You are on page 1of 21

`

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa


Oromiyaa

Qajeelfama Hojimaataafi Gurmaa’insaa Gumii Naamusaafi Farra


Malaammaltummaa Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii Naannoo
Oromiyaa

Amajjii, 2013

Finfinnee
Qajeelfama Lakk.07/2013

Qajeelfama Hoji-maataafi Gurmaa’insaa Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa


Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii Naannoo Oromiyaa keessatti Ijaaruufi Gurmeessuuf Bahe

Barattoota/leenjifamtoota beekumsaan, dandeettiifi ilaalchaan qaruun cinaatti naamusa gaarii


gonfatanii akka guddatan gochuun hojii boruuf dhiifamu waan hin taaneef,

Dhaloota al-naamusummaafi malaammaltummaa irraa bilisa ta’e, guddina biyyaaf gumaacha


taasisuufi biyya jireenya lammii isheef mijaawaa taate arguuf har’a ijaarsa naamusa dhalootaa
irratti hojjachuun barbaachisaa waan ta’eef,

Hojiin ijaarsa naamusaa kan jalqabuufi hundeen bu’uurri isaa kan kaa’amu daangaa ijoollummaafi
dargaggummaa keessatti waan ta’eef hojii kanaaf barattoota irratti xiyyeeffatnaa gochuun
hojjachuun barbaachisaa waan ta’eef,

Komishinichi Biirolee Naannoo Oromiyaa dimmi ilaallatu waliin qindoomuun dhaabbilee


barnootaafi leenjii mootummaa, miti-mootummaafi dhuunfaa hunda keessatti gumii naamusaafi
farra malaammaltummaa hundeessuun barbaachisaa waan ta’eef,

Akkaataa labsii komishinichaa irra deebiin hundeessuuf bahe labsii Lakk. 197/ 2008 keewwata 31
(2) tiin qajeelfamni kun baheera .

KUTAA TOKKO

TUMAALEE WALIIGALAA

1. Mata-duree Gabaabaa

1
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Hoji-maataafi Gurmaa’insaa Gumii Naamusaafi Farra
Malaammaltummaa Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii Naannoo Oromiyaa Qajeelfama Lakk.07/2013
jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. Hiika Jechootaa

Akkaataan jechichaa hiikkaa biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee qajeelfama kana keessatti,

1. “Gumii” jechuun Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa Dhaabbilee Barnootaafi


Leenjii Naannoo Oromiyaa keessatti hundaa’an jechuu dha.

2. “Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii ”jechuun dhaabbilee barnootaafi leenjii qaama seeraan


dhimmi ilaallatuun beekkamtii argatanii hojii barnootaafi leenjii Naannoo Oromiyaa
keesssatti kennan jechuu dha.

3. “Koree Gumii” jechuun miseensota waliigalaa gumicha keessatti hirmaachuuf galmaa’an


keessaa gumicha hogganuuf dandeettii, fedhiifi kaka’umsa qaban akkaataa qajeelfama
gumiitin miseensa filataman jechuu dha.

4. “Komishinii” jechuun Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo


Oromiyaa fi Dameelee isaa sadarkaan jiran jechuudha.

5. “Miseensota Gumii” jechuun qajeelfama hoji-maataafi gurmaa’insa gumichaa fudhatee


miseensa Kan ta’e barataa ykn leenjifamaa kamiyyuu jechuu dha.

6. “Biiroolee Dhimmii Ilaallatuu” jechuun Biirolee dhaabbilee barnoota fi leenjii sadarkaan


qaban kan akka Biiroo Barnootaa, Biiroo Barnoota Leenjii, Teeknikaafi Ogummaa, Biiroo
Eegumsa Fayyaa, Komishinii Ispoortii, Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasumma
Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.

3. Ibsa Koornayaa

Qajeelfama kana keessatti jechi kornayaa dhiiraatiin ibsame dubartiis ni dabalata.

4. Daangaa Raawwatiinsaa

Qajeelfamni Kun Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii Naannoo Oromiyaa keessa jiran Kan
mootummaa, miti-mootummaafi dhuunfaa hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata.

2
5. Kaayyoo

1. Kaayyoo Gooroo

Gumiin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa lammii naamusa gaarii gonfate, tattaaffii ykn
dhafqa ofiin jiraachuuf kutannoo qabu, sammuu, seeraafi biyya isaaf amanamaa ta’e, beekumsaan,
dandeettiifi ilaalchaan ijaarame malaammaltummaa ykn hatummaafi hojimaata badaa lagatu
horachuudha.

2. Kaayyoo Gooree

a. Hojii baruu-barsiisuu keessatti hanqinaalee naamusaa mul’atan (qoruumsa wal-irraa


garagalchuu/hatuu, dhibaahummaa, hannaa fi hojimaata badaa) dhabamsiisuun lammii
ofitti amanu naamusaa gaariin ijaaruu,

b. Lammii naamusa gaariin dagaageefi gocha malaammaltummaa balaaleffatu horachuuf


xiyyeeffannoo addaatiin hojjachuu,

c. Hojiin naamusa gaarii dagaasuu dhaabbilee barnootaafi leenjii keessatti akka idilaa’uufi
itti- fufiinsa qabaatu taasisuu,
d. Hariiroon barattootaa/leenjifamtootaafi hawaasa dhaabbiilee barnootaafi leenjii jidduu jiru
duudhaalee naamusa gaarii irratti kan hundaa’e gochuuf gama hundaan hojii qindoomina
qabu raawwachiisuudha.
KUTAA LAMA
HUNDEEFFAMAA, ITTI WAAMAMAFI WAA’EE MISEENSUMMA GUMII
6. Hundeeffamaa fi Itti Waamama Gumii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa
1. Gumiin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa dhaabbilee barnootaafi leenjii mootummaa,
miti-mootummaafi dhuunfaa naannoo oromiyaa hunda keessatti qajeelfama kanaan
hundeeffameera.
2. Gumiin Naamusaafi Farra Malaammaltumma itti-waamamni isaa barsiisaa guumicha
hogganuuf filatame, itti gaafatamaa gumiitiif ta’a.

3
3. Itti gaafatamaan gumii immoo itti-aanaa gaggeessaa dhaabbata barnootaafi leenjiitiif ta’a,
7. Waa’ee Miseensummaa
1. Barattootni/leenjifamtoonni dhaabbilee barnootaafi leenjii hundi miseensa gumichaa ta’uu
ni danda’u,
2. Barsiisonni/leenjistoonnifi hojjattoonni dhaabbilee barnootaafi leenjii miseensa gumichaa
ta’uu ni danda’u,
8. Sirna Simannaa Miseensaa

1. Barataan/leenjifamaan miseensa hin ta’in kamiyyuu miseensa ta’uuf afaaniin ykn


barreeffamaan gaaffii yoo dhiheesse galmaa’ee miseensa gumii ni ta’a.
2. Gumichi barattoonni/leenjifamtoonnifi barsiisonni/leenjistoonni hundinuu isaa gumichaa
akka ta’aniif tooftaa adda addaa fayyadamuun hojiin dadammaqsuufi kakaasuu ni
hojjatama.

9. Mirga Miseensaa

1. Miseensi gumichaa kamiyyuu:

a. Walgahii gumichaa kamirrattuu argamun yaada ibsachuuf mirgaafi sagalee wal-qixaa ni


qabaata,

b. Mirga filuufi filatamuu ni qabaata,

c. Sochii gumichaa ilaalchisee ragaa kamiyyuu argachuu ni danda’a,

d. Murtii koree gumichaatiin darbe irrattii odeeffanno argachuu mirga qaba.

10. Dirqama Miseensaa

Miseensi gumichaa kamiyyuu dirqamoota armaan gadii ni qabaata,

1. Kaayyoo gumichaa galmaan gahuuf tajaajila isa irraa eegamu ni kenna.


2. Qabeenya dhaabbatichaafi gumichaa ni eega, ni kunuunsa.
3. Dambii ittiin bulmaataafi murtiiwwan koree gumichaa ni kabaja, ni raawwata.
4. Wal-gahiiwwan marii idileefi ariifachiisaa gumichaa irratti ni argama.
5. Kaayyoofi ga’umsa gumichaa cimsuuf yaadaan, humnaan, qabeenyaafi kkf ni deeggara.
6. Gochoota al-naamusummaa irraa of ni eega, irratti ni qabsaa’a.

4
7. Qabeenyaa dhaabbatichaafi horataalee mootummaa irratti hoji-maatni badaafi gochi al-
naamusummaa raawwatame yoo arge eeruu ni kenna, ragaa ni baha.

11. Bara Miseensummaa

1. Miseensi gumichaa kamiyyuu:


a. Miseensummaa gumichaa keessaa kan bahu bara barnootaa dhaabbata barnootaafi
leenjii yoo xumuru ykn,
b. Dhaabbata barnootaafi leenjii birootti yoo jijjiirame,
c. Barnoota/leenjii dhukkubaa ykn sababa humnaa oliin yoo addaan kute ykn,
d. Tarkaanfiin adabbii naamusaa yoo irratti fudhatameedha.

12. Baleessawwan tarkaanfii naamusaa fudhachiisuu danda’an

1. Adeemsa hojii gumichaa kan jeeqe, gufachiiseefi gumicha dhimma dhuunfaa isaa ittin
raawwachiifatee ragaadhaan yoo mirkanaa’e,
2. Hoji-maatawwan qajeelfamaan taa’an ta’e jedhee ykn maal-nadhibdeen yoo cabse,
3. Miseensichi dirqamoota qajeelfamaan taa’an bahachuu yoo baatee fi raawwachuufis fedhii
yoo dhabe,
4. Gocha al-naamusummaa fakkeenyummaa gumichaa xureessu raawwatee (qormaata

walirraa garagalchuu, angafootaafi barsiisota kabajuu dhabuu, araada/suusii adda addaa,


uffata safuu hawaasaa waliin hindeemne uffachuufi kkf…),
5. Wal-gahiiwwan gumichi waamu irratti sababa gahaa hintaaneen yeroo 3 ol yoo hafe,
6. Qabeenyaa dhaabbatichaafi gumichaa yoo qisaasesseefi akka manca’u taasise,

13. Tarkaanfii Naamusaa

1. Badiiwwaan naamusaa keewwata 12 keewwata xiqaa 1 fi 2 jalatti ibsaman miseensichi


raawwatee yoo argame gaggeessaa dhaabbatichaatiin akeekkachiifni afanii kennamuu ni
danda’a
2. Badiiwwan naamusaa keewwata 12 keewwata xiqaa 3,4 fi 5 jalatti ibsaman miseensichi
raawwatee yoo argame miseesumma irraa ni haqama,

5
3. Badiiwwaan miseensummaa keessa ariisisan miseensa raawwate miseensummaarra ari’un
akkuma jirutti ta’e akkaatuma cimina badii isaatiin qajeelfama naamusaa dhaabbata
barnootaafi leenjiitiin tarkaanfiin naamusaa kan irratti fudhatamu ta’a.

KUTAA SADII
GURMAA’INSA, GAHEE HOJIIFI ITTI-GAAFATAMUMMA

14. Gurmaa’insa Gumichaa

Gumichi akkaataa barbaachisumma isaatti gurmaa’insa armaan gadii ni qabaata.

Gaggeessaa Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii

Itti gaafatamaa Gumii

Koree Gumichaa

Walitti qabaa

Itti-aanaa walitti qabaa

Barreessaa

Dursaa Dhimma
Dursaa Dhimmaa Barattoota Dursaa Hordoffii Naamusaafi Dursaa Sab-qunnamtii
Farra Malaammaltumma 6
Hordoffii Miseensotaa
Shamaranii
15. Koree Gumichaa

1. Baay’inni miseensota koree gumichaa akkaataa amala dhaabbata barnootaafi leenjiitiin kan
murtaa’u ta’ee, miseensa koree 5-7 ni qabaata. Dhaabbileen koree gumii 7 (torba) qaban
kan armaan gadii ta’a.
a. Walitti-qabaa
b. I/A Walitti-qabaa;
c. Barreessaa;
d. Dursituu Dhimma Barattoota/leenjifamtoota Shamarranii;
e. Dursaa Hordoffii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa;
f. Dursaa Sab-qunnamtii;
g. Dursaa Dhimma Hordoffii Miseensotaa,
2. Keewwata kana keewwata qiqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’e bakka
miseensonni gumii 5 (shan) ta’anitti koreen gumii walitti qabaa, I/A walitti qabaa,
Barreessaa, Dursituu dhimma barattoota/leenjifamtoota Shamarraniifi Dursaa dhimma
Hordoffii Naamusaafi Farra Malaammaltumma ta’a,
3. Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa (1-8) barsiisonni miseensa ta’an koreewwan kana akka
shaakalsiisaniifi deeggaran ta’a.

16. Ulaagaalee Filannoo Itti gaafatamaa Gumiifi Koree Gumii

Miseensa gumichaa keessaa ulaagaalee kanaan gaditti taa’an kan guutu koree gumichaa ta’uun
filatama:

1. Kaayyoo gumichi hundeeffameef galmaan gahuuf amantaa, fedhiifi kaka’umsa kan qabu;
2. Sochii gumii keessatti hirmaannaa ho’aa kan taasisu;
3. Miseensota gumichaafi hawaasa dhaabbata barnootaafi leenjii biratti naamusa gaarii
qabaachuun fakkeenya kan ta’eefi fudhatama kan qabu;
4. Dambiifi qajeelfama gumichaa kabajee kan hojjatu;
7
5. Sochii gumichaan dhaabbata barnootaafi leenjii keessatti taasifamu irratti hirmaachuun
gahumsa, danddeettii qindeessuufi qajeelchuu, daddeetti walaleessuu, diraamaa hojjechu,
kalaquu,tapha dhiyeessuu, kkf kan qabu.

17. Haala Kenniinsa Sagalee

1. Wal-gahii gumichaa kam irrattuu murtiin yemmuu kennamu miseensi sagalee tokko qofa ni
qabaata.
2. Filattoonni miseensota koree gumichaa akka barbaachisummaa isaatti sirna kenniinsa
sagalee ifaan ykn iccitiin ni raawwatu.
3. Yaa’ii miseensotaa gaggeessan yookiin I/A dhaabbata barnootaafi leenjii gaggeessu irratti
barsiisonni/leenjistoonni ulaagaa guutan ifatti eeramanii kanneen eeraman keessaa sagalee
caalmaa kan argate itti gaafatamaa gumichaa ta’uun filatama.
4. Akkasumas barattoonni/leenjifamtoonni ulaagaa guutan ifatti eeramanii kanneen eeraman
keessaa sagalee caalmaa kan argatan koree gumichaa keewwata 15 keewwta xiqaa 1 fi 2
jalatti tumame ta’uun ni filatamu.

18. Sirna Walgahii Gumichaa

1. Miseensi harki 50+1 yoo argaman gumichi walga’ii isaa gaggeffachuu ni danda’a.
2. Yaa’iin waliigalaa gumiichaa waggatti si’a lama, ji’a jahaafi waggaatti, waltajjii idilee ni
qabaata.
3. Koreen gumichaa ji’atti al-tokko, kurmaanafi waggaatti waltajjii idilee ni qabaata.
4. Keewwata kana keewwata xiqaa 2 fi 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee gaggeessan
dhaabbata barnootaafi leenjii, itti gaafatamaa gumiifi koreen gumichaa waliin ta’uun waltajjii
ariifachiisaa waamuu ni danda’a.

19. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamumma Gumii

Gumiin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii keessatti


hundeeffamu hojiilee armaan gadii ni qabaata:

1. Kallattiin tarsiimoo ijaarsa naamusa barattootaa kaa’aman irratti hundaa’uun hojiiwwan


ijaarsa naamusa barattootaa dagaagsan adda baasee ni karoorsa; ni raawwata.
8
2. Gumichi akkaataa qajeelfama kanaatin gurmaa’insa guutuu akka qabaatu ni taasisa.
3. Naamusni gaariin mooraa, daree, Kutaa labraatoriifi “workshoopii” dhaabbilee barnootaa fi
leenjii keessatti akka dagaagu gochuufi tajaajila lammummaa kennamu ni barsiisa.
4. Barattootni/leenjifamtoonni, barsiisotni/leenjiftoonni, itti-gaafatamtootniifi hojjattootni
bulchiinsaa dhaabbilee barnootaafi leenjii ofii isaanii naamusa gaarii hawaasa biratti
fakkeenya gaarii akka ta’an ni hojjata.
5. Guyyaa farra malaammaltummaa addunyaa sababeeffachuun sadarkaa dhaabbatichaatti
barbaachisummaa naamusa gaariifi miidhaa malaammaltummaa sagantaalee hubachiisan ni
qopheessa; ni gaggeessa.
6. Qabeenyaafi maallaqa ummataafi biyyaa, qabeenyaa uumamaafi hambaalee adda addaa
seena-qabeesa ta’anni kunuunsaa, qaamolee qabeenya uummataafi mootummaa irratti
saamichaafi manca’iinsa raawwatan gaafatamoo akka ta’an ni taasisa.
7. Dhaloota naamusa gaarii qabu horachuuf sonaalee naamusaa irraatti ciminanan hojjechuun
jijjiiramni dhaabbilee barnootaafi leenjii keessatti akka dhufu ni hojjeta.
8. Hawaasniifi barattootani/leenjifamtoonni dhaabbatichaa hundi eeruu akka dhiheessaniif ni
jajjabeessu; sirna kana raawwachiisuu danda’u ni diriirsa.
9. Dhaabbata barnootaa keesstti gocha malaammaltummaa raawwataman, hoji-maata badaa fi
badiiwwan naamusaa irratti eeruun dhihaate akka furamuuf ibsaa fi ragaa guutuu ta’een
itti-gaafatamaa dhaabbatichaaf ni dhiheessa; kan hin furamne akka furamuuf hordoffii ni
taasisa.
10. Barattootaa/leenjifamtootaafi miseensota gumichaa biratti hir’ina naamusaa adda bahan
guutuu kan dandeessisu leenjiin ijaarsa naamusaa akka kennaman haala ni mijeessa.
11. Barbaachisummaa naamusa gaarii kan ibsan, malaammaltummaa kan itti balaaleffatan
dorgommii fakkii, gaaffii fi deebii, hog-baruun,diraamaan, walaloon, faaruun, mariin
paanalii barattoota gidduutti akka gaggeeffamu haala ni mijeessa; ni deeggara;gaggeessa.
12. Barattootni/leenjifamtoonni barbaachisummaa naamusa gaarii akka hubataniif sirna
Alaabaa irratti, gabatee beeksisaa mooraa dhaabbaticha keessatti, miinii-miidiyaa irratti,
miidiyaa hawaasaa, weeb-saayitii dhaabbata barnootaatti, iddoowwan dhaamsi itti
dabarfamu kan biroo irratti barreeffamoonni barsiisoo ta’an akka dhaqqaban ni taasisa.
13. Barattootaatni/leenjifamtootaatni biratti ilaalchifi gochi waliin- dhahuu qormaata wal-irraa
garagalchuu, dhibaahumma, barumsa addaan kutanii bahuu,barsiisaa kabajuu dhabuu,
hannaa fi karaa qaxxaamuraan duroomuu abdii isaanii boruu kan dukkaneessuufi gocha
yakkaa kamiifuu kan isaan saaxilu ta’uu ni hubachiisa; ni gorsa.
9
14. Dhaabbilee barnootaafi leenjii keessatti naamusa barattootaa/leenjifamtootaa irratti
muuxannoo gaarii kurfeessuun ni qabata; ni babal’isa.

20. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamamummaa Gaggeessaa Dhaabbata Barnootaafi

Leenjii

Gaggeessaan dhaabbilee barnootaafi leenjii sadarkaan jiru hojii gumichaan wal-qabatee gahee fi
itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:
1. Gumicha ilaalchisee Biiroo dhimmi ilaallatuufi komishinicha irraa kallattiiwwan gadi
bu’an hordofee hojii irra ni oolcha.
2. Gumii Naamusaafi Farra malaammaltummaa ni gurmeessa; ni qajeelcha.
3. Itti gaafatamaa Gumii barsiisota/leenjifamtoota naamusa gaariin fakeenyummaa qaban
keessaa filachiisuun ni ramada.
4. Hojiin gumii karoora waggaa dhaabbatichaa keessatti akka hammatamu ni taasisa; raawwii
karooraa ni hordofa; ni deeggara; ni gamaaggama; kallattii ni ka’aa.
5. Hojiiwwan gumichi raawwatuuf baajata, meeshaaleefi loogistikii ni ramada, kutaa hojii
akka qabaatuufi haalli iddoo hojii mijaawaan akka uumamu ni taasisa.
6. Naamusa gaarii dagaagsuun, hoji-maata badaafi malaammaltummaa ittisuun dhaabbileefi
gumiilee bu’aa gaarii galmeessisan irraa muuxannoo akka fudhatan Ni taasisa; baasii
kanaaf barbaachisuuf haala ni mijeeesa.
7. Dhaabbilee Mootummaa fi Mit-mootummaa gumicha deeggaruu danda’an adda baasuu fi
hariiroo uumuun gumicha akka deeggaran ni taasisa.
8. Barsiisotnni/leenjifamtoonnifi hojjattotni dhaabbilee barnootaafi leenjichaa miseensota
gumichaafi barattoota/leenjifamtoota isaaniif naamusa gaariin fakkeenya ta’anii akka
argaman ni taasisa.
9. Barattoota/leenjifamtoota naamusa badaa raawwatan akkasumas barsiisota/leenjistoota
barattoota/leenjifamtoota irratti gocha al-naamusummaa raawwatan akka adda bahaniifi
tarkaanfiin sirreeffamaa irratti fudhatamu ni taasisa.
10. Dhaabbaticha keessatti hir’ina naamusa barattootaaf/leenjifamtootaf gochoota ka’umsa
ta’an qo’annoon adda baasuun akka furmaata argatan ni taasisa.
11. Barsiisonni/leenjistoonni barreeffamoota ijaarsa naamusa barattootaa/leenjifamtootaa
dagaagsuuf gargaaran akka qopheeessaniifi barsiisonni/leenjistoonni leenjii akka kennan ni
jajjabeessa; ni deeggara.

10
21. Gahee Hojiifi Itti-gaafatamummaa Itti gaafatamaa Gumii

Itti gaafatamaan gumii dhimma gumii ilaalchisee gaheefi itti gaafatamummaa armaan gadii ni
qabaata:
1. Gumicha ni qindeessa; ni deeggara; ni hordofa,
2. Miseensotni gumichaa akkaataa qajeelfama kanaafi hoji-maata diriireen akka hojjatan ni
taasisa.
3. Karoora waggaa gumichaa ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluun yoo mirkana’e hojii irra
ni oolcha; ni gamaaggama.
4. Hawaasni dhaabbatichaa gumichaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan wiirtuu
qunnamtii ta’ee ni tajaajila.
5. Ijaarsi naamusa barattootaa/leenjifamtootaa qindoomina kutaalee hojii gara garaafi
barsiisotaan/leenjistootan akka gaggeefamu ni taasisa.
6. Hojiiwwan gumichi raawwatuuf baajata, meeshaaleefi loojistikii akka guutaman itti-
gaafatamtoota dhaabbatichaa ni gaafata; yoo mirkanaa’e hojii irra ni oolcha.
7. Leenjiiwwan hubannoo uumuu komishiniifi dhaabbilee deeggartoonni biroo qopheessan
irratti miseensotniifi koreen gumichaa akka hirmaataniif haala ni mijeessa.
8. Guyyaan farra malaammaltummaa addunyaa dhaabaticha keessatti akka kabajamuf
hojiiwwan qindeessuufi deeggaruu ni raawwata; gabaasa isaa qaama dhimmi ilaallatuuf ni
dhiheessa.
9. Hanqina ga’umsa miseensotaafi koree gumichaa adda baasuun furmaataa ni kaa’a; ni
raawwachiisa.
10. Barattoota/leenjifamtoota malaammaltummaa fi hoji-maata badaa saaxilaniifi eeran ni
jajjabeessa.
11. Dambii ittin bulmaata gumichaa hirmaannaa miseensotaafi qindeessitootaatiin ni
qopheessa; ni mirkaneessisa; akka fooyya’u ni taasisa.
12. Gabaasa raawwii karooraa ji’an, kurmaanaafi waggaa. Garee Hordoffii Dagaagina
Naamusaa (QN) ykn akkaataa itti-waamama isaanitiin qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa.

22. Gahee hojiifi Itti gaafatamummaa Garee Hordoffii Dagaagina Naamusaa

sadarkaa Naannoo, Godinaa, Magaalaafi Aanaa

Qondaalli hordoffii dagaagina naamusaa sadarkaan jiru hojiilee armaan gadii ni hojjata:
11
1. Gumiin naamusa fi farra malaammaltummaa dhaabbilee barnootaafi leenjii keessatti
hundeeffamaniif deeggarsa ogummaa ni taasisa.
2. Karoora ka’umsaa gumichaaf sadarkaan gadi bu’e gara caasaa gadiitti ni buusa;
orenteeshinii ni kennua; raawwii isaa ni hordofa.
3. Karoorri gumii akka hojii irra oluu haala ni mijjessa; ni hordofa.
4. Qajeelfama, kallattii hojiifi barreeffama adda addaa komishiniifi dameelee isaa irraa
dhufan gumiif ni dabarsa; akka hojii irra oolu ni hordofa; ni deeggara.
5. Qindeessitootaafi miseensotni gumichaa leenjii ykn hubannoo argachuu qaban adda ni
baafata; ni qindeessa; leenjiis ni kenna.
6. Hojii gumiileen raawwataman ni hordofa; ni deeggara; gabaasaa itti fuffinsaan
qindeessuun qaama dhimmi ilaallatuuf ni dabarsa; duub-deebiis ni kenna.
7. Rakkoolee mul’ataniif furmaata ni kenna; qajeelfama raawwii qaamolee birootiin
kenname hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.
8. Ragaa ni sassaaba; gabaasa qindeesse qaama itti-waamamuuf ni erga; akkaataa duub-
deebii kennameen raawwatiinsa isaa ni hordofa.
9. Gareen hordoffii dagaagina naamusaa sadarkaan jiran akka cimaniif deeggarsa ni taasisa.
10. Dhaabbilee barnootaafi leenjii sadarkaan jiran komishiniifi damee isaa waliin
qindoominaan ni hojjata.
11. Gumiiwwan deeggarsa ijaarsa dandeettiifi maallaqaa akka argatan qaamolee sadarkaan
jiran waliin qindoominaan ni hojjata.
12. Sochii gumiiwwanii qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun ni hordofa; ni gorsa; ni
gamaaggama; kallattii ni kaa’a.
13. Sirna gabaasaafi hariiroo sadarkaa sadarkaan akka diriiru qaamolee dhimmi ilaallatu
waliin qindoominaan ni hojjata.
14. Hojiilee biroo kan gumii naamusaafi farra malaammaltummaan wal- qabatan hunda ni
raawwata.
23. Gahee Hojiifi Itti gaafatamummaa Koree Gumii

1. Toora xiyyeeffatnoo gumichaa adda baasuun karoora keessatti akka hammatamu ni taasisa.
2. Karoora waggaa gumichaa Ni qopheessu; miseensotaan ni mirkaneessisaa.
3. Akkaataa gurmaa’insa gumichaatti miseensotaaf hojii ni qooda.
4. Gumicha bakka bu’ee qaamolee adda adda waliin qunnamtii hojii ni taasisa.

12
5. Biiroolee dhimmi ilallatu irraa kallattiiwwan gadi bu’an hojii irra akka oolan gaggeessaa
dhaabbaticha waliin ni hojjata.
6. Tarsiimoofi tooftaan ijaarsa naamusaafi ittisa malaammaltummaa hojiitti akka hiikkamuufi
gumichi gahee isaa akka taphatu ni taasisa.
7. Gaggeessitoota, barsiisotaa/leenjifamtootaafi hawaasa dhaabbatichaa waliin qindoomuun
ijaarsa naamusaafi ittisa malaammaltummaa ni hojjata.
8. Guyyaa naamusaafi farra malaammaltummaa addunyaa waggaa waggaadhaan
dhaabbaticha keessatti akka kabajamu gaggeessitoota dhaabbatichaafi itti gaafatamaa gumii
waliin qindoominaan karoora waliinii ni qopheessa.
9. Guyyaa farra malaammaltummaa sababeeffachuun dhaabbata barnootichaatti sagantaalee
barbaachisummaa naamusa gaariifi miidhaa malaammaltummaa hubachiisan ni
qopheessa; ni raawwachiisa.
10. Miidiyaa dhaabbatichaa dhaamsi kaayyoo gumichaa akka tamsaasu gaggeessitoota
dhaabbatichaa waliin ni hojjata.
11. Dhaabbaticha keessatti malaammaltummaafi hoji-maata badaa ittisuun naamusa gaarii
ijaaruun dhaabbileefi gumilee sochii gaarii qaban irraa muuxannoo fudhachuun
miseensotaaf ni dabarsa.
12. Miseensota gumichaa naamusa isaaniin fakkeenya ta’an adda baasuun beekkamtiin akka
kennamuuf ni taasisa.
13. Hawaasni dhaabbatichaa rakkoowwan naamusaa, malaammaltummaafi hoji-maata badaa
akka eeraniifi saaxilan haala mijataa ni uuma.
14. Sochii gumichaa yeroo yeroon gamaaggamuun kallattii ni kaa’a.
15. Sirna qabiinsa ragaa gumichaa ni gurmeessa.
16. Raawwii gumichaa kurmaana kurmaanaan gamaaggamuun gabaasa itti gaafatamaa gumii
dhaabbatichaaf ni dhiheessa.

24. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Walitti qabaa Gumii

Walitti-qabaan itti waamamni isaa itti gaafatama gumii dhaabbatichaaf ta’ee, gahee hojiifi itti
gaafatamummaa itti aanan ni qabaata:

1. Wal-gahiiwwan gumichaa ol-aantummaan ni gaggeessa.


2. Murtiiwwan qindeessitoota gumichaa ni raawwachiisa.
3. Karoora hojii gumichaan akka raawwataman ni hordofa.

13
4. Qajeelfama gumichaa ni raawwachiisa; akka raawwatamu ni hordofa.
5. Miseensotni gumichaa itti-gaafatamummaa isaanii seeraan bahuu isaanii ni hordofa;
deeggarsa ni taasisa;
6. Gumicha bakka bu’ee qaamolee biroo dhaabbatichaa waliin qunnamtii ni taasisa.
7. Koreewwan xixiqqoo gumicha jalatti hundaa’an ni gurmeessa; ni qindeessa.
8. Hojiiwwan itti gaafatamaa gumiitiin kennamaniifi miseensotaan irratti waliigalame ni
raawwata.

25. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Walitti-qabaa I/A Gumii

walitti-qabaa I/A gumii itti waamamni isaa walitti-qabaaf ta’ee, gahee hojiifi itti gaafatamummaa
armaan gadii ni qabaata:

1. Hojiiwwan koree xixiqqaa gumichaan hojjataman ol-aantummaan ni qajeelcha; ni hordofa;


raawwii isaa walitti-qabaaf ni dhiheessa.
2. Walitti-qabaan yeroo hin jirretti bakka bu’ee ni hojjata.
3. Hojiiwwan biroo walitti-qabaan kennaman dabalataan ni raawwata.

26. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Barreessaa Gumii

1. Qaboo yaa’ii wal-gahiiwwan gumichaan gaggeeffaman ni qaba; ni gurmeessa.


2. Ragaawwan, galmeewwani, xalayaawwan, sanadootaafi qaboo-yaa’ii gumichaa
gurmeessee ni qabata;
3. Walitti-qabaa fi walitti-qabaa I/A waliin ta’uun qindeessitoota gumichaaf ajandaa wal-
gahii ni qopheessa.
4. Gabaasa gumichaa qopheessuun walitti-qabaafi qindeessitootaaf ni dhiheessa.
5. Hojiiwwan barreeffamaa gumichaa ni raawwata.
6. Murtiiwwan koree gumichaan murtaa’an, dhaamsawwan kennaman qindaa’eessee
miseensotaafi qaama ilaallatuu ni dhaqqabsiisa.
7. Itti fayyadama deeggarsa meeshaafi maallaqaa qaamolee adda addaatiin kennaman
ilaalchisee hordoffii ni taasisa.
8. Hojii dabalataa walitti-qabaan ykn walitti-qabaan itti aanaan kennamu kanneen biroo ni
raawwata.

14
27. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Dursituu Dhimma
Barattoota/Leenjifamtoota Shamarranii

Dursituun dhimma barattoota/ leenjifamtoota shamarranii itti-waamamni ishee walitti-qabaaf ta’ee,


gahee hojiifi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaatti:

1. Hojii dhimma barattoota/leenjifamtoota shamarranii ni qindeessiti; ni raawwatti.


2. Karoora damee xiqqaa ni qopheessiti; ni hordofti.
3. Miseensotni shamarran gumichaafi gurmaa’isa biroo dhaabbatichaa keessattis sababa
koorniyaa isaanitiin dhiibbaan adda addaa akka irra hin geenye ni hojjatti.
4. Duudhaalee naamusaa bu’uura godhachuun miseensotni shamarranii hirmaannaa ho’aa
akka taasisan ni qindeessiti.
5. Gumii barattoota/leenjifamtoota dubartootaa waliin ta’uun waa’ee naamusa gaarii
ilaalchisee leenjiifi deeggarsi biroo akka taasifamuuf gama gumichaatiin tattaaffii ni
taasifti.
6. Dubartootni bakka itti-gaafatamummaa gumichaa irratti gahee barbaachisaa ta’e akka
qabaatan ni hojjatti.
7. Barattootni/leenjifamtoonni shamarranii fakkeenya naamusa gaarii ta’anii akka argaman ni
hojjatti.
8. Gumichatti ragaa guutuu barattoota/leenjifamtoota shamarranii ni gurmeessiti, ragaan
yemmuu barbaadamu qaama ilaaluuf ni dabarsiti.
9. Raawwii hojii kutaa kanaa ni gamaaggamti, gabaasa walitti-qabaaf ni ergiti.
10. Hojiiwwan dabalataa kan biroo walitti-qabaan ykn walitti-qabaan itti aanaa kennamu ni
raawwatti.

28. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Dursaa Hordoffii Naamusaafi Farra

Malaammaltumma

Dursaan hordoffii naamusaafi farra malaammaltumm itti-waamamni isaa walitti-qabaaf ta’ee,


gahee hojiifi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

1. Sirna simannaa eeruu, hir’ina naamusaa, malaammaltummaafi hoji-maata badaa ittisuuf


dandeessisu ni diriirsa; eeruu ni simata.
2. Eeruuwwan dhihaatan ni qulqulleessa; koree gumichaaf dhiheessuun murtiif itti gaafatama
gumichaaf ni dhiheessa; murtiin itti kennamuu isaa ni hordofa.
15
3. Dhaabbaticha keessatti hir’inni naamusaafi malaammaltummaa akka hin uumamne hojii
ittisaa ni hojjata.
4. Hir’ina naamusaa barattootaa/leenjifamtootafi miseensota gumichaa qorannoon adda ni
baasa, rakkoowwan naamusaa mul’atan (qormaata wal-irraa garagalchuu, dhibaahumma,
qabxii seeraan ala barbaaduu fi kkf) ragaa ni qabata; akka hiikaman furmaata ni akeeka;
akka sirreeffaman ni gorsa; ni akeekkachiisa.
5. Dhaabbatichatti barattoota/leenjifamtoota kanneen haala addaatiin rakkoo naamusaa qaban
ragaa ni qabata; itti-gaafatamaa dhaabbatichaa, barsiisotaa/leenjistoota fi gaggeessitoota
gumichaatiin barattoota/leenjifamtoota duratti gorsa akka argatan ni taasisa; jijjiirama
naamusaa fiduu isaaniis ni hordofa.
6. Malaammaltummaafi hoji-maata badaa dhaabbatichaafi gumicha keessatti raawwataman
akka saaxilamaniifi sirreeffaman miseensota waliin ta’uun ni qabsaa’a; ni qindeessa.
7. Barattoota/leenjifamtoota, barsiisota/leenjistootaafi hawaasa dhaabbatichaa
malaammaltummaafi hoji-maata badaa eeraniifi saaxilan akka jajjabeeffamaniifi
badhaafaman ni taasisa.
8. Miidhaa malaammaltummaafi yaad-rimee naamusaa irratti hubannoo uumuuf dorgommii
gaaffiifi deebii akkasumas fakkiin akka gaggeeffamu ni taasisa.
9. Guyyaan farra malaammaltummaa addunyaa haala hoo’aa ta’een akka kabajamuuf dursa
sab-qunnamtii waliin ni hojjata.
10. Raawwii kutichaa ni gamaaggama; gabaasa walitti-qabaaf ni dhiheessa.
11. Hojii dabalataa biroo walitti-qabaan ykn walitti-qabaan itti aanaa kennamu ni raawwata.

29. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Dursaa Dhimma Hordoffii Miseensotaa

Gumii

Dursaan dhimma hordoffii miseensota gumii itti-waamamni isaa walitti-qabaaf ta’ee, gahee hojiifi
itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

1. Dhimma miseensota gumichaa ol-aantummaan ni qajeelcha; ni qindeessa.


2. Ragaa miseensota gumichaa gurmeessee ni qabata.
3. Karoora dhimma hordoffii miseensota gumichaa ni qopheessa; raawwatiinsa isaa ni
hordofa.
4. Akkaataa qajeelfama hoji-maata gumichaatti miseensota haaraan akka galmaa’an ni taasisa;
haala hoji-maataa fi kaayyoo gumichaa irratti hubannoo gahaa akka qabaatan ibsa ni kenna.

16
5. Mata-duree leenjii ijaarsa naamusa barattootaafi miseensota gumichaaf gargaaran koree
gumichaa waliin ta’uun adda ni baasa leenjii akka kennamu haala ni mijeessa.
6. Hojiiwwan ijaarsa naamusaa itti-gaafatamummaafi gahe hojii gumichaatiin taa’an ni
raawwata.
7. Akkaataa baay’ina barattoota/leenjifamtootaa dhaabbatichaatiin bakka bu’aan gumichaa
sadarkaa kutaa barumsaa/leenjii fi dareen akka bakka bu’u ni taasisa.
8. Raawwii bakka bu’oota kutaafi daree ni gamaaggama, gabaasa walitti-qabaaf ni dhiheessa.
9. Hojii dabalataa biroo walitti-qabaan ykn walitti-qabaan itti aanaa kennamu ni raawwata.

30. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Dursaa Sab-Qunnamtii Gumii

Dursaan sab-qunnamtii gumii itti-waamamni isaa walitti-qabaaf ta’ee, gahee hojiifi itti
gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

1. Hojii sab-qunnamtii gumichaa ni qindeessa; ni raawwata.


2. Tooftaa adda addaatti fayyadamuun hoji-maataafi kaayyoo gumichaa hawaasa
dhaabbatichaaf ni beeksisa, hojii dadammaqiinsaa ni hojjata.
3. Miidiyaa dhaabbatichaa barumsa ijaarsa naamusaatiif akka oolu gaggeessa dhaabbatichaa
waliin ni hojjata.
4. Guyyaa farra malaammaltummaa addunyaa sababeeffachuun hawaasa dhaabbatichaaf
hojiiwwan ijaarsa naamusaa cimsaniifi babal’isuu danda’an ni karoorsa; ni raawwata.
5. Barumsi naamusaa hojiiwwan maxxansa adda addaatiin deeggaramuun akka raawwatamu
tattaaffii ni taasisa.
6. Hojiiwwan kalaqaa naamusa barattootaa cimsuu danda’an sirna alaabaa irratti, miinii
miidiyaafi miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa irratti akka darban deeggarsa ni taasisa; haala
ni mijeessa.
7. Eeruuwwan malaammaltummaafi hoji-maata badaa ilaallatan sirna ittiin dhiyaatan miinii
miidiyaafi miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaatiin ni beeksiisa.
8. Hanqinni naamusaa hoji-maatni badaanfi malaammaltumma qulqullaa’ee tarkaanfiin
fudhatamu akka irraa baratamuuf miinii miidiyaa dhaabbatichaatiin akka dhihaatu ni
taasisa.
9. Raawwii hojii kutaa isaa ni gamaaggama, gabaasa walitti-qabaaf ni dhiheessa.
10. Hojii dabalataa biroo walitti-qabaan ykn walitti-qabaan itti-aanaa kennamu ni raawwata.

17
31. Gahee Hojii Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa fi
Dameewwan Isaa

1. Komishiniifi dameewwan isaa milkaa’ina kaayyoo gumiif deeggarsa ogummaa ni taasisu.


2. Dandeetti gumichaa cimsuuf leenjiifi hubannoo ni kennu.
3. Gumiin qaamoolee dhimmi ilaallatuun akka deeggaramuuf qaama ilaallatu waliin haala
ni mijeessu.
4. Miseensota koreewwan gumii akkaataa barbaachisummaa isaatti wal-gahi; ni waama.
5. Hordoffii, deeggarsafi gamaaggama gaggeessuun gumiin kaayyoo hundeeffamee/
bu’uura godhachuun hojii keessa akka galu ni taassisu; tarkanfii sirreffamaa ni fudhata,
akka fudhatamu ni taasisu.
6. Biiroolee dhimmi ilaallatufi caasaalee isaanii sadarkaa sadarkaan jiraniifi dhaabbilee
barnootaafi leenjii caasaalee isaanii sadarkaan jiran waliin qindoominaan ni hojjetu.
7. Maxxansaalee adda addaa naamusa gaarii dagaagsuufi malaammaltummaa ittisuuf
gargaaran qopheessuun ni raabsu,
32. Gahee Hojii Biirolee Dhimmi Ilaallatuufi Caasaalee Isaanii Sadarkaan Jiranii

1. Gumiin dhaabbilee barnootaafi leenjii isaan jala jiran keessatti akka hundeeffaman ni
taasisu.
2. Komishinii fi damee isaa waliin qindominaan ni hojjatu.
3. Gumiilee dhaabbilee barnootaafi leenjii sadarkaan jiran keessatti gurmaa’an hojii
qabatamaa keessa akka galaniifi bu’aa-qabeessa ta’an itti fufiinsaan ni hordofu; ni
deeggaru; ni gamaaggamu; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhatu.
4. Gumii naamusaafi farra malaammaltummaa ilaalchisee iddoo hubannoo barbaachisutti
qaama ilaallatu waliin ta’uun hubannoni ni kennu ykn akka kennamu ni tasiisu.
5. Gabaasa hojiiwwan Gumii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa qindeessuudhaan
Komishiniif ji’aan; kurmaana kurmaanaan ni ergu, duub-deebii kennameef qaama isaanii
sadarkaan jiru ni dhaqqabsiisu; raawwii isaa ni hordofu.

18
KUTAA AFUR
TUMAALEE ADDA ADDAA
33. Sirna Gabaasaa
Hojiin Gumii Naamusafi Farra Malaammaltummaa qaamolee sadarkaan argamaniin
gamaaggamamaa kan deemu waan ta’eef, sirna gabaasaa kan armaan gadii qabaatee hordoffiin kan
irratti taasifamu ta’a.
1. Itti gaafatamaan gumii dhaabbaba barnootaafi leenjii gabaasa gumii qindeessee garee
hordoffii dagaagina naamusaa waajjira barnootaa ykn BLTO Aanaa ykn Magaalaa ykn
qaama dhimmicha qindeessuf aanichatti/magaalichatti ramadameef ni dhiheessa.
2. Gareen Hordoffii Dagaagina Naamusaa (QN) Waajjiraa barnoota ykn BLTO Aanaa ykn
Magaalaaa ykn qaamni dhimmicha qindeessuf aanichatti/magaalichatti ramadame gabaasa
gumii qindeesse Garee Hordoffii Dagaagina Naamusaa Waajjiraa barnoota ykn BLTO
Godinaaf ykn qaama dhimmicha qindeessuf godinichatti ramadameef ni dhiheessa.

3. Gareen Hordoffii Dagaagina Naamusaa Waajjiraa barnoota ykn BLTO Godinaa ykn
Magaalaa ykn qaamni dhimmicha qindeessuf godinichatti/magaalichatti ramadamee
gabaasa gumii qindeessee Daarektoreetii Hordoffii Dagaagina Naamusaa Biiroo Oromiyaa
dhimmii ilaallatuufi Damee KNFMNOtiif ni dhiheessa.

4. Daarektoreetiin Hordoffii Dagaagina Naamusaa Biiroo dhimmi ilaallatuufi Damee


KNFMNO gabaasa qindaa’e Komishiniif ji’aan, kurmaanaan ni ergaa, duub-deebii qaama
olaanaan kennameef fudhatee qaama sadarkaan jiru ni dhaqqabsiisa; raawwii isaa ni
hordofa.
34. Hariiroo Hojii Gumiin Dhaabbilee Deeggartootaa Waliin Qabaatu

Gumichi dhaabbilee deeggartootaa hojiifi kaayyoo isaa kan deeggaran, deeggaruuf fedhii
qabaniifi hojii naamusa gaarii ijaaruu irratti kan hojjatan waliin qindoomee ni hojjata.

35. Hariiroo Hojii Gumiin Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii fi Hawaasa Naannoo Waliin
Qabaatu

1. Gumichi itti-gaafatamtoota dhaabbata barnootaafi leenjii irraa deeggarsa baajataa,


loojistiksiifi ogummaa argachuuf qunnamtii hojii ni qabaata.
2. Gumichi hawaasa dhaabbata barnootaafi leenjii waliin naamusa gaarii ijaaruufi
malaammaltummaa ittisuuf qindoominaafi waltumsaan ni hojjata.
19
3. Gumichi hawaasa naannoo dhaabbata barnootaafi leenjii irraa deeggarsa adda addaa yoo
barbaade qaama dhimmi kallattiin ilaallatu hayyamsiisuun gaafachuu ni danda’a;
dirqisiisuun ykn dhiibbaa gochuun garuu dhoorkaa dha.

36. Hariiroo Hojiifi Deeggarsa Gumichi Komishinii fi Dameelee Isaa Waliin Qabu

1. Itti gaafatamtoonni gumiifi koreen gumiilee dhimma kamiyyuu irratti komishinicha ykn
dameelee isaa gorsa gaafachuu ni danda’u.
2. Gumii akkaataa qajeelfamaafi gurmaa’insa direeree jiruun Komishinicha ykn Damee isaa
waliin karoora, gabaasaafi dhimmoota biroo irratti qunnamtii hojii ni qabaata.
3. Dhaabbilee Barnootaafi leenjii sadarkaan jiran waliin qindoomuun miseensotaa fi
gaggeessitoota gumichaa leenjisuufi gahoomsuuf qunnamtii hojii ni qabaatu.
4. Gumii hoji-maata isaanii irratti rakkoon yoo qunnamu giddu-galeessummaa eegee rakkichi
akka furamuuf deeggarsa Komishinii ykn damee isaa irraa ni argatu.
5. Komishinichi ykn dame isaa gumii waltajjii muuxannoo gaggaarii itti wal-jijjiiran ni
qopheessa.
6. Gumiiwwan muuxannoo gaggaarii qaban qindeessuun kanneen biroof akka dabarsan ni
taasisa.
7. Karooraa fi gabaasa irratti duub-deebii ni kenna.
8. Akkaataa qajeelfama sirna badhaasa komishinichaatiin gumii sochii gaarii qabu adda
baasee ni jajjabeessa.

37. Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne


Qajeelfamni ykn hoji-maatni fi barmaatilee kamiyyuu qajeelfama kanaan kan wal-faallessu
dhimmoota qajeelfama kanaan uwwifaman irratti raawwatiinsa hin qabaatu.
38. Waa’ee Qajeelfamicha Fooyyessuu

Komishnichi barbaachisaa ta’ee yommuu argame qajeelfama kana fooyyessuu ni danda’a.


39. Yeroo Qajeelfamichi Itti Ragga’u
Qajeelfamni Gumii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa kun Amajjii 3 bara 2013 irraa eegalee
kan hojii irra oola.
Amajjii 3 Bara 2013
Finfinnee
Tashoomaa Girmaa
Komishinara Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiya

20

You might also like