You are on page 1of 105

OF OF-ILAALLEE OF

Barreessaan: Amaanu’eel Oljirraa


i
Sadaasa, 2021
GALATA
Galata naman galchuufii qabu keessaa inni jalqabaa
si’idha. Kaayyoon kitaaba kana akkan barreessuuf
nakakaase inni jalqabaa namoota kitaabilee Afaan
Oromoo dubbisuuf dheebuu qaban dheebuu
baasuuf ture. Isaan kana keessaa tokkommoo sidha.
Ati kitaaba barreessitootni Oromoo itti dadhabanii
barreessan harkatti hin busheessine. Ni dubbifta.
Yoo qeeqxus yoo jejjus sababa malee miti. Kanaaf
ammoo ragaan isuma ati kitaaba kana dubbisuu
eegalteedha. Qeequunis jejuunis nama kitaaba
dubbisuu amaleeffaterraa tola. Ati naaf jiraadhu.
Galatnikoo siif onneerraati. Ulfaadhu!
Galatni lammataa haadha warraakoo Meetii
Kifiluuf haa ta’u! Yeroo ani kitaaba kana katabu
isheetu najajjabeessaa ture. Haalan keessa taa’ee
ittiin jalqabaa hanga xumuraatti kitaabicha katabaa
tures ishee qofatu beeka. Kitaabichas anumaa fi
isheetu gulaale. Galanni koo Meetii koof haa ta’u!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula ii


YAADANNOO
Yeroo ani kitaaaba kanaaf yaadannoo katabuuf ka’e
namoota Oromoof aarsaa qaalii kaffalaa turantu
sammuu koo keessa dhufe. Isaan keessaa naman
yeroo hunda hin daganne tokkon qaba. Namni kun
anaaf nama qofa miti, ergamaa waaqaa kan waaqni
Oromoof gumaache natti fakkaata ture.
Yeroon isaa yeroo Oromoon sirna woyyaanee
hundeedhaan buqqisuuf qabsa’aa tureedha.
Woyyaneenis qabsoo Oromoo kana laaffisuuf
namoota kaayyoo koo galmaan naaf ga’u jettu
hunda muudaa turte. Namootni kunniin muraasni
quuqama qabaatanis, sodaa taayitaa dhabuu fi
lubbuu dhabuu waan qabaniif usaa turan. Gootni
kufaatii wayyaanee saffisiise tokko garuu “Ani
gooftaa biraa hin qabu, gooftaan kiyya uummata
Oromooti “jechuun sabasaa aanfate. Garee diinaa
ta’ee uummatasaa dararuurra garee sabasaa ta’ee
sabasaaf aarsaa barbaachisu hunda kaffalee falmuu

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula iii


filate. Malaafi fala inni dha’enis kunoo woyyaaneen
kuftee jirti. Amma haala inni keessa jiru garuu
mooji. Isatu beeka. Kan hafe warra inni imaanaa itti
kennateefan dhiisa. Ta’us garuu qabsoo inni yeroo
sana taasise dagachuu tasumaa hin danda’u.
Gochiifi jechisaa yeroo sanaa kunoo fuula koo dura
dhufee Lammaa nayaachiisa. Yaadannoon Kitaaba
kanaa Dr. Lammaa Magarsaa Waaqoof haa ta’u!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula iv


DHAAMSA
Ani kana dura kitaabbilee afuran katabe. Kanaan
5ffaadha. Hunduu bifa PDFn hiramanii jiru. Namni
fedhe kitaabota kiyya kana ‘Google fi telegram’ irra
salphatti argachuu danda’a. Maqaan kitaabbilee
kiyyaa kunniin akkaataa duraa duuba katabbiin:
1)Mucuca Kufaatii; 2)Qaroomina Qaruu; 3) Ilaalcha
Misoomaa; 4) Falmii Dhugaa fi 5)Of-Ilaallee jedhamu.
Hundi isaanii hidha(link) itti aanu kana keessa jiru.
https://t.me/kitaabbileeAfaanOromoo. Namni
kamuu kitaabota kana osoo hin jijjiirin bifa
danda’ameen dubbisaa biraan ga’uuf mirga qaba.
Garuu barreeffama keessatti katabame kamuu irraa
hir’isuufi ittidabaluun aad-male. Safuun dhorkame.
Odeeffannoo dabalataaf:-
Lakk.Bilbilaa:+251917676673
https://t.me/IlmaOljirraa
Facebook: Amanuel Oljira Dulo
Email: amanueloljira790079@gmail.com

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula v


BAAFATA
GALATA................................................................................ ii

YAADANNOO.................................................................... iii

DHAAMSA........................................................................... v

BAAFATA.............................................................................vi

SEENSA.................................................................................ix

BOQONNAA TOKKO....................................................... 1

Waaqeffannaa................................................................... 1

BOQONNAA LAMA.......................................................... 6

Yayyaba Waaqeffannaa Oromoo.................................. 6

Waaqa............................................................................. 7

Uumama.........................................................................8

Daaniyaa........................................................................ 9

Laduu............................................................................11

Qaalluu.........................................................................12

Ayyaana....................................................................... 15

Ateetee..........................................................................19

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula vi


Siiqqee......................................................................... 20

Gadaa............................................................................22

Galma........................................................................... 25

Safuu.............................................................................28

Laguu............................................................................31

BOQONNAA SADII......................................................... 33

Kaawoo Waaqeffannaa................................................. 33

BOQONNAA AFUR..........................................................35

Irreecha.............................................................................35

Irreecha Tulluu........................................................... 38

Irreecha Malkaa..........................................................39

Naamusa Irreeffannaa...............................................41

Irreechi Aadaa Amantaa Waaqeffannaa Oromooti


....................................................................................... 44

BOQONNAA SHAN.........................................................46

Damaraa........................................................................... 46

BOQONNAA JA’A............................................................ 56

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula vii


Moggaasa......................................................................... 56

BOQONNAA TORBA...................................................... 68

Maqa Balleessii.............................................................. 68

BOQONNAA SADDEET................................................. 76

Gaaffii.............................................................................. 77

BOQONNAA SAGAL...................................................... 86

Of Ijaaruu........................................................................ 86

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula viii


SEENSA
Kitaabni harka kee jiru kun kitaaba taphaa sitti hin
fakkaatin! Eeyyen kitaabni kun akkuma maqaa
isaatii Of -Ilaallee keeti. Amma osoon ka’ee seenaa
baar gamaa sigaafadhee silaa akkati waa’ee achii
waan hedduu beektu nan hubadha. Fknf seenaa,
amantaa fi siyaasa baar-gamaa fa’a sirritti beekta.
Waa’ee isaanii kana ilaalchisee seenaa hedduutu
bareechamee katabamee jira. Kan baratamee
barsiifamus isuma. Kanaaf namuu seenaa isa achii
kana waan hedduu beeka. Beekumsi nuti hin qabne
yoo jiraate isa asiiti. Waa’ee ofii keenyaa; waa’ee
aadaa keenyaa fi seenaa keenyaa fa’a wallaaluudha.
Nuti sirriitti of hin beeknu. Of hin argine. Rakkoo
cimaa qabna! Yeroo ammaa kana hanga tokko
kitaabbilee katabuu eegallee jirra. Ta’us seenaan
nuti katabnu, kan barannee barsiisnus isuma
namootni siyaasaaf seenaa jal'isanii nuuf
katabanidha. Isuma isaan kan kee xuraawaadha,

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula ix


keenyatu qullaa’aadha fa’a jedhanii nuuf himan
fa’a dhugaa seeneetu amanna. Dhugaa arginee
hubachuuf Of-Ilaallee dhabne ta’innaa laata
dhalootni of arguu dhabne kun? Walumaa gala
hormi waa’ee keenya waan baayyee jedhe. Nutis
isuma barree barsiifna. Eyyen, dogoggorris
gaaffiinis asii eegala.
 Hormi waa’ee keenya nucaalaa akkamitti beeke?
 Waa’ee keenya isa hormi nuu katabee,nubarsiisu
nutis gulaallii malee akkamitti amanneefii?
 Nuti amma dhuguma isa hormi nuun jedhu san
fakkaannaa?
Egaa kunooti! Maal akka fakkaannu hubachuuf Of-
Ilaalleen harkakee jira! Keessatti of ilaali!
Of-ilaallee milkii siif haa ta’u!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula x


BOQONNAA TOKKO
Waaqeffannaa
Jechi Waaqeffannaa jedhu jechoota Afaan Oromoo
lama irraa uumame. Isaanis: Waaqa fi Aanfannaa.
Waaqeffannaan haala namootni ittiin waaqa isaanii
ofitti aanfatan ibsa. Waaqeffannaan kun hariiroo
waaqaa fi namootni waliin qaban agarsiisa. Sirna
ittiin namootni waaqa isaaniif bitaman, akkasumas
galateeffataniidha. Waaqeffattootni ammoo
namoota amantaa waaqeffannaa amananii,
akkaataa sirna waaqeffannaatti haala jiruu fi
jireenya isaanii hoggananiidha. Namni Waaqeffatu
yoo dhiira ta’e waaqeffataa, yoo dhalaa taatemmoo
waaqeffattuu jedhamanii waamamu. Eeyyen
waaqeffattootni namoota waaqaa fi Seera Waaqaa
amananii fudhachuun jiruufi jireenya isaanii ittiin
qajeelfataniidha. Waaqatti amananii, hariiroo
gaarii waaqa waliin qabaachuun, waan waaqni

1
ajaje hunda dalaganii, waan inni dhorke hundas
dhiisanii kanneen jiraataniidha.
Egaa sirni namootni ittiin waaqa isaanii waliin
hariiroo uuman waaqeffannaa jedhamus, sirni
waaqeffannaa kun amantaa garaa garaa kessatti
sirna garaa garaan adeemsifama. Fknf sirni
waaqeffannaa Kiristaanummaa, fi Islaamummaa sirna
waaqeffannaa Oromoo irraa baayyee garaa
garummaa qaba. Garaa garummaa Sirnaa fi seeraa,
akkasumas maalummaa amantaalee kanneenii
hunda walfaana ibsuun ammoo daran ulfaata.
Sirna amantaa tokkichaa kaasnee waan hunda
ibsuufis nibal’ata. Kanaafuu mata duree kana jalatti
waa’ee maalummaa amantaa Waaqeffannaa Oromoo
qofa hanga muraasaan ilaaluuf dirqamna jechudha.
Akka waaqeffattootni jedhanitti Amantaan Oromoo
Waaqeffannaadha. Waaqeffannaan Oromoos
amantaadha. Amantaa Waaqa tokkichatti amananii
ittiin qajeelfamaniiti. Waaqeffannaan Oromoo kun

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 2


sababni Waaqeffannaa jedhamee waamameefis
sababa Oromoon Waaqa waliin hariiroo tolfatee
qabuufidha. Kunis dubbii Waaqaa dhaga’anii
waaqeffachuu dabalata. Waaqeffannaan Oromoo
daandii dhugaa kan jibbinsi keessa hin jirreedha.
Dubbii waaqaa diduunis hin jiru. Waaqeffannaa
keessa jaalalaafi gaarummaatu guutee jira.
Akka amantaa Oromootti waaqni tokkichatu jira.
Waaqni tokkichi kun maqaan isaa dhibba. Afaan
isaas dhibba. Waaqeffattootnis waaquma tokkicha
kana jiruufi jireenya ofiitti aanfatu. Dhugaa Waaqa
kanaas dhaga’aniitu ittiin bulu. Dubbii isaatiinis
jiraatu. Eeyyen akkasuma! Oromootni seeraa fi
fedha Waaqa tokkichaa dhaga’aniitu ittiin jiraatu.
Waaqeffannaan amantaa ittiin Waaqa tokkicha
dhugeeffataniidha. Akka amantaa kanaatti maddi
uumama maraa Waaqa tokkicha. Kanaafuu dhalli
namaa cufti Waaqa tokkicha malee waan biraa
dhugeeffachuu hinqabu jedhamee amanama.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 3


Kanaafuu Waaqeffannaan amantaa dhala namaa
hundaa kan warra Waaqa tokkicha jiruufi jireenya
isaaniitti aanfataniiti. Namni waan Waaqni jedhu
dhaga’u; ittiin bulu; ittin qajeelfamuufi ittiin jiraatu
hundi Waaqeffataa/ttuudha. Kanaafuu amantaan
waaqeffaannaa Oromoo amantaa qulqulludha.
Eeyyen Amantaan Waaqeffannaa dhiibbaa alagaan
hugguramus amantaa dhugaadha. Alagaan
beekamtii dhabsiisuuf maqaa garaa garaa itti
moggaasee abaarus, amantaan Waaqeffannaa
amantaa dhugaa isa Oromoon ganamuma ittiin
waaqa isaa waaqeffataa tureedha. Fakkeeenyaaf
Oromoon waaqni nama bishaan irraa uume jedhee
amana. Hiddi sanyii dhala namaafi lubbu qabeeyyii
hundaa jalqaba bishaan keessattti uumamanii
yeroo booda bifa garaa garaa qabaachuu akka
malan ammoo saayinsiitu hima. Kanaafuu akkuma
Oromoon amantaa isaa keessatti amanu
saayinsiinis namni jalqaba bishaan irraa uumamuu

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 4


mirkaneessa. Kun dhugaadha. Dhugaan ammoo
ilmoo waaqaati jedhanii amanu waaqeffattootni!
Erga akkana ta’ee maaliif Oromoon kansaa ganee
kan biraatti firoome jettaa laata? Kun anaafis
gaaffiidha. Eeyyen dhuguma Oromoota baay’eetu
kan ofii xureessee kan hormaa qulleessuutti jira.
Akkamitti inni achii qullaa’ee kan asii xuraa’ee?
Deebii kana siifan dhiise. Atumti ilaalii hubadhu!

HUB:-Ani Qaalluu ykn beekaa amantaa Waaqeffataa


miti. Waa’ee maalummaafi sirna waaqeffannaa Oromoo
ilaalchisee ibsan kitaaba kana keessatti katabe kamiyyuu
ibsa angafootni waaqeffanna Oromoo karaa garaa garaa
ibsaa turan irraa kanan argadheedha.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 5


BOQONNAA LAMA
Yayyaba Waaqeffannaa Oromoo
Akkuma beekamu Waaqeffannaan amantaa
dhugeeffannaa ummata Oromoo kan durii fi
ganamaati. Akka angafootni ibsanitti Amantaan
Waaqeffannaa Oromoo yayyaba irratti ijaarame
hedduu qaba. Isaan keessaa kanneen ijoo ta’an
muraasni:-
 Waaqa
 Uumama  Ayyaana  Galma
 Daaniyaa  Ateetee  Safuu
 Laduu  Siiqqee  Laguu fa’i
 Qaalluu  Gadaa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 6


Waaqa
Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan duraa Waaqa.
Waaqa jechuun waan hunda kan uumedha. Kan
uumes kan eegu waaqni abbaa hundaati.
Waaqeffattootni Waaqni tokkicha jedhanii amanu.
Waaqa tokkicha maqaa dhibbaatti amanu. Gariin
waaqa yoo jedhu, gariin ammoo Uumaa jechuu
mala. Maqaan Waaqaa akkuma raajii isaatii
hedduudha. Waaqni ol’aanaa waan cufaati. Uumaa
waan cufaati. Waaqni hin jijjiiramu. Inni kan dur
ture, ammallee kan jiru, egereellee kan jiraatuudha.
Waaqni Oromoo kun Uumaa waa Maraati. Tolchaa
uumama hundaaati. Qulqulicha waa cufa tolcheefi
tolchuuti. Eeyyen Waaqni Uumaadha; Tolchaa
walaabuuti; Madda jireenyaati; Jiraachisaa waan
cufaati; Baalchaadha; Fayyisaadha fa’a jedhanii
waaqa tokkicha aanfatu waaqeffattootni.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 7


Uumama
Bu’ura amantaa Waaqeffannaa keessaa kan biraa
uumama beekumsaafi hayyummaa Waaqaan
yayyabameedha. Uumamni waan Uumaan
ogummaasaan tolchee, beekumsaafi hayyummaa
isaa ittiin mul’iseedha. Uumamaan kanneen raajii
Uumaa jedhan jiru. Kaanimmoo ‘kalaqa’ jedhu. Jechi
‘kalaqa’jedhu afaan biraati. Inni Afaan Oromoo miti.
Yeroo tokko tokko Oromoota Of hin beeknetu osoo
ofii qabuu waan hormaa ergisa ganda dhaqa. Kan
ergifate sanammoo kan ofii se’a. Sun aad-male.
Bu’urri Waaqeffannaa uumama. Uumama keessaan
beekumsaa fi hayyummaa Waaqaatu mul’ata.
Waaqeffattootni dhugaan uumama kana irraa
olaatummaa Waaqaa dubbisu. Uumama kana irraa
jaalalaa fi marartoo Waaqni uumama isaaf qabu
baru. Kanaafuu, kitaabni amantaa Waaqeffannaa
inni bu’uraa uumama ta’uu isaati. Waaqeffattootni
Uumamni cufti kitaaba amantii Waaqeffannaa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 8


ta’uu amanu. Kan dubbisuu beeku:- uumama irraa
raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Ol’aantummaa
Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa;
Seera Uumaafi Uumamaa dubbisa; Seera Walaabuu
dubbisa… fa’a jedhaniitu amanu waaqeffattootni.
Daaniyaa
Daaniyaan kitaaba. Kitaaba waaqeffannaa
Oromooti. Kitaaba waa’ee waaqaa fi waaqeffannaa
namootaaf ibsuudha. Kitaabni kun waaqeffattootni
akka dubbisanii beekumsaa fi hayyummaa Waaqaa
ittiin yaadatniif yaadamee kan yeroo jalqabaaf
sonaa’ee ba’eedha. Daaniyaan akkuma kitaaba
kamiiyyuu dhaamsa qaba. Dhaamsa inni dabarsu
keessaa tokko akka itti Raajii Waaqaa hubataniidha.
Uumama irraa akkamitti beekumsaafi hayyummaa
Waaqaa beekanii, akkamitti akka waaqatti harka
kennatan namaaf ibsa.
Daaniyaan akka kitaaba tokkootti bara 6400(akka
lakkoofsa Waaqeffannaatti) Oromiyaa, Finfinneetti

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 9


kan maxxanfamedha. Kitaabni yeroo duraa kun
boqonnaa sagalitti kan qoodameefi fuula 468 kan
qabuudha. Kitaabni kun bara 6401 keessas yeroo
lammataaf biyya Ameerikaa kaabaa keessatti karaa
mana maxxansaa Oromiyaa maxxanfameera.
Egaa Daaniyaan kitaaba beekumsaafi hayyummaa
Waaqaa of keessaa qabuudha. Eeyyen Daaniyaan
dungoo Dhugaa Waaqaa kan Waaqeffattootni seera,
safuu, laguu, seenaa fi aadaa Waaqeffannaa keessaa
dubbisanii waa’ee waaqaa daran ittiin yaadatanii fi
hubataniiti jechuudha.
Walumaa galatti Daaniyaan kitaaba amantaa
Waaqeffannaati. Ibsaa ittiin kitaaba Waaqaa
(Uumama)dubbifataniidha. Ibsaa isa golgaa aada-
malee saaqee aadaa dhugaatti nama geessuuti.
waaqeffannaan sababa maaliin akka gaadi’amee
tures quba qabsiisa. Yoo maal ta’e gaadii keessa
akka ba’us yaadaafi qalbii namaa keessa guuta.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 10


Kanaafuu Daaniyaa kana namuu osoo dubbisee
gaarii akka ta’es dhaamsa dabarsu waaqeffattootni!
Laduu
Laduun aangoo Waaqaa kan dhalli namaa akka
Waaqeffannaa ittiin yayyabatuuf kennameedha.
Laduun Aangoo Waaqaa kan Qaalluun ittiin iccitii
Waaqaa beekee dhala namaa ittiin gargaaruuf
Waaqa irraa kennameefiidha. Qaalluun Laduu
Waaqaa kana argates ergamaa Waaqaati. Qaalluun
kan seera Waaqaa dhala namaaf ibsu, kan dhala
namaa qajeelchuufi kan namaa fi Waaqa
walqunnamsiisudha.
Akka Waaqeffannaan amanutti Waaqni dhala
namaaf waadaa gale kan mirkanse Laduu dabarsee
Qaalluuf kenneeni. Laduu Qaallummaa kan
argatanis ta’ee kan namaaf kennu Waaqa qofadha.
Namni Laduu Waaqaa kana fudhate, aangoo
Qaallummaa waan qabuuf seera Waaqaa barsiisuuf
dirqama qaba.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 11


Laduun aangoo Waaqni qabu keessaa kan Waaqni
Qaalluuf kenneedha. Qaalluunis dhala namaa ittiin
tajaajiluuf laduu kana waaqarraa imaanaa fudhate.
Qaalluu
Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraan
Qaalluu ykn Qaallittiidha. Qaalluun ergamaa
Waaqaa kan aangoo Waaqaan muudameedha.
Qaallun aangoo Qaallummaas Waaqa irraa argata.
Qaalluun ayyaantuu dhiiraa kan dhalootaan Laduu
(aangoo)Waaqaan muudameedha. Qaallittiin
ammoo, Waayyuu yookaan ergamtuu Waaqaa kan
dhalootaan Laduu(aangoo) Waaqaa, isa waan
waaqaa hiikee ibsu, goonfatteedha. Namooti
akkanaa kanneen uumamaan fedhiifi Seera Waaqaa
namootaaf hiikanii ibsuuf Waaqaan muudamanii
dhalataniidha. Isaan kun Ayyaantota ergamtoota
Waaqaati.
Qaalluun beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa
dhalootaa qofaa argata. Ittiin dhalata jechuudha.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 12


Kana jechuun Qaallummaan kennaa Laduu
Waaqaa kan dhalootaa dhalootatti diroo
darbuudha. Ayyaantummaan kun abbaa irraa
ilmatti ykn haadha irraa intalatti darba. Kana
jechuun Qaalluu ta’uuf dirqama warri ofii aangoo
Qaallummaa kan qaban ta’uu mala. Osoo abbaan
ykn haati jiranii, garuu, ilma ykn intalatti hin bu’u.
Gaafa isaan addunyaa kanarraa addaan ba’an qofaa
laduun isaanii maatii keessaa Wayyuu tokkotti bu’a.
Wayyuu jechuun maatii ykn fira keessaa kan
Qaalluu ta’anii Waaqaan muudamaniidha.
Akka Waaqeffannaatti, Qaalluun noolee Waaqaati.
Kan dhala namaafi Waaqa ayyaanaan wal
qunnamsiisuudha. Qaalluun iccitii Umaa-
uumamaa akka hiikuuf muudame. Namni rakkate
gara Qaalluu dhaqee dhibee isaa hiikkata.
Hiikkatees daandii qajeelaa argata. Fala araaraafi
nagaas falata. Qaalluun akka riqichaatti Waaqaafi
nama gidduu ta’ee daandii tolcha. Daandii Waaqaa,

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 13


Waaqeffannaa, Qajeelaa, Gaarummaa,
Badhaadhinaafi Gammachuu namoota barsiisa.
Nitiksas. Kanaafuu Qaallummaan wiirtuu amantaa
Waaqeffannaati. Qaallummaan kennaa Laduu
Waaqni Qaalluuf kennuun waan Waaqaa namatti
ibsuu, hiikuu fi dubbachuu danda’a. Kennaan
aangoo Waaqaa kun akka inni iccitii dubbii
Waaqaa dhala namaaf hiikee mul’isu isa taasisa.
Akka Waaqeffannaatti dubbii, lallabni, muudaa fi
eebbi Qaalluu ni kabajama. Ittiin qajeelfamus.
Kanaaf Qaalluun mataa(dursaa/angafa) amantaa
Waaqeffannaati jedhanii ibsu angafootni.
Qaalluun erga ergamaa waaqa tokkichaa ta’ee
maaliif Oromootni baayyeen qaalluu ofii jibbanii
qaalluu hormaa faarsu jettaa laaata? Kun anaafis
gaffiidha. Eeyyen namoota baayyeetu afuurri
qaalluu Oromoo xuraa’uu fi kan ‘nabiyyii’(qaalluu
faranjii) ammoo qullaa’uu barsiisanii barataa jiru.
Akkamitti afuurri Qaalluu inni asii xuraa’ee, inni

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 14


kan Qaalluu achiimmoo qullaa’aa? Deebii siifan
dhiise. Atumti madaalii, gulaalii, hubadhuu ilaali!
Ayyaana
Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Ayyaana.
Akka waaqeffatttootni ibsanitti Ayyaana jechuun
marabbaa Waaqni uumama hundaaf kennuudha..
Ayyaanni(marbbaan Waaqaa) kun kan Waaqni
mil’uu Isaatiin uumamaa mara guuteefi guutu,
akkasumas qajeelcheefi qajeelchuuti. Eeyyen
ayyaanni, marabbaa jireenyaa kan waanti tokko
akka dhalatu taasisu, erga dhalatee boodas jireenya
qajeelchu, tiksuufi sirneessuudha.
Waaqeffannaan akka amanutti waantotni umaman
cufti Ayyaana ittiin qajeelfamaniifi jiraatan wajjin
dhalatu. Ayyaana kan mataa isaanis qabu. Ayyaana
kana dhalootaan argatu jedhu waaqeffattotni.
Egaa akka Waaqeffannaatti dhalli namaa Ayyaana
(marabbaa jireenyaa) Waaqa biraa kennameef kan
argatu guyyaa dhalatuu kaaseeti. Waaqeffannaan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 15


Waaqni uumamaa mara kan uume, guyyaa 27
keessatti ture jedhee amana. Ayyaanni kunis kan
guyyaa 27 keessatti bu’eedha. Namuu Ayyaana ofii
kan argatu, marabbaa Waaqni guyyaa saniif
murteesse keessaa akka hiree isaatti fudhata.
Marabbaan Waaqaa kunis Ayyaana guyyaan 27
qabu irraa dhalootaa dhalootatii diroo kan darbaa
jiraatuudha.
Ayyaanotni digdamii torban jedhaman kunneen
waan ofii qabu. Wanni jirtu cufi ayyaanotuma kana
keessatti galti. Wanni dhalatu ayyaanotuma
digdamii torban kana keessatti dhalata. Wanni
du’us akkasuma. Gaddaa fi gammachuunille
asuma keessa jirti. Kanaafuu waanti ayyaana malee
jiraatu tokkoyyuu hin jiru. Du’aa iyyuu awwaaluuf
ayyaanuma ilaalu. Ayaana du’aa itti hinawwaalletu
jira jedhnii himu angafootni.
Akka amantii Waaqeffannaatti dhalli namaa ni
du’a; ayyaanni isaa garuu hin du’u; hin badus.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 16


Namni du’us ayyaanni nama du’e sanaa bifa biraan
qe’ee dhaloota nama sanaa jiraata. Ayyaanni nama
du’ee kunis Ekeraa jedhama. Ekeraa jechuun
marabbaa Waaqni namaaf kennee, namni sun erga
du’ee booda immoo egeree dhaloota ittaananii
gaaromsuufi tiksuuf ardaa adii keessa jiraatuudha.
Akka Waaqeffannaatti, ayyaanni marabbaa jireenya
uumamaa qajeelchuu fi tiksuuti. Umamni cufti,
namoonni, horiin, mukkeeniifi kkf ayyaana
mataasaanii qabu. Waanti ayyaana malee umame
tokkollee hin jiru. Kana jechuun waanti umame
marti waan walqabate, garuu, addadda ta’e lama
qaba. Isaanis waantoota mul’atuufi waan hin
mul’annetti qoodamu. Kan mul’atu qaama ijaan
argamudha. Kan hinmul’annemmoo ayyaana ijaan
hin argamne, garuu ayyaanaan beekamudha. Kana
malees, Araddaan ayyaana qaba; tulluun ayyaana
qaba;malkaan ayyaana qaba jedhu waaqeffattootni.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 17


Waaqeffattootni Ayyaana kana ni safeeffatu.
Kanaafuu tulluu bira yoo dabran itti irreeffatu.
Malkaa yoo ce’anis itti irreeffatu. Ayyaana isaas
waan safeeffataniif kabajaan maganfatu.
Ayyaanni humna Umaan uumama keessa kaa’ee
ittiin uumamasaa qunnamuudha. Ayyaanni kun
riqicha Umaafi uumamaati. Kana malees, ayyaanni
humna uumama tiksuufi qajeelchuudha. Namni
Waaqa kan quunnamu ayyaanaan ta’a. Waaqnis
uumama uume mara kan qunnamee gaaromsuu fi
tiksu marabbaa itti kenneen ta’a.
Walumaagalatti Ayyaanni marabbaa Waaqni
uumama ittiin qajeelchu; eeguu fi nageessudha.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 18


Ateetee
Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biroon
Ateeteedha. Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaataa
kan dubartiin waggaa lamatti altokko birraa ykn
arfaasaa keessa bulfattuudha. Ayyaanni Ateetee
akka Waaqeffannaatti birraa keessa Fulbaana gara
dhumaa,arfaasaa keessammoo Amajjii walakkeessa
keessa facaafatama. Dubartiin ayyaana kana kan
facaafattu ayyaanni haadhashii, ishiifis tolee akka
dhala ishiifis qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti.
Ateeteen bakka tokko tokkotti “Facaasaa” jedhama.
Akka Waaqeffannaan amanutti Ateeteen ayyaana
warraafi qe’eeti. Dubartootnis nageenya,
gaarummaafi hormaataaf ayyaana isaaniifi Waaqa
isaan uume kadhatu. Waaqni waan isaaniif godheef
galateeffachuuf immoo Ateetee bulfatu. Ateeteen
ganama subii kaasee hanga waareetti diinqa mana
jireenyaa keessatti facaafatama jedhu angafootni.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 19


Siiqqee
Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan Seemaa
yookiin seera Waaqaa waliin walitti hidhate,
Siiqqeedha. Siiqeen akka Waaqeffannaatti seera
garaa garaa kan mirga dubartii kabachiisisuuf
Waaqni Waaqeffattootaaf kenneedha. Siinqeen
gama tokkoon mallatoo seera dubartiiti. Gama
biraan ulee qal’oo dubartiin gaafa heerumtee
kaaftee haga gaafa duutuutti qabattuudha. Kanaaf,
Siinqeen meeshaa murtii, fakkeenya seera Waaqaa
kan dhimma dubartiin walqabate mul’isudha.
Namooti Siinqeen ulee qal’oo dubartiin qabattu
qofa se’an jiraachuu malu. Garuu, akka
Waaqeffannaatti Siinqeen ulee qal’oo dheertuu
callaas miti. Ulee qal’oo dheertuu, siimoftuudha.
Siimoftummaafis siinqee hin ta’u. Qajeeltuufi
dirraan wal-qixxooftuu kan ijoo hinqabne ta’uu
qabdi. Siinqeen ulee kabajamtuu kan muka
Harooressaa irraa tolchamudha. Siinqeen

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 20


mallattoo seera Waaqaa kan ittiin mirgii fi
namummaan dubartii eegamuudha.
Akka Waaqeffannaatti siinqeen wayyooma jabaa
qabdi. Wayyooma kanaaf, Siinqeen kabajaa, saalfiifi
sodaa guddaa qabdi. Siinqeen akka ulee kanneen
biroo miti. Siinqeen horii hin tiffatan. Sareetti hin
darbatan. Fardaa ittiin hin dhayatan. Harree ittiin
hin ooffatan. Dugdaafis hin dhadhaabbatan.
Siinqee seeraaf qabatu. Woyyuu fi woyyoomaafis
qabatu. Waaqeffattootni yeroo marallee siinqee hin
qabatan. Siinqee kan qabtan yeroo gamteen,
muddamni, daddarbaan, cunqursaan, walumaa
galatti rakkoon jiraatteedha. Yoo rakkoon hin
jiraatiin dubartiin Siinqee ol-kaayatti malee hin
qabattu jedhu angafootni.
Siinqee dubartii malee dhiirti hin qabatu. Dubartiin
cuftis siinqee hin qabattu; kan qabattu yoo beera
taate qofa. Siinqeen yeroo nagaa harka mirgaatti
qabatama. Mormiif yoo ta’e garuu harka bitaatti

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 21


qabatama. Dubartiin Siinqee qabachuu kan
jalqabdu gaafa heerumturraa kaafteeti. Gaafa
intalti-heerumtu sana haati intalaa Siinqee tolchitee,
yoo baarree kan fuudhuuf kennitu, boraatii fi
madaalaa wojjiin, ”Hoo baarree, hoo barsee,” jettee
itti kenniti. Egaa Intalli heerumtu gaafa kanarraa
jalqabdee haadha Siinqee taati jedhu angafootni.
Gadaa
Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Seera
Waaqaan sirna biyya ittiin bulchan tolchanii ittiin
qajeelfamaniidha. Waaqeffannaan akka amanutti
warri Waaqatti bulu, akkuma maatii fi warra
isaanii seera waaqaan bulfatan sana, biyyaafi saba
isaanii illee sirna seera Waaqaan qajeelfatu. Sirni
Waaqeffattootni akka seera Waaqaatti tolfatanii kan
ittiin biyyaafi saba isaanii bulchaa, tiksaa fi
qajeelchaa turanif jiranis Gadaadha. Gadaan sirna
bulmaata biyyaafi Sabaa kan akka seera Waaqaatti
yayyabamee ittiin qajeelfamaa fi tikfamaa diroo

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 22


darbaa dhufeedha. Waaqeffannaan akka amanutti
fulaan dhugaan Waaqaa itti tifkamaa jiran keessaa
tokko Gadaadha. Gadaan osoo hinbeekamne
Waaqeffannaan guutummaatti beekamuu hin
danda’u. Gadaan duuba kan jiru Waaqeffannadha.
Gadaan dhimma jiruufi jireenya Waaqeffattottaa
fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasaa, aadaa
dinagdee, hawaasummaafi amantaati. Sirni Gadaa
sirnaafi seera Waaqeffattoonni ittiin walbulchan,
diina mirgaafi haqa Waaqeffattootaa sarbaa ture
ittiin duulanii ofirraa ittisuun seera Waaqaafi
Dhugaa Waaqni isaaniif kenne kabachiisaniifi
tiksan, kan dinagdee isaanii ittiin tikfataniifi
dagaagfatan, akkaata ittiin waliin jiraataniifi
fedhiifi hawwiin namummaa isaanii ittiin
guutamuudha.
Waaqeffannaan akka amanutti sirni Gadaa seera
Waaqaa irratti hundaa’ee kan yayyabame,
qajeelfama seera Waaqaan kan hidhameedha.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 23


Kanaaf, Gadaa keessatti waanni hundi Gadaan
walitti hidhata. Gadaan kan guutuu ta’e sababa:
lakkoofsa yeroo, aadaa, amantaa, jireenya
hawaasaa, ittisa biyyaa, duula Buttaa fi kkf hunda
of keessaa qabuufidha. Isaan kunneen immoo seera
Waaqaa isa eenyuyyuu cabsuufi dabsuu hin
dandeenyeen sirneeffaman.
Akka Waaqeffannaatti Gadaan mootummaa
Ummataa kan ummataan filamee, ummataaf
hojjatuudha. Gadaan bulchiinsa ummataa isa
olaanaati. Gadaan daawitii jiruufi jireenya
Waaqeffattootaa isa olaantummaa seera Waaqaan
ititeedha. Gadaan sirna waggaa saddeet saddeetiin
taa’itaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantii,
loltummaafi jireenya waliin waliif dabarsuudha.
Akka waliigalaatti, Gadaan of-ilaallee jiruufi
jireenya ummata Waaqeffattootaa kan durii, kan
har’aafi kan egereeti. Gadaan sirna Heeraafi
Seeraan utubameedha. Haala kanaan Gadaan sirna

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 24


seera uumamaa fi namaa walitti qindeessee ittiin
namaafi uumama bulchuudha. Egaa Gadaan Sirna
bulchiinsa jiruufi jireenya ummata Waaqeffattoota
ganamaati.

Galma
Yayyaba Waaqeffannaan ittiin jaarame keessaa kan
dhibii Galma Waaqeffannaati. Galmi Waaqeffannaa
ardaa kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaati.
Ardaan kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaa
kun, bakka seerri Waaqaa itti himamudha. Galmi
waaqeffannaa bakka ulfaataa muudaafi
hammachiisaan itti kennamudha. Ardaa Dhugaa
Waaqaas itti wal barsiisani jedhu waaqeffattootni.
Galmi mana Waaqeffattootni gaafa Torbii, gaafa
Hammachiisaa, gaafa muudaafi gaafa jileeffannaa
keessatti walgahanii Waaqa isaanii kadhataniif itti
galateeffataniidha. Galmi waaqeffannaa bakka akka
itti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa baratan,

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 25


seera Waaqaa wajjin daran walitti dhiyaatan, bakka
ulfooti.
Waaqeffattootni kan Waaqa waaqeffachuu jalqaban
Galma Qaalluu, ajajaa fi qajeelcha Waaqaan
ijaarame keessatti ture. Qaalluun ladooma duraan
mul’ate akka barsiisettis Waaqni Galma
Waaqeffannaa keessatti irra caala namatti dhiyaata.
Galmi kunis Galma qulqulla’aa kan
Waaqeffattootni Waaqa tokkicha itti kadhatan,
aarsaa isaanii itti galfatan, kabaja Waaqaaf kan itti
irreeffataniidha. Dhugaa kanas kan Waaqni yeroo
jalqabaaf Qaalluutti mul’ise Odaa Mormor irratti
ture. Waaqeffattootnis Galma kana keessatti
dhiyaatanii beekumsaafi hayyummaa Waaqaa
karaa Qaalluu himamu, hiikamuufi lallabamu
baratu. Galma keessatti walgahanii waa’ee Seera
Waaqaafi Dhugaa Waaqaa baratu turan jedhanii
ibsu angafootni. Yeroo sana irraa eegalee manni
Waaqeffattootni keessatti walga’anii waaqeffatan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 26


kunis Galma Waaqeffannaa jedhame. Mallattoo
Waaqeffannaa kan ta’an Caaccuufi Kallachis Galma
kana keessa kaa’ame. Ulfoon Waaqeffannaas akka
Galma Waaqeffannaa kana keessa kaa’amu
godhame. Kanaaf, yeroo tokko tokko manni itti
Waaqeffatan kun Mana Waaqaa jedhama. Warri
kaan immoo Galma Muudaa jedhanii waamu.
Galmi Waaqeffannaa yeroo duraaf Odaa Mormor
cinatti ijaarame, dhiibbaa alagaan dhiibamee gara
Tulluu Cuqqaalaattis darbe. Yeroo kana teessumni
Gadaa ammoo Odaa Nabee ta’e. Galmi
Waaqeffannaa sadaffaanis kan ijaarame, Madda
Walaabuu, kan amma Galma Abbaa Muudaa ta’ee
jiru biratti ture. Galmi Waaqeffannaa kunis mana
kadhannaafi galateeffannaa, kan Waaqeffattooti
keessatti walgahanii Waaqa itti kadhatan, Seera
Waaqaa itti baratan, muudaafi eebba Qaalluu itti
fudhatan, hammachiisaafi maganfannaa itti
raawwataniidha. Galmi Waaqeffannaas, akka

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 27


Amantii Waaqeffannaatti, iddoo itti lallaba
Waaqeffannaa dhaggeeffatan, iddoo itti seera
Waaqaa barataniifi barsiisan, iddoo itti jaatanii
Waaqeffannaa hojjataniifi dhimma Waaqaa itti
midhaansaniidha jedhanii ibsu angafootni keenya.
Safuu
Waaqeffannaan akka yayyabetti, Safuun utubaa
qajeelfamaafi sirneeffama uumamaati. Safuun seera
Waaqaan umame. Safuun seera waaqaa kan jiruufi
jireenya dhala namaafi uumamaa to’atu, eeguufi
qajeelchuudha. Seera dhala namaan tumamu ni
sirreessu; ni fooyyessus; garuu, Safuu akka jirutti
eeganii dhimma itti ba’u. Safuurraa waanti maqe,
ykn dabe ykn jal’ate yoo jiraate, sirneeffamaafi
naqatoo uumamaa jeeqa. Kunimmoo badiifi
dhibdee dhala.Cubbuudha. Adabbiin cubbuu
kanaas ulfaataadha! Waaqa araarfatanii waan
Safuurraa maqe iddootti deebisuu qabu. Kanaan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 28


ala adabbii Safuu cabsuun dhufu jalaa ba’uun hin
danda’amu.
Safuun seera uumamaa, kan ganamaafi kan
fulla’aati. Safuu kana eeguu jechuun akka fedhiifi
Seera Waaqaatti buluudha. Waan Waaqni uume
mara jaalachuudha. Akka Waaqni uumeefi
sirneessetti kabajanii buluudha. Sirneeffamniifi
naqatoon Waaqaa kun osoo hinjeeqamiin akka
fulla’an eeguudha. Waanti dabe yoo jiraates dafanii
qajeelchuudha jedhanii amanu waaqeffattootni.
Safuu beekanii, isaan qajeelfamanii, isaan buluun
hayyummaadha. Waaqeffannaan seera Umaa-
uumamaa beekanii isaan qajeelfamuudha. Seerri
Umaa-uumamaa kun ammoo Safuu dha. Safuun
waan gaarummaa, waan badhaadhinaafi waan
dhugaa of-keessaa qaba. Mirgaafi dirqamas of-
keessaa qaba. Kanaafuu, Waaqeffannaa keessatti
Safuu beekanii ittiin qajeelfamuun wiirtuufi utubaa
amantichaati jedhanii ibsu waaqeffattootni. Safuun

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 29


kan Waaqaati. Safuun kan dhala namaafi
uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti. Safuun
seera Waaqaa keessatti, yeroo jalqabaaf dhala
namaafi uumamaaf Waaqarraa kenname. Waaqni
uumama yeroo uume, Safuus wajjin uume. Akka
kanaan waanti cufti irraa jalaan akka Uumaan
sirneesseefi qixeessetti naqame. Dhalli namaas
Safuu jalqabaa kanaan buluu eegale. Ittiin buluun
cinattis fakkeeffannaa Safuu kanaan seera tumatee
waliis ta’ee, uumama qajeelchuu eegale. Seerri
Yayyabaas kanuma dhugeessa. “Waaqni seera
namaaf kenne; namnimmoo akka Fedhiifi Seera Umaa
kanatti uumamaaf naannoosaa bulchuu qaba!” jedhanii
ibsaa fi dhaamsa qaban dabarsu angafootni.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 30


Laguu
Yayyaba Waaqeffannaa ijaaran keessaa kan biraa
laguudha. Laguun waan hedduu of keessaa qaba.
Akka seera Waaqeffannaatti laguun akkaataa
sadiin ilaalama. Tokkoffaa, laguun waan nyaatanis
ta’ee waan dhugan kan Ayyaana ofii waliin
hintaane beekanii nyaachuufi dhuguu dhiisuudha.
Laguun kun yoo cabe hariiroon namaafi Waaqa
gidduu jiru nicaba. Kanaaf, namuu waan ayyaana
isaa waliin wal hintaane irraa of eega; ni lagatas.
Kan lammataa, laguun namni waan seera Waaqaan
dhorkame beekee irraa of dhoowwuu kan
ilaallatuudha. Waaqeffannaan waan Waaqni fedhe
hojjachuufi waan Waaqni dhorke irraa immoo
goruudha. Eeyyen laguun,waan Waaqni hayyame
dalaganii, waan Waaqni dhorke immoo dalaguu
lagachuudha. Namni waan Waaqni dhorke irraa
goree, waan Waaqni fedhutti gore Gaarummaa
Waaqni dhala namaaf kenne mara ni’argata.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 31


kan sadaffaa Laguun ulfina uumaa fi uumamaaf
kennuudha. Waan tokko irraa of qusatanii
halaalattii kabajumaan jiraachuu danda’uudha.
Waaqeffattootni martuu gamtaan waa hundaa hin
lagatan. Bakka uummata Waaqeffattootaa bu’ee
kan laguu biyaa seera waaqaa eeguuf lagatu
Qaalluu ykn Qaallittiidha. Amantii Waaqeffannaa
keessattii laguun yoo eegame, nagaan boora’e
tokko deebi’ee akka qulqullaawuuf gargaara. Kun
ammoo Safuun akka hin jigne utuba. Kanaafuu,
Laguun amantii Waaqeffannaa keessatti yayyaba
seera Waaqaa kan nagummaa Waaqeffattootaa
eeguufi tiksuudha jedhu waaqeffattootni.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 32


BOQONNAA SADII
Kaawoo Waaqeffannaa
Waaqeffannaa keessatti waanti guddaa Kaawoo
Waaqeffannaa beekuun, ittiin jiruufi jireenya
dhuunfaa fi gamtaa qajeelfachuu danda’uudha.
Waaqeffattootni dhugaan Kaawoo Waaqeffannaa
tolchanii erga hubatanii booddee ittiin jiruufi
jireenya dhuunfaa isaaniis ta’ee gamtaa gaaromsu.
Kaawoo Waaqeffannaa keessaa Kanneen jajjaboo
Waaqeffattootnii dhugaan kudhaamachuu qaban
kanneen armaan gadiiti. Waaqeffattooti Dhugaan:-
 Waaqa Tokkichatti amanu.
 Beekumsafi humna Waaqaa qofaatti amanu.
 Uumamani Waaqaa cufti hiika-qabeessa
ta’uu amanu.
 Dhalli namaa umamoota kaan caalaa
gulantaa olaanaa kan qabu ta’uu amanu.
 Namni kamuu Waaqeffataa (Waaqeffattuu)
ta’uun dhalachuu amanu.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 33


 Namni kamuu qulqulluu ta’ee dhalachuu
amanu.
 Namni kamuu dibaabee Waaqaa jalatti
nageenyaafi fayyina isaaf hojjachuu akka
qabu ni’amanu.
 Waaqni Daandii Dhugaa namatti osoo
hinmul’isin akka nama hinadabne ni amanu.
 Waaqni waantota uume mara keessaa
kanneen caalan gaarummaa ta’uu amanu.
 Waaqa usanii amanuu qofaan dhiisuu osoo
hintaane, beekumsa Waaqeffannaa
qorannaan gabbifachuu akka qaban amanu.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 34


BOQONNAA AFUR
Irreecha
Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana.
Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge
Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara
kadhataaf. Garaa qulqulluun waan kadhatuufis
Waaqni isaa kun ni dhaga’aaf. Oromoon Uumama
Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka
Waaqaa buusee hin waaqeffatu. Garuu uumamni
kamuu ayyaana waaqa biraa isaaf kenname ni qaba
jedhee amana. Uumama waaqni uume kessaanis
humni waaqaa mul’ata jedheetu amana. Kanaafuu
ayyaana uumamni qabu nisafeeffata. Ulfina laataaf.
Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii,
gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatanitti
amana osoo hin taane, ayyaana isaanii safeeffata.
Waaqeffannaan tokko uumama waaqaa kanatti
irreeffatanii safeeffachuu fi raajeffachuun ibsama.
Eyyen, Oromoon Waaqa Uumaa waan hundaa ta’e

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 35


kana adeemsa inni ittiin waaqeffatuufi galateeffatu
keessaa tokko Irreecha. Irreeffachuun“Waaqa
tokkicha galateeffachuudha”jedhu waaqeffattootni.
Ayyaanni Irreechaa kun falaasamaa fi ilaalcha
Oromoon Addunyaa kana keessatti ittiin humna
waaqaa ibsu, jireenya lafaa kana raaju, dhoksaa
yookaan iccitii jiruufi jireenyaa labataaf dabarsee
ibsu ta’ee fudhatama. Iccitiin kun diinagdee isaa
keessattillee ga’ee ol’aanaa qaba. Kanuma ibsuuf
jecha”Yaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga
Mucaa gootu, hooqubaa!” jedhee ganama
barraaqaan ka’ee galateeffata. Wayita irreeffannaa
keessattis sagaleen galateeffannaa kun yeroo irra
deddeebiin dubbatamu ni dhaga’ama.
Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin
Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa
fuudhee dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa
jiisee sanyiin biqilee baala ta’a. Baala kanatu yeroo
waaqni kaa’e keessatti ija ykn firii baasee

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 36


makaramee soorata namaafi horiif ta’a. Yeroon
kun itti ta’u wayita gannaa, dhoqqeen lafa kutee,
lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa
cuftee, huuriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eetti
dha. Waqtii isaa eeggatee ammoo yeroo dukkanni
ifa aduun bakka bu’aa deemu, daandiin
dhoqqaa’ee deemsa dhorkee ture xuuxxatee yeroo
deemsaaf mijatu, sanyiin faca’ee biqilee baala ture
hudhee, daraaree, asheetni itti nyaatamu birraan
yeroo irreechaa(galateeffannaa) ti. Oromoon “Baga
Booqa Birraa geessan” jedha. Birraan, Waqtii
dukkanni gannaa darbee abaaboon dachee
guutudha. Egaa Oromoon galata kanaaf irreeffata.
Irreechi sirna galateeffannaa fi kadhaa waaqaati.
Oromoo irra jireessaan iddoowwan lamatti
gurmuun ba’ee irreeffata. Isaanis malkaa fi
tulluudha. Iddoowwan kunniin bakka humni
uumuu Waaqaa adda ta’anii itti mullataniidha
jedhu waaqeffattootni.Iddoowaan kanatti ballinaan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 37


kabajama jechuun garu bakkeewwan birootti
Irreeffannan hin raawwatamu jechuus miti jedhu.
Irreecha Tulluu
Irreechi tulluu kan itti kabajamu jiini bonaa darbee
yeroo bokkaan afraasaa itti roobuu qaba jedhamee
eegamu keessadha. Tibbi bonaa goginsaan
beekama. Aduufi ho’a irraan kan ka’e jiidhi lafaa
gogee, margi qooree, bishaan cooreefi malkaa jiru
hunda keessatti qal’atee mul’ata. Yoo gogiin kun
dheerate horiis ta’ee dhala namaa balaa irra buusa.
Kun akka hin taaneef giddugala ji’a Bitootessaatti
angafootni biyyaa wal waamanii akka seera isaatti
naannoo lafaa bakka jiidha qaba jedhamutti yaa’un
harka isaanii gara waaqaatti qabanii “Jiidha nun
dhowwatin, waqtiileen toora isaanii eeganii haa
naanna’an, qilleensa roobaa nuuf kenni, araar” jedhanii
kadhaa waaqaa taasifatu. Tulluutti ba’anii waaqa
tokkicha sana kadhatu jedhu angafootni.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 38


Irreecha Malkaa
Irreechi malkaa wayita jiini gannaa darbuuf jedhu
baatii fulbaanaa gara walakkaa keessatti taasifama.
Jiini Fulbaanaa jalqaba Waqtii Birraati. Yeroo itti
haalli qilleensa gannaa jijjiirama agarsiisuu
eegaluudha. Yeroo lafti xuuxxatee sochiif mijataa
ta’uudha. Birraan yeroo qilleensi duumessaa fi
huurrii ture ifaa fi ho’a aduun bakka bu’aa
deemuudha. Yeroo itti dacheen daraaraa
biqilootaan uwwifamtee bareeduu eegaludha.
Kanaaf, guyyaan Irreechaa kun “Ayyaana Birraa”
jedhamee beekama. Guyyaan Irreechaa kun bakka
tokko tokkotti guyyaa “Xaddacha saaquus” ni
jedhama jedhu angafootni irreecha ibsan. Kunis
yeroo itti dukkanniifi bacaqiin gannaa darbee wal
arguun danda’ame ta’uu isaa ibsa jedhu abbootiin.
Waliigala Irreechi malkaa guyyaa galateeffannaati.
Galateeffannaa kana irratti namni hundi akkuma
umurii isaatti uffata aadaa uffatee, dargaggoonni

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 39


bareedanii, haawwanis, Wandaboo kuula
bareedaan hojjetame irratti balees ta’ee kaabbaa,
calleefi dooqaan faayame uffatanii coqorsa jiidhaa,
keelloo, hadaa, daraaraa qabatanii malkaa gamaa
gamanaan wal ga’anii Waaqa faarfatu. Abbootiin
Gadaa, kallacha, bokkuu, marga, alangaa, jirma
ykn ulee aangoo Gadaa ibsu qabatanii dura bu’anii
tooraan seeraafi hayyataan sochii gara malkaatti
ta’u sana geggeessu. Haalli uffannaa nama
hundumaa bifa kabaja Waaqaa ibsuun ta’a.
Haawwanis ta’e shamarran mogalee(jilbaa) gaditti
uuffata dheeraa uffatu. Kunis “Yaa waaq nun soqolin,
gaaddidduu kee nun dhowwatin “ jechuudha, jedhu
angafootni sirna Irreechaa kana ibsan.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 40


Naamusa Irreeffannaa
Namootni muraasni Irreecha sababa isaa beekanii
kan kabajan ta'us, baayyeen isaanii garuu
namootumti sababa kabajaniif kabaju malee hiikni
isaa maal akka ta'e hin beekan. Kanarraan kan ka'es
yeroo garaagarummaan hiikaa ayyaanichaa fi
madda isaa irratti mul'atu ni agarra. Fknf Irreechi
aadaadha kanneen jedhan ni jiru. Kana jechuun
namni Oromoo ta'e tokko irreecha jaallachuu isaa
hubanna. Garuu amantaa ta’uu isaa shakkinaan
namni sun amantaa kan biraa filachuu isaati.
Tariimmoo Irreecha jaallatee amantaa waaqeffataa
jibbuu agarsiisa ta'innaa?. Oromoonnis ta'an sabni
biraan irreecha kabajuu fi jaallachuun gaariidha.
Dhugaan hin haalamne garuu irreecha sababa
jaallataniif irreecha amantaa waaqeffannaa irraa
addaan baasanii ilaaluun wallaalummaadha. Kun
aad-maleedhas. Eeyyen Akkuma ayyaanni faasikaa
Kiristaanummaaf, kan ‘Iidaa’ Islaamummaaf ayyaana

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 41


ta'e, Irreechis ayyaana Waaqeffaannaa Oromooti.
Kanuma! Dhugaa kana beekuun dirqama. Irreecha
kabajuuf sirna Irreechaa abboota gadaa qoratanii
akkaataa sirnasaatiin kabajuutu gaariidha. Akkuma
sirna Ayyaanota amantaalee biroo ayyaanessuuf
sirnicha, abboota amantichaa irraa, baran sana
Ayyaana Irreechaas ayyaanessuuf abboota Gadaa
irraa sirnasaa baruun dirqama ta’a jechudha.
Haa ta’u malee faallaa kanaa Irreecharratti
namootni amalaa fi gocha Irreecha hin calaqqisiifne
mul'isan argamaa jiru. Kun ammoo amantoota
Waaqeffannaa Oromoos ta'e Oromoota Irreechaaf
kabaja qaban ni mufachiisa.
Akka waaqeffattootni jedhanitti Irreecha
irreeffachuuf uffata aadaa Oromoon faayamanii,
marga jiidhaa qabataniitu, faaruu kanneen akka
Maree hoo...; Maree hoo..! Jedhufaa faarsaa waaqaa
bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti
namoota baaseef galata galchu. Akkanatti Irreechi

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 42


kabajama, Abboota gadaa fi abboota horaan fa'a
eebbifamu. Maarree akkana. Akkanatti Irreechi
irreeffatama. Kun ammoo kabaja Oromoon
namaafis uumamaafis uumaafis qabu agarsiisa.
Namootni irreechaaf kabaja qaban hedduun
akkuma jiran, kanneen Irreechaaf kabaja dhaban
ammoo Irreechaan da'atanii yeroo Irreechaa siyaasa
garaa garaa geggeeffachuu fedhu. Gochi kun
dhaloota ammaa kana biratti mumul'ataa jira.
Kanas yeroo isaan alaabaa siyaasaa, alaabaa
amantaa kan biraa bifa uffataanis ta'u bakka
irreechaatti beeksifatan hubachuun ni danda’ama.
Gochi akkanaa Irreecha tuffachuu fi tuffachiisuuf
yaaluu isaanii namatti agarsiisa. Irrechi sirnaan
kabajamuu qaba. Seera safuu irreechaan ta'uu qaba!
Malee irreechi akka addaggootni safuu hin beekne
yaadanitti dirree jeequmsaa fi atakaaroo garaa
garaa ta'uun kan beekamu miti. Eeyyen irreechi
sirna ittiin waaqaaf galata galchaniidha malee

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 43


dirree siyaasa irratti geggeessuuf mijaawaa ta'e
ta'uu hin qabu. Kaayyoon irreechaas kana miti.
Ani akka Oromoo tokkootti Irreechaaf nan
quuqama. Sirnaan akka kabajamuu qabun fedha.
Fedhakoo kanammoo firris diinnis sirriitti naaf
hubachuu qaba. Hubachuu qofas miti, namni
irreecha kabajuuf bakka irreechaa deemu kamuu
waantota irreecha hin calaqqisiifne dalaguu irraa of
qusachuun dirqama ta’a. Eyyen akkanuma!
Irreechi Aadaa Amantaa Waaqeffannaa Oromooti
Irreechi aadaadha namootni jedhan ni jiru. Jechuus
ni danda'u. Jechuuf mirgas qabu. Namuu waanuma
beeku jedha. Mitiiree? Eeyyen dhugaadha. Aadaa
Oromoon ittiin boonuu qabu keessaa inni tokko
Oromoon waaqa ofii isaatii qabaachuu isaatiini.
Oromoon waaqa ergifatee hin qabu. Oromoon
waaquma gaafa waaqni biraan alaa hin galle sana
amanaa ture amanaa jira har'as. Maarree egaa,
amantaan waaqeffannaa Oroomoo aadaa sirna

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 44


gadaa Oromoon qabu keessaa isa tokkoodha.
Waaqeffannaan Oromoo ammoo ayyaana qaba.
Ayyaanni kun ayyaana galateeffanaati. Innimmoo
irreecha jedhama. Kana jechuun ammoo
Waaqeffannaa Oromoo fi Irreechi dhukaaf lafee
ta'uu isaanii mul'sa. Kanaafuu amantaa
Waaqeffannaafi Irreecha addaan baasuun hin
danda’amu. Isaan walumaan jiraatu. Walkeessas
jiraatu. Erga akkana ta’ee maaliif namootni irreechi
aadaadha malee amantaa miti jedhu jettaa laata?
Kun anaafis gaaffiidha. Anaanis kan nadhibe isa
namootni amantaalee kabiroo hordofan; amantaa
waaqeffannaa Oromootiin xura'aadha jechaa,
Irreechammoo kabajaniidha. Maarree akkamitti
waaqeffannaan xura'ee sirni waaqeffannaa
(Irreechi)qullaa’uu danda’aa?“Kaasi qumaara kee!”
jechuun silaa asitti tureem. Ati akkamitti ilaaltee?

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 45


BOQONNAA SHAN
Damaraa
Jecha ‘damaraa’ jedhu kanaaf hiikni sirriin kam akka
ta’e ani mooji. Garuu namootni ayyaana damaraa
amantaa fi aadaan wal-qabsiisanii ayyaaneffatu.
Akka aadaatti damaraan maal akka ta’e aadaa
naannoo ani itti dhaladhee siif ibsuunan eegala.
Dur yeroon ijoollee(A.L.H tti naannoo 1987-1994),
akkaataa abbaan kiyya itti ayyaana damaraa
ayyaaneffatun yaadadha. Abbaan kiyya yeroo
lubbuun jiru sana ayyaana damaraa kana sirnaan
ayyaaneffata ture. Gaafa damaraa ayyaaneffatu
kana, muka buleeyyii kanneen akka bakkanniisaa
fa’a irraa dame dhedheeroo lama baala isaanii
wajjin muree fideetu balbala manaa duratti irkisa
ture. Achii booda abaaboo kanneen akka siddisa
birraa fi margammoo walakkeessa damee mukeen
kana lamaanitti hidha. Manneen ollaa keenya jiran
keessaas kanneen abbaan isaanii akkuma abbaa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 46


kiyyaa sirna aadaa durii hordofanis akkasuma
godhu turan. Egaa gochi muka jiidhaa manatti
hirkisuu kun naannoo keenyatti Damaraa ta’uu
isaati. Maal kana qofaree gaafa ayyaana damaraa
sana erga damaraan akkasitti damaramee booda
ancootee fi farsoon ayyaanichaaf qophaa’es aluma
mana jala bakka damaraan irkifametti nyaatama.
Ancootee fi farsoo kanas ollaa keenya wamnee
waliin nyaannee dhugna turre. Osoo hin nyaatin
dura garuu mataa nyaataa fi dhugaatii sana
damaraa jalatti naannessanii naqu turan. Yeroo
kana haawwan maatii fi ollaa ilil jedhaniitu
ayyaana kana gammadanii simatu. Gammachuu
ayyaana kanaas waliin nyaatanii; waliin dhugaa
waliin taphatu turan. Yeroo maatiifi ollaan
akkanatti ayyaana kana ayyaanessan nuti
ijoolleenis hedduu nutti tolee gammanna turre.
Yeroon abbaan kiyya muka muree damaraa itti
damaraa ture guyyaa keessaa naannoo sa’a 10 fa’a

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 47


eegaleeti. Galgala yeroo aduun dhiitummoo qoraan
gogaan walitti funaanamee ala oobdii keessatti
abiddaan gubama. Abidda sanarraas guca ykn
xombora qabsiifataniitu ‘Iyyooshee daree…Birraan
bariitee Daree…Iyyoshee Daree…”Fa’a jechaa
walharkaa fuudhanii sirbu. Yoo fedhanis darabeen
walharkaa fuudhanii geeraru. Egaa maatiin kiyya
akkanatti ayyaanicha ayyaaneffata ture. Abbaan
kiyya yeroo sana amantaa Ortoodoksii hordofa ture.
Ollaan keenya muraasni isaanii garuu amantaa
‘Proteestaantii’ yeroo sana ho’uu eegale amananii
jiru. Kanaafuu isaan kun ayyaana damaraas ta’e
kan masqalaa ayyaaneffachuu dhiisaniiru. Maatii
keenya keessaas obboleessi kiyya kan Caalii
jedhamus yeroo sana namoota dafanii amantaa
Pheenxee kana fudhatan keessaa tokko ture. Kanaaf
jecha Caaliin “ayyaana kana ayyaaneffachuun sirrii
miti” jedhee abbaa kiyyaan mormaa ture.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 48


Sirna damaraa abbaan kiyya ittiin ayyaaneffatu
sana namoota amantaa pheenxee keessaa qofas miti
kan morman. Qeesotni amantaa Ortoodoksiis
“damaraa isa jettee muka manatti hirkiftu kana dhiisi!
damaraan kee amantaa keenyaa wajjin hin deemu” ittiin
jedhanii dheekkamu turan. Abbaan kiyya garuu
yeroof dheekkamsa jaraa sana jalaa callisus, yeroo
ayyaanni damaraa ga’u hunda damaraa isaa
akkuma isa durii sanatti ayyaaneffata ture. Sirna
ayyaana damaraa abbaan kiyya hordofu irratti
mormiin garaa garaa isa mudatus “Isin kan beektan
jedhaa, ani akkan beekuttan ayyaaneffadha!” jedha
ture abbaan kiyya. Egaa damaraan naannoo
keenyatti muka jiidhaa lama manatti hirkisuun
damarama jechuudha. Maal kana qofaree namootni
naannoo Oromiyaa kanneen biroon tokko tokko
akka ibsanitti ammoo, damaraan abidda alatti
gubanii daaraa isaa itti naannessuu ykn itti
marsuun ayyaaneffama jedhu. Hiiknumti Damaraa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 49


jedhu kuniyyuu daaraa maraa kan jedhu kanarraa
madde jedhaniis kan ibsan ni jiru.
Haa ta’u malee namootni yeroo ammaa kana irra
jireessaan ayyaana Damaraa amantaa
Kiristaanummaa wajjin wal qabsiisu. Ayyaanichi
ayyaan kiristaanummaa jedhamus, addatti
Ortoodoksii Itoophiyaatu ittiin beekamaa jira.
Ambaa kiliyaa kan UNSCO irratti Itoophiyaan
galmeessistee qabdu keessaas tokko ayyaana
damaraa ykn masqalaa kanadha.
Akka seenaan tokko tokko ibsutti dhaloota
Kiristoosiin booda jarraa 4ffaa keessa mootittiin
‘Hileenii’ jedhamtu tokko naannoo Roomaa jiraacha
akka turte himama. Mootittiin Hilleenii jedhamtu
kun haadha mooticha isa yeroo jalqabaaf Kiristaana
keessaa mootii Roomaa ta’uu danda’e ture.
Mootichi Roomaa kun Haadha isaas kutaa
bulchiinsa Roomaa keessa bakka tokko akka isheen
hoggantuuf muuduun isaa ni himama.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 50


Akka seenaan kun ibsutti mootittiin Hilleenii
jedhamtu kun bara 326-328 tti daawwannaaf gara
lafa qulqullaawaa(holy land) jedhamu deemtee
turte. Achittis hojii tola ooltummaa kanneen akka
waldaa Kiristaanotaaf ijaaruu fi hiyyeessota
gargaaruu hedduu gochaa turte jedhama.
Bakki qulqullaawaan(holy land)jedhamu kun
naannoo Yesuus keessatti dhalatee guddatee,
barsiisaa turee fi itti fannifame ta’uu isaati. Bakki
kun lafarratti gidduu galaana Medeteriyaaniyaanii fi
galoo galaana Yordaanos/Jordan jedhamu gidduu
ta’a jedhamee himama. Bakki kun bakka kitaabni
kiristaanotaa(bible) lafa Israa’el jedhee waamudha.
Ta’us lafti kun yeroo ammaa naannoo lafa
Filisxeemotaa(Palastines) akka ta’etu beekama.
Hilleenii bakka qullaa’aa jedhamu kana yeroo
deemte achitti fannoo sadii argachuu akka
dandeessestu garii kiristaanotaan amanama.
Fannoo kana sadan keessaa tokko isa Yesuus irratti

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 51


fannifame yemmuu ta’u, lama ammoo isa hattootni
lama bitaa fi mirga isaatitti ittiin fannifaman ta’a
jedhamee shakkame. Hilleeniin yeroo fannoo kana
argatte haafa naannoo sanatti walitti qabamee jiru
sana gubdeetu haara isaa faana dhooftee bakka
fannoon dhugaan inni Yesuus itti fannifame jiru
sana argitee, lafa keessaa qochisiistee baasifte
jedhama. Haafni walitti qabamee gubame sunis
balfa namootni bakka fannoon sun argamutti gatan
ture. Akka namootni ibsanitti erga Yesuu achitti
fannifamee kaasee bakka sanatti balfatu gatama
ture. Balfi gatamaa ture kunis tuulamee gaara ta’ee,
fannoo sana awwaaluu danda’e.
Egaa Hilleeniin balfa walitti qabamee jiru sana
gubde jechuudha. Balfi gubame sunis isa walirra
tuulamee fannoo isheen barbaaddu sana dhoksee
turedha. Fannoo dhokate sana argachuuf jalqaba
balfa tuulame sana gubde jechuudha. Egaa
namootni ayyaana damaraa ayyaanessanis balfa isa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 52


walitti qabamee ture sana gubuu irraa ka’eeti. Akka
afaan Amaariffaatti walitti dabalamuun balfa kanaa
walitti ‘Dammaramuu’ isaati. Kanumaan Damaraa
jedhame jedhu. Masqal jechuun ammoo fannoo isa
argame sana ibsa jedhu. Fannoo jechuunis afaan
Amaariffaan ‘Masqel’ jedhama.
Egaa gama amantaan yoo ilaalle ayyaanni Masqalaa
fi Damaraa yaadannoo adeemsa Hilleeniin ittiin
fannoo (Masqel) Yesuus argatte sanaaf kabajama.
Seenaan kun dhugaa ta’uu isaa amantaalee
Kiristaanummaa keessaa Kaatolikii fi Ortoodoksiin
amananis. Amantaaleen kanneen akka Protestaantii
ni shakku. Fkn fannoon yeroo sana argame
jedhamu ajaa’iba Helleeniin argamus kan yesuus
itti fannifame ta’uu fi dhabuun isaa shakkii
uumeera. Kanneen amanan garuu fannoo sana
gargar kutanii waldaalee biyyoota addunyaa jiru
hedduun ga’uu yaalanii turan jedhama. Irra
jireessaan garuu qaamni fannoo kanaa waldaa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 53


Kaatolikii Roomaa keessa olka’amee jira jedhama.
Cabaan fannoo kanaa muraasni isaa karaa biyya
Gibxii(Misirii) akka gara biyya Itoophiyaa galee
jirus ni dubbatama. Itoophiyaa keessaas waldaa
Gishan Mariyam jedhamu keessa akka olkaa’amee
jiru fa’a shakkama jedhanii namootni himan jiru.
Ortoodoksii Itoophiyaa fi kanneen biroon adeemsa
Hilleeniin ittiin fannoo yesuus argadhe jette kana
dhugaa ta’uu isaa amananis, Protestaantotni ammoo
sababa ittiin dhugaa ta’uu dhabuu isaa morman ni
ibsatu. Fknf fannoon Hilleeniin argatte jedhanii
waldaalee garaa garaa kessa olkaaa’anii jiran gaafa
qratamu soba ta’uu isaa ibsu. Kunis gariin mukti
fannoon sun irraa tolfame kan naannoo Yesuus itti
fannifame keessa hin jirre ta’uu isaa ibsu. Gariin
ammoo jaarraan mukichi itti uumame akka
qorannoon laboraatoorii ibsutti kan jaarraa Yesuus
kessa fannifame ibsu miti fa’a jedhu.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 54


Walumaa galatti ayyaanni Damaraafi Masqalaa
bakkaa bakkatti hiika garaa garaa qaba. Yeroo
ammaa kana ayyaanni kun Itoophiyaa keessatti
yeroo walfakkaaturraa eegalee kan
ayyaaneffatamuu eegalu ta’us, Sirna garaa garaan
kabajama. Fknf Oromoon amantaa Ortoodoksii
hordofuu baatus masqalaan mootii ayyaanaa
jedhee waama. Ayyaana kanaaf bakka guddaa
qabaachuu isaati. Maqaan masqala jedhus jecha
ammas qalaa jedhurraa akka uumame ta’uus kan
ibsan jiru. Naannoo Uummattoota kibbaa birattis
ayyaanni kun ji’a tokko guutuu akka
ayyaaneffatamu himu namootni. Akka amantaa
Ortoodoksii Itoophiyaatti garuu fulbaana 17 qofa
ayyaaneffatama. Egaa kamtu kamii? Ati maal jette?
Atumti qaaccessi jedheetan siif dhiise dubbii kana!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 55


BOQONNAA JA’A
Moggaasa
Namootni maqaa garaa garaa moggaasanii qabu.
Ammas moggasaa jiru. Moggaasni maqaa kun
fedhaa fi hawwii namootaa waan ibsu fakkaata.
Namootni hawwii gaariis ta’u, badaa namaaf qaban
moggaasaan ibsatu.
Waanti salphaan namootni uumuu danda’an
maqaa moggaasuudha. Namootni maqaa ofittis
ormattis ni moggaasu. Maqaan isaan ofittis ta’u
waantotatti moggaasan hedduun isaa garuu
namootas ta’e waantota sana waan ibsu hin fakaatu.
Yeroo baayyee namootni moggaasa kan
fayyadaman:-waantota bareedaa fokkisiisuuf, isa
fokkisummoo bareechuuf, isa laafaa jabeessuuf, isa
jabaa laaffisuuf, isa hin jirre jiraachisuuf isa
jirummoo balleesssuuf fa’i! Namootni yoo maqaa
moggaasan: Fayyisaa, Guddisaa, Badhaasaa,
Qulqulluu, Xuraawwaa, Kumaa, Kitilaa, Caalchisaa,

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 56


Gingilchaa, Abaaboo, Siddisee, Warqee, Meetii fa’a
jedhu. Moggaasni isaanii fedhii isaan xureessuu
ykn qulleessuuf qabanis ni ibsa.
Haalli namootni maqaa ittiin moggaasan maqaa
sana ibsuu haa dhiisuyyuu malee, moggaasni
daran murteessaadha. Namnis ta’e waanti kam
moggaasa maqaa malee beekamtii hin argatu. Fknf
waa’ee kee osoon hin qoratin dursa maqaa ati ittiin
beekamtu beekuun dirqama. Sana booda maqaa
maatii keetii, maqaa sanyii keetii, maqaa garee
keetii fi maqaa biyya keetii fa’a beekuun itti fufa.
Kanaan maalummaa kee namoota kanneen biroo
irraa addaan baasanii hubachuun danda’ama.
Kanaafuu waanti kamuu moggaasa qabaachuun
waantota kannneen biroo irraa addaan isa baasanii
hubachuuf fayyada. Haa ta’uutii namootni maqaa
akkamii ofittis ta’e kanneen birootti moggaasanii
jiru? Moggaasni kun maal isaan fayyadaa jira?
Gaaffileen jedhan gaariidha.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 57


Akkuma beekamu addunyaa kanarratti maqaan
namootaa akkuma garaa garummaa amantaa fi
afaaniitti maqaanis garaa gara ta’ee mul’ata. Ta’us,
maqaaleen waaltaa’anii addunyaa biratti beekamtii
qabaatanis hin dhabaman. Fknf maqaan Israa’el
jedhu biyyoota hedduu keessatti moggaafamee
argama. Maqaan kun amantaa kiristaanaa wajjin
bal’achuu isaati. Maddi maqaa kanaa garuu biyya
Israa’eeliiti. Dabalataan maqaan Mohaammed jedhus
hedduu beekamaadha. Kunis amantaa
Islaamummaa faana babal’ate. Maqaan Badhaasaa
jedhu garuu asumatti hafe. Innis osoo amantaan
waaqefannaa Oromoo addunyaa guutuutti
babal’ateera ta’ee sila akkuma Mohammadii fi
Israa’eelii addunyaan isas beeka ture. Egaa eenyu
Waaqeffannaa babal’isee Badhaasaa addunyaaf haa
beeksisuree?Deebii kanaas atumti jedhi waan jettu!.
Egaa moggaasani siyaasaaf amantaas ni ilaallata.
Eeyyen, namootni akkuma ilaalchaa fi fedha

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 58


isaaniitti kan jejanis kan jibbanis moggaasa maqaan
ibsatu. Waanti nama dhibu garuu namootni ofii
isaaniitti maqaa jallattan moggasnaniitu maqaa
jibban ammoo ormaaf moggaasu. Ofittoon kun!
Nama bifni isaa gurraachaan garba jedhu. Kan adii
ykn diimaan ammoo boorana fa’a jedhu. Maal kana
qofaree isa boorana jedhanitti yoo maqaa Caalaa
jedhu moggaasan, isa garba jedhanittimmoo maqaa
Waxxeessoo jedhu fa’a moggaasu. Kun gama
aadaatiin yeroo illalluudha.
Gama amantaan yoo ilaalle ammoo namni maqaa
Oromoon moggafame tokko maqaa Oromummaa
isaatiin Kiristaana Ykn Islaama ta’uu hin danda’u.
Fknf Caalaan yoo kiristaanummaa fudhate, jalqaba
bishaaniin cuuphamuu qaba. Erga cuuphamee
booda itti kadhatamee kiristaana godhama.
Gaafuma sana garuu maqaa oromummaa isa
Caalaa jedhu dhiisaniitu, maqaalee akka:- Walata
Goorgis, Gabra Maariyaam , Gabra Kiristoos fa’a

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 59


jedhanii moggaasu. Gama Islaamummaanis Caalaan
Caalaa ta’uu hin danda’u. Caalaan gaafa Musliima
ta’uu fedherraa kaasee, Caalaa ta’uun isaa hafee
maqaan akka ‘Abdallaa’jedhu fa’a itti moggaafama.
Maarree egaa kun hunduu moggaasa. Namootni
isa jibban irraa mulqaniitu isa jaallatan bakka
buufatu. Egaa akkasitti maqaa bareechanii maqaa
balleessani. Eenyu fa’an? Atumti jedhi waan jettu!
Maarree, akkasitti Maqaa baay’eetu bareechamees
balleeffame.
Biyyaa Itoophiyaa kana keessatti maqaa
moggaasuu qofaan seenaa bareechamee seenaa
balleeffame hedduu kaasuun ni danda’ama. Akka
fakkeenyaatti namoota sanyii filatamoo jedhamanii
mogga’anii fi kanneen biroo ilaaluu dandeenya.
Akka bara bulchiinsa mootummaa isa ‘Solomonic
Dynasty’(Mootummaa Solomoonawaa) jedhamee
mogga’uun walharkaa fuudhiinsa dhaalaan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 60


bulchamaa tureetti, Mootii Itoophiyaa ta’uuf dursa
sanyii Solomoon(Sanyii seem/ Yihudootaa) ta’uu qabu.
Akka ibsa kanaatti namni yeroo jalqabaaf sanyii
solomoon ta’ee Itoophiyaa(Abiysinia) bulche ‘Minilik
Tokkoffaa (Minilik I’)jedhama.
Namni minilik I jedhamee beekamu kun ilma
mootittii Saabaa ta’uun isaas ni odeeffama.
Mootittiin saabaa jedhamtu kun ammoo dhaloota
Kiristoosiin dura, kaaba Itoopiya bakka Axum
jedhamu akka bulchaa turtes ni ibsama. Mootittiin
kun mootii Israa’el yeroo sanaa kan ture Solomoon
Oogummaa ajaa’ibsiisaa akka qabu odeeffannoo
argatteen oogummaa isaa daawwachuu akka gara
israa’el imaltee turtes ragaan kitaaba
kiristaanummaa irraa argame ni ibsa. Achitti
Solomooniif ulfooftee akka turtes ni odeeffama.
Ragaan kitaaba Kristaanotaa waa’ee ulfaa’uu ishee
kana ibsuu baatus, namootni Kaaba Itoophiyaa fi
amantaa Ortoodoksii Itoopiyaa ni ibsu. Akka ibsa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 61


namoota kanneeniitti mucaan isheen mooticha
Solomooniif ulfooftee deesse sun ‘Minilik’ jedhamee
akka mogga’es dubbatu. Mootummaa mootittii
Saabaas kan dhaale ilma isheen Solomooniif
godhatte isa Minilik jedhamu sana ta’uu isaas ibsu.
Egaa namni jalqaba sanyii Solomoon ta’ee
Itoophiyaa bulche Minilik kana waan ta’eef
moggaasa ‘Minilik Tokkoffaa’ (Minilik I) jedhu argate
jedhaniitu ibsu. Asirratti waanti hubatamuu qabu
Minilik I tokkoffaa jedhamee moggaafamuun isaa
kan ibsu, mootiin itti aanu ammoo Minilik II,
Minilik III…jedhamee dhaalaan akka daddarbuuf
kan yaadamee ture ta’uu isaati. Gama biraanis yoo
sanyii jarreen kanaa ykn moggaasa jarreen kanaa
fudhatan malee akka sirna Solomonic dynasty
kanatti Itoophiyaa keessatti mootii ta’uun hin
eyyamamu ture. Yeroo baayyee namootni
Itoophiyaa keessaa “nuti sanyii Seemiiti” ofiin
jedhanis namoota barsiisa jarreen kanaa amanuun

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 62


nuti sanyii minilik I ti ofiin jedhaniidha. Minilik
inni lammaffaa(Minilik II) jedhamee Itoophiyaa
bulchaa tures kanumaaf akkas jedhamee
moggafame. Haa ta’u malee Saabaas taatu,
Afrikaanotni sanyii seem ta’an waan jiran hin
fakkaatan. Akkuma beekamu namootni baayyeen
Afrikaa ta’anii sababa kiristaanummaa fudhataniif
nuti Israa’eloota ofiinis ni jedhu.
Akka seenaan ibsutti Saabaan akkuma Kuushii fi
kana’aan hidda sanyii kaam ilma Nohiiti jedhama.
Waaqni Israa’el yeroo tokko Israa’eliin ani qooda
kee Saabaa fi Kuushiin dabarseen kenna jedhee
kakatee ture(Isayas 43:3). Israa’el ijoollee ‘Nohi’
keessaa kan Seemiti. Sanyii Seemii waaqni akka
jaallatu fi sanyii Kaam ammoo abaarsa abbaa irraa
kan ka’e waaqni jibbuu amanu. Kuushii fi saabaan
ijoollee Kaamiti. Kanaaf waaqni Israa’el yeroo
Israa’eliin kunuunfatee Kuushii fi Saabaa
balleessuuf itti kakatus ifatti ba’ees mul’ata.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 63


Afrikaanotni sanyii Solomoon ykn Seemiitti of
waaman sababa Solomooniin jaallataniif
akkasumas fedhii siyaasaaf jecha seemiin ykn
sanyii Yihudootaa ta’uu fedhan malee jalqabni
isaanii seem hin turre jechuudha. Seenaan waa’ee
Minilik I odeessu kunis siyaasaaf kan kalaqame
fakkaata.
Egaa seenaan kun dhugaa ta’uu baatus, moototni
Itoophiyaa kanneen akka Minilik lammaffaa fi
Haaylesillaasee seenaa kanaan Itoophiyaa yeroo
dheeraaf bituu danda’anii jiru. Haala kanaan
moototni yoo muudaman qomoon isaanii dirqama
sanyyii seemii(sanyii mooticha solomoon) ykn
hordoftoota amantaa Ortoodoksii ta’uu qabu ture.
Kanaafuu Moototni Itoophiya duraanii moggaasa
maqaa sanyii seem ta’uu isaanii ibsu ofitti
moggaasanii ittiin of yaamaa turan. Fkn akkuma
Minilik II ffaan hidda moggaasa maqaa minilik I
ta’uu isaa of ibse. Moggaasni maqaa Minilik I fi II

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 64


jedhu kun garuu daran fagaatee hin deemne.
Sababni inni fagaatee deemuu dhabeefis sababa
minilikII n dhala dhiiraa dhabeef ture. Osoo inni
ilma dhiiraa qabaateera ta’ee silaa Minilik
III….jedhame itti fufa ture. Silaa mormiin hanga
Iyyaasuu mudate isa hin mudatu ture. Haa ta’u
malee minilik II sababa dhala dhiiraa dhabeef jecha
mootummaa isaa Lij Iyyaasuutti dabarsee du’uuf
dirqame. Lij Iyyaasuun kun ammoo Oromoo ture.
Ta’us garuu amantaa Ortoodoksii fudhateera.
Kanumaan MinilikII n mootummaa isaa Iyyaasuu
dhaalchisee du’e. Gocha Minilik II n Iyyaasuu
muude kana garuu Qeesotni hin feene. Kanarraa
ka’aniitu Iyyaasuu mormuu eegalan. Iyyaasuuf
maqaa Minilik III moggaasuufiin hafnaan
mootummaa irraayyuu akka kaafamuu fi bakka
isaa Tefarin(Haayilesellaaseen) mootii akka ta’uu
qabuuf shira garaa garaa xaxuu eegalan.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 65


Akkasittiin Iyyaasuunis fudhatama dhabe. Itti
malaniitu bakka Iyyaasuu Tafarii muudani.
Ras Tefariinis(Haaylasillaaseenis) maqaa “Mo’a
Anbessa Ze’Imnegede Yihuda “Jedhu ofitti moggaasee
ittiin bulchuu eegale. Tumsa qeesotaa kan qabu
Ras Tefariin uummata biratti kabaja aragate.
Moggaasa kanarraa kan ka’es namootni qeequun
hafnaan akka waaqaattiyyuu kufanii sagaduuf
turan. Kanaanis bara 1930-1974tti bulchuu danda’e.
Waggaa 40 ol Itoophiyaa bulchuu isaati. Yeroo sana
Itoophiyaa bira tareeyyuu addunyaa guutuutti
beekamee ture. Amantaan Ras Tefarian jedhamu
uumamuunis baruma sana ture.
Egaa keessaafi alaan kabajaa fi tumsa qabaatus
mootummaan Ras Tefari kun kan bara baraa ta’ee
Itoophiyaa keessatti itti fufuu hin dandeenye. Akka
carraa ta’ee bara Ras Tefariin biyya bulchaa ture
Itoophiyaa keessatti barnootni ammayyaa
babal’achuu eegale ture. Dhalootni barate ammoo

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 66


akkuma duraa waan qeesotni jedhan qofa ‘ameen’
jedhee fudhachuurra gaaffii mirgaa gaafachuu
eegale. Kanarraan kan ka’es mormiin Ras Tefari
mudachuu eegale. Kanumaan bara 1974
mootummaan sirna ‘socialism’ hordofu (dergiin)
mootummaa Itoophiyaa ta’ee bulchuu eegale.
Dargiinis bara 1974-1991 bulche. Sirni ‘dergii’ kunis
amantaaf daran bakka laachuu haa dhabu malee,
garuu ilaalcha amantaa qulqulluu tokkichaa fi
afaan tokkichaa Itoophiyaa keessatti kunuunsuu
hin dhiifne. Amantaalee biroofi afaanotni biroon
kan hin barbaachifne ta’uu isaaniiti. Egaa Kunis
dergiirratti falmii finiinse. Isumatu kufaatii dergiis
ariifachiise. Eeyyen sirni motummoota itoophiyaa
durii gabaabinaan kana fakkaata. Kan isa amma
keessa jirruu kanammoo jabina isaas ta’u laafina
isaa gaafa inni aangoo gadilakkisuuf haa bulchinu.
Eeyyen,dhalootni gaafas seenaa jiru haa galmeessu!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 67


BOQONNAA TORBA
Maqa-balleessii
Namootni namootuma akka isaanii xureessuuf
yaalii taasisu. Kun ammoo caalmaa yaadaa
argatanii filatamuuf ta'uu hin oolu. Filatamuun
ammoo siyaasaan, dingadeen, aadaa fa'an dursuuf
ta'uu isaati. Fknf maqaa saba biraa xureessuuf
maqaa inni ittiin of yaamu jijjiiranii jecha arrabsoo
fakkaatu kan akka:-Shaanqillaa,Gudeellaa, Gaallaa
jedhu fa’a moggaasanii waamaa fi waamsisaa turan.
Warri maqaa akkasii saba biraaf moggaasu kun
ofittimmoo maqaa akka qulqulluu woyii
moggaafatu. Ofii qullaa’anii sabni kanneen
biroonimmoo akka xuraa’e ibsachuu isaaniiti.
Kitaaba mul’ata Maariyaam jedhamu tokko irratti
gaallaa fi shaanqillaan ofii moggaasan kunis akka
mootummaa yesuus kiristoos hin arganne kataban.
Maal kana qofaree Afaan jarreen kanaan mana
amantaa isaaniii keessatti kadhachuu fi

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 68


galateeffachuu ykn barsiisuu fa'as waaqni akka hin
feene godhaniis namoota barsiisu turan. Kun ajab
nama hin jechisiisuuree! Namootni amantaa da'oo
godhatanii siyaasa isaanii akka adeemsifatan gocha
kanaan yoo hin hubanne yoom hubachuuf taanaa?
Ofii dammaqanii walis dammaqsuun silaa karaa
kana ture. Warra si abaaruu wajjin gortee of
abaaruun qabsoo hin ta’u. Ta’us fagoo hin ga’u!
Kanuma! Eeyyen, qabsoon bu’uraa kanuma.
Wacaan waanti dhufu hagas mara miti. ‘Down
down’ jedhaniif wanti kufus wanti jigus dhabamuu
mala. Yoo lubbuu ol adeemaa hedduu galaafate
malee wacni eessaanuu nama hin ga'u. Amma
yeroon yeroo itti xiinxala xiixalanii, shira dabaan
xaxame hunda hundeen buqqisanii darbaniidha.
Kana gochuuf wacaa fi oduu arrabsoo fa'a dhiifnee
tasgabbiin isa kamtu kami jennee hubachuu qabna.
Namootatti quba qabuu dura ofitti quba qabuu
wayya. Ani amma maalan jechaa jiraa?

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 69


Maqaa namootni namuma akka isaaniitti
sababaalee garaa garaan moggaasan danuutu jira.
Fakkeenyaaf: Tumtuu, Faaqii, Budaa fi Toshattuu
fa'a kaasuun ni danda'ama. Maal kana qofaree
namootni yeroo ammaa namoota beektota
jedhaman hundayyuu maqaa garaa garaa itti
moggaasaniitu namootni akka isaaniin hin
hordofne gochuu fedhu. Fknf maqaalee akka
‘Illuminati’ fi 666 jedhaman dhaga'uu hin ooltu ta’a.
‘Illuminati’ jechi jedhu jalqaba jecha ‘illuminate’
jedhurraa dhufe. Innis ifa ibsa. Kanaafuu namootni
illuminati jedhaman namoota waanti hundi ifeef
ta'uu isaaniiti. Maarree egaa, illuminaatotni
ilaalcha amantaa kiristaanummaatiin yoo ilaalaman
namoota seexana hordofan jedhamanii ibsamu.
Namootni garee illuminatiiti jedhaman kunniin
maqaa garee 666 jedhamuunis ni yaamamu. 666
kun mallattoo bineensa gaanfa qabuuti akkasumas
‘daabiloos’ mootii seexanaati jedhamees amanama.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 70


Bineensi kun mormituu waaqaa ta’uu isaati.Kanas
kitaaba amantaa kirstaanaatu ibsa. Ragaaf
kitaabicha keessaa isa 'Mul'ata yohaannisitii mullate'
jedhamu boqonnaa 13:18 irraa dubbistee
mirkaneessuu dandeessa. Haala kanaan yoo ilaalle
gareen namoota Illuminati ykn 666 ta'an akka
uumamaniif bu'uura kan ta’e kiristaanummaa ta’uu
isaati. Jalqabni garee kanaa ifaan ifatti faallaa
barsiisa amantaa kiristaanaa ta'uuf waan uumame
fakkaata. Kana kan ibsu waantota barsiisni
amantaa kiristaanaa dhorku kamuu isaan ammoo
yeroo dalagan ykn morman ifatti mul'achuu isaati.
Gareen kunniin kallattiin amantaa kiristaanummaa
mormuuf bu'ura haa ta'an malee alkallattiin
amantaalee yihudiizimii irraa dhufan kan akka
Islaamummaas ni dabalata. Sababni isaas bu'uurri
kirstaanummaa fi isilaamummaa ilaalcha amantaa
‘yihudiizimii’ waan ta'efidha. Ilaalchi amantaaleen
kunniin waa'ee waaqaa, seera uumamaa, seera

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 71


waaqaa, adaba waaqaa, jireenya bara baraa,
seexanaa fi ergamootaa fa'a irratti qaban hanga
xiqqoon garaa garummaa qabaatus bu'uurri isaa
wal fakkaata. Kanaaf gareen ‘illuminati’ jedhaman
amantaa kiristaanummaa fi Isilaamummaa wajjiin
kallattiinis ta'e alkallattiin ilaalcha faallaa qabu.
Gareen namoota illuminati jedhamanii kun
miseensa garee kanaa ta'uu isaanii mirkaneessuuf
mallattoo agarsiisan qabu. Mallattoolee kanneen
keessaa muraasni fakkii armaan gadiittiin ibsamu.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 72


Garee illuminati kana irra jireessaan kanneen
balaaleffatan namoota amantaa kiristaanummaa
hordofaniidha. Kunis ka'umsi ibsa jiraachuu garee
namoota kanneenii bible ykn kitaaba qulqulluu
amantaa kiristaanaa ta'uu isaatiin. Jarreen
illuminati jedhaman kunniin garee kana ta’uu
isaanii bekanii ittiin kan boonan akkuma jiran,
hordoftoota garee sanaa ta'uuma isaaniiyyuu osoo
hin hubatin kanneen garee kanatti waamamanis
hin dhabaman. Fknf namootni oomisha garee
kanaa fayyadaman ykn mallattoo garee kanaa
fayyadaman miseensa guutuu isaaniitu himama.
Egaa mallattoo garee kana waanta ibsuu fi oomisha
garee kanaa fayyadamuun miseensuummaa garee
kanaa guutu jechuudha. Ibsi kun’ yeroo ammaa
kana addunyaa guutuurraa eenyutu miseensa
garee kanaa hin taane? Gaaffiin jedhu sammuu
namaatti akka uumu taasisa. Fknf mallattoo garee
kanaa keessaa tokko fakkii bofaa fayyadamuudha.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 73


Kun ammoo daawaa mana yaalaa deemne
fayyadamnu kamuu dabalachuu isaati. Mallattoon
mana yaalaa ammayyaa fa'a yeroo baayyee fakkii
bofaa kana fayyadamu. Namootni Oomishaalee
akka bilbilaa fi meeshaalee ‘elekrooniksii’garaa garaa
dabalatee argannoo ciccimoo addunyaan keessa
jirru fayyadamtu garee namoota‘illuminati’ kanaan
akka argamantu ibsama. Argannoo jajjabaa warra
waa ifeeftu argata mitiiree? Egaa namni oomisha
kanneen fayyadamuu dhiisee miseensa jara kanaa
ta'uurraa bilisa ta'uu danda'u eenyu haa jennuree?
Bofni uumama jiran keessaa ergamaa, akkasumas
mallattoo seexanaa maaliif akka ta’e ifa ta'uu
baatus, Yeroo waaqni jalqaba nama uumee ajaja “ija
mukaa hundaa sooradhaa garuu ija muka isa ija
namaa banu sana garuu akka hin sooranne” jedhee
ajajje sana bofni uumama hunda keessaa haxxee
waan taa’eef, ija muka isa waaqni dhorke sana
akka soorataniif kan ajaje ta'uun isaa bible keessatti

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 74


ibsameera(Uumama 3:1-6). Bofni yeroo ija mukicha
akka soorachuu qaban namootaaf ibse sana, waaqni
akka ofii isaatii akka isin beekaa hin taaneef isin
dhorke jedhee ibseefii ture. Isaanis gaafa sooratan
of arganii qullaa ta'uu isaanii hubatan jedhamee
katabamee jira. Kanarraan kan ka'e bofni mallattoo
seexanaa fi mormituu waaqaa ta'ee
kiristaanummaa biratti beekame. Haa ta'u malee
gareen Illuminati jedhaman kunniin bofa ni jaallatu.
Sababiin isaa ammoo muka isa ija namaa banee
waanta naannoo namootaa jiru arguu akka
danda'an godhu sana kan jalqaba namootaaf ibse
bofa jedhu. Kanaafuu waaqni namootaa bofa isa ija
namootaa akka banamu godheedha jedhu. Waaqni
inni muka ija isiniif banu hin sooratinaa jedhe sun
jaamummaa ykn doofaa ta'anii akka namootni
hafan fedha jedhanii amanu. Kanaafuu waaqa isa
jedhamu sanarra bofa isa akka namootni
qaroomaniif karaa saaqaxe wayya ilaalcha jedhuun

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 75


gareen illuminati jedhaman kunniin namoota
amantaa hordofaniin mormu. Egaa namoota
amantaa hordofan biratti namoota garee garaa
garaatti addaan qoqqooduun kun danuu ta'ee
mul'ta. Fknf yoo fedhan garee ijollee Ifaa fi
dukkanaa jedhaman uumu. Yoo fedhan ammoo
islaamaaf kiristaana jedhanii garee uumu. Kanaan
namni gareen waltumsee waldiigaa jiraata.
Amma sirba Dr Alii Birraan yaadadhe. “Rabbimoo
namumaa kan seera jallise..?” Egaa namni gareetti
qoodee wal faarsa. Walis abaara. Cubbamoota,
xuraawota fa’a jedheetu maqaa walballeessaa oola.
Maal kana qofaree waantota akka soorataas
Qullaawaa fi xuraawaa jedhee maqaa moggaasa.
Dalagaa qulla’aa fi isa xuroofnaan namni dalaguu
dhorkames kanumaan addaan baase. Kanumatu
jireenyaa fi ilaalcha namootaas baayyisee quucerse!

BOQONNAA SADDEET

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 76


Gaaffii
Gaafii kana gaaffiin haa eegallu! Waanti addunyaa
kanarraa baay’ee barbaachisaan maali? Jedhee yoon
si gaafadhe, maal jettee naaf deebifta? Deebii kee
situ beeka. Deebiin garuu gaaffiima ta’uu isaati.
Albert Einstein yoo waa’ee barbaachisummaa gaaffii
kana ibsu:“Addunyaa kanarratti waanti baayyee
barbaachisaan tokko gaaffii gaafachuu dhaabuu
dhiisuudha, Sababni isaas gaaffiinumti jiraachuun
isaayyuu sababa mataa isaa qaba(The most important
thing on this world is not stop questioning, because
curiosity has its own reason for existence” jedheeti.
Waa mara gaafachuun waa mara hubachuuf ni
fayyada. Namni waan baruu ykn hubachuu qabu
gaafachuu qaba. namni yoo waa’ee ofii isaas ta’e
kan biroo sirriitti baruuf gaaffii gaafachuu qaba.
yeroo baay’ee namni waanuma waan hedduu
beeku of se’a. Dhugaan jiru garuu namootni waa’ee
waantota kan biroo hunda beekuun hafnaan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 77


waa’ema mataa isaaniiyyuu waa hunda hin beekan.
Namootni waa’ee ofii isaanii akkuma of
tilmaamanitti beeku. Of tilmaamuun kun ammoo
dhugaa ta’uu dhiisuu mala. Namni maal akka
fakkaatu hubachuu kan danda’u:- Of-ilaallee
keessatti ilaalee; sammuu isaa keessatti of
tilmaamee; akkasumas namoota isa ilaalaa jiran
irraa maal akka fakkaatu gaafatee beekuu ykn
hubachuu danda’a. Egaa namootni of hubachuuf
of tilmaamuun qofti ga’aa miti. Ani akkana jedhanii
of tilmaamuu cinatti dhuguma garuu ani akkanaa?
Ani maalan fakkaadha? Namootni waa’ee
kiyyammoo maal jedhu? Kan namootni naan
jedhan moo isan ofiin jedhutu sirriidha? Maaliif?
Jedhanii fa’a yoo of gaafatan fakkii ofii sirriitti
hubatu. Fakkeenyaaf ati fuula kee akkamitti argaa
jirta amma? Maaltu fuulakeerra jira? Akkamitti of
arguu dandeesse?

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 78


Walumaa galatti gaaffii gaafachuun gaariidha. Ani
eenyu? Sanyiin koo maali? Aadaa fi amantaan koo
maali? Maalan gochuu qaba? maaliif? Akkamitti?
Eessatti? Yoom? fa’a jedhanii gaaffiin jalqabuun
dhugaa hubatanii dhugaan jiraachuuf nama
fayyada. Namootni baayyeen beekumsa waa’ee ofii
isaanii osoo sirriitti hin xumurin utaalanii waa’ee
namoota kan biroo baruu fedhu. Waan ofii
dhiisanii waan kan biraa faarsu. Kan ofii
wallaalanii kan horma beekuu fedhu. Namoota
tokko tokkotti afaan Ingiliffaa baruun beekumsa itti
fakkaata. Afaan baruun badii hin qabu. Afaan
kamuu ittiin walii galuuf hedduu fayyada. Yoo
afaan saayinsii ta’es saayinsii ittiin barachuuf
hedduu gaariidha. Garuu afaan baruun beekaa
nama hin jechisiisu. Afaan bartee saayinsii ittiin
baratte jechuun yeroo hunda dhugaa hubatte
jechuus miti. Barachuun hundi dhugaa nama hin
barsiisu. Barachuun xiinxaluu si shaakalchiisa.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 79


Xiinxaltee dhugaa hubachuufimmoo gaaffiin
eegaluu qabda.
Namootni gaaffii gaafachuu dhiisan waantota
jirenya isaaniif baay’ee barbaachisoo ta’an osoo hin
barin hafu. Namni jireenya isaa keessatti waanta isa
fayyaduu fi waanta isa miidhu hunda beeekuu
qaba. Addunyaa kanarra jiraachuuf akkaataa ittiin
jiraatan beekuun barbaachisaadha. Waanta hin
beekne hubachuuf ammoo gaaffiin eegalu.
Beekumsa malee jireenyi hin danda’amu jechuus
miti. Kan jechaa jirru waa’ee jireenya mijataa fi
jireenya gadadoo jiraachuuti. Egaa namaaf jireenya
isaa keessatti beekumsii fi hubannaan hedduu
barbaachisaa ta’uu isaati. Namni beekuuf
akkasumas waan beeku dhugummaa isaa
mirkaneessee hubachuufis sirriitti qorachuu qaba.
Akkuma beekamu beekumsi qo’annoo fi qorannoo
akkasumas muuxannoon argamuu mala. Fknf
Daa’imni tokko abiddi nama gubuu isaa kan bartu

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 80


jalqaba tarii harkaan qabdee ta’uu mala. Inni kun
muuxannoo/mudannoo (experience) jedhama. Osoo
hin gubatin akka abiddi nama gubu beekuuf
ammoo ‘kuni maali?’ jettee gaafatti. Maatiin abidda
yoo jedhe, abiddi maali?...fa’a jettee qorannoo itti
fufti. Kun ammoo daa’imni maatii irraa
maalummaa abiddaa sirriitti baruuf tattaaffii isheen
gootu agarsiisa. Haa ta’u malee daa’imni abiddi
akkamitti akka nama gubu hubachuuf barsiisni
maatii qofti ga’aa hin fakkaatu. Daa’imman gaaffi
‘abiddi yeroo nama gubu akkam nama godha ykn miira
akkamii namatti uuma’? jedhus qortee ilaaluu feeti.
Kunis sababa fedhiin waantota qoranii sirriitti
hubachuu(curiosity) uumamaan namoota keessa
jiruufidha. Kanaafuu abiddi nama guba jedhamu
kun maal akka fakkaatu ija maatii dhokattee
abiddicha tuqtee dhandhamuu ykn xiqqoo
gubattee ilaaluu feeti. Kunis barsiisni maatii irraa
argamu daa’immaniif guutummaatti ifa akka hin

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 81


taane ibsa. Gochi da’imni waanta hin tuqin
jedhamte dhokattee tuqxee ilaaltu kun amala
namootni waantota dhorkaman dhoksanii
dhandhamuu fedhanis ni mul’isa.
Egaa adeeemsa qo’annoo fi qorannootiin akkamitti
akka hubannoo argachuun danda’amu ilaaluu
yaalleerra. Eeyyen namootni waantota kamiinuu
sirriitti hubachuuf gaaffiin eegalu. Asitti jecha isa
sirriiitti hubachuuf jedhu kana jecha isa hubachuuf
jedhurraa addaan baasanii ilaaluun
barbaachisaadha. Maaliif jetta laata?Maaliif jechuun
kees gaaffii gaariidha.
Hubachuun yeroo mara sirriitti hubachuu jechuu
miti. Namootni yeroo baayyee waan argaa-
dhageettii dogoggoraan hubatu. Kunimmoo
sababaalee garaa garaan ta’uu mala. Fknf
sababaalee kanneeen keessaa mursaani:-
 Namoota dogoggora hubatan irraa barachuu
 Ofuma isaaniitii akka malee hubachuu

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 82


 Barumsa ga’aa dhabuu
 Gadi fageenyaan qorachuu fi qo’achuu dhabuu
 Seera amantaa fi siyaasaan dhorkamuu fi
 Aadaa gara-garaan dhorkamuu fa’a ta’uu mala.
Egaa gaaffiin waa’ee waanta kamiiyyuu sirriitti
hubachuuf kan fayyadu ta’us, sababaalee gara-
garaan namootni gaaffii gaafatanii wa’ee waanta
sirriitti hubachuu fedhanii tokko hubachuuf
danqamaa jiraachuu isaanii ni hubanna. Rakkoon
kun ammoo namootni baayyeen waan argaa
dhageettiin beekan qofa beeku malee sirriitti
qoranii hubachaa hin jiran. Sirriitti hubannaa
dhabuun kun ammoo namootni soba dhugaa
fakkaatu akka amanaa jiraataniif haala mijeesse.
Gaaffiin deebii hin qabne soba jedheen amana ani.
Barsiisotni waa’ee waanta hin beeknee beeka
jedhanii barsiisanis barsiisota sobaati. Dhugaan
isaan bira hin jiru. Isaanoo nama gaaffii gaafatutti
moggaasa cubbamaa jedhu moggasanii, isa callisee

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 83


amanutti ammoo qullaawaa moggaasuu qofa beeku.
Eeyyen kanuma! Qoqqoodanii moggaasuu beeku.
Moggaasuma kanatu sanyiin namootaa garee: Ifaa
fi Dukkana, Bitaa fi Bitamaa, Abaaramaa fi
Eebbifamaa, Jibbammaa fi Jaallatamaa, Dursaa fi
Durfamaa, Mo’aa fi Mo’amaa jedhee addaan qoode.
Anaaf kan hin galle garuu isa jarreen kunniin nuti
jaalala waaqaa barsiifna jechaa, sanyii namootaa
gareen qoqqoodanii walitti naqaniidha.
Addunyaan kun maaliif nagaa dhabdee jeeqamti
jettee gaafattee hin beektuu? Deebiin saphaadha!
Sababuma namootni kunniin beekumsa maqaa
moggaasuu malee beekumsa qorannoo fi
qoa’annoon mirkanaa’e hin barsiifneefidha. Kana
godhaniitu ammoo ofii maqaa qulqulloota jedhuun
of yaamu. Namni isaaniin morme cubbamuu isaati.
Osoo jarreen kun barsiisa waa’ee garee: mo’aa fi
mo’amaa; bitaa fi bitamaa; qullaawaa fi xuraawaa

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 84


jedhuun namoota tokkummaa dhabsiisanii
akkamitti nagaan argamaa?
Maalumaafuu kan namootaan taphataa jiru
namoota gaaffii gaafachuu namoota dhorkaniidha.
Gaaffiin kamuu gaafatamuu qaba. Waanuma
naannoo kee jiru kamuu yoo gadi fageenyaan
qoratte gadi fageessitee hubatta. Namootni
qarooman asirraa eegalaniitu achi ga’aniifan jedhe.
Kanaafuu; atis moggaasa qofa hin amanin! Dhugaa
baruuf hidhannoo kee gaaffiin jabeessi malee!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 85


BOQONNAA SAGAL
Of Ijaaruu
Namni kamuu jireenya hawwataa jiraachuuf jiruu
isaa dhaaba tolchuu qaba. Jiruun dhaaba tollaan
jireenyi bareedee mul’ata. Jireenya ofii dhaaba
tolchuun kun ammoo ifaajjii booda argama.
Namootni addunyaa kanarra jiraatan hunduu diina
jireenyaa ni qabu. Diina jiruu fi jireenya namootaa
diiguu fedhutu jira jechuu kooti. Diinni kun rakkoo
jedhamee beekama. Rakkoo jireenya namaa diigu
kana mo’atee jiraachuuf namni jireenya isaa dhaaba
tolchee ijaarrachuu qaba. Yoo ijaarsa tolan rakkoo
kamuu ni dandamatu. Ifaniis mul’atu. Hin fokkisan.
Silaa jireenyi namaa waanuma xiqqoon hin
diigamu, hin kufu, hin duufus ture. Haa ta’u malee
jireenyi namootaa rakkoolee hedduu farra jireenyaa
ta’aniin marfamanii argamu. Rakkooleen jireenyaa
kunniin uummata Afrikaa birattimmoo irra
jireessaan danoomanii mul’atu. Keessumaa kan

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 86


biyya keenyaammoo waan jechaa nama dhabsiisa.
Osoo dirreen ittii rakkoo lolanii mo’atan jiraatee,
silaa isa dhabamsiisuuf nu caalaa namni itti duulus
waanuma jiru hin fakkaatu. Tarii nama hidhannoo
bitee ykn gurmuu ijaaree rakkootti nu duulchisutu
dhabame ta’innaa laata?
Akka beektotni jedhanitti rakkoo furuuf jalqaba
madda rakkoo beekuutu dursa. Maddi rakkoos
sababaalee gurguddoo lamarraa akka dhufan ibsu.
Maddi rakkoo 1ffaan sirna (system) yoo ta’u, inni
lammataa ammoo namoota dhuunfaati (individuals).
Akka ibsa kanaatti sababa sirnaan rakkoon
uumamu sababa sirnoota akka; siyaasaa; dinagdee;
amantaa fi aadaa fa’iini. Ibsa gama dhuunfaatiin
ammoo namni kamuu rakkoo uumamuuf sababa
ta’uu akka danda’u hubanna. Sirna uumuufis ta’e
sirna uumame hojiitti hiikuu ykn dhiisuun ga’ee
namoota dhuunfaati. Egaa rakkoo akka gareetti
namoota mudateef namni tokko nama biraatti quba

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 87


qabuu dura, ofitti quba qabuu qaba jechuudha.
Rakkoon garee yeroo baayyee sababa rakkoo
dhuunfaatiin uumama. Namootni rakkoo
uumamuuf itti gaafatamummaa fudhachuu hin
fedhan. Qooda kanaa ‘abalutu akkas godhe’ jechuu
filatu. Silaa rakkoo uumame furuuf namuu waan
danda’u gumaachuutu irraa eegama ture.
Maarree, nutis kanumaaf namni akkamitti
dhuunfaan of-ijaaruu danda’a jennee gaaffiin
eegalle. Eeyyen, of ijaaruun waan hunda ijaaruu
dursa. Of ijaaruun kun isa garee yookiin dhaaba
woyii ijaaran sana jechuu miti. Inni jennu kun
ijaarsa isa dhuunfaa ofii irratti xiyyeeffatuudha.
Kan garee ta’ee ijaaramus ida’ama namoota
dhuunfaati. Mitii ree? Kanaafuu ijaarsa garee kan
dursu ijaarsa dhuunfaati. Namootni dhuunfaa
dhuunfaa isaaniitti osoo of ijaaranii silaa gareen
isaan ijaarratanis ijaarsa tola ture. Ihim! Dhuunfaan
of ijaaruu jenneerra! Mee waa’een dhuunfaan of

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 88


ijaaruu kun maal akka ta’e hubachuuf simarraa haa
eegalluu? Atumti kun dhuunfaa keetiin akkamitti
of ijaartee jirataa? Atis yoo ijaarsa tolte nu
hawwattaafani. Nu hawwannaan ammoo faana
sidhoofna. Yoo ijaarsi kee bu’ura hin tolle garuu ni
duufta. Ni fokkista. Silaa gara kee eenyutu ilaalaa?
“Eci! Muu! Fokkisaa! Fokkistuu! Duufuun kee nurrattis
jiguufi! Abadan nurrattimmoo hin jigdu!” fa’a
jenneetu silaa achi sirraa baqannaam. Eyyen
kanaaf ijaarsa kee qoranna.
Namni ijaarsa bade ni fokkisa. Hubataan dursa of
ijaaruu filata. Wallaalaatu of-irraanfatee kan biraa
ijaaruf hiixata malee. Namootni ijaarsa of
balleessaniitu kan biraammoo komatu.Fknf: Osoo
jireenyi kee fokkisaa ta’ee silaa akkati “sababa
abaluufan akkas ta’e” jettu nan beeka. Silaa
namootatu ijaarsa naballeesse jettee akkati komii
dhiyeeffattus nan hubadha. Sun garuu dhimma
kiyya miti. Tariimmoo ‘waaqatu bedengeree na

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 89


uume malee ani maalan ofitti balleesse’ jechuus ni
malta. Sunis nandhibu. ‘Ani carraa hin qabu!;
Carraa dhabuutu jireenya koo ijaarsa balleesse’
jechuus malta. Sunis dhimmuma keeti. Anaan
maaltu dhiberee?
Jireenyi kee dhaaba toluu didee yoo jiguuf achi
duuffate ykn dibataa fi galtee jireenya kee
bareechan dhabee yoo fokkises dhimma keeti.
Anaan ijaarsi jireenya keetii ofitti nan hawwatu
taanaan galagaleeyyuu sin ilaalu. Eyyen, nanamni
kamuu jireenyuma ijaarsa tolee, ofitti nama
hawwatuu qofa faana dhahuu fedha. Sababnis
kanuma isa jireenyi tolteefii dhaga’uutu tola.
Akka beektotni jedhanitti jireenya ati jiraattu
kamiifuu kan sababa ta’u, dhibbeentaan 90(90%)
gocha keetiin yoo ta’u, dhibbeentaan 10(10%)
ammoo carraadhaan ta’uu isaati. Namootni
jireenya isaaniif sababaalee akka: waaqaa; carraa
ykn gocha namoota kan biroo ibsatu. Ta’us, irra

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 90


jireessaan jireenya isaanii bareechuus ta’e
balleessuuf sababni matuma isaaniiti. Jireenyi
dhuunfaa akkuma abbaan ijaaretti ijaarama. Yoo
tolchan ni tola. Balleessan ni bada. Kanaafuu
jireenyi kee ammaa kun yoo fokkisaa jiraate, kan
ijaarsa balleesse sima mataa keti. Yoo bareedaa jira
ta’emmoo kan ijaarsa tolches sima jechuudha.
Eyyen dhuguma! Dhugaan sitti hima! Ati yeroo
kana jireenya keef waanuma olkeesse jiraataa jirta.
Haa ta’u malee jireenyi kee har’aa kun akkanumatti
hin hafu. Kanaan boodas isa fokkise bareechuu fi
isa tolemmoo balleessuun harkuma kee jirti. An
amma Oduu cabsaan sitti himuuf deema! Innis
‘ammaa kaaftee jireenya kee tolchitee ijaaruu akkati
dandessudha! Eyyen kanuma. Ni danadeessa!
Akkamitti jechuun kee hin oolu. Kunis gaaffichi
gaariidha.
Namni kamuu jireenya isaa tolchee ijaarrachuuf
galtee ijaarsa jireenya namootaaf bu’ura ta’an

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 91


sadan fayyadamuu qaba. Galteewwan sadan
kanneen namni sirnaan fayyadame jireenya isaa
tolchee ijaarrata. Galteewwan ijaarsa jireenya
namaaf bu’uura ta’an kunniin;-
1) Qorqalbii (Psychology)
2) Soorata fi
3) Sochii qaamaa(sporting) fa’i
Isaan armaan olii kana sadan namootni yoo sirnaan
itti fayyadaman boca jireenya isaanii ni bareechatu.
Akka malee itti fayyadamuun garuu balaa qaba.
ulfaadhu xumureera!

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 92


SEENAA BARREESSAA
Barreessaan Of-Ilaallee Barsiisaa(lecturer) Amaanuel
Oljirraa:- wallaggaa lixaa, aanaa Mana Sibuu,
magaalaa Mandiitti abbaa isaa obbo Oljirraa
Duuloo fi haadha isaa aadde Shaashituu Gudduu
irraa Mudde 21, 1992 A.L.A tti dhalate.
Amaanu’el osoo ijoollummaan jiruu abbaa isaa
du’aan dhabuu iraan kan ka’e gargaarsi abbaan
isaa gochuufii qabu jalaa danqamus, jajjabina fi
gargaarsa haadha isaatiin gargaaramaa guddate.
Haalli mijataan dhabamus, Amaanuel barnoota isaa
sirnaan waan hordofaa tureef, kutaa 1ffaa hanga
12ffaatti sadarkaadhaan 1ffaa ba’aa ture. Bornoota
isaa kutaa 1 hanga 8ffaa, mana barumsaa Mandii
Dirree Xiyyaaraatti baratee xumure. Bara 2008 ALA
tti qormaata kutaa 8ffaa qabxii ol-aanaa galmeessuun
gara kutaa 9ffaa mana barumsaa sadarkaa
lammaffaa Mana Sibuu Mandiitti darbe. Achittis
kutaa 9ffaa hanga 10ffaa baratee erga xumuree booda,

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 93


ffaa
qormaata biyyoolessaa kan kutaa 10 qabxii 4:00
galmeessuun gara mana barumsaa qophaa’inaa
Mana Sibuu Mandiitti darbe. Bara 2012tti qormaata
seensa yuunversitii kan biyyoolessaa kutaa 12ffaa
qabxii ol aanaa galmeessuun carraa yuniversiitii
argate. Sana booda filannoo isaa irratti hundaa’uun
Yuuniversiitii Haramaayaatti akka baratu erga
taasifamee booda barnoota sadarkaa olaanaaf gara
Yuuniversiitii Haramayaatti imale. Turtii
yuuniversiitii kan bara 2012/13 hanga 2016 tti
taasifameenis, Amaanuel akkuma baratame qabxii
gudda galmeessuun sadarkaa badhaasaan
(distinction) digirii isaa jalqabaa oogummaa
fayyaatiin Adoolessa 9,2016 tti Yuunversiitii
Haramaayyaa irraa eebbifame. Sana booda
Yuunversiitiin Haramaayyaa Amaanu’el barsiisaa
ta’ee akka tajaajiluuf filatee achumatti hanbifate.
Achumattis carraa barnootaa digrii lammaffaa
argatee barumsa isaa itti fufuun, sadarkaa baay’ee

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 94


olaanaa(great distinction) ta’een, Adoolessa 6,
2019tti eebbifame. Yeroo ammaa kana Amaanuel
Yuniversiitii Haramaayyaatti sadarkaa Lecturer
ta’een barsiisaa yuuniversiitichaa ta’ee dalagaa jira.
Amaanuel barnoota isaa cinattis fedhii beekumsa
garaa garaa horachuu waan qabuuf, amantaalee
haawwaasni isaa hordofan kanneen akka
Kiristaanummaa, Isilaamummaa fi Waaqeffannaa
Oromoo hunda seenee qorachaa fi barachaas ture.
Barreessaa fi barsiisaan kun kana dura kitaabbilee
Mucuca Kufaatii, Qaroomina Qaruu, Ilaalcha Misoomaa,
Falmii Dhugaa jedhaman PDFn dhaloota qubeef
gumaachuun isaas ni yaadatama.

Of-Ilaallee Amaanu’eel Oljirraa Fuula 95

You might also like