You are on page 1of 32

Adeemsa Pirojektii Hawaasn Hogganamanii keesatti

Waliigaltee Deggersa Faayinaansii


Garee Bishaan Qulqullina Nannoo Fi Dhunfaa Aana(AWT) Fi
Koreen Bishaan Qulqullina Naannoo Fi Dhuunfaa “Koree
WaSCHO”
Raawwatan

606579546.doc Page 1
Muddee, 2007
BBAIO-Finfinne

Guyyaa__________
Lakk.____________
Obbo/Adde______________________________________________
Walitti qabaa koree Bishaan qulqullina Nannoo fi Dhunfaa /Koree WASHCO/
Goxii__________________
Dhimmi:- Iyyanni hojii pirojeektii Bishaan Dhugaatii kan mirkanaa’ee ta’uu isaa beeksisuu fi waliigaltee
maallaqaa raawwachuuf jecha waamicha godhame ilaala.

Ijaarsa Bishaan dhugaatii Goxii_________________ilaalchisee gaaffin pirojeektii dhiheessitan


fudhatama kan argatee ta’uu isaa fi pirojektii hojii misooma hawasaa irraa qarshiin____________kan
isiniif murteefame ta’uu isaa yammuu ibsinu gammachuun nutty dhagahama.
Kanaafuu, bajata murteeffame irraa kaffaltii jalqabaa dabarsuu jalqabuu keenyaan dura haaldurewwan
murteessaa armaan gaditti ibsaman akka guuttan ni gaafann.
1. Walitti qabaan Koree WASHCO, akkasumas qabduun maallaqaa waliin xalayaan kun akka isin
gaheen yoo bay’ate guyyaa torba keessatti to’ataa pirojektii hawaasan hoogganaman kan Aanaa
Obbo/Aadde _________________ irrraa lakk. herrega Baankii banuu kan isin dandeessisu
xalayaa maqaa Pirojektichaatiin Waajjira Liqii fi quasnnoo___________________itti
barreefame akka fudhatta,
2. Xalayaa fudhattan qabachuudhaan waajjirichatti iyyat pirojektichaa yeroo dhiheessitan
maallaqa hawasa irraa walitti qabame kaa’uuf lakk herrega baankii kan banattaniin ala kan biraa
lakk.herrega baankii akka banattanii fi maqaa herrega Baankii,lakk.herrega baankii fi maqaa
mallattessitootaa xalayaan ykn jechaan Aanich battalumatti akka beeksiftan,
3. Yeruma sanatti to’ataa garee WaSHii aanichaa biraa dhihachuudhaan deggersa waliigaltee akka
mallatteessita.
Lakk.herregabaankii fi waliigalteen erga mallatteeffamee booda to’ataan garee WaSH aanichaa qarshii
pirojektichaaf mirkaneeffame keessaa kaffaltii jalqabaa lakk herrega baankii keessanitti galii kan isiniif
taasifamu ta’uu isaa ni beeksifna.

Nagaa wajjin

Walitti qabaa garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT)

606579546.doc Page 2
GG
To’ataa Pirojektoota Hawaasan HoogganamaniiAanaa ____________tiif/Faayilii pirojektichaa waliin kan
hidhamu)

Guyyaa__________
Lakk.___________
Obbo/Adde______________________________________________
Walitti qabaa koree Bishaan qulqullina Nannoo fi Dhunfaa /Koree WASHCO/
Goxii__________________
Dhimmi:- Iyyanni hojii pirojeektii Bishaan Dhugaatii kan mirkanaa’ee ta’uu isaa beeksisuu fi
waliigaltee maallaqaa raawwachuuf jecha waamicha godhame ilaala.

Ijaarsa Bishaan dhugaatii Goxii_________________ilaalchisee gaaffin pirojeektii dhiheessitan


fudhatama kan argatee ta’uu isaa fi pirojektii hojii misooma hawasaa irraa qarshiin____________kan
isiniif murteefame ta’uu isaa yammuu ibsinu gammachuun nutty dhagahama.
Kanaafuu, bajata murteeffame irraa kaffaltii jalqabaa dabarsuu jalqabuu keenyaan dura haaldurewwan
murteessaa armaan gaditti ibsaman akka guuttan ni gaafann.
4. Walitti qabaan koree bishaan qulquulluu fi hayijinii, akkasumas qabduun maallaqaa waliin xalayaan
kun akka isin gaheen yoo bay’ate guyyaa torba keessatti to’ataa garee WaSHii Aanichaa
Obbo/Aadde ______________argachuudhaan maqaa Pirojektichaatiin Waajjira Liqii fi
quasnnoo___________________itti lakk.herrega Baankii banuu kan isin dandeessisu xalayaa
akka fudhatta,
5. Xalayaa fudhattan qabachuudhaan waajjirichatti iyyat pirojektichaa yeroo dhiheessitan
maallaqa hawasa irraa walitti qabame kaa’uuf lakk herrega baankii kan battaniin ala kan biraa
lakk.herrega baankii akka battanii fi maqaa herrega Baankii,lakk.herrega baankii fi maqaa
mallattessitootaa xalayaan ykn jechaan Aanich battalumatti akka beeksiftan,
6. Yeruma sanatti to’ataa pirojektii aanichaa biraa dhihachuudhaan deggersa waliigaltee akka
mallatteessita.
Lakk.herregabaankii fi waliigalteen erga mallatteeffamee booda to’ataan pirojekti aanichaa qarshii
pirojektichaaf mirkaneeffame keessaa kaffaltii jalqabaa lakk herrega baankii keessanitti galii kan isiniif
taasifamu ta’uu isaa ni beeksifna.

Nagaa wajjin

Walitti qabaa garee Bishaan, Quluqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana/AWT)

606579546.doc Page 3
GG
To’ataa Pirojektii Hawaasan Hoogganamanii kan aanaa ____________tiif/Faayilii pirojektichaa waliin
kan hidhamu)

Lakk.Waliigaltee__________
Waliigaltee Gargaassa faayinaansii Pirojektoota Hawaasan Hoogganamni
Waliigalteen kun guyyaa_______bara ______garaa WaSHii Aanaa______/kanaan
booda waliigaltee kan kenne jedhamee kan wamamu/
Gama tokkoon
Koree WaSHCO________tiin asiin booda waliigaltee kan fudhate jedhamee kan
wamamuu fi hojicha abbummaan kan raawwatu giddutti rawwateera.

Kewwata 1
Waliigala
1.1. Waliigalteen kun gargaassa maallaqaa Mootummaa _______irraa argamu fi
gumaacha maallaqaa fi humna hirmaana hawaasaa fi wantoolee naannoo irra
aargamanitti gargaaramuun pirojeektii bishaan dhugaatii qulqulluu
raawwachuu jecha, kan qophaaé dha.
1.2. Waliigaltee fudhataan gargaassa maallaqaa argachuu kan danda’u akkaataa
haaldurewwan waliigaltee sanada waliigaltee kanaa keessatti argamuun qafa
ta’a.
1.3. Waliigaltee fudhataan maallaqa gargaassaan argate itti gaafatamummaa
isaatiin hojii irra ni oolcha.

Kewwata 2

Hojichi yeroo itti raawwatuu fi hojiilee gurguddoo


2.1. Hojichi guyyaa_____bara _____irraa jalqabeeji’oota ____keessatti kan
raawwatu ta’a.
2.2. Hojii gurguddoo projektichi of keessatti hammatu
1. __________________________
2. __________________________
3. __________________________
4. __________________________

606579546.doc Page 4
Kewwata 3
Waa’ee baasii Pirojektichaa
6.1. Hojii pirojeektii raawwachuuf kan barbaachisu dimshaasha baasii
qarshii_____(__________________)yammuu ta’u
☞ qarshiin_______________________ hojii pirojektii hawaasaatiif
☞ qarshiin________________ gahee itti fayadamtoota hawaasaatiif ta’a.
6.2. Waliigalli baasii hojii pirojektii kanaa gatii gabaa yeroo waliigalteen kun
mallatteeffame irratti kan hundaayee waan ta’eef sirrummaan baasii hojichaa
yeroo yerootti haala gatii gabaa jiru fi akkaataa sanada kaffaltii dhihaatuun kan
murtahu ta’a. Wan kan ta’eefis hammi qarshii hojii pirojeektii hawaasaa irra gara
“WaSHCo”itti darbuu kan danda’u waliigala baasii yeroo dhuma raawwi
pirojektichaa irratti mul’atu dhibbeentaa 85(85%) caaluu hindanda’u.

Kewwata 4
Gabaasaa fi Sochii maallaqaa
Gaaffii maallaqaa dhiheessuuf raawwii hojii armaan gaditti argamuu fi gabaasa itti
fayyadama maallaqaa waliin qabsiisuudhaan dhiheessuu barbaachisa.
4.1. Kaffaltiiwwan raawwataman kan agarsiisu galmee herregaa naga’ewwan orijinaalaa
waliin qabatee to’ata pirojekti hawaasan hooganamani kan aana tiif dhihaachuu
qaba.
4.2. Dabalataanis sadarkaa raawwiin hojichaa irra jiru kan agarsiisu kontiraktera
ijaarsicha raawwacha jiru fi akkasumas hojiidhuma kanaaf jecha, miseensa Koree
WaSHCO irraa ramadame waliin mallattoon kan mirkaneeffame gabaasni hojii
duukaa dhihaachuu qaba.
4.3. Waliigaltee kennaan erga waliigalteen kun mallatteeffamee kaasee yeroo turban
sadii keessatti bajata hojii pirojektii hawaasaaf murtahe irraa dhibbeentaa
20(20%)kaffaltii dursaa kara waajjira liqii fi qusannoo _________damee
_____itti maqaa waliigaltee fudhataatiin lakk.herregaa banametti galii ni taasisa.

606579546.doc Page 5
4.4. Maallaqni gara lakk.herr“Koree WaSHco” itti lakkifamu baay’ina maallaqa kanaan
dura darbe keessaa dhibbeentaan 80(80%)hojii irra kan oolee fi gabaasni hojii
armaan olitti lakk. 4.1 fi 42 irratti kan gaafatame dhihaachuun isaa yoo mirkanahe
dha.
4.5. Gareen Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT) kan sadarka aanichaas
Oditera ramaduudhaan yero kamiyyuu herrega koree WaSHCO ilaalchisee ragaa
argachuuf mirga guutuu qaba.
4.6. Gara lakk.herrega “Koree WaSHCO” itti kaffaltiin dhumaa kan darbu hanga yeroo
gaaffiin maallqaa dhahtetti kan jiru itti fayyadama raawwii sirrii ta’e kan
agarsiisuu fi gatii pirojektii isa dhuma tilmaama keessa galchuudhaan
barreeffaman gaaffiin yeroo dhihatu dha.
4.7. Bakka bu’aan “Koree WaSHCO”sanadoota herregaa to’ataa garee WaSHii aanichaaf
akka dabarseen ofirraa dabarsuu isaa kan ibsu raga fudhachuu qab.Hojichi yeroo
xumuuramu qarshii hojii irra ooleef ragaan hanga kennameefitti herregni koree
WaSHCO Baankiittiif ijaarsaaf wabiif qabame(ijaarsichi kontiraakteroota
dhuunfaatiin kan hojjetame yoo ta’e)hanga gadi lakkifamuufitti kan hin sochoone
ta’a.
4.8. Armaan olitti lakk. 4.7 irratti kan ibsame akka raawwateen hammi qarshii qulqullina
ijaarsaatiif wabiif qabame haala akkamiitiin yoom akka gadi lakkifamu kan agarsiisu
sanadni waliigaltee gama garee Washii aanichaatiin dabalataan qophaa’ee
kontirakteraa fi “koree WaSHCO” giddutti waliigalteen ni raawwata. Akkasumas
armaan olitti lakk. 4.7 irratti kan ibsame herregni “Koree WaSHCO” yeroof cufaa
akka ta’u yammuu murteeffamu hafteen maallaqaa baankii keessatti argamu gara
lakk.herrega baankii Garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa
Aanachaatti(AWT) deebi’ee akka dhangala’u ta’a.

Kewwata 5
Bulchiinsa bajata raawwii pirojektii Hawaasaan Hagganaman ilaalchisee Dirqamaa fi itti
gaafatamummaa hojii qamolee adda addaa.
5.1. koree bishaan qulqullina Naanno fi Dhuunfaa (koree WaSHCO)
1. Hawaasa itti fayyadamuu fi koree WaSHCO bakka bu’uudhaan misoomaa fi
bulchiinsaan Qabeenya bishaanii ilaalchisee yaada ni dhihessa.
2. Itti fayyadamtoota hawaasaa sochii ijaarsa hojii bishaanii adda addaa
irratti ni kakaasa; jechuunis bakka filachuu, bulchiinsa ijaarsaa fi hojii
suphaa irratti akka hirmaatan ni taasisa.

606579546.doc Page 6
3. Itti fayyadamtoota dhaabbata bishaanichaas adda nibaasa,
facaatii/tarreessa/maqaa isaanis ni baasa.
4. Qulqullina naannoo fi dhuunfaa ilaalchisee itti fayyadamtoota
bishaanii kakaasuu fi haala mana fincaanii to’achuu
5. Ijaarsa booda maallaqa hojii suphaa fi bulchiinsaaf gargaaran
hawaasa irraa walitti qabuu
6. Itti fayyadamtootaa waliin waa’ee suphaa fi bulchiinsa bishaan dhugaatichaa ni
mari’ata.
7. Waajjira misooma qabeenya bishaan Aanichaa waliin ta’uudhaan buufata
bishaanichaatiif waa’ee bulchiinsa fi seera isaa ni qopheessa.
8. Abbummaa hawaasaa dhugaqabeessa ta’e mirkaneessuuf jecha, akkasumas
bulchiinsa fedhii hawaasaatiin hundeeffame bakkaan gahuuf, korichi korichi heera
ittiin bulmaata ufii isaa ni qopheessa.
9. Ogeessota paamppii suphan/kunuunsan/hojii isaanii sirriitti raawwachuu isaanii ni
hordofa.
10. Waliigaltee seera qabeessa ta’an kam iyyuu ni raawwata;raga isaanis ni qabata.
11. Sanada baasii fi galii kam iyyuu ni qopheessa,sanadoota isaas bakka gaarii ni
teessisa,itti fayyadamtoota waliinis yeroo yerootti walgahii ni taasisa.
12. Dhaabbata bishaanichaa irra balaa cimaan yammuu gahu; Waajjira misooma
qabeenya bishaanii Aanichaatti yeroodhaan ni beeksisa.

5.2. Mirgaa fi dirqama Waajjira Liqii fi Qusannoo __________________


Sadarkaa naannootti qajeelfama Biiroon Faayinaansii fi Misooma Dinagdee kennu
bu’uura gochuudhaan aanaalee itti fayyadamtoota ta’aniif maallaqa ni dabarsa.
Dhaabbatni Maallaqichaa mirgaa fi dirqama armaan gaditti ibsaman ni qabaata.
1. Aanaalee Hojiin pirojeektii hawaasaa itti rawwachaa jirutti waajjirichi hrrega
baankii hojii pirojeektii hawaasichaatiif waajjiraalee dame ni bana.
2. itti fayyadamtoota bishaaniitiin ykn koree WaSHCO tin gaaffiin yeroo dhihaatu
qusannoo herregaa banuudhaan raawwii hojii suphaa fi bulchiinsa bufataalee
bishaaniitiif jecha,yeroo jalqabaaf buusii maallaqaa hawaasa irraa walitti
qabame,akkasumas kaffaltii fayidaa bishaanii dabalatee maallaqa qusannoo harkaa
fuudhuudhaan herrega baankii banameefii jiru keessa ni teessias.
3. Maqaa Hojii pirojeektii hawaasaatiin raawwi pirojeektotaaf kan oolu naannessa
maallaqaa kan ittin raawwatu herrega dhala irraa bilisa ta’e ni bana.
4. Akksumas hojiin ijaarsa buufata bishaanii erga xumuuramee waggaa tokko booda
kaffaltiin qabiyyee wabii akka raawwatetti herregicha cufuu,

606579546.doc Page 7
5. Koreen WaSHCO hojii ijaarsa buufata bishaanii wajjin kaffaltiiwwan walitti
dhufeenya qaban raawwachuuf akka isaaniif mijahuuf jecha, seera qabeessaxalayaa
ajajaa qaama dhimmi ilaalu irraakan kennameef qabaachuu isaanii
mirkaneessuudhaan herrega baankii isaanii dhala irraa bilisa keessaa maallaqa
isaanii akka baasii godhan hayyamuu.
6. Akkaataa waliigalteetiin maallaqa gara dhaabbatichaatti darbu ilaalchisee itti
gaafatamummaan guutumaa guutuutti kan kan dhaabbatichaa ta’a.
7. Maallaqa gara dhaabbatichaatti darbe ilaalchisee gaaffii yeroo kam iyyuu
dhihaatuuf battalumatti deebii kennuufii irraa eegama.
8. Gabaasa kam iyyuu walitti dhufeenya qabaatan Biiroo Maallaqaa fi Misooma
Dinagdee tiif dhiheessuu.
9. Herrega pirojeektichaa ilaalchisee hojii Oodiitiif gaaffiin yeroo kam iyyuu
dhihaatu deggersa barbaachisu gochuudhaan raga guutuu ta’e akka argatan karaa
mijessuu.
10. Biiroon Maallaqaa fi Misooma Dinagdee herregni fandichaa yeroof akka hin
sochoone yoo gaafate battalumatti hojii irra oolchuu.
11. Hojiin pirojektii hawaasaa bakka jiran hundatti aanaalee hundaa irrattuu gara
hojiitti seenuun dura hojii irratti dhaabbatichi leenjii argachuu mirga qaba.

5.3. Mirgaa fi Dirqama Garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT)


Aanicha keessatti gareen Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT)
qaama raawwachiiftuu ol’aanaa dha.
1. Sadarkaa aanaatti raawwii hojii pirojektii ni hordofa,
2. Yeroo argamutti fayyadamuudhaan raawwii hojii pirojektii hawaasaa irratti hojii
dadamaqsuu ni gaggeessa.
3. Yeroo ijaarsaa deggersa ogummaa barbaachisu , bakka filachuu, hojii “survey” fi
akkasumas hordoffii f to’annoo ni taasisa; hojichis yeroo xumuuramu raga waraqaa
abbummaa mirkaneessu ni kenna.
4. Tajaajiloota ogummaa naannichatti argaman, dhiheessa wantoota kontiraataanis
ta’u bittaadhan haala itti argamu irratti leenjii ni kenna.
5. Leenjiin adda addaa koree WaSHCO fi qaamota ilaallatuuf akka kennamu ni taasisa.
6. Bulchiinsa maallqa hojii pirojeektii hawaasaan hoogganamani ilaalchisee deggersa
barbaachisu nj taasisa.
7. Maallaqni hojichaaf ramadame sirriitti hojii irra ooluu isaa mirkaneessuuf itti
gaafatamumma ni qabaata.
8. Ijaarsa bishaan dhugaatii ilaalchisee gaaffii hawaasa irraa dhihatan ni

fudhata; fudhatees haala waliigalteen irra gahameen gaaffiwwan dhihatan

sakatta’uudhaan fudhachuu ykn kuffisuutu irra jiraata

606579546.doc Page 8
9. Koree Bishaan qulqull fi hayijin wajjin ta’uudhaan waliigaltee deggersa faayinaansii ni

mallatteessa.

10. Murtoo garee irraa kennamu ilaalchisee inistitushinii maallaqaa naannichatti ni beeksia,haala

maallaqichiit darbuu danda’u ilaalchisees qaleelffama ni kenna.

11.Akkaataa maanuwaalii fi qajeelfama qophaheen inistitushinichaaf gabaasa ni dhiheessa.

12. Supervaayizarii garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aanichaa (AWT) ni

filata.

5.4 Mirgaa fi Dirqama Biiroo Maallaqaa Misooma Dinagde

Biirichi mirgaa fi dirqama asiin gaditti ibsaman ni qabaata=

1. Maallaqa deggersaa raawwii pirojeektiitiif gargaartota irraa argamu ilaalchisee itti


gaafatamaa fi Ooggaanaa dha.
2. Haala raawwii isaa ilaalchise Biiroon raawwii kurmaana waggaa if gabaasa herrega
qopheessuudhaan bakka bu’aa gargaassa kenneef /fkn arjoomaan Mootummaa Finland
yoo ta’e Ministeera dhimma alaa Finland tiif dhiheessa.
3. Oditeroonni Boordii hojii pirojektii hawaasaatiin filataman herrega

pirojetichaa ilaalchisee sadarkaa naannoo irrattis ta’ee Aanaa irratti haala

salphaan raga akka argataniif tooftaa si’oominaa uumuu.

4. Bulchiinsa fandii hojii pirojeektii hawaasa naabbichaa ilaalchisee waggaa waggaan

gabaasa dhiheessuu.

5. keewwata kana Lakk. Tokko(1) irra akkuma taa’etti itti fayyadama maallaqaa

akkaataa karoora waggaatti raawwachiisuun ittigaafatamumma kan Biiroo ta’a.

6. Bajata ramadame seeraan ala kan itti fayyadamamu yoo ta’eBiiroon maallaqichi akka

deebi’u ni gaafata

7. Barbaachisaa ta’ee yoo argame Biiroon yeroo kamiyyuu fandiin hojii pirojektii

hawaasichaa sochii maallaqaa akka dhorku Inistitutii maallaqaatiif qajeelfama ni

kenna.

606579546.doc Page 9
Hojii pirjeektii Hawaasaa haala mlkawaa ta’een fiixaan akka bahuuf argagachuu qaban
gama garee Waashii aanichaatiin argachaa kan hinjirre ta’uu isaa Biiroon yoo bira gahe
naannawisi maallaqichaa akka turu gochuudhaan tarkaanfiin sirreeffamaa akka
fudhatamu ni taasisa.

Keewwata 6
Sanadoota waligaltichi hammatu

6.1 Sanada waliigaltee kanatti dabalataan qaamoota waliigalan mara


harkatti ykn akka barbaachisummaa isaatti qaamota dhimmichi ilaalu
qofa harkatti kan argman akkaataa sanadota asiin gaditti
tarreeffamaniin qaama waliigatee ta’ee rawwatiinsa ni qabaata.
Waliindeemtu A). Ibsi sarreefama hojii /Iyyata pirojeektii waliin

qabatee kan dhihaate/

Waliindeemtu B). Pirojektota hawasaan hoogganamani keessatti

Hojiilee raawwatamaniif haalawwan waliigaltee deggersa

faaayinaansii .

Waliindeemtu C). Hojicha raawwachuuf ibsa bajataa barbaachisu.


/Iyyata pirojeektii waliin qabatee kan dhihaate/

WaliindeemtuD). Qajeelfama raawwii hojii pirojektii Hawaasaa

Waliigalteen kun kooppii 2(lamaan) hojjetamee; kooppiin tokko “waashco”f

yammuu ta’u kan hafe kooppiin tokko immoo kan gahee garee Washii

aanichaa ta’a.
#

Waliigaltee kan kene/Garee Bishaan, Qulqullina Naannoo fi Dhuunfa Aana(AWT)


606579546.doc Page 10
Maqaa ----------------------------------------------

Gahee Hojii --------------------------------------

Mallattoo -----------------------------

Guyyaa -----------------------------

Waliigaltee kan fudhate Koree Bishaan, Qulqullina Naannoo fi

Dhuunfaa /Koree WaSHCO------------------------------------------/

Maqaa ----------------------------------------------

Gahee Hojii --------------------------------------

Mallattoo -----------------------------

Guyyaa -----------------------------

606579546.doc Page 11
Haala Waliigalaa Bulchiinsaa

Keewwata 1

1. Haalawwan waliigalaa

1.1 Hojii ijaarsa Bishaan keesatti koreen WaSHCO akkaataa iyyata

dhihaateen raawwachuu qaba. Itti fayyadamtootni hojicha

abbummaan kan raawwatu yammuu ta’u qaamolee mootummaa dhimmi

ilaalu irraa deggersa ogummaa fi loojestiksii argachuuf mirga ni

qabaatu.

1.2 koreen qulqullina Bishaanii hojii ijaarsicha fi bittaa murteeffame

raawwachuuf kan dandeessisu kontiraata ogeessotaaf kennuu kan

danda’an yoo ta’e iyyuu irra caalaa hojii ofii isaaniitiin gaggeessuu

qabu. Gareen “washco” aanaa haala kaminiyyuu “washco” bakka bu’ee

qaama biraa waliin waliigaltee kontiraataa rawwachuu hindanda’u

Hojii raawwatamaniif kamiyyuu /waliigalteewwan/ koree WaSHCO qofti

garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana tiif(AWT) itti

gaafatamummaa ni qabaata. Haalawwan sanada kana keessa taa’an

kanneen biroo qaamolee isa waliin waliigaltee raawwatan hundaan

hojii irra ooluu akka qabu mirkaneessuu qaba.

1.3 Hojiin pirojektii koree WaSHCO of-eeggannoo fi haala qusannootiin

akkaataa sanada waliigaltee kana keessa taa’ee raawwachuu qaba.

Koreen WaSHCO bu’uuruma waliigaltee galeen meeshaalee naannootti

argamuu fi human namaa barbaachisan dhiheessuu qaba.

606579546.doc Page 12
1.4 Koreen WASHCO ykn isa waliin kan waliigaltee kontiraataa kan

fudhatan kanneen biroo hojii barbaachisu raawwachuu keesatti

rakkoon kan muul’ate yoo ta’e kunis yoo mirkannaa’ee gareen Bishaah

Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT) hojicha dhorkuu ykn waliigaltee

kan haquuf mirga qaba

Keewwata 2

2. Dirqamoota ragaa kennuu fi gabaasota faayinaansii fi teekinikaa

dhiheessuu.

2.1 Koreen WaSHCO hojicha ilaalchisee garee Bishaan, Ququlina naannoo

fi Dhuunfaa Aana(AWT) ragaa guutuu kennuuf dirqama qaba;qarshiin

koree WaSHCO akka gadi lakkiffamuuf gaaffii yeroo dhiheessu

sadarkaa raawwii pirojektichaa kan agarsiisu gabaasa kan dhiheessuu

qabuu fi yeroo pirojektichi xumuuramus waliigalaa gabaasaa gochuun

irraa eegama qaba. Gareen Washii Aanaa yeroo kamiyyuu ragaa

dabalataa gaafachuuf mirga kan qabu yammuu ta’u; gaaffiin

dhihaatee guyyoota 15 keessatti deebii argachuu qaba.

2.2 Waliigaltee kana waliin unki gabaasa ittiin dhiheessan haaluma waliin

qabateen Koreen WaSHCO ragaa barbaachisan waliin garee Bishaan,

Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT) tiif gabaasu qaba. Yeroo

kanattis ragaalee dhiheessuu isaa kan ibsu bakka bu’aa garee

Bishaan, Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT) irraa ragaa ni

fudhata.

606579546.doc Page 13
2.3 “Koree WaSHCO” tiin qophaa’ee kan dhihaatu raawwiin gabaasa hojii

waliigalaa;itti fayyadama baasii fi galii herregaa ifatti kan agarsiisu

ta’uu qaba.

2.4 Gabaasni “Koree WaSHCO” gaaffii maallaqaa waliin qabatee

dhihaachuu qaba. To’ataan hojii pirojektii hawaasaa qarshiin akka

gadi lakkiffamu kan heyyamu, gabaasni raawwii hojii fi herregaa

fudhatama qabu dhihaachuu isaa mirkaneessuudhaan ta’a.

2.5 “Koree WaSHCO”n akkaataa gabatee yeroo waliigaltee irra taa’een

gabaasa dhiheessu fi kaffaltii gaafachuuf yoo rakkate, sababa hin

dandeenyeef ibsuudhaan to’ataa Pirojektii Hawaasan Hoogganamani

kan aanaa tiif beeksisuu qaba. Kana gochuu yoo dadhabe garuu gareen

WaSHii aanaa baasiin baase akka deebi’uuf gochuudhaan

waliigalticha haquun ni danda’ama.::

Keewwata 3

Itti gaafatamummaa

3.1 hojichi yeroo hojjetamu miseensota koree WaSHCO ykn qabeenya

isaanii irra miidhaa/balaa/gahuuf gareen Bishaan, Ququlina naannoo

fi Dhuunfaa Aana(AWT) aanaa itti gaafatamaa hin ta’u. Sababa

balaa qaqqabeen kaffaltiin dabalataa dhihaatu fi beenyaan

gaafatamu gama garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana tiin

(AWT) fudhatama hinqabu.

606579546.doc Page 14
3.2 hojichi yeroo hojjetamu qaama sadaffaa irra miidhaa fi balaa gahuuf

itti gaafatummaaan kan “Koree WaSHCO” ta’a

Itti dabalataanis seeraa fi heera Koree WaSHCO cabsuudhaan ykn

mirga qaama sadaffaa kan biroo sababa kabajuu dhiisuutiin gaaffii

ka’uuf kan itti gaafatamummaa isaa ofii isaa fudhata.

Keewwata 4

Waliigaltee dhabuu

4.1 Koreen WaSHCO dhimmootni fedhiin walitti bu’iinsa kaasan akka hin

uumamne ofeeggannoo cimaa barbaachisu gochuun kan irraa eegamu

yammuu ta’u, wantootni waldhabiinsa uumuu danda’an yoo muddatan

garee Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana (AWT) beeksisutu irraa

eegama.

Keewwata 5

Abbummaa fi mirga itti fayyadamuu

5.1 Bu’aan hojii fi gabaasni hojii kana waliin walqabatan fi abbummaan

sanadotaa kan Koree WaSHCO ni ta’a.

5.2 Armaan olitti lakk 5.1 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’e

gareen WaSHii aanaa kanneen ragaalee kana bilisaan argatee itti

fayyadamuuf mirga qaba.

5.3 Hojii pirojektii hawaasaan hoogganamani irraa ykn qabeenyi

gumaacha maallaqa hawaasaatiin hin bitamnee fi garuu, raawwii hojiif

606579546.doc Page 15
jecha, qaama biro irraa ergisaan kan argame abbummaan isaa kan

qaama ergisaan kenneeti dha.

Keewwata 6

Gamaagama ahojii

6.1 Raawwii hojii pirojektii hawaasaan Hoogganamanii ilaalchisee

gamaagama godhamuuf raga barbaachisaa ta’e kennuuf Koreen

WaSHCO dirqama qaba.

6.2 Koreen WaSHCO kooppii gabaasa gamaagamichaa gaafatee

argachuuf mirga qaba.

Keewwata 7

Waliigaltee Sirreessuu

7.1 waliigaltee kana irratti sirreeffamni godhamu kamiyyuu

barreeffamaan ta’uu kan qabu yammuu ta’u sirreeffamni kunis sanada

waliigaltee duraa waliin qaama ta’ee qabatama.

7.2 yaa ta’u garuu fooyya’insi waliigaltee gaafatame kaayyoo

sagantichaan ala kan hin taane fi dabalamni bajata isaa Koreen

WaSHCO sirreeffamicha hojii irra oollchuudhaan garee Bishaah

Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT) tiif beeksisutu irraa eegama.

7.3 Kontiraaktera dhuunfaatiin buufataalee bishaan ijaaraman hojiin

ijaarsaa isaanii seeraan akka raawwateen ji’oota 12 booda kan

606579546.doc Page 16
kaffalamu baayina qarhii wabii ijaarsaa kan ibsu sanadni waliigaltee

dabalataa qophaahuu qaba

Keewwata 8

Bakka bu’insa

Garee Bishaan, Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT) tiin beekamtiin

barreeffamaa hanga hin kennamnetti kaffaltiiwwan waliigaltee kanaan

walqabatan qaama biroo sadaffaaf dabarsuu ykn bakka bu’insa kennuun hin

danda’amu.

Keewwata 9

Waliigaltee Addaan kutuu

9.1 Koreen WaSHCO turban sadiif akeekachiisa duraa kennuudhaan

waliigalticha yeroo kamiyyuu addaan kutuu ni danda’a. Yeroo kanattis

Koreen WaSHCO hojii hojjetame qofaaf baayina maallaqaa baasii

ta’u qabu kaffaluu kan qaban yammuu ta’u gareen Bishaan, Ququlina

naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT) akka barbaachisummaa isaatti

baayina maallaqa baasii ta’e gutumaa guutuutti ykn wallakkaan isaa

akka deebi’u gochuuf mirgi isaa kan eegame dha.

9.2 Haalli addaa yammuu muddatu,(fakkeenyaaf yeroo sadii(3)ol yaaliin

godhamee dhabamni bishaanii yeroo muddatu) gareen Bishaan,

Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aanaa(AWT) kaffaltii beenyaa tokko


606579546.doc Page 17
malee waliigalticha haquu ni danda’a. Wayita kanas “Koree WaSHCO

hojii raawwatameef qofa kaffaltii baasii barbaachisu akka ni

taasifama.

9.3 Gareen Bishaan, Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT)

haalawwan armaan gaditti dhihaatan bu’uura gochuun kaffaltii

beenyaa fi akeekachiisa duraa tokko malee waliigaltee Koree

WaSHCO waliin qabu haquu ni danda’a.

Kunis Koree WaSHCO:-

 Sababa gahaa tokko malee dirqamoota waliigaltee irra taa’an

kabajuudhaa yoo hafe,

 Maallaqa waliigaltee taa’e argachuuf jecha, sanada dogoggoratiin

ykn sanada hin guutamne dhiheessuudhaan,

 Gabaasa dogoggoraa yeroo dhiheessu,

 Raawwii herregaa seeraan alaa raawwatee yoo argame.

Haalawwan armaan olitti ibsameen gareen Bishaan, Ququlina naannoo fi

Dhuunfaa Aana(AWT) maallaqa raawwii hojiitiif jecha baasii ta’ee ture

guutumaa guutuutti ykn walakkaan akka deebi’uuf gaaffachuu ni danda’a.

keewwata kana keessatti kan ibsame osoo waliigalteen addaan hincitiin

dura gareen Bishaan, Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT)

akeekachiisa duraa tokko malee kaffaltiiwwan akka hin dabarre

gochuudhaan tarkaanffii akeekachiisaa fudhachuu ni danda’a.

606579546.doc Page 18
Keewwata 10

Yeroo hojiin itti xumuuramu,yeroo waliigaltee dheeressuu fi Dhorkuu

10.1 Koreen WaSHCO raawwii hojichaa kan gufachiisuu fi kan tursiisu

haalli yeroo muddatu ariitiidhaan garee Bishaan, Ququlina naannoo fi

Dhuunfaa Aana(AWT) tiif beeksisuu qaba. Haaluma kanaan xumuura

yeroo hojiif qabame guyyoota 30(soddomaan) dura wantoota

uumaman kan agarsiisu,ragaan kan deggerame gaaffii dheerina yeroo

dhiheessuu qaba.

10.2 Koreen WaSHCO hojicha itti fufsiisuu kan hin dandeesifne fi

wantootni humnaan ol ta’an,haalli dirqisiisan yeroo sia muddatu

hojichi yeroof akka addaan citu gochuu fi haala dirqisiisaa isa

muddate ibsuudhaan garee Bishaan, Ququlina naannoo fi Dhuunfaa

Aana(AWT)tiif beeksisuu qaba. Haaluma kanaan gareen Bishaan,

Ququlina naannoo fi Dhuunfaa Aana(AWT) akkaataa keewwata 9.2

irratti ibsameen waliigalteen akka haqamu taasisa. Ykn rakkoo

muddate sirreessuudhaan hojichi akka itti fufu ni taasisa. Wayita

kanatti hojicha xumuuruuf yeroon qabamee ture sababa rakkootiin

addaan citee kan ture ta’us hojichi yeroon itti addaan cite ture

timama keessa galee waliigaltee dabalataa tokko malee guyyaan akka

dheeratu taasifama.

606579546.doc Page 19
10.3 Waliigalteen kun qaamni waliigalan dirqama isaani irraa eegamu haala

gaariin erga xumuuranii booda raawwatinsa hin qabaatu.

Keewwata 11

Seerotaa fi Murtiilee biroo raawwatiinsa qabaatan.

11.1 Waliigalteen kun akkaataa seera hariiroo Itophiyaatiin kan

raawwatamu ta’a.

11.2 Gareen Washii aanaa fi Koree WaSHCO raawwatiinsa waliigaltee

kana irratti waliigaltee waliin irra gahuu yoo dadhaban qaamni

gargaassa maallaqaa raawwatuuf yaada araaraa akka dhiheessuuf wal

ta’anii gaafachuu ni danda’u.

Yaa ta’u iyyuu garuu haalli isaa akka sirreeffamu gaaffiin erga

dhihaatee guyyoota 120 yoo darbe qaamni gama tokkoo mana murtii

beekametti himata banuu ni danda’a.


Haalawwan Faayinaansii
keewwata 12

Baasiwwan fudhatamummaa qaban

12.1 Akkaataa pirojeektichaatiin gosawwan baasii fudhatama argatan

 Ijaarsa buufata bishaanii barbaachisaa ta’an

 Mata durewwan baasii walii galtee irratti ibsaman

 Haala gatii gabaa irra jiruu fi bu’uura qusannootiin kan raawwatan

 Waliigalteen faafinaansii erga mallatteeffame irraa jalqabee yeroo

pirojektichi hojjetame keessatti kan raawwatan

606579546.doc Page 20
 Qabatamaan baasii kan ta’anii fi galmee baasii galii Koree

WaSHCO irratti kan galmeeffamee fi degertuun sanadaa kan

kooppii jalqabaa kan qabaatu ta’uun isaa mirkaneessuun yoo

danda’ame

12.2 Akkaataa armaan gadiitti kan dhihaatan kallattiiwwan baasii


fudhatama ni qabaatu.
Haala gatii gabaa fudhatama qabuun meeshaa fi tajaajiloota
bitaman
 Mi’oota tajaajila ijaarsaa dhihaatan
 Gatii human Ogeeyyii ijaarsaa fi bittaa gama isaaniitiin akka

raawwatu akkaataa bakka bu’iinsa baasii kaffalame.

 Baasii fudhatama qabu dabarsuuf kaffaltii tajaajiala baankii

 Koree WaSHCO ykn miseensotni hawaasaa dhimma pirojektichaa

raawwachiisuuf mana jireenyaa isaanii ala yeroo sosocho’an baasii

geejjibaaf qarshii 50 kan hin caalle kaffaltii durgoo. (akkaataa

Qajeelfama Durgoo Motummaan baaseetti)

12.3 Baasiiwwan fudhatama hinqabne

 Iyyata pirojektii qopheessuuf jecha, baasii raawwatame

 Waliigaltee irratti hawaasa itti fayyadamuun miini akaakuun akka

dhihaatu, bittaa kaffaltii mi’ota taa’aniif raawwatame koreen

WaSHCO hawaasaan akka uffifamu waliigatee irra haala

teesifameen guutuuf tattaaffii barbaachisu gochuu qaba.

keewwata 13

606579546.doc Page 21
Kaffaltiiwwan

13.1 Gareen Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aanichaa (AWT) akkaataa

keewwata 4 irratti kaa’amee fi seera kaffaltiin bajata koree

WaSHCO tiif ramadame kan gadi lakkifamu yoo ta’u kunis gabaasa

itti fufinsaan dhihaatee fudhatama argamu irratti murteefama

13.2 Jalqabsiisa hojiif kan ta’u kaffaltii maallaqa duraaf bakka bu’insa

maqaa Koree WaSHCO kennameen damee Inistitutii Liqii fi

qusannoo naannichaatti lakk herrega baankii banametti ni

dabarfama.

1.3.3 Miseensi Koree WaSHCO bakka bu’insa qabu baankii dhaa qarshii

baasuu kan danda’u Waajjira qabeenya bishaan Aanichaa irraa

xalayaan barreeffaan maallaqa baankiidhaa baasuu akka danda’u

mirkaneessu qabatee yoo dhihaate qofa dha.

13.4 kaffalttiwwan biroon itti fufinsaan gara herrega baankii Koree

WaSHCO tti darban kanneen degertuu dookimantii armaan gaditti

ibsaman waliin qabatee gaaffiin yeroo dhihaatu ta’a. Unkaa galmee

baasii fi galii Koree WaSHCO

 Asiin dura maallaqa darbe irraa baasii ta’ee kaffaltiin itti

raawwatamee nagahee orjinaalaa isaa.

13.5 Gareen WaSHii supervaayizarii irraa herrega Koree WaSHCO

ilaaluudhaan mallattoo isaa ni teessisa. Itti dabalataanis Baankii irraa

maallaqa baasuu kan dandeessisu mirkaneessa xalayaa ni kenna.

606579546.doc Page 22
Supervaayizariin gareen Washis sanada fudhatuuf fudhachuu isaa

kan mirkaneessu battalumatti qaama fideef ragaa ni kenna. Kunis:

A/ Herregicha ilaaluu isaa

B/ Ragaan baasii dhihaatee fi herregni isaa walfakkaataa

ta’uu isaanii

C/ Orjinaala nagahee baayina maallaqaa qabate

D/ Gatiin sanada bu’een dhihaate baayina maallaqaa duraan darbe

irraa dhibbeentaa 80(80%) ol ta’uu isaa.

E/ Kaffaltiin itti aanu yoom akka raawwatu

13.6 Gara koree WaSHCO itti maallaqni kan dhumaa kan lakkifamu hanga

ammaatti pirojektichaaf qabatamaan baasii kan ta’e raga agarsiisu

waliin qabsiisuun gaaffiin yeroo dhihaaatu dha.Hojichi erga

xumuurameebaasiin hundumtuu bu’ee irradarbaan herrega koree

WaSHCo keessatti yoo argame maallaqni hafe gara herrega garee

Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT) akka deebi’u taasifamee

herregni Koree WaSHCO cufamee akka turu taasifama;/maallaqni

qabiyyee wabii ijaarsaa hanga gadi lakkifamutti/hrregni koree

WaSHCo cufaa ta’ee akka turu yammuu taasifamu

kontiraakterichaaf kaffaluufii kandanda’amu baayina maallqaa fi

haalawwan biroo kan ibsu waliigaltee dabalataa garee Bishaah Qulqullina

Naanno fi Dhuunfaa Aanichaatin (AWT) qophahee qaama lachuun akka

mallatteeffamu taasifama.

606579546.doc Page 23
Keewwata 14

Qabiinsa herregaa fi to’annoo itti fayyadama maallaqaa

14.1 Ijaarsa buufata bishaan Koree WaSHCO herrega oole ifaa fi haala

itti fufinsa qabuun qofaatti galmeessee qabuudhaan kaa’uunirr

jiraata.

14.2 Galmee hrrega Koree WaSHCO Odiiterootaa fi miseensota garee

Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aanichaatin (AWT) qaamaan argamuun

qorannoo gaggeessun akka danda’amu hojichi erga xumuuramee

kaasee sanadoota hanga waggaa shaniitti ofeeggannoon qabuudhaan

dhihessutu irraa eegama. Herrega bu’ee to’ataa garee Bishaah

Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aanichaa (AWT) harkatti argaman orjinaalli

dokimantichaa Waajjira qabeenya Bishaan aanichaatti haala ooditiif

mijahutti ofeeggannoon taa’u qaba.

14.3 Dokimatotni atrmaan olitti lakk 14.2 irratti ibsaman akkaataa armaan

gaditti dhihaateera.

Waliigatee kontiraakteraa fi Ajaja hojii

 Hirmaannaa hawaasaatiin tarreessi meeshaa ijaarsaa fi hunaa

naannoo irraa dhihatan sanada isaa maallaqa calla fi

akaakuudhaan kan agarsiisu

 To’ataa garee Washii aanichaa yeroo yerootti waraabbii galmee

herregaa mirkaeeffaman.

606579546.doc Page 24
14.4 Qorannoon herregaa iddilee ta’e waggaatti yeroo tokko kan

adeemsifamu yoo ta’u gabaasni qorqnnoo isaas kanneen armaan

gaditti ibsaman kan of keessatti hammatu ta’a.

Akaakuun baasiwwanii seeraa heera hordofamee hojjetamuu isaa ibsa

agarsiisu

 Itti fayyadama kaffaltii duraa sakkata’uu

 Akkaataa baasiiwwan keewwata lakk. 14.1 irratti kaa’ameen

sanada koree WaSHCO akkaataa bajata mirkana’een madaaluu.

Keewwata 15

Baaxii Bajata Hojii Pirojektii Hawaasaa

15.1 Waliigalli baasii pirojektichaa bajata karooraan qabame haalli itti

caalmaa agarsiisu yeroo muddatu garee Bishaah Qulqullina Naanno fi

Dhuunfaa Aanichaa (AWT) gara koree WaSHCO tti baayina maallaqa

darbuu danda’u baaxii bajata kaawwame caaluu hin qabu

15.2 Waliigalli baasii baayina bajata karooraan qabameen haalli gadi

xiqqaatu yoo muddate akkaataa keewwata 3.1 irratti ibsameen

gaheen hojii pirojektii hawaasaa baasii isaa waliigalaa irra dhibeentaa

85(85%)ol ta’uu hin danda’u

15.3 Pirojektoota hawaasan hoogganamani irraa maallaqni deggersaan

argame hojicha raawwachuuf maallaqa barbaachisun ol koreen

WaSHCO caalman qabachuu hin danda’u.

606579546.doc Page 25
Keewwata 16

Akkaataa maallaqni itti deebi’u


16.1 keewwata 9.1, 9.2 fi 15 irratti kan taa’an wantootni yammuu uumaman garee
Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aana(AWT) irraa gaaffii dhihaatuun

maallaqni irra darbaan koree WaSHCO harkatti argamu deebii akka ta’u ni

taasifama.

16.2 keewwata 9.3 irratti akkaataa kaa’ameen koreen WaSHCO waliigalticha karaa

seeraan alaa yoo diige gareen Bishaah Qulqullina Naanno fi Dhuunfaa Aanichaa

(AWT) haalawwan deebii maallaqaa fi yeroo murtaa’ee kaa’uudhaan baay’ina

maallaqaa hojii pirojektii hawaasaa irraa darbe guutumaa guutuutti ykn

walakkaatti akka deebi’uuf ni taasisa.

16.3 Koreen WaSHCO akkaataa keewwata 16.2 armaan oli irratti ibsameen baay’ina

maallaqa ibsamee yeroo kaa’ameef keessatti deebisuu yoo dadhabe yeroo

dabarseef dhala baankii dabalatee akka kaffalu taasifama.

16.4 yeroo maallaqichi deebifamutti baasii tajaajila baankii guutumaa guutuutti kan

Koree WaSHCO tiin ni uuwwifama


Ibsa tilmaama gatii gabaasa gamaaggama pirojektii waliin kan qabatu

A/ Hojii Pirojektii Hawaasaan Hoogganamau Irraa Deggersa Bajataa Eegamu

A.1/ Baay’ina meeshaa ijaarsaa fi tilmaama gatii hanga danda’ametti tokkoo tokkoo mi’ootaa gatii
baaqqee isaa meeshicha hanga bakka ijaarsa buufata bishaanichaatti dhiheessuuf kan
barbaachisu tilmaama baasii yoo dabalate ni filatama.

606579546.doc Page 26
Lakk Wamama maqaa meeshaa Gatii Gatii

Qorannoo
Baay’ina
Safara tokkoo hundaa
/qarshii/ /qarshii/

1 Simintoo kuntala
2 Cirracha Biyyaajjoo
3 Korota lagaa Biyyaajjoo
4 Ferroo mili metira diyaametria 10 Lakk
5 Ferroo mili metira diyaametria 6 Kg
6 Shiboo mili metira diyaametria 1.5 Kg
7 Mismaara Kg
8 Qorqorroo qadaada manaa Lakk
9 Xaawulaa formi workii metira 4 dheerina, Saanti Lakk
metira 20 bal’ina fi Saanti metira 2.5 furdina kan
qabu.
10 Zayita gubate litira
11 Afiridevii pompii harkaa Lakk
12 Ujjummoo sibiilaa inchii 2 burqaaf Lakk
13 Foosetii abbaa inchii 3/4 burqaaf Lakk
14 Walqabsiiftuuwwan tajaajila burqaaf oolan
14.1 Valvii abbaa inchii 2 Lakk
14.2 Nipilsii abbaa inchii 2 Lakk
14.3 Yuniyenii abbaa inchii 2 Lakk
14.4 Tee abbaa inchii 2 Lakk
14.5 Ukkaamtuu abbaa inchii 2 Lakk
14.6 Kaaplingii abbaa inchii 2 Lakk
14.7 Elboo abbaa inchii 2 Lakk
14.8 Kaaplingii abbaa inchii ¾ Lakk
15 Qaacaa ujjummoo hiitu Kg
16 Qalama ujjummoo hiitu Kg
17 Gatii humnaa ogeessaaf kan oolu qofaaf yoo kennamee
fi meeshaan ijaarsaa koree bishaan qulqulluu fi
hayijiniitiin yoo bitame waliigala gatii meeshaa
18 Waldaan ogeessaa hojii ijaarsichaa fi irra caalaa meeshaa
akka dhiheessuuf waliigalteen akka kenname yoo
yaadame waliigala gatii meeshaa /waldaaf 10%/ baasii
bulchiinsaa akka uwwisuuf dabalanni ni taasifama.
19 Ijaarsichi gutumaa guutuutti kontiraaktera dhuunfaatiin
kan raawwatu yoo ta’e waliigala gatii
meeshaa/qar/kontiraakterichaaf yoo xiqqaate 20%/bu’aa
fi baasii kallattii hin taane akka uwwisuuf dabalatni
nitaasifamaaf)

606579546.doc Page 27
Hubachiisa
1. Cirracha biyaajoo tokko ykn korota lagaa yoo xiqqaate m3 7 qabiyyee kan qabu jechuu dha.
2. Gabatichi boolla harkaa fi burqaa ijaaruuf kan barbaachisan meeshaalee guutuuf akka
danda’amuuf jecha, kan qophaa’e waan ta’eef baay’inni meeshaa kan guutam akkuma
barbaachisumma isaatti dha.
Timaama gatii waliigalaa ykn gatiiwwan tokkoo ilaalchisee yaadni yoo jiraate.
_________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
____________________________________________________

A.2/ Hojii pirjektii Hawaasaa hooganamii irraa kan eegamu gatii humnaa kaffaltii ogeessaa
fi kannen biro kaffaltt humnaa eeagaman.
Lakk Wamama kaffaltii maallqa barbaachisu Safartuu Waliigala tilmaama

gatii humnaa/qar/

1 Ogeessichaaf gatiin humnaa qofti kontiraata akka dimshaasha

kennamu yoo yaadamee fi meeshaa ijaarsaa koree

qulqulluu bishaanii fi hayijinii tiin akka dhihaatu

yooyaadame waliigalli kaffaltii gatii humnaa

ogeesichaa kan barbaachisu fi hojii kontiraataaf

kan oolu gatii daaksisa dhakaa.


2 Ijaarsichi waldaa kontiraakterotaatiin kan rawwatu yoo dimshaasha
ta’ee fi waldichi meeshaa ijaarsaa dhiheessuus
walumaan akka rawwatu yoo yaadame waliigalli kaffaltii
gatii humnaa ogeessichaa fi hojii konkiritii kan oolu gatii
dhakaa daksisa dhakaa ni dabalta.
3 Ijaarsichi guutumaa guutuutti kontiraaktera dimshaasha

dhuunfaatiin raawwatama yoo ta’e dimshaasha

gatii humnaa.

A3/ Bulchiinsa Baasiiwwanii koree WaSHCO

606579546.doc Page 28
Lakk Wamama kaffaltii maallqa barbaachisu Safartuu Gatii
hundaa/qarshii/
1 Miseensonni Koreen Bishaan qulqulluu fi hayijinii dimshaasha

yeroo ijaarsa pirojektii ijaarsa pirojektii waliin

dhimmoota walqabateen qofa ganda isaanii irraa

fagaatanii yeroo deeman baasii tokko tokkoo

maaqa ufistuu ta’an

A.4/ sadarkaa buufata bishaanii tokkotti dhihaachuu kan danda’a baay’inni meeshaa
ijaarsaa fi tilmaamni gatii akkaataa gosa buufata bishaanii ijaaramuun burqaa ykn
boolla harkaa ilaalamee barbaachisaa yaa guutamu.

Lakk Wamama maqaa meeshaa Safartuu Baay’ina Gatii Gatii Qoratn


oo
tokkoo hundaa
/qar/ /qar/
1 Funyoo nayileenii milii meetira Meetira
18
2 Funyoo nayileenii abbaa milii Meetira
meetira 4
3 Akaafaa gabaabduu Lakk
4 Akaafaa sinmintoo Lakk
5 Baaldii bishaanii Lakk
6 Baaldii sinmintoo Lakk
7 Qofortuu Lakk
8 Shibiliqa Lakk
9 Gasso Lakk
10 Madooshaa guddaa dhakaa Lakk
cabsu ulfinni isaa KG 5 kan
madaalu
11 Madooshaa xiqqaa dhakaa Lakk
cabsu ulfinni isaa KG 2 kan
madaalu
12 Xiyyii/maroo/ Lakk
13 Baarnexaa ittisa Balaa Lakk
14
15 Waliigaltee gatii humnaa
ogeessichaaf kenname irraa

606579546.doc Page 29
qofaatti dimshaasha gatii
meeshaa /qarshiidhaan/
16 Meeshaaleen ijaarsaa waldaa
kontiraakterootaatiin kan
dhihaatan yoo ta’ee fi
ida’amni /qarhii/ dimshaasha
gatii meeshaa, guutuu hojii
konkiriitiif kenname irra
(waldichssf dhibbeentaa
10(1®)baasii bulchiinsaa akka
uwwisu dabalatni ni godhama )
17 Ijaarsichi guutumaa guutuutti
kontiraaktera dhuunfaatiin kan
raawwatu yoo ta’e gatiin
meeshaa hundaa
/qarshii/(kontiraakterichaaf
yoo xiqqaate dhibbeentaa
20(20%)bu’aa fi baasii kallattii
hin taane akka uwwisu
dabalatni ni yaadama.)

hubachiisa
1. gatii ol’aanaa tokko kan qabanii fi buufata bishaanii tokkoo ol ta’eef meeshaalee tajaajila
yeroo dheeraaf oolan/fknyf safatuu bishaanii,Meetira,Magaazii,konkiriit siliindarii
homisheesituu mooldii,ilkaan ujjumoo kan ittiin baasan,meeshaa ujummoo fi murtuu
ujummoo/kan kana fakkaatan gattiin isaanii iyyaticha keessatti hin hammatamne; kanneen
meeshaalee kanas ijaarsa buufata bishaaniitti dhihaachuu kan malan yammuu yeroon isaa
gahu koreen bishaanichaa kontiraaktericha waliin ta’uudhaan Deeskii bishaanii aanichaa
irraa ergifachuu ni danda’u.

Tilmaama gatii tokkoo ykn Dimshaasha gatii ilaalchisee yaadni yoo jiraate.
_________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
B/ Ibsa gatii hirmaannaa hawaasaatiin uffifaman
606579546.doc Page 30
B.1/ Hirmaanaa hawaasaatiin meeshaa ijaarsaa dhihaatanii fi tilmaama gatii
Safartuu Baay’ina Gatii tokkoo Gatii
Lakk Gosa meeshaa Naannoo meeshaa /qarshii/ hundaa/qars
hii/
1 Dhakaa Meetir
kubbii
2 Cirrachaa lagaa qulqulina Biyaajoo
isaa yoo eege qofaa dha
3 Cirrachaa lagaa / Biyaajoo
qulqulina isaa yoo eege
qofaa dha/
4 Muka Dallaa Buufata Lakk
Bishaannf
5 Siliindera galchuuf kan Lakk
ta’an gindillaa mukaa
6
Ida’ama waliigalaa

B.2/ humni hirmaannaa hawasaa gara qarshiitti yammuu jijjramu


Lakk Gosa humnaa hawaasni itti Safartuu Baay’ina Gatii Gatii
hirmaatu tokkoo hundaa/qarshi
/qarshii/ i/
1 Raawwii ijaarsichaa Nama
hirmaannaa taasifamu. Guyyaa
2 Meeshss ijaarsaa Nama
dhiheessuuf hirmaannaa Guyyaa
raawwatamu.
3 Meeshaalee ijaarsaa fi Ji’ota
mana kuusaa dhiheessuu
fi meeshaalee eeguuf
hirmaannaaa taasifamu.
4 Adeemsa Ijaarsa guyyaa Nama
guyyaatti hojjetaman Guyyaa
galmeessuuf ramaddii
hirmaannaa missensota
koree bishaan qulqulluu fi
hayijinii
Ida’ama waliigalaa

B.3/ Himaannaa Buusii maallaqaa Hawaasichaa

606579546.doc Page 31
B.3.1/ Baasii hojii Suphaa fi opireeshinii buufata bishaanii tiif akka ta’u dura

hawaasan kan waadaa galame qarshii__________________

Waadaa kan galame keessaa Inistitutii Liqii fi qusannoo kan taa’e qarsii____

B.3.2/ Baasii hojii Suphaa fi opireeshinii buufata bishaanii tiif akka ta’u

dura hawaasan kan waadaa galame qarshii__________________

Waadaa kan galame keessaa Inistitutii Liqii fi qusannoo kan taa’e

qarsii____

606579546.doc Page 32

You might also like