You are on page 1of 6

Teessoo Shaggar fi gosoota Oromoo Shaggar/Finfinnee keessa fi

naannoo ishii Qubatan.

Shaggar/Finfinneen gosa Oromoo keessa isa tokkoo kan taee fi dame Booraanaa keessa Tuulama kan
jedhamuun abbaa qabeenyaa taatee ture. Tuulama keessa gosti guddaa fi inni angafaa kan tae Galaan kan
jedhamu. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa kaee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa
Shaggar/Finfinneetti tamsaee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo tau hanga Wallootti
diriiree jira.

Inni Lammaffaan Obo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga
Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo tau, naannoo Finfinnee/Shaggar kan qubatee, ilam
angafaa Oboo kan tae gosa Gumbichuu yoo tau hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar naannoo Caancotti jira.
(Gosa gurguddaa 7 qaba)

Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa (Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroo) gullallee
Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti/Lixaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti
yoo tau gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira. Inni sadeessoon immoo Eekkaa Oboo kan
jedhamu Galaan irraa gara Kaabaa fi Gullallee irraa gara bahaatti laga Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa
kaasee Finfinnee gara bahaa dhuunfatee hanga daangaa Gumbichuutti deema (ilaamnaa sadii qaba)

Lafti Shaggar/Finfinnee jedhamu kun bara Minilik qabamuun ishii beekamaadha. Jalqaba Qubsuma
waraana fi maatii nafxanyootaa yoo tau booda gara magaala guddiitti Empaayerittitti jijjiramee.
Oromoonis bakka kana irraa buqqifamee gara kutaa adda addaatti facauuf fi gosoota naannoo sana
jiranitti makamee ture.

Ittii aanee Empaayerittii kan qabatees, bara Hayila Sillaasee, Shaggar babalachaa deemuun, Oromoota
buqqisee godaansisuu itti fufe. Fakkeenyaf bakki Gootaraa jedhamuu fii Fabrikaan Simmintoo ture sun
bosaana dukkanaawaa fii Leenci keessaa baroodaa akka ture jaarsoleen dubbataa turan. Baruma bittaa
H/Sillaasee kana naannoon Finfinnee kun mannaggashaa Awuraajjaa jedhama. Finfinneen kantiiban
haa bultu malee, Awuraajjaa kana jala turte, awuraajjichis akkuma qaamaa Finfinneetti ilaalama ture.

1
E-mail:- abrahammengistu95@gmail.com jaarsolii Oromoo irraa
Yahoo:- abrahammengistu445@yahoo.com Barreessaan: Abraham Mengistu
Facebook:- begna MG jawi/www.fb.com/abrahammengisu.guteta
Babalifannaan mootota habashaa bara Dargiis itti fufuun sirumaa hanga Km 125(kiiloo meetira) taa
jedhamee odeeffamaa ture, Oromoota buqqiisuun bara dargiisi itti fufee ture.

Dabalataanis Shaggar karaa kibba Dhihaatin jahan(6n) Bachootin daangeffama. Kan jechuun warra
Finfinnee/Shaggar keessaa gadi dhiibamanii, naannoo Sabbataa fi naannoo Furii turan dabalatee
jechaadha. Jahan Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo-Tuulamaa hore jechaadha. Fakkeenya Meetta fi
Subba sadeen (3n) fi kkf.

Amma Bara wayyaanee buqqifamuun Oromoo itti hammaatee, Sababni isaa misooma maqaa jedhuun
gurgurtaa lafaa irraa argamu maallaqa waan barbaadaniif, warra qabeenya qabanitti lafa maqaa liizii
jedhuu hanga waggaa 99ti kontiraata gurguruuf waan taeef. Karoora Wayyaanee Ammisti Amata
Pilaan jedhuu inni jalqabaa ganda qonnaan bulaa Oromoo naannoo Shaggar 27 Finfinneetti dabalee
karoorfatee ture. Karoora waggaa shanii inni lammaaffaan immoo, gara Onaatti (waraadaaletti) cehee
karoorfate. Karoorri waggaa shanii inni 3ffaa fi amma keessa jirruu fii dhumaa jiru kun immoo gara
Zoonitti cehee, gara Onaa (waradaalee) jahaa Finfinneetti dabaalee ture. Amma lafti zoonii kana keessaa
guguramee, Oromoon buqqaee dhumee jennaan, Maqaa Zoonii addaa jedhuu irraa haqanii qaama
Finfinnee taasisuun, karoora waggaa shanii isa itti aanu qopheefachuuf ture. Kanaaf Karoorri waggaa
shanii wayyaanee inni ittii aanuu kan karoorfamu Zoonii Addaa irraa gara Kutaa addaa jedhamaa.
Kunis isa duraan Shoe ykn Shawaa jedhu sana gara Finfinneetti karoorsuf kan tilmaamame fakkaata.
Kun eegaa adeemsa keessa mirkanaaya.

Seenaa Finfinnee/Shaggar ilaalchisee barruu Duudhaa jedhu irratte maxxanee dhihaatee ture keessaa
hanga tokkoo akka itti aanutti gabaabsee dhiheessuu yaalame. Uummanni tokko biyya, ilmaan,
qabeenya(kan uumamaa ykn kan ofii horate ),waan arge, waan dhagae walumaa galatti waan naannoo
isaa jiruu fi jira jedhee amanu hundaaf maqaa moggaasa. Akkaataan moggaasa maqaa kun waaee
uumatichaa waan agarsiisu qaba. Fakkeenyaaf Oromtichi tokko ilma isaatiin Galgaloo yoo jedhu waan
jechuuf edate qaba. Mucichi gara galgalaa dhalachuu isaa ykn, abbichi dhala kana kan argate umrii gara
dullumaa keessa tauu, ykn ilmi dhalate sun bara dullumaatti abdii kiyya jdhee yaadee tauu mala.
Warri intala isaani Gaaddisee yoo jedhan akkuma kana waan jechuu barbaadan qabu.Gaaddisa,
dawoo,abdii dhala isaaniirraa qaban muulisuuf jedhaniiti. Orom-durii yoo waa moggaasu ergaa dabarsu
qaba. Isa dhufutti waan agarsiisu waan dhaammatutu jira. Maqaa baasee ittiin ergaa dabarfata. Biyya isaa
keessaa naannoo tokkoof yoo maqaa baasu akkataa faana Oromummaa agarsiisutti, haala foolii Oromoo
urgaauunin. Fkn. maqaa Gullallee jedhamee beekamu yoo ilaalle, biyya Oromoo tauu agarsiisa. Faana
Oromoo muulsa. Gullallee jechuun gosa Oromoo keessaa isa tokko waan
taeef.

Oromoon gaafa biyya isaa dhabu waahedduu dhabe. Dhala isaa maqaa ofii barbade,kan fedhii isaa guutu,
ilaalcha isaa calaqqisiisu, abdii fi hawwii isaa muulisuun moggaasee waammachuu dhoowwame. Tasa
moggasee yoo argame ilmi/intalli maqaa Oromootiin waamamu/tu ni tuffatama/mti, ni arrabsama/mti,
akka ofitti qaanaan taasifamu. Dhala Oromoo fi qeee Oromoo maqaa geeddaran. Oromoo faana
balleessuuf duula bara dheeraa fi tarsimoo addaatiin qindaae geggeessan. Godaannifni madaa duula
2
E-mail:- abrahammengistu95@gmail.com jaarsolii Oromoo irraa
Yahoo:- abrahammengistu445@yahoo.com Barreessaan: Abraham Mengistu
Facebook:- begna MG jawi/www.fb.com/abrahammengisu.guteta
kanaa muulsu harallee ilmaan Oromoo fi qeee Oromoorraa hinbanne. Dhalli Oromoo maqaa
Oromootiin waamamuutu miidhaga. Dacheen Oromiyaa moggasa Oromootiin waamamuutu irraa tola.
Kana hunda gochuuf dhaloonni saba kanaa mirgas dirqamas niqabu. Koloneeffataan biyya humnaan
qabate maqaa itti jijjiiree akka abbaan biyyaa biyya isaa dagatu gochuuf akeekkatee hojjechuun waanuma
jiru. Kan dabe qajeelfachuun garuu dhimma abbaati. Kan cunqursaan dhoksuuf yaale ifatti basuuf
carraaquun dhimma yeeroon gaafatu. Jechaa, Seenaa Finfinnee Keessaa Waan Muraasa Oromoon baruu
qaba jennu Wal Barsiisuf yaalla.

Abbaa biyyummaa Oromoo hubachuu fi Finfineen kan Oromoo tauu shakkiin hin jiru. Kana dagachuun
hardhallee borullee seeraa fi seenaan kan nama gaafachiisu taa. Kanaaf kana duuba Oromoon bakkoota
kana qayyabatee itti dhimma bahuu(ittin waamuu) qaba.

1. Finfinneen qaama Oromiyaa akkuma taate hunda


bulchinsa Oromiyaa jala turte. Ilmaan Oromoo
weerara Minilikiin dura Finfinnee Bulchaa Turan
kessaa akka fakkeenyaati:
I. Caffee Tuulamaa : kan bulchaa ture gooticha Oromoo-Tufaa Munaa.
II. Birbirsa fi Mana Gullallee : kan bulchaa ture -Qajeelaa Dooyyo
III. Teechoo/Teessoo :kan bulchaa ture -Guddataa Araddoo
IV. Boolee: Kan bulchaa ture -Shubbuu Ejersaa
V. Boolee Bulbulaa: kan bulchaa ture- Soraa Lomee
VI. Kolfee /Qaraniyoo/: bulchaa ture -Axalee Jaatanii
VII. Daalattii kan bulchaa ture- Jamo Dabalee
VIII. Jarsaye kan bulchaa ture -Galatee Ashate
IX. Ekkaa kan bulchaa ture- Abeebee Tufa1
2. Karra Shanan Finfinnee
Finfinneen karra ykn qarmammeettii shan qabdi ture.Shana isaaniituu maqaa maqaa ofii qabu.
Isaanis :
I. Karra Qirxii karaa gara kaaba geessu
II. Karra Qoree karaa Jimmatti geessu
III. Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
IV. Karra Qaalluu/Qaallitti- karaa Bishooftuutti nama geessu
V. Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti kan geessu

3
E-mail:- abrahammengistu95@gmail.com jaarsolii Oromoo irraa
Yahoo:- abrahammengistu445@yahoo.com Barreessaan: Abraham Mengistu
Facebook:- begna MG jawi/www.fb.com/abrahammengisu.guteta
Bulchiinsota duraanii keessatti akkaataa Onoota caasaa bulchiinsa
Finfinnee fi maqaleen naannolee akka armaan gadii fakkaata.
1. Ona Caffee Tumaa
Finfinnee : Hora saawwan Gullallee fi Galaan arraabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu.
a. Hurufa Doobbii:- Bakka maqaan ammaa Jaan Meedaa, Embaasi Egypt, Hospitaala
Minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatani dha.
b. Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kiiloo jaha/sidist kilo/,
Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
c. Dhummuugaa: bakka amma Ginfillee jedhamu ture.
d. Keelloo Masqalaa- Bakka amma yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa,
Bataskaana Qiddist Maramii, fi Qiddisit Sillasee, bakka amma Baasha waldachilot
jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
e. Tulluu Heexoo Diimtuu: bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru,
taaboti Gabrelii jiruu, buufata polisaa Keessa fi bakka Baahitaa jedhamu.
f. Dhakaa Araaraa: Bakka amma Fit barri, bakka poolis garaaj jedhamu, bakka
amma hooteelli Sharaatan jiru, bakka Iteegee maski jedhamu, fi bakka amma hoteelli
Hilton jiru.
g. Qarsaa:- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xiyyit bet
jedhamu ammata.
h. Awwaaroo:- bakkuma amma Awwaaree jedhamu dha.
i. Hulluuqoo korma:- bakka amma bataskaanni Isxifaanos jedhamu jiru, bakka amma
Masqal addababay jedhamu, fi bakka amma Raas Birruu safar jedhamu ammata.
j. Hora finfinnee:- bakka amma Fil wuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa
mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
k. Dolloo Biddeena: bakka amma Baqloo beet, Gootaraa fi Walloo safar jedhamu
l. Dabbasoo: bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
m. Haada Amma bakka amma Teelee Garaji, bataskaana Carqos jedhaman

2. Ona Birbirsa yaaii Gooroo

a. Waddeessa: bakka amma piyaassaa, Charchar godaanaa, fi Araadaa


Goorgis jedhamu
b. Maarama Birbirsaa: bakka amma bataskaanni Gorgis jiru
3. Ona Qarsaa

a. Hurufa Raaree : bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas
Ganamee safar jedhamu fi Addisuu Mikaal jedhamu dabalata.
b. Sokorruu : Bakka amma hospitaala Amanuel jiru, bakka amma dhaabba midhanii (ihiil
barandaa), massaalamiyaa, fi kowaas meedaa jedhamu ammata.
4
E-mail:- abrahammengistu95@gmail.com jaarsolii Oromoo irraa
Yahoo:- abrahammengistu445@yahoo.com Barreessaan: Abraham Mengistu
Facebook:- begna MG jawi/www.fb.com/abrahammengisu.guteta
c. Sulula Garbii : Bakka amma Taklahaymaanotii fi Cid taraa jedhamee beekamu ture,
d. Garbii: bakka amma Sangaa tara fi Ambaxxaa makkalakayaa jedhamudha.
e. Qarsaa: bakka amma Markaatoo, Ameerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi
naannoo isaa dabalata.
f. Baro Kormaa: bakka amma Gollaa Mikaael, Raas Tasammaa safar, hospitaala Xiqur
Ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
g. Dachee Golbaa: bakka amma Addis katamaa jedhamu kana.
4. Ona Gullallee ykn mana Gullallee
a. Adaamii:- bakka amma bataskaanni Rufaael jedhamu jiru, Sameen mazagajaa, fi
Sameen Total jedhamanii fi naannoo ishee hammata
b. Diddiimtuu bakka amma Shogolee jedhamee beekamu ammata.
c. Qaallee: Bakka amma Askoo jedhamu
d. Fiichee: Bakka amma dahannoo Xaliyaani ykn Xaliyaan mishig jedhamu.
Kattaa: ammas kattaa jedhama
e. Burayyuu: Bakka amma burrayyuu, fi Gafarsa jedhamu
f. Harbuu Irreechaa: bakka amma Raas Hayiluu safar jedhamu
5. Ona Abbichu
a. Burqaa Ejeree: Bakka amma Inxooxxoo Kidana mirat jedhamu, fi bakka amma
Imbasiin Faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
b. Baddaa Ejersaa : Bakka amma Iyyasuus, Raas kaasaa safar jedhamu
c. Hurruma: Bakka amma Imbaasiin Faransaay, Xaliyaani fi bataskaanni Abboo
jedhamu jiru ammata
6. Ona xiixaa (Inxooxxoo)
a. Haxxee laalii: bakka amma Shiroo meedaa fi Inxooxxoo Maaramiin jiranii fi naannoo isaa
ammata
b. Muujjaa: bakka amma Shiroo meedaa jiru keessattuu itti waamama.
c. Waayyuu: bakka amma Qacanee Madanalam jedhamu ture
d. Karaa Qorxii: bakka amma Balaay Zallaqaa mangad jedhamuu fi Samen bar jedhamu
ammata.
7. Ona Ekkaa.
a. Burqaa Qorichaa: Bakka amma Yakkaa Mikaael xabal, laga Qabbannaa, fi laga Daadhii
jiran dabalata.
b. Karaa alloo riqicha: Bakka amma Imbasiin Ingilizii, Imbasiin Jarmanii, fi Imbasiin
Raashaa jiran dabalata.
c. Harbuu: bakka amma Gurdi shoolaa jedhamu dha.
d. Kotabee: Ammas Kotabee jedhama
e. Doqaa Booraa: Bakka amma Hayaa hulatti maazoriyaa jedhamu dabalata

8. Ona Boolee
a. Garjii: Ammas garjii dhumaan beekama
b. Bulbulaa: Ammas Bulbulaa dhan beekama
5
E-mail:- abrahammengistu95@gmail.com jaarsolii Oromoo irraa
Yahoo:- abrahammengistu445@yahoo.com Barreessaan: Abraham Mengistu
Facebook:- begna MG jawi/www.fb.com/abrahammengisu.guteta
c. Warra ganuu: Ammas warra ganuun beekama
9. Ona Teechoo/Teessoo
a. Golboo: bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), Qaallitti, Qeeraa, Goofaa
jedhaman ammata.
b. Lumee: bakka amma bataskaana Yooseef jiru kana dabalata Laaftoo Tumtuu bakka
ammaa Bunnaanaa boordii jedhamu ammata
c. Jaajaa: bakka amma Biheere Tsiggee jedhamu ammata
d. Tulluu Ejersaa: bakka amma Haannaa Maariyaam jedhamu ammata
e. Tulluu dheertuu bakka amma Goofaa beetamangist jedhamu ammata
f. Baaboo: bakka amma Addisuu Qeeraa jedhamu dabalata
g. Sammuu Gullallee: bakka amma Meettaa darichaa jedhamu ammata
10. Ona Caffee Aannanii
a. Caffee Muudaa: Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
b. Harbuu: Bakka amma Meksikoo, mana barnoota tagbaaraid jiru, mana adabaa
Finfinnee, bakka Saar bet jedhamu, bakka Geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa Dajjaa
Baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wayin xajji, bakka oomisha kookaa kollaa dabalata.
c. Harawaa: bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaaccaa fabrika) jedhamu dabalata.
11. Ona Jaarsayu

a. Calcalli: bakka amma Sar bet jedhamu dabalata


b. Mardee: bakka amma Arogee Awuropilan marefiya, Midir Xoor, ganda Tolasaa,
fi Raphii jedhaman ammata.
c. Bakkanniisa: bakka amma Makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
12. Ona Kolfee

a. Daalattii: bakka amma Qaraaniyoo jedhamee waamamu,


b. Labu: bakka amma Siga meeda, Taaxaq Xor safar jedhamu ammata
c. Xaro : bakka amma Axaanaa Taraa fi Faxino darash jedhamu ammata.

6
E-mail:- abrahammengistu95@gmail.com jaarsolii Oromoo irraa
Yahoo:- abrahammengistu445@yahoo.com Barreessaan: Abraham Mengistu
Facebook:- begna MG jawi/www.fb.com/abrahammengisu.guteta

You might also like