You are on page 1of 3

"Abc"

AFAAN OROMOO FII OPDO

Waxabajjii 06, 2017

Akkuma ummata isaatti afaan Oromoo tiis afaan guddaa dha. Afaan kuni,
afaanota alarraa dhufan, jachuun, warra maddi isaanii Afrikaa-rraa ala tahan
kan akka afaan Arabaa, ykn afaan achii waliin diqaalawan kan akka
Sawaahilii, Amaaraa fii Tigree tii miti. Afaan ummata Afrikaa kan dhaloonni
isaa tiis Afrikaa ti. Afaan baroota kumaatama qabu. Afaan guddinaa isaa tii fii
baayyina namoota isa dubbatuu tiin afaanota adunyaa keessa jiran keessatti gulantaa oliitti
arkama.
Akka hubannoota qormaata hamma yoonaatti, adunyaa keessa afaanota 6912 tu arkama.
Afaanota kana keessaa irra hedduun afaanota xixiqqoo fii lammii bicuu if duubaa qabu.
473 afaanota yaroo gabaabduu keessatti duuuf jiraatanitti eegamu. Ummata adunyaa
biliyoona 7 kan arraa keessaa, harki 87 (87%) lammii afaanota 95-ii ti. Harka 76 (76%)-a
tu afaanota 50 irratti abba. Afaanota kana keessaa baayyina lammii isa tiin kan durummaa
qabu Maandariin Chaaynotaa ti. Afaan kuni, lammii miliyoona 973 if duuba qaba. Isaan
malees, warra akka afaan lamadaatti isa beekan miliyoona 257 dhunfatee jira.

Lakkooysa saba Oromoo kan diinni dhawwaaquun odoo hin taane, haala dhugaa fii
fakkaatuun yo fudhatame, afaan Oromoo baayyina lammii isa falmatanii tiin afaanota
adunyaa keessaa gulantaa 24faa -rratti arkama. Kuni, lammii afaan Oromoo ifatti falmatan,
hawaasa Garbaa kanneen Dhidhima Keeniyaa qubatan irraa kaasee, Garrii, Waataa fii
Boorana biyya sanii dabalatee, ilmaan Raayyaa kanneen Wayyaaneen afaan isaanii tiin
adda baaftee Tigroomsuuf ijibbaataa jirtu walitti herreguun waan mirkanaawaa ti. Kana
malees, akkuma Maanadariinitti, afaan Oromoo tiis, firaa fii diina jidduu, nafxanyoota
kalee tii fii kan arraa (Tigroorta sharriif barachaa jiran) waliin, warra akka afaan
lamadaatti isa beekan, miliyoonota qaba.

Afaanota hunda keessaa afaan jachootaan soorama afaan Ingilizii ti. Afaan kuni, hamma
yoonaatti jachoota if dandayan 171, 476 qaba ja'ama. Afaan Ingilizii lammii isa falmatan
miliyoona 372 fii kanneen akka afaan lamadaatti beekan miliyoona 611 qabu. Durooma isaa
kanaaf buurri, ergisaa jachootaa kan afaan Laatiin, kan baroota dhibba afur caalaaf afaan
isaa gabroomsee fii, afaanota saboota ifii gabroomsee fii itti dhihaaterra fudhate. Sanirraan,
biyya dhaloota isaa Ingiliz malees, biyyoota 67 keessatti akka afaan mootummaatti heeraan
fudhatamee waan tajaajilli ittiin kennamaa jiruu fi.

Akka Ingiliziillee tahuu baatu, afaan Oromoo tiis afaan dureeysa. Baayyina jachoota isaa
himuun ammaaf rakkisaa tahullee, haala qabatamaa isaarraa durummaa isaa ibsuun nama
hin dhibu. Lammiin afaan Oromoo, kan lafa baloo Gammoojjii fii Baddaa dhunfatte keessa
dhangalaee, aloola, tiiyfannaa fii qonnaan jireenya isaa baroota kumaatamaaf gaggeeyfachaa
as gaye, hoojum isaa, mukaa-citaa fii bineeyyii qabu hundaaf, jachoota qabaaf. Sanirraan,
Haroo Xaanaa tan qubsuma Garbaarraa kaasee, hamma Raayyaatti, Diida Waaleedirraa
hamma Matakkalitti yo iyyaafatame, wanni tokko kan jechoota adda-addaa tiin ibsamu
heddu. Kuni durooma afaan Oromoo tiif raga. San malees, afoolli afaan Oromoo,
mammaaksi qofti, himamee hin dhumu. Kanarratti, ollummaa, hawaasa biraa tiin wal seenuu
fii sababaa amantii tiin jachoonni afaan Oromoo fudhatee ittiin if gabbise heddu.

Afaan kuni, bara 1887, gaafa ummanni Oromiyaa, guututti, gabrummaa Minilik jalatti
kufanirraa kaasee, akkuma ummata isaatti, afaan hacuuccaa hoonga hin qabne jala seene.
Gaafasirraa kaasee, diinni ummata isaan dubbatuun adda baasee, abbaa dhoorkee,
ajjeesuuf ijibbaata hin godhin hin-qabu. Hawwii isaa tana hujiirra oolchuuf, aadaa fii
hooda bu'ura guddina isaa tahaniin adda baasee, akkuma lammiitti, afaan Gaallaa, afaan
Qottuu, afaan Islaamaa jachuun adda qoqqoodee akka meeshaatti maqaa adda addaa
moggaaseef. Ittiin barachuu fii bareessuu heeraan dhoorkee, miyoota sab-qunnamtii
kanneen akka raadiyoo fii televisiyoona irraa ugguree, hamma ittiin dubbachuun
qaanfatamuun gaye. Haala kuna, bara 1887 kaasee, baroota dhibbaaf eega irratti hojjate
booda, bara 1984-tti, karaa mootummaa gaafasii, Dargiin, tiin "afaan du'uuf deemu"
jachuun jachoota hamma tokko harshif irraa kaayuuf afaan karoorfatamee fi.

"Yaa qacaa! Si ajjeesuuf bineeyyiin sirratti walii galanii," jannaaniin "marii san keessa
Rabbi turee hii?" je'ee gaafate ja'an qocaan. Akkasii tii, akkuma qocaan diina isaarraa
dahoo horetti, afaan Oromoo tiis, sab-boonota akka Sheek Bakhrii Saphaloo tii fii
wal'aansoo qabsoo bilisummaa Waaqni ergeefii, bayyanachutti seene. Afaan Oromoo du'a
jalaa bahee dagaagutti seenuun, Xoophiyaa fii warra isiitti amananiif dhukkuba sammuu
tahaa dhufe. Taaboonni diinaa mana qubeen jirtu hin seenu hamma ja'u takka dallane.
"Qubeen maal si goote?" jannaaniin, "sheeyxaanaa" je'e ja'an qeesoonni isaaf dubbatan.

Duuba, wanni dhiheenya kana gama xurumbaa Wayyaanee, OPDO, tiin dhawwaaqaa jiru
sharrii Taaboonni Wayyaanee hariira jalatti dhooyfatee deemaanii as gaye. OPDO-n meeshaa
Wayyaaneen karoora Yohaannis tan Darbuushoonni boquu irraa hallagan bakkaan gayuuf
dhaabbatte. Tuuta summii qorkummaa (abbaa-irrummaa) Habashaa hawaasa Oromoo keessa
ittiin naquuf tolfatte. Bara 1990, gaafa isiin boojihamtootaa fii warra waraana Dargii keessaa
harka itti kennaan haala kanaaf gamaaggamtu, Qubee fii afaan Oromoo qaata wal-fudhatan.

Boojihamtoota, gantoota Dargii tii fii goobanoonni eegas itti dabalamanii Tigreef meeshaa
tahaa jiran, kalee fii arraas, dirqamni isaanii ajaja hujiirra oolchuu fii gooftaa gammachiisuuf
wixxifachuu qofa. Arra, gooftaan "baroota dhibbaa fiin aangorra tura," je'ee ifii fii isaaniis
abdachiisaa ture, akka somba goflaan seentetti, hafuurri itti ciccitaa, quqqufa'aa, du'aa jira.
"Dhukkuba gooftaa tiif maalo anuma koobaa," jatte ja'an gabrittiin, gooftaa gammachiisuuf.
Wanni haala tarrisa qubee afaan Oromoo irratti OPDO bobbaasees, galiin isaa, kanaan
addummaa hin qabu.

Miseensoonni dhaaba Wayyaanee, OPDO-n, afaan Oromoo tiif yaaduun hanqatee, warra:
Garaa isaanii guutuu malee, dhiiga ilmaan Oromoo kan Tigreen akka galaanaatti
yaasaa jirtuuf coraan hin hadoonne,
Warra, kumaata ilmaan Oromoo kanneen guyyuma guyyaan ija haadhaa fii abbaa
duraa Tigrootaan dhabamsiifamaa jiran, ijji hin agarre,
Qottoota kumaatama sababaa xaa'oo tiin ooyrootarraa yaafamanii fii ummata
guyyuma-guyyaan lafa handhuraa isaanii irraa Tigrootaan buqqifamaa jiraniif warra
garaan hin gubanne.
Warra, ilmaan Raayyaa kanneen mana barnoota afaan keenyaa (Oromoo) barbaanna
ja'anii iyyaa jiran, gurri isaanii hin dhageenye.

Fedhii gooftaa hujiirra oolchuu malee, tarrisa qubee fii guddina afaan Oromoo keessa wanni
OPDO galchu hin jiru. Hin bu'ureessine. Hin dagaagsine. Qubeen ija qabsoo bilisummaa
ummata Oromiyaa ti. Goobanootaan tuttuqaa hin taa tu.

Oromiyaan ni bilisoomti!

You might also like