You are on page 1of 13

Boqonnaa 9: Sirna Gadaa

Kaayyoo: Barnoota boqonnaa kanaatiin booda:


- jechootaaf hiika galumsaa kennita.
- gosoota walqabsiisota addaan baasuun itti fayyadamta.
- caasaa himaa addaan baasuun himta.
- Gochibsaafi gosoota isaa hima keessa galchuun hubatta.
Hiika jechootaa
1. bocu
2. maalummaa
3. mallattoo
4. calaqqisiisu-
5. Laayyoo -
6. yaa’ii -
7. luboota-
walqabsiistota
- Walqabsiistonni jechoota ykn gaaleewwan, jechaafi jecha, himaafi hima,
akkasumas keeyyattoota walqabsiisuuf oolu.
Akaakuu walqabsiistotaa
- Caasaa himootaa ykn caasaa waan walitti hidhanirratti hundeeffamuun
bakka lamatti qoodamu. Isaanis:
1. Walqabsiistota ofdanda’oo (co-ordinating conjuction) fi
2. Walqabsiistota hirkatoo (subordinating conjuction)
1. Walqabsiistota ofdanda’oo
- Jechoota, gaaleewwan, ciroowwaniifi yaadolee caasaan walgitan kan
walitti hidhanidha. Isaanis:
a. Kanneen ida’ama yaadaa mul’isan: fkn. fi, akkasumas, kana malees,
itti dabalees, akkuma, waan akka, osoo, hoo, silaayyuu,….
Fkn. Inni barumsa gaariifi muuxannoo ga’aa qaba.
.b. Filannoo yaadaa kan mul’isan: moo, yookiin, kanaa achi, kanas ta’e sana,
har’as ta’e boru, hamaas ta’u gaarii, firas ta’e halagaa,….
c. Yaada faallaa mul’isan: garuu, haata’u malee, ta’eyyuu, immoo, karaa biraa,
ta’ullee, …..
d. bu’aa kanneen mul’isan: kanaafuu, kanarraan kan ka’een, haaluma kanaan,
kanaafiyyuu,....
2. walqabsiistota hirkatoo
- Walqabsiistonni hirkatoonni caaseffama himaa keessatti ciroo hirkataafi
ofdanda’aa walqabsiisuuf oolu.
Fkn. Akkuma, erga/eega, otoo/osoo/otuu/odoo, yommuu/yennaa
- yoo
- otoo...... Dura/-yyuu
- erga...... Booddee/booda
- hanga..... tti
- waan……. f(i)
- akka……tti
Fkn. Otoo loon hingaliin dura hattuun mooraa guutte.
Yoo bokkaan roobe malee margi hin margu.
Akaakuu walqabsiistota hirkatoo
- Walbira qabii: akka ta’e, akkuma
- Haalaa:Yoo, utuu… ta’ee, yoo…illee, silaa akka, kan, yoo…ta’e
- sababaa: Waan, erga…iyyuu, erga
- Bakkaafi yeroo: akkuma, booda, yeroo, yommuu, ala, henna
- Madaallii: irra…caala, irra…wayya, manna…wayya, caalaa
- Cimsituu: utuma…iyyuu, yoo…iyyuu, yoo…illee, osoo…iyyuu

Gochibsa/Ibsa xummuraa
- gochibsi: jechoota hima keessatti xummura/gochima dura galuudhaan
akkaataa/haala, sababa, yeroo, bakka, irra deddeebii gochaa tokkoofi kkf
kan ibsanidha.
Fkn. Tolaan(matima) dhufe(xu).
Hima kanarraa gaaffileen armaan gadii sammuu namaatti dhufuu danda’u.
- Yoom dhufe?
- Eessaa dhufe?
- Akkamitti dhufe?
- Maaliin dhufe?
- Maaliif dhufe?... Jedhanidha.
 Gaafilee armaan oliif tokko tokkoon deebii isaanii haa ilaallu.
1. Tolaan dhufe.
2. Tolaan kaleessa dhufe.
3. Tolaan kaleessa konkolaataadhaan dhufe.
4. Tolaan kaleessa Finfinneedhaa konkolaataadhaan dhufe.
5. Tolaan kaleessa saffisaan Finfinneedhaa konkolaataadhaan dhufe.
6. Tolaan kaleessa ganama saffisaan Finfinneedhaa konkolaataadhaan
dhufe.
7. Tolaan kaleessa ganama Finfinneedhaa walga’iidhaaf
konkolaataadhaan dhufe.
Fakkeenyoota armaan olii keessatti himni “Tolaan dhufe” jedhu qofaa isaa
“Tolaan” yoom, akkamitti, eessaa, sababa maaliif akka dhufe sirriitti nuuf hin
ibsu. Kanaafuu, dhufaatii Tolaa sirriitti ifa gochuuf gochibsoonni baay’ee
barbaachisoo akka ta’an hubanna.
Akaakuu Gochibsii
- Gochibsi baay’inaan bakka gurguddaa afuritti qoodama.
1. Gochibsi iddoo
2. Gochibsi haalaa
3. Gochibsi yeroofi
4. Gochibsi sababaa

1. Gochibsi Iddoo
- Iddo gochi tokko itti raawwatame kan ibsudha.
- Gaaffii ‘eessa?’ jedhuuf deebii kennuuf kan fayyadudha.
Fkn. Keessa, ala, gubbaa, jala, duuba, fuuldura, cinaa, maddii, irra, achi, as, ol,
gadiifi kkf.
 Ganamoon mana keessa jira.
 Caaltuun siree gubbaa jirti.
 Abdiin fuuldura kee jira.
2. Gochibsa Haalaa
- Gochibsoonni haalaa akkaataa gochi tokko itti raawwatame ibsuuf
gargaaru.
- Gaaffii “akkamitti?” jedhuuf deebii kennu.
Fkn. Suuta, saffisaan, hatattamaan, sirriitti, jarjaraan, humnaanfi kkf.
 Ganamoon suuta miillaan deema.
 Caaltuun hatattamaan hojii xummurte.
 Abdiin dafee dafee nyaata.
3. Gochibsi Yeroo
- Yeroo gochi tokko itti raawwatame nuuf ibsu.
- Gaaffii ‘yoom?’ jedhaniif deebii kennu.
Fkn. Kaleesa, har’a, boru, bara darbe, gaafa sanbataa, waggaa har’aa, torbee
dhufu, ganamaan, galgalaaniifi kkf.
 Ganamoon kaleessa dhufe.
 Caaltuun har’a galgala hojii xummurti.
 Abdiin ganama ciree nyaate.
4. Gochibsa sababaa
- Sababa gochi tokko itti raawwatameef kan ibsudha.
- Gaaffii ‘maaliif?’ jedhuuf deebii kan kennudha.
Fkn. Ganamoon sababa dhukkubuuf barumsarraa hafe.
Caaltuun Ganamoo waan jaalattuuf itti heerumte.
Hima
Maalummaa Himaa
- Himni qindaa’ina jechootaa ykn gaaleewwanii ta’ee kan ergaa guutuu
dabarsu, kan dhumarratti tuqaa, mallattoo gaaffii ykn mallattoo
raajeffannoo fudhatudha.
- Himni tokko yoo xiqqaate kan matimaafi gochima kan qabudha.
- Akkasumas, kan dubbattoota afaanichaa biratti fudhatama qabu ta’uu
qaba.
Fkn. Ifaan farda adii bitate.
Yaadashiin eessa deemte?
Ishoo! Baga gammaddan!
Kutaalee Himaa/Qaamolee Himaa
- Himni kamiyyuu caasaalee himaa lama ofkeessaa qaba. Isaanis:
1. Mathimaa (subject) fi
2. Waahima (predicate)
1. Mathima/Gulummoo
- Gulummoo/mathima jechuun maqaa, bamaqaa, maqaafi bamaqaa ykn
waan maqaa ykn bamaqaa bakka bu’uu danda’u(gaalee, cioroo,…) ta’ee
hima keessatti gochaa tokko kan raawwatu ykn waa’een isaa himamudha.
- Abbaa dhimmaa yaanni hima sanaa ibsu ykn haasa’u jechuudha.
- Gochi sun hima sana keessatti akka raawwatu kan taasisudha.
- Gulummoon yeroo baay’ee maqaadha.
Fkn. Abdiin baay’ee gabaabaadha.
Tolaan nama ajjeesise. ___ gochi akka raawwatu taasise.
Abdii = gulummoo
2. Waahima
- Waahimni qaama himaa xummurtuufi ibsoota (jechoota) xummurtuu sana
faana hiriiran kan qabatudha.
- Kutaan kun caasaalee kanneen akka aantimootaafi xummurtuu kan
ofkeessaa qabudha.
Fkn. Ayyaantuun obboleettiif kitaaba bitte.
Guutaan barataa cimaadha.
Hima

Mathima waahima

Aantima gochima

Akaakuu Himaa Bu’uura Tajaajilaatiin


Himni faayidaa isaa irratti hundaa’uun bakka 4tti qoodama. Isaanis:

1. Hima gaaffii (gaaffima)—introgative sentence


- Akaakuu himaa ta’ee waa’ee waan tokkoo odeeffannoo barbaaduuf itti
fayyadamnudha.
- Himicha gaaffima kan jechisiisu mallattoo gaaffii ofirraa qabaachuufi jechoota
gaaffiitti fayyadamuu isaati.
Fkn. Eenutu balbala rukute?
Caalaan maal nyaate?
Hawwiin kitaaba maal goote?
Tufaan kitaaba meeqaan bite?
2. Hima himamsaa(statement sentence)
- Akaakuu himaa waa’ee waan tokkoo ibsu ykn odeeffannoo kennudha.
- Wantota naannoo keenyatti argaman, jireenya keessatti dhugaa nuquunnamu hunda
hima ibsudha.
- Himni kun hima eyyeessaa (eyyeentaa (affirmative statement)) ykn mormeessaa
(hi’eentaa (negative statement)) ta’uu danda’a.
Fkn. Bosonni gaaddisa gaarii namaa ta’a.
Kumarraan mana guddaa ijaare.

Isheen mana barumsaa hindeemne.


Gammadaan cimaa miti.
3. Hima Ajajaa –vocative sentence
- Himni ajajaa ajaja dabarsuuf kan gargaaru ykn yaada ajaja ofkeessaa
qabu dabarsuuf kan gargaarudha.
Fkn. Maaloo, buna naaf bittaa?
Adaraa cubbuukoo naaf dhiisi.
Toltuu, mee balbala sana cufi.
Yeroo barnootaa kabaji.
4. Hima Raajeffannoo (Raajima(Exclamatory Sentence))
- Akaakuu himaa keessaa tokko ta’ee: waan tokko raajeffachuuf,
dinqisiifachuuf, jajuuf, rifachuu agarsiisuuf kan tajaajiludha.
- Himni kunis mallattoo raajeffannoo kan ofirraa qabudha.
Fkn. Nan badekaa! Mana koo saaman!
Maal garaan akkas waldhabe!
Ajab! Kun jiruudha!
Nama gaarii akkamii seete!
Boqonnaa 10: Guddifachaa
Hiika jechootaa armaan akkaataa galumsaan kenni.
1. dungoo _______________
2. elellaa ________________
3. raaguu _ _____________
4. Kabaja_______________
5. Fuudhee______________
6. iccitii ________________
7. Qondaaltota ___________
8. urursiti _______________
9. Hirrina________________
10. Mirqaansuu_____________
11. Jibbamuu______________
12. Miliquu________________
13. Faaluu_________________

Boqonnaa 11: Kunuunsa Qabeenya Uumamaa


Kaayyoo: Barnoota boqonnaa kanaatiin booda:
durduubee hima keessatti itti tajaajilamta.
himaafi gosoota himaa hubatta.
hubannoo mammaaksaa gabbifatta.
1. Durduubee (Firoomsee)
- Durduubeen garee jechootaa keessaa tokko ta’ee, hidhata maqaan ykn gaaleen
maqaa gareewwan jechootaa ykn gaaleewwan biroo waliin qaban ifa baasuudha.
- Gareen jechaa kun tajaajila tokkoof waan dhaabbatuuf, jecha tajaajilaa jedhama.
 Amala garee jecha kanaa:
- Bu’uura yaasaa/ uumamtee ta’uu hindanda’u. kana jechuun dhamjechoota
yaasaafi uumamtee fudhachuu hindanda’u.
- Gaalee maqaafi ciroo dura yookaan dhufa/gala. AO keessatti durduubeen maqaa
ykn ciroo booda ykn dura galuun yeroo, iddoo, kallattii, qabata, kaayyoofi kkf
agarsiisa. Haala kanaan immoo tajaajila gochibsaa kennu jechuudha.
Fkn. Caalaan gara mana barumsaa deeme.
Akka sitti cime garaan isaa baree jira.
Lammii gidduu waan jiruuf hinrakkatu.
Waa’ee barnootaa odeesaa.
Eeboodhaan waraana.
Akaakuu Durduubee
- Akaakuu durduubee wanoota lama irratti hundoofnee qooduu dandeenya. Isaanis:
unkaafi bakka galma isaaniiti.
a. Bu’uura Unka
- Unka isaanii irratti hundaa’uun durduubeen bakka lamatti qoodama. Isaanis:
durduubee hirkatoofi ofdanda’oo jedhamu.
 Durduubee hirkatoo: unka ofdanda’aa kan hinqabneefi tajaajilli isaas kan ifa
ta’u, yoo jechoota qabiyyeetti fufamedha.
Fkn. –rratti, -tiif, -af, -dhaan, -f
 Durduubee ofdanda’oo: unka ofdanda’aa tokko kan qabaniifi qophaa
dhaabbachuun ergaa kan dabarsanidha.
Fkn. Waa’ee, wajjin, jala, irra, keessa, gubbaa, akka, …
b. Bu’uura Bakka
- Bakka galma isaaniitiin durgaafi duubgaajechuun qooduu dandeenya.
Durgaa: jechoota duraafi gala jedhurraa dhufe.
Duubgaa:jechoota duubaafi gala jedhanirraa dhufe.
Fkn. Bishaaniin qoricha liqimse.
Mana cinatti godoo ijaare.
Akka waraabessaatti nyaata.

makmaaksa
 Mammaaksi: gosa afoolaa afaaniin dhalootaa dhalootatti darbu ta’ee, irra jireessaan
hawaasa biratti kan beekamuufi heddummina kan qabudha.
 Mammaaksi: dubbiif dhama kan kennu yookiin dubbii kan mi’eessudha =Dubbiin
mammaaksa hinqabneefi ittoon soogidda hinqabne hinminyaa’u jedhama.
 Makmaaksi: koobaa dubbiiti =dubbii dabe tokko(yaada sirrii hintaane) ittiin
sirreessuuf.
 bilchina sammuu gaafata, dubbii dheeressa ykn gabaabsa. Seensa ykn goolaba
dubbiiti.

HIIKA MAKMAAKSAA
 Makmaaksi karaa sadiin hiikama. Isaanis:

1. ergaa/dhamsa isaa baasuun: ergaa makmaaksi sun qabu himuudhaani.

Fkn: gowwummaa gootummaa, haqa, gaabbii, gammachuu,…


2. Makmaaksa makmaaksaan hiikuun: makmaaksota ergaa walfakkaataa qaban ykn kan
yaadaa walfakkaataa qabaniin hiikuudha.

3. Yaada mataa keenyaan ibsuun: makmaaksa kenname akka yaada mataa keenyaatti ibsa
bal’aa kennuudha.

Boqonnaa 12: Jireenya Baadiyyaafi Magaalaa


Hiika Kallattii jechootaa
1. simboo: miidhagina
2. maalaluu: dinqisiifachuu
3. diina: nyaapha
4. xaqanaa: abshaala
5. shakkii: mamii
6. dhoksuu : =iccitiin qabuu
Hiika Faallaa jechootaa.
1. raada=sangaa
2. diida=keessa
3. hidhe=hiike
4. alagaa=aantee
5. muguu=dammaquu
6. barii=galgala

Jechoota kanaan gadiif hiika kallattiifi hiika faallaa kenni

Hiika kallattii Hiika faallaa

A. kofoo _____________ ___________

B. sooruu _____________ _____________

C. mararuu _____________ _____________

D. eela _____________ _____________

E. mararfachuu _____________ _____________


Shaakala Falmii Gaggeessuu
- Falmiin adeemsa namni tokko yaada mataa isaafi hubannoo qabu nama
biraa hubachiisuuf yaaludha.
- Falmiin ilaalchaafi hubannoo qaban nama biraa hubachiisuuf yaaluudha.
- Falmiin Waan hawwaniifi jaalatan namni biraa akka jaalatu taasisuudha.

Qajeelfamoota falmii

- Abbootii seeraa kan qabudha.


- Yaanni dhiyaatu nibarreeffama.
- Falmiin kan gaggeeffamu yaadaanidha.
- Yeroo kenname keessatti yaada ofii xumuruudha.
- Dabaree ofii eeganii kan dubbatanidha.
- Abbootii seeraa murtoo isaanii fudhachuudha.
-

Boqonnaa 13: Sheek Bakrii Saaphaloo


Gaaffii
1. Sheek Bakrii Saaphaloo eessatti dhalate?
2. Bara meeqa dhalate?
3. Maqaan isaa inni jalqabaa eenyu?
4. Sheek Bakrii Saaphaloon barumsa amantaa qofaan osoo hintaane kan akka
herreegaafi falaasamaanillee hubannoo gaarii qabu turan.
5. Bakka (Jiddugala (Wiirtuuwwan)) isaan itti barsiisaa turan yoo beekte himuu
dandeessaa?
6. Walaloo Sheek Bakrii Saaphaloo barreesse?
Seenaa Jireenyaa
- Seenaa jireenyaa kan jedhamu seenaa mataa ofii yookaan seenaa namoota biraa
ta’u danda’a.
- Seenaan jireenyaa dirqama kan namootaa qofa jechuu miti.
- Seenaa jireenyaa wantoota adda addaa kan akka mana barumsaa, dhaabbataafi
hawaasaa barreessuun nidanda’ama.
 Seenaan jireenya namaa kan dhuunfaa yookaan kan nama biraa ta’uu nimala.
• Seenaa jireenya dhuunfaa: Namni tokko waa’ee mataa isaa eenyurraa, eessatti, yoom
akka dhalate haala kamiin akka guddateefi amma haala akkamiirra akka jiru namoonni
biraa dubbisanii akka hubatan gochuuf kan barreeffamudha.
• Seenaa jireenya kan nama biroo: ammoo namni tokko waa’ee seenaa jireenya nama
biraa eenyurraa, eessatti, yoom akka dhalate, haala kamiin akka guddateefi ammas haala
maaliirra akka jiru namoonni biraa dubbisanii akka hubatan gochuuf kan barreeffamudha.

BOQONNAA 14: AFOOLA OROMOO


AFOOLA
- Afoolli kalaqa sammuu hawaasaa ta’ee, afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbuufi miidhagina addaa kan qabudha.
- sammuu si’eessuufi kaka’umsa gaarii nama keessatti uumuuf ga’ee guddaa kan
qabuudha.
- afoolli, ibsituu aadaafi calaqqisiistuu eenyummaa saba tokkooti.
- kunis kan ibsu afoola beekuun jiruufi jireenya dhuunfaa ibsuurra darbanii kan
hawaasaa beekuudha.
- Dubbiin dubbatamu miira gaariin ykn nuffii malee nama isa dhaggeeffatu bira
akka ga’uuf, namni hojiisaa osoo abdii hinkutatiin cimee akka hojjetuuf humna itti
gochuuf, sammuu daa’immaniifi isa beekaa cimsuufi k.k.f. kan ooludha.

Amaloota Afoolaa
1. Uummatummaa: uummatummaan amala afoolaa keessaa tokko ta’ee, afoolli
qabeenya nama dhuunfaa akka hintaane kan ibsudha. kana jechuun, qabeenya
uummataa akka ta’e kan agarsiisudha.

2. Hurruubummaa: Jechuun haala walduraa duubaan dhiyeenya afoolaa


gochaan mul’atudha.
- afoolli hedduun nama tokkoon akka hinraawwatamne ykn garee namootaa
gidduutti geggeeffamuusaa kan ibsudha.
Fkn. Hibboon yoo taphatamu namoota lamaafi isaa ol gidduutti adeemsifama,
akkasumas, sheekoon, taphni ijoolleefi kkf. Hirmaattota qabu.
- amala afoolaa keessaa isa bu’uuraafi afoolatti lubbuu kan horudha.
3. Lufummaa:Afoolli afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa deemuusaa kan
agarsiisudha.
- Lufummaan afoolaa karaa lamaan darbuu danda’a. isaanis:

 Kanneen dubbii ykn himamsa afaaniin darban (hibboo, makmaaksa, afwalaloo,


sheekoo, eebba, abaarsa,….)
 Kanneen gochaan darban (sirba, ateetee, buttaa, shaggooyyee, geelloo, dhiichisa,….)
kanneen gurraan dhageenyuufi sosochii qaamaan raawwataman ofkeessatti hammatu.

4. Yoomessa (‘yoom’ fi ‘eessa’) – afoolli tokko hurruubummaaf yeroofi bakka


mataa isaa danda’e qabaachuu isaa ibsa.
- yoomeessi afoola keessatti gochi ykn raawwiin afoola sanaa yeroo attamiifi bakka
akkamiitti akka ta’e kan ifa taasisudha.
5. Miidhagummaa – miidhaginni afoolaa akkaataa dhiyeenyaafi kalaqa achi
keessatti mul’atu hawwataa ta’uusaa ykn si’aa’ina miira keessoo namaatti
dhageessisuusaa kan agarsiisudha.
- miidhagummaan haala afoolli sun miira sammuu ilma namaa hawwachuu
danda’uun dhiyaachuu isaa mul’isa.
6. Qindaa’ina- haala jechoonni hiriira galanii himuuf dhiyaatan kan ilaallatudha.
fkn. Malleen dubbii achi keessatti argaman, yeedaloon keessaatti argamuufi kkf.

7. Jijjiiramummaa: afoolli afaaniin dhalootaa dhalootatti waan darbuuf jijjiiramuu


danda’a.
- Kunis, namoonni yeroo afoolatti dhimma bahan akkuma jirutti osoo hintaane,
haala isaaniif mijatuun fedhii mataa isaanii irratti hundaa’uun waan dhimma itti
bahaniif irraa hir’isuu ykn itti dabaluu, duraa duuba isaa jijjiiruudanda’u jchuudha.
- Garuu, nijijjiirama yommuu jennu qabiyyee isaa hunda gadhiisa otoo hintaane,
ergaan isaa akkuma jirutti ta’ee, haala ittiin dhiyaatutu jijjiirama.

Faayidaa Afoolaa
Afoolli dhala namaaf faayidaa adda addaa qaba.

 Ibsuuf (gaangeen maaf hindhaltu?, eegeen re’ee maaliif olgaragale?)


 Cimsuufi dabarsuuf
 To’achuuf
 Miliquuf
 Barsiisuuf
Goorowwan Afoolaa
- hojiin kalaqa hawaasaa kun ykn afoolli qabiyyee dhiyeenya isaanii irratti hundaa’uun
bakkeewwan gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis:

1. Afwaloo: bifa walalootiin kan dhiyaatanidha.


Fkn. geerarsa, weedduu, sirboota adda addaa, faaruu daa’imaafi k.k.f.dha.

2. Afseenaadha: bifa seeneffamaatiin ykn holooloon kan dhiyaatanidha.


Fkn. hibboo, oduu durii, tapha ijoollee, eebbaafi abaarsaafi k.k.k.f dha.

Afwalaloofi Akaakuu Isaa


- Afwalaloon akaakuu afoolaa ta’ee bifa walalootiin kan ergaa dabarsudha.

Geerarsa
- Geerarsi akaakuu ogafaanii keessaa tokko ta’ee, bifa walalootiin dhiyaatudha.
- Jechoota humna qabaniifi miira namaa tuquu danda’an fayyadamuun dhiyaata.
- Akaakuu ogafaanii yoomessaafi hirmaattoota qabudha.

You might also like