You are on page 1of 36

Weedduu Bara Dargaggummaa

Man ijjeerra cirrachoo fal’aanaan mulluu nyaatu

Wal-ajjeefnaam sirrattoo jaal’aataan lubbu hin yaadu

Atii kittaakee gad xaafii anis kitta koo gad xaafa

Wayyaan Amaaraa kittaa dha

Atis jirtaa natti dhaami anis jirtaa sittin dheema

Nagaan alaalaa jirtaa dhaa

Yommuu daaktuun birbir daaktu bookeen harbuu irraa gad-yaati

Yommuu gaariin washakkattu moogeen antuuta fakkaatti

As ooleen jirbii funaana sangaan kosorruutti aseene

Dasooree mudhii sinnaaraa siman gorroshuu kajeele

Akka bosonuu maseenee

Gaaddisaa yaa ilma danboobaa gaarri gamaa dabaqqaa dha

Gaabbita gaafan namoomee barrii namaaf dabarsaa dha

Yoon ijaaree yoon kabee diigi diigi naan jedhaa

Yoon siyaade naaf gamee fiigi fiigi naan jedhaa

Fiiguuf lafti koo tabba dhiisuuf barri koo in darba

Kottuu Harree feenaa jennaan an teepha hin shaaru jettee

Kot wajjiin teenya jennaan an deega hin jaal’u jette

Deegni-illee akaakuu miti yaa shaggee kaarruu shifii

Oosanaan raada bitee yaa gumbii abbaan margee

Soodarii nyaara siree koo garaan qaata dide


Qilxuu guddaa gama keessaa yaa shuree garbuun asheetee

Sichoo guddaa mana teessaa kan fuudhee galchuu kajeelee

Dabbasoon boora tiksaa agiuggiitti reebani

Dosooree nyaara jigaa na dhungachuu feetani

Maaf hidhiin koo na sirbaa?

Alakuu fardaan darbee hundee qilxuu qirixuu

Basaqoo sarbaa shaffee lamatuu tarkaanfadhee

Durbeen qeerro hin jibbitu biyya kootiin si lixuu?

Coqorsa kee yaa waaraati micciramee gaafnii hoolaa

Gorora kee na obaasii ittinan gaaf lama oolaa

Manni abbaa kee Jimma keessaa kan nagaadeen bira yaatu

Jaalala keetu irraa keessaa kan garaan kee jibba yaadu

Wayyaa Wayyeessaa Gondee Jotee yaa soddaa Limmuu

Kaarruu baddeessa goote xinnoo yaa gomjaasiftuu Harka nan boraasiftuu?

Yaa kalaala kuttuu koo karaan Gimbii duudeeraa

Yaa alaala dhuftuu koo garaan shifxii fuudheeraa

Baddeessa yoo muran maalii gatamaa qilensii hin raasuu

Adeemaa yoo bulan maalii rakkataa bineensi hin nyaatuu.

Kan murtee mana hin ijarree maaf laga dhadhabdaa heennaa

Kan dhuftee nama hin ilaallee maaf namatti dhaamta seenaa

Bosonuu maaluma uumee kan sokorruu keessa dheedu

Abbayyee maaluma goonee kan sokossuu keenya eeguu

Mana ijaarrachuun baayeessaa shimalaan kabuun kun maalii,

Nama jaal’achuun baayeessaa tokko ijaan qabuun kun maalii?


Ijaarrataa mana qaalluu wayyaa Baaccuu jalli kuulaa

Ilaallataa nama jaallu mata fanxoo irraa siibuusaa

Mataa fanxoo dargaggeessaa, dhiiga ijollummaa balleessaa

Baddaa buleen ala ijaajja farsoo wulleetti naqu

Mashaaqulee dhala jaarsaa qalloo qilleensi taphsiisuu

Dabbasoon boora qalee mootiin warqee sagalii

Gaggabdoo koo na qabee loosii laphee na qabii

Yaa ijaaraa Abbaa Caffee qaalluun galma isaa bulaa

Yaa ixaana abbaan dhalchee kaarruu mormaamashaaqulaa

Anqaaquu guraamalaa yaa hurrii dachaa muummee

Xiyyoo ija kee kuule, simbo si gubbaa tuulee

Kan kaarruun uraa manaa siin likkii nama uumee?

Qilxuu kee murii hin jennee murii gabaabsii hin jennee

Baala geeshee baala hoomii

Michuu kee jibbii hin jennee gaafa oole gaafa qoomnii

na bira ooli hin jennee

Garaachii saree in jigee tiruun attam haa ta’u,

Garaan si malee hin didee jiruun attam haa ta’u?

Guduuruun ba’eetani Gommaan ba’u dadhabee

Uggum yaa karaa Gommaa karaa Gommaa ammaan ba’aa

Ururuu bareetani qophaa rafuu dadhabee

Uggum yaa garaa gowwaa garaa gowwaa naan taphaa

Badda Naqamtee yaa Leeqaa harreen garbuu keessa yaatee

Naganuu kee-illee nan beeka giddii hin qabdu kee na nyaatee


Gidaamiin kan Buushan Waatoon kan Abbaa Reebu

Ijaajjii na miijanii, taa’i nattii miidhagii

Qalloo akkaa farsoo dheebuu gaarii kana irraa hin beeku

Teepha looni teepha harree teepha harree lamaan bitu

Sheballee sarbaa billuu kee tarree namaa hin lixuu

Shaggarii kutaan halaadaa yoo kutaa naaf foote maalii

Halkanii fi guyyaan si yaadaa yoo dhugaa naa goote maalii?

Mana keessan gajallaa fiixeen gufuu gad-cabee

Sagalee kee dhaga’een fiigee dhufuun dhadhabee

Yaa mucaa bukkee qilxuu, otuun siif jedhee cichuu

Na irraan baafattee michuu

Yaa mucaa bukke kaakiltii, eega heerumtee gaaritti

Saanni kee guutee jedhee okolee kee hin fanniisuu

Fokseen qoraasa malee

At ni-eerumtee jedhee dabaree kee hin jallisuu

dhokseen sii faarsa malee

Kalessii gabaa Guyyoo iftaan duulaa Gittanii

Bareedduu sarbaa yuukoo ilkaan kuula miicanii

Mana ati ijaarrattee beeka fuulee gabaa Gondoree ti

Nama ati jaalatte beeka nama garaan okkotee ti

Nama garaan hidda yaasee natuu maqaa sirra baasee

Yaa biiftuu ji’aan qixxee si gosseem Gambeela koo

Yaa diimtu lipha-liphee sitti obseeraam beela koo

Otuun ijaaruma ijaaruu lafeen dhaddee na waraanee

Otuun si jaall’uma jaallu lafee dhabdee na gattaa ree?


Yaa baaqilaa mana irraa kabaan manaa gubatee

Yaa Waaq ilaa in argitaa jabaa na irraa fudhatee

Yaa naggaadee Gommaa Yaayyoo mootiin boyyee sooma soomaa

Yaa alaalaa dhuftuu koo kooti fi kan kee hin oole hin oolee

Atis wandaboo kee fidii anis wandaboo koon fidaa

Waan ittiin galaana daaknu

Atis dhoksii na jaalladhu anis dhoksen si jaalladhaa

Waan ittiin garaa wal-raafnu yommu wal-irraa fagaannu

Obbo Jooteen waa qaleera wanaagaan foonuma nyaataa

Yoo samaanteef naaf samaanii maamullee koo naaf gameeraa

Faraanjiin dildila hiite laaxaa baar gamattii guuru

Bar sadiin irriba dhiise rakkoo abbaan ofitti fuudhu

Yoo sangaan qotuu didee Bribiriin gad-buusani

Sakkoo buusanii qaluu

Yoo jaarsii rafuu didee mimixaa ija-busani

Bullukkoo itti aguuganii shaggee fuudhanii baduu

Jimma foo Jimma Jimmaa walakkaat Gibeef malee

Jirraa foo jirra jirra wal-aargaat dhibeef malee

Mannii abbaayeen kee ijaaree inni guddan sibilaa

Ana hin wayyu ree hiriyyaa kee inni guddaanoo si miidhaa

rukuteen harree geessa yaatee kaa gabaan Billoo

Dungujee qarree leensa nyaatee kaa gabaabino

Iddoo gabaabina ishee shitto gabaa bita ishee


Baddeessaa lamaan damee karaa keessa dhaabataa

hadheessaa namaaf malee garaan kee na jaall’ataa

Wallaggaa yadii madoo saanni hin dhallee dul’achaa

Waldhabneem anaa fi atoo waan hitaane dubbattaa

Jaarsa hin taane dhungattaa

Yaa lasaallasee kutame, beenu wajjin galla qullaa kee

Achittu in binna wayya kee

Yaa Haaru Abbaa Mangashaa gubatera baalli hiddii

hacaalu abbaan horii kasaareera abbaan hidhii

badda baaqilaan asheeete dhangaggoon ittoo ta’aaree,

Abba da’iimaa na seete, abba da’imaa isaa jeejee

Dargagoon iddo dhabaa ree?

Yoommu gugeen baala raaftu soofeen addesse rigaa koo

Yoommu narraan tokko yaaddu maalan baleesse hiriyaa koo

Ani mana dalgeen ijaara dagalee beekte murtaa ree?

Laga irra deemeen siin waamaa sagalee beektee dhuftaa

Axanxarii keessa loona laaftoo guddaan burkutaa’e

Ati attamin teessa yoona nattoo guyyaan dukkanaa’ee

Attaminan mura geeshe saanni Amaaraa hindheedu doobbii

Attaminaan dhufa beeke namni alaala hin beeku qomni

Eega ofii dhadhaabatte dhadhaabadhuu naan jedhii

Darbeetan dhadhaabbadhaa falaxaa dhibe mitii

Eega ofii barbaadattee barbaadadhu naan jedhii

Darbeetan barbaadadha alagaa dhibe mitii


Alagaa fi dhagaa daakuu lafa dhaqanii baasuu

Jajjabaadhu anaa haa nyaatu

Nafsee keef homaa hin taatu qarree kee fayyaa hin baatu

Saayyan Abbaa Galate adii duwwatu dhalatee

Yaa subboo dabaladhu yaa qeerro maraxadhu

Gatiin durbaa hin rakasee

Silaa shaashiin siif bita maalan shaashii siif bita maal atoo hin shurraabannee

Silaa raajiin sitti himaa maalan raajii siiti himaa maal atoo nan dhungannee

Iftaan Daabanaa galla simaan duule Abbaan Sayyoo

Ilkaan walalaa dammaa siin maal uumee Waaqayyoo

Waaqayyoon maalan godhee kan bokkaa rooba dhowwee

Qileensa gad-kachiisu

Abbayyee maalan godhe kan shaggee laga dhowwee

Bineensa na nyaachiisu

Bishaan waraabataniitu tabba irra dhaabbatanitu

Boombiin liixnaan gad-dhangalaasu

Ijaan wal jaal’atanitu qoomniin dhibnaan

Dalga ilaalu maa boossa ana haa dhangalaasu

Mannii keessan haa jiguu situu ijaarrataaf malee

Warri keessan na jibbuu situ na jaall’ataaf malee

Yoo kaleessa adeemanii har’afaa Gimbii ga’u

Yoo bareedda yaadani mucaa dhalattuu ta’u

Karaan mana kessanii dandit-na fide goruu?


Maali jarrii baaccuun kun jaartiittii qarree qoruu?

Yaa ijaaraa Tasammaa Damuseen hoolaa qalee

Wal-iaalaa dabarraa? lalisee koo naaf gamee

Utuu roobuu bollaqqe dhagaa diidaa waqaruu

Utuun boo’uu na gatte anaa fi sin haa nagaruu

Harree koo yaa baaburii karkarroon saafaa dhalaa

Laphee koo qabaa bulii qallayyoo akka maatabaa

Kaleessii-illee Dafinoodha xaafii tabba jala meesu

Bareedni ishee anciroodha gaarii sarbaa jala beeku

As hin oole Jimman oole hagudduu koomee bitaachaa

Ani sin qoodne si-naqoode ani lubbuu koo irraan siin jaalla

Agadaan agaduma nyaadhu sanaafica kee

Alagaan alaguma jaallu qalloo fira kee

Yaa timboo gabaa kaleessaa sin bite malee sin xuxnee

Yaa dimtuu magaala leensaa sin arge malee sin hinquufnee

Andoodeen wayyaa hin addeessu lakkii kutaa sana miicii

Anafoo silaa hin dhageessu lakkii gurbaa sana dhiisii

Yaa dhaddee ya-hadhaa mi’a yaa bineentii dorrobdu

Naagamteem ya-hadha firaa ato hiyyeessa hin qoqqobdu

Sinbirroo shawu shawuu Goondee lafti kootichaa

Dubbichoo silaa hin ta’uu boossee maaf na boosifta

Anqaaquu sinaataraa dhaddeen nyaatte godarree

Kan kaarruun guraamalaa nadheen taate joofare


Atarii dachaa facaasu warqeen akka daabanaa ti

Hin bo’iin anaa lolaasu yommuusoo akka jaalalaa ti

Shaggarii galuuufan deemaa yaa awwaara miila kootii

Kopheedhaan na dura yaati mammagaalleen biyya kootii

Bosonuun coomtee jennaan Sanbateen foon bitattee

Yaa qalloo shooxee jeennaan qarbaxeen qooqqifattee

Gammachuu yaa soddaa koo, Gibee daaktuu saddeet nyaate

Wa naaf hin maltuu yaa hiriyaa koo garaan didee tokko yaadee

Otuun kusaayee haamu sinnaara bishaan nyaate

Utuun mukaa’e taa’u eessaa na biraan baate

Shagee yaa giramaashee

Yaa qilxuu Bookkaa Bulii kot-jaldeessa leenjifnaa

Yaa michuu moofaa durii kot-balleessa deebifnaa

Innaa mana ijaarani kombolcha dhaabaa muruu

Mixoo dagalee muruu

Innaa nama yaadani boroon mana saaqani

Bakkalcha ilaalaa buluu bakkalcha goodaa Sayyoo

Attam na goota wayyoo

Xaaxeessaa daari gubbaa maaf qotta xaafi adii

Raateessaa maali qabda maaliin na dhoofte ati

Qotee qoteen dalga meesaa Naqamtee jirti jabbiin koo

Sabee sobeen of jabeessa garaa kee jirti qalbiin koo

Silaa bunan siif qala buna duuda hin qalani

Silaa si duukaan galaa durba duukaa hin galani


Koot na duuka gali atii

Kormaa hindaaqqo keessani inni adiin lagaa gala

Morma haallaaloo gootani isin fa’iif namaa gamaa

Yaa qilxuu irrattoo qilxuu yaa baddeessaa cirrachoo

Yaa michuu irratto michuu wal ajjefnaam sirrattoo

Saawwalii keenya keessa kuma gaallamoota

Ilkaan kee inni goodaa tumaa moo dhaloota?

Yoo tumaa tortorii yoo dhaloota tolii

Duubana roobee malee Boojjii qileensa hin qabu

Fuulan godoomee malee Booranni hiyyeessa hin qabu

Akkoon buna amacci buni akkoo hin gubatuu

As siqii natti himi gurri koo hin hubatuu

Ani abbaa kee beeka Sanbatoo Galaanii

Loosi naan dhungadhuu wandaboo jalaanii

Kuula uffadheen kuula miicaa Jimma hin nyaatu foon haandaaqqoo

Siin abdadheen fuudha dhiisa sin hin mararuu ijoollumman koo

Baddeessaa jalaan gad-yaane, kormi qaallu gaana gaansaa

Akkeessaa jarreen shammaanee mormi taakkuu lama baasaa

Boqqolloo laga Ammayyaa qalqalloo laman muree

Eda abjuun wal haammanee wandaboo jalan bulee

Ya jala buufata gaangoo iraangadee finqilaachoo

Yoo nama dhuunfatan taatee siin argadheem misiraachoo

Okkoteen bishaan dhaqxii gufuu yaaban gubbanaa


Dombooshee gilaa maddii dhufuu yaa ishee gubbanaa

Gubbaa mana katamaa robeef labeessii hin marguu

Tubbaa mataa jamjamaa bo’ee malee si hin arguu

Gabaan Dafiino baddee kan dur dhangaggoo bittu

Amma jaarsa-illee hin dhabde kan dur dargaggo diddu

Kumarraan tumaa tumaa amartii qalloo tokkoo

Tur amman si irraa kutaa gurbatti farroo tokkoo

Duuba duuba Abbaa Sorii amuumaan garbuu haamaa

Suuta suuta naaf boo’ii na dura badduu baataa

Naggaadeen yoo duute maali mandaraa Joteetti awwaaluu

Hidhii kee yoon xuuxee maali kan damma bookee fakkaatuu

Damma bookee isa kaniisa takka xuuxeen gad-siidhiisaa

Bakkanniisi caccabee laafto seeranii gogsuu

Halkan ciisan dhadhabe guyyaa deemanii obsuu

Yaa qamalee yaa gugee in godaane warri Iluu

Na waxalee na gubee in bobaane wajjinoo

Roobi roobi yaa bookkaa inni gaara abbaa kuraa

Bo’ii bo’ii yaa garaa imimmaantu abbaa furaa

Inni xaafii tuule tuulee inni kaan gate cidii isaa

Inni gaarii fuudhe fuudhee inni kaan gatee horii isaa

Ani maafan gata birrii koo barbaadee hin fuudhuu likkii koo?

Shaggarii gaditti boolla lafa ilmaan booyyee itti duute

Maraannee walitti boonyaa akka ijoolle haati duute


Ijoolleen Sibuu Siree faanosii bobeesitee

Ofi kee raafte bultee na xabdiin bobeesite

Akka inni ishetetti meesi gomanni ashetu ga’eeraa

Akkuman taa’etti taa’ii koo mallii adeemsa ta’eraa

Dhaabii dhaabii goodarree kee jala deebituu caffee dhaa

Raasi raasi goofaree kee qabbaneessituu laphee dhaa

Baddaan-illee migira goromsi raada dhalee

Har’aaf illee si bira boriin siin yaada malee

Axanxarii laga soolee gowwaan mukaa dhoqonuu dha

Barbaacha keen laga oole akka korma bosonuu dha

Samaroo keessan adeema waanan jirbi bituu seetee

Adamoo keefan adeema waanan sirraa cituu seetee

Yoo haarren Saasiga baate komeen hawwaare biyyoo dha

Yoo shaggeen saamicha taate Koo ishee magaala xinnoo dha

Obboo Joote Abbaa Iggu jaarsa ariin ball’essitee

Kutaa foote naan fidduu nacci-arri fakkesiitee

Arkiiftu idda machaaraa tephaa lafaa fuutee ijoolleen

Achittu sittan marmaara eega maqaa-fuut hin oollee

Bishaan waraabbiin hin oollee ceene waraabbanna cooree

Silaa wal-jaalalli hin oollee teenye wal baanna akka ijoollee

Utuun hin cabaa beekee cabees hin baddaa beekee hin kolaasuu abraangoo

Utuun sin dhabaa beekee siin dhabeen galaa beekee hin lolaasuu imimmaan koo
Yaa baddeessaa muka soolee mootiin mukaa dhoqonuu dha

Barbaacha keen laga oolee akka kormaa bosonuu dha

Shimalan muraa yaa geeshee mana bantii gad ijaaruu

Si jalan bulaa akka ilmoolee anaan qalbii namni hin caaluu

Hoyaa biyya dardaraa gafarsii ciisee hin dhaluu

Ka’een iyya qaanqanaa anoo si dhiise hin galuu

Atobusiin Amboodha bu’ee karaa Wallaggaa

Atis jiru koo jette anis jiru koon jedhee dhibeem karaan wal-argaa

Ani abbaa jiruun ta’ee waanbadee barbaaddadhuu

Waanbadee akaakoo durii yoo dhabdeef na waamadhu

Quba hin ka’iin kaa si hiddaa wajjiniin nyaanaa damma-illee

Ormaa hin yaadiin kaa siin jibbaa wajjiniin baana ganna-illee

Iyyaasuun hin daakkachiisuu talbaa willee lamaan daakee

Gaangoo hin qabuu hin shaakalsiisu, silki hin qabu hin dawwalchiisu

Nagaa qilleensattan dhaamee

Sitti himeera moo hin tamsaasee?

Albeenii tumaa faranjii citaa faranjii hin haaminaa

Warraa akka Kitaaba Rabbii isaan garmalee hin waamiinaa

Ijaareen dallaa diiga huummon dannabaa galtii

Dasooree sarbaa duuda kuunnoo shandabaa galtii

Hiddinee fooneef malee kutaan kan abbaa jirbiiti

Iyyinee boonyeef malee mucaan kan abba birriti


Ol kaanaan bakkee Gumaa gad kaanaan bakkee Gumaa

Goosuu mataan isaa cabee

Ol kaanaan laphee gubaa gad kaanaan garaa muraa

Mala maal na gaafatta koo iyyuu karaa isaan dhabee

Karaa ishee Asoosaa dhaaqxu manni Maammitee qulfi dha

Mataa kee shaashiin hidhuu Garaa sabbataan hidhuu

Wal hin agarruu qurxii dha, yoo wal agarree dubbii dha

Daagujjaa keetiif miti tamboon kee daraareera

Gaarummaa keetiif miti simboon kee na raaseera

Daagujjaa qabbana laaftoo qophamakoon aramsiisee

Kan mudhiin shafshafaa gaangoo ko’ummakoof na dhaphisiisee

Ko’ummaa koo yaa taphisiisa; si gaarii nama dhaphisiisaa

Bishaan abbayyaa lamaa burqitudhaan jaatamaa

Isaan obbolaa lamaa quxusuudhaaf naa gamaa

Mucaa quxusuu boddee, laga ijaajjitee boosse na maraachitee oolte

Jaldeessii duulaa galaa karaa manaa abbaa Bantii

Ka’een si duukaa galaa yaa ishee ilkaanni warqii

Uggaan Shaggarii gad duuluu boyyeen bisingaa kolaasaa

Yommuun waa’ee kee gad fuudhu taa’een imimmaan lolaasaa

Bakareen qeeransa baasee hin uffadhu irruman ciisa

Waan atii gataa na goote hin dubbadhuu ittumaan dhiisa

Abbaa Gulummaa yaa rorroo dhiqatee hin nyaatuu jaldessii

Shaggee shurrubbaan jorooroo ija kee hin baatu dabeessii


Yaa qabee guchuma diimaa sit-hodhee natuu kalaalee

Yaa shaggee guntutaa biilaa sit-obsee natuu maraatee

Aduun hin dhiinee guyyaadha kormi saree mana hin eeguu

Waanti nu taanee guddaa dha Rabbi malee namni hin beekuu

Qotee qoteen dalga meesaa Haarargee jirtii jabbiin koo

Sobee sobeen dalga ilaalaa gara kee jirtii qalbiin koo

Bisingaa baalli hin addaatu maaf baalli addaatee midhaan koo

Hiriyyaan nama hin kaddaatuu maaf na kaddaate hiriyyaa koo

Yoo mana ijaarratanii kombolchaa dhaabaa muruu

Mixoo dagalee muruu, hidda kalaalaa muruu

Yoo nama jaallatanii boroon mana saaqani

Uurjii lakkaawwatani bakkalcha ilaalaa buluu

Naqamtee yaa biyya Leeqaa laftii dhaabbatan gabaa dhaa

Nagattee kee illee naan beekaa namni jaall’atan badaa dhaa

Shawaa irraa gad naanna’een Naqamteen ga’ee bulee

Eda maqaa si dha’een irribaa malee bulee

Yoo robeef silaa ganna calcalii waraabbannaa

Yoo duneef silaa hin bannaa sinsinni wal jaall’anaa

Yaa mana Baacaa Sillaase gaangoon midhaan sallaqi goote

Maaf na ilaalta akka waarsaa baal’ee ijaa lasasii goote

Nan dhungattuu xambasii gootee

Garrachii saree jigee tiruu maaltu waada ree?

Garaan si malee hin didee jiru maaltu yaada ree?


Heennaa walakkaa Gibee baaburrii barii hin daakuu

Innaa wal argaan dhibee seenaafaa waliif dhaamuu

Waanbadeen buttaa hin qaltuu Birruu Abbaa Ammayyaa malee

Natti aantee qullaa hin raaftu na-yyuu siif wayyaaf malee

Mana Jaall’ataan ijaaruu dagalee jalaan sussuquu

Malaa jaalalaan wal’aalee halkan moo guyyaa wal quufu

Yaa titiisa ilkaan cabaa maal sareen sagal dhaltuu

Yoo itti dhiisan maal qabaa yommuu isheen kachachaltuu

Kan fardaan darbuuf jirtuu maaf kooraa na baachiiftee

Kan barbaaddachuuf jirtuu maaf qorra na nyaachiiftee

Bakkannisii haroo jigee kophaa sawwaa hin yaasanii

Ittan dhiisa yoo dhibee kophaa nama hin yaadanii

Roobiin Abbayyaan galuu galaana irra shaakkisaa

Bifaan hamma kee hin ga’u garaat natti roorrisaa

Yoo dheedan haa dheedanii gaarattan baasaa burree

Yoo beekan haa beekanii daaran si baasaa surree

Nagaadeen kurmuu buutee gogaa feetii kaa yoonaa

Shaggeen koo mukuu duutee kophaa tessikaa yoonaa

Didibbeen asheete asheete kooniin dinbilaala daakaa

Sijibben adeeme seete horiin biyyaa namaa baasaa


Akkuman daaketti dakii gommanni asheetuu ga’eeraa

Akkuman taa’eetti taa’i koo malli adeemsa ta’eeraa

Sangoota kuullee diddimtuu Gammadaan booyyee waraanee

Kan boddee quufnee wal-dhiifnu ammanaa fi boonyee maraannee

Otuun ijaaruma ijaaruu lafeen booyyee na waraanee

Otuun si-jaalluma jaallu booree dhabde na gattaaree

Yaa galaana daabanaa silan hin guuta moo hin darbaa?

Maaf garaan na raafamaa silaa in duuta moo in bada?

Maaf sawwa baajii gad-ooftaa maaf re’ee na tiksisiiftaa

Maaf nama raajii na gootaa maaf qe’ee na jibbisiiftaa

Jiboota maali qabna yoo kormaa baajii malee

Firooma maali qabna yoo kolfaa ilkaani malee

Biyya sareen gaallamoota qurupheen daarii irraa hin baatu

Jibba malee maal nagoota rukuttee aarii ana hin baatuu

Bakkanniisa duubanaa muka araaraa Waaqayyoo

Arganii dhabuu kanaa nu baraarii Waaqayyoo

Yaa qilxuu gama Adaree otuu irra muratanii


Warraatti michu gadhee utuu irraa fudhatanii

Jinfudhaan tumatanii hamma ishee hubatanii

Wayyaa Abbaan Rooba dha’uu kan Roobaa lafaan haaruu

Otuun mirga kee bulee bor coomaaf lafaa hin ka’uu

Jaarsii hin beela’ee yaa jaartii yoo xuwwee irra keessee maali

Natti dheeratee marmaarsi yoo torbee irraa keessee maali

Biyya Jimmaa Abbaa Jifarii daalachoon gabaatti aleeluu

Ijaa jibbaan na ilaalii jaalala garaan haa beekuu

Yaa hoolaa gabaa Goorii mandarraan ajjeseeraa

Of harkaa qabda koorii nu dharraan ajjeesseera

Maaf mana ijaarta yaa Baashaa gaangoon midhaan sallaaq gootee

Maaf na iaalita akka waarsaa baallee ijaa lambas gootee

Mee garaacha naaf murii cammiseen bishaan dhugaa

Mirgamoo bitaa rafta qaxxiseen ji’aan dhufaa

Dubartiin galaana hin daaktu Goobanee xinnoon lixxeetti

Isattiin garaa na raaftu goofaree shittoo dibdeetti

Adii qalloo yaa sariitii yaa billiqqee mana duubaa

Anii fi atoo kan waliitii yaa sinniqqee qoma duudaa


Kot-wajjiniin kolfa duunaa

Aduun hin dhiinee guyyaa dha kormii saree mana hin eeguu

Waanti nu taanee guddaa dha Rabbii malee namni hin beekuu

Harreen koo bullaa bullaadha bullaa miti boora booraa

Gamteen koo guyyaa guyyaadha guyyaa miti yoona yoonaa

Baddeessaa keetoo jigee baala adaamin gad hordaa

Fakkeessa keetoo dhibee maal ilaaleetan obsaa

Mana ijaarratta jedhu kombolchaan kabdaa jedhuu kan bobeessan mukumaa?

Ana jaallata jedhuu tokko ijaan qabdaa jedhuu kan odeessani dhugumaa?

Yoo qotteef gaara qotii bajjiin qaqaroo qabaa

Yoo sobdeef jaarsa sobii qerroon nagaroo qabaa

Daalachoo kee yaa mardaasaa sawwa okolee lama guutuu

Jaalalaa keef na maraachaa yaa boddosee nyaaraa guutuu

Kusaayeen boroo koo jiraa bajjiin rooba keessa hin qottuu

Mukaayeen qophaa koo jiraa arbii duuba keenya hin dhuuuftuu?

Harree Likkaasaa Likkaasaa silaa gangee dhaltee laataa?

Maaf xiyyoon ijaa si laafaa silaa waan kee dhabde laataa?

Didibbeettan sawwaa yaasa lafti ishee dirree akkaa waashaa

Limixii akka Waaqa arfaasaa namni isheen qixxee dhaa laataa?

Harroojjiin jirbiin wal reebaa baddaan goodarreen wal reebaa

Shurrubbaa murii gabaabsii shaggee goofaree bareedaa

Kormi hindaaqqoo mana hin eeguu adalli maal fidee laataa

Dur abbaan koo kana hin beeku jabannii maal fide laata?

by leta t. mer
Dhaamsa seenaa Birmingham (1969)

“Immaa….Immuu…ka’ee magaalaa deemuu ?

Hammaan bakkee haasawu, yookaan as taa’ee gomm’uu

Karaa Birmingaham’rra hiriiree garmaamuu?

Hiriira bilisummaa guyyaa hardha irraatti argamuu?”

“Lakkii damma koo,… hindhaqxu,… hintahu

Ciniinnaa s

raajii jaalalaa

Raajii Jaalalaa

Zelealem Aberra Tesfa tiin

Luucaan gaaddisashee cululuqaan gannaa

Jaalalli irraa caamee, kan gubee xooxarse ergaramni bonaa

Aggachuu dhadabee roorroo aduu banbanaa

Akka waan afanii, dirrashee isa qoore

Akka waan qaqanii qaamashee isa aare

Akka waan moogayee maddii isa shuntuur

እጅህን እንዳትሰጥ!!

እጅህን እንዳትሰጥ!!:

እናት  ናልኝ እስክ ባባዬ፥ ጣለዉ እሱን ዱላ

ብትማር ይሻልሃል፥ እንዳትቀር ወደኋላ

ደብተርህን ይዘህ፥ ዝለቅ ከተማሪ ቤት

እስከመቼ ድረስ፥ ይብቃ እረኝነት


ልጅ እኔ አልሄድም ማሚ፥

ባፊንጫዬ ይዉጣ ትምህርት ቤት መሄድ፥...

ODUU DURII OROMOO

BEEKAN GULUMMAA IRRANAA

1. Abbaa manaa gowwaafi hadadha manaa gowwaa tokkotu jiru turan. Gaafa tokko lukkuu qalatanii
hojjetanii erga xumuranii booda yommuu nyaatan waan ittiin ilkaan isaanii keessa baafatan migira
guurracha barbaacha gara lafa baddaa deeman.

Du'umti Haa du'u,

Kan ajjesee dhokse,

Ija goota keenyaa,

Buruqsee kan baqse.

Taaddasaa Birruufaa,

Guddinaa Tumsaafaa,

Maammoo Mazamirfaa,

Kan Baaroo Tumsaafaa,

Elemoo Qilxuufaa,

Innumti ajjeesee,

olii addemaa kaalessaa,

Tasfahuun Camadaa

kan addaan nu dhiise,

seenaatti nu hanbise.

JECHOOTA GAMNAA
Amaan Tolaa Hamdaa

Amajjii 2013

A. Seensa

Barreeffamni kun qorannaan dubbii Arsi'ii yookaan koottu-dhufeen maal akka fakkaatu ibsa.

History of Oromo Writing and the Contribution of Dr. Mohammed Reshad

By Dr. Abdulsemed Mohammed

Language is a means of communication, and a symbol of national identity. As a means of


communication, a language serves as a bridge to bring two sides together.

BIRROOLEEN MAAL TAATE? Birrooleen maal taate maaliif qara ilaalte, Naasuu tokko malee dallaa
keessaa baatee, Barcuma ulfinaa of jalaa darbattee, Bakka isheef hin malle qe’ee halagaa galte. Tarii
nagaa miti isheen waa rakkatte, Gaaf tokko deebiti yaada naanneffatee, Jennee mari’atnee irratti walii
gallee, Ilmaan abbaa tokkoo wal qooduuf hin malle. Dhiiginni dhiiga hin dheessu waliin dhalatanii,
Marabbaa fi jaalala yoo dhabuuf baatanii, Maal maatii ishee dhiiftee maaliif qara ilaaltii, Masaraa ulfinaa
maliif diiguuf yaaltii? Dachii Taaddee Birruu kan Elemoof Baaroo, Galma hunda keenyaa fi qe’ee Guuree
Faaroo, Kan gootaan marfamte darbiin nuti dhaalle, Maaliif nyaapha hafeertii moo seenaa irraa laallee?
Galma abbootii gadaa fii dachii kumatamaa, Masaraa booranaa fii ardii barantumaa, Seenaa raga bahaa
biyya goota hundumaa, Tasa hin gurguramuu eenyuun jijjiiramaa? Akkan hin shakkineef nama hormaa
miti, Qaamaan nuu wajjini fedhiin fagoo jirti, Bu’aa lubbuun fidnee halagaaf sharafti, Maalummaa ishee
gantee maaliif jijjiiramtii? Waadaa waliif seennee nu lachuu gaaf tokko, Nuti foon tokkicha ilmaan abbaa
tokkoo, Maaliif hin furannu waliin teenyee raakkoo, Maal abaarsa qabnaa waan dur bara rakkoo? Kan
keenya raajii dha hamtuu nu mudatee Maal yoo nu baraareef Rabbitti hin guddatee? Yaadaan wal
dadhabuun jira marraa tokko, Gargar baana hin seene fira gaafa rakkoo, Erga na tuffattee hormaaf
taatee fakkoo , Bakka feete dhaqi karaan dudda indaqqoo. Nuti duute seene isheen muuxateettii, Haala
ilaallattee mormiif dhihateettii, Carraan suma tokkoo duraan milkoofteettii? Moo ofiisheef raatoftee nu
joonjessuu fetii? Gochaan ishee inni duraa barumsa naaf tahee, Hallan dabarsine seenaadhaaf ol kaa’ee,
Ani diiguu hin beeku ijaaruun bobba’ee, Kan hojii koo hin dhabu waan Rabbi naaf kaa’e. Bra baayyee
joorte ittis dadhabdeettii, Badii isheen dalagdes kan dagatan mitii, Tarkaanfii fudhachuuf mataa nama
hiitii, Kan nuun nu mudate rakkoo salphaa miti. Hormi nu gaafata mal taate hin maraattee? Akkamittiin
diigdi masaraa ofii jaarate , Jaallewan ishee duriif mala akkamii dhaamte, hin yaadin baatee galli waa’ee
taatee? Kan ishee seenaaf dhiifnaa baayyee nutti cophxee, Waa hundaan nu miitee yeroo keenyas
gubdee, Waa sirrachaa hin jirtu kan darbe irraa bartee, Erga nuuf hin taanee dhiisaa baga dhaqxee. Mee
sana itti dhiifnee waan harraa dubbannaa, Nama ofii isaa ganautti maalumaaf dhiphannaa, Akka wal
fakkannuun waliin mari’atnaa, Lammii dhumaa jiruuf ol kaanee dirmannaa.

akkam nagumaa(x2)
hundi keessanii?

an fayyaan qaba kanan yaadu waa'ee keessani

waa tokko homaa hin shakkinaa 

wal dhabnaa jettanii,

wal nu agarsiisa rabbiini waaqayyo guddaan

“MARII DHAGAA…!!”

Ajaa’iba kunoo!

Dhagaatuu dubbatee,

Dhagaatuu afaan baasee waliin mariyate,

Ganamaa gaaf-tokkoo,

Garee murna dhagaa kan gaara jiraatuu,

Yaada tookko kaasee yeroo mari’atuu,

Inni tokko guddaan kan jaarsa fakkaatu,

“Mee arra nu kaasaa hundi laga buunee

Qaama haa dhiqannuu.”

MUL’ATA KARAATTI HAFE! 

(Seenaa Gooticha Oromoo Baaroo Tumsaa) 

Jaarraan amma keessa jirru jaarraa qalama malee

seenaa dhiigaan itti barreessanidha. Sababnisaas

seenaan dhiigaan barreeffame ija waan

godhatuufi. Arrabni qoraattiifi sammuu joonja’aan


jaarraa 21ffaa keessatti bakka hinqaban.

Madda Walaabuu Press: "Dubbadhu Bara San!"; Walaloo Sikkoo Mandoo Irraa

Raajii Jaalalaa

                 Zelealem Aberra Tesfa tiin

Luucaan gaaddisashee cululuqaan gannaa


Jaalalli irraa caamee, kan gubee xooxarse ergaramni bonaa
Aggachuu dhadabee roorroo aduu banbanaa
Akka waan afanii, dirrashee isa qoore
Akka waan qaqanii qaamashee isa aare
Akka waan moogayee maddii isa shuntuure
Akka waan saamani dhandhashe isa daare
Dibbiqqoo fi waalluunshee kan irraa habarare
Miidhagaan qullaashee, qullaan durba-qarree
Dheebuu jaalalaatiin, dhabuu saa yeroo argu uffee fi qabbana
Waa faluu fi yaade. Bullukkoo isheen footeef, duumeessa ulfinaa,
Uffatee, aguuggatee; sammii limixaayee gurraacha dukkana
Mallattoo seer-murtii, goraade-adabbiin, bakakkaan baqqaanaa
Qilleensa konkonee, bubbee loggommatee, aangoo sammii koree
Qaamashee haammachuuf qaamasaa itti maree
Akka ’nni gabbatu dhandhishee inni mooge, dafee dhiiga horee
Roobee dafqisiisuuf, roobee cululuqsuuf, jaalalaan soree;
Dutaa dhedheekkamaa!
Bookkisaa guungumaa!
Guca-dukkan-saaqaa qaqaweessaa ibsee
Yeroonni achias ka’u sagaleensaa dursee,
Hunda tatamsaasee, uummata rommi’siise
Giiftii Haadha Margootti huurrii buluklkoosaa yeroonni itti huwwise.

***
Mukti qarree gubbaa, caakkaan muummee keessaa
Laftoo fi hoomiin, qilxuu fi birbirsa
Adda-jaboo fi harbuu, qararoo fi waddeessa
Reejjii fi eebicha ceekaa fi hadheessa,
Mukarbaa fi haanquu, botoroo fi gambeela
Bakkaniisa fi somboo gugddaan daggalaa
Hacaacee, sokorruu, eebicha fi dhumuugaa
Dhallaaduu, babaldhii, baggee fi alaltuu, biqiltuu afaan-lagaa
Bineenssi lafa’rraa uumaan bitaa fi mirggaa
Yaa’ee akka simatuu, harkatti qabatee badhaasaa fi arggaa
Iyyee iyyaa dabarsuuf takka achi luucca’a, takkas as luucca’a, takkaas achi fiiga.
Osoleen holqasheetti, canoon gara baalaa
Illeettiin dhidhimatti, hantuunni gara boollaa
Loccuun gara kaabaa, billaacha fi fuutuun gara damee jalaa
Tikseen tiksuu dhiiste, daldaltuun daldala.
Dheessee, jalaa fiigee akka qoomnii uumu
Jaalalli Guungumaa, jaalala Haadha Margoo akkanni qunnamu.

***

Gara cabsaa waggaaf jaalalli waldhabe


Wal arguu gammadee wal itti gaggabe
Marmee wal haammate wal itti qadaadame, akka qadaada fi qabee
Ganama jaalala, galagala jaalala, guyyaas jaalala roobe
Silaa…. “ Jiruun tole harma jige kaasaa” jaalalaan utubee
Harki ’bbaa warraashee yommuunni qaqqabe
Giiftiin ergaramte guntuttee miidhagde akka loon dorrobe.
Luucaan Haadha Margoo kan camsaan xooxarse
Yeroo xinnoo boodaa biqilee lalise
Gobbatee wal muddee, dambalali’ee mise
Gadmeessi maseene biqiltuu magarsee.
Muujjaan kosii keessaa, qunnii fi ijji buqqee
Sanyiin qomoo adda-adda, kan namni gadi gate, kan namni gadi naqe
Habaqi, hungulaalli, saaphaphu fi waan kaan kan ija miliqe
Adaa, keelloo fi tuufoo, qobboo fi bosoqqee
Morma ol baafate, cabsee biyyoo quuqee.
Obboo abbaan Guunguma, jaalala dooddeessee
Qaamaa qullaasheetiitti siddisa huwise
Maddi qaamasheeti, boqooqoon hunddinuu burqitu mirgise
Jajjabaa fi giraanxaan harawwaa miidhagse
Malkaan muummeeshee ti taliila lolaasee
Uummata ijoolleeshee badhaasa badhaase.
Biddiqqoo fi waalluushee, kan calleen faayame
Yommuutti gonfattu dirreen dirrashee tii kooree koora uume
Tulluun guntutashee, daangulaa abbaa naatoo
Guntutee mirgise akka harma daamatoo.

***
Cabsaa waggaa booda, yommuu hiyyoolee-daree
Yommuu jamaan gubuu damaraa damaree
Yommuu lookoo gurbaa, yommuu faaggaa durbaa, yommuu qoraa qarree
Ariisaa goromsaa fi kormi goobuu, booda yeroo b a a a a a y e e e turee
Giifitn Haati Margoo jaalala quufuushee eega hubatee bare,
Boqqolloon sandaabee algeeyyuu duddigee
Dugda boosetti ‘rratti xaafiin marguu argee
Qoccoon yeroo abba ajjeesuu ilaalee, hubatee,
Galuu dhaaf qajeelee, qilleensaa konkonee, bubbee loggommatee
Giifti Haadha Margootti utuu nagaa hindhaamin fuula achi deeffate
Sabata-Waaqayoo morma shee’rratti dhiisee akka waan irraanfate.
Dutaa dhedhekkama!
Bokkisaa guungumaa!
Yeroonni qajeelu, ilmaan ilma-namaa:
“Dhufee galuu hindhiisin
Galee dhufuu hindiisin,
Waaqni jaalalasaa nurraa achi hindeebisin”
Jedhee waa mammaakee, gammachuu haasayee
Malee……… kan gala hinfakkaannee, yerosaa eeggatee galee qulqullaaye
Jaalalli Guungumaan Haadha Margoof qabuu roobee warwarraaye.

Akka hurgufateen, akka huuriin saaqe


Martuu gadi yaa’ee, iddoo itti baqatee, lafatti miliqee
Iddoo hadhaba seenee, iddoo keessa of suuqee
Tikeen gara kalootti, ta’aattii of facaasaa, corroqaa fi bacaqqee.
Uumaan lubbuu horee, hirribaa dammaqe
Sila hincaama hinseene, akka ijibbaataa yeroonni gadi naqe!

***
Giifti Haati Margoos, ijoollee to’achuuf hiixacha ol kaate
Aduun, suuuuuuta suutaan akka waan saalfattee
Goorroo huurri boroon morma as baafatte
Danuu qaqqaana’a fuulashee muldhiste
Qummaada ganamaa kaarruu basaq’ gootee
Harka dheeressitee Haadha Margoo haammattee
Afuuraa ho’aadhaan uumaa kaloo hundaa yommuu isheen dhungatte
Kunoo yeroo sana tulluun gama fagoo, aguuggii buufatee
Aduu harka-fuudhe, harka jarjarsuutiin marxoo marxifatee
Asii gadii deebii’ee, afaan Waaq dhungachuuf iddo itti hiixatee.
Uumaan lubbuu horee, irriba dammaqe, hinka’e inni ciise
Ol jedhee hiixate kanneen mataa buuse
Kormi nibaroode, fardi nihimimse.
Horiin dirree kaloo, bineensi daggalaa
Huursaan muummee keessaa, bubbisa bishaan lolaa
Kiphee haadho re’ee, hobobsa korbuu hoolaa
Raachi laga keessaa, fatteen dhagaa jalaa
Ta’usaa weeddise, sammiin waxalaqqee, Daches habaxallaa.

Guungumaan godaanee yommuu jaalalli caame


Tulluun moggaa fagoo akka waan buqqa’ee achii as adeemee
Walali muldhate iddo itti Guungumaan Hadha Margoo qunname.
Quruphisni jabbii, garmaamsi fardooli, qirixxee raadotaa
Fandalalli gaangoo, boorraanna korommii, biddiiqni sangootaa
Mardhannaa saawwoli, mardhannaan hoolotaa
Korrisi weennii fi caraansi wadalaa, alaakni harrootaa
Boombiin maseenqoo saan, qorophisi ululleen adunyaa farfataa
Guungumaa geggeessuuf aduummoo simachuuf, waan sirban fakkaata.
Siiquu sinbirrootaa fi kolfa qamaleetiin dirreen lubbuu horee
Adunyaan gammade garaan Waaqa ifnaaniif, qilleensi huurri haree.

Dagatte Ammagawuuf

Zelealem Aberra Tesfa


Sadaasa 11, bara 2001
Tampere / Finland

Dhaamsa seenaa Birmingham (1969)

“Immaa….Immuu…ka’ee magaalaa deemuu ?

Hammaan bakkee haasawu, yookaan as taa’ee gomm’uu

Karaa Birmingaham’rra hiriiree garmaamuu?

Hiriira bilisummaa guyyaa hardha irraatti argamuu?”

“Lakkii damma koo,… hindhaqxu,… hintahu

Ciniinnaa saree saani qaamni kee kichuun hindandahu

Tumannaa, aboottee, qawwee fi mana hidhaasaanii

Kichuun akka kee hindandeessu, xobbeen afaan aannanii.”

“Maal qofaa koowoo mitii…Immuuu


Ijoolleen kaanis na

Raajii Jaalalaa

Zelealem Aberra Tesfa tiin

Luucaan gaaddisashee cululuqaan gannaa

Jaalalli irraa caamee, kan gubee xooxarse ergaramni bonaa

Aggachuu dhadabee roorroo aduu banbanaa

Akka waan afanii, dirrashee isa qoore

Akka waan qaqanii qaamashee isa aare

Akka waan moogayee maddii isa shuntuure

Akka waan saamani dhandhashe isa daare

Dibbiqqoo fi waalluunshee kan irraa habarare

Miidhagaan qullaashee, qullaan durba-qarree

Dheebuu jaalalaatiin, dhabuu saa yeroo argu uffee fi qabbana

Waa

ODUU DURII OROMOO

BEEKAN GULUMMAA IRRANAA

1. Abbaa manaa gowwaafi hadadha manaa gowwaa tokkotu jiru turan. Gaafa tokko lukkuu qalatanii
hojjetanii erga xumuranii booda yommuu nyaatan waan ittiin ilkaan isaanii keessa baafatan migira
guurracha barbaacha gara lafa baddaa deeman. Kana booda gara baddaa yommuu deeman, nama
tokkotti gaara keessatti itti dhufanii akkas jedhaniin.
Du'umti Haa du'u,

Kan ajjesee dhokse,

Ija goota keenyaa,

Buruqsee kan baqse.

Taaddasaa Birruufaa,

Guddinaa Tumsaafaa,

Maammoo Mazamirfaa,

Kan Baaroo Tumsaafaa,

Elemoo Qilxuufaa,

Innumti ajjeesee,

olii addemaa kaalessaa,

Tasfahuun Camadaa

kan addaan nu dhiise,

seenaatti nu hanbise.

Du'umti haa du'u,

kan dhokse Bilille,

Dacheetti gadi gatee,

Miidhaga ishee faalee,

kan geeraraa gale.

JECHOOTA GAMNAA
Amaan Tolaa Hamdaa

Amajjii 2013

A. Seensa

Barreeffamni kun qorannaan dubbii Arsi'ii yookaan koottu-dhufeen maal akka fakkaatu ibsa.
Barreeffamni kun gabaabaa ta'ullee jechoota gamnaa yeroo adda addaa bakka adda addaatti jedhaman
irratti xiyyeeffachuun; gamni maal waliin jedhe gaafii jedhuuf deebii kennuuf yaala.

“MARII DHAGAA…!!”

Ajaa’iba kunoo!

Dhagaatuu dubbatee,

Dhagaatuu afaan baasee waliin mariyate,

Ganamaa gaaf-tokkoo,

Garee murna dhagaa kan gaara jiraatuu,

Yaada tookko kaasee yeroo mari’atuu,

Inni tokko guddaan kan jaarsa fakkaatu,

“Mee arra nu kaasaa hundi laga buunee

Qaama haa dhiqannuu.”

Je’ee yaada kaasee yerooniif dubbatu,

“Dhugaa jattee yaa boo xuriin nu fixxee bar

Laaltee’tuu hin gartuu,

Yaada kana tasa namni mormu illeen

Kan jiruun fakkaatu.”

Ja’ee yaada cimseef,


Gurraachi

since the TPLF/EPRDF came to power 23 years ago, the number of Oromos detained, tortured and killed
merely for demanding their legitimate rights runs into tens of thousands. This now decades-old
persecution of the Oromo people has attained new heights this week with our people staging another
round of peaceful demonstrations throughout Oromia demanding freedom, democracy and the right to
own and manage their resources.

“Immaa….Immuu…ka’ee magaalaa deemuu ?

Hammaan bakkee haasawu, yookaan as taa’ee gomm’uu

Karaa Birmingaham’rra hiriiree garmaamuu?

Hiriira bilisummaa guyyaa hardha irraatti argamuu?”

“Lakkii damma koo,… hindhaqxu,… hintahu

Ciniinnaa saree saani qaamni kee kichuun hindandahu

Tumannaa, aboottee, qawwee fi mana hidhaasaanii

Kichuun akka kee hindandeessu, xobbeen afaan aannanii.”

“Maal qofaa koowoo mitii…Immuuu

Ijoolleen kaanis na

raajii jaalalaa

Raajii Jaalalaa

Zelealem Aberra Tesfa tiin

Luucaan gaaddisashee cululuqaan gannaa

Jaalalli irraa caamee, kan gubee xooxarse ergaramni bonaa


Aggachuu dhadabee roorroo aduu banbanaa

Akka waan afanii, dirrashee isa qoore

Akka waan qaqanii qaamashee isa aare

Akka waan moogayee maddii isa shuntuure

Akka waan saamani dhandhashe isa daare

Dibbiqqoo fi waalluunshee kan irraa habarare

Miidhagaan qullaashee, qullaan durba-qarree

Dheebuu jaalalaatiin, dhabuu saa yeroo argu uffee fi qabbana

Waa

ODUU DURII OROMOO

BEEKAN GULUMMAA IRRANAA

1. Abbaa manaa gowwaafi hadadha manaa gowwaa tokkotu jiru turan. Gaafa tokko lukkuu qalatanii
hojjetanii erga xumuranii booda yommuu nyaatan waan ittiin ilkaan isaanii keessa baafatan migira
guurracha barbaacha gara lafa baddaa deeman. Kana booda gara baddaa yommuu deeman, nama
tokkotti gaara keessatti itti dhufanii akkas jedhaniin.

Du'umti Haa du'u,

Kan ajjesee dhokse,

Ija goota keenyaa,

Buruqsee kan baqse.

Taaddasaa Birruufaa,

Guddinaa Tumsaafaa,

Maammoo Mazamirfaa,
Kan Baaroo Tumsaafaa,

Elemoo Qilxuufaa,

Innumti ajjeesee,

olii addemaa kaalessaa,

Tasfahuun Camadaa

kan addaan nu dhiise,

seenaatti nu hanbise.

Du'umti haa du'u,

kan dhokse Bilille,

Dacheetti gadi gatee,

Miidhaga ishee faalee,

kan geeraraa gale.

JECHOOTA GAMNAA

Amaan Tolaa Hamdaa

MUL’ATA KARAATTI HAFE! 

(Seenaa Gooticha Oromoo Baaroo Tumsaa) 

Jaarraan amma keessa jirru jaarraa qalama malee

seenaa dhiigaan itti barreessanidha. Sababnisaas

seenaan dhiigaan barreeffame ija waan

godhatuufi. Arrabni qoraattiifi sammuu joonja’aan

jaarraa 21ffaa keessatti bakka hinqaban.


Sababnisaas dubbii hadhaayaa afaanii waan nama

baasaniif.

“MARII DHAGAA…!!” Ja’ee yaada cimseef,

Gurraachii fokkataan sunsumaa fakkaatu,

Ajaa’iba kunoo! Ilkee afaan keessaa xiqqo xiqqoo addaattu,

Dhagaatuu dubbatee, Malee qaamni biraa waa takkan mul’atuu.

Dhagaatuu afaan baasee waliin mariyate,

Ganamaa gaaf-tokkoo, “Qis…qis…qis…” ja’anii,

Garee murna dhagaa kan gaara jiraatuu, Jarri hundi bakka takkaa itti koflanii,

Yaada tookko kaasee yeroo mari’atuu, San booda usanii,

Inni tokko guddaan kan jaarsa fakkaatu, Callisan sesseeqaa ijaan wal laalanii.

“Mee arra nu kaasaa hundi laga buunee

Qaama haa dhiqannuu.” Yeroo tana tokko sarrisaa, farrisaan,

Je’ee yaada kaasee yerooniif dubbatu, Bakka taa’uu ka’ee “Iihh..iihh..” jachaa,

“Dhugaa jattee yaa boo xuriin nu fixxee bar Kokkee haxaawwachaa,

Laaltee’tuu hin gartuu, Qishnaa saa eegale areeda if qabachaa,

Yaada kana tasa namni mormu illeen Qaamaan taakkuu takkaa, suuta
tarkaanfachaa,
Kan jiruun fakkaatu.”
Gurraachati as deeme waan kokombolu Kan reefu yaada  kaasee akka tasaa,
fakkaachaa,
Harka tokkoon mooluu mataa saa maasasaa.
Biratti  dhiyaatee suuta gangalachaa.

Xiqqo wawwacanii, goohanii,


Inni abbaa koflaatii, duruu ni beekanii,
Eega wal falmanii,
Waan inni dubbaatu caqaasuu eegalan
Sagalee caalmayaan
Gurra dhadhaabanii.
Dhiqachuu akka qaban hundi murteessanii,
“Ati lagaa mitii, osoo si fuudhanii.
Koflaa, taphachaadhaa,
  Garba guddaa keessa guutu si cuuphanii,
Lagaa’tti qaceelan hiiriraa galanii.
Baala handoodeedha,
Amna fagoo booda yeroo gahan laga,
Waan ardii’rra jiraa hunda cafaqanii,
Arkan murna dhagaa,
Sanyii tee guututti guuza siif oolchanii,
Warreen yeroo baayyee bishaan keessa ture,
Sitti wal dabraadha
Kan saaphaphuuf xurii qaamatti if mare,
Akka garaachaatti torbaan si dhiqanii,
Bifaa fi uunkaa’saa mara if jijjiiree,
Xuriin sirraan baatuu,
Taa’u yeroo arkan,
Xiqqo’lleen diimattuu,
Jarri mataa mammaree,
Asumaa nu eegi ifin dararinii,
“Ni dhiqanna !”
Hanga nuti dhuufnuu qe’eedhaa’n deeminii.”
“Hin dhiqannu !”
Hoggaa   ja’uun inni,
“Haa dhiqannuu?”
  Kofla itti cichan gaa hundi isaanii.
“Lakkii hin dhiqannuu!”

Yaadni lama dhufee qalbii isaanii hiree,


“Amma qishnaa dhiisaa,
Osoo ijaajjanii,
Ni dhiqanna moo hin dhiqannu jattan
“Aboo maa dhaabbattan haa dachaaree.”
Namuu harka baasaa,
Ja’e inni tokko deebi’uuf jarjaree.
Sagalee teessaniin mee nuu mirkaneessaa.”
Akka hin dhiqanne jarriis jala muree,
Je’ee inni  jaarsaa,
If’irra dacha’an…… Jiddutti cal ja’ee,

Yeroo tana tokko garee lagaa keessaa:- Xiqqoo booda haasawa itti fufe

“Jarana maal taataan? If’irra gad taa’ee.

Maaliif eega dhuftan if’irra dachaatan?” “….Isin akka keenya yoo tahuu baattanii,

Ja’ee gaafatee rakkoo sanii baruu. Xiqqaa fi guddaadhaaniis wal jala yaatanii,

Murna dhagaa gaaraa keessa kan jarjaruu, Yoo waliif rirriittan, walirraa baaftanii

Akkana ja’ee deebiseef waan garaa saa jiruu:- Koottaa’tii dhiqadhaa yoo wal dhageessanii.”

“Yaa jara keenya duraan Je’ee, itti himee jara hunda gorse,

Dhufaatiin keenya dhiqachuudhaaf turee, Yaadaan amansiisee

Garuu eegaa isin kana ijaan garree, Akkasitti jara hunda dhiqachsiisee,

Dhiqachumaa sanuu abdii irraa murree.” Dhagaa’lleen dubbate kunoo afaan baasee,

Je’ee hoggaa inni yaadaa’sa xumuree, Duuba ilmaan nama maaltu wal habaabsee,

Garee lagaa keessaa inni furdaan tokko:- Biyyaa biyya buusee,

“Wahiin isinii himaa na caqasaa al-tokko.” Walii galtee hanqise? X2

Ja’ee,  

Bitaa mirga isaa ijaan firraa laalee,

  Waan dubbachuu ka’e himuufii eegalee,

  “Dubbiin akki taatee yaa obboleeyyan koo,

Wal dhagayuu dhabuu nutti tahee rakkoo,

Tahuu dadhabannee hundi harka tokko,

Walirraa rirriituu,

Waliif shukkumuu dinnee,

Jiruudhaan tortorree, xuriin ukkaamamnee

Boodde irraa kunoo akkana mudannee….”

Akka waan gadduu ta’ee,

You might also like