You are on page 1of 82

CINIINSUU

ASOOSAMA

BARREESSAAN

JILAALUU MAHAMMAD

i
GALATA

Hunda dursee Uumaa koo kan buhaa bahii hunda na dandeessisee carraa Kanaan
na gahe guddaan galateeffadha.akkasumas harmee koo Tawaddu she Ahimad kan
halkaniif guyyaa naaf dhiphattu fi abbaa koo Mahammad shifaatif galata jabaan
qaba. Itti dabalees Essuma kiyyaa Rijaaluu Abbaa Garoo, B/saa Caalii Moosisaa,
Ajaa’ib Arabuukan yaada fi hamilee naaf gumaachuun milkaa’ina koo eegaa
turan.b/saa Habtaamuu Dassaalenyif gaarummaan hawwaaf,

Kitaaba kana akka bifa kana qabaatu taasisuu keessatti yeroo fii qalbii keessan
kitaaba kanaaf laattanii,itti dadhabdanii gulaaltan Barsiisaa Tashoomee………osoo
isin hin jiraannee sadarkaa kana irraannan ga’a jedhee hin yaadu.Ana caala
waanhunddayyu isinttu itti dadhabee miidhagse. Guddaan isin galateeffadha.

Abaadir shaafii,Mizbahuu Shee Jamaal, Nuurazzamaan Muhammad shoora isin


sirreefama kitaaba kanaaf yeroo keessan aarsaa gootanii naaf sirreesitanif
Ulfaadhaa!

Hiriyoota koo Milkoom Muktaar,Ahimad Musxafaa Najjaash Mahammadyaasin


Xaahir shee kamaal, Iliyaas Xaayib, Bahaaru Kamaal, Mubaarik Hajii, Anawar
Shee Jamaal, Juneedi Naziif, Abbaas mahammadyaasiin galatoomaa. Namnii akka
keessan osoo baay’e ta’ee garaan koo baay’ee hawwiti

Waajjira Dargaggoof Ispoortii Aanaa Limmu SaqqaasGalatoomaa.

ii
SEENSA

Addunyaa dabaafi jallinaan guutte, qaawwa tokko yoo duuchan kan biraatu
banama, sana qabna yoo jedhan kanatu nama harkaa bu’a, kana yoo ol qaban
sanatu kufa dhalli namaa martuu kan jiraatu Addunyaa tokko muuddee tokko
mulqitu, Tokkoof guuttee tokkotti hanqifti tokkoof murtee tokkotti murtu keessa.

Namnis kanuma keessatti umuriisaa tokko jedhee jalqabee cinqii isaa ciniinsuu jiru
kan hireen isaa itti feete hunda saggoo isaatti baadhatee guyyaa jooree jaawwaree
waan qac godhee bulu hunda barbaaddatee galee Rabbiin galateeffatee cinaacha
isaan gadi ciisa. Yaa ciniinsuu Addunyaa….Tokko bara argadhee jedhee yoo
laagaa banu, tokko muddamni itti cimee ilkaan isaa ciniinnatee yoo iyyu
Addunyaan kun haqa hin murteessitu.

Kanatu na raasee na roorresse namni maaf dhiphata maaf ciniinsifata gaafa


uumame jireenya akka abiddaa nama gubu keessa jiraachuuf uumame. Gamoo
walirra tuulee, badhaadhee sooromee, horee horsiisee, fiigee hinjifatee, nyaatee
dhugee dhalli namaa Addunyaa kana irratti naa ta’eera jedhee boqotee hin jiraatu.
Ni cinqama ni ciniinsifata, hirribaa dammaqee weerara, ni yaada ni yaadda’a,
yaadaan billaa baasee deebisa, hin ajjeessa, ni jibba ni jibbisiisa eenyu boqotee
boqotee jiraata? Maal kun dhoksaan isaa?eenyuuf gale, eenyu hubate, biyya kam
jira deebiin dhoksaa kanaa koochoo baaseen itti imalaa. Yaa Addunyaa keenyaa…

Kitaabni Asoosa mata dureen isaa Ciniinsuu jedhu kunis bu’aa ba’ii dhalli namaa
jireenya isaa keessatti dabarsuuf cichee gidiraa biyya lafaa guute hunda obsaan
akkamitti akka injifatu fala hima.

iii
GOLGAA CUBBUU

Akkuma daa’imni dhalattee jijjiirama tirannaa kennaa Rabbiin aguugame keessa


darbuuf bitintirtubona dhukkeen of makaa, ganna dhoqqee jilbaan tumaa qoree
haa ta’uu, qarabaa, balfas haa ta’uu qorichaa waan lafaa fuune hunddasaa
afaanittiin fiigaa harkaan qabnee miidhagina isaa ilaaluuf ibiiddatti jaamaa…
gaaddidduu keenya ilaallee jelaa fiigaa kaan qabnee kaan gadi dhiisaa waan argine
baruuf dhiphachaa, baala mukaa cirree, dhoqqee laaqnee bukeessinuu sana
har’allee waanan ta’aa jiru natti fakkaata.Keessumaayyuuimmoo umriin
daa’imummaa yerootti maatii ofiii baruurraa gara ollaa baruutti tarkaanfatamaa
deemamu sanarraa kaasee yeroo ergaa ergamnuufii hiribaatiin ala yeroon jiru
hunddi isaa yeroo taphaandabarsina. Dheekkamsa maatii keenyaa malee.ganna
bokkaa hin sodaannu. Cabbii koo cabbiii kee jennee dhakaa rooba keessa waaqa
irraa harca’u funaannachuu irratti wal-lollee Roobaa yanddoo roobu keessatti wal-
kufiifna. Osoo xiqqoo hin turin araaramnee tiifuu keessa teenyee lolaa yaa’u
dhoqqeen duuchinee koo Gibeedha, koo immoo boqoqi, kootu kee caala, koo
immoo dhidheessaa jennee wal-caalmaa isaa murteessuu irratti deebinee wal-
qochalaa ogasuma immoo araaramaa oolla. Bonas sodaa aduu hin qabnu.
Koonchoo boqolloof cidii xaafii keessa wal-dhokachaa, wal-ganngalchaa oolla.
Waamicha namaaf gurra hin qabnu.

Lafa handhuurri koo itti dhiige sanarran jira.Gola seenaa itti


dhandhaman,jireenyaan wallaansoo guduunfaa hin qabne fi bortu kana fakkaata
jedhamee kan hin beekne daandii itti hin goramne qabadhee….. qabeenya maatii
tiksuuf itti wareegaman sana yeroo sabni hacuuccaa sirnoota garaa garaa jalaa itti

1
of baase eenyummaa isaa babal’isuuf abbaan ilma qaree qopheessu ture.Ani sanyii
Oromtichaa ilma Maccaafi Tuulamaa idda kuush ganamaa irraa biqile ta’uu abbaa
koorraan dhaale inaaffaa abbaan koo nama na gochuuf bulee ka’ee dharra’un
ofirratti baree gaaf tokko ganama akkuma barame sangoota qonnaaf bobba’an
obboroonbaaseensirba Eebbisaa Addunyaa kan

Yaa gaarreen biyya keenyaa

Yaa walaliif yaa jorgoo

Angafti abbootii keenyaa

korma sitti hin qalleeree

Waggaa bara dheeraadhaaf

Oloo sitti hin galleeree………’

Kan akkas jedhu sirbaa osoon eegaa jiruu sagalee koo kiiloleesseen miira jabduu
keessa osoon jiruu sagalee ‘’Kichuu Kichu’’ jedhun dhaga’ee yeroon of duuba
garagalee ilaalu abbaa kootu nawaame.Anis miira naasuun xiiqiin keessa ture
keessaa ba’een lafa ilaale.Abbaan koos natti siqee ‘ ‘tole kamiifuu kan dursu of
ta’uudha;of ta’uu keessa kan jirummoo barachuudha’’ naan jedhe cinaa koo
dhaabbatee maaltu baden? jedheen“ Kichu lafa dirree gamaatti mul’atu sana
argitee”?naan jedhe eeyyeen abba maal ta’ereen?jedheen hidhii of ciniinee
haariidhaan uuuuuufffff jedhee hafuura baafatee “ayi dhiisi yeroon akka har’aa
miti madaa abbaan hin dhiqne tisiisatu itti wal hora’’naan jedhe ofirra gadi
taa’ee.Ammas miira aarii fi ceephoo of keessaa qabuun waan dubbachuuf jedhu
‘hudhamee dubbachuu dadhabe anis yeroo kana jecha mootii Abbaa Jifaar “waan
baraa hin beekanuu barree achi keenya”jedhun yaadadheen maal jechu keeti abban
2
jedheen“umuriin ati keessa jirtullee rakkisaadha garuu immoo waan garaa na
nyaatuuf sitti himuun qaba ilma koo’’ naan jedheewanta inni natti himuuf jedhu
kuusaa gadoo eelaa bara dheeraa akka ta’e haphaphee ijasaarraa natti mullate.
Kanaaf gurra qalbiitiin dhageeffachuuf jedheen itti siqee. “bakki mana akaakayyuu
kee achi ture sirna gabroomfataatu nu harkaa fudhatee abbaa qabeenyaatti
gurgurate.Oromoon lafa isaa irraa dhorkamaa irraas ajjeefamaa har’a
geenye.Yoom akkas seene mucaa koo gaafa quba nuqabatan yoom ciqilee nu
qabatu seene, olkaanee teessifnee bakka teenyu dhabne mana keenyatti ergamtuu
taane, lafa keenya irratti tikee isaaniif galle, ijoollee keenya ergatan dubartoota
keenya bishaan guursifatan, isaan mootii nuti garba, isaan aabbaa biyyaa nuti
galtuu isaan beektota nuti waallalota, kan isaanii afaan qulqulluu keenya afaan
xuraawaa haqatu dabee, dhugatoo jallatee, saamtuutoo gola seenee qeyee abbaa
qabutti abbaa taa’ee qanyaamaash, dajjaasmaach jedhee maqaa of moggaasee ciqaa
shuumii jala adeemtuu Oromoof muudama laate. Garuu maal nu godhan isaan kan
nu mancaase jallaa keenya malee qottoon maal nu godhe akkuma jedhan mukeen
walga’ii taa’anii. Kan turjumaana dhaabatee iciitii keenya itti hime, kan balbalaan
seensee karaa diinqaa isaan baasee iciitii mana keenyaa gad itti hinjire fagoodhaa
dhufe seetee” jedhee jechoota aariidhaan onnee isaa irraa maddanii toora galanii
ya’aa turan ihii jedhee osoo hin xumurin afaanitti qabatee ija koo keessa ilaalaa
ulee qalloo baatuun lafa tuttumate.abbaan koo kun umuriin kiyya waan kanaaf hin
geenyeef natti fakkaataa “.Amma si gahaatii beenu mana barnootaa kee yeroon sitti
darbaatii’’ naan jedhe. Tole nan deema jedheen gara manaatti deemuuf
dirqame,abbaaf haadha jalaa diduun safuu Oromoo cabsuu natti ta’a waan ta’eef
malee silaa dubbicha irra deebi’ee gaaffee natti tola ture……………

Deemsi koos deemsa naaf hin taane waan abbaan koo naan jedhe akka bosona
Booqaa ta’ee na fuuldura dhaabbate garuu maal godha yaadni tokko deebi’ii gaaffu

3
naan jedhe yoo gaaffe maal ta’a Yaadni tokko immoo mana barnootaa deemi naan
jedhe.Yaadannoo ijoollummaa koo wayyaa daalacha uffatu, mudhii isaanii
jabeessanii qabattoo bal’aan hidhatu, dabbassaa dheeressanii filatu, qawwee
dhedheeraa qabatu, ganama ganama dhufanii abbaa koofaa ajaju olla keenya
hundumaa irra adeemanii kaaniin baabura daaksisuutti kaan immoo gara qonnaatti,
kaan mana Bataskaanaaf kaan mana Mootiif Abbaan yoom ofiif jiraatan mana
ormaa sooromsuuf halkanii guyyaa ergamuu kan saanii balballi midhaan, keenya
balballi daggala, kan saanii ijoolleen quuftuu, nuun beelan nu waxalaa, isaan
midhaan gurguru keenya midhaan bitanii nyaatu tarii kanaa laataa
sababni….yaadannoo ijoolummaa kooti hicitiin isaa naaf hin galle.

*********
Akkuman galeen cireekoo qiixxaa boqqolloo irbaata irraa hafe harmeen koo naaf
kenninan nyaadhee bishaan burcuqqoo tokko itti dhugee, uffata seeraa uffadhee
daawwitii mana keessa rarraatee jirtuun saakatta’aa fuula koo kan qorri
saakatteesse keessatti of ilaaleehancufa harkatti tufee
haxaawwadheensokke…..mooraa mana barnootaa yoon seenus yeroon xiqqoo
waan natti darbeef barattoonni hiriira galanii faaruu alaabaa Oromiyaa faarfachaa
jiru.Anis akkuma barattoota kaaniitti hanga faaruun xumuramutti dhaabbadheen
eege. Silaa akka seera faarfannaa alaabaa Oromiyaatti faaruun alaabaa yeroo
jedhamutti xiqqaanis guddaanis barataaf barsiisaanillee,nama kamiyyuu yoo ta’e
sosocho’uun of duuba mimillachuun of ooquun illee seera faarfannaa cabsuu waan
ta’uuf hanga xumuraatti bakkuma sanan dhaabbadhe.Erga faaruun xumuramee
hunduu dareetti ol seenne.Jalqaba irratti sagantaan keenya barnoota Afaan
Oromooti. Barsiistuun keenyas dhufanii daree seenanii “ akkam bultan
barattootaa’’ nuun jedhani “gaariidha barsiistuu’ jenne nutis isaanis barnoota
keenya kaleessaa erga nu yaadachiisanii “qabiyyeen keenya har’aa immoo faaruu

4
qubee Afaan Oromoo kan jedhudha’’ jechuun faaruu sana akka dhuunfaan
shaakallu carraa nuuf laatan.Jalqaba irrattis anaan kaasanii na dhaabuun dubbisi
naan jedhani

Qubee koo quba koo

Lafee koo lafa koo

Situ kaasee dhaabe

Jabeessee tafa koo

Qubee koo quba koo

An siinan of baree

Beek-nan ga'a iftaan

Siif waaqaan bor taree

Goonni si naan ga'uuf

Nafasaa of hubee

Ni turtes ni turtas

Naaf jiraadhu qubee

Kalee kumni kufee

Siif baaseera haarsaa

Walin qoonne jedhee

5
Dhirsi Niitiif waarsaa

Bar meeqa nyaapha koon

Moggaatti dhiibamtee

Hin bannees hin baddu

Yoomiyyuu diigamtee

Ni jiraattas tartee

Yoomiyyuu naaf atii

Labataan si ga'uuf

Nan baasa anis gatii

. Dhaloota ol adeeman

kan jiran booda koo .

Nan qaqqabsiisa siin

Ba'eetan qooda koo.......

kan jedhu dubbiseen taa’e

Yaadni faarichaas naaf ifuu dide maaliif barraa’ee?Maaliif ka’ii dubbisi naan
jedhanii? Maaf carraan jalqabaa na fuudhee? Utuun ofiin jedhuu yaadni na
fudhatee deeme.Suuta jedhee yeroon ergaa faarichaa yaadu gidduudhaan yaadni
abbaan kiyya ganama naan jedhe onnee koo na cabse sirni darbe dhiibbaa kallattii
hundaan saba irratti akka godhaa ture natti ibse. Anis osoon hin yaadiin harka
6
kaaseen barsiiftu jedheen miiraa naasuu ta’ee,miira aarii ta’ee hin beeku garuu
onnee koo keessaa bir…bir na jetti.“ gaaffitu jiramoo’’ naan jette eyyen ergaan
faaricha kanaa naaf hin galle maal jechuudha jedheen gaaffii koo itti fufe “ati hin
hubanne ta’uu dandeessa malee dhalootni fuula keenya dura turan gocha hamaaf
gara jabinaanakka boquu caban taasifamaa turaniiru.Haa ta’uu malee immoosabni
Oromoo maatii guddicha Afrikaa ta’uurra darbee Qaroomina bulchiinsa
Dimokraasii jireenya wal-qixxummaa gumaata fakkaattii hin qabne
Addunyaadhaaf kennaa laachuun isaa addunyaa wixnee daandii ifa jireenyaa ta’ee
tajaajiluus diinota isaatiif immoo qaphxii ka’umsa caalamuu jaraa itti agarsiisuu
hin oolle ta’eera. Sababa kanaaf tooftaa siyaasaa diinagdee ummata kanaa ittiin
quucaarsanu tarsimoo mataa isaanii bocatanii moggaasa maqaa taayitaa walii
qoqqooduufi maqaa bakkootaa jijjiiruun waggoota dhibba danuudhaaf waanjoo
gabrummaa akka inni baatu godhan. Dimokraasii Addunyaadhaaf gumaachuu isaa
dagachiisani. Qe’ee abbaa isaa irraatti akkanni gabroomuuf sirna bulchiinsa
amantaa dhaan haguugamee itti labsani. Ayi abbaa dhugaa jilbeenfachiisanii unka
isaa ibsuutti cilaattii dibuu irra darbanii qabiyyeesaa kan ofii godhachuuf kaayyoo
galma isaanii faallaa dalagaa isaanii isa abjootanu sana dhugoomsuuf halkaniif
guyyaa daddaaqu.

Garuu Kana caalatti osoo maanguddoota dubbachiistanii bal’inaan hubachuu


dandeessu’’ jedhanii!osoo gaaffii koo hin xumuriin yeroon isaanii geenyaan
deeman. Jechii isaanii kun jechan abbaa koo irraa ganama dhaga’en wal natti
fakkaatee Maal kun?maal dubbatuu? Yaa Rabbii koo guyyaan har’a maaliin naaf
bari’ee? Yaadicha abbaan koo ganama osoo naaf hin xumuriin gara mana
barumsaatti na ergeefii isa barsiiftun osoo naaf hin xumurin ba’an xumura isaa
qofa osoo hin taane sababni akkas ta’uu ummata kanaa fii hanga har’aatti dhalli
waan kanatti furmaata kaa’u dhalachuu hafuu isaatiif maaltu maal ta’eeti laata?

7
Jedheenciqilee koo teessoo barrulee irra ka’annu irra kaa’ee ganaa harka kootin
maddii koo tuuggaadhee akka nama waan sana argaa jiruutti foddaa gubbaadhan
ija koo gara alaatti babaasee ofii kootiifii uumaa waan kana akkas godheen osoon
wallaansoo qabuun, osoon Rabbiitti waakkadhuu, osoon of hin barin boronqiin
fuulleedhaa darbame gurra koo na dha’e.Barsiisan………wal-galanii wayiitii itti
aanu barsiisuu erga eegalanii daqiiqaan muraasni darbeera osoon Rabbiitti
waakkadhuu.

Silaa kan magaalaa jiraatu isaanii lafa irratti dhalannee kan loon irraa tiksaa turre
har’a akkas ta’e, Oromoon lafa jiidhaa jaallata bakka Oromoon jaallatee magaalaaf
akeekkate saqqaa qe’ee abba Bogiboo harkatti busheessanii silaa beekaan isaanii.
Haaluma kanaan barnoota koo sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Atinaagootti osoon
barachaa jiruu waantootni hedduun haaraa natti ta’uu eegale.Keessumaa ani kanan
dhaladhe maatii harka qalleessa ta’uu caala immoo hawaasa barnootaaf ilaalcha
gadi bu’aa ta’e qabu kan sirni gara jabaan dukkanaan haguugee akka waan
barnootni sadarkaa 2ffaatti xumuramuutti akka ilaalu taasise keessattan
dhaladhe.Maatii osoo hin baratiin na barsiisuuf dirqama fudhate gammachiisuuf
ejjennoo cimaan cimee akkan baradhu of godhe barnoota koos guyyaa guyyaatti
xiyyeeffannoo godheen barachuu eegale.Haala hamaa keessatti waan haaraa
hojjechuun ni danda’ama ergaan jedhu na tuttuqa.Akka yeroo ammaa haala mijataa
argatanii halkaniif guyyaa dubbisuun waan hin jirreef sanuu ibsaan jiraatee osoo
hin taane haara dungoon of hukkaamsaa halkan hirribaan wallaansoo qabaan
akaayii nyaadhee …gaaf tokko tokkoo immoo garaa qullaa …abiddaatti qabaan
dubbisa. @@Kiyyoo yaadaan dhidhimfamee sammuun koo yeroon yeroo
Oromoon mirga abbaa biyyummaa argachuuf sochii itti eegale natti fakkaata,garuu
biiftuun haqaa egeree kaadhimtee as bahuu dhugaa moo sobaa laata moo akkuma
weellisaa Maaykil Jaaksan waggaa 150 jiraachuuf karoorfatee doktoroota 12 kan

8
yaala fayyaa hunda isaaf gochuu danda’an mindeessee namoota biroo 8 immoo
ulaagaa biraa kan isaaf doktoroota isaaf guutan qofaatti miindeessee garuu immoo
dhibee onneen waggaa 50ffaa isaatti addunyaa gadhiisee sana taanaa laata jetti
sammuun koo. Akkuma keessa kootti shakkii qabu tarii barri barnootaa baranaa
maaliin xumura laata bara milkii akka ta’e carraa jireenya boorii kootiif furtuu
ta’uu hin shakkun jedhe halkan dhihee bari’uun waan haaraa fidee dhufuun gaarii
ta’uu isaan hawwa. Hiriyyaa koo daa’imummaan kaasnee waliin turre hiriyyaa kan
akka garaa gaafa gammachuu…..gaafa gaddaa kan yeroo argachuuf dhabu
hiriyyaa Obsaa kamaal jedhama. Yeroo hundumaa bahuuf galuuf kan hirribni qofti
adda nu baasu waadaa akka gootota shinniggaatti barnootatti akka fuulleeffannu
waliif seennee qabna. Maal godha garuu guyyaan jimaataa galgala lafti barii
sanbataa aduun waan haaraa qabattee as natti baate……….. harmeen isaa kan
yeroo marayyuu wal biraa nu hin dhabne barii yeroo yaasa saree sagalee ishee
qalloo sanaan “ warrana warri kun hin dhageessanii’’ jedhaa balbala rurrukutti
butamee yeroon hirriba keessaa dammaqu “maaloo balbala naaf banaa’’ jette anis
abbaaf haati koos akkuma kutaa garaagaraa keessa ciisaa jirrutti bakka jirruu
naasuutiin kaanee gara balbalaatti fiigne “ ilmoon koo as jiraa?’’ jette akkuma
balballi saaqameen imimmaan akka rooba arfaasaa maddii irra lola’u yeroo irratti
agarru hundi keenyaa uu’uuuu…….. jennee maaltu maal ta’ee jennee iyya
kurursuu eegalle.Isheenis “ kottu galgala ani bara kana barnoota koo addaan kutee
gara adda waraanaa deema jedhaa bule”dhugumamoo!uuu ani bade jedheen iyya
koo itti fufe “barii kana lafa ciisicha isaatiin dhabe”jette…………..maaloo maaloo
hiriyyaan koo eessa deemee?......waanan qabee gadi dhiisu wallaaleen akka nama
abjootuun ta’e. Hunduu boonyee wal-boosisuu malee namni ija keessa wal-ilaalu
hin jiru ollaanis miira rifaatuun yaa’ee nutti birmate yeroo kana egaa yaa carraa
koo maaf akkas nagoote jedheen keessa koon gadda kuuseen afaaniin
gadoodee,yaadaaf yaddoo simadheen buluu eegale guyyaa yoon ba’uuf yoon galu
9
daandiirra akka nama waa namatti agarsiisuun harka koo takka gadi buusaa takka
ol-kaasaa keessa koon of-lolaa deemuun koo yoom haferee. Yaa Rabbi waan
gooteef situ beeka garuu immoo maaliif akkas naqorta jechuun koo natti
daddabale. Naasuu Kanaan kan ka’e harmee koo dhukkuba onnee kan qabdu
daraan itti cime. Egaa cubbuun hojjedhe yoo jiraate yaa Rabbi baasiitii natti himi
yookaan ittiin naajjeesi jedheen boo’aa hirqinfachaan gara horii bobbaasuutti
sokke.

Namni abdii dhabe niyaada,niyaadda’a,niyeelala,waan hojjetus wallaalee


kutannoon dhadhaa abidda buute harkaa taati.Fedhiin gammachuu miti waan
argate nyaachuun isaasnihir’ata. Kana hunda baadheen deema tokkoon yoo
hiriyyaa isaatti gammadu kaan hiree isaatti boonee bashannana, kaan immoo carraa
obbolaa danuu gidduutti dhalatee gaaddidduu dhiphinaa yaad-qalbii isa hin
mudatiinis yoona hinuma jira ta’a jechaa horii koo duukaa fiigee kufee ka’ee gara
iddoo kalootti sokke.

Dirree gubbaa mukni odaan miidhagaan uumamaan tole tokko kan yeroo mara
horii keenya bishaan obaafnee dhufnee jala teenyee boqonnutu jira ‘Odaa muka
miidhaga addaa akkuma koo qofaa kee biqiltee mullatta’ jedheen dugdaan galee
jala ciseen yaada koo rarraasee itti fannise.Odaan muka iccitiiti, muka kabajamaa
kan bineensi itti hin gallee, irras hin bulle kan amma asii ol-dheeratu caalaa hidda
gadi fageeffatu jedhame gaafa dubbatamu yoom naaf gale guyyaa dhiphinni
qofaatti na baafattee gidiraaf na kaadhimtee achi jala na ciibsite malee.Osoon
akkasiin yaadaan goda bu’ee gaara ba’uu sagalee qalloo cinaa kootii “Kichuu
Kichuu”jedhun dhagahee miira naasuun butamee ka’e isheenis rifachuu koo
hubbattee “maal akka nama fiigichaaf qophaa’eetti naasuudhaan kaate” naan jette
anis amma waan dhufteef qofa natti himi jedheen gaaffii koo dhiyeesseef “abbaa
keetu deemi waami naan jedheeti”naan jette achumatti mogoleen koo na laaftee
10
akka nama deemsaan bututee jilbi koos wal-xaxee garaan koo afuura ol-baasuuf
gadi deebisuuf rakkatte.Ani ciree ganamaa illee hin nyaanne garaa koo agabuun
oolaa jira. Maatiin koos waan waa argatan natti hin fakkaatu yoo ollaan yaadatee
qiixxaa fideef malee.

Guyyaa hammeenyaan guutamte guyyaa abaaramtuu guyyaa rakkoon gola mara


deemteefunaantee guurtee as-baate.

Guyyaa al-tokkotti waan lama itti dhabuun koo geesse taatee akkuma addunyaa
irratti namootni waan dinqisiisoo hojjetaniif argatan haaraa as-baasan kitaaba
‘Jiinaas buukii ‘jedhamutti galmaa’anitti ana immoo guyyaa duutiifi jireenyi
wallaansoo hamaa waliin narratti qaban taatee galmaa’uuf jirti. Waan hunda
waamee of-abaaraa hangan danda’u mogolee jabeeffadhee fiiguu eegale.

Yoon mana keenya cinaa ga’u sagaleen duraan halaala naannoorraa bicuu
dhaga’amuuf kan namootni muraasni garasitti fiigaa jiru.Ammayyuu akka miila
Bakar Waaree achi buuteen jaraa hin jiru.Ani iyyaaf gurra laachuufan suuta jedhee
dhaabbadhe.Namni dudubbatus wanti xis-ximbaa jedhu tokkollee hin jiru.
“Harmee harme”jechaan gara balbala mana keenyaatti siqadhe simbirri baalleen
kaattullee hin qaxxaamurtu maaloo eessa dhaqan jedheen gara mana ollaatti achi
dabarfadhe yoo kana jaartiin ollaa keenyaa tokko kan baay’ee dulloomte kan yoo
itti siqatan malee sagaleen namaa itti hin dhaga’amnetu balbala manaa maddii
qabattee dhaabbatti ittuma siqeen dhaabbadhe “qaqqabadhu maaloo” jette anis
gurratti jedheen maaloodha dafaa natti himaaka jedheen itti hasaase. “harmee kee
harmee kee”jette ammas irra deebitee “gara buufata fayyaatti kaadhu dafii”jette
dabaltee yeroo hangan danda’u harkakoo bitaan laphee koo jala bakka nawaraanu
qabadhee fiigee karaa guddaatti ba’u kanuma akkakoo karaa qabatee fiigun arge.
Ta’us inni baay’ee narraa fagaateera inni immoo iddirii sodaatee ba’aa

11
qaqqabachuuf fiiga. Animmoo jireenyaaf du’a ishee addaan baafachuufan fiige.
Fiigichi koof kan isaa gargari ani afaan buleenan bakka horii tiksaa turee ka’ee
kiilomeetira hedduu fiigeera haata’u garuu harmee koo qaqqabachuun daaraa
bubbeen fuute taatee natti mul’atti. Isa qalbiin al-tokko gaarii al-tokko hamaa
gootee natti hasaastu yooman dhaggeeffadheree. Ciniinnadheen akka leenca
gootummaa isaa mul’isuuf galgala galgala as ba’ee fuulleetti kattaa gubbaa
dhaabbatee aaduutti anis aadaatuman ummata harmee koo muka lama gidduu
moofaan maranii mana yaalaa qaqqabsiisuuf baatanii fiigaa jiran gidduun gale.
Yeroo kana egaa maal akkan dubbadheefi maal akkan godhe hin beeku achumatti
kufee nama ol-naqabes kan ol-fuudhee na baates hin argine sagalee abbaan koo
“maaloo ol-naaf qabaa kufe kaa mucaan koo maaloo Kichuu koo obsi malee”jedhe
ergan dhaga’eetiin hanqaaquu samii buute ta’een waa arganii dhaga’uu mitii achi
buuteen koo iyyuu afuurri na keessaa dhabame. Eessa akkan ture maaliin akkan
dhaqe eenyu akka na geesse maaltu akka uumame osoon hin barin akka guyyaa
tokkootiifi halkan tokko guutuun dabaree wal-harkaa fuudhanii guyyaa kan biraatti
dabarsaniiru. Bari’ee saatii 4:29 irra darbuuf sekoondiitu hir’ata. Hirriba abjuun
wal-makaa fakkaatu keessaa yeroon birradhee ija koo dirqiin wal-irraa saaqu mana
xiqqoo dhaabban isaa halluu adiin dibamee jiru kan foddaa xixiqoo ol-fagoo qabu
keessan ciisaa jira. Harka koo mirgaatti cedhedha laastikii bishaan qabu itti jirutu
liilmoodhaan natti tolfamee jira. Gara mataa koo irraan abbaan koo harka tokko na
irra ka’atee mugaa jira. Waanti hunduu haaraa natti ta’e. Abbaa jedheen amman
danda’u sagalee ciccitaadhan waamee gaafachuuf yaale. Sagalee ani xiqqoodha
jedhee baase sanaan akka gaafas na’e duraan jireenya isaa guutuutti na’eera natti
hin fakkatu. “Oo’o’oo Kichu koo nan muge mitii” jedhe. Eessa jirra abbaa? Asii
maal goona? Yoom dhufnee? Utuun deebiisaa tokko hin dhaga’in gaaffii danuu
isaa tarreesse. “Kichu koo omaa mitii na gaadha alana manatti gallaa… omaa
mitii…. omaa iyyuu” naan jedhaa sagalee isaa gadi qabee isa inni yaa Rabbi
12
galanni keeti kan lubbuu itti naaf deebifte. Abbaa hiyyeessaa jedhu nan dhaga’a.
maal ani du’een gale jechuudha moo maaltu uumame osoon jedhuu miciyyoon
qamisii gabaabaa gubbaatti ‘gawanii’ adii uffattee waan gurratti kaawwatanu
mormarraa qabdu tokko balbala nuti keessa jirruu qixiixit gootee bantee ol-nutti
seentee nu lamaanuu wal-falmii yaadaa keessaa nu damaaqsite. “Isin abbaadha
mitii baga gammaddan of bareera waan ta’eef fudhattanii deemuu dandeessu.
Harmeen isaa immoo qoricha sa’aatii ja’a irratti fudhatan qabu isaanis haala
gaariirra waan jiranuf booda siniif baafna” jette. Abbaa harmeeen maal taate eessa
jirti-n jedheen “ati obsi akkas hin ta’in kunoo kutaa bukkee kanaa jiruu isaan” jette.
Imamsa dheekamsa qabuufi ajajaan wal-makaa natti dabarsite. Isa harka koorraa
nattii baasaa dhaqeen harmee koo ilaalaan jedheen akka kadhachuus akka
watwaachuus ta’ee. Qoricha fixeera waan ta’eef suuta jettee natti baaftee hojii
ishee xumurtee gadi baate. Anis bakka sanaa ka’een dadarbamaa ifa ilaaluu
osuman dadhabuu abbaa koofi basoo manaatti dagalfadhee gadi ba’e. kutaa
harmeetti yeroo ol-seenu namoonni ollaa keenyaa abbaa koo faana anaaf harmee
koo gidduutti cinqamaa bulan isiitti marsanii ta’anii kaan mugaa kaan gurjaa dhaaf
ija hooqataa kan diiramaa ciree fidanii dhufaniis ni jiru. Duraan akkam akka taate
baruu baadhuyyuu yeroo na argitu fuulli isii ni ife. “Kichuu koo naaf wayyooftee”
jette sagalee wal-makaatiin e’ee harmee jedhaan waantan jedhu na harkaa bade
jennaan gara milasheen taa’een qaamasii harka kootiin qaqabuu eegale. Eerga an
taa’ee harmeedhaan waliin haasa’u qabne. An ummata isa akka mana du’aa mana
jala naannee taa’ichan wal-dhiphisee taa’u nu gaafachuuf dhufe se’e. Garuu booda
yoon iyyaafadhu akkas miti hakimni lama qofaatu jiru waan ta’eef nama dila kana
keessummeessutu itti ulfaate jedhan isumaayyuu isaan tokko bilbilaan waamaman.
Jara hafan waaqa yoo ta’e malee namni gaaftu hin jiru waan ta’eef sa’aatii
fedhanitti dhufu yoo mijachuu dides hin dhiisu jedhan. Namoota nu faana akkas
dhiphataa jiranu eenyufaa? Akka ta’en akeekachuu jedheen ija koo irra
13
deddeebisee gamaaf gamanatti ilaaluun jal-qabe. Yeroon hundumaa jera ilaalee
xumuru naasuun haaraan onnee koo dhikkifachiisuu eegale. Haati Obsaa kamaal
owwaattuun isiin haadha hiriyaa koo namoota keessa hin jirtu. Maal akka isiin
taate afaan koo diiggadhee utuun waan isii quunnamnaan nurraa hafte? Nama
biraa hin gaafatin of-gaafadheen ofiin deebisuu jal-qabe. Tariitii isiis ni dhukkube
ta’aa? Isiin immoo kutaa kam keessa ciifte laata? Moo nama isii fidu dhabdee
manatti hafte? Eenyuun gaafadhu? Harmee gaafadhuu ofiiyyuu isii ni dhukkuba
maalan jedhaan? Osoon jedhee nama biraa barbaaduf ka’uu “akkam bultan namaa
ofii faarri isaa akkami” sagaleen ishee gurra na bute. Isheedhaa? Moo nama
biraati? Jedheen morma koo dhedheeressee barbaaduu jal-qabe. Silayyuu balballi
keenya banamaadha waan ta’eef akkuma ol-seenteen “ na argitee iliiliiliilll ishoo
yaa waaqa koo galata kee. Kichu koo anaani anaa kee haadhukubu bakka kee.
Okaa bishaanitti hiikkate na gooteem Rabbi lammaffaa sitti deebisee nan
agarsiisin. Ija koo lammaffaatu na jaamen se’ee” jettee imimmaan ishee hudhee
ozsoo isiin hin argin harkaa ba’e. Obsaa yaadattee akka ta’e naa galeera. Naxalaa
uffattuun ija haxa’ataa gadi jettee “haadha kichuu atoo wayyaa qabdaa ofii xinnoo
fooyyee qabdamoo akkamitti bulte waa soba si dhaggeeffatee” jedhaa waanta
wociitii xiqqoo wayiitiin qabattee dhufte wayii qadaaddii(keddoo) irraa banaa abba
kichuu bishaan sana as-kennaa jettee harmee fuul-dura teessee fallaanaan afaan
isiitti kichuu koo atis oo’oo’o garaa gogaa jirtaa as hiqimee ilmoo koo afaan
tolfadhu michiitu si dhahaatti jettee anas afaan na kaa’uu eegalte. Nyaata aadaa
jimmaa Limmuu ……..ture. kichuu baguma tirattee kaateeyyuu ganama silaa
osoon qe’ee keessanii jabbii ilaalee horii jera kaan yaasee abbaa darabeetti geessuu
mucaan si walii baratu tokko daandii gubbaatti na argee kichuun kaleessa mana
barumsaa waan dhufiniif qormaatni bakkaa eegalamuuf jedhu hin dhageenyettii itti
himaa” naan jedhee maqaaqormatichaa natty himeera afaan keessan naaf hin galuu
narkaa bade malee maddii moo? Maaddii? Naan jedhe waansaa” qormaata miidii
14
ta’uu isaati. Anaaf utuu isiin hin xumurin naaf galeera. Nurraa haftee mana buluun
ishee qe’ee hii horii akka gootee dhuftu dhabdee akka ta’e hubadheen reef
tasgaba’ee. Yeroo isheen waa’ee qormaataa natty himtus abbaan koo dhaga’aa
ture. Abbaan koos kaffaltii nu lamaaniif barbaachisu horii manaatti liqii fudhatee
hanga jarri jedhan kaffalee na gahee fudhannee baane……………….karaa galaa
keenya qabannee wal-tirsaa deemne kan karaatti nutti dhufu jabaadha galtaniittu
nuun jedhaa dhufee darba yeroo mana geenyu aduun galuuf nagaa dhaammattee
mana isheetti seenteetti.Ta’us ollaan keenya horii hunda nuuf galchee abbaan
dabarees nuuf eegaa ture. Hunduu ba’ee baga nagan galtan baga fayyitan jedhee
gammachuu qabu ibsata. Kaan immoo nudura bu’ee abidda nuuf qabsiisee nyaataaf
buna nuu danfisuuf jarjaru. Halkan sana miira dadhabbii keessa waan jirruuf
muraasa turree waan argannee nyaannee rafne.Ganama abbaan koo bakka ciisicha
koo dhufee na waame anis jalaan owwadhe “mee tiradhuutii ciree kee nyaadhuu
gara mana barnootaa deemi”naan jedhe anis ka’een ciree harmeen koo naaf hojjette
ho’aa isaa afaan kakawwadheen qajeele yeroon mana barnootaa ga’u barattoonni
daree seenanii koodii qabatanii tooraan taa’u barsiisaan keenya bakka koodii kiyya
yoonatti himu deemeen taa’e yeroon fuuldura koo ilaalu koodii hiriyaa koo Obsaa
Kamaal arge imimmaan dur karaa natti baafatee narra yaa’ee isa inni lafa jiisun
arge barattoonni haala an keessa ture hin beekne akka an gargaaruuf yaadanii
nagaafatu ani garuu dhiphina hamaa keessawaanan tureef dubbiseeyyuu hin beeku
osoo kanumaan osoo jirruu torbee lamaan boodas qormaanni biyyaalessaa dhufee
haaluma duraatiin isas xumurree galle. Guyyaa xumurree gallu abbaan koo baay’ee
gammadee harka koo dhudhungate “baguma Rabbiin keessa si ceesise yoo waan
fedhe illee ta’e” naan jedhe anis yaa Rabbi galanni kee guddaadha,harmee koos
akka jaalala keetti waan naa fayyisteef jedhee onnee koo guutuun galateeffadhe
ammas dabaleen daddabaleen hiriyyaa tokkittii koos bakka inni jirutti bira naaf
dhaabbadhu diina fira taasisiif jedheen Rabbii kootti himadhe secondiin daqiiqaan
15
jijjiiree daqiiqaan sa’atiin wal-jijjiiree sa’atiin guyyaan wal-jijjiiree guyyaan
torbaniin wal-jijjiiree torban immoo ji’aan wal-jijjiiree guyyaan cufiinsa mana
barumsaa geessee anis akkuma koo durii cufiinsa mana barnootaa irratti koree
gumii bashannanaa kessatti hirmaannaa ho’aa taasisuun walaloo,diraamaa,baacoo
garaa garaa dhiheessuuf hawwii yoon qabaadhes haala mijataa waan hin argannef
walaloo tokko qofa akkan dhiheessu sammuun koo naaf eeyyame.

Guyyaan isaa guyyaa Kamisaati barattoonni hunduu gammachuun gara mana


barnootaattii yaa’uu eegale. Akkuma Kanaan duraanii maatii isaanii harka
qabatanii yaa’aa jiru anis abbaa koo akka naaf deemu gaafadheen ciree koo
daddafee nyaadhee deeme. Barsiisaan keenya qophii sagantaa cufiinsa mana
barnootaaf maatii barattootaa qopheessuuf ofitti nawaamee “maal taate akka kee
duriitti maaf hin hirmaattu”naan jedhe barsiisa ana rakkoon waan na mudateef
hirmaachuu hin dandeenye jedheen miira gaddaa keessa seeneen “kamiifuu
jabaadhu Rabbiin qabdaatii”naan jedhe “walaloo kee immoo toora sagantaatti
siifan galcha”jedhan sagantaanis sa’atii 3:30tti eegalee faaruun,eebbi abbootii fi
baacoon gaggabaaboon erga dhiyaatanii booda walaloon karaa barataa Kichuu
Lataatiin isiniif dhiyaata jedhe. Yeroo kana haamileen karaa keessummootaa fi
barattootaa,bakka ta’anii ol-ka’anii iyyaa, fooricaa harka rurrukutuun wacni wal-
tajjii jeeqee anis waraqaa walaloo qabadheen achi ba’e.

Irraan dawwaa keessaan summii


Toleen tolu kansaa dhumni

Fafakkeessuuf irraan kolfabaduu


Keessaan garuu dhibee golfa

16
Keessaaf irri miti tokko
Micciiramee ta’e okkoo

Dabee dabsuudhaaf okkata


Hin beekamu ni dhokfata

Doodessuudhaaf dooluu dhalcha


Cubbuu golgee kooluu galcha

Haqa balfeetu darbata


Cubbuu golgeetu hammata

Qaama cubbuuf gaadiddeessee


Cubbuu dhoksuuf qaacibbeessee

Cubbuuf ta’eetu dibaabee


Qajeelumma ala dhaabee

Dhugaa didee darbateetu


Taa’a cubbuu ammateetu

Itti fakkeessa lubbuunii


Isan dhiisu bor cubbuunii

Ammateefis isan maaru

17
Haqni yoomuu ifa hin daaru

AMANUUN DADHABE

Yeroonsaa ganni hamaan roobaaf cabbii kakawwee jabaan darbee,…kan qotatan


ga’ee……abaaboon laalisee…..birraaf hudhee kan jarjares daddaraaree namatti
mul’atudha. Asheetni boqqolloo gamaaf gamanaa gahee, kan qabu nyaatee, kan hin
qabneef laatee itti boonu,akka lakkoofsa biyya keenyaatti ji’oota 12 irra darbee
qaammeen bultii shanii tokko jettee itti eegaltee dha.

Anis guyyaa kana akkuma yeroo biraa ganamaan ka’ee midhaan asheetaaf gahe
irraa bineensa eeguuf maasii keenya marsee to’achuun eegale.Hiriyyaan waliin
barannu Abdii Tolasaa bakkan jiru iyyaafatee dhufe.Anis nagaa ho’aa ergan
gaafadhe booda odeeffannoo deebii qormaata biyyaaleessaa akka M/Barnootaa
keenya qaqqabe natti hime.

Gandi Yeddoo Aanaa Limmuu Saqqaa Godina Jimmaa keessatti kan argamtudha.
Maqaa gandoota dur sadii ta’anii bakka tokkotti waamamu. Bakki dhaloota koo
garuu maqaa Qilxu Cabaa jedhamuun waamamti.Seenaaan moggaasa maqichaa
mukni qilxuu guddicha tokko cabee deebi’ee immoo akka marge imama.
Akkasumas Yeddoon ganda uumamaan miidhagduu, hawwattuu ta’uurra darbee
bineensoota fi horii manaa baay’inaan kan keessatti horsiifamtu ta’uun ishee ajab!
nama jechisiisa.Daandiin xiqqaan ganda keenya keessa fulla'ee Ganda cungee fi
Maroo ciisaa ganda wiirtuu dinagdeefi oomishoota garaa garaan beekaman keessa
qaxxaamuree bosona Gaabanaa jela darbu.Tajaajila silaa isarraa eegamufi isa
guddaa hanga arraatti kennee hin beeku.sababni inni ittigaafatama kana ba'achuu
hafeef anaafis gaaffii deebii barbaadudha.

18
Daandiin kun namoota torbeetti yeroo tokko gabaadhaa galu irra caalaatti
daawwatoota turizimii biyya keessaafi biyya Alaa midiyaawwan garaagaraatiif
illee ta'ee guyyaa guyyaadhaan bosona guddaa Gaabanaa dawwachiisu qaba ture.
Sababni isaas bosonni kun seenaa umurii dheeraa kan qabuudha.Hundeeffama
seenaa magaalaa Saqqaa bakka taa'umsa Abbaa Bogibootiinis wal-qabatudha.
Maqaansaas nama Gaabanaa Jedhamurraa akka mogga'e ni himama. Bosonni
Gaabanaa kun uumaan eessatu si hafe jedhaa taa'umsaa bareecheefi bineensota
Gosa hedduuf bakka jireenyaa mijataa godhee lafa ballinni isaa
kaabaan________kibbaan_____bahaan_____ dhihaan_______daangessee akka
madda galii biyyaa ta'uuf bareechee uumedha. Waanti hunduu isa dagatus inni
garuu hojiisaa idilee…….

Qilleensa qulqulluu nuuf arjoomuu dhiisee hin beeku.Waliin gara mana keenyaa
deemnee ciree keenya jarjarsuun erga nyaannee booda imala keenya gara magaalaa
Atinaagootti goone akkuma mooraa mana barumsaa seenneen barattootni
muraasni duraa duubaan hiriiranii dhaabbataa jiru.

Atinaagoon magaalaa Aanaa Limmuu saqqaati,Magaalaan Aanatti duraan bakka


Saqqaa jedhamu mana keenya irraa gara harka mirgaatti argamtu turte. Yeroo
booda immoo taa’umsi Bulchiinsa magaalattii gara kanatti akka jijjirame
himama…..

Magaalattiin haala taa’umsa mijataa ta’e qabaachuu baattus uumamaan


badhaatuu kan taate fi bosonni guddaan CAALTEE jedhamu kan ishee marsee
argamu yommuu ta’u bakka hawwata tuuristootaa ta’ee daawwatamuu kan
danda’uudha………Bakki gumii caffee Gadaa Oromoo Maccaa Aanolee garaa
garaan itti gaggeeffamu kan taate Odaan Tunjoos aanaa dhuma kana keessatti
argamti. Odaan Tunjoo umurii waggaa dhibba shan kan qabu yommuu ta’u Odaa

19
seena qabeessaadha.Bakki argama isaa ganda Buluudooti. Oromoonni Limmuu
Odaa Tunjoo jelatti Walga'uun seera Tumatanii Sirna Gadaatiin Wal bulchaa turan
Limmuun immoo Shanan Limmuu jedhamanii Balbala shanitti wal qoodanii
dabareedhaan akkasiin wal hoogganaa turan. isaanis

 Beeroo
 Igguu
 Buurayyaa
 Anuu fi
 Diimmaadha.

Wanti Limmu ittiin adda ta'u sirni Gadaa har'a Aangoo haa dhabu male isaan
keessaa hin banne. Akkaataa bulchiinsa Gadaa yeroo ammaa Limmuun eenyuun
caalaa beeku. Dabareen isaaniillee wal hin darbu.

Fakkeenyaaf.

 Roobaleen kan Beeroo,


 Birmajiin kan Igguu,
 Michiilleen kan Buurayyaa
 Meelbaan kan Anuu fi
 Duuloon kan Diimmaati.
 Dabaree kana warra Limmuu qofatu sirriitti qaba

Anis abbaa koo waliin mana barumsichaa seene kutaa 9ffaatti ergan galmaa’e
booda ofirra deebinee galle.

20
Manaa bahee ollaa koo bulee hin barre amma garuu yeroon itti mana kutaa tokko
qofaatti kireeffadhee keessa taa’ee barachuuf jedhu ga’eera…….
Hiriyyoota koo waliin mana kireeffachuuf asiif achi deemnee mana barbaaddachuu
eegalle. Fulbaana 4,1999 barnootaaf jecha nyaata manatti nuuf qophaa’e harkatti
qabannee deebinee bakka mana kireeffanne seennee erga uffata jijjiirrannee booda
mooraa mana barnootaa seenne.

Dhalootni gara baadiyyaatii dhufan gaafa magaalaa xixiqqoo naannoo isaanii jiru
yoo deeman garanaaf garas ilaaluu…..waan arganiif dhaga’an hundatti amanuun
yoo mul’atu, kan halkan lama sadii bubbulan immoo amalaaf haala jijjiirrachuu
jaallatu.Gaafa bakka mana bunaa…mana nyaataa fi dhugaatii deeman illee
aadaa,afaaniifi eenyummaa ofii dagachuun darbee darbee ni mula’ata.Ijoollotni
magaalaa keessa bubbulan mucaa ‘gaxarii’ waliin jechuu jaallatu.
Hiriyyoota koo waliin galgala osoo cinaa karaa dhaabbatne walitti naannofnee
haala barnootaa osoo mari’annuu gurbaan tokko gidduu keenya dhufee bahe
yeroon ilaalu surreen isaa gadi siqee jira osoon hin yaadiin Gurba! Gurbasurreen
kee sirraa bu’aa jiraam jedheen osoon dubbadhee hin xumuriin as natti galagalee
“badi asii gaxarii”naan jedhe waan ani hin eegnetu na mudate tarii baadiyyaatti
dhalachuun akka cubbuutti ilaalamaa laata?jedheen of gaafadhe. Yoon haalan
keessa seenee ilaalu immoo ijoolleen gara baadiyyaa irraa dhufnes ilaalcha gaarii
ofiif hin qabnu……..Magaalaatti kan dhalate filatee osoo hin taane carraa isaati,
kan baadiyyaatti dhalatetu magaalaa seenee of gurgures malee wantii addaa as
dhufe hin jiru jedheen of amansiisuu eegale…..

Kutaa nuti itti baratnu keessa barattoonni jiran baay’ina kan qaban yoo ta’u garuu
akkuma isaatti wal-dhiibaatuma barachuun dirqama taate. Hiriyoota garaa garaan
wal baruun waliin dubbisuu eegalle. Hirmaannaan barattoota shamarranii baay’ee
21
gadi bu’aa ture kanaaf waan isaan nu gaafatan itti himuun akkasumas hojii manaa
garaa garaa waliin shaakaluu eegalle. Hamilee walitti horuunis haalan dabalaa
dhufe. Barattoota shamarranii daree keenyaa keessaa intalli magaalli hojjaan ishee
akka soma eeboo dheeratu…kan rifeensi mataa ishee dugda walakkaa qaqqabu
haalaafi amallishee badhaasa Rabbiin kan gonfame safuuf safeetti intala Oromoo
taate kan eenyummaa isheef bakka qabdu tokko yeroo mara akkan…..
“ bu’aa bahiin jireenya dhala namaa barnoota qofaan furama’’ jedhe barsiisan
keenya Afaan Oromoo. Yeroo baay’ee jecha isaa kana nan ajaa’ibsiifadha. Dirreen
gammachuu irratti horadhuu fi bakka haara galfii taasifadhu mana barnootaa qofa.
Jiruu fi jireenyi mijataa naaf hin ta’in akka waan naaf toleetti, akka maatii
badhaadhe keessa waanan jiraataa jiruutti of amansiisaan bula.
Barnootni waan bor argamu akka waan har’a argameetti kan ilaalanii keessa turan
akka ta’es amanuun eegale,Gorsi abbaan koo yeroo mara “jabaadhu tokkicha koo
har’i bor miti , rakkinnifi dhiphinni har’aa bor seenaa taatee sitti mul’atti”naan
jedha yoom illee jechi kun fuul-dura kooti dhabame hin beeku. Abbaan kiyyaa
sirna cunqursaa keessa guyyoota kudhan qofaaf barnoota’GOLMAASSAA’
jedhamee eegalamee fi qubee Afaan Amaariffaan barsiifamu qofa akka barate irra
deddebi’ee natti hime.Ammas guyyaa tokko “yaa carraa hiree ganamaa osoon
fedhii barachuu cimaa qabuun baarnootan wal-dhabe’’jedhee dubbate jechi abbaan
koo naan jedhu kun fuul-dura koo deddeebi’a abba yeroo baay’ee maaf akkas jetta
jedheen innis yaadan erga liqimfameen booda “ani abbaa hin qabun ture’’ jedhe
namni akkamiin abbaa malee dhalata? “ abbaa maleen dhaladhe siin jechuu koo
miti. Garuu immoo abbaa irraa dhalatan jaalalaaf jireenya,yaadaaf yaaddoo……
gammachuu..abdii ……irraa horata abbaan koo ani dhaladhee gaafa waggaa
tokkoo akka humna mootummaan qabamee waraana deeme haati koo yoo
dubbattun dhaga’e malee yooman ijaan argee beeka” naan jedhe

22
“Warqiin harka irraa qaban dhakaa fakkaatti” jedha Oromoon gaafa
mammaaku anis gaaddisa abbaa koo jala osoon jiruun baradhee of jijjiira jedheen
of amansiise akka biyya keenyaatti guyyaan barnootaa torbeetti guyyaa shanidha
kanaaf Jimaata ijoolleen baadiyyaadhaa dhufne gara manaatti deebinee guyyaa
lama hojii maatii keenya gargaarra. Garuu ijoolleen baadiyyaarraa dhufne
barnootatti adda-duree dha.
a@Yeroon isaa barnootni seemisteera 1ffaa xumuramee gara wal-akkeessa
seemisteera 2ffaatti siqeera,Barsiistuun keenya gosa barnootaa Baayoloojii abbaltii
gareen nuuf laatan yeroo muraasa gidduutti xumurree akka galchinus nu
ajajan.Anis garee keenya keessaa adda durummaan hojjedhee akkan galchuuf
barattotni garee koo waraqaa bitanii natti laatan.Yeroon qabutti fayyadamuuf
jedheen yeroo barattootni boqonnaaf gadi yaa’an dareetti hafee hojjechun
eegale.Tokko lama jedheen duraa duubaan deebiin itti kennaan jiran ture sagalee
“Kichuu Kichuu” jedhutu natti dhaga’ame sagalee qal’oo gurra namaatti baay’ee
tolu ture…….suuta jedhee boquu koo ol qabee yoon ilaalu Siinbooneetu bukke koo
dhaabatti………ija ishee keessan ilaale. Yeruma san hidhii ishee haphii san wal
irraa bannttee “Kichu adaraa kee anaaf ille naaf hojjetta malee yeroo hin qabu”jette
yaada kanas amanuun dadhabe garuu osoo hin yaadin tole homaa miti jedheen
bareedina sinboonee jecha ittiin ibsamu barbaaduun murtee galaana keessa namni
daakaa hin beekne liilmoo haa barbaadu jechuun adda ba’a natti hin fakkaatu.
Dheerinni hojjaa ishee rifeensi ishee inni luuccaan akka qacceetti foo’amee dugda
ishee irraa gadi dhangalaa’ee taa’umsa ishee irra ciisusun akka inni lafatti gadi
siqee dhukkeen itti hin qabanneef safaraan waan kennameef natti fakkaata.
Maxxaarrii mudhiin soonsaa koomeen ishee killee bilchaatee qolli irraa ba’ee
waraqaa qulqullu irraa ka’amen adda hin ba’u. ..Magaallee ija kuulaa hadha naatoo
dabeessi ija ishee keessa danda’e hin ilaalle kan konkonni qara Eeboo oromtittii
haadha sinboo kan waaqni Oromoo waan hunda badhaasedha. Yeroon waa’ee
23
miidhagina ishee yaadu sinbooneen jechuun nama jechaan miidhaginni ishee
ibsamu osoo hin taane isheen miidhagina akka ibsituf waaqni miidhaginatti lubbuu
godhee biyya lafaa kanatti waan erge natti fakkaata jechi ishee ibsu akkam
dhabama jedhanii ibsuu yaaluudhaaf ofiin wallaansoo qabuun xumurri isaa waaqa
akkasitti faayee ishee uumee komachuu ta’a. tilmaama dandeetti waa ibsuu ofii
gadi buusee nama qoruunsaa hin oolu waan ta’eef sinboon miidhagina qofa osoo
hin taane gameettii collee intala abbaatii. .ayii! waanuma akkasitti naaf tolchi
jedhanii Rabbiitti barreessanii itti kennannaan miidhagsee itti dhimmee uumeef
fakkaata…malee kan akkasumaan kan Rabbi qoodeef natti hin fakkaatu…..osoon
ija baasee ilaaluu na biraa battalumatti daddaftee miila ishee adii sana kop…
korop…kop…korop gochaa qajeelte.Onneen koo akka malee ishee dharraatee hojii
raabsaa dhiiga isaaf laatame dagatee ishee simachuuf dhama’e.
Ani nama fokkisaa kan Rabbi jiru isaa gadadoo godhee jiraachusudha.Silaas eessaa
hanga qeensa miila ishee toora asheeta boqolloo fakkaatu sana illee …gahee itti
mul’adhaa?jedhee yaaduu… …ammas ol seentee waraqaa adii harkashee mirgaatti
baatti…”Kichuu waraqaa fideen dhufe” jettee na cina teessee harkashee loostee
….”oo’u’naan jette miira jarjarsuun kobbeen ittin barreessaa ture achuma irra
kaa’een harka koo mirgaa itti hixadhee harkaa fuudhee giiphii keessa ka’uuf yoon
jedhu darbitee narkaa lafa buute lamaan keenya iyyuu gad-jennee teessoo jala
barbaadne yoon argu karameellaa ture……………….Kanumaan yeroon boqonnaa
xumuramee barattootni gara dareetti ol seenan.

….. Waraqaa ishee irratti garagalcheefin yeroon barnootaa xumurree galuuf toora
qabatnee yaanu xalayaa itti ladhuu?..lakki maal eessaa?..ittan laadha jedheen
murtesse.

Siinbooneedhaaf

24
Siinbooneekoo ergan si argeetii bar hayyamakee malee asxaa(loogoo)jaalalakeetii
onnee koo irratti bocadheen faajjiin alaabaa birmadummaa nabooji'uu keetiin
keessa koo mirmirsa.

Siinbo koo boca fuula keetii fi seequu ilkaan kee cabbii harkaan tooraan bocame
fakkaatu sana isan halkan ciisee si abjooturra isan guyyaa utuun deemuu si
abjoodhutu caala sababnisaas isan halkan rafee hin bulleedhaaf.

Ati anaaf kennaa qofa osoo hin taane badhaasa Rabbi jireenya koo tilmaama
madaallii namummaatiin naa kaa'edha midhagina keefi eenyummaakee tolchee
kennaa loogii of keessaa qabu fakkaatuun si uumuunsaa ichima onneekoo
gubbaatti baasee miirakoo hunda gubee akka qabbana dhangaa biyya jennataattin
ilaala.

Siinbo maatiin kee sitti imaniiruu Waaqaaf maal nazaran moo maleekaa si
tolcheef mattayaa akkamii laataniitu akkasitti bilillee caalchisee akkanni sibocu
kan godhan

Sinboo koo

Naaf beeki sinboo koo laafee la'ameeraa?

Ifa fuula keetiin dugda dha'ameeraa

Kan nama harkisu si jira waatoo !

Sinbo toleetti koo kuullee haadha Naatoo

Qalloo leemman laga kan konkonni qaamuu

Ati nan dhageessu abjuun yoon si waamuu

25
Sinbo jaalallikee barnoota na dhorkee

Yaanni kee foon fixee bar lafee qorqee

An jaalala keefan hiraara naaf barii

Waaqni badhaasa koo si naaf laata tarii

Oo-qubaakeen jedhaan siin yoonni naaf laate

Maal qaba miidhamee Sinbo yoo naaf naate

Shankitaabii mormaa waliif caalti michuun

Sin jaalla naaf beeki egaa an bar Kichuun

Nagaa wajjin.

Kichuu Lataa

Jedhee barreesseefiin wal-faana itti laadhe. Ergan galee laaqana koo nyaadhee
kennaa ishee of keessaa fuudheen gaggalagalchee ilaaluun eegale. Akka nama
guyyaa tokko illaa suuqiidhaa bitee alanfatee hin beeknettan irraa quncisee
nyaachuu sodaadhe Siinbooneen maaliif kana gootee?...jaalalaafi moo?.....lakkii
jaalalaaf natti hin fakkaatu….maali laata yaa Rabbi koo…. Jedheen galaana yaadaa
seenee daakuun eegale.

*****
Guyyaa Jimaataa barattoonni hunduu dabareen erga mana qulqulleessinee booda
gara baadiyyaattii galuuf ‘Peestaala’ nyaata itti fudhannee ol deebinu harkatti
qabatnee imalle ……yeroon mana galu harmeen balbala irra teessi.Ergan

26
dubbiseen booda maal taate si dhukkuba moo?jedheen “eeyyee mucaa koo har’a
immoo na dhukkubdi”naan jette anaa nyaatu!maal siif fiduree? jedheen miira
naasuu keessan gale. “deemi! qoricha michii dallaa duuba jiru san kutii naaf fidi
gurra kootti naaf cuunfitaa”naan jette tole jedheen fidee gurratti cuunfeef isheenis
suuta jettee lafaa kaatee ol seente.Anis afuura fudhachuuf teessoo isheen irraa
kaate irran taa’e isheenis battalumatti waraqaa maramaa fiddee natti laatte. Ergan
yaadan liqimfamee …maalta’a inni laata?jedheen of gaafadhen booda
garagalcheen ilaaluu eegalee ergaan dugda poostichaa irratti barraa’ee jiru
amanuuf na rakkise “Ana Hiriyaa Kee Dhugaa irraa siif barreeffaame” jedhee irra
jira hiriyaan koo kun eenyuu?...Eessa laata?… uuuf jedheen bane.

Dura bu’aan mana barumsaa keenyaa barsiisaa Dilgaasaa Kumsaa Jedhama


barsiisaa ga’umsa qabu kan dhalootaaf garaa isaa guutuun hojjetu nama
guddaadha. Qormaanni deebi’ee mana barumsaa dhufee dhageenyee barattoonni
gara mana barumsaa dhaqne. Hunduu ni ciinsifata, meeqan fida laata? Gaaffiin
jedhu gaaffii barattoota hundaati. Hanga barsiisaan dhufanii waajira isaanii
bananitti nuti obboroon kaanee dhaqnee mooraa mana marumsaa guunneerra.
Barattoonni takka as fiigu takka achi fiiguu ni cinqamu egeree isaanii tilmaamu.
Utuun yaadaan liqinfamee kana hunda ilaaluu yaanni tokko sammuutti na dhufe.
Kan hin facaasiin haamuuf maaliif cinqamu waan isaan qo’atanii hubatanii
qoraman maaltu jalaa fudhata. Utuu akka har’a obboroo ka’anii dhufan gaafa
barnootaa hordoffii godhan ta’e, gaafa barsiisaan deggersa barnootaaf waamu osoo
dhufan ta’ee har’a maaliif….Aniif hiriyyoonni koo Badhaasaa Tuuliifi Izaddin
Jamaal laphee keenya dhiibnee dhaabanna waa’ee kufaatii utuu hin ta’een waa’ee
egeree keenyaa waliin haasa’aa jirra Yuunversiitii achi si ga’a achi si ga’a jennee
walitti qoosna. Akka qo’annee hojjenne sirriitti ni beekna. Waan barsiisonni
keenya nu barsiisan haalaan hordofneerra kanaaf ofitti amanuun dhaabanna.

27
Shakkii ni kufnaa hin qabnu, gaaffii meeqa finnaa malee. Kana gidduutti barsiisaan
Dilgaasaa dhufanii waajira isaanii bananii dokimentii keenya baatanii gadi nutti
ba’a. Barattoota qabxii olaanaa fidan raga barnoota isaanii addatti baafatanii turan.
Maqaa keenya barbaaduu hin dhaqne dura keenya ba’anii dhabbatanii sagalee
isaanii ol-fuudhanii “maaloo yeroo tokko callisaa” nuun jedhan nutis nutis ajaja
dabalataa osoo hin eeggatin akka nama mana waaqaa seeneetti jimnee jijim jenne.
Garuu inni ciniinfatus, inni ofiin dhaadatus waan afaan isaaniirraa ba’u eeguuf
afaan keenya bannee ija isaanii keessa ilaaluu eegalle waan achiiafaan isaanii
keessaa ba’u eegne isaan yoo achii afaan saaqqatan Kichuu Lataa, Badhaasaa
Tuuliifi Izaddin Jamaal baga gammaddan jedhan. Keessumaattuu barsiisaan “gurba
akkuman si’eege maqaan mana barnootaa keenyaa akka leellifamu gooteetta’’ naan
jedhani irra deddeebi’anii “ jabaadhu qabxii ol aanaa galmeessiteetta’’yoo jedhan
kufuu koo of shakkuu baadhus amanuu hin dandeenye raga qormaata koo
fuudhanii natti laatan.

Anis ragaa koo hiixadhee ergan harkaa fudhadhee booda idaa’ama qabxii koo
yeroon ilaalu dhibba 700 keessaa 560’n fide miira gammachuuti ta’ee ….miira
gaddati ta’ees hin beeku nan seeqqadhe baay’een itti gammaade yeroon ol jedhee
barsiisaa keenya ilaalu “Kichuu jabaadhu” naan jedhee ammas irra deebi’ee
“barnoota kee dhaabbata olaanaa gaafa seentu cimii baradhu abdii borii”jedhan
tole galatoomaa jedheen osoon ija koo buruq!buruq!godhuu barattootni waliin
dhufne hunduu inni qooraa ba’es inni qoosaa ba’es firii aajjoo keenyaa akkuma
sadarkaa dadhabbii keenyaatiin ragaa keenya erga fudhannee booda gara manaatti
galuuf fuula deebifanne, kaan daandii gubbaa mudhii hidhatee kaan mataa hidhatee
kaan qofaa isaa ariifataa nu bira darbbaa kaan immoo dallaa jela taa’ee boo’a. kan
manatti akka galuudhaaf hiriyootaan sosobama. Nuti warri wajjin gallu…. waliin
kokolfaa........tataphachaa ….udduu keecha wal dhiitaa galle.

28
Yeroon gara manaa galu abbaan kiyya mana hin turree anis jarjaree waan ganama
kaawwannee deemne irraa xiqqoo qac godheenGammachuun koos dachaan dabale
“ fiigichaan lafa kiyya jiru deemeen ergan fuulleetti argee abbaa abba jedheen
waamee hin dhageenye moo beekaa didaa xinnoo itti deemeen waamee “ o’ooh
Kichuu koo’’ jedhe anis sardameen abbaa waa sitti himuu jedheen “ eyyen’’
jedhe gammadi egaa qabxiin koo akka mana barumsaa keenyaatti olaanaan fide
jedheen miira seequuf gammachuu qabuun “ tole ilma koo akkasi elaa imi abbaa
caalu’’ jedhe ofitti na qabee na hammatee gubbee mataa koo keessa na
dhungatee“hamaan sin argiin ija koo bagan rakkadhee si barsiifadhe” jedhe Gali
egaa harmeen laaqanaaf si eegaa jirtii yoon jedhu daaandii isaa qabatee
qajeele.Akkuma aduun dhiiteen horii koo oofee gale.“ bor ganamaan
deemeenuffataafi borsaan sii bita naan’’ jedhe ……………….. Bakka abbaas,
bakka haadhaas kan naaf yaadu abbaan kiyyaa Qarshii hanga har’aa gudunfate
osoo hin mararamiin uffata, kophee, nyaata adda addaa mooraa Yuunversiitii
keessatti kan na gargaaruufi borsaa naa bituuf gammachuu guddaan irratti walii
galle. Ajaa’iba itti ta’e waa’een koo gaafa ollaan yaa’ee baga gammaddan ittiin
jedhu seenaan ganda keenyaa jijjiiramuu isaa argan tarkaanfii jijjiiramaa natu
tokko jedhee eegaluu jalqabe. Akka ganda keenyaatti namni hanga kutaa 3ffaa
barate nama barate jedhama, Kan kutaa 8ffaa xummure immoo barnoota fixeera
jedhama har’a waanti kun hundi seenaa ta’ee jira. Ani mucaan abbaa Kichuu
qabxii dhaabbata barnoota olaaanaa na galchu fidee waamicha karaa raadiyoo
eegaan jira.
Halkan dhihee yoo bari’u ciree nyaatnee gara Atinaagoo yoo deemnu haala
jireenyaa…….. bu’aa bahii nama dura jiruuf akkaataa itti injifachuun danda’amu
na gorsaa midhaan gamaaf gamanaa asheetee lafa haguugee jiru daawwachaa
seensa magaalatti geenyee Atinaagoon anaaf haaraa miti barnoota koo kutaa
9ffaatii hanga kutaa 12ffaa achittan baradhe.
29
Kiibxata galgala bakka horiitti yaanee ijoolleen gamaa gamanaa natti yaa’aanii
akka waan ani har’a gidduu isaaniitti argameetti na ilaalu waan ani dubbadhu afaan
bananii gurra qeensanii na dhaggeeffatu. Gurguddaan yoo baratan akka ilma abbaa
Kichuuti jedhanii hasa’u ijoollee isaanii keessa xiiqii kaa’u.Xiiqii barachuu, xiiqii
dukkana wallaalummaa keessaa ba’uu, xiiqii of baruu jalqabuu ijoolleenis kana
dhaga’aniiti gurbaa saakattaa’aa waliin kubbaa bututtuu irraa tolfamteen
taphachaa, hawwara wliin aanee dhoqqee waliin laaqnii guddanne har’a barachuun
simboo natti godhee surraa dhaggeeffatamuu naaf kenna yaa barnootaa………yaa
barachuu…. Sa’atii 12 geenyaa yoon Raadiyoo Ok manii kee saaqu barattooni bara
barnootaa ___________qormaata kutaa 12ffaa qoramtanii qabxii dhaabbata
barnoota olaanaa isin galchu fiddan gaafa guyyaa__________________irraa
kaaftanii karaa mana barumsaa keessanii Yuunvesiitii itti ramadamtan akka bartan
isin beesifna jedhu dhageenye. Ijoolleen waliin teenyee horii eegaa jirrus ka’anii
mormatti na marmanii na dubbisaani
Halkan gaafasii ani namni manaa ba’ee fagoo deemee hin beekne naan yaade nan
yaadda’e biyya kam naga’a Yuunversiitii kamittan baradha, muummee maal na
qaqqaba, eenyu waliinaan deema, fagoo yoo naga’e akkaman godha? Gaaffii koo
halkan sanaati. Utuu akka yaada ofiitii………
Ganama yoo gara mana barumsaa Sad.2ffaa deemnu dura bu’aan mana barumsaa
keenyaa pilaazimaa nuu saaqee karaa foddaa plaazimaa bakka ramaddii keenyaafi
muummee nuti qo’annu yoo nutti argisiisu akka mana barumsaa keenyaatti
ijoolleen carraa kanaaf geenye anaan ijoollee sadii qofa. Isaan keessaa ani mucaa
baadiyyaati. Utuu teenye akka waan carraan lotorii bu’aa jiruutti ilaallu foddaa
plaazimaa irratti maqaa barataa, bakka itti ramadameefi muummee qo’achuu qaban
jedhu argine. Suuta jedhee qalbiin yoo ilaalu Maqaan Kichuu Lataa jedhu 3ffaa
irrattin arge yuunversiitii Wallaggaa Muummee Koollejjii Saayinsii Hawaasaafi

30
Namoomaa jedhun arge.Hundi keenya hin dubbannu callisa yaadaa keessa
banneerra.

Kichuu Lataaf

Akka Joobiraa tulluuf duumeessa ol balali`ee hiriyaakoof jaalalafi kabajaa kan


sadoof qananii bakka jirtutti si`aa haa ga`uu nagan koo onnee hiriyyuummaa
dhugaa irraa maddee gurbaa akkam jirta

Kichuu ilma Lataa

Yaadakoof of cinquu

Naaf obsitee laata

Araarriif Ayyaanni Uumaa kee sirra haa jiraatu ; an hiriyyaan kee yeroo mara si
faana kolfee taphataa yaadaf yaaddoo kee si irraanfachisee , ofiis irraanfatu .Har`a
sibiraa dhabamuun koo qormaata cimaa akka sitti ta`uu nan hubadha !Boo`ichaaf
gadda kee argee jennan maaliyyuu gochuuf dandeettii akkan hin qabne waanin
beekuf jedhee deemukoof isaan karoorsee si dhoksee mana ba`ee .Akkati na biraa
hafuu hin barbannes nan beeka .Ati haftee maatii keenya gargaaruu qabda. Kanaaf
jedheen si dhokse malee keessa koo wanti biraa hin jiru .Hiriyyaa koo daabee
waliin haaddannee, gaammee waliin dabarsine .Ati anaaf hiriyya qofa miti
obboleesa tiruu caalaatti si ilaala. Onnee koo keessatti biqiltee daraartee firii
godhattee. Kaayyoof jedhee sirraa fagaadhus of bukkee dhaa si dhabuukoof immoo

31
guyyaa tokko sammuun koo boqonnaa argatee hin beeku. Yaadaaf ilaalcha ati naaf
qabdu irraa ka`ee maal akkati waa`ee kootiif ta`aa jirtu tilmaamuun nan rakkisu.
Kichuu adaraa kee waa`ee kootti qabamte barnoota kee irraa akka of jeequu hin
qabnen sin abdadha. Harmeen koo anaaf jecha maal akka taate si caalaa namni
beeku hin jiru. Imaanaa sitti keennadheera harka Waaqatti si harka fudha. Siifis
harmee keeti nan beekaakkuma yeroo waliin jirruutti maatii koo bira deemiitii naaf
gammachiisi harmee koo bira naaf dhaabadhu. Nuti hunduu osoo homaa hint a`iin
na geenyaan akka wal agarruu Waaqarra abdiin qaba .

Dirree Leenjii Waraanaa Hursootti kan argamu Obsaa kamaal

NAGAA WAJJIN!

Obsaa kamaal

…Baay’een rifadhe amanuun dadhabeen ammas irra deddeebi’een dubbise.


Harmeen koo hamma kana maddii ishee qabattee na cina dhaabbatti maalan
dhaga’a laata nama jechaa jirtu fakkaatti ija koo haxaa’adheen obsaadhaam
jedheen oljedhee ishee ilaale isheenis akkuma koo imimmaan akka bokkaa harca’u
sana xab!......xab… gochuu jalqabde yoon daandii mil’adhee ilaalu abbaan koo
Loon booda qaccee gateettirra kaa’atee dhufe…….nagaas wal-gaafanne Loon
harkaa fuudheen foonaatti naqeen ol galle.
# Haala barnooota erga nagaafateen booda “maal taate? Miirri kee kun sirriidhaa?”
naan jedhe.Obsaan eessa akka jiruuf nagaa ta’uusaa nama gara aanaa kanaa
dhufetti xalayaa naaf erge jedheen “nagaa isaatii”naan jedhe eeyyee mana leenjii
waraanaa jira jedheen “ tole nagaa taanan gaariidha!”naan jedhe osoo teenyee
waliin haasofnuu balballi rukutame anis lafaa ka’ee yoon balbala jalaa banu

32
harmee Obsaati osoo isaan ol hin seeniin harmee Obsaan dirree leenjii seeneera!
akkan xumureen eeyyamadheen dhufa waan jedheef hin dhiphatinaa harmee
jedheen isaanis miira gammachuutiin ibsaa korraazii harkatti qabatanii dhufan lafa
buusanii na haammatanii na dhudhungatan.
Aduun dhi’ees barii hin ooltu….guyyaanis dabareen wal jijjiiraa as dhufa nutis
barattootni baadiyyaa yeroo tokko galaa……..guyyoota biroo immoo mana kiraa
keenya teenyee barachaa jirra.Barnoota kootti qabxiin gaarii ergan darbee kutaan
12ffaa yeroo itti qormaata biyyaalessaa qoramuuf qophii jabaa goonu waan ta’eef
karoora kootin aggaamameen sagantaa dubbisuu koottin cime.

Mooraa manaa barnootaa keenyaa dallaa cabaa jalaan hulluuqeen dirree Gomaaxaa
fuullee mana amantaa Ortodoksii muka Qilxuu guddaa jala gadtaa’een dabtara
Herreegaa dubbisuun eegale. Fuulota muraasa ergan dubbisee suuraan Siinboonee
dhufee Waraqaa koo irra qubate akka waanan ishee waliin dubbataa jiruuttan
gumgumuun eegale…… galaana yaada ishee dhidhimeen jira….of quba hin
qabu….yoon suutumaan cina koo of mil’adhu intala deemsa toltu kan fageenya
irraa gara kootti as dhuftun arge. Yunifoormii mataa ishee irra buufattee garuma
kootti as qajeelte kun Siinboonee dhaa?...moo eenyusheen jedheen tilmaamaa
yaadan sammuu koo waliin akka nama wal dhaansoo aadaa taphatuu wal cinquu
eegalle. Osoon Kanaan jiruu lama tarkaanfatte na bira geesse….yoon hubadhee irra
deddeebi’ee ilaalu Siinbooneedha. Ajab!yaa waaq jedheen morma isheettin
maramee nagaa gaafadheen yaada keessa Ofitti na deebiftee "Kichu maal naguma
mitii? Jettee"yeroon oljedhee ija ishee keessa ciniinnadhee yeroo tokko ilaalu ifti
funyaan ishee qaamuu agadaa fakkaatu sana gidduutti hanbisee bitaa fi mirga
isaatii akka bakkalcha bariitti qaama koo hundatti ifu kan duraa caala dhaqadhaqii
harkisa hin qabne keessa gadi na fageessee afaan koo akka farda luugama afaanii
qabuu ta'ee wal-irraa hidhii koo banee arraba koo sochoosee sagalee uumuun

33
dadhabe. Tirannaa fi miixuu dheeraa booda "si..simboo...! jedheen dhuftee? Kun
sagalee jalqaba an baase ta'uu isaati. Naguma mitiin jedheen"akkam jedheen
dabalee deebiseef. Ergasiin bare akkuma namicha mana soddaa boo'icha dhaqee
haasaan harkaa bannaan kanaan dura du'anii beekuu jedhee sana ta'uu koon booda
hubadhe. Sinboon na'uu koo waan sirriitti hubatteef suuta na tasgabbeessuu
eegalte. Akkan ofitti deebi'uuf na bukkee teessee Kichu barnoota maaf dhiiftee
baate? Ati barataa akkasii mitii bar nuti akka si'ii osoo taanee jennee hawwinaa
maaf dallaa cabaadhaan baate? Jette. Gaaffii lama ta'uu isaati. Garuu mata duree
keenya jijjiiruuf akka isheen yaalii gochaa jirtu alana naaf galaa dhufeera. Lakki
sinboo hayyamadheen ba'e akka ati yaaddee mitin jedheen ajandaa kootti ishee
deebisuudhaaf. tole erga jettee haa ta'u. Maaf hayyamattee baate? Naan jette.
Daandiin barbaadutti ishee deebisuudhaaf utuun jecha filadhuu gidduu keenyatti
cal'isni yeroo dheeraaf bu'e. Dhahannaan onnee keenya lamaanii qofatu wal-tajjii
dhuunfate. Be...be..beektaa sinboo taa'ee barachuu hin dandeenyen jedheen.
Ma..maaliif si dhukkube moo? Maaloodha? Naan jette. Lakki sinboo qaamni
koollee fayyaadha keessi koo garuu boqonnaa hin qabun jedheen. Maal maaltu si
mudate kichu koo? naan jette. Sinbo koo xalayaan ani duraan sitti kenne gaaffii
deebik hin qabne maaf gooten jedheen. Kichu koo ani bar takkaa xalayaa
barreessee hin beekuu naan jette. Maal namni akkas bareedu moo? Moo nama
si'anaa miti...lakki na goyyoomsaa jirti jechuudhaa...ee na gouyoomsaa jirti....lakki
isheen na hin goyyoomsitu. Nama magaalaati jedheen yaadaan hiraare. Akkam
jedheen..! Lakki kichuu kana hunda si qoruuf miti yeroon si argu miira addaatu
natti dhagahama naan jette. Jecha kanas amanuun dadhabe. Itti siqeen harka koo
tokko ceekuu isheerra kaawwadhee harka tokkoon mudhii ishee qabeen ofitti bute.
Maal gochaa jirta kichuu? Asitti hin ta'u lakkii namni nu arguu danda'a naan jette.
Akkan gadhiisuuf bifa kadhaa fakkaatuun na harkaa hiixachuu jalqabde. Garuu
keessa isheetii akka hin taane ija ishee irraa ni mul'ata. suuta jedhee morma ishee
34
ofitti qabeen sinbo koo sin jaalladhan jedheen sagalee hollataan miira keessa jiruu,
naannoftee harka ishee lamaaniin qolee koo ofitti qabdee adda keenya lamaan wal
tuqsiiftee ija koo keessa ilaalaa, kichu koo anis bar sin jaalladhaa naan jette. Yeroo
isheen akkas naan jettu nyaapha dhoompiir waaqoo guutuutti dhuka'en ta'e.

Ijji laphee koo gubbaadhaa kakawwisu ana irra darbee sinbootti natti fakkaatee
qaanfataan isa duraa caala dugdaa fi qolee ishee yammuun ofitti qabu guntutni
ishee akka tulluu qoolloo haphattiitti dhaabbatu lamaan gidduudhaa dhahannaan
onnee ishee akka giimii dabaqqaa miira koo hunda naaf howwise. Yeroo isheen
natti marmitu waaqni loogii malee dadhabbii miidhama koo naa wol-dhaanuuf
beenyaa dhamaatii onnee kootii naaf hixachuu isaa amaneen waaqaaf hooqubaan
dhiyeesseef. Keessa kootiin. Uuruu xuuxxoo daai'imaa fakkaattu afaan koo
buufadheen akka harma obboleettii eessuma kootiitti mucci..mucci godhee
xuuxxataa, akka agadaa iluutti dhandhamee, guntuta ishee isa qarri isaa eeboo
arjoo caala akka qoree agmsaatti qarri isaa fuulleedhumatti natti hin siqinaa jedhu
sana, harka koo isa tokoon suuta jedhee qabeen fiixee quba kootii irra
sololaachisaan dhikkifannaa isaa tilmaamuu eegale. Suuta suutaan dabaree eegeen
lamaan saniiyyuu mirmiixe. Nu lamaanuu koola baafnee samii jaalalaa gubbaa
balaliinee dhangaa addunyaa fi addunyaan ala jiru daqiiqaa muraasatti
dhamdhamne. Pilaaneetii haaraan nu lamaan qofti keessa jiraannu argine.Qormaata
addunyaan qabdu Hunda dagannee harka waaqaatiin ururfamnee hirriba waaqni
nu lamaan qofaaf badhaase rafnee utuu hin turin of bareen "ka'i saatiin daree
barnootaa ga'eera bar.jedheen" Duraa booda deemaa gara mana barnootaatti
qajeelle

@Suuta suutaan jaalallee haqaa waliif taanee jaalala keenya akka


dammaa waliin dhamdhamachuu eegalle. Keessi koos gammachuun guutamee yoo
isheen daree barnootaa irraa daqiiqaa muraasa barfattee dhufte lapheen koo akka
35
waan isheen oolteetti na dhikkifata. Guyyaan qormaata biyyaalessaa torbee lama
qofa akka hafe barsiisootni nutti himan anis yaaddoo keessa galuun jalqabe. Erga
guyyaa jaalalli Siinboonee onnee koo keessa seenee na booji’eetii kitaaba koo
dubbisaa hin jiru.Yoon rafes suuraa isheetu na dura naanna’aa bula. Addunyaan
kun akkuma fuula kitaabaa yaada haaraa guyyaa guyyaan namatti dhiyeessiti.Ani
daree keessa taa’ee yoon gadi ilaalu namni guddaan tokko balbala irra dhaabbatee
barsiistuu keenyatti balbala rurukuta ishiinis yoo jallattee ilaaltu itti siqxee
gaafattee as nutti garagaltee “Kichuu dabtara kee fudhuu kottu namatu si barbaada”
jette tole jedheen baay’een na’e…. nan qabbanaa’e “daddafii gara manaatti
galimee”naan jedhan garuu maaliif akkan galunatti hin himamne fiiguun
eegale.Magaalattii keessa qaxxaamureen akka nama waa hate fiiguutti of irra
ilaalaan fiige.Yoon tabba mana she Naasir gahu nama shaashii mataatti maratee
……..naxalaa adii gateettii irra buufatee harka facaasaa fuuldura koo fiigun arge.
Yoon balbala mana keenyaa gahu hunduu wal jala qaqaxxaamuree boo’aa
……….kan mataa qabatee iyyuus gara hin qabu waanti hundi bitaa natti gale
baruulee koo facaaseen harka lammaniin mataa qabadhee sagalee koo ol kaasee
………maaltu ta’ee ………. Maaltu uumamee yoon jedhu kan na jalaa qabu hin
arganne. Ittuu boo’uuf iyyuun akkuma na arganiin itti caale “harmee keetu nu
galaafate kaa kichuu koo harmee keeti kaa utuu sin argin bakka hin deebine
dhaqxee kaa garaa nutti jabaattee nuu dhiiftee boqotte kaa’’ akkan sagalee kana
dhaga’een sagalee namoota boo’aa turanis dachaadhaan dabale. Anis kana booda
akkam akkan ta’ee hunda bekuu baadhus aduun saafaa natti dukkanaa’ee dachee
dhoosee itti galuun na dhiba. Waan samiin narratti caccabaa jiru natti fakkaate…
kakawween natti bu’e, dacheen naan raafame waanti jiru martinuu akka hin jirre
ta’e akka horiin marradhe…nan gadoode ..nan gangaladhe maal maal akkan godhe
maal akkan jedhe hin beeku abjuu ta’ee natti mullate funyoo jireenyaatu na
harkaa cite.
36
TORBEE TOKKOON BOODA

Booicha irraa xiqqoo ishee tasgabaa’eera. Garuu hin bayyananne osoo yaadni isii
hin guutin hawwiin isii hawwiin hafe, caba miidhama isii osoon hin wal-dhaanin
akka nama kamiiyyuu jireenya foyya’aa jiraachuuf osoo dharraatuu dharratiin isii
dandii irratti hafe. Beenyaa guddisa kootii utuu narraa hin argatin darbuun isii
giimii ta’ee keessa kootii boba’a. jireenyi keenya harkaa gara afaaniittuu waan hin
guunneef na gaddisuus waadanuu taate.guyyaa tokkoo illee seequu ilkaan ishee
osoo hin argin battala tokkotti ishee dhabe. Yaaddoonii fii gaddi dabaree natty
deeffatanii duumessa yaadaatiin aguugamee jireenya akkamii akkan tirsaa jiru
utuma natty bitaacha’aa jiruu qormaanni eegalamuf akka dhiyaate hiriyaan koo
tokkoo dhufee na yaadachiise. Anis kaayyoon harmeen koo duraan irratti na
cunqursaa fii na gorsaa turte galmaan ga’uudhaaf barii sana ganama mataa koo
hidhadheen gara mana barnootaa adeeme. Barattoonni daree kootiis baayyinaan
waan dhaga’anif kan dhiyeenyaan waa’ee maatii kootii beekanu(dhaga’an) bayyee
naaf gaddanii na jajjabeesuuf illee jechoota dhabanii naaf dhiphataa turan. Kan
miidhama koo gadi fageenyan hin beekne immoo jecha tokko qofaan “kichuu rabbi
si haa jabeessu” naan jedhaa oolan. Onneen koo harmee kiyya jijjiirraa hin qabne
of biraa dhabuu kootiin baayyee mada’ee jireenya gammachuun irraa sokkee fii
kallattii hin qabne keessa jiraadhuf ija kootii fii gartuun qalbii kootiin
barbaaduyyuu namoota na jajjabeessuu dhufan keessas gonkuma siinboonee arguu
hin dandeenye. Guyyaa itti aanus akkuman mooraa mana barumsaa seeneen iji koo

37
waliif gadi fiiksaa daree itti barannuu ergan seenees omaa xuwaarri ishee hin
jiru.osoon akkasiin maassanuu guyyaan sadii darbee arfeessaan dhufe.
Cittoo irratti fanxoo jedhama mitiire ammas anaaf yaaddoon kan biraa
naaf dhalate keessa kootti akkas jedhe haasa’uun jal-qabe siinbooneen
utuu fayyaa taatee mana barnootaa irraa hafuu mitii barfachuuyyuu
hin jaallattu. Ni dhukkube ta’a,moo tarii kan siis akkuma koo maatiin
jelaa miidhame? Silaammoo nan dhaga’a lakkii akkas mitii? Waa’ee
dhuma harmee kootu ishee gaddisiise ta’a.kunis hin fakkaatu.
Qormaata jela ga’e kanaafuu hin aftu. Akkasiin gaatiraa daree keenya
duubaan jiru jela harka koo maradhee ta’ee 1,2,3..jedhee osoon yaadu
foo’ee yaada diiguu waanti ta’e duuba kootiin saggoo na tuqee dhugaa
abjuu fakkaatu keessaa rifaasisee na damaqse.yeroon naasuudhaan
gara galee ilaaluuhiriyaa Siinbooneeti. Waraqaa maramee harka ishii
keessa jiru natti hiixatte. Anis harka koo itti hiixadheen maaloodha
jedhaan harkaa fuudhe “ hoodhudubbisi siinbooneet siif egite’’ jettee
fiigdee sokkite. Jecha ishee kana amanuutu natty ulfaate yeroon
waraqicha harkaa fuchuudhaf jedhu harka kootu na wallate. Kan duraa
caalaa miira naasuu haa ta’uu miira gammmachuu waanti ta’e wa’ii
qaama koo guutuu na weeraree madallii tilmaamaatu na harkaa bade.
Maaloodha? Maalinnii? Maaltu ta’e? ofii lubbuun jiraatteetuma ergaa
naaf ergite moo? Miciyyoon kun na sosobuudhaaf akkas nan jette?
Waan fedhe iyyuu haa ta’u hiikeen ilaala jedheen yaadotni kun turtii
daqiiqaa tokko hin guunne seekoondota muraasa keessatti an off
gaafadheen ofiif deebisaa tureedha. Miciyyoo harkaa harka koo
mirgaa hiixadhee ergan harkaa fuudhee yaadota armaan olii
keessummeessee daqiiqaan tokko dhufee darbeera. Anis ija kootiin of
bukkeetti namoota ilaallataan maraa waraqichaa hiikuudhaaf karaan
38
ittiin saaqu gaggaragalchee ituun ilaaluun kallattii isaa argadheen
suuta jedheen ol-keessaa baasuun jal-qabe. Utuun hiikee hin fixin
duuba kootiin “maal gootaa? Kichuu qofaa kee daree maaf hin galle”
sagalee jedhun dhaga’e sagalee haaraa natti hin taane sagaleen duraan
beekuudha barsiisaa Dasalenyi mooraa keessa naanna’anii barattoota
too’ataa turan anis akka waan waraqicha anaa dubbisu arganii naa
waliin dubbisaniitti na’e. waanin deebisus waanin godhus wallaalee
waanin jedhuun na harkaa bade ee’ee’e homaa miti boqoochuumaafi
jedheen sagalee ciccitaadhan ija kootiin ija isaanii ilaallataa osoo
isaan na harkatti hin arginWaraqicha harka tokkon marmareen giiphii
koo keessa kaawwadhee bakka sanii gara dareetti deeme.

CINIINSUU

Harmee koo kabajamtuuf jaallatamtuu akkam jirta? Nagaa keetii?Jajjabaattaa?


Warreen achii akkamiin sisimatanii?Ilaalchiif yaadni rakkoof gidiraan, tabbaafi
dalgi, halkaniif guyyaan, beekaaf wallaalaan sooressaafi hiyyeessi akkuma
addanaatti wal-qoqqoodaa? Moo hundinuu tokko ta’ee jiraataa yaa harmeekoo
Firoomni jera achii akkamii?...akkuma asii huccuu fii giiphii ilaalnii nama
keessummeessu laata? Moo tarii achitti dhalli namaa namooma qofaaf kabaja
qaba ta’a? akka warra asii harmee lookoo qabattee ciniinfattee deessee ilma
ishee ija isiin egeree bara soorama isiitiif abdattee daaromtee
daalachooftee,huqqattee hinjirooftee, isa qomatti baattee qoraan immoo
dugdatti baattee,guddisa isaatti cabdee…ibidda cina ciiftee…dhukkeef daaraa
siphattee afaan isaatti waa dibuuf ofii sabbata nyaattee waan dhalli namaa hin
taane isa guddisuuf taatee. Warrii dhala namaa lafarraa fixuu dhaaf waaqarraa
eeyyama argatan fakkaatanu kichuu wal-adeemtuu kan omaa hin beekne fuula
isii duratti ajjeesanii akka bineensaatti gatuun achis jiraa? Jerri hirree gurguddaa
maaddii namaa gubbaatti harka dhiqatanii kabalanii boo’icha nama dhowwanu
hoo? Akkuma asiitii? Kan yeroo argateetu agartuu nama jaamsa. Akkuma asii kan

39
hin hojjenne fallaana warqeetiin kan hojetummoo harka dhoqqeetiin nyaataa
moo hundinuu wanuma aajjoosaa argataa harmee koo?harmeen hunduu lookoo
qabattee ciniinsuu ciniinfattee deessee guddifaattee maddifattii? Moo qe’ee
abbootii lafaa qofatu carrooma?yaa harme koo osoo waadaa waliif seenne ani hin
guutiin mee maalumaaf nagattee deemtee?maalan sitti balleesse laata? Erga guyyaa
gaafa ati kafanaan maramtee saanduqa hojjaa keetti safaramtee boolli hangi kun
qofti siih ga’a jedhamee namootaan itti duulame siif qotame sana seenteetii ani
boqonnaa hin arganne. Gara jabummaan du’aas reefuu onnee koo na cabse. Ani
du’aas ta’e du’uun akka jirus akkasitti qalbii fi sammuu namaa fudhatanii owwala
seenuun jira jedhees yaade hin beeku.

Gaafan akkas siin jedhu immoo jiruuf jireenyi qajeelee gammachuuf bashannanni
wal-guuree dhufee kana na irraanfachiise osoo hin taane ani kaayyoo galmaan
ga’een guyyaa itti teenyee nadhii kaayyoon koo nuuf gumachu waliin dhugnu…
nyaannu qofaan eegaa ture. Garuu hirriba fi abjuu keessaa bir! Jedhee dammaqeen
taa’e.nan gadde, nan rifadhe, boqonnaan dhabe, obsi baayisee natti
hadhaa’e…….yeroo kamiin illee gaddaanan dabarsuu eegale.

Aduun saafaa darbee galgalli dhufee anif abbaan koo jabboota( waatii) hiinee, horii
galchinee yebboo(sigimoo) irra margii fii itillee bosonuu wal irraan dirribsamee
irra hafamee jiru gubbaa ‘fooxaa’ jirbii irraa abbaan koo manddara keenyatti nuuf
dhoofsise mataa fii morma keenyatti marannee wal-fuullee teenyeeRaadiyoo
durumaan mana jirtu banatne dhaggeeffatna. Oduun sa’aatii tokko kan baandii
raadiyoo Oromiyaa jedhee gabaasu irraa darbu eegaleera oduu biyyaa keessaaf
alaa tokko tokkoon erga dabarsee booda gara beeksisaalee tokko tokkootti
ce’ee.Fulbaanaa 28,2003 Waamicha barattoota haaraaf godhame yommuun
dhaga’u ani mucaan baadiyyaa gaaftokko illee miila koo ol kaasee konkolaataa
yaabbatee hin beekne guyyaaa deemsa koo yeroon dhaga’u manaaba yaadaa keessa
seenuun jalqabe silaa ijoollee mooraa barnoota olaanoo seenuuf ka’eef maatiin
cukkoo, akaayii, akaayii daabboofi kanaaf kan kana fakkaatu qopheessu. Ani

40
haadhaafis, obboleessaais, obboleettiifis abbaa koo qofan qaba. Abbaan Korma
adeemsa koof coomse Kamisa gabaa Daammee geessee gurguree qarshii naaf
gudunfatee gale. Mucaa isaa barumsatti ergachuuf Kampaasiitti, isayyu
Yuunversiitii Wallaggaatti qe’ee Kumsaa Morodaa biyya bu’aan barnootaa galeef
qe’ee barnootaaf eddoo guddaa laatu. Abbaan koo gammadeera barnootaaf
deemuun koo itti toleera. Wallaggi Xayyara oofa naan jedha dur abbaan
kooCarraaf safuu kan carraan achi na buuse. Eenyu duukaan deema? Eenyu
duukaan siree qabadha? Qofaa mana siree bulee hin beeku.

Yeroon waan kana dhaga’u keessi koobaay’ee roqome, naasuuf yaadni hamaan
wal-qabatee natti duude abbaan koo akkuma na bira ta’aa tureen ka’ee gadi bahe.
Innis baay’ee waan rifatee fi dhiphate natti fakkaata.Akkamitti immoo dhiphachuu
dhiisare yoon barnoota kootti sokke inni immoo qofaa isaa mana banatee gadi
bahee ol gala mitii? nyaata har’a anumti harkaan bixxilee afaan kaa’annu ofii
isaatiin qopheeffatee nyaata mitii? Yoo dhukkubsatee qofaa isaa marmaratee gola
duwwaa keessa ciisa mitii gaaffiin jedhu na fudhatee sokkeeessan akkan jirus ofin
wallaale.Osoon haala Kanaan jiruun abbaan koo mana banatee ol deebi’e “Kichuu
mee ka’ii nyaata nuuf fidi hin ciisnaa” jedhe waa’ee beeksisa dhaga’ees nan
gaafatne. Akkam goona jedhees naan hin mari’atne anis tole jedheen ka’ee nyaata
guyyaa irraa hafte gabatee buddeenaa duraan harmee koo fa’a taane itti naannofne
nyaatnu irra kaa’een ittoo hambaa guyyaa distii keessaa itti xuruurseen gad fuudhe
nyaachuu eegalle. Akka waan gaafa hirbaata gaddaa haadha keenyaaf dhufe
nyaataa jirruutti humnaan bishaaniin gad liqimsina. Raadiyoon keenya akka
hiriyyaaf maatiitti nutti naannofte sirbitu akka waan labsii du’aa irraa dhaga’eettan
cufee achii kaa’e. Duraan kolfaa…. Taphachaa… waliin mana keessa naannofna.
Har’a dukkanni galgalaan nutti bu’eera. Waan argatne nyaatne wal biraa deemnee
rafne.Ani maalan rafa… hirriba kamtu na qaba. Yaadni na dura buutee siree

41
yaabdeetti, dhiphuuf gidiraan fooxaa ani ofitti maree rafu keessa seentee bakka
qabatteetti cinaacha koo osoon naannessuu…… osoon dugdaaf garaan kallatti
jijjiiruu lukkuun ollaa keenya jirtu sagalee ku!kuuluulu! jedhu dhageessifte.
Abbaan koos gonkuma hin rafne al tokko gadi ba’a al tokko immoo ol gala.Osoon
Kanaan jiruu lafti wal irraa addaan baate.Midhaan mana jiru fuudhee ergan
bukeessen booda qixxaa tolcheen abbaa koolafa inni ciisuu waameen ciree keenya
walumaan afaan ka’anne. Ganamaan akkuma nuti buna fi ciree keenya nyaatne
kaaneen hiriyyaan koo Abdii Tolaasa karaa qaxxamuree dhufe. Nagaa ho’aa erga
wal-gaafatnen booda Yuunversiitiin Wallaggaa waamicha akka godhe dhaga’ee
dhufe natti hime. Anis dhaga’uu koo itti himeen booda yeroo dhihootti deemne
ragaalee nu barbaachisan akka baafannu waliin marii taasifne. Guyyaa fuul dura
keenya jiru deemne akka mijeeffannu fi haalan itti abbaa kiyyaas amansiisee
deemuu danda’u akkasumas immoo dhimmi isaa waan mataa dhukkubbi natti ta’ef
akkam gochuu akkan danda’u waliin haasofnee erga xumurreen booda guyyaa itti
qabatnee gara dhimma keenyaa deemne……………

Anis galgalatokko lama jedhee ergan abbaa koo amansiisee fixee booda “ani
barachuu kee baay’iseen hawwa. Akka ati na waliin teessee dhiphina boraafattus
hin fedhu garuu carraa argadhee bakka ati deemtu illee yoo danda’ame si geessee
deebi’uun hawwa” naan jedhee siluma anis barnoota koo na dhowwita shakkii
jedhu hin qabu ture garuu immoo wanta na dhiphisetu jira jedheen
“maaloodha”jedhe anaan kan boqonnaa na dhowwu haala anaaf ati keessa jirru
kana qofadha, qofaatti si dhiisee deemun dhukkuba qoricha hin qabne ta’ee akka
na qorun beeka jedheen “kun homaa miti mucaa koo waggoota sadii yookiin afur
ati deemtee barattu obsee si eeguun nan dhibu” naan jedhe anis akkas taanan egaa
rabbiin naaf kadhadhu akkan nagaan dhaqu jedheen yaada keenya xumurree waan
jiru waliin nyaatne rafuuf kaane………….haalli miira keenyaa akka edaa miti

42
hanga ta’e kolfaa fi taphachaa waliin turre… amma akka abbaaf ilmaa osoo hin
taane akka hiriyyaa wal malee hin qabnetti waliin waan yaadne qoosne dabarsuu
eegalle.

Ganama barii yoon ka’ee gara mana barumsaatti qajeeluuf uffata seeraa kiyya
uffachuuf surree amma narra ture baasee uffaticha fuudhee dursee gara boorsaa
isaatti harka kaa’uun waan akka tasaa keessa jiru ilaaluuf waraqaa marameetu
keessa jira. Anis qullaa koo dhaabadheen surree sana gateettii koo irra buufadheen
gad fuudhee hiike. Osoon hin beekinan abidda seene, qalbiin koo hamma tokko
wal-funaanee ture bakka isaa jal-qabaatti deebi’e.waraqaa hiriyyaan Siinboonee
natti laattee turte kan ani osoo waan keessa isaa jirulle hin ilaalin jecha “Ani
deemeen jira.Gaa’ilaaf jecha maatiin koo qabanii abbaa qabeenya ollaa keenya
jirutti na heerumsiisaniiru. Kichuu koo nagaatti nama siif ta’u Rabbi siif haa
laatu……………..”jedheebarreeffame sana argeen gaggabe, ofin wallaale. Guyyaa
harmeen koo boqottee gaafa guyyaa 14ffaa isaatti xalayaan kun onnee koo waan
cabseef akkan lammata jaalala kamiifillee bakka hin laanne na taasise………duuba
isaa malee keessa isaa galagalchee hin ilaalle.Achumatti waanan adoodeef garuu
immoo akkamittan surree koo keessa ka’aree?garaa dhuma jabaadheen hiikee
dubbise.

Kichuu Lataaf

Haaga'u nagaan koo bu'aa ba'ii daandii qabuufii dadhabbii hunda dandamatee
hiriyyaa koo dhandhama jalqabaa qooddataa gaddaafi gammachuu kootii agarsiisa
kallattii jireenya koo Kichuu Lataatiif.

Kichuu xalayaan kun yeroo si harka ga'u keessasaa baruuf "maal taati laata" jettee
nageenya koo baruuf cinqamuun kee hin oolu ani ammaaf lubbuudhaan nagaa

43
kooti ati akkam jirta jireenyi akkami barnootatti deebitee akkam barnoonni Kichuu
xalayaa kana dubbistee utuu hin xumurin waan tokkon si hubachiisuu barbaada
jireenyi daandii fedha isii malee kallattii fedha namaarra hin deemtu inni ati naan
jedhaa turte sun jechichi nurratti dhugummaa isaa mirkaneeffataa waan jiru natti
fakkaata kanaaf akkamiin dandeessee xalayaa kana barreessitee?Jettee nan cubbin
oftasgabbeessuufis yaali simufachuusuurra darbee baay'ee gadduu dandeessa gaddi
daangaa darbemmoo abdii kutachiisa waan ta'eef jireenya keessatti waantota
uumaman to'achuu hin dandeessu garuu waan uumamaniif deebii kennitu to'achuu
dandeessa kanaafuu obsi "obsaan Aannan goromsaa dhuga" jedhama mitiiree.

Kichuu koo maal jedhee eessarraa akkan siif jalqabutu narkaa bade Kichu osoon
hin beekiin hasaastuufi basaastuun jala deemtonni diittaa anaafi maatii koo an
baay'ee jaalladhuufi kabaju gidduu seenanii waanta baay'ee hololan keessaa kanin
akka ijootti hiriyaa koo tokkorraa dhaga'e "intalli keessan mucaa barataa
harkaduwwaa faana baddee sin salphisuuf kanaafuu utuu isiin hin dhaga'in abbaa
qabeenyaa ollaa keessanii isa sin gaafataa jiruuf hatattamaan kennaafii lafarra
harkifnaan waaroo salphinaa offachuu keessanii" jedhanii amansiisani jechuu
qofan dhaga'e maatiin koos yaada koo osoo nangaafatiin dirqiidhaan namtichatti na
kennaniiru amma mana isaan jira.Kichu erga guyyaa wanti kun uumamuutii
'pilaaneetii' Kan biraa gubbaa yaalii jireenyaatiif waanin dhaqe malee biyya
lafaarra waanan jiru natti hin fakkaatu.

Ofajjeesuuf immoo utuun sababa koo sittin himin ta'uu hin qabu xalayaadhuma
kanallee siif barreessuuf akkaaf bakka dhabee gidiraafi birrannaa meeqa akkan
arge anaaf Waaqatu beeka.

Haalduree tokko malee akkas battalatti waldhabuun keenya murtee du'aatiin adda
hin ba'u.An barnoota koos addaan kuteera kanaaf amma booda wal-argina jechuun

44
abjuu hiika hin qabedha.Garuu kudhaamni jaalalakee yoomiyyuu onnee koorraa
hin citu.Atimmoo dhuguma yoo najaallatta ta'e barnoota keetti jabaadhu gufuun
kamiyyuu sin danqin kun imaanaa kooti.

Nagaa wajjin

Jaallattuukee

Siinbooneerra

Amma egaa garam gorama…………..bakkan deemaa jiru maalan beeka?.... akka


haadha Agarii Tulluu ishee ilmaan sadi guyyaa tokkotti jalaa fannifaman kan
deesse dhabde sanatti gaddi baatii tokko keessa si’a lammaffaaf natti labsame.
Dhidhima gadda keessa seeneen riqichi jireenya na jalaa cite. Surreen ani
ka’achuuf saggoo koo irra buufadhe achuma irratti hafte. Tilmaama sa’aatii 1:30
booda eessa akkan turee fi maal hojjecha akkan jiru naan galle,garuu surree
baadhee mana keessa deemuu koon of arge. Bakkan deema jiru deemuuf yeroon
waan natti sokkeera. Garuu waanuman godhu dhabeen daddafee surree koo
uffadheen haalan keessa jiru irraa of tasgabbeessee mana itti qabeen
qajeele….Namni tokko karaa gubbaa hin jiru garanaa garas of irraan ilaalaan
deeme akka nama badaa jiruun qajeele haalan keessa tureetti naasuun hammam
ulfaatu laphee koo jalaa na dhikkifatti……………….

***********************************

45
Guyyaan bulee oolee fuul duratti siqu hin jiruGara magaalaa guddatti aanaa
keenyaa kan Atinaagoo jedhamtuuf kutaa 9 - 12ffaa itti baradhee deemeen ragaa
barnoota koo baafadheen gara Yuunversiitii deema. Yaa Rabbi na dura bu’i
jechaan ofumaan ofitti hasaasaa deeme.Bakkan yaade ga’een waan narraa
barbaachisus guuttadheen yeroon immoo ofirra deebi’een gale.….kan taa’e achii as
namatti lakkaa’u malee. Abbaa kootti himeen qarshii na barbaachisu harkaa
fudhadheen karaa eegale. Bakki itti konkolataa seenan buufata Saqqaa jedhamtuuf
magaalaa umurii dheeraan dura hundoofte sanadha.Hanga achiitti lafuma imaluun
dirqama. Abbaan koofi ani baay’ee wal-bira dhaabbataa wal-duuka ilaalaa hin turre
sababni isaa immoo yaadaafi yaaddoo waliif hawwuu ta’a waan ta’eef wal-
dhiphisuu hin feenu turre.Anis borsaa koo dugdatti fannifadheen bahee qajeele.
Yaa Rabbi nadura bu’i ani simalee hin qabu.Abbaa koo naaf tiksi, namilkeessi,
waanan baheef harka koo qabii keessa naceesisi jedheen imala koo itti fufe imala
mooraa Yuunvesiirtii.Yaadaan bu’een ba’uu eegale kamiifuu karaa koo gubbaa
sussukaan garanaa garasiin bosona oromiyaatu namarsee jira.Sodaa tokko maalan
qaba. Tabbi moleefi aduun waan tokko natti hin fakkaanne.Yaa Jaarsa Molee
nafaana ta’aa jedhaan deemsa koo itti fufe gara magaalaa Saqqaa bakka awwaalcha
Abbaa Boogiboo kan ta’e yeroo jalqabaaaf deemaan jira. Akkuman magaalattii
ulaa seena qabeettii kan turte garuu immoo maqaan isheef jijjiiramni ishiin qabdu
wal-hin simu. Kun immoo baay’isee nama dinqa.Ani magaaluma sadarkaa ishii
eeggattee kan bu’uuraalee misoomaan guutamte natti fakkatti turte duraan yoon
mana taa’ee dhaga’u. Nan yaadin yaa abbaa koo Oromiyaa naanna’een galaa
jedheen konkolaataa gara magaalaa Jimmaa deemuuf qophooftee dhaabbattuttin ol-
seene.Ani konkolaataan argee beeka malee yaabees hin beeku garuu immoo
baay’ees haaraa ta’ee nan dhiphisne. Gurbaan gargaaraa konkolaachisaa herrega
utuu funaanuu faranjii tokko kan fuul-dura kiyya ta’aa ture argee qarshii kenni
jechuun afaan namichi beekuun “bro give maths” jedhe herrega kenni jechuuf
46
yaaluu isaati.Namoonni jecha kana dhaga’an kan akka qoosaatti ilaalan tokko
tokko kolfanii qasa’ani. Namoonni dandeettii waa madaaluu qaban immoo bicuu
hidhii walittii bananii akka akka seequu ta’anii mataa raasu kan immoo ‘ihimm’
jedhaa barnoota dhabuun dalagaa kam irrattuu gufuu milkaa’inaa akka ta’e
xinxalaa imala itti fufan “kan ganama farad koorse galgala kooraa baata” mamaksa
jedhu yaadachuu hin oolanu. Kamiifuu jedheen garanaa garasitti qilleensa
Oromiyaa qulqullooftuu foddaa koonkolaataa irraan habbuuqqataa akkasumas
garanaa garasitti haala teessuma lafa Oromiyaa kana dinqisiifachaan deema. Lafti
tokko ol-ka’aa tokko gadi bu’aadha, kaan ciccitee kattaafi margaan uwwifamees
jira.kaan immoo miidhageedhuma midhaanii fi abaaboo mimmiidhagoon
uwwifamee jira.kun immoo haala jireenya ilma namaa natti fakkaatti.

Tokko haala gaariin maatiif hiriyaa,akkasumas qabeenya jabaa horatee


jira.kaan immoo akkuma koo maatii harka gabaabaa fi hiriyaaf fira dhugaa illee
dhabee gadadoon jiraata. Yaa hojii Rabbii jechaan konkolaataa keessa taa’ee
hirkoo teesssootti hirkadheeen yaadaan deeme.konkolaachisaan keenya kun afaan
Oromoo nicaccabsa malee kan inni sirriitti dubbatu afaan Amaaraati. Namoonni
dubbatan ollaa keenya yoo dhabamanillee yeroon kutaa sagalii hanga kudha
lamatti baradhu mudannoona namudate waanan qabuufan nama afaan kana
dubbatu dhaggeeffadhee baruun fedha. Yeroo mara osoo carraan jireenyaaf haalli
namaaf mijannaan addunyaa kana irra sosochoo’anii waan mara baranii jedheen
of-dhiphisa.Magaalaan Limmu immoo kilomeeetira muraasa irrratti argamti.
Limmuun magaalaa aanaa Limmu Kossaati duraan gabaa Danbii jedhamti naan
jedhan maanguddoon fuula koo dura taa’an fuulli isaanii baay’ee miidhaguuf
areeda gobbuu ofiirraa qaban tokkodha. Yaa Rabbi mee hojiin kee maalii? abbaan
koo nama baay’ee qallaa maddiin isaa itti qooree jirudha.Isaan kun immoo baay’ee
furdatanii haalaaf amalaan nama gaariidha abbootiin Oromoo bakka maratti nama

47
gorsuu, nama jajjabeessuu fi seenaa, duudhaa nama barsiisuun isaanii immoo adda
akka taasisu nan beeka.

Oromiyaan bakka osoo hin nyaatiin beela nama baastu osoo hin dhugiin dheebuu
nama baastu ta’uurra dabartee akka gaarummaa fi badhaadhinaa umama isheetti
guddina dinagdeetiin garuu baay’ee booddeetti harkifattee jiraachuun immoo
sababii diinaaf alagaan saamamuu fi inaafamuu isheeti jedhu manguddoon haasaa
garaa garaan nubashannansiisaa deeman. Ani akka nama kitaaba seenaafi duudhaa
Oromoo dubbisaa deemuuttan waan hunda irraa barachaan garanaaf garasitti
mil’adhee dachee uumamaan waan mara itti gonfe daawwachaan deeme.
Namoonni konkolaataa keessa turan kaan bishaan bitatanii harkatti qabatan kaan
koshoroofi juusii garaa garaa dhugaa deeman baay’eedha. Ani garuu seenaa fi
safuu akkasumas aadaa Oromoon dhamdhamaa adeema. Gama mammaaksaatiin
haasaa isaanii keessatti itti dabaluu jaallatu. osoo waa’ee Oromiyaa kanaafi haala
isheen immoo itti dhiphinaaf qormaata garaa garaa itti keessummeessuu eegalte
osoo dubbataniitu gidduutti “teessuma abbaan dagate tusseen sagal ciniinti” jedhan
ani yeroo kana baay’een kolfe nan dinqisiifadhes osoon ofin beekiin namoonni
gara magaalaatti dhiyaachuu keenya dubbachuu eegalan anaaf magaalaan guddoon
Jimmaa Abbaa Jifaar jedhamtu haaradha garuu seenaa ishee nan dhagahe Jimmaa
mootota Shanan Gibee jedhamaniin akka bulaa turteefi magaalattiin harka
mootummaa Kafaa jalaa baatee akka of-dandeesseefi bakka bunni yeroo duraaf itti
argame ta’uun akkasumas immoo midhaan gosa garaa garaa omishtee Aduunyaaf
akkasumas saboota rakkoo uumamaaf nam-tolcheen gara godina ishee dhufanii
jiraatan soortee badhaastee kan gaggeessitu ta’uun ishee adda ishee taasisa. Maal
kana qofaaree haalli qilleensabaramaa fi haalli taa’umsa ishee akka isheen sabaaf
sab-lammoota haammattee teessu godheera. Bishaanota akka Gibee, Hawweetuun
ishee keessa naanna’uun akka waan dir-qama ummata isaanii sooruuf Rabbirraa

48
ergamanii fakkaatanii jiru jedhanii dubbatu maanguddoon. Karaan keenya tabba ,
dalgaa fi irraan gadee osoo nutti hin dhaga’amiin fuudhee nuun bade. Jimma
seenne akkuma buufata konkolaataa keessatti harcaaneen garanaaf garas ilaalee
gamoolee magaalattiif taa’umsa ishee ija irra naanneesseen daawwii eegale. Kana
sila bishaan bosonaafi bineensota karaa irra garanaaf garasitti munyuuqan
daawwachaa dhufe caalaa hamma immoo iji koo kan qabee kan gadi dhiisu
wallaale uggum! Ajab! Yaa Rabbi jedheen gamoolee gara samitti wal-irra tata’anii
jiran yoon ilaalu mee warri qabeenya isaanii kanatti dhangalaasanii ijaaran kun
garuu ummata Oromooti immoo laata? Jedheen of gaaffe. Maaliifan of gaffee?
Oromoon yoom magaalaa jiraate ni qote malee yoom calla isaa sharafate? Bunaa
xolloo gurguree qishira bitee dhuga kan isaatiin kansaa bita, baaduu dhugee
dhadhaa gurgura, irra taa’anii irraa saamanii gamoo ijaaru yaa Oromoo yoom
dammaqxa laata? Silaa dubbannaan arraba si muruu, waa’ee mirgaa dubbannaan
dhiphoo siin jedhu warra arrabni dheeraa sammuu dhiphoo Oromoon eessaa
dhiphoo ta’e utuu guddifachaa fudhatuu, osoo hammatuu, osoo kan beela’e
nyaachisuu yaa carraa quuqqaa laphee jalaa kan namni hin hubanne.

Osoon Kanaan jiruun mana sharaan itti naanna’ee jiru tokko jala taa’een bunaa fi
daabboo lama fudhadheen achuma taa’ee cucuffadhee buna koo irratti dhugeen
yeroo muraasa turee boqodhe. Gatiin itti kennamu anuma harka jira garuu immoo
hattuun magaalaa akka hammaattu abbaan koo yeroo baay’ee waan dubbatuuf anis
qarshii koo butaantaa surree koo jalatti ke’adhee jiru keessan qaba. Achuma
dhaabadheen sodaa tokko malee qarshii barbaadame keessaa surree gad butadhee
baasee itti kenneen deebisee hidhadhe intalli magaalli bunicha naaf dhiyeessites
calluma jettee ija koo keessa ilaalaa turte. Ani dhiiraaf durbi hunduu hattuu waan
natti fakkaatuuf hin amanu al tokko tokko immoo tarii nama na beektu dhalataree
jedheen yaada.

49
Ija jabaadheen bakka bulmaataa ishee gaafadhe.Isheenis bakka isaa erga natti
himteen booda taaksii gara sana deemu naaf qabdee na ergite. Rabbitu gargaari
jedhee ajaja itti laatemoo maaliif akkas na faana dhiphatti kan jedhu immoo
sammuun koo ammas gaaffii dhiyeessa lakkii haaluma kootu ishee gaddisiiseeti
ta’a ilma hiyyeessaa, bututaf bujunjuraa dhiphuuf yaadni boquusaa cabse kana
kamiifuu egaa jedheen of qoruu immoo eegale. Taaksii keessa taa’eenHootela
manni siree jira jettu iji koo argite bagan baradhe galatoomi abbaa koo jechaan
konkolaachisaatiin dhaabi!dhaabijedheen iyyee namoonni keessa jiran ni rifatani
“maal taate” naan jedhan yoom isaan dhaga’a ani dhimma koo malees qarshii
yaaduma itti laadheen itti goree waardiyyaa Hootelichaa yoon gaafadhu gara
keessummeessaatti na dabarse ……………….

Jimmaan biyya gootaati. Kan akka Abbaa Reebuu Badii kan Jimmaan bulchaa
turan qabdi.Abbaan Reebuu siddii(diina) taa’uuf deemuu ka’uuf ciisuu osoo
dhorkanuu guyyaa tokko loltoota isaanii dirree waraanatti erganii ka’anii akkas
jedhan “dhiirri dhiira bakka waraanaatti ergitee kaatee manatti hin haftu kun
qaxaroo siddiiti” jechuun farda isaanii fe’atanii deemanii wareegaman…...Mootii
Abbaa Jifaaris ni qaba,Abbaan Jifaar umamaan nama dheerina qaban yoo ta’u,
amantaa muslimaa baballisuu keessatti bakka jabaa qabu jedha abbaan koo yeroo
seenaa dubbatu. Keessummeessaa erga ol na galchuu kutaa ciisichaa na argisiisee
furtuu naaf laatee gara teessuma isaatti deebi’e.magaalattii keessa mana siree
qabadhee buluun koo dirqama ta’eera . Anis suutuma jedheen gamoolee fi
manneen barreeffama garaagaraa of irraa qaban yoon ilaaluu keessa immoo barruu
sireen jira jedhun arge osoon Kanaan jiruu mucaan diimaan tokko dhufee “siree
barbaaddaa” naan jedhe an immoo garuu lakkii jedheen deebiseef lakkii jechuun
koo tarii namoota malaan haala akkanaa uumanii saamicha (hannaaf) haala
mijeeffattan natti fakkaateeti anaaf magaalattiin haaraa yoo taatus akkaataan ittiin

50
keessa sochoo’u nama miira gammachuu qabu akka hin taane kan na argu
tilmaamuun hin rakkisu anaan keessa koo kan naanna’u immoo qarshiin ani
qabadhee bahe tarii kan waan hunda na gahu miti kanaaf nyaata koo yeroo sadii
ture gara tokkoo fi lamaa nyaatanii waliin gahuuf yaaluun qaba jedhees of
amansiiseera

Magaalattiin baay’ee nama dinqiti. Namoonni toora qabatanii gara maratti


socho’an danuudha wantootni akka konkolaataa sadarkaa garaa garaa kan qabu
dheeraa, fi gabaabaa , giddu galeessa ta’uu caala immoo guddaa xiqqaa fi irraa
jalaan akkuma jiruuf jireenya ilma namaaf laatameetti akkuma uumaa Waaqatti
gargaridha. Maaltu wal-ilaalareehunduu akka waan iyya birmaachuuf ariifatu
yookiin abidda dhaamsuuf fiiguutti wal-jala hulluuqa al tokko tokko dhaabadheen
jireenyuma ilma namaatiif laatame kana ilaala.Gamooleen tokko tokko yoon ilaalu
namoonni waanuma jennata lafa irratti ijaarratan natti fakkaata.

Dhiphataan akka koo konkolaataa irraa goruu mitiitii itti dhiisee konkolaachisaan
karaa ittiin ga’aa deemus jira wantonni nama dinqan immoo kan sammuu dhabee
qara ilaalaa deemuufi qullaa isaaa sochoo’u illee magaaluma akkas miidhagdu
keessa jira safuu yaa Rabbi ati waan mara qabda jechaan hasaassaa deema. Gamoo
ol-dheeraa Obboleewwanii jedhamu tokko jalan namoota muraasa achi dhaabbatan
argeen muraasa haara gal-fachuuf dhaabbadhee qaamaan haaluma sosochii
magaalattii ilaaluuf yoon jedhes garuu wanti gurraachi dukkana jabaa kan halkan
keessaa sa’aatii 9:30 fakkaatu dhufee nadura dhaabbate. Of-duraa dabsuuf nan
yaale ni dide…….jalaa dabuufan gar-tokkotti jedhe didee naduuka dabe akkan
waan ilaalu hin argine akkan boqodhee obsa argadhu hin barbaadne naduuka
deema nagaada sodaadhees nan dadhabe….baqadhees nan dadhabe maali wanti
hamaan yoon sodaadhe nasodaateera jedhee hin dhiisu mo’adheera jechuu hin
danda’u nan dhiphadhe isa manatti naqoraa ture yaaddoofi dhiphina kooti dhufee
51
naduuka Magaalaa Jimmaa walakkaa dhaabbate eessa dhaqxa hin deemiin
akkamitti deemtaa…….abbaa kee eenyutti laattaa…maaliinimmoo
deemtaa?...qarshii gahaa qabdaa?...moo harka qullaa deemuufii jedhee qalbiin koo
naqabe.Silaafuu as kan nadhaabe jecha obboleewwan juttu fiixee gamoo irratti
arguu kooti. Ergan Magaala Jimmaa dhufee guyyoota lammaffaa kooti
Konkolaataa gara Naqamtee deemutu dhabame.Ta’us hanga har’aatti nama afaan
Oromoo seeraan akka nama afaan dhaloota isaatti fayyadamee dubbatu hin
dhageenye. Mana bunaafi shayee, mana nyaataa, buufata konkolaataa, bakka
bashannan adda addaa yoon deemu silaa kan waajiraalee buufata konkolaataa
keessaa ajaa’iba waan mootummaan afaan Oromoon barreessaa afaan Amaaraan
immoo dubbadhaa jedhee seera itti baase fakkaatu. Namni maaliif of hin ta’u?
Maaf afaan saba bal’aa dubbachuutti qaana’u? yoon afaan afaan oromoo makaa hin
qabne dubbadhu akka bineensa waraanamee areetti na hildiimu. Maaf jibbama
Afaan Oromoo kun? Afaanicha moo anaan jibban? gaaffiin jedhu sammuu koo na
muddee deemsa na dhorke.

Ganama obboroodhaan mana sireedhaa ba’ee buufata konkolaataa ga’us hoomaa


konkolaataan gara Naqamtee deemtu hin argamne. Konkolaachiftoonni hedduun
Naqamteen deemuuf fedhii qabaatanis, daandiin konkolaataa caccabaa waan ta’eef
sodaatu. Kanumaaf guyyaa guutuu dhaabataa oolee lafti dhiinaan bakka bultii
barbaadutti ka’e. Keessi koo baay’isee jeeqamuu eegale muraasa tureen bakkichaa
deemeen nama guddaa suuqii xiqqoo tokko balbala irra taa’un arge. Namni
guddaannama hin sobu waan ta’eef waan gaafatan haalaan nama gar-gaara waan
toluuf badus cimsee namatti hima kanaaf itti goreen waanan barbaadu gaafadhan
jedhee murteesse. Bakki eda bule nan madaalu qarshiin isaa humna koo olidha.
Kanaaf kan gatiin isaa xiqqaan fedha waan irraa naaf haftuun immoo irbaatan
nyaadha jedheen karoorsee jira isaanis erga waan hundumaa seeraan natti himanii

52
booda kallattii jedhame hordofee yoon biraa sokku duuba kiyyaan gurba….
Gurba..jedhanii sagalee furdinnisaa fagoo dhageessisuun nawaaman. Itti
garagaleen owwaadhe akka nama murteessaa kubbaa miilaa taphataatti harka
kaasee kaardii agarsiisee deebisuutti harka kaasanii buusan wantichi akka kottu
jechuuti..anis ittan deebi’e bakka sila taa’an irra taa’i naan jedhan tolen jedhee
garuu maaf akka nawaaman hin barre. Haalli kee baay’isee waan nagaddisiiseef
har’aaf nabira bulta jedhan. Mirri koo akkam akka inni ta’e hin beeku baay’een
gammade dhugumaa laata jedheen immoo of-gaafadhe yoo akkas ta’e eebba abbaa
kootu naqaqqabe gaafan manaa ba’u sana mataa koo harka tokkoon haxaa’aa gurba
milkaa’i jedhanii itti daddabalanii waan baay’ee jedhanii nagaggeessan. Galgalli
waan ga’eef tole jedheen taa’e isaan namoota muraasatti waan tokko tokko erga
gurguranii ka’anii gara manaa waliin deemne.

Yoon waliin galu baay’iseen isaan inaafe manni magaalaa silas akka mana keenya
baadiyyaa yoom ta’ee beekaree baay’isee bareeda hafanni mana jaraa kan irra ta’an
kan irra bulaniifi ‘tv’ isaanii baay’isee guddachuurraan kan ka’e waan ciisichaafuu
nama ga’u fakkaata ani yooman mana akkasii bulee bare. Erga teenyee galgala
taphanneefi ‘TV’ ilaalaa turreen booda bakka naaf kenname deemeen ciise. Maatii
akkamiifi haalli ani keessaa dhufe kan na argeef inuma galaaf… safuu carraan
akka fedha ishee nama gooti buleen lafan deemu itti himeen gara buufata
konkolaataatti qajeele. Bakki ani bule naannoon isaa kuulloo ‘safarii’ jedhama
maqaan isaa baay’ee na raaje. Sabootaafi sab-lammoota birootiin baay’ee
liqimsamtee akka turte immoo afaan namoota magaalattii keessa
sosocho’an,dudubbachaa deeman gonkuma kanan dhagahee hin
beeknedha.Amanuun natti jabaate gadin taa’e wolin ka’e…akka kurupheen
kuruph…kuruph jechuun eegale ayii……jedheen ofirra gadi taa’e.Osoon bilbila
qabaadhee yookaan immoo amma mana keenyaatti fiigeedhuma abbaa kootti

53
himee deebi’ee….yaa Rabbi jedheen jeeqame yaa du’aa osoo haati koo jiraattee
kana dhageesseetti ta’ee jedheen immoo ija haxaa’adhe si’a lama imimmaan akka
cabbii qorraatu xob..xob…xob godhe. Imimmaan koo boo’ichaan dhalatee
boo’ichaan guddatee. Nafaana bakkan dhaqu dhaquu baree sana “deega koo
yaa farrisaa turi amman sifannisaa muka arbaa daraarettii ilma abbaan abaaretti”
jedhee geerara abbaan koo galgala galgala godoo keessa teenyee midhaan dabaree
waliin eegnu jala taa’e yeroo sana waan baay’ee dubbataa ture “ambaltaan muka
mitii baala baafateef malee alagaan fira mitii nutti siqatteef malee” jechi jedhu
yoom afaan isaatii bu’ee beeka. Alagaan maal sigoote kan yeroo mara alagaa
balaaleffattu tokkummaa hin qabnuu jettaa yeroo baay’ee yeroon jedhuun
immoo….. sababa alagummaatiif abbootiin lafaa turan suni lafa ‘hektaara’ 12
caalu akaakayyuu kee harkaa saamanii turani jedhee ciniinnateetu harka isaa isa
mirgaa immoo aboottifatee jilba isaa rurrukutataa ture. Anaan yeroo san yoom naaf
gale har’a reef waan wal-biraa fagaanneef jechiifi suuraan abbaa koo hunduu
dhufee nadura dhaabbate malee yoo naaf gales immoo wantan godhu tokko hin
qabu aaree anis akkuma isaa onnee koo of-jeequu male… waantotni Jimmaa
turaniif falaasamoonni duraan dhaga’aa turre ittin haa dhuunfatamu malee immoo
Jimmaa bakka seenaa,duudhaafi jaalala ta’uu ishee abbootiin, haadholiin fi kan
Jimmaan seenee ba’e hunduu ragaa ba’uu hin didu diinaan dhaalame malee diina
hin dhaalle Oromiyaanis akkasuma turte mitiiree….kan beeku nibeeka biyya
aannaniif dammaa, biyya bunaaf warqee,biyya saawwaniifi bineensotaa, biyya
bosonaaf marga jiidhaati. Maddii koo qabadhee mee amma eenyutu rakkoo koo
hunda deemee warra Yuuniversiitii hogganutti hima laata….akkan qarshiin ittiin
askeessa turuuf ittiin bakkanitti ramadame deemu hin qabne, sanuu waanan ittiin
daabboo tokko illee nyaadhu hinqabne safuu yaa Rabbi guddaa jedheen
gammachuu akka maleetiin jeeqamuu eegale. Rakkataan fira hin qabu kan jedhan
sun sobaa? Laata jedheen of-gaafadhee yoon yeroo biraa dhabee har’aaf kaleessa
54
galgala immoo rakkoon koo akkuma waan waraqaatiin gar-gaaraa jedhanii
raabsanii naaf ta’en shakkuu eegale.

Waan bareedaa dhagaheen mooraa kolleejichaa keessa ijoollee hedduu waliin toora
gallee gadi baanee safuudha….kaan gammadee kaan immoo gaddaa deema yoo
gara alaa baanu kaan ol kaan immoo gadi kaan immoo karaa qaxxaamuree ce’eetu
faffaca’e……..ani tokkicha dhaabadhee garasiif garana ilaaleen gar-tokkotti gore.
Maalan beeka maaliif akkan gara kanatti gores Rabbiin male. Yoon karaa
namoonni irra qaxxaamuruun gara karaa keessootti irra ce’u namichi gabaabaan
tokko maddiin isaa qooraafi uffata bututaa uffatee dhaabbatu tokko ija keessa
nailaalaa gara kootti as qajeele…..maal kun maaltu natti ergee jechaan ijuma isaa
keessa deddeebi’een ilaaluu eegale gonkuma eenyuun akka ta’e beekuun dadhabe
garuu fuulli isaa naman reefu argu fakkaachuu dide sirriitti nahubateera. Anuma
bira gaheetu “gurba Kichuu mitii?ati” naan jedhe daddafeen naasuutiin
e’e’eeyyeen jedheen “maarree nadagattee?” naan jedhee deebisee ammas “ani
abbaa Raayyaati” jedhe amma reefu sammuu koo seenuu isaati Abbaan Raayyaa
yeroo ani kutaa 7ffaa barachaa ture gara biyyakeenyaa dhufee mana keenya taa’ee
buna funaanaa ture alana nan gammade namumti nabeeku magaalaa hangana
guddattu keessatti argamuun isaa immoo nadinqa. Alana sirriitti ofitti naqabee erga
nadubbiseen booda harka koo qabee mucaa taa’ee kophee namootaaf qulqulleessu
bira teenyee dursee abbaa koo nagaafate dabalee immoo dur yeroo mana keenya
ture aannan harmeen koo buuftee……buuftee kennaafii turte natti kaasee “hameen
kee akkami” naan jedhe. Yeroo kana akka waan duuba kootiin namni Albee
dhaannawaraanettin bir! Jedheen raafame! Eeyyee……..yookiin immoo….lakkii!
hin jenne afaantu na goge. Qalbiitu na dhiphate abbaan Raayyaa “maaliree maal
taate?” naan jedhe akkan nahe bareera. Akka nagaa hin taanes currisa koo irraa
sirriitti barateera yoo inni maddii qabatee gadda keessa seenu ani immoo harka koo

55
lamaaniin ija koo qabadheen boo’ichatti ka’e innillee osoon ilaaluu imimmaan
maddiisaa irra yaa’uu eegale daddafee erga na gaafachu isaatti rifateetti ‘’amma
akkamitti as dhufteree’’ naan jedhe maaliif akkan dhufes miira gaddaa keessa
osoon jiruun sagalee koo kukkutaa itti himadhe baay’isee naaf gammade ‘’har’a
immoo ka’i kaa na bira bultee barii kaataatii’’ naan jedhe anis osoo inni afaanii
hin fixatinan tole jedheen bakka teenyu kaanee waliin gara naannoo Jireen
jedhamu kutaa magaalattii keessaa sokkinee gara moggaarraa mana xiqqoo tokko
kireeffatee obboleettii isaa tokko waliin magaalaatti keessa waanuma argan
hojjetanii jiraatu anis isaan bira buleen ganamaan ka’een isaan na geggeessinaan
buufata konkolaataatti qajeele. Buufanni konkolaataas ganamaan banamee
barattootni muraasni dhufanii mooraa jiru. Konkolaataan keenya nuuf qophaa’era
akka ijoollen deeman dhufanii guutaniin akka deemnu keessummeessaan tokko
nutti hime……………………

Akkuma ijoolleen walga’aniin konkolaachisaan keenya dhufnaan itti seennee erga


bakka qabatnee deemnee miira gammachuuttan jira.Garuu waatu immoo na
jeeqa.Abbaan koo maqaa na dhahaa jira.Irra deddeebiin irqifadhaa……….

Maalan godha egaa………..eenyutu akkan qophaa koo deemaa hin jirre itti himee
naaf gammachiisa……yoona mucaan kooakkam ta’e laata jedhee qofaasaa
dhiphata.Akka Agarii Tulluu dhala tokkittiin hafee yaa Rabbi osoo akka weellisaa
Ebbisaa Addunyaa dhala malee hafeera ta’eetii isaaf wayya ture jedheen
jeeqama.Altokko immoo lakki silaa immoo seenaan isaa ni dhokata jedheen
yaaduu eegale,”surree naannessaan hidhaa hin citaa hin yaadda’inii tulluu
naanna’een galaa hin du’aa hin yaadda’inii’’ jedhe weellisaan Abbitoo Kabbadaa
……….

56
Yoo nuti magaalaa Jimmaa gadi-dhiisnee baanu sa’aatiin gara 2;30 tti siqeera.
Barattootni akkuma wal bira taa’anitti inni kaan ni haasa’a, kaan akka koo yaadaan
odeessaa deemus danuudha.Hunduu namoota muraasa malee waan wal beeku hin
fakkaatu.Carraatu walitti fide carraanuu carraa barnootaati,barnootni namas
biyyas,addunyaas nama barsiisa,beektootas,saayintistootas,kan baratetu beeka yoo
qaamaan wallaalle maqaasaa,hojiisaa,……biyyasaa……….ni beekna. Aniyyuu
beekaa fi saayintistii Albert Anistaayin jedhamu baay’iseen dinqisiifadha.Inni
nama qofaa jiraatu,nama hojii isaatiif qofa bakka laatu,ofiif dhama’ee biyyoota
addunyaaf wantoota baay’ee argannoon dhiyeesseedha.Maarree anaaf Albert
barnootatu wal nu dinqisiifachiiseem jedheen yaadaan ofitti haasa’aa
deema,nyaata,bishaanii fi hirriba gonkuma nan barbaachisu. Nas hin beelessu,nas
hin dheebessu waanuman bahetti milkaa’uun koo sammuu koo sooreera……….

Intalli magaalli ija kuullee tokko fuuldura koo teessi,altokko tokko ofirra
naannoftee na ilaalti, maali namni callisaan akkasii waan naan jettu natti
fakkaata.Garuu immoo waliin karaa deemaa jirra waan ta’eef dirqama wal baruu
qabna.Nuti aanaatiin gargar yoo taanes namoota godina tokkooti waan taaneef
jechaan immoo yaadaan dhiphadha.Garuu dursee eenyu akka nagaa wal gaafatu ani
hin beeku.Ani erga yeroo Siinbooneetii dubara baay’iseen sodaadha.Carraa
dubartii dhabuu kootti haadha koo akka malee jaalladhus nan dhabe kanaaf garaan
koo dubaratti nan diriiru.Garuu immoo Rabbi wanta inni fidu hin beeku,Oromoon
immoo tokko dhiiras, dubaras yoo ta’e nama tokkoirraayyuu garuu jibbaa hin
qabu,Oromummaan waan qoosaa miti.Osoo hin beekiin magaalaa Beddellee
jedhamtu geenye.Yeroon gara sa’aatii 5:30tti siqeera. Konkolaataa keessaa hunduu
gadi yaanee konkolaachisaan daqiiqaa 15 keessatti ciree nyaadhaa deebi’aa jedhee
sokke.Hunduu gadi yaanee hiixachuufi hamuummachuu eegalle.Gara bukkeetti
siqeen fincaan fincaa’uu yaadeen dhaabbadhee. Intalli dura koo ta’aa turte sun

57
harka ishee mirgaan boorsaa qabattee harka bitaan immoo adda ishee cimsiitee
qabattee suuta jettee isa isheen konkolaataa keessaa buutee gara koo dhuftu ija koo
bukkeetin argaan jira. Durumaanuu ishee haasofsiisuf carraa dhabeen wiriixaa jira
waan ta’ef akka carraan kun nan baaneef ariifadheen utuu isheen na bira hin darbin
haadho koo maal taate mataatu si boowwafate moo qilleensa ta’a laata utuun afaan
ishee irraa homaa hin dhaga’in waa danuun qixaabire. Eergan kan koo xumuree
akka dhaabbachuu taatee “ lakkii qilleensaaf mitii ganama osoon buna hin
dhuginan ba’e kanaafi” jette anis ariifadheen, anis hin dhugnee waliin deemnee
dhugna ka-n jedheen akka ofii koos buna barbaadee off godhee nu lamaanu haaraa
waan taanef ija keenyaan waliif-gad mana bunaa osoo barbaannuu fuulleetti
arginee waliin deemnee teenyee buna ajajaannee haasaas eegalle. Bakka bu’ee kee
natti himi kaa amma booda eenyu jedhee si waamuree an Kichuun jedhama
jedheen akka seequu ta’e. “Beekettii A/olii naan jedhan illee dhaa garuu eessatti
na ergachuuf na waamta” jettee isheenis akka haasaa ho’isuu wa’ii gootee 1… 2
jennee akka nama duraan wal-beekutti waa’ee barnootaa…waa’ee daandii…
waa’ee konkolaachisaa osoo haasofnuu yeroo konkolaachisaan nuf eeyyame
dhumuuf daqiiqan muraasni nu hafe. Nu lamaanuu buna shiini keessaa waan
fixneef harka koo rurrukuuteen keessumeesituu waame. Gurraa dhiiraa cufaa
dhiita jedhama mitiiree keessummeessituun dhuftee jennaan dura bu’ee kafaluuf
jedheen qarshii koo isa danuu 200 na harka jiru giiphii kootti harka kaa’en ol-
fuudhe. Isheenis “anatu kaffalaa, dhugaa anatu si fidee”jettee boorsaa ishee banuu
eegalte. Lakki lakkii hin ta’u du’a koo kun affeerraa kooti”jedheen dura bu’een
keessuummesituutti hiixadhe. Na harkaa fuutee yeroo isheen socho’uuf faana fuutu
“obboleetti dhiifama waliin kottu mee” jettee ofitti waamtee “ waa si rakkisuu al-
tokko” jettee saggoo ishee qabdee gad-ofitti fiddee gurra isheetti waan ta’e
hasaasuu jal-qabde. Yaa Rabbii koo maaltu uumame tarii biyya kanaa bunni
qarshii 50 ol-moo anoo dhibban itti laadhee tarii immoo deebii hin deebisiniif
58
jedhaa jirtii jedhee osoon waanan foo’ee waanan hiiku wallaaluu “jiraa na faana
kottu” isa keessummeessituun jettun dhaga’e ammas maaloodha inni jiru? Nyaata
wa’ii nuf ajajuuf moo? Anoo giiphii kootti 100 malee waa hin habiifannee maalan
godha? Osoon jedhuu “hoodhu boorsaa kana naaf qabi mana qulqullinaa deemeen
dhufaa” jettee ‘sooftii’xiqqoo wa’ii fii qalama uuruutti dibatanu boorsaa ishee
bantee keessaa fudhattee natti kennitee keessummeessituu duukaa buute.
Keessummeessiituttiin ishee achiin geessee deebii koo naa fidde. Osoon ishee
eeguu yeroon keenyas dhumuuf ka’ee fincaan inni an sababa ishee finca’uu hafe
amma reefuu akka afuuffee koo dhoosuf jedhu natti beekama. Achitti akka ani wal-
darbee hin fincoofneef shamara gaafadhee gonkuma finca’ee hin beeku waan
ta’eef qaannfaadheen akkamittuu obsee taa’ee isheen dhufnaan gara konkolaataa
keenyaa deemnee ishee wal-galchee namoonni hundi hin dhufne waan ta’eef
konkolaataa duuba naanna’ee waan mana xiqqoo tokko dhoobsisu finca’e. ,Ani
Naqamtee deemee mitii maqaa isaayyuu Abbaa Raayyaa fi kolleejjii irraan
bal’inaan dhaga’e.Abbaan Raayyaa loltuu dargii turni.Garuu Dargiin qarshii
tokkollee osoo hin laatiniif loltummaaf itti fayyadamee gara biyyaatti deebi’anii
yeroo waraana keessa turan karaa magaalaa Naqamtee akka lafa deemanii dhufan
eda yeroon isaan bira bule natti himaniiru, “Naqamtee Kumsaatu beeka, Kumsaa
Morodaatu beeka’’ jedhanii geerraraa turani.Kumsaa Morodaan mootii
Leeqaati,masaraan Kumsaa Morodaa magaalattii irraa gara lixaatti argamti jechuun
Abbaan Raayyaa waan muraasa natti himaniiru……….Akkuma magaalaa
Naqamtee gallen haalli teessuma ishii,haalli qilleensa baramaa magaalaa Naqamtee
baay’isee na gammachiise.Konkolaataa Jimmarraa nu fuudhee deeme imltoonni
baay’een keennya barattoota waan taaneef imaltoota kaan erga buufata konkolaataa
Naqamteetti buusee nuun fudhee gara mooraa Yuunversiitii nu geese yeroon isaa
sa’aatii 9:00 ta’eera waardiyyaa mooraa Yuunversiitii borsaa koonya urgufanii
kiisii keenya eyyama keenya malee galanii mudhii nusukkuumanii qoma nu
59
qaqqabanii nu dabarsani. Nuti yoo taa’a jedhan ni teenya dhaabadhaa jennaan ni
dhaabanna hunduu nuuf haaraadha. Hiriirri bakka nyaataa, hiriirri bakka galmee
hunduu ni fiiga yaada hinqabu kaan qofaa odeessaa deema nuti hoomaa hin beeknu
qamalee fayyaa isheetti harkaan qabamte taanee. Akkasii lakkaa Yuunvesiitiin
jedhee yoo of gaafadhu, yoom argite kan qofaa odeessaa deemu kun kan akka
maraatetti fiigu kun gatii dadhabbii isaa bara darbee gabatee beeksisaa irratti
argeeti. Ani itti goreen gabatee beesisaa yoon ilaalu ramaddii doormii barattoota
haaraa jedhun arge. Xiyyeeffannoon ilaaluu yoon eegalu Maqaa Kichuu Lataa
jechuu yoon argu bakki ramaddii koo BLOOK 5FFAA LAKK.430 ta’uun argee.
Barattoota waliin deemne muraasa waliin mooraa Yuuniversiitii seennee Doormii
qabatne barataa sadii taanee erga bakka qabatne mooraan Yuuniversiitii keenya
maal akka fakkatuuf magaalattii keessa baruuf sosochoonee galle.

Orenteshiniin nuuf kennamee daree barnootaa keenyaaa barree guyyaa tokko


bullee barnoota eegalle. Utuma barannuu doormiitti yeroo gallu waa’ee maatii
keenyaa wal-gaafachuu jal-qabne. Guyyaan guyyaa dhalee torbanoonni danuun
dhufanii darbuu eegalan. Barnoonnis cimaa dhufuu jal-qabe. Hiriyummaan kootiif
kan Olbaanaas akka nama wajjin dhalatee amma ga’ee ta’ee waliin dubbifna…
waliin boqonna. Garuu namuummaf malee sadarkan jireenya keenyaas ta’ee kan
maatii keenya fardaaf lafa. Olbaanan mucaa jera harka ciidhati. Mucaa fedhiin isaa
hundi eegameefii guddateedha. Obbolaan isaa lama biyya faranjii jiraachuu jeraa
isa irraan dhaga’e. Abbaan isaas magaaalaa Jimmaa naannoofaranji araadaatii
hoteela fii suuqii qinxaaboo akka qabanu natti himeera.anis seenaa ofii dabsuunis
ta’e dhoksuun kodhollummaadha jedheen waa’ee jireenya maatii koofii du’a
harmee koo 1…2-n itti hime. Osoo inni na ilaaluu ijji koo imimmaaniin na
guutame. Olbaanaanis ija koo argee baay’ee rifatee “kichuu waanti baay’een ati
kaayyoo qabaachuudha. Malee seenaa darbeef of cinquu miti” jedhee takka na

60
sossobaa takka na uruursuu eegale. “ Miira keessa si galchuu kootif dhiifama” naan
jedhe bakka taa’uu ol-ka’ee waanta naaf godhu wallaalee fuula koo dura quphanee
“ol-ka’I deemnee buna dhugna” naan jedhe ajandaa keenya jijjiiruuf. Olbaanaan
uumama isaatiin nama gara laafessa akka ta’e hojii fii haasaa isaa irrayyuu nii
beekama. Namoota daa’ima baadhataanii daandii irra taa’aanii kadhatanuufii kan
umuriin jeraa achi siqe yeroo argu bira hin darbu. Waan maatiin erganuuf wal-akka
isaa daandii gubbaatti fixee gala.

Erga iccitii kootiifii kan maatii koo bareetii gonkumaa akkan isa irra adda ba’u
hin barbaadu. Isa duraa caalaa wajjin ciifnee…wajjin ka’uu eegalle. Osuma kanaan
doormii keessaa jirraannuu guyyaa tokko Haadhoon isaa inni angafti bilbileefii
nyaataaf bultii eessaa akka inni fayyadamu gaafateen Olbaanaanis “anoo waa
hundda iyyuu gibbii dhumaan fayyadamaa” jedhee itti hime. Obboleessi isaas
“nyaataaf tasgabbiidhaafis mana kireeffachuu siif hin wayyuu” jedhee gaafateen
Obaanaanis “wayya illeedhaa garuu” jedhee afaan keessa qabate. “isaaaf rakkoon
hin jiruu anatu danda’a jera manaatti hin himiniiti boru diiramaan bakka
dhihoodhaa mana qo’aanna dhaas mijatu ilaaliiti natti himi” jedhee bilbila cufate.
Akka bilbili cufameen Olbaanaan as natti jedhee “ kichuu baga gammanne kaa”
naan jedhe ofitti na qabee. sobee akka nama hin dhaga’inii of godheen
Ma’iinni waan saa maaltu argame? Jedheen. “Bro isa hangafa kootiim inni naaf
bilbile” naan jedhe. Waantan ergasii dhaga’u hundda isaa natti himee fixee ka’ee “
nama gammachiisa mitii” naan jedhe irra deebi’ee. Ee’eee’e nama gammachiisa
baga gammadde jedheen osoo afaan kootii fin fixin “ kichuu maal jechuu keeti?
Kun bar ana qofaaf mitii atis keessa jirttaa” naan jedhe. Seekoondiifii daqiiqaa
muraasa sana keessa waanan murteessus waanan jedhus wallaaleen keessootti
yaada kootiin waan meeqa baasee… buusee… guduunfee… hiiken I’iii’isagalee
jedhu qofaan dhageessise. Ani yaada heeddu keessan gale. Olbaanaa faana ba’ee

61
bakkee jiraachuuf nama na gargaaru homaa hin qabu waan ta’eef hanga yoomiittan
ba’aa ta’een saggoo isaa irra taa’a. isa dhiisee doormiitti akkan hin hafneef immoo
isa malee hiriyaa dhihoo hin qabu. Erga wal-barree inni anaaf waan hundda kooti.
Baayyisee nafaanaa cinqama. Waanin murtteessu wallaalee osoon mankaraaruu
lafti dhiihuus…bariihuus hin oolu. Sinbirroonni cur…cirr…cirr…cciirr..jedhanii
laftis bari’ee hiribaa kaanee’ kaaffee’ dhaqnee ciree nyaannee gara ‘clasii’
deemnee barannee erga baaneen booda “kichuu kottu kaa deemnee isa kaleessaa
barbaannaa” naan jedhe. Yaa Rabbii koo qormaata maalii natty fidde? Maal
jedheen harkaa ba’a? jedheen utuun yaada filadhuun dhufee harka koo qabee
“kottu kaa? Maal taate? Waa yaadaa jirta moo?” naan jedhee na fuudhee
Mooraadhaan ala na baase. Ani garuu isa waliinan deemaa jira malee maal yaadee
maal akkan dhiisaa jiru naaf hin galle. Kamiifuu amma isa mufachiisuu hin qabu
jedheen utuma naannofnuu barreeffama karra namaa gubbaa waan dhufaatii
keenya fuulleetti arganii maxxasan fakkaatu kan ammallee kan dhukkeen itti hin
qabatin arginee itti gorre. barreeffamichis “MIKARAYI BEET ALLE” jedha nutis
karricha dhodhoofnee yeroo jennu muciyyoon bareedduun sinbo qabeettii uffata
safuu hin cabsine uffattee jirtu tokko dhuftee ulaa nuuf saaqte. Nutis manichi
dhugaa ta’uu ishee gaafannee ol-seennee ilaalle. Olbaanaan gatii isaa walii galee
kan baatii tokkoo laateefii deebinee akka dhufnu itti himnee gara mooraatti
qajeelle.

Mooraatti deebinee guyyaa muraasa booda obboleessi Olbaanaa karaa mana


baankiitiin maallaqa ergeef. Olbaanaan akka amalasaa dhufee nawaaamee waliin
deemnee akka waantoota nu barbaachisan tokko tokko binnee mana inni nuuf
kireesse sana akka deemnee sirreessinuuf irra deebiin nagaafate.Arras akkuma
yeroo darbee mamii dheeraadhaan booda wajjiniin deemnee wanta irra ciifnuuf
meeshaalee xixiqqoo nyaataaf nubarbaachisanuu fii kan qulqullinaaf oolanu binnee

62
baajaajii tokko kireeffannee hanga manichaatti qarshii 7 fudhatee achiin
nuga’e .Nutis deebinee akka dhufnu itti himneerra waan ta’eef yeroo dhaqnu
jeraafis haaraa hintaane.akkuma hulaa nurraa bananiin gaaffi tokko malee mana
keenya banannee waan sirreeffamu sirreessinee osoo hin turin gara mooraatti
deebine.Guyyaa sana doormii bullee Olbaanaan fedhii isaa guuttachuuf an
immoo fedhii Olbaanaa guutuuf guyyaa itti aanu meeshaalee barnootaa fii
waantota qabnu fudhannee gara mana kireeffanneetti galle.Tokko lama jennee
jireenya barnootaarraa boqonnaa lammaffaa jalqabnee.Akka yeroo mooraa sana
yeroo baanee deebinu ID (waraqaa eenyummaa) kan nu gaafatu hin jiru.Nyaataaf
hiriira dhaabbachuunis dhaabbateera.

Haalli barnootaa baay’ee natti tole, Haala mijataa waanin argadheef natti fakkaata.
Amma akka gaafa abbaa koo walii ofii bixxilannee nyaannu sana miti. Cireen,
laaqanniifi irbaanni yeroo isaa eeggate qophaa’a. Kanaaf natti fakkaata….

Mooraa nuti kireeffanne mooraa Yuuniversiitii keenya irraa gara dhihaatti yoo
argamu bakka jalqaba magaalattiiti.Bakke Jaamaa jedhamti.Qassoo, Daargee,
Calalaqii fi Daaloon teessoolee magaalattii keessatti argaman ta’u.Jiruuf jireenyi
haalli hawaasummaa fi ilaalchi namummaa fi kabajni keessoo ummata sanaa jiru
baayisee nama hawwata.

Osoon haala kana keessa jiruu waggaa tokko xumuree garan dhufetti
deebi’e.qarshiin murasa qabuun guyyoota lama gidduutti abbaa koo biran
qaqqabee,yeroon fuullee mana keenyaa gahu deemee abbaa kootti mul’achuu fi
barnoota haalaan barachaa turee ittiin wal arguun koo gammachuu dachaati,garuu
immoo barataa Yuuniversiitii ta’uu koo haati koo osoo hin argiin hafuun gadda
lakkuuti. Yoon balbala irra gahee abbaa koo waamu inni dadhabee dhufee bicuu
boqoteera. Gaafa sagalee koo dhaga’u baay’ee gammade baay’es nahe. Ergan

63
guyyaa manaa bahuutii eessa akkan deemee fi maalitti akkan bahe illee dhaga’ee
hin beeku. Halkaniif guyyaa yaadaaf yaaddoo keessa ture. Har’a garuu
misiraachoo ta’ee walitti gammadnee,wal dhudhungatnee,walitti marminee hafne.
Dhugaa qabna………wal malee maal qabna…………..sanuu immoo ilma
fedhaisaa eegee barnootatti jabaadheen akka inni yaadu ta’een keessa isaa
gammachisee yaa Rabbi galata kee jedhee Waaqatti harka ol qabatee galateeffate.
Qe’ee warra gaddi dhaalee har’a ollaaf firri muraasni yaa’ee na dubbisuu
dhufe.Haala Kanaan guyyaa nuuf kenname tureen ammas nagaa itti himeen deeme.

Amma hamileen koo jabaadha.nama muudii’ horatee magaalaas baadiyyaas argee


jiraates beekudha,ilaalchii fi yaadni koo leenjii fudhatu waliin baayisee fudhatama
waan qabuu fi fala rakkoo furuu danada’u ta’uu irra darbee nama siyaasaa fi
saayinsaawaa ta’uun eegale,sanuu barsiisaadha. Barsiisaa saayinsii hawaasaa gola
addunyaa daawwatnee,dhaloota daawwachiisna gaafa eebbifamnee baanu
mooraan ani namoota gaafa eebba koo na dubbisuu dhufan itti keessummeessuu
kireeffadhu keessa bishaan hin jiru boombaan kireeffamu ollaa keenya waan jiruuf
achi deemeen galgala bishaan bitanna………..guyyaa tokko galgala garuu waan
haaraan na quunname. Anis agartuuwwaan koo shamarran ilaaluu eegaleera,hanga
shamarran Yuuniversiitii keenyaa na bira darbanitti naanna’ee duukaa ilaaluun
jalqabe. Durba ija kootti miidhagdu baayiseen kajeela,akka saree foon duukaa
ilaaltuun gorora coccobsuun jalqabe. Ijoollee durbaa saafila ta’an baay’een hawwa,
tokko fuula,tokko ija, tokko dhaabbii fi sarbaan isaanii baayisee na jeeqa. Garuu
duraan jiila yoon qabaadhes kan ammaa immoo obsa waan na dhowwatuuf qalbii
kootiif bitamuun eegale. Mucayyoon durumaan baayistee na gaaddi, guyyaa lama
hoji manee fiddee na hojjechiifteetti……….isheen kutaa 8ffaa
baratti…………….akkuman qos…. qos…. godheen mooraa jeraa ol seeneen
eenyudha…………..

64
Jechaa dhuftee balbala bantee qodaa bishaanii ani baadhu na harkaa fuutee bantee
erga jala keesseen booda………….taa’i malee jettee na dhiphiste…………..nan
dide,dura garuu immo guntutni ishee fi maddiin ishee akkasumas somaan miilla
ishee onnee na raasu. Isheenis waan baayistee dhiphatteef bari namni mana hin
jiruu har’a maatiin koo hunduu karaa deemaniiru kottu waliin ‘TV’ ilaallaatii naan
jette…………..tole jedheen mana seene. Manni isaanii baay’ee miidhaga, rimootii
‘TV’ natti laattee waan fedha kee jijjiirii irra nuuf kaa’i jetteetu qucum jettee na
bira teesse. Deebitee rimootii na harkaa fuuteetu fiilmii hindii kan jaalalaa irra
keesse…………

Suuta ilaaluu eegalle…………..daqiiqaa muraasa booda baay’istee natti siqxee


anaan illee qalbiinkoo baayisee na raafame. Waan guyyaa gaafa Siinboonee
waliiniitu na dura dhufe. Haala hin beekamneen miira jaalalaa keessa galle. Hidhii
ishii furdaa sana hidhii koon qabeen callisee ilaale……………………isheen
immoo harka ishee loostee harka koo keessa galchiteetu harka koo sukkuumuu
eegalte…………………..lukti ishee tokko akkuma jirutti narra ol baheera. Garaan
narra ciistee ija jaalalaa hamaan na ilaalte. Anis akka waan bakakkaan natti bu’een
rifadhe. Harka ishee tokko suutumaan surree koo keessa yoo ishiiin galchitee
qaama saala koo harkaan qabdu gonkumaan of wallaale. Isa booda waan ta’e hin
beeku…………………….

Bishaan jala kaa’ame guutee gadi naqameera,yeroon deemee jalaa fudhadhee


fiigee dallaa ala bahe qofaan yaadadha.

Guyyoota muraasa booda osoon kolleejjii galuu karaa irratti arge

Yeroon gara eebbaatti deemaa jira haalli ani keessa jiru immoo ulfaata ta`uu caalaa
fedhii yaadni barnoota na duraa faca'uu erga eegalee bubbuleera. Osoon haala

65
kanaan jiruun onneen koo gurguraamuu eegalte immoo haala duraa caalaa
dhiphina guduunfachuu jalqabe. Abbaan koo ollaan gamaaf gamanaa ummatni
bakka ani itti dhaladhe yookiin Jimma Limmuu saqqaa ilaalchi barnootaa duraan
hawaasicha keessa jiru gadaanaa waan tureef namni barnootaan sadarkaa kanarra
gahe hin jiru waan ta'eef yoom eebbifama laata ilmi abbaa Kichuu jedhee na
iyyaafachu kan eegale bubbuleera. Akka naannoo oromiyaa bakkeen birootti ilmi
yookiin intalli gaafa barattee eebbifamtu kan danda'e gara dhaabbata leenjichaa
dursee dhaqee firaaf ollaan hiriyaan waammaatee kennaa kanneen akka Abaaboo,
kitaabileefi barreeffamoota yaadannoo garaa garaa ofirraa qaban baadhaase waliin
magaalota fi bakkeen bashannanaa garaa garaa deeme suuraa waliin ka'anii wal
kaafatanii fudhatanii galu. Guyyaa kan barate eebbifame mana abbaa isaatti galu
kaan korma qalee nyaachiee.... Sirbee waliif gammada garuu gochii fi aadaan
akkanaa immoo naannoo keenyatti baratamaa ta'uu dhabuun isaa baay'ee nama
qora keessumatti aadaan ilaalchafi duudhaa barnootaatiif ummatni gara wallaggaa
fi bakkoota biroo jiru yeroon dhaga'u illee hanqinni Oromoo bakkeen muraasa bira
jiru akkamiin akka jijjiramu danda'u yaaduun madaa sammuu natti ta'e. Jecha
gooticha jeneraalaa biyya keenyaa kan ture Taaddasaa Birruun yeroo mootichi
Haayile sillaaseen sabichi akka baratu hin barbadne bare sun gara Godina Shawaa
deemee ummata walga'ii ballaatiif karameellaa bitee geessee erga itti hiree booda
mee afaan ka'aadhaa alanfaadhaa jedhee ilaalaa egaa booda barnootni akka
karameellaa kana Addunyaatti minyoofti waan ta'eef baradhaa har'uma irraa
kaasaati baradhaa jedhe anillee akkan baraadhu kan na godhe jecha kanatu na
kakaasa ture. Ani ogummaan barachaa jiru ogummaa barsiisummaa waan ta'eef
lammii koo cimee barsiisuu, doofummaa keessaa baasuuf dirqaman fudhadhee
bahu hojjiitti hiikuun dirqama jedheen murteesse.

66
*Guyyaan eebbaa yoom gaha? Uffata gurraacha diratanii waan akka aangoo
jeneraalaa qabaniitti mataa irra gar tokkoon faacha fardaa gadi faca'e qabu sana
yoomaan mataa koo irra ka'aadhaa? Yoom immoo abaaboon miidhaguu sun
harkatti naaf kennamti laata? Kun hundi yaada koo yeroo mara na dheebotu ture.

Yaa Rabbi maal qabaa yoo umurii haadha koo har'aan geesseetta ta'eetii maal
immoo qaba yoo siinboonee koo ishee yeroo kutaa 9-12ffaa sana har'aan geessetta
ta'ee silaa baayiseen gammada mee ishii yaa Rabbiikoo waan tokko si gaafadhu
laata eeyyee naaf jetteettaa....... Si gaafadhuree...... Gaafan ebbifamee abaaboo
koohundaa guuttadhee galu sana eenyuutu mana ho'isee.... Qalee...... Naqee....
Gammachuun immoo na simataa? Kana hundaaf gaaffi sirraan eega?...... Guyyaan
eebbaa gahee barattoonni maatii fii hiriyyaa akkasumas firoota waammatanii kan
as seene kaan karaa jira.

Abbaan koo maal ta'ee as ga'uu dhiisee? Moo yoo dhufes isuma qofatu ana bira
dhaabbataa laata? Alkan eebbatti bari'u anaaf guyyaa gaarii hin turre.

Abbaan kóo dhiiseera jedhee ergan abdii kutadhee mooraa eebbaa seeneedaqiiqaa
muuraasa tureen booda hiriyaan ‘dipartimeentii’ kootii tokko kichuu hin arginee?
Kichuun eessa jira isanni jedhaa keessa deemaa na iyyaafatun halaala irraa
dhaga’e. oooo’uu asan jira maliinni nagaadha mitii? Na barbaadde moo jedheen
innis “kan si barbaade illee anaa mitii namni baadiyyaadhaa waan reefuu dhufanu
fakkaatanu wa’ii karra seensaa gubbaa dhaabbatanii kichuu namni beektan hin
jirtanuu jedhanii iyyaafataa jiru. Si ta’ee fii kichuu kan biraa ta’ee immoo hin
beeku” jedhee osoo inni jechoota isaa afaanii hin fixin kun abbuma koo ta’uu qaba
jedheen utaalaa…dadarbamaa…akka suksukuus ta’aa garasitti qajeele. Yeroon
achi ga’u “maal yaa rabbi tarii asii mitii moo nama kan hunda keessaa akkamitti
namni ilma koo beeku dhabame” jedhaa ofiin haasa’aa harka maratee ofiin

67
haasa’aa walii gad deema. Anis itti siqeen Abbaa jedheen yeroon waamu innis
dabaree isaa amanuu dadhabee “ofii ati kichuu dhumaa” jedhee harka ballisnee
walitti marminee ofitti na qabee gubbee koo keessa na dhungate. Alana ofan
wallaale….nan ililche abbaa koo harka qabadheen ol-seene. Sagantaan jal-
qabamee 1..2..3…hunduu tartiiban geeggefamee barattoonni, maatiin barattootas
tasgabiidhaaf gammachuu ammana hin jedhamneen hundinuu hordofee
xumure.yoon abbaa koo harka qabadhee gadi bahu kan lama ta’ee deemu nu
qofaadha.Kaan kudhaniin,kaan shaniin waliin abaaboo guuree ya'a. Waaqni
iyyeessa innoo warra namaaf gaddan gara kootti as qabee ilaali mucaa kana haadha
hin qabu ta'a jedhanii natti as goranii abaaboo naaf bitanii kaan idhii xuuxaa kaan
ija keessa na laalaa yoo xiqqaate namootni kudhanii ol abaaboo bitanii naf laatani
jabaadhu homaa miti jedhanii isaan haadha warraa kaanii ilaalee boo'u na
jajjabeessu. Abbaan koo immoo gammachuuf gaddaan of wallaale.

BAATIIN BULTII GOOBANTE

Abaaboo kaasuu guutuu baadheen uffata dheeraa diradheen jilbaan tumaa abbaa
koo waliin magaalaa keessa woliif gadi deemaa jirra. Karaangaraaf garanaa
namootaan cufamaadha dambaliin ummataa oliif gadi dhangala’a kaan ol..kaan
immoo gadi yaa'a konkolaataan tooraan akka sa'aa ulee tikseen oofee galaa jiruutti
tooraan yaa'u. Biiftun fuulleetti na’argitee cunqursaa fii darbannaa namootaa
meeqaaf meeqaatama humnaan qaxxaamurteegarakoottiasqajeeluu ishee argeen
isheedhaa? moo ishee miti?ijakoo amanuu dadhabeen abbaakoo biraa xiqqoo akka
dhaabbachuu ta’ee yeroo as natti hiqxu ishumadha.Waraqaa burreetiin kennaa
maramee qophaa'e of harkatti baattee jirti. Miira ariitiitu irraa mul-dhata xiqqoos
akka dafquu taateetti addaafii funyaanshee irratti titiiffa’eera dhuftee nabira erga

68
geessee cinakoodhaabbattee Altokko ana yeroo kan immoo lafa keessa
ilaalaa"baga firii dadhabbii keetiin siga,aka"jettee osoo infixin ijashee keessa
imimmaan guute. ija tokkoon abbaa koo ofirratti ilaalaa waan harkaa qabdu sana
natti hiixatte...anis ofitti qabee haammadheen kennaa isheennaafidde Galataa
wojjiniin harkaa fudhe.akkuma natti laatteen miila owwitee daandii keenyarraa
maqxee qajeelte.Animmoo kunKennaa addaati jedheen Qaamni miiraa koo
guutuun gammachuudhaan dhuunfatame. Hanga ammaatti Abaaboo malee namni
womaattuu lakkaa,ee waa biraa natti hiixate injiru waan ta’eef waan keessasaa jiru
beekuu baadhuyyuu baayyeen gammade.Amman galee irraa hiikee waan ta’e
baruutti baayyeen sardame gaaffii hangana hin jedhamnen of gaafadhee ofiikoof
deebise.ofan-dhiphise. Isheen waan nufaana deemuu saalfatteef kallattii biroon
baatee galteetti... Maaliif kana gootee?... maaliif manatti naaf hin fidnee?..lakkii
dhiisi waan akkas gooteef beekti. Manatti akkamitti naaf fiddi?akka itti naaf fiddu
hin qabdu... maatii ishee sodaatti...abbaa koos nisodaatti ta'a. Maaliif hin
sodaatturee?jedhee sammuun koo yaada duraan jalqabe osoo hinxumuriin yaadni
utuu yaada dhalchuu yoon abbaakoo woliin mana ga'u ollaan keenya akka
eebbikoo har’a tae gurraa qabu waan ta’eef qe’ee keenya ho’isanii nu
eegani.kaanis ergan mana ga’ee waan manaa qabanu akkuma akka jeraatti harkatti
qabatanii dhufuu eegalan. Baga milkoofte baga gammaddes jedhanii na eebbisaa
oolan.Anis Isaan kun Abbaa kootii wolbaraa jedheen isas akka eebbisanu godhaa
oole.jerri martuu nyaata wollaan nuu fidanii fii kanin Abbaa koof jedhee bitewaliin
nyaannee abbaa koos baranii ka’aa kottaa mana duwwaa keessa qofaa keessan hin
taa,inaatii jedhanii gara mana isaaniitti nufudhatanii galan. Nutis achi dhaqnee
seenaa biyyaa seenaa namaa isa baratee isa hinbaratinii kaafneeosoo taphannuu
yeroon sokkee sa, aatii 3:45 taanaan irbaata nyaannee Abbaa koo woliin gara kutaa
an kireeffadheetti as deebine. Erga deebineeAbbaan kiyya "Kichuu koo kottuu
taa’i sin eebbisa ija na jabeessitee ijji kee hin laafin... jabaa koo.... bagan si
69
godhadhe." Ati kaayyoo koo naaf guutte. Ati jabduu kooti.... Ani akkuman sitti
hime abbaan koo narraa du'uutu akkan karaatti hafu na taasise... Malee silaa
barnootaaf bakka guddaan qaba ture. Erga jedheen booda....

Amma egaa as jedhi sin eebbisaati "Daraarteettaa Waaqni ija sitti haa godhu.
Baratteettaa hin-wollaalin milkaa'i..... Nama lammiif hojjetu ta'i.... Kodhollee
hinta,i Hunduu sihaa jaallatu... Hunda namaatti naaf urgaa'i..... hamaan sin argin...
Gaariin sin darbin... Hamajaajiin... qortuuf mortuun sin danda'iin"..... Jedhee
ammas irra deebi'ee harka koo ofitti fuudhee dhungate Iptuuu iptuuu iptuu jedhee
gubbee kootti naa tufe.

Kichuu! amma haalaan garaa Biiftuu Biqilaa sana ilaalteettaa?... Maal ta'ee...
Yoona guddateeram.....Dhugaamo?.... Silaa immoo natti himtikaa...... Osoo maal
ta'eeti?..... Osoo mucaan garaatti hafeeti.... Yoom ga'e reefuu ji'a sadii caala
mitii?.... Lakkii Biiftuun mucaa magaalaatii... Sanuu mucaa magaalaa Naqamteeti.
Magaalaa Abshaalummaan keessatti dhalatee guddate jedhee sammuun koo of
gaafachuu eegale.

Gaafa nuti abbaa kiyya waliin magaalaa Naqamtee keessaa konkolaataa gara
Godina Jimmaa qabannee deemsaaf kaanee jennu amma buufata konkolaataatti
maatii ishee dhokattee boorsaa fii qodaa an baadhu nagargaartee imimmaan ijashee
keessaa lakkuu ta,ee fuula isheerra yaa,u shaashii fuulaa fii morma isiitti marattee
jirtuun anaaf Abbaakoo dhoksuuf ammaaf amma haxaawwataa
nageggeessite.Gaafa sana qalbiin..... Yaadni Biiftuu baay'ee jeeqamaature.Anaaf
garuu naan gallee.Waan duraan keessi keenya wol bira jiruuf moo waan waantan
inbeekne waanta uumametu jira laata?, Tarii maatii dhaan wol qoccolte ta,
aa? .Maali laata?Waanti akkas isii boossisu kun? Kamiifuu Waa malee manni hin
aaru. Garuu jaalala akkas nama jeequllee wal-jaallanne hin beeknum...... Dhiisi ati
hanga nama jaallattu malee..... hanga namni sijaallatu maal beekta?.... Dhuguma
70
ta'a. Amman ishee jaalladhu malee amma isheen na jaallattu maaliinan beeka
safartuun jaalalaa kal dhabee dhaa hoo..... utuu najaallaachuu baattee tii immoo
akkamiin nyaata harmee ishee dhoksitee dimimmisaan dukkanaan da,attee naaf
fiddi?..... Maaliif immoo qarshii dhoksitee naaf laatti?.... Maaliif immoo yoon
ba'uufii yoon galu na duukaa ilaalti laata?....Hiyyummaa dhuma koo kanatu
baayyee itti dhaga,ama ta,aa?Moo WaanOromootaateef oromummaa dhuma koo
jaallatteeti?Homtuu isaayyuu wolii naaf galuu dideSafuudha.... Raajiidha....
Baay'isee.... Baay'isee.... Reefuu sammuun koo boqonnaa dhaba.

Yaadni yaada utuu tartiibessuu gaaffiin gaaffii omishee utuun deebii inargatin
jireenyi itti fufe.

Ani amma hojjetaa mootummaati waan ta'eef sichi Biiftuun eessatti na argiti.
Amma waa'een ishee darbeera.Onneekoo garuu boojitee turte. Yeroo jalqabaaf
immoo nama fedhii foonii waliin raawwadhedha.

Biiftuun akkuma Biiftuu samii irraa gadi naaf iftuutti bakka firaa fi hiriyaan
akkasuma lammiin ani waliin dhaladhe hin jirretti naaf ifteetti....... . Wanti isheen
gaafa eebba koo goote immoo hin dagatamu. Dhoksitee manatti garbuu naqxee....
Daabboo tolchitee fiddee furtuu balbala kootii bakkan dhoskadhee deemuu fuutee
mana koo keessa keessee nu eegde. Ollaan, hiriyyaa fi abbaan koos dhangaa isiin
nuuf qopheessite nyaannee dhugaa oolle. Wanti kun gonkuma yoom dagatama
ree....... Muciyyoon kun olmaa hangana hin jedhamne kanin danda,ee hin deebifne
narraa qabdi.

Bagan silkii maatii isaanii qabaadhe. Silkii manaatii waan ta'eef akkamittan
immoo bilbilee Biiftuutti naaf laadhaa jedharee?....Akka nama jeratti dhimmeen
Ammaaf amma bilbileeakka carraa gaafa isiin kaaften ittiin haasa,aka.Kamiifuu

71
dhimmi Biiftuu dhimma dagatamuu hin qabnedha.Ajandaa koo cimaa ta,uu qaba.
Yoo achi deemuu ta'ellee waa'een Biiftuu ammaa qabee itti yaadamuu qaba.

BAATII 1 BOODA

Beeksifni Raadiyoo fii TVn labsamee Biiroo Barnoota Oromiyaa deemuun


carraa gaafan kaasu Goodina Jimmaa na qaqqabe, Gaafan Godina dhufus carraan
koo tolee Aanaa dhaloota kootti nadeebise. Amma sammuu kootti Qilleensi
hawwii jireenyaa qilleensa,aa waan jiruuf keessi koo duraan jeeqamaa ture yeroo
haara galfii isaa waan qooddateef uumaakoof Hooqubaan qaba. Yeroo dhiphinaa
hedduu waanin dabarseef yeroo boqonnaa koo kanatti fayyadameen Qilleensa
qulqulluu qe,ee handhiirri koo itti awwaalamee fudhataa of bashannan siisa
jedheen kitaaba afaan Oromoo hayyuu Isaayyaas Hordofaatiin barraa'e dubbisuuf
harkatti baadhee gara muka Odaa fuullee lafa keenyaa jiru deemuu Awwaalcha
haadhakoo waggaa sadiin duraan dallaa nuti abbaa koo waliin itti ijaarree turre
moofa’e caccabuu isaa argeen, isheen immoo yowwana akkam taati laata?jedhee
osoon hin beekin imimman koo of irra lolaasaa gara sanitti deeme..... Namoota
hiree jireenya isaanii akkuma ishee xumuran tarree galtee hiriirtee ciistee
jirti.Yeroo kana ofin wallaale. Nan boo'e...... Nan hirqinfadhe.....boqonnaa na
dhowwe.

Harmee...... Harmee...... Giiftii koo akkam jirta?.... Biyya lafaa dhiiftee erga
godaantee waggaa sadii fixxeetta. Yaa harmee ani gaafa sana awwaalcha kee hin
argine bagan hin argiin...... Silaa sidura boolla kana lixuutu naaf caala ture.....
Inuman hirqinfadhe.... Inuman iyya...... Maaliifan hin iyyuree.... Haadha koo
tokkittiin dhabe... Osoon jaalladhuu.... Osoon mararfadhu.

Harmeekoo yaa dandeessu kiyya.... Amma haalli ati keessa jirtu akkamii?..... Ani
mucaan kee akka kaleessaa miti..... Har'a kunoo barnoota baradhee eebbifamee

72
galeen jira.... Yaa harmee.... Imimmaan.........imimmaan......... Imimmaan.............
Osoo har'a illee naaf geesseetta ta'eetii yaa harmee koo.... jedhee osoo
hirqinfadhuu hiriyyaan abbaa koo kan umuriin xiqqoo waan dullooman fakkaatan
muka murachuuf gara bosona xiqqoo ani keessa taa'ee boo'aa jirutti sagalee koo
dhaga'anii as dhufuun osoo ani of hinbariin harka koo qabanii bakka sanaa wal na
kaasanii na fuudhanii deeman. Maaloo maaloo Dhiisi!..... Dhiisi!....... ilma koo hin
boo'in jedhanii gaabii uffatanii jiraniin ija koo irraa naaf haxa'anii......

Gurbaa obsi nuti hundi keenya illee biyya kana irraatti hin hafnuu. Hundinuu
ni duuna. Duuti dirqama Rabbiin biraa nuuf laatamedha. waan ta'eef waan goonu
hin qabnu. Akkas hin ta’in malee off Jabeessi mucaa koo jedhanii .....nas gorsanii
nabiraa deeman.

.######@@@$ Gorsa isaanii galaa godhadhee of jabeessuuf jedheen erga isaan


narraa fagaatanii immimmaan koo haxaawwadhee ofirraa qoorsee kitaabicha
baneen dubbisuuf yaalii godhe kitaaba Seenaa Oromoo bal'inaan ibsuudha kitaabni
kun ergaa cimaa akka qabu fuula 3n tokko akkuman dubbiseenan xiinxaluu eegale.
Mata-duree jabaa "Yoom Laata?"Jedhudhaan Eegala. Ana garuu dubbisanii
mataatti qabachuuf mitii naannoo sana taa,uu iyyuu keessi koo hin dandeenye.
Utuun inbeekin imimmaan koo wol maddii fiigaa fuula kitaabaa jiisuu
jalqabani.Asiin naga,uudhaaf waan harmeen koo nafaana ta,aa turtetu nakeessaa
labooba kana arguu afuusiitu keessa koo qimmiida. Akka nama maraatee utuun
godhadhuu fuula Kitaabicha wolitti cufeen bakka sanaa godaane. Kitaaba
dubbisuun maal akka namaaf godhu gorsa barsiisaan koo Yuuniversiitiitti bal'inaan
nu gorsaa turen yaadadha. Namni Dubbisu nama guutudha nuun jedha ture.

Waajjirri Barnootaa Fulbaana bultii 15 yemmuu ta'u waraqaa qacarrii fii miindaa
koo ji'a jalqabaa akkan deemee fudhadhu xalayaa naaf ergan. Haa ta'u malee

73
duraan bakka ramaddii koof waraqaa miindeffamuu koo ibsu booda irra akka naaf
laatamu natti himamee ture. Anis M/saa________ ergan dhaqee guyyoota muraasa
hojii idilee koo irratti argamee barattoota galmeessee guyyaa muraasa immoo
qabiyyee gosa barnootsa muraasa yaadachiisaa tureen boodan miindaa koo ji'aa
Aanaa keenya deemee fudhadhe.....

Kun anaaf seenaa addaati.Amma barsiisaa ta'een ijoollee dura dhaabbachuu


eegaluu fani. Guyyaan isaa guyya Dafinooti saatii 2:25 ta,eera Uffata seeraa
ammaf hin qabu ture. Boronqii fii haxooftuu waajjiraa fudheen Deemee Daree
barattoonni jiranutti ol-seene. Nageenya gaafadhee ergan ka,eeMaqaa koo
akkasumas bakka dhalootakoo barattoota kootti himeen kan isaanis gaafadheen
mata duree bor barannuu fii akkaataa baruuf barsiisuu keessatti akkuma
freshummaa koo akkuma akkasaatti gorseen ba,e. Baay'een ofitti gammada.
Abbaan koos isa kanaa achii caalaatti Baay'isee natti gammadaa jira. Jiruuf jireenyi
keenya akka kaleessaa osoo hin taane kaleessi seenaa ta'aa dhufteetti...Ayii
hiriyootni koo duraan carraa ani argadhe kana hin arganne. Abdiifi Baacaan waliin
doormii tokko galaa turre lamaan isaaniiyyuu firiin barnoota isaanii waan jalaa
hanqateef gara waggaa eebbaaf hin milkoofne. Yoo carraa argatan bara itti aanutti
baratanii milkaa'uu danda'u ta'a. Haala hunda danda'ee carraa gammachuu
dhamdhamuu kootti Rabbi guddaaf galata yoon jedhu gama tokkoon mul'atniifi
dadhabbiin haadhaaf abbaa koo qofa osoo hin taane hiriyaa koo qaalii jijjiirraa hin
qabnee Olbaanaa A/olii waan firii argatedha..obsi dhagaa affeela akkuma jedhamu
Namni obse injifataadha obsa dhabuun garuu waan yaadan...waan karoorsan...
abdatan.. galma borii...dabalataan addunyaa namarkaa gata mitii? Eeyyeen
namarkaa gata jedheen yaada galaanatti dhidhimaa. Yoo Rabbiin jedhe immoo
mindeeffameen Abbaakoo isa nawoliin ifaajaa ba’e sana soora. isaafan jiraadha.
Hojjetaa ta`uufan jira hojjetaa mootummaa isa dhufee lafa keenya safaru..... lakki

74
isa mitiim... barsiisaadhaa.... Isa barnoota na barsiisaa ture. isa osoo dhala hin
qabaatiin dhaloota mararfatu..... isa jaalalaan nama moo'atu..... isa dhabus
qabaatus... guyyaa tokko sammuun isaa hin dhiphanne sana ta'uu kooti.... Maarree
oogummaa barsiisummaa gaafa leenjinu barannu..... akka itti barataa barsiisan....
akka itti barataa haalaf amala isaa to'atan.... currisa barataa barsiisanii haala itti
beekan.... daree barnootaa keessa barataa amala garaa garaatu jira. Jedheen
barachaa ture mitii?Eeyyee.... sirriidha. Barachaa kan turte sanuma waan ta'eef ati
barsiisaadha. Isa dhaloota barsiisu sana. Jedhee qalbii koon amani... kan amane hin
raafamuuti.of Hin shakkin ....kun yaada qalbiin koo of gaafate ofiif deebisudha.

Qormaatni jireenyaaf barnootaa walfaana sidhiphisu hunduu


darbeera.....Dhugaa?.... Dhuguman injifadhee darbee laata?.... Eeyyee
injifatteetta... Ati nama jabaadha. Of amani. Jaalalli, jireenyi..duuti haadha kee
kaayyoo kee ajjeesuuf dhufee ture sun.... ittuu sijabeesse. Nama waan itti oolee
bulu... nyaatee dhugu hin qabne biyyaa baasee... si dandeessisee... Abbaa kee
tokkittii biraa si fageessetu... itti immoo sideebise.Kun dhugaa dhuma
kaayyoodha.Kaayyoo jabaadha.jabaa qofa miti... Hanga tulluu ga'a.... Tulluuyyuu
nii caala. Kun hundinuu gaaffii hirribaa kaasanii.... osoon deemuu karaatti na
dhabanii..... osoon nyaadhuu nyaata addaan na kuchiisiisanii natti hasaasanidha.
Kaleessi seenaa ta’aa dhufteetti osoo kanaan jirruu hiryoonni abbaa koo namoonni
isa jaallatanu “mucaan kee eebbifameeraa yoo carraan hojii adda isin baase hin
beekamuu yooma halkan waarii si dhukkube namni si dhaga’u hin jiruu qobaa
keetti du’uuf deemtaa gaddaaf yoo ta’e ga’aa du’a haadha kichuu si’ii mitii
nuuyyuu hin irraanfannuu kana caalaa waa-maraan of hin miidhiniitii akkuma
aadaa keenyaatti si fuusifnaatii tole nuuf jedhi” jedhaniin innis yaada kana qobaa
hin murteessu jedhee qofaatti na waamee na-mariisisee anis mana harmee koo
keessatti nama biraa arguun gadda cimaa natty ta’uu iyyuu garuu abbaa koo isa

75
arra lubbuun naaf jiruxgaddisiisuu hin qabujedheen yaada jeraatti quufe. Jerris
nama isaaf taatu barbaacha ganda meeqa utuu labanuu dadhabbii nama hedduun
booda ganda olla keenyaatii Sapheertittii safuufii duudhaa beektu arganii maatii
gaafatanii guyyaa beellamaa qabanii hasa’anii waanta isheef barbaachisu akka
bituuf godhanii walumaan fuusifne.

Anis abban koo jireenya boqonnaa kan biraatti ammas tarkaanfanne. An haadha
biddeenaa, inni immoo haadha manaa lamaffaa argachuu keenyadha. Jireenyi itti
fufe

Abbaan koo waggaa sadii ol qofaasaa mana keessa ture. Amma garuu nama sadii
taane. Anis akka kaleessaa abidda gugguufee nyaata qopheessee hojii
barsiisummaa deema osoo hi taane ganama hirribaa ka'een qopha'aa nyaadhe
barattoota /dhaloota/barsiisuu deema.Guyyaas taanaan mana ho'aattan gala.Jiruun
har'aa gocha rabbiiti jedheen dinqisiifadha. Anaaf fayyaan koo baay'ee naaf
taate..... Na jaallatti...... Abbaa koos baayistee kabajji. Karooraafi haala jireenyaa
isheetu addatti beeka bulee bubulee waraqaan karaa mana poostaa aanaa keenyaa
tokko dhufee na qaqqabe waan ani amanuu hin dandeenye ibsa.

HIRIYAA KEE

BIIFTUUDHA

Akkam jirta? Nagumaa? Jiruufi jireenyi kee akkami?

Haalli jireenyaa siif mijateeraa? Waaqni dadhabbii wal’aansoo ati jireenya wajjin
godhaa turtetti firii siif godhee kanan si ga’e. Umurii kee hafaniif haraarrifi
eegumsi isaa sirraa hin dhaabbatiiniin kadhannaa koo yeroo maraati. Gaarummaa
jabaan siif hawwa. Afaan guutee ani nagaadhaa siin jechuudhaaf erga guyyaa ati na

76
biraa deemteetii akka durii irraa wanti natti hin jijjiiramne qilleensa qulqulluu
qofadha. Ergasii qalbiifi sammuun koo libsuu ijaatii illee nagaa argatanii hin
beekan. Osoon ijaan si mararfataa ilaaluu abbaa kee waliin Konkolaataa gara
Jimmaatti imalu yaabbattanii deemtani. Kan deeme isin qofa onneen koos ergasii
natti hin har’aatti narraa hin qoorre. Osoo jallisiif kan oolu ta’ee ooyiruu hektaara
tokko misoomsuu hin oolu. Akkuman si faana ilaalettan hafe. Qalbiifi eenyummaa
kootti deebi’uun dadhabe. “Sa’aa abaarsa qabu gogaansaa dibbee ta’a” akkuma
jedhan of biraa si dhabuu koo irraa kan ka’e fayyaa koos nan dhabe. Jireenyi koo
mana guutuun irraa diigamaa ta’e daandiitu natti duude. Kallattii jirutu na harkaa
bade. Fayya dhabeettiin ta’e………..Simalee jiraachuun qurxummii bishaanii
baateen adda miti. Simalee Addunyaan kun anaaf hiika hoomayyu hin qabdu.
Waanan ta’eefi waanan dabarse fixuudhaaf yeroofi jechoonni nan ga’an. Abbaa
ilmaa taateettaa baga gammadde. Yoo Waaqa nama gidduutti jaalala uume sodaatte
adaraa kee yeroo dhiyootti gara Magaalaa Naqamtee kottuutii na argi. Ani waanta
biraa maaliyyu sirraa hin barbaaduutii… ijuma keen argaatii. Kanan siif jedhee
miidhame hunda obese har’a gahe hiriyyaa koo dhugaa agartuu ija koo Kichuu
Lataatiif.

Biiftuu dha

Ana Jaalallee keeti.

Yoon kana hiikee dubbisu Baay'iseen boo'e boqonnaan dhabe yaadaaf ilaalcha
Biiftuun naaf qabduu fi isa isheen yeroon ba'u fi galu nafaana ilaaltutu dura koo
deeme.Biiftuuf tarii guyyaa ani Naqamteetti nagaa dhaame gara Jimmaatti fuula
koo naannesserraa eegalee guyyaaf halkan waan walittii baheef natti hin fakkaatu.
Halkan dhihuun abjuu hiika dhabe ta'ee akkan ishee qoraa ture qalbiinkoo nattii
himti.Anis gammachuukoo duuba dhiphuun nagolguu hin dhiisne.Maaltaati laata

77
jechaan irra deebi'een dubbisee. Abbaa daa'imaa ta'uu koon of bare. Yoona egaa
yeroon akka kaleessaa miti. Safuu Oromoo cabsees lama buluu hin dandeenye.
Bilbila kan warra mana kiraa ani keessa yeroo muraasaaf tuee waanan qabuuf
bilbiluun eegale. Achumaan narraa kaasan "eenyu" naan jedhan sagaalee
guddaadhaan. Sagaleecha nan yaadadhe. Nan gammade Anadha jedheen ''ati
eenyu" nan jedhan ani Eessuma Biiftuuti,intaala Ollaa mana keessanii jedheen
"eessa irraati" naan jedhan magaalaa Finfinneedhaa jedheen maqaa koos of
dhoksee " obsi ijoolleen siif haa waamanii"naan jedhan .

Xiqqoo turee yeroon bilbilu Sagalee durbaati ishee dhuma jedheen Biiftuudhaa
jedheen "eeyye" naan jette nagaa wal-gafannee waan hunda waliin dubbannee akka
isheen gara Godina Jimmaa dhuftu itti himee isheeniis "tole" naf jettee.....

********************

Guyyootni.. Ji'ootni..Barootni..Jireenyakoo doorsisaa turan sun har'a karaarraa


dabaniitu akkan itti jiru ilaaluun qaana'uu waan hafan miti.Obsi naan jedhanii hin
beekan ture.Na marsanii gadadoof rakkoo akka bubbee bosona baddaa Uummoo
irraa bubisu sanatti narraa gugugsaa turan galma koo dheeraa qaqabuuf ejjennoo
tolfadhee tarkaanfii jal-qabeera.Barri harkakoo galeera. Nama ta'uukoo of bare
nama kaayyoon hacuuce. Nama obsi mo'e, nama akka dubartii da'umsaaf looko
hidhameefitti rarraatee ciniinnattuutti kayyoosaatti ciniinnatee hafee milkaa'edha
ani.-"Maqaan baduurra Mataan baduu wayya" jedhan. Eeyyee dhugumaam maaltu
amma maqaa abbaa kooti naaf gaha. ...osoon of quba hin qabaatiinan obboleessa
argadhe. Nan gammade..nan ililche.. oliin utaalee.. akka jabbii aannan quufettan
qurub..qurub jedhe. uumaa mana qabbanaa'e ho'isuu beektu.. Kan rakkateef wabii
taatu..kan dhiphateef furmaata laattuu galatoomi! jecheen walitti qabee eebbisuun
jalqabe. Abbaankoos baayee gammadeetu ''Kichuu kottu obboleessa keetti maqaa

78
moggaasi!''naan jedhe. ''lakkii..! maqaa moggaasuun gahee abbaa mucaati'' Ani
akkam godheen aadaa Oromoo ganamaa cabsa yoon jedhu..egaa... jedhanii xiqqoo
turaniitu. ''barsan'' jechuun kanumaam jedhan. maqaa sirriidha. Maqaa haala
gidduugaleffate ..barri sun seenaa hin galle taate. Har'a mana magaalaatti
ijaaranneetu maatiin keenya martinuu magaalaa jiraatu. anis akkuma warri adii
''step by step egg can walk by leg'' hiiknisaa (suuta suuta buphaan miila godhatti)
jedhan sana caaleen ''suuta suuta buphaan baallee baaftee barristi" jedheen
hiriyoota muraasatti qoosuun jalqabe. anis amma abbaa milkiiti kan naqamteetti
dhalatee haadha waliin naaf dhufe. mucaa biyya kumsaa morodaatti dhalatee..
(.xumurameera!!

79

You might also like