV irratti bara baajataa 2013
(Adoolessa 01/2012 hanga waxabajjii 30/2013 tti)
hojjetaan qaxarame sadarkaan itti qaxarame akkuma
jirutti ta’ee, sadarkaa irratti qaxarame irraa sadarkaa
tokko gadi bu’ee, mindaa ka’umsaa sadarkaa
XIV(qar.9056), mindaa gulantaa sadaffaa sadarkaa
gita hojichaa(qar.10150) irraa hir’isuudhaan
garagarumma jiru lamaaf hiruudhaan (10150-
9056=qarshii 1094 waan ta’uuf ,qarshii 1094 lamaaf
hiruudhaan (1094/2) qarshii argame 547, mindaa
ka’umsaa XIV irratti ida’uudhaan (9056+547)
qarshii 9603 hanga waaxabajjii/2013tti akka
kaffalamuuf ni taasifama.
Adoolessa 01/2013 irraa eegalee immoo
qarshii 9603 irratti qarshii hafe 547
ida’uudhaan (9603+54 = qarshii 10150
mindaa ka’umsaa sadarkaa XV hojjetaan irratti
qaxarame irra akka qubatu ni taasifama.
d).Hojjetaan Adoolessa 01/2013 irraa eegalee
qaxaramuu mindaa ka’umsaa sadarkaa gita
hojii irratti qaxarame guyyaa qaxarame irraa
eegalee akka argatu ni taasifama.
Sa Mind
da aa
rk ka’u Mindaa Gulantaa Fiixee
aa msaa
1 2 3 4 5 6 7 8 9

XV 10150 10521 10906 11305 117 12148 12579 13013 13462 13926 14400
19
XIV 9056 9420 9785 10150 105 10906 11305 11719 12148 12579 13013
21
8.Seeroota raawwatiinsa hin qabne:
Qajeelfamni fi barmaatiileen hojii qajeelfama kana waliin
wal-faalleessu kamiyyuu dhimoota qajeelfama kan keessatti
ilaallatan irratti raawwatiinsa hin qabu.
9.Gaafatamummaa:
Qaamni (Hogganaan/Ittigaafatamaan ykn ogeessi)
qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa guyyaa
12/04/2011 Lakk. BPSMQN/4-2A/894/01/35tiin fi akkaataa
Raawwii Ramaddii Hojjettootaa bara 2011 ilaalchisee xalayaa
guyyaa 20/7/2011 lakk. BPSMQN1/WG3-9/206/5068(5069)
tiin darban keessatti ibsaman fi “ tumaalee Qajeelfama
Raawwii Iskeelii Mindaa” kana darbuudhaan gita hojii
madaalamee sadarkan hin kennamneef irratti hojjetaa ramade
ykn kaffaltii mindaa raawwate seera jiruun kan itti
gaafatamu ni ta’a.
10.Dhimmootni Qajeelfama kanaan hin
hammatamne:
Dhimmootni qajeelfama kanaan hin
hammatamne yeroo quunnaman gaaffiin isaa
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Oromiyaa(BPSMQNO)tiif dhiyaate
murteen kan itti kennamu ta’u,
11.Yeroo qajeelfamichi hojiirra oolu:
Qajeelfamni kun Adoolessa 01/2011 irraa
eegalee hojiirra kan oolu ta’a.
Galatoomaa,
Horaa Bulaa!!

You might also like