You are on page 1of 50

FALMII DHUGAA

Barreessaan: Amaanu’eel Oljirraa Duuloo


Onkoloolessa 2021

i
GALATA
Kitaabilee sadeen: MUCUCA KUFAATII;
QAROOMINA QARUU fi ILAALCHA
MISOOMAA jedhaman kana dura barreessee bifa
PDFn hiruun koo ni yaadatama. Kitaabileen kana
hunda namootni google irratti naaf fe’anii jiru.
Namuu salphaatti akka search godhee argatu
taasifamee jira jechuudha. Maarree egaa amootni
hedduun kitaabilee kanneen sadan dubbisanii akka
duub-deebiitti najajjabeessaa jiru. Namootni na
abaaranis hin dhabaman. Namuu gumaacha of
harkaa qabu naaf gummache. Kanaafuu hundaaf
galatan qaba. Kitaaba FALMII DHUGAA jedhu
kanas yeroon barreessaa ture kan buna naa
danfiftee, nyaata naaf qopheessuun, akkasumas
jabaadhu naan jechuun nabira dhaabbatte haadha
warraa kiyya Meetii Kifiluu hedduun galateeffadha.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula ii


YAADANNOO
Yaadannoon kitaaba kanaa namoota osoo dhugaa
qabanii dhugaaf jecha jibbamanii, dhugaaf aarsaa
kaffalan, akkasumas dhugaa qabaniif dhageettii
dhabanis, dhugaaf falmuu ammallee ittuma fufaa
jiran hundumaaf haa ta’u!

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula iii


BAAFATA
GALATA................................................................................ ii

YAADANNOO.................................................................... iii

BAAFATA.............................................................................iv

DHAAMSA.......................................................................... vi

SEENSA................................................................................vii

BOQONNAA 1..................................................................... 1

Dhugaa............................................................................... 1

BOQONNAAA 2..................................................................7

Soba Dhugaa Fakkaatu................................................... 7

BOQONNAA 3...................................................................10

Falmii................................................................................11

BOQONNAA 4...................................................................17

Golgaa.............................................................................. 17

BOQONNAA 5...................................................................22

Abaarsa.............................................................................22

BOQONNAA 6...................................................................27

Budaa................................................................................ 27

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula iv


BOQONNAA 7...................................................................37

Seenaa............................................................................... 37

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula v


DHAAMSA
Namni kamuu kitaaba kana osoo hin jijjiirin bifa
danda’ame hundaan dubbisaa biraan ga’uuf mirga
guutuu qabda. Jechuu hiruu, maxxansuu fi
baayy’isuunis ni danda’ama jechuudha. Garuu
heyyama barreessaa malee barreeffama as keessatti
katabame kamiyyuu irraa hir’isuus ta’e itti
dabaluun dhorkadha.
Falmii Dhugaa, © 2021 ilaalchisee odeeffannoo
dabalataa argachuuf karaalee armaan gadii
fayyadamtee barreessaa quunnamuu ni dandeessa.
Lakk.Bilbilaa:+251917676673
Telegram: +251917676673(Amanuel Oljira) ykn
https://t.me/IlmaOljirraa
https://t.me/kitaabbileeAfaanOromoo
Facebook: Amanuel Oljira Dulo
Email: amanueloljira790079@gmail.com

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula vi


SEENSA
Egaa akkuma beekamu waanti kunuunfamu ni
gabbata. Kan hacuucamu akkuma huuqqatu
jechuudha. Maaree, dhugaanis yoo namootni isaaf
falman jiraatan ni furdata. Yoo hin jiraannemmoo
ni huuqqata. Yoo dhugaan huuqqatu sobatu
furdate jechuudha. Eeyyen haala qabatamaa yeroo
ammaa kana yoo ilaalle dhugaan bakka hedduutti
argaa dhageettii dhabee yoo sobni saffisaan
babal’atu argina. Akkasitti dhugaan huuqaate
namoota dhokataa jira.
Osoo namootni baayyeen soba dhiisanii dhugaa
hordofanii silaa jireenyi akka amma kana hin
qaala’u ture. Kan jireenya hammeesse, sababa
namootni dhugaa se’anii soba hordofaniifidha.
Eeyyen namootni danuun dhugaa se’anii soba jala
fiigaa oolu. osoo hin hubatin yeroo ammaa kana
namootni hedduun dhugaa se’anii soba hordofaa
oolu. OSoo namni dhugaaf falmee silaa sobni
dhugaa fakkeeffamee hin dagaagu ture. Nama

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula vii


danuutu hordofaa jira jechuun ammoo sobni
dhugaa ta’e jechuu miti. Sobni sababa namoota
danuu of jala hiriirsaa jiruuf dhugaatti jijjiiramuu
hin danda’u. Akkuma dhugaan yoo nama isa
hordofu dhabes soba ta’uu hin dandeenye
jechuudha. Walumaa gala barruun kunfalmii
namoota gidduutti bifa garaa garaan adeemsifamu
irratti kamtu dhugaadha jedhee ilaalcha ilaalchaan
ilaala. Kamtu kam akka ta’e ammoo nama
dubbisuuf deebii dhiisa. Namni barruu kana
dubbisu waantota soba jedhamanii ibsaman hundi
soba qofa akka hin taanee fi kanneen dhugaadha
jedhamanii amanamanis dhugaa akka hin taane
akka xiinxaluuf haala mijeessa. Eeyyen kunoo atis
kitaaba qaalii Falmii Dhugaa geggeessu kanarratti
akka hirmaattuuf baasii malee affeeramtee jirta.
Falmii gaariin siif hawwa!. Dhugaaf jal’ateef falmi!
Dubbisa gaarii!

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula viii


BOQONNAA 1
Dhugaa
Namootni hedduun yeroo isaan “ ani dhugaafan
jiraadha; ani dhugaafan du’a; ani dhugaafan duula;
ani dhugaafan falma ; ani dhugaa arguun fedha
fa’a” jedhan dhaga’uun waanuma barameedha.
Haalli kun ammoo namootni dhugaaf bakka
guddaa akka qaban namatti mul’isa. Kanaafuu
dhugaan namoota biratti hedduu qaalii ta’uu isaati.
waanti qaaliin ammoo hanga barbaadamuun hin
argamu. Qaalii ta’uun isaatuu sababuma hanga
barbaamuun argamuu dhabeefidha. Gama biraan
dhugaan qaalii ta’uun sababa sobni namoota
gidduutti heddummateef ta’uu mul’isa. Kanaafuu
dheebuun dhugaa kun namoota waan miidhe
fakkaatee mul’ataa jira. Maarree namuu dheebuu
dhugaa kana dharraa ba’uuf jecha yeroo isaan
hanga lubbuu dhabuutti dhugaa arguuf iyyaafatan
argaa-dhageettiin woyii gurra nu lixuu hin ooltu.
Maarree egaa anis ta’u atis gatii dhugaa kana

1
tilmaamuu ni dandeenya. Eeyyen dhuguma!
Dhugaadha! Dhugaan namootaaf qaaliidha! Jechuu
qofa osoo hin taane dhugaa sirrii ta’uu isaa ammoo
mirkaneessuun dirqama jedheen amana. Ati hoo?
Egaa dhugaan huqqatus furdatus yeroo hunda
dhugaa ta’ee kan jiraatu ta’us, kan nama gaddisiisu
garuu waanti dhugaadha jedhamee namoota
gidduutti beekamaa jiru hundi dhugaa ta’uu
dhabuu isaati.
Eeyyen,dhugaan namootaaf qaaliidha jenneerra.
Namootni dhugaa dheebotan dhugaa argachuu
qabus jenne. Haa ta’uu garuu dhugaan namootni
dharraa ba’uuf dheebotan kun dhugaa akkamiiti?
‘Dhugaa’ innumti jedhamu kun maali? Gaaffileee
jedhan deebisuun, marii barruu kana keessatti
taasifamu hunda hubachuuf daran nu gargaara.
Kanaafuu waa’ee”dhugaa” dhugaa jiru hubachuu
irraa yoo eegalle woyya! Maarree nutis achumaan
dhugaa hubachuu eegalla!

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 2


Egaa haala qabatamaa yeroo ammaa irraa ka’uun
dhugaa namootni “ kun dhugaadha” jedhan
dhugaa isa kamiin akka ta’e kanneen armaan
gadii keessatti madaaluu haa yaallu. Isaanis:-
1)Dhugaa uumamaa fi
2) Dhugaa walii galteeti
Dhugaa uumamaa( dhugaa sirrii) kan jedhamu yoo
waantotni dubbataman yeroo hunda dhugaa ta’an
qofa. Kun kan ibsu waanti tokko soba ykn dhugaa
sababa jedhameef osoo hin taane dhugaa ta’uun
isaaa kan mirkanaa’u yoo ta’e qofadha. Gama
biraan, waantotni warqee fakkaatan yoo jiraatanis
sibiilli warqee yeroo mara warqeema. Jechuun
Sibiilotni biroon warqee fakkaatanis, warqee ta’uu
hin danda’an jechuudha. Garuu maqaan warqee
tarii ‘gold’; warqee; ‘warq’ fa’a jedhamee
moggaafamuu mala. Kun ammoo moggaasa maqaa
malee maalummaa kan ibsu miti. Maqaa jijjiiruun
sibiilicha jijjiiruu matumaa hin danda’u. Kanaafuu
sibiilichi yeroo mara sibiilichuma. Yeroo hunda

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 3


warqeen warquma jechuu kooti. Dabalataan sanyii
namaaf kan mucaa ulfaa’ee dhalu ykn dahu
dhalaadha. Kanaafuu, dhiirri ni ulfeessa malee hin
ulfaa’u, ni dhalcha malees hin dhalu. Dhugaa sirrii
ykn Dhugaa uumamaa inni jennus kanuma. Osoo
sangaan lakkuu dhale siin jedhanii, silaa soba ta’uu
isaa tilmaamuun sin dhibu jechudha. Mitiiree?
Egaa kun dhugaa uumamaati.
Waanti dhugaa jedhamu kan biroon ammoo
Dhugaa namtolchee ykn walii galtee namootaan
uumamaniiti. Isaan kun uumamaan argaman osoo
hin taane, dhugaa namtolchee ykn walii galtee
namootaan tolfamaniidha. Dhugaa kanas gosa
garaa garaatti qoodnee akka armaan gadiitti ilaaluu
dandeenya:-
Dhugaa Saayinsii:- Fknf: 1+2=3. Idaa’amni
lakkoofsa kanaa dhugaa dha. Kunis sababa walii
galtee ta’eefidha. Osoo jalqaba tartiIbni lakkoofsaa
1,3,2,4 jedhamee akka lakka’amu itti walii

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 4


galameera ta’ee silaa ta’ee, silaa 1+2=3. Soba,
1+3=2 ammoo dhugaa ta’a ture.
Dhugaa amantaa:- Fknf Waaqni nama uume jedhu.
Haala kanaan Kiristaaanaa fi Isilaamni waaqni
jalqaba Addaam/Aadam fi Hewaan/Hawwaa
uume jedhu. Kanas waaqni Addaamiin dhoqee
irraa uume jedhanii amanu. Hewaniin ammoo
lafeee cinaacha Addaam keessaa fuudhee uume
jedhu. Kun isaaniif dhugaadha. Gama amantaa
Waaqeffannaa Oromootiin ammoo waaqni jalqaba
bishaan irraa nama uumeetu, bakka lamatti gargar
mure. Inni mirgatti kufe Horaa, isheen bitatti
kuftemmoo Hortuu jedhaman jedhaniitu amanu.
Kunis amantaa waaqeffannaa Oromoof dhugaadha.
Walii galtee namoota dhuunfaafi garee:- fknf
gareen siyaasaa tokko seera/heera mataa isaa
baafatee kan ittiin bulu yoo ta’e. Murtiin seeraa
kamuu dhugaa seera baafamee sanaan ilaalamee
murama. Jaalallee lama gidduuttis waadaan waliif

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 5


seenan akkaataa walii galtee isaaniitiin xumurri
isaa dhugaa ta’uu fi dhiisuun isaa murteeffama.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 6


BOQONNAAA 2
Soba Dhugaa Fakkaatu
Addunyaa amma keessa jirru keessatti kan
leellifamaa/hordofamaa jiru baay’een isaa sobadha.
Sobni kun ammoo dhugaa fakkeeffamanii ibsamu.
Kanaaf namootni hedduun dhugaa se’ee mana
sobaa keessa joonja’aa oola. Kanaan sobni dhugaa
fakkaatee namoota hedduu biratti dagaagee
mul’ata. Sobni dhugaa fakkaatu kun dubbii
namootni soba dhugaa fakkeessanii dubbataniin
ibsama. Fakkeenyaaf: Asoosama, jiraachuu
Seexanaa (Bulguu), akkasumas namootni ‘budaa’
jedhaman jiraachuu isaanii fa’i. Kanneen akka
Film( theatre) fi abjuun irriba keessaas sobuma
dhugaa fakkaatan kanneen jalatti ramadamu.
Akka rakkoo jabaa isa yeroo ammaa biyyoota garaa
garaa mancaasaa jiruutti fudhannee yoo ilaalle,
sobni dhugaa fakkeeffamu inni ijoon dubbii
siyaasaati. Daldala siyaasaaf jecha namootni yeroo
isaan sobaan dhugaa, dhugaan ammoo soba

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 7


jedhanii media hawwaasaa garaa garaa irratti ololaa
oolan daran ifee mul’ata. Daldalli siyaasaa kun isa
yeroo ammaa biyya keenyas ta’e biyyoota
addunyaan taphataa jirudha. Eeyyen namootni
siyaasaa muraasni dhugaaf kan falman jiraatanis,
baay’een isaanii soba dhugaa fakkeessanii siyaasa
isaanii namootatti gurguratu. Soba dhugaa
fakkeessaniitu taayitaa qabachuu fedhu. Kanaan
ammoo qabeenya hedduutu manca’ee lubbuun
danuun badaa oola. Dalagaan namoota akkanaa
anummaa odeessuudha. Anumatu caala, Anumatu
siif beeka fa’a jechaa ooluudha. Isaan biratti ati
sanyii abaaramaadha. Wallaalaa sigodhu. Innumti
ganda isaanii qofti beekaa fi hayyuu ta’uu himatu.
Inni kaan sanyii badii kan hoomaattu hin galle
godhanii odeessu. Kan fedhan abaaru, kan fedhan
ammoo ni eebbisu. Beekamtii namummaas isaantu
namaaf hira. Yoo fedhan harree siin jedhu. Kan
fedhaniin goota jedhu. Gootni isaaniif nama falmee
du’e, kan reebamee fi kan hidhame fa’adha. Namni

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 8


beekumsa fayyadamee qabsoo dhoksaa geggeessu
bitamtuu jedhamee ibsama. Nama akkanaa irraa
yoo fedha sanyii mulqanii sanyii kan biraa
badhaasu. Eeyyen dalagaan namoota siyaasaan
daldlanii kun soba dhugaa fakkeessuu waan ta’eef
nama dhugaaf falmu tasumaa hin fedhan. Nama
dhugaa mogolee cabsanii akka inni usee taa’u
taasisu. Isaan kun warra gowwaa qofa gowwomsaa
ooluu fedhu. labsii garaa garaa kan akka:
Dhumteetta! Baddeetta! Ka’i !Taa’i! fa’a jedhu
labsaa oolu. akkasitti namaan taphataa oolu.
lubbuu namoota qulqulluu dhangalaasisaa oolu.
Lubbuun wallaalaa fi dhiigni dhangala’uu isaan
hin dhibu. Kana godhanii ammas boo’icha daldalaa
boo’u. Yoo fedhan isa bardheengaddaa eebbisan
baranammoo deebisanii abaaru. Garuma gabaan
ho’ite oolu. Isaanoo daldalaaf malee dhugaaf hin
falman. Isaan kana makmaaksa isa Oromoon
“sareen lafuma nyaattuu dutti” jedhutu ibsa.
Namootni soba dhugaa fakkeessan kun qooda

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 9


tokkummaa garaa garummaa labsu. Qooda jaalalaa
jibba finiinsu. Isa laga gamaafi gamanaa gareen
hiranii walitti bobbaasu. Qooda tokkummaa
addaan faffacaasu. Isaaniif kun tapha. Taphicha
mo’annaan ittiin duroomu. Siifan falma jedhu
malee dubbiin dubbii daldalaati. Siyaasaa ittiin
duroomuuf tolfataniidha. Egaa siifan falma, siifan
du’a, siifan jira jechuun kun baay’een isaa ija
siyaasaan yoo ilaalamu soba ta’uu isaati. Sobni kun
ammoo dhugaa fakkeeffama. Amantaa fa’a da’oo
godhataniitu gocha badii kana raawwatu. Eyyen
akkasuma siyaasni danuun soba. Dhugaa
fakkaatetu ibsama. Gowwaanimmoo ni gowwoma!

BOQONNAA 3

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 10


Falmii
Adunyaa kanarra walfalmiitu heddummata. Falmii
kana keessaa inni guddaan waa’ee jiraaf hin jiruuti.
Gariin yoo hin jiru jedhe, gariin ammoo jira
amantaa jedhuun falmiif dhiyaata. Garuu waanti
ajaa’iba namtti ta’u gareen lameenuu waan jira ykn
hin jiru jedhan kana baayyee isaa sababa ijaan
arganiif miti. Waanuma itti fakkaate dudubbatu
malee. Fakkeenyaaf waantotni jira ykn hin jiru
jedhamanii falmiif dhiyaatan muraasni waa’ee
seexana/bulguu; waaqa; jireenya du’a boodaa fa’a
kanneen jedhamaniiti. Eeyyen namootni kan
seexanni jira jedhan ijaan arganii osoo hin taane,
waanuma akka barsiisa amantaa fa’a bu’uura
godhataniiti. Du’a booda jireenyi akka jirus
amantaamaan ykn barsiisa wayii amananiiti malee
du’anii ka’anii hin argine. Garuu kanneen amanan
jiraachuun wantoota kanneenii dhibbaa dhibba
sirriidha jedheenituma amanu. Shakkii homaatuu

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 11


hin qaban. Namni tokko isaan keessaa falmii faallaa
yoo qabaate ati ni maraatte ittiin jedhu.
Waantota jira ykn hin jiru jedhamanii falmiif
dhiyaatan keessaa inni kan biraan ammoo waaqa
isa jedhamuudha. Warri amantaa amanan waaqni
jira jedhu. Namootni saayinsii amanan ammoo
waaqni hin jiru jedhu. Namootni akka Ooshoo
fa’an ammoo waaqni jira ykn hin jiru kan jedhu
irratti walfalmiin hin barbaachisu, sababiin isaa
waanti ture amma hin jiru jedhu. Waaqni yoo kana
dura kan jiru ta’e, amma du’eera jechuu isaaniiti.
Akkuma saantimni tokko fuula lama qabuuti
jedhanii ibsuu yaalu. Kana jechuun saantimni
tokko fuula lama(dugdaaf garaa) malee jiraachuu
akkuma hin dandeenye , waanti dhalate kamuu ni
du’a jechuu isaaniiti.
Egaa namuu falmii kamiif ragaa ni dhiyeeffata.
Garuu bakka falmiin jiru hundatti namni dhugaa
sababa qabuuf yeroo hunda ni injifata jechuus miti.
Dhugaa qabduun falmitee mo’achuuf murteessaan

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 12


nama ati waliin falmituudha. Namootni soba
dhugaa fakkeessuu malan ni jiru. Gariin osoo
dhugaa beekanii jal’isu. Gariin ammoo osoo
dhugaa beekanii callisu. Keessumaa waanti
falmamu tokko yoo aadaa, barfataa fi amantaa
naannoo sana jiru waliin wal hin fudhatu ta’e,
falmiin sun ni jibbama. Ni callifamas. Namootni
waan ta’e tokkoon jira jechaa yoo kan guddatan
ta’e, atimmoo adeemsa saayinsii hordoftee yoo hin
jiru ittiin jettee falmite, dhugaa saayinsii
amansiisuuf ni rakkatta. Waanti nama raaju garuu
waa’ee namoota saayinsii baranneerra ofiin
jedhaniiti. Namoota baay’eetu nuti namoota
saayinsiiti, Piroosoofera, Dooktora galamalee fa’a
ofiin jechaa oola. Namootni akkasii kun baayyeen
isaanii mana amantaa keessaas qooda qabu.
Isaanumatu waaqayyo jira, seexanni jira, du’a
booda jireenyi bara baraas ni jira fa’a jedhee
amantoota burjaajessaa oola. Kan nama ajaa’ibu
garuu akkamiti namootni barumsa ammayaa

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 13


baratan, barumsa amantaa isa yeroo barumsi
idileen hin jirre namoota hin baranneen uuman
sana amananii lallabuu?
Gochi kun dhugumatti namootni hagamuu
saayinsii yoo baratan ilaalcha aadaa, amantaaa fi
naannoo isaaniif dursa akka kennan namatti
mul’isa. Namootni akkanaa saayinsii ni
dhaggeefatan malee hin hubanne. Akkamitti namni
ani nama saayinsiiti ofiin jechaa, mana
amantaammoo deeemanii waaqa isa saayinsiin hin
jiru jedhuun isaan jira jedhanii amanu? Kan jedhus
gaaffiin ni kaafama.
Walumaa gala falmii jira ykn hin jiru jedhuuf
namootni waanuma ragaa itti fakkaate dhiyeeffatu.
Garuu dhugaan isa kami kan jedhu yoo ilaalle,
waaqni jira ykn hin jiru jedhamu kun isa kami?
Waaqa isa nama uume moo isa namni uumedha?
Ati maal jetta? Deebii kee situ beeka.
Addunyaa kanarra qorannoon tokko tokko akka
ibsutti amantaa 4200 olta’an akka jiraniidha. Egaa

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 14


erga amantaan hangi kun jiraatee waaqnis 4200 ol
ta’us jirachuu isaati. Mitiiree?
Ani akka ilaalcha kiyyaatti warra waaqni jira
jedhuun hin mormu. Eeyyen waaqni 4200 ol ta’an
ni jiru. Tarii namootni dhagaa bocanii kun waaqa
kooti yoo ittiin jedhan dhagaan boocame sun
waaqa isaaniiti. Kanaafuu waaqni sun ni jira. Yoo
waaqni koo qilleensa/afuura jedhanii itti amananis
qilleensi ni jira. Erga namootni qilleensas ta’e
dhagaan kun waaqa kiyya jedhanii maaliifan waan
dhuguma jiruun hin jiru jedharee ani? Eeyyen
qilleensis dhagaanis ni jira. Qilleensi waaqa warraa
sanyii namoota Arbeessuu jedhamanii yoo ta’e,
Dhagaan ammoo waaqa sanyii warra Ukukkubsee
jedhamanii ta’uu danda’a. As biratti waaqni warra
Arbeessuus ta’e kan warra Ukukkubsee waaquma.
Waaqni inni tokko mo’ataa inni tokkommoo
mo’amaa hin ta’u. Waaqa isa tokkoon qulqulluu,
kaaniin ammoo xiraawaa jedhanii qooduun haqa
miti jechuu kooti. Waaqni warra waaqessuuf

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 15


waaquma. Fakkeenyaaf ani ammuma waaqa fi
amantaa kan dhuunfaa kiyyaa uummachuu nan
danda’a. Amantaan uummadhe kanammoo akka
armaan gadiittan sibarsiisa ykn sin beeksisa.
Amantaan ani uummadhe Jaalala jedhama. Waaqni
kiyyammoo Gaarii jedhama. Animmoo ergamaa
waaqa kiyyaati. Kanaafuu nattis waaqa kiyyattis
amantaa koottis yoo feete amani. Feetu dhiisi.
Sababa amanteef waan badhaafamtus waan
adabamtus hin qabdu. Waaqa kiyya yoo amante
fedhaan/jaalalaan amanta. Waaqni kiyya nama
jaallata. Nama hin miidhu. Namas hin gubu. Ani
waaqa nama gubu hin qabu. Waaqa nama gubuttis
hin amanu. Waaqa kiyya sababa sodaataniif itti
amanu miti. Sababa inni gaarii namaaf ta’eef yoo
gaarummaa isaa jaallattanii itti amanan malee.
Walumaa gala waaqni innan uummadhe anaaf jira.
Hin jiru jettee nafalmuu dandeessa. Sun dhimma
keeti.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 16


BOQONNAA 4
Golgaa
Golgaan haguuggii woyii kan waantota isa duuba
ykn isa keessa jiran akka hin mul’annetti dhoksuuf
fayyaduudha. Namootni waanta ta’e tokko akka
ijaan hin mul’anne dhoksuuf golgaalee kanneen
akka huccuu, mukaa, biyyee, dhagaa fi sibiilaa fa’a
irraa uumamanitti fayyadamu. Namoota qofaa miti
uumamaanis gariin golgaalee kunneenii, waantota
dhokachuu hin malle baayyee dhoksanii jiru.
Waantota isaan kanneeniin golgaman ijaan arguuf
ammoo golgaalee kanneen saaquu nama gaafata.
Yoo waantota golgaalee kanneeniin haguugaman
saaqan waantota isaan duuba ykn isaan keessatti
haguugamanii jiran ija uumamaan arguun ni
danda’ama jechuu kooti. Kana jechuun garuu ija
uumamaan waantota dhokatan hunada ni argu
jechuu miti. Kanneen ija uumamaa qofaan
mul’achuu danda’antu argama jechuudha malee.
Waantotni ijaan hin argamnes meeshaalee kanneen

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 17


akka ‘microscoppii fi telescoppii’ jedhaman fa’an
argamuu akka malanis dagatamuu hin qabu.
Egaa armaan olitti kan ilaalaa turre waa’ee
waantota golgaalee ijaan argamuu malan duuba
jiraniiti.
Haa ta’u malee namni waan hunda hubachuuf
ijaan arguu qofatu dirqama jechuus miti. Arguun
waa lama:- Inni tokko ija uumamaan ilaalanii
arguu yoo ta’u, inni lammataa ammoo sammuu
keessatti xiinxalanii maaltu eessa akka jiru
hubachuudha. Argaa lameen jalaa garuu waa
dhokachuu akka danda’us hubachuu barbaachisa.
Waanti agartuu ijaa dhokatu sababaalee waantotni
dhokatan golgaalee akka;- huccuu, mukaa, biyyee,
dhagaa,sibiilaa fi fageenya fa’iin dhokfamaniifidha.
Kan argituu sammuuu dhokatan garuu sababa
golgaalee xiinxala sammuu haguuganiitiini. Isaan
kun kanneen ilaalcha sammuu jaamsaniidha. Isaan
kana saaquuf ilaalcha golgame saaquu qabna.
Ilalchi golgame kun isa duuchaamatti jira ykn hin

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 18


jiru; ni ta’a ykn hin ta’u; gaarii ykn badaa;
qulqulluu ykn xiraawaa ta’uu waantotaa
murteessuudha. Hubadhu waantota golgaa
ilaalchaan golgaman kana duuba jiran hubachuuf
dura heyyema ilaalchaa sigaafata. Fakkeenyaaf,
golgaa ilaalchaa isa waaqa haguugee jiru yoo
fudhannee ilaalle, Gaaffilee kannee akka
“waaqayyo maali? Eessa jiraata? Nama akkamittiin
uume? Isahoo maaltu uume? Yoom? Eessatti?
jedhan duuba maaltu jira jedhanii gaafachuu dura,
Gaaffileen kun sirriimoo miti? Gaaffilee kanneen
gaafachuun ni danda’ama moo hin danda’amu?
Gaaffileen kunniin qulqulluu moo xiraawaadha?
Fa’a jedhanii ilaalcharraa heyyema fudhachuu
nama gaafata. Egaa yoo ilaalchi kee gaaffii isa ati
waa’ee jiraachuu waaqaa gaaffatuun ni morma ta’e,
waa’ee waaqaa xiinxaltee hubachuuf ni rakkatta.
Sabani ammoo baruun ykn hubachuun gaaffii fi
sakata’uun eegala waan ta’eefidha. Waa’ee waanta
kamii hubachuuf jalqaba golgaa isa haguugee jiru

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 19


duuba maaltu jira jettee erga xxinxaltee booda
sakata’uu si gaafata. Sakatta’uun ammoo ijaan
yookaan xiinxala sammuun ta’uu isaa hin dagatin!
Walumaa galatti golgaan kan ijaan aragmaniifi kan
hin argamneetti qoodama. Golgaan ijaan hin
argamne isa ilaalcha namootaa haguugee jiruudha.
Isuma gaafatanii hubachuu nama dhorkufaa sani.
Isa duuchaamatti hin ta’u! Ni ta’a! Qulqulluu ykn,
xiraawaa!; Sirrii ykn Mitisirrii! jedhu fa’i. Eeyyen
isumatu barumsa nudhorkee beekumsa nutti
hir’isaa ture, ammas ittuma jiru. Golgaaleen
ilaalchaan numudatan kuniinn hanga maddi isaanii
gogutti furmaatni waaraan hin argamu. Eeyyen
waa’ee waaqaa sirriitti hubachuuf jalqaba golgaalee
waaqa isa jedhamu sana haguuganii jiran saaquu
nama gaafata. Sana saaquuf ammoo dursa duuba
isaa maaltu jira? Maal fakkaata? Fa’a jedhanii
gaafachuun dursu. Waanti jedhamu hunduu
dhugaa miti. Hundis soba ta’uu hin malu! Mitiiree?
Waaqni jiramoo hin jiru? Isa kamtu soba

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 20


kamtummoo dhugaadha? Qoradhuutii hubadhu!
Golgaa saaqi siin jechuu kooti!

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 21


BOQONNAA 5
Abaarsa
Abaarsi faallaa eebbaati. Kan jibban abaaru. Kan
jaallatan ammoo ni eebbisu. Yoo abaaran:- Fijiji!
quxunaa’i! Badi! Sanyiin kee haa badu! Rakkadhu!
Namaa gadi ta’i! Raata’i! fa’a jedhu. Yoo eebbisan
ammoo:- Ol-lati! Lalisi! Dagaagi! Gaarii malee
hamtuun sin argin! fa’a jedhu. Abaarsas ta’u eebba
woyii duuba miiratu jira. Yoo gammadan ni
eebbisu. Yoo dallanan ammoo ni abaaru ykn ni
arrabsu. Abaarsi akkuma armaan olitti kaafne
waan badiisaa namaaf hawwuudha. Arrabsuun
ammoo maqaa jibbamaa woyii namatti
moggaasuudha. Abaarsis arrabsoonis miiruma
dallansuu agarsiisa. Nama gadheedha jedhanitti
maqaa akka:- harree; saree; waraabettii; waangoo
fa’a moggaasu. Nama jejaniin ammoo; leenca;
qeerransa fa’a jedhu. Nama qulqulluun ykn gaarii
jedhaniin: hoolaa, guugee fa’a jedhu. Nama

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 22


cubbamaa jedhaniin ammoo bofa fa’a jedhanii
maqaa itti moggaasu.
Arrabsoo fi eebba armaan oliitti ilaalle kanarraa
kan hubannu, namootni kan jibbanii ykn jaallatan
namoota qofa akka hin taaneedha. Fakkeenyaaf
nama jibbaniin harree jedhanii nama jaallataniin
leenca yoo jedhan, harreen tuffatamtuu taatee,
leenci ammoo jejamaa ta’uu isaa hubanna. Gama
kanaan yoo ilaalle namootni waan abaaramuu qabu
eebbisanii kan eebbifamuu qabummoo eebbisaa
jiraachuu isaanii argina. Silaa Leenca isa nama
nyaatu moo harree isa namaaf baatutu jejamuu
qabaree?
Egaa namootni waanta abaaranis ta’e kan eebbisan
miira haarii ykn miira gammachuun guutamaniiti
malee, xiinxalanii arrabsu ykn eebbisu miti.
Namootni baayyeen waanta har’a abaaran bor
ifataan yeroo isaan deebisanii eebbisantu mul’ata.
Gochi akkanaa kun hubannaa dhabuu irraa madda.
Yeroo hedduu namootni nama abaaran namoota

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 23


hubannaa hin qabne ykn beekumsi itti hir’atu
biratti mul’ata. Beekaan yoo jaallate ni eebbisa yoo
jibbemmoo ni callisa malee nama hin abaaru.
Beekaan dubbii filatee dubbata. Innoo waanta
dubbatu waan qabuuf dubbii dubbata malee
dubbachuu waan qabuuf dubbii hin dudubbatu.
Beekaan yoo miiraan guutames akkaataa miira isaa
ittiin hogganu sirriitti qajeelchee beeka. Miira
haariitiin guutamee nama itti dallane tokkoon
Harree; waangoo; saree fa’a jedhee laagaa of hin
ciru. Yoo danda’e suuta haasaan amansiifata.
Namni kamuu akkuma isaa miira akka qabu
hubata. Nama abaaruun hamilee namaa cabsuu
akka ta’es beeka. Nama abaaranii duub-deebii isaa
ammoo eebba akka hin argannes bareechee hubata.
Wal arrabsuurra wal gorfachuu, akkasumas garaa
garummaa dallansuu uume kamuu mariin
furachuutti amana. Beekaan yaada malee nama hin
jibbu. Gandummaa fi anummaa osoo hin taane
dhugaaf duula. Ofii abaaramuu waan hin feeneef,

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 24


namootas abaaruu hin fedhu. Namni ofii isaatii
harree jedhamee arrabsamuu hin feene, akkamitti
harree jedhee namuma akka isaatii arrabsaree?
Yoo dhugaa jiru dubbanne abaarsi maaliifuu hin
tolu. Sammuun abaarsaan guutame eebbaaf bakka
hin qabu. Abaartes eebbiftes jijjiirama argamsiisuu
dhabuu dandeessa. Ta’us garuu abaarsarra eebba
wayya. Qooda sammuu kee jechoota abaarsaan
guuttu osoo jechoota eebbaa kuufattee bareeda.
Isatu jaalala namoota gidduutti uuma. Isa wal
dhabes walitti fida. Osoo akkas ta’ee silaa
tokkummaa inni afaaniin odeessan ijaan argamuu
eegala. Inni jibbamees ta’e jibbaaf akka bineensaa
bosona taa’us silaa akkuma obbolaa isaa mana
keessa jiraata. Jaalalli ykn eebbi waan balleessu hin
qabu. Abaarsatu gargar nama fageessa. Osoo
abaarsi badee, eebbimmoo jiraatee silaa diinnuu
fira ta’a. Namootni waa’een jaalalaa galeef tokko
tokko bineensota bosonaa warra hamoodha
jedhaman kanneen akka leencaa fi

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 25


waraabessaayyuu jaalalaan ofitti madakfatu. Nuun
garuu jibbaafi abaarsatu dugdaaf garaa nu godhe.
Beektota abaarsaa ta’uun kunoo akkana nama
godha. Abaarsi haa abaaramu!

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 26


BOQONNAA 6
Budaa
Jechi ‘budaa’ jedhu nama biyya Itoophiyaa jiraatu
tokkoof haaraa miti jedheen abdadha. Yoonan
dogoggoruu baadheef ka’umsi jecha kanaa
namoota kaaba biyyattii jiraatan biraa madde.
Kanas ta’u sana garuu jecha budaa jedhu kana
namootni yeroo isaan waa lama ibsuuf fayyadaman
argina. Inni tokkoffaan budaa jechuun akka nama
waa beeku ta’ee yoo ibsamu, inni lammataa ammoo
budaa jechuun nama nama nyaatu ykn sooratu
ta’eetu ibsama. Egaa nama tokkoon budaa yoo
jedhan namni sun tarii beekaa ta’uu isaati. Tarii
ammoo nama nama kan biraa ajjeesee nyaatu ta’uu
isaa ibsa jechuudha. Dubbiin ijoon barruu kana
keessatti akka ilaalluuf yaadame garuu waa’ee isa
namni budaa jedhamu nama nyaata jedhamee
amanamuuti. Waanti kun dhugaadha moo soba
falmii jedhu waliin ilaaluu yaallla jechuudha.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 27


Waa’ee namoota budaa jedhamanii kana jiraachuu
isaaanii qorachuuf namootas ta’e barruulee garaa
garaa qorachuuf yaalii gochaan ture. Sababiin
isaaammoo namootni maqaa kanaan dararaman
hedduun naannoo ani keessa jiraachaa ture keessa
waan jiraniifidha. Eeyyen namoota hedduutu
sabababa kanaan manni itti gubata. Jibbamaas
jiraata. Sanyyiin isaanii hin fuudhu ykn hin
heerumu. Namootni budaa jedhamanii yoo altakko
farajamnaan deebisanii garraamii hin jedhaman.
Sanyiin sanyii isaaniis budaa jedhamanii
hamatamu. Haala kanaan darararaa hedduun
yeroo irra ga’u agarra.
Kanaafuu budaan jedhamu kun dhugaa moo soba?
Jiramoo hin jiru? Jedhanii mari’achuun tarii rakkoo
namoota sobaan farajamanii kana maqsuu mala.
Akkuman duratti kaasuuf yaale namootas
barruulee garaa garaas waa’ee budaa ilaalchisee
qorachuuf yaaleen ture.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 28


Namootni hedduun budaan jira jedhanii amanu.
Akka ragaatti garuu waan dhiyeessan hin qaban.
Sababuma hawaasa naannootiin akkas jedhamuuf
akka amanan dubbatu. Namni budaa jedhamu
waraabessa yaabee akka deemu namni argee beeku
dur akka jiru fa’a odeeffannoo qoban dubbatu.
Abalu budaadha maaaliif jedhama jettee yoo
gaafattu tarii osoo waraabessi mana nama sanaa
keessaa ba’uu namni arge jira jedhanii fa’a siif ibsu.
Namootni budaa jedhaman kunniin sababa araada
dhiigaa ykn foon namaa qabaniif akka nama
nyaattus namootni jedhan jiru. Gariin ammoo
budaan jaallattee osoo hin taane afuura woyiin
dirqamtee akka namoota nyaattu ni himu. Budaan
jalqaba yeroo nama nyaattu nyaata woyiifaa namaa
laatteee yeroo namni nyaaticha nyaatu nama
ilaaltee nama qabatti fa’a jedhu. Kan biraan
ammoo budaan yoo nama qabattu dursa rifeensa
mataa nama keessaa buqqifatti fa’a jedhu. Gariin
ammoo halkan irriba keessa mana qosoqqostee

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 29


maqaa nama nyaachuu feetee sana waamti jedhu.
yoo namni sun jalaa awwaate battaluma sana
qabatti. Garuu yoo jalaa callisan nama qabachuu
hin dandeessu jedhu. Namootni bayyeen budaan
yeroo nama nyaattu dura lubbuu fayyamatti nama
keessaa baaftee harkatti galfatti jedhanii amanu.
Sana booda namni sun du’ee erga awwaalamee
boolla keessaa kaaftee, fayyiftee, qalattee akka
nyaattu fa’a ibsu.
Namoonni budaatu nyaate jedhamanis jalqaba ni
dhukkubsatu. Akka budaan nyaatte ykn hin
nyaannes qaalluun addaan baasee himuu danda’u
jira jedhanii namootni naaf himanis jiru. Qaalluun
jedhamu kun ammoo namoota amantaa garaa
garaa keeessatti argaman kanneen akka:-raajii,
qeesii fi sheekii jedhaman fa’a dabalata.
Namootni budaan isaan nyaatte mallattoon isaan
ittiin ibsaman keessaa muraasni:-Jalqaba osooma
fayyaa jiranii gidduutti tasa dhukkubsatu,

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 30


akkasumas namootnini sirrii turan ni raata’u fa’a
jedhu.
Namootni hedduun namni budaan nyaatte mana
yaalaa deemee hin fayyu jedhanii amanu.
Kanaafuu nama budaan nyaatte fayyisuuf budaa
ishee nyaatte barbaadanii billaa itti
mirmirsanii(sodaachisanii), Tufi! ittiin jedhaniitu
tufsiisu jedhan. Kana gochuuf ammoo nama
nyaatame sana dursa aara woyii itti ulaniitu,
eenyuutu sinyaate himi! Ittiin jedhanii lafallafsiisu
jedhanii naatti himan. Yoo inni namuma safaraa
beeku tokko maqaa waame, namni sun budaa isa
nyaate sana ta’uu isaati. Egaa kun hunduu deebii
ani waa’ee budaa ilaalchisee namoota qoradherraa
argadheedha.
Gama saayinsiin ammoo yoo ilaalle, namni
dhukkubsatee kan lafallafu sababa sammuun isaa
waan ta’e tokkoon tuqameedha. Fknf gosti
dhukkuba busaa kan’ plasmodium falciparum’
jedhamu yoo nama qabe, rakkoo ‘cerebral edema’

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 31


jedhamu namatti fida. Rakkoon kun ammoo
sammuun namaa akka tuqamu taasisa. Yeroo kana
namni dhukkubichaan qabame tokko osoo hin
beekin maqaa namoota beekuu waamee abaaruus
eebbisuus ni mala. Egaa gama kanaan yoo ilaalle
namni budaatu nyaate jedhamu nama dhibee busaa
kanaan qabame ta’uu isaa nama shakkisiisa.
Namootni akkasii kun yoo mana yaalaa deemanii
daawaa dhibee busaa ‘quinine’ jedhamu fudhatan ni
fayyu. Kanaafuu saayinsiin namootni nama
nyaachuu akka danda’an hin barsiisu. Ragaanis
hin jiru. Haa ta’u malee akkan miidiyaalee
hawwaasaa tokko tokkorraa odeeffannoo
argachuuf yaaletti namootni tokko tokko sababa
baayyina annisaa(energy) qaama isaanii keessaa
qabaniif jecha nama hubuu akka danda’anidha.
Fknf namootni akkanaa yoo ampoolii ibsaa harkaan
qaban ifa maddisiisuu danda’u jedhama. Yoo isaan
harkaan ykn qaama isaaniin nama tuqan, akka
waan elektrikiin nama qabee ta’u jedhama. Yoo

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 32


nama ilaalan annisaa iji isaanii keessaa ba’uun
qaama namaa keessa waantota jiru hunda arguu
akka malan fa’atu odeeffama. Akkuma ‘X-Ray’ isa
jedhamuu sana jechuudhaam.
Walumaagala jechoota ani waa’ee budaa ilaalchisee
walitti qabadhe muraasni kanneen armaan oliiti.
Haa ta’u malee budaan jira ykn hin jiru jedhee
murteessuuf hin dandeenye. Kun ammoo sababa
waa’ee budaa kana ilaalchisee mudannoon woyii
naquunnamee turerraan kan ka’e ta’uu isaati.
Yeroon isaa bara 2006 A.L.A ture. Yeroos kutaa 5ffaan
baradhan ture. Intalli tokko kan waliin barannus
umuriin ishee tilmaamaan yeroo sana naannoo waggaa
25-30 ta’a. Yeroo sana umurii gudda haganaa namni
qabu kutaa keenya keessaa ishee qofa ture. Intala kana
ijoolleen kutaa keenyaas ta’e kan biroon bakka isheen
jiraattutti ishee beekan ‘budaadha’ jedhanii hamatu. Haa
ta’u malee intalli sun baayyee nama jaallachuu baay’isti.
Kanaafuu ani amala gaarii malee hamaa irratti argee hin
beekun ture. Kanarraa kan ka’e ijoollee budaa jedhanii

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 33


ishee hamataniin, ‘namaan budaa hin jedhinaa dhiisaa’
jedheen ijoollee budaa ittiin jedhaa turan sana hunda
dheekkamaa ture. Kanas ishee dhoksinee waan
haasofnuuf jecha isheen quba hin qabdu turte. Ani
ammoo kutaa keenya keessaa barumsaan tokkoffaa
waanan ba’uuf addatti najaallatti turte. Kanaaf jechas
naannoo ani taa’utti siqxee barcuma fuuldura koo
jirurra intala tokkoo wajjin teessi turte. Guyyaa tokko
kutaa seennee herrega barachaa jirra turre. Hunduu
barsumsa barsiisaa herregaa sana hordofaa ture. Kana
gidduutti intalli isheen budaa ittin jedhan sun osoo
isheen hiixattee harka hannaan sodaachaa kara duubaa
rifeensa mataa kan intala ishee bira jirtuu sana kutuuf
hiixattuun arge. Yeroo sana hedduun rifadhe! Waanan
godhun wallaale. Sababa isheen ana dura jirtuuf
anumatu arge malee namni argu hin turre. Hanga
isheen sodaachaa harka hiixattee deebiftu kana maal
akkan godhun yaadaa ture. Garuu osoo hin turin intala
isheen mataa irraa kutuuf jettu hiixadhee akkan tuquu
qabu yaadni naaf dhufe. Gamanumaan hiixadhee
intalattii tuqeetan qalama naaf ergisi! Ittiin jedhe. Isheen

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 34


ammoo qalama tokko qofa kka qabdu naaf himte.
Kanumaan intalli isheen budaa jedhamtu sun naatee
akkan ishee arges hubattee gocha ishee sana dhiifte.
Ergasii intala sanatti ani faaran itti baduu eegale. Osoo
hin turin isheenumtuu mana barumsaa addaan kutte.
Egaa taateen namudate kun waa’ee budaa
ilaalchisee qorannoon hanga har’aatti taasise hunda
keessaa budaan hin jirtu jedhee murteessuuf kan
narakkiseedha. Kun dhuguma gaaffii ta’ee natti
hafe. Osoo rifeensa mataa intala sanaa kutatteetti
ta’ee silaa maal gooti turte? Intalli isheen rifeensi
ishee cituhoo akkam taati turte? Rifeensa sana
dhuguma intala sana nyaachuuf irraa kutuu kaate
moo waan biraaf ture? Siin osoo taateen akkanaa
kun simudatee silaa maal murteessita turte? Waa’ee
budaa ilaalchisee hoo ilaalcha akkamii qabda?
Namootni budaadha jedhaman hunduu dhuguma
budaadha jettee ni amantaa? Naannoo keetti
namoonni budaa jedhamanii hamataman hin jiranii?

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 35


Yoo jiraatan dhuguma budaa ta’uu isaanii ni
amantaa? Budaan jirti moo hin jirtu?

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 36


BOQONNAA 7
Seenaa
Seenaan adeemsa namootni ittiin taaatee woyii
dholoota barsiisuuf alka’aniidha. Seenaan kun bifa
lamaan olka’amuu mala. Inni tokkoffaan bifa
afoolaatiin yoo ta’u kan biraan ammoo bifa
barreeffamaatiin ta’uu isaa yaadachuun
barbaachisaadha. Eeyyen seenaan taatee bifa darbii
darbootiin dhalootaa dhalootatti daddabarfamuuti.
Yoo dhalootni seenaa wal harkaa fuudhee
daddabarsu dhibe, seenaan ni dhokata. Seenaan
barnoota idileenis ni baratama. Seenaan dhokate
tokko yeroo woyii yoo nama barbaachise ammoo
barbaadamee baareffamuus ni mala. Seenaan
akkaataa namni seenaa himu dhalootaaf itti
dabarsuu fedhe ta’ee ibsama. Seenaan nama
barreesse fakkaata inni jedhamus kanumaafi.
Seenaan yoo jallisan ni jallata. Yoo qajeelchanis ni
qajeela. Yoo tuffatan ni tuffatama. Yoo faarsanis ni
faarfama.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 37


Seenaan baratamuu fi barsiifamu hundi dhugaa
ta’uu dhiisuu mala. Namootni waan akka
asoosama woyii seenaa dhugaa fakkeessanii
namootaaf ibsan jiraachuu malu. Fakkeenyaaf
barsiisni kitaabbileen amantaa tokko tokko
barsiisan baayyeen isaa asoosama woyii fakkaata.
Namootni garaa garaa lama osoo seenaa
walfakkaataa ta’e tokkoo seenessuu eegalanii silaa
gargar ta’uu malu. Kanaaf ammoo fakkeenyi
wangeela amantaa kiristaanaati. Akka wangeela
kanaatti, wangeelli namoota afuriin barreeffame
jedhama. Wangeela keessatti namoota afurtu
waa’ee waan tokkoo barreeffamaan seenessuu
yaalaa ture. Seenaan sun waa’ee Yesuus Kiristoos
ture. Namootni barreessan; Maatiwoos, Maarqos,
Luqaasii fi Yohaannis jedhamanii beekamu.
wangeela namoota kanneentu barreesse miti
falmiin jedhus ni jira. Wangeelli barreeffame sun
waa’ee yesuus dhalachuu isaAirraa hanga du’a
isaatiitti waantota inni gochaa ture seenessuu irratti

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 38


xiyyeeffata. Haa ta’u malee seenaan sun bakka
hedduutti yeroo wal faallessu ifee mul’ata.
Fakeenyaaf akka Maarqos barreessetti yeroon
yesuus itti fannifame bari’ee sa’atii sadiitti ta’uu
isaa ibsa(Mar.15:25). Maatiwoos ammoo guyyaa
keessaa sa’atii ja’atti ta’uu isaa barreesse(mat 27:45).
Seenaan waldhiitu akkanaa kun heduuutu kitaaba
sana keessatti argama. Sabani ammoo seenaan
barra’e sun yeroo garaa garaatti namoota garaa
garaan barraa’uu isaati. Waanti barreessan sun kan
ofii arganii fi kan namootarraa qoratan akka ta’es
kitaabichumatu hima. Egaa kun gaaffii uumuu hin
oolu. Seenaan sun dhugaa osoo ta’ee maaaliif
gargar ta’a? Rakkoon kun kitaaba amantaa
Islaamummaanis kanneen Hadiisa jedhaman
keessattis danuu ta’ee mul’ata. Hadiisonnis
Wangeela kiraistaanotaa kanaa wojjin dogoggora
seenessuutiin daran walfakkaata.
Egaa seenaan baratamus, kan katabamus, kan
barsiifamus hundi dhugaa ta’uu dhiisuu malu.

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 39


Kamtu kam akka ta’emmo isa baratuu fi
barsiifamutu xiinxalee hubachuu qaba.
Namootni seenaa dabsanii siyaasa garaa garaaf itti
fayyadamuus ni malu. Fknf Namootni tokko tokko
gosa Oromoos ta’u kan saba biraatti, maqaa inni
hin qabne moggaasanii, seenaa dabsanii, ati kan
keenya! Nutu sibita! Ati sanyii ta’u miti! Nuti
sanyii filatamaadha! Atimmoo sanyii
abaaramaadha! Ati bitamaadha! Nutimmoo
bitaadha! Nuti sanyii qulqulluudha! Atimmoo
sanyii xiraawaadha! Fa’a jedhanii seenaasaa
jal’isanii, seera itti tumanii! Kitaaba itti barreessanii
kitaabicharraa caqasa luqqisanii ibsa laachuu malu.
Gowwaan seenaa jallatee barraa’e sana amanu
ammoo isa isaan isa arrabsan caalaa of arrabsa.
Kuush abaaramaadha. Seem ammoo
eebbifamaadha jedheetu amana. Kanumarraa
ka’eetu inni kuush ture sanyii isaa gara seemitti
jijjiirrachuu fedha. Kanaaf ragaan ammoo isa yeroo

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 40


namootni kuush ta’an of gananii, nuti israa’elidha!
Yesuustu dhiigaan nu bitate jedhan fa’i.
Hubadhu! Kana jechuun seenaa jallisuudha malee
sabni kamuu bitamaa fi bitaa ta’ee hin uumamne.
Kun siyaasa woyiis ni fakkaatti.
Ibsa dabalataa yoon siif dabale ammoo: Ilmaan
Oromoo Booranaa fi Baarentuu jedhamu. Sanyiin
isaanii gadaa shananiin qoodamu. Isaan kun, gadaa:
Sabboo fi Goonaa; Maccaa fi Tuulamaa; Sikkoo fi
Mandoo; Ittuu fi Hunbannaa; Raayyaa fi Azeeboo
jedhamanii beekamu.
Gareen namoota armaan olii hundi jalqaba Oromoo
turanis yeroo ammaa kana muraasni isaanii maqaa
saba biraan waamamaa jiru. Isaanuu Oromoo ta’uu
isaanii of irraanfataa jiru. Kunis daba garaa garaan
uumame. Fknf Raayyaa fi Azeeboon Oromoo
wallooti. Walloon Oromoota kaaba Itoophiyaa
kana keessa jiraataniidha. Ta’us amma saba biraatti
waamamaa jiru. Oromoo ta’uun isaaniis maqfamaa
jira. Walloon daangaa amma Oromiyaa jedhamee

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 41


sararamee jiru kanaan ala jiraataas jiru. Bakka isaan
jiran kana Afaan Oromoo barsiifamaa hin jiru.
Afaan Ormoo walloo keessaa kamisee qofatu
fayyadamaa jira. Isaanuu Oromiyaa keesaa miti
kan jiraatan. Rakkoon uumame kun maqsuuf fala
jabaatu barbaachisa. Falli kun maal ta’uu qaba kan
jedhuuf ammoo deebii siifan dhiisa. Ulfaadhu
xumureera!

Falmii Dhugaa Amaanu’eel Oljirraa@2021 Fuula 42

You might also like