You are on page 1of 1

Aadaafi duudhaa gabbataan hawaasa tokkoo osoo irraanfatamanii hinbadiin tooftaalee adda addaatiin dhalootaa dhalootatti

akka darbu gochuun barbaachisaadha. Tooftaalee kanneen keessaa tokko duudhicha ijoollee ofii barsiisuudha. Duudhaaleen
kunniinis kanneen akka durdurii ykn oduu durii, hiibboo, mammaaksaafi kkf dha.

Duudhaa gabbataa ummanni Oromoo qabu keessaa tokko afoola. Afoola keessaa ammoo durduriin adda durummaan kan
eeramuudha. Durduriin ykn oduun durii Oromoo biratti bal’inaan beekama. Durduriin yaroo baay’ee kan himamu
ijoolleedhaafi. Ijoolleen jiruufi jireenya keessatti wantoota isaan mudachuu malan ilaalchisee hubannaa akka argataniifi akka
qarooman gochuu keessatti dur druriin shoora guddaa taphata.

Kana malees ijoolleen waa’ee aadaa, amantiifi seenaa hawaasasaanii, akkasumas waa’ee bineensotaa, mukeeniifi
dimshaashumatti uumamaafi qunnamtii uumama waliin qabaachiun isaanirraa eegamu dur durii keessatti akka ilaalaniifi
akka baratan ni taasifamu.

Walumaagalatti durduriin sirna ijoolleen bashannanaa duudhaaleesaanii ittiin baratan akka ta’e hunduu kan irratti
waliigaluudha. Oromoonis haala kanaan fayyadamaa aadaafi duudhaasaa dhalootaa dhalootatti dabarsaa akka dhufe kan
seenaafi duudhaa Oromoo beeku hundi ni hubata.

You might also like