You are on page 1of 5

Namticha tokkotu ture . Abbaan isaa bara hima .

Abbaan isaa duunaan


abbee bara himaa koottuutii bara himi jedhaniin .
Namichi sunis akka inni bara himu mootummaan waan dirqisiseef
koottuutii bara himi jedhanii fuudhanii deeman. Namtichi sun bara
himuudhaaf rom’aa utuu deemaa jiruu sardiidaa boollarra teessu tokko
arge . Achumaan sardiidni sunis maali yaa namana maalif rom’aa deemta
jetteeni . Namtichis bara himinan jedhanii waanan jedhee himun wallaale
jedheen . sardiidni sun namichaan bariibara waraanaati jedhiitti himi
jetteen . Namtichi bara waraanaati jedhee itti hime . Achumaan barichi bara
waraanaa ta’e . Namtichi immoo eeboo baatee deemaa ture . Yeroo
galuammas sardiidni sunutuu boollarra teessuu argee asumatti naeegdaa
jedhee eeboodhaan ari’uun boolla seensisee biraa deebi’e . Ammas waggan
sunga’ee namticha qabanii utuu rom’aa adeemuu argitee maali yaa namana
maalif rom’aa deemta jetteeni . Namtichis immoo bara himi naan jedhanii
waanan jedhee himun wallaale jedheen . Achumaan sardiichi barri bara
dhukkubaati jedhe . Yeroo galu ammas sardiidaa sana argee asumatti na
eegdaa jedhee ar’ee boolla seensisee bira darbe . Ammas waggaa sanatti
namtichaan bara himi jedhaniinii utuu rom’aa adeemuu sardiidnii asrgitee
maali yaa namana maalif rom’aa deemta jetteeni . Namtichis immoo bara
himi naan jedhanii waanan jedhee himun wallaale jedheeni . Achumaan
sardiidni barri bara abiddaati jedhi itti himi jetteeni Achumaan namtichi
dhaqee barri bara abiddati jedhee itti hime . Yeroo inni itti himee deebi’u
immo sardiidni sun ammas utuu boollarra teessuu argee asumatti na
eegdaa jedhee abidda itti aafuufe . Yeroo inni abidda itti afuufu sardiidni
boolla biraatiin baate . Ammas waggaa satti bara himi jedhaniinii utuu
rom’aa adeemuu sardiida sanitti dhufe maali yaa maali yaa namana maaliif
rom’aa adeemta jetteni Achumaan namtichi bara himi naan jedhanii
waanan jedhee himun wallale jeedheeni . Achumaam sardiidnii barri bara
araaraati jedhii himi jetteeni . Namtichis barri bara araaraati jedhee hime
waqnis araarame , laftis araarame . amnis araarame jedhee hime Achumaan
mootummaan namicha badhaasa amma inni barbaadu badhaase . Namtichi
immoo badhaasa sana keessaa hoolaa tokko bitee sardiidaa saniin maqaa
keetifan badhaafame jedhee hoolaa boola duratti hidheef . Achumaan
sardiidni namichaan yaa namana kan nu waraane siimiti bara , kan nu
ari’es si’i miti bara kan nugubes si’imiti bara , amma barri araarame jetteeni
,Achumaan namtichi achii adeemnaan sardiiani sun holaa sana qalattee
nyaatte jedhama.

Torban torbaniin Qarshii

Gaaf tokko jaartiin qoraan barbaada gara dhaqxtee otuu bosona keessa
naannoftuu qeerransa du’aa argite. Hoggaa kana ariitii dhaan daddaftee
mi’a (meeshaa) barbaaddee gogaa irraa baaftee gurguratte. Garbittiin gaafa
masqalaa bitamte borus masqala jetti akkuma jedhamutti ammas torban
tokko booda bosonuma sana keessatti deebitee qeerransa du’e otoo
barbaadduu tokko kan ciisu argite. Akkuma kaanduraanii ni du’e itti
fakkaatee qaltee gogaa irra baafachuuf hoggaa gadi jettu qeerransi rafaa
ture dammaqee qabee ajjeese. Akkasitti jaartiin torban torbaniin qarshii
barbaada baatee lubbuu ishee dhabde jedhama.

Du’a

Dur,duuti namatti dhaammatee, mul’atee dhufa ture, Gurbaa tokkotu niitii


fuudhuuf abbaa fi haadha isaa waliin mari’ate. Haata’u malee, guyyaa
fuudha isaa bulee akka du’u duuti itti dhaammatee ture. Osso hin fuudhiin
dura yerro abbaa isaa mari’atu fuudhee bulee kan duuti itti dhufu ta’uu
issa itti himnaan “homaa miti ati fuudhi malee anuu siifan du’aa” jedhaan
abbaan. Haaluma kanaan haadha isaattis himnaan haatissa “anuu siifan
du’a ati fuudhi malee” jetheen. Kana booda gurbaan fuudhuuf murteessee
guyyaan fuudhaas gahe. Deemee fuudhee dhufe. Bulee akkuma ithi
dhaammate duuti beellama eegee dhufe. Yeroo kana mucaan abba isaa bira
deeme “duuti sirbaa dhufeeraatii koottuu naa du’i” jennaan dide,
Dhumarratti waan godhu dhabee yommuu gara manna deebi’u duuti itti
sirbaa balbala ga’eera yeroo kana du’a abba manaa ishii agartee intallin
kaleessa herumtee dhufte, misirroon golaa baatee “ani nan du’aafi jette.
Erga kanaa duuti gurbaas intalas dhiisee gara fuunduratti dhokatee malee
mul’atee dhufuu dide jedhama
Gaangeen Maaliif Maseente?

Dur, yeroo uumamni lafarraa kun uumamuu jalqaban, samii


fi lafti walitti dhihoo turan. Karaa roobaatiin wal quanamanii
walitti dubbachaas turan, yeroo sana roobnis bonaa ganna
osso addaan hin kutiin roobaa ture. Guyyaa tokko gaangeen
rooba kana jibbitee “maaliif yerro hundaa roobsita, rooba
kana nurraa dhaabi” , jette. Kutuu didee itti fufe.
Gaangeenis ol utaaltee dhiitte, Waaqnis gaangeeti gaddee
akka massentuuf abaare, Guyyaa sanarra jalqabbees samiin
olfagaate jedhama.

Kanan dubbisee irraa

Nama gaarii
Namni gaariin ni beekama

Gaarii hojjetee wareegama

Aadaa isaa mararfata

Jaarsa biyyaaf bakka laata

                     Irree isaatiin lafa soqee

                     Karaa barruu babbaqaqee

                     Jireenya isaa fooyyeffata

                     Egereedhaaf karoorfata.

Sammuu duwwaatti of hin dhiqu

Qoonqoof jedhee liqii hin dhaqu.

Of bokoksee of hin jaju

Iddoo hin taanes hin ijaajju!

                      Yoo har’a dhabe bor abdata

                       Kaayyoon mudhii jabeeffata.

                       Waa hubatee yoo beekeyyuu 

                       Natu caala jedhee hin iyyu.

Of mul’isuuf hin garmaamu

Namni gaarii hin wallaalamu.

Beekaan namaa ni beekamaa

Lammii isaatiif wareegama.

                  Namni beekaan of ilaala

                   Namaa wajjin walii gala.


                   Jette jettee namaa hin dhaquu

                  Arrabni isaas nama hin tuqu.

Haarii garaadhaa yoo qabaate

Nama hin lolu ariifatee

Haasaan isaa nama quubsa

Lola dhaabee nagaa buusa.

                    Kunoo kana gaariin namaa 

You might also like