You are on page 1of 6

 

JUL

“MARII DHAGAA…!!”

Ajaa’iba kunoo!

Dhagaatuu dubbatee,

Dhagaatuu afaan baasee waliin mariyate,

Ganamaa gaaf-tokkoo,

Garee murna dhagaa kan gaara jiraatuu,

Yaada tookko kaasee yeroo mari’atuu,

Inni tokko guddaan kan jaarsa fakkaatu,

“Mee arra nu kaasaa hundi laga buunee

Qaama haa dhiqannuu.”

Je’ee yaada kaasee yerooniif dubbatu,

“Dhugaa jattee yaa boo xuriin nu fixxee bar

Laaltee’tuu hin gartuu,

Yaada kana tasa namni mormu illeen

Kan jiruun fakkaatu.”

Ja’ee yaada cimseef,

Gurraachii fokkataan sunsumaa fakkaatu,

Ilkee afaan keessaa xiqqo xiqqoo addaattu,

Malee qaamni biraa waa takkan mul’atuu.


“Qis…qis…qis…” ja’anii,

Jarri hundi bakka takkaa itti koflanii,

San booda usanii,

Callisan sesseeqaa ijaan wal laalanii.

Yeroo tana tokko sarrisaa, farrisaan,

Bakka taa’uu ka’ee “Iihh..iihh..” jachaa,

Kokkee haxaawwachaa,

Qishnaa saa eegale areeda if qabachaa,

Qaamaan taakkuu takkaa, suuta tarkaanfachaa,

Gurraachati as deeme waan kokombolu fakkaachaa,

Biratti  dhiyaatee suuta gangalachaa.

Inni abbaa koflaatii, duruu ni beekanii,

Waan inni dubbaatu caqaasuu eegalan

Gurra dhadhaabanii.

“Ati lagaa mitii, osoo si fuudhanii.

  Garba guddaa keessa guutu si cuuphanii,

Baala handoodeedha,

Waan ardii’rra jiraa hunda cafaqanii,

Sanyii tee guututti guuza siif oolchanii,

Sitti wal dabraadha

Akka garaachaatti torbaan si dhiqanii,

Xuriin sirraan baatuu,


Xiqqo’lleen diimattuu,

Asumaa nu eegi ifin dararinii,

Hanga nuti dhuufnuu qe’eedhaa’n deeminii.”

Hoggaa   ja’uun inni,

  Kofla itti cichan gaa hundi isaanii.

“Amma qishnaa dhiisaa,

Ni dhiqanna moo hin dhiqannu jattan

Namuu harka baasaa,

Sagalee teessaniin mee nuu mirkaneessaa.”

Je’ee inni  jaarsaa,

Kan reefu yaada  kaasee akka tasaa,

Harka tokkoon mooluu mataa saa maasasaa.

Xiqqo wawwacanii, goohanii,

Eega wal falmanii,

Sagalee caalmayaan

Dhiqachuu akka qaban hundi murteessanii,

Koflaa, taphachaadhaa,

Lagaa’tti qaceelan hiiriraa galanii.

Amna fagoo booda yeroo gahan laga,

Arkan murna dhagaa,

Warreen yeroo baayyee bishaan keessa ture,

Kan saaphaphuuf xurii qaamatti if mare,


Bifaa fi uunkaa’saa mara if jijjiiree,

Taa’u yeroo arkan,

Jarri mataa mammaree,

“Ni dhiqanna !”

“Hin dhiqannu !”

“Haa dhiqannuu?”

“Lakkii hin dhiqannuu!”

Yaadni lama dhufee qalbii isaanii hiree,

Osoo ijaajjanii,

“Aboo maa dhaabbattan haa dachaaree.”

Ja’e inni tokko deebi’uuf jarjaree.

Akka hin dhiqanne jarriis jala muree,

If’irra dacha’an……

Yeroo tana tokko garee lagaa keessaa:-

“Jarana maal taataan?

Maaliif eega dhuftan if’irra dachaatan?”

Ja’ee gaafatee rakkoo sanii baruu.

Murna dhagaa gaaraa keessa kan jarjaruu,

Akkana ja’ee deebiseef waan garaa saa jiruu:-

“Yaa jara keenya duraan

Dhufaatiin keenya dhiqachuudhaaf turee,

Garuu eegaa isin kana ijaan garree,

Dhiqachumaa sanuu abdii irraa murree.”

Je’ee hoggaa inni yaadaa’sa xumuree,


Garee lagaa keessaa inni furdaan tokko:-

“Wahiin isinii himaa na caqasaa al-tokko.”

Ja’ee,

Bitaa mirga isaa ijaan firraa laalee,

  Waan dubbachuu ka’e himuufii eegalee,

  “Dubbiin akki taatee yaa obboleeyyan koo,

Wal dhagayuu dhabuu nutti tahee rakkoo,

Tahuu dadhabannee hundi harka tokko,

Walirraa rirriituu,

Waliif shukkumuu dinnee,

Jiruudhaan tortorree, xuriin ukkaamamnee

Boodde irraa kunoo akkana mudannee….”

Akka waan gadduu ta’ee,

Jiddutti cal ja’ee,

Xiqqoo booda haasawa itti fufe

If’irra gad taa’ee.

“….Isin akka keenya yoo tahuu baattanii,

Xiqqaa fi guddaadhaaniis wal jala yaatanii,

Yoo waliif rirriittan, walirraa baaftanii

Koottaa’tii dhiqadhaa yoo wal dhageessanii.”

Je’ee, itti himee jara hunda gorse,

Yaadaan amansiisee

Akkasitti jara hunda dhiqachsiisee,

Dhagaa’lleen dubbate kunoo afaan baasee,


Duuba ilmaan nama maaltu wal habaabsee,

Biyyaa biyya buusee,

Walii galtee hanqise? X2

Posted 7th July 2014 by leta tesfa

You might also like