Professional Documents
Culture Documents
1. Nagahee
I. Hiika jechootaa
1. “Nagahee Gurgurtaa” jechuun gurgurtaa harkaa harkatti ykn Duubeedhaan gurgurtaa meeshaa
ykn tajaajilaatiif nagahee ragaaf kennamuudha
2. “Nagahee sassaabbii Galii” jechuun nagahee galii gurgurtaa irraa argame ta’us ta’uu baatus
maallaqa dheedhiidhaan ykn cheekiin kan kafalamu kamiyyuu galii ta’uu isaatiif nagahee
kennamuudha.
1. Nagahee taaksii dabalata qabeenyaa harkaa harkatti kennamu fi dubee (VAT cash
sales invoice & VAT credit sale invoice)
gosti nagahee taaksii dabalataa qabeenyaa harkaa harkatti kennamu yeroo gurgurtaan
ykn tajaajilli rawwatamu battalumatti kennamu dha.
Nagaheen taaksii dabalataa qabeenya dubee immoo gurgurtaa ykn tajaajila
battalumatti rawwateef qarshiin garu gara fulduraatti kan sassaabamu jechuu dha.
2. Nagahee tarn ovar taaksii (TOT):- gosa nagahee kaffalaan gibiraa sadarkaa ”B” fi ”C”
gurgurtaa ykn tajaajila rawwate irratti dabaluun sassaabu jechuu dha.
3. Nagahee qarshii ittin fudhan (cash receipt invoice):- gosti nagahee kun nagahee taaksii
dabalataa qabeenyaa dubeen gurgurame kan itti sassaban immo nagahe kanaan jechuu dha.
4. Nagahee baasii bahee ittin mirkaanneessu (payment voucher):-omishtootni amala hojii irraa
kan ka’ee nagahee kennuu fi sirna omisha aadaatiin kan omishaan fkn:- dhakaa, ashawaa, kasala,
mukaan wa bilchessuu fi kaffalaan gibiraa galmee herregaa qabachuuf hin dirqamne sadarkaa”C”
omishtoota gurguraniif gosa nagahee kanaan gurgurtaan rawwatamu isaa sanada walii galtee kanaa
irratti maqaa fi teessoo isaani ibsuun gurgurtaan raawwatamuu isaa malattoo isaanitiin
mirkaannessa.
5. Withholding invoice:- bu’uura waliigaltee gurguraa fi bitataatiin kaffaltoota gibiraa
tajaajilawwan ykn mi’oota dhiyeessaniif hanga maallaqaa kaffaltiin raawwatamu kamiraayyuu
bu’uura seeraatiin hanga qarshii hir’isanii hambisuun mootummaaf galii taasisaniidha.
Akkataa seeraatiin dhaabbilee herreega kaffalamu irraa gibira hir’isanii hambisuun galii gochuu
dirqamni itti kenname kan akka:
Nagahee muramee Qaama bittaa raawwateef kennamuun isaa Galiin mootummaaf galuu ta’uu isaa
ni mirkaneessa. Kunis bittaa qaamni kamiyyuu raawwatu keessatti nagahee gaafatame fudhachuun
hanga maallaqa kaffalamee ibsu qaba. Kana ta’uu baannaan inni bitees taanaan inni gurgurees
qarshiin bahee sun waan oluuf ibsuun rakkisa ta’a. Kanaafu namni kamiyyu bitta rawwateefis ta’ee
ykn tajaajilaa argateef nagahee gaafachuu qaba. Meeshaa/Tajaajila bittaa gaggeefameef irratti
abboomuun kan danda’amu nagaheen seera qabeesa ta’ee off-harkatti yoo qabatame dha.
Meeshaa/Tajaajila bittaan raawwatameef nagaheen kan hin qabanne taanaan meeshicha irratti
abboomuun kan hin danda’aamne ta’uun alatti abbuummaan meeshichaa kan kooti jechuudhaaf
rakkisaa fi shakkii keessaa kan nama galchuu dha.
Gama biraatiin nagahee seera qabeessa tokko argachuun dhimmi bittaa fi gurgurtaa adeemsifamuu
keessatti maallaqa kaffalameef wabii/ragaa/ amansisaa ta’uun alatti qaama kaffaltii raawwateef
abbummaa qabeenyaa kan raggaasisu dha.
Kaffalaan gibiraa meeshaa/tajaajila gurguruuf nagahee seera qabeessa ta’ee kennuun haallii seerri
ajajuun hojii isaa gaggeessaa jiraachuu ibsuun alatti seeraaf ajajamaa fi meeshaa hangam akka
gurgurame, hangam akka hafe fi hanga maallaqni saassabame ifatti kan ibsu fi qaroomina kan
mul'isu dha.
Kanaafuu, Nagaheen bakka hin jirretti maallaqni sassaabame waan hin jirreef galiin bifaa gulantaa
herregaan saassabamee jedhamee gabaafamu waan hin jirreef, barbaachisuma fi ittifayyadama
nagaheef xiyyeeffannoo guddaan kennamuu qaba.
Kaffalaan gibiraa kamiyyuu Nagaaheen galii fayyadamu kan qabu akkaataa qajeelfama gibiraa fi
taaksiitiin ta’u qaba. kana jechuun kaffalaan gibiraa kamiyyu nagaaheen wajjira galiiwwaniitiin hin
hayyamaamiin dura akkaataa qabataama hojii daldaala isaatiin gosa nagahee kam fayyadamuu akka
qabu addaan baasee beekuu qaba. Haaluma kanaan wajjirri galiiwwanis gosoota nagahee armaan
oliitti ibsaman keessaa kaffalaan gibira barbaadu ergaa addan basee booda xalayaa mana
maxxansaa kaffalaan gibira barbaadutti barreesaf. Kaffalaan gibiraas nagahee mana maxxansaatti
maxxanfatee osoo itti hin fayyadamiin dura chaappaa wajjira galiwwaani baale tokko tokkoo
nagahee irratti erga goosisee booda itti fayyadamu qaba.
V. Reeti (dhibbentaa) nagaheen yeroo kennamu ittiin shallagamuu fi yeroo itti galii ta’uu
Namoonni dhunfaa fi dhaabbata daldala nagaheen itti fayyadaman bu’ura Labsii Lakk.203/2009
lakk.21/1tiin kaffaltooni gibiraa galmee herregaa qabachuuf dirqama qaban naga’eewwan itti
fayyadaman gosa naga’ee fi baayy’ina isaanii addaan baasuun Abbaa taayitaa gibira biratti
galmeessisanii akka maxxansiisan hayyamuu kan danda’u Abbaa Taayitaa/wajjira/ Galiiwwanii
sadarka sadarkaan jirani dha.
Kaffaltooni gibiraa galmee herregaa qabachuuf dirqama qaban nagaheewwan itti-fayyadaman osoo
hin maxxansiisin dura gosa nagahee fi baay’ina naga’ee Abbaa taayitaa gibiraa biratti galmessisuu
akka irraa jiratuu fi dhaabbatni tajaajila maxxansa kennuu kamiyyuu nagaheewwan kaffaltoota
gibira osoo hin maxxansiin dura bay’ina fi gosa nagahee maxxansaaf dhiyaatan Abba taayitaa
gibiraa biratti galma’uu fi hayyamamuu isaanii mirkaaneesuu akka irraa jiraatuu dambiicha irratti
bal’inaan ibsameera.
Nagaheen gurgurtaa ragaalee bu’uura ta’an kan armaan gaditti ibsaman guutanii qabaachuu qabu.
1. Maqaa guutuu kaffalaa gibiraa, teessoo fi maqaa hojii daldalaa ittiin galmaa’ee
2. Lakk. Eenyummaa kaffalaa gibiraa, Lakk. Sartifikeeta galmee taaksii dabalataa qabeenyaa fi
guyyaa itti kenname
3. Maqaa guutuu nama bitee, teessoo isaa fi Lakk. Eenyummaa kaffalaa gibiraa
Waajjirichi maxxansiisa nagahee fi itti fayyadama isaa akka armaan gadiitti hordofuu fi
to’achuuf itti gaafatamummaa qaba.
Kaffalaan gibiraa nagaheen akka maxxanfamuuf yeeroo gaafatu hayyama daldalaa
dhaabbataa fi seerummaa kan qabu ta’uu isaa mirkaneessuu.
Itti fayyadamni nagahee seeraa fi hojimaata fudhatama qaban irratti kan hundaa’e ta’uu,
hordofuu, to’achuu fi mirkaneessuu.
Kaffaltootni gibiraa ragaalee barbaachisaa ta’ani fi Lakkoofsa nagahee tartiiba Lakk.
qabaachuu isaanii.
Maqaa guutuu fi teessoo dhaabbata maxxansaa tartiibaan qabaachuu
Kaffalaan gibiraa nagahee maxxansiisuuf gaaffii dhiheessef haala dureen barbaadame
guutamuu isaa qulqulleessuun akka maxxansiifatu hayyamuu.
Akkaataa barbaachisummaa isaatti bakka manneen maxxansa nagahee itti gaggeeffamutti
argamuudhaan qulqulleessuu, mirkaneessuu
Gaaffiilee waa’ee nagahee maxxansiisuu fi itti fayyadamuu mana maxxansaa fi itti
fayyadamtoota irraa gaaffiilee dhihaataniif yeroon deebii kennuu.
Mannen maxxansaa waa’ee maxxansa nagahee ragaa itti dhiheessan unkaa qopheessuu
Nagaheen maxxanffaman maqaa eenyuutiin akka ta’eefi lakkoofsi walitti aanu hayyamamee
Abbaa Taayitaa irraa yeroo ibsamu mirkaneessanii maxxansuu.
Koppii tokkoon tokkoo nagahee maxxanfamu irratti guyyaa fi Lakkoofsa xalayaa akka
maxxanfamuuf ittiin heyyamame, maqaa dhaabbata maxxansaa guyyaa fi bara itti
maxxanfame agarsiisuu qaba.
Haala kamiiniyyuu nagaheen lakkoofsa wal-fakkaatu irra deebi’ame akka hin maxxanfamne
of-eggannoo barbaachisaa godhuu.
Raawwii fi hordoffii qajeelfama kanaatiif akka gargaaru bu’uura unkaa Abbaa Taayitaan
qopheesseen ragaa barbaachisaa guutuun ji’a sadii-sadiin Abbaa Taayitaaf gabaasa godhuuf
Itti gaafatama qaba.
1. Kaffalaan gibiraa Taaksii dabalataa qabeenyaatif galmaa’ee ykn seeraan galmee herreegaa akka
qabatuu dirqama kan qabu akkasumas galmee herreegaa qabachuudhaaf fedhii kan qabu kaffalaa
gibiraa sadarkaa “c” nagahee itti fayyadamu maxxansiisuu dura Abbaa Taayitaan akka galmeessuuf
ni godha. Abbaa Taayitaanis kanuma beeksisuudhaan mana maxxansaatiif ni barreessa.
2. Kaffalaan gibiraa Seeraan galmee herreegaa akka qabatu dirqama qabu, gurgurtaa raawwatuuf
nagahee tartiiba Lakkoofsa qabuu fi Abbaa Taayitaadhaan galmaa’ee kennuuf dirqama qaba.
4. Kaffalttoonni gibiraa bittaa fi gurgurtaa raawwataniif mallaqa dheedhii /cashi/ komputara ykn
meeshaa galmeessu fayyadaman maashinicha /komputarichaan kan qophaa’e/nagahee maxxanffame
kennu qabu maashinichi meeshaa gurgurtaa galmeessuuf ulaagaa barbaachisu kan guutu ta’uu qaba.
5. Akkata seeraa taaksii dabalata qabeenyaatiin; taaksii dabalata qabeenyaa dabalee dhiheesse bittaa
fi gurgurtaaf kan kaffalamu gatii walii-galaa (gatii taaksii dabalata qabeenyaa dabalatee)
Qar.15.00 /kudha shan/ kan hin caallee fi ykn meeshaa galmeessaa gurgurtaa warra hin fayyadamne
yoo ta’e nagahee malee raawwachuu ni danda’a. Ta’us gurgurtaa guyyaa guyyaa walitti qabamee
nagaheen taaksii dabalata qabeenyaa itti muramuu qaba. Haaluma kanaan:-
1. Haala kamiiniyyuu nagahee gurgurtaa fi bittaa lakkoofsa wal- fakkaataa qaban deebisanii
maxxansiisuun fayidaa irra oolchuun hin danda’mu.
2. Halii arman olitti ibsamee akkuma eegametti ta’ee nagaheen Lakkoofsa wal-fakkaataa
dogongoraan maxxanfamee yoo argame faayidaa irra ooluu isaatiin dura Abbaa Taayitaan akka
beeku godhamee gutummaan guutuutti akka haqamu godhamuu qaba.
3. Tartibaa 1 fi 2 kan tumame darbee argamuun Labsii Gibiraa Galiitiin yakkaan ni adabsiisa.
“Naga’ee dogoggora” jechuun Abbaa taayita Gibirattin osoo hin hayyamamin nagahee
maxxanfamee ykn nagahee kompiitaran qopha’ee ykn Heerrega gatii bitta ykn gurgurtaa
xiqqeesuuf ykn ida’udhaaf yaaduun ykn calisuun sanada irraatti lakkofsa hir’isuu ykn
dogooggorsuuf ykn hafteewwan nagahee hunda akka orjiinallatti fayyadamun ykn herregaa
taaksii hirifamu ykn deebi’uu akka ida’u ykn heerrega deebii ta’u hin qabnee argachuuf ykn
gochaa walindhahuu kamiyyuu raawwachuuf sanada qophaa’ee dha.
Nagahee taaksii sobaa qopheesu:- Nagahee taaksii sobaa qopheessee taaksii kaffalamu qabuu
akka hiratuu ykn herregaa hirifamu akka id’u akka godhu ykn nagahee taaksii kennuu osoo
qabatu kan hin kennine hanga maallaqa nagahee irratti ibsamee ykn hanga taaksii gati gurgurtaa
irratti kaffalamuu qabu % 100 adabama.
Taaksii Dabalata Qabeenyaaf Naamni hin galmoofne nagahee VAT kenne yoo argame:-
Naamni Taaksii Dabalata Qabeenyaaf hin galmoofne tokko nagahee VAT kennee yoo argamee
nagahee kennee irraatti hanga mallaaqaa argamuu fi taaksii galii gochuu kan irraa jiratuu garuu
galii osoo hin gonee kan hafee Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT) %100 adabiin ni kaffala.
Kaffalaa Gibiraa VAT galma’ee tokko beeksisa “Naga’een yoo hin arganee hin kaffaliin” kan
jedhuu iddoo ifaa fi bakka mulatu irratti yoo hin maxxansiine addabii Qar 10,000.00 ni
adabama.
• Kaffalaan taaksii galmee herreegaa qabachuuf dirqama qabu kamiyyuu, nagahee malee
bittaa fi gurgurtaa raawwachuu hin danda’u kan raawwate yoo ta’e immoo yakkaan
gaafatama. (Lab.203/2009 lakk.21/3)
• Kaffalaa taaksii galmee herregaa qabachuuf dirqama qaban osoo nagaheewwan hin
maxxansiisiin dura akaakuu fi baay’ina nagaheewwanii Abbaa Taayitaa biratti galmeessisuu
qaba. (Lab.203/2009 lakk.21/1)
• Namni osoo Abbaan Taayitichaa hin hayyaminiif nagahee taaksii maxxanse yakkaan
gaafatama. Badiii kanas yeroo yeroo lammaffaaf yoo raawwatee meeshaan maxxansaa isaa
fi dhaabbanni maxxansichaa ni dhaalama, hayyamni daldalaa isaas irraa fuudhama.
Mashinii gurgurtaa jechuun sochii daldaala keessatti gurgurtaa guyya guyyaan adeemsifamu ykn
tajaajilas ta’ee shaqaxa gurguramu kan galmeessuu fi wantoota gurgurtaa keessatti rawwataman
hunda nagahee elektoroniksii bifa maxxansuun kan baasu fi lakkoofsa eenyummaa addaa abbaa
Taayitaa Galiwwaanii fi Gumuruka Itoopiyaan kan kennamu kan qabu yoo ta’u, meeshaa daataa
beezii abbaa taayitaatiin kan wal qabate dha.
Rakkoolee bulchiinsa taaksii biyya keenyaa keessatti rakkoo cimaa ta’an (bold) ta’ani mul’atan
keessaa inni guddaan qabiinsa ragaa ammayya’aa fi itti faayyadama isaa dha. Rakkoon kun kaffalaa
gibiraa fi dhabbata gibira sassaabu jiddu wal amananii akka hin hojjanne godhee jira. Gibirri ragaa
irratti hin hundoofne fi tilmaamaan murtaa’u qara tokkoon mootummaan galii argachuu qabuu akka
hin arganne yoo godhu gara biraatiin immoo kaffalaan gibiraa, gibira kaffaluu qabu qofaa akka
kaffalu waan hin taasisneef adeemsa hojii irratti rakkoo uumaa jira. Amala gibira tilmaamaan
murteessan keessa rakkoolee hedduu waan qabuuf qaamolee lamaan giddu wal galteen akka hin
umamne godhaa jira.
Kanaafu yeroo amma hojiimata tilmaamaan rawwatamu keessaa bahuun tajaajila iftoomina qabu fi
saffisa kennuuf sirna qabiinsa ragaa ammayyaa fi itti fayyadama hojii irra olchuun filannoo kan hin
qabne dha. Haaluma kanaan Mashinii gurgurtaa galmeessu rakko kana furuuf filannoo isa duraa
dha.
Kanaafu kaffalaan gibiraa galii sirrii argatee irratti hunda’amee gibiraa ykn taaksii akka kaffalu
tasisuun waliitti dhufeenya qamoota lamaan giddu jiru wal amanuun akka hojjeetamu taasisa. Akka
walii galaattii meeshicha hojii irra olchuun wantii barbaachiseef faayidaa waliin waan argamsisuuf.
Gara fulduraatti daldalli fi sirni taaksii biyya keenyaa ammayy’aa yoo dhufe dhaabbanni daldaala
kamiyyu meeshicha akka itti fayyadamu ni yaadama. Akka biyya keenyaatti meeshichi hojii irra
olmaa kan jalqabe ji’a Guraandhala 2000 yoo ta’u, seeraa yeroo ammaatiin daldaltootni dirqama
maashinii gurgurtaa galmeessuu bitachuu qaban:-
Qajeelfamni haala itti fayyadamaa maashinicha ibsuu bahe jira. Nagaheen kaffalaa gibiraa mashinii
gurgurtaa galmeessaa (cash register machine) fayyadamu odeefanno qabachu qabu akka armaan
gadiitti taa’ee jira. Haaluma kanaan:
Maqaa kaffalaa gibiraa abbaa taayitaa gibiraa fi qaama hayyamaa hojii kennuun
Maqaa daldalaa
Lakkofsa eenyumma kaffalaa gibiraa
Lakkoofsa moodeelii fi lakkoofsa sartafikeeetii beekamtii maashini gurgurtaa galmeessa
(cash sales register) tiif kenname
Lakkoofsa hayyama galmeessaa fi itti fayyadama maashinii gurgurtaa galmeessa (cash sales
register machine)
Naannoo hojii irra olmaa mashini gurgurta galmeesa (cash sales register machine)
Lakkoofsa nagahee Gurgurtaan guyyaa raawwate
Gosa Gurgurtaa meshaalee ykn tajaajila raawwatamee fi baay’ina isaa
Gatii gurgurtaa
Akkaataa seera mashinii kaash riijistarii hojii irra olmaa baheen dhiyeesitootni meeshaalee kana
yeroo kaffalaa gibiraaf gurguru mashina gurgurtaa galmeessu ragaa armaan gadiitti tarreefamaan
kana guutuu qaba.
Beekamtiin seeritii fi modeelii mashinii kash rijistiriif kennamee kannen armaan gaditti ibsamaniin
haqamuu ni danda’a.
o Beekamtiin kan keennameef ragaa sobaa dhiyeessuun kan bira gahame yoo ta’e
o Meeshichii kun yeroo hojii irra olu akkaataa seeratiin yoo amaloonni guutamu qaban osoo
hin guutamiin yoo biraa gahame.
o Osoo abbaan taayitaa gibiraa hin beeksisiin dura jijjirama seeriti fi modeeli meeshicha irratti
jijjirama yoo godhan
o Namni ykn kaffalaan gibiraa warra beekamtii kana kennameef yoo seeraa isaa kan cabsee
ta’e