You are on page 1of 13

Jecha (word)

Hiika = jechi qindeeffama dhamsagootaa, birsagootaafi dhamjechootaa kan unkaalee hiika


tokkoofi isaa ol qabaniin dhiyaatuufi ofdanda’ee dhaabbachuun egaa guutuu dabarsudha.

 Unkaalee hiika qaban yeroo jennu dhamjechoota adda addaa kanneen hiika qaban
walitti dhufuun jechuudha.
Fkn. Deemte = deem_ hundee jecha yaada bu’uuraa baatu
= -e dhamjecha ennaa agarsiistu
= -t- dhamjecha koorniyaa dhalaa agarsiistu
=ꭄ dhamjecha heddummina agarsiistu dhokatee kan jiru kan
ijaaramedha.

= jechi bakka bu’aa muuxannoo hawaasa tokkooti.

 Muuxannoon hawaasa immoo:


- baay’ina hawaasichaa
- amala isaa
- guddina aadaafi dinagdee bu’uureefata.
- hawwii hawaasa sanaa
- siyaasaafi kkf
 dhimmoota hawaasaa kanneen irraa waan maddanii afaan tokko keessatti meeqa akka
ta’an lakkaa’anii fixuun rakkisaadha.

= jechi qaama himaa ta’ee hima tokko ijaaruuf kan gargaarudha.

= jechi caasaa afaanii keessaa tokko ta’ee birsagaafi gaalee gidduutti kan argamudha.

Garee Jechootaa
Gaaffii : faayidaan jechoota gareetti qoqqooduu maali?

 Afaan tokko jechoota hedduu waan qabuuf amaloota jechoota afaan tokkoo gareedhaan
malee kophaa kophaatti qorachuun rakkisaa waan ta’eef gargaara.
 Caasaa himaa afaan tokkoo caasessuuf (xiinxaluuf) kan gargaarudha.
 Maqaan gaaleewwan afaan tokkoo garee jechootaa irratti waan bu’uureffata.

Fkn. Maqaa __________ gaalee maqaa


Maqibsa _________ gaalee maqibsaa
Gochima _________ gaalee gochimaa
Durduubee _______ gaalee durduubee
Ulaagaalee Jechoota Gareetti Qoqqoduuf Oolan
 Jechooota gareetti qoqqooduuf kanneen oolan ulaagaalee
saditu jiru
 Ulaagaa xiinhiikaa (Semantic Criteria) =hiika irratti hundaa’uun jechoota gareetti qooda.
Maqaa= Moggaasa, bakka bu’aa wantootaafi meeshaalee kkf. Fkn leenca
Maqibsa= haala, amala, hammaafi bifa waantokkoo kan ibsudha.
Xumura= gocha(raawwii raawwatame,raawwatamaa jiruufi raawwatamuuf deemu kan
ibsudha)
Durduubee= kallattii waanti tokko itti argamuufi waanti tokko maaliin akka dalagame
kan agarsiisudha.
 Ulaagaa Xiinjechaa: Dhamjechoota maxxanfataman irratti hundaa’uun jechoota gareetti
ramada.
Maqaa= maxxanfachuun saala, lakkoofsa, maqlaalee …kan agarsiisu
Fkn. Tolaan, mukeen, re’ee kormaa
Maqibsa=maxxanfachuun madaallii agarsiisa
Fkn. Furdoo,
Tolaa caala Kennaatu arjaadha.
Arbi dullachi du’e.
Xumura= maxxanfachuun ennaa kan agarsiisu
fkn. deem-e
Durduu= Dhamjecha maxxanfachuu kan hindandeenye.
fkn. Irra, jala,
 Ulaagaa Xiinhimaa: Bakka galumsa jechoonni hima keessatti qaban irraatti
bu’uureffachuun jechoota garee gareetti ramada.
Maqaa= jalqaba ykn mathimatti aanee (aantima ta’uun) gala.
Tolaan leenca ajjeese.
Maqibsa= maqaa hordofee galuun maalummaa maqaa kan addeessudha.
Farda adii
Xumura= dhuma/xumura himaarra galuun golabamuu himaa agarsiisa.
Leenci saree ajjeese
Durduubee= dura, duubaafi jidduu jechootaa galuun tajaajila.
Fkn. Waa’ee barnootaarratti qoosaan hinjiru.
Glgaala
Jechoota garee jecha maqaa jalatti ramadamanulaagalee sadaniin ibsi.
Garee jecha maqaa
Ulaagaa xiinhiikaatiin= _______________________
Ulaagaa xiinjechaatiin= ______________________
Ulaagaa xiinhimaatiin= _______________________
Ulaagaalee armaan olii irratti hundaa’uun gareen jechoota Afaan Oromoo bakka afuritti
qoodamu. Isaaniis: 1. Maqaa
2. Ibsamaqaa (addeessa)
3. Gochima (xummura)fi
4. Durduubee (firoomsee) jedhamu.

1. Maqaa (Noun)
Maqaan garee jechootaa keessaa tokko ta’ee, moggaasa wantootaati (nama, bineensota, biqiloota,
meeshaaleefi kkf ).
Fkn. Caalaa, Qamalee, Ejersa,…
Maqaan bakka bu’aa wantootaa ta’ee waantichi kan ittiin waamamuufi kan inni bakka bu’e
waliin hariiroo yookiin walitti dhufeenya uumamaa kan hinqabnedha.

1.1. Akaakuuwwan Maqaa


Maqaaleen haala latiilee ykn dhamjechoota adda addaa ofitti maxxanfataniifi adeemsa uumamtee
irratti hundaa’uun, akkasumas, amaloota walfakkaatu qabaachuu isaanii irratti hundaa’uun bakka
gurgudaa shanitti qoodamu. Isaanis:

1.1.1. Maqaa dhuunfaa (proper noun)


-waanta tokko waanta biraarraa adda baasanii waamuuf kan bakka bu’anidha.
- maqaan dhuunfaa kan wanti ykn namni tokko dhuunfaatti ittiin waamamudha.(Nama, bakka,
laga, biyya, hara, galaana, meeshaaleefi kkf dha).
Fkn. Jimmaa, Dhidheessa, Odaa Nabee, Tolaa, …
 Amaloota maqaalee dhuunfaa:
- Fufiilee danummaa agarsiisan maxxanfachuu hin danda’an. (-faa) dabalatu.
Fkn. Caalaafaa, Amboofaa, ….
- Fufiilee yeroofi ramaddii agarsiisan dabalachuu hindanda’an.
- Maqlaaleefi qartuuwwan adda addaa dabalachuu danda’u.
1.1.2. Maqaa waliinii(gamtaa(tutaa(common noun))).
- Maqaan waliinii akaakuu maqaa keessaa tokko ta’ee, kan wantoonni walfakkaatan ykn
wantoota amala walfakkaataa qabantu bakka tokkotti ittiin waamamanidha.
 Amala maqaalee waliinii
- Dhamjechoota yookii fufiilee danummaa agarsiisan nimaxxanfatu.
Fkn. Mana manneen
Saree saroota
Barsiisaa barsiisota
Barataa barattoota
1.1.3. Maqaa Dimshaashaa (Collective noun)
- Jechi dimshaasha jedhu wantoonni baay’een bakka tokkotti waamamuu isaa agarsiisa.
- Kanaafuu, maqaan dimshaashaa wantoonni adda addaa bakka tokkotti ittiin
waamamanidha.
 Amala maqaan dimshaashaa maqaalee biroorraa adda ta’u:
- Dhamjechoota danummaa agarsiisan hinfudhatu.
- Yaada qeentee qaabaatee yaada danummaa kanqabudha.
Fkn.
- Bosona - Bosonni ciramee dhume.
-Bosonootni ciramanii dhuman. ꭓ
- koree
- oomaa
- Nyaata
1.1.4. Maqaa Meeshaalee(Material Noun).
- Akaakuun maqaa kanaa wantoonni ijaan argamaniifi harkaan qaqqabaman bakka
tokkotti ittiin waamamanidha.
- Maqaa meeshaaleen itti fayyadamnu ittiin waamamanidha.
Fkn. Minjaala
Kitaaba
Qubeessaa
1.1.5. Maqaa Waan Yaadaa(Dhokataa(Killiyyaa(Abstruct Noun))).
- Akaakuun maqaa kanaa immoo wantoota yaadaan jiran bakka bu’a.
- Kanneen harkaan qaqqabamuu hindandeenyeefi ijaan argamuu hindandeenyedha.
- Heddummeessuu yookaan tokko lama jennee lakkaa’uu hindandeenyu.
Fkn. A) namooma, dhiirummaa, dubartummaa
B) jaalala, namummaa, beekumsa, arjummaa.
1.2. Tajaajila Maqaa
- Maqaan tajaajila garagaraa qaba. Tajaajilli isaa kunis bal’inaan kan ifa ta’u caasaa
himaa keessattidha.
1.2.1. Maqaa akka mathimaatti
- AO keessatti yeroo hundaa bakka matimaa galuun kan tajaajilu maqaadha.
- Matima: jechuun hima keessatti kan waa’een isaa dubbatamu ykn kan gochaa tokko
raawwatu ta’uun jalqaba himaarra gala.
- Maqaan yeroo akka matimaatti tajaajilu dhamjechoota matim-mul’istoota ta’an
kanneen akka: -n, -ni, -i, -ti, ϴ maxxanfata.
Fkn. Tolaan barsiisaadha.
Jaarsi seera tume.
Mukni/mukti/muki guddaan sun jige.
Bishaan dhangalaa’aadha.
1.2.2. Maqaa Akka Maqibsaatti
- Maqaan akka ibsamaqaatti yeroo tajaajilu, bifa isaatiin maqaa ta’ee bakka ibsamaqaa
galuun tajaajila.
Fkn. - Mana citaa ijaare.
- Buna jimmaa dhuge.
- Ilmoo hoolaa gurgure.
1.2.3. Maqaa Akka Aantimaatti
- Maqaan akka aantimaatti nitajaajila. Haala kanaanis irraawwatama ta’a.
 Aantimni (irraawwatamni): hima keessatti gochaan tokko kan irratti raawwatame
yookiin kan gochaan tokko raawwatameefidha.
 Iraawwatamni immoo bakka lamatti qoodama. Isaanis: irraawwatama sirriifi mtisirrii
jedhamuun beekamu.
Fkn. Abdiin kitaaba barreesse.
Gammadaan haadhaaf wandaboo bite.
Mucaan aannan dhuge.
1.2.4. Maqaa Akka Gochibsaatti
- Maqaan akka gochibsaatti tajaajiluu nidanda’a. gochibsi immoo bakka, yeroo,
haalaafi kkf gochaan tokko itti raawwate agarsiisa. Maqaanis tajaajila kana kennuu
danda’a.
Fkn. Caaltuun Adaamaa deemte. Eessa?
Jaalanneen har’a dhufte. Yoom?
Jaarsi suuta haasa’a. Akkamitti?
Bortolaan kaleessa dhufe. Yoom?
1.3. Bamaqaa (pronoun)
- Jechi bamaqaa jedhu gaalee bakka maqaa jedhu irraa kan ijaaramedha.
- Bamaqaan akkuma maqaa isaarraa hubatamutti, bakka maqaa bu’uun kan
tajaajiludha.
- Kun immoo, bamaqaan akka garee jechaa ofdanda’aa tokkootti qooduun barbaachisaa
akka hintaane hubachiisa. Maqaa jala galuu qaba kan jedhamuufis sababa kanaafidha.
1.3.1. Ramaddii bamaqaalee
- Ramaddii jechuun adeemsa haasaa namootaa irratti hundaa’a.
- Ramaddiin seerluga afaanii keessaa tokko ta’ee, afaan kamiyyuu keessatti nimul’ata.
- Bamaqaaleen ramaddii qofa osoo hintaane lakkoofsa(heddummina, koorniyaa(dhiira,
dhalaa), maayii(matima, aantima)fi qabeenya agarsiisuu danda’u.
- AO ramaddiin bamaqaalee akaakuu sadiitu jira. Isaanis:
a. Ramaddii 1ffaa (1st person) -kan dubbatu.
b. Ramaddii 2ffaa (2nd person)-kan dhaggeeffatufi
c. Ramaddii 3ffaa (3rd person)- kan waa’een isaa dubbatamudha.
Maayii
Ramaddii Lakk. Matima Aantima Qabeenya Koorniyaa
ffaa
1 Qeentee Ani Ana, Na Koo, kankoo Waliigala
Danuu Nu’i,Nuti, Nu Keenya,
Nuyi kankeenya Walii gala
2ffaa Qeentee Ati Si, si’i Kankee, kee Walii gala
Danuu Isin Isin Kankeessan, -waliigala
keessan -kabaja nama tokkoof
yoo ta’e qeentee ta’a
Qeentee Inni Isa Kansaa Dhiira
ffaa
3 Isheen Ishee/ishii Kanshee Dhalaa
Danuu Isaan Isaan Kansaanii -waliigala
-kabaja nama tokkoof
yoo ta’e qeentee ta’a.

Gabatee 1. odeeffannoo ramaddii bamaqaalee ibsu.

1.3.2. Akaakuu bamaqaalee


Bamaqaan akaakuu adda addaa qaba. Isaanis haala armaan gadiin gabaabbinaan kan
argamanidha.
1. Bamaqaa akeektuu (demonstrative pronoun)
- Waanti tokko eessatti akka argamu quba ykn huuruu itti qabuun agarsiisuuf oolu.
Fkn. Kana
Kun bamaqaalee dhiyoo ta’anii qeentee.
Kunoo
Kunneen bamaqaalee ta’anii dhiyoo danuu.
Kanneen
Sun
Sana bamaqaalee fagoo qeentee
kuunnoo
sunneen
sanneen bamaqaalee fagoo danuu
2. Bamaqaalee mirree (double pronoun)
- Barbaachisummaan mirreen argamuu bamaqaalee xiyyeeffannoo agarsiisuufidha.
- Kunis warreen aantima mul’isaniifi qabeenya ibsantu walfaana hiriiru.
- Bamaqaaleen mirreen kunneen fufii xiyyeeffannoo (-uma ) fufachuun akka jecha
tokkootti barreeffamuu danda’u.
Fkn. Ana mataa koo anuma
Nu mataa keenya numa
Isaan mataa isaanii isaanuma
Isin mataa keessan isinuma
3. Bamaqaalee qabeenyaa (possessive pronoun)
- Qabeenyaan tokko kan eenyuu akka ta’e warreen agarsiisanidha.
Fkn. Koo, keenya, kee, kan keessan, kansaa/ kanshii, kansaanii
4. Bamaqaalee iyyaafannoo (introgative pronoun)
- Bamaqaaleen kun gosa yookaan akaakuufi akeeka odeeffannoo barbaannu sanaa kan
agarsiisanidha.
- Odeeffannoo waa’ee namaafi waa’ee wantootaarratti barbaannuuf bamaqaaleen
nutajaajilan garaagaradha.

Wantoota Nama Qabata Yeroo Haala Bakka

-maal -eenyu -maaliif -yoom -akkamitti -eessa

-maaliin -eenyuuf -yeroo kam -eessatti

Kan maalii -eenyuun -eessaaf

Gabatee 2. Odeeffannoo waa’ee bamaqaalee iyyaafannoo ibsu.

Hub. AO keessatti bamaqaaleen iyyafannoo danummaa agarsiisuuf fufii (-faa) jedhamtu


fufatu.
Fkn. Kamfaa? Eenyuunfaa?
Eessafaa? Eenyufaa?
Yoomfaa? Maalfaa?
2. Ibsamaqaa(Adjective).
- Maqibsi garee jechootaa keessaa tokko ta’ee, AO keessatti maqaa booda galuun
amala, bifa, hangaafi kkf kan ibsudha.
Fkn. Sa’a gurraattii bite…. Sa’a bite.
 Amala maqibsi ittiin beekamu:
- Maqibsoonni gariin fufiilee danummaa agarsiisan -oota fi –ota nimaxxanfata. Yeroo
kana amala maqaan qabu waliin walirra ooluu danda’a.
Fkn. Abshaalota, gowwoota, fokkistoota,…
- Maqibsoonni baay’een irra deddeebiidhaan heddumina agarsiisu.haalli kun immoo,
isa gochimoonni digrii waantokkoo mul’isuuf taasisaniin walirra bu’a.
Fkn. Maqibsoota Gochimoota
Diddiimoo Caccabse
Gugurraa mummure
Fufurdaa kukkute
Guguddaa babarreesse
2.1. Akaakuuwwan Ibsamaqaa
- Ibsimaqaa akaakuuwwan adda addaa qaba. Isaanis:
2.1.1. Maqibsoota baay’inaa (adjective of quantity)
- Baay’ina waantokkoo jechaan warra ibsanidha.
Fkn. Cufa, mara, hedduu, xinnoo, maddee, baay’ee, hunda, muraasa, bicuu,…
2.1.2. Maqibsoota lakkoofsaa (adjective of cardinal number)
- Akaakuu maqibsaa ta’anii baay’ina waantokkoo lakkoofsaan ibsanidha.
Fkn. Tokko, lama, sadii,….
2.1.3. Maqibsoota abbummaa (possessive adjective)
- Qabeenyaan tokko kan eenyuu akka ta’e kan ibsanidha.
Fkn. Koo/kiyya, kee/kankee, keessan/kankeessan, kansaa/kanshee, kansaanii.
2.1.4. Maqibsoota iyyaafannoo(introgative adjective).
- Waantokko gaafachuuf kanneen gargaaranidha.
Fkn. Meeqa?, eenyu?, maali?, hammam?,…..
2.1.5. Maqibsoota bifaa (adjective of colour)
- Bifa waan tokkoo ibsuudhaaf kanneen gargaaranidha.
Fkn. Boora, diimaa, adii, gurraacha,….
2.1.6. Maqibsoota amalaa(adjective of quality)
- Amala waan tokkoo ibsuuf oolu.
Fkn. Garraamii, doqna, arjaa, gaarii, yaraa, hamaa,….
2.1.7. Maqibsoota akeektuu(demonstrative adjective)
- Akeekuudhaan kallattii waan tokkoo quba ykn uuruu itti dhiyoofi fagoo ta’uusaa
kanneen ibsanidha.
- Murteessitootaafi bamaqaalee akeektuun walirra oola.
- Kana jechuun uunka walfakkaatuun ibsamuu jechuudha.
Fkn. Kana, kun, kunneen, kanneen, sun, sunneen, sanneen.
2.1.8. Maqibsoota bu’uuraa
- Maqibsoonni bu’uuraa durumaan afaanicha keessa kan jiraniifi adeemsa ijaarsa
jechootaatiin kanneen hin argamnedha.
- Kana jechuun garee jechootaa warra kaan irraa kan argaman miti jechuudha.
Fkn. Diimaa, dheedhii, gurraacha, collee, adii, daagii, guutuu,…
2.1.9. Maqibsoota yaasaa
- Kanneen fufiilee adda addaa maxxanfachuun gareen jecha isaanii gara maqibsaatti
jijjiiramanidha.
Fkn sodaataa = sodaate fi –aa
Bareedduu = bareede fi –duu
Fokkisaa = fokkise fi –aa
3. Gochima (Xummura(Verb))
- Jechi gochima jedhu gaalee gochaa hima jedhu irraa ijaarame.
- Gochimni garee jechootaa keessaa tokko ta’ee, gochaa raawwate, raawwataa jiruufi
raawwatamuuf deemu kan ibsudha.
- Gochaa tokko kallattiidhaan kan ilaallatudha.
 Amaloota gochimni garee jechootaa kanneen birroorraa ittiin adda ta’u:
a. Ijaarsa ciroowwan afaanichaa keessatti dhumarratti argamu.
Fkn. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu.
Oromiyaan biyya Oromooti.
Gadaan buulchinsa dimokiraatawaadha.
Margaan sireerraa lafa dhahe.
b. Fufiilee hin- fi ni- fufachuudhaan yaada hi’eentaafi eyyeentaa agarsiisu.
Fkn. Hindeemnu. Nimoona.
Duubatti hindeebinu. Aadaa keenya nikunuunsina.
c. Haala raawwatamee keessatti fufii (-e) fufachuuf qophaa’oodha.
Fkn. Deem-e, ijaar-e, misooms-e, kenn-e,….
d. Raawwii, ta’umsaafi jiraachuu waan tokkoo agarsiisu.
Fkn. Guure __________ raawwii
-dha, ta’e, _______ ta’umsa
Jira, jirti, jru, _____ jiraachuu
3.1. Akaakuuwwan Gochimaa
Gochimoota AO bakka garagaraatti qooduun xiinxaluu dandeenya. Isaanis:
3.1.1. Gochima Ta’umsaa (Verb To Be)
- Akaakuu gochimaa ta’anii waanti tokko ta’uu, uumamuu ykn fakkenya agarsiisuuf
warra galanidha
- Addummaan gochimoota kanaa baay’een isaanii qofaa dhaabbachuun ergaa dabarsuu
hindanda’ani.
- Guuttuu malee ergaa dabarsuu hindanda’ani.
Fkn. Inni barataadha.
Inni qofaa ta’e.
Isheen fira isaati.
Inni sooressa fakkaata.
3.1.2. Gochima Hafoo (Faaldarbeeyyii (Intransitive Verb))
- Akaakuun gochima kanaa raawwii kan agarsiisan ta’anii, gochaan raawwatame
tokko isa raawwate irratti hafa.
- Kana jechuun hojiin hojjetamu aantima irratti hojjetamu hinqabu jechuudha.
Fkn. Deeme Boqote Mucaan rafe.
Ciise muge caalaan du’e.
Rafe kolfe Tolaan kolfe.
3.1.3. Gochima Darboo (Darbeeyyii (Transitive Verb))
- Gochima darboo keessatti gochaan raawwatame tokko waan irratti darbu qaba.
- Kana jechuun gochaan raawwatamu matimarraa gara aantimaatti ce’uu isaa kanneen
agarsiisan jechuudha.
- Kunis, aantimni gochima sanarraa mul’achuu danda’a.
Fkn. ijaare dubbise
ajjeese mure
rukute barsiise
dhaabe waame,….
- Caalaan mana ijaare.
- Inni leenca ajjeese.
- Inni ishee rukute.
3.1.4. Gochima Dachaa Darboo (Di-Transitive Verb).
- Akaakuu gochimaa ta’anii kanneen himni tokko aantima lama qabaachuu ibsanidha.
- Kunis, a. aantima kallattiifi_____ matima waliin hariiroo sirrii qaba.
b. aantima alkallattiidha___matiama waliin hariiroo dalgee qaba.
Fkn. Bite, bitte, agarsiise, haame,….
- Caalaan haadhaaf wandaboo bite.
- Kumeen ijoolleesheetii meeshaa taphaa bitte.
- Barsiisaan barattootti qabxii agarsiise.
3.1.5. Gochima Taasifamaa (Passive Verb)
- Gochimni taasifamaan aantima irratti xiyyeeffachuun kan dhiyaatanidha.
- Gochimoonni darboon gara gochima kanaatti ce’uuf carraa qabu.
- Kunis, fufiilee –am-, -at-, aa’- maxxanfachuun gara taasifamaatti jijjiiramu.
Fkn. Tolaan mana ijaare. Manni ijaarame.
Inni leenca ajjeese. Leenci ajjeesame.
Inni hoolaa qale. Hoolaan qalame.
Isheen daakuu bukeessite. Daakuun bukaa’e.
3.1.6. Gochima Gochaa (Action Verb).
- Akaakuu gochimaa ta’anii gochaan tokko maal akka fakkaatu kanneen ibsaniifi hojii
hojjetame, akkasumas, isa raawwatamuuf deemuus kanneen agarsiisanidha.
Fkn. a. Ibse, qoode, utaale, cabse, tarreesse, barreesse, mure,…
b. ibsuu, qooduu, utaaluu, cabsuu, tarreessuu, barreessuu, muruu,…
3.1.7. Gochima Jiraachuu (Verbs Of Existence Or Having Verb)
- Akaakuu gochimaa ta’anii iraachuu ykn qabaachuu waanta tokkoo warra ibsanidha.
Fkn. A. jira, jirti, jirra, jiru,…
B. qaba, qabdi qabu, qabna,..
- Inni mana barumsaa jira
- Inni hoolata lama qaba.
- Oromiyaan ogeeyyii qabdi.
3.1.8. Gochima Muummeefi Gargaartuu (Main and Helping Verb).
- Akaakuun gochima kanaa, akaakuu warra kaan olitti ibsaman as jalatti hammatamuu
danda’u.
- Gochimni muummee yaada bu’uuraa ergaa darbu sanaa baatanii jiranidha(kanneen
akka darboo, taasifamaafi hafoo).
- Gochimoonni gargaartuun yaada bu’uuraa gochima muummeetiin dhiyaate tumsu.
Fkn. Kitaaba barreessaa jira.
Manni ijaaramee ture.
Bookaan deemuuf jedha.
4. Durduubee (Firoomsee)
-Durduubeen garee jechootaa keessaa tokko ta’ee, hidhata maqaan ykn gaaleen maqaa
gareewwan jechootaa ykn gaaleewwan biro waliin qaban ifa baasuudha.
- Gareen jechaa kun tajaajila tokkoof waan dhaabbatuuf, jecha tajaajilaa jedhama.
 Amala garee jecha kanaa:
- Bu’uura yaasaa/ uumamtee ta’uu hindanda’u. kana jechuun dhamjechoota yaasaafi
uumamtee fudhachuu hindanda’u.
- Gaalee maqaafi ciroo dura yookaan dhufa/gala. AO keessatti durduubeen maqaa ykn
ciroo booda ykn dura galuun yeroo, iddoo, kallattii, qabata, kaayyoofi kkf agarsiisa.
Haala kanaan immoo tajaajila gochibsaa kennu jechuudha.
Fkn. Caalaan gara mana barumsaa deeme.
Akka sitti cime garaan isaa baree jira.
Lammii gidduu waan jiruuf hinrakkatu.
Waa’ee barnootaa odeesaa.
Eeboodhaan waraana.
4.1. Akaakuu Durduubee
- Akaakuu durduubee wanoota lama irratti hundoofnee qooduu dandeenya. Isaanis:
unkaafi bakka galma isaaniiti.
4.1.1. Unka
- Unka isaanii irratti hundaa’uun durduubeen bakka lamatti qoodama. Isaanis:
durduubee hirkatoofi ofdanda’oo jedhamu.
 Durduubee hirkatoo: unka ofdanda’aa kan hinqabneefi tajaajilli isaas kan ifa
ta’u, yoo jechoota qabiyyeetti fufamedha.
Fkn. –rratti, -tiif, -af, -dhaan, -f

 Durduubee ofdanda’oo: unka ofdanda’aa tokko kan qabaniifi qophaa


dhaabbachuun ergaa kan dabarsanidha.
Fkn. Waa’ee, wajjin, jala, irra, keessa, gubbaa, akka, …
4.1.2. Bakka
- Bakka galma isaaniitiin durgaafi duubgaajechuun qooduu dandeenya.
Durgaa: jechoota duraafi gala jedhurraa dhufe.
Duubgaa:jechoota duubaafi gala jedhanirraa dhufe.
Fkn. Bishaaniin qoricha liqimse.
Mana cinatti godoo ijaare.
Akka waraabessaatti nyaata.

You might also like