You are on page 1of 10

"Shaggar"...Akkamitti? Eenyuun? Eenyuuf?

Gaafii 11 Qabna!

Shaggar duraan Finfinneetti beeknayyu. Amma magaalaa Finfinneen alatti ijaaramuuf deemutu

"Shaggari" jechaa dhageenye. Magaalichi magaalota marsaa Finfinnee fi gandoota baadiyyaa

godina Addaa jala turan garii lagatee garii ammoo hammata jedhama. Yaadichi dansaa ta'uu

mala. Garuu herrega kamiin akka sun ta'e "jarrinuu" waan beeku hin fakkaatu. Magaalaa

Sandaafaa irraa gandi 03 Shaggar galee Sandaafaan gara Fiichee jedhame. Xaafoo fi Finfinnee

keessa taree Fiichee baha jechuu dha. Kun misooma fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf godhama

jedhan. Ammoo caaseffamni kun firooma fi addooma inni Maaster Pilaanii bara EPRDF sana

waliin qabu Rabbitu beeka! Qorannoon "Shaggar" ganna jaha fudhate jedhu. Jijjiiramaan

gamanni reefu waggaa shani. Dubbiin wal-keessa jira fakkaata!

Akka aangoo, aadaa fi sirnaa silaa gaafii deebisuu malle. Adeemsi jaldhatee hojimaanni

dhibnaan keessa dubbii quba dhabne. Callisuuf gaafatama qabnuuf rakkanne. Dhimma ummataa

dubbatuuf Heeratu mirgaa fi dirqama nutti kenne. Gaafa miseensa Caffee taanu Heera Oromiyaa

Keewwata 48 (3) jalatti ummata naannichaa hunda bakka buune. Dirqama heera naannichaa

kabachiisuu ammoo keewwata 9(2)-tu nutti kenne. Kanaaf gaafii 11 dhiyeessine!

Gaafiin jalqabaa bulchiinsa dabalataa hundeessuu ilaallata. Aangoon bulchiinsa dabalataa

hundeessuu kan Caffee ti. Dhugaa kana Heera Oromiyaa keewwata 49(3) (b) fi labsii heericha

fooyyessuuf bahe lakk 94/1997 (5) irraa hubatuu dandeenya. Naannichatti sababa baayyina

ummataa ykn sochii diinagdeef magaalota, godinoota ykn aanaalee dabalataa hundeessuun
barbaachisuu mala. Raawwiin isaa garuu marii fi murtii Caffee akka barbaadu heeratu tume.

Kana biratti caasaa haarawa hundeessuun ykn caasaa ture diiguun gaafii baajataa kaasa. Baajata

Oromiyaa kan murteessu ammoo Caffee dha. Dambii fi hojimaanni kana faallessu jiraatuu hin

danda'u. Hunda caalaa diinagdeen Oromiyaa % 40-tti kan dhiyaatu magaalota Shanan marsaa

Finfinnee kannaniin keessa jira. Magaalota kanniin keessa ummata miliyoonaan lakkaayamutu

jiraata. Ajandichi akkaan jabaadha jechuu dha. Dhimma hagana ulfaatu beekamtii fi marii

Caffeetii malee murteessuun yaadufuu ulfaatuu male. Amma hojimaanni, heerri fi loojikiin

cabeera. Magaalonni mana maree qabu. Dhimma magaalaa irratti aangoo olaanaan kan mana

maree magaalichaati. Magaalli tokko magaala biraatti makamuuf marii fi murteen mana maree

magaalichaa dirqama. Manneen maree magaalota naannawaa Finfinnee garuu ajandaa "Shaggar"

tolchuu irratti hin mari'anne. Murtee mana mareetii ala magaalaa diiguun heera faallessuu dha.

Gochi heera faallessu ammoo kufaa ta'uun HO keewwata 9(1) jalatti tumameera. Otoo kun

beekamuu maaliif heerri cabe? Heeraa alatti maaltu tola?

Gaafiin lammataa dhimma aanaalee godina addaa jala turaniiti. Aanaaleen godina addaa jala

turan hunduu diigamaniiru. Gandooti gariin "Shaggar" jala yoo galan gariin ammoo godinoota

afranitti maxxanfaman. Ammoo caasaa aanaa Heera Oromiyaa Keewwata 76 jalatti hundaaye.

Aanaaleen mana maree qabu. Dhimma aanichaa irratti aangoo olaanaan kan mana maree

aanichaati( HO keewwata 79(1). Marii fi beekamtii mana maree aanichaatii alatti gandoota

aanichaa adda baasuun heeraa ala. Magaalli "Shaggar" jedhan aanaalee godina addaa jala turan

diigee ijaaramuufi. Gandooti gariin "Shaggar" jala yoo galan kuun ammoo godinoota biroo

geeffaman. Kun otoo manneen maree aanaalee kanniinii quba hin qabaatin tolfame. Maaliif
heerri caba? Akka dubbatamu dhimmichi faayidaa ummataaf yoo ta'e maaliif bakka buutota

ummataa jalaa dhokfamee hojjatama?

Gaafiin sadeessoo sagantaa fi waadaa paartii keenyaa ilaallata. Akka siyaasaa Dimokiraasii

waliigaltee ijaaruuf waadaa seennee filamne. Kun qaamolee dhimmi ilaalu waliin mari'atuu

gaafata. Qaama dhimmi misoomaa fi bulchiinsaa ilaallatu keessaa angafti ummata. Ummati

dhimma isaa irratti mari'atee fedhiin akka murteeffatu goona jenne. Gaafa jijjiiramaas "Gooftaan

keenya ummata" jechuun dhaadanne. Maaster Pilaaniin sababi ittiin didame ummanni ajandicha

irratti marii dhabuu dha. Waan kallattiin jiruu isaa ilaallatu irratti ummata mariisisuun dirqama

jechuu dha. Sagantaa fi waadaan Badhaadhinaas kanuma jedha. Garuu ajandaan "Shaggar"

ummata irraa dhoksaa dha. Mariin wahiituu hin turre. Ummata dhiisii hooggantoonni olaanoo fi

bakka buutoti ummataatuu hin mari'anne. Maanifestoon paartii cabe jechuu dha. Sagantaan

Badhaadhinni gama siyaasaatiin qabates irraa gorameera. Maaliif sagantaa fi waadaa keenya

faallessina? Mariin haga gaafa Maaster Pilaaniilleen maaliif dhabama? Ajandaa gaafa qabsoo

maaliif daganne? Dimokiraasiin keenya hoo oli moo gadi guddataa jira? Bilisummaa, wal-

qixxummaa fi obbolummaa jenne mitii?

Gaafiin afreessoo aangoo caffeeti. Aangoon godina, magaala ykn aanaa ijaaruu kan Caffee ta'uu

fi Aanaalee fi magaaloti manneen maree qaatuu olitti ilaalle. Manneen maree kunniin ammoo

Caffeef itti yaamamu. Caffee Oromiyaatu jara too'ata (HO keewwata 77(1). Otoo caffeen hin

beekin aangoo jaraa dabaluun, xinneessuun, dheeressuun, gabaabsuun ykn jara diiguun hin

danda'amu jechuu dha. Garuu aangoon Caffee Guddaa kanaa hin kabajamne. Gaafa manneen

maree aanaalee fi magaalota godina addaa diigaman Caffeen quba hin qabu. Akkuma nama biraa
muudama aangawoota "Shaggar" miidiyaa hawaasaa irraa dhagahe. Caffeen Oromiyaa

naannichatti namiyyuu caalaa aangoo otoo qabuu maaliif dhimma guddaa kana berkuu dhabe?

Hojii Caffee kabajamaa kanaatu hin beekamne moo Caffichatu tuffatame? Waadaa jaarmiyaalee

ciccimoo ijaaruuf galle hoo beekaa dhiifne moo ni daganne? Hojimaata malee eessa deemna?

Gaafiin Shaneessoo aanjaa bulchiinsa fi misoomaa ilaallata. Magaalonni marsaa Finfinnee

daandii guddaan wal-qabatuu akka qaban bara 2011 kora ODP irratti kaasuu koo nin yaadadha.

Namni Sululta irraa Burraayyuu deemuu barbaadu Finfinnee seenee rakkatuu hin malle.

Finfinnee alatti Xaafoo fi Sululta waliin gahuun rakkoo tiraafikaa Finfinnee furuufis danuu

fayyada. Garuu sun hin dhagayamne. Inumaayyuu "Magaalaa seeraa ala dhabne seeraa ala

deebifanna" jedhame. Yaadama santu hattuu fi dallaalaa gabbisee balaa sirnaa taasise. Amma

magaalonni marsaa Finfinnee daandii ittiin wal-quunnaman hin qaban. Walitti dhufuuf Finfinnee

keessa taruu qabu. Kana biratti bulchiinsi ol rarraafameera. Rakkoo isaa waliinuu, Dhimmi

duraan Galaan, Xaafo, Sabbata, Burraayyuu fi Sulultatti xumuramaa ture amma Saaris

geeffameera. Gandooti Aanaaleen godina addaa jala turan gariin ammoo amma godinoota duriitti

deemu jedhama. Aanaa Aqaaqii irraa gandooti gariin Adaamaa deemu. Sandaafaan ammoo

Finfinnee keessa cehee Fiichee akka deemu murtaayera. Kun bulchiinsaaf hamaa ta'uun ifaa dha.

Duuba maaliif rakkoo ummataaf bakka kennuun dhabama? Maaliif jiruu ummataa hammeessina?

"Ummataaf otoo hin taane ummata irratti ijaaramne" kan jedhame sun kana mitii?

Gaafii jaheessoon itti gaafatamumaa dha. Magaalli "Shaggar" jedhamu baldhinni isaa Finfinnee

dachaa danuun caala. Kanaafuu sirnaa fi hojimaata bulchiinsaa jabaa barbaada. Iftoominnii fi itti

gaafatamummaan qixaa jiraatuu qaba. Amma garuu "Shaggar" mana mareetuu hin qabu. Silaa
Kantibaan miseensota mana maree keessaa filamuu male. Gaafatamni kantibaa fi hooggantoota

biroos mana maree magaalichaaf ta'uu male. Amma garuu ummati "Shaggar" jala jiru

hooggantoota isaa hin filanne. Garii ammoo maqaafuu hin beeku. Kantibaa fi hooggantoonni

"Shaggar" gubbumatti gubbaa irraa filaman. Gariin Manaanis hojiinis lafa "Shaggar" jedhame

keessa hin jiran. Seerri ittiin muudamanii fi ittiin kaafaman hin beekamu. Ummanni mirga

bulchitoota isaa filatuuf heeraan argate dhabeera! Kun eenyuuf jecha? Kantibaa "Shaggar"

eenyutu aangoo kamiin muude? Itti waamamni kantibichaa hoo eenyufi? Hardhas akkuma gaafa

EPRDF "ummanni waan isa fayyaduu fi miidhu hin beeku" jedhamee yaadama moo? Duuba

fedhii fi faayidaa ummataa eenyutu ummata caalaa beeka?

Gaafiin torbeessoo dhimma hannaati. Hanni balaa guddaa ta'eera. Kabajamoo Muummichi

Ministeeraa Dr Abiyyi hanni hammaatee biyyaaf yaaddoo olaanaa ta'uu Saadasa 06/2015

paarlaamaa irratti dubbatan. "Sararri diimaan hanna ittisuuf keenye afaa diimaa ta'ee hanni akka

mirgaatti ilaalamuu eegale" jedhan. Keessattuu heerri cabee lafti harka dallaalaa fi hooggansa

hattuu galuu himan. Dhugaan kun eessayyuu caalaa Oromiyaa ibsa. Tajaajilli gurguramaa,

dhugaan ummataa jallifamaa fi lafti heeraa ala saamamaa akka jiru afaanuma "hooggantoota

olaanoo" naannichaatiin himame. Ummanni hannaa fi dararaa hamaa jala jira. Dhimmi horii fi

firoomaa ala raawwatamu akka hin jirre qorannoodhuma jaraatu agarsiisa. Garuu rakkoo kana

furuuf waan odeeffame malee wanni hojjatame hin jiru. Hojimaata sirreessuu fi hooggansa

qulqulleessuuf riifoormiin hin gegeefamne. Waanuma durtu akkuma duritti jira. Haala akkanaa

keessatti "Shaggar" lafa baldhaa irratti ijaaruuf tattaafatama. Duuba ijaarsi kun dallaalafi moo

ummataafi? Maaliif haga hattuun karaa irraa maqfamutti obsuun dadhabame? Eenyuuf jecha bifa

argamee hin beeknen jarjarame?


Gafii Saddeetaffaan jidduu-gala magaalichaati. "Shaggar" Finfinneen ala jedhameera. Jidduu-

galli isaa ammoo Saaris, Finfinnee keessa jedhan. Teessoon "Shaggar" Finfinnee ta'uu isaati.

Kutaalee magaalaa kanneen jedhaman Finfinneetti wal-gahu. Finfinneen "Shaggar" keessa hin

jirtu jedhan. Ammoo jidduu-gala "Shaggar" Finfinnee keessatti tolchan. Bulchiinsi "Shaggar"

Finfinnee irraa fageenyaan gegeeffama jechuu dha. Magaalaa teessoon isaa bakka biraa! Seenaa

keessatti bulchiinsa akkanaa hin dhageenye. Garuu otoo nama hin dhibin maaliif akkas

rakkatama?

Gaafiin sagleessoo dhimma daangaa Finfinneeti. Finfinneen magaalaa guddoo Afrikaa ti.

Misooma fi guddina sana madaalu isii barbaachisa. Magaalota naannawaa faanas hariiroo

misoomaa cimaa isii feesisa. Ammoo martuu seera fi heeraan ta'uu qaba. Saniif daangaan

bulchiinsaa barbaachise. Gaafa Maaster Pilaanii heeratu cabe. Ummatatu cubbuun dhiibame. Sun

Oromiyaa guututti falmame. Qeerroon Cinaaksanii haga Begii fi Salaalee haga Moyaalee dubbii

saniif wareegame. Obboleeyyan biroolleen tumsa jabaa gochaa turan. Daangaan garuu dhoksaan

sararame. Dubbichi "Ummata godina addaa malee kaan hin ilaallatu" jedhame. Kun seera kam

keessatti tumame? Ummata gaafa falmii Maaster Pilaanii waliin wareegame mariisisuun maaliif

dadhabame? Dubbii guddaan gatii guddaa gaafate sun maaliif haga baalaa salphifame? Dubbiin

akkanaa hammeenyafi moo tolaaf tolfame?

Gaafiin Kurneessoo dhimma nageenyaati. Ummanni Oromiyaa ganna afuriif abidda keessa jira.

Miidhaa gahe lakkaayuun ni ulfaata. Guyyaan namni ajjeefama. Guyyaan namni qe'ee fi

qabeenya irraa buqqaafamee dararama. Saamichi bitaa mirgaan irratti raawwatama. Akka
mootummaatti ajandaalee guguddaa irratti xiyyeeffatame. Sun baayyee mishaa dha! Garuu

dhimmi nageenya fi tasgabbii ummatichaa ajandaalee guguddaa jedhaman keessa hin jiru.

Ammoo rakkoo hammaatu malee rakkoon hiikkatu hin jiru. Silaa naatoon ummataa jiraatee

bulchiinsa Oromiyaaf ajandaan nageenya dursu hin jiru. Bulchiinsi ummataan ijaarame ummata

rakkoo nageenyaa akkaan hamaa keessatti dhiisee magaalaa diigee ijaaruuf hin muddamu.

Dubbichi "Lafarraa malee namarraa haajaa hin qabnu" jechaa fakkaata. Kun maaliif ta'e?

Rakkinichatu wallaalame moo ummatichaaf nahuutu dhabame? Magaalaa haarawa ijaaruu moo

nagaa buusutu dursa? Nama lubbuun jirutu magaalaa miseeme abbooma mitii? Mee adaraa

ummanni guddaa fi goonni ilmaan isaa wareegee jijjiirama fide, kan otoo ergaramuu filee nu

aangomse, ummati kabajamaan nuuf jecha gidiraa meeqa obse qaroon kun maaliif hagana

tuffatame?

Gaafiin kudha-tokkeessoo dhimma qonnaan bulaa naannawaa Finfinneeti. Magaalaa baldhisuu fi

misoomsuun baroodha. Misoomi waan jaalatamu. Guddinni magaalaa aaduma addunyaati.

Ammoo magaalaan gaafa baldhatu ummata qarqara magaalaa ni buqqisa. Himaammata ifaa

faayidaan ummata daangaa magaalaa ittiin dhugoomsan tolchuu gaafata. Muuxannoon addunyaa

qonnaan bultoonni magaalaan hammataman namiyyuu caalaa fayyadamoo ta'uu agarsiisa.

Guddinni magaalaa misoomaan jara dhaqqaba. Nu biratti garuu dubbiin faalla dha. Misoomni

magaalaa jiraattota daangaaf gadadoo geessa. Magaalli jiraattota naannawaa isii nyaattee

guddatti malee jara hin guddiftu. Kan lafa gurguree badhaadhu dallaala ta'uu namuutu beeka.

Haga ammaa badiin dhaqqabe daangaa hin qabu. Keessattuu wanni jiddu-galeessatti ta'e nama

surura. Finfinnee fi magaalonni biroo qonnaan bulaa danuu balleessan. Akkuma Eekkaa, Boolee,

Qaallittii, Aqaaqii fi Laaftoo magaalonni akka Galaan, Xaafoo fi Sabbataas cubbuun lammiilee
buqqisaniiru. Miidhaa diinagdee qofa otoo hin taane caba aadaa fi hamileetu dhaqqabe. Ilmaan

qonnaan bulaa kadhattuu ta'uufuu hiree dhaban. Rakkoo kana hundeen furuuf himaammannii fi

tarsiimoon hin qophoofne. Kan jirus hojiitti hin hiikamne. Kanaaf jijjiirama boodalleen

dallaalaan maqaa ilmaan qonnaan bulaatiin saamicha lafaa itti fufe. Kan biraa hafee waan

Kooyyee Facceen erga gara Galaan deebi'ee itti jiru ilaaluu qofti gadadoo turee fi jiru hubatuuf

gahaa dha. Mee Ummata kaleessa cubbuun buqqaafame damdamuuf waan qabatamaa maaltu

hojjatame? Warra "Shaggar" buqqaasuuf qophaayef hoo karoora maaltu qabame?

Himaammannii fi tarsiimoon faayidaa ummata naannawa magaala mirkaneessu maaliif hin

baane? Kan duraan jiru hoo maaliif waraqaa irraa hin buune?

Walumaagalatti gaafii qabna! Karoorri ijaarsa "Shaggar" kan eenyuti? Eenyufaatu mariisifame?

Eenyufaatu adeemsa kamiin murteesse? Rakkoon caasaa duraanii maali? Sabbata, Burraayyuu,

Sululta, Xaafoo fi Galaan kopha-kophaa guddisanii wal-dhaqqabsiisuun hin danda'amuu?

Caasaan ammaa kun maal buusa? Fedhii ummataa maaliif hin gaafatamin? Ummataafi moo

dallaalotaf yaadame? Kan Yaanni kan Bakka buutota ummataati moo Gurmuu miinzotaa fi

hiriyootati?Adeemsa akkamiitiin murtaaye? Tuulamni kanaan booda ni jiraata moo hin jiraatu?

Rakkoo callaa odeessuuf hin dhufne. Yoo gurri jiraate furmaanni kunooti.

Rakkoo fi yaaddoon sabaa guddaan nageenya dhabuu dha. Dursi nagayaaf haa kennamu.

Dirqamni mootummaa hangafni nagayaa fi tasgabbii fiduu dha. Amma Oromiyaan misooma

caalaa nagaya barbaaddi. Ummanni keenya rakkoo seenaa keessatti takkaa argee hin beekne

keessa jira. Humnaa fi mala hunda fayyadamuun Oromiyaa nageessuu feesisa. Lafa siyaasaan
dhibametti nageenyi fiduun ni dhiba. Siyaasaan Oromiyaa waldhaanamuun ijoo dubbii ti.

Tigraay nagaa argatuun baayyee namatti tola. Ammoo ummati Oromiyaas nagaa waaraa argatuu

male!

Kan itti aanu Riifoormii ilkaan qabu gegeessu dha. Biyyi sakaallaa hattuu fi dallaalaa keessa

galuun dhugaa gabaan beeku. Kan naannoo Oromiyaa silaa adda. Kufaatii biyyaa oolchuuf

gochaa fi ilaalcha hannaa kana cabsuu barbaachisa. Bakka dallaalli heeraa ol bahee lafa

dhuunfatetti ijaarsa magaalaa ajandaa gochuun tapha malee homaa miti! Misooma kamuu dura

riifoormii jajjabaan caasaa bulchiinsaa qulqulleessuu feesisa!

Yaadama "Shaggar" raawwatuun dura ummata mariisisuu barbaachisa. Ummanni waan fedhe

fudhatuu fi waan hin feene diduu danda'a.. Heerri fi hojimaannis kabajamuu qaba. Hooggansi

sadarkaan jiru yaa dhagahamu. Caffeen jabeessee haa mari'atu. Manneen maree magaalotaa fi

aanaalee dhimmicha haa ilaalan. Bu'aa fi kisaaraan isaa haa madaalamu. Murteen hojimaata

eegee haa kennamu.

Haga ani beekutti, Filannoon ummataa magaalota amma jiran shanan sirnaan guddisuu dha

malee "Shaggar" ijaaruu miti. Bulchiinsa magaalotaa qulqulleessuu fi cimsuun dursa aana. Achii

ammoo Daangaa Finfinnee irraa karaa guddaa magaalota shanan wal-quunnamsiisu baasuu dha.

Lafa magaalota lama jidduu jiru aanjaa bulchiinsaa fi fedhii ummataatiin qoodu dha.

Fakkeenyaaf lafa Xaafoo fi Sululta jidduu magaalota lamaan jidduutti murteessu dha. Sana

booda Karoorri magaalota shananii walii isaanii fi Finfinnee waliin akka wal-dubbisutti tolchanii

misoomsuu gaafata. Aanaaleen godina addaa martuu magaalota itti dhiyoo waliin ramadamuu
qabu. Fagoo geessuu hin barbaachisu. Aanaan Sulultaa fi aanaan Muloo magaalaa Sululta waliin

ijaaramuu danda'u. Sabbataa Hawaas magaalaa Sabbataa jalatti yoo bule tola. Barrah fi

Sandaafaan ammoo Laga Xaafoo waliin yoo bulan mijata. Aqaaqiin ammoo magaalaa Galaanitti

dhiyoo dha. Gubbaatti ammoo Biiroo Bulchiinsa magaalaa jabeessuu feesisa. Adeemsa heera,

sagantaa paartii fi kabaja ummataa faallessu kana duubatti deebisuun baayyee gaari dha!

Maraafuu gooftaan ummata! Dimokiraasiin mootummaa ummataa isa ummataan ummataaf

ijaaramuu dha. Piroojektiin kamuu fedhii ummataatiin tolfamuu qaba. Ummati beekee yoo

jaalate fudhata. Yoo hin fedhin ammoo dammas diduuf mirga qaba. Natu siif beekaan hin taatu!

Waa takka hin shakkinu! Warri dharaa fi shiraa ni kufa! Warra dhugaatu dhufa!

You might also like