You are on page 1of 30

BOQONNAA TOKKO

OGAFAAN
1.1. MAALUMMAA OGAFAANII

Ogafaanni dhalootaa dhalootatti jecha afaaniin kan walharkaa


fuudhamaa dhufee fi amalaa ogummaa dandeettii dhallii namaa waa
kalaquuf qabu kan calaqisiisu, dhalli namaa yaada isaa, hawwii isaa,
fedhii isaafi kkf ogummaa ittiin ibsatuudha.
Maalummaa ogafaanii ilaalchisee hayyoonni waan jedhan qabu.Ogafaan
jechaa afaaniin dhalootaa gara dhalootaatti hambaa jiruufi
jireenya,muuxannoo hawasa tokkoo kan baatee deemuufi kan ittin walitti
dabarsaniidha.
Akka Zarihuun (1992:2) jedhetti ogafaannii dhimma hawaasummaa tokko
keessatti dubbachuun, weeddisuun jecha afaaniin kan kalqaman
(uumamu) yeroo ta’u. Aadaa, dudhaa, muuxannoo, seenaa fi mudannoo
hawaasinni tokko jiruu fi jireenya isaa keessatti isa mudate kan ittiin
ibsatudha jecha. Ogafaanni kan akka oduu durii,hibboo, walaloo
geerarsaa, kan yeroo qonnaa, kan tikisituu,kan ayyaana waggaa,kan
abaarsaa,kan eebbaa fi kkf jechuun ibsee jira.

Ogafaanni ogummaa uuman waa kalaquu kan calaqisiisu waan ta’eef haala
holooloonis ta’ee haala walaloon dhihaachuu danda’a. Ogafaannii eessaa
dhuftee jireenya hawaasa tokkooti. Waan kana ta’eef adeemsa jireenya
hawaasummaa guyyuu gara guyyuu keessatti dhimmoota kallatti bal’aan
hubataman kan ittiin agarsiifamaniidha.
1.2. AMALOOTA OGAFAANII
Ogafaan amalootaa garaa garaa qaba. Ogafaan kan ittiin beekamu keessaa inni
guddaan hawaasa kamiyyuu keessatti kan argamu, hawaasa kamiinuu biratti
beekamaa kan ta’eefii hambaa dhala namaa akka ta’ettis hayyoonni ni
dubbatu. Kunis amala ogafaanii keessaa isa tokkodha.

1
Karaa biraan, hojiin ogafaanii yoom akka eegaleefi abbummaan isaa eenyu
akka ta’e kan hin beekamneedha. Ogafaanni qabeenyaa fi bu’aa yookiin
gumaacha hawaasaa kan ta’ee fi baroota durii yeroon isaa addaan bahee hin
beekamnee keessaa afaan dubbii dhala namaa wajjiin akka eegale amanama.
Dabalataan, Ogafaan afaan darbii darbaa yaadannoo yookiin hubannoo
sammuu namaan kan dardardabbaa dhufeedha. Adeemsa akkanaa kana
keessa amala itti saaguu, keessaa haquu fi keessaa baduu qabaachaa kan
deemuudha. Amalli isaa inni biroon irra deddeebbii jechootaati.
Ogafaan muuxannoo hawaasaa yeroo darbe tokko humna cimaa iittiin ibsu
qaba.
Karaa biraan huruubumaafi haalli inni keessatti raawwatu amala ogafaanii
keessaa isa kabiraadha. Yaada kana Fennegan (1970:2) akka ibsitetti, unkii
ogafaanii kami iyyuu caalmaatti hiika qabeessa fi ifaa ta’uu kan danda’uu
haalaa fi hurubumaa keessatti raawwatu keessatti akka ta’e ibsitee jirti.
Haaluma walfakkaatuun Awoonor (1975) yeroo ibsu: “In discussing oral
literature in Africa, it must be understood that we are discussing a large body
of material which can have its total integrity, impact and realization only within
the scope of performance, transmission, and occasion” jechuun amala
ogafaannii daangaa hurruubummaa, akkaataa iitiin darbuu fi haalaa keessatti
raawwatuu keessaatti hubatamuu kan danda’uu tauu isa ibsa.
1.3. TAJAAJILA OGAAFAANII
Ogafaanni hawaasa tokko keessatti tajaajila hedduu qaba.
Tajaajila Ogbarruun yeroo ammaa kennaa jiru kan akka bashananaa,
qajeelfama safuu, hawwaasa qaroomsuu fi akka waliigalaatti kallattii galma
barbaadametti hawwaasa qajeelchuuf tajaajila olaanaa qaba. Unki ogafaanii
garaa garaa tajaajila adda addaa kan mataa isaanii kan ta’e haqabaatan iyyuu
malee haala tokko tokko keessatti tajaajila kennan irratti walirraa bu’insi ni
jiraata. Fakkeenyaaf, tajaajila hawwasummaa ogafaanii keessatti weedduu fi
geerarsi yeroo isaan dhimma hawwaasaa walfakkaatuuf oolan ni mulata. Itti
dabaluun unkaaleen ogafaanii walitti hidhama aadaa fi eenyummaa hawwaasa

2
gidduu jiru kan cimsuu fi kan ibsuudha. Akkasumas, hawaasummaan akka
cimuufi waldhabdeen akka tasgabbaa’u taasisa.
Akka waliigalaatti ballinaan dubbachuuf ogafaanni tajaajila hedduu qaba.
Ogafaanni bashanansiisuun alatti, waa’ee eenyummaa saba keessatti
dubbatamuu tokko olkaasee kan ibsuufii jiruu fi jireenya, ilaalcha, duudhaa,
siyaasa, hawwaasummaa fi ilaalcha, hubannoo, muddannoo, qaroominaafi kkf
kan ibsu jireenya keessatti dhlootaa hanga du’aa gidduutti waan
raawatamaniifi kan biroo addeessee ibsuun tajaajila guddaa kenna.
Akkuma bifa ogbarruu kamiyuu ogbarruun afaaniin dhiyatu ogbarruu
barreeffamaaf gummacha guddaa ni qabu.

1.4. WALALOO (POETRY)


1.4.1. WALALOO KAAYYOO WARAANAA, ADAMSAA FI HOJII
(SPECIAL PURPOSE POETRY WAR HUNTING AND WORK)
Walaloon wanta baayyee waliin kan walqabate ta’uu danda’a. Kan akka
hawaasa dhokatee, waldaawwan adda addaa, kaka’uumsa, kadhaa fi baayyee
beekamoon wa’ee beeladootaa fi horsiisee bultoota waliin kan walqabate
caqafamanii jiru. Yaa ta’u malee walaloon waraana fi adamsaa fedhii hawaasa
Afrikaatti guddina walaloof gummacha kan godhanidha jechuun Fennegan
ibsitee jirti.
Walaloon adamsaas ta’e waraanaa yaadawwan jaalalaa fi kabajaa/ulfinaa kan
dabarsan fakkatu.
Walaloon waraanaa xumuraa fi jalqaba waraanaa irratti ni raawwatama.
Goota dhuunfarratti xiyyeeffachuun kan dhiyaatu ta’uu ni mala. Waraanni
osoo hin calqabamin diina abaaruuf, sodachisuuf loltoota ofii haamilee
jajjabeessuf walalootti dhimma bahama. Kanaan ala battaluma injifannoon
argamutti walaloon godhamu ni jira.
Walaloon adaamsaa ballinaan kabaja ayyana ummataafi sirna gammachuu
irratti yoo ta’u akka waliialaatti goonni adamsaaf bahee milkaa’ee yoo deebi’ee,
‘baga gammadde, bagaa nagahaan galte’ jechuuf kan raawwatamuudha.

3
Walaloon adamsaa haala adda addaan kan raawwatamuudha. Namni adamsee
ajjeesee milka’ee gale mataa isaatiin kan geeraruu fi ofii isaa faarsuun kan
raawwatuufi kallattii wal fakkaatuun namoonni duraan adamoon
bebeekamoon walitti yaa’uun geeraru.
1.6.2 Geerarsa
Maalummaa geerarsaa ibsuuf hayyoonni garaa garaa karaa adda
addaatiin hiikanii jiru. Haa ta’u malee, hiikoon maalummaa geerarsaa
sirriitti hiikuu danda’a jedhamee fudhatamu hiikoo kan tajaajilaa
hawwaasni ittiin ma’ii bahu irratti kan hundaa’e yoo ta’e qofa
maalummaa ibsuun danda’ama.
Geerarsi kanaan dura waan jiruufi jireenya keessatti raawwatan yookiin
yeroo raawataa jiraniifi gara fuula duraatti abbaltii gochaa waan
raawwachuuf jedhanii kan ittiin ibsan qaama ogafaan Oromoo keessaa
isa tokkoodha.
Geerarsi namoonnii ogummaa, gootummaa, ka’umsa godhachuun ittiin
kan ofhiman akkasumas gaabbii kan ittiin ibsatan, mo’uufi mo’amuu,
aarii, xiiqii, booree, roorroo, gidiraa, cimina, yarina, safuu, adamoo fi
kkf jireenya hawasaa keessatti calaqisan kan ittiin ibsataniidha.
1.4.2.1. Walaloo Geerarsa Ajjeesaa
a. Ajjeesanii mirga argatanii galuu
Sirbaakaa yaa dubaroo
Dubaroo baddaa laaloo
Dubaroo baddaa daphoo
Harkakoo duwwaa miti
Akka koo duraas miti
Faachi mirgaa gafarsaa
Maddii nama magarsa
Jaarsaafi jaartii gadyaaseen
An sirbakoo albaasee.

4
Ajjeesuun mirga argachuutti kan fudhatamuu fi jijjirama haala jireenya
hawasummaa keessatti akka fiduu danda’uu kan mulisuu dha. Kabaja guddaa
kan qabuu jaarsaa fi jaartiin, dargageessaa fi dargageetti qaamni hawwasichaa
hundi akka bakka olaanaa itti kennuun kabaja isaa mulisan kan irraa
hubatamu yeroo ta’uu namichi ajjeesee dhufee geeraru kun akka jireenyi isaa
isa kanaan duraa hin taanee ajjeesee dhufuu isarraan kan ka’e sadarkaa inni
hawaasa keessatti qabu geddaramuu isaa ibsachuun jamaa isa simachuuf
dhihaateetti beeksifachuu isaatti. Kanaan booda an kabajamaadha, yaa
ijjoolee durbaa waan kana naafaarsaa, naa beekaa, naa beekisisaa kan jedhus
fakkaata.
b. Inni ajjeesaan isa hin ajjeesiin yeroo qeequu
Bara baraan miicamtaa
Yaa wayyaa adittii koo
Duutee nan obbaafatuu
Ajjeestee naan hinqixaatuu
Taa’ii naan dhageeffadhu
Yaagaraa balleettii koo
Kun kan agaarsiisu inni ajjeesaan isa ajjeesee mirga hin aragatin kan ittiin
hamilee isaa tuquun geerarudha. Inni ajjeesaan kan hinajjeesiin akka
tuffatuufi yeroo argateetti akka qeequ kan agarsiisuudha.

1.7 WALALOO FAARSAA


1.FAARSAA ADDA ADDAA
A. Faarsaa Meeshaalee
Namicha wayyaa hodhu
Seenjer koo yaa shaakisa
Situ buddeen na nyachisa
Namicha qawwee minishirii qabu
Minishirii ulullee
Yaa buttuu akka culullee

5
B. Faarsaa gadda nama du’ee
Walaloon gadda Afrikaa keessatti ballinaan kan beekamuu yoo ta’u unkawwan
bifa adda addaatiin eddo hundumattuu kan dhagahamudha. Walaloon gaddaa
gosa walaloo faarsaa jalatti kan ramadamudha.

Faarsawwan kun wawwachuu, hirqinfatanii boo’uu fi boosiisu kan keessatti


raawwatu ta’uun isaani dubartootaaf mijawwaa godhee jira. Walaloon gadda
du’aa fi gadda akka dhaamsatti fudhatanii sirna awwaalatin ala ykn ta’umsa
kallattii kana waliin osoo hin qabsiisne dhiyaatan kan jiraan yoo ta’u Afrikaa
keessa sirna awwaalatiin ala kan dhiyataan hin jiraan.
Walaloon gadda sirna awwaala jechootni ittiin dhiyatu kallattii sirrii kan
qabatee deemudha.Akkaataan itti dhiyaatu yeroo baay’ee salphaa ta’ee
kutaawwan farsaa (stanzas) gababaa ta’uu qaba.
Aadaa Oromoo keessatti faarsituun ykn faarsaan yeroo du’aa baay’inaan kan
jiru miti. Garuu, aadaa Oromoo keessatti kan mullatu namni dhuunfaa isaan
waa’ee nama jaallatu ykn hiriyyaa isaa sanaa gadda itti dhaga’ame haala ittiin
ibsatu fi ittiin faarsutu jira.fknf.
Hammuu garaa baate
Maa nawwaamiin maaloo
Hawwuu gargar baane
Hawuu maccaa taane
Maa nanyaatiin Baaro
Hadaraa yaa mukaa
Damee kee hinraasini
Hadaraa yaa du’aa
Gargar nu baasini.
(Madda Oneesimoosii fi Asteer 1994:140)

2. WALALOO FAARSAA AMANTAA

6
(RELIGIOUS POETRY)
Afrikaa keessa gosa walaloo amantaa baey’eetu jira. Hundinuu waliigaltee,
qabiyy’ee fi raawwii aadaa adda addaa keessatti raawatanii kan qabaniidha.
Walaloowwan amantaa Afrikaa jiran keessa baay’inaan kan beekamu walaloo
amantaa Islaamaa akka ta’e Fennegan ni dubbatti. Walaloowwan kunis unka
barreeffamaan kan dhiyaatan ta’anii yoo raawwataman sagaleessufi yeroo
tokko tokko senessuun kan dhihaataniidha.
Akka fakkenyatti kan hawaasa Haawusaa (Hausa) fi Afrikaa bahaa keessa
hawaasoota jiran kan biroo caqasuun ni danda’ama. Kanneen keessaa
walaloowwan Siwahilii bifa baay’ee kan qabu yoo ta’u haala waligalaatin iddo
lamatti kan qoodamaniidha.
Tokkoffaan unka gababaa afduudha waliin baay’ee kan walqabatu ta’ee gosa
barreeffamaatinis gosa ogafaaniitiinis waan dhiyatuuf gama tokkotti ramaduun
rakkisa akka ta’ee techisti. Inni lamaffaan unka baay’ee dheeraa walaloo
seneessa, baayinaan barreeffamaan kan dhiyaatu ta’ullee afaaniinis yeroon
dhiyatu akka jiru ibsiti.
Xumura irratti akkuma daayeessa fi muxxannoon amantii Afrikaa iddoo adda
addaatti wali hin fakkanne, walaloon amantarratti xiyyeeffataniis adda
addumma qabu.
Hawaasa Oromoo biratti Waaqqayyoo hunda kan danda’uu, jalqabaa fi xumura
kan hinqabne, isaa ol kan ta’e akka hinjirretti uumaa waan hundaa ta’uu isaa
amanama.
2.1. Walaloo Faarsaa Sambataaf Dhaabbachuu
Weedduu kun bu’uurri isaa eebba. Oromoon durii guyyaa sanbataa waliin
ta’uun ayyaneeffata. Guyyaan Sanbataa ayyanneffamu kunis bakka Oromiyaa
garaa garaatti garaa gara ta’uu mala. Guyyaan ayyaana sanbataa kun itti
kabajamu guyyaa sooma hiikaa warra kiristaanaa akka ta’e ni dubbatama.
Guyyaa Jimaataa galgalaa jalqabee hanga Dilbata galgalaatti kan geggeeffamu
dha. Maatiin Sanbata dhaabbatu kunis waaan nyaatanii fi waan dhugaan
qopheessa. Akka dudhaa hawaasichaatti, abbaan warraa sanbata ayyaanessu

7
sun Dilbata ganama sangaa qala. Ollaanis nyaataa fi dhugaatii qophaa’ee
irraatti ni affeeramu. Maatii qophii kabaja ayyaanaa qopheesse sanas ni
eebbisu. Eebbichis akka itti aanu kanatti dhihaatee jira.

A. Walaloo kadhaa Sanbataa abbaa Sanbataaf dhaabbateen dhihaate

Guutuudha guutuu sanbataati


Uffataan dhaqna na guuti
Dubbii afaan na guuti
Adda naaf kenni
Qabeenya naaf kenni
Xinnaa naaf guddis
Qallaa naaf furdis
Kan dhukubsate naaf fayyisi
Kan adeeme nagaan naaf galchi
Hangafa dhaaba naaf jabeessi
Quxisuu qaccee naaf dheeressi
Eebbisii dhugi!

B. Walaloo eebbaa keessumoota argamaniin dhihaate

Abbaa sanbataa ta’aa.

Afaan sanbataa baraa.

Sanbanni afaan keessan haa baru.

Torban waamii isinii haa ta’u.

Nuuf laattanii isiniif haa kennu.

Guutuun oolaa guutuun bulaa.

8
2.2. Faarsaa Waaqaa
A. Waaqa dhiiffama gaaffachuu

Yaa horda koo yaa dambii


Leeqaan facaase garbuu
Yaa gooftaa koo yaa Rabbii
Shantaman yakkaa oolee
Dhibban balleessaa oolee
Beekaa namaartee garuu
Ajjeesoo yaa kaasoo
Deessoo yaa badhaasoo.

(Madda Journal of Oromo studies)


B. Walaloo faarsaa Olaantummaa Waaqaa

Tokkicha maqaa dhibbaa


Gurraacha garaa garbaa
Yaa Waaqa Waaqa hinqabnee
Yaa gooftaa gooftaa hinqabnee
Mooticha giddii hinqabnee
Guungumaa garaa roobaa
Jaarsa garaa dabbasaa
Waaqa hundaa ol jirtuu
Abbaa ifaa fi dukkanaa
Si kadhee na dhagayi…
2.3. Walaloo faarsaa Tiksee

Tiksituu dhiiraa fi dubara giddutti


Gurbaa

9
Gufuu balbalaa
Sifuudha intalaa
Intala
Ceekaa man duubaa
Deegaatu na fuudhaa
Gurbaa
Reejjii gama gabaa
Reettii laman qaba
Intala
Tuph! ...Kusaayeen kosiidha?
Bushaayeen horiidha?

BOQONNAA 2

FAARSAA JAALALAA (LOVE SONGS)

2.1 MAALUMMAA FAARSAA JALALAA

Walaloon weedduu ogafaan Oromooo keessaa isa tokkoodha. Weedduun kan


weeddifamu nama tokkoon ykn namoota lamaa fi isaa oliin kan raawwachuu
danda’uudha. Kanneen waliin weeddisan kunis dhiiraa fi durba ykn dhiiraa fi
dhiira ta’uu danda’a. Weedduun kan weeddifamu yeroo adamoo, duula, karaa
deeman ykn dhimmoota adda addaa weyita raawwatan ta’uu danda’a.
Hawaasa Oromoo biratti gosoota afoolaa keessaa ballinaan dhimmi kan itti
bahamuudha. Oromoon dhimmoota jiruu fi jireenya hawaassummaa keessatti isa
mudatan gaddas ta’ee gammachuu isaa weeddisuun ibsata.Weedduuwwan
ballinaan weeddifaman keessaa tokko weedduu jaalalaati.
Weedduun maaliif weeddifama?
weedduun kan weeddifamu gammachuu ykn gadda ofii ibsuudhaaf akkasumas
jaalalaafiidha. Haa ta’u malee weedduun weeddifamus yeroo maatii ofii, biyya ofii,
jaalallee ofii yaadanfi kkf ta’uu danda’a. Keessattuu, namni jaalalli isa qabe
jaalallee isaa ittiin garaa laaffifachuuf, abidda jaalalaa itti qabsiisuuf itti

10
fayyadama. Kana malees, namni cinqii keessa jiru weedduun garaa nama sanaa
booressa. Nama waa sodaates ni goootessa, ni onneessa, kan xiiqiin isa qabes
ittiin morma, didi, harka hin kennin jechisiisa. Kanaaf, weedduun humna cimaa
of keessaa kan qabu jechuun ni danda’ama. Kana ilaalchisee Encycopedia
Britanica (Vol.19:315) akkana jedha: “folksongs are used magic effects to defeat
enemies, to attract lovers, to involve the favor of the supernatural power… ”.
Kunis weedduun gosoota ogafaanii keessaa isa humna qabeessaa fi miira namaa
to’achuu fi mo’achuu keessatti bakka guddaa qabaachuu isaa kan
agarsiisuudha.
2.2UNKAALEE WALALOO FAARSAA JAALALAA
2.2.1 Haala bilbila sagalee walaloo weedduuwwanii
Walaloon weedduulee Oromoo martinuu dubbachiiftuun xumuramu. Walaloo
Afaan Oromoo walfakkeessuun (analogy) walaloo weedduu afaan Oromoo
keessatti beekamaadha. Akkasumas jechoonni dhuma walaloo weedduu kana
irratti argaman akka bilbila sagalee qabaatanitti kan tolfamaniidha. Mee sirba
jaalalaa armaan gaditti dhihaatee jiru kana haa ilaallu.
Ashaakltii baala nyaatuu,
Naa ergi baala waleensuu,
Magaaltittii nyaara kaarruu,
Naa ergi waan na jabeessuu.
Walaloo weedduu kanarraa kan hubatamu xumurri toora hundumaa
dubbachiiftuu (-uu) dha. Gosti dubbachiiftuu kanaas tokkuma. Kanarraa haala
adda ta’een xumurri kun dubbachiiftuu ta’anii garaa garummaa kan agarsiisan ni
jiru.
Karaa biraan, toora “magaaltittii nyaara kaarruu” kan jedhu kun ittii fakkeessuuf
kan weellisichi itti fayyadameedha. Nyaaraaf kaarruu hin jedhamu; ilkaaniif
malee. Garuu, miidhaginaa fi bilbila sagalee walaloo kanaa eeguuf itti
fayyadamamee jira.
Yaa hanqaaquu culullee,
Bofti cufaarraa sirbaa,
Si hin hankaaku du’ullee,

11
Ormi isumaaf na jibbaa.

Xumura kanneen kanaa yoo ilaalle, toorri 1ffaafi 3ffaa, akkasumas, toorri 2ffaafi
4ffaan wal fakkaatu.Weedduuleen armaan gadiis kanuma kan hordofaniidha.
Fakeenyaa irra deddeebii jechoota:
Muree mureen mana ijaaraa
Yoo sokorruun mana taatee
Dhufee dhufeen si ilaalaa
Jalalloo sogidda taatee.
Fakkeenya kana keessatti xumurri toora 2ffaa fi toora 4ffaa wal fakkaatu. (-
taatee). Gama biraan, jalqaba toora 1ffaa fi toora 3ffaa irratti irra deddeebiin
jechootaa ni mul’ata. Irra deddeebiin kun amala ogummaa kalqaa ogafaanii
keessaa isa inni ittiin beekamuudha. Irra deddeebiin kunis jamaa dhageeffatu
biratti fudhatama kan qabuudha; hin nuffamus. Miidhagina dabulus ni qabaata.
2.2.2 Tartiiba tooraa eeguu
Kun immoo duraa duuba weedduu sanaa eeguun ergaan sun sirriitti akka darbu
taasisuuf barbaachisaa. Yoo kana hin taane waldhahee miira miidhagina walaloo
weedduu sanaa waan fokkisiisuuf tartiiba eeguun dirqama ta’a.
Fkn.
Muka guddaa yaabbatee,
Rigaa muratee bu’ee,
Namni durba jaallatee,
Guyyaa maraatee du’a
Fakkeenya armaan olii kana keessatti waa’een muka yaabuu osoo hin
dubbatamin rigaa muruun ka’uu hin qabu. Akkasumas, sababni maraatanii
du’uu durba jaallachuu waan ta’eef wal jala darbuu hin qaban. Jechuunis,
sababni (cause) dursee, tafeen (effect) itti aanee dhufuu mala jechuudha.
2.2.3 Guutamummaa tooraalee
Ergaan barbaadame akka darbuuf toorri hundi wal deeggaranii guutuu ta’anii
argamuu malu. Sababni isaas toorri tokkollee yoo keessaa hafee dhageettiif hin

12
tolu, ergaas sirriitti hin dabarsu.
Fkn. Saani abbaa Jiruu dhaltee,
Sanbateen haa raafattuu,
Ani abbaa jiruun ta’ee
Kan biraa barbaadadhuu.
kan jedhu kun akka waa hafee jiru nutti dhageessisa. Sababnisaas “Ani abbaa
jiruun ta’ee”, “maaltu haa ta’u?” nama jechisiisa waan ta’eef guutuu miti.
2.3. Haala ijaarsa weedduuwwan jaalalaa
2.3.1 Ijaarsa sagalee toora walaloo weedduu jaalalaa
waalaloon tokko gurratti mi’aawuu fi miira namaa akka tuquuf akkasumas bifa
muuziqaa akka qabaatu kan dandeessisu haala sagaleeleen toora walaloo sana
keessa jiran itti ijaaramanii dha. Kunis baay’inni sagaleelee gaaleewwan toora
sana keessa jiran wayita wal qixxaatan, yeroon isaan fudhatanis wal qixa
yommuu ta’an yaa’i sagalees danqaa tokko malee toora galanii gurra nama sanaa
keessa seenu. Egaa weedduun jalalaas bifuma kanaan qindeeffamee weeddifama.
2.3.2Walaloo weedduu jaalalaa kanneen gaaleewwan walqixa
qaban
Gaachanni gaachana caaluu,
Caalekaa gaachanni booyyee,
Jaalalli jalala caaluu,
Caalekaa jaalalli ijoollee.
Walaloon aramaan olitti argaman kun jechoota sadii irraa kan ijaaramaniidha.
Gaalewwan walqixa qabu jechuudha.
Karaa biraan walaloo weedduu jaalalaa kanneen gaaleelee toora jalqabaa irraa
kaasee tooora tokko tokko utaaluun toora sadaaffaa irratti akkasumas toora
lammaaffaa irraa kaasee toora arfaffaa fi haala kanaa lakkoofsaan wal
fakkaataniin ijaaraman gosa walaloo Oromoo garaa garaa keessatti ni argamu.
Fakkenyaaf (1)
Qadaada baadheetanoo (2)
Qilxuu jala daaddisaa (3)
Magaallee jaal’eetanoo (2)

13
Diimtutti harka caalchisaa (3)

Fakkeenya (2)
Yaa baddeessaa laga soolee, (4)
Gowwaan mukaa dhoqonuudhaa, (3)
Barbaacha keen laga oolee, (4)
Akka kormaa bosonuudhaa (3)

Walaloo weedduu Oromoo keessatti kanneen toora tokko keessatti jechoota wal
caalmaa qabanis ni jiru. Toorroonni walalichaa toorri waliitti aanan tokko
tokko gaaleelee walqixa yeroo qabaatan toorri tokko tokko garuu darbee darbee
lakkoofsi isaa gaaleewwan isaaniin ol ykn isaaniin gadii qabaachuu danda’a.
Fakkenyaaf:
Handoodeen kutaa hin addeessuu (4)
Lakkii kutaa sana miicii (4)
Naan ooddee silaa hin dandeessuu (5)
Lakkii mucaa sana dhiisii. (4)
Walaloowwan weedduu Oromoo gama lakkoofsa sagaleewwan toora walaloo tokko
keessa jiran isa toora itti aanee dhufuun yoo walibira qabamanii ilalaman akkuma
lakkoofsa gaaleelee kanaan duratti ilaalaa dhufnee lakkoofsaan adda baasuu
dandeenya.
Fakkeenyaaf:
Jimmaafoo Jimma Jimmaa, (sagalee 9, sagalee5, sagalee 6) = sagaleelee 20
Walakkaatu Gibeef malee, (sagalee 10, sagalee 6, sagalee 5) = sagaleelee 21
Jirraafoo jirra jirra, (sagalee 9, sagalee 5, sagalee 6) = sagaleelee 20
Walargaatu dhibeef malee (sagalee10 , sagalee 6, sagalee 5) = sagaleelee 21
Akka fakkeenya kanarraa hubannutti sagaleeleen toora (1ffaa fi toora 3ffaa)
sagalee digidama digdama qabu. Kanneen toora (2ffaa fi 4ffaa) keessa jiran
sagaalee digdamii tokko tokko qaban.
Walaloowwan Weedduu Oromoo keessatti jechoota jalqabaa fi xumura toora

14
walaloo irra daddeebi’an.
walaloo armaan gadii kana ilaali. Jechoonni jala sararaman tooruma walaloo
tokkoo keessatti irra deddeebi’amanii jiru. Akkasumas, toora kana keessatti
jechoota jalqabarra jirantu irra deddeebi’amanii jiru.

Fakkeenya Qeensa qeensa foon saree


Habaaboo nama gidduu
Eessa eessa ooltaree
Gaaf gaafoo mana hin jirtuu.

Walaloowwan weedduu toora xumuraa irratti toora tokkorra utaaluun irra


dedeebi’an.
Fakkeenya Baddeessaa softe malee
Qilxuu sooftee hin agarree
Qancaraaf boosse malee
Kichuu ijoollee hin agarre

Tiksi tiksinee gallaa


Abbaan Jaallannee hin loluu
Sirbi sirbinee gallaa
Maqaan wanbadee hin toluu.
2.4 Fayyadama Haalawwan Dubbii (figurative speech) afwalaloo keessatti
Weedduu keessatti haalawwan dubbii fayyadmuun ni mul’ata. Kanneen keessaa
akkee (simile) kan fayyadman jiru. Haalli fayyadama haalawwan dubbii kanaa
watoota amalaan wal hinfakkaanne walbira fiduudhaan amala isaan ittiin wal
fakkaatan tokko ibsuudhaa. Akkuma beekamu, namni jaalalleesaatiif jecha ni
joora, ni jaawwara, ni beela’a, ni du’as. Kunis, nama weeddisuufii fedhan sana
waan biraadhaan fakkeessanii ni weeddisu. Kana keessatti jechi “akka” jedhu
hojiirra oola.
Yaa baddeessaa laga soolee,
Gowwaan mukaa dhoqonuudhaa,

15
Barbaacha keen laga oolee,
Akka kormaa bosonuudhaa

Weedduu kana keessatti kormaan bosonuufi namni gareen isaanii tokko miti.
Garuu, kan isaan walitti dhufan waa barbaacha laga keessa jooruudhaan.
Weeddisaan kunis akkuma korma bosonuu jaalalleesaa barbaadaa olaa
jechuudha. Kun kan waliin akkeessame akkee “akka”jedhuunidha.
3.2.3. Filannoo jechootaa
Walaloo keessatti jechootni hojiirra oolan kanneen ogbarruu biroo keessatti
hojiirra oolan caalaa filatamoo ta’uu qabu. Kunis sammuu
dhaggeeffataa/dubbisaa keessatti fakkii uumuu akka danda’annifi yaada hedduu
ta’an jecha tokkoon ibsuu akka danda’aniif jechootni filatamuu qabu. Weedduu
jalalaa keessattis bifuma wal fakkaatuun hojiirra oolanii argamu.
Fkn. Abbaan koofi abbaankee,
Wajjin saawwa yaasuu,
Afaan koofi afaankee,
Walitti haa qadaaduu.
Weedduu kana keessatti “walitti haa qadaaduu” isa jedhu kana fudhannee yaa
ilaallu. Kanneen walitti qadaadaman meeshaalee walitti ta’an, qilleensa kan
gidduusaanii hin galchinedha. Haaluma kanaan hawwiin weeddisaa kanaas
jaalallee isaa dhungachuuf hawwii cimaa qabaachuu isaa agarsiisa. Kanaafuu,
filannoon jechootaa murteessaadha jechuudha.
3.3. WALALOO EEBBAA
Aadaa Oromoo keessatti eebbii bakka guddaa qaba. Keessumattuu naannoo
Oromoo Booranaa keessatti raawilee garaa garaa jiruu fi jireenya hawaasaa
keessatti geggeeffamaniin baayyee haala walaloottiin dhihaatanii jiru.
Oromoon ganama ganama nagaan buluu isaaf hooqubaa dhiheessuun Waaqaa
galateefata; akkasumas guyyaa nagaan akka oluuf Waaqa kadhata. Galgala
nagaan olmaa isaaf Waaqa galateeffachuun halkan nagaan akka buluufis Waaqa
kadhata. Isaan kanas haala ogwalaloon raawwata.

16
Gama biroon eebbi Oromoo Booranaa gama lamaan wal-jalaa qabuun
geggeeffama. Jaarsa eebbisuu fi jamaa jalaa qabanii hirmaatan.
Jaarsa isaan eebbisan Jamaa isaan jalaa qaban
Barii nagaa. Nagee
Bariin nagaa. Nagee
Araddan nagaa.
Bobbaan nagaa.
Bobbaan gale.
Galchumni nagaa.
Dheeda-reerri nagaa.
Halkan-guyyan nagaa.
Waaren nagaa.
.
.
.

(Oromo Oral Poetry Seen from Within f.85)


3.4. WALALOO HAALA DIRAAMAN DHIHAATAN
Namicha Karaa deemaa tokkotu bishaan dheebotee mana jaarttii
tokkootti gore. Jartinisi yeroo isheen bakka bixxillee tolchituu bishaan
buddusitee kennuu fi deemtu bixxilee isheen tolfattee jalaa fudhatee
ba’e. Akkaataan walaloo waliin dubbii jarreen kana lamaniis akka
armaan gadiitti dhihaatee jira.
Jaartii: ‘namtichaa inni ammaa galabiidhaam’ jetteen.
Namitichis: ‘ta’u iyyuu midhaan’ jedhee deebiseef.
Jaartii: garaadhaa sinbahiin.
Namicha : bishaan itti dhuginna.
Jaartii : manatti singalchiin.
Namichi : goreeyyuu bulinna.
Jaartii : nagaadhan sin galchiin.
Namiticha : Waaqa koo kadhinna.
(Oromo Oral Poetry Seen From Wthin fuula 82)

17
BOQONNAA sadii
OGWALALOO BARREEFFAMAA
3.1SEENAAFI YAADRIMEE OGWALALOO

Goorowwan ogbarruu keessaa umrii dheeraa qaabaachudhaan kan beekamu


ogwalaloodha. Ilmi namaa yeroo dheeradhaaf gaddaafi gammachuu, hawwiifi
fedhii, haala jireenya isaa kkf ittiin ibsachaa ture. Barreeffamni osoo
hinjalqabamin afaaniin dubbatamaa turuun isaas ni amanama. Ogafaaniin
turmaanni ogwalaloo kunis umrii isaa afaaniifi jireenya ilma namaatiin
walqixxeessa yaanni jedhus ni jira.
Walaloon inni hangafaa umrii dheerinaan beekamu walaloo dheeraa seenessaa
“Epic of Gilgamesh” jedhamee waamamudha. Walaloon kun seenaa mootii
Mesoppotamiyaa (Sumer) waggaa 126f bulchaa ture Gilgamesh irratti kan
hundaa’ee yoo ta’u kan barreeffames dhaloota Kirstoos dura (Dh.K.D) bara
naannoo 3000ti. Walalichi qubee duriin dhakaa irratti barreeffame. Iddoon kun
Baabiloon jedhamees kan waamamu yoo ta’u har’a Iraaqifi Sooriyaa
jedhamanii beekamu. Iddoon kun madda qaroomaa akka ta’e seenaan adda
addaa ni agarsiisa.
Walaloo akkamitti uumame?
1) Gocha waaqeffannaan walqabateti uumame
2,Hojiin walqabateeti uumame
3.Amala uumama namoota wajjin uumame
3, Guddina afaanii wajjin walqabatee uumame

4,Sirbaan walqabatee jalqabame

18
Har’as taanan hiikni isaa kana jechuurra amala isaa ibsuutu salphata. Umrii
dheeraa qabaachuu isaatti dabalatee sababoonni hiika tokko itti kennuun
dadhabameef immoo kanneen armaan gadiiti.
 Garaa garummaa aadaa
 Garaa garummaa miira jamaa
 Garaa garummaa unkaa
Mee armaan gaditti namoonni adda addaa hiika ogwalaloof kennanifi kitaabota
hedduu keessatti caqasamanii jiran ilaaluf yaali. Hiikonni kunniin xiinxala
guddaafi ibsa bal’aa kan barbadan ta’uun isaas hubatamuu qaba.
Walaloo jechuun arrabatti gargaaramanii karaa ittiin waa’ee
jireenyaa odeessanidha.
(Robert Frost)

Walaloo jechuun jechoota babbareedduutti gargaaramanii wanta


dhugaa tokko karaa ittiin ibsanidha.
(Dante Alighieri)

Sababa dhugaa ta’e tokkotti gargaaramuun, ogummaa arga yaadaa


keenya ittiin calaqqisiisnudha.
(Samuel Johnson)

Walaloo jechuun jecha filatamaa bakka filatamaatti fayyadamuu


jechuudha.
(Samuel Taylor)

Dhageettii humna qabeessa bifa walirraa hincinneen dhangala’a


yaadaa qabudha.
(William Wordsworth)

Yaada faaru qabeessa ta’edha.


(Thomas Carlyle)

19
Sissi’aayinni tokko haala safaramuu danda’u tokkoon yeroo taa’u
jechuudha.
(Thomas Hardy)
Yaanniifi dhimmi ykn ergaan darbuu barbaadame tokko hiika
kennuu qabuu olitti mataa isaa danda’ee daangaa darbuu qabu
sanaa oliin yeroo darbuu jechuudha.
(Gerard Manely Hopkins)

Warraqsa jechaa jechatti gargaaramuun.


(Wallace Stevens)

3.2 AMALOOTA OGWALALOOFI WALALOO DUBBISUU

3.2.1 Amaloota Ogwalaloo


A. Qabatamummaa (Concreteness)
Ogwalaloon qabatamaadha yeroo jedhamu addunyaa dhugaa irraa gara
galfame jechuu miti. Haala qabatamaa addunyaa irratti hundaa’ee waloon
ilaalchafi yaada isaa kan ittiin ibsatu ta’ullee, dhimma qabatee ka’e sana
dubbisaaf/dhaga’aaf kan dhiyeessu wantoota qabatamoo ta’anitti
fayyadamuudhan.
B. Waa-manaabaa (Imagination)
Ogwalaloon waa-manaabadha yoo jedhamu jechi ittiin dhiyaate miira keessa
dubbisaatti dhaga’ittii (feeling) fi fakkii uumuu danda’uu isaa jechuudha. Waa-
manaabni walaloo tokkoo mala ittiin barreeffameefi karaa waloofi dubbisaan
itti walqunnamuu danda’aniin walqabata.
C. Qusannaa jechaafi walitti qabama yaadaa (compact and compress)
Ogwalaloon filannoo jechaafi yaadati gaafata. Jechoota babbareedafi yaada
haala gaariin dabarsuuf kan humna qabanitti fayyadama.
D.Sirna yadaaloo/muziqaa qabaachuu (prosodic)
Ogwalaloon uumAmti isaatuu gurraan kan dhagahamuu waan ta’eef yadaaloo
qaba. Miira keenya hunda irraa gurratti dhiyeenya qaba. Yadaaloon

20
dhagahamu kun kan nama gammachisu, gaddisiisu, kakaasuufi dhiphisisu
ta’u danda’a.
3.2.2 Walaloo Dubbisuu

Walaloo akkamiin dubbisuu qabna gaaffii jedhuuf namoonni baay’een akka


salphaatti hubatan, “ijuma ofii irra buusanii ilaaluun dubbisuudha” jedhu.
Haata’u malee, waa’een ogwalaloo(poetry) ijaafi waraqaa qofa walsimsiisuurra
darbee waan biroo of keessaa qaba. Innis akka barreessaan do’ii beekamaa,
William Shakespeare jedhutti, “ija sammuuttiin” dubbisuu qooda guddaa
taphata.
Walaloo ergaa isaa hubachuun rakkisaa ta’ullee waanta baramaa deemuu
danda’uudha. Dandeettiin dubbisuufi barreessuu qofti garuu gahaa miti.
Walaloon haala adda ta’een qindaa’ee kan dhiyaate waan ta’eef dubbisaanis
hubachuudhaaf karaa addaatiin dubbisuufi yaaduu qaba. Haala adda ta’een
yaaduufi dubbisuuf immoo karaa gabaabaan wa’ee ogwalaloo barachuudha.
Sababoota adda addaa garaa garummaan hubannaafi hiika walaloo akka
jiraatu godhan keessaa kanneen armaan gadi kan ibsamuu dand’aniidha.

 Muuxannoon dubbistootaa adda adda ta’uu


 Dandeettii jechoota hiikuu
 Sadarkaa barumsaafi leenjiin garaa garummaan jiraachuu
 Ballinniifi dhiphinni waa-manaabaa dubbistootaa gargar ta’uu
 Fedhiifi filannoon dubbistoonni ogwalaloof qaban gargar ta’uu

3.2.2.1Walaloo Dubbisuu baruu


Walaloo lama osoo fudhannee ilaallee dhimma walfakkaatufi bifa tokkoon
barreeffamanii hinargaman. Walaloo lama kan waloo tokkon barreeffamanis
osoo fudhanne laman isaanituu garaa garummaa hedduu qabu.
1. Sagalee ol kaasanii dubbisuu
2. Irra deddeebi’anii dubbisuu

21
Walaloo dinqisiifachuuf dhimma maalii akka odeessuu hubachuuf yeroo
baayyee irra deddeebi’anii dubbisuun bu’aa guddaa qaba.
3.2.2.2. Mala walaloon itti dubbifamu
1. Qabiyyee walaloo dursanii tilmaamuu
Walaloo gadi fageenyaan xiinxaluuf osoo hinyaalin dura walalichi dhimma
maaliti qaba jedhanii yaaduun gaaridha.
2. Mata duree ilaaluu
Matadureen walaloo yeroo hundaa hiikafi ergaa walaloo argachuuf kallattii
agarsiisuu danda’a. Dhimmi guddaan walalichaa maal akka ta’e argachuuf
nigargaara.
3. Yaada waliigalaa hubachuuf yaaluu
Dubbisaan sagalee olkaasees ta’ee cali’siin yeroo dubbisu kaayyoofi dhaamsa
waloo waligalaa argachuuf tattaafachuu qaba. Kana ta’uu baannan yaadota
ciccitaniifi hiika dogoggora ta’erra gahuun isaa hinhafu.
4. Yaada gadifageenyan xiinxaluuf yaaluu
Yeroo kana waloon jechoota, dubbii qolaa, gaaleewwanifi buufata xiyyeeffannaa
itti kenne irra deddeebi’anii dubbisuudhan sakatta’uun faayidaa qaba. Jechi
haaraan yoo jiraate galmee jechoota irraa ilaaluu yookiin gaalee marsee jiru
irraa tilmaamuun barbaachisaadha.

BOQONNAA AFUR
CAACCULEE WALALOO (THE ELEMENTS OF VERSE)

Caacculee walaloo jechuun hojii walaloo tokko ijaaruuf qaamoolee adda addaa
jiraachuu danda’aniidha. Isaaniis safara, yaa’a sagalee, bilbila sagalee, toora,
buufata, irra deddeebii qubee dubbifamaa irra deddeebii qubee dubbachiiftuu
fi kkf.
4.1 SAFARAAFI YAA’A SAGALEE (METER AND RHYTHM)
Saayinsiin waa’ee safaraa, yaa’a sagaleefi bu’aa ba’ii sagalee walaloo qo’atu
afaan Ingliiziitiin piroosoodii (prosody) jedhamee beekama. Safarri yeroo
baayyee adda bahee kan ittiin beekamu haala teechumaafi baay’na birsagoota

22
toora walaloo keessa jiraniitiin. Kunis tarkanfii walaloo (poetic foot) jedhamuun
beekama.
Fakkeenya: Waan tokko yaadee
Waa dhagayee hubadhee
Toora lamaan armaan olii kana yoo ilaalle kan duraa birsaga shan, kan
lamaffaa immoo birsaga torba irraa akka ijaaraman nihubanna. Haaluma
walfakkaatuun baay’ina birsagoota toora walaloo keessa jiran irratti
hundaa’uudhaan walichi hangam safara eegee akka barreesse beekuun
nidanda’ama. Walaloo durii keessatti jechoonni buufata walaloo baay’ee waan
walmadaalaniif safarri ni eegama. Haa ta’u malee walaloon hammayaa
hedduun bilisaan waan barreeffamaniif safara, bilbila sagaleefi dhimmoota
walaloo durii keessatti iddoo guddaa qaban irratti xiyyeeffanna hinkennu.
4.2 TOORAAFI BUUFATA (LINES AND STANZAS)

Walaloo keessatti jechoonni walitti qindaa’aanii yaada tokko ibsuuf sarara


sararaan ta’u. Sararri tokko toora/bo’oo (line) jedhamee waamama. Walaloon
akkuma barreefama biroo fuula waraqaarratti toora tooraan adda adda ba’ee
barreeffama. Haa ta’u malee walaloo keessatti toorawwan ykn bo’oowwan kun
kan irratti hundaa’an safara tarkaanfii (meterical foot)fi xiyyeeffannaa
caasaalee sagaleewwan dhuma bo’oowwan kanaarra jiraniinidha. Bo’oowwan
walaloo kunneenis walitti qindaa’uun buufata (stanza) uumaa deemu
jechuudha. Buufanni kunis buufata bo’oowwan lama, sadii, afur, shanifi kkf
qaba jedhamee waamamuu danda’a jechuudha.
Akkuma barreeffama hololoo keessatti keeyyanni tokko isa biroo wajjin
walta’iinsa uumaa deemu, walaloo keessattis buufanni tokko isa itti aanu
wajjin walta’iinsa niqaba. Sababni buufanni barbaachiseefis, hiika ykn ergaa
xixiqqaa walaloo sana keessaa akka salphaatti hubatamuufidha.
4.3 IRRA DEDDEEBII SAGALEE (ALLITERATION AND ASSONANCE)
Walduraa duuba dhufeenya jechoota toora walaloo keessatti sagalee
dubbifamaan irra deddeebi’amee yoo argame ‘aliiteereeshiin’ jedhamee
beekama. Irra deddeebiin sagalee dubbifamaa kun walaloo afaan Ingiliizii duri

23
(Old English) keessatti teessumaafi yaa’a sagalee eeguuf baayyee faayidaa qaba
ture. Haa ta’u malee yeroo ammaa xiyyeeffannaa guddaan itti hinkennamu.
BILBILA SAGALEE (RHYME)
Bilbila sagalee jechuun walaloo tokko keessatti yeroo baay’ee dhuma gubbaatti
sagalee walfakkaatuun xumuramuu jechuudha. Bilblilli sagalee iddoo inni
toora walaloo keessatti argamu irratti hundaa’udhaan bakka saditti qooduun
nidanda’ama. Sagaleen walfakkaatu toora walaloo dhuma irratti yoo jiraate
bibila sagalee dhumaa (end-rhyme) jedhama. Jidduu toora walaloo keessatti
kan argamu yoo ta’e bilbila sagalee keessaa (internal rhyme) jedhameeti
beekama. Dura toora walaloo irratti kan argamu yoo ta’e immoo bilbila sagalee
jalqabaa (beginning rhyme) jedhama. Yeroo baayyee kan baratameefi faayidaa
irra oolaa kan jiru kan dhumaati.
4.4 SIRNAAN TARREEFFAMA BILBILA SAGALEE (RHYME SCHEME)
Toora walaloo tokkorraa kan itti aanutti yeroo cehamu irra deddeebiin sagalee
dhumaa sirna hubachuun danda’amu tokko hordofanii kan qindaa’an yoo ta’e
bilbillli sagalee walaloo sanaa sirnaan tarreeffama qaba jedhamee fudhatama.
Ottava Rima
Walaloon akkanaa kun buufata tokko keessatti toora saddeet kan qabu ta’ee
toorri jahan duraa sirna tarreeffama bilbila sagalee a-b tiin erga deemee booda,
toorri lamaan dhumaa sagaloota adda lama walfakkaataniin kan
xumuramuudha (abababcc). Unkaan walaloo akkanaa kun kan jalqabame
dhuma jaarraa 13ffaa yoo ta’u, kan uumanis waloota Tuscany (Kaaba
Xaaliyaanii)ti. Isaanis faarruu amantaatifi wedduu diraamatiif Faayidaa akka
qabuu yaadaniiti qopheessan. Toora tokko keessatti birsagoota kudha tokkotu
argama.
Ottava Rima akka unkaa idilee faarruu gootaafi walaloo seenessamaatti
hojiirra kan oolche barreessaafi waloo Xaaliyaanii Jiovanni Boccaccio (Joovanii
Bokaashiyoo) jedhamuudha. Biyya Ingiliizitti kan faayidaa irra oole garuu
yeroo mootii Elizaabeet (1558–1603). Birsagoonni toora walaloo tokko keessatti
argamanis gara kudhaniitti gadi siqan.

24
4.4.1 Terza Rima
Terza Rimaan walaloo buufanni tokko toora sadi qabu ta’ee haala tarreeffama
sagalee a-b-a, b-c-b, c-d-c, d-e-d…tiin kan ijaaramuudha. Baay’inni toora
walalichaa akka Ottava Rima osoo hintaane daangaa hinqabu. Bilbilli sagalee
isaa kan xumuramu sagalee jidduu buufata dhumaa irratti argamu tokko
yookiin lamaan.
Terza Rimaatti fayyadamuudhan yeroo duraatiif walaloo kan barreesse waloo
Xaaliyaanii kan ture Dante Alighieri (1265-1321) dha. Isarratti hundaa’udhaan
waloonni Xaaliyaanii kan akka Petrarch fi Boccaccio unkaa kanatti
fayyadamaniiru. Biyya Ingiliizitti waloon inni yeroo duraatiif terza rima
fayyadame abbaa ogbarruu Ingiliizii jedhamee kan beekamu Geoffrey Chaucer
jedhamuudha. Terza rimaa ingiliffaan fayyadamuun baay’ee rakkisaa ta’ullee
John Milton, Lord Byron, P.B Shelley, Thomas Hardy, fi waloonni jaarraa
20ffaa hedduun itti tajaajilamanii jiru. Safarri walaloo terza rima kana
jedhamee kan beekamuu miti. Ingiliffa keesatti garuu birsaga cimdii jabaatufi
hinjabaanne shaniin (iambic pentameter) jedhamuun barreeffama.
4.4.2 Sooneetii (Sonnet)
Jechi sonnet jedhu jecha Xaaliyaanii “sonnetto” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u
hiikni isaas ‘faarruu gabaabaa’ jechuudha. Walaloo unkaa cufaadhan
barreeffamu ta’ee toora kudha afur irraa ijaarama. Yeroo baay’ee akka buufata
tokkootti barreeffama. Birsagoonni toora tokko keessatti argamanis cimdii
jabaatufi hinjabaanne shaniin (iambic pentameter) barreeffama. Jaarraa 14ffaa
kessa guddinaan faayidaa irra oola ture. Bal’inaan waa’ee jaalalaa irrtti
xiyyeeffatullee waa’ee du’aa, siyaasaa, fi gaaffiilee addunyaa kanaa nikaasa.
Sooneetii gosa gurguddoo lamatu jira.
HAALAWWAN DUBBII
Haalawwan dubbii jechuun dubbiifi barreeffama keessatti hololoonis ta’ee
walaloon dhaamsa dabarsuuf barbaadame sana humnaafi bareedina
gonfachiisudhaan sammuu dubbisaa/dhageegffataa keessatti fakkii uumee,
midhagee, salphaatti akka hinirraanfatamnetti dhiyeessuudhan bakka olaanaa

25
akka argatu gochuudha. Haalawwan dubbii haasaa yeroo baay’ee
baratamaniifi dubbataman irraa jal’ataniiti dhiyaatu. Kanaa jechuun hawaasni
hariiroo waliin qabu keessatti sirumaa itti hinfayyadamu jechuu miti.
Haalawwan dubbii ogwalaloo keessatti tajaajila daangaa hinqabne kennu.
Walaloon akka waliigalaatti haalawwan dubbii fayyadamuun amala isaati.
Waloon dhimmoota hawaasa keessatti raawwataman ilaalchisee kan
arge/dubbiseefi muuxannoo waliigalaa qabuu iraa ka’uudhaan haalawwan
dubbii uumuu danda’a.
Qooqqoodinsaafi baay’ina haalawwwan dubbii ilaalchisee yaadota adda addaa
itti walii hingalamnetu jira. Haala qoodinsa isaanii jidduu garaa garummaan
ifa ta’e teechisu dadhabuun alatti akaataa walfaallessaniin jiraachuun isaaniis
rakkina guddaadha. Haalawwan dubbii ballinaan beekamaniifi ogbarruu
keessatti faayidaa irra oolan armaan gaditti dhiyaataniiru.
Akkasaa (Simile)
Akkasaa kan jedhamu dorgomsiisaa wantoota lamaati. Waantoota lama yaada,
amala, gochaafi kkf irratti hundaa’ee waliin dorgomsiisuun/madaaluun kan
uumamuudha. Wantoonni waldorgoman kunniin bifaafi amala adda addaa
qabaachutu irraa eegama. Jechoota ‘akka’, ‘amma’, fi ‘fakkaata’ jedhan
fayyadamuudhan walfakkeessa. Wanti sirritti ifa akka bahu barbaadamu sun
ibsamaa (tenor) yoo jedhamu wanti ibsuuf tajaajilu sun immoo ibsaa (vehicle)
jedhamee beekama. Fakkeenyaf, ‘Qananiisaan akka illeettii kaata’ kan jedhu
Qananiisaafi illeettii waldorgomsiisa. Sababni isaan itti walfakkaatan immoo
kaatichoodha. Wantoonni ibsamaniifi ibsan kan harkaan qabaman ykn
hinqabamne ta’uu isaani irratti bu’ureeffachuudhan akkasaan bifa afur qabu
uumamuu danda’a. Barreessan wanta harkaan hinqabamne tokko ifa baasuu
yoo barbaade ibsaa isaa wanta qabatamaa fayyadamuu danda’a. Fakkeenyaaf,
‘yaada sammuu koo keessaa akka tafkii na nyaatu wajjinan wal lolaa – walitti
araaramaa deema’ himni jedhu asoosama Godaannisa jedhu keessatti argama.
Asirratti yaanni waan hinqabatamnee. Garuu waan qabatamuun yaanni
akkamitti akka nama nyaatu tafkiidhan ifa godheera.

26
Bakkasaa/Iddeessaa (Metaphor)
Kaayyoon itti fayyadama akkasaafi bakkasaa tokko. Lamaanuu wantoota lama
waldorgomsiisan. Bakkasaa yeroo jennu wantoota gara garaatiif jechoota
‘akka’, ‘amma’, ykn ‘fakkaata’ jedhan ossoo hinfayyadamin amala waan tokkoo
kan biraatiif akkuma jirutti kennuu jechuudha. Akkasaan garuu amala waan
tokkoo keessaa qunxureeti malee akkuma jirutti kan itti uwwisu miti.
Bakkasaan akka akkasaa waldorgomsiisee ibsuuf qofa kan fayyaduu osoo
hintaane dubbiin hiika dabalataatis akka qabaatu godha. Fakkeenyaaf , ‘Ilkaan
Caaltuu cabbiidha’ yoo jedhe bakkasaa ta’a.
Bakkasan kallattiifi dhokataa (direct and implied) jedhamee qoodamuu
danda’a. Kan kallattiin dhiyaatu ibsamaa (tenor) fi ibsaa (vehicle) ifaan adda
baasuun nidanda’ama. Kan dhokataa garuu ibsaa ifaan hubatamau kan qabu
yoo ta’u, ibsamaan isaa garuu haala jechoota gaalee keessa jiranii irratti
hundaa’uudhan hubatama.
Fakkeenyaaf, namni tokko ‘kaleessa asoosama haaraa maxxanfame tokkon
qotaa ture’ yoo jedhu asoosamicha dubbisuun alatti akkamitti akka
dubbisellee nuti hima. Namni qotiisa irra jiru tokko akka jidduun qotiilee
dhaabee ofiifis hindhaabbanne, osoo walirraa hinkutin boqqonnaa malee
asoosamicha dubbisuu isaati nuti hima. Qotuun ibsaadha; haalli itti
dubbifame ibsamaadha. Kanaafuu, kan akkanaa kun bakkasaa dhokataa
jedhama. Fakkeenyota armaan gadii keessatti waloon bakkasaa fayyadameera.
Yeroo dubbistu eessatti akka argamaniifi faayidaa maalitiif akka fayyadamee
ibsuuf yaali.
Nameessa (Personification)
Nameessa jechuun amala dhalli namaa calaqqisiisu yookiin gocha dhalli
namaa raawwatu wantoota lubbu-qabeeyyiifi lubbu-dhabeeyyii biroo kan akka
yaadaa, meeshaafi kkf gonfachiisuudhaan ergaa dabarsuu barbaadame sana
ibsuu jechuudha. Wantoonni nama hintaanee maqaa namaatiin yoo
waamaman, dubbatan, yaadan, gaddan, gammadan, dhugan, nyaatan ykn
hojii sammuun gaafatu yoo raawwatan nameeffaman jedhama.

27
Fakkeenya: sareen baasa baaftee
mammaaksa mammaaktee:

osooma beeknuuyyii
huubaa ‘jjin soorannaa
sifaa’eef sifaa’ee
dhiifnaan baafnee gannaa…

-jette jedhan warraan


huubaa wajjin soorraan.

(Asafaa, 2006:50)

Arbeessoo/Gurraguddisa (Hyperbole/overstatement)

Gurra guddisuun barreessitoonni mala ittiin waan tokko ta’e jedhanii dhugaa
jiruun ala oli guddisaanii dhiyeessudha. Dubbichis hiika gubbaa qofa fudhatee
kan deemuu miti. Dhimmi sun hangam xiyyeeffannaa akka barbaadu ibsuuf
tajaajila. Fakkeenyaf, ‘yeroo dhibba isheetti himee jira’ himni jedhu irra
deddeebi’ee jechuuf malee lakkaa’amee dhibba guuta jechuu miti.
Fakeenya 1: Hojjaa guddaa keetiin
Du’a ajjeestee
Oggaa ati duutu
Garaan koo boora’us
Imimmaan koo bu’us
Boo’a nu dhoowwitee
Guddina hojjaatiin
Ati du’a ajjeestee

28
(Muluu, 2008:50-51)

Busheessuuykn kineessuu (Understatement)

Bushessun faallaa arbeessoo yoo ta’u waa’ee wanta tokkoo kan yaadame ykn
ta’ee gadi buusuudhan dubbachuudha.
Apostrophe
Nameessudhaan kan walqabatu ta’ee yeroo baay’ee nama lubbuun nu bira
jiraatee nu dhagahuu hindandeenye yookiin wanta lubbuu hinqabaannefi
deebii nuuf kennuu hindandeenye tokkotti akka waan inni nu dhagahaa jiruu
itti dubbachuu jechuudha. Haalli dubbii kun walichi guddinaan akka waa-
manaaba keessa galu godha. Ilmi namaatis dharraa, jaalala, gadda, abaarsa,
eebba, dhageetti cimaa miira isaatifi kkf ittiin ibsachuuf tajaajila. Yadaaloon
inni ittiin ibsus al-idileedha. Apostrophe irratti gurra guddisuun
hinbarbaachisu. Galata Rabbii galchuu, kadhannaa dhiyeessuufi gocha eebbaa
ykn abaarsaa keessatti niargama. Dubbataafi dhageeffataan kan qaamaan
walfuldura jiraatanii osoo hintaane afuuraan waliigalan.
Mitehee (Paradox)
Mitehee jechuun dhaamsi jechaa yookiin himaa irra keessaan soba fakkaatee
waan dhugaata’ee sammuun keenya fudhachuu danda’au jechuudha. Mitehee
hubachuudhaaf yaada himicha keessa dhokatee jiru argachuu barbaachisa.
Fakkeenyaaf, ‘illeettiin leenca moote’ hima jedhu keessatti jechi ‘moote’ jedhu
yaada hima kanaa caalaatti gara humnaatti kan fidu fakkaatee nutti muul’ata.
Sana olitti bal’ifnee yoo ilaalle dhugaa ta’uu danda’a. Illeettiin beekumsa qabdi;
bu’aafi ba’ii, dhaqaafi gala beekti. Kanaafuu, diinota isheerraa malaan miliquu
dandeessi.
Bifti ukkaamamaan mitehee kan yaadonni/jechoonni faallaa walii ta’an lama
walitti aananii dhufuun uuman immoo qara-domaa (Oxymoron) jedhama.
Fakkeenyaaf, jechoota iyya cal’isa, gadda gammachuu, mi’aa hadhaa, kkf ta’uu

29
danda’u. Dubbisaan xiyyeeffannaa akka itti kennu gochuudhan hiika
barbaadame irra gahee akka gammaduufi dinqisiifatu gochuuf tajaajil
Saaduu (Irony)
Dubbiin tokko jechoonni isaa kan ittiin dhiyaatan dhiisanii hiika faallaa akka
qabaatu gochuudha. Saaduu hiika isaa abbaa dhaga’u/dubbisutu tattaafatee
hubata malee ofisaatti ibsa homaatuu hinkennu.
Jirra kaa jirra jirraa
Jireenya maalii jirra
Kan qonne namaaf hirra
Dinnichaaf buqqeen jirra
Masaanuu xaddee jirra
Haaruu manni daggalaa
Amma indaanqoo ga’utti
Maafan nama gabbara
Amman aangoo qabutti

(Geerarsa)

Arrabsoo (Sarcasm)
Yeroo tokko tokko saaduudhan walfakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee garaa
garummaa hedduu qabu. Wanta tokko kan jaju, galateeffatu yookiin
dinqisiifatu fakkaatee jibba, tuffiifi arrabsoon mala ittiin dhiyaatudha.
Arrabsoon yaada, ilaalcha, jibba, tuffii dubbisaa ol guddiseeti mul’isa.
Jechoonni isaas abba itti himamu sana kan miidhaniifi akka eebootti
waraananiidha.

30

You might also like