You are on page 1of 6

Cheek-Listii Gamaaggama Hojii Kur.

2ffaa
Kan Dhaabbilee Barnootaa
Waajjira Barnootaa Bul.Mag Baatuuttiin Qophaa’e (2015)
Lak

1. Hojiilee Ijoo
k.

1. Hojii ijoo gannaa keessa bifa cheek-listiin qabxiilee 11 of-keessatti qabate isiniif
kennamee karooraa fi raawwii hanga ammaa jiru Gabaasa keessatti ibsaa.
2. Hojii tolaa ooltumma deeggarsaa abbooti qabanyaa irraa argattaniin hojjatame yoo jiraate
Karooraa fi Raawwiin ifa ta’e kan Maallaqaa fi Gosa Meeshaatin argattan hundi gabaasa
irratti haa dhiyaatu
3. Hojii irra oolmaa riiformii ( sanduuqa yaadda,galmee yaadaa) maammillii itti quufinsa
tajaajilaa irratti yaada isiniif kenname torbeen,ji’aan ilaaluun sirreessuf marii hoggansi
MB taasise qabatamaan jira. Kenni tajaajila xiqqaa hoo maal fakkaata?
Hojiilee Gurguddoo
Sagantaalee 6’n paakkejjii MQB:- SIP(SFMB), SMB(CPD fi DOW), SSB, BLAG, Hoggansa
mana barnootaa fi ICT hojitti hiikkamee bu’aa inni buusee qabatamaan qabduu?
SFMB
Baruu fi Barsiisuu
1. Karoorrii fi raawwii barattoota Dandeettii barreessu, dubbisuu fi shallaguu ilaalchisee
barattoota kutaa 1-4 cimsuuf/gabbisuuf akka mana barumsa keessanitti sadarkaa A,B,C
fi D adda bastanii deeggaruuf karoorfattan irratti hojii hojjatamee ture dhiira dubaran
’’D’’ irraa gara ’’C’’tti, ’’C’’ irraa gara ’’B’’tti, akkasumaas ’’ B’’ irraa gara ’’A’’tti
guddisuuf/jijjiruuf hojjatamaa ture raawwii isaa hanga kur.2ffaatti nuuf gabaastu.
2. Karoora fi raawwii Fooyya’iinsa Qabxii Barattootaa irratti Barsiisaan karoorfate dhiiraa
dubaraan meeqa? Barsiisaan karoora irraa gara raawwitti seenee hojii qabatamaa hojjate
dhiiraa fi dubaran adda baasii, bu’a argame waliin gabaasi.
3. Sagantaan Barnoota dabalataa/cimsaan akka mana barumsa keessanitti dhaabbataa ta’ee
sagantaan bahee manxaffamee jira? Barattoota shamarranii, suuteyyii, giddu-galeessa fi
ciccimoo sagantaan kun giddu galeessa taasifatee bahee jiraa? Gara hojitti seenamee jira?
Gosa barnoota sagantaa kanaan kennamaa jiru tarreessii. Torbaanitti guyyaa meeqaa?
Ji’atti hoo? Karooraa fi raawwii bu’a argame waliin gabaasi.
4. Qorumsa biyyoolessa kan kutaa 12 fi qorumsa mootummaa naannoo kutaa 8ffaa bara
2014tti kennamu keessatti barattoonni M/B keessanii qabxii ol’aanaa akka galmeessaniif
karooraa fi sochii akka mana barumsa keessanitti taasisaa jirtan gabaasa keessatti haa
ibsamu. Baay’inni barattootaallee saalan adda bahee haa ibsamu.
5. Erga barumsi eegalee kaasee hanga ammatti wayittiin qisaasa’e fi bakka bu’ellee gosa
barnootaan adda bahee haa dhiyaatuu? Wayittiin qisaasa’ee bakka buusuu keessaniif
bu’aan argatan haa ibsamu. Yoo waytiin qisaasa’e bakka hin bu’in ta’e sababa gahaa
waliin haa gabaafamu.
6. Akka mana barumsa keessanitti Karoorii fi Tooftaalee haftee fi barfannaa barattoota
hirdhisuuf fudhataa jirtan jira? Guyyatti ijoolleen keessan meeqatu barfata? Amma ni
dabalee moo hirdhatee jira? Tooftaan ittiin hirdhistan yoo jiraate haa ibsamu.
7. Akkaata karooraa keessaniitin gumiiwwaan hojitti galanii bu’aa galmeessan jiru?
Bu’aan argame sun gabaasa keessatti haa hammatamuu. Gumii hojitti hin galinii fi bu’aa
hin buusinis sababa waliin haa dhiyaatuu. Madda baajata gumiilees adda baasa gabaasa.
8. Akka mana barumsa keessanitti barsiistoota Kutaa ”O” fi barsiisa kutaa barsiisuu qabdu?
Barsiisoota kanniin kutaa “O” irratti fayyadamtuu? bu’aan achi irraa argattan gabaasa
keessatti haa dhiyaatu.
9. Akka mana barumsa keessanitti Koreen suppervision keessoo ol’aantummaan hogganuu
hunda’ee jira? Suppervitziinii keessoo geeggeesitanii jirtuu? Bu’aan Supparvision
keessoo (internal suppervison) geeggeessitan irra argattan jiraa? Bu’aan argamee
muuxannoo walii dabarsuu barsiistoota dabalatee gabaasa keessatti haa dhiyaatu.
10.Duub deebii irra-deebii inispeekshiinii bara 2012, 2013, 2014, 2015 fi Suppervizhinii
Waajjirri Barnoota Kur.1ffaa fi 2ffaa hojii mana barumsa keessan irratti isinii kenname
booda mariin istaafii waliin taasiftan jira? Iddoo rakkoon ni jira isiniin jedhame irratti
hojjattanii jijjiramni dhufe jira? Bu’aa marii fi hojii achii as hojjattan irraa argatan
gabaasa keessatti hammachiisa.
11. Akka Mana Barumsati keessanitti barattoonni bara 2014ti galma’anii fi harca’an fi
barattootaa bara 2015 galma’anii fi hanga ammaatti harca’an saalan adda bahee gabaasa
keessattii haa dhiyaatu.
Mana Barumsaa Mijaata Gochuuf
1. Naannoo barnoota mijaata gochuuf hojiileen hanga ammatti hojjatamee jira? Akka mana
barumsa keessanitti uffata seera barsiisaa, barataa fi hojjattoonni bulchiinsaa akka
uffatanii hojjiin hojjatame jira? to’annoo fi hordoffiin uffataa seera irratti isin taasiftan
maal fakkaata?
2. Qulqullinna Mooraa Barnootaa, Qulqullinni gabatee gurraachaa, mana fincaanii barsiisaa
fi barataa, daree barnoota irratti hojjatame jiraa? Bu’aan gama kanaan hojjatamee argame
gabaasa keessatti haa dhiyaatu.
Hoggansa Manneen Barnoota
1. Karoorri fi raawwiin Manuwaalii dandeetti raawwachisumma Dubartoota cimsuuf
sadarkaa mana barumsaa keessanitti aangessuun gara Gumiiwwaanii fi
Muummeewwaniitti fiduuf hojiin hojjatamee yoo jiraate bu’aa argame waliin haa
ibsamu?
2. Hoggansii, hojjataan Bulchiinsaa fi barsiisaan yeroo ofii kabajee seenaa? Yoo ni seenaa
jettan agarsiiftuun isaa maaliidha?
3. Rakkoolee bulchiinsa gaarii akka mana barumsa keessanitti adda bahee fi akka
hiikkamuuf irratti karoorfame ture sanniin keessa meeqatu furame, meeqatu karaa irra
jira? Kan humna keessanii ol-ta’e jiraa? Yoo furame ta’e bu’aan achi irraa argattan haa
ibsamuu?kan hin furamiin maaf qabattee teettan?
4. Karoorii fi raawwiin leenjii Humna raawwachiisummaa itti gaafatamtoota
muummeewwanii cimsuuf qopha’e gara hojiitti seenee jiraa? Bu’aan leenjii san irraa
argame jiraa? haa bisamuu. Yoo karooraa fi raawwinis hin jiraanne ta’e Sababa waliin haa
dhiyaatu.
5. Karoora mana barumsa keessanii kan waggaa guyyaan,torbaaniin,ji’aan, fi kurmaanan
caccabsitanii qabduu? Yoo jiraatee ragaa qabatamaa qabduu? Raawwii kurmaana 1ffaa
average ykn parsantiin (%) keettanii qabduu? Gabaasa keessatti haa dhiyaatu.
6. Koreen naamusaa akka mana barumsa keessanitti hunda’ee jiraa? Karooraa duursanii
rakkoolee/taatewwan naamusaa mana barumsaa keessatti ni muldhata jedhanii shakkan
irratti hubannoo kennuu qabuu? Qopheeffatanii jiru? Aangoo guutuu kennameef itti
fayyadamaa jiru? Osoo Murtii barataa fi barsiisa irratti hin dabarsin tartiibaa keessa
darbuu qabu hunda itti fixee deemaa jira? Ragaa qabatamaa fi galmee qaboo yaa’ii fi
murtee irratti dabarsan qabuu? Agarsiiftuun isaa maalidha.
Hirmaannaa ummataa
1. Baajanni hirmaanna ummataa FMB oolee jijjirama guddaa fiduu qaba.
2. Jijjiramni kun gabaasa fi lafa irratti muldhachuu qaba.
3. Projektii MB’tiif ooluu qaba.
4. Pirojektiin jalqabamee kun maqaan isaa haa ibsamu?
5. projectichii fanicially fi phyiscally sadarkaa maal irra jiru ibsamuu qaba.
6. Baajanni isaaf qabame hoo meeqa? Haa ibsamuu.
7. Galiin keessan kan hirmaanna ummataa fi keessoollee hanga ammatti baastanii hojitti
hiiktan haa ibsamuu.
8. Qindominni isin koree GMB, fi BBL kana waliin qabdan hoo maal jechuunii dandeenya?
Isin hoo hangam hojii koree kanaa hordofaa jirtu? Koree kana ol-aantummaan hogganaa
jirtuu? Rakkoon gama kanaan jiru jira? Yoo akka gaaritti waliin hojjataa jiraattan bu’aa
achi irraa argattan ibsaa.
Sagantaa Misooma Barsiistoota
1. Karoorrii waggaa fi torbee barsiisan qabatee daree seenaanii jiraa? Barsiisan waraqaa
to’annoo fi kuusaa barataa qabatee daree seenaa? Kuusaa qabxii barataa hoggansii
barsiisa harkaa fuudhe yeroo yeroon laalaa? Karoorri torbee ulaagaalee guutuu isa
barbaachisu hunda guuttatee qopha’a? Fkn suuraa karoora torbee tokko suuraan gabaasa
keessa galchaa.
2. Ragaa seenaa jireenya barsiistoota,SEMASE Kutaa 5-8,9-10,11-12, hojjattoota bulchinsa
fi Hoogansa M/Barnootaa adda bahee Qindaa’e waajjiraaf gabafameeraa? (Ogummaa
barsiisummaatiin barsiisa barsiisa jiraachuu ? Leenjii PGDT mala leenjisummaa
fudhatanii jiruu) yoo gabaastee jiraatte suuraan xalayaa geggeesitu ittiin ergite dhiyeessi
3. Barsiisa qaxalee kutaa 1-4 irratti ramadamee jiraa? Bu’aan achi irraa ragattan ykn ergas
jijjiramni jiru maalidha? Ragaa qabatamaa waliin haa ibsamu? Yoo hin ramadin rakkoo
isin mudate maaliidha gabaasa keessatti haa hammatamu.
4. Rakkoon guddaan manneen barnoota mootummaa Kuufamaa fi hanqina barsiisaa adda
baasanii yeroon gabaasuu dhabuun ni muldhata. Kanaafuu gabaasa kana keessatti
hammachiisa.
5. Karooraa fi raawwii DOW kan hoggansaa fi barsiisaallee gabaasa keessatti ammachiisa.
Hoggansaa fi barsiisaa DOW irratti hojjatee fi hin hojjatin saalaan adda baasa dhiyeessa.
6. Portifooliyoo barsiisoota qorumsa gahumsaa fudhachuu fedhii qaban qopheessuun addaa
baastanii qabduu? Hubannoon barsiisaan qorumsa gahumsa ogummaa kana irratti qabu
maal fakkaata? Isin hubannoo kennitaniif jirtuu? Barsistoonni qorumsaaf qopha’an
saalaan adda bahee haa dhiyaatuu.
Sagantaa Sirna Barnoota
1. MB sad.2ffaa Keessatti Kitaabni Barattootaa kan bara barnootaa 2015 Barattootaa
hundaaf kennamee /Raabsame jira. Hira kitaaba Barattoota hoo maal fakkaata? Haa
ibsamuu
2. Hojii Baruu fi Barsiisuu Sirna Barnootaa Haaraa kutaa 1, kutaa 3, kutaa 5, kutaa 7 fi
kutaa 8 barsiisfama jiraa?
3. Gamaggamaa sira Barnoota haaraa gaggeeffamee jiraa?,
4. Hojii Baruu fi Barsiisuu kutaa 2, kutaa 4, kutaa 6 Sirna Barnootaa moofaan kitaabni

5. kennamef barachaa jiruu? hirri kitaaba barataa maal akka fakkaata?


6. Kitaabilee Barattootaa fi Qajeelchii Barsiisa Sirna Barnootaa Haaraa kitaabilee

7. Barattootaa fi qaj. Barsiisa gadii hin buune ’’soft copy’n Gosa Barnootaa hundaa isiniif
kenname Barsiisota bira jiruu fi ittiin barsiisa jiraachuun haa ibsamu.
8. Kitaabilee haarofni Barattootaaf fi Qaj. Barsiisa barsiissaf bifa Haara’an qopha’ee gadi
bu’e ykn isiniif raabsame barattootaa harka gahee jiraa?
9. Rakkoon ijoo sirna Barnootaa Haaraa Hojiirra oolchuu ilaalchisee maaltuu mul’ataa?

10.Baayya’inaa Barsiisota leenjii Madaqiinsa Sirna Barnootaa haaraa fudhatanii fi hin


fudhannee saala adda baasuun, kan leenjii hin fudhanne akka fudhatan kallatti godhamuu
ilaalchiisee hojii hojjetame yoo jiraate haa ibsamuu.
11.Qabiinsa fi bulchiinsi kitaaba manneen Barnootaa maal akka fakkaatuu?

12.Ragaa kitaabilee kutaa fi gosa kitaaban qindaa’ee jiraa? Innis bifa kamiin qinda’ee haa
ibsamuu.
13.Uwwisaa Qabiyyee Barnootaa samisteera 1ffaa koree sirna barnootaa gamaggamuun
ciminnii fi hanqinnii adda baasuun kallatti fuuldura kaa’amee jiraa?
14.Gosa Barnootaa fi kutaa qabiyyeen isaa osoo hin xumuramnee hafe jiraa? sababanni isaa
maaliidha?
15.Sochii tajaajilli Manni kitaaba fi Manni yaalii Barattootaa fi Barsiisota kennaa jiruu maal
fakkaataa?

16.Akka mana barumsa keessanitti karoorri Leenjii Adeemsa Qu’annoo Fi Qorannoo irratti
kennuuf qopha’e jiraa. leenjiin kenname jiraa? Barsiisoonni Mata-dureen qorannoo fi
qu’annoo irratti geggeessuu barbaadan adda baasanii jiru. Mata duree adda bahee fi
qorannoo geeggeeffame gabaasa keessatti ammachiisa.
17.Karoorri fi raawwiin Itti fayyadama sagantaa mana kitaaba fi sochii mana yaalii
(Expermental Room)’n jiraa? Gumiin mana kitaaba karooraa fi sagantaa itti fayyadama
mana kitaabaa baasee jira. Hojiilee mana kitaabaa fi mana yaalii keessatti gumii
dhaabbataniin hojjatame bu’aa achi irraa argatan waliin gabaasa .
18.Handhuura gabbisa barnoota qabduu? Meeshaaleen deeggarsa barnootaa ammayya’aan
(modern) ta’aniin guuttamee jira. Meeshaalee hammayyaa manni barumsaa keessan bitee
handhuura gabbisa keessatti galchee fi meeshaalee hambaa seenaa fi aadaa Hawaasa
baadiyaa fi magaalaa irraa argattanis gabaasa keessatti nuuf galchaa. Bu’aan argattan
jijjirama inni fide waliin haa dhiyyatu.
19.Sirna Bulchiinsaa fi kuunuunsa kitaabilee barnoota maal fakkaata? Akka mana barumsa
keessanitti Kitaabilee barnootaa barattootaaf kenname barattoonni haala kamiin
kunuunsaa jiru? Haala qabiinsa kitaabaa fi itti fayyadama isaa gabaasa keessatti
hammachiisa.
20.Qajeelcha barsiisaa fi kitaabni barataa akka mana barumsa keessanitti qabiyyeen isaa
madaalameeraa? Kitaabilee barnootaa fi qajeelchaa barsiisaa madalaman hunda gabaasa
keessatti haa ammatamuu.
BLAG
1. Paarlamaan daa’immanii akka mana barumsa keessanitti maal fakkaata? Hojii keessa
galee jiraa? Paarlaaman daa’immanii kun seeraan hogganamaa jiraa?
2. Dambii ittiin bulmaata akka mana barumsaa keessanitti qabduu? Hubannoo irratti
kennitanii jirtuu? Bu’aa dambiin ittiin bulmaataa kun mana baarumsaa kanaaf buusee
gabaasa keessatti haa ammatamuu.
3. Kabaja sirna alaabaa irratti naamusni barsiisaa fi barataa maal fakkaata? Sirni kabaja
ayyaanaa geggeeffamaa jira? Alaabaa Federaala fi Naanoo Oromiyaa wal-bira
fayyadamaa jirtuu? Yoo fayyadamaa hin jirre saababa gahaa waliin gabaasa dhiyeessa.
Faaruun sirna kabaja alaabaa irratti geggeeffamu kami? Yeroo hundaa faaruun farfamuu
kan naannoo ta’u osoo qabu kan federaala manni barumsaa fayyadamtan sababa gahaa
dhiyeessa.
ICT
1. Qabeenyii pilaazmaa moodela isaatiin adda bahee galma’ee jiraachuu isaa fi barnoonni
Raadiyoo (E-learning) maal irra akka jiru haa ibsamuu.
2. Meeshaaleen electronic hojjatuu fi hin hojjanne adda baasa gabaasa keessatti dhyeessa.
Keessattu Kompitara,Lap-Top,Raadiyoo,Teeppii, Sagalee Guddiftuu fi kkkf gabaasa
keessatti ammachiisa.
3. Daataa beezitti fayyadamuun jiraa.koomputera irratti barattooni piraatisii godhaa jiru.
4. Barsiistoonni tekinooloojiitti fayyadamaa jiruu? Isin hoggansi akka isaan tekinoolojiin
wal-baran taasiftanii jirtu?
5. Raga istaatiksii m/b yeroo isaa kan eeggatee fi qulqullinna qabu hojjatamee gabaafamee
jira? Ragaa waliin haa ibsamuu.
Barnoota Ga’eessa (Al-Idilee) Irratti Xiyyeeffate
1. Mana barumsaa keessan keessatti barnoonni al-idilee kennamaa jiraa? Yoo kennama
jiraate , Hoggantootaa keessa eenyuun hogganama? Maqaa waliin haa ka’u. buufata
meeqa hogganta?
2. Mana barumsaa keessan keessatti Barsiisaa fi hoggansi deeggarsa ogummaa ga’eessotaa
(al-idilee) kanaaf taasisaa jira? Yoo mana barumsa keessan keessatti barumsi ga’eessa
ykn al-idilee kun kan hin kennamne ta’e sababa gahaa fi qajeelfama isin dhorgee fuulaa fi
keyyaata isa tuqaa gabaasa keessatti hammachiisa.
3. Barnoota galgalaa qabduu? Qulqullinni kenniinsa barnoota isaa maal fakkaata? Ragaan
barattootaa seeran qinda’ee jiraa?
4. Kaffaltiin barnoota galgalaa akkaata qajeelfamaatiin kaffalamaa jiraa?
5. Kaffaltiin barattoota irraa guuramuu nagahee qabaa? Qarshiin kun oodit ta’ee beekaa?
6. Baajata deeggarsa bakka buufanni ABE fi fedhiin addaa barattootaaf qabamee jiru irratti
hojii irra oolmaan isaa maal fakkaata?
7. Fookaal (focal person) barumsa ga’eessotaa irratti barsiisaa keessaa filtanii bakka
buustanii jirtuu? karoora baafatee karooraan hogganama jira? Karoorumaa qaba?
Deeggarsi ykn sochiin barsiisichii taasise jiraa? Ragaa qabatamaa maqaa barsiisichaa
waliin gabaasa keessatti hammachiisa.
Dagaaginaa Naamusaa fi Farra Maalanmaltummaa.
1. Qabeenyaa hoggansa MB fi barsiisaan galmee duraa fi boodaa irratti galmeessan adda
baasuun gabaasa keessatti hammachiisa.
2. Gumiin DNFM Mana Barumsaa Keessatti Hunda’ee Jiraa?
3. Koreen kaawunsilii fi komii dhageeffatu mana barumsaa keessatti hunda’ee jira?
4.
5.
Bulchiinsa Qormaataa
1. Karoorrii Wal-dorgommiin gaaffii fi deebii barattoota jidduutti duraan gaggeeffamuu san
ammas yeroo isaa eeggate akka geggeeffamuuf qopha’e jira. (kutaalee 5-12 qofaaf)
barataa fi barsiisaan badhaafame jira?
2. Akka CRC keetiiti manni barumsaa kee badhaafamee jira? Bu’aa achi irraa argamee
gabaasa keessatti haa dhiyaatu.
3. Bu’aan qorumsa kutaa 8 fi 12 bara 2013 fi 2014 kennamee ture ,seeraan qaacceffamee
jira? (manneen barnootaa bara 2015 kutaa 8 fi 12 qorsiisan qofaaf). Barattoota bara
kana qorumsa Naannoo fi biyyooleessa fudhatan qopheessuuf jecha barnoota dabalata
barattootaaf kennaa jirtuu? Barataa fi barsiisaa meeqatu irratti hirmaate haa ibsamuu.
Sagantaa Koorniyaa
1. Leenjii fi hubannoon aadaa badaa miidha dubartoota irraan gahuu (barmaatilee miidhaa
geessisaan ittisuuf) hambisuuf dubartootaaf kenname jiraa? Hawaasa mana barumsaa kee
keessa leenjii fi hubannoo argate saalan adda baasii gabaasi.
2. barattoota dubara fi daa’imman maatii harka qalleeyyii ykn diinagdeen isaanii gadaanaa
ta’e irraa dhufan akka mana barumsa keessanitti deeggarsa qaamolee adda addaa fi mana
barumsaa keessan irra argatan saalan adda baasii gabaasa keessatti galchi. Meeshaalee
deeggarsaan argatan qarshitti jijjiraa.

Hub:-
 Cheek-Listiin Kun Dhaabbilee/Manneen Barnootaa Miti-Mootummaa, Dhuunfaa Fi Mootummaa
kamiiyyuu bira gahuu qaba.
 Qabxiilee armaan olitti dhiyaate hundi tartiibaa isaa eeggatee deebiin itti kennamuu qaba.
 Gabaasichii hard copy fi softy copy’n waajjiraaf kennamuu qaba.
 Gabaasa kana irratti manneen barnoota gabaasa fi hojii hojjatamee lafa jiru irra dhaabbannee wal-
dorgomsifnee ni sadarkeessina.
Waajjira
Barnootaa
Bul.Mag.Baat
uu 2015

You might also like