You are on page 1of 32

XIINXALA JAARGOCHA ASOOSAMA DHEERAA MADAA

LAAGAA

QORATTUUN: DINQEE BADHAASAA

WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA


GUUTACHUUF QOPHAA’EE, YUUNIVARSITII JIMMAA
KOLLEEJJII SAAYINSIILEE HAWAASAAFI HUUMAANITII
DAMEE BARNOOTA AFAAN OROMOO FI GO-BARRUUTIIF
DHIHAATE

HAGAYYA, 2019

JIMMA
WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA AFAAN OROMOO FI
OGBARRUUTTIN GUUTTACHUUF QOPHAA’EE, YUUNIVARSIITII JIMMAA
KOOLLEEJJII SAAYIISII HAWAASA FI NAMMUMMAA DAMEE BARNOOTA
AFAAN OROMOO FI OGBARRUU F DHIYAATE

XIINXALA JAARGOCHA ASOOSAMA DHEERAA MADAA


LAAGAA

QORATTUUN: DINQEE BADHAASAA

GORSAAN: TAAKKALAA GAAMMACHUU

HAGAYYA, 2019

JIMMA
MIRKANEESSA

WARAQAA QORANNOO KANA DHUUNFAA KOOTIIN JALQABAA KAASEE


HANGA ULAAGAA GUUTUU QABU GUUTUUDHAAN HOJJEDHEE
XUMUREERA.BIFA SEERAAN ALAATIIN HOJII NAMAA IRRAA KANA
WARAABAMEE MITI .

MAQAA ________________________

MALLATTOO _____________________

GUYYAA ______________________

QORATTUUN WARAQAA QORANNOO ISHEE HAALA SEERA QORANNOO


EEGDEE QOPHAA’UU ISHEE ANI GORSAAN MALLATTOO KOOTIIN
MIRKANEESSA.

MAQAA_______________________

MALLATTOO____________________

GUYYAA______________________

KAN MADAALE

MAQAA_______________________

MALLATTOO____________________

GUYYAA______________________
Galata

Duraan dursee, dadhabbii tokko malee sadarkaa kanaan kan nagahe waaqayyoon guddaa
galateeffadha. Itti aansuudhaan ka’umsa qorannoo kanaa qabee hanga dhuma argatutti hojii
idilee isaanii ta’e yeroo boqonnaa isaa aarsaa taasisuun muuxannoo, beekumsaafi gorsa bakka
hundatti kan naa keennaa turan gorsaa koo Barsiisaa Taakkalaa Gammachuu galata onneerraa
burqe nan dhiyeessaaf. Itti dabaluudhaan, maatii koo dadhabbii tokko malee na guddisanii hanga
har’a hojii kana galmaan gahutti na waliin ta’aniif galanni koo baay’eedha. Akkasumas, adeemsa
qorannoo keessatti deeggarsa tokko tokko kan naaf godhan, namoota na waliin dhaabbachuun,
yaadaan nadeeggaraa turniif galata guddaan dhiyeessa. Namoota kitaabilee adda addaa
maxxansuun isaan waabeffadhees baay’ee galatoomaa; galanni yoomuu kan yaa’ee hin
dhumnedha.

i
Axareera

Ogbarruun Afaan Oromoon barreeffaman yeroo dheeraan dura hin jiran ture. Ogbarruu qofaas
osoo hin taane Afaan Oromoo waggoota dheeraaf afaan dubbii akka hin taaneef dhiibbaan
adda addaa irratti gaggeeffamaa tureera.Kunimmoo, guddina afaan kanaa quucarsuu keessatti
gahee guddaa bahatee jira. Keessattuu, afaan kun sabaahimaalee keesatti akka raadiyoofaa
cabsuu danda’utti arrabsamaa ture. Haa ta’u malee, yeroo ammaa kana calaqqee afaan kanaaf
baateen Afaan Oromoon afaan barnootaafi teknooloojii ta’ee jira. Barreeffamoonni adda addaa
afaan kanaan maxxanfamuun dhiyaachuun baay’inaan mul’ataa jira. Kitaabilee kunneen
ammoo xiinxalamuu rakkooleefi dogoggoroota jiran adda baasuun barbaachisaadha. Kanuma
irraa ka’uun, waraqaan qorannoo mata duree xiinxala jaargocha Asoosama dheeraa Madaa
Laagaa jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Gosti qorannoo kanaa mala qulqulleeffataan kan
dalagame yemmuu ta’e maddi odeeffannoo qorannoo kitaaba asoosama dheeraa Kookeet
Abbabaa Argaawutiin maxxanfame “Madaa Laagaa” irratti kan xiyyeeffatedha. Qorannoo kana
keessatti jaargocha asoosamaa kan xiinxalamedha. Argannoon qorannoo kanaa akka
agarsiisutti dhugaan hawaasichaa gama hundaa akka ibse odeeffannoo kana keessatti
xiinxalameera.

ii
Baafata

Qabiyyee fuula
BOQONNAA TOKKO: SEENSA.......................................................................................................................1
1.1 Seen-duubee qo’annichaa.................................................................................................................1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa.......................................................................................................................2
1.3. Kaayyoo Qorannichaa.......................................................................................................................3
1.3.1. Kaayyoo Gooroo........................................................................................................................3
1.3.2. Kaayyolee Gooree......................................................................................................................3
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa.......................................................................................................3
1.5. Daangaa Qorannichaa......................................................................................................................4
1.6. Hanqina Qorannichaa.......................................................................................................................4
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’INSA BARRUULEE.........................................................................................5
2.1. Maalummaa Afaaniifi Ogbarruu Oromoo.........................................................................................5
2.2. Qeeqa Ogbarruu...............................................................................................................................5
2.3. Asoosama.........................................................................................................................................6
2.4. Caacculee Asoosamaa......................................................................................................................7
2.4.1. Jaargocha...................................................................................................................................7
2.4.2. Namfakkii...................................................................................................................................8
2.4.3. Waldiddaa..................................................................................................................................8
2.4.4. Yoomessa...................................................................................................................................8
2.4.5. Ija...............................................................................................................................................9
2.4.6. Ergaa..........................................................................................................................................9
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNICHAA...........................................................................................10
3.1. Saxaxa Qorannichaa.......................................................................................................................10
3.2. Irraawwatama Qorannichaa...........................................................................................................10
3.3. Madda Ragaa..................................................................................................................................10
3.4. Maloota Ragaan Ittiin Funaanamu..................................................................................................10
3.5. Mala Qaaccessa Ragaa....................................................................................................................11
BOQONNAA AFUR: XIINXALA JAARGOCHA ASOOSAMAA MADAA LAAGAA..............................................12

ii
i
4.1. Maalummaa Maqaa Asoosamaa Madaa Laagaa.............................................................................12
4.2. Jaargocha Asoosama Madaa Laagaa...............................................................................................12
4.2.2. Tuqata dubbii...........................................................................................................................14
4.2.3. Finiina Seenaa..........................................................................................................................16
4.2.4. Gutmiira Irra Gahuu Seenaa....................................................................................................17
4.2.5. Sigigoo irra Gahuu Seenaa.......................................................................................................20
4.2.6. Furmaata irra gahuu Seenaa....................................................................................................20
4.4. Cimina fi Dadhabina Kitaaba Asoosamaa Dheeraa Madaa Laagaa.............................................20
BOQONNAA SHAN.....................................................................................................................................22
CUUNFAA, GOOLABAA FI YAADA FURMAATAA.........................................................................................22
5.1. Cuunfaa..........................................................................................................................................22
5.2. Argannoo........................................................................................................................................22
5.3. Yaada Furmaataa............................................................................................................................23
Wabiilee....................................................................................................................................................24

i
v
v
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
1.1 Seen-duubee qo’annichaa

Addunyaa kana irratti namni jiraatu seenaa dhugaa jiru gama kalaqaan ibsuun kan beekamudha.
Hojiiwwan kalaqaan kunneen immoo kan harkaan hojjatamanii itti fayyadamnuu fi waraqaa
irratti barreessuun nama bashannaansiisuuf gargaarantu jira. Barreeffamni kalaqaa seenaa dhugaa
hawaasaa bifa kalaqaan baasanii mul’isuudha.

Barreeffamoonni kalaqaa addunyaa kana irra hedduutu jira. Barreeffamni kalaqaa seenaa dhugaa
hawaasaa bifa kalaqaan baasanii mul’isuudha. Barreeffamoota kalaqaa keessaa immoo
asoosamni isa guddaadha. Asoosamni seenaa tartiiba qabsiisuun yaada dhugaa kalaqaan bakka
buusee kan ibsudha.Seeneffamoonni asoosama kana caaseffamaa seenaa yaadamee ibsuuf kan
kalaqamudha. (Abrams, 2001 f.11).

Asoosamni caacculee/ruqoolee hedduu of keessaa qaba. Isaan keessaa: jaargocha, namfakkii,


yoomessa, ergaa, wal diddaa fi ija ittiin dhiyeenyaa fa’a. Isaan kunneen asoosama tokkoof iddoo
guddaa kan qabanidha. Asoosamni caacculee kanneen of keessaa dhabuu hin danda’u (Fedhasaa,
2013).

Jaargochi caacculee asoosamaa keessaa isa ijoodha. Seenaa hojii kalaqaa raawwilee fi ta’iiwwan
tartiiba qabsiisuun kan haammatudha. Asoosamni yemmuu barreeffamu seenaa tokko qofa osoo
hin taane seenaawwan garagaraa qooddattoota hirmaachisee irraa tartiiba barreessaan
asoosamichaa barbaadeen tartiibaan qindaa’uun kan danda’udha. Namfakkiin immoo nama
asoosessaan hojii kalaqa isaa keessatti uumee hayyuduree yookiin faallaa isaa hirmaachisudha.
Akkasumas, waldiddaan waldhabdee jaargocha gidduutti uumamu yemmuu ta’u yoomessi
raawwiin yeroo, bakkaa fi haala hawaasaa hojiin kalaqaa sun irratti xiyyeeffatu kan
haammatudha.

Dabalataanis, ijji akkataa asoosessaan hojii isaa ittiin dhiyeessu yemmuu ta’u ergaan kaayyoo
hojii kalaqaa sanaa kan agarsiisudha (Jeremy, 1992:23). Kanumarraa ka’uun qorannoon
kunjaargocha asoosama dheeraa “Madaa Laagaa” jedhu irratti bu’uureffachuun kan
adeemsifamudha.

1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa
Og-barruu madda guddaa beekumsaaf nama gargaarudha. Dhaloonni dubbisu akka waa irraa
baratu taasisa. Yaada kana walqabatee Alwaya (2000) yemmuun ibsitu, “Literature is one of
resourceful language teaching material that has been available and part of language curricula for
many years, having obtained high and low popularity in response to new theories and methods in
teaching and learning objectives,” jedha.

Akka yaada kanaatti ogbarruun meeshaa afaan barsiisuu keessatti madda guddaa ta’uu eera.
Qajeelfamoota afaanii yeroo dheeraa ture waliin akka walqabatu ni eera. Kanaaf, ogbarruun
afaanota barsiisuuf meeshaa filannoo hin barbaachisne ta’uu ni hubachiisa.

Melakneh (2003:f.37) yaada kana irratti dabaluun, “Literary texts are suitable to teaching,
writing listening and speaking, and also vocabulary, grammar and pronounciation jedha. Kunis,
barreeffamoonni og-barruu afaaniif tajaajila guddaa akka qaban hubachiisa.

Xiinxalli og-barruu qorannoo waa’ee aadaa, duudhaa, amantaa, hawaasummaa, dinagdeefi


siyaasa tokkoo akka hubannaa kan taasisa. Yaada kanaan walqabatee James (1997) yemmuu
ibsu,

One way to analyze literature is to think about the cultural and historical perspectives
of the piece. When literary work that was either written several years, decades, or
even centuries ago, it is often easy for us to forget to place that particular piece of
literature in a specific historical framework,” jedha.

Karaa xiinxala ogbarruu tokko waa’ee aadaa fi seenaa xiyyeeffachuudha.Og-barruulee yeroo


fagoo dura barreeffaman baay’ee dagatamuu danda’u.Addunyaa akka har’a waan hin guddanneef
salphaatti dagatama.Kan har’a immoo akka sirriitti hubachuu dandeenyu eera.Yoo irra
deebi’amanii xiinxalaman dagatamuu hin danda’ani jechuun eera.

Kanaaf qorannoo kun kitaaba asoosama dheeraa Madaa Laagaa jedhu bara 2008/2016/
maxxanfame qaaccessu irratti xiyyeeffata. Xiyyeeffannoo gadfageenya jaargocha asoosamicha
keessaa qaban irratti kan hundaa’uuti.

2
Gaaffileen qorannoo kana galmaan gahuuf qophaa’anis kanneen gadiiti.

 Jaargocha asoosama kam fa’a?

 Qindoominni gosoota jaargocha asoosama Madaa Laagaa keessaa maal fakkaata?

 Seenaan asoosama kana keessaa haala kamiin tarreeffame?

 Ciminaafi dadhabina asoosamichaa gama jaargochaan jiru maal fakkaata?

1.3. Kaayyoo Qorannichaa


1.3.1. Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan jaargocha asoosama dheeraa Madaa Laagaa
xiinxaluudha.

1.3.2. Kaayyolee Gooree


 Jaargocha asoosamichaa adda baasuu,

 Qindoomina gosoota jaargocha asoosama Madaa Laagaa keessaa tarreessuu,

 Haala tarreeffama seenaa asoosama kanaa addeessuu,

 Ciminaafi dadhabina asoosamichaa gama jaargochaan jiru ibsuu,

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa


Qorannoon kun barbaachisummaa mataa isaa ni qabata.

 Namoota gara fuula duraatti qo’annoo xiinxala jaargocha asoosama adda addaa irratti
gaggeessuu barbaadaniif wabii ta’a.

 Namoota kana dubbisaniif yaadni isaa ifaa ta’aaf

 Ragaan kun barreeffamaan taa’ee dhaloota itti aanuu fayyada

 Gahee namfakkii asoosamoota keessaa adda baasuuf hubannoo akka argatan taasisa.

 Ogbarruu Oromoof gumaacha.

3
1.5. Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun kitaaba asoosama dheeraa Madaa Laagaa jedhu xiinxaluu irratti kan
daangeffamedha. Sababni yeroo har’aa kana kitaabilee og-barruu Oromoo baay’inaan xiinxallii
irratti raawwatame lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqoodha. Keessummattuu gama asoosamaan hin
jiru jechuu nama dandeessisa. Akkasumas, kana gochuuf yeroo dheeraa, maallaqa guddaa fi
human namaa hedduu waan gaafatuuf qorannoon kun xiinxala jaargocha asoosama dheeraa
irratti kan murtaa’edha.

1.6. Hanqina Qorannichaa


Yeroo qorannoon kun gaggeeffame hanqinni armaan gadii qorattuu mudachuu danda’aniiru.

 Kitaabilee wabii ta’an qorannoo kana waliin deeman haala gahaa ta’een argachuu dhabuun
hanqina ta’ee mudateera.

 Qorattuun kun qorannoo kana yemmuu gaggeessite muuxannoon gahaa hin qabdu

Akka furmaata battalaatti wantootni fudhataman kanneen gadiiti.

 Kitaaba wabii hayyoonni afaan biraa keessatti barreessan fayyadamuun

 Kitaabilee adda addaa dubbisuu fi namoota irraa muuxannoo isaanii yaada waljijjiiruun

4
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’INSA BARRUULEE
2.1. Maalummaa Afaaniifi Ogbarruu Oromoo
Afaan meeshaa karaalee seenaa, aadaa, duudhaafi barteen hawaasa tokkoo ittiin barreeffamee ol-
kaa’amu keessaa isa tokkodha.Afaan Oromoos akkuma afaanota biroo tajaajila kanneeniif kan
ooludha. Akka qorannoowwan tokko tokko agarsiisanitti, Afaan Oromoo biyyoota kan akka:
Itoophiyaa, Keeniyaafi Soomaaliyaa keessatti bal’inaan dubbatama. Akkasumaas, sablammoonni
biyya keenya keessa jiran kan akka: Sidaamaa, Adaree, Bartaa, Anyu’ak, Komoo, Daawiroo
Kafichoofi kkf afaan dhalootaa isaaniira Afaan Oromootti gargaaramuun wal-qunnamtii bittaafi
gurgurtaa gaggeessu. Haata’u malee, walakkeessa jarraa kudha sagleffaa dura afaanichaaf
xiyyeeffannoon akka hinkennamneefi akka afaan xiqqaa ta’eetti ilaalamaa tureera. (Teshome,
2013)

Haaluma kanaan, dagaaginni og-barruu tokkoo guddina afaan sanaa waliin kan wal-qabatuu yoo
ta’uu, og-barruun Oromoos yeroo sanaan duratti barreessuun ulfaataadha. Sabaabiin isaas
afaanichi biyya keenyaan alatti bal’inaan babal’tee biyyoota addunyaa kanneen biratti waan
hinbeekamneef.Akkasumas, ogbarruun isaas carraa barreeffamuu argachaa hinture.Kana
jechuunis, uummatichis walitti dhufeenya, barsiifata, aadaa, amaantaa, duudhaafi falaasama isaa
kana ogbarruutti dhimma ba’uun wal-qunnamaa akka hinture agarsiisa.

Haata’u malee, barreeffamni Afaan Oromoo barreefamuu kanjalqabe jaarraa kudha afraffaa
keessaa akka ta’e qorannoon tokko tokko nimul’isu.Gara biraatii ammoo qorannoowwan tokko
tokkoo akka mul’isanitti Afaan Oromoo jalqaba jaarraa kudha sagleffaatti barreeffamuu akka
jalqabe lafa kaa’u.Keessumatuu, sadarkaa jechootaatti afaan dubbii irraa gara afaan
barreeffamaatti jijjiiramee barreeffamaa akka ture agarsiisa (Teshome, 2013fi Mekuria, 1994).

2.2. Qeeqa Ogbarruu


Ogbarruun tokko yeroo qeeqamu, hanqina inni qabu qofa osoo hintaane cimina isaallee waliin
kaa’aa deemuun barbaachisaadha. Yaada kanaan kan wal-fakkaatuu, Abdiin, (2015, f :6), Wall
(2010) wabbeeffachuun akkas jedha, ‘‘...qeeqa irratti yaadolee garaagaraa lama akka jiranidha.
Inni jalqabaa ceepha’uun hanqina inni qabu baasuu yoo ta’u, inni biraan hanqina qofa osoo
hintaane cimina hojiin sun qabus kan hammatudha’’ jedha.

5
Yaada olii kana irraa waan hubatamu, hojiin ogbarruu tokko yeroo qeeqamu ciminaafi hanqina
inni qabu addaan baasaa deemuun guddina ogbarruu sanaaf murteesaadha.Hala kana keessattis,
ciminni argame akka itti fufuufi hanqina mul’ateef ammoo fala akka barbaadan kallattii kaa’uun
bu’aa qeeqni fide ta’uu manatti agarsiisa.

Namichi M. Ellis, (1974,f:54) jedhamu faayidaa qeeqni qabu ilaalchisee akkas jedha, ‘‘….the
purpose of criticism is to render the text more enjoyable to the reader, to encourage and excite
his appreciation of the text, to explicate it, and to point out to him what he might other Luis have
missed.’’

Yaada olii kanarraa wanti hubatamu, faayidaan qeeqa ogbarruu tokkoo barruun qeeqame sun
dubbistoota biratti akka jaalatamu taasisa. Akkasumas, ciminaafi dadhabina barruu sun qabu
adda baasuun ciminni argamee akka jajjabaatuufi dinqisiifatamuu nitaasisa. Gama birootiin
ammoo hir’ina mul’ateef fala akka barbaadaniif kallattii kaa’a. Hojiin ogbarruu sanaas gad-
fageenyaan niibsa yaada jedhu qaba.

Ogbarruun tokko dhimma barreeffamuuf niqaba. Dhimma isaa hubachuuf ammoo dubbisuufi
qeequun murteessaadha. Ogbarruu qeequun ammoo ogummafi muuxannoo barbaada. Namni
ogbarruu qeequ tokko maal gochuu akka qabu, Encyclopedia Britannica yoo ibsu, “Critics ask
what literature is? What it does? and what it is worth?” jedha.Akka hiika kanaatti, namni
ogbarruu qeequ tokko maalummaa, faayidaafi gatii ogbarruun qabu cimsee gaafachuu qaba.
Dabalataanis, yaaxxinoota adda addaa fayyadamuun sakatta’uu gaafata.

2.3. Asoosama
Asoosamni caaseffama seenaa yookaan ruqoolee seeneffama sanaa kan yaada kalaqaan
dhiyaatudha. Asoosamni barreeffama kalaqaa dhugaa hawaasaa baasee mul’sudha.Seenaa
dhugaa hawaasa tokkoo gama kalaqaan baasee kan dhaloota itti aanuuf dabarsudha (Melakneh,
2003).

Barreessaan Regie Routman (2005) waa’ee asoosamaa yemmuu ibsu, “Fiction is stories from an
author’s imagination usually with an emphasis on character development,” jedha. Akka yaada
kanaatti asoosama seenaa barreessaan yaaduun guddina namfakkii waliin ibsudha.Fuulli
interneetii www.wikipadea.com/fiction/htm/jedhu akka ibsutti, “Fiction constitutes an act of
creative invention so that faithfulness to reality is not typically assumed in the words, fiction is

6
not expected to present only characters who are actual people or descriptions that are actually
true,” jedha. Akka yaada kanaatti, asoosamni walitti qabaa yaada dhugaa hawaasaa bifa kalaqaan
dhiyaatu kan kallattiidhaan dhugaa hin taanedha. Asoosamni namadhugaa yookaan ibsa dhugaa
qofaa ibsuuf kan yaadamu akka hin taane eera.

DabalataanIzevbaye (1975, f:27) yemmuuibsu,

Fiction is particularly simulation because negotiation the social world affectively


extremely, tricky requiring us to weigh up myriad interacting instances of cause and
effect. Just as computer simulations can help get to grips with complex problems such
as flying plane or forecasting weather. So novels, stories and dramas can help us to
understand the complexities of the social life,” jedha.
Akka yaada kanaatti, asoosamni barruu addunyaa hawaasummaa xaxamaa akkeessuun sababaafi
bu’aa gochaa adda addaa hubachiisuudha. Akkuma kompiiterri sagaleewwan walfakkaatoo
akkeessuun agarsiisu barruuleen kalaqaa jireenya hawaasummaa isa xaxamaa akka hubannuuf
akka gargaaran eeera.Asoosamni seenaaleen gaggabaaboo fi diraamaan fa’a gahee kan akkka
bahan eera.

2.4. Caacculee Asoosamaa


Asoosamni caacculee jahaa of keessaa qaba. Isaanis jaargocha, namfakkii, waldiddaaa,
yoomessaa, ergaafi ija ittiin ni dhihaaatu fa’a.kanneen tokko tokkoon yemmuu ilaallu akka
armaan gadiitti ta’a.

2.4.1. Jaargocha
Asoosama keessatti jaargochi haqaa murteessaadha. Seenaan asoosama sanaa qinda’ee akka
dhiyaatu godha. Akka hayyuu Hawtorn (1992:34) jedhutti, “A plot is an ordered, organized
sequence of events and action; jedha. Akka barreessaa kanaatti jaargoochi seeraan qinda’ee
gocha tokko akka agarsiisu ibsa asoosamni seenaa garagaraa of keessatti qabate yoo dhihachuu
baate dubbisaa biraatti fudhatama hin qabu.

Abrams (1981:39) akka ibsutti pht refers to the main events that take place throughout the
story:jedha. Akka barreessaa kaanaattis jaargochi ta’ee guddaa kan seenaa asoosamaa keessatti
dhiyaatu ta’uu qaba.

7
2.4.2. Namfakkii
Namfakkin caacculee asoosamaa keessaa isa tokko dha.Namfakkiin asoosama keessatti kan
barreessaan yaada koo waliin deema jedhee kalaqudha. Kunis raawwilee barreessaan itti kenne
hayyuu durummaa yookaan faallaa isaa ta’uun kan bahatudha. Walitti bu’insoota asoosamaan
uume hundumaa kan baasee ibsu namfakkiidha. (Misgaanuu,2011)

Abrams (1981:39) akka ibsutti;

Character refers to the protagonist and secondary characters of the story the writer
develops character by what the character thinks what the character does what the
character says what the character looks like, and by other says about the character. All
stories include protagonist many story include antagonist.May stories also secondary
or minor characters jedha.
Akka yaada kanarraa hubatamutti nam-fakkiin kan hayuu duree faallaa isaa fi nama fakkiilee
xixiqqoo haamatudha. Barreessaan waan namfakkii yaaduu, raawwatu jedhu, hubatufi kan
biroon waa’ee isaa maal akkajedhan ni ibsa. Seenaaleen hunduu hayyuu daree ni hammatu, irra
jireessi seenaalee jaargocha xixiqqoo kan haammatu ta’uu eera.

2.4.3. Waldiddaa
Waldiddaan walitti bu’insoota barreessaan asoosama kessatti kalaqee namfakkilen bakka isaanii
kennameetti rawwatamudha. Waldiddaan namaa fi nama, namaa fi yaada isaa, namaa fi uumama,
akkasumas namaa fi uumaa isaa waliin wal dhabdee namfakkii hayyuu dureen taasisudha.
(Misgaanuu 2011)

Izerbaye (1957) akka ibsutti “conflict in fiction is the relation committed between the characters
that the auther create by his/her imagination. It is a relation of protaganistuith his/her/its
atangenst in auther imagination; jedha. Kunis kan agarsiisu, waldiddaan waldhabdee asoosessaan
jaargochaf kennudha. Waldiddaan kun ta’eehayyu duree fi faallaa isaa gidduutti kan uumamu
fa’aa ta’uu eera.

2.4.4. Yoomessa
Yoomessi yeroo bakka fi haala hawaasummaa asoosessaan fayyadamee barruu isaa keessatti
barreessudha. Akka hayyuun Arnold (2001) ibsuuti “Setting presents that what is the place of the
action presented?, time? The social circumstances?”Jedha.Akka yaada hayyuu kanaatti
yoomessi, iddoo ykn bakka raawwiin itti ibsame, yeroo isaafi dhugaa hawaasaa akka

8
xiyyeffatudha.Hayyuun kunumti (2001) yammuu dabaleee ibsu, “Setting refers to the time place
and social and historical context,” jedha.

2.4.5. Ija
Ijji asoosama keessatti ramaddii ittin asoosessaan asoosama tokko seeneessudha.Akkaata itti
dhiyaate addessa. Hayyuun Arnold (2001) yemmuu ibsu, “Point of view is who tells the story (an
observer, the protagonist, ---)? Fromwhat perspective is the story told (first person narration,
third prson narration, ---) jedha. Yaada kana irraa kan hubannuu ijji bifa seenaan sun ittiin
dubbisaaf dhiyaate kan ibsu ta’uudha.

Abrams(1981)akka ibsutti

Point of view refers to the person who is telling the story. this is the narrator of the
story can be told from first perspective, such as protagonists or eye witness or the
story can be told from third person perspective, which means the narrator is not a
character in the story .Remember that the author and narrator are not the same . The
narrator is the person who is telling the story, jedha.
Akka yaada kanaatti ijji nama seensaa sana himuudha. Kunis seeneessaadha. Fakkeenyaaf,
seenaan gama nama tokkoffaan kan ibsamu akka raawwii hayyuu dureen bakka bu’ameetti.
Yookaan kan gama nama sadaffaan ibsamu seeneessaan seenaa sana keessa akka hin jirreetti kan
ibsamu dha. Kan hubatamuu qabu barreessaafi asoosessaa/seeneessaan tokko miti jechuun eera.

2.4.6. Ergaa
Ergaan kaayyoo asoosessaan hojii kalaqaa isaa keessatti baasee agarsiisuuf kaayyeffatedha.
(Jeremy, 1992:23). Jedha. Akka yaada kana irraa hubatamutti waanti ergaan asoosamaa yaada
asoosamni sun gama hawaas-dinagdeefi siyaasaan ibsu kan haammatu ta’uu eera. Yaada
asoosessaan dabarsuu fedhe gama hawaasaa, dinagdeefi siyaasaan ibsu kan qabatudha.
Asoosama tokko dubbisanii goolabuuf ergaan asoosama sana baay’ee murteessaadha (Jeremy,
1992:23).

9
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNICHAA
3.1. Saxaxa Qorannichaa
Qorannoon kun kitaaba asoosamaa sakatta’uun kan raawwatamudha. Qorattuun asoosama kan
erga dubbistee booda mala addeessaan gargaaramuun qorannoo ishee dhiyeessiti. Kana
keessaatti jaargocha asoosamichaa qaban ni qaacceffama.

3.2. Irraawwatama Qorannichaa


Irraawwatamni qorannoo kanaa kitaaba Asoosama dheeraa barattuu Kookeet Abbabaatiin bara
2008/2016 maxxanfame “Madaa Laagaa” jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kunis, ruqoolee
asoosamaa keessaa jaargocha asoosama kanaa qaaccessuun kan dhiyaatedha.

3.3. Madda Ragaa


Dhugummaa rakkoo addaan baafachuuf qaama odeeffannoon irraa argamudha. Haaluma kanaan,
odeeffannoo qorannoo tokkoo galmaan gahuuf barbaachisaan madda ragaalee adda addaa irraa
argaman jedhamee abdatameyyuu, haala qabatama qorannoo kanaatiin kan barbaachisu madda ragaa
tokkoffaa yommuu ta’u waa’ee madda ragaa kanaa ilaalchisee Cohn (1994, f:50) yommuu ibsu,

Primary data are those items that have had a direct physical relationship with the events
being reconstructed this category would include note only the written and oral testimony
provided by actual participants in or witness of an event, but also the participants
themselves. Documents considered as a primary sources include manuscripts, character,
and archives of official minutes, files, and letters and research reports. All these are,
intentionally or unintentionally, capable of transmitting artist hand account of an event
and are therefore considered as a source of primary data, jedha.
Akkuma bareeffama armaan oliirraa hubachuun danda’amu madda ragaa tokkoffaa kan jedhaman
kanneen walitti dhufeenya qaama qorannoo sana wajjiin qaban kanneen hirmaattota qorannoo sana
ta’anidha. Kanaaf qorattuun kitaaba asoosama dheeraa “Madaa Laagaa” jedhu filattee jirti. Kunis
haala waliigalaa asoosamichaa kan xiinxalame osoo hin taane jaargocha asoosamichaa xiinxalaaf
irratti kan hundaa’udha.

3.4. Maloota Ragaan Ittiin Funaanamu


Malleen kun gahee guddaa qabu. Yaada kana Moserfi Kalton, (1972) yeroo cimsan, malleen
odeeffannoo ittiin funaanamaan garaagaraa fayyadamuun tarsiimoo qorannoon ittiin gaggeeffamuuf
humna guddaa ta’a, jedhu.Malli ragaan ittiin funaanamu mala sakatta’a barruuti. Kunis kitaaba
asoosama dheeraa dubbisuun dhimma qorannoo kanaa ni xiinxalama.

10
3.5. Mala Qaaccessa Ragaa
Ragaaleen qorannoo erga sakatta’a barruutiin walitti qabamuun odeeffannoon hundumtuu ni
xiinxalama. Ragaaleen mata-durichaan walqabatan guutummaa, sirrummaafi qulqullinni isaa
calalamee mirkanaa’a. Ragaawwan kaayyoo qorannichaatiin wal hinqabanneefi hir’uu ta’an
battalumatti keessaa ni haqama. Ragaawwan haala walfakkeenyaafi garaagarummaa isaaniitiin
akaakuu akaakuun, qofaa qofaatti gurmeeffama. Ragaawwan argaman hundi isaanii bifa
barreeffamaatiin qindaa’anii ni ibsamu.

11
BOQONNAA AFUR: XIINXALA JAARGOCHA ASOOSAMAA MADAA LAAGAA
4.1. Maalummaa Maqaa Asoosamaa Madaa Laagaa
Kitaabni asoosama dheeraa madaa laagaa jedhu kun fuula dhibba tokkon (100) kan qabu ta’ee
bara 2016 maxxanfame. Barreessituun kitaaba Asoosamaa Madaa Laagaa jedhu kanaa barattuu
Kookeet Abbabee Argawuu kan jedhamtu yoo taatu, kan isheen dhalatte guddatte Godina
Wallagga Lixaa Magaalaa Gimbiitti. Kookeet yemmuu kitaaba kana barreessite barattuu kutaa
11ffaa mana barumsaa Gimbiiti. Kitaabni asoosamaa kun isheen kalaqa jalqabaa kan isheen ittiin
yaada ballifattee harka diriirfattedha. Kanaaf asoosamichi maxxansa tokkoffa jechuudha.

Maqaan asoosama dheeraa “Madaa Laagaa” jedhu kanas kan moggaafame ergaa seenaa
asoosamichaa kan namfakkiileen asoosamicha keessatti bifa sab-seenaan wal ijaarsisuun gahee
fudhataniin miidhaa isaan walirratti godhaniin irraa kan mogga’edha.

Akka asoosama Madaa Laagaa jedhu kanaatti hayyu duree ta’uun seenaa asoosamichaa jalqabaa
hanga dhumaatti kan sochoosee dubara “Hawwii Hundumaa” jedhamtudha. Namfakkiileen
masaanuu gahee fudhatanii seenicha keessatti hirmaatanii kaayyoo hayyu-dureen fudhatee
karaatti hambisuun akka galma hin geenye kan taasisaa turan immoo

 Naa’ol

 Obbo Abdataadha.

Fakkaattonni xixiqqoon gahee xiqqaa fudhachuun seenaa asoosamichaa keessatti bakka tokko
tokko qofatti mul’achuun jaargocha asoosamichaa cimsanii kan badanidha.

 --- Hawwii koo waa’ee Naa’oliin immoo gorsakee fudhachuu dhiisee miti? Gochaan inni
narratti raawwate Madaa Laagaa natti ta’e--- (fuula, 79).

Kanaaf, maqaan asoosamichaaf moggaafame sabseenaa namfakkiileen ijaaramee ergaa dabarsee


irraati.

4.2. Jaargocha Asoosama Madaa Laagaa


Jaargochi asoosama kanaa haala asoosama dheeraan ittiin dhiyaachuun qabuun kan dhiyaatedha.
Asoosama dheeraa kana keessatti gochoonni dhiyaatan haala dhiyeenyaa isaanii haala hubatamaa
fi barbaachisaa ta’een kan dhiyaatedha.

12
4.2.1. Saaxila
Jaargochi asoosama kanaa haala asoosama dheeraa ittiin dhiyaachuun qabuun kan dhiyaatedha.
Asoosama gabaabaa kana keessatti gochoonni dhiyaatan walduukaa fiigaa osoo inni tokko osoo
hin xumuramiin isa kan biraatti darbaa kan raawwatamedha.

Seenaan asoosama tokko isaan jalqabee isaanuma irratti kan xumuru namfakkiilee hayyuu
jedhamu. Jaargochi asoosamichaas isaan irratti ijaarama.Seenaa asoosama tokkoo keessatti
gochoonni isaan raawwatan hunduu naanna’anii isaan walqabatu.Seenaa asoosamichaa
fuulduratti sochoosuu keessattis hunda caalaa gahee taphatu jalatti ramadamuu danda’u.

Haaluma walfakkaatuun hayyudureen namfakkii asoosama kanaa Hawwii, Obbo Hundumaa,


ifaa, Aadde Simalee, Feeneet Jaallataa kanneen jedhamanidha.

Jalqaba asoosamicha irratti seenaan nutti arginu

 “Harmeen Hawwii, Aadde Simaleen yeroo tokkoof illee Hawwii isaan duraa dhabuu
hin barbaadan (Fuula, 1).

Waraabbii kana irraa akkuma arginu hawwiin maatii isheetiin kan jaalatamtuufi barnoota isheetti
baay’ee cimtuu waan taateef akka isheen ija isaaniirraa fagaattu tasuma hin barbaadani. Maatiin
guutummaan akka agartuu ija isaanii ilaalu.Daa’imni isaanii inni Hawwii irratti dhalate akka
tasaa dhibamee dhukkubaan boqote.Sababa kanaan Hawwii ijaa sodaafi jaalalaatiin ilaalu.

Gara keessa asoosamichaatti yoo xiqqoo seenan immoo

 Hawwiin abbaa ishee cina kan taa’aa jirtu yommuu ta’u achuma keessatti imalaa
cina ishee taa’uu, kan maqaansaa Ifaa Disaasaa jedhamu waliin wal barte…” (fuula
3) kan jedhu jira.

 “--- Haadha Hawwii kan taate fi yeroo tokkofillee hawwii ija ishee duraa dhabuu hin
barbaannedha.” Fuula 1).

Waraabbii kana irraa kan hubannuu, Hawwiin yemmuu abbaan ishee gara Dambidoolloo
deemuufka’e diddee abbaa ishee waliin deemtu karaa irra nama cinaa ishee taa’ee Ifaa Disaasaa
waliin walbaratan. Ifaanis akkuma Hawwii abbaa isaa waliin deemaa osoo jiruu wal barani.
Akkasumas gaheen ishee bakka biraatti yommuu ibsu.

13
 Harmeen Hawwii “maal rakkinatu jira moo? Jedhan abbaan Hawwiis deebisanii,
“lakki harmee hawwii rakkinni hinjiru garuu walga’ii ariifachiisaaf nawaaman,
jedhan. (fuula 1-2)

Waraabbii kana irraa waanti hubannu, abbaan hawwii haadha hawwiitiin akka walga’ii
waamame itti bilbilamnaan waan rakkoon ta’e itti himame itti fakkaatee naate.Ta’us abbaan
Hawwii rakkoo akk hin taaneefi walga’ii ariifachiisaa akka waamame itti ibse. Akkasumas
gaheen isaa bakka biraatti yommuu ibsu

4.2.2. Tuqata dubbii


 “Walga’icha magaalaa Dambiidoollootti ture, abbaan Hawwii boo’icha Hawwii
ilaaluu waan hin barbaanneef fuudhanii deemuuf dirqaman--- Hawwiifi abbaan ishee
konkolaataa keessatti argamu” Fuula 7

 “Haati warraa Obbo Disaasaa qarshii kana osoo baankii keessee yemmuu Finfinnee
geessu fuute waan barbaaddu bittee gaarii ture jedhan, --- Fuula 8.

Waraabbii kana irraa waanti hubannu, Obbo Hundumaa Caalaa, abbaan Hawwii walga’ii
ariifachiisaa Dambidoolotti waamamuu irraa kan ka’e Hawwiin itti waan boosseef fudhataniif
deemuuf murteessan. Hawwiis fudhatanii gara Dambidoolloo deemanii walga’ii sana
hirmaachuuf deemaa jiru. Akkasumas, Obbo Disaasaan konkolaataa bitachuuf qarshii korojootti
naqatanii Finfinnee deemuuf qophaa’anii ture. Haati warraa isaaanii garuu qarshii sana harkatti
baatanii deemuun waan itti hin tolleef osoo baankii keessanii Finfinneetti baafattu jetteen. Innis
haalli hundinuu qophaa’ee na eegaa waan jiruuf baatanii deemuu filatani.

Gama biraanis,

 --- Obbo Disaasaan fi namoota Obbo Disaasaa bira taa’aan lama yeroosuma
lubbuun isaanii dabarte. --- Obbo Abdataan yeroo konkolaataan garagale korojoo
Obbo Disaasaa fuudhanii harkatti qabatani --- Aadde Furtuun gaafa ijoollee beelaan
harkatti dhumuuf kaatu--- gara mana Obbo Abdataa deemanii gaafa isin konkolaataa
bituuf Finfinnee deemtan qarshiin sun akkam ta’ee yommuu abbaan warraa koo du’e
sanatti korojoo eenyutu harka fuudhe?” jedhani Obbo Abdataa gaafatan --- Obbo
Abdataanis ani qarshii abba warraa keetii hin argine --- (fuula 12).

14
Yaada kanaa olii irra akkuma hubatamu Obbo Abdataan nama gaarii fakkaatee Obbo Disaasaa
waliin manaa bahee yemmuu konkolaataan garagalee Obbo Disaasaan du’e qarshii jalaa fudhatee
amanamummaa isaa diige. Hiriyyaa gaarii ta’uu dhabuu isaa nama hubachiisa. Namni gaariin
dalagaa akka kanaa hin hojjetu dhuma irratti garuu namni kun badii irra dhaqqabaa dhuferraa
ka’ee dhufee ijoollee obbo Disaasaaf qarshii sana kenne.

Akkasumas

 “Aadde Furtuu ibiddi baay’ee onnee isaanii dadhabsiisaa jira. Ta’us garuu ijoollee
isaanii guddifadha jedhanii gadoo waan qabataniif oliifi gad jooru—Fuula 13

Erga obbo Disaasaan balaa konkolaataatiin boqotanii qarshiin konkolaataa bituuf fudhatanii
bahanis erga iddoo gahe dhabame, Aadde Furtuun haati manaa Obbo Disaasaa ijoollee ishee
guddisuuf oliif gadi jechaa jirti.Manni baankiis mana keessa jiraataa keessaa isaan baase.
Kanaaf, kan dur hin amaleeffanne, harka namaa eegdee ijoollee ishee guddisaa jirti. Aarri mana
namaa keessaa yemmuu hojjetan itti aarus laphee isaanii dadhabsiisaa jira.Mana namaatti
biddeena tolchitee jiraachaa jirti.

Itti dabaluunis

 “Harmeen isaanii suuta jettee harka Beekamiifi Ifaa walirra keessee ija ishee
keessaa imimmaan harcaastee, achumatti gogdee hafte, ---“ hafuurri sila baafattus
hin jirtu --- Fuula 16

 “--- Obbo Abdataan hiriyya Obbo Disaasaati.Waliin daldalu baay’ee wal jaallatu,
Obbo Disaasaan hiriyaa isaanii bira deemanii erga nagaa gaafatanii booda ---“
(fuula 19).
Akka waraabbii kana irraa hubannutti, Aadde Furtuun ijoollee ishee guddisuuf kan oliif gadi
joortu, dadhabdee dhukkubsattee jirti. Dadhabdees ijoollee ishee gargaaruu dadhabu irra dabartee
osoo galma ga’insa ijoollee ishee hin argiin boqotte.Obbo Abdataan obbo Disaasaa waliin waan
wal jaalataniif bira deemanii nagaa gaafataa tura.

Kanas

15
 “—Qarshiin ani abbaan keessan gaafa balaan konkolaataa isa mudate harka fuudhe.
Kunis korojoo keessa jira. ---- Qarshicha fudhaa --- ani kana caalaa isinii hin
barreessuu--- jedhe xalaya barreesseef. (fuula 20-21).

Obbo Abdataan erga harmeen isaanii duutee booda qarshii abbaa isaanii akka fuudhe xalayaa
keesssatti barreessee korojoo isaanii ergeera. Obbo Abdataan dursa yemmuu haati isaanii
gaafattu qarshii sana hin argine jedhee ture. Garuu, xalayaa isaa keessatti akka ibseefitti akkuma
abbaan isaanii balaa konkolaataadhaan boqote innis balaan konkolaataa akka isa mudatee miilli
isaa cabee badii isaa akka ofirratti bare ibseera.Beekamis daandiitti qajeelee jira.Inni b/stuu
Caaltuu akka inni biyya alaa deemuuf gargaarteen gara Ameerikaa deemuuf qophaa’ee osoo jiru
qarshii abbaa isaa dhufeefi.

4.2.3. Finiina Seenaa


 --- Obbo Hundumaan akka namoonni mirga isaaniif falmatan kakaasan, akka
callisanii samtootaan hin saamamneef--- haa ta’u iyyuu malee imaltoonni sodaatanii
callisan (fuula 24)

Obbo Hundumaan namootni mirga isaaniif akka falmatan gorsaa turan.Bosona keessa saamtonni
taa’anii namoota gidirsanii saamuu akka hin qabne ibsu.Haa ta’u namoonni kaan amala
saamamuu baratanii waan jiraniif callisuu filatan. Obbo Hundumaan garuu waan kan callisaan
bira darbuu waan hin feeneef gara poolisiitti bilbiluuf yaalus saamtonni sunneen humnaan
fayyadamanii konkolaataa keessaa buusanii rukutaa turan.

Bu’aa ba’ii jireenyaa mudatu gama namfakkii kanaan ibsitee jirti.

Itti dabalee haati warraa yoo abbaan warraa ishee fagoo deeme

 --- Aadde Simaleen bilbila Obbo Hundumaa kanaan dura bilbilaa turaniiru dhaamsa
hin fudhatu jedha ture—(fuula 27) jaalala mucaa isaanii Hawwiif qaban
barreessaan yemmuu ibsu “Aadde Simaleen mucaakoo jechuun ta’umsaafi ka’umsa
isaan dhorkan--- (fuula 27).

 “Waardiyaan yogguu banu Ifaan hawwiifaa dheefa dhufee” fuula, 27).

16
Waraabbii kana keessatti yaadni ifaa ta’uu qabu Hawwiin hayyu duree asoosamichaa yommuu
taatu Ifaan immoo namfakkii xixiqqoo keessa kan Hawwiin/goobangaleessa tumsuu seenicha
keesssatti hirmaatedha.

 Ifaafi hawwii gaafa abbaan ishee fudhate gara Dambidoolloo deeme wal barte.
Yemmuu konkolaataa keessa jiraniitti ifaan yemmuu rafu waliin taphachuu akka inni
hin rafne gochaa turte. (fuula 28).

 Yeroo harmeen Feeneet deeman baay’ee duukaa boosse haadhakoo na fuudhu


deemi” jettee Osoo isheen duukaa fiigduu Aaddee Aannaneen dhiisanii deeman
(fuula 30).

Ifaan Hawwii erga argatee booda gammachuun jiraachuu eegaleera. Turtii guyyootaa waliin
dabarsaniis waan yeroo dheeraa waliin dabarsan itti hin fakkaanne.Waliin taphachaa turan.Ifaan
Hawwii biraa deemuu hin feene. Garuu, maatii isaa sodaate.Hawwiinis akka isheerraa adda
bahee deemu jibbitee turtee turte.

4.2.4. Gutmiira Irra Gahuu Seenaa


 --- Guyyaa tokko hawwiifi Hawwiifi Feeneet akkuma amala isaanii walqabatanii mana
barumasaa deema jiru. Mucaan maqaan isaa Naa’ol jedhamu tokko Feeneetiin argee
faajaje. Borumstaas haala ittiin ishee argee hasoofsisuu mala dhahuu jalqabe. Achiis
hasoofsiisuu jalqabe.--- (Fuula 34).

Seenaa kana keessatti hiriyyoonni lamaan yemmuu waliin deeman naa’ol immoo fedha isaa
bahachuuf jecha Feeneetiin baay’ee barbaadaa jira. Karaa itti ishee adamsee mo’atu fedha.Itti
yaadee buusee baasee yemmuu daandii barbaadee dhabu, qaamaan itti siiqee haasofsiifachuu
mala dhahate.Itti siiqee haasofsiises amansiifate.

 Feeneetiifi Hawwiin akkuma amala isaanii mana barumsaa deemaa jiru. Naa’ol immoo
daandiirraa dhaabbatee eegaa jira. --- jaalalli Feeneetiifi Naa’ol baay’ee nama
ajaa’ibsiisa feenet Naa’oliin baay’ee jaallatti ---- Fuula 36

 Ati nagaadha miti? Jetteen Naa’ol --- ani naa’olee kee mitii kan abbaa kootiidha malee
waa’een nagummaa kootii waan sii galchu hin qabu, Amma kaniin sirraa kaaseef akka
ati lamuu bilbila kanarratti hin bilbilleefi --- (Fuula 37-38).

17
 Naa’ol Feenet ulfoofteetti. Naa’olis kolfee akkamitti bartan? Jedhee gaafate.
Dheengadda Feeneet dhukkubsannaan mana yaalaa deemnee turre. Sakatta’insa
laboraatoorii taasifameen ogeessi ulfa ta’uu ishee nutti hime

 E--- Naa’olis ani waan tokkollee gochuufiin hin danda’u hawwiin mucaa isa garaa
Feeneet keessaa hoo?

 Naa’ol: yoo naaf jettehoo wajjin haa du’an ---“ (Fuula, 43-44).

Akka waraabbiiwwan oliirraa hubannutti, Naa’ol sababa jaalallee isaa kana dura turte sababa
Magartuu isa miiteef Feeneet waamee badii irratti raawwate.Badii uumame kanaaf dura amanuu
didee yemmuu Feeneet isa diddu ammoo rakkoo isaa ibseefi itti dhiyaachuu yaale.Akkasumas
harmeen isaa akka itti dheekkamaa jirtu eera.Yoo Feeneet fudhate gale malee akka ishee waliin
hin jiraanne taasistee jirti. Kana irraa ka’uun jireenyi isaa akka wal dhahu ta’ee jira.Sababa
Magartuun isa dhiistee Akaakuu jaalatteef inni immoo dubartoota irratti haaloo bahuun qaba
jedhee Feenetitti dhiyaate erga ulfeessee booda karaa isheen deemtu irra illee hin deemu
jedheen.Hiriyyaan Feenet Hawwiin kadhattee isaa waamtee amansiisuu yaaltus Naa’ol
fudhachuu hin dandeenye.

 Ogeessa “jaalallee qabdaa? Feeneet qaban ture amma garuu waldhabne addaan baanee
jirra ogeessa.“Saniif sababa kan ta’e maali? “Dafinoo ganama gaafan bilbiluuf, bilbila
narraa kaasee jechoota ani irraa hineegne naan jedheera sanan booda walargine hin
beeknu --- Ogeessichis itti siiqee suuta jedhee gurra sheetti jedhee ati ulfaam jedhe.
(Fuula 41-42).

Feenetis waan gootu waan dhabdeef dhukkubsattee mana yaalaa deemte.Mana yaalaa yemmuu
deemtee ofirraa baasu yaalte.Ogeessi fayyaas jaalallee akka qabdu gaafannaan akka qabduufi
yeroo ammaa akka wal dhabdanii jiran himte.

 “Hawwii fi Feeneet mana barumsaatti gala jira ---“ fuula 59).

 “Harmeen Magartuu “Naa’ol maaliif bade? Dhufee nagaanan gaafatu” jedhanii


Magartuu yemmuu gaafatan isheenis namni akkasiin hin jirumoo? Itti jetti”

18
 Ati hiyyeessa jedhee nan tuffanne godoo harmee koo keessatti boqqolloo waaddi wajjin
nyaanna. --- Akaakuun qabeenya akkas akkasii qabna jedhan akkasii qabna jedhee of
hin himu. --- Abbaan Akaakuu sooressa magaalaa Najjoodha. Gamoo sadarkaa isaa
eeggatee Magaalaa Najjoofi Magaalaa Mandii keessaa qabu --- (fuula 65).

Magartuu dagachuu waan barbaadde yoo ta’ellee Naa’oliin dagachuu hin qabdu.

 --- Magartuu “harmee maqaa isaa natti hin dhahin” ----- ani hiriyaan baay’ee
jaaladhun qaba. ----- (fuula 65).

 “Isheenis eeyyee dhugaadha, Akaakuu nan jaaladha innis na jaallata, naan jette, kun
gonkumaa ta’uu hin qabu; Magartuu barii ani baay’een sii jaaladhaan jedhe Badi me
ija koo duraa Akaakuun eega jira. Akaakuunis si argeennan itti hin tolu jette ---
(fuula 67).

Namfakkiin kun qabeenya qabaachuu irraan kan ka’e kan namatti of hin jajneefi hin boonnee
ta’uu hubanna. Qabeenya abbaan isaa qabuun akka namatti hin koorre agarsiisa.

Akaakuun ol seenee afaan ishee walitti qabee harkaafi miila ishee walitti hidhee sibiila guddaa
ulfaatuun harkatti ishee walitti hidhee, sibiila guddaa ulfaatuu harkaafi miila ishee caccabsee
arraba ishee nama goyyomsitu sanas keessa gadi harkisee kutee, aalbeedhaan qaamashee
kukkutee duuteetti jedhee harkasaa seeraaf kenne. ----Fuula 84

Kunis dhugaa jiruu waliin wal qabsiisee namni nama sobuufi goyyomsuuf rakkatu akka bu’aa
hin qabneefi dhuma irratti hojii badii isaaf akka itti gaafatamu nama hubachiisa. Yaada kana
irraa kan hubatamu Naa’ol faallaa ta’ee yaada isheen walii hin galle itti inni dhiyeessu argina.

Namfakkiin namfakkiilee xixiqqoo keessa ishee tokko taate gahee isheen seenaa asoosama kana
keessatti qabdu xiqqaadha. Haadha manaa Obbo jaalatati; kan dura Obbo Jaalataa waliin Feeneet
mucaa durbaa tokko erga godhatanii dhiiftee Magaalaa Amboo deemuun Abbaa Roobeeraatti
heerumuun Roobeeraafi ijoollee biroo godhattedha.

19
4.2.5. Sigigoo irra Gahuu Seenaa
 Roobeeraan Feeneetiin fudhatee gara harmee isaati geesse, Harmeen Feeneet yeroo
argan amanuu hin dandeenye. Itti siqanii ilaalanii” mucaakoo” jedhanii Feeneetitti
maramani imimmaan isaanii lolaasan ----- (Fuula 81)

Kanaaf gahee isheen asoosama kana keessatti qabdu baay’ee xiqqaadha.

 Akaakuun ol seenee afaan ishee walitti qabee harkaafi miila ishee walitti hidhee
sibiila guddaa ulfaatuun harkatti ishee walitti hidhee, sibiila guddaa ulfaatuu
harkaafi miila ishee caccabsee arraba ishee nama goyyomsitu sanas keessa gadi
harkisee kutee, aalbeedhaan qaamashee kukkutee duuteetti jedhee harkasaa seeraaf
kenne. ----(Fuula 84)

4.2.6. Furmaata irra gahuu Seenaa


Gara dhuma asoosamichaa irrattis kan jiru

 “Hawwiinis Feeneet “maaltu jira” jettee gaafatte” Fuula 99)

 --- haalli hundumtuu haaraa iitti ta’e --- yeroo asiifatanii ilaaltus ifaa, beekam fi
naa’ol uffannaa aadaa Oromoo uffatanii misirroo fakkaatanii taa’u. Hawwiin ni
rifatte --- kan booda abbaan ishee “Ifaa si gammaachiisuuf jedhee si dhoksee
jaarsummaa ergatee waan barbaachisu hunda guutee jira. Nutis akka wal jaallatan
waan beeknuuf tole jenne--- (fuula 99-100).

Namfakkiin kun qabeenya qabaachuu irraan kan ka’e kan namatti of hin jajneefi hin boonnee
ta’uu hubanna. Qabeenya abbaan isaa qabuun akka namatti hin koorre agarsiisa. Kunis dhugaa
jiruu waliin wal qabsiisee namni nama sobuufi goyyomsuuf rakkatu akka bu’aa hin qabneefi
dhuma irratti hojii badii isaaf akka itti gaafatamu nama hubachiisa.

4.4. Cimina fi Dadhabina Kitaaba Asoosamaa Dheeraa Madaa Laagaa


Haa ta’u malee namni cimina qabu dadhabina hin qabu jechuu miti. Cimina isheen qabdu
keessaa inni tokko fakkiin fuula kitaaba asoosamaa kana irra jiru ergaa maqaa kitaaba sanaa
waliin kan adeemu dha. Akkasumas, gochaalee asoosama sana keessa jiran baay’een waldiddaa
inni qabu baay’ee hawwata. Waldiddaan jiraachuun immoo dubbisaa akka hawwatu taasisa.
Akkasumas, gochaaleen asoosama kana keessa jiran akka asoosama dheeraatti osoo hin taane

20
akka asoosama gabaabaatti kan barreeffamanidha. Asoosamni dheeraan gochaan isaa waliin hin
fiigu. Gocha tokko sirriitti erga hubannee kan biraan itti fufa. Kanaafuu, asoosamni kun hanga
tokko gama kanaan dadhabina kan qabudha.

Akkasumas shamarri hojii kalaqaa dhiyeessuu keessatti hirmaachuun cimina agarsiisa.


Barreessituun kitaaba kanaa cimina ganama kennameefin kutaa kudha tokko teessee kitaaba
asoosamaa kana maxxansite.Kun immoo cimina dabalataati.

Dhumarratti, kitaaba asoosama dheeraa “Madaa Laagaa” kana keessatti dogoggorri qubee ni jira.
Kun immoo dhaloota har’aa irraa kan eegamu miti. Dogoggorri qubee, seer-lugaa, caaslugaa fi
sirni barreeffamaa haalaan eegamee barreeffamuu qaba. Fakkeenyaaf, dogoggorri qubee fuula 10
fi 15 irratti “warra, beelli” jechuuf ‘Waarra, beellii” jedhamee jira.Yoo kana ta’uu baate og-
barruuleen barreeffamanii dhaloota qaqqabuu qofti bu’aa buusu hin qabu. Kanaafuu,
barreessitoonni kitaabilee Afaan Oromoo barreessan of-eeggannoo guddaan akka barreessan
yaada jedhu nan qaba.

21
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, GOOLABAA FI YAADA FURMAATAA
5.1. Cuunfaa
Qorannichi akka agarsiisutti akkaataan itti fayyadamni jaargocha asoosama kanaa baay’ee
bareedaadha. Dhugaan hawaasaa Oromoo gama asoosama kanaan dhiyaatee jira. Namfakkiilee
achii keessa jiran tokko tokkoon isaanii gahee isaanii kenname waliin sirriitti ibsamanii
jiru.Namfakkiileen hayyu duree, namfakkii masaanuufi namfakkii deeggartoonni tokko tokkoon
qaacceffamaniiru. Keessattuu, dhugaan hawaasaa gama siyaas-dinagdee, hawaasummaa fi
amantaa Oromoo jiru asoosama kana keessatti ibsamuuf yaalameera.

Qorannicha irraa kan hubatamu jaargocha asoosama kana gama barbaadamuun ibasmeera.
Xiyyeeffannoo fi kaayyoon asoosamichaa Madaa Laagaa maal akka ta’e ibsuudha. Kun immoo
dhugaa hawaasichaa waliin wal qabatee dhiyaatee jira.

5.2. Argannoo
Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa asoosama dheeraa Madaa Laagaa keessa jiru sakatta’uuf kan
taasifamedha. Bu’uuruma kaayyoo qorannoo kana irratti hundaa’uun gaaffii bu’uuraa dhiyaatan
odeeffannoon funaanname qaacceffamee ibsamuun boqonnaa afur jalatti dhihaateera.

Bu’uuruma odeeffannoo qindaa’ee, xiinxalamee fi himaan ibsame argannoon qorannoo kanaa


akka kanaa gadiitti dhihaateera.

 Jaargochiifi ruuqileee jaargochaa asoosama kanaa sirrriitti ibsamanii jiru.

 Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti dhugaa hawaasaa Oromoo gama siyaas-
dinagdeen, gama hawaasummaan jiru, meeshaa irra jalummaa qabeenya irratti
hundaa’uun jiru qaacceffamee ibsameera.

 Qorannoo kana keessatti namfakkiileen gama ramadamaniittti gahee isaanii waliin


tokko tokkoon qaacceffamaniiru.

 Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti jechoonni waltawaa hin taane asoosama
kana keessa jiraachuu odeeffannoo kana keessatti qaacceffammeera.

 Barreessaan kitaaba kanaa namfakkiilee isaallee adda baafatee kan hubannee ta’uu
hubatameera.

22
5.3. Yaada Furmaataa
Qorannoo kanaatiin rakkoolee adda bahaniif yaada furmaataa kaa’uu qaba.Afaan Oromootiin
kitabileen qaacceffaman hin mul’atan. Akkasumas, kitaaba kana keessatti dogoggorri qubeefi
seerlugaa ni jira. Bu’uuruma kanaan yaadni furmaataa kana gaditti kennameera.

 Dhaloonni har’aa kitaabilee og-barruu Oromoo maxxansiisaa jiru guddinaa fi aadaa


hawaasichaa gidduu galeeffachuun gahee isaanii bahachuu qabu.

 Barattoonni damee barnootaa kanaa baratan hunduu guddina Afaan Oromoo keessatti gahee
guddaan waan isaan irraa eegamuuf irratti xiyyeeffachuun dirqama lammummaa isaanii
bahachuu qabuun yaada kooti.

 Barsiisonni barnoota Afaan Oromoo kennamu barsiisan rakkoo barattoota mudatan furuuf
qooda guddaan waan isaan irraa eegamuuf qooda isaan irraa eeamuu bahachuu qabu.

 Hayyuun kamuu kitaabilee wayita barreessaan seerluga afaan sana sirriitti eeggachuu qabu.
Barreessuu qofa xiyyeeffatu taanaan bu’a tokkollee hin qabu. Seerri afaan sanaa iddoo dursaa
qabaachuu qaba.

23
Wabiilee
Abdii Waaqgaarii. (2015). “Qaaccessa Asoosamoota Tuulaa cubbuufi
IchimaJaalalaa.Yaaxxina Bifiyyeetiin”. Addis Ababa University (Unpublished
MAThesis) Abrams (2001). Fiction: Creative works. A.A. University press.
Alvin W. Cohn D.Crim.(1994). Corresponding Author. Alvin W. Cohn earned his ... First
published. https://doi.org/10.1111/j.1755-6988.1994.tb01472.x.
Arnold (2001). “The magical realism of contemporary Gothic” David, ed. A companion to the
Gothic. Oxford: Blackwell, 305-316.
Barreessaan Ragie Routman (2005)
Fedhasaa Taddasaa. (2013 G. C) Subii.Finfinnee. Subi printing press
Hawthorn, Jeremy. (1992). Studying the novel: An Introduction. U. A London: Edward Arnold
Publishing.
Izevbaye, D (1975). The state of criticism in African Literature. African Literature Today, 7,
London, pp, 1-9.
McKay, S.1982. Literature in the EFL Classroom. TESOL Quarterly, 16(4), pp. 529-536.
Retrieved January 28, 2010, from http://www, jstor.org/stable/3586470.
Mekuria Bulcha (ed). (1994). ''History of Oromoo Literature'' In Journal of Oromoo Studies.
Vol.1,No.2, Middel Tennese.
Melaknesh Mengistu. (2008). Fundamental for literature.College. A. A University press.
M. Ellis, J. (1974). The Theory of Literary Criticism.A logical Analysis. USA: University of
California Press Ltd.
Misgaanuu Gulummaa (2011). Dilbii. Finfinnee
James, H.( 1997). Pickering Literatures 5th Ed. London Oxford University Press
Teshome Egere. (2013). ''A feminist reading of selected novels in Afan Oromo a study in
deconstruction''.Addis Ababa University.(Unpublished PhD Thesis).

Marsariitii
https://open.buffer.com/reading-fiction/

(https://en.Wikipedia.org/literary-theory)

24

You might also like