You are on page 1of 6

Sirna Gadaa 

sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo


ta'u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna
ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi
sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni
Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun
mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun uummata Oromoo Gujii fi Booranaa biratti hanga
ammaatti osoo hin jeeqamin jeebantummaa isaa eegatee hanga har'aatti jira.

Sadarkaa Gadaa
Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran
sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet
saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi
qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala
addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

 Dabballooma (waggaa 0-8)


 Gaammoma (waggaa 9- 16)
 Dargaggooma (waggaa 17- 24)
 Qondaala/Kuusaa Waggaa(25-32)

 Raaboma (waggaa 33 - 40)


 Gadooma (waggaa 41- 48)
 Yubooma (waggaa 49- 56)
Dabballee (Ganna 0-8)
Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da'imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi
mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa
kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk.
Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannaii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu obaasa

Gogeessa Gadaa
Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu.
Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun
bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).

Boorana Macca-Tuulama Arsii Gujii Ituu-Humbannaa

Meelba / Harmufaa Birmajii Birmajii Harmufa Horata

Muudana / Roobale
Michilee / Muudana Roobalee Dibbaaqa
Roobalee e

Kiilolee / Birmajii Duuloo / Halchiisa Bahara Muudana Dibbeessa


Meelbaa /
Biifolee / Muldhata Horata Halchiisa Fadata
Hambissaa

Michilee / Duuloo Roobalee Bultuma Dhalana Daraara

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko
keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa
gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

Duula Bilisummaa Sirna Gadaa Jalatti


Keessumatti, bara 1270 (bara ka'umsa Yukuno Amlaak) irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa
15ffaatti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragooleen ni
ibsu. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame, kanarraan kan ka'e sabni
Oromoo walakaansaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi-lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi
bahaatti godaane. Achiittis dhiibaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhibba tokkootif
roorroo kana ofirraa ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470n
keessa haala karaa lolaattin biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun barbaachisaa
akka ta’e amanee, hawaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni
jalqabaa akka haaraatti waan ijaarameef "Gadaa mala haaraa baase ykn Gadaa mala-baase"
jedhamee  hayyootan moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti
Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama. 
Bara Gadaa Melbaa (bara 1522-1530)
Gadaan Melbaa Oromoodhaf Gadaa isa jalqabaa miti; isa durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon
Gadaan bulaa akka ture ragaan nijira. Gadaan Melbaa garuu uummata bara saddeet saddeettin
qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa
Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaaree, akka kana duraa yeroodhuma ormi ittidhufu ofirraa
ittisuu qofaa dhisee biyya ofii deebifachuuf jecha lafa diinnonnisaa (Habashoonni) irraa fudhatan
dhaqee loluu jalqabe. Waraani Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu eegale.
Gadaan Melbaa Baale deebifachuuf yeroo lolu mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan
kun lola irratti cimaa akka ture Abbaan Baahireefaa raggaa bahee jira.
Bara Gadaa Muudana (bara 1531-1538)
Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudanaa kana seera jajjabaa lama tumatan.

1. Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu


2. Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsiin meedhacha akka hin hidhaanne kan
jedhan ture. 
Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra
qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Muusliimonni Imaam Ahimadiin geggeefamanii
kiristaanootaan waraanaa turani. Waraana diinoonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana
bu’aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana barreessee ture. Waan waaqni diinoota isaa
lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude jechuudhan Gadaa Muudanaa jedhee
moggaase. Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate jedhe Abbaan Baahire. Kun
seenaa ummata oromoof kan xumura osoo hin taane kan jalqabati kanarra ka'un lafa babalifanna itti
fufe.
Bara Gadaa Kiilolee (bara 1539-1546)
Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiiloleedha. Kiiloleen duula bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe.
Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa
kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal
Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash ce’e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii
har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoo biyaa isaaf
lolu moohuu hindandeenye.
Muudanatti aanee kan baalii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni
gargaarsa warra Poorchugaalin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif qalbii tokkoon
Oromorratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa fi human waraanaa Awuroopparraa argataniin
gargaaramuudhan Oromoo irratti duulani. Mootichi Habashaa Galaawudoos Imaam Ahimadiin erga
ajjeese booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun hoogganamu gara Oromootti
bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka madfii hidhate
kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa waraanaa ari'ee laga Awwash ceesise. Waraani habashaa
hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahire. Humnoota Habashaa fi
Faranjii meeshaa hammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa dhugaa lole, kan Lole
jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi "kan lole" jedhu kun bara dheerina keesa "Kiilolee"
jedhamuun beekkama.
Bara Gadaa Biifolee (Bar 1547-1554)
Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu moo'atee humna isaa
mara gara Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa Galaawdos, Adal Mabiraq
moo’amuu dhaga’ee humna isaa walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin Oromoo irratti bara
1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti dhufe qolee, rukuutee moo’uudhan ofirraa
deebise. Lafa bal’aa dabalee qabachuu dadhabus, humana guddaa kana falmee moo’ee ofirraa
deebisuu waan danda’eef, waanti hojjate akka gootumaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-oole
jedhamu akka argatu ta’e. Bif-oole jechuun odoo hin dabaliin, odoo hin hirrisin akkuma jirutti, bifuma
duraan jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi "Bif-oole" jedhu kun bara dheeraa keessa Biifolee
jedhame. Gadaan Biifolee dangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo Gadaa
Michilleetti dabarse.
Bara Michillee (Bara 1554-1562)
Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef Gadaan Michillee seerota
sadii baasee labsuudhan hojjaa irra oolchee ture, isaanis:

1. Namni diina hinajjeefne akka hinfuune, akka rifeensa mataasaa hin aaddanne
2. Namni ganna 8 oli fi 80 gadii lola keessatti qooda akka fudhatu
3. Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba’u seera jedhu, kun immoo
iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasise.
Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa Michilleetti. Michillee waraana Galawudos,
Hamalmaaliin hogganamu waraanee moo’e, Faxagariin (Ererii fi Karrayyu) guutuummaatti harka
Oromooti galche. Itti dabalees hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha
Habashaa Galawudewoosin waraanee moo’un ajjeesee gammadee ayyaaneffachaa otoo jiru
Michille Harariin qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga’ee otoo inni gara Hararitti deebi’uutti jiruu
Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon
hedduun dhumullee waraanni Amir Nuur moo’amee harka Michilleetti baqee raawwate. Abbaan
Baahire akka barreesetti Gadaan 5ffaan Missillee jedhamu biyya waraanee moo’atee idda balleesee
booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon durii biyya waraanee waan barbaade erga godhee
booda gara dhufetti deebi’aa jechuu isaattii. Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee
diinota, warra habashaa (kan Porchugaalin gargaarame)
akkasumas Affaar (kan Turkiin gargaarame) haleelee dangaa bal’aa bilisoomse hinjiru. Michillee
jechuun, bineensa bara caamsaan hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa
bahu, bineensa gurraatti hanga saree xiqoo geessu, kan waraanni hin seenne, kan nama hin
soodaanne, kan nama duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuudha. Gadaan Michillee farda
luka afur qabu yaabatee gaachanaan waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga‘eef Gadaa
Michillee jedhamee moggaafame.
Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (Bar 1563-1570)
Gadaan Michillee daangaa bal’aa waan bilisoomseef daangaa bal’aa kana Gadaa tokkoon
hoogganuun rakkisaa waan ta’eef, Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee hooggana
tokkoon walfaana socho’aa ture bakka lamatti qooduun dirqama ta’e.
Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman
godhame. Harmufni Bageemidir rukutee gosati moggaasee of jala galche, Hambisaan immo duula
guddaa mooticha habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufu danda’u
hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti
eegee dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin meedhicha hidhatanii baali dabarsanii
Gadaa Roobaleetti kennan. 
Bara Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)
Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati. Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan
Bagamdir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaaroota
hallayyaa fi holqatti naquudhan) dangaa biyyaa ballisuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee
Abbaan Baahire akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen ilma
Gadaa Muudanaati, isa kan Shawaa balleessee Gojjaamin rukutee, nama aangoo cimaa qabu
Azmaachi Zari Yohannis ajjeese jedhe.
Bara Gadaa Birmajii (Bara 1579-1586)
Gadaan kun Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa ti. Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa
Kaabaa akka malee muddee qabuudhan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo
ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka
hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti,
holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru jedhe”
barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen. 
Bara Gadaa Muul’ataa (Bara 1587-1594)
Gadaan kun Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo
hedduu hinduulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa Maccaa
fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu
jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda
isaaf mijaa’u mara Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e.
Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe
tokkollee hin jiru jedhe. Muul’anni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin
Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa
ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa kabajataa nagaadhan jiraataa ture.
Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaari Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti
makamuu (wal fuudhudhaan) uummameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa
jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama
Ummatni Oromoo ummata qaroomina sirna dimokraasiifi
falaasama ofii qabuudha yemmuu jedhamu, falaasamni kun akka
falaasama warra kaanii kan namoonni muraasni qarooma
mataasaanii ummataan jijjiiruuf yaale osoo hintaane, qarooma
“asaasa waaqaatiin” (‘word of wisdom’) akka waaqni yookiin
uumaan ummata barsiisetti jiruufi jireenya ummataa keessatti
iddoo guddaa qabatee ittiin jiraachaa tureedha.
Asaasa waaqaa sana keessatti sirni ummatni ittiin buluu jalqabe inni duraa sirna qaalluu yemmuu
ta’u, turtii waggoota dheeraa booda garuu sirni ummata hedduu hirmaachisuufi sirna qaalluu
cimsu sirni Gadaa akka jalqabame seenaan ni ibsa.

Gaazexaan Bariisaas dhimmuma kanaan walqabatee waan barruu Baallii Gadaa Booranaa 71
ilaalchisuun qophaa’erraa argate akka armaan gadiitti isin dubbisiisa.

Akka waliigalaatti yemmuu ilaallamu sirni Gadaa Oromoo Booranaa erga akka sirnaatti
hundeeffamee yookiin jalqabamee goggeessa Gadaafi lakkoofsa qaalluutiin walqixa jechuudha.

Haata’uu malee namootni sirni Gadaa qaalluu booda dhufe akkamiin angafa jedhanii yaadan jiru.
Akkuma aadaan goseettii jalqabdeen waaqni goseettii dhufee eebbisee goseen wayyuu taatee
seeraafi fuudhii Booranaa goseetti jalqabe.

Laduun seera gosee fudhachuu diddee, walgaafattee aadaan kan raabaa taate, muraan isaanii


immoo ka hayyuu taatee akka qaalluun Gadaa hayyuu eebbiftu taasisan.

Akkuma qaalluu hayyuu lallabeen aadaa yaa’ii roobamee gadoomuun kalloo saaqa yuuba


eebbisan.

Yuubni immoo kalloo saaqa malee maqaa hinbaafatu yookiin hin moggaafatu. Haala kanaan
Gadaan muummee namaa ta’ee laduu angafe jechuudha.

Akkuma beekamu sirni Gadaa erga jalqabamee umrii dheeraa qabaatullee akka eegii hormaatii
loonii dhufee goseetti jalqaban ibsamee jira.

Sirni goseetti jalqabee bara hinbeekkamneef aadaa fooraa ta’ee, waaqni jaalatee itti dhufee waan
waaqni jaalate aadaa tolfatee ittiin bule.

Erga seerri fooraa aadaa ummataa (Gadaa) ta’ee ittiin jiraatee, gogeessa Gadaafi lakkoofsi
qaalluu walqixa waan ta’eef akkuma asaasa waaqaatiin aadaa tolfatee ittiin jiraachuu jalqabe.
Haaluma kanaan aadaa sirna Gadaa gogessaafi seerasaa kan qaalluu waliin akka ittaanutti
ilaaluun barbaachisaa ta’a.

Sirni Gadaa ijoollee fooraan gosee jalqabee, bara hin beekamneef seera gosee ta’ee milkaa’ina
seera gosee jaalatan seera ummatni ittiin bulu tolchan.

Haa ta’uu malee, hanga raagii warra Alii dubbannaa ka waaqaan waliin dubbatu waan sirnicha
nama hinbarsiisin mormii guddoo keessa darbe jedhama.

Qaalluu waliin haala kana keessa darbee sirni Gadaa har’a haaromsa sadii (three phases) keessa
jira jechuudha.

Isaan sadeen kanneen haala wal uraa duubasaaniitiin yemmuu ibsaman, bara gogeessi Gadaa ka
qaalluu waliin lama, ka gogeessaa torbaafi gogeessaa shan haa jedhan malee, maqbaasii Gadaa
Booranaa ka gogeessaa 2fi torbaa walitti sagal waan ta’eef saglan yaa’a Booranaa jedhame
jechuudha.

Sirni Gadaa jalqabee Booranni gogeessa lama (Tuulamiifi loolloyiin) abbaa Gadaa 22 lallabee,
waggaa torba aadaa Gadaa malee ba’ee sirna gadaa ka gogeessaa torbaatti deebi’ee aadaa
jalqabe.

Kana waan ta’eef, barii tuulamiififi loolloyii abbaa Gadaa 22 lallabee, torban aadaa Gadaa malee
bulee itti deebi’ee (22 yeroo saddeetiin baay’ifamu waggaa 176) ka turan yemmuu ta’u,
waggoota torban sirna dhiise sun yemmuu itti dabalamu waggaa 183 turan jechuudha.

Kana jechuun immoo sirni gogeessaa lama erga sallii seenee lallaba 22 irratti dhaabbate
jechuudha.

Aadaa jalqabaa sun namni dura abbaa Gadaa ta’ee gogeessa lamatti “haayi” jedhee murate
“abbaa gadaa baasile” jedhu (himana diida hashanee)

seenaa olitti ibsame kana kan dhugoomsu maqbaasii Booranaa ka yoo ilmi dhiiraa dhalatu
baasiileen jalqabu “hayyoo godilee tiyya hee haa godee tanaa, indhallaa naa hawwee baasilee”
jedhan ittiin jalqaban ragaa dhugaati jechuudha

You might also like