You are on page 1of 7

Fulbaana 12 bara 2016

Kallaattii Hojiiwwan Siyaasaa, Nageenyaa fi Misoomaa Kenname

1. Maaltu Qoratame?

Barri bajataa 2016 erga eegalee baatiin 2 fi walakkaa darbaa jirra. Karoorri bara 2016 MNO ''karoora
xiiqii' jedhamee moggaafamee jira. Raawwiin karoorichaas ''Raawwii xiiqii'' akka ta’u eegamaa ture.
Kana ilaaluuf, raawwiin hojiiwwan siyaasaa, nageenyaa fi misoomaa akka waliigalaatti bakka koreen
qindeessituu Godinaa fi miseensotni kaabinee sadarkaa Godinaa jiranitti qoratamee jira. Hojiiwwan
jalqabbii gaarii irra jiranii fi jabaatanii itti fufuu qaban akka jiran ilaalamee jira. Haa ta’uu malee,
raawwiin hojiiwwan siyaasaa, nageenyaa fi misoomaa akkaataa karoora taa’eenis, akkaataa karoora xiiqii
jennee moggaasneenis yoo ilaalamu raawwii gadi aanaa akka ta’eefi bakka tokko tokkotti immoo
sadarkaa yaaddessaa ta’een raawwiin isaa boodatti akka hafe qoratamee jira. Haaluma kanaan:

1.1. Hojiiwwan Siyaasaa fi Ijaarsaa sadarkaa barbaadamuun raawwatamaa akka hin jirre
ilaalamee jira.
 Marii baay’ina, qaqqabamummaa, bilchina qabuu fi bu’a qabeessa ta’e gaggeessuudhaan
hubannoo uumuun, dhimmoota murteessoo ta’an irratti walii galtee irra gahuu fi ummatni
yaada walfakkaataa akka qabaatu taasisuu irratti hanqina guddaatu jira. Keessattuu, mariin
haala kabaja ayyaana irreechaa fi masqalaa irratti gaggeeffamaa jiru qaqqabamummaan isaa,
ariitiin ittiin deemaa jiruufi qulqullinni isaa hanqina guddaa qaba.
 Mariiwwan gaggeeffamaa jiran karaa ilaalcha diinaa dadhabsiisuun ummataa fi diina addaan
kutuu danda’uun gaggeeffamaa hin jiran. Kanaaf, iddoo tokko tokkotti har’as diinni ummata
keessatti makamee jiraata, dargaggeessa filatee leenjisaa, loojistikii fi odeeffannoo ummata
keessaa argachaa, akka fedhetti ummata keessa deemee miidhaa geessisaa jira.
 Erga ummatni mari’atee irratti waliigalee booda ijaaranii, qindeessanii ergama kennanii
bobbaasuu irratti hanqinni jiru guddaadha. Qaamolee hawaasaa ayyaana irreechaa irratti
hirmaatan ijaarsa ollaatii kaasanii ijaaranii, qindeessanii ummatni karaa gurmaa’een bahee
Irreecha irratti akka hirmaatu taasisuu irratti hanqina guddaatu jira.
 Hojii hunda gurmaa’insaan hojjachuu irratti laafinsi jiru baay’ee guddaadha.
 Gandoota diina irraa bilisa ta’an dafanii ijaaranii, humna isaanii cimsanii hojiitti galchuun
waan hin jirreef, ammas deebi’ee diinni keessa sochoo'aa jira.
 Waliigala hojiin siyaasaa fi ijaarsaa karaa bilchina qabuu fi bu’aa qabatamaa buusuu
danda’uun hojjatamaa akka hin jirre qoratamee jira.

1
1.2. Hojii nageenyaa karaa bu’aa waaraa fiduu danda’uun hojjachuu irrattis hanqinni guddaan akka jirus
ilaalamee jira.
 Hoggansaa fi ummata biratti waa’ee diinaa irratti hubannoo fi kutannoo gahaa uumanii
xiiqiidhaan akka irratti qabsaa’ee of keessaa buqqisu taasisuu irratti hanqina guddaatu jira.
 Humna waloo kan akka milishaa, gaachana sirnaa fi dargaggoota leenjisanii, ijaaranii,
hidhachiisanii bobbaasanii itti fayyadamuurratti ammas hanqinni jiru hin fooyyofne. Waa
hundaaf RIB eeggachuun waan jiruuf diinni bittinnaa’ee deemu nama sadiis afuris ta’ee akka
salphaatti miidhaa geessisaa jira.
 Sa’aatii 24/7 yeroo hunda eegumsa, sakatta’iinsa fi iddoowwan cufamuu qaban cufanii
iddoowwan hidhamuu qaban hidhanii eeguun waan hin jirreef, dagannaan jiru hamaa waan
ta’eef diinni lakkoofsaan xiqqaa ta’e salphaatti seenee miidhaa geessisaa jira.
 Diina, seelii diinaa, madda loojistikii fi odeeffannoo diinaa bal’inaaf funaananii too’achuu
irratti ammas hanqinni jira. Diinni akka barbaadetti of jijjiiree hawaasa keessa jiraata,
meeshaaleen waraanaas bal’inaan daddarbaa jiru.
1.3. Hojiiwwan misoomaa akkaataa karoora taa’ee fi miira karoora xiiqii jedhame sanaan raawwatamaa
hin jiran. Inumaayyu, bakka baay’eetti karaa yaaddessaa ta’een raawwiin hojiiwwan misoomaa
boodatti deebi’aa jira.
Haluma kanaan;
 Karoora xiiqii bara 2016 hojjachuuf karoorfame sirriitti hubatanii kan ofii godhatanii
fudhatanii, hubannoo irratti uumanii caasaan sadarkaan jiru, hojjataan mootummaa fi
ummatni hanga nama dhuunfaatti xiiqii horatee karoora dhuunfaa akka qabaatu kallattiin
kaa'ame akkaataa barbaadameen hin raawwatamne. Karoorri xiiqii jedhamee qabame
waraqaa irraa gadi bu’ee akkaataa barbaadamuun caasaa, hojjataa fi ummata bira hin geenye.
 Hojiiiwwan idilee misooma magaalaa, misooma baadiyyaa, misooma hawaasummaa fi
horataalee mootummaa akkaataa karoora taa’een baay’inaan, qulqullinaa fi ariitiidhaan
raawwatamaa hin jiran. Baatiin lama darbee hojiin ammas raawwiin isaa hin eegalle
baay’eedha.
 Hojiin eegalames ariitii hin qabu, karaa hiikkoo qabuun lafarratti bu’aa karaa agarsiisuun
hojjatamaa hin jiru.
 Godina irraa kaasee hoggansi sadarkaan jiru raawwii karoora xiiqii keessattuu, karoora
inisheetiivii itti dhiyeenyaan hordofee, deeggaree, guyyaa guyyaadhaan qoratee, tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachaa akkaataa karooraatiin akka raawwataman taasisaa hin jiru.
 Kanaafuu, baatiiwwan lamaan darban hojiiwwan tokko tokko irratti tattaaffiin jiru gaarii
ta’us, raawwiin jiru sadarkaa yaaddessaa ta’een boodatti hafeera. Kufaatii baatiiwwan lamaan

2
darbaniitiif sababni inni ijoon kufaatii hoggansaati. Hoggansi sadarkaa barbaadamuun
xiyyeeffannoo ol’aanaa kennee hogganaa waan hin jirreef karoorri xiiqii qabamee ture
raawwii gadi aanaa akka agarsiisaa jiru fudhachuu barbaachisa.
2. Kallattiin Kenname Maali?

Hoggansi sadarkaan jiru hundi xiyyeeffannoo ol'aanaadhaan hojjachuudhaan raawwii amma jiru kana
dafee jijjiiruu qaba. Kanaaf, dhimmoota armaan gadii irratti haala addaatiin xiyyeeffatamee akka
hojjatamuu fi bu’aan qabatamaan akka dhufu kallattiin kaa'amee jira.

2.1. Hojiiwwan Siyaasaa


 Ayyaanni Irreechaa fi masqala fuuldura keenya jiru karaa nagaa ta’een aadaa fi duudhaa
ummata keenyaa karaa eegeen akka kabajamu hojiin siyaasaa bal’inaan sadarkaa ummataatti
hojjatamuu qaba. Mariin sadarkaa ummataatti bal’inaan karaa bilchina qabuu fi qaqqabamaa
ta’een raawwatamuu qaba. Namni marii keessa hin darbine jiraachuu hin qabu. Keessattuu,
dargaggoota, abbootii gadaa fi abbootii amantaa irratti xiyyeeffatanii hojjachuun
barbaachisaadha. Diinotni gosti hundaa ayyaanota irreechaa fi masqalaa irratti balaa
qaqqabsiisuu fi jeequmsa kaasisuun Oromiyaa dirree waraanaa taasisuuf hojjachaa akka jiran
hubatamee halkanii fi guyyaa xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjatamuu qaba.
 Ummatni ayyaana irreechaa kabajuuf deemu hundi karaa gurmaa’een sadarkaa maatii irraa
kaasee ijaaramee, hoggansa qabaatee, hordofamaa, deeggaramaa bifa gurmaa’een bahee
kabajuu qaba. Keesattuu, ummatni ayyaana irreechaa hora Finfinnee fi Horsadee kabajuuf
Aanaalee fi magaalotaa fi aanaalee adda addaa irraa hirmaatu karaa ijaarameen akka deemee
kabaju hoggansi xiyyeffannoodhaan hojjachuu qaba. Hoggansi sadarkaan jiru dhimma kana
ofii isaatiif qabatee akka hogganu, ayyaanni irreechaa karaa ijaarameen qofa akka kabajamu
kallattiin taa’ee jira.
 Ayyaanni irreechaa ayyaana aadaa fi duudhaan Oromoo itti calaqqisu waan ta’eef ummanni
ayyaanicha kabajuuf bahu uffata aadaatiin cululuqee, faaya oromoo karaa agarsiisuun,
duudhaa, safuu fi kabaja Oromoon qabu karaa agarsiisuun kabajamee eenyummaa Oromoo fi
sabboonummaa isaa addunyaatti karaa agarsiisuun akka kabajamu hogganisi
xiyyeeffannoodhaan hojjachuu qaba.
 Caasaa Aanaa, gandaa fi gandaa gadii cimsuu irratti xiyyeeffatamee hojjatamuu qaba.
Gandoota sochiin diinaa keessa ture, qulqulleessuun caasaa keenya ijaaruun hojiitti galchuu,
guyyaa guyyaadhaan hordofuu fi akka diinni itti hin deebine taasisuun barbaachisaadha.

3
 Gurmaa’insa paartii fi mootummaa sadarkaa hundatti cimsuu, bu’a qabeessa akka ta’an
taasisuu, hojii siyaasaa, nageenyaa fi misoomaa gurmaa’insaan hojjachuun dirqama akka ta’e
kallattiin kaa'amee jira.
 Mariin yeroo kamiyyuu akka addaan hin cinne, haala nageenyaa, misoomaa fi haala yeroo
irratti sadarkaa hundatti mariin akka itti fufuu fi dhimmoota murteessoo ta’an irratti ummatni
mari’achaa, waliigaltee uumaa, hubannoo argachaa akka deemu kallattiin kaahamee jira.
2.2. Hojiiwwan Nageenyaa
 Hojii nageenyaa hojii ummataa taasisuun murteessaadha. Humna waloo (milishaa, gaachana
sirnaa, dargaggoota) bal’inaan leenjisuun, ijaaruun, hidhachiisuun, bobbasuufi hordofuun
hedduu murteessaa dha.
 Humna waloo leenjii fudhatu hunda akka mootummaatti karaa guutuu ta’een leenjisuun waan
hin danda’amneef meeshaa waraanaa diina irraa hiikamu, kan sakatta’insaan argamuu fi
meeshaa caasaa mootummaa fi uummata keessa jiru karaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa
qabuun humna waloo hidhachiisaa akka deemamu kallattiin taa’ee jira.
 Bakka hundatti sa’aatii 24 karaa qulqullina qabuun eegumsi, sakatta’insi fi bakkeewwan
xiyyeeffannnoo diinaa ta’an cufanii, dafataa qabatanii eeguun dirqama. Keessattuu,
magaalota, aanaalee fi iddoowwan diinni dagachiisee seenuu danda’u adda baasanii
humnoota nageenyaa qindeessanii yeroo hunda eeguun murteessaadha. Sakatta’insi yeroo
hunda gaggeeffamuu qaba. Diina, seelii diinaa, maddoota loojistikii fi odeeffannoo isaanii
yeroo hunda funaanuun too’achuun cimee itti fufuu qaba. Dagannaan gama hoggansaatiin jiru
dafee sirraahuu qaba.
 Hoggansi hojii nageenyaa hojii ijoo godhatee hogganuu qaba. Aanaa fi gandi iddoo hogganu
diinaaf saaxilee miidhaan akka gahu taasise kan itti gaafatamu ta’a. kanaaf hoggansi rakkoon
nageenya qaqqabu rakkoo hoggansa isaarra kan maddu akka ta’eefi kanaafis dhuunfaadhaanis
gareedhaanis akka itti gaafatamu hubatee hojjachuu qaba.
2.3. Hojiiwwan Misooma Baadiyyaa
 Kunuunsa midhaanii irratti xiyyeeffannoo addaattiin akka hojjatamu kallatiin kaahamee jira.
 Hojii kompoostii akkaataa karoora taa’een raawwatanii milkeessuun xiyyeeffannoo addaatiin
hojjatamuu qaba. Keessattuu verm kompoostii ganda gandaan yoo xiqqaate tokko tokko
ijaaruun karoorfame xiyyeeffannoodhaan hogganamee raawwatamuu qaba.
 Kunuunsi biqiltuu bal’inaan hojjatamuu qaba. Biqiltuuwwan baroota darban dhaabbatanis
ta’e kan bara kanaa xiyyeeffanoodhaan hogganamee kunuunfamuu qaba.
 Artificial Insemination akkaataa karoora taa’een raawwatamuu qaba, kanaafis hoggansi
deeggarsaa fi hordoffii guyyaa guyyaa taasisuu qaba.

4
 Gaagura ammayyaa akkaata karoora bara kanaaf qabameen hordofanii, hoggansa
barbaachisu kennanii milkeessuun dirqama akka ta’e hubatamuu qaba.
 Hojiiwwan inisheetivota misooma badiyyaa hunda harcaatii tokko malee raawwatanii
milkeessuun dirqama akka ta’u hubatamee hojjatamuu qaba.
2.4. Hojiiwwan Misooma Magaalaa
 Inisheetivota magaalaa karooraan qabaman bakka hundatti harcaatii tokko malee
xiyyeeffannoo addaa kennanii raawwachiisuun barbaachisaa akka ta’e kallattiin kaahamee
jira.
 Industrii Godoo bara bakaaf karooraan qabameef xiyyeeffannoon keennamaa waan jirreef
dhimma kana hoggansi ofitti fudhatee hogganee milkeessuu akka qabu hubatamuu qaba.
 Hojiiwwan ogummaa fi interpernershiippii irratti xiyyeeffatamee akka hojjatamu, kanaaf
immoo kolleejjotni ogummaa fi teeknikaa dafanii hojii kanatti galanii akka jijjiirama
qabatamaa fidan hoggansi itti dhiyyeenyaan hogganuu qaba.
 Investmantiin bara kanaaf qabame, karoora qabameen dafee raawwatamuu qaba. Keessattuu
karoora investimentii bara kana calalanii adda baasanii hojiitti galchuu sadarkaa hundatti
xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamee milkaa’uu qaba.
 Investimantiin kanaan dura kennamee hojiitti hin galle dafee akka hojiitti galu hordoffii fi
deeggarsi barbaachisaan taasifamuu qaba. Akkaataa seera jiruun investimantiin hojiitti hin
seenne qulqullaahee tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Kanaaf, investimantiin kanaan dura
kenname odiitii godhamee adda bahee akkaataa barbaachisummaa isaatti tarkaanfiin
sirreeffamaa akka fudhatamu kallattiin kennamee jira.
 Lafa investimantii ilaalchisee karaa hin malleen mana murtiitti dhiyeessanii hojii qaama
raawwachiisaa karaa hin malleen danquun waan mul’atuuf hojii investimentii keessa qaamni
seera hiikaa akka harka keessa hin galfanne hubatanii hogganuun barbaachisaadha. Dhimmi
investimentii gahee hojii qaama raawwachiisaa malee dhimma mana murtii akka hin taane
hubatamuu qaba.
2.5. Hojiiwwan Hawaasummaa
 Manneen barnootaa bu’uura boruu karoorfaman hanga Onkoloolessa 30, 2016 guutummaan
guutuutti xumuramanii hojiitti galuu qabu.
 Galmeen barattootaa %100 fi isaa ol akka raawwatamu xiyyeeffannoodhaan hordofamee
raawwatamuu qaba.
 “Early childhood development” irratti akkaataa karoora taa’een haala addaatiin ajandaa
hoggansaa ta’ee hogganamuu fi raawwatamuu qaba.

5
 Nyaata barattootaa karoora taa’een raawwachuudhaan qabatamaadhaan bu’aa fiduun
murteessa akka ta’e hoggansi hubatee, xiyyeeffannoo kennee milkeessuu qaba.
 Manneen jireenyaa Bsrsiisotaa fi harka qalleeyyii ijaaruuf karoorfame akkaataa karooraatiin
dafanii hojjachuudhaan guutummaan guutuutti milkeessuu irratti xiyyeeffatamee hojjatamuu
qaba.
2.6. Hojiiwwan Horataalee fi Faayinaansii
 Akkaataa karoora qabameen hawaasni galii isaa irraa %35 akka qusatu kallattiin kaahame
qulqullinaan raawwatamuu qaba. Qusannaan taasifamus baankii Siinqeetti akka ta’u
hoggansi hordofee raawwachiisuu qaba.
 Galiin mootummaa akkaataa karoora taa’een arriitii olaanaadhaan %100 fi isaa oli akka
raawwatamu hoggansi ajandaa dursaa taasisee hogganuu qaba.
 Liqii kanaan dura fudhatamee hin deebine dafanii daguuganii deebisiisuu irratti hoggansi
xiyyeeffannoo kennee hordofuu fi deebisiisuu qaba.
 Pirojektoota kanaan dura jalqabamanii adeemsa irra jiran hordoffii guyyaa guyyaa taasisuun
akka dafanii karoora taa’een xummuraman taasisuun barbaachisaadha. Pirojektoota haaraa
bara kanaaf qabamanis dafanii haal duree xummuranii jalqabsiisuu irratti laafinsi jiru dafee
sirraahuu qaba. Pirojektootni haaraan dafanii hojiitti akka seenan hoggansi itti dhiyeenyaan
hogganuu qaba.
2.7. Dhimma Lafaa
 Ijaarsa seeraan alaa bakka hundatti taraanfii fudhachuun olaantummaa seeraa kabachiisuun
murteessaadha. Kana hoggansi sadarkaan jiru aandaa godhatee yeroon yeroon qorachaa
raawwachiisuu qaba.
 Karoora itti fayyadama lafaa akkaataa kallattii taa’een dafanii xumuruun hojiitti galchuu
irratti xiyyeeffatamee hojjatamuu qaba.
 Qophiin lafa investmentii akkaataa karoora qabameen dafee xumuramee murteen barbaachisu
kennamee hojiitti akka galu hoggansi ofitti fudhatee hogganuu qaba.
2.8. Kenna Tajaajilaa
 Hoggansi sadarkaan iru akkaataa kallattii taa’een waajjiratti argamee abbaa dhimmaa
keessummeessuu, tajiijilli akka fooyya’u hordofuu, komii ummataa hiikuu irratti xiyyeeffatee
hojjachuu qaba.
 Rifoormiin kenna tajaajilaa dafee xumuramee akka kenni tajaajilaa fooyya’u hoggansi
manneen hojii dhimmi kun ilaallatu xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachuu qaba.
 Hannaa fi rakkoo naamusaa kenna tajaajilaa keessatti mul’atu irratti hoggansi sadarkaan
jiru tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa, sirreessaa akka deemu kallattiin kaahamee jira.

6
2.9. Dhimma Gabaa
 Iddoo hundatti daldaaltota qaala’insa gabaatiif sababa ta’an too’achuudhaan seeratti
dhiyyeessuu irratti hoggansi itti dhiyeenyaan hogganuu qaba.
 Gabaa sanbataa bakka hundatti babal’isuudhaan ummatni meeshaalee murteessoo gatii
madaalawaadhaan akka argatu taasisuu irratti hoggansi xiyyeeffatee akka hojjatu.
 Waldaaleen hojii gamtaa bu’a qabeessa ta’anii rakkoo gabaa hiikuu keessatti gahee isaanii
akka bahatan itti dhiyeenyaan hogganuu fi deeggaruun barbaachisaadha.
2.10.Dhimma Albuudaa
 Rakkoo seektara albuudaa keessatti mul’atu dafanii hiikuudhaan seera qabeessummaa
mirkaneessuun dirqama. Kana keessatti hoggansi sektara albuudaas ta’e hoggansi sadarkaan
jiru qaamolee dhimmi ilallatu waliin ta’uun itti dhiyeenyaan hojjachuu qaba.
 Gahee hojii Federaalaa fi naannoo keenya waliin jiru adda baasuudhaan Federaalli karaa
gahee isaa hin taaneen dhimma albuudaa keessa akka harka hin galfanne taasisuun
murteessaadha.
 Aanaaleen qabeenya albuudaa qaban xiyyeeffannoo addaatiin qindoominaan hojjachuudhaan
seera qabeessummaa fi bu’a qabeessummaa qabeenyaa fi gabaa albuudaa mirkaneessuu irratti
xiyyeeffannoodhaan hojjachuu qabu.
2.11.Hojiin Miidiyaa ilaalchisee
 Hojii miidiyaa hojii qaama hundaa gochuu fi akka adda waraanaa tokkotti ilaaluun itti
fayyadamuu.
 Raayyaa miidiyaa ijaaruu fi cimsuu
3. Hordoffii fi Deeggarsaa
 Hojii deeggarsaa fi hordoffii karooraan hogganuu
 Hojii hunda qindeessanii deeggaruu: siyaasa, nageenya, misooma, kkf
 Cimina jiruu fi hanqina jiru adda baasnee deeggaruun barbaachisaa dha.
 Hojii hojjetamu irratti Ummata hirmaachisuu qabna.
 Sadarkaa hundatti, Sirna itti gaafatamuummaa diriirsuu

You might also like