You are on page 1of 35

Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa

Oromiyaa Irraa
Firaa’ol Abbiyyee tiin
Bitootessa 17/2013
Adaamaa,Hoteela Dirree
Qabiyyee...

1.Seensa
2. Barbaachisummaa pirootookoolii
2.1 Keewwata 1 Hiikkoo
2.2 Keewwata 2-23 waa’ee biyyoota walii galanii
2.3 Keewwata 24-31 mata dureewwan adda addaarratti kan
xiyyeefatudha waan ta’eef keewwata 23 booda ibsamee jira
boodarra ibsi itti kennama
2.4 keewwata 32 raawwiin isaa guyyaa
mallattaa’erraa eegalee dirqama ta’uu
seensa
IMaanguddootni sarara hiyyummaa tii gaditti kan
argaman qaamolee hawaasaa baay’ee ta’uu
Baay’inni Maanguddootaa yeroodhaa gara yerootti
dabalaa deemuu isaa
Maanguddootni rakkoolee baay’ee qabaachuu
isaanii
Rakkoolee maanguddootaa hir’isuusuudhaaf kan
dandeessisu imaammata seerotaa fi qajeelfamni
jiraachuun barbaachisaa ta’uusaa
Yeroo ammaan kanatti dhimmi maanguddootaa
marii ta’ee waan argameef
 Chaartarii Afrikaa keewwata 66 barbaachisaa ta’ee yoo argame chaartaricharratti
Barbaachisummaa…

dabalata kan ta’an pirootookoloota ykn waliigalteen akka taasifamu kan eeyyamamu

hundeeffama chaarterichaa ilaalcha keessa galchuuni

“Maanguddootnii fi qaama miidhamtootni miidhama qaamaa ykn isaan kan walqabate

fedhiilee jiran waliin kan walsimu eegumsa addaatu barbaachisaaf kan jedhu chaartarii

afrikaa keewwata 18/4/ jalatti mirgoota maanguddootaa akka eegamuuf mirga addaa jiru

ilaalcha keessa galchuun

“Sanyii namaa kamiinuu ,Halluun , Saala,Afaaniin , Amantaadhaan,Siyaasaan ykn yaada

kamiinuu biyyoolessummaa fiKa’umsa hawaasummaa,Qabeenya,dhalachuu fi

garaagarummaa jiran warreen kaaniin garaagarummaan osoo irratti hin godhamiin

mirgoota chaartaricharratti argaman itti fayyadamuudhaaf mirga qaba kan jedhu

chaartara afrirkaa keewwata 2 jalatti kan ibsame yaadachiisuuf


Itti fufa …
 Maanguddoo Dubartootaaf eegumsi addaa akka godhamuuf kan ibsu chaartarii

afrikaa pirootookoolii mirga dubartootaa keewwata 22 yaadachiisuuf

 “Biyyoonni Miseensota chaartarii kanaa mirga bu’uuraa maanguddootaa

baasuudhaaf umurii hundee kan godhatan loogii kamiyyuu akka dhorkaman

maanguddootni fedhiin isaanii milkaa’ina akka argatuuf mirgi waldaadhaan

gurmaa’uu isaanii akkaataa ulaagaa seeraatiin eegumsi taasifamuu fi akka

danda’uuf dirqama galan ni raawwatamu kan jedhamu Hammannaa imaammataa

fi sagantaa raawwii maanguddootaa 2002 ilaalcha sanadaa bulchiinsaa 1 jalatti

kan ibsame ilaalcha keessa galchuuni


itti fufa…

Dhiibbaa sanyii hundee godhachuun bara 1965 walii galtee bahe

dhorkuu akkasumas kakuu imaammataa fi mirga siyaasaa bara 1966


bahe
Bara 1966 kan bahe mirga Dinagdee,Hawaasummaa,Mirga aadaarratti

kakuu Addunyaan qabdu


Waliigaltee Addunyaa bara 1979 bahe dhiibbaan dubartootarratti

godhamu kamiyyuu akka dhorkamu ilaalcha keessa galchuudhani


Sagantaa raawwii maanguddootaa bara 1982,waliigaltee addunyaa

hundeeffamaa fi sanadoota adda addaa ilaalcha keessa galchuun


Keewwata 1
Hiikkoo

 Chaartarii Afrikaa ”jechuun mirgoota namoomaa fi Uummataarratti

kan hundaa’e chaartera afrikaa jechuudha

 “Yaa’ii Walii Galaa jechuun” Biyyoonni Miseensota gamtaa afrikaa

mootummootaa fi dura taa’aan sabootaa fi sablammootaa yeroo

walgahan jechuudha

 “Bartee Gochootaa miidhaa geessisan”jechuun mirga lubbuun

jiraachuu maanguddootaa,kabaja barbaachisaa ta’e argachuu fi

nageenya qaamaa jiraachuuf bu’uura kan ta’e kan faallessu Aadaalee

turan ilaalchotaa fi barteewwan jechuudha


Itti fufa…

“Biyyoota Miseensaa ” jechuun biyyoota miseensa gamtaa afrikaa jechuudha

“Maanguddoo” Jechuun dhaabbata biyyoota gamtoomaniitti bara 1982 fi dhaabbata

afrikaa hammannaa imaammataa fi sagantaa raawwii maanguddootaa irratti bara

2002 akka ibsametti umuriin isaanii waggaa 60 fi isaa ol warreen ta’an jechuudha

“Biyyoota walii galan” jechuun pirootookoolii kana kan mirkaneessan ykn akka

qaqqabamu kan godhan dhaabbilee afrikaa ykn pirootookoolii kanaaf beekamtii

kennuufiin mirkaneessa sanadootaa kan galchan ykn dhaabbata tokkummaa afrikaa

irraa dura taa’aa koomishinii waliin tokkummaa kan godhan jechuudha


Keewwata 2
Dirqama mootummoota waliigalanii

1. Biyyoonni Waliigaltee raawwatan pirootookoolii kana keessatti


kan hammataman mirgaa fi bilisummaawwan jiraniif beekamtiin
kan kennamaniif yoo ta’u raawwii isaatiirratti hammatummaa
seeraa akka qabaatu beekamtii ni kennuufi
2.Biyyoonni Waliigaltee raawwatn bara 1991 kan bahan
bilisummaa,kabaja,of danda’uu,hirmaannaa fi kunuunsa kan jedhaman
jechoota maanguddootaaf qaama seerota isaanii kan gochuudhaan
mirgoonni isaanii mirgoonni isaaniis akka kabajamaniif ka’umsa godhatu
Keewwata 3
waa’ee dhiibbaa maanguddootarra gahanii hambisuu

Mootummoonni waliigalan….
1. Dhiibbaa maanguddootarra gahu miidhaa kamiyyuu kan dhorku yoo
ta’u aadaa fi hawaasummaa yeroo ta’an ilaalchota miidhaa qaban
irraa kan ka’e qoollifannaan akka hafu godha
2. Seera isaanii irrattis ta’ee warreen qabatamaa ta’an kaanirratti
maanguddoota irratti garaagarummaan kamiyyuu yoo jiraate
tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhatu

3. Wantoota maanguddota irratti dhiibbaa keessisan haala


naannoo,sabaan,biyyoota ollaa fi addunyaalessaa fi haala naannoo
irratti akka hirkatan ni taasisu hojiirras ni oolchu
Keewwata 4
Qaqqababummaa haqaa fi seeraan eegumsa walqixaa argachuu

Mootummoota walii galan…


1. Seerota baasuudhaa fi fooyyessuudhaan maanguddootni fayidaa
walqixaa argachuu fi eegumsa sirrii argachuu ni mirkaneessu
2. Mirga maanguddootaa akka eegamuuf deeggarsi seeraa
jiraachuu ni mirkaneessu
3. Raawwachiistota seeraa sadarkaadhaan jiran imaammataa fi
seerota karaa seera qabeessa ta’e hiikkoon itti kennamuu fi
leenjii mirga maanguddootaa cimsu kennamuu ni mirkaneessu
Keewwata 5
Mirga murteessuu

Mootummoonni waliigalan…

1.Maanguddootni giddu galummaa qaama kamiiyyuu osoo hin

barbaachisiin dhimma mataa isaaniirratti murtii kennuu kan

dandeessisuu fi mirga isaaniitiif beekamtii kan kennu seerri jiraachuu fi

maanguddootni fedhii mataa isaaniitiin kan filatan qaama kamiyyuu

ykn dhaabbilee fedhiin isaanii akka raawwatuuf qaama barbaadan

bakka buufachuu akka danda’an mirga qabaachuu isaanii ni

mirkaneessu
Itti fufa …
2.Maanguddootni yeroo dhaban fayidaa isaanii kan dursuu fi
nageenya isaanii kan eegsisu murtee dabarsuu akka danda’an
deeggarsa hawaasummaa fi deeggarsi seeraa akka godhamuuf ni
mirkaneessu፣ Dabalataanis

3.Maanguddootni yaada isaanii iftoominaan ibsachuu kan


danda’anii fi murtee hawaasummaa fi siyaasaa kennuu keessatti
mirga hhirmaannaa gochuu akka qabaataniif seerota baasuutti
dabalatee tarkaanfiiwwan biroos fudhachuu ni danda’u፡፡
Keewwata 6
carraa hojii ilaalchisee loogiin akka maanguddoota irra hin geenye
eeguu

Mootummoonn waliigalan፡

1. Carraa hojii argachuu waliin walqabatee ulaagaalee


ogummaa ilaalcha keessa galchuun bakka hojiitti rakkoolee
maanguddoota irra gahan hambisuuf tarkaanfii seeraa akka
jiraatu ni taasisu

2. Fayyaa maanguddootaa fi haala qaama isaanii dandeettii fi


muuxannoo giddu galeessa kan godhate carraan hojii
jiraachuu ni mirkaneessu
Keewwata 7
eegumsa hawaasummaa
Mootummoonni waliigalan…

1. Maanguddootni soorama bahan kaffaltii sooramaa gahaa tahee fi tajaajila wabii

hawaasummaa kan biroo argachuu kan dandeessisu imaammattootaa fi seerota ni baasu፣

2. Carraa tajaajila wabii hawaasummaa kamiyyuu keessatti hirmaannaa gochaa kan hin

turre maanguddootaaf galii akka argataniif eegumsa hawaasummaa hunda galeessa ta’e
jiraachuu ni mirkaneessu

3. Adeemsa Soorama isaanii kabachiifachuu fi haaldureewwan salphaatti


qaqqababummaan akka jiraatu ni mirkaneessu

4. Maanguddootni tajaajila dhaabbilee mootummaa tajaajila kennanirraa tajaajila


argachuu akka danda’an da’oo seeraa fi baasuutti dabalatee tarkaafiilee biroo ni fudhatu
keewwata 8
saaxilamummaa fi gochoota miidhaa geessisan eeguu

Mootummoonni walii galan…


1. Gochoota miidhaa geessisan maanguddoota irratti raawwatan

irratti dhorka baasuudhaan yakkaan gaafatamummaan akka


jiraatu ni taasisu

2. Maanguddoota keessumattuu nageenya maanguddoo


dubartootaa,fayyaa,lubbuu fi kabaja isaanii kan tuqu
yakkoota akka xonqolaa dabalatee gochoota miidhaa geessisan
hambisuudhaaf tarkaanfii barbaachisaa ta’an ni fudhatu
Keewwata 9
Maanguddoota dubartootaa Eeguu

Mootummoonni Waliigalan…
1. Maanguddootni dubartii ta’an saaxilamummaa irraa Miidhaa gudeeddii irraa ,dubartoota waan

ta’aniif miidhaan akka irra hin geenyeef mirgi isaanii akka eegamuuf seerri jiraachuu ni

mirkaneessu

2. Mirga Qabeenyaa fi abbaa qabeenyummaa waliin walqabatee dubartootni maanguddoota ta’an

miidhaa isaanirra gahu dhorkuudhaaf wabii kan ta’u seerota ni baasu hojiirra akka oolus ni godhu

3. Mirga dhaalaa maanguddootaa dubartootaa ilaalchisee seera ni

baasa
 
keewwata 10
Deeggarsaa fi kunuunsa
Mootummoonni waliigalan

1. Maanguddootaaf mana keessatti deeggarsaa fi kunuunsa kan godhaniif

miseensa maatiif onnachiiftuu ta’uu kan danda’an imaammataa fi dawoon

seeraa biroo hojiirra akka oolu ni godhu

2. Maatii fi kutaaleen hawaasaa miseensa maatii umuriidhaan deemaniif

dandeettiin deeggarsa godhuuf dandeettii isaanii cimsuuf kan dandeessisu

aadaan walgargaarsaa jiraachuu adda baasu,ni beeksisu,akkasumas ni cimsu

3. Tajaajiloota maanguddootaaf kennaman keessatti maanguddootni kunuunsa

sirrii argachuu isaanii ni mirkaneessu


keewwata 11
Deeggarsa giddugalarraa godhamu

Mootummoonni waliigalan

1. Maanguddootaa deeggarsa giddu galarraa godhaman filannoodhaan kan

dhiyaatanii fi dandeettii giddu galeessa kan godhate ta’uu kan mirkaneessu

seera baasuu ykn fooyyessuu

2. Maanguddoota kunuunsaaf giddugaleessa jiraniif giddi galeessichaaf galumsa

kan ta’u akkaataa biyyaatti,biyyoota ollaa fi akka addunyaatti ulaagaa gadi

aanaa ta’e kan guutan ta’uu ni mirkaneessu

3. Maanguddoota haalli fayyaa isaanii rakkisaa ta’e keessa jiran qoricha

aaragalfii ta’uuf kunuunsa gahaa kan ittiin argatan hojmaatni jiran hojiirra

akka oolan ni godhu


Keewwata 12
waa’ee deeggarsa maanguddoota daa’imman saaxilamtoota ta’an
kunuunsanii

Mootummootni waliigalan
Hiyyummaa hamaa keessa kan jiran guddistoota isaaniirraa kan adda

bahanii fi daa’imman saaxilamtoota maanguddoota kunuunsaniif deeggarsa


mallaqaa,meeshaalee adda addaa fi deeggarsawwan biroo akka argataniif kan
mirkaneesu tarkaanfiiwwan biroo ni fudhatu,akkasumas hojiirra ni oolchu
Daa’imman deeggarsa maanguddootaa jala yeroo ta’an daa’ammaniif kan

murtaa’e kamiyyuu kan ta’e deeggarsa hawaasummaa fi faayidaawwan biroo


maanguddoof sanaaf deeggarsi taasifamuuf hojmaatni jiraachuu ni
mirkaneessu
Keewwata13
Waa’ee maanguddoota qaama miidhamaa ta’anii
Mootummoonni walii galan
Seerota mirga maanguddoota qaama miidhamaa eeguu danda’uu fi

tarkaanfiilee biroo hojiirra akka ooluu isaa ni hordofu


Seeronni kunii fi tarkaanfileen staandaardii biyyoota ollaa fi

addunyaa qabaachuu isaa ni mirkaneessu


Maanguddootni qaama miidhamtootni bakka jiranitti fedhii
hawaasummaa isaanii kan guutu kunuunsa addaa argachuu isaanii fi
meeshaalee deeggarsa kennan fayyadamoo ta’uu isaanii ni
mirkaneessu
Keewwata14
Yeroowalitti bu’insaa fi ariifachiisaa ta’an deeggarsa
maanguddootaaf godhamu
Mootummoonni waliigalan

1. Sodaawwan adda addaa keessati balaa uumamaa yeroowalitti bu’insaa fi


lola walii waliin walqabatee hojiiwwan lubbuu baraaruu ,qubachiisuu
,deebisanii dhaabuu fi yeroo furmaatni biroon kennamu deeggarsa
godhamu godhamu keessatti maanguddootni dursa argachuu isaanii ni
mirkaneessu

2. Maanguddootni yeroo kamiyyuu deeggarsa namoomaa barbaachisoo ta’an


eegumsaa fi kabaja isaaniif malu argachuu isaanii fi deeggarsa tajaajila
kunuunsa yaalaa argachuu qaban akka hin irraanfatamne ni deeggaru
Keewwata 15
Qaqqababummaa tajaajila yaala fayyaa

Mootummoonni waliigalan

1. Tajaajilli yaala fayyaa maanguddootaaf fedhii addaa guutuufi

kan dandeessisu jiraachuu ni mirkaneessu

2. Dandeettii qabaniin tajaajila fayyaa maanguddootaaf


qaqqabamaa akka ta’uu fi baasiiwwan dhiyeessii qorichaa akka
cufamuuf kan dandeessisu tarkaanfii qabatamaa ni fudhatu

3. Leenjii ogeessota fayyaatiin dhimmoota hordoffii jeriyaatirikii

fi jerentooloojii ni mirkaneessu
keewwata 16
Qaqqababummaa barnootaa
Mootummoonni waliigalan maanguddootni carraa
barnootaa akka argatan dandeettii infoormeeshin
teeknooloojii akka argataniif carraalee jiran ni mijeessu
Keewwata17
Hirmaannaa sagantaalee fi hojiirra oolmaa bashannanaa
Mootummoonni waliigalan misooma hawaasummaa fi

dinagdeedhaan sagantaalee aadaa bashannanaa fi


ispoortii keessatti mirga maanguddootaa kan eegsisan
akkasumas jireenya gammachiisaa akka jiraatanii fi
hirmaannaa ho’aa akka qabaataniif kan mirkaneesu
imaammottoota adda ta’an ni baasu
Keewwat 18
Waa’ee qaqqababummaa

Mootummootni walii galan ijaarsa gamoo dabalatee

bu’uuraalee misoomaa adda addaa maanguddootaaf


qaqqabamoo akka ta’anii fi tajaajila geejjibaa
uummataarrattis teessoon akka adda bahuuf kan
dandeessisu tarkaanfii ni fudhatu
Keewwat 19
Ilaalcha maanguddootaa fi bara dullumaaf qophaa’an

Mootummoonni waliigalan…

1. Kutaalee hawaasaa dargaggoota ta’an waa’ee maanguddootaa fi miidhaa

maanguddootarra gahuu danda’u barsiisuu fi ilaalcha hin taane


dhorkuudhaaf kan dandeechisu sagantaa hubannoo babal’isuu
adeemsisuuf tarkaanfilee jiran hojiirra ni oolchu

2. Miidhaa yeroo sooramaa fi sababa umuriin deemuudhaan


maanguddootarra gahan dandamachiisuuf kan dandeessisu sagantaalee
leenjii adeemsisuuf tarkaanfilee jiran hojiirra ni oolchu
keewwata 20
Dirqama maanguddootaa
Maanguddootni waa’ee maatii isaanii, waa’ee hawaasaa
bal’aa,kutaalee hawaasaa,waa’ee mootummaa fi waa’ee addunyaa
kanaarratti dirqama qabu,kanaanis walqabatee፡-

1. Dargaggoota gorsuu,muuxannoo fi beekumsa kuufatan daddabarsuu

2. Dhalattoota gidduutti mariiwwan akka adeemsifaman ciccimsuu fi

maatii hawaasa gidduutti hafuurri obbolummaa akka cimu gochuu

3. Araaraa fi naannoo walitti bu’insaatti gahee mataa isaanii


taphachuuf dirqama qabu
Keewwata 21
Waa’ee waldeeggaruu fi ragaalee sassaabuu
Mootummoonni waliigalan…

1. Akka biyyaatti maanguddoota ilaalchisee kan adeemsifamu seera kan eeggate

adeemsa ragaa sassaabuu fi qaaccessuu akkaataa barbaadamuun adeemsifamuu

isaa ni mirkaneessu

2. Mirgoota maanguddootaa imaammata biyyaa sagantaa raawwiidhaanii dambiilee

keessa galuu to’achuudhaaf ,gulaaluu fi deeggaruuf kan dandeessisu akka

biyyaatti hojmaata ni qopheessa

3. Maanguddoota irratti kan bahan imaammattoota addunyaa fi karooraaleen

akkaataa itti hojiirra oolan hordoffii mijeessuudhaan akka biyyaatti qaama

furmaataa maanguddoota afrikaadhaaf dhaabbilee gorsan ni deeggaru


Keewwata 22
Hojiirra Oolmaa

Mootummoonni waliigalan hojiirra oolmaa pirootookoolii

kanaa ilaalchisee akkasumas hojiirra oolmaa yeroorratti

hundaa’u chaarterii afrikaa keewwata 62 hundee

godhachuudhaan mirgoota pirootookoolii keessa taa’an

akka hojiirra oolaniif kan fudhataman tarkaanfii seeraa fi

tarkaafiilee biroo kan hammate gabaasa koomishiniif

dhiyeessuudhaan hojiirra oolmaasaa ni mirkaneessu


Itti fufa …
Hojiirra oolmaa pirootookoolii kanaa akkaataa chaartera afrikaatti

pirootookoolicharratti kan caqafaman waliigaltee jiran hiika itti kennuun mirgi

kun kan koomishinii afrikaati

Koomishinii tokkummaa afrikaatti adeemsa raawwii pirootookolichaarratti

hiikkaarratti fi hojiirra oolmaarratti dhimmoota mormii kaasisan yeroo

uumamanitti dhaabbata namoomaa afrikaa fi mana murtii mirgoota

namoomaatti dhiyeessuun murtee akka argatan godha

Yeroo hojiirra oolmaa pirootookolii dhaabbanni namoomaa afrikaa fi mannai

murtii mirga namoomaa dhagahuudhaaf mirga qaba


Keewwata 23
waa’ee pirootookoolicha beeksisuu

Mootummoonni waliigalan: heera mootummaa

isaanii keessa kan jiru seerotaa fi qajeelfamoota


waliin walsimsiisuuf pirootookolichi haala
bal’aa ta’een akka tatamsa’uu fi hubannoon
akka irratti uumamuuf tarkaanfiiwwan
barbaachisaa ta’an fudhatamuu ni mirkaneessu
Keewwata 24-32
Kan irratti xiyyeeffatu

 Dhorka

Pirootookoolicha mallattoodhaan mirkaneessuu fi

dhaqqababummaa akka argatu gochuu


Gara hojiirra oolmaasaatti galuu

Waa’ee garaagarummaa

Pirootookoliin jiraachuu

Galmee

Waa’ee waliigaltee keessaa bahuu

Fooyyessuu fi keessa deebi’uu


Keewwata 32
Dhumarratti waliigaltee hiikamuu akka qabu…

Pirootookooliin kun afaanota afuriin isaanis Afaan Arabaa,Afaan

ingiliffaa,afaan faransaayii fi poortugiisiin dhaabbiidhaan kan


qophaa’e yoo ta’u waraabbiin isaa arfanuu hiikkaadhaan gatii
walqixaa kan qabanidha
Pirootookooliin kun guyyaa mallattaa’erraa eegalee raawwiin isaa ni

dirqamsiisa
Pirootookooliin kun Finfinneetti kan adeemsifame yaa’ii waliigalaa

26ffaarratti kan mirkanaa’edha


 January31 /2016
Galatoomaa,Horaa Bulaa

You might also like