You are on page 1of 7

weerara hamma malee

erga narraa geessee


Qamni koo gar-malee
Waan hundaas dandesse

Maal maalan si godhee


badiin koos mayinnii
waan hunda siif baddee
laafinni koos mayinnii

Jaalalaa wayyaa jedhee


mataa itti hirkifaadhee
Madaan in fayyinee
Keessaa kootti umaamee

Achuman haftaa moo


deebiitee naaf dhuuftaa
Waa'ee jaalalaa kee
garaa koo na nyaataa

Si amanurraa darbee
sirraatti of gatee
Si yaadurree darbee
dheebuu keen gaggabee

maaloo in jijjiriin
jaalalaa ganamaa
Maaloo in jijjiirin
Amaala baramaa
Hedduudha gar-malee
kanan siif miidhamee
jaalalaa shamshamee
Garaa koon dadhaabee

soonaan jaalalaa kee


guddaa natti argamaa
na jaalladhu sin in jedhu
adaraa dirqamaa
oonneen dhiigan hojjetta
sombii qillensanii
rabbii walitti nu haa fiduu
karaa in beekaminnii
halkaan abjuu keessaa
yaada keen fonqolchaa
guyyaas hojii dhabee
chat irra na olchaa
bilbilan bilbilu
tasa narra in kastuu
hamma yoomitti egaa
kanat na dhamastuu
nama jaallattanii
dhiigaa itti wakkattu
jaalalli kee miitee
na gotee maratu
jaalalaan na miitee
callisu filatte
rabbii sif haa laatu gocha ati gootee
jaalalaf bakka kennun
maaf sitti wakkata
dhuga an sitti himuu
maf dhara fakkata
dhugan si jaalladhe
simadhu furadhu
ballisi itti yaadi
bakka itti laadhu
qufa'uu dadhabee
na axxifachiisaa
hiriyaa dhokfadha
suman na yaachiisa
dhibee dawwa hin qabne
na keessatti argamee
booda akka waa hin jenne
Ergaan siif miidhameee

Enyuun si fakkeessu
kumatama keessaa
abaaboon si qixxeessuu
dararawaan keessaa
innoo colligee badaa
waktiisatti in darbaa
waaqayyoo sodadhe
sila sittan sirbaa
caarraa jireenyaattin
sirraa adda fagadhuu
kan rabbii na argu
boqonnaa in argadhuu
jaalalaa keen miidhamee
yoommun waxalamuu
callistee in ta'in
waa itti haa falamuu
rabbii guddaan kadhaa
naf haa kennuu obsaa
maqaa kee dhaga'uuf
gurratu natti hursaa
miiraa bojii'ameen
ergaan si jaalladhee
waaluman jaalladhuu maqaasan dagadhee
dur obbooroo ka'een
uumaa koo kadhadhaa
amma ergan si baree
bariin ka'een kaadhaa
si argachuun yaala
tasaa sin argadhuu
kennan sif qaphee
dhufee enyuutti sif
laadhuu ??????
Jaalala keen miitee
tokkichaa oonnee koo
tole naf in jettu mal
qabaree rakkoo
jecha tole jedhuu
si biraan eegadhaa
ati callisnaanii
tarii nan maradhaa
ofii koof in jedhu
gaariin sumaaf hawwaa
guttadhee yommuun jedhu
asiin nattii qawwaa
obsaan naf hin laatuu
waa'ee jaalalaa kee
qabeenya hin dabarreedha
gaariin amaala kee
amaala kee sanan
erga na boojitee
jaalalaf garboomi
amanii furadhuu
sif dhiyessee hin beekuu
ulaaga si miidhuu
akkan si jaalladhu
qofa anaf barii
ol seensisuu yaalii
irra banii barrii

Ati anaaf addaa


Hiikumti maqaa kee
Yeroo ittii yaaduu
Gaariin amaala kee
Jechaa ol ta'ee
Qalbii nama hanqooqaa
Akkannii itti si uumee
Saafuu hojii waaqaa

Rifeensaa mataa kee


Hangaa qeensaa millaa
Dhiiri si ilaalee
Hamummataa oolaa
Kan mudaa in qabnee
Miidhagduu waa maraa
Har'a yoo odeessee
Xinneessee waan yaraa

Konkonnii fuula kee


Yommuuttiin ilaaluu
Dhibeen yoo na qabdee
Dokteerin nan yaaluu
Funyaan kee dhaabbatee
Qarattii ijaajjaa
Dhirrii si ilaalee
Dhaabatee fajaajaa
Maddii kee ilaallan
Burtukaana diimaa
Miidhamee jaalalaan
An kararraan adeemaa

Ilkaan kee ilaallaan


Baddeessaa fakkaata
Dokteeriin na yaallaan
Dhabeera furmaata
Jaalalli kee cimee
Mormaatti na hudhee
Kana hunda sitti himee
Fala naaf laadhumee
Guntuuta ilaalee
Namni in ofkaaluu
Mudhii kee ilaallaan
Hundu mudaa in qabuu
Deemsa kee ilaalee
Dhiibamaatu fayyaa
Kan sin millatamee
Dhaabateetu iyyaa

Qalloo akka soonsaa


Kan mudhii baredduu
Si qabuun na boonsaa
Borii koof kan yaaduu

Dhibbaaf kumaa keessaa


Foolii kee in wallalluu
Bakka mara geessaa
Maalin sin madaaluu

Uumaa koon gadittii


Bakka waan hundattii
An sumaan abdadhaa
Sumaanan dadhaadha
Hundarraa caalchisee
Bakka waan hundaatti
Tiruu koo dammaa koo
Ati yoomuu kooti
Ormi kan abdatuu
Wanta danuu qabaa
Kan ittin dadhatuu
Yeroo yeroon qaba

Anaaf suma qofaa


Maddii gammachuu koo
Waan hundaa ilaalee
Suma filannoon koo
Qaroo koo dammaa koo
Qillensa sombaa koo
Si malee jirachuun
Dukkanaa filachuun
Wajjiin tokkichaa
Sin addaa ba'uun
Gammachuun bo'ichaa

Filannoo koo dhumaa


Qalloo magallee koo
Kan naaf kennee uumaan
Sidhaa badhaasni koo

Guyyaa gara waaree


lapheerra ol na aaree
Halkaan gara waarii
hubadhuu naaf barii

Irriballee in qabuu
suuraa keen dubbisaa
Boqonnaallee in qabuu
waa'ee kee barreessaa

Araada homaa in qabu


Bunaa qofaan dhugaa
Har'a bor in jedhuu
yoomumaan si argaa

Warra qe’ee Koo gamaa


warra sanyii mootii
Imaale ganamaa
gara duree kootti

Si barbachaan dhufee
bahii na simadhuu
Kan siif qaphee dhufee
Anaa harkaa fudhadhuu

The best part of my day is your smile.


Being with you is the easiest choice I
have ever made, and I’m so lucky I get to
make it every day.
I love you more every day.
I love your honesty, your passion, your
resilience, your courage, your
partnership, and your smile.
As we grow separately, we also grow
together, and it’s truly a privilege.
You’re my soul mate, my best friend, my
partner, and my confidante. Thank you
for that.
I want to be your favorite hello and your
hardest goodbye.
Your smile takes my breath away. It took
my breath away on the day we met, on
our wedding day, today, and every day in
between.
Thank you for teaching me what
marrying your best friend means.
I wish every day you could see yourself
the way I see you. Because I see you as
absolutely perfect.

You might also like