You are on page 1of 1

Aadaafi duudhaa gabbataan hawaasa tokkoo osoo irraanfatamanii hinbadiin tooftaalee adda addaatiin

dhalootaa dhalootattiakka darbu gochuun barbaachisaadha. Tooftaalee kanneen keessaa tokko


duudhicha ijoollee ofii barsiisuudha. Duudhaaleenkunniinis kanneen akka durdurii ykn oduu durii,
hiibboo, mammaaksaafi kkf dha.Duudhaa gabbataa ummanni Oromoo qabu keessaa tokko afoola.
Afoola keessaa ammoo durduriin adda durummaan kaneeramuudha. Durduriin ykn oduun durii Oromoo
biratti bal’inaan beekama. Durduriin yaroo baay’ee kan himamuijoolleedhaafi. Ijoolleen jiruufi jireenya
keessatti wantoota isaan mudachuu malan ilaalchisee hubannaa akka argataniifi akkaqarooman gochuu
keessatti dur druriin shoora guddaa taphata.Kana malees ijoolleen waa’ee aadaa, amantiifi seenaa
hawaasasaanii, akkasumas waa’ee bineensotaa, mukeeniifidimshaashumatti uumamaafi qunnamtii
uumama waliin qabaachiun isaanirraa eegamu dur durii keessatti akka ilaalaniifiakka baratan ni
taasifamu.Walumaagalatti durduriin sirna ijoolleen bashannanaa duudhaaleesaanii ittiin baratan akka
ta’e hunduu kan irrattiwaliigaluudha. Oromoonis haala kanaan fayyadamaa aadaafi duudhaasaa
dhalootaa dhalootatti dabarsaa akka dhufe kanseenaafi duudhaa Oromoo beeku hundi ni hubata.

You might also like